Qajeelfama Barsiisota Mana Barumsaa Sanbata Guddaa (Dilbataa) (Oromo) ACG Teachers Guide

Page 1


Qajeelfama Barsiisota Mana

Barumsaa Sanbata Guddaa (Dilbataa)

Ijoollee Umurii Waggaa 4–6 fi Waggaa 7–8 tiif

Macaafa “Seenaawwan Macaafa QulqulluuQooda Ijoollee” jedhuu wajjin itti fayyadamama.

Dhaabbata Luuteraan Heriitejiitiin

(Lutheran Heritage Foundation) qophaa’e

Kan barreesse: Diyaanee J. Grebingi fi DawniMuuler (Diane J. Grebing and Dawn Mueller)

Akka itti jiraachuun ta'u mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu (Fakkeenya 22:6)

[Yesus akkas jedhe,] “Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa! Mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'a” (Maarkos 10:14).

Kutaaleen Macaafa Qulqulluu caqasaman hundi Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo hiikaa 1997 keessaa kan fuudhamanii dha.

Qajeelfama Barsiisota Mana Barumsaa Sanbata Guddaa (Dilbataa) kan macaafa

“Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee”

Maxxansaa 1ffaan Onkoloolessa 2020, garagalcha 1,000

Mirgi Abbummaa © Luuteran Heriteej Faawundeeshin

Mirgi abbummaa guutummaatti eegamaa dha. Dhaabbata Luuteran Heriteej Faawundeeshinii irraa eeyyama barreeffamaa otuu hin argatin, macaafa kana kutaa kamiin iyyuu baay’isuun, dabarsanii kennuun, karaa kamiin iyyuu waraabbii taasisuun, tooftaa elektironiksii fi mekaanikaalaan waraabbii taasisuun gonkumaa dhowwamaa dha.

Quunnamtii biyya keessaatiif Lakk. S. P. kanatti fufee jiru fayyadamuun in danda’ama.

Lakk. S. P. 687 koodii 1250

Finfinnee, Itoophiyaa

In Country Postal Address P. O. Box 687 code 1250

Addis Ababa

Ethiopia

Maallaqa macaafni kun ittiin maxxansame kan arjooman deggertoota Lutheran Heritage Foundation amanamoo kan ta’anii dha. Ulfinni Waaqayyo qophaaf haa ta’u!

Oromo Sunday School Teacher’s Guide for A Child’s Garden of Bible Stories

1stedition printed October 2020 1,000 copies

© 2020 Lutheran Heritage Foundation

All rights reserved. No part of this book may be reproduced, stored in a retrieval system, or transmitted, in any form or by any means, electronic, mechanical, photocopying, recording, or otherwise, without the prior written permission of the Lutheran Heritage Foundation.

Lutheran Heritage Foundation 51474 Romeo Plank Road Macomb, Michigan 48042 USA www.LHFmissions.org info@LHFmissions.org

FundingforthepublicationofthisvolumehasbeenprovidedbyfaithfulsupportersoftheLutheran Heritage Foundation. Soli Deo Gloria!

Barumsa 32 Yesus Mana Qulqullummaa Keessatti ..........................................................269

Barumsa 33 Cuuphamuu Yesus .........................................................................................276

Barumsa 34 Yesus Cidha Tokko Irratti .............................................................................284

Barumsa 35 Qurxummii Hedduu Qabachuu Isaanii .........................................................290

Barumsa 36 Bartoota Isaa Barsiisuu Yesus ......................................................................297

Barumsa 37 Yesusii fi Bubbee Jabaa .................................................................................305

Barumsa 38 Yesusii fi Namicha Dhukkubsataa Tokko .....................................................311

Barumsa 39 Intala Yaayiroos .............................................................................................317

Barumsa 40 Ajajaa Dhibbaa fi Hojjetaa Isaa ....................................................................324

Barumsa 41 Kumaatama Sooruu Isaa ...............................................................................332

Barumsa 42 Yesus Bishaan Irra Adeeme ...........................................................................339

Barumsa 43 Maariyaamii fi Maartaa ..................................................................................346

Barumsa 44 Yesus Ijoollee Eebbise ...................................................................................352

Barumsa 45 Abbaa Araara Qabeessa .................................................................................357

Barumsa 46 Kadhatawwan Namoota Lamaa .....................................................................365

Barumsa 47 Namicha Samaariyaa .....................................................................................372

Barumsa 48 Namoota Dhukkubsatoo Kudhan ...................................................................380

Barumsa 49 Yesusii fi Namicha Isa Jaamaa ......................................................................387

Barumsa 50 Yesus Harreetiin Yeruusaalemitti Gale .........................................................394

Barumsa 51 Yesusii fi Bartoonni Isaa Ayyaana Faasikaa Kabajatan ...............................402

Barumsa 52 Yesus Getesemaaneetti ..................................................................................410

Barumsa 53 Yesus Angafa Lubootaa fi Philaaxoos Duratti ...............................................420

Barumsa 54 Du’uu Yesus....................................................................................................429

Barumsa 55 Gaafa Yesus Du’aa Ka’e ................................................................................437

Barumsa 56 Yesus Ergamoota Isaatti Mul’achuu Isaa ......................................................445

Barumsa 57 Yesus Gara Waaqaatti Ol-ba’e .......................................................................453

Barumsa 58 Bu’uu Hafuura Qulqulluu ..............................................................................461

Barumsa 59 Jijjiiramuu Saa’ol ...........................................................................................468

Barumsa 60 Phaawulos Waa’ee Yesus Barsiise ................................................................477

Gorsa Barbaachisaa Barsiisotaaf

Seensa

Baga nagaadhaan dhufte; Waaqayyo si haa eebbisu! Dhugaa Dubbii Isaa ijoollee xixiqqoodhaaf hiruuf imala guddaa barbaachisaa ta’e Yesusii wajjin adeemuu jalqabaa jirta. Dubbii Waaqayyoo barsiisuun hidhata hojii sii fi Sadan Tokkummaa Waaqayyoo gidduutti ta’uu dha. Yommuu ati tokkoo tokkoo barumsichaa qopheessituu fi barsiistu akka sii wajjin ta’u Waaqayyo si abdachiisaa jira. Dhugaawwan Macaafa Qulaqulluu akkaataa ifa ta’ee fi sirrii isaa akka barsiistuuf Inni akka si gargaaru si abdachiisa. Waaqayyo akkas jedha, “Bokkaanii fi cabbiin waaqa keessaa gad roobanii lafa in jiisu; lafichi biqila biqilchee, sanyii, isa facaasuuf, buddeenas, isa nyaatuuf akka kennu in godhu malee, akkasumaan ol hin deebi'an; akkasuma immoo dubbiin afaan koo keessaa ba'u, wanta ani fedhe hojjetee, wanta ani itti erges in raawwata malee, harka duwwaa gara kootti hin deebi'u” (Isaayaas 55:10–11)

Qajeelfamni ati dubbisaa jirtu kun karaa ifa ta’een akka galuufittii fi ogummaadhaan Seenaawwan Macaafa Qulqulluu jaatama kanneen karoora Waaqayyo saba Isaaf qabu akka himan ijoollee akka ati barsiistuuf si gargaaruuf barreeffame. Macaafni Qulqulluun “xalayaa jaalalaa” Waaqayyo biraa nuuf dhufe akka ta’etti ibsamee jira. Tokkoo tokkoo Seenaa Macaafa Qulqulluu kana yommuu barsiistu, akka Yesus nu jaallatu kanaafis cubbuu keenya irraa nu furuuf jedhee du’ee, du’aa akka ka’e barattoota kee hubachiista.

Guutummaan Macaafa Qulqulluu Yesus Kristosii fi fayyina Waaqayyo gaarummaa Isaatiin karaa hojii Gooftaa Yesus Fayyisaa keenya ta’uu Isaatiin nuuf hojjitee nuuf kenne irratti xiyyeeffata. Xumura tokkoo tokkoo barumsa barsiistuu irratti, akka barattoonni kee dhugaa kana beekan taasisuutu si irraa barbaadama. Seenaan Macaafa Qulqulluu ati barsiistu Kakuu Moofaa yookiin Kakuu Haaraa keessaa yoo ta’e, kamiin iyyuu taanaan, dhugaan seenaa sanaa Yesusii fi hojii Inni guyyaa guyyaatti jireenya keenya keessatti hojjetu irratti xiyyeeffata.

Barsiisa Seeraa fi Wangeelaa

Ijoo fi dhugaan barsiisa Kristaanaa hundumtuu hundee amantii yookiin “barsiisa” Macaafa Qulqulluu wantoota lama giddu-galeessa taasifata: isaanis Seeraa fi Wangeela. Tokkoon tokkoon barsiisa ati qajeelfama kana irraa barsiistuu barsiisa hundee amantii kana lamaan of keeaassaa qaba.

AkkaMaartiin Luuterbarreessetti: “Seerri wantanuyi hojjechuuqabnuufikanneennuyi hojjechuu hin qabne nu barsiisa; Wangeelli immoo wanta Waaqayyo fayyina keenyaaf hojjetee fi amma iyyuu hojjechaa jiru nu barsiisa. Seerri cubbuu keenyaa fi dheekkamsa Waaqayyoo nutti argisiisa; Wangeelli immoo Fayyisaa keenyaa fi araara Waaqayyoo nutti argisiisa. Seerri namoota hundumatti, addumaan immoo cubbamoota yaada garaa hin jijjiirratinitti lallabamuu qaba.”

Faallaa isaa immoo, “Wangeelli cubbamoota sababa cubbuu isaaniitiif sammuun isaanii dhiphatutti lallabamuu qaba” (Kateeksimos isa xiqqaa Luuter barreessee fi ibsa isaa, Gaaffii 85ffaa , fuula 101, ©1991, Mana Maxxansaa Konkordiyaa).

Yeroo ijoollee xixiqqoo yookiin barattoota sadarkaa umurii kamii irra iyyuu jiran barsiisan adda addummaa Seeraa fi Wangeela gidduu jiru beekuun maaliif barbaachisa? Akka Fayyisaan isaan barbaachisu dhugoomsachuudhaaf, namoonni cubbamoota ta’uu isaanii mirkaneeffachuu fi fudhachuutu isaan barbaachisa. Kan Seerri hojjetus isuma kana: chubbuu keenya nutti argisiisa. Namni tokko cubbuu isaa yoo beeke, dhiifamuu cubbuu karaa Fayyisaa keenya Yesusitti amanuu dhufu irratti xiyyeeffata. Namni kun Wangeela isa Fayyisaa keenya nutti argisiisuu fi dhiifamuu cubbuu isa guddaa Ayyaana Waaqayyootii fi karaa Yesus Kristositti amanuudhaan argamutti Wangeela isa nu waamu kana barbaaddata.

SEERA = Cubbuukeenyanuttiargisiisa.

WANGEELA = Fayyisaakeenyanuttiargisiisa.

Ijoollee ati barsiistu

Qajeelfamni barsiisotaa kun ijoollee sadarkaa umurii adda addaa irra jiraniif barreeffame. Kan ijoolleen umurii waggaa afurii beekuu fi hojjechuu danda’an kan warra umurii waggaa saddetii waliin yoo madaalle, adda addummaa guddaatu gidduu isaanii jira. Barumsi qajeelfama kana keessa jiran akka ijoollee umurii waggaa afurii fi waggaa saddet gidduu jiran barsiisuuf fayyadanitti mijeeffamanii qopheeffaman. Barsiisa milkaa’ina gaarii qabu barsiisuudhaaf, ijoollee akka umurii isaaniitti akka kanatti fufee jirutti garee sadiitti qoodanii barsiisuun gaarii akka ta’e mirkanaa’aa dha:

Garee 1ffaa: umurii waggaa 4–5 yookiin ijoollee umurii kana keessa jiran kanneen mana barumsaa hin seenin;

Garee 2ffaa: umurii waggaa 5–6 yookiin ijoollee mana barumsaa waggaa tokkoffaa (oolmaa daa’immanii) xumuran;

Garee 3ffaa: umurii waggaa 7–8 yookiin ijoollee mana barumsaa waggaa lama yookiin sadii (sadarkaa tokkoffaa) baratan.

Lakkoofsi ijoollee baay’ee muraasa ta’ee akkaataa umurii isaaniitti gareetti qooduun hin mijatu yoo ta’e, barumsa hojiidhaan bartamu irratti ijoollee kanneen xixiqqoo ta’an gargaaruudhaan kan si tumsan gargaartota baay’ee qabaachuu yaali. Yoo barbaachisaa ta’ee argame, garee kee keessaa ijoolleen gurguddatan kanneen xixiqqoo ta’an si gargaaruu in danda’u. Fakkeenyaaf, ijoollee umurii waggaa saddetii keessaa kanneen bilchina qaban ijoollee warra umuriin isaanii waggaa afurii fi shanii yeroo tokko tokko gargaaruu in danda’u.

Fuulawwan kanatti fufanii jiran irratti amaloota bu’uuraa kan ijoolleen garee umurii sadanuu kanneen qajeelfama kanaan barsiifamaniitu jira. Tarsiimoo barumsa kanaa tokko tokkoo fi akkaataaamalootaguddinaijoolleebarsiistukanaabeekuudhaan akka barsiisi keecaalchiseebu’aqabeessa ta’uuf si gargaaruudhaaf amaloonni kunneen tartiibeffamaniiru.

Amaloota Guddina ijoollee(umurii waggaa 4–8)

Ijoollee xixiqqoo barsiisuun carraa guddaa dha. Ijoollee xixiqqayyoon kunneen yeroo hundumaa wanta haaraa baratu. Isaan waa’ee wantoota naannoo isaaniitti argamanii barachuudhaaf fedhii guddaa qabu. Dhugaa Dubbii Waaqayyoo barachuu jalqabuu fi Gooftaa Yesusiin jaallachuudhaan guddachaa adeemuudhaaf yeroon kun isaaniif yeroo guddaa gaarii dha!

Amaloota Guddina kanneen umurii mana barumsaa dura irra jiranii (umurii waggaa 4–5): Guddina hubannaa/yaadaa

Gochaalee barumsaa sochii of keessaa qabanii fi qaama miiraa shananiin: arguu, dhaga’uu, qaqqabuu, dhamdhamuu fi fuunfachuudhaan hojjetamaniitti gammadi, yaadadhus.

•Beekumsaa fi muuxannoo jireenyaatti namoota adda addummaa bal’aa qaban qabaatu.

•Yeroo xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu gabaabaa kan daddafanii gochawwaan jijijjiiruudhaan fedhii keessatti jajjabeessuu barbaachisu qabaatu.

•Yommuu irra deddeebi’uu fi gocha walitti fufiinsa qabuun barsiisuutti fayyadaman gaariitti baratu.

Guddina hawaasummaa

Haalotagareebarumsaakeessatti ammaiyyuu akka itti hiriyootaisaanii waliin walitti dhufeenya qabaatan barachuutti jiru. Umurii mana barumsaa dura keessa kan jiran kanneen xixiqqoon hiriyoota isaanii cinatti taphatu. Umurii mana barumsaa dura ta’anii kanneen gurguddaan immoo warra biroo waliin walitti dhufeenya qabaatu, waliinis in taphatu.

•Haala barumsaa kunuunsa amansiisaa fi jaalala qabu, kan naamuusa fi sirna gaariitiin taasifamu barbaadu (mata-duree “Garee kee Sirriitti Qabuu Danda’uu” jedhu Ilaali).

•Ofii isaanii fi fedhii isaanii irratti xiyyeeffatu. Yeroo kana amalli isaanii hammam warra biroo akka miidhu amma illee hin hubatan.

Guddina qaamaa

• Dandeettii sochii qaamaa (qabaa kobbii fi halluuwwanii, fayyadama murtuu/maqasii) irratti adda addummaa guddaa qabu.

• Miilla tokkoon utaaluu (shekkeluu), quqquruphisuu fi miilla lamaan utaaluu barachaa jiru.

Guddina hafuuraa

• Yoo irratti beekamuu baate dogoggora hojjetan hin amanan. Umurii mana barumsaa dura gara dhumaa irra jiran cubbuun maal akka ta’e in beeku; garuu namoota biroo irratti akka salphaatti in argu. Yommuu abboommii irra daddarban yookiin dogoggora tokko hojjetan Waaqayyoo fi namoonni dhiifama akka godhaniif in gaafatu.

• Yaada waa’ee Waawayyoo walitti dhiheenya warra isaanii fi namoota ga’eeyyii biroo waliin qaban irraa in baratu.

• Yesusiin akka hiriyaa fi Fayyisaa isaaniitti akka jaallatan ibsuu in danda’u.

Amala guddina ijoollee oolmaa daa’imanii(umurii waggaa 5–6):

Guddina hubannaa/yaadaa

•Dubbachuu in jaallatu. Oduu himuu in danda’u, fakkiiwwan in qoratu, gaaffiileef deebii in kennu, maree keessatti in hirmaatu.

Guddina hawaasummaa

• Hiriyootaa fi haalota haaraa gammachuudhaan in simatu.

• Miseensa garee tokko ta’uu in barbaadu.

• Fedhii fi miira namoota biroo akka kan ofii isaanitti hubachuu in danda’u.

• Gareedhaan waliin hojjechuu in danda’u, garuu jalqabuudhaaf gargaarsa barbaadu.

Guddina qaamaa

•Ijoollee umurii mana barumsaa dura jiran irra guddaa caalchisanii saffisuudhaan kobbi, kobbii halluuwwanii fi murtuu sirriitti qabachuu in danda’u.

Guddina hafuuraa

•Akkuma warra isaanii fi namoota ga’eeyyii biroo amananitti Waaqayyoon amanu. Yeroo tokko tokko immoo Waaqayyoo fi humna Isaa in sodaatu. Akka waan Waaqayyo qaama qabeessa ta’eetti yaadu; yeroo tokko tokko immoo Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa Yesusiin adda baasanii hubachuutti in danqamu.

•Akka Yesus isaan jaallatu beekuu in danda’u; jaalala Isaaf qabanis ibsachuu in danda’u.

•Cubbuu adda baasanii inhubatu. Garuu akkumaijoolleeumurii mana barumsaadurairrajiraniitti isaan kunis cubbuu nama biroo irratti salphaatti argu. Gochaa “gadhee” ta’e erga irratti beekamee booda gadhee ta’uu isaa argu. Waaqayyoo fi namoota dhiifama in gaafatu.

•Waaqi/samiin bakka jireenya gaarii Waaqayyo isaaniif qopheesse ta’uu isaa in beeku.

Amaloota Guddina barttoota mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa (umurii waggaa 6–8):

Guddina hubannaa/yaadaa

•Hojjechuudhaan akka gaariitti baratu. Seenaawwan dhaga’uu fi dubbachuu jaallatu; itti yaadanii taphatu.

•Dandeettii dubbisa isaaniitiin in boonu; itti fayyadamuus in barbaadu.

•Gochawwan isaan gammachiisan irra deddeebi’uu jaallatu.

Guddina hawaasummaa

•Miira hunda wal qixatti ilaaluu cimaa ta’e qabu; akka tokkoon tokkoon namaa dabaree isaa qabaatu barbaadu.

Guddina qaamaa

•Sochii muuziqaa wajjinii fi tapha dorgee jaallatu.

Guddina hafuuraa

•Amma iyyuu cubbuu namaa salphaatti caalchisanii argu, yeroo baay’ee namoota in ceepha’u. Cubbuu isaanii amananii fudhachuu irratti guddaa itti rakkatu; wanta sirrii yookiin dogoggoras ta’e irratti tarkaanfii fudhatamu arguuf in ariifatu. Yoo tasgabbiidhaan hubachiifaman, cubbuu isaanii amananii in fudhatu; Waaqayyoo fi nama dhiifama in gaafatu.

•Akka Yesus Ilma Waaqayyoo ta’e in amanu; garuu maal jechuu akka ta’e gaaffii itti ta’a. Yesus Fayyisaa isaanii ta’uu Isaa in beeku; yeroo rakkinaatti akka Inni isaan gargaarus in amanu.

•Akka Yesus isaan jaallatu beekuu in danda’u; jaalala Isaaf qabanis ibsuu in danda’u.

•Eenyummaa Sadan Tokkummaa: Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu beekuu in eegalu.

•Jireenyi bara baraa iddoo dinqisiisaa Waaqayyo isaaniif hojjete akka ta’e in beeku.

•Gareedhaan kadhachuu in danda’u; namoota biroof kadhachuus in fedhu.

Garee kee Sirriitti Qabuu Danda’uu

Barsiisuu keessatti inni guddaa barbaachisaan barattoota kee qabuu danda’uu dha. Nama kutaa keessaa barsiisu milkaa’inaan qabuu danda’u ta’uudhaaf, barattoonni kee wanta isaan irraa barbaadamu, keessumattuu waa’ee amalaa irratti, beekuu akka danda’aniif karoora ifaa ta’e

qabaachuun guddaa barbaachisaa dha. Barumsi sirriitti akka baratamuuf, tokkoon tokkoon barataa odeeffannoo kennamaa jiru dhaga’uudhaaf carraa isaa qabaachuu fi hojiiwwan karoorfame keessatti qooda fudhachuun barbaachisaa dha.

Haala kutaa barumsaa gaarii kan keessatti ijoolleen birmadummaan itti dhaga’amu, itti toluu fi akka ati isaaniif eeggaannaa taasistu akka beekan taasisuu si barbaachisa. Akka ijoolleen kee hamma barachuu danda’an hunda barataniif kan isaan gargaaru yeroo barsiistu hundumaatti toora ifaa fi dhaabbataa ta’e qabaadhu. Qaphxiileen barbaachisoon karoora qabaa daree barsiisa keetii qindeeffachuuf gargaaran hammi tokko kanatti fufanii tartiibeffamanii jiru.

1.Ijoolleen itti fufee kan dhufu maal akka ta’e beekuu in fedhu. Kan akka, “Seenaa Macaafa Qulqulluu erga dubbisnee booda, tapha tokko taphanna” jedhu dhaga’uutti in gammadu. Yeroon itti gocha tokko xumuranii isa itti fufu eegalan akka ga’e hubachiisuuf mallattoo akka sagalee addaa tokko yookiin faarfannaa tokko fayyadami.

2.Yommuu qajeelfamoota kennituuf, yeroo yerootti akkana godhi. “Jalqaba, kobbii keessan baafadhaa” jedhi. Erga barattoonni kana taasisanii booda, “Amma, gaaffii tokkoffaa sirriitti dhaggeeffadhaa” jedhi.

3.Qajeelfamoota ifaa ta’an kenniif. “Walitti naanna’aatii marsaadhaan taa’aa” hin jedhin. Kana jechuu irra, utuu yeroon barumsaa hin ga’in duursii teessuma marsaadhaan sirreessii kaa’i; kana booda, “teessuma irra taa’aa” jedhi.

4.Yoo ijoolleen jeeqan yookiin barumsa sirriitti hordofuu dadhaban, hojii haaraa kan barumsuma sanaaf yaada isaanii kakaasu yookiin barumsa yeroo darbee keessa deebi’uuf kan gargaarutti ceesisi. Ijoollee xixiqqoon kan isaan yaada guutuudhaan barumsa hordofan yeroo gabaabaadhaaf akka ta’ee fi yeroo baay’ee sosocho’uu akka barbaadan yaadadhu.

5.Amaloota gaggaarii jajjabeessi. Dubbiiwwan akka, “(Maqaa keessan) akka dhaggeeffachuudhaaf qophoo’aa taatan ani hubadheera.” “Akkaataa tokkoon tokkoon keessan itti daddaftani, tasgabbiidhaan waaqeffannaaf hiriirtan dhuguma anatti toleera,” jedhuu fi kan kana fakkaatu dubbadhu. Akka isaan amala gaggaarii qabaataniif akkaataa gaarii ta’e irra qajeelfama kenniif. Aariidhaan “Callisaa!” jettee itti dheekamuu irra, “Daree keessatti sagalee xiqqaadhaan gabiitti haa dubbannu” jedhi.

6.Yoo ijoolleen wal lolan, tarkaanfii oo’a qabu, garuu ejjennoodhaan, tokkoo isaanii yookiin lamaan isaanii daree sana keessatti bakka teessumaa jijjiiriifi. Yoo mucaan tokko rakkisaa ta’e yookiin nama tokko yoo miidhe, ijoollee warra kaan irraa adda baasii akka tasgabbaa’uuf yeroo gabaabaa kenniif. Dhimma kanaaf daree sana keessaa iddoo tokko addaan baafadhu. Ijoollee umurii wal fakkaataa irra jiraniif yeroo murtaa’aa dheerinni isaa wal qixa ta’e, daqiiqaa 5 irra kan hin caalle, fayyadami. Mucaan sun callisee yoo taa’e iyyuu gochaawwan daree sana keessatti taasifaman ilaalaa fi dhaggeeffachaa jiraachuu isaa mirkaneeffadhu.

7.Yoo garee baay’ee guddaa ta’e barsiista ta’e, toora eeguudhaaf akka si gargaaruuf mallattoolee dheeraa fi salphaa ta’e kan harkaan irratti qabattu qopheeffadhu. Fakkeenyaaf, fakkii fuulaa

guddaanamaafaanbaneeqummaadu(seeqatu)tokkoofifuulaguddaakanafaanisaacufatetokkoo waraqaa yabbuu irratti tolchi. Fakkiiwwan fuulaa kana murii baasiitii ulee dheeraa tokko irratti duraa fi duuban maxxansi. Yeroo barumsicha keessatti hirmaachuudhaaf taphaan argisiisan yookiin yeroo kadhataatti akka ijoolleen dubbatan barbaaddu fakkii fuula afaan banee qummaadu itti argisiisi. Akka ijoolleen callisan yommuu barbaaddu immoo fakkii fuulaa isa afaan cufatee jiru itti argisiisi.

8.Yommuu barsiistu, daree keessa asii fi achi sosocho’i. Mucaan tokko yookiin isaa ol kan ta’an dhaggeeffachaa akka hin jirre yoo hubatte, yaada isaanii gara barumsichaatti akka deebisaniif yeroo gabaabaadhaaf isaan bira dhaabadhu. Kallattii yaada isaanii jijjiiruudhaaf harka kee yeroo xiqqoodhaaf suutatti gatiittii isa tokkoo irra kaa’i. Yoo ijoolleen gar-malee wacan, akka isaan si dhaggeeffachuudhaaf segalee isaanii xiqqeessaniif ati xiqqeessii dubbadhu.

9.Barsiisa kee akka caalchisee namatti tolu ta’u taasisuudhaaf deggertuu barumsaa itti fayyadaman, kanneen qajeelfama kana fuula gara duuba irra jiran dabalatee, kanneen walitti qabattes fayyadami. Horgoggee (ashaangulliitii), fakkiiwwanii fi meeshaalee adda addaattis fayyadamuun in danda’ama.

Garee Guddaa Sirriitti Qabuu Danda’uu

Yoo garee ijoollee xixiqqoo 40 irra caalan qabu barsista ta’e, wal’aansoowwan addaan ba’an si mudachuu isaanii in argita. Garee ijoollee guddaa ta’e kana qabuu akka dandeessuuf kan si gargaaran gorsawwan tokko tokko kanatti fufanii jiru.

1.Dabalataan gargaartota akka siif ta’aniif namoota ga’eeyyii gaafadhu. Yoo xiqqaate tokkoo tokkoo ijoollee 25 tiif gargaaraa nama ga’eessa tokko qabaachuu yoo dandeesse gaarii dha. Hojiin gargaartota kanaa yeroo ati barsiistu akka barattoonni xiyyeeffannoodhaan gochawwan sana hordofaniif eeguudhaan si gargaaruu dha. Hojii harkaa irrattis ijoollee in gargaaru.

2.Haala keessa jirtu keessatti garee guddaa fi garee xixiqqaa tokkoo tokkoon isaa ijoollee 25 qabuutti qoqqoodi. Tokkoo tokkoo garee xixiqqaa kanaaf gargaartuu ga’eessa tokko ramadi (lakk. 1 ilaali). Ijoolleen yeroo barumsa Sanbata Guddaa hundumaatti, gargaartuu isaanii barbaadanii akka gurmuudhuma isaanii isa duraa keessa taa’an godhi. Yoo barbaadde, tokkoo tokkoo gareef maqaa adda addaa kennuufii in dandeessa. Fakkeenyaaf, yoo garee barattoota 300 qabu barsiista ta’e, garee guddaa sana gareewwan xixiqqaa 12 tti qoqqoodi. Tokkoo tokkoo maqaa qomoo saba Israa’el 12 nii tokkoo tokkoo gareewwan xixiqqaa sanaa kenni (Ruuben, Shimi’on, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon, Gaadi, Asheer, Yoseef, Beniyaamin, Daan, Niftaalem SeeraUumamaa 46:8,24). Yookiin gareewwan kana maqaa magaalawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argamaniitti moggaasi (Betlihem, Yerusaalem, Bitaaniyaa, Qifirnaahom, Yerikoo, Emaa’us, Naazreet, Qaanaa, Naayin, Betesayidaa, Koraazin, Sikaar). Gareewwan kana lakkoofsaan yookiin haalluu/qalama bifa adda addaatti moggaasuu in dandeessa. Gareewwan kunneen hundi bakka tokkotti sii wajjin wal argu, garuu tokkoon tokkoon ijoollee garee xiqqaa kan isaanii ta’e, kan yeroo barumsaa hunda keessatti baratan qabu. Yaadi kun garee guddaa

keessatti akka ati toora qabsiistu si gargaara. Akkasumas tokkoon tokkoon ijoollee fi ga’eeyyii maatii Waaqayyoo keessatti eenyuu wajjin akka turanii fi eenyuu wajjin walitti dhufeenya akka qabaatan addaan baasaaf.

3.Yoo garee guddaa sana gareewwan xixiqqootti qoqqooduuf murteessite, tokkoon tokkoo garee xiqqaa wal makaa ijoollee umurii 4-8 tti jiranii qabaachuu isaa mirkaneeffadhu. Obbolaan akka walii wajjin turan eyyamiif (yoo in barbaadu ta’e). Gareewwan umurii wal makaa kana keessatti, ijoolleen warri gurguddaan ijoollee warra xixiqqoo hojiidhaan barachuu keessatti gargaaruu in danda’u. Ijoolleen waliif nagaa hin qabne akka jiran yoo beekte yookiin yeroo barumsaatti naannoo isaanii kan jeeqan yoo jiraatan, jarreen kana gareewwan gurguddaa adda addaa keessa kaa’iitii, gareewwan isaan keessa jiran daree keessa kallattii faallaa irra akka taa’an taasisi.

4.Akkabarsiisaattiyommuubarsiistudareekeessadeddeebi’i. Ijoolleenjeeqanyookiinhaasolleen (haasa’uu kan jaallatan) akka jiran yoo hubatte, yaadni ijoollee kanaa gara barumsaatti akka deebi’uuf isaanitti dhi’aattee dhaabachuudhaan barsiisuu kee itti fufi. Garee xiqqaa keessaa ijoollee jeeqan yookiin wacan adda baasanii yoo hubatan, akkuma kee akka taasisaniif geggeessitoota garee xixiqqaa barsiisi.

5.Jalqaba barsiisaa wayitii tokkoo irratti yookiin wayitii barsiisaa jirtu keessatti yommu mataduree haaraatti ce’uuf jettu dhageettii ijoollee argachuudhaaf, mallattoo ijoolleen ittiin amma yeroo isaa akka ta’e beekan segalee adda ta’e tokkoon fayyadami. Qaacila rukutuu, faaggaa (malakata) afuufuu, irra deddeebii faarfannaa tokko faarfachuu, yookiin sagalee adda ta’e tokko dhageessisuudhaan dhageettii ijoollee gara barumsichaatti deebisuu fi yeroo isaan itti tasgabbaa’uudhaan callisanii taa’uu qaban ta’uu isaa isaan yaadachiisuudhaaf fayyadamuu in dandeessa. Akka ijoolleen sababii dubbatamuuf hubachuu danda’aniif yeroo hundumaa sagalee tokkichaan fayyadami.

6.Gareen ijoollee baay’ee guddaa ta’e guutummaan guutuutti tasgabbaa’aa taasisuun akka hin danda’amne yaadatti qabadhu. Yoo haalli sagaleen ijoollee gar-malee ol ka’uu si mudate, akka ijoolleen si dhaggeeffachuuf jecha callisaniif sagalee kee xiqqeessii barsiisuu kee itti fufi. Yookiin barsiisuu addaan kutiitii hamma isaan callisanitti obsaan turi. Aariidhaan ijoolleetti hin wacin, yookiin adaba qaamaatiin hin miidhin. Gochaan akkasii akka ijoolleen dhageeffachuu baratan hin gargaaru. Kun amala gadhee ati ittisuu yaaltu sana itti caalchisa. Nuyi barumsi Sanbata Guddaa taatee ijoolleen hirmaachuudhaaf fedhii qabaatan akka ta’u barbaanna. Akka barsiisota ta’uu keessaniitti, jaalalaa fi obsa Yesus namaaf qabu argisiisuudhaan barattoota keessaniif fakkeenya gaarii ta’uutu isin barbaachisa.

7.Barsiisa daree keessatti yeroo hundumaa gargaartuu akka siif ta’aniif barattoota muraasa gareewwanii keessaa filadhu. Yoo barattoonni dhaggeeffachuu fi sabiriidhaan taa’uu irratti rakkoo qaban si mudatan, ijoollee filatte sana gara bakka dhaabbattee barsiisaa jirtuu akka dhufaniif waami. Isaanis yommuu ati walaloo dubbistu yookiin faarfannaa faarfachiistu sii wajjin jechuudhaan warra kaaniif fakkeenya ta’u, akkasumas akka barattoonni garee sanaa akkuma sana hojjetaniif geggeessuudhaan si gargaaru. Meeshaalee barsiisaa hiruudhaan, yookiin yommuu

barumsixumuramumeeshaaleesanadeebisaniisassaabuudhaansiakkagargaaraniifijoolleefilatte sana gaafadhu.

8.Yoo Seenaan Macaafa Qulqulluu sun hojiidhaan argisiisuudhaaf in mijata ta’e, akka fuula duratti ba’anii hojjetaniifijoolleefiladhu.Tokkootokkoon gareexixiqqaawaanumawal-fakkaataa tokko akka hojjetan taasisi. Garee xiqqaan sun gochaadhuma dura ofii isaniitii hojjechaa turan yommuu taatee biroon waltajjii irratti hojjetu in ilaalu; mucaan sun akka qajeelfama ati kenniteefiitti attamitti akka hojjetus in hordofu. Kun akka barattoonni hundi si’aayinaan keessatti hirmaataniif gargaara. Ijoolleen hammuma wanta ta’aa jiru keessatti caalchisanii hirmaatan, naannoo isaanii jeequu fi wanta sirrii hin ta’in hojjechuun isaanii gadi xiqqaata.

9.Yeroo murtaa’aa keessatti walitti fuffiinsaan gochaawwan jijijjiiri. Tokkoon tokkoo Barumsa qajeelfama kana keessa jiranii tokkoo tokkoo yeroo barumsaa keessatti kan itti fayyadamuun danda’amu filmaata baay’ee kenna. Hamma ijoolleen umurii waggaa torbaa fi saddetii tasgabbaa’anii turuu danda’an, ijoolleen waggaa afurii fi shanii tasgabbaa’anii turuu akka hin dandeenye yaadadhu.

10.Yeroo yerootti amala gaggaarii jaji. Fakkeenyaaf, yoo garee xixiqqaa sana keessaa tokko dhaggeeffachuu fi hirmaannaa taasisuudhaaf tasgabbaa’ee taa’ee jira ta’e, “Akkaata itti ijoolleen garee Betliheem dhaggeeffachuudhaaf qophaa’anii jiran ani dhuguma nan jaalladha” jedhi. Ijoolleengareeumuriiati barsiistusanakeessajirannamootaga’eeyyiigammachiisuuinbarbaadu. Kanneen dhaggeeffachuutti hin jirres yommuu atti warra dhaggeeffachaa, sirriittis deebii kennaa jiran jajju in dhaga’u.

Barumsa kana keessaa maal arganna?

Tokkoo tokkoon barumsa qajeelfama kana keessa jiru tooruma wal fakkaatuun qophaa’e. Kunis ati akka barsiisaatti yeroo barsiistu tokkoo tokkoo barumsichaa attamitt akka qindeessan bartuuf si gargaaruufii dha. Yoodhuma tokkoo tokkoon barumsichaa hojjiiwwan adda addaa qaba ta’e illee, atii fi barattoonni daree keetii hammuma yeroo dheeraa waliin turtan, barattoonni kee tokkoo tokkoo yeroo barumsaa keessatti hojiin itti fufee dhufu maal akka ta’e beekuu in danda’u. Kanatti fufee kan jiru fakkaanya toora qabiyyee barumsaa ti. Tokkoon tokkoo hiree isaa akka faayidaa isaatti addaan baafamee jira.

• Lakkoofsaa fi mata-duree barumsaa

• Kutaa Macaafa Qulqulluu fayyadaman (Macaafa Qulqulluu bakka seenaan sun keessaa fudhatame)

• Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaabakka seenaan kun itti argamu ibsi.

• Dhugaa Ijoo ta’e (Dhugaa Guddaa kan akka ijoolleen seenaa Macaafa Qulqulluu kana irraa baratan ati barbaaddu. Seeraa fi Wangeela seenaan Macaafa Qulqulluu kun of keessatti hammata.)

• Kaayyoowwan barumsichaa (Galmawwan barumsichaa madaalamuu danda’an kan akka barattoonni itti milkaa’an ati barbaaddu.)

• Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:

• IN BEEKU (Waa’ee dhugaa Sadan Tokkummaa Waaqayyoo kan barattoonni yaadachuu qaban /beekumsa yaadaa).

• IN GUDDATU (Amantiin barttoonni Sadan Tokkummaa Waaqayyoo irratti qaban hammam akka dabaluuf jiru kan ibsuu dha (guddina hafuuraa.)

• Adeemuu/Hojiidhaan argisiisuu (Ibsa waa’ee akka itti ijoolleen karaa ijaan argamuu danda’u irra amantii isaanii mul’isuu danda’an = guddina hafuuraa.)

• Luqqisii Macaafa Qulqulluu keessaa sammuutti qabatamu (Tokkoo tokkoo mata-duree barumsaatiif adda adda kan ta’e).

Meeshaalee fi Qophii

(Meeshaalee addaa kan barumsa yeroo tokkoo keessatti itti fayyadaman tartiibessuu dha. Waa’ee meeshaalee tokkoo tokkoo barumsaatiif barbaachisanii, beekuudhaaf kutaa “Meeshaalee” jedhu qajeelfama kana kutaa inniirratti argamu ilaali.) Kutaan sun fakkii horgoggee (ashaangulliitii) yookiin meeshaalee harkaan hojjetaman kanneen ati itti fayyadamuuf utuu barsiisuuf kutaa hin seenin dursa qopheeffachuun si barbaachisanii dha.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

(Yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu barsiistuu fi jireenya barattoota wajjin wal fudhachiistu dubbisa Macaafa Qulqulluu dabalataa fi odeeffannoo si gargaaranii dha.)

Barumsicha Dhiheessuu

•Kadhannaa Jalqabaa

Akka Waaqayyo Achitti Argamuuf Waamuu (Yummuu Isa waaqessitanii fi waa’ee Isaa walii wajjin barattan akka Inni sii fi barattoota kee biratti iddoo ol aanaa qabaatuuf Sadan Tokkummaa Waaqayyoo afeeruu dha. Guutummaa qajeelfama kanaa keessatti, yeroo barumsaa ittiin jalqabuuf walii-galatti maqaa Sadan Tokkummaa Waaqayyoo waamuu bifa tokkicha ta’een fayyadamta.)

Faarfannaa (Faaarfannoonni Barumsa kanaaf qophaa’an hundi isaanii qajeelfama kana gara xumuraa irratti kutaa “Faarfannaa” jedhu keessatti argamu.)

Kadhannaa (Kun walii-galatti kadhannaa seensaa yommuu Dubbii Isaa barattaan akka Inni sii fi barattoota kee wajjin ta’uuf Waaqayyoon gaafattanii dha.)

•Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Hojii waa’ee mata-duree barumsa Seenaa Macaafa Qulqulluu sana akka irratti yaadaniif barattoota gargaaruuf.

Faarfannaa: Seenaan ati isaanitti himuuf jettu Macaafa Qulqulluu, isa Macaafa Waaqayyoo ta’e keessaa akka ta’e barattoota keessatti cimsuudhaaf Seenaa Macaafa Qulqulluu sana itti himuu kee dura yeroo hundumaa faarfannaa barumsa sanaaf kenname faarfachiisi.

•Seenaa Macafa Qulqulluu himuu

Yommuu akka qajeelfamaatti Seenaa Macaafa Qulqulluu “Seenaawwan

Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessatti argamu fayyadamtu, horgoggeewwan (qajeelfama kana fuulawwan gara duubaa irratti argamu), fakkiiwwan, baacoowwan, yookiin mala seenaa himuu biroo fayyadamii seenaa kana ijoolleetti himi. Akkaataan itti Seenaa Macaafa Qulqulluu kana himan qajeelfama kana keessatti tokkoo tokkoo seenaatiif filannoo tokkoo wajjin ibsamee jira. Akkaataa barattoota keetiif mijatu tokko filadhu. Mala biroo akka yaadaatti kenname ittiin dhugaa seenaa sanaa keessa deebitee ibsuuf fayyadami.

•Seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa deebi’uu

Dhugaa seenaa Sanaa isa barbaachisaa ta’e keessa deebi’uudhaaf Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa gaaffiilee xumura tokkoo tokkoo Seenaa Macaafa Qulqulluu irratti argaman gaafadhu. Sochiin hojjetamu yookiin faarfannaan isatti fufee jira. Yommuu dhagaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebitu yaada seenaa himuu filmaataaf kennames fayyadamuu in dandeessa.

• Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Barumsicha keessaa kutaan kun dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu akka jireenya dhuunfaa barattootaa keessatti hojii irra oolan taasisa. Tokkoon tokkoon hojiiwwan kanatti fufanii kutaa kana keessatti tartiibeffamanii akka barattoonni kaayyoowwan barumsaa caqasaman hubataniif isaan gargaara.

•Hojii Jireenyaan Wal-fudhachiisuu: Hojii umurii isaaniitiif ta’u kan dhugaa Seeraa fi Wangeelaa Seenaa Macaafa Quldulluu kana keessaa, taateewwan addaa jireenya baratootaa keessa jiraniin wal simuu dha. Barattoota umurii mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa warra jajjabootiif akka ta’utti hojicha fooyyessuun akka danda’amu yaadi in kennama.

• Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti Qabatamu: Tokkoo tokkoo Barumsaatiif kutaa adda addaatu kennama. Luqqisii Macaafa Qulqulluu ijoollee barsiistu irratti akka si gargaaruuf hojii tokko itti dabali.

• Faarfannaa(oota): Faarfannaa tokko yookiin lama kanneen Seenaa Macaafa Qulqulluu kanaan wal fakkaatan gara xumura qajeelfama kanaa keessatti argaman keessaa filatanii faarfachuun in danda’ama.

• Hojii harkaa: Hojii manatti fudhatanii galan, kaayyoo barnumsichaa cimsuudhaaf meeshaalee qopheeffamanii jiran fayyadamuudhaan kan hojjetamanii dha.

• Kadhannaa Xumuraa (Yeroo itti barattoota deebisanii walitti fidan.)

Tokkoon tokkoon kadhaannaa akka tibba dhugaa barsiisa sanaatti adda adda ta’a. Akkasumas yeroon kun yeroo wantoota barattootaa barbaachisanii fi gammachuu jireenya isaaniitiif ta’an gaaffii kadhannaa addaa isaan irraa fudhachuu dandeessuu dha (gaaffiiwwan dhihaatan kana kadhannaa barumsa sana keessatti barreeffamee jiru keessaa bakka kanaaf kaa’amee jirutti galchitee kadhachuu in dandeessa).

Yaadachiisa Xumuraa Barbaachisaa: Qajeelfama kana akka itti fayyadamtuuf si gargaaruuf, yeroo kam iyyuu jechoota barreeffamni isaanii gurraacheffaman yoo argite, jechoonni sun sagalee dhaga’amuun barattoota keetti akka dubbatamaniif kan karoorfamanii dha. Jechoonni itaalikiidhaan barreeffaman, yookii faarfannaa waliin dhufa, kadhannaa, yookiin hojiiwwan biroo, yookiin Macaafa Qulqulluu lakkoofsa tokko dubbisuu, faarfannaa yookiin mata-duree kitaaba tokkoo ti.

Meeshaalee Barumsichaaf Barbaachisan

Meeshaaleen bu’uuraa barumsa kana barsiisuu keessatti si barbaachisan kanatti fufanii tartiibeffamanii jiru. Wantoonni addumaan barumsaa tokkoof barbaachisan kutaa “Meeshaalee” barumsichaa keessatti tartiibeffamanii jiru. Wantoonni tartiibeffamanhundi bakka barumsi kun itti kennamutti argamuu qabu. Meeshaalee kana yeroo barsiistu hunda itti fayyadamta waan ta’eef yeroo hundumaa of biraa qabaadhu.

•Macaafa Qulqulluu

•Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee

•Qajeelfama barsiisaa kana (yoo danda’ame barsiisaa tokkoof kitaaba tokko)

•Kobbii

•Kobbii halluuwwanii

•Murtuu

•Waraqaa adii kan fakkii

•Waraqaa barreeffamaa adii

•Mashinii waraabbii fayyadamuu danda’uu

•Keenyan yookiin gabataa-gurraacha kan wantoota sana irratti argisiisan

•Muuccaa utuu keenyan hin mancaasin ittiin fakkii rarraasuuf fayyadu

•Meeshaa muuziqaa yeroo faarfannaa itti fayyadaman (piyanoo, gitaara, dibbee) filmaataan

Kadhannaa Barsiisichaa

Yeroo barumsa qopheeffattuu fi barsiisa dura kadhannaa kana kadhadhu:

Yaa Abbaa Isa Waaqa iraa, Ati anaaf guddaa gaarii dha! Akka ani Siif jiraachuu danda’uuf wanta ana barbaachisu hudumaa anaaf kennita. Addumaan immoo kennaa amantii fi ayyaana Kee isa dhuma hin qabne, isa irra dhangala’aa karaa Ilma Kee, karaa Yesus anaaf kenniteen na eebbiste. Karaa du’uu Fayyisaa koo Yesusiitiin jireenya koo badiisa bara baraa waan na oolchiteef Sin galateeffadha, Sin jajadhas. Yesus Kristosiif jettee cubbuu koo hundumaa waan anaaf dhiifteef Sin galateeffadha. Karaa Yesusiitti amanuu fi warra du’an keessaa ka’uu Isaa jireenya bara baraa tola anaaf kenniteef Sin galateeffadha.

Gooftaa koo, ijoollee Kee warra xixiqqoo barsiisuudhaaf yommuu ani qophaa’u kanatti, akka ani dhugaawwan Macaafa Qulqulluu akka ijoolleen Kee beekaniif Ati barbaaddu hubadhee akkan barsiisuuf, adaraa beekumsaa fi ogummaa ana barbaachisu anaaf kenni. Akka ani Dubbii Kee humnaan, ibsuu fi ulfinaan barsiisuuf adaraa jajjabinaa fi fedha isaa anaaf kenni. Akka ani jaalala Kee ijoollee ani barsiisuuf hiruu fi itti argisiisuu danda’uuf jaalala ani Siif qabu humna Hafuura Qulqulluutiin ana keessatti guddisi. Namoonni hundumtuu akka Gooftaa fi Fayyisaa isaaniitti gara Si beekuutti akka dhufan isa Ati feetu fiixaan baasuu akka dandeenyuuf Hafuurri Qulquluun guutummaa yaada garaa keenyaa keessatti haa hojjetu. Maqaa Yesusin Sin kadhadha. Ameen.

Barumsa 1

Waaqayyo Biyya Lafaa Uume (Seera Uumamaa 1)

Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee (Fuula 13-15)

Dhugaa Ijoo

Sadan Tokkummaan Waaqayyoo biyya lafaa fi wantoota isa keessa jiru hundumaa, namootas dabalee akka gaariitti, jaallatee uume.

Kaayyoo Barumsichaa

Barattoonni Humna Hafuura Qulqulluutiin:

• AkkaSadanTokkummaanWaaqayyooguyyootaja’akeessattibiyyalafaagaariitaasiseeuume in BEEKU

• Yoodhuma booda cubbuun mancaase illee, Waaqayyo biyya lafaa gaarii taasisee uume jajuutti GUDDATU.

• Dhaqanii uumama Waaqayyo uume KUNUUNSU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

“Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” (Seera Uumamaa 1:1).

• Fakkiiwwan wantoota uumama Waaqayyo uume keessaa salphaatti walitti qabaman (baalota, muka, dhagoota, baallee lukkuu, rifeensa beeyladaa, simbirroo, balfaa, cirracha). Barumsa kana keessatti akka barattoonni ittiin hojjetanii barataniif meeshaalee kana akka ga’utti qabaachuu si barbaachisa.

1. Yeroo barsiistu yoo horgoggee qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta ta’e, kanneen Barumsa tokkoffaadhaaf yaadaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sana murii baasiitii haalluu (qalama) dibi. Haphee fayyadamii tokkoo tokkoo horgoggee muka yookiin baala dheeraa yabbuu wajjin walitti maxxansi.

2. Yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu barumsa kutaa kanaa barsiisuudhaaf qopheessitu itti fayyadamuuf karoorsiiteetta ta’e, wantoota tartiiba meeshaalee keessatti olitti tartiibeffaman walitti qabadhu.

3. Attamitti akka hojjetamu salphaatti hojjettee argisiisuudhaaf fakkii pirojektii harkaan hojjechuu tokko tolchi. Ijoollee dubbisuu fi barreessuu hin dandeenye barsiista yoo ta’e, walakkeessa waraqaa irratti “Waaqayyo biyya lafaa uume” kan jedhu barreessi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

Barumsa kana qayyabachuu eegaluudhaaf, Macaafa Qulqulluu kee Seera Uumamaa boqonnaa 1fi 2 dubbisi. Yommuu Oduu kana dubbistu qaphxiiwwan kanatti fufanii jiran yaadaan qabi:

1. Seera Uumamaa 1:1 Waaqayyo waaqaa fi lafa uume jedha. Uumuu jechuun “wanta tokko waan hin jirre irraa tolchuu jechuu dha.” Utuu meeshaalee dheedhiin irraa hojjetan hin

jiraatin uumama lubbu-qabeeyyii fi lubb-dhabeeyyii kumaatamaan lakkaa’aman biyya lafaa kanaa fi addunyaa (univers) keessa jiran uumuun Waaqayyoo, dhuguma hojii dinqisiisaa dha.

2. Nama irraa kan hafe Waaqayyo wantoota hundumaa jechuma isaatiin uume (fkn. “Akkasumas/Ammas Waaqayyo… jedha” Seera Uumamaa 1:3,6,9,11,24.)

3. Waaqayyo waaqaa fi lafa toora gaariidhaan uume. Wantoonni hundinuu tartiiba barbaachisummaa isaaniitiin uumaman. Fakkeenyyaaf, utuu biqiltoonni hin uumamin dura ifatu uumame; bishaanonni bakka golee isaaniitti sassaabamanii lafti gogaan mul’ate.

4. Akkuma Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamee jiru, tokkoon tokkoon uumamaa guyyaa tokko tokko, saa’atii 24 keessatti uumaman. Jechoonni, “Galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa (tokkoffaa) dha” jedhu (Seera Uumamaa 1:5, 8, 13, 19, 23, 31). Yeroo uumuuWaaqayyoo keessatti guyyaa tokko jechuun akkuma guyyaa tokkoo isa amma jiru kanaa jennuu akka ta’e mul’isa. Yeroo gabaabaa keessatti Waaqayyo waaqaa fi lafa uumuun Isaa hojii dinqii biroo dha. Uumamni ifaadhumatti fakkeenya beekumsaa fi dandeettii Waaqayyo isa qoramee bira ga’amuu hin dandeenyee ti.

5. Sadan Tokkommaan Waaqayyoo yeroo uumuu sana irratti hirmaateera. Kanas maqaadhaawan Seera Uumamaa 1:26 irratti caqasame irraa arganna “Kana (booda) Waaqayyo, ‘Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in uumnaa!’” jedhe. Maqaadhaawan kun wanti tokko illee utuu hin jiraatin dura Waaqayyo Abbaan, Yesusii fi Hafuurri Qulqulluun akka ture argisiisa.

6. Uumama keessaa kan Waaqayyo akka gonfootti/ol-aanaatti ilaalu nama. Akkuma SeeraUumamaa 1:31 irratti arginu, Waaqayyo kan Inni “baay’ee gaarii dha” jedhee labse erga nama uumee booda. “Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate” (Seera Uumamaa 2:7). Waaqayyo dubartii isheejalqabaalafeecinaachaaAddaamirraatolche(SeeraUumamaa2:21-22).Waaqayyo nama harka Isaatiin tolche. Uumama warra kaan garuu jecha Isaatiin uume. Faarfannaa 139:13-16 eeggannaa Waaqayyo yommuu tokkoo tokkoo keenya tolche taasisee fi kabaja Inni jireenya ilmaan namaatiif qabu akkaataa dinqisiisaatiin ibsa. Akka itti Waaqayyo nu tolche (Lakk. 13) akkaataa eeggannaa fi jaalala Inni ittiin nu hojjete argisiisa.

7. Waaqayyo akka inni itti jiraatuu fi kunuunsuuf biyya lafaa namaaf uume. Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin akkas jedhe, “‘Horaa, baay'adhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota qilleensa keessa balali'an irratti, uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!’ jedhee isaan in eebbise. Yommus Waaqayyo, ‘Kunoo, ani biqila sanyii godhatu isa irra lafaa hundumaa irra jiru, muka ija godhatee sanyii isaas ija isaa keessaa qabu, isiniif kenneera; isaan nyaata isiniif haa ta'an’” (Seera Uumamaa 1:28-29).

8. Waaqayyo yommuu waaqaa fi lafa uume, wantoota hundumaa baay’ee gaggaarii taasisee tolche. Duuti hin turre, sodaan hin turre, dhukkubni hin turre, hanqinni/mudaan hin turre,

cubbuun hin turre. Kun dhugaa ta’uu isaa in beekna; sababiin isaa Macaafni Qulqulluun

“Wanti Waaqayyo uume hundinuu gaarii dha” jedhee nutti hima (1Ximotewo 4:4).

Barumsa kana karoorsuu itti fufuu kee dura, yeroo xinnoo fudhadhuutii miira dhageettii, ilaaluu, qaqqabuu, fuunfachuu fi dhamdhamuu fayyadamii wantoota gaggaarii Waaqayyo siif uumetti gammadi. Corrisuu simbirroo dhaggeeffadhu. Gaaddisa mukeetii magariisa adda addaa naannoo keetiif qabbana kennan ilaali. Qilleensi gaariin gogaa qaama keetti haa dhaga’amu. Foolii gaarii daraarotaa fuunfadhu. Biishaan qabbanaa’aa nama haaressu yookiin cuunfaa muduraa haaraa dhamdhami. Wantoota Inni siif uume hundumaaf Waaqayyoon galateeffadhu. Yommuu barumsa kana barsiistu, gammachuu hojii dinqisiisaa Waaqayyo hojjetetti kana barattoota keetti himi.

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa: kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubba irra jiru fayyadami.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana beeksisuu

Hojiidhaan:Hibboowwan waa’ee uumamaa

Ijoolleen akka sitti naanna’anii taa’an taasisi. Akkas jedhi, Waaqayyo wantoota baay’ee, wantoota gaggaarii baay’ee biyya lafaa kana keessatti nuuf uume. Amma tokkoo tokkoo hibboo ani dubbadhu sirriitti dhaggeeffadhaa. Uumama Waaqayyo uume keessaa wanta hibboon kun ibsu maqaa dha’uu yoo in dandeessu ta’e ilaalaa.

1. Ani ol fagaadhee waaqa keessan jira. Guyyaa hundumaa biyya lafaatiifan ifa kenna. Ani maali? (Deebii: biiftuu)

2. Ani jiidhaa dha.Namoonni ana irra adeemu, ana daakus. Qurxummii, qurxummii guddaa, fi uumamni baay’een ana keessa jiraatu. Ani maali? (Deebii: garba/galaana guddaa)

3. Jireenyi koo sanyii irraa eegaleen guddadhee dheerachuu danda’e. Yeroo tokko tokko simbirroonniman’eeanairratti ijaarratu.Yerootokkotokkoijoolleen anairra ol ba’u. Ani maali? (Deebii: muka)

4. Ani ifa yeroo tokko tokko ati waaqa keessatti galgala argituu dha. Ani akka calaqqisuun ta’a. Ani maali? (Deebii: urjii)

5. Ani miillawwan afuriinan adeema. Bifti koo daalacha. Gurra baay’ee guddaa fi kumbiin qaba. Ani maali? (Deebii: arba)

6. Ani baalleewwan qaba, barrisuus nan jaalladha.Yeroo tokko tokko man’ee keessatti hanqaaquu nan buusa.Faarfachuu iyyuu nan danda’a.Ani maali? (Deebii: simbirroo)

7. Ani gurrawwan, ijawwan, funyaanii fi afaan qaba.Dubbachuu nan danda’a. Wantoota baay’ee barachuu nan danda’a. Miillawwan lamaanan adeema. Fiiguu, utaaluu fi taphachuu nan jaalladha. Ani eenyu? (Deebii: ijoollee)

Deebii hibboowwan kanaakennuu isaaniitiifijoollee jaji. IsaboodafaarfannaaDubbii Waaqayyoo itti fufi.

Faarfannaa: “Dubbichi Waaqayyoo garaa keenya keessatti facaakfameera” (Faarfannaa 3); “Wangeelaka Raajii inni guddaan” (Faarfannaa 34) faarfadhaa.

Faarfannicha beeksisuudhaaf, Macaafa Qulqulluu kee fi kitaaba Seenaawwan Macaafa Qulqulluu

Qooda Ijoollee itti argisiisi. Akkas jedhi, amma waa’ee wantoota diqisiisoo Waaqayyo lafa irrattii fi waaqa keessatti uumee baay’ee, baay’ee baay’ee ta’an keessaa hibboowwan muraasa dhihaataniif deebistaniittu. Macaafni Qulqulluun, Macaafni inni kan Waaqayyoo akkaataa Waaqayyo ittiin wantoota gaggaarii kana hundumaa uume nutti hima.

Yommuu Macaafa Qulqulluu dubbisnu, Waaqayyoo fi jaalala Isaa isa guddaa Inni nuuf qabu baranna. (Macaafa Qulqulluu kee fi kitaaba Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee banadhu.) Faarfannaa waa’ee Macaafa Qulqulluu tokko haa barannu.

Faarfannaa “Gooftaa sagalee Keetiin” (Qajeelfama kana fuula gara dhumaa irraa faarfannaa lakkoofsa 11) fi “Wangeelaka Raajii inni guddaan” (Lakkoofsa 34) jedhan barsiisi.

Akkas jedhi/faarfadhu

Ani Macaafa Qulqulluu koo banadhee nan dubbisa, Waaqayyo na jaallata, Waaqayyo na jaallata.

Ani Macaafa Qulqulluu koo banadhee nan dubbisa, Waaqayyo na eega, Waaqayyo na eega.

Ani Macaafa Qulqulluu koo banadhee nan dubbisa, Waaqayyo na gargaara, Waaqayyo na gargaara.

Hojjedhu

Harkawwan kee walitti qadaaduu irraa eegali; itti fufii akka nama macaafa banuutti barruu kee ol gara galchii harkawwan kee gargar bani.

Harka kee laphee kee irra kaa’i.

Harkawwan kee walitti qadaaduu irraa eegali; itti fufii akka nama macaafa banuutti barruu kee ol gara galchii harkawwan kee gargar bani.

Ofii kee hammadhu.

Harkawwan kee walitti qadaaduu irraa eegali; itti fufii akka nama macaafa banuutti barruu kee ol gara galchii harkawwan kee gargar bani.

Barruu kee banii, harka mirgaa ol kaasi.

Faarfannicha booda akkas jedhi; amma Waaqayyo waaqaa fi lafa attamitti akka uume haa barannu.SeenaankunMacaafaQulqulluukeessaamacaafaisajalqabaa,“SeeraUumamaa”

jedhu keessaa fudhatame. Jechi “Seera Uumamaa” jedhu “jalqaba jireenya waan hundumaa” argisiisa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Himuu

Akka barattoonni salphaatti si arguu danda’anitti, akka si marsanii taa’an taasisi. Seenaawwan kanatti fufanii jiran keessaa tokko filadhu.

Filmaata 1: barattoota xixiqqoo (waggoota 4-8): Seenaa macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessatti argamu itti himi. Yommuu seenaa kana himtu horgoggeewwan tolchite fayyadamiitii argisiisi. Yookiin seenaa sana ijoolleetti himaa, fakkii uumama waa’ee isaa dubbachaa jirtu sanaa gabataa gurraacha irratti kaasi. Yoo wantoota uumamaa sirrii ta’an waltti qabdeettata’e,seenaahimuusanakeessatti wantootasanayeroosirriitti argisiisi.Akkabarattoonni walitti daddabarsanii qaqqabanii ilaalan taasisi.

Filmaata 2: ijoollee kanneen gurguddataniif: utuu seenaa sana itti himuu hin jalqabin dursii horoggeewwan Seenaa Macaafa Qulqulluu kanaaf tolchite itti hiri. Tokkoon tokkoon barataa yoo xiqqaate horgoggee tokko argachuu isaa mirkaneeffadhu. Yommuu kitaaba Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa itti himtu, yeroo sirrii ta’etti mucaa horgoggee maqaa dha’ame qabate ofitti waamii akka inni ijoollee garee sanaa dura naannessee itti argisiisu taasisi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee Seenaa kana irraatti hundaa’an: Gaaffiilee kana garee sana gaafadhu. Ijoolleetti argisiistee gaaffiilee sana ibsuu fi deebii sirrii argachuuf gargaaruudhaaf horgoggeewwan fayyadami.

1. Waaqayyo guyyoota meeqatti biyya lafaa uume? (Deebii: Waaqayyo biyya lafaa kana guyyoota ja’a keessatti uume.)

2. Guyyoota ja’an kanneen keessatti wantoota Waaqayyo guyyaa guyyaatti uume keessaa muraasa maqaa dha’i. (Deebiiwwan: Guyyaa 1: ifa; Guyyaa 2: Bantii waaqaa; Guyyaa 3: lafa gogaa fi biqiloota; Guyyaa 4: biiftuu, ji’a/addeessa, urjoota; Guyyaa 5: simbirrootaa fi qurxummiiwwan; Guyyaa 6: beeyladoota lafa irraa fi nama.)

3. Namichii fi dubartiin Waaqayyo tolche eenyu fa’i? (Deebii: Namichi Addaam ture. Dubartittiin Hewaan turte.)

Hojiidhaan keessa deebi’uu: Guyyoota uumamaa keessa deddeebi’anii dubbachuu Akka ijoolleen dhaabbatan taasisi. Tokkoo tokkoo himaa irra deddeebi’ii dubbadhuutii, hojiidhaanis argisiisi. Isa booda akka ijoolleen tokkoo tokkoo hima sanaa fi hojii isaa irra deebi’an taasisi.

Dubbadhu Hojjedhu

Guyyaa 1ffaa, Guyyaa 1ffaa, gaafa Guyyaa 1ffaa Waaqayyo ifa uume.

Guyyaa 2ffaa, Guyyaa 2ffaa, gaafa Guyyaa 2ffaa Waaqayyo bantii waaqaa uume.

Guyyaa 3ffaa, Guyyaa 3ffaa, gaafa Guyyaa 3ffaa Waaqayyo lafa gogaa fi biqiloota uume.

Guyyaa 4ffaa, Guyyaa 4ffaa, gaafa Guyyaa 4ffaa Waaqayyo biiftuu, ji’a/addeessaa fi urjoota uume.

Guyyaa 5faa, Guyyaa 5ffaa, gaafa Guyyaa 5ffaa Waaqayyo simbirrootaa fi qurxummii uume.

Guyyaa 6ffaa, Guyyaa 6ffaa, gaafa guyyaa 6ffaa Waaqayyo beeyladoota lafaa fi nama uume.

Guyyaa 7ffaa, Guyyaa 7ffaa, gaafa Guyyaa 7ffaa Waaqayyo in boqote.

Dhuma himichaatti «Ifa uume» isa jedhu booda harka walitti rukutaa.

Dhuma himichaatti «bantii waaqaa uume » isa jedhu booda si’a lama harka walitti rukutaa.

Dhuma himichaatti «biqiloota uume» isa jedhu booda si’a sadii harka walitti rukutaa.

Dhumahimichaatti«urjootauume»isajedhu booda si’a afur harka walitti rukutaa.

Dhuma himichaatti «qurxummii uume» isa jedhu booda si’a shan harka walitti rukutaa.

Dhuma himichaatti «nama uume» isa jedhu booda si’a ja’a harka walitti rukutaa.

Dhuma himichaa booda taa’aa.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu kana Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Hojii Jireenyaan Wal-Fudhachiisuu: Waaqayyo wantoota hundumaa Gaarii taasisee uume

Barattootaa wajjin geengoodhaan taa’aa. Akkas jedhi, Seenaa Macaafa Qulqulluu keenyaa keessatti, waa’ee wantoota baay’ee, baay’ee Waaqayyo uumee baranneerra. Waaqayyo yommuu waaqaa fi lafa uumuu Isaa xumure maal jedhe? (Deebii: Waaqayyoo baay’ee gaarii dha jedhe.) Kun sirrii dha! Wantoonni Waaqayyo uume hundumtuu baay’ee gaarii turan. Dhugaadhumatti, tokkoon tokkoon wanta Waaqayyo uumee baay’ee gaarii ture.

Wantoota Waaqayyo uume keessaa wanta guddistee jaallattu tokkoo yaadi. Waa’ee beeyladaa, yookiin nyaata o’aa, yookiin daraaraa, yookiin tulluu tokko, yookiin laga tokko, yookiin garba tokko, yookiin plaanetii tokko, yookiin nama tokko yaadda ta’a. Amma marsaadhaan adeemaa yaada keessan nutti himtu. (Maqaa ijoollee tokkoo), mee si irraa eegalla.

Geengoo sana irra naanna’ii tokkoo tokkoon ijoollee uumama keessaa waan caalchisanii jaallatan akka himan taasisi. Akka barattoonni wantoota jiraatan yookiin qaama uumamaa ta’u yaadaniif gargaari. Horgoggee, nyaata qophaa’e, namoota, yookiin wantoota nam-tolchee ta’an kamiin iyyuu itti hin dabalin. Uumama Waaqayyo uume keessaa kanneen ijoolleen maqaa dha’an tokko tokkoon barreessi, yookiin yaadadhu. Itti fufii akkas jedhi; Jalqaba yommuu Waaqayyo lafa

uume, wantoonni hundinuu baay’ee gaarii akka turan in beekna. Addaamii fi Hewaan Waaqayyoon in jaallatu, yeroo hundumaas Isaaf in abboomamu turan. Beeyladootaa fi biqilaawwan lafa irratti Waaqayyo isaaniif kenne hundumaaf kunuunsa baay’ee gaarii taasisuuf turan. Har’a garuu biyyi lafaa Waaqayyo uume baay’ee gaarii miti. Biqilaawwan, beyladootaa, fi namoonni in du’u. Gaddaa fi miidhamatu jira. Duuti, miidhamnii fi gaddi sababa cubbuutiif dhufan. Cubbuuwwan wantoota nuyi Waaqayyoo fi namoota nu kunuunsaniif abbomamuu diduudhaan hojjennuu dha. Sababii cubbuutiif, uumama Waaqayyo uumeef yeroo hundumaa kunuunsa gaarii hin taasisnuuf. Sababii cubbuutiif, nuyi yeroo tokko tokko walii keenyatti gaarummaa hin argisiisnu.

Yoodhuma nuyi yeroo tokko tokko cubbuu hojjenne illee, Waaqayyo amma iyyuu nu jaallata. Inni rakkina cubbuun keenya nutti fidettii akka nu gargaaruuf Ilma Isaa Yesusiin erge. Akka cubbuun keenya nuuf dhiifamuuf Yesus fannoo irratti du’e. Waaqayyo yommuu cubbuu keenya nuuf dhiisu, wantoota gadhee nuyi hojjenne hin yaadatu. Yesus erga sababa cubbuu keenyaaf nuuf du’ee booda, deebi’ee jiraataa ta’e. Yesus sababa du’aa ka’eef, wanta hundumaa hojjechuuf aangoo akka Inni qabu in beekna. Yesus jireenya xumura hin qabne nuuf kenna.

Gargaarsa Waaqayyootiin, wantoota gaggaarii uumama Inni uume keessa jiran hundumaaf kunuunsa taasisuu in dandeenya. Karaan ittiin wantoota Waaqayyo nuuf tolche hundumaa kunuunsuu dandeenyu tokko tokko maal fa’i? Akka itti kosii kaasuu dandeenyu, biqiloota bishaan obaafnu, beyladoota soorruu fi kabajaan dubbannu, gargaarsa kenninuu fi namootatti jaalala argisiisnu mariyadhaa.

Maree keessan booda akkas jedhi; Amma wantoota gaggaarii Waaqayyo uumeef Isa kadhanna, in galateeffannas; akkasumas biyya lafaaf kunuunsa taasisuu akka dandeenyu Inni akka nu gargaaruuf Isa gaafanna.

Yommuu kadhattu harkawwan kee wal keessa dachaasii, ijjoolleenis akkuma sana akka taasisaniif qajeelfama kenniif. Akkas jedhii kadhadhu; Yaa Waaqayyo, biyya lafaa gaarii taasistee waan uumteef, nuyinis nu tolchuu Keetiif galanni Siif haa ta’u. (Wantoota dura ijoolleen maqaa dha’anii turan maqaadhaan waamii) kunuunsuu akka dandeenyuuf nu gargaari. Si dhaggeeffachuu fi Siif abboomamuu akka dandeenyuuf nu gargaari. Akka Si jaallannu nu gargaari. Maqaa Yesusiin Si kadhanna. Ameen.

Yaadachiisa: Gochaan kun akka ijoolleen umurii mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa irra jiran itti yaadan taasisuudhaaf, yommuu ijoolleen uumama keessaa kanneen caalchisanii jaallatan maqaa dha’an, akka mucaan tokko wantoota ijoollee warri biroon dhi’eessan hunduma isaa duratti keessa deebi’ee himu taasisi. Kun hojichaaf bifa tapha sammuu kennaaf. Kadhannaa kee keessatti, yommuu kadhattu wantoota ijoolleen maqaa dha’an hunduma of harkatti qabadhu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume (Seera Uumamaa 1:1).

Kun jechoota Macaafa Qulqulluu keessaa kanneen jalqabaa akka ta’an ijoollee yaadachiisi. Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana akka ijoolleen sammuutti qabachuu danda’aniif akka faarfannaatti qooqaan barsiisi. Dursa, akka ijoolleen dhaabbatanii, si harkaa fudhachuudhaan irra deebi’anii, Waaqayyojalqabatti, jedhan taasisi. Erga ijoolleen irra deebi’anii jechoota kana jedhanii booda, akka isaan si’a lama harka walitti rukutan taasisi. Amma immoo akkas jedhi; bantiiwwan waaqaa fi.Erga ijoolleen irra deebi’anii jechoota kanneen jedhanii booda, akka isaan si’a lama harka walitti rukutan taasisi. Xumura irratti akkas jedhi, lafa uume. Ammas, erga ijoolleen irra deebi’anii jechoota kana jedhanii booda akka isaan si’a lama harka waltti rukutan taasisi. Itti fufuudhaan bakka kutaan Macaafa Qulqulluu kun itti argamu dabalii jechisiisi (Seera Uumamaa 1:1).

Amma utuu addaan hin kutin gaalee gaaleedhaan harka walitti rukutuu wajjin jechisiisi. Hamma ijoolleen sammuutti qabatanii qofaa isaanii jechuu danda’anitti yeroo baay’ee irra deddeebi’ii jechisiisi.

Faarfannaa: Waaqayyo gaarii dha (Faarfannaa lakkoofsa32)

In caala maqaan Kee(Lakkoofsa 16)

Waaqayyoo koo, kan akka Keetii eessatti argamaa? (Lakkoofsa33)

Ijoollee umurii mana barumsaa dura irra jiraniif, Waaqayyo baay’ee gaarii dha, kan jedhu barsiisuudhaan jalqabi. Wayitii kana lakkoofsa 1 barsiisi, itti fuftees jechoota kanatti aananii jiran lakkoofsa akka 2 tti barsiisi:

Waaqayyo lafa uume, Waaqayyo lafa uume, Waaqayyo lafa uume, akkasuma Waaqayyo ana uume!

Yoo yeroon in ga’a ta’e, ijoollee umurii mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessa jiran, Galateeffadhaa! (Lakkoofsa 8) isa jedhu itti dabalii barsiisi.

Hojiidhaan Argisiisuu: Posterii Waaqayyo Lafa Uume jedhu

Walakkeessa waraqaa adiitti irratti, “Waaqayyo Lafa Uume” kan jedhu barreessi. Dugda tokkoo tokkooposteriisanaairrattimaqaatokkootokkooijoolleebarreessi.(Yaadachiisa:Ijoolleenumurii manabarumsaasadarkaatokkoffaakeessajiranbaay’eenjechootasanaofiiisaaniitiibarreeffachuu in danda’u.) Naannoo jechoota sanaatti akka isaan fakkiiwwan uumama Waaqayyo uumee (biqiloota,beyladoota, namoota,biiftuu,ji’a,urjoota,lageen,horawwan, planetoota,tulloota,kkf.) kaasan taasisi. Kan ittiin seenaa sanahimtu wantootauumamaakanaakka(dhagaabishaankeessaa xixiqqoo, cirracha, baalleewwan, daraarota, baalota, harcummee kkf) walitti qabdeetta yoo ta’e barattoonni posteerota isaanii irratti hapheedhaan maxxansuu in danda’u.

Yommuu barattoonni hojicha xumuran, uumama keessaa wantoota posteroota isaanii irratti fakkii kaasan barattoota daree isaaniitti akka himaniif yeroo kenniif. Posteerota hojiin isaanii xumurame daree keessatti naannessii keenyan iratti rarraasi; yookiin akka ijoolleen fudhatanii gara qe’eetti galanii maatiiwwan isaaniitti argisiisan taasisi.

Kadhannaa Xumuraa:- qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa kadhadhu. Baafata

Barumsa 2

Qe’ee Isa Jalqabaa

Seera Uumamaa 1-2

Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 16-17

Dhugaa Ijoo

Sadan Tokkummaan Waaqayyoo Addaamii fi Hewaaniin, akka bifa ofii Isaatti, cubbuu kan hin qabne uumee, qe’ee isaanii isa jalqabaa isaaniif kenne. Waaqayyo akka isaan abboommota Isaa humdumaa eegan barbaade.

Kaayyoo Barumsichaa

Barttoonni Humna Hafuura Qulqulluutiin,

• Akka Waaqayyo isaan uume, gatii itti kennuu fi biyya lafaa isaaniif uume in BEEKU;

• Jaalala Waaqayyoo isa dhaabbataatti, dhiifamuu cubbuu fi karaa Yesus Kristos mudaa kan hin qabne taasisee lammaffaa isaan uumuudhaan kunuunsa Inni isaaniif taasisu amanachuutti in GUDDATU;

• Jireenya qaamaa fi kan hafuuraa Inni isaaniif kennuuf Waaqayyoon jajataa in JIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

Isa Ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata Siif nan galcha (Faarfannaa 139:14).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

• Waraqaa maramaa guddaa bal’inni fi dheerinni isaa fakkii tokkoo tokkoo ijoollee sarara gargar ciccitaadhaan irratti kaasuuf ga’aa ta’e (Filmaataaf).

1. Yeroo barsiistu yoo horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta ta’e, kanneen barumsa 2ffaa kanaaf yaadaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sana murii baasiitii haalluu dibi. Haphee fayyadamii tokkoo tokkoo horgoggee muka yookiin baala dheeraa yabbuu wajjin walitti maxxansi.

2. Fakkii namaa sarara gargar ciccitaadhaan kaafame isa qajeelfama kana fula gara duuba irra jiru tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraabbii taasisi. Yookiin, akkuma olitti caqasame, waraqaa maramaa fayyadamii qopheessi.

3. Fakkiin namaa sarara ciccitaadhaan kaafame inni barumsa kana keessatti argamu akka si fakkaatu taasisuudhaaf irratti hojjedhu. Yookiin, akka namni tokko gam-tokkee waraqaa dheeraa maramu sanaa irratti sarara ciccitaadhaan fakkii qaama keetii tolchu taasisi. Isas murii keessaa baasiitii akka inni si fakkaatuuf haalluu/qalama dibi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

Barumsa kana qayyabachuu eegaluudhaaf, Macaafa Qulqulluu kee keessaa Seera Uumamaa 1:26-2:25 tti keessa deebi’ii dubbisi. Yommuu dubbistus dhugaawwan baay’ee barbaachisoo kanatti fufanii jiran yaadaan qabi:

1. Seera Uumamaa 1:26 irratti Waaqayyo akkas jedhe, “Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in uumnaa!” Isa kana Maartiin Luuter akkas jedhee ibsa; “Fakkaattiin Waaqayyoo kun: Addaamii fi Hewaan akka Inni beekamuu fedhutti dhugaadhaan Waaqayyoon beeku, guddaa gaarii taasisanii Isatti gammadus turan. Isaan qajeelotaa fi qulqulloota, fedha Waaqayyoos kan raawwatan turan” (Kateekismoos isa xiqqaa Luuter barreessa iba isaa wajjin, Gaallii 106, fuula 65, ©1991, CPH). Yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu kana ijoollee xixiqqootti himtu, Addaamii fi Hewaaniin “qulqulluu, cubbuu kan hin qabne, Waaqayyoon kan fakkaatan” jedhii ibsi.

2. Qe’een jalqabaa Waaqayyo Addamiif, booda immoo Hewaaniifis kenne iddoo dhaabaa Eden ture. Akka afaan Ibirootaa, afaan isa jalqaba Kakuu Moofaan ittiin barreeffameetti, jechi Eden jedhu “gammachuu guddaa” jechuu dha. Eden iddoo addaa fi baay’ee gaarii ture.

3. Giddu-gala dhaabaa Eden sana Waaqayyo mukeetii lama kaa’e. Mukti ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennu, mukti hamaa fi gaarii ittiin beekanis iddoo dhaabaa sana walakkaa turan. Iji muka isa nyaatanii jireenya namaaf kennuu, namoota isa nyaataniif jireenya kenna; duutis irra hin ga’u. Karoorri muka kanaa hamma Waaqayyo qaama namoota sanaa kanhafuuraataasiseegarawaaqaattiolfudhatuttiakkanamoonniqaamaanjiraatantaasisuu ture. Waaqayyo akka namichi muka isa hamaa fi gaarii ittiin beekan irraa hin nyaanne abboome (Seera Uumamaa 2:17). Hammam akka namni Isaaf abboomamu ittiin qoruudhaaf Waaqayyo mukicha iddoo dhaabaa sana keessa kaa’e. Namni muka sanattii nyaate/tte in du’a/duuti.

4. Waaqayyo lafaa fi namoota lamaan warra jalqabaa baay’ee gaarii taasisee akka uume yaadachuun guddaa barbaachisaa dha. Addaamii fi Hewaan cubbuutti kufuun fedha Waaqayyoo hin turre. Yommuu Addaamii fi Hewaan Isaaf abboomamuu didanii cubbuu hojjetan,deebiin Waaqayyo battalumasanatti kenneFayyisaa Isata’e,YesusiinIsakufaatii keessaa ka’uun namaa ittiin ta’u erguuf abdachiise. Barumsa kana karoorsuu itti fufuu kee dura, isa Inni karaa baay’ee dinqisiisaa ta’een sii fi barattoota kee uumeef kadhannaadhaan Waaqayyoon galateeffadhu. Corrisuu simbiroo dhaggeeffadhu. Beekumsaa fi dandeettii baay’ee sii fi ijoollee ati barsiistuuf kennuu Isaatiif Waaqayyoon galateeffadhu. Ittuma fufee namoota Yesusiin akka Fayyisaa isaaniitti itti amanan hundumaa deebisee simachuu Isaatiif Waaqayyoon galateeffadhu. Isa Inni maqaa Yesusiif jedhee gaarummaa Isaatiin cubbuu hundumaa namaaf dhiisuuf Waaqayyoon galateeffadhu.

Barumsicha Dhiheessuu

Faarfannaa: “Guddaa guddaa caalu(Faarfannaa 13)jedhu faarfadhaa

Kadhannaa Jalqabaa:- qajeelfamaa kana fuula gara duubaa irra kan jiru kadhadhu.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Hojiidhaan mul’isuu: (kanneen umurii mana barumsaa duraa keessa jiran, waggaa 4 fi 5) Naanna’aa, Naanna’aa

Akka ijoolleen sitti naanna’anii geengoodhaan dhaabbatan gargaari. Yommuu dubbattu hundumaa gochaadhaan argisiisii, akka ijoolleen akka keetti hojjetan toosisi.

Akkas jedhi Hojjedhu

Duubatti naanna’aa, Naanna’aa, Bakkuma dhaabbattanitti si’a lama of irra naanna’aa.

Funyaan keessan tuqaa.

Quba argisiistuudhaanitti funyaan keessan tuqaa.

Duubatti naanna’aa, Naanna’aa, Bakkuma dhaabbattanitti si’a lama of irra naanna’aa.

Qubeetii miillaa keessan tuqaa. Quba argisiistuudhaanitti quba miilla keessan tokko tuqaa.

Duubatti naanna’aa, Naanna’aa, Bakkuma dhaabbattanitti si’a lama of irra naanna’aa.

Gurra keessan tuqaa.

Quba argissiistuudhaan gurra keessan tuqaa.

Duubatti naanna’aa, Naanna’aa, Bakkuma dhaabbattanitti si’a lama of irra naanna’aa.

Ijawwan keessan libsadhaa. Ijawwan keessan libsadhaa.

Duubatti naanna’aa, Naanna’aa, Bakkuma dhaabbattanitti si’a lama of irra naanna’aa.

Harka keessan raasaa.

Harka keessan raasaa.

Duubatti naanna’aa, Naanna’aa, Bakkuma dhaabbattanitti si’a lama of irra naanna’aa.

Miilla keessan sosochoosaa. Miilla keessan naannessaa sosochoosaa.

Waaqayyotu si uume, Waaqayyotu anas uume.

Waaqayyo isinjaallata, Waaqayyo anas in jaallata.

Ijoolleetti quba qabi, boodas ofii keetti qabi.

Ijoolleetti quba qabi, boodas ofii keetti qabi.

(Ijoollee guddatan, umurii waggaa 6-8 ta’aniif) Simoon akkas jedhe:

Taphni kun akka ijoolleen ajaja ati kennituuf sirriitti dhaggeeffatan taasisuu of keessaa qaba. Akkas kan jedhu itti himi; amma waa’ee wantoota hojjechuuf jirtaniin qajeelfama isiniif kenna. Garuu isin qajeelfama isa jechoota “Simoon akkas jedhe” jechuudhaan eegalu qofa hojjettu. Qophooftanii? Mee tapha kana yaalla.

Akka ijoolleen ka’anii dhaabbatan taasisi. Akka ijoolleen sirriitti dhaggeeffatanii saffisaan hojjetaniif himoota kanatti fufanii jiran ariifadhuu dubbadhu. Simoon akkas jedhe, funyaan keessan tuqaa. Simoon akkas jedhe, jilba keessan tuqaa. Adda keessan tuqaa. Simoon akkas jedhe, adda keessan tuqaa. Simoon akkas jedhe, harka keessan isa mirgaa raasaa. Simoon akkas jedhe, miilla keessan isa bitaa sochoosaa. Simoon akkas jedhe, gurra keessan tuqaa. Miilla keessan isa bitaa tuqaa. Simoon akkas jedhe, miilla keessan isa bitaa tuqaa. Simoon akkas jedhe, ilkaan keessan tuqaa. Simoon akkas jedhe, guddisaa qummaadaa. Ciqilee keessan isa mirgaa tuqaa. Simoon akkas jedhe, ciqilee keessan isa mirgaa tuqaa. Mataa keessan raasaa. Simoon akkas jedhe, mataa keessan raasaa.

Erga tapha lamaan sana keessaa tokko taphattanii booda akkas jedhi; Hundumti keenya qaamota dinqisiisoo qabna. Qaamonni keenya dinqisiisoo dha, sababiin isaa Waaqayyotu isaan tolche. Waaqayyo guddaa nu jaallata, nu eegas. Biyya lafaa akka nuyi keessa jiraannuuf nuuf uume. Seenaa Macaafa Qulqulluu keenya keessatti, waa’ee qe’ee isa jalqabaa namoonni Waaqayyo jalqabatti uume lamaan keessa jiraachaa turanii dhaga’uuf jenna. Maqaan namoota lamaan Waaqayyo jalqabatti uumee eenyu jedhama? (Addaamii fi Hewaan.) Sirrii dha. Namichi inni Waaqayyo jalqabatti uume Addaam jedhama. Dubartii isheen Waaqayyo jalqabatti uume Hewaan jedhamti.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keenyaa dhaggeeffachuuf qophaa’uudhaaf, faarfannaa waa’ee Macaafa Qulqulluu, isa Wangeelli keenya caafata lubbuu qabuu dha (Faarfannaa 35) jedhu faarfanna.

Akkas jedhi; amma waa’ee qe’ee Addaamii fi Hewaan isa jalqabaa, isa dinqisiisaa sanaa Macaafa Qulqulluu keessaa dubbifanna.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Himuu

Filmaata 1: Barattoota xixiqqoodhaaf: seenaa kan har’aa itti himuu kee dura, akka itti Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin uume Barumsa tokkoffaa keessaa irra deebi’iif. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa “Qe’ee Jalqabaa” isa jedhu yommuu dubbistu seenaa himuu kee caalchistee jabeessuudhaaf horgoggeewwan qajeelfama fuula gara duubaa irratti argaman fayyadami.

Filmaata 2: Barattoota gurguddataniif: ijoollee baay’een fedhii isaaniitiin fuul-duratti ba’anii boronqii qabatanii gabataa guraacha bira, yookiin maarkerii qabatanii gabataa adii bira, yookiin

maarkerii/kobbii haalluu/qalama qabatanii waraqaa fakkiin irratti kaafamu guddaa bira akka dhaabbatan taasisi. Seenaa itti himuu utuu hin jalqabin dursii geengoo guddaa bakka fakkiif qophaa’e irratti fakkisi. Ijoolleen fedhii isaaniitiin achi dhaabbatan sun hamma ati ajajjutti akka geengoo sana keessatti homaa tokko iyyuu hin fakkisne itti himi. Yommuu Seenaa Macaafa Qulqulluu Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa itti himtu, gidduu gidduutti ittihimuuaddaankutiiakkakanneenfedhiidhaandhaabbataniijiransunaddaaddiisaaniiwantoota ati maqaadhaan waamtu akka fakkisan abboomi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu keessatti yommuu kutaa isa waa’ee muka ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennuu fi muka hamaa fi gaarii gargar baasanii ittiin beekanii bira geessu, akka ijoolleen fedhiidhaan dhaabbatan mukeetii kana lamaan geengoo sana keesatti walakkeessa fakkiiwwaniitti gurguddisanii fakkisan abboomi. Wayitii Barumsa isa itti aanu jalqaba irratti

Seenaa Macaafa Qulqulluu kana ittiin keessa deebi’uuf itti fayyadamuuf akka ta’uuf fakkii kana kaa’i. Yommuu seenaa Barumsa 3ffaa himtus akka ka’umsaatti tajaajiluu in danda’a.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa deebi’uu

Gaaffiilee Seenaa Sana Keessaa: Gaaffiilee kana garee kee gaafadhu.

1. Mukeetiin addaalama Waaqayyodhaabaasanakeessa kaa’emaal fa’i? (Waaqayyo “muka ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennuu fi muka hamaa fi gaarii ittiin beekan walakkeessa dhaabaa sanaa keessa kaa’e.)

2. Mukti inni Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin ija isaa hin nyaatinaa jedhe isa kami? (Waaqayyo, ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin) jedhe.

3. Qulqulluu, cubbuu kan hin qabnee fi Waaqayyoon kan fakkaatan eenyu faa turan? (Addaamii fi Hewaan qulqulluu, cubbuu kan hin qabnee fi Waaqayyoon kan fakkaatan turan.

Hojii Ittiin Keessa Deebi’an: Faarfannaa: Isa guddaa humna Waaqayyoo(Faarfannaa 18) faarfadhaa.

Yommuu hojicha isaanitti beeksistu, Macaafa Qulqulluu kee banadhuutii akkas jedhi; Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyo akka nuyi “kabajaa fi akkaataa baay’ee gaarii ta’een uumamne” nutti hima (Faarfannaa 139:14). Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin attamitti uume? (Waaqayyo baay’ee gaarii taasisee, akka bifa Isaatti, qulqulluu fi cubbuu kan hin qabne uume.) Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin akka isaan bara isaanii guutuu Isa jaallatanii fi Isa tajaajilaniif isaan uume. Waaqayyo karaa dindisiisaa kanaan nu uume. Amma karaa dinqisiisaa kanaan nu uumuu Isaatiif faarfannaa ittiin Waaqayyoon jajannu baranna.

Ijoota xixiqqoo lama isa jedhu, kan kanatti fufee jiru, lakkoofsa tokko tokkoon ijoollee barsiisi. Toora tokko yommuu itti himtu sochii isaas argisiisi. Itti fufuudhaan akka ijoolleen jechoota isaa fi hojii isaa irra deebi’anii jedhanii fi hojjetan taasisi.

Akkas jedhi Hojjedhu

1. Ijoota xixiqqoo lama Waaqayyoon itti arguudhaaf, Qalbisaan ijawwan keetti quba qabi.

Gurroota xixiqqoo lama Dubbii Isaa dhaga’uudhaaf,

Eeggannaadhaan gurrawwan keetti quba qabi.

Miillawwan xixiqqoo lama karaa Isaa irra ittiin adeemuudhaaf, Bakkuma jirtu a’adeemi.

Harkawwan bara koo hundumaa ittiin Isa tajaajiluudhaaf, Barruu ol gara galchii, harka kee lamaan diriirsi.

2. Arraba xiqqoo tokko dhugaa Isaa ittiin dubbachuudhaaf

Eeggannaadhaan arraba keetti quba qabi.

Onnee xiqqoo tokko bakka Inni si keessa jiraatu, Harka kee laphee kee irra kaa’i.

Yaa Yesus, Ati simadhu, yeroo hundumaa dhugaatti

Ol ilaali, irreewwan kee ol kaasii barru kees ol bal’isi.

Siif jirachuuf fedha haa qabaatan. Irreewwankeeqomakee irratti wal jala qaxxaamursii,mataakee gadi qabadhu.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu kana jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Gocha ittiin jireenaan wal simsiisan: Yaa Waaqayyo, galanni Siif haa ta’u.

Akka ijoolleen geengoodhaan taa’an taasisi. Akkas jedhi; Waa’ee Seenaa Macaafa Qulqulluu keenyaa himoota tokko tokko nan dubbadha. Yoo wanti ani dubbadhu sirrii dha ta’e, harkawwan keessan si’a lama walitti rukutaa. Yoo wanti ani dubbadhu sirrii miti ta’e, harkawwan keessan jilba keessan irra kaa’adhaatii callisaa taa’aa.

Hima kana tokko tokkoon barattootaaf dubbisi. Himoota 1, 2, 5, fi 7 erga ati dubbistee booda si’a lama harkawwan isaanii walitti rukutuu qabu. Himoota 3, 4, fi 6 akka barattoonni sirreessan gaafadhu, wanti sirriitti ta’e maali?

1. Qe’een Addamii fi Hewaan iddoo dhaabaa Eeden jedhama.

2. Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin qulqulluu fi cubbuu kan hin qabne taasisee uume.

3. Waaqayyo walakkeessa dhaabaa sanaa mukeetii sadii kaa’e.

4. Addaamii fi Hewaan ija mukeetii kan fedhan hundumaa irraa nyaachuu in danda’u turan.

5. Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin in jaallata ture.

6. Namoonni bara kana yeroo hundumaa Waaqayyoon in dhaga’u, wanta Waaqayyo itti dubbatus sirriitti hojjetu.

7. Yommuu nuyi wanta Dubbii Isaatiin mormu hojjennu, Waaqayyo nu jaallata, sababa Yesusiif jedhees cubbuu keenya nuuf dhiisa.

Itti fufuudhaan akkas jedhi; nuyi Waaqayyoo fi namoota nu kunuunsan yeroo hundumaa hin dhaggeeffannu. Yeroo hundumaas isaaniif hin abboomamnu. Akka yeroon isaa ga’een hin rafnuta’a.Namootattiinaarrata’a.YommuuWaaqayyoofinamootaafabboomamuudidnu cubbuu hojjechuu keenya. Garuu yommuu nu Isaaf abboomamuu didnu illee, Waaqayyo yeroo hundumaa nu jallata. Wanti nuyi hojjenne wanta Inni hin jaallanne yoo ta’e, akka hubannu Waaqayyo nu gargaara. Waaqayyo wanta hojjennetti fi Isaaf abboomamuu diduu keenyaaf akka gaabbinuu fi gara yaada garaa keenyaa diddiirrachuutti nu geggeessa. Sababa Fayyisaa Kenya Yesusiif jedhee Waaqayyo cubbuu keenya nuuf in dhiisa. Akka Isa duukaa buunuuf Inni nu gargaara. Waaqayyoon keenya Waaqayyo Isa dinqisiisaa, Isa bara baraan nu jaallatuu fi akka nuyi yeroo hundumaa Isaa wajjin jiraannu barbaaduu dha. Wantooni gaggaariin hundumtuu Waaqayyo biraa dhufu. Waaqayyo karaa baay’eedhaan eegumsa nuuf taasisa. Mee jaalala Isaa fi kunuunsa Inni nuuf taasisuuf Waaqayyoon galateeffanna.

Akka ijoolleen ka’anii dhaabbataniif itti himi. Akka isaan harkawwan isaanii maratanii dhaabbatan hojiidhaan itti argisiisi. Tokkoo tokkoo gaalee kadhannaa kanaan gaditti argamuu erga ati dubbisteebooda, akka ijoolleenjechoota “Waaqayyo,galanni Siifhaata’u”jechuudhaan deebii kennaniifgargaari.Ijoolleenyerookamgaaleekanaakkajedhanbeekaniifgargaaruuf,fakkiiwwan afaan banamaa/cufamaa isa seensa qajeelfama kanaa kutaa “Garee kee To’achuu” jedhu, #7 keessatti kenname fidii itti fayyadami. Yommuu ati kadhannaa sana jettu akka isaan callisanii si dhaggeeffataniif fakkii fuulaa isa afaan cufamaa ta’e itti argisiisi. Yeroo deebii kennuun isaan irra jirutti immoo fakkii fuulaa isa afaan banamaa ta’e itti argisiisi.

Barsiisaa Barattoota

Waa’ee ifa aduu fi samii cuquliisa, duumessaa fi bokkaaf, Yaa Waaqayyo, galanni Siif haa ta’u.

Waa’ee maatiiwwanii fi hiriyootaaf, barsiisotaa fi lubootaaf, Yaa Waaqayyo, galanni Siif haa ta’u.

Waa’ee nyata gaggaariif, iddoowwan jireenyaaf, iddoowwan kadhannaaf, iddoo itti barannuuf, Yaa Waaqayyo, galanni Siif haa ta’u.

Waa’ee Macaafa Qulqulluu isa jaalala guddaa Ati namoota hundumaaf qabdu nutti himuuf,

Waa’ee Yesus, Isa sababa cubbuu keenyaaf fannoo irratti du’ee, du’aa ka’eef,

Waa’ee jaalalaa fi araara Keetiif, waa’ee jireenya haaraa – jireenya bara baraa isa Ati karaa Yesusitti amanuu keenyaa nuuf kenniteef,

Akka Si jaallannuu fiSi tajaajilluuf waa’ee amantii Ati nuuf kenniteef,

HUNDUMTUU:- Ameen.

Yaa Waaqayyo, galanni Siif haa ta’u.

Yaa Waaqayyo, galanni Siif haa ta’u.

Yaa Waaqayyo, galanni Siif haa ta’u.

Yaa Waaqayyo, galanni Siif haa ta’u.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti Qabatamu: isa Ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha (Faarfannaa 139:14).

Kutaa kana bakka sadiitti qoodii barsiisi. Jalqaba akkas jedhi; isa Ati guddaa dinqisiisaa gootee. Akka ijoolleen jechoota kana irra deebi’anii jedhan taasisi. Itti fufuudhaan, na uumteef. Akka ijoolleen jechoota kana irra deebi’anii jedhan taasisi. Akkas jechuudhaan xumuri, ani galata siif nan galcha. Erga ijoolleen hiree kutaa kanaa sadan irra deebi’anii jedhaanii booda, kuticha guutummaa isaa si’a baay’ee irra deddeebi’aa walii wajjin jedhaa.

Yoo ijoollee umurii waggaa ja’aa-, torbaa- fi saddetii barsiista ta’e, erga isaan guutummaa kutaa sanaa baratanii booda, barattoota kana garee sadiitti qoodi. Tokkoo tokkoo gareetiif lakkoofsa: tokko, lama, yookiin sadi kenniif. Itti fufuudhaan akka lakkoofsa isaaniitti hiree kutaa sanaa kenniif. “Isa Ati guddaa dinqisiisaa gootee” inni jedhu garee 1. “Na uumteef” garee 2. “Ani galata siif nan galcha” inni jedhu garee 3. Gareen tokko tokkoon ka’ee dhaabbatee dubbatuu fi deebi’ee gadiquphanutaasisi.Yommuuatilakkoofsaisaaniiwaamtugareensunka’aniidhaabbatanii,kutaa sana hiree isa kan isaanii dubbatanii, deebi’anii gadi quphanu. Erga isaan irra deddeebi’anii si’a baay’ee akka kanatti jedhanii booda, gareewwan sana walitti dabalii, hireewwan kutaa sanaas tokkotti deebisi. Itti fufuudhaan gocha kana irra deddeebi’ii waliin jechisiisi.

Amma utuu gidduutti addaan hin, gaalee gaaleedhaan harka walitti rukutuu wajjin jechisiisi. Hamma ijoolleen sammuutti qabatanii qofaa isaanii jechuu danda’anitti si’a baay’ee irra deddeebi’ii jechisiisi.

Faarfannaa: Qulqulluu Waaqa Keenyaa (Lakkoofsa 29)

Guddaa guddaa caalu(Lakkoofsa 13)

Waaqayyo gaarii dha (Lakkoofsa32) jedhan faarfadhaa!

Hojiidhaan argisiisuu: Waaqayyotu na uume

Fakkii namaa isa tolchite itti argisiisi. Gaaffii kana ijoollee gaafadhu, Kun eenyu? (Fakkiin ati tolchitesi fakkaachuuisaahimanta.) Itti fufuudhaan, Barumsa kana keessatti Waaqayyo tokkoo tokkoo keenya guddaa dinqisiisaa taasisee akka nu uume baranne. Karaa Dubbii Isaa fi

karaa bishaaniin cuuphamuu keenyaa Waaqayyo yaada garaa keenyaa keessatti Isatti amanuutokkootokkookeenyaafkenne.Jireenyabarabaraaisahaaraa nuufkenne.Amantii Waaqayyo nuuf kenne akka nuyi Isa jaallannuu fi lafa kana irratti Isa tajaajiluuf nu gargaara. Guyyaa tokko, mana isa bara baraa Inni nuuf qopheessaa jiru keessa Yesusii wajjin in zjiraanna. Manni sun waaqa irra.

Fakkii namaa tokko isa qajeelfama kana fuula gara dhumaa irraa baay’ifte tokkoo tokkoo ijoolleef kenni. Fakkiin kun ijoollee xixiqqoof dursa muramee akka qophaa’u taasisi. Ijoolleen umrii waggaa shanii hamma saddetiitti jiran fakkicha ofii isaaniitiin muranii baasuu in danda’u.

Yookiin namoonni ga’eeyyii baay’een fakkii guutummaa qaamaa tokkoo tokkoo ijoollee waraqaa guddaa irratti tolchuudhaan akka si gargaaran taasisi. Ijoolleen sun in danda’u yoo ta’an, akka isaan fakkii ofii isaanii muranii baasan taasisi. Yoo hin danda’an ta’e immoo, ati murii baasiif. Akka fakkichi isaan fakkaatuuf akka barattoonni dibanii miidhegsaniif, kobbii haalluu isaaniif kenni. Akka ijoolleen fakkiiwwan sana gutummaa garee sanaatti dabareedhaan argisiisaniif gaafadhu.

Sanabooda, waa’ee akkaataaittiin Waaqayyoguddaadinqisiisaataasiseeisaanuumeewalii wajjin dudubbadhaa. Gaaffii kana gaafadhuu, Wanti dhimma baasu ati harkawwan keetiin hojjechuu danndeessu maali? (Fakkii kaasuu, kadhannaa, kubbaa xabachuu, badhaasa namaaf kennuuf wanta tokko hojjechuu, ba’aa ulfaataa nama gargaaranii baachuu.) Wanta dhimma baasu ati miillawwan keetiin hojjechuu danndeessu maali? (Adeemuu, shekkeluu, tarkaanfachuu, fiiguu, utaaluu, kubbaa dhiituu, hiriyaa daawwachuu, waldaa kristaanaa adeemuu.) Hamma yeroon si ga’etti, waa’ee wantoota dinqisiisoo gurrawwan dhaga’uu danda’an, ijoonni arguu danda’anii fi kan arrabni dhamdhamuu danda’u dubbadhaa.

Maree kana gaaffii kanaan xumuri; Wanti dinqisiisaan Waaqayyo yaada garaa keessanii keessa kaa’e maali? (Waaqayyo amantii fi Isa jaallachuu akka yaada garaa keenyaa keessa kaa’e ijoollee yaadachiisi.) Wanti Waaqayyo guyyaa guyyaatti yaada garaa keenyaa keessaa baasu maali? (Sababii Yesusiif, Waaqayyo guyyaa guyyaatti yaada garaa keenyaa cubbuuttii qulleessa, akka Isaaf jiraachuu dandeenyuufis dhiifama cubbuu nuuf kenna.)

Kadhannaa Xumuraa:- qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa kadhadhu.

Baafata

Barumsa 3

Cubbuu Isa Jalqabaa fi Abdachiifamuu Fayyisaa (Seera Uumamaa 3)

Macaafa Seenaawwan Macaafa QulqulluuQooda Ijoollee: Fuula 18-21

Dhugaa Ijoo

Abboomamuu diduu Addaamii fi Hewaaniin cubbuu fi duuti biyya lafaatti gale. Waaqayyo Fayyisaa Isa namoota hundumaa cubbuuttii furu hidda dhaloota isaanii keessaa isaaniif erguuf abdachiise.

Kaayyoo Barumsichaa

• Akka namoonni hundinuu cubbuutti dhalatanii fi bara jireenya isaanii isa lafa irraa hundumaatti itti fufanii cubbuu hojjetan in BEEKU;

• Sababa hojii fayyisuu Yesus karaa du’uu fi du’aa ka’uu Isaatii isaaniif hojjeteetiif Waaqayyo cubbuu isaanii akka isaaniif dhiisu amanachuutti in GUDDATU;

• Kan Yesus ta’uu isaaniitiif, cubbuu isaanii akka Inni isaaniif dhiisu, jiraanya bara baraa isaaniif kennuu Isaa fi karaa Isaa irra adeemuuf akka Inni isaan gargaaru ofitti amanuudhaanin JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti (Yohannis 3:16).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yoo seenaa Macaafa Qulqulluu kana itti himuuf “Hojii Jijjiirtee” fayyadamuuf karoorsite, wantoota xixiqqoo kan akka saantibaa, biinkoowwan, kobbiiwwan, cittuu boffee yookiin shiboo fi kkf. 20-25 tti walitti qabadhu.

2. Yeroo barsiistu yoo horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta ta’e, kanneen barumsa 3ffaa kanaaf yaadaman waraabbii taasisii qabadhu. Horgoggeewwan sana murii baasiitii haalluu/qalama dibi. Haphee fayyadamii tokkoo tokkoo horgoggee muka yookiin baala dheeraa yabbuu wajjin walitti maxxansi.

3. Fakkii namaa sarara gargar ciccitaadhaan kaafame isa qajeelfama kana fuula gara duuba isaa jiru tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraabbii taasisi. Yookiin, akkuma olitti caqasame, waraqaa maramaa fayyadamii qopheessi.

4. Fakkii namaa sarara gargar ciccitaadhaan kaafame sun akka si fakkaatu taasisuudhaaf projektii hojiidhaan barachuu barumsa kanaatiin fakkisa tolchi. Yookiin, akka namni tokko gam-tokkee waraqaa dheeraa maramu sanaa irratti sarara ciccitaadhaan fakkii qaama keetii tolchu taasisi. Isas murii keessaa baasiitii akka inni si fakkaatuuf haalluu dibi.

5. Yoo ijoollee umurii waggaa afurii barsiista ta’e, akkuma kutaa hojii harkaa keessatti argisiifametti waraqaa dachaafamaa irratti sarara ciccituun bocaawwan onnee fi fannoo fakkii isaanii tolchi. Ijoolleenis isa ati hojjette hordofanii fakkii sana in tolchu

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

Barumsa kana qayyabachuu eegaluudhaaf, Macaafa Qulqulluu kee keessaa Seera Uumamaa boqonnaa3dubbisi. IttidabaleesRoomaa5:12-6:11dubbisuusibarbaachisa.Yommuudubbistus, dhugaawwan baay’ee barbaachisoo kanatti fufanii jiran yaadaan qabi:

1. Seera Uumamaa 3:1 irratti, Seexanni yookiin Daabilos bifa bofaatiin gara Jannata Waaqayyo uumee akka dhufe argina. Macaafni Qulqulluun, “Bineensa bakkee Waaqayyo gooftaan uume hundumaa keessaa bofni caalaa haxxee ture” jedhee waa’ee seexanni ibsa. Jalqabumairraaeegalee, Seexanni gowwoomsaa fi hamaaakkata’eakeekkachiifamneerra. 1 Phexros 5:8 akkas jedha; “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.” Seexanni akka Yesus isa injifate utuma beekuu, fedhiin namoota Waaqayyo irraa deebisuu isaa hamma Yesus lammaffaa deebi’ee dhufutti itti fufee jira.

2. Jechi Seexanni jalqaba irratti Hewaanitti dubbate hammam akka inni Waaqayyo irraa nu deebisuu yaalu argisiisa. Seexanni, “Dhuguma Waaqayyo,… isiniin jedhee?” (Seera Uumamaa 3:1) jedhee Hewaaniin gaafatee, akka Hewaan Dubbii Waaqayyoo shakkitu taasise. Lakkoofsa 4 keessatti, Seexanni Dubbii Waaqayyoo mamsiisuu irraa gara gansiisuutti ce’e. Lakkoofsa 5 irratti qulqullummaa Waaqayyoo tuqe.

3. Ija muka isa Waaqayyo akka hin nyaanne isaanitti himee erga nyaatani booda, Addaamii fi Hewaan qaana’anii, Waaqayyottiis adda ba’an (Seera Uumamaa 3:7-10). Sodaan yeroo sana isaanitti dhufe guddaa humnaa ol kan ta’e, addumaan immoo dura yommuu Jannata Waaqayyoo isa guutuu fi qulqulluu ta’e keessa jiraachaa turan gama kamiin illee homtuu itti hin hir’anne waan tureef amma guddaa itti dhaga’ame.

4. Oduu gaddisiisaa kana gidduutti, jaalallii fi araarri Waaqayyoo akka dhufee nuuf ibsa. Yoodhuma Addaamii I Hewaan cubbuu abboomamuu diduutiin hojjetaniif adabamuun isaaniif ta’a ture illee, Seera Uumamaa 3:15 irratti Waaqayyo abdii fayyinaa dinqisiisaa ta’e isaaniif kenne. Yommuu yeroon isaa ga’u kan mataa Seexanaa buruqsu tokko akka ergu Waaqayyo isaanitti hime. Namni addaa sun Ilma Isaa, Yesus Kristosi.

5. Adabni Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniif Seera Uumamaa 3:16-19 irratti kenne caalmaatti araara Isaa argisiisa. Mucaa da’uun dhiphinaan yoo ta’e illee, Addaamii fi Hewaan sana booda walitti dhufeenya jaalalaa fi gammachuu qofaadhaan guutame yoo hin

qaban ta’e illee, hiddi dhaloota namootaa itti fufee jiraate. Addaam amma hojii yeroo dheeraa fi ulfaataa hojjechuu qaba yoo ta’e illee, innii fi Hewaan itti fufanii jiraachuuf kan ga’u nyata isaaniif ta’u hoomishuu in danda’e.

6. Sababa ija muka hamaa fi gaarii ittiin beekanii irraa waan nyaataniif, akkuma Waaqayyo isaanitti himee ture (Seera Uumamaa 2:17), Addaamii fi Hewaan qaamaan bara baraan jiraachuu hin dandeenye (Seera Uumamaa 3:19a). Haa ta’u iyyuu malee, karaa Fayyisaa keenya Yesus Isa abdachiifameen, jireenyi hafuuraa haaraan eyyaama Waaqayyootiin karaa amantii in kenname.

7. Waaqayyo araara Isaatiin, Addamii fi Hewaanitti gogaa beeyladaa itti uffisee qullaa isaanii dhokseef (Seera Uumamaa 3:21). Araarri Waaqayyoo Addamii fi Hewaaniin Jannata Eden keessaa isaan baasuu Isaatiinis in mul’ate (Seera Uumamaa 3:22-24). Gocha Isaa kanaan, Waaqayyo haala jireenya dura jiraachaa turanii yaadatanii dhiphachuu irraa isaan eege.

8. Cubbuun Addamii fi Hewaan kun nama hundumaa qaqqabe. Roomaa 5:12 akkas jedha, “Egaacubbuun karaanamatokkoobiyyalafaattiakkumadhufe,duuniskaraacubbuuakka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga'e.” Qaamaan du’uun adaba cubbuu ti.

9. Abdiin jireenya bara baraa Yesusitti amanuudhaan argamu inni Waaqayyo Addamii fi Hewaaniif kenne, nuufis abdii keenya. Roomaa 5:17 akkas jedha, “Irra-daddarbaa nama tokkootiin, sababii nama tokkicha sanaaf duuni erga mo'ee, warri qajeelummaa argatan immoo Yesus Kristos namicha tokkicha sanaan hammam guddaa caalchisanii jireenyatti haa mo'an ree! Isaan ayyaana Waaqayyoo fi kennaa tolaa hamma isaan irraa hafutti fudhataniiru.” Du’uu fi du’aa ka’uu amanuudhaan, dhiifamuu cubbuu, jireenya bara baraa, mana waaqa irraa, fi kennaawwan dinqisiisoo Waaqayyo nuuf kennuu fedhe akka argannu mirkaneeffanna.

10. Seerri Uumamaa boqonnaan 3 barbaachisummaa Macaafni Qulqulluu isatti fufee jiruu argisiisa. Macaafni Qulqulluun isatti fufee jiru hundinuu Yesusitti amanuun karaa fayyinaa isa tokkicha ta’uu isaa labsa.

Barumsicha Barsiisuu

Faarfannaa:- Gaaddaa guddaa caalu (Lakkoofsa 13) jedhu faarfadhaa.

Kadhannaa Jalqabaa:- Macaafa kana gara duuba isaa irra kan jiru kadhadhu.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana beeksisuu

Hojiin argisiisuu: (Ijoollee umurii mana barumsaa duraatiif, waggoota 4 fi 5) Gammachuu/Gadda:

Akka ijoolleen si fuul-durataa’an taasisi.Akkas jedhi, Wanti ani dubbadhu kan nama gammachiisuudha yoo ta’e ka’aa dhaabbadhaatii qummaadaa. Wanti ani dubbadhu wanta nama gaddisiisuu dha yoo ta’e immoo fuula keessan nama gaddu fakkeessaatii taa’aa.

Hima kana tokko tokkoon dubbisi. Erga ati dubbistee booda ijoolleen tokkoo tokkoo isaatiif deebii akka kennaniif yeroo kenniif.

• Guyyaa ayyaana dhalachuu keetii ti!

• Dirree taphaa irra xaphachuuf jirta.

• Qomee kee isa jaallattu tarsaaste.

• Isinii fi hiriyoonni keessaan wal-ariisoo taphattu.

• Horgoggee haaraa argatte.

• Ati guutummaa gorduubaatti bishan dhangalaaste.

• Geengoon biskiliitii keetii in dho’e.

• Irbaata irratti nyaata guddistee jaallattu nyaatte.

• Garaa ciniinnaa qabda.

Itti fufii akkas jedhi, yommuu Waaqayyo biyya lafaa uume, wanti hundinuu Addamii fi Hewaaniif yeroo hundumaa gammachiisaa ture. Garuu gaaf-tokko, wanta baay’ee gadiisiisaa wantoota hundumaa jijjiiretu ta’e. Macaafni Qulqulluun keenya maaltu akka ta’ee fi attamitti akka Waaqayyo Addamii fi Hewaaniin gargaare nutti hima.

(Ijoollee guddataniif, wagga 6-8) Maaltu jijjiirame?

Yeroo itti barumsi jalaqabamu dura, wantoota beekamoo ta’an kan akka cuftuu uffataa, kobbii, erbee huccuu xiqqoo, cittuu boffee, ribayinii, yookiin fo’aa, saantiboota adda addaa baay’ee fi kkf. wantoota kana gundoo yookiin kaartonii furdaa diriiraa irratti tartiibaan kaa’i.

Gundoo yookiin kaartoonii sana minjaala irra yookiin lafa kaa’i. Wantoota afamanii jiran sana arguu akka danda’anitti marsaadhaan akka dhaabbataniif ijoollee afeeri. Akkanas jedhii itti dubbadhu. Sekondii 15f wantoota meeshaa irra jiran kana sirriitti ilaalaa. Wantoota ilaalaa jirtan kana tokkoo tokkoo isaa yaadatti qabachuu yaalaa. Erga sekondiin 15 dhumee booda immoo akkana jedhi; amma achi garagalaatii dunuunfadhaa. Ani wantoota gundoo irra jiran kana jijijjiiruufan jedha. Akkuma barattoonni gara isaa ilaaluu dhiisaniin, ariitii fi callisuudhaan wantoota sana keessaa lama yookiin sadii iddoo isaanii jijjiirii, isa tokko immoo achi irraa kaasi. Kana booda, amma as gara galaa, ijoota keessanis banadhaatii maaltu akka jijjiirame anatti himaa, ittiin jedhiin.

Ergabarattoonnijijjiiramsaatitaasisteaddabaafataniibooda,akkaisaanbakkaisaaniittideebi’anii taa’an taasisi. Akkana jedhiin; jalqabatti yeroo Waaqayyo lafa uumee, Addaamii fi Hewaaniinis tolchee dhaabaa Jannataa keessa iddoo jireenyaa isaaniif kenne, wanti hundinuu mudaa (hanqina)kan hin qabneture. Sanaboodagaruu biyyalafaaisa Waaqayyo hanqina kan hin qabne taasisee uume kana wanta jijjiire tokkotu ta’e. Seenaan Macaafa Qulqulluu har’aa waa’ee wantoota jijjiiraman kanaa nutti hima.

Sochii hojjetamu erga beeksistee booda, faarfannaa “Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha” (Faarfannaa 21) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata1:Yommuu MacaafaSeenaawwan Macaafa QulqulluuQooda Ijoolleekeessaa“Cubbuu Isa Jalqabaa” isa jedhu dubbistu, horgoggeewwan qajeelfama kana fuulawwan gara duubaa irra jiranii fi fakkii dudduubee kanneen Barumsa 2 keessatti tolchitanii turtan (yoo kaa’amee jiraate) seenicha himuu jalqabuudhaaf itti fayyadami.

Filmaata 2: (Ijoollee gurguddataniif) Akkuma filmaata 1 keessatti mul’atutti, horgoggeewwanii fifakkii dudduubeesanafayyadami; garuuhojii dabalataakanaseenaahimuusanatti dabali.Akkas isaaniin jedhi; yommuu ani Dubbii Waaqayyoo isa ta’e Macaafa Qulqulluu keessaa seenaa kana isinitti himu sirriitti dhaggeeffadhaa. Karaa ittiin Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin jaallatee fi gargaare yeroo dhageessan hundumaa, harka keessan ol kaastu. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana erga dhageenyee booda waa’ee karaa Waaqayyo ittiin Addaamii fi Hewaaniin jaallatee fi gargaaree daballee in dubbanna.

Yommuu ati seenaa kana ijoolleetti himtu, Addaamii fi Hewaan cubbuu hojjetan illee, Waaqayyo garuu isaan jaallachuun Isaa yommuu dubbatamu hundumaatti barattoonni harka isaanii ol kaasuu qabu. Yommuu cubbuu keenyattii nu furuuf jedhee Yesusiin erguu Waaqayyoo ati dubbattuttis barattoonni harka isaanii ol kaasuu qabu.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffiilee seenaa sana keessaa: Gaaffiilee kana garee kee gaafadhu.

1. Waaqayyoof abboomamuu diduudhaaf Addaamii fi Hewaan maal hojjetan? (Addaamii fi Hewaan “muka ija isaa nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekanii nyaatan. Kun immoo muka isa akka isaan ija isaa hin nyaanne Waaqayyo isaanitti himee dha.)

2. Abdiin Waaqayyo isaaniif kenne maal ture? (Waaqayyo akka Inni cubbuu isaanii irraa fuudhuuf Ilma Isaa erguuf abdachiise.)

3. Fayyisaan isaanii eenyuu dha? (Fayyisaan isaanii Yesus, Ilma Waaqayyoo ti.)

Hojii ittiin irra deebi’an: Faarfannaa: Yesus nu jaallata(Faarfannaa 38) faarfadhaa.

Akka ijoolleen walaloo faarfannichaa yaadataniifis sochii kanaa gaditti caqasaman fayyadami.

Dubbadhu/faarfadhu

Jedhi/faarfadhu Hojjedhu

Yesus na jaallata! Anis kana nan beeka, Harka kee laphee kee irra kaa’i.

Wangeelatu anatti hime.

Akka nama macaafa banuutti barruu kee ol gara galchii harkawwan kee gargar bani.

Warri xixiqqayyoonni kan Isaa ti; Ofii kee hammadhu.

Inni dadhabootaaf jabina isaanii ti.

Irra deebii: Yesus na jaallata!

Na jaallata!

Akka Inni ana jaallatu

Wangeelatu anatti hime!

Yesus waan na jaallateef,

Jennatatti galuu koo ti.

Inni cubbuu koo ana irraa dhiqe.

Ana mucaa Isaa in baata.

Irra deddeebii fi sochii isaa irra deebi’ii jedhi.

Mashaakeeargisiisuudhaafirreekeeciqileetti dabsi.

Mataa kee sochoosii “eeyyee” jedhi.

Mataa kee sochoosii “eeyyee” jedhi.

Akka nama macaafa banuutti barruu kee ol gara galchii harkawwan kee gargar bani.

Barruu kee ol gara galchii harkawwan kee gargar bani.

Quba argisiistuutiin boca fannoo tolchi.

Boca fannoo tolchi.

Akka waan waa of irraa haxooftuu harka keetiin of hahaxaa’i

Harkawwan kee bal’isii diriirsi.

Akka waan nama gara ofii keetti waamtuutti harka kee sochoosi.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Yesus Cubbuu Keenya Nuuf in Dhiisa

Ijoollee of fuul-dura teessisi. Akkasis jedhiin; Faarfannaa isa, Yesus na jaallata, anis kana nan beeka, jedhu keessatti Yesus guddaa waan nu jaallatuuf akka nuuf du’e faarfanne. Waaqayyo isa Addaamii fi Hewaaniin Fayyisaa isa cubbuu isaanii irraa fuudhu akka erguuf abdachiise eeguudhaaf kana raawwate. Yesus namoota hundumaa cuubbuu isaaniittii furuudhaaf dhufe.

Akka namoonni hundinuu wanta Waaqayyo akka isaan hojjetan barbaadu hojjechuu dhiisanii cubbuutti kufan Macaafni Qulqulluun nutti hima (Rom 3:23). Sababa Addaam cubbuu hojjeteef, hundumti keenya cubbamoota taanee dhalanne. Yommuu guddennes, hammam cimsinee of eeggachuu yoo yaalle illee, wantoota Waaqayyoof abboomamuu diduu ta’e hojjenna. Cubbuun keenya rakkina guddaa dha. Kanaaf gargaarsa Waaqayyootu nu barbaachisa.

Kanaaf Waaqayyo nu gargaaruudhaaf Ilma Isaa Yesusiin erge. Yesus mudaa tokko illee hin qabu. Inni gonkumaa Waaqayyoof abboomamuu hin didne, yookiin wanta hamaa hin hojjenne. Waan guddisee nu jaallateef, cubbuuwwan keenya nu irraa fuudhuudhaaf fannoo irratti lubbuu Isaa nuuf kenne. Kana boodas wanta hundumaa irra caalaa humna qabeessa akka ta’e argisiisuufis deebi’ee jiraataa ta’e. Yesus cubbuuwwan keenya caalaa, humna isa hamaa caalaa, Seexana caalaas humna qabeessa. Yesus bara baraan jiraata! Yeroo nuyi abboomii Isaa cabsinu,Yesus akkanuyi cubbuu keenyaofirratti arginu taasisuudhaan akka nuyi yaada garaa keenyaa geddarannu nu gargaara. Inni cubbuuwwan keenya nuuf dhiisa. Inni akka nuyi Isa duukaa/gula adeemnuu fi wantoota Waaqayyoon gammachiisan akka hojjennu nu gargaara. Yesus kana hundumaa nuuf hojete; sababni isaas Inni yeroo hundumaa, yeroo hundumaa nu jaallata.

Waraqaa tokkoo fi murtuu tokko fidi. Akka fakkii kanaa gadiittn argissifametti waraqicha walakkaatti dachaasi. Utuu boca onnee muraa jirtuu akkas isaaniin jedhi, Macaafa Qulqulluu keessa jechootaaddata’an kanneen hammam guddiseeakkaYesus nu jaallatenutti himantu jiru.Jechoonni kunneen, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate. Lakkoofsa kana isa hafe dubbachuu dhaabitii, boca onnee isa murtee baste ijoolleetti argisiisi. Itti fufuudhaan boca onnee sana ammas walakkaatti dachaasi. Akka fakkiidhaan argisiifametti boca onnee sana irraa boca fannoo muraa utuu jirtuu lakkoofsicha irraa isa hafe itti himi: kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!

Boca onnee sana baniitii boca fannoo murte sana isaanitti argisiisi. Utuu kana hojjechaa jirtuu, akkasi jedhi; Yesus Ilma Waaqayyoo Isa tokkicha. Yommuu fannoo arginu, akka Fayyisaan keenya Yesus cubbuuwwan keenyattii nu furuudhaaf fannoo irratti akka du’e yaadanna. Eenyu illee namni akka Fayyisaa isaatti Yesusitti amanu jireenya bara baraa qaba. Yesus Fayyisaa dinqisiisaa attamii ti!

Ijoolleen akka boca onnee fi fannoo ofii isaaniitiin hojjetaniif meeshaalee ittiin hojjetan fidiif. Akkuma isa kutaa qophii Barumsa kanaa keessatti ibsameetti, ijoollee kanneen xixiqqoon bakka kamitti akka muran argisiisuudhaaf waraqaa dachaasii sararaalee ittatti fakkisi. Yoo in barbaachisa ta’e boca onnee fi fannoo murtee baasuudhaan isaan gargaari. Ijoollee kanneen gurguddoodhaaf, waraqaa fi murtuu kenniif. Akka isaan itti hojjetan sadarkaa sadarkaadhaan hojjedhuu itti argisiisi; waraqaadachaasuuirraaeegalteeittifufuudhaanbocaonnee,boodaskanfannoomuri.Barattoonni Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabachuu kan har’aa yommuu baratan wantoota hojjetan kana fayyadamu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti (Yohannis 3:16)!

Lakkoofsa kana kutaa afuritti hirii barsiisi. Jalqaba irratti akkas jedhi, Waaqayyo akkasitti tokkichaIlmaIsaahammakennuufitti.Yommuuijoolleenirradeebi’aniiakkasjedhan,tokkichi

Ima Waaqayyoo Yesus Isa cubbuu keenyattii nu furuudhaaf fannoo irratti du’e akka ta’e isaan yaadachiisi. Itti fufuudhaan akkas jedhi, Biyya lafaa jaallate. Utuu kana dubbachaa jirtuu, boca onnee keetii isa dacha’ee jiru diriirsi. Ijoolleen kana irra deebi’anii jechaa utuu jiranii boca onnee isaanii isa hojjetan akka diriirsan taasisi. Itti aansii akkas jedhi, kun immoo isatti kan amanu hundinuujireenyabarabaraahaaqabaatuuf.Ergaijoolleenirradeebi’aniikanajedhaniibooda gaalee isaxumuraabarsiisi, haa baduufmiti. Sanaboodakanaibsiift, Waaqayyoakka nuyi yeroo hundumaa Isaa wajjin jiraannu, akka nuyi hin duune barbaada. Yoo qaamni keenya du’e illee, lubbuun keenya, inni nu keessaa Waaqayyoon jaallatu, Isa bira jiraachuudhaaf gara waaqaa dhaqa. Iddoon waaqa irraa iddoo guddaa gaarii isa Yesus nuuf qopheessee dha. Namni akka Fayyisaa isaatti Yesusitti amanu hundinuu abdii dinqisiisaa jireenya bara baraa Waaqayyo biraa qaba. Innis jireenya baroota dhuma hin qabnee ti.

Guutummaa lakkoofsichaa suutatti si’a baay’ee irra deddeebi’ii jedhi, akka ijoolleen sii wajjin jedhaniifis isaan jajjabeessi. Ijjoolleen xixiqqoon tarii gaaleewwan jalqabaa lamaan qofa yaadachuu akka danda’an hubadhu.

Faarnannaa: Akka yeroon si ga’etti, faarfannoota kanatti fufanii jiran keessaa tokko yookiin isa irra caalaa filadhu:

Yesus nu jaallata(Faarfannaa lakkoofsa 38)

Guddaa guddaa caalu(Lakkoofsa 13)

In caala maqaan Kee (Lakkoofsa 16)

Waaqayyo gaarii dha(Lakkoofsa32) jedhan faarfadhaa.

Kadhannaa Xumuraa:- qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa kadhadhu.

Baafata

Barumsa 4

Ijoollee Addaamii fi Hewaan (Seera Uumamaa 4)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee (Fuula 22-23)

Dhugaa Ijoo

Akkuma Qaayin, nuyi Waaqayyoo fi nama irratti cubbuu hojjenneerra. Karaa Yesusitti amanuu keenyaa, Waaqayyo cubbuu keenyattii qalbii diddiirrachuu yaada garaa keenyaa keessatti hojjeta. Inni cubbuu keenya nuuf dhiisee akka Isa duukaa buunu nu gargaara.

Kaayyoo barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin, barattoonni

• Akka Waaqayyo cubbuu adabu in BEEKU

• Waaqayyo karaa Yesusiitiin cubbuu isaanii akka isaaniif dhiisu amanuutti inni

GUDDATU.

• Waaqayyo Ilma Isaa Isa waan hundumaa caalu waan nuuf kenneef, isaanis wanta caalu Waaqayyoof kennuuf in DHAQU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

Oo'ii fi dhiifamuun garuu isa (Waaqayyo Gooftaa) biraa in argama. Daani’eel 9:9

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Fakkii bissii abaaboo lama kaasi. Fakkii isa tokko faanciraa’aa, isa kaan immoo miidhagaataasisi. Waraqaaisafakkiin waliin makamaanirrajiruwalitti cafaqii,deebisii suutatti diriirsi. Barumsa har’aa beeksisuudhaaf fakkiiwwan lamaan kanneen fayyadamta.

2. Yeroo barsiistu yoo horgoggeewwan qajeelfama kana fuul gara duubaa irra jiran fayyadamta ta’e, kanneen barumsa 4ffaa kanaaf yaadaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sana murii baasiitii haalluu dibi. Haphee fayyadamii tokkoo tokkoo horgoggee muka yookiin baala dheeraa yabbuu wajjin walitti maxxansi.

3. Yoo ijoollee umurii waggaa torbaa- fi waggaa saddeetii- barsiista ta’e, tokkoo tokkoo jecha lakkoofsa Macaafa Qulqulluu kana dubbisuu, waraqaa adda addaa irratti barreessuu in dandeessa. Waraqaa kanaa lakkoofsa Macaafa Qulqulluu kana barattoota barsiisuudhaaf itti fayyadamta. Kutaa “Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin Wal-fudhachiisuu” jedhu ilaali.

4. Karoora sanduuqa badhaasa hojii Barumsa 4ffaa isa kutaa ibsa hojii qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraabbii taasisi.

5. Yeroo kadhannaa xumura barumsa har’aatti kennaa walitti qabuuf kan itti fayyadamtu guuboo xiqqaa duwwaa qopheessi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

Barumsa kana qayyabachuu eegaluudhaaf, Macaafa Qulqulluu kee keessaa Seera Uumamaa 4:116 dubbisi. Yommuu dubbistus, dhugaawwan baay’ee barbaachisoo kanatti fufanii jiran yaadaan qabi:

1. Seera Uumamaa 4:1 irratti, Hewaan ilma ishee isa angafa, Qayiniin akka deesse baranna. Isheen, “Ani gargaarsa Waaqayyootiin nama tokko godhadheera” jette. Hewaan akka Waaqayyo madda jireenyaa ta’e hubatte. Martin Luuteriin dabalatee, namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan tokko tokko, Afaan Ibirootaa isa jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffame hubachuudhaan kutaan kun, “Ani nama isa Goofticha ta’en argadhe” jechuu akka ta’e dubbatus. Hewaan akka Qaayin Fayyisaa isa Waaqayyo erguuf abdachiise ta’etti amante (Uma 3:16). Jechi Hewaan kun ilma ishee fi akka haadhaatti ga’een ishee kennaa Waaqayyoo ta’uu isaatii fi yeroo muddama ciniinsuu isheetti Waaqayyo akka ishee gargaare hubachuu ishee ibsa. Maqaan “Qaayin” jedhu jecha Ibirootaa isa “argachuu” jechuutti hiikamuu wajjin wal fakkaata.

2. Ilmi Addaam fi Hewaan inni lammaffaan Abeel jedhama. Akka hiikaa Afaan Ibirootaatti Abeel jechuun “hafuura” yookiin “dhaabbataa kan hin ta’in” jechuu dha. Kunis akka jireenyi Abeel gabaabaa ta’e qeeqa. Abeel tikfattee dha; Qaayin immoo qotee bulaa ture.

3. Qaayinii fi Abeel tokkoon tokkoo isaanii Waaqayyoof aarsaa dhi’eessan (Lakk. 3). Aarsaa Qaayin dhi’eesse Waaqayyo hin simanne; sababni isaas yaada garaa Qaayin aarsaa sana ittiin dhiheessetu qajeelaa hin turre. Abeel yaada guutudhaan jaalalaan aarsaa Waaqayyoof dhi’eesse; innis kennaa filatamaa fi arjummaadhaan dhi’aate ture. Qaayin wanta qotee galfate irraa yommuu kenne itti yaadee hin dhiheessine. Waaqayyo gara kennaa Qaayin “faara tolaadhaan” hin ilaalle (Lakk. 5). Kunis Qaayiniin in aarse.

4. Lakk. 5–8: cubbuun Qaayin guddaachaa adeemuu isaa argisiisa. Jalqaba, aarsaa dhiheessuu isaa keessatti, Qaayin wanta filatamaa yookiin hafuura jaalalaa fi galataatiin Waaqayyoof hin dhiheessine. Itti fufees Qaayin Waaqayyo aarsaa isaa simachuu waan dideef in aare. Qaayin aarii fi hinaaffaadhaan Abeeliin ajjeese (Lakk. 8). Yommuu Waaqayyo“Abeel obboleessi kee eessa jira?” jedheegaafatesQaayin sobadubbate(Lakk. 9). Akka yeroo baay’ee cubbuun tokko gara cubbuu isa kaaniitti nama adeemsisu jireenya keenya keessatti hubachuu qabna.

5. Lakk. 10–12: sababa cubbuuwwan kanaaf adaba Waaqayyo Qaayiniif kenne ibsa. Lakkoofsonni kunneen cubbuuwwan keenya adaba akka qaban nu yaadachiisu. Waaqayyo Yesusiif jedhee Ayyaana Isaatiin cubbuu keenya nuuf in dhiisa. Garuu yeroo baay’ee firii hojii cubbuu keenyaa keessa jiraachuutu nu irra ga’a. Sababa cubbuu isaa isa baay’ee sanaaf, Qaayin qonnaaisaatti hin milkoofne.Bara jireenyaisaaisahafehundumaatti jooraa fi sokkaa ta’e; maatii isaa iyyuu baqatee adeemuun isaa hin hafne (Lakk. 16).

6. Akki Qaayin itti adaba Waaqayyo kenneef irratti dubbate illee cubbuu dha. Gaddee araara kadhachuu irra ofittummaa fi sodaatu isa irraa mul’ate (Lakk. 13–14)

7. Waaqayyo araara Isaatiin, akka namoonni biroon isa hin ajjeefneef “mallattoo” itti tolche (Lakk. 15). “Mallattoon” kun maal akka ta’e hin beeknu. As irratti wanti guddaa barbaachisaan, yoodhuma cubbamoota taane illee, Waaqayyo amma iyyuu nu jaallata, waa’eedhimmakeenyaafis nuufyaada.Waaqayyo akkumaAddamii fiHewaaniifeegumsa taasisuufiidhaaf uffata itti uffise, Qaayiniifis eegumsa godheef.

8. Abboomamoo ta’uudadhabuunkeenyakanadabanutti fiduudha.Waaqayyogaruuguddaa waan nu jaallatuuf akka Inni adaba sababa cubbuu keenyaaf nu irra ga’uuf ture ofii Isaatii fudhateeakkanuufdhiphatuufYesusiinerge.Yommuunuyicubbuuhojjennu,cubbamoota ta’uu keenya beeknee, abboomamuu diduu keenyaaf gaddinee akka araara Isa gaafannu taasisuudhaaf Waaqayyo yaada garaa keenyaa kakaasa. Waaqayyo akka nuyi Isa jaallannuu fi amanamummaadhaan Isaaf hojjennu, karaa Kristosiitiin cubbuu keenya nuuf dhiisee, nu keessatti hojjeta. Dubbiin Waaqayyoo 1 Yoh 1:8-9 keessatti abdii akkas jedhu nuufkenna; “Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa. Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne immoo isa sobduu in goona, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.”

9. Erga Abeel du’ee, Qaayinis badee booda Waaqayyo ilma biraa, maqaan isaa Sheet jedhamu, akka inni hidda dhaloota maatii sanaa kan Yesus booda keessaan dhufee dhalatu akka itti fufsiisuuf, Addaamii fi Hewaaniif in kenne (Lakk. 25).

Barumsicha dhiheessuu

Faarfannaa: Yesus nu jaallata, nu jaallata (Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Faarfannaa keessa deebii barumsa 3ffaa irratti argamuutti jedhi/faarfadhu.

Dubbadhu/faarfadhu

Jedhi/faarfadhu

Hojjedhu

Yesus na jaallata! Anis kana nan beeka, Harka kee laphee kee irra kaa’i.

Wangeelatu anatti hime.

Akka nama macaafa banuutti barruu isaa ol gara galchii harkawwan kee gargar bani.

Warri xixiqqayyoonni kan Isaa ti; Ofii kee hammadhu.

Inni dadhabootaaf jabina isaanii ti.

Maashaa kee argisiisuudhaaf irree kee ciqileetti dabsi.

Irra deebii: Yesus na jaallata! Mataa kee sochoosii “eeyyee” jedhi; Na jaallata! Mataa kee sochoosii “eeyyee” jedhi.

Akka Inni ana jaallatu

Wangeelatu anatti hime!

Akka nama macaafa banuutti barruu kee ol gara galchii harkawwan kee gargar bani.

Barruu kee ol gara galchii harkawwan kee gargar bani.

Yesus waan na jaallateef, Quba argisiistuutiin boca fannoo tolchi.

Jennatatti galuu koo ti. Boca fannoo tolchi.

Inni cubbuu koo ana irraa dhiqe.

Ana mucaa Isaa in baata.

Irra deddeebii fi sochii isaa irra deebi’ii jedhi.

Akka waan waa of irraa haxooftuu harka keetiin of hahaxaa’i

Harkawwan kee bal’isii diriirsi.

Akka waan nama gara ofii keetti waamtuutti harka kee sochoosi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Hojiin argisiisuu: (Ijoollee hundumaaf) Kennaa isa kam?

Akka ijoolleen si fuul-durataa’an taasisi.Fakkiiwwan abaaboo qabaa lamaan dura tolchite itti argisiisi. Akkas jedhi, ani hiriyaa baay’ee walitti dhihaannuufan badhaasa kennuu barbaada. Isheen abaaboo in jaallatti; kanaaf ani fakkiiwwan kana lamaan isheefan qopheesse. Fakkii isa kamiin akkan kennuuf murteessuu nan dadhabe. Fakkiiwwan lamaan kana keessaa isa kamtu keennaa gaarii ta’a? (Ijoollee fakkii isa sirriitti kaafame, isa hin shuntuurin akka filantu abdatama.)

Itti fufii, fakkiin inni kun maaliif kennaa gaarii ta’a? jedhii gaafadhu. (Fakkiin inni filatame sirriitti kaafame, haalluu sirriitu dibame; hin shuntuurrees. Fakkiin inni gaariitti hojjetamee fi hin shuntuurin akka ati nama kabajju tokkoof keennuuf jettee yeroo fudhattee eeggaannaadhaan hojjette argisiisa.)

Itti fuftees akkas jedhi, Seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa keessatti, waa’ee ijoollee jalqabatti lafa kana irra turan lamaanii baranna. Warri isaaniis namoota jalqaba lafa kana irra turan lamaanmaqaaisaanii in yaadattuu?(Addaamii fiHewaan).Ijoolleen sun yommuu guddatan tokkoon tokkoon isaanii Waaqayyoof kennaa fidan. Waa’ee ijoollee sanaa fi kennaa isaan Waaqayyoof dhiheessan caalchifnee barachuudhaaf Macaafa Qulqulluu keessaa kutaa qorannaa har’aa sirriitti haa dhaggeeffannu.

Faarfannaa: “Irreen Gooftaa fayyisaa dha” (Lakkoofsa 15) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1: Yommuu Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa “Ijoollee Addaamii fi Hewaan” isa jedhu dubbistu, horgoggeewwan qajeelfama kana fuulawwan gara duubaa irra jiran seenicha cimsitee itti himuudhaaf fayyadami.

Filmaata 2: (Ijoollee gurguddataniif) Akka bakka Addaam, Hewaan, Qaayinii, Abeelii fi Waaqayyoota’aniihojjetaniifijoolleesaafeloota,yookiinnamootaga’eeyyii shanafeeri.Yommuu ati Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa dubbistu, kanneen hojiin argisiisan sun immoo utuu sagalee hin dhageessisin gocha isaa haa hojjetan. Namni deebii

Waaqayyo kenne Seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessaa dubbisu, yoo in danda’ama ta’e warra kaan afuran irraa achi siqee, bakka hirmaattonni hin argine haa dhaabbatu. Deebii Waaqayyo kenne sana kan dubbisu dhiira, sagaleen isaa nama aboodhaan dubbatu fakkaatu fili.

Addaamii fi Hewaan yommuu seenaan sun dubbifamu jalqabaa fi dhuma irratti qofa argamu. Waa’een dhalachuu ijoollee yommuu caqasamu, Hewaan akka waan mucaa baattee urursituu akka isheen fakkeessitu taasisi.

Akka Qaayin utuu sagalee hin dhageessisin midhaan facaasuu fi kunuunsu taasisi. Akka Abeel callisuudhaan hoolota tiksuu fi sooruuf qajeelfama kenniif. Itti fufuudhaan lamaan isaanii callisuudhaan aarsaawwan isaanii Waaqayyoof dhiheessuu isaanii sochiin akka argisiisan taasisi.

AjjeefamuuAbeelargisiisuudhaaf,kanneenhojjechaajiranlamaanakkadugdaisaaniibarattootatti gara galchanii dhaabbatan taasisi. Qaayin akka waan Abeeliin mataa isaa rukutee haa fakkeessu. Abeelis haa kufu. Qaayinii fi Abeel sochii Seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessatti argamu sirriitti akka argisiisan cimsii itti himi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu irra deebi’uu

Gaaffilee Seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Waaqayyoon kan gammachiise kennaa eenyuu ti? (Jaalalaa fi galata Waaqayyoof qabu argisiisuudhaaf, Abeel hoolota isaa keessaa isa caalu waan dhiheesseef, keennaan isaa Waaqayyoon gammachiise.)

2. Waaqayyo “Obboleessi kee eessa jira?” jedhee yommuu gaafate, akka Qaayin maal godhu barbaadeeti? (Waaqayyo Qaayin obboleessa isaa ajjeesuu isaatiif akka gadduu fi dhiifama gaafatu barbaade.)

3. WaaqayyoQaayiniin eeguudhaafmaal godhe?(eenyuilleeakkaisahin ajjefneeWaaqayyo Qaayinitti mallattoo tolche.)

Sochii ittiin keessa deebi’an:- Eeyyee yookiin waawuu jechuudhaan kan deebi’u.

Akkas jedhi: waa’ee Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu gaaffilee tokko tokkon dubbisaa. Yoo deebiin isaa “eeyyee” dha ta’e, kaatanii dhaabbattanii, mataa gadi qabadhaatii, “Eeyyee” jedhaa. Yoo deebiin isaa “waawuu” dha ta’e, teessanii mataa keessan sochooftanii “Waawuu” jedhaa.

1. Qaayinii fi Abeel biyya lafaa irratti ijoollee lamaan warra jalqabaa turanii? (Eeyyee)

2. Qaayin tiksee hoolaa turee? (Waawuu)

3. Qaayin qotee bulaa turee? (Eeyyee)

4. Aarsaan Abeel Waaqayyoon in gammachiisee? (Eeyyee)

5. Qaayin midhaan galfate keessaa isa filatamaa Waaqayyoof dhiheessee? (Waawuu)

6. Innii fi obboleessi isaa kennaa isaanii Waaqayyoof erga kennanii booda Qaayin in gammadee? (Waawuu)

7. Qaayin obboleessa ofii isaatii ajjeesuu isaatti gaddeeraa? (Waawuu)

8. Yoodhuma inni cubbuu hojjete illee Waaqayyo Qaayiniin in eegee? (Eeyyee)

9. Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniif ilma biraa kenneeraa? (Eeyyee)

10. Ilmi Addaamii fi Hewaan inni sadaffaan Seet jedhamaa? (Eeyyee)

Seenaa Macaafa Qulqulluu kana jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu:- Yaa Yesus, nan gadda.

Akka ijoolleen si marsanii taa’an taasisi. Akkas jedhii gaafadhu; Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, Qaayin attamitti cubbuu hojjete? (Qaayin midhaan isaa keessaa isa filatamaa Waaqayyoof hin kennine. Yommuu Waaqayyo kennaa isaa simachuu dide, Qaayin in aare. Qaayin Abeelitti hinaafee isa ajjeese. Qaayin waa’ee waan Abeel irratti ta’ee Waaqayyotti soba dubbate. Qaayin Abeeliin ajjeesuu isaatiif hin gaddine. Qaayin waa’ee ofii isaa qofa yaade.)

Yaadachiisa:- tarii ijoollee xixiqqoon cubbuu Qaayin hundumaa dubbachuu hin danda’an ta’a. Kennaan Qaayin akka Waaqayyoof ulfina hin kenninii fi Qaayin Abeeliin akka ajjeese baruu isaanii mirkaneeffadhu. Ijoollee gurguddoo, umurii waggaa torbaa fi saddetii kanneen abboommii kurnan beekan yoo ta’an, Qaayin abboommii meeqaffaa hin eegne? jedhii gaafadhu. Akka Qaayin abboommii tokkoffaa fi shanaffaa hin eegin itti himi. Abboommii shanaffaa irratti Qaayin obboleessa isaa ajjeesuu qofa utuu hin ta’in, lubbuun obboleessa isaa keennaa Waaqayyoo ta’uu isaas hin kabajne.

Ijoolleen Waaqayyoo fi namaafhin abboomamneyeroo tokkotokkokan isaan hojjetan maal fa’i? (Akka ijoolleen deebi kennaan taasisi. Tarii yaada akkas jedhu dhaga’uu dandeessa. «Ijoolleen horgoggeewwan isaanii hin kaasan.» «Ijoolleen yommuu haati isaanii yeroon hirribaa ga’eera jettee itti himtu hin dhaggeeffatan.» «Ijoolleen wanta qaban namaaf hin hiran.» «Ijoolleen yommuu wanta tokko hojjechuu didan in dheekkamu.» Kanaaf yommuu gaafficha irratti mariyattan, waa’ee dogoggora hojjetamanii kaasanii akka isaan wal ceepha’an taasisi. Kana irratti qaphxiin hubatamuu qabu akka hundumti keenya cubbamoota taanee dha.)

Akkas jechuudhaan itti fufi:-yeroo tokko tokko tokkoon tokkoon keenya Waaqayyoo fi namootaaf hin abboomamnu. Addaamii fi Hewaan yommuu Waaqayyoon dhaga’uu didan,

Jannata keessatti cubbuu hojjetan sanaan nuyi yommuu dhalannu cubbuun laphee keenya keessa jira. Adabni sababa cubbuu keenyaaf nuuf mala tures du’a akka ta’e Macaafni Qulqulluun nutti hima (Roomaa 6:23).

Haa ta’u iyyuu malee, yeroo nuyi Waaqayyoo fi namoota birootiif hin abboomamne illee, Waaqayyo yeroo hundumaa nu jaallata. Waaqayyo akka nuyi cubbuu keenyyaan duunu hin barbaadu.KanaafWaaqayyonugargaaruufjedheekennaabaay’eeguddaata’enuufkenne. Waaqayyo Ilma Isaa Yesusiin nuuf kenne. Waaqayyo akka Inni cubbuuttii nu fayyisuuf Yesusiin erge. Yesus cubbuu keenyaaf dhiphina fudhate. Du’a bara baraa akka nuyi hin duuneef Inni sababa cubbuu keenyaaf fannoo irratti du’e. Yesus fannoo irratti erga du’ee booda, deebi’ee jiraataa ta’e. Namni Yesusitti amanu hundinuu, waaqa irratti jireenya bara baraa isa haaraa, gonkumaa xumura hin qabne karaa Isaatiin qaba.

Yeroo nuyi abboomamuu didnu, Waaqayyo dogoggora keenya akka beeknuuf nu gargaaruudhaaf yaada garaa keenyaa keessatti hojjeta. Waaqayyo akka nuyi sababa cubbuu keenyaaf gaabbinuu fi gadduu keenyas Isatti akka himannuuf nu geggeessa. Kanaanis wanta Yesus fannoo irratti nuuf hojjete irraa kan ka’e, Waaqayyo cubbuu keenya nuuf in dhiisa. Kana jechuunis Waaqayyo cubbuu keenya bara baraan irraanfata jechuu dha. Kanaanis akka nuyi Waaqayyo duukaa buunuu fi wantoota Isa gammachiisan akka hojjennuuf nu geggeessa.

Mee walii wajjin haa kadhannu; karaawwan ittiin Isaaf hin abboomaminiif gadduu keenyas Yesusitti haa himannu. Karaawwan hin abboomamin tokko tokko ani nan dubbadha. Yommuu ani tokkoo tokkoo hima kanaa jedhee xumuru, «Yaa Yesus, nan gadda. Adaraa dhiifama anaaf godhi» akka jettan nan barbaada.

Kadhannaa wal harkaa fuudhanii kadhatan kana yommuu kadhattan, barumsa biroo keessatti kan itti fayyadamte fakkii fuula afaan banamaa/afaan cufamaa qabu ol kaasi. Yeroo itti ijoolleen dubbatan yommuu ga’u, fuula afaan banamaa qabu argisiis. Yeroo isaan dhaggeeffatanitti immoo, fuula afaan cufamaa qabu itti argisiisi. Yommuu kana eegaltus akka ijoolleen harkawwan isaanii dachaafatan gaafadhu.

Barsiisaa Ijoollee

Yeroo tokko tokko hiriyoota koo fi maatii kootti guddiseen dheekkama.

Yeroo tokko tokko horgoggee koo hiriyoota kootiif kennuu hin fedhu.

Yommuu warri koo akka ani waa hojjedhu anatti himan yeroo tokko tokko hin dhaga’u.

Adaraa naaf dhiisi!

Adaraa naaf dhiisi!

Adaraa naaf dhiisi!

Yeroo tokko tokko jechoota hamaa dubbadheen nama miidha.

Yaa Yesus, waan Ati akkan hojjedhu barbaaddu ani yeroo tokko tokko hin dhaga’u.

Adaraa naaf dhiisi!

Adaraa naaf dhiisi!

Yaa Yesus, akka Si duukaa buunuuf nu gargaari. Maqaa Keetiin Si kadhanna. Ameen.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:-«Waaqayyo gooftaa keenya, oo'ii fi dhiifamuun Isa biraa in argama» (Dani’eel 9:9).

Luqqisii MacaafaQulqulluukanabarattootaafdubbisi.Isaboodas akkas jedhi:-luqqisiin Macaafa Qulqulluu kun, “Waaqayyo araara qabeessa” jedha. Kunis sababa cubbuu keenyaaf yeroo jaallatamuun nuuf hin taanetti illee, Waaqayyo nu jaallata jechuu dha. Fayyisaa keenya Yesusiif jedhee Waaqayyo kana nuuf godha. Waaqayyo Yesusiif jedhee cubbuu keenya nuuf in dhiisa. Waaqayyo akka Isaaf abboomamnuu fi Isa duukaa buunuuf nu gargaruudhaaf cubbuukeenyalapheekeenyakeessaainqulleessa,keessakeenyattisinhojjeta.Dubbiikanas Macaafa Qulqulluu keessaa haa barannu.

Luqqisii kana bakka lamatti qoqqoodii barsiisi. Jalqabatti: Waaqayyo Gooftaa keenya jedhi. Akka ijoolleen sii wajjin si’a baay’ee irra deddeebi’anii jedhan taasisi. Isa booda immoo, oo'ii fi dhiifamuun Isa biraa in argama jedhi. Ammas akka ijoolleen sun sii wajjin irra deddeebi’anii si’a baay’ee jedhan taasisi. Itti fufuudhaan luqqisicha guutummaa isaa dubbadhuutii akka ijoolleen hamma ofii isaaniitiin jechuu danda’anitti si’a baay’ee irra deddeebi’anii sii wajji haa jedhan.

Ijoollee gurguddoo (umurii waggaa 7-8) barsiista yoo ta’e, lakkoofsa kana dubbisiif, akka kanaa oliitti erga barsiistee booda, tokkoo tokkoo jechoota isaa waraqaa irratti adda addaan barreessii, waraqaawwan sana waliin makii barattootatti kenni. Ijoolleen jechoota kennamaniif sana akka lakkoofsa Macaafa Qulqulluu sanaatti duraa fi booda isaatiin qindeessuudhaan akka toora galchan gaafadhu.

Faarfannaa(noota):-Waaqayyo gaarii dha(Lakkoofsa32)

Humni Waaqayyoo guddaa dha yaa namootaa(Lakkoofsa 15)jidhan faarfadhaa.

Hojii harkaa:- kennaa Waaqayyoof kennuu

Akkas jedhi:- Qaayiniif Abeel akka tokkoo tokkoon isaanii Waaqayyoof kennaa kennan seenaa Macaafa Qulqulluu keenyaa keessaa baranneerra. Kennaan isaanii maal turan? (Qaayin midhaan lafa irraa galfate keessaa Waaqayyoof kenne. Abeel immoo hoolotaa isaa keessaa isa caalu Waaqayyoof kenne. Abeel kennaa guddaa filatamaa kan akka inni hammam Waaqayyoon jaallate mul’isu Waaqayyoof kenneef, Waaqayyo kennaa Abeelitti in gammade.)

Maaliif Waaqayyoof kennaa kennina? (Wanta nuuf kenname hundumaaf ittiin galateeffachuudhaaf kennina. Wanti nuyi qabnu hundi Waaqayyo biraa nuuf kenname. Kanaaf wanti nuyi Waaqayyoof kenninu jalaalaa fi eebba Inni nuuf qabuuf deebii jaalalaa Isaaf kennuu

keenya kan mul’isuu dha. Waaqayyo Fayyisaa keenya akka nuuf ta’uuf Ilma Isaa Yesusiin nuuf kenne. Sababa Yesus aarsaa of taasisee nuuf of kenneef, nuyi immoo jaalalaa fi galataan ofii keenyaa fi wanta qabnu irraa aarsaa taasisnee Isaaf dhiheessina.)

Wantoonni gaggaariin nuyi Waaqayyoof kennuu dandeenyu maal fa’i? jedhii gaafadhu. (Kennaa maallaqaa irratti dabalee, kan akka faarfannaa galataa, namoota biroo gargaaruu, hojii ogummaa hojjechuu/fakkii kaasuu, barumsa kutaatii fi atileetiksiitiin wanta isaaniif danda’amu gochuudhaan kennaa Waaqayyoof kennuu danda’an akka itti yaadaniif barattoota gargaari. Akkasumas wanti Waaqayyo caalchisee barbaadu yaada garaa keenyaa:- jaalala keenyaa fi amanamummaatiin of kennuu keenya ta’uu isaa akka hubatan barattoota gargaari. Aarsaan Abeel jaalalaa fi ulfina inni Waaqayyoof qabu kan argisiisu waan ta’eef Waaqayyo aarsaa isaatti akka gammade barattoota yaadachiisi.)

Sararawwan boca sanduuqa badhaasaa qabanii fi kobbii haalluu ittiin diban barattootaaf kenni. Akkas jedhi:-mallattoo sanduuqa duwwaa kana irratti jechoonni maxxanfamanii jiran maal kan jedhanii dha? (Waaqayyoof.) Wanta guddaa gaarii ta’e kan Waaqayyoof kennuu dandeessu itti yaadi. Sanduuqa badhaasaa kana keessatti fakkii isaa kaasi.

Yommuu barattoonni hojicha xumuran, waa’ee wanta fakkii isaa kaasan sanaa akka dubbataniif kanneen fedhii qaban gaafadhu. Maqaan tokkoo tokkoo barataa fakkii isaa/ishee irratti barreeffamuu isaa mirkaneeffadhu. Xumura barumsichaa irratti itti fayyadamuudhaafis fakkiiwwan sana walitti qabi.

Kadhannaa xumuraa:-meeshaa itti kennaa walitti qaban itti argisiisii akkas jedhi:- meeshaa kana keessa wantoota isin Waaqayyoof kennuu barbaaddantu jiru. Amma yommuu kadhannu isaan kana Waaqayyoof haa kenninu.

Kadhannaa xumuraa: qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 5

Bishaan Badiisaa

(Seera Uumamaa 6-9)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee (Fuula 24-25)

Dhugaa Ijoo

Nohii fi maatiin isaa abdii Inni waa’ee Masihichaaf kenne waan amananiif, Waaqayyo gaarummaa Isaatiin bishaan badiisaatiin baduu irraa isaan oolche. Bishaan cuuphaa, Dubbii Isaatii fi gaarummaa Isaatiin Waaqayyo cubbuutiin baduu irraa nu oolcha.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Nohii fi maatiin isaa bishaan badiisaatiin barbadaa’uu irraa kan oolan amantii isaaniitiin akka ta’e in BEEKU.

• Abdiiwwan Waaqayyo isaaniif kenne hundumaatti, addumaan immoo Yesusitti amanuu isaaniitiin akka isaan fayyisu abdii Inni isaaniif kennetti amanuutti in GUDDATU

• Namoota Yesus Kristositti amanan hundumaaf jireenya bara baraa Waaqayyo kennuufiif Isa galateffachaa fi jajachaa in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu «Waaqayyo keenya Waaqayyo isa fayyisuu dha» (Faarfannaa 68:20a).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

• Okkotee bishaan guutuu qabuu fi xuwwee golboo guddaa tokko

• Waraqaa adii dheerinni isaa faana shan, bal’inni isaa faana lama ta’e;

• Safartuu dheerinaa (filannaaf, “seenaa Macaafa Qulqulluu himuu” isa jedhu ilaali);

• Waraqaa furdaa yookiin kaardii.

1. Waraqaa dheeraa irratti fakkii doonii Nohi tolche sarara ciccitaadhaan kaasi. Akka itti fakkicha kaasan isa macaafa kana irra jiru akka fakkeenyaatti fayyadami. Ol dheerinaa fi dalgee doonichaa hamma waraqaan kee fudhatetti guddisi. Doonicha haalluu dhiilgee dibi. Yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu kana ijoolleetti himtu fakkii doonichaa isaanitti argisiisuudhaaf bakka mijatutti maxxansi.

2. Yommuu barsiistu horgoggeewwan gara dhuma qajeelfama kanaatti argaman in fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 5f yaadame gara galchii qopheessi. Fakkiiwwan sanas murii baasiitii haalluu dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

3. Fakkii tuqaalee irraa tolfame kan qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu hordofiitii waraqaa yookiin kaartoonii irraa mallattoo fannoo baay’ee muriitii baasi. Yommuu barsiistu, “doonii”, “dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiin wil-fudhachiisuu” isa jedhu ilaali. Yookiin ijoolleeumuriin isaanii waggaa 4 ta’an barsiista yoo ta’e, fakkiiwwan sana barbaaduun isaan rakkisuu waan danda’uuf fakkiiwwan fannoo waraqaa irratti baay’isiif.

4. Akka barattoonni fakkii doonii har’aa hojjetaniif haalluu diimaa, burtukaana, keelloo, magariisa, cuquliisa, cuquliisa ifaa, dhiilgee yookiin bildiimmee baay’inaan qopheessiif. Barattoonni yommuu haalluu sana diban sirriitti gurraachessuudhaaf cimsanii gadi qabuudhaan kobbiwwan cabsuun isaanii hin oolu; garuu inni cabe sun wayyeessanii dibuu isaan dandeessisa.

5. Barumsa kana qajeelfama kutaa “Hojii harkaa” jedhu keessatti argattuun fakkii doonii har’aa “fannoowwan sabbata waaqaa” jedhii moggaasi. “Dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu” kan jedhu ilaali.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

Barumsa kana qayyabachuu eegaluudhaaf, Macaafa Qulqulluu kee keessaa Seera Uumamaa 6-9 dubbisi. Itti dabaltees 1 Phexros 3:20-21 dubbisi.

1. Seera Uumamaa 6:1-7: Hammeenya bara Nohitti lafa irra ture ibsa. “Ijoollee Waaqayyoo” (Lakk. 2 Waaqayyo Isa tokkicha dhugaa kan amanan argisiisa) fi “ijoollee durbootaa namootaa (durboota hortee Qaayin Waaqayyoon kan hin amanne argisiisa) gidduutti fudhaa fi heeruma ta’een namoonni Waaqayyoo in manca’an. Lakk. 5 irratti namoonni hammam hamoota akka ta’an ibsa. Kanaafis akka Waaqayyo nama uumuu Isaatti gaabbee fi garaa Isaatti gadde Macaafni Qulqulluun in ibsa (Lakk. 6). Waaqayyo sanyii namaa fi beeyladoota lafa irraa balleessuudhaaf in kakate (Lakk. 7). Kutaaleen kun badiisa qaamaa fi hafuuraa sodaachisaa cubbuun namatti fidu nuuf ibsu.

2. Seera Uumamaa 6:8-10; 7:1- Araara Waaqayyo warra isa amanataniif qabu argisiisu. Sababa“qajeelummaa”isaaniitiifWaaqayyoNohii fimaatii isaain oolche (Lakk.9).Kana jedhuunNohii fimaatiin isaacubbuutokko illeehinqabanjechuumiti.Waaqayyoofiabdii fayyinaa Inni kennetti waanamananiif Isaduratti ayyaanaargatanjechuudha.Miseensonni maatii Nohi: haadha mana isaa, ijoollee dhiirotaa isaa sadan Seem, Kaamii fi Yaafetii (Seera Uumamaa 6:10) fi hadha manootii ijoollee isaatii ti. Namoota miliyoonatti lakkaa’aman lafa irra turan keessaa kan badiisa sana oolan saddet qofa turan (2Phexros 2:5).

3. Waaqayyoakkumasirnaanbiyyalafaauumetti Nohidoonii tolcheeakkaitti galuufkaroora guddiseeifaata’ekenneef.Doonichi mukabirbirsaairraahojjetameeleeleelafakeessaatiin

akka maragamu itti hime. Kunis akka bishaanni doonichatti hin galle ittisa. Seera Uumamaa 6:14 irratti jechi Ibirootaa dooniif fayyadamame Macaafa Qulqulluu keessaa iddoo biraatti guuboo (uuggii) haati Musee Fara’ooniin ajjeefamuu jalaa ittiin isa dhoksuuf fayyadamte qofaaf kan fayyadamamee dha (Ba’uu 2:3). Doonii fi guuboo kan jedhaman lamaan isaanii namoota keessa turaniif meeshaa ittiin du’a irraa oolan ta’uudhaan tajaajilaniiru.

4. Hamma doonichaa hubachuudhaaf – dooniin Nohi dheerinni isaa dirree kubbaa miillaa (akka seera Fiifaatti) beekamaa tokko irra meetira 17 kan caalu ture. Qinaaxxii doonichaa irraa santii meetira 46 kan ta’uun gaditti kan ifaa fi qilleensa galchu foddaawwan hedduu qaba. Doonichi gamoo darbii sadii qabu ture (Seera Uumamaa 6:16). Kutaaleen doonichaa attamitti akka hirame hin beeknu yoo ta’e illee, doonichi baay’ina namootaa fi beeyladoota keessa turanii, akkasumas nyaata isaaniif ga’u qabachuu kan danda’u akka ta’e qajeelfama Waaqayyo isa mudaan hin qabneetiin akka ta’e dhugoomfachuu in dandeenya. Nohi doonicha akkuma Waaqayyo isa abbometti sirriitti hojjete (Seera Uumamaa 6:22). Nohi doonicha hojjechuun waggoota 100 itti fudhate.

5. Bokkaanroobuujalqabuu isaaguyyootatorbadurseeNohii fimaatiin isaadoonichatti akka galan Waaqayyo isatti hime. Isaanis, “Warra baal'eedhaan balali'an keessaa, horii qe'ee fi bineensota keessaa, warra lafa irra munyuuqan keessaas akka qomoo qomoo isaaniitti lama lama ta'aniihafaniiakka jiraataniif” doonichatti in galchan (Seera Uumamaa6:20) Bishaan badiisaa booda lafa irratti horanii akka baay’ataniif qomoo uumamaa hundumaa keessaa kormaa fi dhalaa hambisuutu isaan irra ture. Itti dabalees horsiisuu fi Waaqayyoof aarsaa dhi’eessuudhaaf kan isa gargaaran beeyladootaa fi simbirroota qullaa’oo keessaa torba torba (chimdii, chimdiitiin ta’uu danda’u) akka galchuuf Waaqayyo isa abboome (SeeraUumamaa7:2).Nohibeeyladootasanalamalamaangalchuudhaafisaanbarbaaduu hin adeemne. Isa kana Waaqayyotu hojjete (Seera Uumamaa 7:9).

6. Erga beeyladoonni sun seenanii booda “Waaqayyo balbala in cufe” (Seera Uumamaa 7:16).Gochaan kun eeggannaa Waaqayyo Nohii fi maatii isaaf taasise argisiisa.Waaqayyo Nohii fi maatii isaa badiisa sodaachisaa ta’uuf jiru sana isaan oolche.

7. Sagantaa bishaan badiisaa: guyyoota afurtamaaf halkanii fi guyyaa bokkaan waaqa irraa gadi in robe; lafa keessaas bishaanni in burqe (Seera Uumamaa 7:17). Guyyoota 110 itti fufanii jiraniif bishaanni tulloota irra iyyuu ol darbee guutummaa biyya lafaa irra danbali’e (Seera Uumamaa 7:20,24). “Isaan lafa irraa in haxaa'aman”(Seera Uumamaa 7:23). Guyyoota 74 itti fufan keessatti hamma doonichi tulluu Araaraat (Turki keessa kan jiru) irra dhaabbatutti bishaanni hir’achuu jalqabe (Seera Uumamaa 8:1-4). Hamma fiixeen tullootaa mul’atanitti ji’oota lamaa fi walakkaa itti fufee jirutti bishaanichi hir’achuu itti fufe (Seera Uumamaa 8:5). Guyyoota afurtama booda Nohi qurruu erge; lafti hin gogne waan tureef isheen doonicha keessaa fi ala marsiti turte. Guyyaa torba booda Nohi gugee erge. Yaalii hedduu booda gugeen akka bishaanichi lafa irraa hir’ate Nohitti himuudhaaf baalaejersaaafaanittibaatteedeebite (Seera Uumamaa8:11).GuyyootatorbaboodaNohi ammas gugee erge; yeroo kana isheen hin deebine (Seera Uumamaa 8:12). Bishaan badiisaa eegalee waggaa tokko booda, ji’a lammaffaa guyyaa 27ffaa tti lafti guutummaa guutuutti goge (Seera Uumamaa 8:14). Nohii fi maatiin isaa doonicha keessaa akka ba’an

(Seera Uumamaa 8:16); uumama doonicha keessa turan hundumaas akka baasan Waaqayyo isaanitti hime (Seera Uumamaa 8:17)

8. Erga doonicha keessaa ba’anii booda Nohi Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaaree, wanta Inni bishaanichaan baduu irraa isaan oolcheef beeyladoota qulqullaa’oo fi simbirroota keessaa muraasa aarsaa gubamu irratti dhi’eessuudhaan Waaqayyoon galateeffate (Seera Uumamaa 8:20). Waaqayyo aarsaa Nohi Isaaf dhi’eesse erga urgeeffatee booda, uumama hundumaa deebi’ee bishaan badiisaatiin akka hin balleessine kakuu galeef (Seera Uumamaa 8:21).

9. Seera Uumamaa 9 Kakuu Waaqayyo Nohiif kakate ibsa. Kakuun kun haal-duree kan hin qabneabdiiWaaqayyokennuudha.Waaqayyohinsobu,hindogoggoruswaanta’eef,waan abdachiise in eega. Akka biqilaan hundinuu soora isaaf ta’uuf eebba jalqabatti Addaamiif kennee ture in haaresse. Yommuu Nohiin eebbisettis Waaqayyo akka isaan soora ta’aniifiif inni dhiiga keessaa baasee akka nyaatuuf beeyladootaa fi qurxummiiwwanis dabalee in kenneef (Seera Uumamaa 9:2-4). Itti dabalees jireenyi kennaa Isaati waan ta’eef namoonni hundinuu lubbuu nama biroo akka kabajan Waaqayyo isaan abboome (Seera Uumamaa 9:5-6). Itti fufees Waaqayyo deebi’ee lafa bishaaniin akka hin balleessine abdii kennuufiidhaan Nohii fi ijoollee isaa wajjin kakuu gale. Abdii Isaa kana kan ittiin yaadatanis mallattoo akka ta’uuf sabbata waaqaa duumessa keessatti taasise (Seera Uumamaa 9:8-17)

10. Yeroo cuuphamnu bishaan isa guutummaatti cubbuu dhiqee balleessu yaada garaa keenyaa keessatti hojjechuu isaa argina. Akkuma Nohii fi maatiin isaa bishaanicha keessaa oolan, nuyis du’aa ka’uu Yesusiin cuuphaa bishaanii isa Dubbii Waaqayyoo wajjin wal qabatee jiruun fayyineerra (1Phexros 3:20-21)

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- qajeelfama kana fuula gara duuba irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: Yesus nu jaallata, nu jaallata(Lakkoofsa 38),faarfannaa kana akka barumsa 3ffaa keessatti baratanii fi akka kanatti fufee jirutti keessa deebi’ametti sochii isaa wajjin faarfadhaa.

Jedhi/faarfadhu Hojjedhu

Yesus na jaallata! Anis kana beeka, Harka kee laphee kee irra kaa’i.

Wangeelatu anatti hime. Akka nama macaafa banuutti barruu isaa ol garagalchii harkawwan kee gargar bani.

Warri xixiqqayyoonni kan Isaa ti; Jaallatamuu kee argisiisuudhaaf ofii kee hammadhu.

Inni dadhabootaaf jabina isaanii ti. Maashaa kee argisiisuudhaaf irree kee ciqileetti dabsi.

Irra deebii: Eeyyee, Yesus na jaallata!

Eeyyee, Yesus na jaallata! Eeyyee, Yesus na jaallata!

Wangeelatu anatti hime!

Yesus Inni anaaf du’e na jaallata.

Balbala waaqaa bal’isee anaaf bane.

Inni cubbuu koo ana irraa dhiqe.

Mataa kee sochoosii “eeyyee” jedhi;

Mataa kee sochoosii “eeyyee” jedhi; harkawwan kees bani.

Akka nama macaafa banuutti barruu kee ol garagalchii harkawwan kee gargar bani.

Qubeetii argisiistuutiin boca fannoo tolchi.

Harkawwan keetiin bal’ina argisiisi.

Akka waan waa of irraa haxooftuu harka keetiin of hahaxaa’i.

Ani mucaan Isaa inni xiqqaan galuu koo ti. Akka waan nama gara ofii keetti waamtuutti harka kee sochoosi.

Faarfannaa irra deebii fi sochii isaa irra deebi’ii jedhi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Hojiin argisiisuu: (Ijoollee hundumaaf) Bishaanni maal hojjechuu danda’a?

Akka ijoolleen marsaadhaantaa’an taasisi.Fuggee (okkotee)bishaanii fi xuwwee isa qopheessite fidi. Bishaan fuggee sana keessa jiru xiqqoo xuwwichatti irraa naqi. Achumaanis akkas jedhii gaafadhu; dhangala’aan ani fuggee kana keessaa buusu kun maal jedhama? (Bishaan) Faayidaa bishaanni kennu keessaa muraasi maal fa’i? (Bishaanni dheebuunubaasa. Bishaanni qaamni keenya jiidha dhabuudhaan akka nuyi hin duuneedhaaf fayyaa keenya in eega. Bishaan akka biqiltoonni guddatan taasisa. Qulqullina keenya eeggachuuf nu gargaara. Yeroo ho’i cimaan nutti dhaga’amu bishaanni nu qabbaneessa. Bishaanni bakka bashannanaas ta’uudhaan in fayyada. Bishaan keessaa qurxummii qabachuu in dandeenya. Bishaanni tuujjubni of irratti nu baachuudhaan akka irra balalchinu nu taasisa. Bishaanni dhagaa, cirracha, kosii fi waan biroos kanneen uumama keessa jiran dhiquu in danda’a. Lolaa cimaan immoo wantoota hedduu mancaasuu in danda’a. Ijoolleen saafelli miidhama Sunaamii yookiin bokkaa cimaadhaan ta’ee ture dubbachuu akka danda’an yaadadhu. Ijoolleen tokko tokko immoo bishaanni tajaajila cuuphaaf akka fayyadu iyyuu dubbachuu akka danda’an hin dagatin.) Akkas jechuudhaan itti fufi:- Bishaanni humna qaba. Seenaa Macaafa Qulqulluu dhageenyu kanakeessattiyerooWaaqayyobishaanbaay’ee,karaaguddiseecimaata’eenitti fayyadame baranna. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana dhaga’uudhaaf haa qophoofnu.

Faarfannaa:- “Irreen Gooftaa fayyisaa dha” (Lakkoofsa 15) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1:- Yommuu seenaa kana dubbattu fakkii doonii isa kaaste sana bakka inni argamuu danda’utti maxxansi. Macaafa Barsiisa Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee jedhu keessaa “Bishaan Badiisaa” isa jedhu yommuu isaaniif dubbistu, seenicha himuu kee cimsuudhaaf fakkiilee horgoggewwan fuula gara dhuma qajeelfama kanaa irra jiranitti dabalii fakkii kanas akka bu’uuraatti fayyadami.

Filmaata 2:- (Barattoota umuriidhaan guddatan) akka barttoonni kun waa’ee doonichaa hubannaa gaarii argataniif yeroo fi iddoon akka siif mijatetti funyoo safaraa fayyadami. Dheerina isaa erga safartee booda akka ijoolleen miilla isaaniitiin sii wajjin adeemanii dheerina doonichaa hubataniif afeeri. Yommuu waa’een beeyladoota doonichatti galanii dubbatamu akkas jedhii gaafadhu:beeyladoota sana hunda kunuunsuudhaaf wal’aansoo mudachuu danda’an keessaa muraasi maal fa’i?(Nyaataafiiddooga’aaakkabarbaachisumariyadhaa.Barbaachisummaaqomoobeeyladoota tokko tokkoo addaan baasanii qofaatti kaa’uu irratti mariyadhaa). Xumura maree keessanii irratti yaada akkas jedhu waliif hiraa:-Sirriidha, beeyladoota doonicha keessa turan kunuunsuun hojii guddaa dha. Garuu Waaqayyo Nohii fi maatii isaa wajjin waan tureef wanta isaan barbaachisu hundumaa kenneef. Waaqayyo fayyummaan namoonnii fi beeyladoonni doonicha keessa turanii haala amansiisaadhaan akka eegamu taasise.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee Seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kannneen garee kee gaafadhu.

1. Waaqayyo bishaan badiisaa maaliif erge? (Hojiin isaanii Waaqayyoon aarsee waan tureef namoota jal’oota adabuuf bishaan badiisaa erge.)

2. Waaqayyo Nohii fi maatii isaa attamitti oolche? (Akka inni doonii tolchee ittiin maatii isaa namoota saddeet oolchuuf Waaqayyo Nohitti hime; isaa fi maatii isaa namoota torba jechuu dha.)

3. Waaqayyo deebi’ee biyya lafaa bishaan badiisaatiin akka hin balleessine attamitti argisiise? (Waaqayyo gonkumaa biyya lafaa bishaaniin akka hin balleessine kan yaadachiisu sabbata waaqaa duumessa keessatti argisiise.)

Sochii ittiin keessa deebi’an:- Waaqayyo Nohiin in oolche.

Dhugaa Seenaa kanaa yommuu keessa deebitu ijoolleen si fuul-dura dhaabbatanii si haa ilaalan.

Tokkoo tokkoo sarara unka kana keessa jiru dubbachaa sochicha kaa’ame erga isaanitti argisiistee booda, ijoolleenis jechootaa fi sochii isaa irra deebi’anii akka hojjetan taasisi.

Dubbadhu Hojjedhu

Namoonni lafa irra turan sun baay’een isaanii hamoota turan. Fuula gaddaa argisiisi.

Nohii fi maatii isaa qofatu Waaqayyo duukaa bu’e. Qummadiitii qubeetii argisiistuutiin boca fannoo tolchchuudhaan laphee kee irra kaa’adhu.

Waaqayyo biyya lafaa ittiin balleessuuf bishaan badiisaa erguuf murteesse.

Isaa fi maatii isaa bishaan badiisaa irraa ittiin oolchuudhaaf akka Nohi doonii tolchuuf Waaqayyo Nohitti hime.

Beeyladoonni lama lama ta’anii doonichatti akka galaniif Waaqayyo isaan erge.

Nohi, maatii isaa fi beeyladoota doonicha keessa turanitti Waaqayyo balbala cufe.

Guyyoota afurtamaaf halkanii fi guyyaa bishaanni ol ka’e; lafa bishaan irra dambaliisisuuf bokkaan waaqaa gadi roobe.

Barruwwan harkawwan keetii gadi qabii wal irra kaa’uudhaan eegali. Suutas harkawwan kee garanaa fi garasitti gargar fageessi.

Akka nama doonii tolchuudhaaf garduumiif murtuu baatuu of fakkeessi!

Qubeetii kee lama ol fuudhi!

Si’a tokko qofa harka walitti rukuti!

Barruuwwan kee ol kaasi; naannessuudhaanis akka bokkaan roobuutti jiruutti argisiisuudhaaf qubeetii kee gadi deebisi!

Guyyoota hedduu booda bishaanichi in goge. Akka wanti tokko gogetti argisiisuudhaaf barruuwwan kee gadi qabiitii gara mirgaa fi gara bitaatti sochoosi!

Nohi, maatii isaa fi beeyladoonni doonicha keessaa akka ba’an Waaqayyo Nohitti dubbate

Doonichaan waan isaan olcheef Nohi iddoo aarsaa ijaaree Waaqayyoof galata dhiheesse

Billa lafaa deebi’ee bishaan badiisaatii akka hin balleessinee kakuu kenne kan yaadachiisu Waaqayyo waaqa keessatti sabbata waaqaa kaa’e

Bakkuma dhaabattutti adeemi!

Akka nama dhagaa wal irra kakkaa’uu of fakkeessi; isa boodas harkawwan kee ol fuudhiitii galataan gara waaqaa ol ilaali!

Sabbata waaqaa bakka buusuudhaan harka mirgaa kee ol kaasii akka hiddaatti dabsi

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii Jireenyaan Wal-Fudhachiisuu: jechooda abdii eeggachuu

Ijoollee marsaadhaan teessisiitti akkas jedhii gaafadhu. Dubbiin abdii maali? (Dubbii abdii jechuun kan namoonni wanta tokko nan hojjedha jedhanii, hojjetanii dha.) Dubiin abdii ati

kennite maali? (Ijoolleen yaada isaanii haa dubbatan. Tarii meshaa taphaa isaanii walitti qabuu, micicuu malee gara hirribaa adeemuu, irbaata isaanii nyaatanii fixuu, yeroo waamaman dhaquu, wanta dhugaa dubbachuu abdachiisaniiru ta’a. Deebiiwwan sababaan dhihaatan hunda fudhadhu.)

Dubbii abdii namoonni isiniif kennan keessaa muraasi maal fa’i? (Ammas akka ijoolleen dubbatan eyyamiif. Deebiin isaanii tarii yeroo hirribaa isaanii isa beekamaa irra dabarsanii turuu akka danda’an eyyamuufii, saganta televizyinaa adda ta’e tokko akka ilaalan eyyamuufii, isaanii wajjin taphachuu, gara iddoo bashannanaa yookiin qarqara laga isaanitti dhihoo jiruutti isaan geessuu qabaachuu in danda’a.)

Yeroo hundumaa dubbii abdachiistan hundumaa eegdaniittuu? (Dubbii abdii kennine yeroo hundumaa eeguu kan hin dandeenye ta’uu keenya barattoonni akka hubatan gargaari. Kunis kan inni ta’uuf yeroo tokko tokko haalonni waan jijijjiiramaniifii dha. Yeroo biraa immoo wanta hin fedhiniif ta’uu in danda’a. Yeroo tokko tokko immoo isa hojjechuuf abdachiisne in irraanfanna ta’a.)

Namoonni wanta isin abdachiisan hundumaa isiniif raawwataniiruu?(Hin raawwanne. Sababiin isaa kanneen olitti kaa’aman wajjin wal fakkaata.)

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti dubbiin abdii Waaqayyo Nohiif kenne maal ture? (Nohii fi maatiin isaa bishaan badiisaatiin akka hin duune Waaqayyo Nohiin abdachiisee ture. Bishaan badiisaa boodas biyya lafaa deebi’ee bishaaniin akka hin balleessine Waaqayyo abdii kenneef.)

Waaqayyo abdii nuuf kenne yeroo hundumaa in eegaa? (Eeyyee.) Kana attamitti beektu? (Waaqayyo yeroo hundumaa gaarii waan ta’ee fi waan hin sobneef waan nu abdachiise yeroo hundumaa in eega. Macaafni Qulqulluun Faarfannaa 145:13b irratti, “Waaqayyo dubbii isaa hundumaatti amanamaa dha” jedha.

Akkas jechuudhaan itti fufi:- dubbiiwwan abdii Waaqayyo nuuf kenne keessaa guddisee kan caalu abdii Inni cubbuukeenyattii nu fayyisuudhaafnuufkenneedha. Waaqayyoabdii kana attamittiin eege? Waaqayyo Ilmi Isaa Yesus waa’ee cubbuu keenyaaf fanoo irratti akka du’u, waa’ee keenyaaf cubbuu, du’aa fi seexana humnaan mo’ee akka ka’uuf Isa erge.)

Waaqayyo abdii nuuf kenne hundumaa maaliif eega? (Waaqayyo abdii nuuf kenne kan Inni eeguuf waan nu jaallatuufii dha.)

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:- "Waaqayyo keenya Waaqayyo isa fayyisuu dha" (Faarfannaa 68:20a).

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sana barattootaaf dubbisi. ‘Waaqayyo karaa Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisa’ jedhi.

Akka barattoonni luqqisii Macaafa Qulqulluu kana yaadataniif gargaaruudhaaf harka walitti rukutuu wajjin isaan barsiisi. Yommuu ijoolleedhaaf luqqisicha keessa deebituuf akka kanatti fufee jirutti harka rukutuu itti dabali.

Waaqayyo keenya (Chuwaa! Chuwaa!) Waaqayyo Isa (Chuwaa! Chuwaa!) fayyisuu dha (Chuwaa! Chuwaa!). Harka walitti rukutuu wajjin luqqisicha irra deebi’iitii jedhi. Isa boodas akka ijoolleen sii wajjin harka walitti rukutaa luqqisicha jedhaniif toosisi. Hamma ijoolleen luqqisicha sirriitti baranitti yeroo baay’eedhaaf irra deddeebi’iif.

Faarfannaa:- Faarfannoota kanneen keessa deebitanii faarfachuu yookiin shaakaluu itti fufaa:-

Guddaa guddaa caalu (Lakkoofsa 13)

Waaqayyo Gaarii dha (Lakkoofsa32)

Galanni, galanni… Waaqayyoof haa ta’u (Lakkoofsa 5) jedhan faarfadhaa.

Hojii harkaa:- fannoowwan sabbata waaqaa

Akkas jedhii gaafadhu:- bishaan badiisaa booda Waaqayyo deebi’ee akka biyya lafaa akka sanatti hin balleessine yaadachiisuudhaaf mallattoon Inni waaqa keessatti hojjete maali? (Sabbata waaqaa ti). Sabbati waaqaa maal fakkaata? (Ijoollee keessaa hangi tokko haa himan). Sabbati waaqaa yommuu bokkaa cimaa caamee tiifuu isa dhumaa keessa aduun ba’u mul’ata. Haalluuwwan sabata waaqaa yommuu ifti biiftuu coccopha bokkaa keessa darbuu fi coccopha bokkichaa irraa calaqqisu uumama. Sabbata waaqaa keessatti haalluuwwan attamii argitu? (Diimaa, burtukaana, keelloo, magariisa, cuquliisa, cuquliisa gurraachaa fi bildiimmee.)

Akka ijoolleen fakkii fannoo hojjetaniif waraqaa, yookiin fakkii fannoo dura qopheessite hiraafii utuu jirtuu akkas jedhii gaafadhu:- yommuu fannoo ilaaltan waa’ee maalii akka yaadattan isin taasisa? (Akka Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf fannoo irratti du’ee fi du’aa ka’e yaadanna.) Waaqayyo cubbuu keenya irraa nu fayyisuudhaaf Ilma Isaa Yesusiin akka Inni Fayyisaa nuuf ta’uuf erguudhaan wanta dursee nu abdachiise nuuf raawwate. Akka Waaqayyo wanta nu abdachiise hundumaa, addumaan immoo karaa Yesusiitiin nu fayyisuudhaaf isa nu abdachiise nuuf raawwate akka nu yaadachiisuuf mee fakkiiwwan fannoo kana haalluu sabbata waaqaa ifaa ta’e haa dibnu.

Kobbii haalluu diimaa, burtukaana, keelloo, magariisa, cuquliisa, cuquliisa gurraachaa fi bildiimmee ijoolleedhaaf hiri. Akka ijoolleen kobbii haalluu adda addaa kana fayyadamanii fakkii fannoo isaanii toora haalluu sabbata waaqaa diban taasisi. Akka fakkiin fannoo isaanii guutummaatti haalluu sabbata waaqaa qabaatuuf hamma isaaniif danda’ametti gadi itti qabanii fi dotteessanii akka diban barattootatti himi. Itti dabalees barattoonni fannoowwan isaanii gadi gara galchanii ammas gadi itti qabanii fi dotteessanii haa diban. (Yaadachiisa:- minjaala yookiin lafa bakka barattoonni itti haalluu sana diban irra haalluun biroon jiraachuu hin qabu; barattoonni sun fannoowwan isaanii haalluu dibanii utuu hin xumurin fannoowwan sana hin murinaa.) Barattoonni yommuu haalluu dibanii xumuran boca fannoo isaanii waraqaa irraa muranii haa baasan. Isa boodas foddaa ifa galchu irratti qabuudhaan akka halluun fannoo isaanii ifu haa ilaalan. (Yaadachiisa:- akka ijolleen galanii foddaa mana isaaniitti fannoo sana hin maxxansine isaanitti himi. Sababiin isaas haalluwwan dibaman sana ho’i baqsee foddaa xureessa.)

Kadhannaa Xumuraa:- qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa kadhadhu.

Baafata

Barumsa 6

Waaqayyotti Amanuu Abrahaam (Seera Uumamaa 11-15)

Macaafa Seenaawwan Macaafa QulqulluuQooda Ijoollee (Fuula 26-27)

Dhugaa Ijoo

Waaqayyo akkuma Abrahaamiin eebbise, nuyinis karaalee tokko tokkoon isaanii nuuf galuu hin dandeenye baay’eetiin nu eebbisa. Eebbi guddaan Waaqayyo ittiin nu eebbise Yesus Kristositti amanuu fi fayyuu keenya.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Waaqayyoyommuu isaan geggeessuu fikunuunsu jireenyaisaanii keessatti hojjechaa akka jiru in BEEKU.

• Wanti Waaqayyo dubbatu hundinuu dhugaa akka ta’e amanuutti in GUDDATU

• Kallattii Inni irra isaan geggeesu hundumaa fi hojii Inni hojjetu hundaa amanamummaatiin hordofaa in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu: «Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin» (Fakkeenya 3:5).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

• Boca qajeelfama kana gara dhumaa irra jiru waraqaa adii yookiin keelloo irraa urjoota xixinnoo 20-30 ta’an muri.

• Baatirii/ibsituu

• Waraqaa adii yabbuu (kaardii) yookiin waraqaa giddu galeessa fakkii irratti kaasuuf ta’u tokkoo tokkoo barataaf

• Fo’aa qalloo yookiin kirrii shurraabaa

• Ciccitaa shurraabaa calaqqisaa, hidhaa uccuu qalloo, waraqaa haalluu adda addaa fi yoo danda’ame uccuu

1. Urjoota sarara ciccittuudhaan kaafaman kanneen qajeelfama kana fuula gara dhumaa irratti argaman fayyadamuudhaan, urjoota waraqaa adii yookiin keelloo irra jiran keessaa 20-30 irratti mallattoo tolchi. Urjoota sanas murii baasi. Kutaa keessaatti kornisiitti fo’aa yookii kirriidhaan hidhii rarraasi. Akka lakkaa’uun isaa ijoollee danqutti urjoota sana walitti gobbisi. (Yaadachiisa: yoo koornisiin ol fagoo ta’e, keenyan irratti bakka hojjaan kee qaqqabutti urjoota sana pilaasteraan maxxansi.)

2. Yeroo barsiistu yoo horgoggeewwan qajeelfama kana gara duubaa irra jiran fayyadamta ta’e, kanneen Barumsa 6ffaa kanaaf yaadaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sana murii baasiitii haalluu dibi. Haphee fayyadamii tokkoo tokkoo horgoggee muka yookiin baala guddaa yabbuu wajjin walitti maxxansi.

3. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana himuudhaaf filmaata 2ffaa fayyadamta yoo ta’e, ijoollee keessaa dhiira guddaa bakka Abrahaam ta’ee hojjetu barbaadi. Namni kun barumsa 7ffaa keessattis seenaa Abrahaam bal’inaan akka dubbatu hubadhu. Barumsa kana keessattis mata-duree “Seeanaa Macaafa Qulqulluu himuu” jedhu jalatti dubbisa jiru waraabbii isaa nama isa dubbatu kanaaf kenni. Abrahaam seenicha yommuu dubbatu akka uffatuuf waaroo, faan-jalee fi marata mormaa qopheessiif.

4. Barumsa 1-5 keessatti horgoggeewwan namoota Macaafa Qulqulluu keessaa bakkeebubuusuudhaan itti fayyadamte walitti qabi. Addaam, Hewaan, Qaayin, Abeel, Nohi, Seem, Kaam, Yaafeetii fi barumsa isa kana keessatti immoo Abrahaam si barbaachisu. Barumsa kana keessatti hogoggeewwan kanneen keessa deebii saffisaaf itti fayyadamta. “Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu” kan jedhu ilaali.

5. Waraqaa sarara ciccitaa urjii guddaa qabuu fi qajeelfama barumsa kana keessatti kenname fayyadamuudhaan fakkeenyaaf kan ta’u “urjoota abdii” hojjedhu. Urjoota lamaan waraqaa kaardii adii yookiin waraqaa kaardii salphaa ta’e keessaa kan barbaadde irratti tolchi.

6. Waraqaa sarara ciccitaa urjii guddaa qabu waraqaa kaardii irratti baay’isi (tokkoo tokkoo barataaf waraqaa urjoota lama qabu tokko tokko kenniif). Yookiin waraqaa fakkii sarara ciccitaa tokko qabu waraabbii taasisii, urjii tokko murii baasii akka tokkoo tokkoon barataa fakkii urjoota lama lama ittiin kaasuu danda’uuf itti fayyadami. Yoo barbaachisaa dha ta’e urjoota waraqaa kaardii sana irra jiran fakkii isaa hojjechuu kee mucaa waggaa afuriitiif duursitee muruufii in dandeessa. Barattoonni gurguddoonni urjoota sana ofii isaaniitii muranii baasuu in danda’u.

7. Waraqaa kaardii yookiin kaartoonii argachuu hin dandeessu yoo ta’e, waraqaadhuma beekamaa ta’e irratti fakkii urjii sarara ciccitaa sana baay’isi. Akka tokkoon tokkoon ijoollee hojii fakkichaatiif itti fayyadamaniif fo’aa qalloo yookiin kirrii shurraabaa inchii 12 kutii qopheessiif.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

Barumsa kana qayyabachuu eegaluudhaaf, Macaafa Qulqulluu kee keessaa Seera Uumamaa 11:10-15,21 dubbisi.

1. Abrahaam bara jireenya isaatti hamma yoowwanaatti Abraam jedhamee waamama ture. Abraam jechuun “Abbaa ulfina qabeessa” jechuu dha. Abraam Seera Uumamaa 17 irraa eegalee garuu Abrahaam jedhamee waamame; Abrahaam jechuunis “Abbaa saba baay’ee” jechuu dha. Barattoota barsiistuuf akka ifuufitti yeroo hundumaa waa’ee isaa yommuu

dubbattu Abrahaam jedhii waami. Abrahaam umurii waggaa 99 yommuu ta’etti Waaqayyo abdii kenneefii ture yaadachiisuudhaan maqaa isaa akka jijjiire kutaa barumsa har’aa kaassatti in barsiista.

2. Abraam hidda dhaloota ilma Nohi, sanyii Seem ture. Seera Uumamaa 11:10-32 keessatti itti fufiinsa hidda dhaloota Masihichaa isa Seera Uumamaa 5 keessatti eegalame ibsa. Seem iraa hamma Abraamitti namoota dhaloota kudhan ta’antu turan.

3. Taaraan abbaan Abraam, Abraam, Sooraa haadha manaa Abraamii fi ilma obboleessa Abraam isa ta’e Looxii wajjin Uur biyya Kaliidotaa kan Baabiloon ishee durii keessatti argamutu irraa gara Kana’aan (amma Israa’el kan jedhamu)tti adeeman. Imala irra utuu jiraniis Taaraan Mesoppotamiyaa irraa gara Kaabaatti laga Efiraaxiisitti dhihootti kan argamu Kaaraan keessabuufachuuf murteesse. AkkumaUuritti ta’aa ture,Kaaraanis bakka teessoo waaqa tolfamaa Mesoppotaamiyaa waaqayyo urjii isa Siin jedhamee waamamuu ture. Taaraan Waaqayyoon kan amanu hin turre; qooda isaas waaqayyoolii tolfamoo waaqessa. Waaqayyo akka Abrahaam Isatti amanuuf ayyaana Isaa kenneef.

4. Taaraan Kaaraanitti erga du’ee booda akka Abraam maatii isaa wajjin achii ka’ee “gara biyya ani si argisiisuu dhaqi” jedhee Waaqayyo isa waametti adeeme (Seera Uumamaa 12:1). Kanaaniis Abraamiin bakka amantii fi amantoota dogoggoraa keessaa baasuudhaan Waaqayyo ayyaanaa fi araara itti argisiise. Waaqayyo eessatti akka isa geggeessu Abraam hin barre. Jecha geggeessaa Waaqayyoo amanatee ture.

5. Seera Uumamaa 12:2-3 keessatti Waaqayyo abdii kutaa torba qabu Abraamiif kenne. Waaqayyo Abraamiin, “Ani saba guddaa sin godha”, “sin eebbisa”, “maqaa kee nan guddisa”, “eebbas in taata”. “Warra si eebbisan nan eebbisa”, “warra si salphisan nan abaara”, “qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu” jedheen. Abraam umuriin isaa waaggaa 75 ta’us mucaa tokko illee waan hin qabneef abdii kana hubachuun isa rakkisuu hin oolle. Haati manaa isaa Saaraayis dhabduu turte (Seera Uumamaa 11:30).

6. Kutaa inni hafe, Seera Uumamaa 12-14, imala gurguddaa Abraam Kaaraanii ka’ee imale nutti hima. Waa’ee jireenyaa fi walitti dhufeenya inni ilma obboleessa isaa Looxii wajjin qaba ture hubannaa argachuuf boqonnaawwan kanneen ilaali.

7. Seera Uumamaa 15:1-6 irratti Waaqayyo abdii Boqonnaa 12 keessatti Abraamiif kenne akka raawwatu keessa deebi’ee mirkaneessaaf. Utuu Abraam tajaajiltoota isaa keessaa tokkotu na dhaalaa jedhee sodaatuu (Seera Uumamaa 15:2-3), Waaqayyo Abraamiin gara dirreetti baasee sanyiin isaa akka urjoota waaqaa akka baay’atu itti hime (Lakk. 5). Abraam sirriitti arguu kan danda’u urjoota 8000tii ol kan ta’an waaqa keessa jiru.

8. Xumura irrattis Yesus sanyii Abrahaam keessaa tokko ta’e. Nuyis Yesusitti amanuu keenyaansanyii Abrahaam taane. Galaatiyaa3:6-9 akkas jedha; «Abrahaamin yoo ilaalle, “Inni Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti lakkaa'ameef” kan jedhu caafameera.

Egaa warri amananAbrahaamiif ilmaanakka ta'anhubadhaa!Waaqayyo warra saba isaa hin ta'in amantiidhaan qajeelota gochuuf akka jiru, duraan dursee caaffata qulqullaa'aa keessatti dubbachiiseera; inni Abrahaamiin, “Sabni hundinuu siin in eebbifamu” jedhee duraan dursee misraachoo itti himeera. Egaa warri amanan, Abrahaam isa amanee wajjin in eebbifamu.»

Barumsa dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Gocha sochiin argisiifamu:- (kun hunda ijoollee ilaallata) geggeessicha hordofi!

Akka ijoolleen gara keetti gara galanii tooraan dhaabbatan taasisi. Xapha “geggeessicha hordofi” jedhu “in xaphanna” jedhi. Tapha kana keessatti ani geggeessaan ta’a; isin immoo hordoftoota koo ti. Sirriitti ana dhaggeeffadhaa. Wanta ani hojjedhu hundumaa isinis isuma akka hojjettan nan barbaada. Qophooftaniittuu? Amma haa eegallu.

Daqiiqaawwan hedduu itti fufan keessatti sochiiwwan adda addaa isa tokko irraa gara isa kaaniitti jijijjiiraatii hojjedhaa. Sochiiwwan kanneen keessaa tokko tokko bakka jirtu adeemuu, bakka jirtu hiriiruu, mataa olii fi gadi sochoosuu, harka kee mirgaa (bitaa) ol kaasuu fi gadi deebisuu, Bakkuma dhaabattutti of irra naanna’uu; mataa kee harka mirgaatiin rurrukutuu fi kana kan fakkaatan of keessaa qaba. Bu’aan tapha kanaa sochiiwwan akka itti fufanii fi yommuu ati sochiiwwan jijijjiirtu akka ijoolleen xiyyeeffannaa isaanii si irra taasisan dandeessisuu dha. Sochicha isa kamiin iyyuu sekondii 10 caalaa hin taasisin. Yoo sitti tole sochiwwan irra deebi’i. Erga tapha sana xumurtanii booda ijoollee fuula kee dura teessisi. Ana hordofuudhaan hojii guddaa hojjettan. Akka ta’utti geggeessaa keessan hordofuudhaaf maal gochuutu isin irra jira? jedhii gaafadhu. (Utuu gargar hin kutin xiyyeeffannoo keessan geggeessaa keessan irra taasifachuu fi wanta inni dubbatuu fi hojjetu yaada guutuudhaan hordofuutu isin irra jira.)

Akkas jechuudhaan itti fufi; waa’ee namicha Abrahaam jedhamu tokkoo Macaafa Qulqulluu keessaa baranna. Waaqayyo akka Abrahaam Isa duukaa bu’uuf waame. Caalchistanii waa’ee isaa beekuudhaaf Macaafa Qulqulluu sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:“Gooftaa sagalee Keetii kattaa dhagaa cabsita” (Lakkoofsa 10) jedhu faarfadhaa. Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1:- Macaafa barsiisa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” jedhu keessaa “Amantii Abrahaam Waaqayyo irratti qabu” isa jedhu yommuu dubbistu calchisanii akka dhaggeeffatan taasisuuf fakkiilee horgoggee fuula gara duuba qajeelfama kaanaa irra jiran fayyadami. Seenicha itti himuu kee keessa isa Waaqayyo urjoota isatti argisiisuuf Abrahaamiin alatti gadi baase bira yommuu geessu ibsaan kuticha keessa jiru akka dhaamu taasisi. Urjoota qinaaxxii irratti maxxansite (yookiin keenyan irratti ol fageessitee kan rarraastetti) baatirii ibsi. Akka barattoonni lakkaa’an toosisi.

Filmaata 2:- Abrahaamiin fakkaattee akka hojjetuuf nama umuriin isaa guddaa ta’e afeeri. Waaroo fi kophee baaqqee itti uffisi. Akka bara Abrahaam fa’itti namoonni yeroo marata mataatti marataniitti itti mari. Ijoollee Abrahaamitti naannessii teessisi. Abrahaamiin garee sanaa wajjin wal barsiisi. Akka ilaalcha Abrahaamitti dubbisa qophaa’e seenaa Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuudhaan haa dubbatu.

Shaaloom!Afaan Ibirootaatti nagaa!jechuu dha.Abrahaamin jedhama.Har’akan ani asitti argameef, akka ani Isa duukaa bu’uuf Waaqayyo attamitti akka ana waame seenaa koo isinitti himuufii dha. Waaqayyo dubbii abdii dinqisiisaas anaaf kennee jira. Dhimma kana daqiiqaawwan muraasa booda isinitti nan hima.

Nohi firoota koo keessaa isa tokko ture. Ilmi isaa Seem abbaa, abbaa, abbaa, abbaa, abbaa, abbaa, abbaa, abbaa kootii ti. Maqaan abbaa koo Taaraa jedhama. Bakki ani itti dhaladhee guddadhe Uur jedhama. Haadha manaa Saaraayi jedhamtun fuudhe. Anii fi haati manaa koo Saaraayi ijoollee qabaachuudhaaf barbaannee turre. Garuu hamma ammaatti Waaqayyo ijoolleedhaan nu hin eebbisne.

Waggoota muraasa dura abbaa koo, haadha manaa koo, ilma obboleessa koo Looxii fi ani gara magaalaa Kaaraan isa laga Efiraaxiisittidhihoojiruu adeemne.Iddoon isaa gaarii ture. Garuu abbaan koo fi namoonni iddoo sana jiraatan waaqayyolii sobaa waaqessu turan. Waaqayyo Inni tokkichi dhugaan garuu Isatti amanuu anaaf kenne.

Achitti abbaan koo in du’e.Yeroon sun anaafgaddisiisaa ture.Isa boodawantadinqisiisaatu ta’e. Waaqayyo, “Kaaraan keessaa akka baatu nan barbaada. Gara biyya haaraatti si geessuun barbaada. Sii fi Saaraayidhaaf mucaa dhiiraa isiniif nan kenna. Ilma keessaniifis ijoollee fi ijoollee ijoollee nan kenna. Yeroo yartuu booda lafti guutummaan ijoollee keetiin in guuta. Masihii, Fayyisaan inni Ani abdachiisee ture gaaf-tokko ijoollee ijoollee kee keessaan in dhalata” jedhee anatti dubbate.

Nama dinqa! Waaqayyo achii ba’ee gara biyyan gonkumaa hin beeknee akkan adeemu barbaade. Bakka haaraa ta’e adeemtanii beektuu? Gara iddoo haaraa adeemuun rakkisaa ta’uu in danda’a.Hiriyootahaaraaargachuun yeroofudhachuu in danda’a.Iddoon haaraan sun hammam akka fagaatu illee hin beekun ture. Yommuu Waaqayyo akka ani ilma godhadhuu fi irra darbee iyyuu ijoollee, ijoollee, ijoollee ilma kootiis akkan qabaadhu anatti dubbate nan dinqifadhe. Isaan kun hundinuu attamitti akka jiraatan ani hin beeku; garuu Waaqayyoon nan amanadha. Inni humna jabaa qaba waan ta’eef wanta kamiin iyyuu hojjechuu akka Inni danda’u nan beeka. Wanti Waaqayyo dubbatu hundinuu dhugaa ta’uu isaa nan beeka.

Waaqayyoof abboomameen gara Kana’aan dhaqe. Dhuguma iyyuu Kana’aan biyya miidhagaa dha. Haa ta’u iyyuu malee gara kana dhufuun keenya dhihoo dha. Anii fi Saaraayi amma illee mucaa tokko illee hin qabnu; nuyi immoo dulloomaa jirra.

Gaaf-tokko halkan Waaqayyo gara koo dhufe. Dunkaana koo keessaa ana baasee, “Ati amma ilma tokko illee hin qabdu; garuu gara waaqaatti ol ilaali. Urjoota kana lakkaa’uu in dandeessaa?” anaan jedhe.

Anis ol jedheen gara waaqaa ilaale. Urjoota baay’ee, baay’ee, baay’eetiin guutee jira. Urjoota baay’ee kanneen ani lakkaa’ee fixuu hin dandeenyetu turan.

Waaqayyos, “Ijoolleen ati qabaattu akka kana baay’atu. Atis isaan lakkaa’uu hin dandeessu” jedhee anatti hime.

Amma umuriin koo waggoota 100 guutuuf jedha. Anii fi Saaraayi amma iyyuu ilma tokko illee hin qabnu. Garuu Waaqayyo isa ana abdachiise akka raawwatu amma iyyuu nan amana.

Haasaa isaa akka inni xumureen, seenaa isaa barattoota kanatti himuuf waan dhufeef Abrahaamiin eebbisi. Itti fufees seenaa Abrahaam caalchisanii akka dhaggeeffachuuf jiran ijoolleetti himi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Yommuu Waaqayyo akka ilma isaaf kennu waadaa galeef Abrahaam nama waggaa meeqaa ture? (Abrahaam umuriin isaa waggoota 100 guutuutti dhihaateera.)

2. Waaqayyo kakuu kakateef akka raawwatu Abrahaam in amanee? (Eeyye, Abrahaam Waaqayyoon amanateera.)

Sochii hojii keessa deebiif:-Taatewwan Macaafa Qulqulluu gaaffilee yaalii

Barattoonni kee Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu hamma ammaatti qayyabatan akka yaadatanii fi jireenya namoota Macaafa Qulqulluu keessatti hojii Waaqayyo hojjete keessa deebi’uudhaaf gocha kana fayyadami.

Ijoollee marsaadhaan teessisi. Akkasis jedhiin; “Barumsa Macaafa Qulqulluu keenya keessatti akkaataa Waaqayyo itti jireenya saba Isaa keessatti hojjetu barachaa turre. Mee waa’ee namoota Macaafa Qulqulluu kanneen barachaa turre hammam akka yaadattan haa ilaallu. Yommuu waa’ee tokkoo tokkoo namaa ibsinu sirriitti dhaggeeffadhaa. Namni ani waa’ee isaa isiniif ibsu maqaa isaa waan beektan yoo isinitti fakkaate ka’aa dhaabadhaa. Yommuu aniibsakooxumuru,hundumtikeenyayeroodhumatokkichamaqaanamichaainwaamna.” Ibsicha tokkoo tokkoo isaa dubbisi. Namni Macaafa Qulqulluu waa’een isaa ibsame xumura irratti maqaan isaa in himama. Barattoonni sun hirmaataa taatee sanaa yaadachuun in rakkisa yoo ta’e, horgoggee hirmaataa taatichaa bakka bu’u itti argisiisuudhaan qeeqa kenniif.

1. Maqaan abbaa koo Taaraa dha. Bara jireenya kootti keessatti bakka hedduun naanna’e. Yommuu Waaqayyo akkaani Kaaraaniin dhiisee gara lafa haaraa adeemu anatti hime, qajeelfama Isaa amantiidhaan fudhadheera. Akka ani ijoollee baay’ee qabaadhu Waaqayyo ana abdachiiseera. Haa ta’u iyyuu malee anii fi haati manaa

koo Saaraayi guddaa dulloomneerra. Ilma tokko illees hin qabnu. Ani (Abrahaamii) dha.

2. Waaqayyolafeecinaachaaabbaamanaakootii irraadinqiitti anatolche.Ani dubartii jalqabaa fi haadha jalqabaa ti. Maqaan abbaa manaa kootii Addaam jedhama. Maqaan ijoollee kootii Qaayin, Abeelii fi Sheet jedhama. Ani (Hewaanii) dha.

3. Maatii koo anatti aanan irraa kan hafe namoonni biyya lafaa kana irra jiraatan hundumtuu Waaqayyoon hin amanan yoo ta’e iyyuu, ani Isa nan amanadha. Waaqayyo badiisa biyya lafaatti fiduuf ture jalaa abdii ani ittiin oolu anaaf kenne. Wanta baay’ee guddaa ta’e tokko ijaaruudhaaf garduumii fi cinqaara hedduu fayyadamuutu ana barbaachise. Yeroo rakkinaa sana keessatti beeyladoota hedduu kunuunsuudhaaf haati manaa koo, ijoolleen dhiiraa koo sadanii fi haati manootii ijoollee kootii ana gargaaraniiru. Ani (Nohii) dha.

4. Hoolotan horsiisa. Ani Waaqayyoon nan jaalladha. Hoolota koo keessaa isa keessaa caalun aarsaa Isaaf dhiheesse. Obboleessi koo sababa arsaa kootiif anatti hinaafee ana ajjeese. Ani (Abeelii) dha.

5. Waaqayyo biyyoo lafaa irraa ana tolche. Beeyladoota hundumaa maqaa moggaasuudhaaf aboo argadheen ture. Yeroo tokko iddoo dhaabaa guddaa miidhagaa keessan jiraadhan ture. Isa booda cubbuun koo fi kan haadha manaa kootii waan hundumaa jijijjiire. Ani (Addaamii) dha.

6. Qotee bulaan ture. Aarsaan midhaan irraa dhiheesseef Waaqayyoof ulfina hin kennine. Waaqayyo obboleessa kootiif ayyaana waan kenneef isatti hinaafeera. Guddiseen aare; nan ajjeeses. Kana gochuu kootiif Waaqayyo akka ani maatii koottii adda ba’u ana taasise. Bara jireenya koo guutuu iddoodhaa gara iddootti akka ani jooru anatti hime. Garuu wanta ani obboleessa koo irratti raawwadhe sanaaf namni ana arge akka ana hin miineef Waaqayyo mallattoo anaaf tolche. Ani (Qaayinii) dha.

7. Abbaa fi haadha keenyaa wajjin bishaan badiisaa isa jibbisiisaa sana oolleerra. Nuyi obboloota sadii dha. Maqaan keenya (Seem, Kaamii fi Yaafet).

Seenaa Macaafa Qulqulluu kana jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu:- Abbaabbaa Abrahaam

Ijoollee marsaadhaan teessisi. Akkasis jedhiin; tokkoo tokkoo seenaa Macaafa Qulqulluu kana baay’ee isaa keessatti waa’ee abdiiwwan Waaqayyo namaaf kennuu baay’ee dudubbanneerra. Waaqayyo jechoota abdii namaaf kennu hundumaatti amanamaa (abdatamaa) akka ta’e in beekna. Addaamii fi Hewaan erga cubbuu hojjetani booda Waaqayyo abdii attamii isaaniif kenne? (Waaqayyo Fayyisaa Isa cubbuu isaanii irraa fuudhuu fi isaan gargaaru akka isaaniif ergu abdachiise).

Qaayin obboleessa isaa Abeeliin erga ajjeesee booda Waaqayyo abdii attamii kenneef? (Qaayin yommuu iddoodhaa gara iddootti jooru miidhama irraa isa eeguudhaaf Waaqayyo abdii kenneef).

Bishaan badiisaa booda Waaqayyo Nohii fi maatii isaaf abdii maalii kenneef? (Waaqayyo lammaffaabishaanbadiisaatiinbiyyalafaaakkahinballeessineabdiikenneef). AbdiinWaaqayyo Abrahaamiif kenne maal ture? (Yommuu Abrahaamii fi maatiin isaa Isa duukaa bu’anii gara biyya haaraa adeeman akka isaan eegu Waaqayyo abdii kenneef. Ijoolleen Abrahaam baay’ee, baay’ee ta’uuf akka jiran Waaqayyo in abdachiise.) Abdii dinqisiisaa Waaqayyo isaaf kenneef deebiin Abrahaam maal ture? (Kun attamitti akka ta’u hin beeku yoo ta’e illee Abrahaam akka Waaqayyo ijoollee baay’ee isaaf kennu in amane. Abrahaam jaalalaa fi amanannaadhaan, amanamee Waaqayyo duukaa bu’e.)

Waaqayyo waa’ee wantoota gurguddaa abdii nuuf in kenna. Macafni Qulqulluun inni Macaafa Waaqayyoo ta’e waa’ee abdiiwwan Waaqayyo nuuf kennee hundumaa nutti hima. Bakka nuyi jirru kam keessattii fi bakka itti nu geessu hundumaatti nu eeguudhaaf akka Waaqayyo abdii nuuf kenne Macaafni Qulqulluun nutti hima. Karaan Waaqayyo ittiin nu eegu muraasi maal fa’i? (Akka Waaqayyo nu eegu akka barruuf namoota nu gargaaran nuuf kenna. Bakka jiraannu, midhaan nyaannu, uffata uffannus Waaqayyo nuuf kenna. Waaqayyo hiriyoota nuuf kenna. Yeroo dhukkubsannu Waaqayyo doktoorota, neersotaa fi namoota biroo kanneen nu kunuunsaniif beekumsa kennaaf.)

Waaqayyo yeroo hundumaa akka nu jaallatu abdii akka nuuf kenne Macaafni Qulqulluun nutti hima. Sababa hojii Fayyisaan keenya Yesus fannoo irratti nuuf hojjeteef akka Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisuuf abdii nuuf kenne Macaafni Qulqulluun nutti hima. Waaqayyo Yesusiif jedhee cubbuu keenya nuuf dhiisuu qofa utuu hin ta’in, abdii jireenya haaraa, isa bara baraas immoonuufkenna.Inniakkawaaqa irratti manaqabnu ab7diinuuf kenna.

Yeroo tokko tokkoo, keessumattuu yommuu dhukkubaan yookiin miidhamaan rakkinni nu mudatu, yookiin haala sodaachisaa keessa yommuu seennu Waaqayyo attamitti akka nu gargaaru hin beeknu. Garuu akka Inni yeroo hundumaa wanta gaarii nuuf hojjetu amanachuu in dandeenya. Karaa Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf abdii nuuf kenne dursee nuuf raawwateera waan ta’eef Isa amanachuu in dandeenya. Macaafni Qulqulluun, «Kana hundumaa irratti Waaqayyo gara keenya erga ta'ee, eenyutu nu irratti ka'a jenna ree? Waaqayyo ilma isaa utuu hin mararsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee erga kennee, waan hundumaas immoo ilma isaa wajjin tola nuuf hin kennuu ree?» jedha. Jaallatamoo ijoollee Isaa waan taaneef Waaqayyo eebbawwan dinqisiisoo hedduudhaaf abdii nuuf in kenna.

Akka Isa irratti amanannaa qabaannuuf karaa amantii Waaqayyo nuuf kennuun nuyi ijoollee Abrahaami! Eeyyee, kuni dhugaa dha! Yesusiin Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya taasifannee waan Isa kadhannuuf nuyi sanyii dhaloota Abrahaam warra baay’ee keessaa

tokkoo dha. Abadii hedduu nuuf kennuu fi nuuf raawwatuuf faarfannaa ittiin Waaqayyoon galateeffannu tokko haa barannu.

Faarfannaa: Waaqayyoo koo, kan akka Keetii eessatti argamaa?(Lakkoofsa33)jedhu barsiisi. Akka barttoonni marsaa bal’aa tolchan taasisi. Itti fufees, akka ijoolleen jechoota unka kanatti fufee jiru keessatti argaman sochii isaas irra deebian taasisi.

Dubbadhu/Faarfadhu

Abbaabbaa Abrahaam ijoollee hedduu qaba ture

Abbaabbaa Abrahaam ijoollee hedduu qaba ture

Ani isaan keessaa tokko; atis isaan keessaa tokko

Kanaaf hundumti keenya Goofticha haa galateeffannu! Harka mirgaa!

Abbaabbaa Abrahaam ijoollee hedduu qaba ture

Ijoollee hedduu qaba ture Abbaabbaa Abrahaam

Ani isaan keessaa tokko; atis isaan keessaa tokko; kanaaf hundumti keenya Gooftaahaagalateeffannu!Harkamirga!

Hojjedhu

Bakkuma dhaabattutti adeemi!

Bakkuma jirtu adeemuu itti fufi!

Dhaabadhu; ofitti quba qabi; itti aansuudhaan hiriyaa keetti quba qabi!

Bakkuma jirtu adeemaa harka mirgaa kee ol kaasii gadi deebisi!

Bakkuma jirtu adeemaa harka mirgaa kee ol kaasii gadi deebisi!

Bakkuma jirtu adeemaa harka mirgaa kee ol kaasuu itti fufi!

Dhaabadhu; ofitti quba qabi; itti aansuudhaan hiriyaa keetti quba qabi!

Harka bitaa! Miilla mirgaa, miilla bitaa! Bakkuma jirtu adeemaa harka kee mirgaa fi bitaa ol kaasii gadi deebisi!

Abbaabbaa Abrahaam ijoollee hedduu qaba ture

Ijoollee hedduu qaba ture Abbaabbaa Abrahaam

Ani isaan keessaa tokko; atis isaan keessaa tokko

Kanaaf hundumti keenya Gooftaa haa galateeffannu! Harka mirga!

Bakkuma jirtu adeemaa harka kee mirgaa fi bitaa ol kaasii gadi deebisi!

Bakkuma jirtu adeemaa harkawwan kee ol kaastee gadi deebisuu itti fufi!

Dhaabadhuu, ofitti quba qabi; itti aansuudhaan hiriyaa keetti quba qabi!

Miilla kee mirgaa (akka nama adeemuutti) kaasii bakka jirtu adeemi

Harka bitaa! Miilla mirgaa! Harka kee mirgaa fi bitaa ol kaasii gadi deebisi!

Abbaabbaa Abrahaam ijoollee hedduu qaba ture

Ijoollee hedduu qaba ture Abbaabbaa Abrahaam

Ani isaan keessaa tokko; atis isaan keessaa tokko; kanaaf hundumti keenya

Gooftaahaagalateeffannu!Harkamirga!

Miilla kee mirgaa (akka nama adeemuutti) kaasii bakkuma jirtu adeemaa harka kee mirgaa fi bitaa ol kaasii gadi deebisi!

Bakkuma jirtu adeemaa harkawwan kee fi miillawwam kee ol kaasuu itti fufi!

Dhaabadhuu, ofitti quba qabi; itti aansuudhaan hiriyaa keetti quba qabi!

Harka bitaa! Miilla mirgaa! Miilla bitaa! Miilla kee mirgaa (akka nama adeemuutti) kaasii bakkuma jirtu adeemaa harka kee mirgaa fi bitaa ol kaasii gadi deebisi!

Abbaabbaa Abrahaam ijoollee hedduu qaba ture

Ijoollee hedduu qaba ture Ababbaa Abrahaam

Ani isaan keessaa tokko; atis isaan keessaa tokko; kanaaf hundumti keenya

Gooftaahaagalateeffannu!Harkamirga!

Harka bitaa! Miilla mirgaa! Miilla bitaa! Hareedaan ol jedhi!

Miilla kee mirgaa (akka nama adeemuutti) kaasii bakkuma jirtu adeemaa harka kee mirgaa fi bitaa ol kaasii gadi deebisi!

Bakkajirtuadeemaaharkawwankeefimiillawwam kee ol kaasuu itti fufi

Dhaabadhuu, ofitti quba qabi; itti aansuudhaan hiriyaa keetti quba qabi!

Miilla kee mirgaa fi bitaa (akka nama adeemuutti) kaasii, areeda keetiin ol jedhii, bakkuma jirtu adeemaa harka kee mirgaa fi bitaa ol kaasii gadi deebisi!

Abbaabbaa Abrahaam ijoollee hedduu qaba ture

Ijoollee hedduu qaba ture Abbaabbaa Abrahaam

Ani isaan keessaa tokko; atis isaan keessaa tokko; kanaaf hundumti keenya

Gooftaa haa galateeffannu! Harka mirgaa!

Miilla kee mirgaa fi bitaa (akka nama adeemuutti) kaasii, areeda keetiin ol jedhii, bakkuma jirtu adeemaa, harka kee mirgaa fi bitaa ol kaasii gadi deebisi!

Bakkuma jirtu adeemaa harkawwan kee fi miillawwam kee ol kaasuu itti fufi!

Dhaabadhuu, ofitti quba qabi; itti aansuudhaan hiriyaa keetti quba qabi!

Harka bitaa! Miilla mirgaa! Miilla bitaa!

Areedaan ol jedhi! Marsaa naanna’i!

Abbaabbaa Abrahaam ijoollee hedduu qaba ture

Miilla kee mirgaa fi bitaa (akka nama adeemuutti)

kaasii, areeda keetiin ol jedhii, bakkuma jirtu adeemaamarsaanaanna’uudhaan,harkakeemirgaa fi bitaa ol kaasii gadi deebisi

Miilla kee mirgaa fi bitaa (akka nama adeemuutti)

kaasii, areeda keetiin ol jedhii, bakkuma jirtu adeemaamarsaanaanna’uudhaan,harkakeemirgaa fi bitaa ol kaasii gadi deebisi!

Ijoollee hedduu qaba ture Abbaabbaa

Abrahaam

Ani isaan keessaa tokko; atis isaan keessaa tokko; kanaaf hundumti keenya Gooftaahaagalateeffannu!Harkamirga!

Harka bitaa! Miilla mirgaa! Miilla bitaa!

Areedaan ol jedhi! Marsaa naanna’i!

Gadi taa’i!

Bakkuma jirtu adeemaa harkawwan kee fi miillawwam kee ol kaasuu fi hareeda keetiin ol jettee naanna’uu itti fufi!

Dhaabadhu; ofitti quba qabi; itti aansuudhaan hiriyaa keetti quba qabi!

Harka kee mirgaa fi bitaa ol kaastee gadi deebisaa, miilla kee mirgaa fi bitaa (akka nama adeemuutti) kaasii, areeda keetiinis ol jedhii, bakka jirtu adeemaa marsaa naanna’i; gadi taa’i!

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:-"Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu; hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin" (Fakkeenya 3:5).

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana barattootaaf dubbisi. Akkas jedhiin; Abrahaam Waaqayyoon amanatee Isa duukaa bu'e. Yoodhuma akkaataa itti Waaqayyo abdii isaaf kenne raawwatuuf hin beeku ta'e illee Abrahaam Isa amanate. Akka Waaqayyo wanta gaarii isaaf hojjetu Abrahaam in amanate. Utuu Waaqayyoon hin kadhatinii fi hin gaafatin haalota tokko tokko ofii isaatiin yaaletti Abrahaam rakkinoota hedduutu isa mudate. Waaqayyoo fi dubbii abdii isa Inni nuuf kenne akka amanannuuf Hafuurri Qulqulluun yaada garaa keenyaa keessatti hojjeta. Yommuu cubbuu hojjennuu fi Waaqayyoon amanachuu irra karaa ofii keenyaa irra waa raawwachuu yaallu Waaqayyo Yesusiif jedhee nuuf in dhiisa; fedhii Isaa fi karaa Inni irra hojjetus akka amanannuuf nu qajeelcha. Luqqisii kana barattoota xixiqqoo yeroo baesiistutti bakka sadiitti qoodii barsiisi. Jalqaba "Waaqayyoon amanadhu" isa jedhu barsiisi. Yommuu ijoolleen jechoota kana baratan, isa booda "Garaa kee guutuudhaan" kan jedhu barsiisi. Itti fufuudhaan kutaalee kana lamaan waliin jedhaa. "Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu;" Xumura irratti, "hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!" jedhu barsiisi. Ammaa kutaalee sadanuu walitti qabaa isaa ijoolleen irra deddeebi’anii si’a baay’ee akka jedhan taasisi.

Ijoollee gurguddoo (umurii waggaa 7-8) barsiista yoo ta’e, akkuma asii olitti ibsameetti lakkoofsicha bakka sadiitti hirii barsiisi. Erga barattoonni luqqisicha sirriitti baratanii booda, barattoota garee sadiitti hiri. Tokkoo tokkoo gareetiif kutaa luqqisicha tokko tokko kenniif. Barattootta akka garee isaaniitti teessisi. Tokkoon tokkoo garee kutaa isaaniif kenname gammachuudhaan haa dubbatan. Barattoonni kutaa luqqisichaa yommuu dubbatan bakka taa'anii ka'anii dhaabbatanii akka dubbatan taasisi.

Faarfannaa:-Guddaa guddaa caalu(Lakkoofsa 13) jidhu faarfadhaa.

Hojii harkaa:-Urjiiwwan Abdii

Yommuu inni gara urjoota waaqa keessa ilaale, Waaqayyo Abrahaamiif abdii attamii kenneef? jedhii gaafadhu. (Waaqayyo akka ijoollee hedduu inni lakkaa'ee fixuu hin dandeenye kennuuf Abrahaamiin abdachiise.) Hojii harkaa abdii Waaqayyo Abrahaamiif kenne nu yaadachiisuu fi jaalalaa fi dhiifama cubbuu Waaqayyo Yesusiif jedhee nuuf qabaate nu yaadachiisu haa hojjennu.

Tokkoo tokkoo barataatiif waraqaa fakkiin urjoota lama lama irra jiru murtuu wajjin kenniif. Akka barattoonni urjicha tokko tokkoon eeggannaadhaan muranii baasan taasisi. Barattoonni fakkii urjichaa muranii baasuudhaaf sarara tuqaalee sanaa hordofuu akka qaban itti argisiisi. Yookiin ijoollee umurii waggaa afuriitiif fakkii urjii dura murtee qopheessite kenniif.

Akka barattoonni urjoota isaanii duraa fi duubaan miidhagsaniif kobbii haalluu kenniif. Abdii guddaa jaalalaa fi dhiifamuu cubbuu Waaqayyo karaa Fayyisaa keenya Yesusitiin nuuf kenne kan nu yaadachiisu duraa fi duuba tokkoo tokkoo urjichaa irratti yoo xiqqaate fannoo fi fakkii onnee tokko akka tolchan barattoota gargaari.

Calaqqisiisa: kirnii xinnoo, yookiin ciccittuu erbee, yookiin ciccittuu waraqaa haalluu yoo argatte barattootaaf kenni; kanas barattoonni urjoota isaanii ittiin miidhagsuuf itti maxxansuu in danda'u.

Yommuu urjoonni miidhagfaman barattoon kallattii muran iraa akka itti isa tokko isa kaan waliin walitti maxxansan itti argisiisi. Urjoota lamaan walitti maxxanfaman sana akka isaan dhaabachuu danda'aniif suutatti dachaasi. (YAADADHU: Urjoota kana waraqaadhuma yeroo baay'ee fayyadamamu irratti hojjette yoo ta'e, urjoota walitti qabsiifaman sana gara oliitiin fiixee isaanii irra xinneessii uri. Qinaaxxii manaa yookiin keenyan irratti cinqaaratti ittiin rarraasuudhaaf fo’aa qalloo yookiin kirnii uraa urjoota sanaa keessa loosi. Urjoonni waraqaa edilee irraa tolfaman ulfaatina waan hin qabneef ofiin dhaabbachuu hin danda'an).

Kadhannaa Xumuraa:- qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa kadhadhu.

Baafata

Barumsa 7

Abrahaamii fi Ergamoota Waaqayyoo

(Seera Uumamaa 18:1-15)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 28-29

Dhugaa Ijoo

Yoo nuyi cubbamootaa fi mamtoota taane iyyuu Waaqayyo waan hundumaa hojjechuu in danda'a.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Abrahaamii fi Saaraa ilmaa fi dhaloota lakkaa'amuu hin dandeenyeen isaan eebbisuudhaan akka Waaqayyo abdii isaaniif kenne raawwate in BEEKU

• Waaqayyojireenyaisaaniikeessattihumnaanakkahojjetu,keessumattuuYesusittiamanuu isaaniitiin cubbuu isaanii yommuu isaaniif dhiisuu fi isaan fayyisuu Isatti amanuutti in GUDDATU.

• HojiigurguddaaWaaqayyoguyyaguyyaattiisaaniifhojjetuufIsagalateeffachaafijajachaa in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu: Yesus... «Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in danda'ama!» jedhe (Maatewos 19:26).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu yoo horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta ta’e, kanneen Barumsa 7ffaa kanaaf yaadaman waraabbii taasisi. Fakkii horgoggeewwan sana murii baasiitii haalluu/qalama dibi. Haphee fayyadamii tokkoo tokkoo horgoggee muka yookiin baala guddaa yabbuu wajjin walitti maxxansi.

2.Seenaa Macaafa Qulqulluu kana himuudhaaf filmaata 2ffaa fayyadamta yoo ta’e, dhiira guddaa barumsa 6 keessaatti bakka Abrahaam ta’ee hojjete akka gara kutaa dhufuuf afeeri. Barmsa isa kana keessattis mata-duree “Seeanaa Macaafa Qulqulluu himuu” jedhu jalatti dubbisa jiru waraabbii isaanamaisadubbatu kanaaf kenni. Abrahaam seenichayommuudubbatu akkauffatuuf waaroo, faan-jalee fi marata mormaa isa barumsa 6 keessatti fayyadamame kenniif.

Macaafa Qulqulluu bu'uureffachuu

Barumsa kana qorachuu eegaluuf Seera Uumamaa 18:1-15; Seera Uumamaa 21:1-7 fi Luqaas 1:34-37 Macaafa Qulqulluu keessaa dubbisi.

1.Keebiroonitti "Qilxuun Mamree" (Lakk. 1) naannoo dunkaana Abrahaam keessa jiraatu ture. Abrahaam erga Loox, ilma obboleessa isaa, irraa adda ba'ee booda achi buufate (Seera Uumamaa13:10-18).Mukeetii gurguddaa kanagidduutti Abrahaam "Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaaree" ture (Seera Uumamaa 13:18). "Saafaa" (Lakk. 1) erga guyya'eebooda, Waaqayyoo fi ergamoonni lama gara Abrahaam dhufan.

2."Namoota Sadan" Abrahaam bira dhufan keessaa tokko Gooftaa (Ilma Waaqayyoo) ture (Lakk. 2)

3.Abrahaam akka aadaa biyyoota giddu galeessa bahaatti namoota sadan sanaaf simannaa taasise. Keessummoonni sun miillaan adeemanii waan dhufaniif akka awwaara dhiqatanii haara'aniif bishaan kenneef (Lakk. 4). Saaraan buddeena baay'ee isaaniif tolchite (Lakk. 6); Abrahaam immoo jibicha tuntunoo coomaa tokko filee fideef (Lakk. 7). Abrahaam aannanii fi itittuu wajjin nyaata sana yommuu dhi'eesseef ofii isaatii utuu hin nyaatin isaan bira dhaabbatee ture (Lakk. 8). Abrahaam yommuu ulfinaa fi arjummaadhaan kunuunse, gad of qabuu fi hojii tajaajilummaatiin ture.

4.WaaqayyoakkaAbrahaamiifilmakennuufabdii kenneefiiturekeessadeebi'eeakkaSaaraan gurra isheetiin dhageessutti bakka isheen jirtutti isatti hime (Lakk. 9-10).

5.Saaraan yommuu abdii Waaqayyoo kana dhageesse "garaa isheetti kolfite" (Lakk. 12). Yeroon ishee itti mucaa da'uu dandeessu baay'ee akka darbe waan beektuuf, abdiin Waaqayyo kenne kan ta'uu hin dandeenye, qoosaa dha jettee yaadde.

6.Waaqayyo waan hundumaa beeka waan ta'eef, garaa isheetti kolfuu fi abdii Inni kenne mamuu Saaraa in beeke. Waaqayyo gara-laafinaan itti dubbatee (Lakk. 14). namaaf kan hin danda'amne yoo fakkaate iyyuu Inni waan hundumaa akka danda'u Abrahaamii fi Saaraan akka beekan taasise.

7.Abrahaamii fi Saaraan waggaa tokko booda ilma godhachuu isaaniitiin Waaqayyo abdii isaaniif kenne xumure (Seera Uumamaa 21:2). Abrahaamis mucicha Yisaaq jedhee moggaase;hiikaanisaa"inniinkolfa"jechuudha.SaaraangammachuudhaanWaaqayyoon galateeffatte (Lakk. 6-7). Akka Waaqayyoof wanti hin danda'amne hin jirree Saaraan amma in hubatte.

8. Luqaas 1:34-37 keessatti Elsaabeexii fi Maariyaam haati Yesus lamaan isaanii ulfa hin danda'amneakkaulfaa'andubbisna.Maariyaamwaa'eeulfakanalamaaniidinqisiifachuutti utuu jirtuu ergamichi Gabri'eel "Waaqayyoof kan dadhabamu" akka hin jirre isheetti hime (Lakk. 37).

9.Waaqayyo jireenya saba Isaa keessatti karaa cimaa fi guddaa ta'een utuu gargar hin kutin hojjeta.Waaqayyo karaa Ilma IsaaYesus Kristositiin cubbuukeenya irraanu fayyisa. Nuyi

ofii keenyaan kaaraa ittiin kana hojjennu hin qabnu. "Waaqayyo Isa karaa Gooftaa keenya Yesus Kristos mo'icha nuuf kennuuf immoo galanni haa ta'u" (1Qor 15:57).

Barumsicha dhi'eessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:-Guddaa guddaa caalu(Lakkoofsa 13) jidhu faarfadhaa.

Kadhannaa:-Yommuu kadhatan akka ijoolleen harka isaanii maratan, mataa gadi qabatanii fi ija isaaniin dunuunfataniif fakkeenya ta'iif. Yaa Isa waaqa irra jiraattuu Abbaa keenyaa, waa'ee guyyaa fi yeroo iti Dubbii Kee dhageenyu kanaaf Si galateeffanna. Siin caalchifnee fi guddifneeakkaSi jaallannuufdhugaaMacaafaQulqulluu akkahubannuu fiakkayaadannu nu gargaari. Maqaa Yesusiin Si kadhanna. Ameen.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojii:-(ijoollee hundumaaf) abbummaa Abrahaam

Yesusitti amanuu keenyaan ijoollee Abrahaam ta’uu keenya ijoolleen akka yaadatan taasisuudhaaf faarfannaa Lubbuu ko Waaqayyoon eebbisi(Faarfannaa 23)jedhu faarfadhaa.

Faarfannaa sochii sanatti fufee yommuu ijoolleen taa’an, wanta guddaa dinqisiisaa jireenya kee keessatti si mudate tokko itti himi. (Ijoolleenis keessatti haa hirmaatan. Yeroon caqasaman: afeerraa ayyaana dhalachuu, firri isaan hin eegin isaan dubbisuu dhufe,badhaasa itti hin yaadinii isaaniif kenname, wanta nan hojjedha jedhanii hin yaadin yommuu hojjetan kkf ta’uu danda’a.)

Akkas jechuudhaan itti fufi; barumsa keenya duraa keessatti waa’ee Abrahaamii fi abdii Waaqayyo kenneef dhageenyeerra. Abdiin kun maal ture? (Waaqayyo Abrahaamii fi Saaraadhaaf akka ilma isaaniif kennuu fi akka ijoollee baay’ee qabaatan ture). Abrahaamii fi Saaraan umurii itti ijoollee dhiiraa fi durbaa godhachuu danda’an irra darbee dulloomaniiru. Waaqayyo garuu yeroo nuyi mamii keessa seennu, yookiin kun attamitti ta’uu danda’a jennee dinqisiifannutti illee dubbii abdachiisuu Isaa in eega. Attamitti akka Waaqayyo Abrahaamii fi Saaraa dinqifachiise baruudhaaf seenaa Macaafa Qulqulluu sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: “Gooftaa sagalee Keetiin” (Lakkoofsa 11) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1:- Macaafa Barsiisaa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa “Abrahaamii fi Ergamoota Waaqayyoo” isa jedhu yommuu isaaniif dubbistu calchisanii akka dhaggeeffatan taasisuuf horgoggeewwan fuula gara dhuma qajeelfama kaanaa irra jiran fayyadami.

Filmaata 2:- akka Abrahaam ta’ee akka hojjetuuf nama umuriin isaa guddaa ta’e, isa barumsa 6 keessatti afeertee turte ammas afeeri. Akkuma barumsa 6 keessatti uffateetti itti uffisi.

Abrahaamiin barattotaan wal barsiisi. Ijoollee marsaadhaan teessisi. Akka ilaalcha Abrahaamitti dubbisa qophaa’e seenaa Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuudhaan haa dubbatu.

Jaallatamoo firoota ko, nagaan isiniif haa ta’u! Ammas deebi’ee isin biratti argamuu kootti nan gammada. Yeroo darbeyommuu walargineWaaqayyoanawaameekaraaakkaani irra adeemu ana taasisee fi abdii Inni ana abdachiise kan ani isinitti hime in yaadattu. Anii fi haatimanaakoo,Saaraan,garabiyyaKana’aanadeemne.Saaraafianiyoodulloomneiyyuu akka ilma argachuudhaan eebbifamnu Waaqayyo nu abdachiiseera. Ijoollee hedduu ani lakkaa’uu hin dandeenye akka anaaf kennu Waaqayyo anatti dubbate! Kun jecha abdii dinqisiisaa dha.

Waggaa tokko dura gaaftokkobalbala dunkaanakoodurataa’een ture.Yeroon isaa waaree booda. Utuu ani achi taa’ee jiru namoonni sadii gara kootti dhihaachaa dhufan. Isaan kun garuu akkuma nama kamii iyyuu miti. Isaan Gooftaa fi Ergamoota Isaa lama turan. Ergamoonni sun oduu faayida-qabeessa Waaqayyo akka namoonni beekan barbaadu namatti himuudhaan Waaqayyoon tajaajilu.

Keessummoota kana yommuun arge nan dinqisiifadhe. Gara isaaniitti fiigeen akka isaan gara mana koo dhufanii anaa wajjin dubbataniif nan afeere. Akkuman yeroo hunda nama gara mana koo dhufuuf kennaa ture, akka isaan awwaara miilla isaanii irraa akka dhiqataniif bishaan ho’aan keessummoota kootiif nan kenne. Saaraan immoo buddeena tolchiteef. Anis foon gaarii muraasa, dhadhaa fi aannan xinnoon isaaniif fide. Akkasitti keessummoota koo kanaaf nyaata nan dhiheesse. Isaanis taa’anii in nyaatan. Keessummoonni sun utuu nyaachaa jiranii “Saaraan eessa jirti?” jedhanii ana gaafatan. Anis akka Saaraan dunkaana keessa jirtun isaanitti hime. Gooftichis akka Saaraan dhageessutti sagalee isaa ol kaasee, “Bara-eger yowwana deebi'ee gara kee nan dhufa, Saaraan haati manaa kee ilma godhattee na eegdi” jedhe. Saaraan dubbii kana yommuu dhageesse yaada isheetti in kolfite; ani garuu waan kana hin beekne. Waaqayyo maanguddootaaf mucaa dhiiraa fi durbaa kennuufiin qoosaa gaarii dha jetteeti Saaraan yaadaan kolfite. Kanayooani hin dhageenyeta’eiyyuu Gooftichi bareera;sababiin isaa Inni waan hundumaa, yaada garaa keenyaa illee in beeka waan ta’eef.

Gooftichis, “Saaraan maaliif kolfite?Wanti dinqisiisaan Waaqayyo gochuu dadhabu jiraa ree?” jedhee gaafate. Waaqayyo akka Inni wanta hundumaa gochuu danda’u akka Saaraan amanattu barbaade. Gooftichi abdii nuuf kenne akka raawwatus akka Saaraan hubattu barbaade.

Egaa maaltu ta’e jettanii in shallagdu ta’a! Waaqayyo abdii Saaraa fi anaaf kenne in raawwate. Saaraan ilma deesse. Anis Yisihaq jedheen moggaase. Afaan Ibirotaatti Yisihaq jechuun “In kolfa”jechuu dha.Waaqayyowantumakamiin iyyuu,wantootanuyii kun ta’uu hin danda’an jennu iyyuu hojjechuu akka danda’u waan nu yaadachiisuuf kun mucaa keenyaaf maqaa gaarii dha. Dhuguma Waaqayyoon guddaa hundumaan olii qabna!

Xumura oduu sanaa irratti Abrahaam seenaa kana ijoolleetti waan himeef galateeffadhu.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Abrahaamiin dubbisuu kan dhufe eenyuu dha? (Abrahaamiin dubbisuu kan dhufan namoota sadii. Isaanis Gooftichaa fi Ergamoota lama turan.)

2. Yisihaq jechuun“In kolfa”jechuudha. KunilmaAbrahaamiifmaaliifmaqaa gaarii ta’e? (Dhiiraa fi dubartii dulloomoodhaaf Waaqayyo mucaa kennuufiin Saaraatti qoosaa gaarii waan itti fakkaateef ture.)

Sochii hojii keessa-deebiif:- Abrahaam, Saaraa fi Yisihaq

Dhugaa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu barumsa 6 fi 7 keessatti dhihaate keessa deebi’uudhaaf gocha kana fayyadami. Tokkoo tokkoo sarara unka kana keessa jiru dubbachaa gocha kaa’ame hojjedhu. Ijoolleenis jechootaa fi sochii isaa irra deebi’anii akka hojjetan taasisi.

Dubbadhu Hojjedhu

Abrahaam amanamummaadhaan Waaqayyo duukaa bu’e

Abbaabbaa Abrahaam haadha manaa isaa Saaraa wajjin gara biyya Waaqayyo isa abdachiise gara Kana’aan adeeme

AbrahaamWaaqayyoon waaqesse,dubbiiabdii Inni kenneefis in amane

Kanaaf hundumti keenya Gooftichaa haa galateeffannu! Harka mirgaa!

Akka mucaa godhatan Waaqayyo Abrahaamii fi Saaraa abdachiise

Hamma inni lakkaa’uu dadhabutti ijoollee hedduu akka qabaatu Waaqayyo Abrahaamiif waadaa seene

Saaraan abdii Waaqayyo waa’ee mucaa godhachuu ishee dubbate yommuu dhageesse, ishee fi Abrahaam mucaa godhachuudhaaf guddaa dulloomuu isaanii yaaddee kolfite

Qajeelii dhaabadhu; quba argisiistuu kee laphee kee irra kaa’i!

Bakkuma dhaabattutti adeemi!

Harkawwan kee walitti qabadhuu kadhachuudhaaf mataa kee gadi qabi!

Bakkuma jirtutti adeemaa harka mirgaa kee ol kaasii gadi deebisi!

Akka nama kaasuutti mucaa baatuu of fakkeessi

Akka waan qubeetii kee lakkooftuu fakkeessi; itti fufuudhaan gatiittii kee sochoosii qummaadi!

Harka kee afaan kee irra kaa’adhuu nama kolfu of fakkeessi!

Abdiin Waaqayyo kenneef garuu dhugaa dha. Mucaa dhiiraa kenneef; maqaa isaas Yisihaq jedhanii moggaasan

Waaqayyo wanta nama abdachiise hundumaa in raawwata. Yesus Fayyisaa akka nuuf ta’uuf Waaqayyo nuuf erge

Akka nama kaasuutti mucaa baatuu of fakkeessi!

Qummaadii quba argisiistuu keetiin mallattoo fannoo tolchi!

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Waaqayyo keenya dindisiisaa dha

Ijoollee marsaadhaan teessisi. Wanti dinqisiisaan Waaqayyo Abrahaamii fi Saaraadhaaf hojjete maali? (Waaqayyo eeggannaadhaan gara biyya abdii isaaniitti isaan geese. Yoodhuma dullooman illee Waaqayyo mucaa isaaniif keenne. Waaqayyo dabalatee hidda dhalootaa baay’ee kenneef. Yesusis isaan keessaa tokko. Isa amanuu isaaniitiin cubbuu isaanii dhiiseef). Waaqayyo wantoota dinqisiisoo kana hundumaa Abrahaamii fi Saaraaf kan hojjeteef maaliifi? (Waaqayyo wantoota kana hundumaa kan Inni isaaniif hojjeteef waan isaan jaallateefii dha.)

Tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraqaa tokkoo fi kobbii haalluu/qalama kenniif.

Fakkii wanta dinqisiisaa Waaqayyo isiniif hojjete yookiin hojjechuutti jiru tokko argisiisu kaasaa ittiin jedhi. Akka ijoolleen kana hojjetaniif yeroo ga’u kenniif. Barataan waa’ee maalii akkafakkiikaasuyaaduundanqeyoojiraate,wantootagaggaariijieenyaisaa/isheekeessattita’anii turanii akkayaadu/yaaddu gargaari. Wantoonni gaggaariin kun eessaa dhufan? jedhii gaafadhu. Wantoonni nuyi qabnu hundi gaarummaa Waaqayyo nuuf qabuun kan dhufan ta’uu isaanii akka ijoolleen hubatan gargaari.

Amma akka ijoolleen waa’ee fakkii isaanii dubbataniif afeeri. Akka yeroo fi hammi guddina garee sanaa eyyametti tokkoon tokkoo ijoollee fakkii isaanii erga argisiisanii booda kadhannaa kana kadhadhaa. Yaa Waaqayyo, hojii dinqisiisaa kana jireenya (maqaa mucichaa waamii) keessatti waan hojjetteef Si galateeffanna.

Ergaijoolleen fakkii isaanii argisiisanii booda,itti fufuudhaan, wantootaWaaqayyonuufhojjete keessaa guddaa dinqisiisoo kan ta’an: nu jaallachuu Isaa, cubbuu keenya nuuf dhiisuu fi Isatti amanuu nuuf kennuu Isaa ti. Cubbuu hojjennu irraa kan ka’e jaallatamuun kan nuuf hin malle turre. Wantoonni hamaan Waaqayyoof abboomamuu diduudhaan hojjennu Waaqayyoofinamootain gaddisiisu.GaruunuwarracubbuuhojjennekanailleeWaaqayyo nu jaallata. Akka Inni hojii dinqisiisaa nuuf hojjetuuf Ilma Isaa Yesusiin hamma nuuf ergutti nu jaallate. Jaalala irraa kan ka’e cubbuu keenyattii nu fayyisuu fi nu haaressuuf, jireenya bara baraa nuuf kennuuf fannoo irratti du’ee du’aa ka’e.

Waaqayyoyeroonuyi Dubbii Isaa dhageenyuu ficuuphamnu humnaHafuuraQulqulluutiin jaalalaa fi araara Isaa nuuf kenna. Cuuphaadhaan maatii Waaqayyoo fi jaallatamoo ijoollee Isaa taana. Ijoollee Isaa waan taaneef, Waaqayyo akka nuyi cubbuu keenya of irratti

arginuuf nu gargaara. Hojii hamaa hojjennuuf gadduu keenya akka Isatti himannuuf Inni nu qajeelcha. Inni cubbuu keenya nuurraa dhabamsiisa; akka Isa duukaa buunuufis nu gargaara.

Jaalallii fi araarri Isaa kan nuuf hin malle waan taaneef hojiin Waaqayyoo guddaa dinqisiisaa dha. Waaqayyo sababa nu jaallatuuf wantoota gurguddoo kana nuuf hojjeta. Waaqayyoo guddaa fi humna-qabeessa attamii qabnaa!

Wantoota gurguddaa Inni yeroo hundumaa nuuf hojjetuuf faarfannaa, “Galanni Galanni” (Lakkoofsa 4)jedhufaarfachuudhaan Waaqayyoon galateeffanna, in jajannas.

Faarfannicha lakkoofsa tokko tokkoon ijoollee barsiisi; isa booda guutummaa faarfannichaa walii wajjin faarfadhaa.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:- "Yesus, ‘Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in danda'ama’ jedhe"(Maatewos 19:26).

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana ijoolleef dubbisi. Akkas jedhi; Waaqayyo keenya guddichi wanta hundumaa hojjechuu in danda’a; cubbuu keenyattiis nu fayyisa! Amma luqqisii Macaafa Qulqulluu kana baranna.

Luqqisii kana suutatti barsiisi. Yesus akkas jedhe (xiqqoo callisi), Waaqayyoof (xiqqoo callisi), wanti hundinuu (xiqqoo callisi), in danda’ama (ariitiidhaan si’a lama harka walitti rukutaa).

Faarfannaa:-Faarfannootakanakeessaatokkoyookiinisaaolfaarfachuudhaanhojii Innijireenya keessan keessatti hojjetuudhaaf Waaqayyoon galateeffachuu fi jajachuu itti fufaa.

Yesus nu jaallata(Lakkoofsa 38)

Waaqayyo gaarii dha(Lakkoofsa32)

Galanni, galanni(Lakkoofsa5) jedhan faarfadhaa.

Kadhannaa Xumuraa:- qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa kadhadhu.

Barumsa 8

Yaaqoobii fi Abjuu isaa

Seera Uumamaa 28:10-22

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 30-31

Dhugaa Ijoo

Waaqayyo yeroo hundumaa nuu wajjin ta’uu fi cubbuu keenya hundaattii nu furuu, addumaan immoo Yesusitti amanuu keenyaan dhiifamuu cubbuu nuuf kennuuf abdii nuuf kenneera.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Waaqayyo Yaaqoobii wajjin akka turee fi bakka inni dhaqe hundaatti akka isa gargaare in BEEKU.

• Waaqayyo yeroo hundumaa isaanii wajjin akka jiruu fi jireenya isaanii keessatti dhimmee wanta gaarii akka isaaniif hojjetu amanuutti in GUDDATU

• Yesusitti amanuu isaaniitiin araara Waaqayyootti gammadaa JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu: Waaqayyo akkas jedhe, «Kunoo, ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega» (Seera Uumamaa 28:15).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

• Muka murmuramaa yookiin sanduuqa kaartoonii 6-8 ta’an

• Murmuraa mukaa yookiin sanduuqawwan gurduddoo ittiin ol kaasuuf kan gargaaran murmuraa mukaa yookiin sanduuqawwan kaartoonii xixiqqaa 15-20 ta’an

• Dhagaa diriiraa tokko (bal’ina akka santii meetira 6 kan ta’u)

1. Yeroo barsiistu horgoggee/ashaangulliitoota qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 8ffaa kanaaf yaadaman waraabbii taasisi. Fakkii horgoggeewwansanamurii baasiitii haalluu/qalamadibi.Tokkootokkoo horgoggeemukayookiin baala guddaa yabbuu wajjin hapheedhaan walitti maxxansi.

2.Seenaa Macaafa Qulqulluu kana himuudhaaf filmaata 1ffaa fayyadamta yoo ta’e, murmuraa mukaa sana akka gulantaatti naqi. Murmuraa mukaa xixiqqoo immoo akka bu’uuraa taasistee fayyadamuudhaan isa lammaffaa isa isa dura jiru irra xiqqoo ol kaasi; murmuraan mukaa sun baattuu isaanii dabalatee yommuu walitti sirratan gulantaa yookiin kan ittiin wanta tokkotti irra ol ba’an kan fakkaatan ta’u. Dhagaa walitti qabatte gulantaawwan baattuu qaban sana jala kaa’i.

3.Qajeelfamaa kana gara dhumaa irraa “tarkaanfiiwwan gulantaa abdii” kan barumsa 8 irra jiran harkaan gara galchi. Barattoonni akkaataa adeemsa qubeewwan jechoota luqqisicha keessa jiranii yookiin luqqisii barreeffamee jiru fayyadamuu qabuu isaa murteessi.

Macaafa Qulqulluu bu'uureffachuu

Barumsa kana qorachuu eegaluudhaaf Seera Uumamaa 25:19-34; 26:1-6; 27:1-46; 28:1-20; Yohannis 1:51; 14:6 fi 1 Ximotewos 2:5 Macaafa Qulqulluu keessaa dubbisi. Barumsa weyitii kanaatiif seenaa Seera Uumamaa 28 barsiifta; haa ta’u malee barumsa kana karaa caalaa wayyu irra barsiisuudhaaf luqqisiiwwan warri kaanis bu’uura isaatiif yaada qabatamaa siif kennu.

1. Yisihaq ilmi Abrahaamii fi Saaraa yeroo Ribqaa obboleettii Laabaan fuudhe umuriin isaa waggaa 40 ture (Seera Uumamaa 25:20)

2. Ribqaanis akkuma Saaraa dhabduu turte (Seera Uumamaa 25:21). Yisihaq waa’ee Ribqaatiif Waaqayyoon kadhate; Waaqayyos ishee fi Yisihaqiin ijoollee lakkuudhaan isaan eebbise (Seera Uumamaa 25:22-24).

3. “Inni angafaa isa quxisuu akka tajaajilu” Waaqayyo Ribqaatti hime (Seera Uumamaa 25:23). Kun wanta haaraa dha; sababiin isaa akka seera duriitti quxisuutu obboleessa isaa isa angafa tajaajiluutu irra ture. Labsiin Waaqayyoo kun Inni mootii keenya ta’uu Isaatiin karaa kamiin iyyuu fedha Isaa raawwachuudhaaf mirga akka qabu argisiisa. Fayyisaan keenya Yesus hidda Yaaqoob irraa akka ta’uuf Yaaqoob “mirga angafummaa” argachuun isaa (kanaa gaditti lakkoofsa 6 ilaali) karoora Waaqayyoo keessa ture.

4. Esaawuu (hiikaan isaa “rifeensa’aa” jechuu dha; dabalees Edoom jedhamees in waamama, hiikaan isaas “diimaa” jechuu yommuu ta’u) warra lakkuu sana keessaa isa jalqaba dhalatee dha (Seera Uumamaa 25:25). Yaaqoob koomee obboleessa isaa qabatee ba’e (Lakk. 26). Kanaaf Yaaqoob jechuun “isa koomee qabatu” jechuu yommuu ta’u, akka dubbii fakkeessaatiin dubbatamuutti immoo “gowwoomsituu” jechuu dha. Yeroo dhalatanii eegalee obboloota kana lamaan gidduutti dorgommeetu uumame. Yeroo lakkuwwan kunneen dhalatan abbaan isaanii Yisihaq umuriin isaa waggaa 60 ture.

5. Yaaqoob dunkaana keessa turee nyaata qopheessuu kan filatu yommuu ta’u, Esaawuu immoo adamsituu isa ijibbaachisaa ta’e (Seera Uumamaa 25:27). Yisihaq Esaawuu jaallata ture; Ribqaan immoo Yaaqoobiin jaallatti turte (Lakk. 28); kunis dorgommee lakkuuwwan sana gidduu ture itti caalchiseera.

6. Akka seeraa fi amala duriitti ilmi inni jalqaba dhalate, Esaawuun mirga angafummaa qaba ture. Kana jechuun yommuu abbaan isaa Yisihaq du’u Esaawuun qabeenya abbaa isaa harka sadii keessaa harka lama fudhachuu in danda’a ture jechuu dha. Kutaa angafummaa kana keessaa tokko akka dhaloonni Abrahaam baay’atuu fi hidda dhaloota isaa kana keessaan Fayyisaa akka dhufu abdii (kakuu) Waaqayyo irraa fudhatee fi Yisihaqitti darbee dhaaluu ture (Seera Uumamaa 26:1-6 tti ilaali)

7. Seera Uumamaa 25:29-34 tti akka Esaawuun angafummaa isaa isa gati-jabeessa nyaata tokkittiitti gurgure dubbata. Gochi Esaawuu kun kan argisiisu angafummaan isa biratti tuffatamaa ta’uu isaa ti. Yaaqoob yommuu angafummaa Esaawuu irraa fudhachuuf saganteesse, akkuma maqaa isaa ta’ee argame; haa ta’u iyyuu malee Yaaqoob eebbatti dhufuun karoora Waaqayyoo keessa ture (Seera Uumamaa 25:23 keessa deebi’ii dubbisi).

8. Seera Uumamaa 27 attamitti akka Yisihaq angafummaa Yaaqoobiif kenne ibsa. Seenaa kana keessatti attamitti akka guutummaa maatii Yisihaq keessatti gowwoomsaa fi cubbuun raawwatame argina. Isa Waaqayyo jalqaba Seera Uumamaa 25:23 irratti angafummaa Yaaqoob akka fudhatu labse hordofuu irra (Seera Uumamaa 27:1-4) Yisihaq ammas angafummaa Esaawuuf kennuuf saganteesse. Akka Yisihaq Yaaqoobiin Esaawuu dha jedhee yaaduuf gowwoomsuuf Ribqaa fi Yaaqoob walii wajjin hojjetan (Seera Uumamaa 27:5-29). Esaawuun angafummaa isaa dura Yaaqoobitti nyaata tokkotti yoo gurguree fi Yaaqoob angafummaa isaa duraa hatuu isaatiif yoo itti gadde illee, akka Yisihaq eebba isaaf kennuuf kadhate (Seera Uumamaa 27:31-38). Kan Yisihaq Esaawuuf kennuu danda’u eebba dadhabaa tokko qofa ture (Lakk. 39-40). Esaawuun du’uu Yisihaq booda jibba hamaadhaan Yaaqobiin ajjeesuuf karoorse (Lakk. 41).

9. Ribqaan Yaaqoobiin miidhama jalaa baasuuf akka inni obboleessa ishee Laabaan bira jiraatuuf ergite (Seera Uumamaa 27:42-45). Ribqaan kan isheen Yaaqoobiin gara Laabaanitti ergiteef akka inni durboota Kana’aanotaa keessaa hin fuuneef akka ta’etti itti himuudhaanYisihaqiinsobde (Lakk. 46).AkkaYaaqoobisaani irraaaddaba’ee adeemuuf Yisihaq Yaaqoobiin eebbise (Seera Uumamaa 28:2-4)

10. Yaaqoob gara mana Laabaan isa Kaaraanitti argamuu utuu adeemuu karaa irratti abjuu dinqisiisaa tokko abju’ate. Yaaqoob bakka dhagaa boraafatee rafetti (Seera Uumamaa 28:11) yaabbannoo lafaa ka’ee waaqa ga’u abjuu isaatiin arge. Yaabbannoon kun yaabbannoo irra gulantaa fakkaachuu hin oolu. Yaaqoob utuu ergamoonni Waaqayyoo yaabbannoo kana irra ol ba’anii gadi bu’anii arga (Seera Uumamaa 28:12). Bantii yaabbannoo kana irra Gooftichi ofiin Isaa dhaabbatee ture. Waaqayyo kakuu Abrahaamii fi Yisihaqiif gale keessa deebi’ee haaresse (Seera Uumamaa 28:13-14). Hidda dhaloota

Yaaqoob keessaa Fayyisaan in dhufa.

11. Yohannis 1:51 irratti Yesus bartuu Isaa Naataanaa’eliin gara fakkii kana fakkaatuutti argisiisuudhaan, “Dhuguma, dhuguman isinitti hima, waaqa banamaa, ergamoota

Waaqayyoos ilma namaa irra utuu ol ba'anii gad bu'anii arguuf jirtu” jedhe. Yesus nuu fi Waaqayyo gidduutti riqicha (Yohannis 16:6). Yesus dhiifamuu cubbuu keenyaaf nuu fi Waaqayyo gidduutti kan hojjetuu dha (1 Ximotewos 2:5). Kan nuyi dhiifamuu cubbuu fi jireenya bara baraa arganne sababa du’uu fi du’aa ka’uu Yesusiif.

12. Abjuu Yaaqoob keessatti Waaqayyo, “Kunoo, ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega;” jedhe (Seera Uumamaa 28:15). Kakuu kana Waaqayyo nuufis nuuf kenna.

13. Borumtaas obboroodhaan ka’ee waa’ee jechoota kakuu kanaaf Waaqayyoon galateeffatee mataa dhagaa isa boraafatee ture sanaa irratti dibata dhangalaasee, qulqulleesse (Seera Uumamaa 28:18). Bakka dhagaan sun ture “Beetel” jedhamee beekama; hiikaan isaas “manaWaaqayyoo”jechuudha.YaaqoobeebbaWaaqayyokennuufhundakeessaakudhan keessaa tokko deebisee Waaqayyoof kennuuf waadaa seene (Lakk. 22). Yaaqoob itti dabalees iddoo kanatti Waaqayyoof aarsaa dhiheessuudhaaf kakuu gale.

Barumsicha dhi'eessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- kadhannaa macaafa kana gara dhumaa irra jiru kadhadhu. Faarfannaa:- Guddaa guddaa caalu(Lakkoofsa 13) jidhu faarfadhaa. Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojii:-(ijoollee hundumaaf) abbummaa Abrahaam

Akka ijoolleen hundi isaanii si arguu danda’anitti teessisi. Waanta tokko ilaaluu jechuun maal jechuu dha? jedhii gaafadhu. (Kana jechuun ijoonni keenya akka miidhamni irra hin geenyeef wanta tokko yookiin nama tokko irratti xiyyeeffachuu jechuu dha).

Namoota Macaafa Qulqulluu keessatti waa’ee isaanii baranne keessaa kan Waaqayyo ilaale eenyu fa’i? (Waaqayyo saba Isaa hundumaa ilaaleera. Erga Addaamii fi Heewaan cubbuutti kufanii booda karaa addaa Waaqayyo ittiin isaan ilaalee fi eegumsa isaaniif taasise akka ijoolleen keessa deebi’aniif gargaari. Waaqayyo bishaan badiisaa gidduutti Nohii fi maatii isaa doonii keessatti ilaaleera. Abrahaamii fi Saaraa yeroo isaan adeemanii fi ilma Yisihaq jedhamu kennuufiidhaan isaan ilaaleera). Waaqayyo yommuu nu ilaalu ija Isaa qofa nu irra hin taasisu. Waaqayyo dhimmee nu kunuunsa; hamaa irraas nu eega.

Sochii xiqqoo ani utuun sagalee hin dhageessisin hojjedhuun maal akkan ilaalu shallaguu akka isin dandeessan haa ilaallu. Sirriitti ilaalaa. Wanta ani ilaalu hubattan yoo isinitti fakkaatu ka’aa dhaabbadhaa.

Sochii kanatti fufee jiru sagalee malee barattootatti argisiisi. Tokkoo tokkoo sochichaa booda yommuu barattoonni hedduun ka’anii dhaabbatan sochii ati hojjette akka ibsan taasisi.

Ilaaluu

Sa’atii harkaa irratti yeroo ilaaluu

Sochii hojjetamuu qabu

Harka kee ol kaasii nama saa’aticha ilaalu of fakkeessi

Yommuu nyaata bilcheessan ilaaluu Nama eelee sibiilaa irratti nyaata sochoosu of fakkeessi

Mucaa ilaaluu

Daandii ce’uuf konkolaataa ilaaluu

Yommuu simbirroonni mannee ijaarratan ilaaluu

Akkanamamucaakaasuutti baateeurursuu of fakkeessi

Gara fuula duraatti adeemuu kee dura bitaa fi mirga kee deddeebi’ii ilaali

Ol jedhii akka nama fagootti waa ilaalu of fakkeessi

Utuu namni tokko gara manaa dhufuu ilaaluu Harka kee mirgaa ijoota kee irra gaaddiseefadhuutii naannoo kee ilaali

Yommuu ijoolleen sochicha hundumaa addaan baasanii xumuran, itti fufii: Seenaa Macaafa Qulqulluukeessattihar’acaalchifneewaa’eeYisihaqilmaAbrahaamdhageenya.Waaqayyo Yisihaqii fi maatii isaa, addumaan immoo Yaaqoobiin attamitti akka Inni ilaale argina jedhiin.

Faarfannaa: “Dubbiin Gooftaa fayyisaadha” (Lakkoofsa 14) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1:- Macaafa Barsiisaa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa “Yaaqoobii fi abjuu isaa” isa jedhu yommuu ijoolleef dubbistu caalchisanii akka dhaggeeffatan taasisuuf horgoggeewwan gara dhuma macaafa kaanaa irra jiran fayyadami.

Seenicha dubbisuu kee dura, gara fakkii hrgoggeewwan sanaatti quba qabuudhaan Yisihaqii fi miseensota maatii isaa ijoolleetti beeksisi (Yisihaq, Ribqaa, Esaawuu, Yaaqoob, Laabaan). Kutaa “Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu” ragaa keessaa lakk. 5-8 irra jiru fayyadamuudhaan adda addummaa Esaawuu fi Yaaqoob gidduu jiru gabaabaatti ijoolleetti himi. Esaawuun maaliif Yaaqoobiin ajjeesuu akka barbaadee fi Yaaqoob maaliif maatii isaa dhiisee akka adeeme akka barattoonni hubatan taasisuudhaaf ragaa kana isaanitti himuun isaan in gargaara.

Horgoggeen Yaaqoob dhagaa ati walitti qabde irra akka rafu taasisi. Yaabbannoo abjuu Yaaqoob keessa ture hojjechuudhaaf sanduuqa walitti qabatteetta yoo ta’e, yommuu seenicha itti himtu yeroo mijataa ta’etti horgoggee ergamoota waaqaa sana gulanticha irra olii fi gadi sochoosi.

Filmaata 2:- seenicha sochiidhaan himuu:

Himootaa fi sochiiwwan kanatti fufanii jiran fayyadamuudhaan, seenaa Yaaqoobii fi abjuu isaa ijoolleetti himi. Yommuu hima sana tokko tokkoon dubbistutti sochii isaas hojjedhu. Barattoonnis sochii ati hojjettu fakkeessanii haa hojjetan.

Himoota Seenichaa Sochii

Yisihaqii fi Ribqaan ijoollee dhiiraa lakkuu qabu turan

Inni angafti rifeensa’aa adamsituu yommuu ta’u maqaan isaas Esaawuu jedhama

Qubeetii kee lama ol kaasi

Qajeelii dhaabadhu; nyaata barbaaduudhaaf ijoota kee harka keetiin gaaddiseessi

Ilmi quxisuun nyaata hojjechuu jaallata Akka waan eelee irratti midhaan sochuustuu fakkeessi

Maqaan isaa Yaaqoob jedhama

Yaaqoob quxisuu ta’ee yoo dhalate iyyuu akka inni angafummaa fudhatu Waaqayyo Yisihaqii fi Ribqaatti himee ture.

Qubeetii kee lama ol kaasi; isa booda immoo quba argisiistuu qofa ol kaasi

Gaaf tokko Esaawuun adamoo dhaqee guddaa beela’ee gara manaatti deebi’e.

Esaawuun wanta nyaatu xiqqoo tokko argachuuf jedhee eebba angafummaa isaa Yaaqoobitti gurgure’

Booda yommuu Yisihaq dhukkubsatee iji isaa arguu dhabetti Yaaqoobii fi Ribqaan Yisihaqiin gowwoomsanii akka inni eebba angafummaa isa Esaawuuf ta’a ture Yaaqoobiif kennu taasiisan.

Gaaf tokko Yesus hidda dhaloota Yaaqoob keessaan akka dhufuuf akka Yaaqoob eebba kana fudhatu karoora Waaqayyoo ture

Akka Yaaqoob eebba isaa duraa fudhate yommuu bare, Esaawu guddaa aaree Yaaqoobiin ajjeesuu barbaade

Ribqaan Yaaqoobiif eegumsa gochuudhaaf akka inni dhaqee eessuma isaa Laabaan bira jiraatuuf isa ergite

Yaaqoob boqochuudhaaf bakka tokko buufate; yommuu rafus dhagaa boraafate

Halkan sanatti Yaaqoob abjuu abju’ate. Abjuu isaa keessattis utuu ergmoonni Waaqayyoo yaabbannoo irra ol ba’anii gadi bu’an arge

Waaqayyo immoo isa gararraa dhaabbatee, “Ani Waaqayyo gooftaa isa kan Abrahaam abbaa kee tii, Waaqayyo isa kan Yisihaq; lafa ati irra ciiftu kanas siif, sanyii keetiifis nan kenna;… ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega” jedhe

Akka nama beela’eetti garaa kee qaqqabadhu

Nama ittootti waa nyaatu of fakkeessi

Eebba fudhachuudhaaf mataa kee gadi qabadhu

Quba argisiistuu keetiin mallattoo fannoo tolchii ol ilaali

Akka nama aareetti fuula kee dukkaneessii harka kee haboottifadhu

Bakkuma jirtutti fiigi

Harkawwan kee mataa jala kaa’adhuutii akka nama rafuutti dunuunfadhu

Bakkuma jirtutti akka nama ol ba’uu fi gadi bu’uu of fakkeessi

Guddisii akka kolfuu ta’ii harka keetiin fuula kee haxaa’adhu

Ganama isaa Yaaqoob hirribaa dammaqe Akka nama hirribaa dammaqeetti ijoota kee haxaa’adhu

Yaaqoob dhagaa isa boraafatee ture sana fuudhee ulfina Waaqayyootiif iddoo adda ba’aa tokko dhaabe.

Nama dhagaa ol fuudhee, baatee, eeggannaadhaan lafa dhaabu fakkeessi

Isa booda Yaaqoob gara mana Laabaanitti adeemsa isaa itti fufe

Bakkuma dhaabattutti adeemi

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Yaabbannoo (gulantaa) sana irra ol ba’aa fi gadi bu’aa kan ture maali? (Yaabbannoo/gulantaa sana irra ol ba’aa fi gadi bu’aa kan turan ergamoota Waaqayyoo ti.)

2. Waaqayyo Yaaqoobiin maal jedhe? (Waaqayyo “lafa kana siif nan kenna; ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega” jedhe.)

Sochii hojii keessa deebiif:- yoo filmaata 1ffaa fayyadamuudhaan Seenaawwan Macaafa Qulqulluuittihinhimneta’eammahorgoggeewwanittiargisiisuudhaanakkaijoolleenseenaasana deebisanii sitti himan taasisi. Yoo filmaata 2ffaa fayyadamuudhaan Seenaawwan Macaafa Qulqulluu itti hin himne ta’e ijoo seenaa kana keessa deebi’uudhaaf gochaadhaan seenessuu fayyadami.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Waaqayyo keenya dindisiisaa dha.

Ijoollee marsaadhaan teessisi. Akkasis jedhiin; “Barumsa keenya keessatti wantoota ilaalle tokko tokko argisiisuudhaaf sochii sagalee hin qabne (utuu afaaniin hin dubbatin) hojjennee turre. Amma yeroo isin sochii muraasa anatti argisiistanii dha. Wantoota utuu gara mana barumsaa Sanbata Guddaa/Dilbata kana hin dhufin dura hojjettan muraasa yaadaa. Yommuu wanti tokko isinitti yaadatamu harka keessan ol kaasaa. Asis isin waameen wanta hojjettan sanaakkasochiidhaan argisiistan isingaafadha.Sochiiqofamaleejecha tokko illee fayyadamuu hin dandeessan. Nuyi immoo sochiin isin argisistan maal akka ta’e shallaguuf yaalla.

Yommuu barattoonni harka ol kaasan utuu jecha hin dhageessisin sochii isaanii akka dhiheessaniif dabareedhaan afeeri. Shochiin barattoonni sun argisiisan: uffata isaanii uffachuu, haadha yookiin abbaa isaaniifis “Attam bultan?” jedhanii nagaa dhi’eessuu, fuula isaanii dhiqachuu, ciree nyaachuu figaramanabarumsaaSanbataGuddaaadeemuu ta’uuin danda’a.Yommuu hundumtuu hirmaannaa taasisuuf carraa argatu, yommuu isin wantoota kana hundumaa hojjettan Waaqayyo isinii wajjin turee? jedhii gaafadhu. (Eeyyee, eessa iyyuu yoo adeemnee fi wanta kamiin iyyuu yoo hojjenne Waaqayyo yeroo hundumaa nuu wajjin ta’uudhaaf abdii nuuf kenneera).

Seenaa Macaafa Qulqulluu keenya har’aa keessatti akkaataa attamiitiin Waaqayyo Yaaqoobii wajjin ture? (Yeroo Yaaqoob guddatu, hojjetuu fi gara mana eessuma isaa Laabaanitti adeemutti Waaqayyo isaa wajjin ture). Waaqayyo yeroo hundumaa Yaaqoobii wajjin ture. Yaaqoob garuu nama yeroo hundumaa Waaqayyoof abboomamu hin turre. Cubbuun Yaaqoob hojjete tokko maal ture? (Eebba angafummaa isa obboleessa isaa Esaawuuf

keennamuun irra ture abbaa isaa Yisihaqiin gowwoomsee fudhate). Yoodhuma Yaaqoob Waaqayyoof hin abboomamne ta’e illee Waaqayyo Yaaqoobiin in jaallata, in gargaaraas ture. Waaqayyo Yaaqoobiin attamitti gargaare? (Yommuu Yaaqoob gara mana Laabaanitti adeemaa ture Waaqayyo isa eege. Waaqayyo dubbii abdii isa Abrahaam akaakayyuu Yaaqoobii fi Yisihaq abbaa isaaf kennee ture Yaaqoobiif in haaresseef. Waaqayyo Yaaqoobiif dhaloota hedduu fi lafa inni irra rafe sana isaaf kennuudhaaf, hidda sanyii Yaaqoob keessaan Fayyisaa gara biyya lafaatti erguudhaaf abdii kenneef). Fayyisaan Waaqayyo erguudhaaf abdii kenne eenyu? (Yesus).

Hojiin cubbuu nuyi yeroo tokko tokko hojjennu maal fa’i? (Ijoolleen haa deebisan. Deebiiwwan: warraaf dhaga’uu diduu, waa’ee namoota biroo wanta hamaa yaaduu yookiin dubbachuu, waa namaaf qooduu diduu, yommuu gaafatamnu gargaaruu diduu fi kana kan fakkaatan ta’uu danda’u). Yommuu nuyi Isaaf abboomamuu didnu Waaqayyo maal godha? (Wanti nuyi hojjenne cubbuu akka ta’e karaa amantii Yesus irratti qabnuun akka inni hamaa ta’e akka hubannu qajeelfama nuuf kenna. Waaqayyo akka nuyi waa’ee cubbuu hojjenneetiif gaddinuuf qajeelfama nuuf kenna. Yesus yommuu fannoo irratti du’e gatii cubbuu keenyaa waan nuuf baaseef, Waaqayyo sababa Yesusiif jedhee cubbuu keenya nuuf in dhiisa. Waaqayyo akka wanti tokko illee hin ta’iniitti cubbuu keenya laphee keenya keessaa dhiqee baasa. Isa boodas akka Isa duukaa buunuu fi Isaaf abboomamnu nu taasisa).

Seenaa Macaafa Qulqulluu keenya kana keessatti Waaqayyo abdii dinqisiisaa Yaaqoobiif kenne. Waaqayyo abdii kana nuufis in kenna. Amma abdii kana baranna. Kutaa barumsa keenyaa isa itti fufuun gara luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabachuutti ceena.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:-[Gooftaan akkas jedhe] "Kunoo, ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega"Seera Uumamaa 28:15.

MacaafaQulqulluukeebaniiSeeraUumamaa28:15sagaleekeeguddusiidubbisi.Ittifufuudhaan “yaabbannoogulantaaabdii”isadursiteeqopheessitewaraqaaisaatokkoo tokkoo barataatiiftokko tokko kenniif. Waraqaawwan sana irraa jechoota luqqisichaa dubbisiifii akka barattoonni si boodaan jedhan taasisi. Jechoota Macaafa Qulqulluu sana keessaa waraqaawwan mallattoon itti ta’u filtee yoo jiraatte kobbii keenniifiitii utuu ati keessa deebitee dubbisaafii jirtuu akka isaan tokkoo tokkoo jecha barbaadanii argatan taasisi.

Isa boodas akkas jedhi, Yaaqoob abdii dinqisiisaa kana kan dhaga’e abjuu isaatiin yeroo ergamoota yaabbannoo irratti, Waaqayyoon immoo bantii isaa irratti arge ture. Jechoota Macaafa Qulqulluu kana akka gulantaa yaabbannoo tolchuutti asii ol haa diriirsinu.

Gulantaa walitti fufu akka tolchaniif ijoolleen waraqaa jechoota Macaafa Qulqulluu sana attamitti akka dachaasan itti argisiisi. Kana hojjechuudhaaf jalqaba kutaa isa “Gooftaan akkas jedhe” jedhu dachaasi. Akka kanatti tartiiba jechoota sanaa eegdee hamma waraqaa jechootaa hundi dadachaafamanitti isa tokko isa kaan irra kaa’uudhaan tartiibaan naqi.

Waraqaa tartiibaan keesse sana hundumaa deebisii diriirsi; gulantaa isaanii in argita. Yommuu tokkoon tokkoo keessan gulantaalee sana darabeedhaan bantan, jechoota luqqisii Macaafa Qulqulluu sana ijoolleen sii wajjin irra deddeebi’anii si’a hedduu haa jedhan. Isa booda immoo barattoonni utuu waraqaa sana irraa hin ilaalin guutummaa luqqisichaa akka sammuu isaaniitiin yaadatanii jedhan gaafadhu.

Faarfannaa(noota):- kanatti fufanii jiran keessaa tokko yookiin isaa ol faarfadhaa; Guddaa guddaa caalu (Lakkoofsa 13); Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha(Lakkoofsa21); Jaalalli Kristos(Lakkoofsa20).

Kadhannaa Xumuraa:- qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa kadhadhu.

Akka ijoolleen “waraqaa gulantaalee abdii” jedhu sana gara manaatti fudhatanii galanii fi jechoota Macaafa Qulqulluu kanaa fi seenaa Yaaqoobii fi abjuu isaa maatii isaaniitti himani toosisi. Yeroo ijoolleen adeemuuf ka’an tokkoo tokkoo isaanii maqaadhaan waamii, “Waaqayyo sii wajjin jira, bakka ati dhaqxu hundumaattis si eega” jedhiin.

Baafata

Barumsa 9

Yoseefii fi Abjuu isaa

(Seera Uumamaa 37:1-11)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 32-33

Dhugaa Ijoo

Karoorri Waaqayyo ammaa fi bara baraan nu eebbisuu fi jireenya keenya hundumaa keessatti gaarii akka nuuf ta’uuf hojjechuu dha.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Yoseef obboloota isaa biratti kan jibbamee fi rakkoon kan irra ga’e, ilma Yaaqoob isa jaallatamaa akka ta’e in BEEKU.

• Waaqayyo jireenya keenyaaf karoora gaarii akka nuuf qabuu fi yoodhuma rakkoo fi dhiphinni biyya lafaa kanaa jiraate illee karoorri Isaa akka nuuf raawwatamu taasisuudhaaf humna akka qabu amanuuttiin GUDDATU

• Amantii Yesus irratti qabnuun jaalala Isaa isa bara baraa, kunuunsaa fi dhiifamaan waan nu eebbisuuf Waaqayyoon galateeffachuu isaanii itti fufanii in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

Waaqayyo akkas jedhe, «Kunoo, ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega» (Seera Uumamaa 28:15).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

• Kootii buburree, jaakkeetii yookiin qomee

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 9ffaa kanaaf yaadaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sana murii baasiitii haalluu dibi.

2.Seenaa Macaafa Qulqulluu kana himuudhaaf filmaata 2ffaa fayyadamta yoo ta’e, Kootii buburree, jaakkeetii yookiin qomee walitti qabadhu. Kana keessaa tokko iyyuu hin argattu yoo ta’e huccuu xixxiqqoo haalluu adda addaa qabu fayyadami.

3.SeenaaMacaafaQulqulluukanahimuudhaaffilmaata2ffaa fayyadamuudhaafkaroorfatteyoo ta’e, akka Yoseef ta’ee hojjetuuf gurbaa saafela waldaa amantootaa kee keessaa filadhu. Gurbaa saafelli kun barumsa 10ffaa keessattis seenaa Yoseef dubbachuudhaan dhiheessuutu isa irra jira. Haasaa seenaa Yoseef yeroo barumsaa sana dura gurbicha waliin dubbadhaatii, akka inni shaakaluuf gara galcha isaa kenniif (“Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu” jedhu ilaali).

4.Waraqaa gara galcha seenaa Macaafa Qulqulluu Ermiyaas 29:11 irra jiruu tokkoo tokkoo barataatiifqopheessi.Waraqaahammaisaluqqisii MacaafaQulqulluuqabu sanaaga’ulama lama murmurii tokkoo tokkoo ijoolleetiif kenni. Akki itti waraqaan kun murmuramu dhuma qajeelfama kanaa irratti barumsa 9ffaa tiif sarara ciccittuun kaa’amee jira. Itti dabalees barumsa 9ffaa kanaaf kan wal-makuudhaaf fayyadu waraqaa sarara ciccittuu qabu biroo tokkoo tokkoo barataaf qopheessuu barbaachisa. Sarara tuqaadhaan tolfame sana hordofuudhaan waraqaa sana murtuudhaan u’uraa. (Yaadadhu: yommuu murtuudhaan u’urtan akka minjaala hin murmurretti kaartoonii yookiin waraqaa yabbuu baay’inaan jala kaa’adhaa). Barattoonni yommuu kana hojjetan waraqaa sadan u’uran sana keessa galchuudhaan waliin haa makan.

5.Akka fakkeenyaatti barattootatti argisiisuudhaaf karoora hojichaa qopheessi. Hojii harkaa kutaa kanaa ilaali.

Macaafa Qulqulluu bu'uureffachuu

Barumsa kana qorachuu eegaluudhaaf Seera Uumamaa 29 fi 35 Macaafa Qulqulluu keessaa dubbisi. Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu har’aatiif ragaa bu’uuraa akka siif kennuuf yaada qabatamaa kanatti fufee lakkoofsa 1-5 tti barreeffame ilaali. Itti fufuudhaanis Seera Uumamaa 37:1-11 dubbisi.

1. Yaaqoob eessuma isaa Laabaaniin waggoota hedduu tajaajile. Yeroo sana keessa ijoollee dubaraa Laabaan, Liyaa fi Raaheliin fuudhe (Seera Uumamaa 29:23,28). Waaqayyo Yaaqoobiin ijoollee dhiiraa 12 fi durba tokkoon eebbise. Maqaan ijoollee isaa akka dhaloota angafaa gara quxisuutti: Ruuben, Shimi’oon, Lewwii, Yihudaa, Daan, Niftaalem, Gaad, Asheer, Yisaakor, Zebuloon, Dhinee (durba), Yoseef, fi Beniyaamin jedhamu. Ijoolleen Yaaqoob kunneen hundinuu kan dhalataniif utuu inni biyya Sooriyaa jiruu ti (Seera Uumamaa 35:26).

2. Waaqayyo hojii Yaaqoob Laabaaniif hojjetu in eebbise; Yaaqoobiinis in sooromse. Waldhabiinsa Laabaan wajjin ta’eef Yaaqoob biyya sana dhiisee gara biyya Kana’aan mana abbaa isaa Yisihaq isa Keebironitti dhihoo Maamiree keessatti argamutti deebi’e (Seera Uumamaa 35:26). Kana’aan biyya Waaqayyo Abrahaam, Yisihaqii fi sanyii isaaniitiif kennuuf abdachiisee turee dha.

3. Yaaqoob gara mana Yisihaqitti deebi’aa utuu jiruu karaa irratti obboleessa isaa Esaawuutti araarame (Seera Uumamaa 33). Yommuu abbaan isaanii Yisihaq umurii waggaa 180 tti du’es walii wajjin awwaalan (Seera Uumamaa 35:28-29)

4. Yaaqoob Laabaan biraa erga ba’ee utuu Kana’aan hin ga’in akkuma Waaqayyoof kakatee ture gara Beetelitti deebi’e (Seera Uumamaa 18:20-22). Yaaqoob Beetelitti Waaqayyoon waaqessuu fi ulfiana kennuufiif iddoo aarsaa ijaare (Seera Uumamaa 35:7)

5. Ijoollee Yaaqoob kudha lamaan keessaa Yoseef isa kudha-tokkoffaa ture. Tiksee ta’ee obboloota isaa wajjin tajaajile (Seera Uumamaa 37:2). Yeroo taatee seenaa Macaafa Qulqulluu isa amma barannu kanaatti Yoseef nama waggaa 17 ture.

6. Wanta “hamaa” ijoolleen haadha manootii abbaa isaa kan Bilhaa fi Zilfaa hojjetan Yoseef abbaaisaaYaaqoobitti inhime.Gabaasi kunis akkaYoseefabbaaisaabirattisimbooargatu isa taasise.

7. Yaaqoob Yoseefiin ilmaan isaa hundumaa caalaatti in jaallate. Yaaqoob Yoseefiin caalchifachuu isaa argisiisuuf uffata buburree hojjeteef. Kennaan uffata kanaa fi caalchifannaan kun akka obboloonni isaa Yoseefitti hinaafan isaan taasise; “in jibban; nagaas isatti dubbachuu hin dandeenye” (Seera Uumamaa 37:4).

8. Abjuun Kakuu Moofaa keessattis ta’e, Kakuu Haaraa keessattis karaa Waaqayyo yeroo baay’ee beekumsa wanta tokkoo saba Isaatti ittiin mu’isu ture. Waaqayyo akeeka Isaa gara fuula duraa abju’awwan lamaan Yoseefitti mul’isuu eegale (Seera Uumamaa 37:5-9). Handhuurri abju’awwan kana lamaanii Yoseef utuu obboloonni isaa isaaf bitamuudhaan isaaf qoomma’anii arge. Yoseef quxisuu obboloota isaa waan tureef, kun sirna uumamaa kan hordofe hin turre. Yommuu abjuu isaa baranis obboloonni isaa Yoseefiin ittumaa caalchisanii akka jibban isaan taasise.

9. Baroota Macaafa Qulqulluu guutummaa isaa keessatti Waaqayyo dhugaawwanii fi wantoota gara fuula duraatti ta’uuf jiran abjuudhaan saba Isaatti yoo mul’ise illee, har’a immoo fedhaa fi akeeka gara fuula duraatti Waaqayyo nuuf qabu kan of keessaa qabu Macaafa Qulqulluu qabna.

10. Yommuu abjuu Yoseef dhaga’e, Yaaqoob iyyuu isa “in ifate” (Seera Uumamaa 37:10) Ijoolleen warraa fi angafoota isaanii jaallachuu fi kabajuu malee isaan irratti aboo fudhachuun irraa hin eegamu. Abjuun Yoseef garuu dubbii abdii isa baroota hedduu dura Yisihaq yommuu Yaaqoobiif eebba angafummaa kenneef akka of-ilaalleetti (daawitiitti) argisiisa (Seera Uumamaa 27:29 ilaali). Yaaqoob “garuu dubbicha (abjuu Yoseef) yaadatti in qabate (in eega ture)” (Seera Uumamaa 37:11). Yoseef waa’ee abjuu isaa dinqisiifatee, isaa fi maatii isaatiif abjuun sun hiikaa maalii akka qabu itti yaadaa ture.

11. Yoodhuma obboloonni isaa Yoseefiin jibban illee, Waaqayyo isaan oolchuudhaaf karaa Yoseefiitiin hojjechuutu Isa irra ture. Yesus obboloota Isaa lafa irraa afuran dabalatee namoonni baay’een yoo Isa jibban illee, Inni du’uu fi du’aa ka’uu Isaatiin namoota hundumaa cubbuu isaaniittii fayyiseera (Yohannis 7:5; Maarkos 6:3).

12. Cubbuu fi Isaaf abboomamuu diduu keenya Yesusiif jedhee nuuf dhiisuu fi rakkinoota haalota biyya lafaa kanaa keessatti nu mudatan keessatti illee nu eebbisuudhaan Waaqayyo utuu addaan hin kutin gaarii nuuf hojjeta.

Barumsicha dhi'eessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu. Faarfannaa:- Waaqayyo Gaarii dha(Lakkoofsa32) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojii:-(ijoollee hundumaaf) Karoorawwan qopheessuu

Ijoollee marsaadhaan teessisi. Har’aaf karoora maalii qabdu? jedhii gaafadhu. (Ijoolleen barumsa Sanbata Guddaa/Dilbata fi waaqeffannaa isa walii wajjin qaban booda wantoota hojjechuuf saganteessan walitti haa himan. Ati karoora kee isaanitti himi). Itti fufiitii, karoorri isin boriif qabdan maali? jedhii gaafadhu. (Ammas akka ijoolleen walitti himaniif toosisi. Taphachuuf, hirribaaf, nyaachuuf, hojii yeroo baay’ee hojjetan hojjechuun kanneen caqasamuu danda’anii dha). Sanbata Guddaa isa dhufuuf karoorri keessan maali? (Ammas akka ijoolleen walitti himaniif toosisi). Bara isa dhufuuf karoorri keessan maali? (Yommuu yeroon isaa dabalaa adeemu, addumaan ijoolleen umuriin isaanii waggaa afurii, shanii fi ja’a ta’an karoora isaanii dubbachuun guddaa kan isaan danqu akka itti ta’u in hubatta). Yeroo umuriin keessan waggaa kudhan ta’u maal hojjechuuf karoorfattanii jirtu?Yommuu waggaa afurtama guuttanwoo? Yoo waggaa 60 tii ol jiraattu taatan karoorri keessan maal kan ta’u isinitti fakkaata? (Ammas akka ijoolleen shallaggii qofa qaban hubadhu. Ijoolleen xixinnoon waa’ee wantoota gara fuula duraa yaaduun rakkisaa waan itti ta’uuf tokko tokkoon yaada isaanii xiqqoo haamaraa’aa fakkaachuu in danda’a).

Itti fufii akkas jedhi; karoorri keenya attam akka ta’u, yookiin daqiiqaa shan booda maal akka nu irra ga’u nuyi hin beeknu. Garuu Inni kana beeku tokko jira. Innis Waaqayyo, Abbaa keenya Isa waaqa irraa ti. Waaqayyotu nu uume. Waaqayyo waa’ee keenya wanta hundumaa beeka. Waaqayyo akeeka nuuf qaba; attamitti akka akeeki kun hojii irra oolus

Inni sirriitti in beeka. Fuul-dureen keenya maal akkata’u Waaqayyo in beeka;wanti gaariin akka nuuf ta’uuf amma iyyuu jireenya keenya keessatti hojjechaa jira.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keenya har’aa keessatti, waa’ee maatii Yaaqoob dhageenya. Barumsa keenya yeroo darbee keessatti waa’ee Yaaqoob maal baranne? (Yaaqoob ilma Yisihaqii fi Ribqaa akka ta’e ijoollee wajjin keessa deebi’aa. Inni quxisuu yoo ta’e iyyuu, angafummaa ijoollee baay’ee fi biyya nama gammachiisu keessa jiraachuu wajjin eebbawwan dinqisiisoo hundumaa akka inni fudhatu karoora Waaqayyoo ture. Lakkuun Yaaqoob, Esaawuun yeroo Yaaqoob eebba kana argate guddaa aare. Esaawuun Yaaqoobiin ajjeesuuf itti ori’e. Kanaaf Yaaqoob maatii isaa dhiisee, eessuma isaa Laabaan bira jiraachuudhaaf in adeeme. Utuu karaa irra jiruus abdiiwwaan gurguddaa kanneen fudhachuuf jiru hundumaa utuu Waaqayyo isa yaadachiisuu abjuu dinqisiisaa ta’een arge). Seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa keessatti, waa’ee abjuu ilmi Yaaqoob, Yoseef arge lamaanii argina. Waa’ee abjuwwan kanneenii caalchistee baruu fi Yaaqoobiif maatii isaa irratti dhiibbaa isaan fidan hubachuudhaaf sirriitti dhaggeeffadhu.

Faarfannaa:- “Irreen Gooftaa fayyisaa dha” (Lakkoofsa 15) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1:- Macaafa Barsiisaa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa “Yoseefii fi abju’awwan isaa” isa jedhu yommuu isaaniif dubbistu, calchisanii akka dhaggeeffatan taasisuuf horgoggeewwan fuula gara duuba qajeelfama kanaa irra jiran fayyadami. Seenicha dubbisuu kee dura, gara horgoggeewwan sanaatti quba qabuudhaan Yaaqoobii fi

miseensota maatii isaa ijoolleetti beeksisi (Yaaqoob, Ruuben, Shimi’oon, Lewwii, Yihudaa, Daan, Niftaalem, Gaad, Asheer, Yisaakor, Zebuloon, Yoseef fi Beniyaamin). Barumsa yeroo darbee fi seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa gidduutti maaltu akka Yaaqoobiin mudate akka ijoolleen hubataniif seenaa Macaafa Qulqulluu sana itti himuu kee dura, kutaa “Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu” jedhu kan barumsa guyyaa har’aa keessaa ragaalee xiqqoo wajjin wal qabsiisiif.

Filmaata 2:- bakka Yoseef ta’ee waa’ee jireenya Yoseef akka dhi’eessuuf saafeloota waldaa amantootaa keetii keessaa nama tokko filadhu. Jaakkeetii, kootii, yookiin qomee (yookiin huccuu inni gatiittii isaa irra buufatu) buburree qopheessiif. Akka inni wayitii barumsaa sana dura shaakaluuf dubbisa kanatti fufee jiru isa dhiheessu sanaaf kenniif.

(Yoseef akkas ha jedhu); Jaallatamoo firoota ko, nagaan isiniif haa ta’u! Ani Yoseefin jedhama. Umuuriin koo waggaa kudha torba yommuu ta’u, abbaa koo Yaaqoobii fi obboloota koo kudha tokkoo wajjinan biyyuma Kana’aan kana keessan jiraadha. Ani ijoollee dhiiraa Yaaqoob kudha lamaan keessaa isa kudha tokkoffaa dha. Anii fi obboloonni koo walii wajjin hoolota abbaa keenyaa tiksina. Erga inni eessuma koo isa guddicha Laabaaniif waggoota heedduu hojjetee booda Waaqayyo abba koo lafa baay’ee, beeyladoota hedduu fi badhaadhummaa birootiinis isa eebbise.

Abbaan koo obboloota koo kaan hundumaa irra caalchisee ana jaallata. Akkuma isin iyyuu shallaguu dandeessan, kun anaa fi obboloota koo gidduutti rakkinoonni hedduun akka uumamaniif sababa ta’eera. Uffati miidhagaan ani uffadhu kun dhugumaan isaan aarseera. Abbaan koo isaan irra caalchisee jaalala addaa waan anatti argisiisuuf obboloonni koo ana jibbuu jalqabanii jiru.

Abjuun yeroo darbe arge obboloota kootti himeen ture. Anii fi obboloonni koo hundumti keenya maasii (ohiruu) abbaa keenyaa keessa in hojjenna turre. Utuu qamadii haamnuus, walitti qabnee bissii hiinee in keenya turre. Abjuu koo kanaan, bissiin koo ka'ee ol qajeelee dhaabbate; bissiiwwan obboloota kootii immoo bissii isa kan kootiitti naanna'anii utuu gugguufaniifii nan arge. Obboloonni koos yommuu abjuu koo kana dhaga’an isa duraa caalaatti anatti aaran. “Ati dhuguma mootii nu irratti taataa? Akka siif gugguufnus in barbaaddaa?” jedhanii ana gaafatan.

Ammas abjuu biraa tokko nan abju'adhe. Anis obboloota kootiin, “Abjuu Koo isa kana keessatti, biiftuun, ji'I fi urjoonni kudha tokkos anaaf utuu gugguufanii argeera” jedheen itti hime. Akkuma isin shallaguu dandeessan, obboloonni koo abjuu koo isa kanas hin jaallanne. Eenyutu obboleessa yookiin obboleettii quxisuutiif gugguufuu barbaada?

Waa’ee abjuu koo isa lammaffaa kana yommuu dhaga’e abbaan koo Yaaqoob iyyuu anatti aareera. “Anii fi haati kee, obboloonni kees dhufnee akka siif gugguufnu barbaaddaa?” anaan jedhe.

Abbaan koo wanta waa’ee abjuu kootii kana itti yaaduu isaa ani hubadheera. Waaqayyo karoora maalii akka anaaf qabuu fi abjuuwwan kunneen karoorichaa wajjin walitti dhufeenya qabu laataa? jechuudhaan nan dinqisiifadha.

(Yoseef dubbii isaa addaan kutee, akka waan fagoo irraa sagalee dhaga’uutti harka isaa gurra isaa irra kaa’ate). Gara bakka hoolota tiksuutti akka ani deebi’uuf obboloonni koo akka ana waaman anatti dhaga’ama. Adeemuu anaaf wayya. Firoota ko, booda wal argina.

Yoseef iddoo dhaabbatee seenaa isaa himu sana dhiisee haa adeemu. Isa boodas gaaffilee kanatti fufanii jiraniin itti fufi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Obboloonni Yoseef maaliif isa jibban? (Abbaan isaanii Yaaqoob isaan irra caalichisee isa in jaallata waan tureef itti hinaafan; kana irratti dabalees Yaaqoob kootii miidhagaa isaaf kenne).

2. Yoseef abjuu attamii abju’ate? (Yoseefbissiiwwanobbolootaisaa bakka bu’anuttuisaaf gugguufanii abjuu isaatiin arge. Itti dabalees, abjuu isaatiin biiftuu, ji’aa fi urjiiwwan utuu isaaf gugguufanii arge. Abjuuwwan kunneen Yoseef obboloota angafoota isaa, abbaa fi haadha isaa irratti iyyuu akka mo’u kan argisiisan ture. Abjuuwwan kunneen akka obboloonni Yoseef caalchisanii isa jibban taasisan).

Sochii hojii keessa deebiidhaaf:-abjuuwwan Yoseef gochaadhaan dubbachuu

Ijoolleen akka seenaa dubbatame kana qabatamaatti keessa deebi’uu danda’aniif seenaa Macaafa

Qulqulluu kana gochaawwan kanatti fufanii jiran si waliin haa hojjetan

Dubbadhu Hojjedhu

Yaaqoob ijoollee dhiiraa 12 qaba ture

Yaaqoob ilma isaa Yoseefiin guddisee jaallata ture

Yaaqoob hammam akka isa jaallatu argisiisuuf kootii buburree miidhagaa kenneef

Kun akka obboloonni Yoseef isatti hinaafanii fi aaran isaan taasise

Isa boodas Yoseef abjuuwwan lama abju’ate. Abjuu isaa isa jalqabaatiin, Yoseefii fi obboloonni isaa

Qubawwan keetiin “1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12” jedhii lakkaa’i

Harkawwan kee laphee kee irra kaa’i

Akka waan kootii uffattuu of fakkeessi

Fuula kee nama aare fakkeessi; barruu harka kee isa tokko aboottee isa kaaniitiin rukuti

Gugguufi

bissiin qamadii qabu turan. Bissiin obboloota isaa bissii Yoseefiif gugguufan

Abjuun kun akka obboloonni Yoseef isatti hinaafanii fi aaran isaan taasise

Abjuu isaa isa lammaffaatiin biiftuu, ji’aa fi urjootatu Yoseefiif gugguufan

Abjuun kun akka obboloonni Yoseef isatti hinaafanii fi aaran isaan taasise

Abjuun kunYaaqoobiiniyyuu in aarse.Abjuuwwan kanaan Waaqayyo maal jechuu Isaa akka ta’e Yaaqoob in dinqifate

Fuula kee nama aare fakkeessi; barruu harka kee isa tokko aboottee isa kaaniitiin rukuti

Gugguufi

Fuula kee nama aare fakkeessi; barruu harka kee isa tokko aboottee isa kaaniitiin rukuti

Mataa kee hooqqachaa nama nama waa gaafaatu of fakkeessi

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: akeeka Waaqayyo siif qabu

Ijoollee marsaadhaan teessisi. Akkas isaaniin jedhi, abjuuwwan Yoseef argeen Waaqayyo akka karoora addaa isaaf qabu isatti argisiise. Yaaqoobii fi Yoseefiin dabalatee, ijoolleen isaa akeeki Waaqayyoo maal akka ture hin beekne. Waaqayyo garuu gaarii dha. Kan Inni saba Isaatiif fedhu wantoota gaggaarii qofaa dha. Waaqayyo haalota rakkisoo keessatti iyyuu saba Isaatiif wantoota gaggaarii isaaniif hojjeta.

Seensa barumsa keenyaa irratti har’a xiqqoo turee, borii fi baroota gara fuula duraatti dhufaniif karoora qabdan muraasa dubbattanii turtan. Waaqayyos karoora akka isiniif qabu beektu turtanii? Kun dhugaa dha; kan Waaqayyo Macaafa Qulqulluudhaan nutti dubbatu isuma kana. Macaafa Qulqulluu kee baniitii dubbii Ermiyaas boqonnaa 29:11 irra jiru dubbisi. Macaafni Qulqulluun akkas jedha; “Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee, yaada isin balleessu miti” jedha Gooftichi. Akkuma karoora gaarii Yoseefiif qaba ture, karoorri Waaqayyoo isiniifis gaarii dha. Waaqayyo guddisee akka isin jaallatuu fi karaa keessan jaalala Isaa namoota hundumatti argisiisuu fi qooduufii akka barbaadu beekuun barbaachisaa dha!

Macaafni Qulqulluun waa’ee karoora biroo isa Waaqayyo nuuf qabuus in dubbata. Barumsa hamma ammaatti baranne keessatti waa’ee karoorawwan kanaa dhageenyeerra. Amma isaan kana keessa deebina.

Macaafa Qulqulluu keessaa Seera Uumamaa 1:1 barumsa 1ffaa keessaa Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabachuuf kenname baasi. Luqqisicha yommuu dubistu jechoota tokko tokko bira darbiitii akka ijoolleen yaada isaanii keessaa itti guutuu danda’an ilaali. Macaafa

Qulqulluu keessaa seenaa isa jalqabaa keessatti “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” kan jedhu baranneerra. Kun sirrii dha! Waaqayyo biyya lafaa fi wantoota isa keessa jiran hundumaa nuuf uume jedhii isaanitti himi.

Yaadachiisa:- ijoollee xixiqqoo ta’an luqqisiiwwan Macaafa Qulqulluu hunduma isaa yaadachuun in rakkisa. Jechoota keessaa hir’atan itti guutiitii suutatti jedhii akka isaan si boodaan keessa deebi’anii jedhan taasisi. Itti dabalees tokkoo tokkoo barumsichaa irratti hundi ijoollee akka hin argamnes hin dagatin. Barumsawwan hamma ammaatti barattan keessa deebi’uudhaaf jechoota hir’atan guutuu kana akka carraa gaariitti itti fayyadamaa.

Amma gara Faarfannaa 139:14 tti deebi’i. Seenaa Macaafa Qulqulluu keenya keessatti barumsa lammaffaa isa “Qe’ee isa jalqabaa” jedhu keessatti, “Nuyi guddaa dinqisiisaa taanee waan uumamneef” Waaqayyoon galateeffachuu akka dandeenyu baranneerra. Tokkoo tokkoon keenya akka Waaqayyo nu uume in beekna. Waaqayyo akka Isa tajaajilluuf kennaa addaa fi dandeettii nuuf in kenna jedhiin. Itti fufuudhaan, Yohannis 3:16 baasiitii akkas isaaniin jedhi; Waaqayyo biyya lafaa, akkasumas namoota jalqabaa lamaan, Addaamii fi Hewaaniin, gaariitti uume. Garuu yommuu Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof abboomamuu didan wantoonni biyya lafaa keessa jiran hundumtuu in jijjiiraman. Wantoonni sun gaarummaa isa Waaqayyo barbaade qabatanii turuu hin dandeenye. Yoodhuma isaan cubbuu hojjetan illee Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin jaallachuu itti fufe. Waaqayyo Fayyisicha Yesusiin biyya lafaatti erguudhaan isaanii fi nuun cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf abdachiise. Waaqayyo waa’ee abdii Isaa isa dinqisiisaa kanaa Yohannis 3:16 keessatti nu yaadachiisa. Luqqisii kana keessatti Yesus, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jedha. Argitanii, karoorri Waaqayyo isiniif qabu gaaf-tokko waaqa irratti bara baraan Isaa wajjin akka jiraattanii dha. Dhiifamuu cubbuu fi jireenya bara baraa qabaachuu akka dandeessaniif Yesus fannoo irratti du’ee du’aa ka’eera. Kun shakkii kan hin qabne karoora dinqisiisaa dha!

Gara Daani’eel 9:9 tti deebi’i. Akkas isaaniin jedhi, seenaa Macaafa Qulqulluu keenya isa afuraffaa keessatti waa’ee ijoollee Addaamii fi Hewaan waa’ee Qaayinii fi Abeel baranneerra. Abeel aarsaa gaarii Waaqayyoof dhi’eessuudhaan hammam Waaqayyoon akka jaallatu argisiise. Aarsaan Qaayin jaalala kan hin qabne ture. Qaayin Abeelitti hinaafee isa ajjeese. Qaayin yoo cubbuu hojjete illee amma iyyuu Waaqayyo eeggannaa isaaf taasise. Yommuu nuyicubbuuhojjennuilleeWaaqayyoyeroohundumaanujaallata;eeggannaasnuuftaasisa. Dubbiin Waaqayyoo akkas jedha; “Waaqayyo araara qabeessa”. Dubbiin kun Waaqayyo Yesusiif jedhee cubbuu keenya akka nuuf dhiisu nutti hima.

Itti fufiitii gara Faarfannaa 68:20a tti deebi’i. Akkas isaaniin jedhi, itti fufnee kan nuyi dhageenye waa’ee Nohii fi maatii isaa ture. Karoorri Waaqayyo Nohii fi maatii isaaf qaba ture bishaan badiisaa isa biyya lafaa balleesse keessaa isaan oolchuu dha. Waaqayyo karaa

du’uu fi du’aa ka’uu Yesusitiin isin oolcheera. “Waaqayyo keenya Waaqayyo isa fayyisu”

akka ta’e dubbiin Waaqayyoo nu yaadachiisa.

Gara Fakkeenya 3:5 tti deebi’iitii akkas isaaniin jedhi. Seenaa macaafa Qulqulluu keenya isa ja’affaa keessatti akka Abrahaam mana isaa dhiisee gara biyya haaraa adeemuuf akka Waaqayyo isatti dubbate dhageenyeerra. Akka Abrahaam ijoollee baay’ee qabaatuu fi ijoollee isaa sana keessaanis gaaf-tokko Fayyisichi Yesus akka dhufu Waaqayyo isa abdachiise. Waaqayyo eessatti akka isa geessuu fi innii fi Saaraan dulloomanii turan waan ta’eef mucaa qabaachuu danda’u isaanii hin beeku ture. Haa ta’u iyyuu malee karoora Waaqayyo isaaf qabu in amane. Karoora Waaqayyo nuuf qabu hin beeknu yoo ta’e illee akka Inni jireenya keenya keessatti gaarii nuuf hojjetu amanachuu in dandeenya. Macaafni Qulqulluun, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!” jedha. Waaqayyo waan hundumaa beeka. Nuufis wanta gaarii nuuf ta’u in beeka. Akka Inni yeroo hundumaa wanta gaarii isiniif hojjetus amanachuu in dandeessu.

Maatewos19:26baasii akkas isaaniin jedhi.Barumsa keenyaisa itti fufneebarannekeessatti immoo Waaqayyo yommuu Abrahaamii fi Saaraadhaaf ilma (Yisihaqiin) kenneef attamitti akka Inni isa abdachiise isaaniif raawwate ilaalleerra. Waaqayyo yeroo hundumaa isa nu abdachiiseinraawwata.WaaqayyocubbuukeenyattiinufayyisuudhaafjedheeIlmaofiiIsaa Yesusiin nuuf erguu Isaatiin dhimma kana mirkaneeffachuu in dandeenya. Abdiin Waaqayyo nuuf kennu waanuma ta’u yoo nutti fakkaachuu baate illee Yesus “Waaqayyoof wanti dadhabamu” akka hin jirre nutti hima.

GaraSeeraUumamaa28:15tti deebi’iitii akkas isaaniin jedhi. Barumsakeenyaisa xumuraa keessatti ilmi Yisihaq, Yaaqoob kan maatii isaa hubachuun itti ulfaate, karoora Waaqayyoo akka qabu baranneerra. Akka Yesus maatii isaa keessaan dhalatuuf akka baratametti obboleessa isaa Esaawuuf ta’a ture eebba angafummaa akka Yaaqoobiif kennamuuf Waaqayyo in eyyame. Yaaqoob isa bira darbee eebbicha waan fudhateef Esaawuun in aare. Yaaqoobiin ajjeesuus barbaade. Yaaqoob mana isaa dhiisee eessuma isaa Laabaan bira jiraachuuf in adeeme. Utuu karaa irra jiruus Waaqayyo akkuma Abrahaamii fi Yisihaqiif kakuu galee ture sana dhaloota akka Yaaqoob qabaatu abdachiisuu Isaa abjuudhaan in arge. Waaqayyo Yaaqoobiif itti dabalee abdii akkas jedhu kenneef; “Kunoo, ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega”. Bakka ati dhaqxu hundumaatti sii wajjin ta’ee si eeguudhaaf Waaqayyo siifis abdii kana kenneerra. Kun oduu dinqisiisaa dha!

Waaqayyo tokkoo tokkoo keenyaaf karoora akka qabu luqqisii Macaafa Qulqulluu haaraa tokko isiniif dubbiseen ture. Hojii harkaa luqqisii haaraa kana nu yaadachiisu haa hojjennu. Luqqisii MacaafaQulqulluu sammuutti qabatamu:-"Yaada ani isiniif yaadeanumaduwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee, yaada isin balleessu miti " (Ermiyaas 29:11).

Yaadachiisa:-ijoollee xixiqqoo luqqisicha"Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka;” jedhu qofa barsiisi.

Luqqisicha sagalee kee guddistee yommuu dubbistu “Yaada” isa jedhu jabeessi. Karoorri Waaqayyoo wanta gaarii isiniif hojjechuu dha jechuudhaan barattootaaf ibsi. Karoorri Waaqayyo siif qabu inni guddaan namni Yesusitti amanu hundinuu jireenya bara baraa mana isa waaqa irraa akka qabu dhugaa isa cimaa kanatti amanuu siif kennuu dha.

Hojii harkaa jechoota Macaafa Qulqulluu kana hojjechuu si dandeessisu hojjenna.

Waraqaa sarara qabu dursitee kan baay’iftee murmurtee qopheessite kan luqqisii Macaafa

Qulqulluu qabu tokkoo fi duwwaa adii lama tokkoo tokkoo barataaf raabsi. Hojiin harkaa kun karoora abdii Waaqayyo isiniif qabuu qofa utuu hin ta’in, itti dabalees kootii miidhagaa Yaaqoob Yoseefiif kennes isin yaadachiisa, jedhiin.

Akka ijoolleen waraqaa adii sarara qabu lamaan fuula tokko haalluu diban taasisi. Yommuu waraqaakanahaalluudibanishaalluubifaaddaaddaafitooraaddaaddaaakkafayyadamantoosisi.

Itti fufuudhaan, waraqaa dursanii uraman barattootaaf hiri. Waraqaa buburreessanii haalluu diban mataa fi miil-jalaan sararawwan tarsaafamanii jiraniin attamitti akka walkeessa loosan ijoolleetti argisiisi. Barattoonni waraqaalee kana wal keessa loosuudhuf waraqaa kanneen sarara qaban akka kirniitti tarsa’aa waraqaa guddaa gararraa fi mil-jalaan keessa loosuu isaan barbaachisa.

Yommuu waraqaaleen haalluu qaban sun wal keessa loofaman, waraqaalee xixinnoo luqqisiin irratti barreefamanii jiran barattootaaf hiri. Waraqaa buburreen sana tarsa’aa waraqaa isa guddaa keessaakkaloosantaasisi. Barattoonni waraqaaisa buburreesanawaraqaaisaguddaakeessakaraa bitaa irraan eegalanii keessa haa loosan. Barattoonni tarsa’aa isa tokko gadi irra haa galchan; tarsa’aa isa hafe immoo mil-jala haa galchan. Yommuu isaan waraqaalee sana tarsa’oota keessa loosan, tokkoon tokkoo jecha luqqisii Macaafa Qulqulluu waraqaa tarsa’aa sana walakkeessa irraa in argama. Ijoolleen tokkoo tokkoo jecha sanaa yommuu argan sagalee isaanii guddisanii haa dubbisan. Hamma ijoolleen luqqisicha sirriitti baranitti luqqisii Macaafa Qulqulluu sana irra deddeebi’iitii waraqaa uraa sana walakeessaan loosi.

Faarfannaa:- Faarfannoota kana keessa deebitanii faarfachuu yookiin shaakaluu itti fufaa:-

Yesus nu jaallata (Lakkoofsa 38);

Waaqayyo Gaarii dha (Lakkoofsa 32);

Galanni, galanni (Lakoofsa 5) jedhan faarfadhaa.

Kadhannaa Xumuraa:- kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa kadhadhu.

Baafata

Barumsa 10

Yoseef in gurgurame

(Seera Uumamaa 37:12-36)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 34-36

Dhugaa Ijoo

Yoodhuma cubbuun ofii keenyaa fi kan namoota biroo firii jibbisiisaa qabaatan illee, Waaqayyo akka fedhiin Isaa jireenya keenya keessatti raawwatuuf eeggannaa nuuf taasisuudhaaf abdii nuuf kenneera.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Akka Waaqayyo Yoseefiin gargaare in BEEKU.

• Waaqayyo yeroo rakkina isaaniitti, addumaan dhiifamuu cubbuu fi jireenya haaraa Yesus kennuun akka isaan gargaaru amanuutti in GUDDATU

• Humnaa fi jabina Waaqayyootti irkachuutiin in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu: «Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, Inni rakkina keessatti gargaaraa ta'uun isaa beekameera» (Faarfannaaa 46:1).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 10ffaa kanaaf yaadaman waraabbii taasisii qopheessi. Horgoggeewwan sanaa murii baasiitii halluu dibi. Tokkoo tokkoo horgoggeewwanii muka yookiin baala guddaa yabbuu wajjin hapheedhaan walitti maxxansi.

2.Hojii harkaa wayitii barumsaa kanaaf kan ta’u fakkii sa’atii gara galcha isaa qopheessi. Hojii harkaa barumsa 10ffaa kanaaf dhuma qajeelfama kanaa irratti kenname ilaali.

Macaafa Qulqulluu bu'uureffachuu

Barumsa kana qorachuu eegaluudhaaf Seera Uumamaa 37:12-36 dubbisi.

1. Yoseef gara Dootan bakka Obboloonni isaa jiran ga’uudhaaf bu’aa ba’ii gaarotaa irra maayila 66 ta’u in adeeme (Seera Uumamaa 37:12-17).

2. Lakk. 20 irratti akka dubbisnutti boolli obboloonni isaa Yoseefiin keessa buusan “boolla” bishaan bokkaa itti kuusuuf qotan kan naannoo sana turee dha. Yeroo taateen kun itti ta’es bona ture (Lakk. 24).

3. Ijoollee dhiiraa Yaaqoob keessaa, inni angafti, Ruuben, booda deebi’ee Yoseefiin boolla bishaanichaa keessaa baasuudhaaf karoorse (Lakk. 22).

4. Obboloonni isaa Yoseefiin guddaa jibban; tarii Yoseef gargaarsa argachuudhaaf mana hidhaa xiqqaa kana keessaatii yoo isaan waammatee jiraate illee, isaan midhaan nyaachuuf taa’an (Lakk. 25).

5. Yeroo Ruuben achi irraa xiqqoo adeemee jiruutti obboloonni isaa warri kaan Yoseefiin akka garbichaatti akka isaan tajaajiluuf daldaltootatti gurguran. Daldaltoonni sun karaa Ishmaa’el (warra Ishmaa'el) ilama Abrahaam isa jalqabaa fi karaa Qeexuraa haadha manaa Abrahaam ishee lammaffaa (Miidiyaanota) irraa yommuu ta’an, isaanis maatiidhuma Abrahaam turan. Yoseef qarshii 20 (meetii giraama 220) tti gurgurame; kunis bara sanatti gatii garbichi tokko itti gurguramu ture (Lakk. 28). Daldaltonni sun Yoseefiin biyya Gibxiitti in geessan.

6. Ruuben gara boollichaatti yommuu deebi’e Yoseef akka hin jirre baree uffata isaa in tarsaase (Lakk. 29). Kun Macaafa Qulqulluu keessatti namoonni guddisanii gadduu isaanii,dhiphina,yookiinyaaddoo isaanii argisiisuufmallattoo isaan itti fayyadamanii dha. Ruuben akka Yoseef bade attamitti akka abbaa isaatti himutu galuufii dide. Kanaaf yaada jal’inaa obboloonni isaa qopheessanitti walii-galee, akka waan Yoseef guddaa madaa’e fakkeessuudhaaf kootii Yoseef isa buburree sana dhiiga keessa cuuphan (Lakk. 31) Yaaqoob yommuu kootii Yoseef isa dhiiga keessa cuuphame sana arge Yoseef bineensaan nyaateme jedhee yaade (Lakk. 33).

7. Yaaqoob uffata isaa tarsaasee, uffata gaddaa uffatee, gadda dura Ruuben gadde irra guddaa kan caalu gadde. Uffati gaddaa “rifeensa reettii yookiin kan gaalaa irraa kan hojjetamu uffata jajjabaataa” ture. Uffati qaama namaaf hin mijanne, kan nama quqquuqu kun yeroo gaddaatti uffatama. Yaaqoob hamma du’utti Yoseefiif gadduu akka hin dhiifne maatii isaatti hime (Lakk. 35).

8. Utuu abbaan isaagaddairrajiruudaldaltonni MiidiyaanYoseefiin biyyaGibxiitti geessanii oogganaa raayyaa waraanaa mootii Gibxii isa ta’e Phoxiifaaritti in gurguran (Lakk. 36). Moggaasi Fara’oon jedhu mootota Gibxii hedduu addaan baasuudhaaf kan hojjetuu dha.

9. Yoodhuma Yoseef haala sodaachisaa keessa seene illee, obboloonni isaas cubbuu jibbisiisaayoohojjetanilleeWaaqayyoYoseefii fi maatii isaatiifgaarummaataasisuuf isaa wajjin ta’ee hojjechaa ture. Nuyis cubbamoota. Waaqayyo immoo karaa du’a Yesus, isa gara-jabinaan irratti raawwatamee fi humna du’aa ka’uu Isaatiin dhiifamuu cubbuu fi jireenyahaaraakanbara baraatiifnuufhojjeta.WaaqayyoYesusiifjedheeyeroohundumaa wanta nu barbaachisutti nu gargaaruudhaaf abdii nuuf kenneera.

Barumsicha dhi'eessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- kadhannaa macaafa kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:-Waaqayyo Gaarii dha (Faarfannaa 32) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojii:-(ijoollee hundumaaf) sochii sagalee hin qabneen akka hojjetan gargaari

Ijoollee marsaadhaan teessisi. Akkas isaaniin jedhi; sirriitti ana ilaalaa. Haalota keessatti gargaarsa tokko tokko nu barbaachisan sochiidhaan isinitti nan argisiisa. Sochiin ani argisiisu haala isa kam akka ta'e yommuu barattan harka keessan ol kaasaa.

Haalota ijoollee xixiqqoon yeroo baay’ee keessatti gargaarsa barbaadan argisiisuudhaaf sochii sagalee hin qabne kan kanatti fufanii jiran fayyadami.

1. Wanta girgijjii (shelf) ol ka’aa irra jiru tokko qaqqabuudhaaf ol hiixadhu

2. Biingoo (button) qomee keetii cufachuu yaali

3. Meeshaa ulfaatu tokko baachuudhaaf yaali

4. Biskiliitti irraa kufi

5. Sagalee cimaa akka qaqawweessaatiif na’i

6. Gadduudhaan siree keessa ciisi

Erga ijoolleen maalummaa sochii sanaa adda baafatanii booda, akkas jedhiin; jireenya keenya keessatti yeroo nuyi gargaarsa barbaannu baay’eetu jiru. Xixinnummaa fi gurguddummaadhaan utuu adda hin ba’in, hundumti keenya wantoota itti dhamaanuu fi ofii keenyaan hojjechuu yookiin sirreessu hin dandeenye qabna. Hundumti keenya gargaarsa in barbaanna.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keenya isa darbe keessatti waa’ee dargaggeessa Yoseef jedhamuu dhageenyee turre. Waa’ee isaa maal yaadattu? (Akka ijoolleen yaada qaban dubbataniif eyyamiif). Itti fufiitii, Yaaqoob, abbaan Yoseef, ijoollee dhiiraa isaa hundumaa irra caalchisee Yoseefiin in jaallata ture. Yaaqoob jaalala isaa kana argisiisuudhaaf uffata buburree Yoseefiif kenne. Obbolaan Yoseef yommuu uffaticha argan isatti hinaafan. Utuu hundumti isaanii isaaf gugguufanii abjuu isaatiin akka arge Yoseef isaanitti himnaan obboloonni isaa guddisanii itti aaran. Seenaa Macaafa Qulqulluukeenyahar’aa keessatti akkaobboloonni Yoseefrakkinootaciccimoo isatti fidanargina. Yoseef gargaarsa Waaqayyoo barbaada. Maal akka Yoseef irra ga’e sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:- “Dubbiin Gooftaa jiraataa dha” (Lakkoofsa 2) jedhu faarfadhaa. Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1:- Macaafa Barsiisaa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa “Yoseef in gurgurame” isa jedhu yommuu isaaniif dubbistu, caalchisanii akka dhaggeeffatan taasisuuf horgoggeewwan fuula gara duuba qajeelfama kaanaa irra jiran fayyadami.

Filmaata 2:- (ijoollee gurguddaadhaaf) Ruuben, Yoseef, Yaaqoobii fi daldaltoota garbaa baay’ee bakka bu’anii akka hojjetaniif barattoota keessaa filadhu. Yommuu “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa “Yoseef in gurgurame” isa jedhu sagalee guddistee dubbistu, akka isaan callisanii sochiidhaan argisiisaniif barattoota sana hubachiisi.

1. Yoseef dhaqee obboloota isaa akka barbaaduuf Yaaqoob isatti hima.

2. Yoseef obboloota isaa barbaaduu adeema.

3. ObboloonniYoseeffagoottiisaarganiiisairrattikoratu.“Obboloonni”isaafuulaaariiisatti argisiisuu barbaadu.

4. Ruuben Yoseefiin ajjeesuu irra boolla guddaa keessa buusuu akka wayyu isaan amansiisuuf yaala.

5. Obboloonni isaa Yoseefiin boollicha keessa buusan.

6. Yommuu Ruuben isaan irraa adda ba’ee adeemu, obboloonni isaa midhaan nyaachuuf taa’an. Yoseef olii fi gadi utaaluudhaan boollicha keessaa ba’uudhaaf in yaala.

7. Daldaltoonni garbaa gaalota isaanii irra taa’anii dhufan.

8. Obboloonni isaa Yoseefiin gurguruudhaaf daldaltoota sanaa wajjin walii galu.

9. Yoseef maallaqatti gurgurame.

10. Ruuben bakka dhaqee deebi’ee in na’e.

11. Obboloonni Yoseef fakkeessuudhaaf uffata isaa dhiiga keessa cuuphu.

12. Obboloonni Yoseef uffata dhiigaan manca’e Yaaqoobitti argisiisan.

13. Yommuu uffata Yoseef arge Yaaqoob in gadde.

“Argisiistonni kee” yeroo kam gochawwan isaanii sochii sagalee maleetiin akka argisiisan akka beekaniif mallattoo akka isaaniif kennitu isaanitti himi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Obboloonni Yoseef maaliif isa gurguran? (Sababa Yoseefiin jibbaniifii dha. Akka lammaffaa deebi’anii isa hin argineef isa gurguran).

2. Uffata Yoseef irratti maal hojjetan? (Re’ee qalanii uffaticha dhiiga ishee keessa cuuphan).

3. Obboloonni Yoseef akka abbaan isaanii maal yaadu taasisan? (Yaaqoob Yoseefiin bineensatu ajjeese jedhee yaade).

Sochii hojii keessa deebiif:-waa’ee Yoseef qofa

Akka barattoonni ijoo barumasa 9 fi 10 keessa deebi’an gargaaruudhaaf himoota kanatti fufanii jiran fayyadami. Waa’ee Yoseefii fi maatii isaa wantan isinitti himun qaba jedhiin. Himi ani dubbisu dhugaa dha yoo ta’e dhaabbadhaa. Yoo himichi soba ta’e immoo bakkuma teessan turaa. (Yaadadhu; tokkoo tokkoo himaa gidduutti barattoonni in taa’u).

1. Maqaan abbaa Yoseef Yaaqoob jedhama. (dhugaa dha/dhaabbadhaa)

2. Yaaqoob walumaa-galatti ijoolleedhiirotaa14qabature.(Soba/bakkateessan turaa)

3. Yaaqoob ijoollee dhiirotaa isaa hundumaa caalchisee ilma isaa isa angafa Ruubeniin jaallata ture. (Soba/ bakka teessan turaa)

4. Jaalala Yoseefiif qabu argisiisuudhaaf Yaaqoob uffata buburree isaaf kenne. (Dhugaa dha/ dhaabbadhaa)

5. Obboloonni Yoseef isatti hinaafan. (Dhugaa dha/ dhaabbadhaa)

6. Yoseef abjuu isaatiin obboloota isaatiif gugguufe. (Soba/ bakka teessan turaa)

7. Abjuuawwan Yoseef akka obbolloonni isaa isa jibban taasisan. (Dhugaa dha/ dhaabbadhaa)

8. Obboloonni isaa haala maalii keessa akka jiran akka hubatuuf Yaaqoob Yoseefiin erge. (Dhugaa dha/ dhaabbadhaa)

9. ObboloonniYoseefyommuuisaarganwaangaariiisaafyaadan.(Soba/bakkateessan turaa)

10. Ruuben Yoseefiin ajjeesuu irra boolla keessa akka buusaniif obboloota isaa amansiise. (Dhugaa dha/ dhaabbadhaa)

11. Utuu Ruuben isaan biraa adeemee jiruu, obboloonni Yoseef hamma xinnotti daldaltoota garbaatti isa gurguran. (Dhugaa dha/ dhaabbadhaa)

12. Obboloonni Yoseef akka abbaa isaanii Yaaqoob Yoseefiin bineensatu ajjeese jedhee yaaduuf uffata Yoseef dhiiga keessa cuuphan. (Dhugaa dha/ dhaabbadhaa)

13. Yaaqoob yommuu uffata Yoseef arge in gadde (Dhugaa dha/ dhaabbadhaa)

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: akeeka Waaqayyo siif qabu

Ijoollee marsaadhaan teessisi. Akkas isaaniin jedhi, obboloonni Yoseef yommuu boolla keessa isa buusan wanta cubbuu guddaa ta’e hojjetan. Obboleessa isaanii isa quxisuu kunuunsuun utuu isaan irra jiruu isa miidhan. Yeroo Yoseefiin daldaltoota garbaatti gurguranis cubbuu gara biraa fi wanta Yoseefiin miidhu hojjetan. Obboloonni Yoseef akka inni du’e abbaan isaanii Yaaqoob akka amanuuf uffata Yoseef yommuu dhiiga keessa cuuphan obboloonni kunneen Yaaqoobiin in miidhan. Cubbuun obboloota kanaa warra kaanis kan miidhu ture. Dabalees, ijoolleen dhiiraa isaa akeeki Waaqayyoo maal akka ture hin beekne. Waaqayyo garuu gaarii dha. Kan Inni saba Isaatiif fedhu wantoota gaggaarii qofaa dha. Waaqayyo haalota rakkisoo keessatti iyyuu saba Isaatiif wantoota gaggaarii isaaniif hojjeta. Abboomamuu diduun obbolootaa sun Waaqayyoon in gaddisiise. Cubbuun namoota birootii fi Waaqayyoon in gaddisiisa. Yeroo maatii keenya keessaa nama tokko irratti wanta hamaa hojjennu abboommii Yesus “wal jaalladhaa” isa jedhu diiguu keenya (Yohannis 15:17).

Yeroodhuma cubbuu hojjennu illee Waaqayyo nu jaallata. Kun akka dhugaa ta’e in beekna. Sababiin isaa utuu nuyi cubbamoota taanee jirruu akka Inni Fayyisaa keenya ta’uudhaaf Waaqayyo Ilma Isaa Yesusiin erge. Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisuuf jedhee hamma fannifamee du’utti guddisee nu jaallate. Karaa Isaa jireenya bara baraa akka qabaannuuf Yesus du’aa ka’eera.

Yommuu namoonni biroon nu irratti cubbuu hojjetan Yesus nuuf in yaada. Namni tokko yommuu nu jibbu yookiin nu miidhu miira attamii akka inni qabu Yesus in beeka. Yesus

akka Fayyisaa keenyaatti wantoonni kun Isa dhiphisu. Yesus yeroo hundumaa nuu wajjin jiraachuu fi nu gargaaruudhaaf abdii nuuf kenneera.

Kanneen nuu wajjin jiraachuu Waaqayyoo fi nuuf dhimmuu Isaa nu yaadachiisan kana haa dubbisnu. Ani gara jalqaba himichaan dubbisa. Tokkoo tokkoo hima kootii xumuruudhaaf isin immoo, WAAQAYYO ANAA WAJJIN JIRA, NA GARGAARAS! jettu. Jechoota kana anaa wajjin jedhaa. Jechoota kana akka ijoolleen irra deddeebi’anii si’a hedduu sii wajjin jedhan taasisi. Isa booda dubbisa waliif deebifamuu qaban kan kanatti fufee jiru kana dubbisaa.

Barsiisa Barattoota

Ganama yeroo ani dammaqu, Waaqayyo anaa wajjin jira, na gargaaras!

Yommuun nyaata nyaadhu, Waaqayyo anaa wajjin jira, na gargaaras!

Yeroo ani mana barumsaa dhaqu, Waaqayyo anaa wajjin jira, na gargaaras!

Yommuu ani hiriyoota koo wajjin taphadhu, Waaqayyo anaa wajjin jira, na gargaaras!

Yommuu ani nama tokko gargaaru, Waaqayyo anaa wajjin jira, na gargaaras!

Yommuu ani dhiphadhu, Waaqayyo anaa wajjin jira, na gargaaras!

Yommuu ani gadduu fi aaru, Waaqayyo anaa wajjin jira, na gargaaras!

Yommuu ani sodaadhu, Waaqayyo anaa wajjin jira, na gargaaras!

Yeroo ani wanta hamaa tokko hojjedhu, Waaqayyo anaa wajjin jira, na gargaaras!

Yeroo ani hirribaaf gara siree koo dhaqu, Waaqayyo anaa wajjin jira, na gargaaras!

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:-"Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, Inni rakkina keessatti gargaaraa ta'uun Isaa beekameera" (Faarfannaa 46:1).

Luqqisii Macaafa Qulq ulluu kana ijoolleef dubbisi. Akkas jedhi; Waaqayyotti nuyi kooluu in galla. Kana jechuun Waaqayyo “iddoo mijataa” nuuf taasisa jechuu dha. Akka Waaqayyo eeggannaa nuuf taasisuu fi yeroo nuyi barbaannu hundumaattis akka Inni nu gargaaru mirkaneeffachuu in dandeenya jedhiin.

Luqqisii kana yommuu barsiistu, harka walitti rukutuu fayyadami. Gaalee luqqisichaa gidduutti ariifadhaatii si’a lama harka walitti rukutaa. Inni humna keenya, (Harka walitti rukutuu/2), rakkina keessattis gargaaraa ta’uun Isaa beekameera (Harka walitti rukutuu/2).

Faarfannaa:- (Barattoota hundumaa) Faarfannoota kana keessa deebitanii faarfachuu yookiin shaakaluu itti fufaa:-

Yesus nu jaallata(Faarfannaa 38)

Waaqayyo Gaarii dha (Faarfannaa 32)jedhan faarfadhaa.

(Barattoota kanneen gurguddoo) Humni Waaqayyoo guddaa dha (Lakkoofsa 15) isa jedhu barsiisuu eegali.

Hojii harkaa:-Urjiiwwan Abdii

Ijoollee bakka hojii harkaa itti hojjetan marsaadhaan teessisi. Barumasa keenya keessatti yeroo adda addaa Waaqayyo akka nu gargaaruu dubbanneerra. Akka Waaqayyo yeroo

hundumaa nuu wajjin jiru in amanna. Yeroo fi bakka gargaarsi nu barbaachisu kanatti iyyuu nu gargaaruudhaaf Waaqayyo abdii nuuf kenneera jedhiin.

Fakkii sa’atii qopheessite baay’isii hiriif. “Kun fakkii maalii ti?” isaanii jedhi. (Kan sa’atii ti).

Yeroo guyya-guyyaa keessa jiru hundumaa Waaqayyo eeggannaa nuuf taasisa. Marsaa sa’atii kanaa keessatti bakka duwwaa arguu in dandeessu. Bakkawwan duwwaa kana keessatti karaa Waaqayyo ittiin isin gargaaru lama kan argisiisan fakkii adda addaakaasaa. Yoo in barbaachisa ta’e barattoota gargaari. Daandiiwwan Waaqayyo ittiin isaan gargaaru kan isaan rakkisa yoo ta’e, jalqaba barumsa kanaa irratti dubbii “Waaqayyo na gargaara” jedhuun deebiin kennamu keessatti yeroowwan caqasaman keessa deebi’aa. Yommuu barattoonni xixiqqoon fakkicha kaasan maal akka inni argisiisu gaafadhu. Yommuu barattoonni sun sitti himan, mana isaaniitti miseensonni maatii isaanii fakkiin ijoolleen kun kaasaan maal akka ta’e hubachuu akka danda’anitti mil-jala fakkiiwwan sanaatti tokkoo tokkoo fakkichaatiif ibsa gabaabaa barreessi.

Akka ijoolleen waa’ee fakkiiwwan kaasanii xumuranii dubbataniif eyyamiif. Haalawwan barattoonni sun fakkiiwwan sana kaasaniif kadhata xumuraa keessatti caqasi.

Yommuu hojii harkaa sana xumurtan akkas isaaniin jedhi. Karaan Waaqayyo ittiin nu gargaaru inni guddaan, Yesusitti amanuu keenyaan dhiifamuu cubbuu fi jireenya bara baraa isa haaraa ittiin argannuu dha. Akka Waaqayyo Yesusiif jedhee yeroo hundumaa nu gargaaru akka nu yaadachiisuuf fuula sa’atichaa irratti fakkii fannoo kaasaa.

Fuula sa’atichaa irratti fakkii fannoo kaasuudhaaf yoo in barbaachisa ta’e barattoota gargaari.

Kadhannaa Xumuraa:- kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa kadhadhu.

Barumsa 11

Gibxitti Bulchaa Ta’uu Yoseef (Seera Uumamaa 39-41)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee (Fuula 37-39)

Dhugaa Ijoo

Waaqayyoo gonkumaa nama hin gatu. Namoota Isatti amananii fi Isatti hirkataniin guyyuma guyyaadhaan hojiiwwan gaarii ta’an Inni in hojjeta.

Kaayyoo barumsicha

Humna Hfuura Qulqulluutiin barattoonni:

• Waaqayyo jireenya Yoseefiin hojiiwwan gaggaarii ta’an akka hojjete, akka Waaqayyo Yoseefiin hin irraanffannee fi isa hin dhiifne in BEEKU.

• Jireenyaisaanii keessatti Waaqayyoakkaisaan Isa jaallatanii fitajaajilan,akkasumasakka Inni guyyaa guyyaatti cubbuu irraa isaan qulqulleessu, eebbisuu fi haaressu beekanii cimina hojii Waaqayyoo irratti hirkifamuudhaant in GUDATU.

• Hojiiwwan gaggaarii Waaqayyo isaan keessattii fi karaa isaaniitiin hojjetee fi hojjechaa jiru yaadachaa in JIRAATU.

Luqisii sammuutti qabatamu

Waaqayyo warra Isa jaallatan karaa hundumaan gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha(Roomaa 8: 28)

Meshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barabaachisan)

• Waraqoota walitti suphaman yookiin waraqoota cicciramanii fi kobbii; (Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu kan jedhu ilaali).

1. Yeroo barsiifstu horgoggewwan qajeelcha kana fuula duubaa irratti argamaniin fayyadamta yoo ta’e, horgoggewwan barumsa 11 keessatti mul’ifaman sana waraabbii taasisii qopheessi. Horgoggewwan sana keessaa murii baasiitii halluudhaan dibi. Horgoggewwan tokko tokkoon isaanii ulee yookin baala guddaa fi furdaa ta’e irratti maxxansi.

2. Barattoota tokko tokkoo isaaniitiif waraqaa adii ta’e santi meetira 3 santii meetira 23in murii baasiif. Waraqaa kana irratti karaa fiixeetti uraa xiqqoo baasi. Tokkoo tokkoo barataatiif kirnii adii yookiin fo’aa saantii meetira 16 dheeratu kutii kenniifi. Dhuma hojii barumsichaa irrattis bakka uraa itti baaftu arguudhaaf kutaa “hojiin harakaa” jedhu ilaali.

3. Fakkeenya “hojii harkaa hin irraanffatin” jedhamu tokko ofii keetiif hojjedhu. Qajeelfama barumsichaa argachuudhaaf barumsa kana kutaa hojii harkaa ilaali.

Macaafa Qulqullubu’uureffachuu

Seera Uumamaa 39:40 fi 41 dubbisi.

1. Kakuu Waaqayyo Yisihaaq, akaakayyuu Yoseefiif “Ani sii wajjin nan ta’a” (Seera Uumamaa 26:3) jechuuchaan galeef sana, biyya Gibxii keessatti Yoseefiif eeguu itti fufe (Seera Uumamaa 39:2).

2. Yoseef garbummaadhaaf gurguramus gargaarsa Waaqayyootiin “wanti inni hojjetu wal qixxaateef” (Seera Uumamaa39:3). Yeroodhuma Yoseef namicha aangawaa Fara’oon kan

Phoxiifaar jedhamu tajaajilu, namichi sun Yoseefiin “qabeenya isaa hundumaa harka isaa jala in galche (muude)” (Seera Uumamaa 39: 4). Waaqayyos sababa Yooseeftin mana Phoxiifaar in eebise.

3. Yoseef Waaqayyoon waan kabajee fi waan hordofeef haati warraa Phoxiifaar isa wajjin ejjuu feetus inni ishee wajjinciisuu hin barbaadne (Seera Uumamaa 39:9). Kanaafuu Isheen isatti waan aarteef Yoseef akka ishee wajjin ciisuu fedhe fakkeesitee isa yakkite (Seera Uumamaa 39: 14-18). Sababa kanaaf Yoseef sobaan in hidhame (Seera Uumamaa 39:20).

4. Yoseef mana hidhaa keessa yeroo ture sana Waaqayyo isaa wajjin ture; “gaarummaas isatti argisiise” (Seera Uumamaa 39:21). Yoseef itti gaafatamticha mana hidhaa sana birtti in jaallatame. Eegduun mana hidhaa sanaa, namoota mana hidhaa keessa turan hunda irratti aangoo to’annaa Yoseefiif in kenne. “Waaqayyo Yoseefii wajjiin ture, waanuma inni hojjetu waan isaaf wal qixxeessuuf…’’ (Seera Uumamaa 39:23).

5. Hidhamtoota Yoseef to’atu keessaa lamaan isaanii dhiyeesitootaa fi qopheessitoota dhugaatii fi nyaata Fari’oon turan. Fari’oon jaroota kanneenitti aaree waan tureef isaan in hidhe (Seera Uumamaa 40:2). Abjuu jaroonni kanneen argan Yoseef humna Waaqayyootiin isaaniif in hiike (Seera Uumamaa 40:8). Namichi dhugaatii Fara’ooniif dhiyeessu akka sadarkaa hojii duraaniitti deebi’u Yoseef kan itti hime yoo ta’u, namichi sunis Yoseef mana hidhaa keessaa akka ba’u Fara’oonittii akka himuuf Yoseef isa in gaafate (Seera Uumamaa 40: 14-15). Dhiyeesaan dhugaatii kun garuu Yoseefiin in iraanffate (Seera Uumamaa 40: 23).

6. Waggoota lama booda (Seera Uumamaa 41:1) Fara’oon abjuuwwan sodaachisoo ta’an lama in abju’ate (Seera Uumamaa 41:1-8). Warri ayyaana hedanii fi beektonni Gibxii abjuuwwan kanneen hiikuu hin dandeenye; dhuma irrattis abjuu isaatii fi kan eegduu wara buddeena tolchanii Yoseef akka hiikeef eegduun mana dhugaatii Fara’oonitti in hime (Seera Uumamaa 41:9-13).

7. Abjuu isaaakkahiikuufiifFara’oonYoseefiin in waamsise.Yoseefisabjuu hiikuukandanda’u Waaqayyo qofa ta’uu Fara’oonitti in hime (Seera Uumamaa 41: 16).

8. Yoseef humna Waaqayyootiin abjuuwwan Fara’oon in hiike. Gibxiin waggoota torbaaf callaa midhaan baay’ee akka argattuu fi sana boodas waggoonni torba kan beelaaf saxilaman akka itti fufan Yoseef Fari’oonitti hime, (Seera Uumamaa 41:29-30). Kuns karoora Waaqayyoo yoo ta’u, innis yeroo dhiyoo keessatti akka taasifamu Yoseef Fara’oonitti in hime (Seera Uumamaa 41: 32).

9. Yaadafaayidaaqabukan WaaqayyoYoseefiifkennefudhachuudhaan(SeeraUumamaa41:3336), nyaata waggoota beelaatiif oolu akka Yoseef kuusu Fara’oon itti gaafatama Yoseefiif in kenne(SeeraUumamaa41:40). Waaqayyokanakangodhes obboloon isaakanisagurguratan dabalatee, Yoseef akka uummata baraaruf ture.

10. Fari’oon Yoseefiin, nama umuriin isaa waggaa 30 ta’e Gibxi irratti in muude; in sooromse; haadha warraas in kenneef (Seera Uumamaa 41: 41-46). Kun kan ta’e, obboloonni isaa Yoseefiin gabrummaadhaaf erga gurguranii waggoota 13 booda ture. Yoseefis waggoota oomisha midhaanii torba keessatti nyaata baay’ee akka kuusan in abboome. Waaqayyo midhaan nyaataa baay’ee waan kenneefii fi isa kanas safaruu waan hin dandeenyeef, Yoseef isa safaruu in dhiise (Seera Uumamaa 41:49).

11. Yeroo waggoonni beelaa dhufan “Beelichi biyya lafaa hundumaa irratti wan jabaateef, namoonni biyya hundumaatii midhaan bitachuudhaaf Yoseef bira gara biyya Gibxii in dhufan” (Seera Uumamaa 41: 57).

12. “Waaqayyo biyya ani itti gad deebi’e keessatti akkan horu godhe” (Seera Uumamaa 41: 52) jedhee Yoseef Waaqayyoof ulfina in kenne. Waaqayyos Yoseefiin gonkumaan hin

irraanffanne; karaa isaatinis wantoota gurguddaa ta’an hojjetee jira. Inni nuyis hin irraanffatu waan ta’eef, wantoota nu barbaachisan nuuf in kenna. Karaa Yesusiitiin namoota Isatti amananiif dhiifamuu cubbuu, qabbeenya, jireenya bara baraatii fi waaqa keessatti mana jireenyaa isaaniif in kenna. Biyya lafaa kana irratti wantoonni rakkisaa ta’an kan nu quunnamuu danda’an ta’us, nuyi bara baraaf kan Waaqayyoo ti. Inni gonkumaa nu hin gatu. Rakkoonfedhe nu quunnamanis Waaqayyojireenyakeenyaan waangaarii ta’ehojjechuudhaaf waadaa nuuf galeera.

Barumsich Dhiheessuu

Kadhanaa jalqabaa: kadhanaa qajeelfama kana fuula gara duuba irra jiru kadhadhu.

Faarffannaa: Waaqayyoo koo(Faarfannaa Lakkoofsa 33, qajeelfama kana fuula gara dhumaa irratti argama)jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beksisuu

Sochii hojiin mul’ifamu: (Ijoollee hundaaf); Kan yaadachuu qabnu

Ijoollee sitti marsanii akka taa’an taasisi.Waraqaa cicciramanii walitti maxxanfaman yookiin kobbii baasi. Wantoonni ani boru hojjedhu baay’ee dha. Tokko tokkoon isaanii yaadachuuf akka na gargaaru maqaa isaanii barreffachuu naaf wayya. Mana kiyya qulqulleesuun qaba. Huccuu muraasa miicuun qaba; midhaan irbaataaf ta’an argachuun qaba; kitaaba dubbisuun qaba. Boru waanan hojjechuu qabu na yaadachisuudhaaf tartiibni kun na gargaara.

Wantoonni nuyi yaadachuu qabnu maal maalii dha? (Ijoollen akka deebisan taasisi. Achiin booda akkana jedhii itti fufi. Wantoonnii nu yaadachuu qabnu hojiiwwan guyyuma guyyaadhan hojjennu qofa utuu hin ta’in, wantoota akka guyyaa dhalootaa, beellama hakiimaa wajjin qabannuu fi sagantaa addaa kan maatii kenya wajjin qabnu ta’uu in danda’a.

Nuti waan Kristaanotataaneef, Yesus immoo Fayyisaakeenya waanta’eef Inni yeroo hundaa akka nu jaallatuu fi akka nu hin iraanffanne yaadachuun baay’ee barbaachisaa dha. Yesus baay’ee guddaa waan ta’eef namoota biyya lafaa kana irra jiran ilaalchisee Inni waan hundaa in beeka. Yesus Waaqayyo waan ta’ee fi wantoota kunneen hundaa waan beekuuf, tokkoo tokkoo isaanii barreesuun barbaachisaa miti.

Dhuma qu’annoo Macaafa Qulqulluu isa darbee keessatti, Yoseef gabra akka ta’uuf obboloonni isaa akka isa gurguran barannee ture. Sababuma kanaaf Yoseef rakkoo guddaa keessa ture. Ta’us Waaqayyo gonkumaanuu isa hin irraanfanne. Waaqayyo Yoseefiin akka yaadatee fi gargaare arguudhaaf seenaa Macaafa Qulqulluu kan har’aaf qophaa’e hubbannaadhaan dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: “Kan Wangeela keenyaa dinqii dha” (Lakkoofsa 22).

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1: Seenaa “Gibxitti Bulchaa Ta’uu Yoseef” jedhu Macaafa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” jedhu keessaa yoo dubbistu seenessa kee jabeessuudhaaf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiraniin fayyadami. Erga barattoonni gochaa fi deebii beekanii booda, seenicha eegali.

Dubbadhu Hojjedhu

Yoseef akka garbicha ta’uuf obboloonni isaa isa in gurgurani.

Waaqayyo Yoseefiin in yaadate; yeroo hundaas isaa wajjin ture.

Yoseef gara Gibxii deemeeti mana namicha aango-qabeessa ta’e tokkoo keessa tajaajile.

Waaqayyo Yoseefiin in yaadate; akkasumas yeroo hundaa isa wajjiin ture.

Haati warraa namicha dureessa sanaa aarteetin Yoseef irratti soba himatte.

Namichi dureessi sunis Yoseefitti aaree isa in hidhe.

Waaqayyo Yoseefiin in yaadate; yeroo hundaas isaa wajjin ture.

Halkan tokko namoonni lama abjuu in abju’atani.

Yoseef abjuu isaanii aka hiikuf Waaqayyo Yoseefiif ogummaa in kenneef.

Waaqayyo Yoseefiin in yaadate; yeroo hundaas isaa wajjin ture.

Yoseef waggoota baay’eedhaaf mana hidhaa keessa ture; namnni hundumtuu waan isa irraanffate fakkaata.

Waaqayyo Yoseefiin in yaadate; isa wajjinis ture.

Quboota kee walitti gudunfiitii akka harki kee cancalaan hidhame fakkeessi. Harki kee akkuma hidhameen diriirsi.

Ijoolleen gaalee isaa irra deebia’anii jechaa mallattoo fannoo laphee isaanii irratti haa tolchatan.

Akka tajaajilaa ta’itii nama meshaalee hiru fakkaadhu.

Ijoolleen jecha kana irra deebi’anii dubbachaa mallattoo fannoo laphee isaanii irratti haa tolchatan.

Mataa kee bitaa fi mirgatti raasiitii “miti” jedhi.

Aboottee kee akkuma cancalaan hidhametti walitti qabadhuutii diriirfadhu.

Ijoolleen jecha kana irra deebi’anii dubbachaa mallattoo fannoo laphee isaanii irratti haa tolchatan.

Ija kee dunuunfadhuutii nama rafe fakkaadhu.

Quba argisiistuu keetiin fuula kee rukuti.

Ijoolleen jecha kana irra deebi’anii dubbachaa mallattoo fannoo laphee isaanii irratti haa tolchatan.

Fuula gadde argisiisii.

Ijoolleen jecha kana irra deebi’anii dubbachaa mallattoo fannoo laphee isaanii irratti haa tolchatan.

Halkan tokko mootichi Gibxii abjuu in abju’ate.

Yoseef abjuuwwan motichaa akka hiikuuf Waaqayyo ogummaa isaaf in kenne.

Waaqayyo Yoseefiin in yaadate; yeroo hundaas isaa wajjin ture.

Nyaanni baay’ee waggoota 7f, nyaanni xiqqoonis waggoota 7f Gibxi keessatti akka argamuu danda’u Yoseef Fara’oonitti hime.

Fara’oon “maaltu mala?” jedhee Yoseefiin in gaafate.

Ogeessa nyaata waggoota 7f gahu kuusu akka barbaadu Yoseef Fara’oonitti hime.

Hojii kana Yoseef akka hojjetuuf Fari’oon Yoseefiin filate.

Waaqayyo Yoseefiin in yaadate; yeroo hundaas isaa wajjiin ture.

Fara’oon qabeenya guddaa Yoseefiif in kenne; namoonnis Yoseefiin dhaggeeffachuu in jalqaban; akkuma aangawaa isaaniitti in sagadaniif. Kanaafuu yeroon rakkisaa ta’ee yoo dhufe hundi isaanii waan nyaatan qabu turan.

Yoseef akka namoota baay’ee gargaaruuf Waaqayyo ogummaa in keenneefi.

Waaqayyoo Yoseefiin in yaadate; yeroo hundaas isaa wajjin ture.

Seenaa Macaafa Qulqulluu irra deebi’uu

Ija kee dunuunfadhuutii nama rafe fakkaadhu.

Adda kee quba argisistuudhaan xiqqeessi rurukuti.

Ijoolleen jecha kana irra deebi’anii dubbachaa mallattoo fannoo laphee isaanii irratti haa tolchatan.

Quboota kee 7 ol kaasii argisiisii mul’isi.

Gatiittii kee raasiitii nama malli harkaa bade fakkaadhu.

Adda kee quba argisiistuudhaan xiqqeessii rurrukuti.

Qummaaduu guddaa mul’isi

Ijoolleen jecha kana irra deebi’anii dubbachaa mallattoo fannoo laphee isaanii irratti haa tolchatan.

Gadi jedhiitii fudhu.

Adda kee quba argisiistuudhaan xiqqeessii rurrukuti.

Ijoolleen jecha kana irra deebi’anii dubbachaa mallattoo fannoo laphee isaanii irratti haa tolchatan.

Gaaffiilee seenaa irratti hundaa’an: Gaffilee kanneen garee kee gaafadhu.

1. Yoseef maaliif hidhame? (Haati warraa namicha ogganaa Yoseef ture sanaa, sobaan isa yakkite waan ta’eef).

2. Abjuuwwan mootichaa (Fari’oon) maalfaa turan? Waggoonni 7 kan midhaan baay’een itti oomishamu, waggoonni 7 immoo kan midhaan xiqqoon itti argamu akka jiran.

3. Badhaafni Mootichi (Fara’oon) Yoseefiif kenne maal ture? Mootichi amartii bareedduu Yoseefiif kenne; akkasumas uffata babbareedaa ta’an in keenneef; namoonni illee akka Yoseefiif sagadan in godhe.

Sochii hojii irra deebii:-seenicha dubbachuudhaaf filmaata seenessuu isa dura itti hin fayyadaminitti gargaaramiitii dhugaa seenichaa keessa deebi’i. Keessa deebichaaf horgoggeewwan fayyadamta yoo ta’e, akka isaan yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu sana sitti himan sosochoosaniif ijoolleetti kenni.

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqullu jirrenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Waaqayyoo gonkumaan isin hin iraanffatu

Ijoollee naannoo kee akka taa’an godhi. Akkanas jedhiin: Kana dura barumsa kana keessatti waan yaadachuu nu barbaachisan ilaalchisee tartiibaan dubbannee turre. Namoonni waan isaan barbaachisan akka hin irraanffanneef tartiibni, yaadannoon yookiin namoonni biraa isaan barbaachisu.

Waaqayyo Yoseefiin irraanffatee turee? (Miti) Akkamitii beektani? Yoseef jalqaba irratti yommuu gara Gibxii dhufu Waaqayyo akka abdii kennef, mana hidhaa keessatti, abjuu Fari’oon yommuu hiiku, warra Gibxii fi biyya biraa keessa jiraniif nyaata qopheessuudhaaf Waaqayyo akka isa gargaare Macaafni Qulqulluun nutti in hima. Namoota biraa akka gargaaruuf Waaqayyo Yoseefiif ogummaa in kenne.

Macaafa Qulqulluukeebaasi: Yohannis 10:14 baasiitii sagaleekeeol kaasii akkanajedhi “Tikseen gaariin ana. Ani hoolota koo beeka. Hoolonni koos ana beeku.” Itti aansiitii akkana jedhi. Nuti hoolota Yesusii ti. Tiksicha keenya kan gaarii ta’e duukaas in adeemna. Yesus tokkoo tokkoo keenya in beeka. Dabbasaa mataa tokkoo tokkoo keenya irra jiru akka Inni beeku Macaafni Ququlluun nutti hima. Kunis waan nama dinqisiisuu dha!

Waaqayyoguddaan Inni Waaqayyokeenyata’egonkumaanuhin irraanffatu.Har’umakanabakka jirtanii fi gulanas bakka kam akka taatan Inni in beeka. Isin ijoollee Waaqayyoo ti! Kan Isaati. Baay’isee waan isin jaallatuuf akka isin fayyisuuf Ilmi Isaa Fannoo irratti du’ee, du’aayis ka’eera. Wantoonni naannoo keenya jiran hundinuu akkaa fi gara dhabanis Waaqayyo baay’ee jabaa waan ta’eef, wantoota akka fi gara dhaban kunneen gaarii akka ta’an Inni gochuu in danda’a. Yeroo Yoseef gabraa fi hidhamaa ta’e sana Waaqayyo wantoota gaarii ta’an maalfaagodheef?

Namoonni naannoo isaa jiran wantoota gaarii ta’anii fi badhaadhina akka isaaf kennaan Waaqayyo garaa isaanii in laafiseef. Nyaata namootaaf barbaachisu akka kuusuuf Waaqayyo Yoseefiin waan gargaareef, waggoota nyaanni hin jirre keessatti namoota nyaachisuu in danda’e. Nus yeruma gargaarsi nu barbaachisu, Waaqayyoon waammachuu in dandeenya. Waaqayyos hunda caalaa nu gargaaruu in danda’a. Kanaafuu Waaqayyo waan nu yaadatuuf Isa kadhannaadhaan haa galateeffannu. Wanta ani jedhu boodaan isin “Waaqayyo galatoomi” jettu. Achiin boodas kadhannaa deebiin kun kennamuuf kadhadhu. Ijoollen deebii akka kennan qajeelchuudhaaf, fakkii fuula afaan banamee fi fakkii fuulli afan isaa cufamee uleetti maxxanffameen fayyadami. (Qajeelcha kana fuula duraa irratti “garee kee geggeessuu” kan jedhu, lakkoofsa 7 ilaali).

Barsiisaa Ijoolle

Baay’ee dinqisiisoo gotee waan nu uumteef Yaa Waaqayyo si galateeffanna!

Guyyuma guyyaadhaan waan nu kunuunsituuf Yaa Waaqayyo si galateeffanna!

Yeruma hundaa waan nu yaadattuuf Yaa Waaqayyo si galateeffanna!

Rakkoolee keenya hundaa, keessumattuu rakkoo cubbuu kenyaattii waan nu gargaartuuf

Cubbuu keenya irraa akka nu fayyisuuf Yesusiin waan nuuf ergiteef

Maqaa Yesusiin Si kadhanna. Ameen!

Yaa Waaqayyo si galateeffanna!

Yaa Waaqayyo si galateeffanna!

Luqqisii Macaafa Qulqulluu samuutti qabatamu: “Waaqayyo warra Isa jaallatan karaa hundumaan gargaareegaragaariitti isaanin geessa. Isaanoowarraakkaakeeka Isatiitti wamamanii dha” (Roomaa 8:28).

(Ijoollee xixiqqoodhaaf) Gaalee luqqisichaa isa duraa qofa dubbisiitii isaan barsiisi. Waaqayyo namoota Isa jaallatan hundaaf waan gaarii akka isaaniif godhu in beekna. Luqqisicha guutumaan guutuutti erga jettee booda, luqqisicha bakka afuritti addaan baasiitti akkan jedhi: “Waaqayyo warra Isa jaallatan” Ijoolleenis gaalee kana irra haa deebi’ani. Achiin boodas, “karaa hundumaan gargaaree” jedhii dubbisi. Ijoolleen gaalee kana isa kutaa duraatii fi lammaffaa sii wajjin akka jedhan taasisi. Itti fufiitii “gara gaariitti isaan in geessa” erga jettee booda, gaaleewwan sadeen duraa walitti qabiittii jedhi. “Waaqayyo warra Isa jaallatan karaa hundumaan gargaaree gara gaariitti isaan in geessa.” Amma yeroo dhumaatiif “Isaanoo warra akka akeeka Isatiitti wamamanii dha” jedhi. Gaalee dhuma irra jiru ijoolleen irra haa deebi’an. Achiin booda ijoolleen luqqisicha kana hanga beekanitti irra deddeebi’anii haa jedhan.

(Ijoolee gurguddowwaniif) Akkuma asii olitti ijoollee umuriin isaanii xiqqaa ta’eef hirametti luqqisicha barsiisi. Achiin boodas gaalee lama lamaan walitti dabalii barsiisi.

Faarffannaa:(barattoota hundaaf) Faarffannoota “Si galateeffanna Waaqayyo” (lakk.30), “Gammadii faarfadhuu lubbuu ko Yesusiin” (Lakkoofsa 10) fi “Nan amana Gooftaa akkan hin badne” (Lakkoofsa 27) jedhan barsiisuu jalqabi.

Ijoollee umuriin isaanii gurguddaa ta’eef Faarffannaa “Jaalalli Kristos keessa koo gubeetu”(Lakkoofsa 20) jedhu qu’achuu itti fufaa.

Hojii Harkaa: Huccuu cicciramaa - Gonkumaa hin irraanfatu.

Huccuu dursitee fiixee isaa irratti uraa tolchite sana tokkoo tokkoo ijoolleetiif kenniittii akkana jedhiin; huccuuwwan kunneen Waaqayyo gonkumaa akka isin hin irraanffanne isin yaadachiisu. Waaqayyo yeruma hundaa isin jaallata. Waan gaggaariis isiniif in hojjeta. Karaa keessaniiniis wantoota gaggaarii ta’an namoota biraatiif gochuudhaaf Inni in hojjeta. Waa’ee fayyinaa fi jaalala Yesus namoota biraatti akka himtan Waaqayyo isin in gargaara.

Kubbii halluu raabsiitii akkana jedhi. Walakkeessa huccuu irratti fakkii fannoo fakkisaa. Fakkiin fannoo walakkeessa huccuu jiru sun Yesus yeroo fannoo irratti fannifame sana isin yaadachuudhaan, cubbuu keessan irraa isin fayyisuuf lubbuu Isaa kennuu Isaa in argisiisa. Ijoolleen umuriin isaanii gadi aana ta’e fakkii fannoo huccuu isaanii irratti akka hojjetan gargaari. Itti fufiittii akkana jedhi. Fannoo irratti cina lamaaniinuu fakkii onnee fakkisaa suuressaa.

Fakkiiwwan onnee kunneen Yesus akka nu jallatuu fi nu kunuunsu nu yaadachiisu.

Erga barattoonni fakkii onnee fakkisanii booda, akkana jedhi. Fakkiin onnee kara lamaaniinuu fuula qummaadutu jira. Fuullii qummaadu kun, Yesus waan nuuf du’ee, du’aa ka’eef Inni gammachuudhaan guutamuu Isaa nu yaadachiisa.

Barattoonni fuula qummaadu erga argisiisanii booda akkana jedhi: fuula qummaadu cina karaa lamaanuuduumessabareedutujira.DuumessikunsababaYesusiifmanaWaaqayyookeessa gammachuun akka jiru nu yaadachisa. Bakka sanatti gaafa tokko Yesusii wajjin bara baraan in jiraanna.

Yommuu ijoollen huccuu babbareedaa sana barruu harka isaanii irra kaawwatan gargaari. Kirnii murtee qopheessite sana uraa fiixee huccuu irra jiru keessa baasiitii harka tokkoo tokkoo ijoollee irratti hidhi. Yoo yeroon si gaha ta’e tokkoo tokkoon ijoollee mallattoon harka isaanii irratti hidhamee jiru sun maal jechuu akka ta’e haa himan. Mana isaanii yommuu adeemanis hiikaa fakkiiwwanhuccuu harka isaanii irratti hidhatansanirrajiranii maatii fimiseensotamanaisaaniitti akka himan isaan jajjabeessi.

Kadhannaa Xumuraa: Kadhannaa qajelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 12

Obboloonni isaa gara GibxiiAdeeman (Seera Uumamaa 42-45)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee:- Fuula 40-42

Dhugaa Ijoo

Waaqayyoo wajjin araaramuu akka dandeenyuuf, Yesus karoora Waaqayyootiin in du’e; du’aayis in ka’e. Waaqayyo Yesusiif jedhee cubbuu keenya nuuf dhiisuudhaan quunnamtii namoota biraa wajjin qabnu akka haaromsinuuf haphee keenya keessatti hojii dhiifama gochuudhaa in hojjeta.

Kayyoo barsiisichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Waaqayyoo uummata Isaa du’a oolchuu fi Yaaqoobiin gara Gibxii fiduudhaaf, Yoseef obboloota isaatiif dhiifama akka godhuuf yaada dhiifamaa laphee isaa keessatti uumuudhaan karoora Isaa akka raawwate in Beeku.

• Waaqayyo cubbuu isaanii akka dhiisuu fi quunnamtii isaan namoota biraa wajjin qaban kan cubbuun balleese, akka Inni fayyisuu danda’u abdachuudhaan in GUDDATU

• Akkuma Yesus cubbuu isaanii dhiiseef isaanis cubbuu namoota biraa dhiisuudhaan in JIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

“Gooftaan akkuma isniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa” (Qolosaayis 3: 13)

Meeshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan):

• (Filmaata seenessuu isa lammaffaatiin fayyadamuu yoo filatee), erbee marata mataa keetti hidhattu qopheessi.

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelcha kana fuula gara duubaa irra jiraniin fayyadamta yoo ta’e, waraabbii horgoggeewwan barumsa 12ffaa tiif kaa’aman qopheessi. Horgoggeewwan sanamurii baasiitii halluudibi.Horgoggeewwan tokkoon tokkoon isaanii ulee yookiin baala guddaa fi furdaa ta’e irratti maxxansi.

2. Seenaa Macaafa Qulqulluu filmaata lammaffaatiin fayyadamtee himuu yoo barbaadde, “Seenaa Macaafa Qullqulluu himuu” isa jedhu ilaali. Gahee Biniyaam, quxisuu Yoseef akka dubbatuuf dargaggoo cimaa ta’e filadhu. Dargaggoon kuns nama bara Macaafa Qulqulluujiraatuakkafakkaatuufhambaaerbeedheeraata’eakkamaratamataaisaairrattti hidhatuuf kenniif. Wayitii barumsichaa dura gurbaan bakka Biniyaamiin ta’ee dubbatu akka shaakaluuf waraabbii seenaa Macaafa Qulqulluu filmaata 2 keessatti argamuu kenniifi.

3. Hojii harkaa barumsa 12f qophaa’e isa fuula qajeelcha kanaa gara duubaa irratti argamu, “Hibboo humna cubbuu namaaf dhiisuu Waaqayyoo” jedhu tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraabbii qopheessi. Jalqaba barumsaa dura, ijoollee umuriidhaan utuu addaan hin baasin, waraqaa ciramaa hiibboo sadeenuu tokkoo tokkoo ijoolleetiif murii baasi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

Seera Uumamaa 42-45 dubbisi. Boqonnaawwan kunneen karoorri Waaqayyo karaa Yoseefiin Israa’el jireenyaan tursiisuuf baafate akka hojii irra oole in dubbatu. Akkasumas Yoseefii fi obbolloon isaa walitti deebisee tokko gochuun Isaa humna cubbuu namaaf dhiisuu Waaqayyoo in argisiisa.

1. Beelichi lafa hundattuu cimee ture (Seera Uumamaa 41:57). Kanaafuu Yaaqoob ijoollee isaa kudhan midhaan nyaataa akka bitaniif gara Gibxii in erge. Ilma isa xiqqaa garuu akka miidhamni irra hin geenyeef ijoollee kaan wajjin hin ergine (Seera Uumamaa42:4).

2. Yoseefbiyya bulchawaanta’eefwarra rakkatanitti midhaannyaataain gurgurature (Seera Uumamaa 42:6). Obboloon isaa gara Gibxii akkuma dhufaniin mallattoodhuma seera aangawwaa biyya alaatiin Yoseefiif in sagadan (Seera Uumamaa 42:6). Karuma kanaan abjuun yeroo tokko Yoseef abju’ate hojii irra in oole (Seera Uumamaa 37:5-10).

3. Yoseef battaluma sana obboloota isaa in beeke. Isaan garu isa hin beekne turan (Seera Uumamaa 42:8). Yoseef yeroo sana obboloon isaa akka isa beekan hin hayyamneef.

4. Obboloota isaa qorachuudhaaf Yoseef akka bassaastotaatti isaan in himate (Seera Uumamaa 42:9). Wanti isaan dubbatan dhugaa ta’uu isaa raggaasisuudhaaf isaan keessaa namni tokko gara Kana’aan deebi’ee quxisicha isaanii, Biniyaamiin qabatee deebi’uun akka barbaachisu isaanitti in hime (Seera Uumamaa 42: 15-16). Obboloota kudhan guyyaa 3f erga hidhee booda Yoseef murtii isaa fooyyeessuudhaan isaan keessaa namni tokko qofti hafee warri kaan midhaan nyaataa warra beela’aniif qabatanii gara manaa deebi’uu akka danda’an isaanitti in hime (Seera Uumamaa 42:19-20).

5. Wantoonni Yoseef gaafatu kunneen kanaan duratti cubbuu isaan Yoseef irratti hojjetaniif deebii ta’uu isaanii obboloota isaatti dhagahamee jira (Seera Uumamaa 42:21-22). Balaa Yoseef irratti raawwataniif yakkatu isaanitti dhagahame. Yoseefis marii fi dhiphina obboloota isaa yommuu dhagahu in boo’e (Seera Uumamaa 42:24). Yoseef isa angafa isaanii kan Roobeel jedhamu dhiiseeti, obboleessa isaanii isa lammaffaa kan Simi’oon jedhamu mana hidhaa keessa tursiise. Roobeel duratti lubbuu Yoseef baraaruudhaaf obboloota isaa kadhatee ture. Achiin boodas boolla keessaa baasee gara abbaa isaaniitti deebisuuf barbaadee ture (Seera Uumamaa 37:21-22).

6. Obboloon Yoseef maallaqa midhaan bitaniif kafalan qabatanii in dhufan. Haa ta’u malee Yoseef utuu isaan biyya Gibxii gadi hin dhiisin maallaqa isaanii qalqalloo isaanii keessatti deebisee ture. Obboloonni isaas maallaqani isaanii midhaan wajjiin deebi’uu isaa yommuu beekanitti hattoota jedhamneeti adamsamna jedhanii sodaachuudhaan “lubbuun isaani in rifate” (Seera Uumamaa 42:28).

7. Obboloon sun amanamoota ta’uu isaanii raggaasiisuudhaaf Biniyaamiin qabatanii gara Gibixiitti deebi’uun barbaachisaa ta’uu isaa Yaaqoobitti in himan (Seera Uumamaa 42:34). Yaaqoob kana dhageenyaan “kun hundinuu anuma irratti in raawwatame” jedhee in boo’e (Seera Uumamaa 42:36).

8. Midhaan nyaataa baay’isee barbaachisee waan tureef eegumsa Yihudaatiin Biniyaamiin garaGibxiitti erguufYaaqoobtolejedhe (Seera Uumamaa43:8). Yerookanairraakaasee Yihudaanobbolootaisaatiifsabaahimaata’e;Yesusiifishiddadhalootaata’eeinwaamame (Maatewos1:2). Yaaqoobis haphee dibataa xinnoo ishee, qumbii, ija lawuzii, ija meexxiis Yoseefif in erge (Seera Uumamaa 43:11). Yeroo sana aangawaa siyaasaa yookiin kann amantaa tokko arguudhaaf yommuu deeman kennaa kennuun waan baratame ture. Isaanis

maallaqa Yoseef isaaniif deebise sana kaffaluudhaaf maallaqa dachaa ta’e qabatanii in adeeman (Seera Uumamaa 43: 12).

9. Yoseef obboleessa quxisuu isaa yeroo arge in boo’e (Seera Uumamaa 43:30). Yoseef obboloota isaa laaqana gaarii erga nyaachisee booda, isaan qorachuudhaaf xoofoo meetii kan isaa midhaan wajjin qalqalloo Biniyaam keessa akka kaa’an in taasise (Seera Uumamaa 44:5). Qalqalloon obboloota biraa midhaaniin erga guutamanii booda maallaqni kaffaltiif fidanis qalqalloo isaanii keessa kaa’ameef (Seera Uumamaa 44:10). Obboloon isaa erga adeemanii booda xiqqoo turee Yoseef namichi hojii mana isaa adeemsisu faana isaanii dha’ee akka isa sakatta’u in goosise (Seera Uumamaa 44: 5).

10. Obboloon isaa gara isaatti erga deebi’anii booda, Yoseef namni xoofoon qalqalloo isaa keessatii argame gabra ta’ee turuu akka qabu in dubbate (Seera Uumamaa 4417). Yaaqoob akkuma Yoseefiin dhabe sana Biniyaamiinis akka hin dhabneef baka Biniyaamiinis Yihudaan ofii isaatii gabra ta’ee akka turu in kadhate (Seera Uumamaa 44:27-34). Yihudaan mataa ofii dhiheessuudhaan jaalala abbaa isaaniitiif, gaddaa fi dhiphina obboloota isaatiif qabu in argisiise. Obboloon Yoseef, Yoseefiin daldaltotaaf gabra godhanii isa gurguruudhaan gadda abbaa isaanii irratti waan fidaniif gaabbanii jiru. Yihudaan bakka Biniyaam aarsaa of godhee dhiheessuun isaa fuul duratti Yesus gatii cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf lubbuu Isaa kennuudhaan waan hidda namaatiif godhuuf gaaddidduu duraa ta’uu isaa kan argisiisuu dha.

11. Dhiphina obboloota isaatii fi jaalala isaa abbaa isaaniitiif qaban akka dhagaheen sagalee isaa ol kaasee Yoseef yeroo sadaffaadhaaf in boo’e (Seera Uumamaa 45:2). Sana booda Yoseef obboloota isaatti ofii isaa in beeksise (Seera Uumamaa 45:5); akka gabraatitti waan isa gurguraniif dhiifama obboloota isaatiif in godhe. “Amma lubbuu oolchuudhaaf isin dura asitti kan na erge Waaqayyo waan ta’eef, isin waan ana gurgurtaniif yaadaan hin dhiphatinaa, ofittis hin aarinaa” jedheen (Seera Uumamaa45:5 fi 7). Waaqayyo akkamitti waan hamaa keessatti hojiiwwan gaggaarii akka hojjete Yoseef in hubate.

12. Obboloonni isaa, abbaan isaaniitii fi maatiin isaas gara Gibxi dhufanii isaa wajjin akka jiraataniif Yoseef in affeere (Seera Uumamaa 45:17-20).

13. Yaaqoob, ijoolleen isaatii fi maatiin gara Gibxii dhufuu akka danda’an Fari’oon konkolaataa fi waan isaan barbaachisan hunda gara Kana’aanitti erguudhaaf eyyamuu isaa in ibse (Seera Uumamaa 45:17-20).

14. Obboloonni Yoseef gara Kana’aan deebi’anii Yoseef hanga ammaatti lubbuudhaan jiraachuu isaa oduu gammachiisaan “Yoseef amma illee jira, guutummaa biyya Gibxii irratti isatu seerrata” jedhanii Yaaqoobitti himan. Yaaqoob garuu yeroo duraatti ijoollee isaahinamanneture.Yaaqoobisutuuhindu’inYoseefiinarguudhaafakkaadeemudubbate (Seera Uumamaa 45:28).

15. Waaqayyo dhiifama gochuu Yoseefiif in kenne waan ta’eef quunnamitiin maatii Yoseef kan badee ture, deebi’ee in fayye. Waaqayyos Yaaqoobii fi uummata Isaa jireenyaan tursiisuudhaaf hojimmaata qormataan guutamaniin in hojjeta ture. Kuns kutaa karoora Waaqayyo fayyisaa hidda Abrahaam keessaa kaasuudhaaf baasee dha.

16. Jireenya Yoseefii fi Yesus gidduu wal-quunnamtii baay’eetu jira. Yoseef balaan obboloota isaatiin isa irra hamaa ture (Seera Uumamaa 37:19-20); qoloo isaa irraa in baasan (Seera Uumamaa 37:22-24). Yesusiinis warrumti Isaa Isa ofitti hin fudhanne turan (Yohannis1:11). “Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne ture” (Yohannis7:5). Yeroo Isa fannisan sana kafana Isaa irraa molqan (Maatewoos 27:28). Inni garuu tajaajilaa keenya ta’uuf gara biyya lafaa kana in dhufe (Maatewos 27:28).

17. Yeroo Phoxifaaraadhaaf hojjetaa ture sana Yoseef seeraan ala yakkamee hidhame (Seera Uumamaa 39:13-20). Akkasumas Yesus gara fannoo Isaa yommuu adeeme sana seeraan alatti yakkame; qabameetis itti murtaa’e (Maatewos 26:57-68; 27:11-25). Midhaan nyaataa qopheesuudhaan Yoseef namoonni baay’ee beelaan akka hin duune in baraare (Seera Uumamaa 45:5). Yesusis namoota cuubbuu isaaniitii fi murtii bara baraa irraa baraaruuf in du’e (1 Qorontoos 5:15).

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa jalqabaa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu kadhadhu.

Faarffannaa: In caala maqaan Kee(Lakkofsa 16); Qajeelfama kana fuula gara dhumaa irratti argama) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Mecaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiidhaan agarsiifamu: (Ijoollee hundaafuu)

Wantoonni nama huban maalfa’i?

Ijoollee naannoo kee kaa’iitii akkana jedhii isaan gaafadhu; wantoonni isin miidhuu danda’an maalfa’i? Ijoolleenis kan akka dhibee, jechoota nama aarsan, gochawwan namoota biraa, balaa ibiddaa, balaa qilleensaa, meeshaalee qara qaban, jedhanii akka deebisan gorsi. Itti fufiitii obboloonni Yoseef miidhama maaliifaa isa irraan geessisan? jedhii gaafadhu. Ijoolleenis (obboloonni Yoseefiin in jibban; boola keessatti isa darbatan; daldaltoota gabrumaatittis isa in gurguran, jedhanii haa deebisan). Namoonni tokko tokko “laphee cabe akka qaban”yommuu dubbatan dhageessanii beektuu? Lapheen keessan cabe jechuun kutaawwan xixiqqootti hirame jechuu miti. Lapheen keessan yeroo cabu namni tokko sammuu keessan tuqe waan ta’eef in gadditan jechuu dha. Obboloonni Yoseef yeroo isa gurguran sana lapheen isaa waan cabe isinitti fakkaataa? (Eeyyee; maatii isaatiin addaan bahee biyya namni tokko illee isa hin beeknetti fudhatamee ture). Yeroo Yoseef gurgurame sana namni biraa kan lapheen isaa cabe eenyu ture? (Abbaan isaa, Yaaqoob baay’isee gadduu irraa kan ka’e umurii isaa kan hafe hundaa gaddaa akka jiraatu ijoollee isaa warra biraatti hime).

Seenaa Macaafa Qulqulluu hanga ammaatti dhageenye keessatti karaa Waaqayyo Yoseefiin itti tikse arginee jirra. Hojiin guddaan mootichi Gibxii Yoseefiif kenne maal ture? (Gibxi hunda irratti itti gaafatamaa godhee isa muude. Uummanni hundinuu kunuunsa barbaachisu argachuu isaa to’achuun hojii Yoseef ture). Yoseef hojii kana qabachuun isaa karoora Waaqayyo isaaf baase ture. Waaqayyo hojii Yoseef hojjeteen, hubama garaa Yoseef keessa ture, hubama garaa abbaa isaa Yaaqoobiin keessa ture, akkasumas miidhama obboloonni Yoseef hubama isa irratti geesisaniif kan garaa isaanii keessa ture fayyisuudhaaf itti fayyadame. Waaqayyo Yoseefii fi maatii isaa akkamitti akka deebisaa walitti isaan fide hubachuudhaaf Seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa sirriitti dhaggeeffadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1: Seenaa “Obboloonni Yoseef gara Gibxii adeeman” jedhu Seenaa Macaafa Qulqulluu Qood Iijoollee jedhu keessaa yeroo dubbistu seenessa kee jabeessuudhaaf horgoggeewwan qajelfama kana fuula gara duubaa irratti argaman fayyadami.

Filmaata 2: Gahee Biniyaam quxisuu Yoseef akka siif taphatuuf dargeggeesa bilchaataa ta’e filadhu. Dargaggeessa kana taatee Macaafa Qulqulluu akka fakkaatuuf erbee kutame mataatti akka

maratuuf kenniif. Seenaa Macaafa Qulqulluu akka sirriitti akka dubbatuuf waraabbii barumsa kanaa dursiitii kenniif.

Akkam jirtu ijoolle. Maqaan kiyya Biniyaami. Barumsa Macaafa Qulqulluu keessatti kan barattan waa’ee Yoseef waan ta’eef waan ana ilaalu dhageessan. Ani quxisuu Yoseef yoon ta’u ilmaan kudha lamaan Yaaqoob keesaa isa quxusuu dha. Waaqayyo maatii keenya akkamitti deebisee walittii akka make kan himu seenaawwan dinqisiisoo ta’an isintti himamuu qabu.

Abbaan kiyyaa fi ani Yoseef bineensa bosonaatiin nyaatame jennee erga yaadnee asitti jireenyi keenya hadhaawaa ta’ee ture. Obboleessi keenya Yoseef angafoota keenya laluuf gara hurufaa deemus deebi’ee akka hin dhufin in yaadattu. Obboloonni kootis fooxaa bareedduu Yoseef kan dhiigaan booxame fidanii in dhufan. Abbaan kiyya oduu Yoseef ilaalchisee himame kana naasuu hamaadhaan fudhate. Yoseefiin baay’ise yaadaa waan tureef yeroo hundaa gaddatti ture. Dabalataanis, waggoota lamaan dabran keessa midhaan nyaataa waan hin turreef jireenyi isaa rakkisaa ture. Biyya keessa jirru kan Kana’aan jedhamu kana keessa ohiruu (maasaa) irratti midhaan nyaataa biqilaa hin jiru.

Achiin booda abbaan keenya biyya fagoo taate Gibxi keessatti midhaan baay’een akka jiru in dhaga’e. Kanaafuu, obboloonni keenya midhaan bituu akka danda’aniif maallaqa baay’ee wajjin gara Gibxiitti isaan in erge. Ani garuu manatti akkan hafu abbaan kiyya in godhe. Kana kan godhe wanti Yoseefirragaheetureanairras akkahin geenyeefi.Abbaankiyyaijoolleeisaakeessaatokko iyyuu dhabuu hin barbaadu ture.

Obboloon koo gara Gibxii in deeman. Yommuu achi gahan, namicha midhaan gurguru tokkotti dhufan. Obboloonni koo yommuu gara manaatti deebi’an midhaan nyaataa baay’ee qabatanii in dhufan. Maallaqa midhaaniif kaffaluudhaaf qabatanis qabatanii in deebi’an. Haa ta’u malee obboloon koo dhiphatanii ture. Namichi midhaan nyaataa isaaniif kenne sun basaastota jedhee isaan in himate (yakke). Maallaqni isaan midhaaniif kaffaluu qaban sun hanga ammaatti isaan bira jira waan ta’eef namichi isa yaadata jedhanii in sodaatan. Kana irrattis, isaan basaastota akka hin taane beekuuf ana gara isaa fiduu akka qaban dabalee isaanitti hime. Haa ta’u malee abbaan koo waan kana akka hin jaallanne obboloonni koo in beeku.

Akkuma yeroon darbaa deemuun, midhaan nyaataa dabalataan nu barbaachise. Midhaan nu barbaachisu kanaargachuukandandeenyu,yooani obbolootakoowajjin garaGibxii adeemeta’uu isaa abaan kiyya in beeka ture. Angafti koo Yihudaan, ani yoon obboloota koo wajjin adeeme wanti tokko akka ana irra hin geenye abbaa kootiif waadaa in gale.

Namichi biyya Gibxii ture sun midhaan dabalataa nuuf in kenne. Tajaajiltoonni isaatis maallaqa nu kaffaluuf qabannee dhufne deebisanii qalqaloo keenya keessa nuuf kaa’an. Adeemsuma kana keessatti namichi Gibxii sun xoofoo isaa qalqaloo kiyya keessa in kaa’e. Gara mana keenyaa deemaa utuma jirruu tajaajilaan namicha sanaa nu qaqqabee xooficha akka hannee adeemne nutti hime. Waa’ee maalii akka inni odeessaa jiru garuu nu keessaa eenyufuu hin galle ture.

Tajaajilichi namichaas gara mana namichaatti nu deebise. Mana namichaa yeroo geenyu, ani gabra ta’ee biyyasitti hafuu akkan qabu natti himame. Haa ta’u malee bakka kiyyaa bu’ee gabra ta’uuf ani immoo gara mana abbaa kootii akkan deemuu danda’u Yihundaan yaada dhiyeesse. Yaadni Yihudaan dhiyeesse kun namicha sana in marare. Seenessi kuns ajaa’iba kan ta’u kana irratti. Namichi sun abbaan kootii fi ani yeroo dheeraa duuba du’eera jennee kan fudhanne obboleessa koo Yoseef ta’uu isaa nutti in hime!

Edaa Yoseef bineensaan hin nyaatamne. Obboloonni koo Yoseefii fi abjuu isaa waan jibbaniif daldaltotatti gabra godhanii isa gurguranii turan. Ilaa mee; waan isa irratti geessisan irraa ka’ee akka isaan hin adabneef obboloonni koo sodaatanii turan. Yoseef garuu dhiifama akka godheef obbolootakootti in hime. Inni gurguramee adeeme ta’us Waaqayyo karaa isaatiin waan gaarii akka raawwate Yoseef in dubbate. Waan Yoseef hojjete irraa kan ka’e, namoonni bakka baay’ee jiran waan nyaatan in argatan. Yoseef akka nu gargaaruu fi nu kunuunsuuf Waaqayyo isa in tikse.

Dhimma kana abbaa keenyatti himuuf gara manaa yeroo adeemnu, abbaan keenya jalqaba irratti nu hin amanne ture. Haa ta’u malee, kennaa Yoseef isaaf erge argee, haadha warrootaa fi ijoolleen keenya gara biyya Gibxii dhufanii isaa wajjin akka jiraatan barbaaduu isaa dhageenyaan, “oduun kun dhugaa dha” jedhee amane. Irra deebiidhaan gammadee “Yoseefiin arguuf gara Gibxii nan deema” jedhe.

Waaqayyo baay’ee guddaa dha! Waggoota baay’eedhaaf Yoseefiin tiksee hubama irraa eege. Yeroo midhaan nyaataa biqiluu hin dandeenyetti Yoseef akka midhaan kuusuuf Waaqayyo hojii barbaachisaa ta’e isaaf in kenne. Obboloonni gurguddaawwan keenya gabrummaatti isa gurguranis, dhiifama akka isaaniif godhu Waaqayyo Yoseefiin in gargaare. Waaqayyotu akka maatiitti deebisee walitti nu qabe.

Taateen kun seenaa kana seenessuu yoo raawwate isa galateeffadhuutii gaaffilee kanneen itti fufi:

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenaa irratti hundaa’an: Gaaffilee kanneen gaafadhu:

1. Biyya Gibxii keessatti kan Yoseefiif sagade eenyu? (Obboloonni Yoseef isaaf in sagadan. Kuns akka ta’u waggoota baay’ee dura abjuudhaan itti himamee ture).

2. Obboloonni isaa maaliif Yoseefiin sodaatani? (Sanaan dura waan hamaa ta’e Yoseef irratti raawwatanii waan turaniif inni nu adaba jedhanii isa sodaatan).

3. Yoseef obboloota isaatti maal hime? (Yoseef “Abbaa keenya, haadha warroota keessannii fi ijoollee keessan gara Gibxii fidaa; waan isiniif barbaachisu isiniif nan kenna” jedheen).

Sochii keessa deebii

Ijoolleen naannoo kee akka taa’an godhiitii akkana jedhi: Jireenya Yoseef ilaalchisee, hima tokko tokko sagalee koo ol kaaseetan isiniif dubbisa. Haa ta’u malee, himni ani isiniif dubbisu kun dogoggora in qabaata. Dogoggora kana akkamitti akka sirreessitan yoo hubbattan harka keessan ol kaasaa.

Himaawwan kanneen yeroo dubbisitu dogoggora jiru sirreeesuudhaaf barataa addaa filadhu. (Yaddanno; Himaan ati dubbisuu qabdu qalama/halluu guraachaan kan barreeffame haa ta’u. Himni sirrii ta’e isa gurraachefamee dha).

1. Yoseef obboloota saddeet in qaba ture. Yoseef obboloota kudha tokko qaba ture.

2. Abbaan Yoseef kophee halluu baay’ee qabu isaaf in kenne. Abbaan Yoseef qoloo/kootii halluu baay’ee qabu isaaf in kenne.

3. Yoseefobbolooniifimaatiiisaatiifakkasagadukanargisiisanabjuuwwanlamainabju’ate. / Yoseef obboloonnii fi maatiin isaa akka isaaf sagadan kan argisiisan abjuuwwan lama in abju’ate.

4. Angafoonni Yoseef isa in jallatu turan/ Angafoonni Yoseef isa in jibbu tura.

5. Angofoonni Yoseef isa in ajjeesan./ Angoffoonni Yoseef daldaltoota gabrumaatitti isa in gurgurani.

6. Yoseef jireenyaaf gara Chaayinaatitti fudhatame./Yoseef jireenyaaf gara Gibxiitti fudhatame.

7. Jireenyi Yoseef biyya Gibxiitti yeruma hundaa gammachiisaa ture./Yoseef Mana hidhaatti rakkoollee baay’ee arge.

8. Fari’oon bishaan biyya Gibxii akka to’atu Yoseefiif ittigaafatama in kenne./ Fari’oon midhaan biyya Gibxiif akka kuusuu fi gurguru Yoseefiif ittigaafatama in kenne.

9. Yoseef namoonni biyya lafaa irraa akka hin badneef in baraare./ Yoseef namootaa biyya lafaa baay’ee ta’an belaa irraa in baraare.

10. Yaaqoob maallaqa akka fidaniif ijoollee isaa gara biyya Gibxiitti in erge./Yaaqoob midhaan akka fidaniif ijollee isaa gara biyya Gibxiitti in erge.

11. Yoseef eenyummaa isaa obboloota isaatitti kan beeksise hatattamaani./ Yoseef eenyummaa isaa obboloota isaa jalaa yeroodhaaf dhoksee ture.

12. Obboloonni isaa waan isa gurguraniif Yoseef akkuma aaretti in hafe./Yoseef obboloonni isaa isa gurguranis dhiifama isaaniif in godhe.

13. Yaaqoob Yoseefin arguudhaaf gara biyya Gibxii adeemuu in dide. /Yaaqoob Yoseefiin arguudhaaf gara biyya Gibxii adeemuuf tole jedhe.

14. Karoorri Waaqayo karaa Yoseefiin uummata Isaa gargaaruuf baafate hin hojjenne./ Karoorri Waaqayo karaa Yoseefiin uummata Isaa gargaaruuf baafate bu’a-qabeessa ture.

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqullu jirrenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu/Hojii harkaa- Hibboo dhiifama humna-qabeessa Waaqayyoo

Fakkiiwwan onnee isaan lamaan dursitee barumsa 12ffaa dhaaf kuttee baafte sana, barattootaaf kenni. Onnee kanneen yommuu barattootaaf hirtu isaan maal akka ta’an barattootatti hin himini. Bakka isaa halluu barreessaa hiriifiitii akkana jedhiini. “Cicciramoota waraqaa lamaan kanneen halluu gosa barbaaddaniin dibaa.”

Cicciramoota waraqaa erga halluu dibdanii booda “cicciramoota waraqaa lamaan kanneenii ilaala. Isaanis kutaa lamaan hibboo tokkoo ti. Kutaawwan lamaan kanneen walitti qabsiisamuu danda’uu isaanii mee ilaalaa.

Barattoonni yeroo baay’eedhaaf erga yaalanii booda cicciramoota waraqaa kanneen walitti qabsiisuu akka hin dandeenye in argu. Itti aansiitii akkana jedhiini. “Kutaawwan lamaan hibboo kunneen fakkii onnee akka kennaniif yaalame ture. Haa ta’u malee hibboon onnee kanaa waan cabeef, kutaawwan lamaan walitti hin dhufan. Dursinee onnee cabe jechuun maal jechuu dha jennee gaafannee turre. (Onnee/laphee cabe jechuun, namni tokoo sammuu keenya hubee baay’ee nu gaddisise jechuu akka ta’e barattoota yaaddachiisi.)

Itti fufeetis cubbuuwwan keenya namoota hubuu fi wantoonni hamaan nuti abboomamuu diddaadhaan raawwannu Waaqayyoon gaddisiisuu in danda’u. Cubbuuwwan keenya laphee namoota biraa cabsuu in danda’u. Akkasumas, cubbuuwwan keenya lapheedhuma keenya gaddisiisuu fi cabsuu in danda’u jedhi.

Waaqayyo lapheewwan caccaban (hubaman) suphuuf hojii ajaa’ibaa hojjetee jira. Itti aansiitii kutaa hibboo isa bifa fannoo qabu tokkoo tokkoo ijoolleef hiriitii “kutaan hibboo kanaa maali?” jedhii gaafadhu. (Fannoo) Bifa Fannoo yommuu ilaallu, Yesus maal akka nuuf godhe in yaadanna.

Yesus cubbuu keenyaaf jedhee in du’e; du’aayis in ka’e. Yesus hunduma hundumaa caalu qaba; Yesus cubbuu keenyas nuuf in dhiisa. Hubamni cubbuu keenyaa fi kan biraa irraa ka’een laphee keenya keessa jiraatu akka dhabamuuf, Inni nu gargaara. Karaa kanaan Yesus laphee keenya in supha. Lapheewwan caccaban kanneen walitti qabsiisuudhaaf boca fannoo onnee lamaan cacaban sana gidduu kaa’i. Barattoonni waan kana gochuu akka danda’aniif isaan gargaari. Ijoolleen hibboo fannoo akka diban godhiitii akkana jedhiin: Walii wajjiin haa kadhannu; Cubbuu keenya waan nuuf fudhateef lapheen keenya gammachuudhaan waan guutameef Yesusiin haa galateeffannu. Akkuma ijoolleen harka isaanii walitti deebisanii, mataa isaaniis gadi qabatanii jiranitti akkana jedhiitii kadhadhu: “Yaa Yesus jaallatamaa, Ati fayyisaa keenya isa guddaa dha. Cubbuu keenya irraa nu baraaruuf jettee fannoo irratti waan nuuf duuteef Si galateeffanna. Lapheen keenya inni cubbuun cabse deebi’ee gammadaa akka ta’uuf jaalalaa fi dhiifama keetiin waan nu gargaartuuf Si galateeffanna. Sii fi dhiifama keetti akka amannu nu gargaari. Maqaa Keetiin in kadhanna. Ameen!

Luqqisii Macaafa Qulqulluu samuutti qabatamu:-Gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa(Qolosaayis 3: 13)

Luqqisicha sagalee kee ol kaasiitii yeroo baay’eedhaaf barattoonni akka irra deebi’anii jedhan godhi. Akkanas jedhi; Waaqayyo sababa Kristosiif cubbuu keessan isniif in dhiisa; Isinis namoonni biraa yeroo isin yakkan akka isaaniif dhiifama gootan Inni isin in gargaara. Dubbiwwan Macaafa Qulqulluu kanneen qu’adhaa.

Luqqisii kana qu’achiisuudhaaf ijoolleen si duukaa akka irra deddeebi’an godhi. Ittuma aansiitii gaalee luqqisichaa isa duraa kan “Kristoos akkuma isiniif dhiise” jedhu dubbisi. Barattoonni immoo kutaa luqqisichaa isa hafe “Isinis immoo waliif dhiisaa” jedhanii akka deebisan gargaari.

Faarffaanna (Barattoota hundaaf): Faarfannaa “Gammadaa in gammadnaa” (Lakkoofsa 9) jedhu qu’adhaatii itti aansuudhaan faarffannaawwan “Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha” (Lakkoofsa 21) fi “Waaqayyo gaarii dha” (Laakkoofsa 32) jedhan irra deebi’aa faarfadhaa

Kadhannaa Xumuraa- Kdhanaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 13

Musee, Geggeessaa Saba Waaqayoo, (Seera Ba’uu 1-2)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee; (Fuula 43-45)

Dhugaa Ijoo

Nuyi Waaqayyoof akka jiraannuu fi jaalala Kristos, Isa nama fayyisu, akka lallabnuuf, Innis nuun hojjechuu akka danda’uufis, akkuma Museedhaaf godhe sana, Waaqayyo balaa bu’aa cubbuu irraa nu baraara.

Kaayyoo Barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin barattoonni:

• Waaqayyo lallaba gara-hameessaa fi ajjeechaa Fara’oon irraa Musee akka baraare in BEEKU.

• FayyisichaYesusittiamanuudhaandu’abarabaraairraawaanisaanbaraareefWaaqayyoon galateeffachaa in GUDDATU.

• Fayyina Waaqayyo karaa Kristositiin kennu namoota biraatti himaa in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu samuutti qabatamu

“Kristos akka fedha Waaqayyoo abbaa keenyaatti bara hamaa isa si’anaa kana keessaa nu baasuudhaaf jedhee, sababii cubbuu keenyaaf dabarsee of kenne” (Galaatiyaa 1: 4)

Meshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yeroodhuma barsiistu horgoggewwan qajeelfama kana fuula duubaa irratii argaman fayyadamta yommuu ta’e waraabbii barumsa 13 qophaa’e qopheessi. Horgoggewwan murii baasiitii dibi. Horgoggewwan tokko tokkoon isaanii ulee yookiin baala furdaa irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Seenaa Macaafa Qulqulluu yommuu beeksistu yoo danda’ame daa’ima tokkoo fi haati gaaffiidhaaf akka argaman godhi.

3. Barattoota tokkoo tokkoo isaaniitiif fakkaattii kutaa hojii harkaa keessatti argamuun fayyadamiitiiwaraqaasaantii meetira12fi12kareeta’e waraqaa3muri.Ofiikeetiifiskaree kan ta’e waraqaa afur muradhu. Akkuma hojii harkaa isa barumsa kana keessatti argamuun fakkaattii “kal’oo (guuboo) waraqaa” hojjechuudhaaf itti fayyadami. Yeroo ijoolleen projektii hojii harkaa hojjetan waraqaa isa afuraffaa mala ittiin dachaasan argisiisuudhaaf itti fayyadami.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Yeroo Museen dhalate sana, rakkoo uummanni Waaqayyoo (Ijoolleen Israa’el) keessa turan baay’inaan akka hubattuuf, dursiitii Ba’uu boqqonnaa 1 dubbisi. Achiin boodas, seenaa Macaafa Qulqulluu isa ioolleef dhiyeesitu, Ba’uu2:1-10 dubbisi.

1. MacaafniSeeraBa’uuittifufiinsahojiiWaaqayyouummataisaatiifSeeraUumamaahojjechuu jalqabe ta’uu isaa SeeraBa’uun 1:1-5 in argisiisa.

2. “Israa’el”(Seera Ba’uu 1:1) maqaa Waaqayyo Yaaqoobiifkennee dha (Seera Uumamaa 32: 28). Maqaan kun uummata Waaqayoo hundaa in ilaala. Caaffata qulqulaa’ota keessatti maqaawwan uummata Israa’el, Ibrootaa fi ijoollee Israa’el jedhan kunneen inni tokko isa kaaniifbakkabu’aata’aniiintajaajilu.MaqaawwankunneengosaYaaqoobqofakanargisiisan utuu hin taane, gosa Abraaminiis in dabalata. Uummanni Israa’el biyya Gibxii keessa waggoota 430f jiraatan.

3. Yeroo uummanni Israa’el biyya Gibxii keessa jiraatan, akka baay’ataniif Waaqayyo isaan in eebise (Seera Ba’uu 1:7). Abdiin Waaqayyo Abraamiin “uummata guddaa” gochuudhaaf kennes (Seera Uumamaa 12: 2; 15: 5) “raawwatamaa” ture.

4. Yoseef du’ee waggoota dhiba lama booda, Mootiin/Fara’oon haarawa ta’e tokko gara aangooti in dhufe. Uummanni Israa’el eebbaWaaqayyootiinbiyyaGibxii keessatti uummatalakkofsaan guddaa ta’uun mooticha kana sodaachisuu jalqabe (Seera Ba’uu 1:11). Kanaafuu hojii ifaajjii (dhamaatii) guddaa qabu akka hojjetan isaan in dirqisiise. Hacuuccaan isaanitti baayyatus garuu, uummanni Israa’el lakkofsaan baayyataa in adeeman (Seera Ba’uu 1:12).

5. Yoseef erga du’ee waaggoota dhibba lama booda, Fara’oon sodaa fi abdi-dhabeenyaan, ijoollee dhiiraa kan haadholiin Israa’el dahan deessistoonni Sippaaraa fi Fuhaan jedhaman akkaajjeesaninajaje.DeessistoonnigaruuFara’oonirraWaaqaayyoofajajaman (SeeraBa’uu 1:17); ijoolleenis akka jiraatan in godhan. Yommuu Fara’oon isaan gaafatetti, Sippaaraa fi Fuhaan, dubartoonni Ibrootaa “jajjaboo” waan ta’aniif utuu isaan bira hin gahin akka dahan itti himan (SeeraBa’uu 1:19). Deesiistoonni kunneen Isatti amanatanwaanta’aniifWaaqayyo isaan in eebise; isaaniifis maatii in kenne (Seera Ba’uu 1:21)

6. Abdii kutuun waan itti fufeef, gara-jabeenyaan ijoolleen dhiiraa kan Ibrootaaf dhalatan hundumtuu gara laga Abbayyaatti akka gataman Fara’oon abboommii baase; kanas warri Gibxootaa hundumtuu hojii ira akka oolchan in murteesse (Seera Ba’uu1:22). Labsiin kuns yommuu Museen dhalate sana hojii irra oole ture (Seera Ba’uu2:1-10).

7. Warri gosa Leewwii (Seera Ba’uu 2:1) Luboota Israa’el in ta’u.

8. Mucaa harawaa dhalate sana ilaalchisee jechi “gaarii dha” jedhu hojii irra ooleera (Seera Ba’uu 2:2). Seera Uumamaa boqonnaa 1 keessatti, uumamni Waaqayyoo gaarii akka ta’e argisiisuudhaaf jechi hojii irra ooles jechuma kanaa dha. Abboommii Fara’oon, isa ajjechaaf labsame sana jalaa baasuudhaaf haati ilma ishee “ji’a sadiif isa dhoksite” (Seera Ba’uu 22:2).

9. Bishaan laga AbbayyaairraaMuseebaraaruudhaaf haati isaa “bidiruudhallaaduu”bishaan irra sosocho’u ilma isheetiif hojjette. Jechi Ibrootaa inni “bidiruu dhallaaduu” jedhu (Seera Ba’uu 2:3) kun jecha bidruu Nohi hojjete argisiisuuf faayidaa irra ooleen wal fakkaata (Seera Uumamaa 6:14). Bidiruu Musee sun kan hojjetame, paapiiras, jechuun gudeelcha dheeraa yaballi (bidiruu) xixinnoon irraa hojjetamu yookiin dhallaaduu leemman-holqoo irraa ture. Haati Musee bidiruu dhallaaduun sun akka bishaan hin dabarsineef leeleedhaa fi hapheedhaan maragde. Bidiruun dhallaaduu kun akka eegumsa ilma isheetiif ta’u of eeggannoo ol aanaa ta’e gotee turte. Haati Musee bidiruu dhallaaduu ilma isheetiif hojjette sana keessa Musee keesseeti dhoksaadhaan dhallaaduu dhedheeraa laga Abbayyaa irratti margan keessa dhoksitee obboleetiin Musee, isheen Maariyaam jedhamtu (Seera Ba’uu 15: 20) fageenyaan akka isa to’attu goote (Seera Ba’uu2:4)

10. Akkaatama aadaa yeroo sanaatti, intalli Fara’oon qaama ishee dhiqachuudhaaf gara laga Abbayyaatti yommuu gadi buutu dhallaadduuwwan lagichaa keessatti bidiruu dhallaaduu argite. Tajaajiltoota ishee keessaa ishee tokko ergiteeti akka bidiruu dhallaaduu sana fiddu goote. Intalli mootichaa sun yommuu Musee bidiruu dhallaaduu keessatti argitee inni daa’ima Ibrootaata’uuisaahubattee“in mararsifatte” (SeeraBa’uu2:6);isakunuunsuudhaafismurtoo

in goote. Ejjennoo abbaa isheetii faallessuudhaan gara-laaftuu taatee akka lubbuu Musee baraartuf Waaqayyo isheetti in fayyadame.

11. Maariyaam gara intala Fara’oonitti dhiyaattee dubartii Ibroota taate kan Musee harma hoosistu sii fiduu? jetee gaafatte (Seera Ba’uu 2:7). Isa kana gochuu akka dandeessu itti himamnaan deemtee haadhuma Musee fiddee in dhufte (Seera Ba’uu 2:8). Haati Museetillee ilma ishee kunuunsuu qofa utuu hin ta’in, waan Musee guddiftuuf mindaan in kafalamaaf ture (Seera Ba’uu 2:9).

12. Erga Museen guddatee booda haati isaa gara intala Fara’oonitii isa in geessite (Seera Ba’uu 2:10). Intelli Fara’oonis mucichaaf maqaa afaan Ibrootaatiin sagalee kan “Maashaa” fakkaatu in kenniteef yoo ta’u, hikkaan isaatis “bauu” ta’ee Musee kan jedhu baasiteef (Seera Ba’uu 2:10)

13. Karaa hojii intala Fara’oonitiin, namicha ijoollee Israa’el gabrummaa keessaa baase, Musee baraaruudhaaf Waaqayyoo in hojjete. Ammas Waaqayyo karaa Yesusiin gabrummaa cubbuu, gabrummaa du’aatii fi seexanaa irraa nu baraara; nu qajelcha; ijoollee isaas nu godhata (Roomaa 6: 17-18).

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa jalqabaa– Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarffannaa- Waaqayyoo koo (Lakkoofsa 33) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiin argisiifaamu- (ijoollee hundaaf) Waa’ee Daa’immanii

Yoo danada’ame haadha tokkoo fi daa’ima ishee gara kutaa barumsichaatti affeeri. Ijoolleen daa’ima sana ilalaa gaaffiwwan kanneen akka gaafatan hayyamiif.

Daa’imni tee tuni maqaan ishee eenyu? Umuriin daa’ima keetii meeqa? Daa’imni tee guyyaatti sa’aa meeqaaf rafti? Daa’imoonni maaliif boo’u? Daa’ima tee kunuunssudhaaf maal gochuutu si irraa barbaadama? Itti aanssitii ijoolleen gaaffiiwwan biraa akka gaafatan hayyamiif.

Daa’ima argisistu yoo argachuu baatte immoo, amala ijoolleen mana isaaniitti daa’imman biraa irratti argan akka dubbatan gaafadhu. Kunuunsa daa’immaniif barbaachisu irratti mari’achuu keessan mirkaneeffadhu.

Itti aansiitii akkana jedhi: Wantoonni daa’immanniif barbaachisan baay’ee ta’uu isaanii amma beeknee jirra. Uumuriin isaanii xiqqaa waan ta’eef, nama isaan kunuunsu isaan babaachisa. Daa’imman yeroo baay’eedhaaf tasgabbaa’anii hin ta’an. Jechoota adda addaa dubbachuu hanga baratanitti, in boo’u. Karaan waan isaan barbaachisan nama biraatti himaniin boo’uu qofa dha.

Seeenaa Macaafa Qulqulluu har’a qu’annu keessatti waa’ee mucaa dhiiraa isa Waaqayyo maatii isaatiif kenne tokkoo in dhageenya. Addunyaa kana irratti yeroo midhaan nyaataa hir’ate tokko, iddoo Yoseef maatii isaa qubachiise keessa ijoolleen Waaqayyoo in jiraatu ture. Uummanni Waaqayyoo yookiin ijoolleen Israa’el Gibxi keessatti rakkoolee baay’eedhaaf saxilamanii turan. Rakkoolee kanneen keessatti Waaqayyo mucaa Musee jedhamu kana akkamitti akka kunuunse beekuudhaaf seenaa Macaafa Qulqulluu sirriitti dhageeffadha.

Faarffannaa-Dubbichi Waaqayyoo(lakkoofsa 3) jedhu faarfadhaa

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1- Seenaa “Musee geggeessaa Saba Waaqayyoo“ jedhuMacaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee jedhu keessaa yommuu dubbistu, horgoggewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiruun fayyadami.

Filmaata 2- seenessa hojiin argisiifamu- Museen in dhalate

Seenaa Macaafa Qulqulluu asii gaditti dhiyaate erga dubbistee booda, ijoolleen fuula seenaa sana fakkaatu akkaargisiisanaffeeri.Miirri eegamuskutaa“raawwadhaa”jedhujalattibarreffameejira.

Dubbadhu Raawwadhaa

Uummanni Waaqayyoo ijoolleen Israa’el biyya Gibxii keessa jiraachaa turan. Waaqayyos ijoollee baay’eedhaan isaan eebbisee ture; lakkoofsi saba Israa’elis guddachaa in adeeme.

Fuula dinqisiifannaa mul’isi.

WaanbaayyachaaadeemaniifmootichiGibxiiisaaninsodaate Fuula sodaa mul’isi.

Kanaafuu mootichi hamaan sun ijoollee Israa’el gabroota godhate; hojiiwwan ulfaataa ta’an akka hojjetan isaan godhe.

Waaqayyogaruuijoollee Israa’el wajjin ture; dabalees ijoollee baa’ee ta’aniin isaan eebbise.

Ijoollee dhalatan balleesufis daa’imman uummata Israa’elif dhalatan laga Abbayyaatti akka gataman in abboome.

Fuula dadhabe mul’isi.

Fuula cimaa ta’e mul’isi.

Fuula rifate mul’isi.

Gaafa tokko daa’imni ilmaa maatii Israa’elif in dhalate. Fuula gammachuu mul’isi; achiin boodas fuula dhiphate mul’isi.

Mooticha hamaa sana jalaa ilma ishee baasuudhaaf haati mucichaa isa dhoksuuf in murteeffatte.

Haatiisaabidiruudhallaaduulagairrasocho’uinhojjette;ilma isheellee isa keessa in keesse.

Yeroo bidiruu dhallaaduun sun bishaan irra socho’u obboleettiin fageenyaan in too’atti turte.

Intalli mooticha hamaa sanaa taate qaama ishee dhiqachuuf yeroo dhufteetti bidiruu dhallaaduu daa’imni keessa jiru in argite.

Intalli mootichaa sun daa’ima argite sanaaf garaa laafte; isa guddistee ilma ofi godhachuudhaafis in barbaadde.

Fuula abdiidhaan guutame mul’isi.

Fuula abdii qabu mul’isii

Fuula dammaqinaan eegu mul’isi.

Fuul dinqisiifannaa mul’isi.

Fuulagaddaatii fiabdiimul’isi.

Obboleettiin daa’ima sanaa isa kunuunsuudhaan akka intala mootichaa gargaartuuf haadha isaa in fiddeef.

Fuula gammachuu qabu mul’isi.

Akkuma daa’imni sun guddateen intalli mootichaa ilma ishee isa godhate. Fuula gammachuu mul’isi.

Musee jetteeti maqaa isaaf baafte. “Musee” jedhi.

Museen yerooguddatetti qajelchaaijoollee Israa’el ta’e.Gaafa tokkos gara dhugumaan biyya isaanii taate gara Kana’aanitti isaan in geggeesse.

Seenaa Macaafa Qulqulluu irra deebi’uu

Fuula gammachuu qabu mul’isi.

Gaaffilee seenaa irratti bu’uraa’an - gaaffillee kanneen garee kee gaafadhu

1. Haati ilma ishee akkamitti balaa irra isa oolchite? (Bidiruu dhallaaduu bishaan irra sosocho’u hojjetteeti laga Abbaayya irra in goote; Obboleettiin daa’imichaatis fageenyaan akka isa to’attu goote)

2. Daa’ima sana argattee kan maqaa isaaf baaste eenyuu? (Intala mootichaa kan turtetu isa argate)

Sosochii hojii keessa deebii – Himuu irra deebii seenichaa

Dhugaa Macaafa Qulqulluu irra deebi’uudhaaf seenaa asii gadii kana sochiidhaan qu’achiisi.

Ijoollee wajjin naanno hojjedhaatii dhaabbadhaa. Ijoolleen waan ati jette sararumaan irra deebi’anii dubbatu.

Lakkoofsa 1 – Daa’ima xiqqicha (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Sosocho’aa jira (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Bidiruu dhallaaduu tokko keessatti (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Kophaa isaa ta’eeti (Ijoolleen irra deebi’an)

Lakkoofsa 2 – Obboleettiin isaa guddittiin (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Isa in eegdi (Ijoollen irra deebi’u)

Barsiisaa – Maal ta’a laata jechaa (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Daa’imni in boo’a (Ijoolleen irra deebi’u)

Lakkoofsa 3 – Intalli bareedduun (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Dhiqachuudhaaf in dhufte (Ijjollen irra deebi’u)

Barsiisaa – Bidiruu dhallaaduu in argite (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Keessa isaa laalte (Ijoolleen irra deebi’u)

Lakkoofsa 4. Daa’imicha in argite (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – In kunuunisite (Ijoolleen irraa deebi’u)

Barsiisaa – Obbooleetiin isaa haadha isaa in waamite (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Hundinuu gaarii ta’e (Ijoolleen irra deebi’u)

Lakkoofsa 5. Barsiisaa:- Waaqayyo gaarii dha (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Daa’imicha in baraare (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa - Maqaan isaa Musee jedhame (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Mucaa Cimaa ta’e (Ijoolleen irra deebi’u)

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqullu jirrenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu- Fayyineerra

Ijoolleen naanno kee akka taa’an godhiitii akkana jedhii gaafadhu: Waaqayyo kan Inni Musee baraare akkamitti ture? (Yeroo Museen laga Abbayyaa irra sosocho’u sana Waaqayyotu isa tikse; intalli Fara’oon laga Abbayyaa irratti yommuu Musee argitu akka isaaf gaddituuf Waaqayyo garaa ishee in laafiseef; Intelli Fara’oon erga Musee argitee booda, haatumtii isaa akka isa guddiftuuf Waaqayyo ishee in dandeessise; Waaqayyo Museedhaaf karoora in qaba ture; Museen aangessaa ijoollee Israa’el in ta’a ture.)

Fayyinni maaliif nu barbaachisa? Ijoolleen akka deebisan godhi. Itti fufiitii hundi keenya cubbamoota ta’uu keenya Macaafni Qulqulluun in dubbata (Roomaa 3:23) jedhii itti himi. Cubbuu keenyaafis akka du’uun nuuf ta’u Macaafni Qulqulluun in dubbata (Roomaa 6:23). Nuti mataa keenyaan aarsaa ofiif qopheessuu hin dandeenyu. Waaqayyo cubbuu keenya irraa kan nu baraare akkamitti?Ijoollendeebii akkakennangodhiitii akkanajedhiin: Waaqayyoo Ilma Isaaisatokkicha ta’e, Fayyisaa keenya akka ta’uuf nuuf erguudhuudhaan cubbuu keenya irraa nu baraare. Yesus cubbuu Keenya irraa nu baraaruudhaaf fannoo irratti in du’e. Innis jireenya bara baraa nuu kennuudhaafdu’aain ka’e.SababaYesusitiifWaaqayyocubbuukeenyanuufin dhiisa; akkasumas Isaaf akka jiraannu nu gargaara. Waaqayyo maaliif nu fayyisee? (Waaqayyo kan nu fayyiseef nu jaallachuu Isaa irraa ka’eeti (Yohannis 3:16). “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma keennuufitti biyya lafaa jaallate; Kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti”) jedha.

Itti fufiitii Waaqayyo bishaan laga Abbayyaa keessatti Musee in baraare. Akkasumas Waaqayyo bishaan cuuphaa keessatti nu in fayyisa. Yeroo cuuphamnu Waaqayyo cubbuu laphee keenyaa qulqulleesseti bara baraaf qaamaa fi miseensa maatii Isaa nu in godha. Hafuurri Ququlluunis laphee keenya keessa jiraatee Waaqayyoon akka jaallannu; amantiidhaan akka jabaannu; bara jireenya keenya keessatti Waaqayyoon akka tajaajilu nu gargaara.

Kanaafuu Yesusitti amanuu keenya haa kabajinnu; itti haa gammannus. Ilaa mee seenaa Musee isa dursinee baranne sana irra deebinee haa jennu. Sarara seenaa kana tokko tokkoon ana duukaa jedhaa.

Barsiisaa – Yesus siijaallata (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Si baraara (Ijoollen irra deebi’u)

Barsiisaa – Badii cuubbuu irraa si baraara (Ijoollen irra deebi’u)

Barsiisaa – Jireenya siif kenna (Ijoollen irra deebi’u)

Luqqisii Macaafa Qulqulluu samuutti qabatamu – “Kristos akka fedha Waaqayyoo abbaa keenyaatti bara hamaa isa si’anaa kana keessaa nu baasuudhaaf jedhee sababii cubbuu keenyaaf dabarsee of kenne” (Galaatiyaa 1:4).

Yaadachiisa - Ijoollee umuriin isaanii xixiqqaa ta’eef muraasa luqqisii kanaa qofa barsiisi. Yesus cubbuu keenya irraa nu fayyisuuf of kenne.

Ijoollee naannoo kee teechisi. Macaafa Qulqulluu kee bani. Luqisicha sagalee kee ol kaasii dubbisi. Akkanas jedhi: Yesus nu fayyisuudhaaf lubbuu Isaa fannoo irratti in kenne. Karaa kanaanis Inni du’aa fi sababa cubbuutiin Waaqayyoon jalaa baduu irraa nu baraare. Karoora hamoo seexanni nuuf qopheesse irraayis Yesus nu baraara.

Luqqisii kanabarsiisuudhaafakkanatti bakkalamatti addaanbaasi. Biyyalafaaisahamaata’eirraa nu baraaruudhaaf of kenne. Yeroo tokkotti kutaa tokko qofa barsiisi. Achiin booda immoo luqisicha hunduma isaa akka jedhaniif barattoota gaafadhu.

Faarfannaa –“Yesus nu jaallata” (Lakkofsa 38) fi “Galateeffadhaa” (Lakkoofsa 8) jedhan irra deebi’aa faarfadhaa. Akkasumas faarffannaa “Dubbichi Waaqayyoo” (Lakkofsa 3) jedhu barsiisuu jalqabi.

Hojii harkaa – “Bidiruu waraqaa”

Ijoollee naannoo minjaala hojii harkaa kana irratti dachaasan yookiin naannoo irkoo cimaan jiru teessisi. Musee balaa bishaan Abbayyaa irraa eeguudhaaf haati isaa maal hojjetteef? jedhiitii gaafadhu. (Hubaatiin bishaanii akka isa hin dhaqqabne bidiruu dhallaaduu bishaan irra sosochoosu hojjeteef). Mee amma waan bidiruu dhallaaduu haati Musee isaaf hojjette sana kan nu yaadachiisu haa hojjennu.

Bidiruu dhallaaduuwwan keenya hagadaa, shomboqqoo fi haphee irraa osoo hin ta’in waraqaa irraa kan hojjetaman ta’u.

Waraqaa kaaree santii meetira 12 fi 12 ta’e tokkoo tokkoo ijoolleef kenni. Waraqaa tokko ofii keetiif hambifadhu. Ijoolleen akkam godhanii waraqaa akka dachaasan itti argisiisuudhaaf kaaree kan keetiin fayyadami. Waraqaa tokko tokkoon isaaanii dachaasuudhaaf yeroo gahaa ta’e fudhadhu.

Ijoolleen tokko tokkoon isaanii waraqaa isaanii dachaasuu itti fufuu utuu hin jalqabin, isa dhachaa duraa sana haalaan xumuruu isaanii hubadhu.

Yaadachiisa- tokkoo tokkoon ijoolleebidiruu dhallaaduu sadii qopheessuu qabu.

Yaadanno- Dachaasuun kun ijoollee umuriin isaanii xixinnaa ta’etti ulfaachuu danda’a. Ijoollee umuriin isaanii gurguddaa ta’an ijoollee fedha qaban akka gargaaran jajjabeessi. Kun yommuu ta’uu baate kutaa lamaan bidiruu dhallaaduu dachaasiitii ijoollee tokko tokkoof qopheessi. Isaan kutaa sadaffaa akka qopheessan taasisi.

Ijoolleen tokko tokkoon isaanii yommuu bidiruu dhallaaduuwwan kanneen hojjetan, halluu ittiin barreessan kenniif. Ijoolleen fakkii harkaa kan bidiruu/bidiruu dhallaaduu keessatti gadi diriire akka fakkisan isaan gargaari. Karaa cina lammaffaa bidiruu irratti immoo ijoolleen fakkii fannoo isa xinnaa ta’e akka fakkisan gargaari; cina sadaffaa bidirichaa irrattis ijoolleen fakkii makoodii/gugee xinnoo akka fakkisan gargaari.

Achiin boodas akkana jedhi: Museen yommuuu laga Abbayyaa keessa ture sana Waaqayyotu isa tikse. Akkasumas wantoota hamaa seexanni nuttii fiduuf yaalu irraa Waaqayyotu nu tiksa. Harki bidiruu dhallaaduu irra jiru sun Waaqayyo Abbaa nutti argisiisa. Waaqayyo isin in tiksa; in kunuunsas. Fannoon bidiruu dhallaaduu irra jiru sun Ilmi Waaqayyoo cubbuu keenya irraa nu baraaruudhaaf fannoo irratti du’uu Isaa nutti argisiisa. Makoodiin fannoo irra jirus Hafuura Qulqulluu nutti argisiisa. Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo irratti amantii akka qabaannu nu gargaara; amantiin keenyas yeroodhaa gara yerootti guddachaa akka deemu nu gargaara. Akkaataa Yesus cubbuu keenya irraa nu fayyise namoota biraatti akka himnuufis nu gargaara.

Seenaan daa’imicha Museetii fi misiraachoon Yesus cuubbuu keenya irraa nu fayyisuu Isaa himuudhaaf bidiruu (bidiruu dhallaaduu) keetiin akkamitti fayyadamuu dandeessa?

(Seenaa Museetii fi Yesus cubbuu keenya irraa nu baraaruuf fannoo irratti du’ee, du’aayis ka’uu Isaa ijoolleen akka himan godhi. Waaqayyo Musee laga Abbayaa irraa in baraare. Akkasumas Yesus du’aa fi du’aa ka’uu Isaatiin cubbuu, du’aa fi seexana jalaa nu baraare). Ijoolleen dhugaa barumsa kana irraa argatan maatii fi hiriyaa isaaniitti himuudhaaf bidiruuwwaniin akka fayyadaman jajjabeessi.

Kadhannaa Xumuraa – Kadhanna qajeelfama kanaa fuul gara duubaa jrra jiru kadhadhu.

Barumsa 14

Biyya Gibxiitii Ba’uu Ijoollee Israa’el

(Seera Ba’uu 3:15-21)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee – Fula 46-48

Dhugaa Ijoo

Waaqayyo mallattoo dhiigaa balbala manneenii irratti dibameen ijoollee Israa’el du’a irraa baraare; Gibxi keessaa baasees gara bilisummaatti isaan fide. Akkasumas Inni dhiiga Yesus kan fannoo irratti dhangala’een cubbuu, du’aa fi seexana jalaa nu baraara. Kanaafuu amantii Yesus irratti qabnuun cubbuu irraa bilisa baanee jirra; Dhiifamaa fi jireenya bara baraa arganneerra. Kaayyoo barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin barattoonni;

• Waaqayyo ijoollee Israa’el dinqii adda addaatiin gabrumaa Gibxii jalaa akka baraare in BEEKU.

• Dhiiga Hoolicha Waaqayyotiin Waaqayyo akka cubbuu, du’aa fi seexana jalaa isaan baraare beekanii amantiidhaan in GUDDATU

• Wantoota Waaqayyo isaaniif godhee fi fuul durattis godhuuf, keessumattuu Yesusiitti amanuudhaan fayyinaa fi dhiifama cubbuu Waaqayyoon isaaniif kenne beekanii Waaqayyoon galateeffchaa in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: “Waaqayyo humna koo isa ani faarfadhuu dha, inni fayyina koo anaaf ta’eera” (Faarfannaa15:2).

Meshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

Yommuu barsiistu horgoggewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiraniin fayyadamta yoo ta’e, fakkii barumsa 14ffaa dhaaf qopheessi. Horgoggewwan murmuriitii dibi. Horgoggewwan baala furdaatti maxxansuudhaaf hapheetti fayyadami.

• Seenaa har’aa yommuu dubbattu ulee qallaa fi dheeraa ta’e qopheesi. Uleen kun santi meetirii 2-3 ta’uu qaba. Barumsa kanaan booda, seenaa Macaafa Qulqulluu biraa kan waa’ee Musee dubbatan barsiisuudhaaf ulee kanaan fayyadamta.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu barumsicha kanaa baay’ee dheeraa dha. Museen aangawaa ijoollee Israa’el akka ta’uuf Waaqayyo isa waamuu fi uummata Israa’el gadi qabaa warra Gibxii jalaa biliisa baasuudhaaf yeroo hojjetu Gibxoota irratti ilbiisota erguu Isaa hubachuudhaaf (Seera Ba’uu 1:11-11:10), xiyyeeffannoodhaan dubbisuun barbaachisaa dha. Boqqonnaawwan kanneen keessatti Museen sodaa fi shakiindhaan qabamus, inni ijoollee Israa’el akka aangessu Waaqayyo akka isa jajjabeesee fi gargaare (Seera Ba’uu 3:11-4: 31;6:28- 7:7)in dubbisna.

1. Museenii fi angaftichi isaa Aaroon, akka Raajotaatti tajaajilaa turan. Raajichi tokko sabaahimaaWaaqayyoo ta’eeintajaajila.Raajoonni namootaWaaqayyowaantokkoisaanitti himuu barbaadeef ergaa Isaa in dabarsu. Museen akkaataa gaarii ta’een ergaa Waaqayyoo gumiidhaaf dabarsuu waan hin dandeenyeef dhiphatee ture (Seera Ba’uu 6:30). Kanaafuu, wanta

Waaqayyo dubbachuu barbaadu uummanni akka beeku gochuudhaaf Museen Aarooniin akka fayyadamu Waaqayyo in hayyameef (Seera Ba’uu 7:1).

2. Seera Ba’uu’u 7:14-10; 29 Waaqayyo rukuttaawwan sagal Fara’oonii fi warra Gibxii irratti dursee akka erge ibsu. Rukuttaawwan saglan kunneenis tartiibaan dhiiga, raacha, injiraan, tisiisa, madaa, cabbii fi hawaannisa turan. Rukuttaawwan kunneen namoota, bineensotaa fi midhaan isaanii kan huban turan. Tokkoo tokkoo rukuttichaa keessatti Fara’oon “uummata Israa’el gadi nan dhiisa” jechaa ture. Haa ta’uutii yommuu rukuttaan dhabbate gaabbee jecha isaa in jijjiira ture.

3. Waaqayyoyerumauummata Israa’el gabrumaairraabaraaruufkaroorfatu sanaonneeFara’oon akka jabeessu Museetti beeksisee ture (Seera Ba’uu7:3). Kana jechuunis Fara’oon Waaqayyoon hin dhagahu yookiin hin amanu jechuu dha. Waaqayyo Inni hundumaa in beeka waan ta’eef, onnee Fara’oon keessa waan jiruu fi deebii akkamii akka inni kennus dhugumaan in beeka ture. Macaafni Qulqulluun durseetuma Fara’oon onnee isa jabeesse jedha (Seera Ba’uu 7:13-14;22;8;9:7:34-35). Dhugaa Waaqayyootii fi Waaqayyummaa Isaatiif onnee isaa akka cufuu kan godhe amantii dhabuu isaa ti. Rukuttaa madaatiin booda, Macaafni Qulqulluun “Waaqayyo garuu mootichi mataa akka jabaatu in godhe” (Seera Ba’uu 9: 12) jedha. Asiin booda Fara’ooniif dhiifama gochudhaaf carraan hin jiru ture (Seera Ba’uu9:12). Akka inni hin amanneef Waaqayyo murteeseera.

4. Rukuttaan kurnaffaan kan ejjennoo-diddaa Fara’oon cabse yommuu ta’u innis kan dhuma irratti taasifame ture. Rukuttaan kun angafoota warra Gibxii ajjeesuuf kan murtaa’e ture. Rukuttaan angaficha Fara’oon, angafoota gabroota wara Gibxii fi angafa horii isaanii hundumaa in hammata ture (Seera Ba’uu 11:5). Abdiin enyu iyyuu, abbaanyommuu du’e lafa maatii fi qabeenya abbaa isaa harka-dachaadhaan kan dhaalu, ilma angafaa waan ta’eef rukuttaan kun baay’ee nama rifachiisa ture.

5. Yommuu Waaqayyo ergamaa du’aa gara Gibxiitti ergu, angafoonni Israa’el akka hin ajjeesneef korbeessa mudaa hin qabne aarsaa godhanii dhiiga isaatiin michichila balbala lamanuu, buusaa mataa balbala lamaanuu, buusaa mataa manneenii irratti akka diban qajeelfamni akka Israa’elif kennamuu Museen in abboomame (Seera Ba’uu 12: 1-7). Dhiigni mukkeen michichilaa irra jiru sun ergamtichi manneen kanneen irra akka darbu, angafoota Israa’el kan manneen keessa jiran akka hin ajjeefne mallattoo ta’a. Yeroo ammaa kanas maatiiwwan Israa’elootaa Waaqayyo hidda isaanii biliisa baasuu Isaa yaadachuuf Faasikaa maaddii fi waaqeffannaa addaatiin kabajuu itti fufanii jiru.

6. Fara’oon ilma isaa isa hangafticha du’aan waan dhabeef, dhuma irra ijoolleen Israa’el Gibxii gadi lakkisanii adeemuu akka danda’an Museetti hime (Seera Ba’uu 12:31). Ijoolleen Israa’elis Museedhaan geggeeffamaa daabboo bukoo raacitiin itti hin nammin irraa tolchame akka nyaatan, akkasumas meetii, warqee fi uffata warra Gibxii irraa in guurratan (Seera Ba’uu 12:35). Ijoolleen Israa’el gara Kana’aanitti yommuu debi’an jijjiirraa daldalaatii fi waa’ee biraatiifis meeshaalee kanneenitti fayyadamuu in danda’u. Warri Gibxiis wantoota Israa’eloonni isaan gaafatan akka kenneniif Waaqayyo garaa isaani keessatti in hojjetaa ture (Seera Ba’uu 12:36).

7. Galgala sana dhiirri, dubarttoonnii fi ijoolleen kuma dhibba jaha ta’an biyya Gibxiin gadi dhiisan in bahan(Seera Ba’uu 12:37). Guyyaa fi halkan deemuu akka danda’an Waaqayyo guyyaadhaaf utubaa duumessaa, halkaniif utubaa ibiddaatiin isaan in geggeessa ture (Seera Ba’uu 13:21).

8. Yommuu adeemsa ijoollee Israa’el dhagahan, Fara’oonii fi aangawoonni isaa yaada isaanii jijjiiranii Israa’eloota deebisuudhaaf raayyaa waraanaa guddaa kan konkolaattota fardeen

dhiba jaha qabaniin isaan in hordofan (Seera Ba’uu14:7). Fara’oon mootichi Gibxii ijoollee Israa’el akka hordofu onnee isaa Waaqayyo in jabeesse (Seera Ba’uu14:8).

9. Israa’eloonni cina galaana diimaa quphatanii osoo jiranii, raayyaan waraanaa Gibxii dhufuu isaa arganii sodaatan. Haa ta’uutii Museen isaan in jajjabeesee (Seera Ba’uu 14: 13). Waaqayyo isiniif in lola; isin in celistan jedheetis isaan tasgabbeesse (Seera Ba’uu 14:14).

10. Achiin booda, Museen ulee isaa akka ol kaasu harka isaatis galaanicha irratti diriirsee akka addaan baasu Israa’eloonnis akka lafa gogaa irra deemanii galaanicha ce’an itti hime (Seera Ba’uu14:22)

11. Akkuma Israa’eloonni godhan sana raayyaan waraanaa Gibxiitis galaanicha ce’huudhaaf yommuu tattaafatu, “bishaanichi warra Gibxii irratti, konkolaattota isaanii fi abboota fardeenii isaanii irrattii walitti akka deebi’u” akka godhu Waaqayyo Musee in abboome (Seera Ba’uu14:26).YerumaMuseenakkasgodhesanabishaanichiraayyaaFara’oonirrattigaragale; isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafnne (Seera Ba’uu14:28).

12. Israa’eloonni Waaqayyo waan harka cimaa Isaatiin Gibxiin irratti godhe in argan; uummannis Waaqayyoon in sodaatan; Garbicha isaa Museettis in amanan (Seera Ba’uu14:31).

13. Waaqayyo humna Isaatiin waan hundumaa akka to’atu ijoollee Israa’elitti argisiisuudhaaf dha’ichaa fi dinqiwwan galaana diimaatti fayyadame. Wantootuma bakka bu’aa Israa’elootaa ta’uudhaan hojjeteen isaan baraare; amantii isaan Isa irratti qabanis in dabale.

14. Nutis taatewwan jireenya keenyaa kan guyyuma guyyaadhaan taasifaman keessatti harki Waaqayyoo yeroo nu kunuunsuu fi nu haguugu in argina.

15. Yesus “Inni hoolicha cubbuu biyya lafa dhabamsiisu” (Yohannis 1:29). Dhiiga balbala manneen isaani irratti dibameen Israa’eloota du’a irraa Inni in baraare. Holichi Waaqayyoo, Yesus fannoo irratti du’e; dhiigni Inni dhangalaases wantoota cubbuunii fi seexanni nutti fidan irraa nu baraara.

Kaayyoo Barumsichaa

Kadhannaa jalqabaa –Kadhannaa Macaafa kana fuula gara duubaa iratti argamu sana kadhadhu.

Farffannaa – In caala maqaan Kee (Qajelcha kana fuula gara dhumaa irraa, lakkoofsa 16) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochiiwwan hojiidhaan mul’ifaman– Irra deebii guddicha

Ijoollee naannoo kee teessisiitii akkana jedhiin.Amma faarffannaa, “In caala maqaan Kee” (Lakkoofsa 16) jedhu in faarffanna. Itti aansuudhaanis wantoota gurguddaa Waaqayyo hojjechuu Isaa hanga ammaatti baranne sana mee irra deebinee haa ilaallu. Isa malee wantoonni biraa yommuu hin jirretti, wantoonni gurguddaan Waaqayyo hojjete maal faa turan? (Waaqayyo biyya lafaatii fi ishee keessa waan turan hundumaa in uume. Biiftuu, addeessaa, urjiiwwan, pilaanetoota Inniinuume.WantootahojjetehundumaaWaaqayyo“Haata’u”jedheetiuume.YerooInniakkana jedhe sana wantoonni Inni uumuu barbaade hundinuu in uumaman ture. Waaqayyo namoota warra duraan Addaamii fi Hewwaan “Bareedaa fi dinqisisoo” godhee harkuma Isaatin isaan in uume. Uumama Waaqayyoo keessaatti namoonni addummaa-qabeessoo fi dinqisiisoo-qabeessoo dha. Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof abboomamuu erga didanii booda, Waaqayyo wanti Inni godhe inni guddaan maal ture?Waaqayyo Fayyisaa namoota hundumaa cubbuu isaanii irraa fayyisu, gara

biya lafaa kanatti erguuf abdii in kenne. Fayyisaan sunis Yesus Isa fannoo irratti du’ee, du’aayis ka’ee dha.

Wanti Waaqayyo maatii Noohiitiif godhe inni guddaan maali?

(Yommuu Waaqayyo biyya lafaa kana bishaaniin balleesu, Noohiin bidiruu keessatti du’a irraa isa baraare). Waaqayyo Abrahaamii fi Saaraadhaaf wanti godhe inni guddaan maali? (Waaqayyo ilmaisaaniifinkenne). WaaqayyowantiInniYoseefiifgodhe,inni guddaanmaali? (Waaqayyoo Gibxii keessatti Yoseefiin in gargaare; in eebbises. Yeroo beelli guddaan dhufetti Yoseef namoota baay’eedhaaf nyaata akka kuusu isa gargaare; Yoseef obboloon isaatiif dhiifama akka kennu Waaqayyo isa garagaare; Maatii isaa wajjin akka wal arguufis Waaqayyo isa gargaare). Yeroo Museen daa’ima ture sana wanti Waaqayyo isaaf kenne, inni guddaan maal ture? (Galaana diima irratti Waaqayyo du’a irra isa baraare).

Seenaa Macaafa Qulqulluu isa har’a qu’annu keessati wanta guddaa Waaqayyo Musee fi ijoollee Israa’eleliif godhe in dhageenya. Uummata Isaa gargaaruudhaaf wanti Waaqayyo godhe dhugumaan dinqisiisoo turan! Dinqiwwan Waaqayyo hojjete kana barachuudhaaf hubbannaadhaan dhageeffadhaa.

Faarffannaa – Macaafa Gooftaa(Lakkoofsa 22) faarffadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1 - Seenaa “ijoolleen Israa’el biyya Gibxii dhiisanii bahan” jedhu Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa yommuu dubbisitu seenessa kee jabeessuudhaaf horgoggewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiraniin fayyadami.

Filmaata 2 – Seenaa Qajeelchaa kee duukaa adeemi jedhu seenaa Seenaa Macaafa Qulqulluu Qooda Iijoollee keessaa “Biyya Gibxiitii Ba’uu Ijoollee Israa’el” jedhu yommuu dubbistu, barattoonni sii wajjin akka naannoo kutaa barnootaa irra adeeman godhi. (Yaadachiisa; Wanta kana gochuudhaaf iddoon yoo isin gahuu baate, ati yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu sana dubistu ijoolleen bakkuma jiranitti haa adeeman.)

Ati yommuu tarkaanfattuu fi dubbattu ulee itti hirkattu qabadhu. Bakka “dhiiga hoolichaa balbala mana isaanii irratti diban” jedhu yeroo geesse, ijoolleen Israa’el dhiiga akkamitti akka balbala irrattidibansosochiidhaanargisiisi.“Ce’umsa”Galaanadiimaayommuuargisiistanijoolleenlama lamaan yookiin sadi sadiin akka sararaan dhabbatan godhi. Akkuma yeroo ijoolleen Israa’el keenyan bishaanii keessa darban Museen ulee isaa ol kaase sana, atillee ulee hirkoo sana ol kaasi. Dhuma seenaa kanaa irrattis kadhaa kana ijoolleen aka sii wajjin kadhatan godhi. Ijoolleen gaalee kadhannaa kana tokko tokkoon siibooda akka irra deebi’aniif isaan qajeelchi. “Yaa jaallatamaa Abbaa keenyaa, Ati kan waaqarra jiraattu (waa’ee fayyina kee isa guddaa ta’eef) Si galateeffana. Ati Waaqayyo guddaan W11aaqayyoo keenyaa dha! Ameen.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

1. Gaaffilee seenaa irratti bu’uraa’an – Gaaffillee kanneen garee kee gaafadhu.

2. Mootichi dhuma irratti maaliif ijoollee Israa’el gadi dhiise? (Ergamtichi Waaqayyoo dhufee ilma mootichaa dabalatee, angafoota warra Gibxii waan ajjeeseefi).

3. Ijoolleen Israa’el galaana Diimaa akka cehan Waaqayyo akkamitti isaan gargaare? (Waaqayyo gidduu keenyan bishaan galaana diimaa keessa karaa tolcheef isaan ceesise).

Raayyaan waraanaa mootichaa balaa maaliitiif saaxilaman? (Bishaan galaana Diimaa isaan irratti deebi’ee akka isaan haguugu godhe. Namoonni raayyaa mootichaa keessa jiran hundinuu in du’an.

Sosochii irra deebii hojiidhaan mul’ifaman – kutaa tokko

Ijoollee naannoodhaan teessisiitii gidduu isaanii dhaabbadhuu akkana jedhi. Dursinee barumsa keenya keessatti, Waaqayyo namoota baay’eedhaaf wantoota gurguddaa ta’an gochuu Isaa dubbannee turre. Seenaa Macaafa Qulqulluu isa har’a qu’annu keessatti, ijoolleen Israa’el yommuu gabrumaa hamaa Gibxootaatiif saaxilaman sana, wantoota gurguddaa Waaqayyo isaaniif godhe dhageenyee jirra. Ani amma ija koo dunuunfadhee isin gidduu dedeebi’aatan faarffannaa “Waaqayyo guddaa dha” jedhu nan faarfadha; Yommuun faarfannaa kana dhaabe quba kootan isin keessaa barataa tokkotti qaba. Yommuun quba koo isin keessaa nama tokko irrati argisiisu yeroo Waaqayyo Israa’eloota qajeelchee Gibxii keessaa baasu sana wantoota Inni isaaniif godhe gurguddaawwan keessaa, isa tokko akka natti himtan nan barbaada. Yoon barbaadee ana wajjin akka faarffattan gochuu nan danda’a. Qophooftanii? [Haa jalqabnu]! Naannoo keessa yommuu deddeebitu, harka kee diriirsiittii “Waaqayyoon koo guddaa dha. Inni baay’ee humna-qabeessaa dha” jedhi faarffadhu. Amma immoo faarffachuu dhaabiitii ijoollee naannoo keessa jiran keessaa isa tokkoon fayyadami. Ijoolleen wantoota Waaqayyo Israa’elootaaf godhe keessaa isa tokko akka yaadatanii fi dubbatan isaan gargaari. (Ummata Isaa baraaruudhaaf Waaqayyo in karooreffate; Museen akka isaan geggeessu in kenneefi; Ergamticha du’a irraa isaan in baraare; Gara galaana diimaa isaan in qajeelche. Cehuu akka danda’aniif galaana diimaa keessatti karaa isaaniif in qopheese; Bishaanichi isaan irratti akka deebi’u gochuudhaan raayyaa waraanaa mootichaa irraa isaan in baraare).

Ergabarataanwaa’eehojiiguddaaWaaqayyoodubbateebooda,marsuu fifaarfachuukeeittifufitii “Waaqayyoo koo wanti Isa dhibu hin jiru! Gaarawwanis kan Isaa ti!” jedhi faarffadhu. Amma immoo isa dhaabiitii hojiiwwan Waaqayyoo gurgudaan kan dursanii jedhaman keessaa tokko filadhuutii akka dubbatan godhi. Irra marsuu keetis itti fufi’ “Yaa Waaqayyoo koo ati baayy’ee guddaa fi humna-qabeessaa dha”. Marsuu kee ittuma fufiitii “Lagoonni kan Isaati! Urjiwwanis kanuma Isaatti! Waaqayyoon koo baayy’ee guddaa dha! Amma immoo kana dhaabiittii daa’ima biraa filadhu; faarffannaas fixiitii “Waaqayyoo koo ati guddaa dha; Humna-qabeessaadhas! Wanti siidhibus hin jiru!” jedhi. Ijoolleen wanta Waaqayyoo uummata Isaatiif godhe isa gudda ta’e yeroo tokko hanga dubbatanitti tapha kana itti fufi.

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqullu jirrenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu– Waaqayyoon koo baayy’ee guddaa dha – kutaa lammaffaa

Hojii irra deebi’uu kana irraan itti fufiitii ijoollee naannoodhaan teechisi. Atis isaanii wajjin naannoo keessa taa’itti akkanajedhi. “Waaqayyoijoollee Israa’eliifwantootagurguddaagodheefi; Gibxi irraa isaan in baraare; Waaqayyoo nuufis wantoota gurguddaa ta’an Inni nuuf in godha. Qaama keenyaaf watoota barabaachisan dhiyeesuudhaaf wanti Waaqayyo godhu maal maali? Ijoolleen akka deebisan hayyamiif. Wantoota Waaqayyo qaama keenyaaf barbaachisan guutuudhaaf hojjetu akka himaniif kallattii itti argisiisii(Uffata, nyaata, mana, gaaga’amaa fi dhibdee adda addaa irraa fayyuu).

Itti fufiitii – yeroo gadditu, yeroo kophaa kee taatu, yeroo dhiphattu Waaqayyo si jajjabeessuudhaaf maalfaa godha? jedhiitii gaafadhu. Wantoota barbaachisoo Waaqayyo sammuu keenyaatiif godhu maalfaa ta’uu isaan akka dubbatan kallattii ijoolleedhaaf kenni (Yommuu Waaqayyo kadhannaa isaanii dhagahu; yommuu dhiphatan maatii isaan jaallatu, hiriyoota isaan jajjabeessanii fi namoota biraa isaaniif kennuu isaa). Achiin boodas – Ati akka barattu wantoonni gurguddaan Waaqayyo siif godhu maal maali? jedhiitii gaafadhu. Beekumsaa fi dandeettiidhaan akka isaan guddatan wantoonni Waaqayyo isaaniif godhu maal maal akka ta’e akka dubbatan kallattii kaa’iif (oduu barbaachisoo fi fayidaa qaban akka argatan barsiisota isaan barsiisan, warra isaan horatanii fi akaakayyota, warra isaan qu’achiisan, lubootaa fi namoota biraatis Waaqayyo in kennaaf).

Itti fufiitii – Waaqayyo dhugumaan wantoota jajjaboo nuuf in godha! Wantoota jajjaboo Inni nuuf godhu keessaa inni tokko Gooftaa keenya Yesusitti amanuudhaan jireenya argachuu akka dandeenyuf amant nuuf kennuu Isaa ti. Hoolicha Waaqayyoo fi tokkicha Ilma Isaa kan ta’e Yesus balaa hundmaa irraa, du’aa fi seexana jalaa nu baraaruudhaaf dhiiga Isaa fannoo irratti dhangalaasee lubbuu Isaa akka kennu Waaqayyo Isa in erge. Innis jaalala guddaa nuuf qabu irraa ka’eeti balaawwan kanneen irraa nu baraaruudhaaf dhiiga Isaa dhangalaasee lubbuu Isaa fannoo irratti in kenne. Erga du’ee boodas cubbuu, du’aa fi seexana injifatee jiraataa ta’e. Hojiiwwan Yesus kan gurguddaa ta’an cubbuu keenyaaf dhiifama nuuf kennu. Jirrenya haarawaa isa bara baraaf turus nuuf kennu. Mootummaa Waaqayyoo keessatti iddo jireenyaa nuuf in kennu. Namoonni Yesus isaan fayyisuuf akka du’e, du’aayis akka ka’e amanan hundinuu eebba dinqisiisoo ta’an kanneen in fudhatu.

Tapha “Waaqayyoon koo baayy’ee guddaa dha” jedhu sana irra deebinee haa taphannu. Yeruma kana (isin keessaa nama tokko) yommuun argisiisu waan guddaa Waaqayyo isiniif godhe tokko dubbadhaa. Wantoota gurguddaa dubbachaa turre keessaa, yookiin wantoota gurguddaa Waaqayyo isiniif godhaa jiru kan biraa keessaa isa tokko dubbachuu in dandeessu.

Tapha kutaa irra deebii keessa jiru sana taphadhaa! Yeroon jira yoo ta’e, ijoolleen faarffannaa “Waaqayyo guddaa dha” jedhu sii wajjin akka faarfatan jajjabeessi. Daa’imni tokko waan guddaa Waaqayyo isaaf godhe yommuu dubbatu (caqasu), daa’imicha naannoo keessa galchiitii daa’ima biraataphichakeessagalchi. Ijoolleenhundumtuu akkaataakanaannaannoo keessahangagalanitti taphicha itti fufaa.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuuntti qabatamu – “Waaqayyoo humna koo isa ani faarfadhuu dha. Inni fayyina koo anaaf ta’eera” (Seera Ba’uu 15:2)

Ijoollee naannoo kee teessisitii Macaafa Qulqulluu banii Seera Ba’uu 15:2 barattootaaf dubbisi. Waaqayyo raayyaa waraanaa Gibxii irraa ijoollee Israa’el erga baraaree booda, ijoolleen Israa’el Waaqayyoon faarffachuudhaaf dubbiiwwan kaneen in faarffatan. Nuti immoo dubbiiwwan kanneen yoo dubbannu, fayyina guddaa Waaqayyo du’aa fi du’aa ka’uu Yesusiin nuuf godheef Waaqayyoon in galateeffanna.Yesus fayyinaa fi fayyisaa keenya. Jechoota Macaafa Qulqulluu kanneen haa qu’annu.

Luqqisii sammuutti qabatamu barsiisuudhaaf hima luqqisichaa isa duraa dhiyeessi; “Waaqayyoo humna koo isa ani faarfadhuu dha.” jechaa jechoota kanneen tokko tokkoon yommuu dubbattu harka kee waliin dha’i. Barruu harka keetii rukutaa hima kana yeroo lama erga jettee boodas ijoolleen akka sii wajjin harka rukutan godhi. Hima lammaffaa “Inni fayyina koo anaaf ta’eera” yommuu jettu jecha tokko tokkoo fi kutaa jechaa irratti harka dha’i. Jecha “Fayyina koo” jedhu

sana bakka afuritti addaan baasiitii “fa” “yyi” “na” “koo” kaa’i. Itti fufiitii jecha “naaf ta’e” jedhus bakka saditti addan baasiitii “naaf” “in” “ta’e” jedhii kaa’i. Jechootaa fi harka rukutuu erga baratanii booda, hanga ijoolleen jechoota kanneen baratanitti irra deebi’uudhaan jedhaatii harka rukutaa.

Faarffannaa (Farffannoota) –Galateeffadhaa (Laakkofsa 8) fi Gammadaa in gammadnaa(Lakkoofsa 9) jedhan irra deebi’aa. Akkasumas Gooftaa sagalee Keetiin (lakkoofsa 11)kan jedhus irra deebi’aa.

Hojii Harkaa – Fakkeenya galateeffannaa kan keenyan irratti maxxanffaman Hojii Harkaa –Fakkii galataa kan maxxanfaman

Waraqaa fi halluu ittiin barreessan hiriitii “Wantoota baay’ee gurguddaa ta’an kan Waaqayyo nuuf godhu ilaalchisee har’a baranneerra. Wantoota gurguddaa, keessumattuu fakkii maxxanfaman kan jaalalaa fi dhiifama cubbuu isa Yesusitti amanuudhaan Waaqayyo nuuf kennu argisiisan haa hojjennu” jedhi

Yommuu ijoolleenfakkii maxxanfaman hojjetanbarbaachisaa yoota’e isaangargaari.Barattoonni tokkoo tokkoon isaanii fakkii hojjetaniif ibsa akka kennan gargaari (Fakkeenyaafis: Waaqayyo na jaallata! Yesus na jaallata! Waaqayyo na fayyisa!).

Waaqayyo guddaa ta’uu Isaa ragaa bahuudhaaf ijoolleen waa’ee fakkaattii hojjetan sanaa barattoota biraatti akka himan isaan jajjabeesi.

Kadhannaa Xumuraa – Kadhannaa qajeelfama kanaa fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 15

Waaqayyo Abboommi Kudhan Saba Isaaf Kenne (Seera Uumamaa 19-20; 32-34)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee (fuula 49-51)

Dhugaa giddu-galeessa

Namoonni hundinuu wantoonni raawwatanii fi raawwachuu hin qabne maal maal ta’uu isaanii akka beekaniif; akkasumas akkataa Waaqayyoof itti jiraatan akka barataniif Waaqayyo

Abboommii Kudhan in kenne. Nuti cubbamoota waan taaneef hanga nu irraa barbaadamu Abboommii Waaqayyoo eeguu hin dandeenyu. Hanqina keenya kana guutuudhaaf Waaqayyo Abboommii Isaa kan gonkumaan eege Ilma Isaa in erge. Karaa kanaanis Yesusitti amanuudhaan qajeelfamoota taasifamneerra.

Kaayyoo Barumsichaa:

Humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Ijoolleen Abboommiin Kudhan seera Waaqayyo nuuf kenne ta’uu isaanii in BEEKU.

• Ijoolleen Abboommii Waaqayyoo hordofuuf akka isaan gargaaruuf Yesus Isa dhugumaan Fayyisaa ta’etti irkachuudhaan in GUDDATU.

• Ijoolleen jaalala Waaqayyoo Abboommii Isaatin argisiiseef Waaqayyoon galateefachaa in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu “Yesus deebisee ‘eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata’” (Yohannis 14:23) jedhe.

Meeshalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisoo ta’an)

• Ulee (Barumsa 14 ilaali)

1. Utuma barsiisaa jirtu horgoggewwan qajeelcha kana fuula duubaa irra jiraniin fayyadamta yoo ta’e kan barumsa 15ffaa waraabbii qopheessi. Horgoggewwan sana murii baasiitii halluun dibi. Horgoggewwan kanneen ulee xiqqaa yookkiin baala furdaa irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa dubbachuuf seenessuu lakkofsa 2ffaa yoo filatte, akka si gargaaruuf ibsa ulee barumsa 14 ilaali.

3. Dhagaa Abboommii kurnanii tokkoo tokkoo barattootaatiif waraabbii fakkii hojii harkaa qopheessi. Barattoota umuriin isaanii xixiqqaa ta’an barsiifta yoo ta’e barumsicha dura fakkaatiiwwan muriitii baasi.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Seera Ba’uu 19-20 fi 32-34 hubannaadhaan dubbisi. Waraabbii Macaafa “Barumsa Kristaanaa isa xiqqicha kan Luutariin qophaa’e ibsa isaa wajjin” jedhamu qabda taanaan, waa’ee Abboommii kurananii ilalchisee barreeffame keessatii, gaaffiiwwan kutaa 13-85 irra deebi’uu si barbaachisa. Kuns barattoonni gaaffii hiikaa Abboommii kurananii ilaalchisee gaafatan irratti dubbachuuf si gargaara.

Odeeffannoon seenaa Macaafa Qulqulluu kutaa kanaaf ka’umsa ta’u baayyeetu jira. Qabxiiwwan asii gaditti tartiibaan kaawwaman kunneen macaafa “Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda

Ijoollee” jedhu keessaa fudhatamanii boqonnaawwan Seenaa Macaafa Ba’uu isaan “Waaqayyo Abboommii kudhan saba Isaatiif kenne” jedhan keessatti hammataman kan ilaalanii dha.

1. Ijoolleen Israa’el biyya Gibxii gadi dhiisanii erga deemani ji’a sadii booda (Seera Ba’uu19:1) gammoojjii keessatti miila Tulluu Siinaa jedhamuu jala qubatan.

2. (Seera Ba’uu 19:5-6) Waaqayyo dursee waggoota 600n dura kakuu Abrahaamii fi qomoo isaa wajin godhe yaadachuu itti fufe. Ijoolleen Israa’el Waaqayyoof yoo abboomaman “dhaloota filataman” ta’uu akka danda’an isaanitti hime (Lak. 5). Akkaataa “Uummata qulqullaa’oo” Waaqayyootitti hayyama Isaa gochuudhaaf uummata addaa Isaaf in ta’an. Ijoolleen Israa’el kakuu kana eeguudhaaf waadaa in galan(Ba’u. 19:8).

3. Museen guyyaa afurtamaaf guyyaa fi halkan Waaqayyoo wajjin dabarse; yeuoma kana Waaqayyo Abboommii kurnanii fi kan biraatis Museedhaaf in kenne (Seera Ba’uu24:18).

4. Abboommiin kurnan “Seera Waaqayyoo” jdedhamanii beekamu. Waaqayyo matuma Isaatiin gabatoota lama irratti abboommii Isaa barreese (Seera Ba’uu 31:18). Waaqayyo Abboommii Isaa akkaata tartiiba (Seera Ba’uu 20:1-17) keessa jiruun kenne. Haa ta’uutii garuu lakkoofsa isaaniif hin kennine. Afaan Ibrootaatiin maqaan Abboommii kurnaniif kenname hiikkaa “jechoota kudhan” jedhuu qaba. Abboommiin kuranan kun “Dekaalog” jedhamanii kan waamaman yommuu ta’u hikkaan isaatis ‘Jechoota kudhan” kan jedhuu dha.

5. Abboommiin kurnan kunneen tartiibaa fi akkaata Waldaa amantii Luutaraanitti asii gaditti tarreeffamaniin taa’aniiru. 1. Ana malee waaqayyoo biraa hin qabaatin; 2. Maqaa Waaqayyoo akkasumaans hin dhaha’in; 3. Guyyaa Sanbataa qulqullaa’oo godhii qabi; 4. Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni; 5. Hin ajjeesin; 6. Hin ejjin; 7. Hin hatin; 8. Nama irratti sobaan dhugaa hin ba’in; 9. Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin; 10. Haadha manaa nama, hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, waanuma kan isaa ta’e duraa fudhchuudhaaf hin hawwin.

6. Abboommiin sadeen duraa, walitti dhuffeenya Waaqayyoon wajjin qabaannu irratti xiyyeefatu. Akkuma Maartiin Luutar lafa kaa’etti “jaalalli xumura Abboommii hundaa ti” (Barumsa Kristaanaa isa xiqqichaa isaa wajjin, gaaffii 17.) Roomee 13:10 akka dubbatutti “Jaalalli xumurama seeraa ti”

7. Museen yeroo muraasaaf tulluu irra erga turee booda, ijoolleen Israa’el inni deebi’aa laata? jedhanii in shakkan. Kanaafuu waaqayyoolii ofi isaanii hojjechuudhaaf in murteessani (Seera Ba’uu32:1) Bakka Museen hin jirreetti, uummata kan too’atu Aaroon waan ta’eef, innis amartii warqee gurra dubartoota isaanii akka isaaf kennan godhe (Seera Ba’uu32:2).Amartiiwarqeekanneenergabaqsaniiboodabiftijabbiiinhojjeteme.Jabbichi warqee kuns waaqayyolii warra Gibxii isa kormaa Eepiis jedhamu fakkachuu hin oolle. Bifti amartiin warqee kun al-seerummaadhaan warri Gibxii fi Israa’el yeroo gabrummaa sanawaaqayyooliisobaawaaqeffachaaturuuisaaniiinargisiisa.IjoolleenIsraa’elyommuu jabbii warqee waaqeffatan al-seerummaa akkanaa kana raawwatani turan (Seera Ba’uu32:6). Kanas kan raawwatan isaan Waaqayyo irraa gara biraatti akka hin goree gochuudhaaf, Aaroon Waaqayyo dhugaatiif aarsaa akka dhiiyeessan erga isaan godhee booda (Seera Ba’uu32:5).

8. Waaqayyo cubbuu waaqayyoolii sobaa waaqeffachuu isaanii irraa ka’ee waan baay’ee dheekkameef, Musee malee hunduma isaanii lafa irraa duguuguu barbaadeessuuf ture (Seera Ba’uu 32:1). Museen garuu lubaa fi geggeessaa uummataa ture waan ta’eef, Waaqayyo akka isaan hin balleesine kadhannaa godhe. Ijoolleen Israa’el uummata Isaa

ta’uu isaanii Waaqayyoon in yaadachiise (Seera Ba’uu 1); Kakuu ijoollee Israa’el wajjin godhes akka yaadatu Waaqayyoon in gaafate (Seera Ba’uu 19:5-6; Seera Ba’uu 32:13). Waaqayyo illee garaa laafe waan ta’eef Israa’eloota hin balleessine (Seera Ba’uu 32:14).

9. Museen Tulluu Siinaa irraa yommuu bu’etti uummanni jabbicha warqee yeroo waaqeffatu argee “aariin isaa in boba’e” Gabateewwan lamaan Abboommiin Kurnan irratti barreeffaman harka isaatii gadi dhiisee tulluu jalatti caccabse (Seera Ba’uu 32:19); Jabbichawarqeesanas ibiddaangubee; “bulleessee daakee,bishaanirrafirfisee,bishanicha immoo Israa’eloonni akka dhugan in godhe” (Seera Ba’uu32:20). Aaroon dadhabummaa geeggeessaa isaa uummatatti sababeeffachuuf jedhee, warqeen uummataa inni ibiddatti darbame sun ofumaan waan of hojjete fakkeesuudhaaf yaalii godhe (Seera Ba’uu 32:24). Tasgabbii kabachiisuudhaaf Museen gargaarsa uummata irraa in gaafate. Uummata keessaa warri Leewotaa isa gargaaruudhaaf in dhufan (Seera Ba’uu 32:28). Isaanis namoota kuma sadii fixanii waaqeffannaa waaqayyoolii sobaa sana in dhaabsisan.

10. Museen cubbuun uummataa akka dhiifamu gosisuudhaaf guyyaa itti aanu gara tulluutti ol deebi’e (Seera Ba’uu32:20). Dhiisisuu jechuun dheekkamsi Waaqayyoo akka isaan irraa dhaabbatuuf gatii kafaluu jechuu dha. Ijoollee Israa’el baraaruudhaaf Museen lubbuu isaa kennuuf in dhiyeesse (Seera Ba’uu32:32).

11. Achiin booda ijoollee Israa’el wajjin gara Kana’aan deemuudhaaf Waaqayyo isa in qajeelche.Haata’uutiigaruuasiinboodaWaaqayyouummatasanahinqajeelchine.Sababa cubbuu isaaniitiif ergamaa isaan balleesu isaanitti gadi dhiisa (Seera Ba’uu33:1-3). Uummanni yommuu kana dhagahanitti sababa jabbii warqee waaqeffataniif gaabbii argisiisuudhaan “in gaddan” (Seera Ba’uu33:4). Adeemsa kanaaf Waaqayyo Musee jajjabeesuudhaaf calaqqisa fuula Ofii Museetti in argisiise; “Gaaroma Isaatis” isaaf in ibseef (Seera Ba’uu33:1-19).

12. Barraaqaitti aanutti dhagaalamaanAbboommiin kurnanirratti barreeffaman TulluuSiinaa irraain fide(SeeraBa’uu 34;1;4;28). UtumaMuseen Waaqayyoo wajjin achi jiru,kakuu isaan waaqayyoolii sobaa waaqeffachuudhan jigsan sana Waaqayyo Israa’elii wajjin deebisee in dhaabe. Utuma karaa imalaa jiran “waaqayyolii biraatiif akka hin sagannee” Waaqayyo isaaniif of eegganno in kenne (Seera Ba’uu 34:14). Yeroo imala irra jiranii fi Kana’aan keessa qubatanis waaqayyoolii itti dhufan hundumaa akka balleessan isaan in akeekkachiise (Seera Ba’uu 34:13).

13. Yommuu Museen tulluu irraa gadi bu’etti “Waaqayyo isatti dubbachuu isaatiin fuulli isaa in calaqqisa ture” (Seera Ba’uu 34:29). Ulfinni Waaqayyoo fuula Musee irraa calaqisuun isaa, Waaqayyo Israa’el wajjin kakuu irra-deebii bu’uressuudhaan ijoollee Israa’elitti argisiise.

14. Waaqayyo Abboommii kurnan kan nuu kenneef isaan jireenya keenyaaf daangaa, daawwitii fi qajeelfama ta’anii akka nu tajaajilaniif. “Seerri” humnaan danfuu cubbuu to’achuuf, biyya lafaa kana seera-qabeessumaadhaan daangeesuu fi geggeessuudhaaf nu gargaara. Seerichi nu in yakka; akka dawititti cubbuu keenya nutti argisiisa. Seerichi nu Waaqayyoon gammachiisuudhaaf maal maal gochuu akka qabnu yookiin gochuu akka hin qabne nu barsiisa.” (Katekismos Luutar isa xiqqicha ibsa wajjinii gaaffii 77). Amalli keenya inni cubbamaa ta’e kun Abboommii Waaqayyoo eeguu akka hin danda’amne nu jalaa godha. karaa Seerichaatiin nu balaleffata (Galaatiyaa 3:10-11). Yesus qofatu seera Waaqayyoo guutuummaatti eege (Ibr. 4:15). “Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo ilma isaa erge; innis yeroo ergame dubartii irraa dhalatee, seera jala galfame. Inni warra seera jala jiran furuudhaaf, nuyis ilmaan Waaqayyoo taanee akka guddifamnuuf

kana godhe” (Galaatiyaa 4: 4-5). (Ibsi kun barumsa Kristaanaa Luutariin barreeffame, isa xiqqicha keessatti gaaffiwwan 42 fi 43 irratti kan hundaa’ee dha.)

15. Seenessa Macaafa kanaa keessatti Museen bakka-bu’aa uummataa ta’eeti tajaajila. Akkasumas Yesus guyyuma guyaadhaan bakka-bu’aa keenya ta’eeti nuuf kadhata; Waara amantii isaanii Yesus Fayyisaa irratti qabaniif, abdii Waaqayyo dhiifama kennuudhaaf kenne yaadachuudhaan Yesus bakka keenya bu’ee Waaqayyotti in dubbata. “Inni kun garuu bara baraan waan jiraatuuf, lubummaa isaa hojii dhaabataa godhee qabeera. Kana irraa kan ka’es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyotti dhi’aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda’a” (Ibr. 7:24-25).

Barumsicha dhiyeesuu

Kadhannaa jalqabaa – Kutaa qajeelfama kana fuula gara duuba irra jiru sana kadhadhu. Faarffannaa – Jaalalli Kristos(lakkofsa 20) jedhu barsiisi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiidhaan mul’atu

Ijoollee of fuuldura teessisiitii akkana jedhiin; Waa’ee Yesus barachuudhaaf yommuu asitti wal geenyu, seeronni abboomamuufii qabnu isaan maal maali? jedhiitii gaafadhu. (Seera kutaa barnootaa walii wajjin irra deebi’aa). Mana keenya keessatti seeronni abboomamuufii qabnu maal maali? (Ijoolleen seera haa kennan). Seeronni kunneen gara mana ciisicha isaanii deemuu dura, akka taphatan hayyamamuu dura hojii manaa hojjechuu isaanii, garam deemuu akka barbaadan maatii isaaniitti himuu, “maaloo” fi “galatoomaa” jechuu kan hammatan ta’a.)

Seeronni maaliif nu barbaachisu? (Amalli keenya maal fakkaachuu akka qabu beekudhaaf, balaa irraa akka of eegnu, namoota biraa akkamitti akka keessumeesiisnu beekuudhaaf, maal gochuu, maalis gochuu dhiisuu akka qabnu beekuuf akka nu gargaaraniif). seerota hordofuu qabnu in jallannaa? (Yeroo baayee isaan hin jaallannu).

Seerotabaayyeen kanqophaa’an namni tokko waannujaallatuu fidantaanuufqabuufi.Balaairraa eegamuudhaaf maal gochuu akka qabnu beekuun barbaachisaa dha. Seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa keessatti Waaqayyo waan nu jaallatuuf seera nuuf kennuu Isaa in dhageenya. Seeronni abboommii kurnan yookiin seera Waaqayyoo jedhamanii waamaman kunneen waan Waaqayyo nu irraa eegu, maal raawwachuu fi maal rawwachuu akka hin qabne beekuuf nu gargaaru. Kanaafuu waa’ee abboommii kurnanii baayyifnee beekuuf yaali haa gonu.

Faaraffannaa –“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha”(Lakkoofsa 2) jedhu faarffadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1 – Macaafa “Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” jedhu keessaa “Waaqayyo Abboommii Kudhan Saba Isaaf kenne” jedhu sana yeroo dubbistu seenessuu kee jabeessuudhaaf horgoggewwan qajeelcha kanaa fuula gara duubaa irra jiraniin fayyadami.

Filmaata 2 – Raawwii hojiidhaan mul’atu- Abboommii Kurnan ijoolleen fuula isaanii gara keetti deebisanii akka dhaabbatan godhi. Waraabbii hojiidhaan mul’atan yeroo ijoolletti himtu, seenaa Macaafa Qulqulluu isa hojjidhaan mul’atu kana akka irra deebi’an isaan afeeri. Ulee irkoo kanaaf qophaa’e sana, seenessuu seenaa keessatti, sochii fi tartiiba Abboommiitiif xiyyeeffannoo kenniitii itti fayyadami.

Dubbadhu Raawwadhu

Uummanni Waaqayyoo gammoojjii keessa in adeeman.

Yeroo muraasa booda, Tulluu Siinaa jedhamu jala qubatan

Waaqayyo isaa wajjin dubbachuudhaaf gara tulluu tokkoo akka dhufu Museetti hime.

Tulluu irratti Waaqayyo Abboommii kudhan Museedhaaf kenne. Abboommii Kurnan jennee isaan waamna.

Namoonni hundumtuu akkaataa itti jiraatan akka beekaniif Waaqayyo seera kana kenne. (Yeroo seerichi kennamu tokkoo tokkoonijoolleeharka akka dhawan isaan afeeri).

Abboommii lammaffaa – Maqaa Waaqayyo keetii waan hamaattiti in kaasin jedha.

AbboommiSadaffaa–GuyyaaSanbataananeebise, nan qulqulleesses jedha.

Abboommiin sadeen duraa Waaqayyoon akka jaallannuu fi kabjinu nutti himu.

Abboommii Arffaffaa – Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni jedha

Ijoolleen bakkuma jiranitti yommuu socho’an atis ulee keetiin tarkaanfadhu.

Dunkaana waan dhaabdu fakkeessiitii iddoo qopheesuudhaaf sochii argisiisi

Ijoolleen waan tulluutti ol baatu yommuu fakkeessan, ati ulee kee qabadhuutii waan tuulluu sanatti ol baatu kortu fakkeessi.

Ulee irkoo keetiin lafa yeroo kudhan rurrukuti.

Ulee irkoo keetiin dira manaa yeroo tokko rukuti. Ijoolleen quba isaanii agarsiisaa ol haa qaban.

Ulee irkoo keetiin dira lafaa yeroo lama rurrukuti. Ijoolleen quba lamaan isaanii ol haa qaban.

Ulee irkoo keetiin dirra manaa yeroo sadi rurrukuti. Ijoolleen quba isaanii sadeen ol haa qaban.

Ol ilaalaa.

Ulee irkoo keetiin dirra manaa yeroo afur rurrukuti. Ijoolleen quba isaanii afran ol haa qaban.

Abboommii shanaffaa – Hin ajjeesin jedha. Ulee irkoo keetiin dirra manaa yeroo shan rurrukuti. Ijoolleen quba isaani shanan ol haa qaban.

Abboommii jahaffaa – Hin ejjin jedha. Ulee irkoo keetiin dira manaa yeroo jaha rurrukuti. Ijoolleen quba isaanii jahan ol haa qaban..

Abboommii torbbaffaa – Hin hatin jedha. Uleeirkookeetiin dirramanaayerootorba rurrukuti. Ijoolleen quba isaanii torba ol haa qaban.

Abboommii saddettaffaa – Nama irratti sobaan dhugaa hin ba’in jedha.

Abboommi salgaffaa – Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin jedha.

Abboommi kurnaffaa- Haadha manaa namaa, hojjetaa isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, waanuma kan isaa ta’e duraa fudhachuudhaaf hin hawwin jedha.

Abboommii torban kunneen namoota jaallachuu akka qabnu nutti himu.

Waaqayyo Museedhaan “Abboommii koo uummata barsiisi. Ani akka isaan siirriitti beekan nan barbaada” jedheen.

Museen guyyaa afurtamaaf tulluu irra ture. Hanga inni deebi’utti uummanni hin obsine.

Kanaafuu uummanni waaqayyooli amartii warqee in hojjetan. Bifa isa jabbii fakkaatu kanattis in sagadan.

Museen dhagaa lamaan Waaqayyo Abboommii Isaairrattibarreeseqabateetulluuirraagadiinbu’e.

Uummanni yeroo jabbii warqee waaqeffatu argeeti Museen waan aareef gabatee dhagoota lamaan of irraa darbee cabse.

Ulee irkoo keetiin dirra manaa yeroo saddet rurrukuti. Ijoolleen quba isaanii saddet ol haa qaban.

Uleeirkookeetiin dirramanaayeroosagal rurrukuti. Ijoolleen quba isaani sagal ol haa qaban.

Ulee irkoo keetiin dira manaa yeroo kudhan rurrukuti. Ijoolleen quba isaanii kudhan ol haa qaban.

Sochii barattoota hundumaa hammatu ta’ee yommuu isaan dirra manaa haxaawan mul’isu argisiisi.

Barachuu argisiisuudhaaf quba keetiin adda kee irra deddeebi’ii rurrukuti; itti aanssiitii laphee kee tuqi.

Harka lamaan kee wal irra kaa’iittii akka nama obsa dhabeetti luka kee rukuti.

Sagadi,

Harka kee tokko tokkoon waan ulfaatu wayii akka baatte fakkaadhu

Dheekkamuu figabateedhagootaaofirraa waan darbattu fakkeessi.

Itti aansee jabbicha warqee in balleesse. Aartee waan waan tokko bulleesitu fakkeesi.

Jabbii warqee waan waaqeffataniif Waaqayyo dhiifama akka kennuuf Museen Waaqayyoon in kadhate. Museenis dhagoota lama gara Waaqayyoo

Dhagaa baatee gaara waan baatu fakkaadhu.

fide. Waaqayyos Abboommii Kuranan dhagoota sana irratti in barreese.

Museen Abboommii Kurnan uummata in barsiise Waan barsiistu fakkaadhuutii harka kee ol qabi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffolii seenaa irratti bu’uraa’e – Gaaffolii kanneen garee kee gaafadhu.

1. Waaqayyo Abboommii Kurnan ilaalchisee maal jedhe? (“Aboommii kurnan uummata kiyya barsiisi. Akka isaan sirriitti beekan nan barbaada” jedhe).

2. Museen maaliif aare? (Museen kan inni aaree uummanni jabbii warqee hojjetanii gara Waaqayyoo dhugaatti osoo hin ta’in, gara jabbii warqee sanaatti waan kadhataniif.

3. Waaqayyo dhagoota haarraa san maal godhe? (Abboommii kurnan isaan irratti barreessee Museetti kenne).

Sochii hojii irra oolu – Dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu irra deebi’uudhaaf filannoo dursitee itti hin fayyadaminiin amma itti fayyadami. Irra deebiif horgoggewwanan yoo kan fayyadamtan ta’e, ijoolleen irra deebiin yeroo seenaa seenessan horgoggewwan akka sosochoosisan hayyamiifi. Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqullu jirrenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu:- Waaqayyo karaa seera Isaatiin jaalala Isaa nutti argisiisa.

Ijoollee naannoo kee teessisii akkana jedhii dubbadhu: “Kana dura seerota hordofuu nu barbaachisan muraasa irratti dubbanneerra. Qajeelfamoota balaa irraa nu tiksan in qabaanna. Seeroota kanneenis warri nuuf qopheessu warra dantaa nuuf qabanii dha.

Seeronnii Waaqayyo nuuf kenne Abboommii kurnan jedhamanii waamamu. Abboommiin kurnan kunneen Waaqayyo jireenya akkamii nu irraa akka Inni barbaadu nutti himu. Akkamitti akka Isa itti yaadachuu fi kabajuu qabnu nutti himu. Namoota biraatis akkamitti qabuu akka Inni nu irraa barbaadu nutti himu. Kanneenis Abboommiin Kurnan “namoota biraa” jedhanii in waamu. Waaqayyo akkam goonee Isaa fi namoota biraa jaallachuu akka qabnu nuyitti argisiisuudhaaf

Abboommii Kurnan kanneen nuuf kenne. Waaqayyo karaa Abboommii kanneeniitiin jaalala ofii Isaa nutti argisiisa. Kuns kan ta’uu danda’u Abboommii Kurnan kunneen karaa kamiin Waaqayyoon gammachiisaa akka jiraannu waan nutti himaniifi.

Abboommiin inni duraa “Waaqayyollii kan biraa tokko illee ana biratti hin qabaatin” jedha. “Abboommiin kun anaa wajjin jedha!” jedhiin (Ijoolleen Abboommii kana sii wajjin akka jedhan godhi). Waaqayyo Isa qofa akka waaqeffannu in barbaada.

Abboommii Lamaffaa – “Maqaa koo maqaa Waaqayyo gooftaa keetii akkasumaan hin dha’in” jedha. “Abboommii kana anaa wajjin jedhaa!” jedhiin. (Ijoolleen abbommii kana sii wajjin akka jedhan godhi.) Waaqayyo karaa maqaan Isaa ulfaatuun maqaa Isaatti akka fayyadamnu barbaada. Maqaa Waaqayyoo yommuu waamnu hundumaa of eeggannoo fi ulfinaan waamuu nu barbaachisa.

Abboommii Sadaffaa – “Guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu!” “Abboommii kana anaa wajjin jedhaa!” jedhiin. (Ijoolleen abbommii kana sii wajjin akka jedhan godhi). Yeroo waaqeffannaadhaaf oolchinu akka qabaannu Waaqayyo in barbaada. Guyyaan Sanbataa kun

guyyaa Waldaa Kristaanaatii fi Mana barnoota Sanbata Guddaa keessatti Waaqayyoo wajjin ooluuf ramadnuu dha. Abboommiin Isaan sadeen duraa kunneen Waaqayyoon akkamitti akka jaallannuu fi Isa kabajnu akka Waaqayyo barbaadu nutti himu.

Abboommiin afurii hanga kudhaniitti jiran sun immoo namoota biraa akkamiitti qabuun akka nu irraa barbaadamu nutti himu. Namoonni biraan eenyu isaan? (Namoota biyya laffaa kana irra jiran hunda).

Abboommii Afuraffaa – Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni. “Abboommii kana anaa wajjin jedhaa!” jedhiin. (Ijoolleen abbommii kana sii wajjin akka jedhan godhi.) Waaqayyo warroota keenyaaf, barsiisotaa kenyaaf mootummaadhaaf, aangawoota poolisitiif, lubootaa fi warra nu kunuunsan hundaa akka kabajnuu fi akka isaan dhaggeeffannu barbaada.

Abboommii Shanaffaa –HinAjjeesin. “Abboommii kanaanaawajjin jedhaa!” jedhiin. (Ijoolleen abbommii kana sii wajjin akka jedhan godhi). Waaqayyo namoota birraa akka isaan miinu hin barbaadu. Waan namoota biraa hubu akka yaadnu, akka dubbannu yookiin akka goonu Waaqayyo hin barbaadu.

Abboommi Jahaffaa – Hin ejjin jedha. “Abboommii kana anaa wajjin jedhaa!” jedhiin (Ijoolleen Abbommii kana sii wajjin akka jedhan godhi). Waaqayyo dhirsaa fi niitiin walii isaaniitiif amanamaa ta’anii akka jiraatan in barbaada. Waaqayyo qaama keenya akka eegnuuf; akkasumas uffannaa keenyaa fi hojii keenya akka kabajnu in barbaada.

Abboommii Torbaffaa–Hinhatinjedha. “Abboommii kanaana wajjin jedhaa”jedhiin(Ijoolleen abbommii kana sii wajjin akka jedhan godhi). Waaqayyo wantoonni nama biraa ta’an hunduu isaaf akka eeggamu akka isa grgaarru barbaada. Waaqayyo waan qabnu hundaa akka eegnuu fi kennaa harka Isaa irraa fudhanne goonee akka ilaallu barbaada.

Abboommii Saddettaffaa – “Nama irratti sobaan dhugaa hin ba’in” jedha. “Abboommii kana anaa wajjin jedhaa” jedhiin (Ijoolleen abbommii kana siiwajjin akka jedhan godhi). Waaqayyo namoota biraa ilaalchisee waan dhugaa fi gaarii ta’an qofa akka dubbannu barbaada. Waa’ee namoota biraa akka hamii facaafnu, yookiin waan dhugaa hin ta’in akka dubbannu hin barbaadu. Sababni kanaas hamiin isaan huba waan ta’eefi.

Abboommii Saglaffaa – “Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin” jedha.

Abboommii kurnaffaa – “Haadha manaa namaa, hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, waanuma kan isaa ta’e duraa fudhachuudhaaf hin hawwin” kan jedhuu dha. Jechi “hawwuu” jedhu “waan nama biraa ta’e tokko baay’isanii barbaaduu fi nama sana irraa fudhachuudhaaf yaalii gochuu dha.” Waaqayyo hiriyaa keenyaa akka kabajnuuf barbaada. Qabeenyaa fi maatii isaatiif ittisa akka godhu akka isa gargaarru barbaada. Mee irra deebinee Abboomiiwwan saglaffaa fi kurnaffaa haa jennu (Ijoolleen Abboommi tokko tokkoon isaani akka jedhan godhi).

Waaqayyo abboommii tokko tokkoon isaanii akka eegnu in barbaadaa; nurraayis in eega. Kana gochuu in dandeenyaa? (Ijoolleen waayee kanaa yeroo muraasaaf akka itti yaadan hayyamiif. Karaa abboommii kanneen itti cabsinuu gabaabumaan dubbadhaa. Warra yookiin aangawoota biraa dhagahuu diduu, namoota biraatiif yaada gaarii hin taane qabaachuu yookiin dubbachuu, Waaqayyoon waaqeffachuu dhiisuu, wantota namoota biraa fudhachuu barbaaduu fi kkf). Abboommii Waaqayyoo eeguudhaaf jabeessinee yaallus, gonkumaan isaan eeguu hin dandeenyu. Sababni isaas cubbamoota waan taaneefi.

Yesus gufuu kana irratti nu gargaaruuf dhufe. Yesus Abboommii Waaqayyoo guutummaatti eegee jira. Inni cubbuu hin hojjenne.Nuyiabboommii Waaqayyoo eeguudadhabneewaanturreef,Yesus Inni guutummaan qulqulluu ta’e jaalala baayyee guddaa ta’e argisiisuudhaan adabbii nuuf male nuuf fudhate. Wantoota hamaa hojjennuf akka hin duunee fi hin adabamne Yesus fannoo irratti nuuf jecha du’e. Yesus erge du’ee boodas du’aa ka’ee jiraataa ta’e. Fayyisaan keenya bara baraan in jiraata. Yesus cubbuu keenyaaf dhiphatee waan du’eef, yommuu cubbuu nuyi hojjenne, Waaqayyo dhiifama nuuf in godha. Abboommii Waaqayyoo akka hordofnuu fi karaa Waaqayyo hin barbaadnen akka hin jiraanne Yesus nu gargaara. Namni Yesusiitti amanu hundumtuu karaa amantiitiin quqlqullaa’ee jira. Kunis waan baayyee nu dinqisiisuu dha!

Mee dhaabbannee walaloo abboommii kurnan nu yaadachiisu haa barannu. Ani walaloo kana sarara tokko jedheetan harka rukuta.

Abboommiin lakkoofsa tokko kunoti. Lakkoofsa tokko – (yeroo tokko harka rukutuu). Waaqayyoolii kan biraa tokko illee anaa biratti hin qabaatin (Ijoolleen irra haa deebi’an).

Abboommiin lakkoofsa lama kunoti. Lakkoafsa lama (Rukuti; rukuti.) Ati maqaa Waaqayyoo keeti akkasumaan hin dha’in) (Ijoolleen irra haa deebi’an.)

Abboommiin lakkoofsa sadaffaan kunoo ti – Lakkoofsa sadii (Rukuti; rukuti; rukuti.) Guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu! (Ijoolleen haa irra deebi’an).

Abboommiin lakkoofsa Afur kunooti. Lakkoofsa Afur (Rukuti; rukuti, rukuti; rukuti) Abbaa keetii fi haadha keef ulfina kenni (Ijoolleen irra haa deebi’an.)

Abboommiin lakkoofsa shanaffaan kunoti. Lakkoofsa shan (Rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti.) Hin Ajjeesin. (Ijoolleen irra haa deebi’an).

Abboommiin lakkoofsa jaha kunoti. Lakkoofsa jaha (Rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti). Hin ejjin. (Ijoolleen irra haa deebi’an).

Abboommiin lakkofsa torbaffaan kunoti. Lakoofsa Torba (Rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti፣ rukuti) Hin hatin. (Ijoolleen irra haa deebi’an.)

Abboommiin lakkoofsa saddettaffaan kuno ti. Lakkoofsa saddet (Rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti.) Nama irratti sobaan dhugaa hin ba’in. (Ijoolleen irra haa deebi’an.)

Abboommiin lakkoofsa saglaffaa. Lakkoofsa sagal maal jedha? (Rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, ruluti, rukuti). Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin. (Ijoolleen irra haa deebi’an.)

Abboommii lakkoofsa Kurnaffaa. Lakkofsa kudhan (Rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti, rukuti.) Haadha manaa namaa, hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, waanuma kan isaa ta’e duraa fudhachuudhaaf hin hawwin. (Ijoolleen irra haa deebi’an.)

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: “Yesus deebisee eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata” jedhe (Yohannis.14:23).

Ijoollee naannoo kee teessisi. Macaafa Qulqulluu kee baniitii sagalee kee ol kaasiitii Yohannis.14:23 dubbisi. Abboommii kurnanii fi barsiisa Waaqayyoof yommuu abboomamnu Waaqayyoon jallachuu keenya in argisiisna. Hafuurri Qulqulluun hayyama Waaqayyo jireenya keenyaan akka hordofnu laphee keenya keessatti in hojjeta; nu gargaaras.

Kutaa Macaafa Qulqulluu kana barsiisuudhaaf ijoolleen guutummaa isaa sii wajjin akka irra deebi’an godhi. Achiin boodas kutaa sana irra deebi’iitii jedhi. Haa tau’utii jecha dhuma irraa isa “in eega” jedhu sana dhiisi. Ijoolleen jecha kana akka itti guutan godhi. Achumaanis kutaa sana hundumaa ijoolleen sii wajjin akka jedhan godhi. Itti aansiitii kutaa sana jedhi. Haa ta’uutii amma jechoota dhuma irraa lamaan isaan “Dubbii koo in raawwata” isa jedhu hambisi. Ijoolleen irra deebi’anii dubbiiwwan hanqatan akka guutan isaan afeeriitii kutaa kana hundumaa jedhi. Hanga ijoolleen kutaa kana jechuu danda’anitti akkaataadhuma kanaan kutaa kana shaakaluuitti fufaa.

Farffannaa:- “Dubbichi Waaqayyoo” (Lakkoofsa 3) jedhu sana faarffadhaa. Isa “Abbaa keenya; Gooftaa keenya” (Lakkofsa 18) jedhu barsiisuu jalqabi.

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu / Hojii Harkaa – Gabateewwan Abboommii Kurnanii

Garagalcha gabateewwan Abboommii kurnanii isaan qajeelcha kana fuula duubaa rratti argaman baayyisii ijoolleedhaaf kenni. Fakkiiwwan gabateewwanii kanneenii dursanii yoo bahuu baatan ijoolleen akka kutanii baasan godhi. Onnee gabatee tokko tokkoo isaanii irra jiru yommuu diban “Abboommiin sadeen duraa Waaqayyoon akkamitti jaallachuu akka qabnu nutti mul’isu. Isaan hafan torban immoo akkamitti namoota jaallachuu akka qabnu nutti himu” jedhi. Yoo yeroon in hayyama ta’e, Abboommii tokko tokkoon irra deebi’i. Barattoonni cina gabatee tokko tokkoon isaanii haa diban. Gabatee tokko tokkoon isaanii bakka lamatti dachaasi. Waaqayyo Abboommii Isaa maaliif akka kenne, jaalalaa fi kunuunsa Isaa akka nuuf godhu ijoolleen warra isaaniitti akka himan jajjabeessi.

Kadhannaa Xumuraa – Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu kadhadhu.

Baafata

Barumsa 16

Daandii Gara Kana’aan Adeeman Irratti

(Seera Ba’uu 16-17; Seera Keessa Deebii 32-34)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee fuula 52-53

Dhugaa Ijoo

Cubbamoota taanus, Waaqayyo keessumattuu warra Yesus Fayyisaa isaanii ta’uu Isaa amananiif dhiifamaa fi jireenya bara baraa isaaniif kennuudhaan isaan in kunuunse. Nuun illee yeruma hundumaa Inni nu kunuunsa.

Kaayyoo barumschaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin barattoonni:

• Ijoolleen Israa’el gara Kana’aan yommuu imalaa turan sana Waaqayyo akka isaan kunuunse in BEEKU.

• Waaqayyo cubbuu akka adabu; ta’us ayyaana Isaatiin dhiifama cuubbuu fi jireenya haaraa karaa Yesusiin akka kennu hubachaa in GUDDATU.

• Kunuunsaa fi jaalala wal irraa hin cinneef Waaqayyoon galateeffachaa in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:

Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa (1 Pexros 5:7)!

Meeshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu waraabbii horgoggewwan duuba qajeelfama kanaa irratti argaman kan barumsa 16f karoorfamaniin fayyadamta yoo ta’e, waraabbii isaanii qopheessi. Horgoggewwan sana murii baasiisitii halluu dibi. Horgoggewwan tokko tokkoon isaanii ulee yookiin baala furdaa irratti maxxansi. Kana gochuudhaafis hapheedhaan fayyadami.

2. Horgoggee afaan isaa banamuuf cufamu qopheessitee jirta yoo ta’e, yeroo waan dubbifamuuf deebii kennuuf yaalii gootu, ijoollee qajeelchuudhaaf horgoggee sana barnoota “kunuunsa guddaa Waaqayoo” jedhu wajjin firomsuudhaaf qophaa’i. Qajeelcha kana keessatti kutaa “Garee kee sirriittii qejeelchuudhaaf” jedhu lakkoofsa 7 ilaali.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Seera Ba’uu16-17fiirra deebii 32-34dubbisi. BoqqonnaawwanBa’uu Ijoolleen Israa’el yommuu Kana’aan galan Waaqayyo wantoota qaamaaf barbaachisoo ta’an, nyaataa fi bishaanii isaaniif akka guute ibsa. Boqqonnaawwan Irra deebii immoo, dhuma guyyoota Museetii fi hoggansi gara Iyaasuutti ce’uu isaa in dubbatu. Museen Ijoollee Israa’elii wajjin gara Kana’aan maaliif galuu akka dhorkame hubachuudhaaf Seera Laakkoofsaa 20: 1-13tti dubbisuun barbaachisaa dha.

1. Imalli ijoolleen Israa’el Gibxi irraa gara Kana’aanitti godhan guungummii baay’eedhaan guutameekanaddattibeekkamuudha.Lafagammoojjiiergaseenaniibooda,nyaanniyeroo Gibxii bahan qabatanii bahan yeroosuu jalaa dhume. Yeroo gabroota Gibxootaa turan sana dhiphachuun isaanii jiraatus, nyaata achitti argatan sana yaadatanii guungumaa turan (Seera Ba’uu 16:3).

2. Wanta qaama isaaniif barbaachisanguutuudhaaf Waaqayyo “waaqa keessaa buddeena” nyaatan (Seera Ba’uu16:4), akkasumas dimbiriqqee (Seera Ba’uu16:13) uummataaf in roobse. Waaqayyo waan isaan barbaachisu akka isaaniif guutu akka amananii fi gara Waaqayyootti hirkachuu akka dhufan isaan barsiisuudhaaf, qajeelcha funaanuu buddeenicha kan adda addaa ta’an in kenneef (Seera Ba’uu16:4-5;16:30). Buddeena kana dabaalataan funaanuu fi kuussuuf carraaqqii godhanis, inni garuu in raama’a ture (Seera Ba’uu16:20). Torban tokko keessatti guyyaa jahaffaadhaaf harka lama funaanuu baannaan, guyyaa torbaffaadhaaf yookiin Sanbataaf homaa hin argatan ture (Seera Ba’uu 16: 27-30).

3. Ijoolleen Israa’el “buddeenicha waaqa keessaa bu’e” sana “Maannaa” jedhanii waamuu jalqaban (Seera Ba’uu 16:31). Hiikkaan Mannaa afaan Ibrootaatiin maali? Jechuu dha (Seera Ba’uu 16: 14-15. Mannaan kan akka “ija midhaanii, mi’ayaan isaa akka bixxillee dammaan tolfamee ture” (Seera Ba’uu16: 31). Maannaan tolfamuu, affeelamuu (Seera Ba’uu16:23) yookiin dheedhii isaa nyaatamuu in danda’a ture. Nyaata qaamaa fi humna nama tokkoof ta’u argachuudhaaf guyyaa tokko tokkoof liitira lama yookiin omer tokko in barbaachisa ture (Seera Ba’uu16:16.) Akkaataa qajeelcha Waaqayyootiin, ijoolleen Israa’el yeroo imalaa turan sana gooftaan waan isaan barbaachisu akka guutee kenneef dhaloonni dhufan arguu akka danda’an omer tokko guutuu huuroo keessa in kaa’an (Seera Ba’uu16:33). Imala ijoollee Israa’el keessatti Waaqayyo waggoota 40f mannaa isaaniif kennaa ture (Seera Ba’uu16:35).

4. Ijoolleen Israa’el gammoojjii Siinaa erga qubatanii booda (Seera Ba’uu16:1), gara iddoo tulluu Siinaa irraa baay’ee kan hin fagaanne, ishee Raafiidiim jedhamtutti imalan (Seera Ba’uu17:1). Iddoodhuma sana otuu jiranii bishaan dhabanii Mussee irratti guungumuu qofa osoo hin ta’in (Seera Ba’uu17:2), Museedhaan in lolan; Dhagaadhaan isa rukutuudhaafis isa sodaachisan (Seera Ba’uu 17:3). Waaqayyo irra debiidhaan karaa dinqisiisaa ta’een waan isaan barbaachisu in kenneef. Museen ulee isaa fudhatee kattaa Kooreb jiru tokko akka rukutu Waaqayyo isa abboome (Seera Ba’uu17:5-6), Museenis akkasuma godhe. Uummanni akka dhuguuf bishaan kattaa keessaa in burqe (Seera Ba’uu16:6).

5. Kakuu Haaraa keessatti Yesus “Ana buddeenni jireenyaa” (Yohannis. 6:35) jedhee of waama. Museen Waaqayyoon “Kattaa” Jedheetis in waama (Seera Keessa Deebii 32: 4; 15; 18; 30-31). 1 Qorontos 10:3 Keessatti Phaaulos Yesusiin “Katticha” jedhee in waama. Bishaanichi kettaa fi mannichi waaqaa qaama Israa’elootaa imala isaanii keessatti jirrenyaan isaan tursiisu. Yesus “Buddeena jireenyaa” (Yohannis 6: 30-35) yommuu ta’u, Innis “bishaan jireenyaa” isa jireenya bara baraatiif ta’u nuuf kenna (Yohannis4:10-14).

6. Yeroo Museen du’atti dhiyaatu (Seera Keessa Deebii 31:14), Iyaasuun hogganaa haaraa akka ta’uuf Waaqayyo isa muude. Museen Kana’aan utuu hin ga’in du’uutu isa irra ture. Kuns kan isa irra ga’e dhuma imala isaanii irratti iddoo bishaan biraatitti inni Waaqayyoof waan hin abboomamaniif adabbii isaaf kenname ture. Lafa onaa isa Siinaa jedhamu keessatti bakka Qaadeesh jedhamu yommuu qubatan bishaan waan hin jirreef ijoolleen Israa’el Musee fi Aaroon wajjin irra deebi’uudhaan in lolan (Lak. 20, 1-4.) Ummanni sun amantii hin qaban waan turaniif, Musee fi Aaroon uummata Kattaa affootti akka walitti qabaniif Waaqayyo isaanitti hime. Waaqayyo Museedhaan “ija isaanii duratti kattichatti dubbadhaa, innis bishan in kennaa” jedhee dubbate (Seera Lakkoobsaa 20:8). Museen waan Waaqayyo isa abboome gochuu dhiiseeti ulee fudhatee katticha rukute (Seera Lakkoobsaa 20:11). Bishaannis in burqe. Haa ta’uutii diddaan Museen Waaqayyoon in

lolchiise. Kanaafuu Waaqayyo Musee fi Aarooniin “sababa isin anatti hin amaniniif Israa’eloota durattis waan isin ana hin ququulleessiniif” jechuudhaan isaan ijoollee Israa’el gara biyya Kana’aan akka hin geggeessine isaanitti hime (Seera Lakkoobsaa 20:12).

7. Aaroon tulluu Soor jedhamu biratti du’e (Seera Lakkoobsaa 20:12).

8. Museen du’a isaa dura eebba Israa’elootaaf kennuu isaa Keessa Deebiin 33 hin hima. Qomoon Israa’el ijoolleen Yaaqoob 12maanu tokko tokkoon isaanii in eebbiffaman.

9. Museen Waaqayyoof abboomeeti gara tulluu Naabaaw in ba’e (Seera Keessa Deebii 34:6). Waaqayyos lafa abdii isaanii, ishee Kana’aan jedhamtu isatti in argisiise. Achumaanis Museen in du’e. Waaqayyos Naabaawitti isa in awwaale (Seera Keessa Deebii 34:6). Ijoolleen Israa’elis hoggansa Iyaasuutiin gara Kana’aan in galu (Seera Keessa Deebii 34:9).

10. Hanga yeroo Yesusitti namni Musee caalu tokko iyuu hin jiru ture (Seera Keessa Deebii 34:10). Yesusii fi Museen, isaan lamaanuu uummata Waaqayyoo akka hoggananiif Waaqayyoon in ergaman. Museen ijoollee Israa’el gabrummaa Gibxii keessaa geeggessee in baase. Akkasumas du’aa fi ka’iinsa Isaatiin, Yesus ilma namaa gabrummaa cubbuu keessaa in baase. Museen tajaajilaadhaa fi kutaa mana Waaqayyoo isa tokkoo dha. Yesus garuu Ilma Waaqayyoo ta’ee Mana Waaqayyootiif Ol aanaa dha (Ibr.3:1-6).

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa– Kadhannaa kutaa macaafa kana fuula gara duuba irratti argamu sana kadhadhu.

Faarffannaa – Waaqayyo gaarii dha (Lakkofsa 32) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiin raawwatamu – Imala rukkuttaa muuziqaatiin raawwatamu

Ijoollee wajjin bifa naannootiin taa’aa. Karaa yookiin imala dheeraa kan adeemtu yoo ta’e, wantoonni atti qabattee deemuuf barbaaddu muraasni maal maal ta’uu danda’u?jedhii gaafadhu. (Ijoolleen deebii akka kennan godhi.) Nyaanni, kafanni, horgoggewwan, dunkaannii fi sireen waan barbaachisan keessaa muraasa ta’uu in danda’u. Itti fufiitii kunneen wantoota gaggaarii ta’anii nu barbaachisaniif yaada nuuf kennu. Amma imala keenya haa jalqabnu. Karaa dheeraa deemna waan ta’eef haa qophoofnu. Ana ilaalaa; waan ani godhus godhaa. Hima ani dubbadhus tokko tokkoon irra deebi’aatii jedhaa. Kottee lukaa fakkeessiitii tafa mirgaa fi bitaa luka keetii suuta rukuttaa “imala keetiif” rukuttaa muuziqaa dhageesisi. Adeemsa kana keessatti ijoolleen hirmaannaa akka godhan isaan afeeri. Rukkuttaa muuziqaa kan asii gad jiruu gochaa itti fufaa. Ijoolleen hima ati jettu tokko tokkoon irra deebi’anii in jedhu.

Barsiisaa – Imala jalqabuu (Ijoolleen irra deebi’u).

Barsiisaa – Maaltu nu barbaachisa? (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Nyaanni xiqqoon jiraa laata? (Ijoolleen irra deebi’u}

Barsiisaa – Inni sun gaarii dha (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Bishaan xiqqoon utuu jiraatee (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Innii gaarii dha (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Wanti biraa jiraa? (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Xiqqoo (Yaada ijoolleen kennan keessaa isa tokko caqasi) (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Isaan sun gaarii fakkaatu! (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Boraatiin hoo? (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Waanan mataa koo irratti boqochiifadhu (Ijoolleen irra deebi’u)

Rukuttaa muuziqaa yommuu raawwattu akkana jedhi; “Seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa keessatti, ijoolleen Israa’el gara Kana’aaniitti imalaa jiru. Karaa irrattis wantoonni isaaniif barbaachisan in jiru turan. Seenaa kana hubbannaadhaan dhaggeeffadhuutii Waaqayyo akka isaan kunuunse beekuudhaaf carraaqi.

Faarffannaa –“Dubbiin Waaqayyoo jiraataadha” (Lakkoofsa 2) jedhu sana faarffadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1 – Macaafa “Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” jedhu keessatti kutaa “Daandii Gara Kana’aan Adeeman Irratti” jedhu yeroo dubbistu, seenaa isaa kana bareechisuuf horgoggewwan fuula gara duuba qajeelfama kanaa irratti argamaniin fayyadami.

Filmaata 2 – Rukuttaa muuziqaa imala gara Kana’aan.

Akkuma seenaa Macaafa Qulqulluu yeroo beeksiistu goote sana, ammas ijoollee bifa naannootiin teessisi. Akkuma duraan goote sanatti tafa kee tokko tokkoon dha’uutiin rukuttaa muuziqaa wal fakkaatan hojjedhu. Rukuttaa muuziqaa kanaatiin fayyadamaa, seenaa Macaafa Qulqulluu dubbadhu. Akkuma kanaan dura godhan, ijoolleenis muuziqaa kana sarara tokko tokkoon siiduuba irra haa deebi’an.

Barsiisaa – Gara Kana’aanitti imaluu (Ijoolleen irra deebi’u).

Barsiisaa – Ijoolleen Waaqayyoo in adeeman (Ijoolleen irra deebi’u).

Barsiisaa – Gammoojjii hundumaa keessa (Ijoolleen irra deebi’u).

Barsiisaa – Museen isaan hoggana (Ijoolleen irra deebi’u).

Barsiisaa – Gara Kana’aanitti imaluu (Ijoolleen irra deebi’u).

Barsiisaa – Uummanni baay’ee beela’e (Ijoolleen irra deebi’u).

Barsiisaa – Musee irratti in guunguman (Ijoolleen irra deebi’u).

Barsiisaa –“Nyaata nuuf kenni” jedhaniin (ijoolleen irra deebi’u).

Barsiisaa – Gara Kana’aanitti imaluu (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Waaqayyo waca namootaa dhaga’e (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Waaqayyo maannaa isaaniif erge (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa -- Garaan namootaa in guute (ijoolleen irra deebi’u

Barsiisaa – Gara Kana’aanitti imaluu (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Namoonni baay’ee in dheebotan (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Musee irratti in guunguman (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Bishaan dhugnu nuuf kenni (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Waaqayyo Museetti hime (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Katticha in rukute (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Bishaan gara alaatti in burqe (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Bishaan qorree nama gammachiisu (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Gara Kana’aanitti imaluu (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Namoonni irra deebi’anii in guunguman (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Bishaan caalu barbaadan (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa Waaqayyo boo’icha isaanii in dhaga’e (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Waaqayyoo Museetti hime (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Kattichatti in dubbate (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Haa ta’uutii Museen hin dhageenye (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Sana irra katticha in rukute (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Uummanni bishaan in dhuge (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Waaqayyo gaddee ture (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa Museen hin abboomane ture (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Gara Kana’aanitti galuu hin dandeenye (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Achi gahuudhaaf yommuu xinnoon hafu (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa Museen lafa haaraa sana in arge (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Museen achumatti du’e (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Gara Kana’aanitti galuu (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Iyaasuun hogganaa ta’eeti muudame (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Waaqayyo ijoollee Isaa in kunuunsa (Ijoolleen irra deebi’u)

Barsiisaa – Akkanatti isaan jaallata (Ijoolleen irra deebi’u)

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenaa irratti bu’ureeffaman – Gaaffilee kanneen garee kee gaafadhu

Waaqayyo akka nyaataniif ijoollee Israa’elif maal kenne? (Waaqayyo maannaa fi sololi’aa isaaniif kenne)

Museen gara Kana’aanitti galee turee? (Museen waan Waaqayyof hin abbomamneef Kana’aanitti hin seenne. Sababni isaa Museen waan Isatti hin amanneef Kana’aanitti seenuu hin danda’u jedhee Waaqayyo in dubbate).

Hogganaan Israa’el inni haaraan eenyu turee? (Uummata gara Kana’aanitti akka seenesisuuf hogganaan Waaqayyo filate Iyyaasuu ture).

Sochii irra deebii hojiidhaan raawwatamu – Seenaa dhugaa Macaafa Qulquluu irra deebi’uudhaaf seenessa kanaan dura itti hin fayyadaminiin akka filannoo itti fayyadami. Daa’imman irra deebii kanaaf horgoggewwaniin fayyadaman yoo ta’e, seenaa Macaafa Qulqulluu waan dubbatan fakkeessanii horgoggewwan harkaan haa tuttuqan. Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqullu jirrenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu – Kunuunsa Waaqayyoo isa guddaa ta’e.

Daa’imman naannoo kee teessisiitii Waaqayyo imala ijoollee Israa’el keessatti, kunuunsa kan isaaniif godheef akkamitti? jedhii gaafadhu. Waaqayyo hogganaa isaaniif kenne; akka nyaatanis mannaa fi sololi’aa isaaniif kenne; bishaan dhuganis in kenneef. Waaqayyoo guyyuma guyyaadhaankunuunsaakkamiinuufgodha? (Nyaata,uffata,warranujaallatuu finugargaaru, iddoo jiraannu, iddoo Isa itti waaqeffannu, iddoo waa’ee Isaa itti barannu nuuf kenna).

Kunuunsa Waaqayyo nuuf godhu keessaa inni guddichi dhiifamuu cubbuu keenyaa ti. Waaqayyo yoo nuyi Isaa fi namoota biraatiif hin abbomamamnu ta’e Inni hin gammadu. Haa ta’uutii Inni nu jaallachuu ittuma fufa. Waaqayyo dogongora keenya akka arginu nu gargaara. Waan hamaa hojjenneef akkagaabbinu Inni in barbaada.Waaqayyosababa Yesusiifjedheecubbuu keenyanuuf in dhiisa; Yesus nu baraaruudhaaf jedhee fannoo irratti du’e. Dhiifamuu cubbuu yoo arganne Waaqayyo cubbuu laphee keenya keessaa in qulqulleessa; Jalqaba haarawaas nuuf in kenna. Isa akka jaallannuuf, Isaaf akka abboomamnuu fi akka Isa hordofnu nu gargaara.

Jaalala, kunuunsaa fi dhiifamuu cubbuu Inni nuuf qabuuf Waaqayyoon haa galateeffannu. Kadhannaa kana irratti hima tokko nan dubbadha. Hima tokko tokkoon yommuu ani jedhu booda, isin akkana jettu: “Yaa Waaqayyo, jaalalaa fi kunuunsa Keetiif Si galateeffanna.” Daa’imman hundumtuu hima kana sii wajjin irra deebi’anii haa jedhan. Yoo barbaadde ija kee dunuunfachuu fi banuudhaan ijoolleetti argisiisi. Yeroo dubbattu ija kee dunuunffachuu kee daa’immanitti argisiisi. Yeroo isaan deebii kennan ija banuu kee isaanitti argisiisi.

Barsiisaa – Waaqayyo yeroo hundumaa nu jaallata. Yommuu waan hamaa goonus inuma nu jaallata.

Daa’imman – Yaa Waaqayyo, jaalalaa fi kunuunsa Keetiif Si galateeffanna

Barsiisaa – Waan Yesus Fannoo irratti hojjete irraa ka’ee, Waaqayyo cubbuu keenya nuuf in dhiisa. (Daa’imman deebii kennu).

Barsiisaa – Dhiifamuun cubbuu Waaqayyo kennu laphee keenya cubbuu irraa in qulqulleessa. (Daa’imman deebii kennu).

Barsiisaa – Yeroo hundumaaWaaqayyottiamanuu in dandeenya.Inniyeroohundumaa kan nu jaallatu abbaa Keenya kan waaqa irra jiraatuu dha. (Daa’imman deebii kennu).

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu – Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa (1 Pexros 5:7)!

Daa’imman naannoo kee teessisiitii Macaafa Qulqulluu bani. Sagalee kee ol kaasiitii 1 Pexros 5:7 dubbisi. Achiin booda akkana jedhii dubbadhu. Luqqisiin Macaafa Qulqulluu kun Waaqayyo akka nu jaallatuu fi nu kunuunsu nu yaadachiisa. Karaa hundumaanuu Waaqayyo akka nu kunuunusu nu yaadachisa. Karaa kamiin iyyuu Waaqayyo akka nu kunuunsu abdii nuuf kenneera. Waaqayyo waan nu barbaachisu hundumaa nuuf in kenna!

Barattoonnihundinuuluqqisiikanasirriittihangabeekanitti,siboodairradeddebi’aniiakkajedhan godhi.

Faarfannoota – Waaqayyo gaarii dha (Lakkoofsa 32) kan jedhu irra deebi’uudhaan faarfachiisi. Guddaa guddaa caalu (Lakkoofsa 13); Galateeffadhaa (Lakoofsa 8); Sitti hin ulfaanne ba’aan koo(Lakkoofsa31) jedhanis faarffadhaa.

Hojii Harkaa – Eegumsa Waaqayyootiin socho’uu

Barattoonnilamalamaanakkataa’angodhi. Ijoolleexixiqqoofigurguddoo walittimakteebarsiifta yoo ta’e, isa guddaa ta’e xiqaa wajjin teessisi. Waraqaa cicciramee fi meeshaa barreeffamaa kan gurraachaa tokko tokko kenniif. Barattoonni tokko tokkoon waraqaa luka mirgaa fi bitaa isaanii irra akka kaa’an qajeelcha kenniif. Barattoonni yoo barbaadan luka isaaniitti hirkatanii garagaluu in danada’u. Achiin booda, fakkii luka isaanii muruu akka danda’an murtuu qopheessiif.

Tokko tokkoon isaanii, fakkii luka isaanii muranii erga fixanii booda, akkana haa jedhan –Ijoolleen Israa’el yommuu gammoojjii keessa imalaa turan sana, Waaqayyotu isaan tikse. Nuyis yommuu iddoodhaa gara iddootti sochoonu, Waaqayyotu nu tiksa. Fakkiin lukaa kun Waaqayyo akka isaan tiksu akka argisiisu godhii hojjedhu. Wantoonni Waaqayyo qopheessu kan akka nyaataa, uffataa fi isaan biraas barattoonni akka fakkisan jajjabeessi. Fakkii namoota jaalalaan akka isaan gargaaran Waaqayyo isaaniif kenne kaasuu in danda’u. Akkasumas, Waaqayyo maaliif cubbuu isaanii akka dhiisuuf yaadachuudhaaf fakkii Yesusii fi fakkii fannoo fakkisuu in danada’u.

Ijoolleen fakkii isaanii yommuu xumuran haala fakkichaa akka dubbataniif afeeri.

Kadhannaa Xumuraa – Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu kadhadhu.

Barumsa 17

Ruut(Ruut 1-4)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee – Fuula 54-55

Dhugaa Ijoo

Yeroo rakkootii fi gaddaa, Waaqayyo arjooma namoota biraatiin wanta nu barbaachisu nuuf qopheessa; nu eebbisas. Wantoota nu barbaachisan keessaa inni guddaan Yesus cubbuu keenya irraa akka nu baraaruuf Waaqayyo Isa nuuf erguu Isaa ti.

Kaayyoo Barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin barattoonni:

• Naa’omiin Ruutii fi Orphaaniif amantii ishee akka hirtu Waaqayyo ishee gargaaruu Isaa, akkasumas Bo’az Ruutii fi Naa’omii eebbisuu isaa in BEEKU.

• Waaqayyo Yesusitti akka isaan amanan amantii waan isaaniif kennuf Isa galateeffachaa in GUDDATU.

• Waa’ee jaalala Yesus, Isa nama fayyisuu, namoota biraatti akka himan hawwii jireenya isaanii keessa waan kaa’uuf, akkasumas Waaqayyo tiksa kristaanootaaf waan godhuuf Isa galateeffachaa in JIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

“Waaqayyo wara kophaa jiraataniif maatii in kennaaf” (Faarfannaa 68:8).

Meshaalee fi qophii (kessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

• Shaarbii dubartii sadii (seenaa filmaata 2 dubbachuudhaaf)

• Erbee huccuu dhedheeraa afur kan dhiirri mataatti maratu (seenaa filmaata 2 dubbachuudhaaf)

1. Yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu beeksistu suuraa fakkii kee fi suuraa maatii keetii ijoolleetti argisiisuudhaaf fidi.

2. Horgoggewwan qajeelfama kana fuula duubaa irra jiraniin fayyadamta taanan, isaan barumsa 17ffaadhaaf qophaa’an waraabbii godhii qabadhu. Horgoggewwan dibi. Horgoggewwan muka yookiin baala furdaa irratti maxxansi. Maxxansuudhaaf hapheen fayyadami.

3. Seenaa Macaafa Qulqulluu dhiyeesuuf taatotaan fayyadamta taanaan, (seenaa filmaata 2 dubbachuudhaaf); taatota akka Abimeelekiin, Mahalooniin, Kelewooniin, Ruutiin, Naa’omiiniin, Orphaa fi Bo’aziin fayyadamata taanaan, barattoota sadarkaa lammaffaa yookiin namoota gurguddoota filadhu. Taatotaa dhiiraa tokko tokkoon akka uffatan, erbee huccuu kan mataatti maratan kenniif.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Macaafa Ruut boqonnaa 1-4ti dubbisi

1. Lafa Kana’aanitti, keessumatti Magaalaa Yihudaa Beeteliheem keessatti beelli waan bu’eef, Namni Eliimelek jedhamu tokko haadha warraa isaa ishee Naa’omiin jedhamtuu fi ijoollee dhiiraa Maahiloonii fi Kiliyoon jedhaman wajjin gara biyya Mo’aab in deeme (Ruut 1:1-2).Biyyi Mo’aab jedhamu Garba Du’aa irraa gara bahaatti argama. Eliimelek lafa isaa gadi dhiisee adeemuun isaaf murtii ulfaataa ture. Lafti inni gadi dhiisee adeemee sun lafa dhaalaan ijoolleetti dabartu in taati turte. Sana dura Israa’eloonnii fi Mo’aabonni

wal waraanaa waan turaniif warra Mo’aabii fi Israa’elootaa gidduu wal tateen hin jiru ture. Kanaafuu, warri Mo’aab Maahiloonii fi Kiliyoon cunqursuu waan danda’aniif wajjin jiraachuun hin mijatu ture. Biyyuma Mo’aab sana keessa otuu jiranuu Eliimelek in du’e (Ruut 1:3). Ilmaan Naa’omii dubartoota Mo’aabi, kan Ruutii fi Orphaa jedhaman in fuudhan (Ruut 1:4.) Haa ta’uutii waggoota kudhan booda, Maahiloonii fi Kiliyoon in du’an (Ruut 1:5). Kanaafuu Naa’omiin, ishee abbaan warraa irraa du’e qofa utuu hin ta’in, ishee biyya ormaa keessa jiraattuu kan ilmaan hin qabne taatee niitiwwan ilmaan ishee wajjin in hafte.

2. Namoonni Betelihem midhaan nyaataa akka argatan dhegeesseeti Naa’omiin Ruutii fi Orphaa wajjin gara Betelihem imaluu jalqabde (Ruut 1: 6-7). Ruutii fi Orphaan lammii Mo’aab waan ta’aniif gara maatii isaanii akka deebi’aniif Naa’omiin isaan in gaafatte. Naa’omiin waan duloomteef ijoollee dubartootaa kanneeniif abbaa warraa dahuu akka hin dandeenye in beekti ture (Ruut 1:13). Dursa irratti Ruutii fi Orphaan Naa’omii dhiisanii gara maatii isaanii deemuu hin barbaadnne ture. Isaanis Naa’omii fi ilmaan ishee irraa waa’ee jaalala Waaqayyoo baratanii waan turaniif, adda bahuu dhiisanii ishee jajjabeessuu in barbaadu ture (Ruut 1:10).

3. Naa’omiin irra deddeebitee waan dubbiidhaan isaan falmiteef Orphaan gara uummataa fi waaqayyoolii isheetti in deebite (Ruut 1: 15). Ruut garuu Naa’omiin akkana jeteen; “Lafa ati jiraattu anis nan jiraadha” (Ruut 1:116. Kanaafuu Naa’omiinii fi Ruut yeroo haamaa gara Betelihem in deebi’an (Ruut 1:22).

4. Firri Eliimelek kan Bo’az jedhamu iddoo Betelihem jedhamu keessa in jiraata ture (Ruut 2:1).

5. Ruut midhaan nyaataa kan mataa isheetii fi Naa’omiif oolu argachuuhaaf warra midhaan haamu duukaa deemtee qarmmii funaannachuudhaaf gara maasii naannoo sana jiruutti bobbaate(Ruut 2:2). Lafa ofii isaanii hin qaban waan ta’eef, filannoon dubartoota akka Ruut jiiran qaban kana qofaa dha. Ruut gara maasii Bo’az dhufteeti qarmii guurrachuu akka dandeechuuf jara midhaan haaman sana in gaafate (Ruut 2:7). Ruut alagaa taatus, jaallatama in argate (Ruut 2: 10). Jaallatama kana kan argates, Naa’omii, ishe fira Eliimelek taateef kunuunsa kennaa turte waan taateef (Ruut 2: 11-12; 20). Boazis Ruut midhaan baay’ee akka argatuuf warri midhaan haaman qarmii baay’ee akka dhiisaniif qajelffama hojjettoota isaatiif in kenne (Ruut 2:15-16).

6. Bo’az Naa’omii fi Ruutiif arjooma waan godheef Waaqayyo akka isa eebbisu Naa’omiin in kadhatteef (Ruut 2:20). Bo’oaz firoota isaan baraaru keessaa isa tokko ta’uu isaa Ruutitti in himte. Namni akkanaa kun lafa fira isaa kan sababa rakkootiin gurgurame deebisee bituuf itti gaafatama in qaba ture (Lewwootaa 25:25).

7. Bo’az rakkoon wayiitu akka Naa’omii irra hin geenye, akkasumas yeroo hojjetoonni isaa haamaa haaman Ruut isaan bira taatee akka qarmii funaannattu isheetti hime (Ruut 2:2122). Alagaa waan taateef, Betelihem keessatti arrabsamuuf in saaxilamt turtee. Ruut akkuma waadaa galteen, Naa’omii wajjin in turte (Ruut 2: 23).

8. Macaafa Ruut 3:1-14 keessatti, akkuma karoora Naa’omiin, Ruut mana ofii akka argattu akkataan in mijaa’eef (Ruut 3:1). Karoora kana irraa ka’ee, Bo’az Ruutiin akka fuudhu, maatii Eliimelekii fi Maahilooniif ilmi akka dhalatu, karaa sanaan dhaloonni isaanii akka itti fufu abdiin in argame. Bara Macaafa Qulqulluu keessatti, ulfinni dubartii kan argamu karaa dhirsaatiini. Kanaafuu warri dhirsa hin qabne Naa’omii fi Ruutif baraarri Bo’az in barbaachisa ture. Kanaafuu Naa’omiin yommuu Ruutiin gara Bo’az ergitu amantiidhaan ture. Taatewwan kunneen hundinuu kan bu’uraa’an abdii Waaqayyoo irratti ture.

9. Akkataa qajeelcha hawaasa Israa’elootaatti, lafuma duraan Eliimelekii, Maahiloonii fi Keleyoon turan deebisee Naa’omii fi Ruutiif bite (Ruut 4:1-8). Akkaataa seeraatti, Bo’az Ruutiin in fuudhe (Ruut 4:13). Naa’omiin waan dulloomitee fi mucaa da’uu hin dandeenyeef, ilmi ishee dhaalu Boo’azii fi Ruutiin irraa dhalateefi (Ruut 4:16). Mucaan kuns Yoobeed jedhama (Ruut 4:17). Innis Naa’omiif gammachuu guddaa fide (Ruut 4:15). Yoobeed abbaa Daawiit Isseyiif abbaa dha (Ruut 4:17). Sababa dhalachuu Yoobeeditiin, abdii Waaqayyoo karaa Fayyisaa Yesusiin kenne irratti hundaa’e, hidda Yesus hidda Abrahaam jedhamee itti fufsiise (Maatewos1:1-16.)

10. Seenaan Ruut namni hundinuu maatii akka horatu kan argisiisu qofa utuu hin ta’in, hundinuu gara maatii amantiitti akka dhufu Waaqayyo barbaaduu Isaatiif fakkeenya ta’a. Wanti Bo’az Ruutiin baraaruudhaan hojjete sun, Yesus Fayyisaan fannoo irratti du’uudhaan gara Waaqayyootti nu deebisuu Isaatiif gaaddidduu dha.

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa duraa – Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru sana kadhadhu.

Faarffannaa – Nan amana Gooftaa akkan hin badne(Laakkofsa 27) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Hojii - Maatii

Akeekkachiisa Barumsa kana ilaalu – Barumsa kana keessatti waa’ee maatii in dubbanna. Fe’aan cubbuun biyya lafaa kana keessa waan jiruuf namni tokko tokkomaatii isaa hin jaallatu; hin kunuunsus. Yommuu waa’ee maatii tokko tokkoo dubbattu, sammuun ijoollee akka hin hubamne of eeggachuu qabda.

Karoorri Waaqayyo maatiif qabu, quunnamtii jaalalaa fi kunuunsa namoonni waliif qaban irratti hundaa’uu akka qabu xiyyeeffannaadhaan dubbadhu. Waaqayyo Abbaan keenya, Inni waaqa irra jiraatu, Ilmi Isaa Yesus cubbuu irraa akka nu baraaruuf kan nuuf erge baayy’isee waan nu jaallatuu fi nu kunuunsuufi. Maatii Waaqayyoo keessatti jaalallii fi kunuunsii Inni nuuf qabu hin dhumu. Manuma keenya kan dhuunfaa keessatti yommuu rakkoon nu irra gahu humni Waaqayyoo nu gargaaruu in danda’a. Waaqayyo walitti dhuffeenya keenya diigames in fayyisa. Erga walitti dhuffenyi isaanii jibbaan guutamee booda, Waaqayyo Yoseefii fi obboloota isaa gara tokkummaatti akka fide ijoolleen akka yaadatan godhi. Kutaa Macaafa Qulquluu Roomaa 8: 28 “Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaan gargaaree gara gaariitti in geessa” jedhu isa barumsa 11 keessatti baratan sana akka yaadatan godhi.

Ijoollee cina kee teessis. Suuraa keetii fi kan maatii keetii yoo qabaatte fidi. Akkanas jedhiin: “Suuraa namoota anaaf waan addaa fi barbaachisoo ta’an isinitti argisiisuun barbaada. Namoonni kunneen maatiiwwan koo ti. Namoota suuraa irra jiran kanaa wajjin firummaa akkamii akka qabdus isaan hubbachiisi. Suuraa qabaachuu yoo baattee, maqaa namoota maatii kee keessa jiranii fi waa’ee isaanii tokko tokko dubbadhu (Fakkeenyaaf, umurii isaaniitii fi waan isaan raawwachuu barbaadan).

Ijoolleen ati barsiistu maatii isaanii ilaalchisee waan muraasa akka sitti himaniif afeeri. Yaadannoo; kutaan itti barsiistu bal’aa fi ijoolleen ati barsiistu baay’ee yoo ta’an, nama dhuunfaa afeeruu dhiisiitii akkana jedhi: amma waa’ee maatii keessanii waan muraasa beekuu nan barbaada. Isin keessaa kan miseensa maatii sadii qabdan harka keessan baasaa; obboloota warri qabdanis harka keessan baasaa; obboleetiwwan warri qabadan harka baasaa; achiin booda, kutaan itti

barsiistu xiqqaas ta’u guddaa, marii kee itti fufi. Waaqayyoo maatii kan nuuf kenne, maatii keenyaaf iddoo akka kenninuuf, namoota akka jaallannuu fi akka isaan kunuunsifnuufi. Namoota waa’ee isaanii baranne keessaa, kan maatii bal’aa qabu eenyu? (Waa’ee Addaamii fi Hewan, akkasumas waa’ee ijoollee isaanii Qaayili fi Abeel barattoonni akka yaadatan godhi. Waa’ee Noohii fi warra manaa isaa, waa’ee ijoollee sadeen isaanii, waa’ee Abrahaamii fi Saaraa, waa’ee Eesaa’uu fi Yaaqoob, Waa’ee Yaaqoobii fi Liiyaa, waa’ee Raaheelii fi ijoollee kudha lamaan ishe, waa’ee Musee fi obboleesa isaa Aaron, akkasumas waa’ee obboleettii isaanii Maariyaam, seenaa keessatti barattanii jirtu).

Maatii keenya kessatti yeroon gammachuu in jira. Yeroo tokko tokko gaddis nu quunnama. Har’a waa’ee dubartii Naa’omii jedhamtuu fi maatii ishee in baranna. Waaqayyo yeroo gaddaa keessatti ishee akka gargaare of eeggannoodhaan dhaggeeffadhaa.

Faarffannaa – Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha (Lakkoofsa 2) jedhu faarffadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1 – Yeroo seenaa Macaafa Qulqulluu keessaa Macaafa Ruut dubbistu, hogoggewwan qajeelcha kana fuula gara duubaa irratti argamuun fayyadami. Seenaawwan dubbachuu yeroo jalqabduu, ijoolleen maqoota namoota Macaafa Qulqulluu siiduukaa akka irra deebi’an gochuudhaaf yeroo fudhadhu. (Fakkeenyaafis, Eliimelek, Naa’omii, Maahiloon, Keliyoon, kkf.)

Akkuma yaada Macaafa Qulqulluu kanaatti, namoota akka yaadatan isaan gargaari.

Filmaata 2 – Yeroo seenaa Macaafa Qulqulluu ijoolleef dubbifnu, taatewwan seenaa sochiidhaan argisiisan filadhu. Seenicha dubbachuu utuu hin jalaqabin, maqaa namoota Macaafa Qulqulluu keessa jiran ijoollee barsiisi. Ijoolleen siiduukaa maqoota kanneen irra deebi’anii akka jedhan goosisi. Walitti dhufeenya namoota gidduu jirus gabaabaadhumaan hubachiisi.

Yadachiisa – Yeroo kana irratti Bo’aziin beeksisi. Akkuma ati seenaa Macaafa Qulqulluu itti himteen, barattoonni waa’ee Bo’az in baratu. Yommuu seenaa kana dubbistu, beela argisiisuudhaaf, Eliimelekii fi maatiin isaa garaa isaanii in sukkumu. Achiin bodas Betelihem gadi dhiisuudhaaf in socho’u. Du’uu isaa argisiisuudhaaf, Elimelek dira-lafaa irra in ciisa. Naa’omiinii fi ijoolleen ishee lamaan iddoo biraatti deemuudhaaf gara kutaa biraatti in socho’u. Yeroo Mahiloonii fi Keliyoon du’an, Ruutii fi Orphaan gara kutaa biraatti in socho’u. Seenaan Macaafa Ququlluu kan itti fufu ta’uu isaa argisiisuudhaaf, taatota dubartii sadii kan sochii argisiisan qabaadhu.Yeroo Ruutii fi Naa’omiin gara Betelihem deebi’anitti, Ruut qarmii funaanuudhaaf gadi jette.Bo’az wajjin seenaa kanadubbachuuitti fufi. Innii fiRuut yommuu wal fuudhan, ilmaisaanii Yoobeed sagalee malee wal irraa fudhuudhaan sochii gochuu in danda’u.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenaa irratti bu’ureeffaman – Gaaffilee kanneen garee kee gaafadhu

1. Naa’omii wajjin gara Betelihem kan deebi’e eenyu? (Naa’omii wajjin gara Betelihem isheen deebite Ruut turte)

2. Ilmi ilma Ruutii fi Bo’az Eenyu ture? (Mootichi guddaan Dawiit, ilma, ilmailma Ruutii fi Bo’az ture).

3. Yesus maaliif “Ilma Daawit” jedhamee waamama? (Yesus maatii Daawit keessatti waan dhalateef)

Sochii keessa deebii – Ka’i yookiin taa’i

Ijoolleen sii biratti akka wal gahan godhiitii akkana jedhi.

Himawwan kanneen dhaggeffadhaa. Himni kun akka Macaafa qulqulluu keessatti bareeffameen yoo dhugaa ta’e, ka’ii dhaabbadhu. Himni yoo soba ta’e immoo iddoo tessee hin ka’in.

Himawwan kanneen ijoolleef dubbisi. Deebii erga kennanii booda akka irra deebi’aniif yeroo keenniif. Deebiin sirrii ta’an hima tokko tokko keessatti in mul’atan.

1. Naa’omiinii fi maatiin ishee gara Mo’aab kan deeman Betelihem keessa nyaatni waan hin jirreef ture (Ka’ii dhaabbadhu).

2. Maatiin ishee Mo’aab keessa utuu jiratanii Naa’omiin in duute. (Teessoo kee irraa hin ka’in).

3. Dubartoonni warra manaa ilmaan Naa’omii lamaanuu ishee wajjin gara Betelihem in deebi’an (Teessoo kee irraa hin ka’in)

4. Ruut Naa’omii wajjin gara Betelihem deebite. (Ka’ii dhaabbadhu)

5. Ruut arjaa waan turteef Naa’omii in kunuunsite (Ka’ii dhaabbadhu)

6. Bo’az Ruutii fi Naa’omii in gargaare (Ka’ii dhaabbadhu)

7. Bo’azii fii Ruut ilma Yoobeed jedhamu qabu turan (Ka’ii dhaabbadhu).

8. Guyyaa tokko Yesus maatii ilma, ilma ilma Bo’azii fi Ruut keessatti in dhalata. (Ka’ii dhaabbadhu)

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqullu jirrenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu– Maatii Waaqayyoo

Ijoollee maannoo keetti walitti qabiittii akkana jedhi; Waaqayyo Naa’omii fi dhirsiiishee wal fuunan maatii isaan godhe. Waaqayyo maatii isaanii irratti ijoollee dhiiraa lama dabale. Ilmaan isaanii lamaanuu niitii fuunaan ijoollee dubartii isaaniif dabale. Dhirsii fi ilmaan Naa’omii duunaan, Waaqayyo Naa’omii fi Ruutiin in eebbise. Akkasumas tokko ta’anii wajjin jiraachuudhaan akka wal gargaaranii fi wal jajjabeessan isaan in tikse. Duuba irratis Bo’azii fi Ruut wal fuudhanii ilma tokko in argatan. Naa’omiin ilma Bo’azii fi Ruut akka ilma isheetti kunuunsitee guddifte.

Waaqayyo nu eebbisuudhaa fi nu gargaaruudhaaf maatii keenya keessatti nama nuuf dabala. (Wantoonni gaggaariin maatii keessan keessatti dabalaman maal maali?) (Ijoolleen deebii haa kennan. Wantoonni gaggaariin tokko tokko wal irra barachuu, wal gargaaruu fi wajjin taphachuu in hammatu). Waaqayyo maatii kan nuuf kennu Isa irraa akka barannuu fi karaa

Yesusiin dhiifama cubbuu akka Inni nuuf kenne akka beeknuufi. Ruut biyya namoonni Waaqayyoon hin beekne jiraatan keessatti waan guddatteef, Naa’omiinii fi ijoolleen ishee waa’ee dinqisiisoo jaalala Waaqayyootii fi abdii Inni Ilma Isaa erguudhaaf kenne ishee in barsiisan. Ruut kennaa kana akka barbaadduuf Waaqayyo amantii isheef in kenne. Ruut maatii Naa’omii fi Waaqayyoo ta’uudhaaf dandeettii in argatte. Namni tokko Yesusitti yeroo amanu maatii lama in argata. Nuti kutaa maatii irraa dhalannee fi wajjin jiraannuu ti. Yesus kan du’ee, du’ayis kan ka’e, Inni cubbuu keenya irraa nu fayyisuu fi gara Waaqayyoo nu fiduufi. Amantii Yesusitti qabaannuun warra Yesusiin fayyissaa isaanii godhatanii fudhatanii wajjin maatii Waaqayyoo in taana. Kanaafuu karaa Yesusiin obbolootaa fi obbolewwan taaneerra. Miseensota Maatii Waaqayyoo waan taanef wal jaallanna; walitti in hirkannas; Wal gargaarras; tokko tokkoon keenya dhiifama waliif in gonas.

Yesus jaalala Isaa akka argisiifnu, akka wal jaallannu, namoota mana keenyaa fi maatii keenya keessa jiraataniif dhiifama akka goonu nu gargaara. Yeroo tokko tokko, obboloonni fi obboleetiiwwan, abbootii fi hadholeen, akaakayyuunii fi akkawwoon wal dhabiinsa in qabaatu ta’a. Yeroo tokko tokkos aariidhaa fi jecha sammuu namaa hubuun walitti dubbachuu in danda’u ta’a. Waantoonni akkanaa kunneen yommuu uumaman, Yesus akka nu gargaaruuf Isa gaafachuu in dandeenya. Wantoota nama miidhan waan dubbanneef dhiifama isaan akka gaafannu Yesus akka nu gargaaruuf Isa gaafachuu in dandeenya.

Miseensonni maatii keenyaa wanta nu miidhu waan dubbataniif dhiifama isaaniif godhuudhaaf Yesus akka nu gargaaru Isa gaafachuu in dandeenya. Yesus yeruma hundaa nu wajjin in jiraata; nu gargaaruufis abdii nuuf kenneera. Ijoolleen naannoodhaan akka dhaabbatan gargaari. Harka isaanii wal irra haa kaa’atan. Akkanas jedhiin; Yesus nu jaallata jennee haa faarfannu; kana kan goonu amantii Yesus irratti qabnuun maatii Isaa ta’uu keenya ifa godhuudhaa fi Waaqayyoon galateeffachuudhaaf ta’uu isaa nan beeka. Akkuma harka wal qabattaniin karaa Yesusiin tokko ta’uu keessan argisiisuuf faarffachaa naannoo keessa deemaa. Lakkoofsa duraa faarffachaa kallattii tokkoon deemaa. Lakkoofsa lammaffaas faarffachaa kalattii faallaatiin deemaa.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu – “Waaqayyo warra kophaa jirataniif maatii in kennaaf” (Faarfannaa 68: 6).

Ijoollee naannoo keetitti walitti qabi. Macaafa Qulqulluu kee baniitii sagalee ol kaasii (Faarfannaa 68:6) dubbisii. Akkanas jedhi; Du’a dhirsaa fi ilmaan ishee irraa ka’een Naa’omiin yommuu gadditetti, akka ishee gargaartuu fi jajjabeessituuf Waaqayyo Ruutiin in qopheesseef. Duubba irratis Waaqayyo Naa’omii, Ruutii fi Bo’aziin walitti qabee maatii tokko isaan in godhe. Yeroo dhalannuu fi Dubbii Waaqayyootiin Yesusitti amannee cuuphaadhaan maatii biraa keesssatti irra deebinee dhalannu, Waaqayyoo maatii nuuf in kenna. Maatiin Waaqayyo, maatii bara baraa ti. Miseensa maatii Waaqayyoo akka taanuuf Yesus waan nu jaallatee fi nu eegeef, nutis tokko tokkoon keenya wal jaallanna; wal gargaarras.

Ijoollee bakka wal qixxee ta’an jahatti addaan baasi. Sarara hojjedhuutii mucaan tokko mucaa biraa duuba akka dhaabbatu godhiitii akkaatuma kanaan akka raawwatan isaan gargaari. Gareen tokko garee biraatitti aanee sarara keessa akka dhaabbatu godhi. Gareewwan gara bitaa irraa gara mirgaatti tartiibaan akka dhaabbatan godhiitii luqqisii Macaafa Qulqulluu kenniif. Gareewwan tokko tokkoon luqqisii isaanii haa jedhan. Itti aansuudhaan gareewwan tokko tokkoon luqqisii guutuu haa jedhan. Ijoolleen lakkoofsa luqqisii sana hunda isaa hanga beekanitti irra deddebi’uudhaan haa jedhan.

Faarffannaa (Faarffannoota) – Waaqayyo gaarii dha (Lakkoofsa 32); Galata Kee Yesus (Lakkoofsa 7); Isa guddaa humna Waaqayyoo(Laakkoofsa 18) irra deebi’aa faarfadhaa. Hojii Harkaa – Ibsaa Maatii Waaqayyoo.

Ijoollee tokko tokkoof waraqaa kenni. Ijoolleen waraqaa kana kaardii fakkeesuudhaaf walakaatti akka dachaasan isaan gargaari. Dachaan lamaan akka mul’ataniif dachaawwan haa banani. Halluu yeroo kennituuf akkana jedhiin; dachaa gamiisa irratti fakkaattii keessanii fi miseensaa maatii Waaqayyo tokko tokko suureessaa. Itti aansiiti akkana jedhiin; fakkaattiin namoota duraan suureessitan tokko tokko fakkaatti kana keessa taa’uu in danda’u. Haa ta’uutii namoota kutaa keenya keessaa sii wajjin jiranis itti dabali.

Ijoolleen fedhii qaban waa’ee fakkaattiiwwan kanneenii haa dubbatan.

Kdhannaa Xumuraa – Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barmsaa 18 Saamu’el

(1 Saamu’el 1- 41)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee – fuula 56- 57

Dhugaa Ijoo

WaaqayyoDubbii Isaaakkadhageenyuufiabboomamnuufnuirraaineega.DubbiiIsaadhaga’auu fi hordofuun yoo nu dhibes, gaabbinee cubbuu kana irraa akka deebinu Waaqayyo nu gargaara.

Yesusiif jedhees dhiifama nuuf in godha.

Kaayyoo Barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin;

1. Dargaggichi Saamu’el Waaqayyoon dhagahee akka Isa tajaajilee fi Isaaf abboomame in BEEKU.

2. Waaqayyo irratti hirkachuu, Dubbii Isaas dhagahuu fi abbomamuu barbaaduudhaan in GUDDATU.

3. Kennaa Dubbii Waaqayyoo fi galmee jaalala Waaqayyoo isa karaa Yesusiin mul’ate kuufachuudhaan jirrenya isaanii ITTI FUFU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

[Yesus] Innigaruu deebiseefii, “Keessumatti immoo dubbii Waaqayyoodhaga'anii kan raawwatan haa gammadan!” jedheen (Luqaas 11: 28).

Meeshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

• Yeroo barsiistu horgoggewwan qajeelcha kana fuula dubaa irra jiraniin fayyadamta taanaan, waraabbii horgoggewwan barumsa 18tiif qophaa’an baayyisi. Horgoggewwan sana muritii qalamaan dibi. Horgoggewwan tokko tokkoon isaanii muka yookiin baala furdaa irratti hapheedhaan maxxansi.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Saamu’el 1-4ti dubbisi. Yaada 1Saamu’el sirriitti hubachuudhaaf akka siigargaaru Ba’uu 1-22ti dubbisi.

1. Haannaanii fi abban warra ishee Elqaanaan biyya Efrem jedhamu፣ isa Yerusaalem irraa kiiloo meetrii 35 fagaatu keessa in jiratu turan (1Saamu’el 1:1). Elqaanaan hadha warraa biraa kan Finiinaa jedhamtu in qaba ture. fininaan ijoollee in qabdi turte. Haannaan garuu daa’ima wayiituu hin qabadu turte (1Saamu’el 1:2).

2. Bara Kakuu Haaraa keessatti dubartiin takka daa’ima dahuu dhabuun ishee, mallattoo Waaqayyoakkaishee hin eebbifnneargisiisu jedhanii namoonni in amanuture. Waaqayyo Aadaamii fi Heewwaan Yommuu uumu “”Horaa, baay’adhaa; lafa guutaa” (Seera Uumamaa 1:28) jedhee dubbate. Haannaan ijoollee wan hin qabnnee fi maatiin Elqaana akkaitti fufugodhuuhin dandeenyeefdiinagdeenii fihawaasummaanisaanii balaairrature (Seera Keessa Deebii 25:5-10). Haannaan maaliif daa’ima akka dhabde dubbii Waaqayyoo keessatti ibsiihin kennamne. Haaluma wal fakkaatuun (dubartoota Kakkuu Moofaa keessaa Saaraa fi Ribqaa yaadadhuu.) Haannaan daa’ima hin qabdu waan taateef,

Fininaan gara-hammenyaan ishee in dhiphifti turte (1Saamu’el 1:7). Haa tau’uutii Eliqaanaan “Haannaa in jaallata ture. Eliqaanaanii fi maatiin isaa wagguma waggaadhaan aarsaa dhiheessuuf gara Seeloo yommuu deeman Eliqaanaan nyaataa dhiyeesuu keessaa “gahee dachaa” Haannaadhaaf in kenna ture (1 Saamu’l 4-5).

3. Elii fi ilmaan isaa Hofnii fi Fiinehaas Shiilootti Luba turan (1Saamu’el 1:3). Shiiloon iddoo manni ququllichi ol aanaan Israa’el keessatti argamu ture. Asitti akkuma bareeffametti, yeroo aarsaan itti dhiyaatu Haannaan hadhaa lubbuu ishee in qabdi turte (1Saamu’el 1:10). Aarsaa boodas, Haannaan Waaqayyotti iyyachuudhaaf gara balbala waaqaqeffannaa mana qulqullichaa in deemte. Yoo Waaqayyo ilma isheef kenne, umurii isaa hunda akka Gooftaa tajaajiluu isa deebiftee Waaqayyoof kenuudhaaf in kadhatte (1Saamu’el 1:11). KadhannaaHaannaawaadaadabbasaanmucichaahin haaddamu jedhus in dabalata. Innis kakuu addaa isa Naaziraawwi jedhamee waamamu waadaa galuu dha. Wanti namni kakuu kanaan dirqama keessa galu, waan seera qulqulaa’ummaa baratame caaluu dha. Warri waadaa kana galanis akkuma lubootaatti bu’aa Wayinii nyaachuu fi dhuguu diduuf, dabbasaa isaanii murachuu dhiisuuf, reeffatti dhiyaachuu dhaabuuf waadaa in galu (Seera Lakkoobsaa 6:1-8).

4. Kadhannaan Haannaan Waaqayyo irraa kadhatte kadhannaa laphee namaa tuqu ture. Lubichii Eeliin taa’ee kadhannaa Haannaa kana in laala ture. Haannaan yommuu kadhattu sagalee otuu hin dageessiisin hidhii ishee qofa sosochoosaa waan turteef, ishee akka machoofttuutti waan lakkaa’eef itti dheekkame (1Saamu’el 1:9’ 12-14). Haannaan deebifteeti ilma waan hin qabneef፣ nama garaan ishee gadde malee machooftee akka hin taane Eeliitti himte (1Saamu’el 1:15-16). Eeliin Waaqayyo akka kadhannaa ishee dhaga’eef in mirkaneeseef (1Saamu’el 1:17). Yeroo muraasaan boodas Haannaan in ulfoofte; mucaa dhiiraas in deesse (1Saamu’el 1:20). Haannaan maqaa mucaa ishee Saamu’el jettee in baafteef. Hikaan isaatis afaan Ibrootaatiin Waaqayyo naaf dhaga’e jechuu dha.

5. Akkaataadhuma bara sanaatti da’imnni umurii waggaa sadii guute harma hodhuu akka dhiisu godhamee, Samueel bakka Manni Waaqayyoo itti argamutti Eelii wajjin akka jiraatuu fi tajaajila akka baratuuf Haannaan isa gara Shiiloo in fidde. Kuns kan godhame akkaataadhuma Haannaan dursitee waadaa galteen. Saamu’el umurii isaa hundaa achuma akka jiraatuuf (1Saamu’el 1: 22).

6. 1Samu’el 2:1-10ti Haannaan Waaqayyo waan humnaa fi gaarmmaa isheedhaaf kenneef Waaqayyoon in galateeffatti. Eliqaanaanii fi maatiin isaa gara mana isaanii erga deebi’anii booda, Saamu’el lubootain tajaajile;in gargaares. Akkasumasitti gaafatammumaanisaanii maal akka ta’e in barate (1Saamu’el 2:11).

7. Ilmaan Eelii lamaan namoota waa’ee hin baafne turan; Waaqayyos kan hin beekne turan (1Saamu’el2:12).NyaatakennaadhaafdhiyaatuilaalchiseeseeraWaaqayyooineeguturan (1Saamu’el 2:17). Ta’us Samueel, amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluuf shaakalii itti fufee ture (1Saamu’el 2:18). Haannaan Saamu’el yeroo aarsaatii fi ayaanaa akka uffatee luboota ittiin tajaajiluuf uffata ba’eessa irraa jalatti uffatan waguma wagaadhaan hojjettee in fiddiif turte (1Saamu’el 2:19). Eeliinis Elqaanaa fi Haannaa in eebbise; Waaqayyo ijoollee baayyee akka isaaniif kennu in kadhateef (1Saamu’el 2:20). Waaqayyos Haannaadhaaf arjooma in godheef; dhiira lamaa fi durba lama in kenneef (1Saamu’el 2:21).

8. Eeliin ijoolleen isaa luboota ta’anis hojimaata hin taane raawwachuu isaanii hubatee isaanitti dheekamsa godhuuf in yaale (1Saamu’el 2:22-25). Hojimaata hin taane isaanii irraa kan ka’e Eeliin ijoollee isaa lubummaa irraa isaan dhabamsiisuun isa irra ture. Haa ta’uutii isa kana hin goone.

9. Saamu’el mucichi Waaqayyoof namoota irraa ayyaana argachaa namamummaadhaan guddachaa in deeme” (1Saamu’el 2:26). Yesus umurii waggaa kudha lamatti ayyaana Faasikaa kabajuuf gara mana qulqullicha Yerusaalem yeroo deemetti ibsuma kana fakkatutu kennameef (Luqaas2: 52).

10. Eeliin amala hin taane kan ijoollee isaatiif isaanitti dheekkamuu waan dideef of eeggannoo isaaf kennuudhaaf “Namnii Waaqayyoo” (Raajichi) gara Eelii in dhufe (1Saamu’el 2:27). Foon aarsaadhaaf kenname ilmaan isaa ad-maleedhaan fudhatanii nyaatan Eeliinis in nyaata ture (1Saamu’el 2:29). Raajichi Eeliinii fi ilmaan isaa asiin booda bara baraaf tajaajiluu akka hin dandeenyee fi ilmaan isaa lamaanuu guyyuma tokko akka du’an Eeliitti in hime (1Saamu’el 2:34). Waaqayyo bakka isaanii luba amanamaa ta’e akka kaasu Raajichi in dubbate (1Saamu’el 2:35). Raajichi amanamaa kana kan ta’us Saamu’eli. 11. Saamu’eel wanta Waaqayyo akka inni beeku barbaadu Eelii irraa barachuu itti fufe. Yeroo sana Saamu’eel umuuriin isaa waggaa 12 ture. Waggoota kanneen keessati Waaqayyo milikkitaan,abjuudhaan yookiinkaraabiraatiin uummatichatti Raajichaanhin dubbatu ture (1Saamu’el 3:1) Iji Eelii bararrisee arguu dhabe (1Saamu’el 3:2). Halkan tokko Eeliinii fi Saamu’eel rafaatuma otuu jiranii, Waaqayyo Saamu’eeliin in waame (1Saamu’el 3:4). Saamu’el waan Eliin isa waame se’eeti gara Eliitti fiige (1Saamu’el 3:5). Eliin garuu akka isa hin waamin itti himee deebi’ee akka rafu itti hime; Waaqayyo irra deebi’ee Saamuelin in waame (1Saamu’el 3:6). Ammas Saamuel gara Elii in deeme. Eliinis akka isa hin waamin, akkasumas deebi’ee akka rafu Saamue’litti hime. Saamu’el sanaan dura walitti dhufeenya kalaattii akkanaa kana Waaqayyoo wajjin hin qabu ture. Kanaafuu isa waamaa kan ture Waaqayyo ta’uu isaa hin beekne ture (1Saamu’el 3:7).

12. Waaqayyo yeroo sadaffaatiif Saamu’eliin in waame. Eliin isa waame waan itti fakkateef, Saamu’el gara Elii in deeme. Egaa amma Waaqayyo akka Saamue’lin waame Eliin in hubate (1Saamu’el 3:8). Saamu’el deebi’ee akka ciisu Eliin itti hime; haa ta’uutii yoo Waaqayyo ammas isa waame, yaa goftaa ko, garbichi kee in dhaggeeffataa dubbadhu jechuu akka qabu Saamu’eelitti hime (1Saamu’el 3:9).

13. Dubbiin Waaqayyoo akka nutti himutti, yommuu Waaqayyo irra deebi’ee Saamu’elin waamu “Waaqayyo dhufee achi akka dhaabbatee dha” (1Saamu’el 3:10). Itti fufeetis Waaqayyo dhunfaadhumaan mataa Isaa Saamu’elitti in argisiise; waan Inni Elii fi ilmaan isaa ilaalchisee dubbates akka raawwatu Saamu’elitti in hime (1Saamu’el 3:12-14).

14. Ganama itti fufu Saamu’el waan Waaqayyo itti hime Elitti himuu in sodaate (1Saamu’el 3:17). Haa ta’uutii waan Waaqayyo isatti hime sana inni Eliitti in hime; Eliinis murtii fi adabbii Waaqayyo irraa in fudhate (1Saamu’el 3:1).

15. Waaqayyo Saamu’elii wajjin ture; yeroo guddatus raajicha Waaqayyoo akka ta’u isa in dhaabe (1Saamu’el 3:19-20). Yeroo hundumaa Waaqayyo Dubbi Isaatiin Shiloo keessatti mataa Isaa Saamu’eliitti in mul’isa ture(1Saamu’el 3:21). Kuns Saamu’el afaan Waaqayyoo ta’ee akka tajaajiluuf isa jajjabeese.

16. Filisxeemonni diinota Israa’elootaa turan (1Saamu’el 4:1). Filisxeemonni lafa garba Mediteraniyaan kan gara dhi’aatiin Betelihemii fi Yerusaalemin daangessuu irraa kan dhufan turan. Abrahaamii fi Yisihaaq yeroo gara Kibbaatiin tikseewwan isaanii wajjin jiraataa turan sana walitti dhufeenyi isaanii baay’inaan nageenya irratti kan bu’uraa’e ture.

Haa ta’u malee erga Iyyaasuunii fi Israa’eloonni Kana’aan qabatanii boda, Filisxeemonni rakkoo guddaa uumanii turan. Fakkeenyi kanaas, seenaa Saamsoon keessatti in argama (Abo.14-15).Saamsoonis hoggantootaa siiviilootaa fi hidhattotaa uummata isaanii ajjeesee ture (Abo.16:1-31). Injifatamin kuns 1 Samu’el 4 keessatti Filisxeemotaa fi Israa’eloota gara waraanaatti kan fide ture. Maqaan amma Filisxeem jedhu kun maqaa isa dursee Palaastaayiin jedhu irraa kan dhufee ta’uun isa waan nama maalaalichisu ta’a 17. Saamu’el Isa Duraa 4 Keessatti lola jalaqabameen Filisxeemonni loltoota Israa’el 4000 ajeesanii isaan moo’atan (1Saamu’el 4:2). Lola sana booda jaarsoliin Israa’el sababa maaliitiif Waaqayyo dabarsee injifatamuudhaaf isaan akka kenne in maalaalchiifatan (1Saamu’el 4:3); Sanduuqa Kakuu Waaqyyo Shiiloo irraa gara iddoo waraanaatti akka fidaniif ergamoota in egran. Sanduuqnii Kakuu Waaqayyoo akkataa abboommi fi qajeelcha Waaqayyootiin Teessoon Waaqayyoo dhiifamaan guuttamee uummata gidduutti argamuu Isaa akka argisiisuuf kan hojjetamee dha. Sanduuqichi Kakuu Waaqayyoo muka laaftoo jabaataa irraa kan tolchamu yommuu ta’u fuulli isaas boora (Seera Ba’uu25:10). Sanduuqiin Kakuu Waaqayyoo warqee qulla’aadhaan in uffifama; cina sanduuqichaa arfanittuu amartiin baqe in maxxanffama; Danqaraan muka laaftoo irraa tolchame kan warqee uffatu yommuu ta’u innis kan sanduuqicha ittiin baatan. Danqarichi amartoota arfan sanduuqa Kakuu Waaqayyoo keessa loofamee sanduuqicha baachuuf in oola (Seera Ba’uu25:11-14). Teessoo araraa affan Ibrootaatiin “Kaapoorz’ kan jechuun yommuu ta’u hiikaan isaatis “dhiifama’ yookiin “qadaada” jechuu dha. Lubichi dhiiga korbeessaa aarsaaf gorra’amee qadaada dhifamaa irratti yommuu facaasu, Waaqayyoo cubbuu ijoollee Israa’el in dhiisa ture (Lewwootaa 16:14-18). Qadaada dhifamaa irratti kallattii afran irraa bocaan ergammaaWaaqayyobocameeture.QadaadadhiifamaajalaAbboommiinkurnanii fi okkoteen maannaan isaan gammoojjii keessatti nyaataa turan teesee jirte (Seera Ba’uu25:16;16:34). (Seera Ba’uu25-16;16-34). Dursinee akkuma arginetti, sanduuqiin Kakuu Waaqayyoo gara iddoo waraanaa fudhatamee ture (Iya. 6:12-21). Kun garuu kan ta’uu qabu qajeelchaa Waaqayyootiin ture (Iya. 6:4). Saamuel Isa Duraa 4 keessatti jaarsoliin Israa’el garuu sanduuqa Kakuu Waaqayyoo achi fiduun isaanii qajeelcha Waaqayyootiin ala ture. Akkas gochuudhaan yaada isaaniitiin Waaqayyo isaan gidduutti akka argamu Isa kakaasuudhaf yaalii godhan. Kuns karoora cubbuudhaan guutame ture. Ilmaan Ellii Hofnii fi Fiinehaasis sanduuqicha wajjin turan (1Saamu’el 4:4). 18. Sanduuqiin Kakuu Waaqayyoo yommuu iddoo buufata isaanii galetti, Israa’eloonni hundinuu gammadanii in wacan (1Saamu’el 4:5). Wacnni isaanii kan lafa sochoose yommuu ta’u Filisxeemoonni Waaqayyo nu gidduu jira jedhanii akka sodaatan isaan godhe. Haa ta’u malee Filisxeemoonnii humma isaanii walitti qabatanii Israa’eloota in injifatan. Lola kana keessatti, Hofnii fi Fiinehaas akkasumas loltoonni Israa’el kumni sodomni in du’an (1Saamu’el 4:10-11). Salphinni hunda caalu immoo Filisxeemonni Sanduuqa Kakuu Waaqayyoo booji’anii fudhachuu isaanii ti.

19. Eliin akkuma dhaga’een gara dubaatti kufee mormi isaa cabee in du’e (1Saamu’el 4:18). Niitiin Fiinehaas Israa’eloonni yaada Waaqayyootiin utuu hin taane, fedhii isaaniitiin Waaqayyo irraa fagaachuu isaanii hubatteeti dahumsa irra utuu jirtuu in duute (1Saamu’el 4:19-22).

20. Saamu’el Waaqayyoon in dhaga’e; hayyama Isaas in hordofe. Waan tokko illee qajeelfama Waaqayyoon ala fedhii keenyaan raawwachuuf yoo yaallee nuuf hin mijaa’u. Cubbuu keenya ilaalchisee Waaqayyo Yesusiif jedhee dhiifama kan nuuf godhuu dha. Yoo Waaqaayyoof abboomamuu baanne, Inni gara gaabbiitti nu qajeelcha. Yesusiif jedhee

dhiifama nuuf godha. Waaqayyo guyyuma guyyaadhaan Dubbii Isaatiin nu qajeelcha. Dubbii Waaqayyoo irraa kan ka’e Yesusitti waan amanneef, Inni dhugumaan du’aa fi seexana irratti injifannoo nuuf in kenna. Amantii Yesus irratti qabnuun Waaqayyoon jaallachuudhaaf, hordofuudhaa fi tajaajiluudhaaf humna in arganna.

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa jalqabaa – Kadhannaa qajeelfama kana duuba irra jiruu kadhadhu

Faarffannaa – Yesus in jaallata ijoollee(Lakkoofsa 37) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiidhaan argisiisamu– Dhaggeeffadhaa!

Ijoollee wajjin naannoo keessa taa’iitii akkana jedhi; Yeroo tasgabbiidhaan teenyuu fi of eeggannoodhaan dhaggeeffannu sagaleen adda addaa naannoo keenya irraa in dhegeenya. Kana mee haa shaakallu. Daqiiqaa itti fufuuf yookiin kan isa caaluuf cal’isaatii dhaggeeffadhaa. Waa’ee sagalee adda addaa kan dhageessan mee yaadaa. Ijoollee wajjin tasgabbiidhaan taa’iitii dhaggeeffadhu. Akkanas jedhiitii gaafadhu; teessanii yoo dhaggeeffatan sana sagalee bifa attamii dhageessu? (Ijoolleen haa deebisan. Akkaataadhuma achi jiruun ijoolleen yommuu sinbirroon faarffattu dhagahan ta’a; yookaanis sagalee luka nama deemuu, sagalee konkolaattotaa adda addaa, sagalee hafuura namaa, yookiin sagalee nama qufa’u ta’uu in danda’a).

Itti fufi – Seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa keessatti dargaggeessichi maqaan isaa Saamu’el jedhamu tokko waan baayyee barbaachisaa ta’e tokko in dhaga’e. Wanta Saamu’el dhaga’e san beekuudhaaf mee akeekkadhaatii dhageeffadhaa.

Faarffannaa – Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha (Lakkoofsa 2) akkaataadhuma barumsa duraatitti fayyadami.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1 –Waa’ee Saamu’el Macaafa Qulqulluu keessaa ijoolleedhaaf yommuu dubbisitu, seenessuu kee bu’a-qabeessa godhuudhaaf horgoggewwan fuula qajeelcha kana fuula duubaa irra jiraniin fayyadami.

Filmaata 2 – Maxxansa asii gadi jiruun fayyadamaatuma seenaa Macaafa Qulqulluu yeroo dubbattu, sochii seenaa sanaa ijoolleewwan siiwajjin akka hojii irra oolchaniif isaan affeeri.

Dubbadhu Raawwadhu

Dubartiin lammummaan ishee Israa’el ture takka baayyee gadditee turte. Fuula gaddaa argisiisi

Ilma barbaaddi turte; haa ta’uutii ilma hin qabdu turte. Harka kee ballisii baniitii fuula gadde argisiis.

Haannaan Waaqayyo in kadhatte; “Yaa Gooftaa jaallatamaa, Yooati ilmanaafkennite,uumurii isaa guutuu

Harka kee dachaasiitii mataa keetiin gadi jedhi.

akka inni sii tajaajiluuf deebiseetan siif kenna” jettee in kadhatte.

Lubichi Elii jedhamu tokko yommuu Haannaan kadhattu in dhaga’e. Innis Waaqayyo akka kadhannaa ishee dhaga’ee isheetti in hime

Waaqayyo Haannaa ilmaan in eebise. Maqaa isaas Saamu’el jette in mogaafte

Waggoota muraasaan booda, Haannaan Saamu’eliin gara Elii in fidde

Saamu’el Waaqayyoon tajaajiluu barachaatiin Elii wajjin in jiraate. Eliin ilmaan Waaqayyoon hin jaallanne lama in qaba ture. Eliin waa’ee kana ilmaan isaa wajiin mari’atus isaan isa in dhageenye.

Waaqayyo gara Eliitti ergaa in erge. Halkan tokko Saamu’el ciisee utuma jiruu namni tokko yommuu isa waamu in dhaga’e. Saamu’el Eliitu na waame jedhee in yaade.

Saamu’el gara Elii fiigee asan jira jedheen

Akka nama dhaga’uutti harka kee naannoo gurra keetii kaa’i.

Ciqilee keetti waan ilma hammattu fakkeessi.

Tajaajila argisiisuuf harka kee ol kaasiitii barruu harka keetii bani.

Mataa kee sochoosii(dide jedhi)

Akkuma nama dhaga’uu harka naannoo gurra keetii kaa’i.

Bakka jirtutti fiigii.

Eliin “ani siihin waamnnee deebii’itii ciisi” jedeen. Akka nama rafuutti mataa kee gad qabadhu

Saamu’el namni tokko yeroo sadi yommuu isa waamu in dhaga’e. Waamicha tokko tokko keessattis gara Elii in deeme. Eliin Waaqayyo Saamu’eliin waamaa akka jiru in hubate.

Eliin akkana jedhe; maqaan kee irra deebiin yommuu waammammu enaa dhageesse, “yaa gooftaa ani nan dgaga’aa dubbadhu” jedhi jedheen.

Waaqayyo irra deebi’ee Saamu’el in waame. “Elii fi ilmaan isaa nan adaba; ijoolleen isaa waanuma fedhan godhu; Eliin isaan akka adabaman hin goone” jedhe.

Ganama itti aanu, Saamu’el waan Waaqayyo issatti hime sana Eliitti in hime

Yeroomuraasaanboodalolli in ka’e. IlmaanElii lamaanuu lola irratti in du’an

Dargaggota sad qabadhuutii gara waaqaa ol ilaali.

Akkuma nama dhaga’uu barruu harka keetii naannoo gura keetii kaa’i.

Fuula kee akka nama dallanee fakkeesi

Akka nama dubbatuu hidhii kee sosochoosii.

Mataa kee gadi qabi.

Namni tokko iddoo lolaatii dhufee seenaa gaddisiisaa kana

Eliitti in hime. Eliinis seenaa gaddisiisaa kana akkuma dhaga’een teessoo isaa irraa kufee mormi isaa cabee in du’e.

Saamu’el guddachuu itti fufe. Waaqayyoon in dhaga’e; in abboomameefis

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Mataadhaan gadi jechuu

Akka nama dhaga’uutti harka kee naannoo gurra keetii kaa’i.

Gaaffilee seenaa irratti bu’ureeffaman – Gaaffilee kanneen gaafadhu:

1. Haannaan Waaqayyoo ilma yoo isheedhaaf kenne isheenis deebisitee ilma sana akka Isaaf kennitu maal jettee waadaa galte? (Haannaan akkana jettee waadaa galte; Yaa Goofta jaallatamaa koo, ilma yoo anaaf kennite umurii isaa hundumaa akka inni sii tajaajilluuf deebiseetan siif kenna”).

2. Halkan tokko keessatti yeroo afur Saamu;eliin kan waame eenyu? (Halkan tokko keessatti Waaqayyo yeroo afur Saamu’eliin in waame).

Sochii keessa deebii – Dhugaa Macaafa Qulqulluu irra deebi’uudhaaf, seenessa asii olitti kana dura hin fayyadamne taanaan amma isaan fayyadami.

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqullu jirrenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu– Dubbii Waaqayyoo dhaggeeffachuun dandeettii hojii harka Waaqayyoo natti in hima.

Ijoollee naannoo kee teessisiitii akkana jedhii gaafadhu. Wantoonni yookiin namoonni ati guyyuma guyyaadhaan dhageessu maal maal faa dha? (Ijoolleen haa deebisan. Deebiin warra isaanii, miseensota maatii isaanii, raadioonii, televizhiinii fi muuziqaa dha kan jedhu ta’uu in danda’a). Seenaa Macaafa Qulqulluu keenyaa keessatti Saamu’el eenyuun dhaga’a ture? (Saamu’el kan dhaga’u akkuma Eliin isa leenjisetti Waaqayyoon ture). Saamu’el caalmaatti Waaqayyoon kan dhaga’uuf maaliif ture? (Saamu’el Waaqayyotti in amana; in hirkatas ture).

Macaafa Qulqulluu kee fidiitii akkana jedhii dubbadhu; Macaafa Qulqulluu keenya keessatti Saamu’elakkaWaaqayyoondhaga’uufiIsaafisakkaabboomamudhageenyeejira.Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyo waan bayyee nutti hima. Dubbii Waaqayyoo yeroo dhageeffattu sana wantoonni ati baratte maal maali? (Ijoolleen yaada haa qoodan. Kun barattoonni kee barumsa ati isaan barsiisite hangam akka qabatan arguuf siigargaara).

Akkana jedhii itti fufi. Dubbii Waaqayyoo maaliif dhageeffannaa? (Dubbii Waaqayyo kan dhageeffannuuf Waaqayyo waan nuuf barbaachisu Dubbii Isaatin waan nutti himuuf).Dubbiin Macaafa Qulqulluu keessa jiru hunduu Waaqayyo akkam akka nu jaallatuu fi nu tiksu nutti hima. Waaqayyo Dubbii Isaa akka dhageenyuu fi eegnu in barbaada. Yommuu Dubbii Waaqayyoo dhageenyu, isa akka hubannu; akka amannuu fi hordofnnu Hafuurri Qulqulluun nu keessatti in hojjeta. Dubbii Waaqayyo keessatti wanti baayyee hubachuun nu barbaachisu, Waaqayyoo karaa Yesusitiin cubbuu keenya irraa nu baraara kan jedhu dha. Waaqayyo baayyisee nu in jaallata. Yeruma Waaqayyoon dhaga’uu fi Isaaf abbomamuu dhabnus Inni nu jaallata. Wanti Waaqayyo nu irraa barbaadu hojiin nu hojjenne dogongora ta’uu isaa akka beeknuu fi dhiifama akka Isa gaafannuu dha.

Waaqayyo Yesusiif jedhee cubbuu keenya nuuf dhiisa. Akka Isa hordofnnuu fi Isaaf abboomamnnuuf Inni nu gargaara.

Waraqaa tokko tokkoo fi halluu ijoolleef kenniitii akkana jedhiin;Waraqaa kana irratti fakkaattii Waaqayyo maal akka sitti dubbate argisiisu kaasi. Fakkaattiin sunis seenaa Macaafa Qulqulluu isa qu’anne kan argisiisu ta’uu qaba. Yesus akka siijaallatu, akka du’e, du’aayis ka’ee cubbuu kee irraa siibaraaru Dubbii Waaqayyoo keessatti kan argisiisu ta’uu qaba. Fakkiiwwan kaasuu yoo fixxe waa’ee tokko tokkoon isaa in dubbanna.

Ijoolleen Fakiiwwan surreessuu akka fixan yeroo kenniif. Tokko tokkoon isaanni fakkii hojjetan sana akka ibsaniif afeeri. Fakkiiwwan kunneen hojii Waaqayyoo kan diqisiisoo ta’an akka mul’isan tartiibaan kutaa keessa kaa’i.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu ammuutti qabatamu – Yesus [Inni] deebisee “keessumatti immoo dubbii Waaqayyoo dhaga’anii kan raawwatan haa gammadan!” (Luqaas 11: 28).

Ijoolleen naannoo kee akka taa’an godhiitii Macaafa Qulqulluu kee bani. Luqaas 11: 28 dubbisiitii akkas jedhii dubbadhu; Dubbii Waaqayyoo dhageenyee yommuu raawwannu, Isa hordofuu fi yaada Isaa raawwachuu keenya. Namoota Isatti amananii fi hirkatan Waaqayyo in eebbisa.

Wanta sammuutti qabatamu yommuu qu’achiistu ijoollee bakka afuritti addaan baasi. Kutaa arfanuu ijoolleedhaaf karoorsi. [Yesus akkana jedhee deebise] “keessumatti immoo dubbii Waaqayyoo dhaga’anii kan raawwatan haa gammadan!” Gareen tokko tokkoon isaanii kutaa luqqisii isaanii haa baratan. Tartiibuma luqqisii sanaatiin gareewwan haa dubbatan. Achiin boodas hanga luqisicha sirriitti beekanii irra deddebi’anii haa baratan.

Faarffannaa:–Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha(Lakkofsa 21) jedhu faarfadhaa. Akkasumas luqqisicha lakkoofsa 16 barsiisuu jalaqabi.

Kadhannaa Xumuraa – Kadhannaa qajeelfama fuula gara kana fuula dubbaa irra jiru kadhadhu

Barumsa 19

Daawit, Gurbaa Tiksee (1 Saamu’el 16-17)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee (Fuula 58-61)

Dhugaa Ijoo

Yeroo sodaa fi balaan nu quunnamu, Kristos Yesus waa’ee jaalala Isaa kan nama hundumaa fayyisu akka dhugaa baanuuf Waaqayyo humnaa fi jajjabina nuuf in kenna.

Kaayyoo barumsichaa

Humna Hafuura Ququlluutiin barattoonni

• Daawiit Goliyaadiin akka injifatu kan godhe humna Waaqayyoo ta’uu isaa in BEEKU

• Akka Yesus cubbuu fi du’a namootaaf injifatee, akka namooni qorannoo of irraa ittisaniif Inni humna isaaniif kennuu akka danda’u amanuudhaan in GUDDATU

• Ijifannoo Waaqayyo karaa Kristos Yesusiin cubbuu, du’aa fi seexana irratti isaaniif kennuuf Waaqayyoon galateeffachaa in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatam: “Waaqayyo isa karaa gooftaa keenya Yesus Kristos mo’icha nuuf kennuuf immoo galanni haa ta’u” (1Qorontoos15:57).

Meeshalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

• Haphee yookiin pilaastera maxxansaa

1. Waraabbii horgoggewwan barumsa 19tiif qophaa’an baayyifadhu. Horgoggewwan murii baasiitii halluu dibi. Muka yookiin baala furdaa irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Barumsa duraanii keessaa “Yesus humna namaaf in kenna” jedhu sanaan fayyadamuudhaaf kutaa firoomsuu keessatti mallattoo afaan banamee yookiin cufamee qabaadhu.

3. Uffata mormaa yookiin huccuu shurraabaa qalamiin/halluun isaa ifaa ta’e (Filannoo)

4. Yeroo barsiistu horgoggewwan qajeelcha kanaa fuula duubaa iratti aragamaniin fayyadamata taanaan Ijoollee tokko tokkoof qajeelcha kana fuula duubaa iratti “boorsaa kiisiin isaa jabaa ta’e” baayyisii qopheeffadhu. Ijoollee xixinnoo barsiisita yoo ta’ee fi hojiin kun gareetti ulfaataa dha jettee yaadda taanaan, mallattoo dhagoota shananii muriitii baasi. Boorsaan kiisii xinnoon sarara qajeelchaa muruu qofa gaafata.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Israa’eloonni mootota biyya lafaa barbaaduu isaanii beekuudhaaf dursiitii Saamuel 8, ittii aansuudhaanis 16-17 dubbisaa.

1. Akkuma Elii bira rakkoon ture (1Saamu’el 1:12) ilmaan Saamu’el Yo’elii fi Abiiyaan hojimaata hamaa argisiisaa turan (1Saamu’el 8:5). Kanaafuu jaarsoliin uummata Israa’el gara Saamu’el dhufanii “sabni kan biraa hundinuu akkuma qaban” 1Saamu’el 8:5), amma mootii firdii nuufis kennu nuuf moosisii jedhanii in gaafatan.

2. Saamu’el gaaffii isaanii kana hin jaallane waan ta’eef gara Waaqayyootti in kadhate(1Saamu’el 8፡6). Waaqayyos gaaffiin uummataa kun Saamu’el utuu hin ta’in Waaqayyoon barbaaduu dhabuu dha jedhee Saamu’elitti in hime (1Saamu’el 8:7).

Isaa’eloonni yeroo mootiin kennameef waan isaanitti dhufuu danda’u Waaqayyo Saamu’elitti hime. Saamu’elis mootichi ijoollee isaanii loltoota akka godhu uummatatti in hime (1Saamu’el 8:11). Mootichi akka isaaf hojjetan uummata in dirqisisa (1Saamu’el 8:12-13). Qbeenya uummataatis baay’inaan mootichi in fudhata (1Saamu’el 8:15-17). Uummanni mootichaaf in gabrooma; dhimma kanaaf yommuu isaan guunguman Waaqayyo isaan hin dhaga’u (1Saamu’el 8:18). Rakkoowwan kunneen akka isaanitti dhufuu danada’an dhaga’anis isaan mootii isaanii in barbaadani (1Saamu’el 8:19-20). Kanaafuu mootichi akka isaaniif kennamu Waaqayyo Saamu’elitti hime (1Saamu’el 8: 22).

3. Mootichi Israa’el inni duraa Saa’ol ture. Saamu’el akka isa filatu Waaqayyo Saamu’eliin in geggeesse(1Saamu’el 9:17). Saa’olakkaMootii ta’uufSaamu’eltuisadibe (1Saamu’el 10:1). Dibe jechuun tajaajila addaatiif yookiin faayidaa qulqulaa’ootif adda baase jechuu dha. Jechi kun oolee buleetis waa’ee hafuuraa nama hubachiisuudhaaf jedhamee namni tokko Hafuura Qulqulluu fudhachuu isaa akka argisiisu taasifame bifa hafuura qofaaf itti fayyadamuudhaan in jalqaban. Akkataan dibamuu kun dibata qullaa’aa mataa namaa irratti gad naquu in hammate. Namni tokko illee akka dibata kana hin jijjiirretti aangoon isaa Waaqayyoo wajjin walitti qabameera.

4. Saa’ol mootii ta’uun isaa akkaata gaariidhaan jalqabamee ture. Haa ta’uutii yommuu Israa’eloonni Amaaleqoota akka waraanan itti himametti, Saa’ol akka Waaqayyo abboometti mooticha isaaniitii fi wanta qaban hundaa balleesee hin fixne ture (1Saamu’el 15:3; 7-9). Abboomamuu dhabuun Saa’ol kun Waaqayyoon hin gammachiifne ture; Saa’oliin Mootii waan godheefis Waaqayyo in gadde (1Saamu’el 15:11). Saa’ol dhuma irratti dhiifama gaafatus, gaabbuun isaa garaa isaa irraa kan burqe miti. Saa’ol cubbuu sana mataa ofii irratti fudhachuu dhiiseti, itti gaafatama uummata irra kaa’ee ofi isaa qulqulluu gochuudhaaf in yaale (1Saamu’el 15:24). Dantaan Saa’ol Waaqayyoon waaqeffachuu utuu hin ta’in Saamu’el isa wajjin jiraachuu isaa ti. Saamu’el isaa wajjin jiraachuu dhabaannaan, mootummaan isaa fudhatama akka dhabu Saa’ol in beeka ture. Saamu’el akka lubaatti bakka bu’aa Waaqayyoo ta’ee tajaajilee ture. Saa’ol Dubbii Waaqayyo hin fudhanne waan ta’eef, Saamu’el isa wajjin wal quunnamtti in dhaabe (1Saamu’el 15: 28). Saamu’el hanga guyyaa du’a isaatitti Saa’oliin hin argine ture (1Saamu’el 15:35). Akekkachiifnni raajotaa jiraatus, Dubbii Waaqayyootiif abboomamuu dhabuudhaan mootonni Israa’el baayyeen isaanii in dogonggorani. Ajajamuu diduu Saa’ol irraa kan ka’e ilmaan Isseeyi, isa nama Betelihem ta’e keessaa inni tokko mootii ta’ee akka filatamu in godhame.

5. Saa’oliin booda Israa’eloota irratti mootii akka ta’uuf Saamu’el mootii haaraa akka dibu Waaqayyo isa gara Betelihemitti in erge. Saamu’el Waaqayyo ilmaan Isseeyi keessaa isaan angafoota ta’an nan diba jedhee yaadee ture. Haa ta’uutii Waaqayyo Saamu’eliin “ani akka namnni ilaalutti hin ilaalu; namnni fuula ilaala, ani garuu garaan ilaala” jedheen (1Saamu’el 16:7).

6. Ilmaan Isseeyi keessaa isa quxisicha ta’e Daawiitin akka dibuuf Waaqayyo Saamu’elin in geggesse (1Saamu’el 16:12). Daawit tiksee hoolotaat ture (1Saamu’el 16:12). Saamu’elis Daawitiin “obboloota isaa gidduutti in dibe” (1Saamu’el 16:13).

7. Fayyisaa fi Mootichi keenya Yesus idda Daawit keessaa ta’ee dhufe (Maatewos1:6:16).

8. Abboomamuu diduu isaa irraa kan ka’e “Hafuurri Waaqayyoo Saa’ol irraa in fagaate; hafuurri hamaan Waaqayyoo itti erge immoo isa in dhipise” (1Saamu’el 16:14). Waaqayyo Inni gaarii qofaa dha. Hafuurronni gaarii hin ta’an hundinuu, isaan hamaa

ta’an dabalatee, to’annaa Waaqayyoo jala jiru. Hafuurri hamaan Saa’oliin nama hinaafuu, aaruu fi lolu isa in godhe. Saa’oliin akka tasgabbeessuu fi gargaaruuf Daawitiin in fidaniif. Daawitis kiraara Saa’olif in rukuta ture (1Saamu’el 16:18). Saa’olis Daawitiin in jaallata ture (1Saamu’el 16:21). Yeruma Saa’ol hafuuricha hamaadhaan dhiphatu hundumaa Daawit muuziqaa in rukutaaf ture (1Saamu’el 16:23).

9. Yeroo dheeraadhaaf diinota Israa’el kan turan Filisxeemonni Israa’eloota waraanuudhaaf walitti qabamanii isaanitti dhufan. Israa’elii fi Filisxeemonnii dachaa Elaa keessatti wal waraanuuinjalaqaban(1Saamu’el17:2).WaraanniFilisxeemotaatulluudachaakeessajiru irra in buufatan. Israa’eloonnis gaara biraa irra dhaabatanii turan (1Saamu’el 17:3).

10. Filisxeemonni goota lolaa ta’e kan Goliyaad jedhamu in qabu ture. Goliyaad dheerinni isaa metrii 2.7 (kophee 9 ol) ture. Uffata lolaa kan Kiilo giraama 57 ulfaatu akkasumas gonfoo sibila boorrajjii mataa issaattiuffatee ture. Goliyaad muka sibiila boorrajji irra tolfame hidhatees ture. Eeboon isaas kan sibiila boorrajjii irraa tolfame ture. Qarri eeboo isaa kiilo giraamatorbaulfaatature(1Saamu’el17:5-7).Goliyaadnamabiftiiisaanamasodaachisaa ta’ee dha.

11. Guyyaa afurtama ganamaaf galgalafuullee loltoota Israa’elootaatti ba’ee nama isaa wajjin wal loluu danda’u “fidaa” jechaa isaan in doorsisaa in ture (1Saamu’el 17: 16). Yommuu Goliyaad injifatame Filisxeemonni Israa’elootaaf garba ta’u ture; Yeroo Goliyaad injifate, Israa’eloonni Filisxeemotaaf garba in ta’u (1Saamu’el 17: 9). Doorsisinni Goliyaad Saa’oliifiIsraa’elootabirattisodaafirakkoouumeeture(1Saamu’el17:11).Sodaaisaanii irraakanka’ediinaisaaniiirrattiWaaqayyoakkaisaangargaaruudand’uirraanfatanituran.

12. Ijoolleen Isey angafoota raayyaa Israa’el keessatti tajaajilaa turan. Akkaataa obboloon isaa itti jiran akka ilaaluu fi nyaatas akka isaaniif fidu Isey Daawitiin gara iddoo lolaa in erge (1 Sam 17: 19). Daawit illee holota isaa tiksee biraatitti dhiisee akkuma abbaan isaa itti himetti in deeme (1Saamu’el 17: 17-19).

13. Daawit yommuu iddoo lolaa ga’etti doorsisa Goliyaad in dhaga’e. Daawit badhaasa nama Goliyaad injifatuuf kennamuuf dantaa hin qabu ture (1Saamu’el 17: 25). Kana caalaa kan isa yaaddesse doorsisinni Goliyaad kun doorsisa Waaqayyoon irratti taasifame ta’ee argamuu isati (1Saamu’el 17: 26). Gochi Goliyaad kun Daawitiin, isa nama Waaqayyoon jaallatuu fi Isatti hirkatu, in dheekamsiise.

14. Iddoo lolaatti mul’achuun Daawit obboleesaa isaa angaftichaa in aarse (1Saamu’el 17: 28), Daawit Goliyaadiin loluudhaaf ofii isaa in kenne (1Saamu’el 17: 32). Dura irratti Saa’ol Daawit akka loluuf hin hayyamnneef ture (1Saamu’el 17: 33). Daawit yeroo hoolota tiksutti leencaa fi amaaketa ajjeesuu isaatii fi cimaa ta’uu isaa Saa’olitti in hime (1Saamu’el 17: 34-37). Daawit, Waaqayyo Inni achiin dura isa tiksee fi isa gargaare, ammas yommuu inni Goliyaad wajjin wal lolu akka isa gargaaruu danda’u beekee Waaqayyotti in hirkate (1Saamu’el 17: 37).

15. Saa’ol Daawitiin lolaaf leenjisuuf jedhee uffata lolaa kan ofii isaatii Daawitiif in dhiyeesse (1Saamu’el 17:38). Daawit garuu sanaan dura uffata lolaa kan akkas ulfaatu kana uffatee waan in beeknneef hin fudhanne (Sam.17:39).Achumaanis Daawit Goliyaadiin loluudhaaf dhagaa guggumee shanii fi furrisaa qofa fudhatee gara Filisxeemichaatti in deeme (1Saamu’el 17:40). Namni muuxannoo tiksee qabu tokko sa’aatii tokko keessatti kiilo meetirii 161 darbachuu in danda’a. Meeshaan lolaa kan Daawit, dheerinaan, meeshaa lolaatii fi uffata lolaa kan Goliyaad wajjin wal in madaalu ture.

16. GoliyaadDaawitiin yommuuargu“Isatuffate”(1Saamu’el 17:42);inabaares (1Saamu’el 17:44).

17. Meshaaleen lolaa kan Goliyaad irratti darbataman, humnaa fi aangoo Waaqayyoti malee furrisaa fi dhagoota qofa hin turre. Daawit kan loleef Waaqayyo billaadhaan yookiin eeboodhaan akka nama hin baraarre biyyi lafaa hundinuu akka beekuuf ture. Lolichis lola Waaqayyoo ti (1Saamu’el 17: 47).

18. Goliyaad Daawitiin loluudhaaf gara bakkeetti yommuu socho’u, Daawitis Goliyaadiin falmuudhaaf daddafee gara sarara lolaatti in fiige (1Saamu’el 17: 48). Daawit humna Waaqayyootiin jajjabaatee nama dheerinaan isa dachaa ta’e Goliyaad guddicha wajjin wal loluudhaaf onnee guutuudhaan in fiige (1Saamu’el 17:48); humna Waaqayyootiin furrisaa fi dhagaadhaan Dawit morma Goliyaad in mure (1Saamu’el 17: 49-51). Waaqayyo Magaala Isaanii dabarsee Israa’eliif kennuu Isaa akeekkachiisuudhaaf Daawit mataa Goliyaad gara Yerusaalem in fide (1Saamu’el 17: 54).

19. Lolttoonni Filisxeem kan biraa Goliyaad du’uu isaa yommuu arganitti in dheessan (1Saamu’el 17:51). Lolttoonni Israa’elis duukaa lolttoota Filisxeem bu’anii baayyee isaan in ajjeesan; deebi’aniis iddoo loltoota buufata Filisxeemotaa in saaman (1Saamu’el 17:53).

20. Akkuma Filisxeemotaa biyyi lafaa jibbiinsa Waaqayyootiin kan guuttamee dha. Cubbuunii fi seexanni guyyuma guyyaadhaan nu qoru. Yesusiin akka hin hordofne gara duubaatti nu harkisuudhaaf in yaalu. Haa ta’uu garuu, Yesus humna cubbuu, du’aa fi seexana caalu qaba. Innis cubbuu keenyaaf jedhee fannoo irratti du’ee du’a keessaas ka’uudhaan cubbuu, du’aa fi seexana nuuf injifatee jira. Amantii Yesus irratti qabaannuun, qorannaa fi hamminaan akka lollu abdiin nuuf kennamee jira. Humni Yesus wantoota hamaa ta’an irratti injifannoo nuuf in kenna. Amantii Yesus irratti qabnuu fi wan Inni nuuf godheen qofa jireenya bara baraa in qabaanna.

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa – Kadhannaa macaafa kanaa fuula duubaa irraa jiru kadhadhu

Faarffannaa – Humni Waaqayyoo guddaa dha(lakkoofsa 15) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiidhaan taasifaman – Jabaan kamii dha?

Ijoollee naannoo kee akka taa’an godhi. Maqaa wantoota yookiin namoota jabaa ta’an mee dha’ii (Ijoolleen deebii haa kennan. Wantoonni akka meeshalee ulfaata ta’an, warra fiigu, karaan guddaa ta’e, arbi, qotiyyoon, bakakkaan, bubbeen, bishaan, dimaamitiin, dhodhoo’aan, foo’aa furdaan, boorrataan deebii filanno ta’uu in danda’u).

Itti fufiitii tapha “jabaan kamii dha” jedhu mee haa taphannu. Wantoota lamaan maqaa dha’a. Ani yeroon fixe booda, jabaan kam akka ta’e yoo beektan harka keessan baasaa jedhiin. Haa taphanuu;

Kamtu jabaa dha? – Arba moo hantuuta? (Arba)

Kamtu jabaa dha? – Fo’aa dha moo boorrataa dha? (Boorrataa)

Kamtu jabaa dha? – Dhagaa gurguddaa dha moo dhagaa xixinnaa dha? (Dhagaa gurguddaa)

Kamtu jabaa dha? – Shaamaa ifu moo ifa bakakkaa ti? (Ifa bakakkaa)

Kamtu jabaa dha? – Daa’ima moo nama waan ulfaatu kaasu? (Nama waan ulfaatu kaa’u)

Kamtu jabaa dha? – Obonbolettii dha moo hafuura laafaa dha? (Oboonboleettii)

Kamtu jabaa dha? – Eeboo ulfaataa dha moo dhagaa xixiqqaa dha? (Eeboo ulfaatu)

Gaaffilee tapha kanaa booda akkana jedhi; Yeroo hundaa wanti guddaan, wantoonni ariifataa ta’an wantoota salphaa fi suuta jedhan irra jajjabaa ta’anii argamu. Seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa keessatti Waaqayyo wantoota hin barataminii fi hin eeggamniin jabeenya Isaa in argisiisa. Waaqayyo maal akka hojjetuu fi jabeenyi Isaa akkamitti akka nu gargaaru of eeggannoodhaan dhaggeeffadhaa.

Faarffannaa:– Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha (lakkoofsa 2) jedhu yommu faarffattan sochii dursitanii itti fayyadamtaniin fayyadamaatii faarffadhaa. Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1 – “Daawit, mucaa Tiksicha” jedhu Filmaata seennaawwan

MacaafaQulqulluu QoodaIjoolleekeessaayommuudubbisitu,seenessakee bareedaa godhachuudhaaf horgoggewwan fuula duuba qajeelcha kanaa jiraniin fayyadami.

Filmaata 2 – Taasifamaa seenaa

Maxxansa asii gadi jiranin fayyadamaa seenaa Macaafa Qulqulluu yeroo dubbatu, ijoolleen akka siiwajjin sochii godhaniif isaan afeeri.

Dubbadhu Hojjedhu

Saam’el Raajicha Waaqayyoo ta’uuf guddate. Akaata nama tajaajilu tokkoo fakkeessitii barruu harka keetii ol kaasi

Israa’eloonni mootii isaan bulchu in barbaadan Harkkawwan kee mataa irra godhadhu;quboota keetin ol argisiisaa nama gonfoo godhate fakkadhu

Kanaafuu Waaqayyo Saa’olin Mootii Israa’el in godhe. Haa ta’u malee Saa’ol motii gaarii in turre; Waaqayyoof in abboomamu ture

Waaqayyo Saamu’elin “gara mana Betelihem deemi. Ilmaan Isseey keessaa isa tokko mootii haaraa nan godhaa” jedhen.

Abboommii Waaqayyootin Saa’oliin booda ilmi

Isseey quxisichi akka Mootii haaraa Israa’eliif ta’u Saamu’el isa in filate.

Saamu’el Daawitiin dibuudhaaf dibata qulqulluu mataa Daawit irratti dhangalaase. Daawitis Hojii Waaqayyoo hojechuudhaaf adda ba’e.

Fuula gadde argisiisi.

Bakkuma jirtutti tarkaaffadhu

Hoolaa tokko dhidhiibaa waan nyaachiftu fakkaadhu

Waan tokko akka dhangalaaftu fakkesi

Raayyaan Saa’ol diinota isaanii Filisxeemota wajjin wal loluuf in deeman, Akkuma jirtutti deemi

Warri Filisxeem loltuu jabaa Goliyaad jedhamu in qabu ture. Dheerinni Goliyaad loltoota kaaniin dachaa lama ture.

Goliyaad guyyuma guyyaadhaan uummata Israa’elii fi Waaqayyoon irratti tuffii in argisiisa ture.

Goliyaad raayyaa Israa’el in doorsise. Innis “Isin keessaa nama anaan lolu ergaa. Yoo inni ana ijnifate nu garboota isiniif taana, yoo ani injifadhe isin garboota nuuf ta’uu qabdu” isaaniin jedhe.

Goliyaad guddaa fi jabaa waan tureef raayyaan Israa’el isa sodaatanii turan.

Obboloonni Daawit sadeen raayaa Mooticha Saa’ol keessatti loltoota turan. Gaafa tokko Daawit nyaata isaaniif fide.

Daawit waan Goliyaad Waaqayyoo fi ijoollee Israa’el irratti dubbate in dhaga’e.

Ija kee haguugiitti ol laali

Fuula gaarii hintaane argisiisiitti barruu harka keetii warraaaqisi.

Aariidhaan lafa dhiiti

Waan sodaattee fakkadhuutii kirkiri

Sanduqii ulfaataa waan baatte fakkeessitti tarkaanfadhu.

Akkuma nama dhaga’uutti harka kee naannoo gurra keetti kaa’iittii dheekkami

Daawit Goliyaadii wajjin akka lolu Saa’olitti hime Barruu harka keetii gadi qabiitii wanti tokko xiqqoo ta’uu ishee argisiisi.

Achiin boodas Mootichi Daawit akka loluuf in hayyameef. Daawitis furrisaa hoolota isaa kan bineensa irraa ittiin tiksuu fi dhagoota shan funaannatee fudhate. Goliyaadii wajjin wal loluudhaaf Daawit kan fudhate kanuma qofa ture.

Goliyaad yommuu Daawitiin argu itti kolfe. Goliyaad dargaggeessa akkanaa kana salphaadhaan akka injifatu yaadee ture.

Dawit garuu akkana jedhe; “Waaqayyo anaa wajjini in jira; na gargaaras.

Daawit dhagaa tokko fudhatee furrisaa Goliyaaditti gadidhiise.Bum!DhagichisaddaGoliyaadiinrukutee in ajjeese.

Daawit billaa Goliyaad fudhatee mataa Goliyaad irraa mure. Filisxeemoonni Goliyaad du’uu isaa beeknaan

Quboota kee shanan ol kaasi.

Waan kolfitu fakkeessi.

Gara waaqaatti quba kee ol qabi.

Dhagicha waan darbitu fakkeessi

Bakkuma jirtutti figi.

in dheessan. Rayyaan Israa’elootaa duukaa isani bu’anii isaan injifatan.

Waan Waaqayyo isanii wajjin tureef raayyaan Israa’el lolichaan in moo’atan Ol jedhiiti gara waaqaa ilali

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenaa irratti bu’ureeffaman – Gaaffilee kanneen garee kee gaafadhu.

1. Saa’olin booda eenyu mooti akka ta’u Waaqayyo Saamu’elitti hime? (Ilmi Isseey Daawit Saa’oliin booda mootii akka ta’u Waaqayyo Saamu’elitti hime).

2. Otuu Goliyaad injifatee maaltu ta’a ture? (Uummanni Waaqayyoo Israa’el Filsxeemotaaf gabroota in ta’u ture).

3. Waaqayyo Daawitiin kan gargaare akkamitii ture? (Daawit Goliyaadii wajjin akka wal lolu Waaqayyo isa jajjabeesse; Cirrachi dhagaa adda Goliyaad guddichaa keessa fagaatee akka galu in godhe, Goliyaadiin kan ajjeese humna Waaqayyoo ti).

Sochii keessa-deebii – Dhugaa Macaafa Qlqulluu irra deebi’uudhaaf seenaa yeroo dubbattu, filannoo seenessa ol aanuutiin dursitee hin faayyadamnne taanaan, amma itti fayyadami.

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqullu jirrenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu– Yesus humna nuuf in kenna

Ijoolleeofcinateessisiitii akkanajedhii gaafadhu; DaawitGoliyaadkaninjifateakkamitti ture? (Dawwit lola sana kan injifate Waaqayyo isa wajin ture waan ta’eef. Humni Waaqayyoo namichi guddicha ta’e akka injifatamu in godhe, Waaqayyo bakka ijoollee Israa’el bu’eetis in injifate). Injifannoon Daawit maaliif dinqisiisaa ta’e? (Karaan Daawit Goliyaadiin itti injifatu tokko iyyuu hin jiru ture. Daawit yommuu Goliyaadii wajjin madaalamu inni baayyee xinnaa, meshaan waraanaa kan inni hidhates kan Goliyaadii hin gahu ture. Warra achi jiran hundumaa biratti waan Daawit salphaatti injifatamu itti fakkatee ture. Haa’ta’utii humnii Waaqayyoo Daawitii wajjin waan jiruuf, injifannoo dinqisiisaa ta’e isaaf in kenne).

Nus Guyyuma guyyaadhaan diinota keenya, cubbuu fi seexana wajjin lola keessa in galla. Seexanni guyyuma guyyaadhaan nu qora. Waaqayyoo fi namoota akka nu kunuunsaaniif akkahinabboomamnenugochuudhaafseexanniinyaala.YooWaaqayyoofhinabboommnu ta’e, lola seexanaa fi cubbuu wajjin adeemsisnu keessatti in injifatamana. Waan nama tokkoo yommuu fudhannu, waan keenya nama biraatiif yoo keennuu baanne, waan warri keenya nu abbooman yoo gochuu baanne, akkasumas nama ilaalchisee waan hin malle yommuu yaadnu hundumaa Waaqayyoof hin abboomamnu. Kunneenis wantoota Waaqayyoof hin abbomamne keessaa muraasa. Humna keenyaan hagam iyyuu yaallus seexanaa fi cubbuu wajjin lollee injifachuu hin danadeenyu.

Haa ta’uutii Waaqayyoof galanni haa ta’u. Waaqayyo Daawitiin akka gargaare nuyis in gargaara. Cubbuu, du’aa fi seexana akka nuuf moo’atuuf Waaqayyo Ilma Isaa Yesusiin nuuf in erge. Sababa cubbuutiin akka hin duune, Yesus cubbuu keenyaaf fannoo irratti in du’e. Du’a irraayis humna dinqisiisaa ta’een in ka’e. Yesus humni Waaqayyoon caalu akka hin jirre seexanatti argisiisee jira. Yesus seexana injifatee nu in baraare. Yesusiif jedhee

Waaqayyo cubbuu kenya nuuf in dhiisa. Jireenya haaraa fi bara baraa nuuf in kenna. Yeroo hundumaa akka nu jaallatuu fi nu tiksu Inni abdii nuuf kenneerra.

Daawittikseeyommuuturesanattihoolotaisaaleencaafiamaaketahamaata’anirraatiksaa ture. Yesus, Inni tiksee keenya gaarii ta’e, karaa seexanni nu ittiin hubuuf yaalu irraa nu in tiksa. Tikseen keenya Inni gaariin Macaafa Qulqulluu keessatti akkana jedhe; “Hoolonni koo sagalee koo in dhaga’u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu’u. Ani jireenya bara baraa isaaniifnan kenna,isaani barabaraan hin badan,namni tokkoilleeharkakookeessaa isaan hin butatu” (Y0h. 10: 27-28). Nuyi hoolota Yesus. Inni nu in Jaallata; in geegessas. Humni Isaa nu tiksa; nuyis yeroo hundumaa kan Isaa ti.

Tapha jalqaba barumsa keenyaa irratti taphanne sana yaadadhu. Gaaffii dabalataa tokko isin gaafachuun barbaada. Yesusii fi seexana keessaa eenyutu jabaa dha? (Yesus). Erga ijoolleen gaaffii kanadeebisaniiboodaakkanajedhiin;Sirrii dha.Yesuseenyuunirraaiyyuu jabaa dha.

Humna Fayyisaan keenya Yesus nuuf keennuuf haa galateeffannu. Hima tokko tokkoon ani jedhu boda, isin Yesus humna naa in kenna akka jettan nan brbaada. Hima keessan kana mee irra deddeebinee haa barannu. Ijoolleen hima kana siiduukaa irra deddebi’uudhaan haa jedhan. Kanaa gaditti yommuu deebii kennan in dubbatu. Barnoota duran kennaman irratti akkuma raawwatameen, ijoolleen yeroo deebii akka beekaniif fakkii afaaniitiin fayyadami. Kana raawwachuudhaaf ijoolleen akka dhaabatan isaan afeeri.

Barsiisaa Barattoota

Guyyuma guyyaatti yommuun ka’u

Yesus humna naaf in kenna.

Yommuun hojii hojjedhuu fi taphadhu Yesus humna naaf in kenna.

Yommuun dhiphadhu yookiin sodaadhu

Akka hin abboomamneef yommuun qoramu

Waa’ee jaalala Yesus namoota biraatti himuu yommuun sodaadhu

Ol gara waaqaa hangan ga’hutti

Yesus humna naaf in kenna.

Yesus humna naaf in kenna.

Yesus humna naaf in kenna.

Yesus humna naaf in kenna.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu – “Waaqayyo isa karaa gooftaa keenya Yesus Kristos mo’icha nuuf kennuuf immoo galanni haa ta’u!”(1 Qorontoos 15: 57).

Ijoollee naannoo keetti walitti qabi. Macaafa Qulqulluu kees baniittii sagalee ol kaafadhuu 1 Qorontos15:57 dubbisi. Akkans jedhi;Yesus cubbuu keenyairraanubaraaruu fijireenya bara baraa nuufkennuudhaaf in du’e; du’aayis in ka’e. Yesus cubbuu,du’aa fiseexana nuuf moo’era.

Luqqisii kana barsiisuudhaaf ijoolleen hima duraa isa “karaa gooftaa keenya Yesus Kristos mo’icha nuuf kennuuf” jedhu sana erga baratanii booda hima kana haa jedhan. Ati immoo

“Waaqayyoof galanni haa ta’u” jedhii deebisiif. Achiin booda hima lammaffaa sana barsiisi. Kana sirriitti erga beekanii booda, Waaqayyoof galanni haa ta’u jedhi. Barattoonni luqqisicha akka fixan qajeelchi. Muuxannoo dabalataaf barattoota bakka lamatti addaan baasi. Gareen duraa hima duraa yommuu dubbatu, gareen lammaffaa immoo hima lammaffaa haa deebisan. Naannoo muraasa booda luqqisii lamaanuu akka irra deddeebi’aniif luqqisiiwwan walitti fidi.

Faarffannaa(oota) – Eegumsa cimaa Yesus kennu, jajjabinaa fi humna Isaa kan argisiisu, Waaqayyo tiksee keenya akka ta’es kan mul’is: Waaqayyo gaarii dha (lakkoofsa 32) jedhu barsiisi. Yeroon yoo siif hayyame Si galateeffannaWaaqayyo(Lakoofsa 27) fi Gammadii faarfadhuu lubbuu ko (lakkofsa 10) irra deebi’aa faarfadhaa.

Hojii Harkaa – Korojoo Humnaa

Yeroo ijoolleen qajeelffama hojiitiif taa’an, akkana jedhiin; bara Macaafa Qulqulluu keessa tikseewwan akka Daawit jiran, furrisa wajjin dhagaa xixnnaawwan korojoo itillee irraa hojetamee keessatti in qabatu ture. Tikseewwan wantoota kanneen kan qabatanii fi kana beekuu in barbaadu.

Yesus tiksee keenya Isa jabaa ta’ee dha. Eenyuun irra iyyuu Yesus jabaa dha. Inni akka nu gargaarus beeknee jabeenya Isaatti hirkachuu in dandeenya.

Fakkii hojii harkaa kan duuba qajeelfama kanaa irratti argamu isa baay’iste (yookiin korojoo jabaa lamaan dursitee murte) sana ijoollee tokko tokkoof kenni. Barbaachisaa yoo ta’e korojoo jabbeenyaa keessaa lama akka muran barattoota gargaari. Korojoo gubbaan isaa banaa ta’e akka argattuuf ciramoota lamaan jala isaanii pilaasteraan yookiin hapheedhaan cufi. Korojoo sana gara lamaan bareedaa gochuudhaaf halluu , uccuu mummuramanii fi shurraabota dhiyeessiif.

Akkuma barbaachisaa ta’een, ijoolleen bifa dhagaa shanii akka muran isaan gargaari. Dhagoota sana akka tartiibaan lafa kaa’aniif ijoollee gargaari. Waaqayyo humna kiyya. Daawit yommuu Goliyaadiin loluuf deeme sana dhagoota shan akka qabate ijoollee yaadachiisi. Humnii Waaqayyoo Goliyaadiin in injifate. Dhagoonnii waqaraqataa kunneen Yesus cubbuu, qormaataa fi seexana akka nuuf injifatu nu yaadachiisu.

Ijoolleen cirrachoota humnaan korojoo keessa akka kaa’an itti himi. Itti fufees ijoolleen fakkaatti dhagoota tokko tokkoon suureessuu akka baratanii fi akkataa hima sirri ta’een akka kaa’an godhi.

Kadhannaa xumuraa – kadhannaa qajeelfama kanaa fuula gara duubaa irratti argamu kadhadhu.

Baafata

Barumsa 20

Solomoon Mana Qulqullummaa Waaqayyoo Ijaare (1 Macaafa Moototaa 3-9:3).

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee (Fuula 62-63)

Dhugaa Ijoo

Rakkoo biyya lafaa kana injifachuudhaaf ogummaan keenya gahaa miti. Waaqayyo kadhannaa keenya jaalalaan in deebisa. Akkataa uummata Isaatti akka jiraannuu, Isa itti Waaqeffannuu fi galateeffannu akka beeknu Inni ogummaa nuuf in kenna.

Kaayyoo Barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin, barattoonnii:

• Kadhannaa Solomoon Waaqayyo akka ogummaa isaaf kennu kadhate Waaqayyo deebisuu Isaa, Solomoonis Mootii Israa’el ta’ee Waaqayyoon tajaajiluuf waan isa barbaachisu hundaa Waaqayyo isaaf kennuu Isaa in BEEKU.

• Waaqayyo kadhannaa isaanii akka dhaga’uu fi deebisu, akkasumas Waaqayyo tajaajiluuf waan isaan barbaachisu hundumaa Waaqayyo akka isaaniif kennuuf barachaa in GUDDATU.

• Yeruma hundumaa onnee Waaqayyoon waaqeffachuu barbaaduu fi gammadu qabaataa in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

Ogummaa Waaqayyotu kenna (Fak. 2: 6)

Meeshalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yeroo barsiisitu horgoggewwan fuula duuba qajeelcha kanaa irra jiraniin fayyadamata taanaan, isaan barumsa 20f qophaa’an baayyisii qopheeffadhu, Horgoggewwan murii baasiitii halluu dibi. Ashangulliitoota muka yookiin baala furdaa irratti maxxansuudhaaf hapheedhaan fayyadami.

2. Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuudhaaf nama kutaa kana siif taphatuun fayyadamta yoo ta’e, taatee cimaa filadhu. Akkuma Solomoon godhatetti taateen kuns gonfoo waraqaa irraa hojjetame qopheesiif. Akka sabbataatis kan hidhattuu huccuu qalama/halluu bifaa qabukenniif. Waraabbi kutaa“SeenaaMacaafa Qulqulluu Dubbachuu” jedhuisafilatamaa lammaffaa keessatti argamu qopheessi. Jalqaba barumsaa dura akka irra deddeebi’ee baratuuf qophii sana taatichaaf kenni.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Ka’umsaafkutaadibamuu Solomoon irracalmaadhaanhubachuudhaaf (1Mootota1-2:4)dubbisi. Itti aansuudhaanis kutaa seenaa barumsa Maacaafa Qulqulluu kan har’aa 1Mootota 3-9tti dubbisi.

1. Yommuu Daawit dulloomeetti, ilmi isaa arfaffaan kan Adoniyaan jedhamu teessoo abbaa isaa dhaaluudhaaf in carraaqe (1Mootota 1: 5-7). Ogganaan waraana Israa’el Yoo’aabii (2Sam. 20:23) fi luboota keessaa tokko kan ta’e Abiyaataar gaaffii Yoo’aab teessichaaf qabu in deeggeru ture. Lubichi biraa Saadoqii fi geggeessaan eegdota Daawit Banayaas (2Sam.23:22-23), akkasumas Raajichi Naataan fedhii Adoniyaan kana hin deeggrre ture.

Adoniyaan aangoo qabachuu isaa kan haadha Solomoonitti hime raajicha Naataan ture (1Mootota 1:11).

2. Watwaata Naataanitiin Baat-Sheebaan gara Daawit deemtee Solomoon mootii ta’uu akka qabu Daawitiin in yaadachiifite. Daawitis akka yaada Waaqayyootiin Solomooniin in muude (1Mootota 1:28-35). Lubichi Zaadoq Solomooniin in dibe. Akkas gochuudhaanis Solomoon nama Waaqayyoon filatame isa addaa in ta’e (1Mootota 1:39).

3. Waggota 40 Daawit itti mo’e (1Mootota 2:11) keessatti, Waaqayyo Yihudaa dabalatee Mootummaa Israa’el baayyee in babaliise. Yommuu Daawit du’utti, mootummaan Israa’el Neegeev irraa kara tibbaatti, Siinaa irraa hanga Damaasqootti in babal’atte. Humnaa fi qajeelcha Waaqayyootiin, Yerusaalem magaala guddittii Israa’elii fi Yihudaa taatee in hundoofte (2 Sam.5:4-10).

4. Solommoon akkuma dibameen Adoniyaas rakkisuu itti fufe (1Mootota 2: 13-24) Solomoonis Adoniyaasii (1Mootota 2: 25) fi Yoo’abiin (1Mootota 2: 28-34) in ajjeese. Tarkaanfiiwwan Solomoon fudhate kunneen gaaffii Daawit isaaf dhiyeese kan deebisu ta’e (1Mootota 2: 46).

5. Mootichi Solomoon aarsaa dhiyeesuudhaaf gara Giibe’on in deeme. Sababiin isaa jabana Solomoon moo’u keessatti dukkaanni wal argaa fi meeshaan aarsaa kan naasii achitti argamu ture. Kuns Giibe’oniin iddoo barbaadamtuu fi ol kaate akka taatu in godhe (1Mootota 3:4). Waaqayyo Giibe’onitti Solomooniif abjuudhaan mul’atee (1Mootota 3:5) “Wantan akka ani siif keennu barbaaddu kam iyyuu kadhadhu” jedheeni.

6. Solomoon warqee, qabeenya, yookiin humna gaafachuu in danda’a ture. Haa ta’uutii inni ogummaa uummata ittiin bulchu akka isaaf kennu Waaqayyoon in gaafate (1Mootota 3: 9). Gaaffiin Solomoon kun Waaqayyoon in gammachiise (1Mootota 3:10). Waaqayyo ogummaa qofa Solomooniif hin kennine; Qabeenya, ulfina dabalatee mootii guddicha isa in godhe (1Mootota 3:13).

7. Solomoon yommuu ijoollee Israa’el bulchu Waaqayyo irratti hirkate. Mirga haadhummaa(1Mootota 3:16-27) ilaalchisee murtoon Solomoon dubartoota ejjitoota lamaan giddutti murteesse uummata in dinqisiise. “Haqa buusuuf Waaqayyo ogummaa Solomooniif akka kenee” isaanitti argisiise (1Mootota 3: 28). Waaqayyo Solomooniin “nama kam iyyuu calaa ogeessa isa godhe” (1Mootota 4: 31). Motichi Solomoon fakkeenya 3000ii fi faarffannaa 1005 barreesseera (1Mootota 4:32). Ogummaa Solomoon dhaggeeffachuudhaaf namoonni biyya fagoodhaa gara isaa in dhufu ture (1Mootota 4:34). 8. Daawit akkuma Yerusaalem keessa taa’uu jalqabeen Waaqayyoof mana ulfinaa hojjechuu in barbaada ture. Innis; “Kunoo ani mana muka gaattiraatiin ijaarame keessan jiraadha, sanduuqiin Waaqayyoo garuu dunkaana keessa jira” jedhee dubbate. (2Sam.7:2).

“Dunkaanni” Daawit dubbatuuf kun Yommuu ijoolleen Israa’el gara kana’aan deemaa jiran sana iddoo Waaqayyo keessa jiraatu ture. Waaqayyo karoora ijaarsa Mana Qulqullichaa Naataanitti mul’isee ture. Daawit Mana kana hin ijaaru ta’us ilmaan isaa keessaa inni tokko Waaqayyoof mana akka ijaaru Waaqayyo in dubbate (2Sam.7:13). Ilmi ManaQulqullichaakanaijaarusSolomoonture. Daawit mana mul’atu Waaqayyoofijaaruu dhabus, Mootumma bara baraa kan Yesusiin geggeffamu Waaqayyo isaaf in ijaare. 9. Solomoon muudamee waggaa arfaffaatti, akkasumas Ijoolleen Israa’el Gibxii bahanii waggoota 489 booda, Solomoon Mana Qulqullicha ijaaruu jalqabe (1Mootota 6:1). Manni Qulqullichi bifa dunkaana wal argaatiin kan ijaarame yoo ta’u kutaa gurguddaa sadii qaba ture. Isaanis; qulqulittii quilqulluu, ququllittii fi hurufa alaa turan. Solomoon qajeelcha Waaqayyoo hordofee mana Qulqullicha ijaare. Solomoon akkaataa seerrata

Waaqayyootiin yoo abboomame “ani saba koo Israa’el giddu nan jiraadha, ani isaan hin gatu” jechuudhaan Waaqayyo abdii in kenne (1Mootota 6:12-13). Manni Qulqullichii fi meeshaaleen isa keessaa (1Mootota 6: 14-37 fi 1Mootota 7: 13-50) keessatti ifa bahanii himamaniiru. Warqee fi meetii, muketii gaattiraatii fi mukeetii filatamaanii hojii irra oolan keessaa muraasa. Wantoota nama gammachiisan keessaa yommuu manichi ijaaramu sagaleen burruusaa yookiin qottoo, sagaleen mi’a sibiila kan biraas isa keessaa hin dhada’amneta’uu isaati(1Mootota6:7). Dhagaanijaarsaafbarbaachisuhundumaadursee qophaa’eeture. Mana Qulqullichaaijaaranii fixuudhaafSolomonii fihojjetoonni waggoota torba dabarsan (1Mootota 8:6).

10. IjaarsiiMana Qulqullichaa erga raawwatamee booda Sanduuqnin Kakkuu Waaqayyoo Mana Qulqullichaa keessa in kaawwame (1Mootota 8:6). Hojiin kun kan raawwate yeroo ayaana Gordommaa ti. Yeroo ayaana wagaa kana gordommoonni xixinnoo damee mukaa yookiin damee meexxii irraa in hojjetamu ture. Waggoota gammoojjii keessa imalaa turan yadachuudhaaf Israa’eloonni dunkaana keessain jiraatu turan(Lewwootaa 23:34;39-43). Ayaanni Gordommaa yeroo midhaan sassaaban kan kabajamu waan ta’eef Ayyaana Sassaabuu jedhamees in beekkama. Waan midhaan baayyisee isaaniif kennuuf, namoonni galata Waaqayyoof in dhiyeessu turan.

11. Sanduuqiin Kakuu gara Mana Qulqullichaa erga dhufee fi luboonnis iddoo qulqullaa’aa sana keessaa erga gadi ba’anii booda, “duumesisiimana qulqullummaa sana keessa in guute” (1Mootota 8: 10-11). Waaqayyo uummata Isaa gidduu jiraachuudhaaf iddoo hin jijjiiramne in argate (1Mootota 8:13). Akkuma Solomoon Mana Qulqullichaa eebisiiseen, Waaqayyoon ilaalchisee waan dinqisiisoo ta’e in dubbate. Mootichi Solomoon “Kunoo bantiiwwan waaqaa fi bantiin waaqaa inni bantiiwwan waaqaa gararraa jiru iyyuu siifudhachuu hin danda’u” jedhe (1Mootota 8: 27). Achumaanis Solomoon ayyaanni WaaqayyooijoolleeIsraa’elgidduuakkajiraatuuficubbuuisaaniiakkadhiisuufinkadhate (1Mootota 8: 28-61).

12. Solommoon Mana Qulqullicha ijaaree erga fixee booda, Waaqayyo isaatti in mul’ate (1Mootota 9:2). Waaqayyo yeroodhuma hundumaa Mana Qulqullichaa keessa akka jiraatu solomooniif abdii in kenne. Yoo Solomoon Waaqayyoon ulfeeffatee fi Dubbii kakuu Isaatiif abboomame, Waaqayyo akka isa eebisu abdii kenneef (1Mootota 9:5). Yeroo Solomoon yookiin ijoolleen isaa gara duubaatti deebi’anii waqayyoolii tolfaman waaqeffatan garuu, Waaqayyo “biyya isaaniif kenne keessaa aaka isaan balleesuu” fi Mana Qulqullichaa akka tuffatu in akeekkachiise (1Mootota 9:6-7). Kuns yommuu mootonni ejjootata’ani argaman sanaWaaqayyo Israa’el iddolamatti baqaqisee weeraraBabiilooniif akka isaan kennu sababa in ta’e.

13. Jabana mootummaa Solomoon, Waaqayyo uummataaf in mijeesse (1Mootota 9:10). Waaqayyo Solomoonii fi ijoollee Israa’el nageenyaa fi tasgabbiin in eebise. ciminni geggeessaa Solomoon, mootummaa Yesus kan bara baraaf sirrii ta’eef fakkeenya. Waaqayyo Mana Qulqullicha Solomoon keessa buleera. Haa ta’uutii garuu Waaqayyo ija lubootaa fi uummataa jalaa dhokatee iddoo qulqulittii qulqulluu keessa in jiraata ture. Yesus fannoo irratti yommuu du’e sana garuu golgaan uummataa fi Waaqyoon addaan baase sun “bakka lamatti” in tarsa’e (Maatewos27:51). Kanaafuu addaan bahuun Waaqayyoo fi uummataa in hafe. Amantii Yesusitti qabnuun Waaqayyoon addaan bahuun keenya hafee gara Isaatti dhiyaachuu argannee jirra. Kakuu Moofaa keessatti Waaqayyo dhokatee dunkaana wal argaa keessa in jiraata ture. Yesus yommuu dhufetti, kakuu haaraa in hundeesse. Nama dhugaa fi Waaqayyo dhugaa ta’ee Yesus namoota gidduu in jiraate;

ulfinaa, ayyaanaa fi dhugaa Isaa in mul’ise. Har’a Yesus Dubbii fi Hafuura qulqulluudhaan onnee warra Isatti amanan hundaa keessa in jiraata (Ibr. 9:15-28).

Barsiisicha Dhiheessuu

Kadhannaa jalqabaa – Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu

Faarffannaa – Gooftaa Yesus yaa Fayyisaa ko(lakkoofsa 12, qajeelcha kana fuula duubaa irra).

Yeroo jaqlqabaa kana sagaleen muuziqaa attamitti akka ba’u ijoolleen faarffannaa kanaan haa baratan.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiidhaan mul’isamu – Maal beektaa?

Ijoolleen sii cina akka taa’an godhiitii akkana jedhiin; yoo ani maqaa keessan waame, waanuma beektan natti himaa. Wanti tokko akkamitti akka hojjetamu, fakkeenyaaf akkataa uffata itti uffatan yookiin dhugaadhuma ati beektu ta’uu in danda’a. Fakkeenyaafis “ji’oota arfan, ganna, arfaasaa, bonaa fi kkf… ta’uu in danda’a.”

Yadachiisa – Garee guddaa yoo qabaatte, isaan keessaa namoota baayyee hayyamtoota ta’an waami; akkanas jedhiin; luqqisii isa duraa kan “Yesus na jaallata; kana nan beeka” jedhu beektan taanaan ol ka’aa. Yookiin guyyaan har’aa torban keessaa guyyaa kam akka ta’e beektu taanaan ol ka’aa. Akkaataa kanaan garee gaaffii in gaafatta taanaan, gaaffii kee ijoolleen dhaabbatan deebii sirrii ta’e kennuu isaanii of abdadhu.

Itti fufiitii waan baayyee in beekna; dulloomaa yeroo deemne, caalmaatti beekna. Waan baayyee ta’an akka beeknuu fi yaadannu waaqayyo ogummaa nuuf in kenna. Waa’ee waan hundaatuu akka hubbannu Inni nu gargaara. Wantoota gadhee fi gaarii ta’an addaan baafnee akka beeknuuf Inni nu gargaara. Waaqayyo odeeffannoo fi dhugaa Isa ittiin jaallannu, Isaaf abboomamnuu fi Isa tajaajiluu akka beeknuuf nu gargaara. Sunis ogummaa dha.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keenyaa keessatti, waa’ee ilma Daawit mooticha Solomoon in dhageenya. Erga Daawit du’ee booda, Solomoon mootii ijoollee Israa’el in ta’e.Solomoon mootii gaarii akka ta’uuf, Waaqayyo ogummaa akka kenneef arguudhaaf, of eeggannoodhaan dhaggeeffadha.

Faarffannaa –Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha (Lakkoofsa 2) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1 –Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa isa “Solomoon Mana Qulqullummaa Waaqayyoo ijaare” jedhu sana yommuu dubbisitu hargoggoota qajeelcha kanaa fuula duubarra jiraniniin fayyadami.

Filmaata 2 –Taateen cimaan tokko gahee Solommoነakka taphatu gaafadhu. Akkataadhuma qophii barumsa kanaa keessatti ifa ta’een, taatichaaf uffata salphaa ta’e qopheesiif. Seenaa Macaafa qulqulluu dubbachuudhaaf, taateen kee waan asii gaditti barreeffameen haa fayyadamu.

Seenaa Solomoon Mana Qulqullummaa Waaqayyoo ijaare (1Mootota 3-9) jedhu irratti hundaa’e.

Jaallatamoota koo, negeenyi isiniif haa ta’u! Ani Solomoonan jedhama. Abbaan koo mootichi erga du’ee booda, mootii Israa’el sadaffaa ta’eetan tajaajila.

Mootiintokkohojiiwwanisaanraawwatamanbaayyeeinqaba.Mootiinmidhaanuummanni nyaatu, iddoon jirrenyaa fi hojiin jiraachuu isaa raggaasiisuu qaba. Mootiin tokko uummanni balaa irraa eeggamuu raggaasiisuu qaba. Mootiin tokko biyyi isaa seera akka qabaatuu fi uummanni negeenya akka argatu seera tuuu fi hojii irra oolchuu qaba. Hundaa olitti immoo mooticha ijoollee Israa’el waanan ta’eef, anii fi uummanni Waaqayyoo waan Waaqayyo nu irraa barbaadu hordofuu fi abbomamuu keenya raggaasiisuun qaba.

Ergan mootii ta’ee yeroo muraasa booda halkan tokko Waaqayyo abjuudhaan natti dubbate. Waanan barbaadu hundumaa akkan Isa gaafadhu Waaqayyo natti hime. Kanaafuu Waaqayyoon nan kdhadhe. Kadhaakootiin “Yaa Waaqayyo, mootii ana goteerta. Maaloo mootii gaarii fi ogeessa na godhi. Siif mootii gaarii ta’ee waan gaarii fi hamaa akkan addaan baasee beekuuf na gargaari” jedheetan Isa gaafadhe. Qabeenya baayyee yookiin maallaqa baayyee fi humna guddaa akka naaf kennu Waaqayyoon gaafachuu nan danda’an ture. Haa ta’u malee karaa Waaqayyo barbaaduun uummata Isaa bulchuu akkan danda’u ogummaa akka naaf kennu Isa nan gaafadhe. Waaqayyo akka waan hundumaa beeku nan beeka. Waaqayyoon nan jaalladha. Waan caalu akkan godhuuf Waaqayyo akka na gargaaru nan amana.

Waanan ogummaa akka naaf kennu Isa gaafadheef, Waaqayyo gammadeet ture. Kadhaa kiyyas akkana jedhee naaf in deebise “Yaa Solomoon ogeessan siigodha; abbaa qabeenyaas sin godha. Yoo na jaallatee fi na ulfeeffattes umurii dheeraan siif kenna” Waaqayyo nama iddoo kam iyyuu jiruu fi eenyuun irra caalmaadhaan na eebbise. Hayyama Isaa hordofee murtii Isaatiif ulfina akkan kennuuf ogummaa naaf in kenne. Yommuun murtiiwwan ulfaataa ta’an kennuu qabu Inni na gargaare. Dubbii ogummaa kan Waaqayyo naaf kenne dhaga’uudhaaf namoonni baayyeen naannoo biyya lafaa kana irraa gara koo in dhufani.

Dabalataanis Waaqayyo hojii barbaachisaa ta’an akkan hojjedhu naaf kenneera. Mana Qulqulluumma akkan Isaaf ijaaruuf Waaqayyo na gargaareera. Iddoon kuns iddoo Waaqayyo nu gidduutti jiraatuu dha. Mana Qulqullummaa keessatti, Waaqayyoon in waaqeffatu; Dubbii Isaas in dhaga’u. Mana Qulqullummaa keessatti, uummanni cubbuu isaaniitiif dhiifama in gaafatu. Mana qulqullummaa keessatti, Waaqayyo uummata Isaatiif dhiifama in kenna. Mana Qulqullummaa keessatti, Waaqayyoo fi luboonni akkaataa uummanni Waaqayyoon tajaajiluu fi Isaaf abboomamu in barsiisu. Wantoonni kunneen waanuma har’a mana amantii keessani keessatti taasifamaa jiran fakkaatu.

Hojjetoonni koo Mana Qulqulluummaa Waaqayyoo mukaa fi dhagaafilataman, akkasumas warqee fi meetii irraa in hojjetan. Manicha ijaaranii fixuudhaaf waggoota torbatu nu barbaachisee ture.

Manni Qulqulluummaa ijaaramee yommuu raawwatametti, Waaqayyo gara qulqulliitti qulqullluutti in gale. Namoonni kumaatamaan lakaa’amanis Waaqayyoon waaqeffachuudhaaf garas in dhufani. Mootii uummataa ta’ee tajaajilluun koo anaaf gammachuu guddaa dha.

Seenaan kun erga dubbifamee booda, taateen kee iddoo sana akka gadi dhiisu godhi. Achiin boodas, hojii irra deebii itti fufaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffillee seenaa irratti hundaa’an – Gaaffillee kanneen garee kee gaafadhu;

Kadhannaan Solomoon maal ture? (Solomoon uummata Waaqayyootiif mootii gaarii akka ta’u ogummaa gaafate)

Solomoon Mana Qulqullummaa maaliif hojjete? (Waaqayyo uummata gidduu akka jiraatuu fi uummannis Waaqayyoon galateeffachuuf iddoo beekkamaa akka qabaatuuf).

Sochiiwwan hojiidhaan muldhatan – Solomoon, Mootichi ogeessaa

Walaloo jechoota sochi kanaa yommuu dubbattu, ijoolleewwan dhaabbatanii sii wajjin haa hojjetan.

Dubbadhu Raawwadhu

Waaqayyo Solomooniin in muude

Quboota kee ol kaasiitii akka nama gonfoo godhatuutti ganaa (barruu) harka keetii cina mataa keetii kaa’i.

Mootichi Solomoon Waaqayyoo in kadhate Harkoota kee dachaasiitii mataadhaan gad jedhi

Waaqayyoo ogeessa akka isa godhuuf in kadhate

Waaqayyo mooticha Solomooniin ogummaadhaan, qabeenyaa fi umurii dheeraadhaan in eebbise.

Waaqayyo mootichi Solomoon Mana

Qulqullummaa akka ijaaruuf isa gargaare

Ijoolleen Israa’el Mana Qulqullummaa keessatti

Waaqayyoon in waaqeffatu.

Quba argisiisituu keetiin addaa fi laphee kee tuqi.

Ol ilaaliitii harka kee galateeffachuudhaaf baasi.

Nama waan tokko ijaaru fakkaadhu.

Jilbiinffadhuutii mataa keetiin gadi jedhi.

Manni Waaqayyoo kan bareedu ture Nama dinqisiifame fakkaadhu

Namoonni baayyeen waaqefachuudhaaf garas dhufanii ture.

Harka kee dachaafadhuutii bakkuma jirtu sanatti deemi..

Mootichi Solomoon Waaqayyoon in jaallate Harka kee laphee irra godhadhu

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqullu jirrenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu – Ogummaa Waaqayyoon irraa

Ijoollee of cina tessisiitii akkana jedhii gaafadhu; Ogummaan Waaqayyo Solomooniin barsiise ogummaamaalliti?(Waaqayyo Solomoon akka isatti amanuu fi hirkatu, akkasumas akka Isaaf abbomamuu fi Isa duukaa deemuuf Solomooniin in barsiise. Akka Solomoon Isa qofa waaqeffatu

Waaqayyo Solomooniin in barsiise. Akkaataa mootii gaarii itti tahuu fi ijoollee Israa’el itti gargaaruun Waaqayyo Solomooniin in barsiise).

Waaqayyo ogummaa maal maalii isin barsiisee? Ijoolleen dhugaa Macaafa Qulqulluu keessaa baratan akka deebisan isaan afeeri. Deebiiwwan qabatama qaban hunda fudhadhu) Achiin booda itti fufiitii; Wantoonni ogummaa qaban kana Waaqayyo akka nu beeknu barbaadu eessaa argamu? jedhii gaafadhu. (Kanneen kan argannu Macaafa ququllu keessatti). Macaafa qulqulluu kee fidiitii akkana jedhi; Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ti. Wanti Macaafni Qulqulluun dubbatu hundumtuu dhugaa dha. Sababni dhagaa kanaas Waaqayyo sobuu in danda’u waan ta’eef. Wantoonni Waaqayyo Macaafa Qulqulluu keessatti nutti himu baayyee barbaachisaadhaa fi wantoota ogummaa qabanii dha. Yesus cubbuu keenya irraa nu baraaruudhaaf du’eera; Du’aayis ka’eera. Namni Yesusitti amanu hundumtuu dhiifama cubbuu fi jireenya bara baraa in qabaata. Wanti Waaqayyo Macaafa Qulqulluu keessatti nutti himu, Waaqayyo hangam akka nu jaallatuu dha.Waaqayyo waan baayyisee nu jaallatuuf Yesus Fayyisaa keenya akka nuuf ta’uuf nuuf in erge. Sababa cubbuu keenyaatiif akka nuyi hin duune, Yesus dhiphina keenya in fudhate; nuyiif jireenya in kenne. Inni du’aa ka’ee cubbuu, du’aa fi seexana nuuf in moo’e. Yesusiin beekuu fi Isatti amanuun fayyinaaf ogeessotanu godha.KanaafuumootummaaWaaqayyoottigaluudhaafYesus karaaisa qofaa ta’ee dha.

Solomoon yommuu gargaarsa barbaadetti maal godhe? (Solomoon ogummaaWaaqayyoonitti hordofu argachuudhaaf Waaqayyoon in kadhate). Solomoon yommuu Waaqayyoon kadhate sana Waaqayyo maal isaaf godhe? Waaqayyo Solomooniin in dhagahe; isa gargaares). Wanti hojjennu yoo jiraatee fi gargaarsiiyommuu nu barbaachisu maal gochuu dandeenya? (Gara Waaqayyootti iyyanne gargaarsa kadhachuu in dandeenya). Waaqayyo akka Isa kadhannu, ogummaa fi qajeelfama Isa gaafannu nu qajeelcha. Yesusiif jedheetis kadhannaa keenya Inni in deebisa. Akkasumas waanuma goonu hundaan fadha Isaa akka hordofnu Inni nuu in gargaara.

Ijoolleen Israa’el jaalala, kenna fi fayyina Waaqayyo isaaniif kenneef Isa galateeffachuudhaa fi ulfeeffachuuf akka oolu, Solomoon Mana Qulqullumma in ijaare. Waldaa Kristaanaa keessattis wantootuma nuuf kennaman hundduaaf Waaqayyoon in galateeffanna; Isa ol in kaafnas.Yommuu Waaqayyoon waaqeffannu, Inni Dubbii Isaatiin nutti in dubbata. Dhugaa Waaqayyoo hubachuu fi amanuu akka dandeenyu Hafuurii Qulqulluun nu keessatti in hojjeta. Yommuu Waaqayyoon waaqeffannu, cubbuu keenyatti gadduu keenya Waaqayyootti in himnna. Waaqayyos Yesusiif jedhee dhiifama cubbuu keenyaa nuuf in godha. yommuu Waaqayyoon waaqeffannu akka Isa jaallannuu fi yeroo hundumaa Isa tajaajiluu akka barbaadnu Isatti himna.

Kana dura waa’ee faarffannaa Mana Waaqayyoo barachuu jalqabnee turre. Yommuu waaqaeffannaadhaaf wal geenyu hundaa, isa akka barannu, Isa akka kadhannu, jaalala dhiifama IsaatiifAbbaaKeenyaIsawaaqakeessajiraatuakkafaarffannuyeroowaannuukenneffaarffannaa kana mee haa faarffannu; Tiksee keenya, ati nu geggeesii(lakkoofsa 20).

Luqqisii Macaafa Qulquluu sammuutti qabatamu – “Ogummaa Waaqayyotu kenna” (Fakkeenya 2: 6)

Ijoolleen cina kee akka taa’an godhi; Macaafa Qulqulluu kee baasiitii akkana jedhi. Jechoota kanneen Macaafa Qulqulluu keessatti in dubbisina. “Ogummaa Waaqayyotu kenna.” Solomoon akka Isa tajaajiluu fi Isaaf abboomamu Waqayyo ogummaa kenneefi. Waanuma goonuunii fi

hojjennuun akka Isa tajaajilluu fi Isaaf abboomamnu Waaqayyo ogummaa nuuf in kenna. Jechoota kanneen mee haa barannu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana barsiisuuf, luqqisicha dubbadhu; achiin boodas ijolleen siiduuba irra haa deebi’an. Kana irruma deddeebi’aatii raawwadhaa. Itti fufee hima “Waaqayyo ijoollee Isaatiif ogummaa in kenna” jedhu itti haa dabalani. Ammas ijoolleen Waaqayyootu ogummaa keenna haa jedhan. Dhuma irrattis, siiutuu hin eegin ijoolleen ofuma isaaniitiin luqqisicha guutuu haa dubbatan.

Faarfannaa - Faarffannoota kanatti fufanii jiran tokko yookiin sanii ol faarfadhaa. Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha (lakkoofsa 2), Galateeffadhaa (lakkoofsa 8), Gammadaa in gammadnaa (lakkoofsa 9), Waaqayyo gaarii dha (lakoofsa 32)

Dandeettii hojii harkaa – Kan ogummaa fi waaqeffannaa argisiisu Ijoollee tokko tokoo isaaniitiif waraqaa fi qalama/halluu kenni. Kana dura waa’ee ogummaa Waaqayyo Isaan barsiise dubbannee turre. Mana Waaqayyoo (Walda Kristaanaa) keessatti fakkii keessan suureessaatii, yommuu iddoo sana jirtan Waaqayyoon ilaalchisee wantoota barattan suuraadhaan natti argisiisaa jedhiin.

Ijoolleen suurraa suureessan sana ilaalchisee akka waan tokko dubbatan afeeri. Suurraa sanas gara manaisaanii fudhatanii waa’eeogummaaWaaqayyomaal akkaisaanbarsiisemaatii isaaniitti akka himan jajjabeessi.

Kadhannaa Xumuraa – Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 21 Eliyaasii fi Mooticha (1Mootota 17:1-16)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee – Fuula 64-65

Dhugaa Ijoo

Waaqayyo warraa Isa akka Waaqayyoo dhugaatti hin waaqeffanne in adaba. Warra Issatti amanuu fi Isa gooftaa isaanii fi fayyisaa isaani godhatanii Isatti hirkatan in eebbisa; in mijeessaafis.

Kaayyoo Barumsichaa

Humna Hafuura Qulqilluuttiin barattoonni;

• Raajicha Eliyaas, namicha Isatti hirkatee fi tajaajiluuf Waaqayyo eegumsa akka godheef in BEEKU

• Yeroodhuma hundaa Waaqayyo eegumsa akka isaaniif godhu amananii in GUDDATU

• Kennaa fi eegumsa Isaatiif Waaqayyoon galateeffachaa inJIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

Waaqayyo akkana jedha: “Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras” (Isa. 41:10).

Meeshaalee fi Qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

Yommuu barssistu horgoggewwan fuula qajeelcha kanaa irratti argamaniin fayyadamata taanaan, waraabbii horgoggewwan barumsa 21f qophaa’an qopheessi. Horgoggewwan muriitii halluu n dibi. Horgoggewwan tokko tokkoon isaanii ulee yookiin baala furdaa irratti hapheedhaan maxxansi.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Hojimaata seenaa Macaafa Qulqulluu kanaaf sababa ka’iinsaa kan ta’an gadi fageenyaan hubachuudhaaf dursiitii 1Mootota 11-12tti dubbisi. Itti aansittii immoo Macaafa Qulqulluu keessaa 1Mootota 17: 1-16 dubbisi.

1. Ijoolleen Israa’el uummata biraatiin akka wal hin fuunef Waaqayyo isaan abboomus, Solomoon garuu bara mootummaa isaa keessatti dubartoota gosa biraa keessaa niitota baayyee in fuudhe. Dhuma irrattis Solomoon niitota 700 fi sanyoota 300 in qaba ture (1Mootota 11:1-3). Akkuma Waaqayyo isa akeekkachise (1Mootota 11:2), dubartoonni kunneen Solomooniin Waaqayyo irraa isa fageessani. Kana irraa ka’ee Solomoon waaqayyoolii sobaa kan baayyee ta’an waaqeffachuu jalqabe.

2. Ejjuun Solomoon Waaqayyoon in dalansiise (1Mootota 11:9). Sababa kanaanis, mootummaanisaabakka lamatti akkaaddaan bahu,WaaqayyoSolomoonitti in hime. Kuns bara mootummaa ilma isaa in raawwatame (1Mootota 11:11-13). Akka namoonnii baayyeen isa rakkisan Waaqayyo in hayyame (1Mootota 11:14; 23; 26). Diinota isaa keessaa inni tokko Yerobi’aam ture (1Mootota 11:26).

3. Yorobi’aam jalqaba irratti Solomooniin tajaajilaa ture (1Mootota 11:27-28). Achumaan booda guyyaa tokko Raajichi Ahiiyaan isatti in dhufe. Ahiiyyaan uffata isaa of irraa fudhee iddoo kudha lamatti tatarsaase (1Mootota 11፡30). Ejjuu Solomoon irraa kan ka’e, bakka bu’aa gosootaa fuul duratti inni bulchuu kan argisiisu erbee kudhan akka fudhatu Raajichi

Yorobi’aamitti hime. Duubarras Solomoon Yorbi’aamiin ajjeesuuf in yaale. Haa ta’uutii Yorobi’aam hanga du’a Solomoonitti gara Gibixiitti in dheesse (1Mootota 11: 40).

4. Erga Solomoon du’ee booda, ilmi isaa Rehobiyaam mootii in ta’e (1Mootota 11: 42-43).

Yeroo kana Yorobi’aam Gibxii irraa deebi’ee Rehobi’yaamin arguudhaaf gara Sheekem in deeme. Yorobi’am hojii ulfaataa fi waanjoo ulfaataa abbaan Rehobi’yam Solomoon uummata isaa irratti ulfaachisee ture akka salphisuuf Rehobiyaamiin gaafate (1Mootota 12:4). Deebii gaaffii kanaaf guyyoota sadi booda akka deebi’an Rehobi’am hordoftoota Yorobi’amitti hime. Gorsa maanguddootaa tuffachuudhaan Rehobiyaam waanjoo uummata irratti ulfaate kaasuu in dide (1Mootota 12፡8). Maanguddoota irra gorsa hintaane dargaggoota hiriyoota isaa fudhachuudhaan, fe’aa ulfaataa ummata irra akka kaa’u in labse (Mot.12: 13-15). Ummatichis in dide (1Mootota 12:18). Mootichi Rehobi’yaam harka isaa duwwaa gara Yerusaalem in dheese.

5. Akkuma Waaqayyo Raajicha Achiiyaamiin Yorobi’aamitti dubbatetti, Israa’eloonni iddo lamatti addaan in bahani. Yihudaanii fi Biniyaam, mootota gosa Daawit qaban duukaa deeman. Isaanis mootii Yihudaa jedhamanii beekamani. Gosoonni kurnan hafan immoo mootummaa Israa’el dhaabani. Geggeessaan isaanii kan duraa Yorobi’aam ture. Mootota Israa’el geggeessan 19 keessaa tokkoon isaaniituu Waaqayyoon duukaa hin buune. Mootota Yihudaa keessaa tokko tokko Waaqayyoon dukka bu’anii turan. Addaan ba’uun uummata Waaqayyoo kun seenaa isaanii keessatti jabana dukkanaa keessaa isa tokko ture. Waaqayyoolii sobaa waaqaeffachuu fi jireenyi Waaqayyo keessa hin jirre waanuma baratame ture. Mootonni Israa’elii fi Yihudaa irra deddeebi’anii Abboommii duraa kan Waaqayyoo biraa ana cinatti hin qabaatin jedhu sana in cabsu ture. Yeroo sana warri Waaqayyoon duukaa deeman rakkoo guddaan isaan in quunnama ture. Isaan keessaas Raajichi Eliyaas isa tokko ture.

6. Ahaab Kristos dura bara 874tti mootii Israa’el ta’e. Ahaab mootota Israa’el keessaa isa 8ffaa yoo ta’u, waggoota 22f Israa’eliin in mo’e (1Mootota 16:29). Ahaab mootota isa dura turan caalaa waan hamaa ta’e in hojjete (1Mootota 16:3o). Ba’aaliif galma in ijaare (1Mootota 32). Akkasumas waaqayyoolii tolfaman Asheeraadhaaf fakkattii in dhaabe (1Mootota 16:33). Fakkiin sun bifa waaqayyyotti warra Kana’aan kan Asheeraa jedhamtuun, isheenis dheertuu taatee firii namaaf kenniti jedhamtee fudhatamtuun kan bocamee dha. Ba’aaliin immoo warra Kana’aaniinii fi Fiinqee jedhamaniin in waaqeffatama ture. Jaroonni kunneen ba’aal waan firii lafaa namaaf kennu godhanii in ilaalu turan. Kanaafuu Ba’aal mallattoo firii fi humnaa godhamee qotiyyoo irrattii in surreessama ture. Ba’aal akka waan rooba namaaf kennuttis in ilaalama ture. Warri isa hordofanis ijoollee isaanii aarsaa godhanii in dhiheessuuf ture. “Ahaab warra isa dura turan hundumaa caallaa, tuttuqee Waaqayyoon in aarse” (1Mootota 16:33).

7. Eliyaas, hikaan maqaa isaa “Waaqayyo Inni Waaqayyoo koo ti” jedhuu dha (1Mootota 17:1). Waaqayyoolii to’annadhaan ala ta’an kana akka balaaleffatuuf Waaqayyo Eliyaasiin gara mootummaa Israa’elitti in erge. Eliyaasis iddoo kibba laga Yordaanos keessatti argamtu, ishee Gala’ad jedhamtu irraa in dhufe. Innis lafa irratti hongeen akka dhufu mootichatti in hime. (Mot.18:1). Hongichis waggoota sadiif waan turu ta’a (Mot.18:1). Hongichi sababa waaqayyoolli Israa’el irraa kan ka’u qofaa utuu hin ta’in karaa waaqayyoollii sobaa isaan Israa’eloonni hordofan irrattis Waaqayyo ol aanaa ta’uun itti muldh’atuture.Ba’aalwaaqayyooliiroobaaakkata’euummanniamananis, lafakanairratti jiidha kennuu kan danda’u Waaqayyo dhugaa Isa Eliyaas waaqeffatu qofaa dha.

8. Eliyaas gara baha-biiftuu deemee iddoo Keriit isa Yordaanos irraa gara bah-biiftuu jiru keessa akka dhokatu Waaqayyo issatti hime. Iddoo Eliyaas Mooticha jalaa dhokate sanattis Waaqayyo akka isa tiksu itti hime (1Mootota 17:3-4). Waaqayyo Raajicha uummata irraa fageessee akka isaan dubbii Waaqayyoo fi eebba Isaa irra fagaatan in godhe. Yeroo Israa’eloonni beela keessa turan sana, Eliyaasiin jireenyaan tusiisuudhaaf, Waaqayyo bishaan isaaf in kenne; guyyaatti yeroo lama buddeenaa fi foon akka isaaf fidu Waaqayyo araagessa in abboome (1Mootota 17:6).

9. Dhuma irrattis bishaan laga dhidhima Kerittii keessa jiru sababa hongeetiin in goge (1Mootota 17:7). Eliyaas achii ka’ee iddoo Saraaphtaa jedhamtu, ishee qaraqara Garba Meediteraaniyaanitti argamtutti akka dheessu Waaqayyo isa abboome (1Mootota 17:9). Sochiin kuns Israa’eloonni hongeedhaan akka rukutaman kan godhe yoo ta’u, sababaan isaas waaqeffanni Ba’aal bakkee guddaa waan kennameef (1Mootota 16:31). Saraaphtaa keessatti dubartiin iyyeettii beelaaf saaxilamaa jirtu takka akka isa kunuunsitu Waaqayyo Eliyaasiif in qopheesse. Akkuma Saraaphtaa gaheen dubartiin sun akka bishaanii fi buddeena kennituuf Eliyaas ishee in gaafate (1Mootota 17:10-11). Dubartiin sunis nyaata isa dhumaa qofaaf ta’u qopheessuudhaaf qoraan funaanaa akka jirtu Eliyaasitti himte (1Mootota 17:12). Waaqayyo garuu dinqii hojjete. Daakuunii fi zayitiin isheen dhumaaf qabdu hanga hongichi darbuutti ishee jalaa hin dhumne ture (1Mootota 17: 14-16). Dubartittiin, ilmi ishee fi Eliyaas guyyuma guyyaadhaan waan nyaatan in qabu ture.

10. Akkuma biyyattii keessatti muldhatetti, Waaqayyo warra Isa Waaqayyoo dhugaa ta’e hin hordofne in adaba. Nu warra Issatti amannuuf wanta nu barbaachisu hundaa Inni in kenna. Wanta qaama keenyaaf barbaachisu Inni nuuf in qopheessa. Karaa Fayyisaa keenya Yesusiin waan jireenya hafuuraaf nu barbaachisus Inni nuuf in qopheessa. Cubbuu keenya nuuf dhiisuudhaaf Yesus fannoo irratti in du’e. Yesus cubbuu keenya, du’aa fi Seexana injifatee in ka’e. Amantii Yesusitti qabnuun jireenya haaraa fi bara baraa in qabannasi.

Barumsicha Dhiyyeesuu

Kadhannaa jalqabaa – Kadhannaa qajeelfama kana fuula dubaa irratti argamu kadhadhu

Faarffanaa – Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha(lakkoofsa 21) jedhu faarffadhaa.

Seenaa Macafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiidhaan raawwatamuu – Inni eessaa dhufee?

Ijoollee naannoo kee techisiitii akkana jedhii isaan gaafadhu; har’a ganama ciree maali nyatan? (Ijoolleen deebii haa kennan). Midhaan nyaattan sun eessaa dhufe? (Deebii qabatamaa ta’e hundumaa fudhadhu; Fakkenyaafis oddoo irraa, qonna irraa fi gabaa fi kkf dabalata. Uffanni keessan eessaa dhufe? (Ijoolleen deebii haa kennan). Uffanni keessan baayyinnaan kirrii irraa hojjetamanii halluu kan dibamanii dha. Uffata akka ta’aniifis dhooftuu uffataatiin in hojjetamu.

Uffanni bifa adda addaatiin muramee kan hojjetamee dha. Har’a bishaan dhugdannii jirtuu? Bishaanichi kan dhufee eessaayi? Lagaa fi burqaa gara garaa irraa dhufe).

Nyaanni keenya, uffannii fi wantoonni biraa kan nuuf kennaman Waaqayyo irraayi. Isaan kunneen kan nuuf qopheesu Waaqayyo. Nama tokkoo fi wanta tokko qopheessuu jedchuun waan nama sanaaf barbaachisu isaaf kennuu fi isa kunuunsuu jechuu dha.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti waa’ee nama Eliyaas jedhamuu in dhageenya. Waan Eliyaasiif barbaachisu Waaqayyo akka qopheesseef dhageenyeerra. Karaa Waaqayyoo waan Eliyassiif barbaachisu itti qopheesseen barachuudhaaf of eeggannoodhaan haa dhaggeeffannu.

Faarffannaa – Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha (lakkoofsa 2) jedhu faarffadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1 –Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa isa “Eliyaasii fi mooticha” jedhu sana yeroo dubbisitu seenessuu kee bareedaa godhachuudhaaf, horgoggewwan fuula qajeelfama kana duuba irratti argamaniin fayyadami.

Filmaata2:-Sagaleehallayyootiin seenessuu:-Akkaataatartiibaasii gadi jiruunseenaaMacaafa Qulqulluu yeroo dubbattu, waantoota tartiiba keessa jiran ijoolleen si duubaan irra haa deebi’an.

Dubbadhu Sagalee hallayyoo (echo): Ijoolleen irra haa deebi’an

Jabana baayyee keessatti Israa’eloonni mootota Waaqayyoon hin jaallannee fi Isaaf hin abbomamnne qabu turan. Isaan gadhee ta’an keessaas Ahaab isa tokkoo ture.

Mootichi Ahaab waaqayyoolii sobaa isa Ba’aal jedhameewaamamutti kadhannaagodhe.Namoonni biraatis gara Ba’aal akka kadhatan in geeggesse. Ahhaab nama gara Waaqayyoo dhugaatti kadhatu hundumaa in jibbe.

Eliyaas Raajicha Waaqayyoo ture. Sababa isaan Ba’aalin kadhataniif roobni hin roobu jedhee Eliyaas Ahaabitti in hime.

Waggoota sadiif roobni hin roobne ture. Kanaafuu uummanni nayaataa fi bishaan xinnoo qaba ture. Mootichi Ahhaab akka nama maraatee in ta’e. Rakkoon kun kan dhufe sababa Eliyaasiitiin jedhee in yaades. Mootichi Eliyaasiin ajjeesuuf yaalee ture.

Eliyaas deemee akka laga biratti dhokatu Waaqayyo isatti in hime. Iddoo sanatti Eliyaas bishaan in argate. Guyyuma guyyaadhaan ganama ganama buddeenaa fi foon akka Eliyaasiif fidaniif Waaqayyoo arraagessa in erge.

Yeroo lagichi goggogetti, Eliyaas gara dubartii takkaatti akka deemu Waaqayyo Eliyaasitti hime.

Mootichi Ahaab mootii hamaa ture

Mootichi Ahaab waaqayyooli sobaa in waaqeffate.

AkkaWaaqayyoroobahinergineEliyaas in dhubbate

Mootichi Ahaab Eliyaasiin ajjeesuuf in yaalee ture

Eliyaas akka dhokatu Waaqayyo itti in hime. Waaqayyo Eliyaasiif nyaataa fi bishaan in kenne.

Dubartii akka isa gargaartuuf Waaqayyo abdii kenneef sana argachuudhaaf Eliyaas in deeme.

Dhirsiidubbartii sanaa du’ee ture. Dubartiin tuni Eliyaasiin akka kunuunsitu Waaqayyo isheti hime.

Eliyaas gara dubartii sanaa deemee “maaloo bishaan dhugaattii naaf kenni” jedheeni. Dubartiin sunis bishaan Eliyaasiif in kennite.

Dubartittiin akka buddeena kennituuf Eliyaas ishee in gaafate. Nyaata xiqqoo qofa ofii isheetii fi ilma isheetiif akka qabdu Eliyaasitti himte. Isaan mataa isaaniitiinuu yeroo muraasa booda beelli isaaniif hin hafu ture.

Eliyaas dubartittiidhaan akkana jedheeni. “Wanta ani sittii himu godhi. Yeroo hundaaf nyaata akka ati argattu Waaqayyo kakuu galeera” Dubartiin sunis abdii Waaqayyooin amante.Guyyaadhumahundaaf daakuu fi zayitii nyaataa qopheessuudhaaf waan barbaachisu akka argattu Waaqayyo in raggaasiseefi. Guyyuma guyyaadhaan Waaqayyo dubartittiidhaaf, ilma isheetii fi Eliyaasiif fi nayaata Waaqayyo in qopheesse.

Irra-Deebii Seenaa Macaafa Qulqulluu

Dubartittiin Eliyaasiin in kunuunsite; bishaanis in kenniteef.

Dubartittiin sun nyaata xiqqoo qofa in qabdi turte. Yeroo muraasa booda isheenii fi ilmi ishee beela’uu hin oolan.

Dubartittiin nyaata xiqqoo qofa qabdi turte. Yeroo muraasaan booda isheenii fi ilmi ishee beela’uun isaanii hin oolu. Eliyaas akkana jedheeni. “Wanta ani siin jedhu godhi; Waaqayyo nyataa gahaa ta’e siif in kenna”, Waaqayyo Guyyuma guyyaadhaan isheef, ilma isheetii fi Eliyaasiif nyata in kenna ture.

Gaaffiilee Seenaa irratti hundaa’an – Gaaffiilee kana garee kee gaafadhu.

1. Sababni roobni waggoota sadiif hin roobin maal ture? (Mootichi Ahaab waaqayyoolii sobaa wan waaqeffateef hin roobnne ture. Ahaab Waaqayyoon hin jaallatu yookiin hin ulffeeffatu waan tureef, hongeen kun adabbii Waaqayyoon irraa itti dhufe ture).

2. Waaqayyo wanta Raajicha Eliyaasiif barbaachisu akkamitti qopheesseef? (Eliyaas Ahaabiin irraa eeguudhaaf Waaqayyo waan isa barbaachisu in qopheesseefi. Waaqayyo Eliyaasiin dhoksee bishaan lagaa isaaf in kenne. Akkasumas buddeenaa fi foon akka fiduuf Waaqayyo araagessa in qopheesseefi. Waaqayyo Eliyaasiin gara dubartii takkaatti in erge. Waaqayyo isheedhaaf, ilma isheetii fi Eliyaasiif guyyuma guyyaadhaan nyaata in qopheessa ture).

Sochii hojiidhaan mul’atu – Eeyyee yookiin miti

Brattoota fuul dura kee teessisiitii akkana jedhiin; Seenaa Macaafa Qulqulluu kan har’aa keessaa hima tokko isiniifan dubbisa. Himnni ani dubbisu dhugaa yoo ta’e, ol kaatanii “Eeyyee” jedhaa. Himni ani dubbisu yoo soba ta’e “miti” jedhaatii dubbadhaa. Ijoolleen “eeyyee” jedhanii deebii yoo keennuu baatan bakkuma taa’anitti hafu.

1. Ahaab mootii gaarii ture (Miti).

2. Ahhaab Waaqayyo dhugaa in waaqaeffate (Miti).

3. Ahaab waaqayyoolii sobaa kan Ba’aal jedhamu in waaqeffate (Eeyyee)

4. Ahaabii fi uummanni Ba’aaliin waan waaqeffataniif Waaqayyoo isaan in adabe (Eeyyee).

5. Waggoota kudha shaniif roobnni hin roobne ture (Miti).

6. Mootichi Ahaab bishannii fi nyaanni kan bade sababa Eliyaasiittiif jedhee in yaade (Eyyee).

7. Mootichi Ahaab Eliyaasiin ajjeesuu waan barbaadeef, akka Eliyaas dhokatuu Waaqayyoo gara gaaratti isa in Erge (Miti)

8. Arbi gurguddaan Eliyaasiif akka nyaataa fi foon fidaniif Waaqayyo in godhe (Miti)

9. Dhuma irratti dubartiin takka akka isa gargaartuuf Waaqayyo Eliyaasiin gara ishee in egre. (Eeyyee).

10. Waaqayyo dubartittiif, ilma isheettii fi Eliyaasiif nyaata in qopheesse. (Eeyye).

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqullu jirrenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu – Waaqayyo nuuf in qopheessa

Waraqaa cicciramee fi qalama/halluu ijoollee tokko tokkoof kenni. Waraqaticha akka dachaasan ijoolleegargaari.Achiin boodasakkanajedhi.Har’aabarumsakeenyakeessatidhugaatokkotokko baranneerra. Akka dhugaawwan kanneen yaadattanii fi beektan mee haa ilaallu. Wanta qabnu hundaa kan nuuf kennu eenyu? (Waaqayyo). Waaqayyo nuuf qopheessa jechuun maal jechuu dha?

Akkana jechuun Waaqayyo wanta nu barbaachisan nuuf kenna; nu kunuunsas jechuu dha).

Gamiisa bitaa waraqaa keessanii irratti karaa Waaqayyo Eliyaasiif qopheesse surreesaa. yeroo ijoolleen suureessuu fixan, isaan keessaa warrii barbaadan waa’ee suureessaa sanii akka ibsan jajjabeessi.

Akkaataa Waaqayyo Eliyaasiin itti eege irratti mari’adhaa. Waaqayyo lagicha irraa bishaan Eliyaasiif in qopheesse; akkasumas buddeenaa fi foon akka fidaniif araagessa in qopheesseefi. Waaqayyo dubartittiin, ilmi isheetii fi Eliyaas guyyuma guyyaadhaan akka nyaatan zayitii fi daakuu gahaa ta’e in qopheesseefi.

Gamiisa waraqaa biraa irratti karaa Waaqayyo waan isin barbaachisu isiniif qopheessu argisiisu suureessaa. Waa’ee kanaa barattoonni yeroo muraasaaf itti haa yaadan. Kana gochuudhaaf yoo rakkatan akkana jedhii itti himi; wanta Waaqayyo akka isiniif kennu barbaaddan suureessaa. Barattoonni akkataa Waaqayyo waan qaama isaaniitiif barbaachisu itti guutu surreessuu in danda’u. Akkasumas suuraa Waaqayyo bishaan dhugnu roobaa fi burqaa irraa akka nuuf kennuu argisiisu suureessuu in danda’u. Ijoolleen umuriin isaanii waggaa torba yookiin saddeet ta’e miseensota maatii isaanii, barsiisotota, luboota, yaaltota fayyaa, neersoota, polisootaa fii kkf, isaan kunuunsuuf Waaqayyo akka lafa kaa’e akka yaadatan gargaari. Fakkii namoota kanneenii keessaa inni tokko wanta ijoollee kunuunsuudhaaf godhamuu qabu kan argisiisu akka suureessan isaan jajjabeessi. Akkasumas ijoolleen fakkii fixan sana namoota biraatitti akka argisiisanii fi waa’ee isaa akka dubbatan jajjabeessi.

Ammas akkana jedhiin; fakkii Waaqayyo waan isiniif barbaachisu akka isiniif qopheessu argisiisuuf suureessitan sana jalatti fannoo suureessaa. Erga barattoonni kana hojjetani booda, fannoon kun mallattoo Yesusiin nuyaadachiisuu dhajedhi.Yesus Fayyisaa keenya jedhiini.Yesus dhiifama cubbuu fi jireenya bara baraa warra Isatti amanuuf kan qopheesse maal godheeti? (Fannoo irratti du’uu fi du’aa ka’uudhaan). Kennaawwan dinqisiisoo ta’an kanneen nuuf qopheessuudhaaf Yesus fannoo irratti du’ee du’aayis ka’eera. Dinqisiisonni biraa kan Yesus nuuf kennu maal maali? (Deebiiwwan gaaffii kanaa, jaalala, eegumsa, Issatti amanuu fi mana waaqa irra jiruu dha).

Karaa Waaqayyo nuuf qopheessuuf Isa galateeffachuudhaaf akkana jennee haa kadhannu; Kutaa kadhannaa kanaa ani ergan jedhee booda nan dhaaba. Yoon ani kadhannaa kana dhaabe,isinakkanajedhaa;YaaWaaqayyoeegumsakeetiifsiigalateeffanna. (Ijoolleenhanga deebii kana baratanitti irra deddeebi’anii haa shaakalani.)

Kadhanna deebii barbaachisu yommuu dubisitu, ijoolleen tartiiba isaan akka beekaniif, afaan ashaangullitii banameen fayyadami.

Barsiisaa Barattoota

Yaa Waaqayyo, yeruma hundaa ati nu wajjin jirta. Yaa Waaqayyo, eegumsa Keetiif Si galateeffanna.

Midhaan nyaannu, bishaan dugnu, uffata uffannuu fi iddoo jiraannu ati nuuf in kennita

Namoota nu jaallatanii fi nu kunuunsan baay’ee nuuf in kennita

Ilma kee Yesus akka Fayyisaa keenya ta’uuf Isa nuuf ergiteeta

Cubbuun keenya akka nuuf dhiifamu, bara baraaf akka sii wajjin jiraannuufi amantii Yesus irratti hundaa’e ati nuuf in kennita.

Yaa Waaqayyo, ati Guddaa dha! Kanaafuu siijaallanna!

Yaa Waaqayyo, eegumsa Keetiif Si galateeffanna.

Yaa Waaqayyo, eegumsa Keetiif Si galateeffanna.

Yaa Waaqayyoo, eegumsa Keetiif Si galateeffanna.

Yaa Waaqayyo, eegumsa Keetiif Si galateeffanna.

Yaa Waaqayyoo, eegumsa Keetiif Si galateeffanna.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu – [Waaqayyo] akkana jedha; “Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras”(Isaayaas 41: 10).

Ijoollee of cina teessisiitii Macaafa Qulqulluu kee bani; akkanas jedhi. Seenaa Macaafa Qulqulluu keenyaa keessatti, yommuu Eliyaas mooticha Ahaab jalaa dheese sana, Waaqayyo waan isa barbaachisu akka qopheesseef baranneerra. Wanta nu barbaachisus nuuf kennuudhaaf Waaqayyo abdii nu kenneera. Macaafa Qulqulluu keessatti waa’ee abdii Waaqayyo nuuf kennuu kan dubbatan keessaa inni tokko akkana jedha: “Ani sin jajjabeesa; sin gargaaras.” Jechoota kanneen mee haa barannu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu yeroo baay’ee dubbadhu; ijoolleenis irra haa deebi’an. Achiin booda luqqisicha ati jedhi. Ijoolleen immoo [Waaqayyo akkana jedha!” jechuudhaan milikkita kennanii sii haa qoratani. Itti aansuudhaanis luqqisicha ati jedhiitii ijoolleen akka irra deebi’an isaan qori. Jalqaba irraa eegali. [Waaqayyo] akkana jedha]. Dhuma irrattis hundi keesanuu luqqisicha wajjin jedhaa.

Faarffannaa(oota) –Akkaataa Yesus wantoota barbaachisoo ta’an itti qopheessu ijoollee yaadachisi. Yeroon yoo jiraate faarffannaa Waaqayyo gaarii dha (lakkoofsa 32), Jaalalli Kristos (lakkoofsa 20), Ani nanfayye, nan gammada(lakkoofsa 1) jedhan faarfadhaa

Kadhannaa Xumuraa – Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu. Baafata

Barumsa 22

Eliyaasii fi Raajota Ba’aal

1Mootota 18

Seenaa Macaaf Qulqulluu Qooda Ijoollee (Fuula 66 – 67)

Dhugaa Ijooa

Waaqayyoon keenya guddaan, Inni waanumahundaa hojjechuu danda’u,namoonni Isa Gooftaa fi Fayyisaa isaanii taasifatanii Isatti irkatan dhugaa Dubbii Isaa akka lallabaniif jajjabinaa fi ogummaa isaaniif in keenna.

Kaayyoowwan Barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Eliyaas dhugaa Isaa akka labsuu fi tajaajilu Waaqayyo jajjabina isaaf akka kennee in BEEKU.

• Dubbii Yesus, isaa dhugaa ta’e, warreen birootiif hiruu akka danda’aniif jajjabinaan in GUDDATU

• Hunda danda’uu Gooftaa Yesus, humna fayyisuu fi jaalala Isaatti in JIRAATU;warreen biroottis in HIMU

LuqqisiiiMacaafa qulqulluu kan sammuutti qabatamu

“Maqaan isa nu furuu “Waaqayyo gooftaa maccaa ti” (Isa 47: 4).

Meeshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

1 Yommuu barsiistuhorgoggewwan qajeelcha kana fuula gara duubaa irra jiraniin fayyadamta yoo ta’e, kan barumsa 22ffaawaraabbii qabaadhu. Horgoggewwan kanneen halluudhaan dibitii ulee ykn baala guddaa irratti haphadhaanmaxxansi.

2 Barumsa seenaa Macaafa qulqulluuisa barsifte kana keessaa horgoggewwan walitti qabi. Barumsa kana keessatti horgoggewwan sanan fayyadami. Kutaa “Dhugaa barumsichaa hojii irra oolchuu”jedhu ilaali.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

Kutaa Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu barumsa 21ffaa keessa deebi’i. Achumaanis 1Mootota 18 dubbisi.

1 Yeroo sababa hongeetiin Iizaabel Raajota Waaqayyooajjeesaa turtetti Obaadiyaan immoo raajotadhibbatokkojalaafuudheeshantamashantamaanholqadhagaakattaakeessadhoksee achitti buddeenaa fi bishaan in kennisisaaf ture. Obaadiyaan (hiikni maqaa isaa“garbicha Waaqayyoo”kan jedhu), itti gaafatamaa masaraa mooticha Ahaab ture.Obaadiyaan raajota Waaqayyoo holqa dhagaa kattaa keessa dhoksaawaan tureef, jireenyi isaa balaa guddaa keessa gale. Maqaan Obaadiyaa jedhu kun Kakuu Moofaa keessatti maqaa baay’ee beekamu

ture. Namichi kun garuu Macaafa Qulqulluu keessatti isa “MacaafaObaadiyaa Raajichaa” jedhamee beekamu barreessesanamiti.

2 Kun akkuma kanaan utuu jiruu, Ahaab garuu waa’ee waaqayyoolii tolfamoo waaqeffachuu isaatiif gaabbii hin qabu ture. Mootichi Ahaab horiiwwan inni waraanaaf itti fayyadamuuf marga barbaaduudhaan akka isa gargaaruuf Obaadiyaa gaafate. Utuu Obaadiyaan kan Ahaab irraa kallattii birootiin marga horiidhaaf barbaadaa jiru, Eliyaas isatti in dhufe (1 Mot 18:57).Eliyaas, “dhaqiitii ‘Eliyaasas jira’ jedhiitii gooftaa keetti himi” jedhee Obaadiyaatti hime (1 Mot 18:8). AhaabObaadiyaan Eliyaas wajjin quunnamtii qabaachuu isaa yoo beeke “ana ajjeesa” jedhee in sodaate (1 Mot 18:14).

3 Sodaan isaa maaliyyuu haata’u malee, Eliyaas deebi’uu isaa Obaadiyaan mooticha Ahaabitti in hime(1 Mot 18:6). Ahaabis Eliyaasiin argee,“edaa si’ii inni Israa’eliin rakkisu” jedheen (1 Mot 18:17) Mata-dureen kun mootichi Ahaab sababa hongeetiin Eliyaasiin itti gaafatamaa gochuu isaa nutti agarsisa.

4.Sababa mooticha Ahaabiitiin rakkoon kun dhufuu isaaEliyaasis mooticha Ahaabitti fuulatti in hime. Eliyaas itti aansee, “si’ii fi hortee abbaa keetiitu Ba’aal duukaa bu’ee; Abboommii Waaqayyoo dhiisuudhaan Israa’elitti rakkina fidde malee ani rakkina itti hin fidne” (1Mootota.18:18) jedheen. “Egaa amma nama ergiitii Israa'eloota hundumaa, raajota Ba'aal dhibba afurii fi shantamman akkasumas raajota Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu dhibba arfan warra maaddii Iizaabel irraa nyaatan sana tulluu Qarmelos irratti walitti anaaf qabi!” jedhe (1Mootota18:19).

5 Eliyaas namoota sana hundumaa duratti ba’ee “hamma yoomiitti yaadni keessan walaallammii ta’a? Gooftichi Israa’el Waaqayyoo dha yoo ta’e, Isa duukaa bu’aa; yookiin Ba’aaltu waaqayyoo dha yoo ta’e isa duukaa bu’aa” isaaniin jedhe. Jarri garuu gaaffii Eliyaasitiideebiitokkoilleehinqabanture(1Mootota18:21).KanaafuuEliyaasWaaqayyoo fi Ba’aal gidduutti akkana jedhee garaa garummaa uume.“Egaa tuntunoota lama nuuf dhi'eessaa, raajonni Ba'aal kun tuntunoo tokko fo'atanii haa qalan! Foon isaa immoo buusaa buusaatti kukkutanii qoraan irra haa naqan! Garuu ibidda itti hin qabsiisin! Ani immoo tuntunoo isa kaan qopheessee qoraan irra nan naqa, garuu ibidda itti hin qabsiisu” jedhe (1Mootota 18:23). Itti fufees, “Isaan waaqayyo isaanii maqaa dha’anii haa kadhatan. Anis Waaqayyoon maqaa dha’ee nan kadhadha. Waaqayyo inni ibidda erguu isaatin deebii kennu, inni dhuguma Waaqayyoodha” jedhee dubbate. Namoonni sun hundinuu deebisanii dubbiin kun ba’eessa jedhaniin (1Mootota 18:24).

6.Uummannis yaada Eliyaasitiin walii galanii tuntunoo isaaniif kenname sana qalanii qopheessanii:“Yaa Ba’aal deebii nuuf kenni” jedhanii ganamaa hamma waareetti Ba’aaliin maqaa dha’anii in kadhatan. Isaan iddoo aarsaa itti ijaaran sana naanna’anii sirban malee sagaleen hin turre.Kan isaaniif deebii kennes hin argamne (1Mootota 18:26). “Gara sa'aatii ja'aa yommuu ta'e Eliyaas, ‘Inni waaqayyolii keessaa tokko; tarii yaadatu isa fudhatee sokke, yookiin hojiitu itti baay'ate, yookiin karaa adeemaa jira, yookiin immoo rafaa jira waan ta'eef, isa dammaqsuudhaaf guddisaatii iyyaa!’ jedhee isaanitti in ga'ise” (1Mootota 18:27). Waaree

boodas hamma yeroo aarsaa galqalaatti ittuma fufanii in daraanan. Garuu sagaleen biraa hin turre; kan isaaniif deebii kennes hin argamne. Namni yaadaan isaan qabes hin turre (Mootota 18:29).

7 Eliyaas lakkoofsagosailmaanYaaqoobkudhalamaaniindhagaakudhalamawalitti in qabate. Yaaqoob kun isa Waaqayyo“maqaan kee Israa’el in jedhama” jedheenii turee dha Ergasii Eliyaas iddoo aarsaa Waaqayyoo isa yeroo dheeraadhaaf dhiifame gosoota ijoollee Yaaqoob kudha lamaatiin dhagaa kudha lama kenne (1Mootota 18:31). Qoraanis iddoo aarsaa sana irra naqee tuntunoo qalame sana kukkutee qooraanicha irra in naqe. Kana boodas bishaan okkotee afur guutaatii qalmicha gubamuu fi qoraanicha irratti dhangalaasaa isaaniin jedhe (1 Mootota 18:33).Eliyaas si’a lammaffaasirra deebi’ee qooranichaa fi tuntunicha irratti akka isaan dabalanii bishaan dhangalaasan ajaja kenne. Bishaanichis gadi yaa’ee boolla iddoo aarsaa sanatti naanneffamee qotame iyyuu in guute (1 Mootota 18:35).Eliyaas qooranichaa fi tuntunicha guutummaa irratti bishaan dhangalaasuudhaan waltajjii Inni irratti dinqii hojjechudhaan, humna hundumaan olii qabachuu Isaa namoota sanaaf mirkaneessu Waaqayyoof qopheesse.

8 Achiin booda Eliyaas fuula duratti baheein kadhate. Yeroo aarsaa galgalaatti raajichi Eliyaas gara iddoo aarasaatti dhihaatee:“Yaa Waaqayyo, Ati Gooftaa Israa’elakka taate, anis garbicha kee akkan ta’e, wanta kana hundumaas abboommii keetiin akkan godhu har’a akka beekamu taasisi. Jari kun Ati Waaqayyo Gooftaa akka taate yaada isaanii gara ofii Keetti deebisuuf akka jirtu akka beekanitti anaaf dhaga’i; yaa Waaqayyo anaaf dhaga’i” jedhee in kadhate (1 Mootota 18:36-37).

9 Deebii kadhannaaEliyaasif Waaqayyo waaqa irraa ibidda gadi buuse. Ibiddi waaqa irraa bu’ee qalmicha gubamu, qoraanicha, dhagaa fi biyyoo in gube; bishaan boollicha keessa tures arraabee in gogse (1 Mootota 18: 38) Jarri hundinuu kana yammuu argan adda isaaniitiin gombifamanii sagalee guddaadhaan “Gooftichi kun Waaqayyoo dha, Gooftichi kun Waaqayyoo dha” jedhan (Mootota 18:39)

10. EliyaasraajonniBa’aal qabamanii akka ajjeefaman in abboome (1 Mootota 18:40). Waaqayyos “bokkaa ulfaataa” lafa irratti ergee hongeen waggoota sadi’ii akka xumuramu in godhe (1 Mootota 18:45). Yeroo mootichi Ahaab gara Yizre’elitti gadi bu’etti,Eliyaasimmoo injiffannoo argatee, jajjabina Waaqayyoon isaafkenneen konkolaataa Ahaab dursee in fiige(1 Mootota 18:46).

11. Jal’inni laphee fi jireenya saba Israa’el keessatti of ijaaree ture. Haa ta’uutii, Waaqayyo gaaraQarmeeloos irratti waan dinqisisaa ta’e raawwatee, hojii hamaa fi waaqeffannaa waaqota tolfamanii irratti humna hunda-danduu Isaa mul’iseera. Kana gochuu Isaatiinis sabichi gara Isaatti akka deebi’u godheera. Har’as addunyaa keenya kana irratti hojiin jal’inaa fi waaqeffannaan waaqayyoolii tolfamanii baay’inaan itti fufee jira. Haa ta’utii da’oon seexanaa yeroodhumaaf malee kan itti fufu miti. Diyaablos, inni baay’ee tuffatamaan, Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesus, Isa hunda-danda’uu fi Fayyisaa bara baraa ta’een mo’atmuu isaa in

beeka. Yesus fannoo irratti fannifamee erga du’ee booda, seexannii fi ergamoonni isaa akka mo’aman, humna Yesus kan du’a irra cimaa ta’en akka booji’aman isaanitti himuudhaaf gara si’oolitti gadi bu’e. Yeroo dhiyoo keessatti guyyaa tokko Yesus in deebi’a; humnihamaan seexanaatis bara baraaf in bada. “Nuyi hundumti keenya in geeddaramna malee, hin duunu; dhoksaan ani isinitti himuuf jedhes isa kana.Malakanni inni dhumaa yommuu afuufamu, battala libsuu ijaatti in geddaramna; malakanni in afuufama; warri du’an immoo bifa hin badneen in kaafamu. Waaqayyo isa karaa gooftaa keenya Yesus Kristos mo'icha nuuf kennuuf immoo galanni haa ta'u.” (1 Qor 15:51-52; 57).

Barumsicha Dhi’eessuu

Kadhannaa jalqabaa: Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu kadhadhu

Faarfannaa: In caala maqaan Kee(Lakkoofsa 16) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sosochii hojii irra oolchuu: Keessa deebii - Eliyaas

Ijoollee fuula kee dura teessisitii akana jedhiin:“Barumsa keenya darbee keessatti seenaa namicha Eliyaas jedhammuu barannee turre.Barumsa keenya keessatti waa’ee Eliyaas yoowantatokkoyaadattan harka keessan baasuudhaan deebii kennaa.” Barattoonni dhugaa waa’eeEliyaas ilaalu hunda akka dubbatan afeeriitiideebii isaaniiwalitti qabi. Eliyaas raajii Waaqayyoo ta’uu isaa irra deebi’aatii ilaalaa. Eliyaas raajii Waaqayyoowaan ta’eef, sabni Waaqayyoo maal maal beekuu akka qabanii fi fedhiin Waaqayyo isaaniif qabu maal akka ta’e himuudhaan akkaataan amalli isaanii keessa jiru sun fedhii Waaqayyoo fi seera Isaa hordofuuf mijataa akka hin ta’in isaan akkeekkachiise. Sababa waaqa tolfamaa waaqeffachuu isaaniitiin Waaqayyo biyya lafaairratti hongee cimaa akka ergu Eliyaas mooticha Ahaabitti hime Mootichi Ahaabis Eliyaasiin guddaa waan jibbeefisa ajjeesuudhaaf yaalii godhe. Kanaafuu WaaqayyooEliyaasiin bakka jireenyaaf mijataa ta’etti geesse Achittis Eliyaas bishaan lagaa qulqulluu dhuge kattaa keessa yommuu jiraatu guyyaatti al lama buddeenaa fi foon fidaniifii akka inni nyaatuuf Waaqayyo arraagessoota abboomeef Erga lagichi gogee booda WaaqayyoEliyaasin gara gursummaa (dubartii ammaan mana ishee du’e) tokkootti erge. Dubartittiin sun nyaata baay’ee xiqqoota’e qabaattu iyyuu, daakuu fi zayitiin isheenqabdu hin dhumne taasisuudhaan ishee,mucaa isheetii fiEliyaasiif Waaqayyo kunuunsa guddaa godheef.

Keessa deebii barumsichaa kana boodas akkas jedhii itti fufi. Balaan hongee dachee irratti ergamus mootichi Ahaab waaqa tolfamaa Ba’aal jedhamu waaqeffachuu isaa hin dhiifne. Mootichi Ahaab Waaqayyoon waaqeffachuu dhabuu isaatiif Waaqayyo dhiifama akka isaaf godhuu gaafachuu hindandeenye. Mootichi Ahaab waa’ee hongee kanaaf raajicha Eliyaasin waan komatee fi itti gaafatamaa godheef raajicha ajjeesuudhaaf barbaaduu isaa itti fufe. Kanaafuu hongeen sun akka itti fufu Waaqayyo in godhe. Waaqayyo Eliyaasi fi namoota

biroo kan Isatti amananii fi isaaf amanamaniif eegumsaa= fi kunuunsa guddaa gochuu itti fufe. Eliyaas waa’eeWaaqayyoo,Isa WaaqayyotokkoofiWaaqayyodhugaa ta’edubbachuu itti fufuf humna isa barbaachisu Waaqayyotu isaaf kenne.

Qorannooseenaa Macaafa Qulqulluu keenya har’aa keessatti Waaqayyoo dhugaan eenyuun akka ta’e sabaIsraa’eliif mirkaneessuudhaaf Eliyaas waltajji dorgommii akka qopheesuuf Waaqayyo isa geggeesse. Waaqayyo humna hunda-dandeetti Isaa saba Isaatti akkamitti akka argisiise barachuudhaaf sirriittidhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha” (lakkoofsa 2) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Mafaafa Qulqulluu himuu:

Filmaata 1: Seenaa Mafaafa Qulqulluu Qooda Ijoolee yommuu dubbistu kutaa “Eliyaasii fi raajota Ba’aal” jedhu haala gaaridhaan seenessuudhaafhorgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamaniin fayyadami.

Filmaata2:Hojjedhaa

Qooda mooticha Ahaabii fi raajichaEliyaas akka fudhatan barattota lama afeeri. Jalqabaseenaa kanaa irratti mootichi Ahaab teessoo irra taa’uu isaa argisiisi. Itti aansuudhaanis barattootta afur filadhuuttii raajota Ba’aal fakkaatanii akka tajaajilan qooda kenniif. Barattoonni filataman kunneenis iddoo aarsaaqopheessuudhaafhanga ajajamanitti teessoo Ahaab marsanii haa dhaabbatan. Gareen hafan immoo sabaIsraa’el haa ta’an. Hundumti isaanii fuula isaanii garaEliyaas, gara mooticha Ahaabii fi gara raajota Ba’aalitti haa deebisan.

Seenaa Macaafa Qulqulluu QoodaIjoollee keessaawaa’ee “Eliyaasifi raajota Ba’aal” yommuu dubbistu: Ahaab,Eliyaas, raajonni Ba’aalii fi uummanni gaalewwan kanatti fufanii jiran akka hojjetan ykn jedhan taasisi:

1 Seenaan Macaafa Qulqulluu yommuu jalqabutti, Motichi Ahaab akka dheekkamuu fi irree isaa raajichaEliyaas irratti akka ol kaasu ajaja kenni.

2.Falmii rajichi Eliyaas saba fuul-duratti kaase yommuudhiheeessitu, Eliyaas mootichaAhaabii fi tuuta sabaa fuul-dura ba’ee akkadhaabbatu fi sochii sagalee hin qabneen akka raawwatu qajeelchi.QotiyyooliilamaanaarsaafdhihaatanargisiisuudhaafraajichiEliyaasqubaisaalama akka ol kaasu qajeelchi.

3.Sabni karooraEliyaas baaseen yommuu waliigalanitti barattoonni“karoorri kee gaariidha. Si duukaa buuna”jedhanii akka irra deebi’anii dubbatanitti himi

4.Gocha raajota Ba’aal yommuu dubbistu, barattoonni qoraanakka funaanan, iddoo aarsaa irra akka kaa’an, murmuramaa foon qotiyyoo iddoo aarsaa irra akkakaa’an qajeelchi. Ijoolleen tapha kana yommuu taphatan akka jilbiinfatanii kadhatantaasisi. Yommuu ati “Ba’aal nu gargaari, Ba’aal nu gargaari” jettu, ijoolleen kunneen irra deebi’anii si duukaa akka jedhan taasisi. Akkuma seenessuu kana itti fuftuun, raajonni Ba’aal muddamuu fi mataa isaanii raasuudhaan “lakkii’’ jedhuu isaanii akka argisiisan ijoollee qajeelchi.

5 Achiin boodas raajichi Eliyaas iddoo aarsaa akka hojjetu, qoraanii fi foon jibichaa iddoo aarsaa sana irra akka kaa’u qajeelcha kenni. Isa booda Eliyaas ijoollee lama saba gidduudhaa akka filatuu fi yommuu ati kutaa MacaafaQulqulluu sana dubbattu isaanbishaan iddoo aarsaa irratti akka dhangalaasantaasisi.

6 Itti fufuudhaan raajichi Eliyaas jilbiinfatee akka kadhatutaasisi. Raajichi Eliyaas sin booda“Yaa Waaqayyo, Ati Gooftaa dhugaa ta’uu Kee hundumti keenya akka barru nutaasisi” akka jedhu itti himi.

7 Waa’ee ibidda Waaqayyoo, isa waaqa irraa gadi bu’eewantoota iddoo aarsaa Eliyaasii fi naannoo isaatti argaman hundumaa gubuu isaayommuu dubbattu, sabni akka ajaa’ibsiifatu taasisi. Akkasumas yommuu ati “Waaqayyotu Goftaa dha, Waaqayyotu Goftaa dha” jettu, sabni mataa gadi qabatee, harka isaa ol kaasuudhaan akka si duukaa irra deebi’ee jedhu qajeelchi.

8. Waa’ee rooba deebi’ee lafa irratti roobee yommuu dubbattu, Eliyaas konkolaataa Ahaabittiin baqachaa jirufuul-dura fiiguu isaa, sabni gara waaqaa ol ilaaluu fi Waaqayyoon galateeffachuudhaaf harka ol kaasuu isaa mul’isi.

Seenaa Macaafa QulqulluuIrra Deebi’uu

Gaaffiiwan kanneengaree kee gaafadhu:

1 Waaqayyo inni dhugaan eenyuu akka ture beeksisuudhaaf karoorri raajicha Eliyaas maalturee?(Eliyaas raajonni Ba’aal dibicha tokko qalanii iddooaarsaa irratti akka aarsaa godhanii kaa’an godhe. Raajonni Ba’aalis ibiddi waaqa irraa gadi bu’ee qalma aarsaa dibichichaa akka gubuuf gara waaqaBa’aalitti kadhannaa dhiheessuun isaan irraain barbaadama ture.Eliyaasis haaluma wal fakkaatuun foonicha iddoo aarsaan Waaqayyoof dhihaatu irrakaa’uutu isabarbaachisature.Waaqniibiddawaaqairragadi ergu, Inni Waaqayyo dhugaa in ta’a).

2 Ibiddi Waaqayyoomaal godhee? (Ibiddi Waaqayyoobaay’ee cimaature. Foondibichichaa, isa jiidhaa ta’ee fi qoraanicha jiidhaa ture qofa utuu hin ta’iin, dhagaa aarsaan irratti dhihaatu, biyyoo fibishaan boolla kessaa fi waan naannoo aarsaa ture hundasaa in gube).

Sochiiwwan irra-deebii:Bakkeewwan Duwwaa ta’an Guutaa

Akkas jedhii. “Amma qormaata tokkon isiniif qaba. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu hagam akka yaadattan mee haa ilaallu. Seenaa kana irra deebi’eetan isinitti hima. Seenessa dhugaa seenaa kanaa keessatti, yommuu ani dubbachuu dhaabu, jecha kam fayyadamuun akka na barbaachisu anatti himaa.”

Seenaa gabaabaa kana irra deebi’uudhaan barattootaaf yommuu dubbistu,akkasumas yommuu filmaata lamaan bakka duwwaa keessa jiran dubbistu, dhaabbadhuutii ijoolleen jecha sirrii ta’e akka sitti himan taasisi. Filmaatni sirrii ta’angurraachessamaniijiru.

Mootichi Ahaab mootii baay’ee (gaarii,hamaa) ture. Mootichi AhaabEliyaasiin (in jaallate, in jibbe). Mootichi AhaabEliyaasiin (ajjeesuuf, gargaaruuf) barbaadee ture. Haa ta’u iyyuu malee,Eliyaas (hin sodaanne, qaxalee hin turre).

Eliyaas sabichaaf falmii dhiyeesse. Falmiin isaa kunis Waaqni dhugaan eenyu akka ta’e beekuudhaaf akka inni isaan gargaaru isaanitti hime.Eliyaas (hoolota, jiboota) (kudha lama, lama) akka fidanii fi isaan keessaa isa tokko iddoo aarsaa Ba’aal irra akka kaa’an isaanitti hime.Sabichi guyyaa guutuudhaa fi galgala keessas Ba’aaliin kadhachaa turan Haa ta’uutii Ba’aal (waan tokko illee, yommuma sana) kadhannaa isaanii hin dhageenye, yookiin immoo ibidda gadi hin buufne.

Eliyaas iddoo aarsaa ofii isaa yommuu ijaarutti, mukaa fi dibicha gubuudhaaf akka salphaa hin taanetti guutummaan guutuutti aarsaa sana irratti (cuunfaa, bishaan)dhangalaase.Yommuu Eliyaas kadhannaa gara Waaqayyotti dhiyeessetti, Waaqayyo isaaf (in dhag’e, isa dide). Waaqayo ibidda dhagaa,biyyoo fi bishaan utuu hin hafin waan hundumaa gube gadi erge. Taateen kun immoo Waaqayyo Inni Waaqayyoo dhugaa ta’uu isaa in mirkaneesse. Achiin boodas Waaqayyo (bokkaa,ifa aduu) gara lafaatti erguudhaan hongeenbiyya lafaa irra ture akka raawwatu in godhe.

Seenaa dhugaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiiwal-fudhachiisuu

Adeemsa sochii wal-fudhachiisuu: Waaqayyo eenyuu dha?

Adeemsa Sochiiwal-fudhachiisuu kana yommuu hojjettu, barattoonni seenaa dhugaakana sirriitti akka yaadatan gargaaruudhaafhorgoggewwan barumsa darbeetiin fayyadami.

Ijoollee naannawaa kee marsaniiakka taa’antaasisi.Akkasjedhi;“Seeraa Macaafa Qulqulluu hanga ammaatti qorannee hundumaa keessatti, waa’ee Waaqayyoo waan tokko baranneerra. Wantoota barattan kanneen keessaa hammamibsuuakka dandeessan mee haa ilaallu. Seenaan seera uumamaa, waa’ee Waaqayyoo maal nutti himaa?” (Seenaan kun Waaqayyo waan hundumaa gochuu akka danda’u nuuf mirkaneessa. Uumamoota baay’ee ilaalchisee Waaqayyo “haa ta’u” jedhee kan dubbate yommuu ta’u, wanti Inni barbaade hundumtuu uumamee achitti argame. Waaqayyo namoota lamaan duraa uumama addaataasisee kan uumee yommuu ta’u, harkuma Isaatiin isaan hojjechuudhaan isaan Isa biratti kan gahee guddaa qaban akka ta’aniif uume. Waaqayyo, Uumaadhaa finama kamiyyuu caalu beekumsa qabuu dha. Waaqayyo waan hundumaa in beeka. Wantoonni hundinuu Isaan hojjetaman; Isa irraayis in dhufan.

Seenaan Addaamii fi Hewwaan waa’ee Waaqayyoo Maal Nutti Hima? Seenaan kun Waaqayyo cubbuu guddisee kan jibbu, nuun garuu baay’isee akka jaallatu ta’uu Isaa nutti hima. Cubbuun keenyabarabaraaf Isairraagargarakkanuhin baafneWaaqayyonugargaaruubarbaada. Kanaafuu Waaqayyo cubbamoota hundumaa rakkoo cubbuu irraagargaruudhaaf,Fayyisaa biyya lafaatti erguuf karoorfate.Fayyisaan kunisYesus yommuu ta’u, Innis kan du’uufi du’aayis ka’u, karaa Isaatiin cubbuun keenya akka nuuf dhiifamu, namoonni Isatti amanan hundumtuu jireenya haaraa fi kan bara baraa akka qabaatan taasisuu dha.

Seenaan Nohi Waa’ee Waaqayyoo Maal Nutti Himaa?Seenaan kun Waaqayyo warra Isatti amanan hundumaa akka kunuunsuu fi hamaa isaanitti dhufu irraa akka isaan eeguu, sagalee abdiis akka kennuuf nutti hima. Waaqayyo kakuu Isaa kana yeroo hundumaa karaabaay’ee ajaa’ibsisaa ta’eenin raawwata).

Seenaan Abrahaam, Saaraa fi Yishaaqwaa’ee Waaqayyo maal nutti hima? (Sagaleen abdii Waaqayyo kenne utuu hin raawwatamin hafuu akka hin dandeenye seenaanjaroota kanneenii nutti hima AbrahaamiifiSaaraanhammamhaadulloomaniyyuumalee,WaaqayyoyerooIsaaeeggatee dhala isaaniif kenne. Waaqayyo Abrahaamiin “baay’attee saba guddaa taata” jedhee waadaa galeefiiture.WaaqayyoijoolleenIsraa’eldachadachaadhaan akkabaay’atangodhe.Yerooammaa sanyiin namaa, Gooftaa Yesusiin Fayyisaa taasifatanii fudhatan hundinuu ilmaan Abrahaamittilakkaa’amu.

Seenaan Yoseef Waa’ee Waaqayyoo Maal Nutti hima?Seenaan kun yeroo hundumaa Waaqayyo akka nu eeguu fi waan nu barbaachisu hundumaas akka nuuf qopheessu cimsee nutti hima. Haalonni naannoo keenya jiranhammam ulfaataa ta’anis, Waaqayyo waan gaarii gochuu in danda’a. Waaqayyo Waaqayyoo humna dhiifama gochuu danada’u qabuu dha. Akkuma Yoseef obbolaawwan isaa kan isa miidhanii fi dabarsaniis gurguraniif dhiifama godhe, nutis hundumti keenya warra nu miidhanii fi nu irratti ka’aniif dhiifama akka goonuuf nu gargaara.

Seenaan Musee waa’ee Waaqayyoomaal nutti himaa? (Waaqayyo saba Isaa akka eeguu fi geggeessitoota akka ta’aniif isaaniin akka hojjechuu danda’u seenaan kun nutti hima. Ijoolleen Israa’el garbummaa biyya Gibxii keessa yommuu jiran Waaqayyo kadhannaa isaanii ni dhaga’e; garbummaa sana jalaas isaan baase. Waaqayyo ijoollee Israa’eliin lafa duwwaa keesatti geggeessuudhaaf karaa Musetiin hojjette.Haaluma kanaanis Waaqayyo yommuu nutigaraa qulquluudhaan Isa kadhannu,nuuf dhagaha; dafees nuuf deebisa. Waaqayyo karaa Gooftaa keenya Yesus Kristositiin garbummaa cubbuu jalaa nubaasuudhaan nufayyisa. Waaqayyo akka nu haala mijaawaa keessa jiraannuu fi jireenya keenya keessattis tasgabbii guddaadhaan akka deddeebinu in barbaada. Kanaafis jedheeti Waaqayyo gaara Sinaa irratti qajeelfama Abboommii Kurnanii Museedhaaf kenne

Abboommiiwwan Kurnanuu jaalala guddaa Waaqayyo nuuf qabu nutti argisiisu. Qajeelfamni AbboommiiwwanKurnanii kunneenis maal raawwachuu akka qabnuufi maal irraa ofeeguu akka qabnu nutti mul’isu. Akkamitti jaalalafi fedha Waaqayyootii jiraachuu akka dandeenyunutti himu

Seenaan Ruut Waa’ee Waaqayyoo maal Nutti Hima? Nohaamii fi Ruut dubartoota abbaan warraa irraa du’an ta’anis, akka maatii tokko ta’anii waliin jiraataniif Waaqayyowalitti isaan hidhuun Isaa jaalalaa fi eeggannaa Inni qabu seenaan Macaafa Qulqulluu nutti argisiisa.Akkasumasseenaan kun Waaqayyo namoonni hundumtuu maatii Isaa akka ta’anii barbaaduu Isaanutti argisiisa. Ruut akka maatii saba Israa’el tokkootti dhalattee guddachuu haadhabdu iyyuu malee, gargaarsahumnaa fihojii Waaqayyootiin gara amantiitti kan dhuftee fi hidda dhaloota sanyii Yesus keessa galuu danda’uu ishee nutti mul’isa.

Seenaan RaajotaWaaqayyoo kan akka Saamu’eel fi mootota kan akka Saa’ool, Daawwitii fi Solomoon waa’ee Waaqayyoo maalnutti hima?Seenaawwan kunneen murtoojal’aa fihojiincubbuujiraatu illee, Waaqayyo amma iyyuu saba Isaatiif waan gaarii gochuu akka danda’u nutti mul’isa. Amantoonni hundumtuu akka Isa tajaajilanii fi mootummaa Isaa akka babal’isaniif Waaqayyo isaanitti fayyadama. Jaalala Fayyisuu Yesus akka agarsisanii fi warra birootti dubbachuu akka danda’aniif Waaqayyo geggeessitootaaf humnaa if ogummaa in kenna.

Seenaa Eliyaas irraa immoo Waaqayyo saba Isaatiif waan barbaachisu hundumaa akka Qopheessuufbaranneerra.Yeroo rakkoongaraagaraanumarsanisWaaqayyonugargaara. Yeroo hunda sababa tokko tokkoon balaan gara garaa yoo bu’u waa’ee isaa namoota birootti himuu fi Waaqayyo qofti Waaqayyo dhugaa ta’uu Isaa namootatti akka labsinuuf ija jabina guddaa Inni nuuf in kenna. Isaan kunneen hundumtuu seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti jaalalaa fi eegumsa guddaa Waaqayyo karaa Fayyisaa fi Gooftaa keenya

YesusKristosin nuuf qabu nutti argisiise. Kunis karaa isa guddaa ta’ee dha. Gooftaan YesusKristos fannoo irratti fannifamee gocha Inni nuuf godheen Waaqayyo bu’aa cubbuu kan ta’e du’a bara baraa irraa nu baraare. Du’aa ka’uu Gooftaa Yesusin cubbuu, du’aa fi Seexana irratti mo’annaa gonfachuun akkasumas jireenya haara ta’ee fi kan bara baraa argachuu dandeenyee jirra. Waaqayyo, Inni eenyu akka ta’e dhalli namaa hunduu akka beeku in barbaada. Humna Fayyisuu, isa ajaa’ibaa fi jaalala addaa ta’e warra birootti akka dhugaa baanu ykn labsinu Inni nu gargaara.

Waraqaadhaa fi halluu adda addaa barattoota keetiif kenni.Akkas jedi; “Meebeeksisawwan (posteroota)Waaqayyo eenyu akka ta’e ibsan haa hojjennu. Inni qofti Waaqayyo Isa dhugaa ta’uu Isaa gabateewwan beeksisaa keenyaan fayyadammuudhaan namoota birotitti yommuu lallabnu Waaqayyo humna Issatiin nugargaara. Waa’ee Waaqayyoo waan barattan hundumaa mee yaadadhaa. Mee wantoota gurguddaa Waaqayyo jireenya keessan keessattihojjetee fi fuulduraattis Inni itti fufeehojjechuu danda’utokko tokkokan argisiisufakkii isaa kaasaa.

Erga barattoonni kee beeksisa kanneen hojjetanii xumuranii booda fakkiiwwan kaasanirratti hundaa’anii miseensa gareeisaanii kan hafaniif waa’ee guddummaa Waaqayyoo dubbachuudhaaf kaka’umsaan ibsuuakka yaalan jajjabeessi. Waa’ee Waaqayyo dhugaa Isa tokkichaa, dhugaawwanbaay’ee ajaa’ibsiisoo ta’an miseensota maatii isaaniitti himuudhaaf fakkiiwwan hojjetan hundumaagara mana isaaniitti fudhatanii akka ittiin fayyadaman cimsi jajjabeessi.

LuqqisiiMacaafa Qulqulluu Samuutti Qabatamu: Maqaan isa nu furuu “Waaqayyo gooftaa maccaa ti” (Isa. 47:4a).

Ijoolleefuulakeedurateessisi. Mecaafa Qulqulluu kees baafachuudhaan gaaffilee akkana jedhu gaafadhu: Seenaa Mecaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyo dibichicha, iddoo aarsaa sanaa fi bishaanergagubeebooda,sabnimaalgodhee? (Sabnisunisaddaisaaniitiinlafattigadijedhanii: “Gooftichi kun Waaqayyoo dha! Gooftichi kun Waaqayyoo dha!”) jedhanii sagalee guddaadhaan in iyyan.Luqqisiin Macaafa Qulqulluu summuutti qabatamu, har’aa Waaqayyo Waaqayyoo dhugaa ta’uu Isaa namootaaf yommuu labsinu jecha nuyi ittiin ibsuu dandeenyuu dha.

Isaayas 47:4a barattootaaf erga dubbistee booda, maqaan furaa (isa nu furu)jedhu hiikaan isaa “namawanta kan isaa ta’etokkodeebisee bitu” jedhiitii itti himi. Gatii cubbuu keenyaa Waaqayyoof kaffaluun kan nu irra ture, Gooftaan Yesus Kristos cubbuu ilmaan namootaa fudhatee fannoo irratti du’ee Waaqayyoof deebisee nu bite.“Waaqayyo gooftaa maccaa” inni jedhu humna hundumaa olii kan qabu jechuu dha.Waaqayyo wantoota Eliyaas iddoo aarsaa irratti qopheesse hundumaa yommuu gube sana humna Isaa isa guddaa mul’isa. Gooftaan Yesus Kristosis yommuu du’aa ka’ee, jiraataa bara baraa ta’ee humna Isaa, isa guddaa argisiise. Kanaafuu akka luqqisii Macaafa Qulqulluu kanaatti “Waaqayyoo keenya, Isa hundumaa danda’uuf galanni guddaan haa ta’u” jechaa gammachuudhaan haa faarfannu.

Barattoonni kees jecha liqqisii Macaafa Qulqulluu kana si hordofanii akka irradeddeebi’anii dubbatan tasisi. Itti aansuudhaanis jecha “Isa nu furu” jedhu yommuu waamtu, ala sadii harka kee walitti rukutuudhaan luqqisii kana barsiisi. Isa nu furu: “harka keessan walitti rukutaa; rukutaa, rukutaa”, maqaan Isaa Waaqayyo hundaa danda’uu dha.Kanayeroo baay’eedhaaf irra deddeebii hojjedhu. Itti aansuudhaanis barattoonni kee luqqisii kana hamma sammuutti qabatanitti shaakalchiisi.

Faarfanna: Jereenya keenya keessatti Waaqayyo humnaa fi aangoo Isaa waan argisiisuuf, Isa jajachuudhaaf, Faarfannoota“Jaalalli Kristos keessa koo gubeetu” (lakkoofsa 20), Lubbuu ko Waaqayyoon eebbisi” (lakkoofsa 23) “Gammadaa in gammadnaa” (lakkoofsa 9) jedhan faarfadhaa.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa qajeelfamakana fuula gara duubaa irra jirukadhadhu. Baafata

Barumsa 23

Na’amaanii fi Eelsaa’i

2Mootota. 5:1-16

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 68-70

DhugaaIjoo

Waaqayyo dhibee qaamaa irraa nu fayyisuu in danda’a. Hundumaa olittiimmoo du’uu fi du’aa

ka’uu Yesusin dhibee cubbuu bara baraaf gara du’aatti nu fidu irraa Inni nu fayyiseera.

KaayyooBarumsichaa

Barattonni humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Na’amaaniin dhibee lamxii irraa kan qulleesse humna Waaqayyoo ta’uu Isaa inBEEKU.

• Yeroo dhibeen qaamaa isaan quunamu fayyina argachuudhaafWaaqayyo irratti hirkachuudhaan, amantii Yesus irratti qabaniif du’a sababa cubbuutiin dhufu irraa

Waaqayyo akka isaan fayyisu barachaa in GUDDATU.

• Waaqayyo namoota rakkoo keessa jiran humna Isaatiin akka fayyisuu fi gargaaruu danda’u amananii isaaniif kadhachuudhaaf in JIRAATU

LuqqisiiMacaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:

Waaqayyoon ulfinaan jajadhu yaa lubbuu koo wanta gaarii Inni godhe hundumaas hin irraanfatin. Inni yakka kee sif in dhiisa; dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa (Faarfannaa 103:2-3).

Meshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

1 Filmaata1 fi 2 seenessuudhaaf horgoggee Eliyaas barumsa 21 fi 22 irraa, akkasumas horgoggee Eelsaa’i barumsa kana irraa fudhadhuutii seenessuu jalqabi.

2 Yeroo barsiistuhorgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubbaa irra jiraniin fayyadamta yoo ta’e, kanneen barnota 23ffaaf qophaa’an waraabbiitaasisi. Fakkiiwwan kanneen murii baasiitii kobbii halluu qabaniin dibi. Fakkiiwwan kanneen tokkoo tokkoo isaanii ulee guddaa yookiin baala furdaa irratti hapheedhaan maxxansi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

Eliyaasi fiEelsaa’i akka itti wal-quunnamanhubachuudhaaf dursitii1Mootoat19 dubbisi. Eelsaa’i Eliyaasiin raajii Waaqayyoo godhatee akka isa hordofehubachuudhaaf itti fufee kanjiru2Mootota 2dubbisi Isa boodas xiyyeeffannaa barumsa kanaa kan ta’e2Mootota 5dubbisi.

1. Eliyaas raajotaBa’aal akkaajjeese Izaabel yommuu dhageesse (1Mootota 18:40),Eliyaasin ajjeessuudhaaf kakate (1Mootota 19:2). Eliyaasis lubbuu isaatiif sodaatee in miliqe (1Mootota 19:3). Eliyaasis fagaatee lafa kibba Yihudaa jirtu Bersheebaa jedhamtutti baqate. Abdii kutachuu fi muddamuudhaan gaaddisa muka tokkoo jala taa’ee akka du’uuf

kadhate (1Mootota 19:4). Eliyaas lubbuun isaa fi Waaqayyoon bakka bu’ee tajaajiluun isaagatii waan hin qabne fakkaatee itti dhaga’ame. Haa ta’utii Waaqayyo isa kunuunsuudhaaf ergamaa Isaa itti in erge. Ergamtichis Eliyaas akka jabaatuuf guyyaadhuma guyyaadhaan yeroo lama lama nyaata isaaf fidaature. Isa boodas bakka Waaqayyo saba isaatiif waadaa itti galetti dheessuudhaaf gara gaara Koreebitti halkan 40 fi guyyaa 40 in adeeme (Seera Ba’uu 33).

2. Isa boodas Waaqayyo sagalee laafaadhaan Eliyaasitti mul’ate (1Mootota 19:13). Waaqayyo Eliyaas uummata Israa’el irraa fagaatee iddoo sanaa maal akka hojjetu isa gaafate. Eliyaas abdii kutachuu isaa fi sodaachuu isaa Waaqayyootti in hime (1Mootota 19:14). Eliyaas gara gammoojjii Damaasqoo adeemee Hazaa’elin Aaraam (Sooriyaatti), Iyyuu immoo Israa’el irratti Mootii akka ta’an, Elsaa’i bakka isaa raajiihaa ta’uuf akkadibuuf itti hime. Namoonni 7000 immoo Isaaf amanamoo ta’anii akka isa eegan Waaqayyo Eliyaasitti hime. Eliyaas, WaaqayyooIsa dhugaa ta’e kan waaqeffatu isa qofa jedhee amanuun dogogora ture (1Mootota 19:15-18).

3. Eliyaas akkumaWaaqayyo isatti hime Elsaa’i utuu qonnaaabbaa isaa qotaa jiru argate (1Mootota 19:19). Eliyaas uffata dabalataa ofii isaa Elsaa’i irra buusee akka inni bakka isaa bu’u mirkaneesseef. Kana boodas Elsaa’i warra isaatti nagaa dhaamuudhaaf gara mandara isaatti deebi’ee, sangoota isaas qalee foonichas meeshaa qonnaa sanaan affeelee akka nyaataniif uummata sanaaf kenne (1Mootota 19:21). Hojiin kun Elsaa’i Eliyaasin hordofuudhaaf jireenya kessa ture sana gonkumaan dhiisuu isaa mal’isa. Itti fufees Elsaa’i hordoftuu Eliyaasi fi leenjii’aa isaa ta’e.

4. Eliyaas yeroo Elsaa’in leenjisu sana Israa’el Sooriyaa fi olloota ishee kan biroo wajjin rakkoo keessa galuu itti fuftee turte. Mootichi Ahaab waraana Sooryaa wajjin adeemsifamaa ture keessatti in du’e (1Mootota 22:34-3). Akaaziyaasis mootiiIsraa’el isa haaraa in ta’e (1Mootota 22:40). Akkuma abbaan isaa godhaa ture Akaaziyaas ba’aaliin waaqeffate; Waaqayyo Isa kan Israa’elinis in dheekkamsiise (1Mootota 22:53).

5. Barri Eliyaas itti tajaajilaa ture sun quunnamtiin isaa fi Elsaa’icimee waan tureef, Elsaa’i Eliyaas irraa adda ba’uu hin barbaanne ture (2Mootota 2:1-2). Eliyaasi fi Elaas’i laga Yordaanos cina ga’an (2Mootota 2:7). Eliyaas uffata dabalataa isaatiin laga Yordaanosin bakka lamatti hiree inni fi Elsaa’i in ce’an(2Mootota 2:8). Eliyaas isa irraa adda ba’uu isaa Elsaa’itti himee,dursa maal akka inni isaaf gochuu qabu akkabarbaadu Esaa’in in gaafate (2Mootota 2:9). Elsaa’i tajaajila Eliyaas itti fufuuf gargaarsa barbaade. Namoonni lamaanuu utuu waliin adeemaa jiranii kankolaataan ibiddaa fi fardeen ibiddaa dhufanii isaan lamaan gargar in baasan.Yeroo sana Eliyaas qilleensa jabaadhaan gara waaqaatti ol in sokke (2Mootota 2:11). Guddisaa isaa irraa waan adda ba’eef Elisaa’i uffata isaa tarsaase (kunis mallatoo gaddaa ture) (2Mootota 2:12). Elsaa’i uffaticha isa Eliyaas irraa bu’e sana fuudhatee, akkuma Eliyaas gochaa ture, bishaan laga Yordaanos yeroo rukutu bishaanichi iddoo lamatti gargar hirame. Elsaa’is gara gamaatti ce’ee Waaqayyoon tajaajiluu itti fufe(2Mootota 2:14).

6. Akkumatajaajilli Elsaa’i itti fufee jiruunnamni Na’amaan jedhamunaannoo Aaraam, Sooriyaatti ajajaa waraanaa ture. Waaqayyo sababa isaatiif Sooriyaadhaaf mo’icha kennee waan tureef Na’amaan nama kabajamaa ture (2Mootota 5:1). Na’amaan loltuu cimaa ta’us lamxiiqaba ture. Lamxiin bifa gogaa namaa in balleessa; sirna ribuus in tochoosa. Innis sababa baakteeriyaatiin kan ka’u yommuu ta’u yeroo baay’ee ija, funyaan, gurraa, harkaa fi miillas namaas in miidha; mallattoon isaas suuta suuta waan mul’ataa adeemuufhadooduun qaamaa itti fufee dhageettii harkaa fi miillaa dhabamsiisuudhaan eegala. Adeemsa keessas gogaa qaama namaa irratti madaan mul’ata. Oolee buleeimmoo argituu mancaasuu fi qubni harkaa cituu fi bifa fuulaa nama sanaa balleessuutu itti fufa. Macaafa Qulqulluu keessatti akka argamutti bara durii lamxiin karaa dogoggoraatiin hubatama waan tureef sababa cubbuutiin waan Waaqayyo adabbiidhaaf namatti fidu godhamee lakkaa’amaa ture. Dhibeen kunis akka hin babal’anneef namoota biroo irraa adda ba’anii akk jiraatan taasifamaa turan. Yeroo ammaa kana immooogeeyyiin fayyaa akka argatanitti, dhibeenkun daawwaa farra baakteryaatiin in fayya. Daawwaa farra baakteriyaatiin fayyadamuun namni dhibame sun dhangala’aa funyaan isaa keessaa ba’uun dhibee kana gara namoota birootti akka hin dabarsine taasisa.

7.Loltoonni Sooriyaa durbeexiqqoo Israa’el keessaa booj’anii kan tura haadha manaa Na’amaan tajaajilti.Mucaandurbaasunis “Gooftaankoo gararaajichaisaSamaariyaajiruu utuu dhaqee, raajichi dhukkuba lamxii isaattii isa in fayyisa ture”(2Mootota 5:3) jettee giiftii isheetti himte. Mucaan durbaa sun kana kan dubbatte waa’ee raajicha Elsaa’i ture. Mootichi Sooriyaas Na’amaan akka fayyuuf Mooticha Israa’elitti xalayaa ergeef(2Mootota. 5:6).

8.Mootichi Israa’elis xalayicha dubbisee uffata isaa in tarsaase. Sababa Na’amaaniin fayyisuu dadhabuu isaa irraa ka’ee Israa’elii fi Sooriyaa gidduutti waraanni ka’uu danda’a jedheesodaatee ture (2Mootota 5:7).

9. Mootichi sodaachuu isaa Elsaa’i dhagee Na’amaaniin gara isaatti akka erguuf mootichaatti namaerge(2Mootota5:8).KanaafisNa’amaangaramanaElsaa’idhaqe.Elsaa’iNa’amaan laga Yordaanositti si’a torba bishaanicha lixee yoo dhiqate in faayya jedheenama ergee isatti himsiise (2Mootota 5:10).

10.Na’amaan garuu Elsaa’itti in aare. Inni Elsaa’i dhaqee akka isa ilaaluu fifayyisuufabdateeture(2Mootota 5:11).Na’aman maaliif lageen biyya isaa keessa jiran keessatti dhiqachuu akka hin dandeenye hin hubanne ture (2Mootota 5:12). Garuunamoonni isa tajaajilan wanta salphaata’e kana akka raawwatuuf isa amansiisan(2Mootota 5:13). Kanaafis Na’amaan laga Yordaanos keessatti si’a torba dhiqate. Akkuma Elsaa’i dubbate foon Na’amaan deebi’ee fayyaa ta’e (2Mootota 5:14).

11.Na’amaanii fitajaajiloonni isaagaraElsaa’itti in deebi’an.Na’amaanis “Kunoo,Waaqayyo guutummaabiyyalafaakeessaabiyya Israa'elkeessaduwwaamalee,iddootokkoilleeakka hin jirreani ammananbeeka” (2Mootota5:15)jedheedubbate. Na’amaan Elsaa’iifkennaa

laachuubarbaade haa ta’u malee, Elsaa’i kennaasanafudhachuudhaaf fedhii hin qabaanne. Na’amaanhumnaElsaa’inhinfayyine;fayyinichiWaaqayyobiraakanta’eture(2Mootota 2:16).

12.Na’amaan biyyoo aarsaa Waaqayyoof irratti dhi’eessu Israa’el irraa biyya isaa Sooriyaatti fudhatee galuudhaaf Elsaa’in kadhate(2Mootota5:17) Bara durii Waaqayyo kan waaqeffatamu biyya Inni keessatti mul’ate keessatti qofa kan jedhu ilaacha dogogoraatu ture. Na’amaan immoo yeroo mootichi Sooriyaa sagadudhaaf galmaRimoonitti lixu inni waanduukaa isaa galuuf, Mootichi Sooriyaa dhiifama akka argatuuf Elsaa’i Waaqayyoon akka gaafatuuf kadhate(2Mootota 5:19). Elsaa’i Na’amaaniin dhaqi jedheen(2Mootota 5:19).

13.Humni Waaqayyoo Na’amaaniin lamxii isaa irraa isa qulqulleesse.Yeroocuuphamnu Waaqayyo dhibee hafuuraa irraa nu fayyisa; du’a sababa cubbuutiin dhufu irraas nu fayyisa. Bishaanii fi dubbii Isaatiin cubbuu keenya laphee keenya keessaa dhiqee akka ijoollee Isaatti nu simata. Bara jereenya keenyaa Hafuurri Qulqulluun laphee keenya keessa taa’ee hojjechuudhaan cubbuu keenya akka beeknuufi qalbiijijjiirannu hojii Isaa utuu addaan hin kutin in hojjeta. Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisuudhaan akka Isa tajaajilluuf fedhiifi jajjabina nuuf in kenna.

14.Tajaajilituun mucaan durbaa sun humni Waaqayyo bifa dhibee hundumaa akka fayyisu amante.

Barumsicha dhi’eessuu

Kadhannaa Jalaqabaa: kadhannaa macaaficha kanafuula duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfanna: Ani nanfayye, nan gammada(Lakkoofsa 1) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojii: warra dhukkubsatan gargaaruu;

Ijoollonnisi fuul-dura akka taa’antaasisi. Ammas “dadhaboonni yeroo Yesus isin waamu dhaga’aa” jedhu faarfanneerra jedhiin. Faarfannaan kun waa’ee maalii nutti hima? (Faarfannaan kun yeroo mara Waaqayyoon kadhachuu akka dandeenyuu fi Innis ba’aa keenya salphisuuf nu dhaga’uu fi nu gargaaruu akka daanda’u nutti hima). Ba’aa jechuun rakkoo nu mudatu jechuu dha. Yeroo tokko tokko rakkoolee keenya ofii keenyaan to’achuun yommuu nutti ulfaatu ba’aa dha jenna. Ba’aan jireenya namoota hedduu keessa jira.

Nama dhukkubsatetokkoattam gootee gargaarta? (Gaaffii kanaijoolleenhaa deebisan. Tariitii ijoolleen sun nama dhukkubsate dubbisuudhaaf, abaaboo, kaardii jechoota jajjabeessan qabu, nyaata fidaniifii,hojii mana keessaa hojjechuufiidhaan; yknakka fayyuuf kadhafiidhaa gargaaru.)

Seenaa Maacafa Qulqulluuhar’aa keessatti namni Na’amaan jedhamu dhibee lamxii qaba ture. Lamixiin dhibee gogaa fiargituu irratti rakkoo fiduudha. Bara Na’amaan jiraachaa ture sana nama lamxiin qabame wal’aanuuf dawaan tokko illee hin jiru ture.

Na’amaan gargaarsaa fi fayyaa isa barbaachisu irratti rakkoo guddaatu isa quunnamee ture.

Waaqayyo Na’amaaniin gargaaruuf tajaajilittu mucaa durbaa sanaa fi raajichatti fayyadama. Waaqayyo Na’amaaniin attamitti akka gargaare baruudhaaf seenaa Macaafa Qulqulluu kana akeekkannaadhaan dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha” (Lakkoofsa 2) jedhu faarfadhaa

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata1: “Seenaa Macaafa QulqulluuQooda Ijoollee” keessaatti waa’ee Na’amaanii fi Elsaa’i yommuudubbistu seenessuu kee miidhagaa gochuudhaaf Horgoggeewwan qajeelcha kana fuula gara duubaa irra jiru fayyadami. Seenessuu kee yeroo eegaltu horgoggee Elyaas isa barusa 21 fi 22 keessatti fayyadamtanhorgoggee Elsaa’i wajjin qabadhu. Horgoggee Eliyaas yeroo argisiftu akkakanatti ibsi; Eliyaas waggoota baay’eedhaaf amanamumaadhaan Waaqayyoon tajaajile.

Tajaajilli Eliyaas xumuratti dhi’aannaan Waaqayyo Eliyaasin gara nama dargaggeessa Elsaa’i jedhamuuttierge.Yeroo kana horgoggee Elsaa’i argisiisi. Elsaa’i raajota Waaqayyoo keessaa tokko ta’ee hojjeechuu eegaluuf jedha. Hamma gaafa Waaqayyo Eliyaasiin konkolaataa ibiddaatiin gara waaqaatti ol fudhatuutti, Eliyaasii fi Elsaa’i walii wajjin hojjechaaturan. Yeroo kanahorgoggeeEliyaas lafakaa’iitii horgoggeeElsaa’i qofa argisisi. Sana boodas seenaa barumsichaa itti fufi.

Filmaata 2:Seenaa sochii yeroo sanaa

Sochiiseenaasanaaeegaluukeedura,akkumafilmaata1irrattihimamettiseenaaEliyaasiifiElsaa’i barattootaaf ibsi.

Dubbadhu Hojjedhu

Elsaa’i raajii Waaqayyoo ture. Inni waa’ee Waqayyoo saba isaattisin hime.

Aaraam (Sooriyaa keessa) waraana mootichaa keessa Jeneraalli Na’amaan jedhamu dureessaa fi beekamaa ture.

Na’amaandhibee lamxii jedhamu dhukkubsataa ture. Biyya isaa keessatti namniisa gargaaruu danda’u gonkumaa hinjiru ture.

Haadha manaa Na’amaaniin tajaajilaakanturtemucaan durbaa lammiin Israa’el, Na’amaaniin gargaaruu waan barbaaddeef “raajichi Waaqayyoo Elsaa’i isingargaaruu in danda’a” jettee itti himte.

Akka nama lallabuu fi kadhatuuttiharka kee diriirsii, barruu ol bani.

Akka loltuutti ol–qajeelii dhaabadhu.

Fuula gaddaa mul’isi.

Fuula ifaa mul’isi.

Kanaafuu Na’amaan konkolaataa irra taa’ee Elsaa’in arguufadeeme.

Elsaa’i Na’amaan laga Yordaanos dhaqee yeroo torba yoo dhiqate akka fayyu itti hime.

Jechi Elsaa’i Na’amaaniin in dheekkamsiise; laga Yordaanositti dhiqachuun akka isa gargaaruu danda’us hin amanne. Kanaafuu gara biyya isaattiadeemee lageen biyya isaatti dhiqachuu barbaade.

Tajaajiloonni isaa “wanta Elsaa’i sitti hime kana maaliif hin yaalle” jedhaniin.

Farda konkolaataa isa saffisaa ta’e fakkaadhuu argami.

Quba torba argisisi.

Harka kee naannoo laphee kee irra kaa’ii.

Gatiittii kee sochoosiitii mataa kee gadi qabi.

Na’amaan laga Yordaanos bu’ee yeroo torba dhiqate. Nama dhiqatu fakkaadhu.

Akkuma Elsaa’i itti himetti dhibeen Na’amaan irraa in bade; deebi’eetis fayyaa ta’e.

Na’amaan Elsaa’ingalateeffachuufin dhufe; “Waaqni Israa’el waaqa dhugaa ta’uu isaas amma nan bare” jedhe.

Elsaa’i waan isa gargaareef Na’amaan horii kaffaluufiin barbaade; Elsaa’i garuu horicha fudhachuu hin barbaanne.

Kan Na’amaaniin fayyise Waaqayyoo akka ta’e Elsaa’iin beeka.

Seenaa Macaafa Qulqulluuirradeebuu

Fuula gammadaa argisiisi.

Garawaaqaaol argisisitiimataa keegad qabadhu.

Mataa kee raasiittii “hin ta’u” jedhi.

Gara waaqaa ol argisisiitii mataa kee gadi qabadhu.

Gaaffilee seenaa sana irratti hundaa’an: Gaaffilee itti fufan kanneen garee kee gaafadhu: 1 xomboreen sun maal jette? (Raajichi Waaqayyo Inni kan Elsaa’i Na’amaamiin fayyisuu in danda’a jette). 2 Na’amaan laga Yordaanos keessatti si’a torba akka dhiqatu eenyutu itti hime? (Kana akka gadhuufElsaa’itu Na’amaanitti hime). 3 Na’amaan lamxii irraa kan fayyise eenyu? (Kan fayyise Waaqayyo dha)

Sochii hojii irra deebii: Dhugaa dha moo soba? Baratoota fuula kee dura teessisi. Isa booda“keenyaa kan har’aa irraa jechoota muraasan isiniif dubbisa” jedhiin. Kanani dubbisu yoo dhugaa ta’e harka ol kaasaa; soba yoo ta’e immoo harka keessan jilba irra kaawwadhaa.

1 Elsaa’iraga (raajii) Waaqayyoo ture (dhugaa).

2 Na’amaan gita waraanaa keessatti jeneraala ture (dhugaa).

3 Xonboreen sun lamxiidhaan dhibamtee turte (soba).

4 Na’amaan lamxiidhaan baay’ee dhibamee ture (dhugaa).

5 Xonborettin Elsaa’i Na’amaaniin gargaaruu danda’a jette (dhugaa)

6 Elsaa’iNa’amaan laga Yordaanositti si’a afur yoo dhiqate akka fayyu hime (soba).

7 Na’amaan laga Yordaanositti dhiqachuuf ariifatee deeme (soba).

8 Na’amaan lagichatti dhiqatee lamxii isaa irra in fayye (dhugaa).

9 Horii Na’amaan kennuu barbaade Elsaa’i harkaa fudhateera (soba).

10 Na’amaan ayyaanaa fi humna Waaqayyoo irraan kan ka’e fayye (dhugaa).

Dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Sochii wal-fudhachiisuu: Gargaarsa Waaqayyoo in fayyisa

Baratooti bakka isaan si arguu danda’an teessisitii:“Na’amaaniin kan fayyise humna Waaqayyoo ti. Waaqayyoo hundumaa caalaa humna-qabeessa dha. Yeroo dhibamnu Inni nu gargaaruu in danda’a. Ba’aa ykn rakkoo nuyii quunnamu irrattis nuyi gargaaruu in danda’a” jedhii isaanitti himi.

Waaqayyo kan nu fayyisuu daanda’u yeroo nu dhibamnu qofaa miti. Lubbuu keenyas cubbuu irraa fayyisuu in danda’a. Cubbuun nuyii fi warrabiroos in miidha. Cubbuu keenya irraa kan ittiin fayyinu karaa tokko qofatu jira; karichis Yesus qopha dha. Yesus cubbuu keenya dhabamsisuudhaaf fannoo irratti in du’e. Innis ceebbuu keenyaaf eega du’ee booda, seexanaa ol ta’uu isaa mul’isuudhaaf warra du’an keessaa in ka’e. Yeroo cuuphamnu Waaqayyoo cubbuu laphee keenya keessaa balleessuudhaan bara baraaf ijoollee Isaa nu godhata. Yeroo maraa Inni eeggannoo akka nuuf godhu abdii nuuf kenneera. Foon keenya kan du’u ta’us namni Yesusitti amanu hundumtuu bara baraan Isaa wajjin jiraata. Waaqa irratti dhibeen muddamaa fi gaddi hin jiru. Waaqa irratti Yesus wajjiin jiraachuukeenya irraa kan ka’e hundumtuu waan dinqisisaa nuuf ta’a.

Yesus akkanu gargaaruu fi nu fayyisu kan mul’isu sochii hojii haa hojjenu.Dhaabannee marsaa haa hojjennu; amma haa qophoofnu; waa’ee Yesus yeroo ani dubisee xumuru hundumti keessanis utaaltanii “Yesus nu gargaara, Yesus nu fayyisa” jedhaa! Kanaas haa shaakallu.

Ijoolleen akka riphan taasisi. Achiin booda utaalaa “Yesus nu gargaara, Yesus nu fayyisa” akka jedhan taasisi. Ijoolleen sun yeroodhuma ol utaalanitti riphuutu isaan irra jira.

Barsisaa Ijoollee

Yeroo ani dhukkubsadhuu fi miirri hin taan natti dhaga’amu

Yeroo ani dadhabuu fi gaddu

Yerooani finciluu fi abboomamuu didu

Yesus na gargaara! Yesus na fayyisa!

Yesus na gargaara! Yesus na fayyisa!

Yesus na gargaara! Yesus na fayyisa!

Yesus cubbuu koo naaf dhiisa

Yeroo namni ani beeku dhukkabsatu

Akkan fedha Isaa raawwadhuufWaaqayyo kadhannaa koo in dhaga’a.

Yesus na gargaara! Yesus na fayyisa!

Yesus na gargaara! Yesus na fayyisa!

Yesus na gargaara! Yesus na fayyisa!

Macaafni Qulqulluun in dubbata; kunis dhugaa dha. Yesus na gargaara! Yesus na fayyisa!

Rakkoo keenyamara Waaqayyoin fayyisa

Yesus na gargaara! Yesus na fayyisa!

LuqqisiiMacaafa QulqulluuSammuutti Qabatamu: “Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, wanta gaarii inni godhe hundumaas hin irraanfatin! Inni yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa” (Faarfannaa 103:2-3).

Ijoollee fuula kee dura teessisi. Macaafa Qulqulluu fidiitii, Waaqayyo gaarii dha; Macaafni Qulqulluun waan Waaqayyo nuuf godhe kan dubbatu dhaggeeffadhaa jidhiin. Sagalee kee ol kaasitii Macaafa Faarfannaa 103:2-3 dubbisi. Waaqayyo akka nu gargaaru faarfannaan kun attamitti nutti hima? jedhii ijoollee gaafadhu. (Waaqayyo cubbuu in dhisa; dhibees in fayyisa). Yeroo dhukkubsannu Waaqayyo qaama keenya in fayyisa. Waaqayyo Yesusif jedhee cubbuu keenya nuuf dhiisuudhaan lubbuu keenya cubbuuttii in fayyisa. Mee jechoota luqqisii kanaa haa barannu.

Akka armaan gaditti mul’atetti luqqisii kana kutaa kutaadhaan hiri. Kutaa jalqabaa ati dursitii jedhi. Achiin boodas isa ati jette kana ijoolleensi duukaa akka irra deebi’anii jedhan taasisi. Itti fufee immoo isa duraatii fi kan lammaffaa atti wal-duukaa dubbadhu. Amma immoo kutaa sadaffaa ati dubbadhu. Ijoolleen akka irra deebi’anii dubbatan taasisi. Itt fufiitii kutaa sadaffaa ati dubbadhuutii ijoolleen akka irra deebi’anii dubbatan taasisi. Ammas itti fufiitii kutaalee tokkoffaa,lammaffaa fi sadaffaa wal-duukaa dubbadhu. Isa boodas kutaa 4ffaa ati dubbadhuutii ijoolleen akka si duukaa jedhan taasisi. Ammas itti fufiitii kutaalee afranuu wal-qabsisitii jedhi

Barattoonni luqqisicha guutumaan guutuutti hanga baranitti yeroo baay’ee irra deddeebi’ii jedhi Akkanas jedhiitii Waaqayyoon ulfinaan jajjadhu: “Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko,/ wanta gaarii inni godhe hundumaas hin irraanfatin!/ Inni yakka kee siif in dhiisa,/ dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa.”

Faarfannoota:Waaqayyo gaarii dha (Lakkoofsa 32);Macaafa Gooftaa malee (Lakkoofsa 25); Waaqayyoo koo (Lakkoofsa 33) jedhan keessa deebi’aa faarfadhaa.

Hojiiharkaa:kaardii hawwii gaarii ibsu qopheessi.

Ijoollee bakka hojiin harkaa itti hojjetamuu danda’amu teessisi. Seenaa Macaafa Qolqulluu keessaatti rakkoon Na’amaan dantaa xomboree sanaa ture. Inni waan baay’ee dhukkubsateef isheen gadditee turte.Akka Na’amaan fayyus in barbaaddi turte. Kanaafuu

waa’ee Elsaa’i haadha warraa Na’amaanitti himte. Elsaa’i Na’amaan gara laga Yordaanos dhaqee akka dhiqatu itti hime. Waaqayyos Na’amaaniin in fayyise.

Namni beeknu tokko yoo dhukkubsate Waaqayyo nama sana akka fayyisuuf eyyamu Isaa kadhannaadhaan gaafachuu in dandeenya. Namoonni yeroo dhukkubsatan wanti biraa kan gochuu dandeenyu, kaardii hawii gaarii isaaniif kennuu dha. Kaardii sana irratti waa’een isaanii danta keenya ta’uu isaaniif ibsuu, dabalataanis waa’een fayaa isaanii danta Waaqayyo akka ta’e isaanitti himuu dandeenya. Waaqayyo qaama keenya fayyisuu akka danda’u dhugaa jiru in hirraafi. Waaqayyo cubbuu keenya yeroo nuuf dhiisu lubbuu keenyas fayyisuu akka danda’u isaanitti himna.

Kaardii hawwii gaarii ibsan mee haa hojjennu. Nama dhukkubsate tokko in beektu yoo ta’e keessaumaatti nama sanaaf kaardii qopheessuu in dandeessu. Nama dhukkubsate yoo hin beektan ta’e immoo kaardota sana booda nama barbaachisuuf kennuu dandeessu.

Waraqaa fakkii irratti keesanii fi kobbii halluu hiriifi. Waraqaa sana qixxeetti dachaasiitii kaardii akka qopheessan barattoota gargaari. Ijoolleen kan akka abaaboo, waan nama gammachiisu, bifa uumamaa fi nama fuula ifaa qabu fuula duree kaardii sanaa irratti akka fakkii kaasan jajjabeessi.

keessa fuula kaardichaa irratti immoo barattoonni ergaawwan: “sifan kadhadha” “Yesus waan si jaallatuuf anis sin jaalladha” “Akka dafee sitti fooyya’u abdiin qaba” “Yesus waa’ee keetiif dantaain qaba”jedhan akkabarreessaniifgargaari. Dabalataanis barattoonni ergaa barreessansana cinatti fakkii fannoo, onnee fi fuula ifaa kaasuu in danda’u. Barattoonni sun kaardota sana irratti maqoota isaanii akka barreessan taasisi.Kaardotasanas dhukkubsatoota beekaniif haa kennan.Yookiin kaardonni sun walitti qabamanii kaa’amanii yeroo biraa namootaaf akka hiraman gochuun in danda’ama. Itti gaafatamaan waldaa keetii namoota dhukkubsatan yeroo ilaalu kaardota sana hiruudhaaf barbaaduu danda’a.

Kadhannaa dhumaa: Kadhannaa Macaafa kanafuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 24

Namoota Sadan Ibidda keessaa

Daani’el 3

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee,Fuula 7I-73

Dhugaa Ijooa

Iddoo biyyi lafaa fi Seexanninu sodaachisanitti Waaqayyotti hirkannee,Isatti amannee akka Isa waaqeffannuuf Inni humna nuuf in kenna.

Kaayyoo barumsichaa

Barattooti humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Namoota sadan ibiddatti gataman sana Waaqayyo akka isaan oolche in BEEKU.

• Yesus du’ee du’aa ka’uu Isaatiin ibidda bara baraa kan ta’e Si’ol irraa isaan fayyisuu Isaa hubatanii jireenya galataatiin in GUDDATU.

• Waaqayyo, Isa tokko ta’e Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu amanachuu fi waaqeffachuudhaanin KADHATU

LuqqisiiMacaafa Qulquluu kan sammuutti qabatamu

“Maqaa Waaqayyoo warri waammatan hundinuu in oolu”(Yo’el 2:32)

Meeshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana yommuu beeksiftu kubbaa xiqqoo, qola baaqelaa, kaalsi waalitti maramee fi wanta lallaafaa ta’e tokko qabaadhu.

2. Yeroo barsiistuhorgoggewwan qajeelfamaa kana fuula duubaa irra jiraniin fayyadamta yoo ta’e, horgoggewwan barumsa 24f qophaa’an waraabii qopheessi. Horgoggewwan sana muriibaasitiikobbiiabbaahalluutiincalaqisisi.Horgoggewwansanatokkotokkoonisaanii ulee ykn baala furdaa irratti qabaciisuudhaaf hapheedhaan fayyadami.

Macaafa QulqulluuBu’uureffachuu

Seenaan Macaafa Qulqulluu itti fufan haalli isaan itti barreeffaman karaa fooyya’aa baruudhaaf jalqabairratti buufataalee itti fufanii jiran dubbisi.

Dhaloota Yesus dura bara 931 keessa, ijoolleen Israa’el mootummaa lamatti addaan ba’uu isaanii in yaadatta. Isaanis mootumoota Kaabaa fi kan Kibbaa jedhamu turan. Qomoota ijoollee Israa’el kudha lamaan keessaa isaan kudhan mootummaa Kaabaa ta’aniiIsraa’el jedhaman; yeroojalqabaaf mooticha Iyyorbi’aamiin in geggeeffamu turan. Qomoon ijoollee Israa’el warri lamaan immoo mootummaa Kibbaa ta’anii Yihudaa jedhamuudhaan yeroo waamaman, jalqabaaf mootich Roobi ’aam jedhamuun in geggeeffamu turan. Mootonni Israa’el hanga waggaa dhibba lamaatti kan

fulla’an yeroo ta’u, mootonni kudha sagal hamoota turan. Warri Sooriyaa akka Israa’el qabatniif Waaqayyo in eeyyame. Kana booda mootummaan Israa’el deebi’ee hin bu’uureffamne.

Mootummaa Israa’eliif kan hafe isa kibbaa Yihudaa jedhame qofa ture. Mootummaan Yihudaas waggoota 350f(931-586 dhaloota Yesus dura), itti fufe. Mootota Yihudaa 19 keessaa kan Waaqayyoon hordofan 8 qofa turan. Ummanni Yihudaa kan Waaqayyoon itti waaqeffatu mana qulqullummaa isa Solomoon ijaare keessatti yoo ta’eillee,yeroodhaa gara yerootti Waaqayyo irraa fagachaa waan adeemaniif Waaqayyoon hin dhageenye.Waaqa tolfamaa akka isaan hin waaqeffanneef akka isaan akeekkachiisaniif `raajotni Waaqayyoo isaanitti ergamanis isaan hin dhageenye, caalaatti iyyuu isaan ari’atan.

Dhaloota Kristos dura bara 605 eegalee Waaqayyo Yihudaa irratti murtii hamaa fide. Biyya har’a Iraaq jedhamteebekamtu keessawaggaa20fqubateekanturehoomaanwaraanaBaabilonYihudaa si’asadii weerare Warri Baabilon dhuma irratti, humna waraanaa Yihudaa, magaalota isaanii,mana qulqullummaa Solomoon dabalatee, magaalaa Yerusaalemdhaloota Kristos dura bara 586tti barbadeessan (2Mootota 24:1-25:30; 2Seenaa Baraa 36).Warri Baabilon booji’amtoota iddoo sadiitti hiraman keessaa Yihudoota kuma kudhanitti lakkaa’aman gara Baabilonitti fudhatan. Yihudoota warra booji’aman kana keessa dargaggoonni Yihudaa: Daani’el, Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo turan.

Namoonni Yihudaa bilisummaan isaanii warra Baabiloniin irraa fudhatamuu isaa qofa utuu hin ta’in lafa kana irratti mootummaa Waaqayyoon geggeeffamus dabalataan in dhaban.Booji’amuu waggoota torbaatamaatti aansee mootummaan Israa’el Waaqayyoon filatame kan duraa sun deebi’ee ijaaramuu hin dandeenye. Kana boodas adda kan ta’e eegumsaa fi qajeelcha Waaqayyoo argachuu hin dandeenye. Booji’amuu waggaa torbaatamaa booda Yihudoonni gara Yerusaalemitti akka deebi’aniif eeyyama argata. Garuu dur kan ture mootummaan Waaqayyoon geggeeffamu gonkumaan garaa gara cite.

Murtiin Waaqayyoo kan isaan irra ga’e ta’us, Yihudaanqomoo Yesus Fayyisaan keessaa dhufe ta’ee itti fufe. Karaa Yesusitiin Waaqqayyo saba Isaa walitti in qaba;kun garuu yeroo ammaa saboota lafa irra jiran hundumaa ofitti in qabata (Maattewos 28:19).

Yihudoonni booji’amuudhaan gara Baabilonitti fudhataman akka abaabiloota isaanii kan dura biyyaGibxii jalagabrummaadhaanturanii sanajireenyi isanii hammaataahin turre.Booji’mtoonni Yihudaa warri Baabilon keessa turan mana fi lafa ofii isaaniiqabu turan.Baabilon keessa bakka gara garaa deemuu ykn socho’uu fi Yihudoota biyyatti hafan wajjinis xalayaadhaan walquunnamuu in danda’u turan. Yihudoonni lubootaa fi raajota ofii isaanii akka qabaataniif in eeyyamamaaf ture. Kanaafuu Yihudoonni baay’een bara booji’amuu sana keessa dureeyyii ta’an. Garuu Yihudoota warra abdii isaanii fi amantii isaanii cimsataniif barri booji’amuu sun rakkisaa ture. Manni sagadaa isaanii kan diigame sana keessatti Waaqayyoon waaqeffachuu in hawwu turan(Faarfannaa 137). Abdiin Waaqayyoo Abraam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif gale uummata

Yihudaa wajjin kan walqabatee jiru ture.Mootummaan isaanii erga diigame boodas abdiin

Waaqayyoo isaan duukaa dhaabateera laata? jedhanii in yaaddu turan.

Dhugaadhuumatti murtiin sabaYihudaa irra ga’e kun isaan balleessuuf utuu hin ta’in isaan qulleessee gara Waaqayyootti debisuuf kan dhufe ture.Uummata kana keessaa nama hundumaa kan fayyisu akka ba’uu godhee Waaqayyo komee saba kanaa hambise.

Amma Daani’el,Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo yeroo Baabilon keessa jiraataa turan rakkoo isaan mudachaa ture hubachuuf Macaafa Daani’el boqnnaa 1 fi 2 dubbisi. Yesus, raajiin

Daani’el Daani’eluma mataa isaatiin akka barreeffame dubbate(Maatewos 24:15). Daani’el, inni gara Baabilonitti fudhatame, yeroo booji’amu isa jalqabaa ture (Dh.K.D. 605). Mootiin Baabilon,Nebukadnezaar, waggaa sadi’iif leenjii fudhatanii gara tajaajilaatti akka galan gochuudhaaf booji’amtoota Yihudii keessaa warra yaada ifaa qaban akka ofitti dhi’eessuuf tajaajilaa isaa, Asfaanez kan jedhamu in abboome (Dan.1:3-5).

Dargaggoota leenjiidhaaf filataman keessatti Daani’el, Hanaaniyiaa, Miishaa’el fi Azaariyaa kan jedhaman in argamu turan. Aanga’aa olaanaan,Asfaanez, dargaggoota kanaaf maqaa haaraa kenneef. Daani’eliin Bilxaasor, Hanaaniyaan Shaadraak, Misaa’eliin Misaaq fi Azaariyaan AbedNeegoo jedheen (Dan.1:6-7). Macaafni Qulqulluun Daani’eliin kutaa barreeffamoota qulqulluu hundumaa keessatti Daani’eluma jedhee akka waamu hubadhu. Garuu Shaadraak, Meshaak fi Abed-Neegoon maqoolee michoota Daani’el sadanii ta’anii hafan.

Dargaggoonniafran kunneen nyaata mana mooticha Naabukadnezaar kana nyaachuun leenjii isaanii keessaa tokko ture. Garuu namoonni kunneen sababa amantii cimaa Waaqayyo irratti qabaniif nyaata mana mootichaa kana nyaachuu in didan. Nyaatichi akka qajeelfama nyaata warra Yihudootattiqophaa’uudhabuuisaaqofautuuhinta’in,mataannyaatakanaadurawaaqatolfamaaf akka aarsaatti waan kennamuuf. Kanaafis Daan’elfi michoonni isaa sadanii guyyaa kudhaniif kuduraa fi muduraa qofa akka nyaatanii bishaan qofa akka dhuganiif aanga’aa olaanaa kanaa wajjin haasa’e. Namoonni afran kunneen “Guyyaa kudhan booda bifni isaanii, gabbinni isaaniis kan dargaggoota warra nyaata mootii nyaatanii caalee argame”(Daani’el 1:15). Kunis ija hojii Waaqayyoo ti. Yeroo sanaa kaasee akka amantii isaaniitti nyaata nagummaa qabu nyaachuu danda’an.

“Waaqayyo yommus dargaggoota arfan kanaaf beekumsa caaffatootaa fi ogummaa hundumaa fi hubannaa isaaniif kenne; Daani'el immoo mul'ataa fi abjuu hiikuuf kennaa in argate”(Daani’el 1:17). Daani’el, Shaadraak,Meshaak fi Abed-Neegoon mootummaa Nebukadnezaar keessatti warra abjuu hiikanii fi hafuura hamaa dubbisan irra harka kudhan ogummaadhaan kan caalan ta’anii argaman (Daani’el 1:20).

Nebukadnezaar mootii ta'ee waggaa lammaffaatti abjuu rakkisaa tokko abu’ate(Daani’el 2:1)

Mootichi Nebukadnezaar abjuu sanaa fi hiika isaa akka itti himaniif namoota kanneen abboome. Namoota kana keessa wanta sammuu keessa jiru dubbisuu kan danda'u waan hin turreef abboommii mootichaakana raawwachuun takkaa iyyuu hin danda’amne. Hiikaa abjuu isaa itti

himuudhaaf dura akka inni abjuu isaa isaanitti himuuf mooticha kadhatan (Daani’el 2:4; 7:11).

Gaaffiin isaanii kun waan isa argeef, namoonnibeektota Baabilon ta'an akka rukutamanii fi Naarqosumsi isaaniis iddoo kositti akka gatamu mootichi in abboome (Daani’el 2:5, 12). Abboommiin mootichaa Daani’el, Shaadraak, Mishaa'el fi Abed-Neegoos in ilaallata ture (Daani’el 2: 13).

Angafni eegduu mootichaa yeroo abboommii mootichaa kana hojii irra oolchuu eegale, “Daani'el dubbii isaa akeekkatee gargar baasuudhaan” itti dubbate(Daani’el 2:14) Akkuma Daani’el mootichattihimeabjuusanahiikuufyeroon akkakennamuuftaasifame(Daani’el2:18).Daani’elis gara mana isaa deemee, akka hin ajjeefamneef abjuu Nebukadnezaar hiikuuf Waaqayyo ogummaa akka isaaf kennuuf akka kadhataniif Shaadraak, Meshaaki fi Abed-naagoo gaafate (Daani’el 2:18). “Ergasii dubbiin dhokataan sun mul'ata halkaniitti Daani'elitti in mul'ifame”(Daani’el 2፡ 19).Daani'el waan Waaqayyo iccitii sana itti ibseef Waaqayyoon in galateeffate (Daani’el 2:1933).

Daani’el yeroo abjuu Nebakadnezaar sana hiike galataa fi beekamtii Waaqayyoof kenne (Daani’el 2: 27-28). Daani’el mootonni afur wal-duraa duubaan Nebakadinazaar irratti akka ka'an abjuun sun akka mul’isu hime (Daani’el 2: 31-43). Inni jalqabaa mootummaa Baabilon isuma Nebakadinazaar geggeessu sana ture. Mootummichi warra Meediyooniin iddoo bu’a. Inni sadaffaan mootummaa Girikotss isa Iskindir guddichaan geggeeffamuu dha. Mootummaan Girikootaa adeemsa keessa mootummaa warra Roomaatiin iddoo bu’a. Itti fufeetis mootummaa guddaan kun tokkummaa dhabuudhaan malaanmaltummaa fi manca'a amala hojiitiin akka inni diigamutu ibsame.

Yaadachiisa: Mootummoonni kunneen maal raawwchuuf akka dhufan Macaafa Qulqulluu keessatti utuu hin eeramin hafuu isaa hubadhu. Maqooleen seena-qaboonni as keessatti tuqaman kunneen abjuun Nabukadnezaar sirriitti raawwachuu isaa mul'isuudhaafi.

Akkasumasmootummaanafraffaanergadiigameeboodamootummaanwaaqaabarabaraankan hin diigamne akka dhaabatu(Daani’el 2:44) Nabukadnezaaritti hime. Raajiin Daani’el mootichatti hime gar tokko wangeela keessatti raawwtameera. Waaqayyo karaa wangeelaatiin cubbamoota in waammata; saba isaas in godhata. Xumurri raajichaas murtiidhaaf yeroo Yesus deebi'u ta'a. Yeroo kanas waaqa irraa sagaaleen akkana jedhutu dhaga'ama: “Mootummaan biyya lafaa kan gooftaa keenyaa, kan Masiihii isaatiis ta'eera; inni immoobaraa hamma bara baraatti in mo'a”(Mul’ata 11: 15)

Mootichi Nebukadnezaar waa'ee hiikaa abjuu sanaaf Daani’eliin in kabaje (Daani’el. 2:46).“Waaqayyo keessan dhuguma waaqayyoolii irratti Waaqayyoo dha, mootota irrattis gooftaa dha, wanta dhokataa hundumaas isa mul'isuu dha"jechuudhaan galateeffaate (Daani’el. 2:47).

Isa boodas mootichi Daani’eliif kennaa hedduu kenneef; Baabilon guutummaa irratti isa muude; beektota Baabilon hundumaa irras isa in kaa'e(Daani’el 2:48). Gaaffii Daani’el irraan kan ka'es

Nebukadnezaar Shaadraak, Mishaa'elii fi Abed-neegoo geggeessitoota irra in caalchiise (Daani’el

2:49). As irratti jireenyi Daani’elii fi Yoseef wal madaalu. YommuuYoseef abjuu mooticha Gibxii hiike sana Waaqayyotu ogummaa isaaf kenne. Kanaafuu jireenya namootii lamaan gidduu wal fakkaachuun jiraachuu isaa hubadhu (Seera Uumamaa 41: 1-43). Amma kutaa seenaa Macaafa Qulqulluu kanaa kan ta'e Daani’el 3 dubbisi.

1.Dinqisiffannaa fi waaqeffannaa Nebukadnezaar Waaqayyoof qabaachaa ture yeroo dheeraadhaaf itti hin fufne. Mootichi Nebukadnezaar bifa fakkeenyaa hojjaa isa dhundhuma jaatamaan, bal'ina isaa immoo dhundhuma ja'aan warqee irraa hojjechiisee, Baabilon keessa dhaabuudhaan “sagaleefiinoo, faaggaa,kiraaraamaseenqoo,mi'aribuu qabu kanbiraa, ulullee, sagalee mi'a garaa garaas yeroo dhageessan bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame Nebukadnezaar mootichi dhaabeef gombifamaatii sagadaa!” jedhee uummata sana abboome (Daani’el 3:1-5). Mootichi itti dabaleetisfakkeenya kanaaf “Namni gombifamee hin saganne si’uma sana iddoo ibiddi itti boba'u keessatti in darbatama” jedhee abboommii baase(Daani’el 3:6)

2. Iddoon ibiddaasun dhagaayknsupheeirrakanhojjtameta'a.Innis irraanbalbalakanqabu yeroo ta'u, ibidda sanaaf kan barbaachisu qoraan karaa ittiin itti naqan balbala hanga gajjallaatti qaba. Balballi inni gajjallaa sun tarii giimii isa keessa ilaaluuf nama barbaaduuf tajaajila kan kennu ta'a.

3.Abboommiin mootichaa ba'ee utuu hin turin warri Kalaadootaa, Shaadraak, Mashaak, AbedNeegoon fakkenya warqee irraa hojjetame sanaaf akka gombifamanii hin sagadne argan (Daani’el 3:8-12).

4.Oduun isaa mooticha “aarii fi dheekkamsaan” in guute. Shaadraak, Meshaak, fi Abed-Neegoo gara isaatti akka dhi'eessaniif abboome. Himata isaanitti dhi'aateefis dharaa fi dhugaa isaa yeroo inni gaafate, “Yaa Nebukadnezaar, waa'eekanaaf nuyi deebii siif kennuuiyyuu nu hin barbaachisu. Oolchuu yoo ta'e immoo, Waaqayyo keenya inni nuyi waaqessinu ibidda boba'aa keessaa nu oolchuu in danda’a, harka kee keessaas nu in oolcha, yaa mootii! Yoo kana fedhuudhaa baateiyyuu, nuyi waaqayyolii kee akka hin waaqeffanne, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ati dhaabdeefis akka hin saganne beeki, yaa mootii” jedhan (Daani’el 3: 1618). Dubbiin amantii dinqisiisaa kun, Waaqayyonamoota sadan kana haala jabinaa fi ijajabinaan isaan guutuu isaa argisisa. Isaan Waaqayyoof kan amanaman, Waaqayyoon miidhanii waaqa tolfamaa Nebukadnezaariif sagaduu irra foon isaaniitiin du'a filachuudhaaf fedha qabu turan.

5.Nebukadnezaar gar-malee dheekkamee ibiddi boba'u sun humni isaa dachaa torba akka dabalu abboome. Loltoonniisaa warri ciccimoonis Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo uffata isaanii wajjin ibiddichatti akka darbatan abboome. Ibiddi giimiin sunis namoota sadan itti darbataman sana akka ajjeesuuf ture (Daani’el 3: 19-23).

6.Nebukadnezaar giimii ibiddaa sana keessatti wanta ta'u utuu ilaalaa jiruu, “Ani garuu kunoo, namoonni afur hiikamanii, miidhamni tokko utuu isaan irra hin ga'in ibidda keessa asi fi achi

adeemuu isaanii nan arga; bifni isa afuraffaa immoo bifa ilma waaqayyoolii in fakkata” (Daani’el3: 25)jedhe. Nebukadnezaar “ilma waaqayyoolii” jedhee waamuu isaa irraa kan hafe ibidda giimii sana keessa waa'ee nama afuraffaa ture sanaa Macaafni Qulqulluun ibsa tokkoiyyuu hin kennu (Daani’el 3: 28).

7 Shaadrak, Meshaakii fi Abed-Neegoon yeroo ibidda sana keessaa ba'an namoonni biroon, “ibiddichi dhagna namoota kanaa irratti humna akka hin godhatin in argan; rifeensi mataa isaanii iyyuu hin ciincofne, uffanni isaaniis bifa hin geddaranne, fooliin ibiddaas isaan irra hin turre”(Daani’el 3:27) argan.

8.Nebukadnezaar Waaqayyoon galateeffate; humna fayyisuu Issas in arge. Haa ta'u iyyuu malee amantii isaa Waaqayyo irra hin godhanne. Garuu “Waaqayyoo isa Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo irratti saba, gosa, afaan dubbatamu keessaa namni dubbii hin taane Waaqayyo isa kan Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo irratti dubbatu, harki isaafi miilli isaa irraa ciramee, manni isaa diigamee tuullaa kosii ta'ee akka hafuuf”(Daani’el 3:29) jedhee labsii baase. Kunis dura yeroo abjuu isaa fi hiika isaa namni itti himu dhabame labsii baase sanaa wajjin wal-fakkaata (Daani’el 2:5)

9.Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon doorsisa ajjeechaa Nebukadnezaar isaan irratti baase sana akka damdamataniif Waaqayyo tokkicha irratti amantii isaanii akka cimsataniif Waaqayyo jabina isaaniif kenne. Jarreen kunneen ibidda sana keessatti utuu du'aniiru ta'ees amantii isaaniitiin Abbaa isaanii Waaqayyowajjin waaqa irrajiraachuu akka danda’anin beeka turan. Amma biyya lafaa kana irratti kristaanonni hedduun in ari'atamu. Yeroo akkanaa kana gargaarsanubarbaachisu hundumaaWaaqayyonuu kennuufdubbii Isaatiin waadaanuyifgala. Abdichis ergamaa Isaa ergee nu eeguu fi nufayyisuufi(Faarfannaa 91:11-12). Yesusin Gooftaa fi Fayyisaa isaanii godhanii warri fudhatan qaama isaanii irra wanti isaan miidhu yoo ga'e ille, mana bara baraa waaqa irratti in qabu. Eenyu iyyuu “jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda'ee gargar nu hin baasu” (Roomaa 8:39)

Barumsicha dhi’eessuu

Kadhannaaseensaa:-kadhannaa qajeelfama kana fuula duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:-Waaqayyoo koo(Lakkoofsa 33) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojii: dubbachuu nan danda’a

Ijoollee wajjin marsaa keessa dhaabadhu. Kubbaa, qola baaqelaa, shurraaba miillaa ykn wantoota walittiqabdebirooqabadhu.Ittifufiitii“intaphanna”jedhiin.“Waankanayoonanigarakeessanitti darbadhu waa'ee Yesus ilaalchiseewaan beektan natti himaa.” Ijoollee marsaa sana keessa jiran keessaa inni tokko akka salphaatti qabachuu danda'utti wantoota walitti qabde sana keessaa waan tokko qofa gara isaatti darbadhu.

Ijoolleen sun waa’ee dhugaa dubbatanii sana akka yaadan gargaari. Kunneenis, fakkeenyaaf, (Yesus cubbuu keenya irraa nu fayyise,Yesus fannoo irratti nuyif du'e, Yesus nu jaallata, Yesus du'aa ka'eera, Yesus nu kunuunsa, Yesus nuu wajjin jira, Yesus nu jajjabeessaa, Yesus nu fayyisa) kan jedhan ta’uu danda’u. Mucichi dhugaa sana erga maqaa dha’ee booda inni /isheen/ kubbaa sana akka deebisee /deebistee sitti darbatu /darbattu/ ati immoo deebistee mucaa biraatiif akka darbattu taasisi.

Ijoollee hundumtuu kubbaa sana qabuudhaaf carraa eega argatanii fi dhugaa sana hiranii booda ijoollonni sun akka taa'an itti himiitii akkana jedhi:“qo'annoo seenaa Macaaf Qulqulluu keenya kan har'aa keessaatti waa’ee namoota Shaadraak,Meshaakii fi Abed-Neegoo jedhamanii waamamanii dhaageenya.” Ijoollonni sun si hordofanii akka maqaa nama tokko tokkoo waaman taasisi. Shaadrak, Meshaakii fi Abed-Neegoon Waaqayyoon in jaallatu turan. Waaqayyoon in waaqeffatan. Biyya alagaa keessa fagaatanii jiraatan ta’us Waaqayyoon qofa waaqeffatanii in tajaajilu turan. Gaafa tokko namoonni sadan kunneen balaa hamaa keessatti kufan. Waaqayyoo akka itti isaan baraare baruudhaaf yaada itti fufan kennaa dhaggeeffadha.

Faarfannaa:Wangeelli keenya(Lakkoofsa 35) jedhu faarfadhaa. Sochii yeroo darbe barsisteen fayyadami.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1. Waa’ee “seenaan namoota sadan ibidda keessa jiran” Macaafa Qulqulluu irraa ijoolleedhaaf yeroo dubbistu, seenessuu kee midhagaa gochuudhaaf horgog qajeelcha kanaa fuula duuba irra jiruun fayyadami.

Filmaata 2: Seenaa sana asaasuu

Filmaata kana fayyadamtee yeroo seenaa kana dubbistu ijoollonni kun dubbii ijoo ta'anii fi jechoota walqabatan asaasuudhaan akka irra deebi'an taasisi.

Akkana jedhi Barattoonni sihordofanii haa jedhan.

Mootichi Nebukadnezaar jedhamu Baabilon keessa jiraata ture.

Nebukadnezaar waaqa tolfamaa warqee irraa hojjetame waaqeffachuuf ijaarsise.

Yeroo sagaleen muuziqaa dhaga'amu namni hundumtuu gugguufee waaqa tolfamaa warqee irraa hojjetame kanaaf akka sagaduu fi waaqeffatumootichi in barbaade.

Nebukadnezaar “fakkaattii warqee sanaaf kan hin sagadne hundumtuu gara ibiddaatti darbatamee in gubata” jedhe.

Mooticha Nebukadnezaar.

Fakkii warqee ijaarsise.

Muuziqaa dhaggeeffadhaa; waaqa tolfamee waaqeffadhaa.

Yoo hin waaqeffattan ta'e ibiddaa fi du'atu isiniif ta'a

Shaadraak, Meshaakii Abed-Neegoon Waaqayyoon in jaallatu; in waaqeffatus turan.

Namoonni sadan sun Waaqayyoon waaqeffatu.

Waaqa tolfamaa sanaaf isaan hin sagadne. Fakkaatti warqee sanaaf hin sagadne.

Kunis Nebukadnezaariin in aarse.

Nebukadnezaar namoota sanaan “Waaqayyoo keessan ibidda sana irraa isin baraaruu danda’aa ree?” jedhe.

Shaadraak Meshaakii fi Abed-Neegoon “Waaqayyoon keenya nu baraara” jedhan.

“Waaqayyoo keenya yoo nu baraaruu baate illee waaqa tolfamaaf hin sagadnu.”

Kunis Nebukadnezaariin in aarse

Ibiddichi dachaa torbaan dabalee akka gubu goosise.

Mootichi namoota sadan sana ibidda keessa akka buusaniif loltoota isaa abboome.

Mootichi gara ibidda sanaa yeroo ilaalu nama sadii utuu namoota afur arge. Namni afuraffaan ilma ergamaa Waaqayyoo fakkaata.

Namoonni sun ibidda geemii keessa deddeebi'aa turan.

Mootichis akka Waaqayyoo namoota sana baraare in bare.

Nebukadnezaar namoonni sadan sun akka ibidda sana keessaa ba'aniif in waame.

Namoonni sadan sun hin gubanne, fooliin ibiddichaa illee isaan irra hin geenye

Mootichi Nebukadnezaar akkana jedhe “Waaqayyoo biraan hin jiru; yaa gooftaa kan akka Kee baraaru eenyu!”

Nebukadnezaar in aare.

“Waaqayyoo keessan isin baraaruu danda’aa ree?”

“Waaqayyo nu baraaruu danda’a.

Fakkaattii ati dhaabdeef hin sagadnu.

Nebukadnezaar in aare

Ibiddichi dachaa torbaan

Namoonni sadan ibidda keessa.

Namoota sadii utuu hin ta'in namoota Afurtu mul'atan

Ibida dachaa torbaa boba'aa ture keessa in deddeebi'u turan.

Waaqayyoo isaan baraare.

“Yaa namootaa, ibiddicha keessaa ba'aa!”

Hin gubanne, fooliin ibiddichaa isaan hin arganne

“Akka kanatti kan baraaru Waaqayyo biraan hin jiru”.

Seensa Macaafa Qulqulluu Keessa Deebi’uu

Gaaffiwwan seenaa sana irratti hundaa'an: Gaafiiwwan kana garee sanaaf dhi'eessi.

1. Wanti mootichi akka uummatni godhu barbaade maal ture? Yeroo sagaleen fiinoo dhaga'amu, (hundumtuu fakkaattii warqee sanaaf akka sagadu).

2. Yeroo namoonni sadan “Bifa fakkaatti warqee irraa hojjetameef hin sagadnu” jedhan maaltu isaan irra ga'e? (Yeroo namoonni bifa warqeetiif sagaduu didan mootichi in aare; Ibiddi boba'u dachaa torbaan akka dabalu taasise; isaan ajjeessuudhaaf loltoonni isaa gara ibidda sanaatti akka gad darbatan godhe.

3 Namoota sadan sana kan baraare eenyu? Attamittis isaan baraare? (Waaqayyotu namoota sadan sana baraare; namichi afurffaan tarii ergamaa ta'innaa jedhamu gara ibidda boba'uutti erge. Namniafuraffaankunisaanineege.Namoonnisadansunibiddaboba'ukeessaayerooba'anfooliin ibiddaa illee isaan irra hin geenye).

Sochiiwwan hojii keessa deebii: meeqa turan?

Ijoollonni akka sirriitti si arguu danda’anitti akka taa'an taasisiitii dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu sana hammam akka yaadatan ilaali. Itti fufiitii: “yeroon ani gaaffii isin gaafadhu, lakkoofsa deebii sirrii ta’e argisisuudhaaf quboota keessan natti argisisaa” jedhiin.

1.Seenaa sana keessa kan jiran Mootota meeqa? (Tokko).

2.Seenaa sana keessa kan jiran waaqolii tolfamoon meeqa? (Tokko)

3.Seenaa sana keessa kan jiran waaqolii tolfamoof kan hin sagadne meeqa? (Sadii).

4.Waaqa tolfamaa sanaaf namoonni sadan yeroo “hin sagadnu” jedhan mootichi ibiddi sun dachaa meeqaan akka boba'u taasise? (Torba).

5.Mootichi yeroo gara ibidda boba'uu ilaale sana namoota meeqa arge?(Afur).

6.Waaqolini dhugaa meeqatu jiru? (Tokko)

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu

Ijoollonni haala itti si arguu danda’anitti teessisiti “Waaqayyoo namoota sadan sana jechuun shaadraaq, meshaa'elii fi Abed-Neegoo maaliif baraare” jedhii gaafadhu?(Waaqayyoo namoota sadan sana kan baraare waan isaan jaallatuuf. Namoonni sadan sun fakkaatti warqee irraa tolfame waaqeffachuu in didaan; namooti sun Waaqayyoof amanamoo turan. Namoota isaaf amanamoo ta’an hundumaa baraaruuf Waaqayyoo abda kenneera).

Waaqayyoo nuyinis in baraara; kan Inni nu fayyisus karaa Fayyisaa keenya Yesusitiin. Yesus cubbuu keenya irraa nu fayyisuuf jecha in du'e, in ka'es. Kan Yesusitti amanu hundumtuu du’a sababa cubbuutiin dhufu du'a bara baraa jalaa in ba'a.

Namni Yesusitti amanu hundumtuu qooda ibidda gaannam keessatti muddamuu iraa baraaramee gaafa tokko Yesusi wajjin waaqa keessa jiraata.

Waaqa irratti wanti hundumtuu gonkumaan gaariidha. Dhukkubnii, miidhaa fi gaddi waaqa irra hin jiran. Waaqni iddoo dinqisisaa fi mana keenya kan dhugaa ti

Akka Yesus nu fayyisuuf Waaqayyo maaliif Isa erge? (Waaqayyo waan nu jaallatuuf Yesuiin nuuf erge. Mana barumsa Dilbataatti waa'ee dhugaa Waaqayyoo yeroo barachuu eegalle, Waaqayyoo maaliif akka nu fayyise kan nutti himu luqqisii Macaafa Qulqulluu addaa baranneerra. Luqqisichi akkana jedhee eegala, waan jaallateef ... asi irratti dhaabiitii luqqisiicha xumuruuf ijoollonni sun akka si gargaaran taasisi. “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti amanu hundinuu jireenya barabaraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti.” kana jechuun dinqisisaa Yesusitti kan hirkatuu fi kan amanu hundumaaf akka Waaqayyoo jireenya haaraa xumura hin qabne kennu nu yaadachiisa

Waaqayyoo Shaadraak, Meshaak fi Abed-Neegoo ibidda keessaa akka oolche, nuyis yeroo balaa keessatti kufnu nu oolcha. Akka nuyi eeganiif Waaqayyo ergamoota isaa fayyadamuu danda’a. Waaqayyoo nuyi eeguudhaaf namootas fayyadamuu in danda’a. Naamusa eeguuf, nuyi eeguu fi attamittii akka Isaaf jiraannu akka barruuf seeraa Isaa, jechuun abboommii Isaa nuyif in kenna.

Namoonni sadan Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon Waaqayyo nu dhiisa jedhanii sodaatanii turanii? (Miti. Namoonni sadan kunneen Waaqayyo akka isaan wajjin ta'u baranii turan.Qaamni isaanii ibidaan yoo bade illeejireenyi isaaniibara baraan iddoo itti eegamu waaqarra keessa akka jirataniif Waaqayyo isaan waliin ta’a).

Yeroo balaan nu quunnamu Waaqayyo akka nu wajjin ta’u, akka nu baraaruu fi akka nu kunuunsu

dhugaa qabaachuu in dandeenya ta’a. Kessumatti baraaruu dinqisisaa isa karaa Yesusitiin ta’uuf Waaqayyoon galateeffachuudhaaf kadhanaa haa goonu. Ani dubbii hima tokkoo nan dubba dha. Himoota kanneen boodas isin “Yesus in baraara” jettu. Ijolleen dhaabatanii himoota kanneenyeroo baay’eedhaaf akka irra deddeebi’an taasisi. Kadhannaa itti anuu yommu kadhatutti ijoolleen yoom dubbachuun akka danda’an akka beekaniif fuula afaan banamee/afaan cufameetiin fayyadami.

Barsisaa Barataa

Gargaarsiyeroo nubarbaachisutti, Yesus nu baraara.

Yeroo balaan nu quunnamutti, Yesus nu baraara.

Yeroo cubbuutti kufnu, Yesus nu baraara.

Barisisa: YaaYesus, waan nu jallaatuufi nu baraartuuf si galateeffanna; yroo mara akka si waaqeffanuuf nu gagaari! Ameen.

Luqqisii sammutti qabatamu; “Maqaa Waaqayyoo warri waammatan hundinuu garuu in oolu (Yo’el 2:32).

Ijoolleen si marsanii akka taa’an taasisiitii Maccafa Qulqulluu bani. Seenaa Maccafa Qulqulluu keessa kan jiran namoonni sadan Waaqayyoon qofa waaqeffatan. Maalis ta’e maal akka Waaqayyo isaan eegu amanaa turan. Dhugaa Macaafa Qulqulluu amanatanii turan. (Maccafa Qulqulluu kee baniiitii luqqisii qabatamuu dubbisi). Maqaa gooftaa kan waamu hundumtuu in fayya.Yesus waa’ee keenyaaf jedhee lubbuu Isaa in kenne; amma immoo bara baraaf jiraataa dha. Jechootaluqqisii kanaasmee haa qorannu.

Luqqisii kana barsisuudhaaf ijoolleen marsaa akka hojjetan gargaari. Marsaa sana keessaa fuula kee gara mucaa tokkootti garagalchii dhaabadhu. Luqqisii sana keessaa jecha jalqabaa mucichatti dubbadhuutii akka yaadatuu itti himi; jechoonniluqqisii keessa jiran tokko tokko akka ijoollee ga’utti hiri. (Yoo lakkoofsi barattootaa jechoota kan caalu ta’e turtii xiqqoo booda isuma irra deddeebitu waan ta’eef hin muddamin).

Amma gara barataa isa jalqaba jecha luqqisii laatteefitti deebi’iitti fuul-dura isaa dhaabadhu. Barataan sun jecha kennameef sana akka dubbatu taasisi. Hundumtuu jechoota luqqisii sana hamma dubbatanitti hundumaan ga’i. Sochii qabatamaa kana barattoota hundumaan ga’I; yoo jechoonni hin jiran ta’e immoo barattoota duraa sanaaf jechoota dabalataa kenniif. Yeroo kana garuu marsaa isa biraa irraa eegali.

Yadachiisa: Jechoonni luqqisii sanaa lakkoofsa barattoota sanaa ol yoo ta’e,luqqisiisana bakka lamatti addaan baasi. Sana booda luqqisii sana keessaa isa gamisa duraa qo’adhaa. Itti fufaatii kutaa luqqisiiisa hafee irra deebi’aa.

Faarfannoota: “Waaqayyookoo (lakkofsa 33), Guddaa guddaa caalu (Lakkoofsa 13), Humni Waaqayyoo guddaa dha (lakkoofsa 15) Gammadaa in gammadnaa(Lakkoofsa9)” jedhanirra deebi’aatii faarfadhaa.

Hojii harkaa: Waaqayyo Fakkaattii Isaa in eega

Tokkoo tokkooijoolleef waraqata kenni. Bocaa “balbala” lamaa hojjechuuf waraqatichi attamittii akka gidduutti dacha’u garee sanatti argisisi. Waraqatichi dacha’ee utuu jiruu qixa dacha’aa waraqataa sanaa kutaa karaa alaa jiru irratti ibidda akka qabisisanijoollee sanatti himi. Achumaanis,ibiddi kunfakkatti geemii namoonnisadan, Shaadraak,Meshaak fiAbed-Neegoon itti gatamanii dha jedhii barattootatti himi. Ibiddichi baay’ee gubaa ta’e iyyuu, Waaqayyo namoota sadan sana oolcheera. Amma immoo dacha’aa “balbala” waraqata sanaa bani. Ibiddichi baay’ee gubaa ta’usWaaqayyo jarreen sadan oolcheera; “balbala”dachaatuu waraqatichaa bani. Mootichi ibidda gubaa sana keessatti waan argee kan argisisuu waraqaticha irratti karaa keesaatiin fakkaatti kaasi. Barattoonni utuu hin midhamin fakkaatti namoota afurii kan abidda keessa deeman sana kaasu qabu.Fakkii sana kaaftani erga rawattani booda, barattoonni fakkaatti kaasan sana gara manaa isaanii geessanii wa’ee namoota sadanibidda gubaa sanatti darbatamanmaatii isaniitti akka himan jajjabeessi.

Kadhannaa dhumaa: kadhannaa qajeelfama kana fuula duubaa irra jiru kadhadhu. Baafata

Barumsa 25 Daani’elii fi Leenchota.

Daani’el 6

Seenaa Maccaafa Qulqulluuu Qooda Ijoollee, Fuula 74-76

Dhugaa Ijoo

Ergamootas dabalatee kan isatti amanan hundumaa Waaqayyo karaa baay’eedhaan in eega.

Kaayyowwan barumsichaa:

Barattootni humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Waaqayyoo Daani’eliif amanti akka kennee, Daan’eliinis boolla leencaa keesatti du’a isa qunnamuuf ture irraa oolchuuf ergamaa akka abboomeef in BEEKU.

• Waaqayyo ergamaa Isaa ergee akka isaan eeggu hubachuudhaan inGUDDATU.

• Eegumsa Isaatii fi amantii fayyisuu danda’u kan Yesus irratti qabaniin waan isaan eebbisuuf Waaqayyoon galateeffachaa in GUDDATU.

Luqqisiii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

Akka si eeganiif Waaqayyo ergamoota isaa sif in abbooma (Far 91:11).

Meeshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yammu barsisfu horgoggee fuula Macaafa kanaa irra jirun gargaarmtta yoo ta’e waraabbii barumsa 25f qophaa’ee qabaadhuu. Fakkaattii sana murii baasitii halluudhaan/ qalamaandibi.Horgoggewwan ulee ykn baala furdaa irratti hapheedhaan maxxansi

2. Filmaata lammataatti gargaaramta yoo ta’e immoo ga’ee Daan’el akka taphatu barattoota keessaa isa guddaa ta’e tokko gaafadhu. Barataan ga’ee Daan’el taphatu suni mudhii isa akka hidhatuuf sabbata kenniif.

3. Waraabbi fakkattii harkaan hojjetamee “ergamaa dhabbate” fakkaatu, isa qajeelfama kana fuula duubaa irra jiruu tokko tokkoo ijooleedhaaf kenni. Fakkaatti ergamichaa kutuun ijoollee rakksa yoo jettee yadde, utuu barumsa hin jalqabin ofii keetii murii keessaa baasi.

Maccafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Daan’el 6 Dubbissi.

1. Yeroo seenaan kun itti ta’e Dhaloota Kristos dura Bara 538tti, Baabiloniin mootichahaaraatubitaature. Daan’el abjuumootichaagargarsaWaaqayyootiinergahiikee booda mootummaan warra Baabilon yeroo dheeraadhaaf hin turre (Daani’el 2:39).Achiin booda, mootummaa lammaffaa kan Medoonii fi Faars jedhamee waamamutu bakka in bu’e. Mootumaan kun mootich Qiroos jedhamuun geggeeffama ture. Qiroos yeroo Baabilon qabatee tureetti warra Yihudootaa bilisaan gadi lakkise.Yihudoonni gara biyya isaaniitti akka galan eeyyamm argachuu qofaa utuu hin ta’in Mana Qulqullummaa

Yerusaalem deebisanii ijaaruu danda’n. Kanas akka godhaniifQiroos mana mootummaa isaatti qarshii kenneef. Yeroo sana Yihudoonni gara biyya isaaniitti deeb’an 50,000 yommuu ta’an warri deebi’uu hin barbaadnes jireenya gaarii qabaataa achumattt hafan. Sana booda saba bilisa qabu ta’an. Waaqayyo wara biyya Baabilonitti hafan sanaaf nama eegumsa cimaa godhuuf humna olaana mootumma Baabilon keessatti qabu Daan’eliin qopeesse.

2. Akka (Daan’el 5:31) irraa dubbifannutti mootichi in haaraan,Qiroos utuu hin ta’in Daariyos jedhamee ibsameera. Macaaffonni Qulqulluun maqaa Daariyos jedhamutti waan fayyadamniif akka duubessa Maccafa Qulqulluutti mootichi maqaa Daariyos jedhu kanaan barreeffama.

3. Mootummaan warra Medoonii fi warra Faars baay’ee bal’aa waan tureef mootichi Daariyos mootummaaisaa seeraan akka bulchaniif namoota 120 muudee ture. (Daani’el 6:1) Macaafa Qulqulluun jarreen kana mataa jedhee waama; kana jechuunis bulchitoota ol’aanoo jechuu dha. Mootumman warra Medoonii fi warra Phaariis karaa bahaatiin biyya har’a Iraan jedhamtee waaamamtuu jalqabee karaa lixaa hanga Turkii ga’aa ture. Daan’el warra bulchiinsa ol’aanaa irratti muudaman namota sadii keessaaisa tokko ture. Waaqayyoo muudamuu Daani’el keessaa harka qaba turee. Waaqayyo karaa Daani’elitiin Yihudoota gara biyya isaaniitti deebi’anii fi warra Baabilonitti hafan gidduutti hojii isaa hojjechaa ture. Waaqayyo Daan’eliif ogummaa fi dandeeti bulchuu in keenneef. Sababa kanaaf mooticha Daariyos mootumma isaa hundumaa irratti Daan’eliin muuduu barbaade(Daani’el 6:3). Realm

4. Muudamuun Daani’el immoo Saatropistootaa fi warra bulchiinsaa dheekkamsiiseeture.Daani’eliin himachuuf yakka malaanmaltummaa isa irratti barbaadanii turan; garuu haminnii fi dogoggorri tokko illee Daan’el irratti hin argamne. Isa irratti sababaa fi miidhaa tokko illee argachuu hin dandeenye(Daani’el 6:4). Kanaafuu karaa Daani’eliin ittiin balleesan biroo barbaaduu eegalan.

5. Daan’el Waaqa isaatiif amanamaa ta’uu isaa waan beekaniif, gara mooticha Daariyosdhaqanii guyyaa soddamaaf mooticha Daariyosif malee waaqa biraaf ykn namaaf namni sagadu yoo argame akka boolla leencaa keessatti gatamuuf Daariyosin hubachisanii akka abboommiin ba’uu godhan (Daani’el 6:7).Mootichi Daariyosis labsin sun akka hin jijjiramne barreessisee chaappaa itti gochisise(Daani’el 6:8-9).

6. Daan’el labsiin sun ba’uu isaa yommuu dhaga’etti iyyuu akkuma dur gochaa tureguyyaatti yeroo sadii sagaduu isaa ittuma fufe (Daani’el 6:10). Waaqayyo akka isa gargaaruuf Waaqayyoon in kadhate. Haala ulfaataa fi cimaa ta’e kana keessatti Waaqayyo amanti dhugaa akka kennuuf jabinaa fi ija jabinaan akka dhaquuf Waaqayyotti amantiiqabaate.

7. Warri isa baleessuuf barbaadan sun akka inni Waaqayyo Isaa kadhatuu waan beekaniif mooticha Daariyositti himan (Daani’el 6:13) Mootich Dariyos Daan’elin in jaallata waan tureef hojii isaas in dinqisifata waan tureef oduun sun baay’ee isa mudde (Daani’el 6:14) Daariyos Daan’elin oolchuuf guyyaa guutuu dhama’e. Haa ta’uu malee seerri warra Medoonii fi Faaris erga mootichi barreesisee booda waan jijjiiramuu hin

dandeenyeefgargaaruu/ oolchuu dadhabe (Daani’el 6:15). Mootichis Daan’eliin boolla leencaatti darbachiisuu alatti filmaata biraa hin qabu ture (Daani’el 6:16). Daani’el boolla leencaatti mangaagaa fi ilkaan leencaaf yoo darbatamu sana, Daariyos, “Waaqayyo ati yeroo hundumaa kadhattu sun si haa oolchuu” jedhe. Jechi Daariyos kun waan Daan’eliin jajjabeessuuf jedhe fakkaata. Sana booda Daariyos hinaafaageggeessitootaatiin akka gowwoomfame bare.

8. Daani’el erga boolla leencotaa keessa buufamee booda, afaan boollaa sun dhagaadhaancufamee amartii mootichaatiin irratti mallatteeffame. Kana jechuunis mootichaa fi gurguddoota isaatiin yoo eeyyamame malee eenyumaanu banamuu hin danda’u jechuu dha(Daani’el 6:17).

9. Mootichi Daariyos gara mana mootummaa isaatti yeroo deebi’e rafuus,nyaachuus hamma hin dandeenyetti muddame (Daani’el 6:18). Yeroo bari’es ariifatee gara boolla leencotaa dhufe. Waaqni isaa isa oolcheera ta’ee fi hanga ammaattis lubbuun jiraachuu isaa baruuf Daani’eliin jn waame (Daani’el 6:20). Daani’elis Daariyoosin “Waaqayyo koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufsise; kanaaf isaan na hin miine; anoo isa duratti mudaa malee nan argame, si durattis yaa mootii, dabaa hin hojjenne” jedhe (Daani’el 6:22).

10. Daariyoosis baay’ee gammadee Daanieliin boolla leencaa keessaa baase. “Daaniel Waaqayyoo isaa duratti amanamaa ture” (Daani’el 6:23); madaan tokko illee isa irrattii hin argamne.

11. Himata sobaa isaanii irraa kan ka’e adabii Daani’el irratti fidaniif Daariyos bulchitoonni,haadha mannoottan isaanii fi ijoollee isaanii wajjin boolla leencotaa keessatti akka gad buufamaniif abboome. “Garuu utuma isaan boollicha keessa lafa hin ga’in leenconni qolatanii lafee isaanii caccabsan” (Dan 6:24). Mootichi Daariyoosis, warra guutummaa lafaa irra jiraatan hundumtuu Waaqayyo o Daani’el sodaatanii fuula isaa durattis akka rom’aniif abboommii baase (Daani’el 6:26).

12. WaaqayyoDaani’eliin in eege; in oolches. Har’as taanaan“Leencabaroodu”, seexanairraa Waaqayyo karaa Yesusitiin nu oolcha (1 Phexros 5:8).

Barusicha Dhi’yeessuu

Kadhanna jalqabaa:- kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:IncaalamaqaanKee(QajeelfamakanafuulagaraduubaairraafaarfannaaLakk.16) faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiidhaan mul’ifamu:waa’ee ergamootaa

Ijoollonni akka naannoo kee taa’an taasisitii “Wanta gara garaa kan Waaqayyo uume maal fa’i?jedhii gaafadhu. (Ijoollonni gaaffii kana haa deebisan). Itti fufiifiitii Waaqayyo ergamootas uumeera; isaaniinis kan uume guyyaa ja’an waaqaa fi lafa uume keessatti.

Maqaan ergamaa jedhu “ergamaa” jechuun “kan ergamu”jechuu dha. Seenaa Macaafa Qulqulluu kan abjuu Yaaqob ilaalu yaadadhu.

Yaaqoob masalaalii yeroo ba’ee bu’u kan arge maal ture? (Yaaqoob ergamoota arge).Ergamoonni namootaa miti. Isaa fi nuyin akka tajaajilaniif Waaqayyo kan uume uumama humna qabanii dha. Waaqayyo ergamoota baay’ee hedduu uumeera. Namoonni Yesusi wajjin jiraachuuf yeroo gara waaqaa dhaqan ergamoota hin ta’ani.

Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti waa’ee nama Daani’el jedhamuu in dhageessu. Daani’el namoota Waaqayyo ibidda irra baraare Shaadraak, Meshaak fi Abed-Neegoof michuu gaarii ture. Daani’el Baabilonkeessajiraataature. SeenaaMacaafaQulqulluusana hubannaadhaan dhaggeeffadhaatii Waaqayyo Daani’eliin eeguuf attamittii akka ergamichan fayyadame hubadhaa.

Faarfannaa “Macaafa Gooftaa malee” (Lakkoofsa25) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Himuu

Filmaata 1: Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoolleejedhu irraa waa’ee “Daani’eliifi leencotaa”yoo dubbistu seenessuu keemidhagaagodhachuudhaafhogoggee qajeelfamakanaairra jiruun fayyadami.

Filmaata 2: Seenessuu

Ga’ee Daani’el akka taphatuuf barataa tokko fili; sabata mudhii isaatti naannessee akka hidhatus taasisi. Taatummaa kana akk shaakaluuf mucaa dursite filte sanaaf seenaa itti aanu kanaa guyyaa muraasa dursi kenniif.

Daani’elii fi Leencota

Yaa michoota koo; maqaan koo Daaniel yeroo ta’u, kanan jiraadhu Baabilon keessa. Shaadraak, MeshaakfiAbednagoon kanjedhamanmichootagaariinqaba,Nebukadnezaaryerooibiddakeessa isaan buuse sana Waaqayyo attamittiin akka isaan oolche akka dhageessan nan yaada. Waaqayyon keenya dhugumatti Waaqa dinqisisaa dha, mitii ree?Ani guyyaa guyyaatti gara Waaqayyootti yeroo sadiin kadhadha. kunis ganama, guyyaa fi galgala. Akkuma Shaadraaq, Meshaaqii fi AbedNegoo biyya Israa’elittan dhaladhe. Amma biyya Baabilon kessa Waggoota hedduuf jiraadheera. Daariyos kan jedhamu mootii haaraa qabna; biyya Baabilon kana keessa hojjetaa amanamaa ta’ee jiraadheera. Saba sana gargaaruu akkan danda’uuf Waaqayyo ogumma hedduu fi dandeettiidhaan na eebbiseera. Mootichi Daariyos mootummaa isaa keessatti saba hedduu irratti na muude. Yeroo muraasa dura carraa humna Waaqayyo naaf kenneef geggeessitoonni gargaartuu Daariyos turan natti hinaafan.Quunnamtii ani Daariyos wajjin qabuun rakkina keessa akka ani galuuf karoorsan. Isaanis gara mootichaatti qofa akka sagadamuuf abboommiin akka ba’u taasisan. Namni mootichaaf malee kan biraaf sagadu abboommii leencota beela’aniif akka kennamu fi ajjeefamu jedhu akka ba’u taasisan. Mootichi Daariyos abboommiin kun ba’ee hundumaatti akka beeksifamuuf godhe. Diinoti koo akka ani Waaqayyo tokkicha qofaaf sagadu in beeku turan. Kana irraa kanka’es abboommii haaraa Daariyos baaseef akka ani hin abboomamne in beeku turan.

Karaa kanaa sirrii turan. Anis guyyaatti yeroo sadii gara Waaqayyootti nan kadhadhature.Yeroo ani gara Waaqayyootti kadhadhu argani ariifachuudhaan gara mootichaa dhaquudhaan “Daani’el abboomnii ati baafteef hin abboomamu. Kanaafuu boolla leencaa keessatti akka buufamuuf gochuutu sirra jira” jedhan.

Mootichi Daariyosis yeroo kana dhaga’e gowwummuudhaan abboommicha baasuu isaa in bare. Haa ta’u malee, abboommicha geeddaruun isaaf hin danda’amu ture. Dhuma irratti garuu, boolla keessa na buusuudhaaf dirqama itti ta’e.

Anissodaadheenture.Leencotisunilkaanotaafiqeensotaqaramooqabu.Baay’eesbeela’aniituran. Sodaadhus garuu Waaqayyo akka na gargaaru amaneetan ture. Waaqayyo maal akka qodheherregaa! Leencoti sun akka ana hin miineef Waaqni koo ergamaa isaa ergee afaan isaanii cufe. Boolla leencota sana keessa yoon bolu, halkan guutuu Waaqayyo nagaadhaan na eege.

Guyyaa itti fufu ganama hanga ammaatti lubbuudhaan jiraachuun koo arguudhaaf mootichi in dhufe. Akkana jedhees na waame: “Yaa Daaniel, Waaqni kee Leencota sana irraa si oolcheeraa?” Mootichaaf waanan deebise yaaduu dandeessuu? Waaqni koo ergamaa isaa ergee akka leencoti sun na hin miine akka godhu itti hime. Mootichis in gammade. Garbooti isaas akka boolla leencota keessa na baasaniif itti hime. Mootichi abboomii haaraa in baase.Warra kutaa mootummaa isaa keessa jiran hundumatti Waaqni Daani’el Waaqayyo dhugaa akka ta’e itti hime.

Waaqayyon keenya Waaqa dhugaa akka ta’e in beekna. Nu eega; nu oolchas.Akka nuyi eeganiif ergamoota isaa in erga.Waaqayyo hunduma olitti karaa amantii Yesusitiin cubbuu, du’aa fi seexana irraa nu fayyisa. Waaqa gudaa fi fayyisaa attamii qabna!

Seenaa isaa waan nu taphachiiseef “Daani’eliin” akka galateeffatan ijoolleetti himi. Yeroo kana muca taatee Daani’el ta’e kutaa sana keessaa akka ba’u taasisi

Seenaa Macaafa QulqulluuKeessa Deebi’uu

Gaaffilee seenaa irratti hundaa’an:- Gaaffiwwan sana garee sanaaf dhi’eessi

1. Daani’el gara Waaqayyootti kan kadhate yoomi? (Dani’el guyyaa guyyaadhaan gara Waaqayyootti in kadhata ture; kanas gochaa kan ture ganama, guyyaa fi galgala ture).

2. Mootichi seera haaraa kan baase maaliif ture? (Mootichi abboommii sana kan baase warri guguddooti taa’itaa qaban Daani’eliin miidhuuf jedhanin waan isa gowwoomsaniif).

3. Waaqayyo Daani’eliin attamittiin oolche? (Waaqayyo ergamaa isaa ergee akka leencoti sun Daani’eliin hin miineef afaan isaanii in cufe)

Keessa deebii hojiidhaan mul’ifamu: Barattoti sun seenaa sana irra deebi’anii akka seenessaniif horgoggee isaan gargaarun akka fayyadaman taasisi.

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaawajjin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaanwal-fudhachiisuu:- yaa Waaqayyo waan nuyi oolchiteefsi galateeffanna. Ijoolloti sun sitti siqanii akka taa’an taasisiitii, “Waaqayyo Daani’eliin boolla leencaa keessatti du’a irraa oolche”jedhii itti himi.Waaqayyo attamittiin nu oolcha? (IjoolleenWaaqayyo nama

tokko dhukkuba, balaa jeequmsa du’a fiduu danda’u irraa attamittiin akka oolch dhugaa ba’uu dhaan haa eegalan. Amma Waaqayyo karaa Yesus Kristositiin namoota cubbuu isaanii irraa akka fayyisu akka ijoolleen dubbataniif geggeessi).

Karaan Waaqayyo nu fayyise inni guddaan karaa Yesusitiin. Adaba sababa cubbuu keenyaatiin nuttidhufuufmaluirraWaaqayyookanoolchuufwaanYesusdu’ee,du’aayiska’eef.Yesushumna seexanaahundumaairraanu fayyise.Amantii Isatti qabnuunjirreenyabarabaraanuu kennuufdu’a hafuuraa bara baraa irraa Yesus nu fayyise.

Waaqayyo waan nu uumeef, waan nu qabnu hundumaas waan nuu kennuf akkasumas karaa Yesusin jireenya bara baraa waan nuuf kennuuf Isa galateeffachuu in dandeenya.Kanaafuu gammachuudhaan waan maraaf Waaqayyoon haa galateeffannu. Sababa Waaqayyoon galateeffannuf tokkon isinitti hima. Yeroon harka koo ol-kaasu isin immoo kaatanii dhaabattanii, “yaa Waaqayyo si galateeffanna!” jettu. Ijoollee sana shaakalchiisi. Ijoolloti “Yaa Waaqayyo, si galateeffanna!” erga jedhanii booda gadi taa’u isaanii itti fufuudhaan sochii kana eegali.

Barsisaa Barattoota

Waaqa Qulqulluu fi ifa biiftuu

Waa’ee bishaanii fi lafaa, waa’ee mukaa fi biqiltuu, waa’ee simbirrootaa fi bineensa

Waa’ee ijaa fi gurraa, waa’ee funyanii fi afaanii, waa’ee dargaggootaa fi qaama isaanii dinqisisaa ta’eef

Waa’ee maatii, waa’ee michootaa, waa’ee gargaartotaa fi waa’ee warra nu jaallatanii fi nu kunuunsan hundumaa dhugaa fi abdiitiif

Yesus sababa cubbuu keenyaaf fannoo irratti nuyif du’ee achiis ka’ee cubbuu keenya irraa isa nuyi fayyisu waan nuyif ergituuf

Waa’ee kunuunsa keetii fi waa’ee eegumsa keetiif

Yaa Waaqayyo, si galateeffanna

Yaa Waaqayyo, si galateeffanna.

Yaa Waaqayyo, si galateeffanna.

Yaa Waaqayyo, si galateeffanna.

Yaa Waaqayyo, si galateeffanna.

Yaa Waaqayyo, si galateeffanna.

Waa’ee jaalala keetiif, waa’ee dhiifama keetii fi jireenya waan nuu laatteef Yaa Waaqayyo, si galateeffanna.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: (Waaqayyo) karaa ati adeemtu hundumaatti, akka si eeganiif ergamoota isaa sif in abbooma(Faarfannaa 91:11).

Ijoollee sana naannoo kee teessisi. Macaafa Qulqulluu kee baasitii akkana jedhii gaafadhu:Afaan leencotaa irraa Daani’eliin akka oolchuuf Waaqayyo eenyuun erge? (Waaqayyo Isa in ergamaa erge).Waaqayyo nuyinis fayyisuuf ergamoota isaa in erga.Macaafni Qulqulluun nuyi

dubbifne isa kana nuyitti hima.Faarfannaan 91:11 baasitii luqqisii sammutti qabamu barattootaaf dubbisi.Karaa kee irratti akka hin gufanneef ergamoota isaa sif erga. Jechi Macaafa Qulqulluu kun ergamooti Waaqayyoof akka abboomamanii fi waan Inni isaanitti himes akka godhan nutti hima. Hojiin ergamaa Waaqayyoo inni olaanaan nu oolchuu fi nageenya keenya eeguu dha.Jechoota Macaafa Qulqullun kana haa barannu.

Luqqisii kana barsisuudhaaf ofii keetii dura jechoota luqqisiikana suuta jedhii dubbadhu. Ijoolloti sun si hordofanii jechoota sana suuta jedhanii akka dubbatan taasisi

Miilla keetiin akka hin gufanne, harka isaaniitiin akka si kaasaniif (Waaqayyo) ergamoota Isaa waa’ee keetiif abbooma.

Jechoota Luqqisii kana irra deebi’ii dubbadhu.Yeroo kana ariifadhuu dubbadhu. Ijoolloti sunis jechoota sanaa tokko tokkoon ariifatanii akka dubbatan taasisi.Yeroo kana akka haasa’uun barametti dubbadhu. Itti fufees jechoota sana yeroo sadaffaadhaaf dubbadhu. Yeroo kana akkaataa haasa’a amaleeffatameen dubbadhu. Itti fufees ijoolloti sun sin hordofanii akkaataa haasa’a amalleeffatameen luqqisii sana hundumaaakka dubbatan taasisi.

Farfannoota: “Yesus nu jaallata” (Lakkoofsa38); “Sitti hin ulfaanne ba’aan koo” (Lakkoofsa 31) fi “Galanni, galanni” (Lakkoofsa5) jedhan faarfadhaa.

Hojii harkaa, yaa ergamaa, ka’i!

Fakkaatti ergamaa isa baay’iste sana tokko tokkoo ijoolleef hiri. Kana yoo dursitee hin goone ta’e ijoolloti sun fakkaatti ergamaa sana muranii akka keessaa baasaniif maqasi kenniif. Ergamaan sun ta’eeakkamul’atuufiddoojechootisunittimaxxanfamanirraaeegaleefakkaattisanaakkamuranii ijoolleetti himi.

Ijoolloti sun fakkaatti ergamaa sana kobbii halluu/qalama qabuun akka diban kennif. Isa booda immoo bareeffama “ergamooti Waaqayyoo na eegu” jedhu kanfakkaatti ergamaa jalatti barreeffame ijoolleedhaaf dubbisi. Ergamichi dhaabachuu isaa mul’isuudhaaf fakkaattin sun deggertuu haa qabaatu.

Akkana isaaniin jehdi, “jechi kun nuyi eeguudhaaf Waaqayyo ergamoota akka ergu nu yaadachiisa.” Kunuunsa jabaa Waaqayyoo akka si yaadachiisuuf fakkaatti ergamootaa mana keetti iddoo tokko irra kaa’i.

Kadhannaa dhuma: Kadhannaa qajeelfama kanaa fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 26

Dhalachuu Yohannis Cuuphaa

Luqaas 1:5-25; 57-80

Macaafa Seenaawwan Macaaf Qulqulluu kan ijoollotaafqophaa’e, fuula 78-79

Dhugaa Ijooa

Hojii fi shakkiin keenya kan cubbuun guutame akkuma jirutti ta’us, Waaqayyo karaa Yesusitiin nu fayyisuu fi cubbuu keenya nuuf dhiisuudhaaf waadaa nuuf gale jaalala Isaatiin in eega.

Kaayyowwan barumsichaa

Barattoonnihumna Hafuura Qulqulluutiin:

• Zakkaariyaas shakkaa yoo ture iyyuu, Waaqayyo mucaa isaaf kennuuf waadaa isaaf galuuIsaa in BEEKU.

• Jecha abdii Waaqayyoo, addumatti kan amantii Yesus irratti qabnuun dhiifamaa fi fayyina ilaalu amanaa in GUDDATU.

• Jaalala Isaa fi abdiiwwan hin lakkaa’amne waan nuuf kennee fi eeguuf Waaqayyoon galateeffachaa in JIRAATU

LuqqisiiMacaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: “Abdiin Waaqayyoo hundinuu karaa

Kristos “Haa ta'u” jedhamanii in raawwatamu” (2Qorontos 1:20).

Meshaalee fi qophii (keessumatti Barumsa kanaaf barbaachisu)

1. Yeroobarsiistuhorgoggeewwanmecaafakanafuuladubaairrajiraniinfayyadamtayoota’e barumsa 26f qophaa’an waraabbii taasisii qabadhu. Horgoggewwan sana muri baasiitii halluu dibi Horgoggeewwan sana baala yabbuu fi babal’aa ta’an irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Seenicha himuudhaafFilmaata 2ffaadhaan kanfayyadamtu yoo ta’eimmoo, barumsicha utuu hin jalqabin qajeelfama kana keessatti bifa seenessuutiin akkuma dhi’aatetti haala waliigalaatiin dhi’eessi. “Seenaa Macaafa Qulqullichaa himuu” isa jedhutti fayyadami. Kana gochuudhaafis waraqaa dheerina qabutu sibarbaachisa.

Macaafa Qulgulluu Bu’uureffachuu

Luqaas 1:5-25, 57-80 Dubbisi

1.Hamma ammaatti barumsaDilbataa kana keessatti barnoonni dhihaatan, barumsa Macaafaa Kakuu Moofaa irratti kan bu’uureeffaman turan. Bara Kakuu Moofaa keessa namoonniFayyisaan akka dhufuabdii Waaqayyo kennetti amanuudhaan jiraatu turan Abdiin kun kan himames Addaamii fi Hewaan cubbuu isa jalqabaa yommuu hojjetan ture. Fayyisaan mataa seexanaa tumu erguudhaan namoota huntumaa akka furu (fayyisu)

Waaqayyoabdii kenneera (Seera Uumamaa 3:15).Kakuu Haaraan waa’ee Fayyisaa isa gara biyya lafaa dhufee, Isa gaafa murtii isa dhumaa keennuus deebi’eedhufuu nu barsiisa.

2.Leenjiin barumsa kanaa inni hafe immoo seenaa Macaafa Kakuu Haaraa irratti kan hundaa’eedha. Macaafni Kakuu Haaraa Fayyisaan gara adduyaa kanaa (biyya lafaa) akka dhufeefigaaf tokko immoo guyyaa murtii biyya lefaatti deebi’ee akka dhufu nutti hima Macaafni Kakuu Haaraa kan jalqabu Wangeelota Maatewos, Maarqos, Luqaasi fi Yohannisin barreeffamaniin. Barreeffamoonni kunneenis Wangeelota jedhamanii waamamu. Jechi “Wangeela” jedhu kun “ergaa gammachuu” jechuu dha. Barruulee Qulqulluu keessatti wangeelli amantii Gooftaa keenya Yesus Kristos irraa qabuun, waa’ee misiraachoon fayyinaa kan ittiin argamuu dha. Wangeelii Macaafa Kakuu Haaraa kun kan cimseenuttihimu,waa’eedhalachuuGooftaaYesus,waa’eejireenyaIsaa, waa’ee tajaajila Isaa, waa’ee du’uu Isaa, waa’ee du’aa ka’uu Isaatii fi waa’ee ol-fudhatamuu Isaa ti.

3.Wangeelli Luqaas Qulqulluun barreesse jalqaba isaa irratti Yesus biyya lafaa irratti dhalachuu Isaatii fi taateewwan warradubbatanitti nugeessa. MacaafniKakuu Haaraa akka nuttihimutti, Luqaas ergamicha Phaawulosii wajjin kan adeemaa turee fi hojiiwwan ergamootaa kan barreessee dha. Luqaas Qulqulluun jalqaba irratti naannoo dhaloota Gooftaa Yesusitti haalaawwanii fi waa’ee Yohannis Cuuphaa isa eessuma isaa ta’uu dande’uu in dubbata. Yohannis mucaa yeroo umurii dullumaa keessa Zakkaariyaasii fi Elsaabexiif dhalatee dha. Kunis karaa baay’eedhaan haala Abrahaam, Saaraa fi Yishaaqiin walfakkaatu qaba. Maatiiwwan lamaan keessatti namni tokko (abbaa manaa fi haadha manaa keessaa namni tokko) abdii Waaqayyo dhala kennuudhaan sin eebbisa jedheen shakkee (shakkitee) turee/turtee dha. [Fakkeenyaaf Saaraan ‘in kolfite’ Uumama. 18:12; Kanaaf Saaraan garaa ishee keessatti qummaaddee, “Ergan dulloomee dadhabee, abbaa manaa koo bira ga’uu nan hawwaa ree? Abbaan manaa koos lafa guureera mitii ree?” jette. Zakkaariyaasis ergamaa Gabri’el, isa Waaqayyo erge sana ergaa isaa hin amanne tureLuqaas 1:18,20..

4.Yohannis yommuu dhalatetti (tilmaamaan Dh.K.D 7-6tti), Herodis guddichi mootii Yihudaa ture. Herodis kun, booda barumsa 30ffaa keessatti ilaaluudhaaf kan jirru, dhaloota Kristos booda, taateewwan turan keessatti gahee guddaa qaba ture. Zakkaariyaas luba yommuu ta’u,sanyii Aaroon keessaa ture. Haati manaa isaa Elsaabexis sanyii Aaroon keessaa turte. Bara mooticha Daawwit irraa kaasee luboonni tajaajila kutaawwan adda addaatti hiramanii turan. Hiramni kunis boojuu Baabilon booda, gara tajaajila mana qulaullummaa keessaatti deebi’ee akka hojjetu ta’e. Hojii lubootaa keessaa inni took,iddoo arsaa isa balbala qulqulluu qulqullootaa duratti utuu wal-irraa hin citin ixaana aarssuu dha. Zakkaariyaas tajaajila kanaaf kan filatame carraadhaan ture. Carraadhaan filatamuu jechuun dhagaa xixinnoo ykn muka kukkutanii fayyadamuudhaan luba urgoofticha aarsu garee sana keessa kan jiran, akkasumas luboota biroo keessaa filuudhaan akka tasaatti taasifamuu dha(Luqaas 1:9).Tokkoo tokkoon lubootaa carraadhaan tajaajila kanaaf ramadamuudhaan yeroo kennameef keessatti hojjetu.

5.Zakkaariyaas iddoo aarsaan itti dhi’aatu sana cinaa yommuu dhaabatu ergamaan gooftaa itti mul’ate (Luqaas1:11). Zakkaariyaasis “baay’ee sodaate”(Luqaas 1:12). Ergamaan Waaqayyoo yeroo baay’ee kan mul’atu akka tasaatti. Namoonni ergamaa argan akka sodaataa turan Macaafni Qulqulluun yeroo baay’ee nutti hima. Ergamoonni surraa ulfinaa kan qabaniidha. Zakkaariyaasitti kan mul’ate ergamaa Gabri’elii jedhamu ture (Luqaas 1:19). Ergamichi immoo Waaqayyo irraa ergaa dinqisiisaa ta’e tokko Zakkaariyaasif fudhatee dhufe; isaa fi Elsaabex dhala akka arqatan, maqaan isaas Yohannis akka jedhamu itti hime (Luqaas 1:13). Yohannisis “gammachuu fi qannoo” ni ta’a (Luqaas 1:14). Innis “fuula Waaqayyoottis nama guddaa” in ta’a(Luqaas 1:15). Namni Naazirichata’e warra kakuu fudhatan hundaaf seera qabuun dhugaatii macheessu dhuguun irra hin jiru(Luqaas 1:15). Dhugaatiin nama macheessu dhugamuu hin qabu (Luqaas 1:15). Saamsonii fi Saamu’el lamaan issanii iyyuu namoota Naaziroota turan (Abboota Firdii 13:4-7 fi 1Saamu’el 1:11).

6.Hojiin Yohannis maal akka ta’es, ergamaan Gabri’el dubbateera. Israa’el irraa namoota baay’eegaraWaaqayyoottiindeebisa;akkaEliyaas gochaatureslallabaqalbiijijjiirrannaa in lallaba (Luqaas 1:16-17). Yohannis isa dhufuuf ture, Fayyisaa keenya Yesusif namoota qopheessaa ture.

7.Ergaan Gabri’el waan gaarii haata’u iyyuu malee, Zakkaariyaas garuu jechi kun dhugaa ta’uu isa in shakke (Luqaas 1:18). Zakkariyaas sagalee abdii kan Waaqayyo isaaf kenne sanawaanshakkeefishammaguyyaa dhalootaYohannisitti arrabni isaaakkahin dubbanne duudaa in ta’a (Luqaas 1:20). Zakkaariyaas namoota waaqeffannaadhaaf walitti qabamanii isa eeggachaa turanitti yommuu deebi’etti, maaltu akka isa irra ga’e mallattoo qofaan kan namaaf ibsu ta’ee argame (Luqaas 1:22).

8.Zakkaariyaas tajaajilamana qulqullummaa xumuree gara mana isaatti erga deebi’ee booda, Elsaabex in ulfoofte;ulfigadameessaisheekeessa jiruskennaaWaaqayyoo ta’uu isaabarte (Luqaas 1:25). Egaa kanaan booda, ceephoon bara Macaafa Qulqulluu kanatti dubartoota dhala godhachuu hin dandeenye irra ga’u Elsaabex irra hin ga’u. Ilaalchi isheen waan Waaqayyoon gaddisiifteef dhala akka hin godhanne taasifamte jedhu irraa ka’eera.

9.ElsaabexiifiZakkaariyaasyommuumucaanisaaniifdhalateollootaafifroottanisaaniihundi hirmaattota gammachuu isaanii turan (Luqaas 1:58). Yohannis dhalatee guyyaa 8ffaa isaatti dhagna qabachuu qaba ture. Gochi kunis kaku moofaa keessatti, abboommii isa Waaqayyo Abrahaamiif kenne ture. Dhagna qabachuun Waaqayyoo fi saba isaagidduutti “Mallattoo kakuu” ture (Uumama 17:10-11). Namni tokko abdii eebba mootummaa Waaqayyoo lammii biyyattii akka fudhatan kan agarsisuu dha. Mucaan tokko yommuu dhagna qabatu maqaatu kennamaaf. Yohannisis akkuma abbaa isaa Zakkaariyaas jedhamuudhaan in moggaafama jedhamee utuu hunduman eegamaa jiruu, Elsaabex “Lakki Yohannis jedhamee haa waamamu” jettee itti himte (Luqaas 1:60).Maatii isaanii keessatti namni Yohannis jedlamee waamamu waan hiu jirreef, sabni Zakkaariyaasin eenyu

jedhamee akka inni waamamuu barbaaduu isaa mallattoodhaan gaafatan (Luqaas 1:62)

Sababii gaaffiin kun Zakkaariyaasif dhi’aateefis, gurri isaa waan hin dhagahu jedhanii waan yaadaniif fakkaata. Inni garuu gabatee barreeffamaa, kan irratti barreessan naaf fidaa jedhee “Maqaan mucichaa Yohannis” jedhee deebiseef (Luqaas 1:63). Yommuma sana arrabni Zakkaariyaas hiikamnaan dubbachuu danda’e. Jalqaba irratti wanti inni raawwate tokko, Waaqayyoon galateeffachuu ture (Luqaas 1:64). Biyya Yihudaa isa gaarreniin marfame sana argee sabni baay’ee dinqisifachuudhaan “Mucaan kun maal haa ta’u” jedhe (Luqaas 1:66).

10.Zakkaariyaas humna Hafuura Qulqulluutiin isa fayyisaa addaa ta’e sanaaf raajii dubbate (Luqaas 1:67-69). Raajii kana keessatti Zakkaariyaas waa’ee fayyisaa isa lammata deebi’ee dhufuu yommuu dubbatu, fayyisaan “gooftaa fayyinaa” in ta’a jedhe (Luqaas 1:73). Fayyisaan kunis Gooftaa Eliyaasi dha. Akkasumas, Zakkaariyaas yommuu mul’ata himu Yohannis fuula gooftaatti karaa kan qulqulleessu dha. “Raajii hunda–danda’aa” (Luqaas 1:76) in ta’a jedhe. Yohannisis “beekumsa fayyinaa” (Luqaas 1:77) sabaaf in kenna.Akkuma Yohannis guddateen, Hafuurri Qulqulluun; hafuuraanis baay’eejabaachuu isaa in dubbata (Luqaas 1:80). Yohannis yommuudhalate sana, warri isaa dulloomanii waan turaniif, inni garuu utuu dargaggessa ta’ee jiruu du’uu danda’u. Yohannis kan guddate biyya Yihudaa kan taate Yerusaalemii fi lafa onaa kan kan jedhamu naannoo Galaana Du’aa ture. Tajaajila isaas kan jalqabe dhalatee waggaa 30ffaa isaa yommuu ta’u, yeroon kunis yeroo tajaajilaanYesus tajaajila isaa jalqabe waliin wal-fakkaataa ture.

11.Dhalanni Yohannis waggootta dhibba dursee Kakuu Moofaa keessatti raajonni kan raajan, raawwatamuu raajichaa ture (Isaayas 40:33). Dhalachuun fi tajaajilli isaa kan itti fufu, abdii Waaqayyo saba isaatiif kenne kan eegu ta’uu isaa taatee nutti argisisan keessaa inni tokko kanuma nuuf mirkaneessa.

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa jalqabaa: Kadhanna dhuma kutaa Macaafa kanaaduuba irraajiru kadhadhu.

Faarfannaa:“Yesus nu jaallata” (Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiidhaan mul’atu: Abdii namaaf kennuu

Ijoolleen akkasi arguudanda’anitti marsaa kee akkataa’an taasisiitii akkas jedhii gaafadhu:“Waan tokko nama tokkoo gochuudhaaf abdii kennitaniifii beektuu? (Ijoolleen haa deebisan, tarii yoo yommuma san deebisuu dadhaban; hoji manaa haa godhatan; hiriyoottan isaaniis haa gaafatan. Akka isaan wal hin jeeqneef to’annoo taasisif; yookan amala gaarii itti argisisuudhaaf abdii kennaniiruu ta’uu danda’a). Waadaa isa namaaf galtan raawwattaniirtuu? (Ammas ijolleen haa deebisan).

Adeemsi kaayyoo akkasi kun, ijoolleen sagalee abdii namaaf kennan yoo raawwatuu baatan miirri barbaachisaa hin taane isaanitti dhegahamuu akka hin qabaeefi. Kaayyoon isaas namoonni waadaa namootaaf galan kan hin eegne ta’uu isaanii argisisuudhaaf.

Qarshii 304,000,000 tokkoo tokkoo keessaniif kennuuf yoon waadaa isiniif gale hoo? (Ijoollotiin haa deebisan; ijoollee xixiqqoo ykn yeroo tokko warri gurgudaan iyyuu, horii lakkoofsaan baay’ee guddaa ta’e hubachuun waan isaan rakkisuuf, isaan deebiwwan garagaraa akka kennu danda’aneegi). Horii guddaa akkasi kana tokkoo tokkoo keessaniif karaan ani itti kennu hin jiru. Namni tokko horii hamma kana baay’atu namaaf kennuuf yommuu waadaa galu, abdii kanas in raawwata jechuun baay’ee ulfaataa dha. Namoonni abdii baay’ee namaaf kennanis,waadaa sana yeroo baay’ee hin eegan.

SeenaaMacaafaQulqulluukeenyakanhar’aakeessatti,waa’eenamootaZakkaariyaasifiElsaabex jedhamanii in dhageenya. Lamaan isaanii iyyuu namoota dudullooman turan; ijoollees hin qaban turan. Ergamaan Waaqayyo irraa ergame tokko, sagalee amanuun nama rakkisu tokko Zakkaariyaasitti hime. Seenicha seenaa kanaa keessattis maaltu akka raawwatame beekuudhaaf xiyyeeffannoodhaan dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: “Waaqayyookoo” (Lakkoofsa 33) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1: Waa’ee “dhalachuu Yohannis Cuuphaa”“Seenaa Macaafa Qulqullu Qooda Ijoollee”keessaa yommu dubbistu, adeemsa seenessuu keetii baay’ee miidhagaa gochuudhaaf horgoggeewwan qajeelfama kanaa fuula duubaa irra jiraniin fayyadami.

Filmaata2:-Seenaa saaqi.

Barumsicha utuu hin jalqabin, Akkaataa armaan gadiitti mul’ataniin fakkiiwwan kanneen waraqaa dheeraa irratti guddisii kaasi.

1. Zakkaariyaas arrabni isaa hidhamee dubbachuu dadhabe; ergamaan immoo cinaa isaa in dhaabata

2. Namoonnidinqisiifachuudhaan afaan isaanii banuun, Zakkaariyaas immoo arrabni isaa hidhamee dubbachuu waan hin dandeenyeef harka isaa gara waaqaatti ol-kaasuu isaa;

3. Elsaabex utuuqummaadaa jirtuu;

4. Elsaabex mucicha Yohannisin hammattee utuu dhaabbattuu namoonni naannawaa ishee jiranimmoo utuu kolfanii;

5. Elsaabex dubbachuudhaaf utuu afaan ishee bantuu, namoonni naannawaa ishee jiran isaanitti bitaacha’uu yommuu ibsan;

6. Zakkaariyaas akkuma arrabni isaa hidhamee dubbachuu dadhabeen gabatee irratti barreessan qabatee “Maqaan isaa Yohannis” jedhama jedhee barreessuu isaa;

7. Arrabni Zakkaariyaas hiikameefii yommuu inni kolfu, sabni achi jiru diqisiifachuun afaan banamuu isaa;

Fakkiiwwan kaafte kanneen waraqaa bal’aa ykn maramaa ta’e irratti mul’isuudhaann akka ijoolleen salphaatti argauu danda’anitti guddisitii kaasi. Seenaa isaa yommuu dubbattus argirsisuudhaaf akka sif mijatutti, fakkiiwwaan kaaftee tokko tokko biratti lakkoofsofa barreessi. Fakkiiwwan kanneen erga murteen booda, isa walitti maramee ture yommuu driirs itu, jalqaba irratti akka sif mijatuuf lakkoofsa 1ffaa irraa jalqabuuf haala mijeessi walitti mari.

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoolleejedhu irratti hundooftee fakkii kaaftee martetti utuu hin fayyadamin haasaadhaan dubbachuu eegali. Yohannis yommuu guddatu maal akka gochuu danda’u kan ergamaan Zakkaariyaasitti hime irratti xiyyeeffadhu. Ergamaan sun erga dubbatee booda Zakkaariyaas hamma Yohannis dhalatutti arrabni isaa dubbachuu waan hin dandeenyeef, kutaa seenichaa isa hafe duuchumatti itti fayyadamuudhaan dubbadhu. Arrabni Zakkaariyaas yommuu dubbachuu hin dandeenyetti namootaa wajjin haasawuuf fakkiiwwan, jechoota barreessuu fi sochii harka isaa qofaatti fayyadama ture jechuudhaan jalqabi. Namoonni biroon akka isaan baraniif waan barbaachisu gochuuf fakkii akkasitti fayyadamuun ta’uu ni danda’a. Seenaa kanaa yommuu dubattu, yeroo barbaachisaa ta’etti waraqaa fakkiiwwanii kan walitti marte garaa gara diriirsuudhaan barattoota keetti argisisi. Fakkaattiwwan tokko tokkoon yommuu argisiftu, haala ifaa adda addaatti fayyadamuun daddabalii itti himi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Keessa Deebi’uu

Gaaffiiwwan Seenaa irratti hundaa’an:Gaaffiiwwan kanneen miseensa garichaatiif dhi’eessi.

1. Mucaan akka dhalatuuf Zakkaariyaasitti kan hime eenyu? (Ergaa guddaa nama dinqisisu kana Zakkaariyaasitti kan hime Ergamicha Gabri’el ture).

2. Ergamichi waa’ee Yohaanis kan dubbate maal ture? (Yohannis Waaqayyo fuuladuratti guddaaa akka ta’u, Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya isa dhufuuf jiruuf namoota akka qepheessu ergamichi dubbate).

Sochi keessa deebii: Seenaa marame banuu

Ijoolleen seenaa irra deebi’anii himuudhaaf fakkiiwwan waraqata maramaa sana irra jiru akka fayyadaman afeeri.

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya baratoota wajji wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu:Waaqayyo kakuu Isaa in eega.

Ijoolloti sun si marsanii akka ta’an taasisiitii akkana jedhiin: “Dursinee waa’ee namaAbraam jedhamuu baranneerra. Abdiin Waaqayyo Abraamiif kenne maalture?” (Abraamii fi Saaraan dullooman iillee mucaa akka godhatan Waaqayyo abdii isaaniif kenne). Waaqayyo akka abdii Abraamiif kenne yeroo dhageesse Saaraan waan goote yaadattu?(Saaraan in kolfite). Abdii Waaqayyo Zakkaariyaasi fi Elsaabexiif kenne maalture? (Waaqayyo akkuma Abraamiif fi Saaraa dhaa kenne abdii mucaa godhechuu kenneef). Abdii Waaqayyo kenneef yeroo dhaga’e

Zakkaariyaas maal godhe? (Abdiin sun raawwatamuu isaa Zakkaariyaas in shakke). Waaqayyo abdii Abraamii fi Saaraa, akkasumas Zakkaariyaasi fi Elsaabexiif kenneeegeera? jedhiitiiijoollee sana gaafadhu (deebiin isaa eyyee dha).

Abdiin Waaqayyoo, inni guddaan kan kenname Addaamii fi Hewaaniif ture. Waaqayyo namoota lamaan jalqaba lafaa irratti uumamaniif yeroo isaan isaaf abboomamuu didan abdiin kennemeef ture? (Fayyisaa namoota cubbuu isaanii irraa fayyisu akka ergu Waaqayyo abdii kenneef). Hedduus utuu hin turin, Yohannis akka dhugaa ba’u, namoota hedduu garaa Isaatti kan geggeessu karaa Yesus Kristos fayyisaa Waaqayyotiin abdii in eege.

Dhiifamuun cubbunYesusitti amanuudhaan argamu nama hundumaaf kan kennamuudha. Waaqayyo Inni matumaa hin sobu waan ta’eefis Issatti amanuu in dandeenga (Tiitoos. 1:2) Waaqayyo hanga kanatti nu jaallata. Abdiiwwan Isaa waan raawwatamuu hindandeenye yoo fakkaatan illee, Inni abdii dinqisisaa nuuf kenne hundumaa in eega.

Waaqayoo abdii nuuf kenne eeguu Isaa kan nutti mul’isu tapha tokko haa taphannu. Ijolleen sun marsaa akka hojjetan tasisitii akkana jedhiin: “Marsaa sana yeroo naannoftan ani abdiiwwan Waaqayyo nuuf kennee fi kan Inni raawwate nan dubbadha. Ani dubbachuu fi deemuu yeroon dhaabe isin immoo naanna’uu dhiiftanii abdiin ani jedhe kun maqaa namaWaaqayyo waadaa galeef waamtu. Marsaa sana naanna’uu itti fufaa akkana isaaniin jedhi. Waaqayyo biyya lafaa balleessuuf bishaan badiisaa lafa iratti erga fidee booda, deebi’ee badii akkana biyya lafaatti hinfidne nama tokkoo fi maatii isaatiif abdii kenne. Abdiin kun immoo nama hundumaaf ta’uu isaa kan yaadachiis mallattoo sabbata Waaqayyootu ture. Amma dhaabadhuutii Waagayyo Nohiif abdii akka galee fi abdii Isaa sana akka eege ijoolleen sun akka yaadatanii itti himi. Deemiicha itti fufiitii akkana jedhi: “Namni kun obboleessa isaa Abeliin ajjeese. Waaqayyo nama kana akka inni maatii isaa irraa adda ba’aa taasisee ergaa adabee booda, balleessaa inni raawwateef namni tokko iyyuu akka isa hin ajjeefneef akka isa eegu waadaa galeef. Ammas dhaabadhu, dubbii kana Qaayeelf akka waadaa galee fi akka eeges ijoollotiin sun akka yaadatan geggeessi (gargaari).

Ammas socho’uu kee jalqabiitii akkana jedhiin “Ergamooti hedduun bakka inni deemu hundumaatti isaa wajjin akka ta’an Waaqayyo waadaa galeef.” Amma immoo dhaabadhuutii Waaqayyo abdii kana Yaaqoobiif akka kenne akkasumas akka raawwateef ijoollotiin kun akka yaadatan geggeessi.

Ammas sochii kee ittif ufiitii akkana jedhiin “mootiin kun kan gaafate hundumaa akka kennuuf Waaqayyowaadaagaleef.MootichiakkaWaaqayyobeekumsaisaafkennuufkadhate.Waaqayyoos nama kamiyyuu caalchisee beekumsa kennaaf. Amma immoo si’a tokko dhaabadhuutii Waaqayo mooticha Solomoniif waadaa gale; in raawwateefis jedhii itti himi.

Ammas sochii kee jalqabaa akkana jedhii ijoolleetti himi: “namooti sun Waaqayyoof abboomamuu didanii muka Waaqayyo irraa hin nyaatinaa jedhee abboome nyaatanis, Waaqayyo Fayyisaa namoota hundumaa cubbuu isaanii irraa fayyisu akka erguuf waadaa galeefii ture.” Ijoolloti sun Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniif abdii gale eeguu isaa akka yaadatan taasisi.

Marsaadhaan akka taa’anitti sochii luqqisii Macaafa Qulqulluu itti fufi.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:“Abdiin Waaqayyoo hundinuu karaa Kristos “Haa ta'u” jedhamanii in raawwatamu” (2Qorontos 1:20).

Macaafa Qulqulluu kee banii akkana jedhii dubbadhu: “Waaqayyo abdiiwwan dinqisisaa ta’an hedduu nuuf in kenna; in eegas. Macaafa Qulqulluu kee banii Qorontos isa lammaffaa boqonnaa 1 lakkofsa 20 irra jiru dubbisi, “AbdiinWaaqayyoo hundinuu karaa Kristos ‘haa ta’u’ jedhamanii in raawwatamu.” Abdii yeroo eeggataa jirrutti jecha “haata’u jedhu dhaga’uun gaariidha. Mitii ree?

Yeroo Kristosif amanamanii Waaqayyo “Haata’u sin gargaara jedha, yeroo hunda si wajjin anatu ta’a; si hindhiisus nan jedha, guyyaa tokko anaa wajjin akka jiraattuuf garaWaaqaatti sin fudhadha; eyyee, waan tokko iyyuu ana harkaa si butachuu akka hindandeenye siifan mirkaneessa” jedha. Isaan kunneen dhugaadhumatti abdiiwwan dinqisisoo dha! Luqqisii “Abdiin Waaqayyoo hundinuu karaa Kirsotos “haa ta’u” jedhamanii in raawwatamu” jedhu kana haa barannu.

Ijoolleen kunneen luqqisii Macaaf Qulqulluu kana akka yaadataniif harka walitti rukkutuudhaan fayyadami. Waaqayyo abdiiwwan hamma fedhe iyyuu haa kennu (harka walitti rukkutaa). Isa boodas ijoolleen sun jechoota walitti hidhaman kanaa fi harka walitti rukutuu lamaan kana si wajjin irrahaadeebi’an. Itti aansees Kristosin“haata’u”jechuudha(harkawalitti rukutuu,walitti rukutuu).

Ammas ijoollonni sun jechoota walqabatoo (walitti hidhaman kanaa fi harka walitti rukutaawwan kana akka irra deebi’an taasisi. Ijoolloti kun gargaarsa tokko malee luqqisii kana dubbachuu hanga danda’anitti yeooo hedduu irra haa deebi’an.

Faarfannoota: Yoo barumsa kana barsiistu faarfannaa “Yesus nu jaallata” (lakkoofsa 38) jedhu faarfadhu. Zakkaariyaasi fi Yohannis humna Hafuura Qulqulluutiin uummatatti dubbattan. Nuyis humna Hafuura Qulqulluutiin waa’ee Yesusi fi waa’ee jaalala isaa warra birootti dubbachuu in dandeenya.

Hojii Harkaa: Maraa (duroo)Abdii

Waraqaa fi kobbii halluu qabu tokkoo tokoo ijoolleef kenniitii akkana jedhi:gidduu waraqaakeessaniitti fakkii abdii Waaqayyo kennuu fi eegu kaasaa. Ijoolleen sun fakkii waa’ee eegumsa Waaqayyoo, kunuunsa ykn dhiifamaa Isaa akka kaasan jajjabeessi. Barattoonni sun yeroo fakkii isaanii kaasanii xumuran fakkii sana gara keessaatti dachaasanii waraqaa sana akka maraniif gargaari. Itti fufiitii waraqaa maramaan sun akkamitti akka hiikamuu fi fakkiin sun itti mul’atu ijoolleetti argisiisi.

Waraqaan maramaan sun ammas irra deebi’uudhaan akka isaan itti maramanii fi itti diigaman kan diigame sun immoo maramuun isaanii akka itti abdii Waaqayyo argisiisan barattoota warra birootti dubbachuudhaaf warra fedhii qabaa qopheessi. Ijoolleen sun waraqaa marame sana gara mana isaaniitti fudhatanii waa’ee abdii Waaqayyoo maatii isaaniitti akka himaniif jajjabeessi.

Kadhannaa xumuraa: Kadhanna qajeelfama kana fuula duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 27

ErgaaWaaqayyo irraa dhufe

Luqaas 1:26-56

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee:- Fuula 80-81

Dhugaa Ijoo

Akka ijoollee ta’ee guddachuudhaan humna cubbuu, du’aa fi seexana akkan furuu fi Fayyisaa keenya ta’uuf, Waaqayyo Yesusin erge.

Kaayyowwan Barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin

• Maariyaam haadha Yesus akka taatuuf Waaqayyo ishee akka file in BEEKU.

• Yesus Fayyisaa Isa Waaqayyo jalqabatti Addaamii fi Hewaaniin adachiisee ture ta’ee guddachaa akka ture hubachaa in GUDDATU

• Yesus kennaa Waaqayyoo ta’uu Isaatiif Waaqayyoon galateeffachaa in GUDDATU.

Liqqisii Macaafa qulqulluu kan sammutti qabatamu: Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru (Luqaas 1:37).

Meshaalee fi qophii (kessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula duubba irra jiraniin fayyadamta yoo ta’e, warraabbii barumsa 27 qabaadhu. Horgoggeewwan sana murii baasitii halluu dibitii ulee ykn baala yabbuu irratti hapheedhan maxxansi.

2. Seenaa sana seenessuudhaaf filatama 2ffaadhaan fayyadamta yoo ta’e mucaa durbaa kan ga’ee Maariyaam taphattu qopheessi. Mucattiin sun waan dhi’eessitu akka qopheessituuf garagalcha seenaa himamu sanaa kenniif. “Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu” jedhu ilaali. Mucattiin ga’ee kana taphattu akka uffattuuf marata dabbasaa guddaa qopheessi. Yaadannoo: Filmaata biraa kan seenaan Macaafa Qulqulluu sun ittiin himamu barumaa 28 keessa galeera. Filmaata kana filatte yoo ta’e mucayyoon dura ati qopheessite sun waa’ee seenaa dhaloota Yesus seenessuudhaaf deebitee haa dhuftu.

3. Kutaa hojii harkaa keessatti kan “Posterii maqaanYesus” jedhu fuudhiitii tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraabii isaa qopheessi.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Luqaas 1:26-56 dubbisi. Luqqisii kana yeroo dubbistu dhugaalee barbaachisoo ta’an yeroo seenaa Kakuu Haaraa hundaa barsiistu kan yaadachuun siif ta’u hedduu qaba.

1. Oduun dhalachuuYesus dhaga’amuu kan eegal Elsaabex ulfooftee baatiija’a booda ture (Luqaas 1:26). Waaqayyo dursee Zakkaariyaasiif gara Galiilaa – Naaziretitti kan erge ErgamaaGabri’eeliingaraMaariyaamittis erge.NaaziretxiqqoofiKakuuMoofaakeessatti

magaalaa hin beekamne turte. Namoonni Naaziretii dhufan namoota Naaziret jedhamanii waamamu. Bara Yesus sana kan Naaziret jechuun hiikiin isaa “Tuffatamaa” jechuu dha(Yohannis 1:46). Bara tajaajila Yesus namooti baay’een, keessumatti Fariisoti Naziretiin in tuffatu turan.

2. Ergamtichi gara dubartii Maariyaam jedhamtuutti yommuu dhufe sana isheen durbee namaYoseef jedhamuuf kaadhimamte turte” (Luqaas 1:27).Gaa’elaaf Walkaadhimachuun bara ammaa caalaa ulfina qaba ture. Wal kaadhimachuun kun lamaan isaanii inni tooko isa biraatiif nama dhugaa fi amanamaa ta’ee hanga du’aatti akkuma kakuu gaa’elaatti kan kabajame ture. Gaa’elaaf wal-kaadhimatanii wal-dhiisuun walhiikuu qofaan ta’a. Wangeela Maatewos barreesse keessattiYoseef fi Maariyaam utuu gaa’ela hindhaabbatin “abbaa manaa fi haadhamanaa” jedhee isaan waama ture (Maatewos 1:19,24). Gabri’elis “Waaqayyo gooftaan sii wajjin jira'o, nagaan siif haa ta'u, yaa ayyaana-qabeettii!” jedhee Maariyaamiif nagaa dhi’eessa (Luqas 1:28). Nagaan kunis Maariyaamiif galiifii dide(Luqaas 1:29).

3. Maariyaamii fi Yoseef lamaan isaanii “toora dhaloota Daawit” irraa turan (Luqaas 1:27). Kunis fayyisaan gosa Abraam irraa akka dhufu abdii Waaqayyo kakuu Moofaa keessatti kenne raawwachuu isaa argisisa (Uumama 12:2-3; Maatewos 1:1 fi 16).

4. Gabri’el ergamichis Maariyaam akka Waaqayyo irraa ayaana argatte, mucaa akka deessu, mucaan isheen deessus maqaaYesus jedhamu akka qabaatu, guddaa akkata’uu fi Ilma Abbaas akka jedhamu misiraachoo dinqisisaa itti hime (Luqaas 1:30-32). Mucaa durbaa xiqqoo kan turte Maariyaamiif kana dhaga’uun ergaa hammam dinqisisaa ta’ee dha! “Ilma Abbaa” jedhamee in waamama. Ilmi Maariyaam Inni dhalachuuf deemu kun, Ilma Waaqayyoo fi Masihicha eegamuu dha.

5. MaqaanYesus jedhamu “Gooftaan in Fayyisa” jechuu dha (Maatewos 1:21).

6. Gabri’el ergaa kana erga itti himee booda Maariyaam akkana jettee gaafatte: “Ani amma illee durba; kun attamitti ta’uu danda’a?” (Luqaas 1:34). GaaffiinMaariyaam kun akkuma Zakkaariyaas amanuu dhiisuu irraa kan ka’e ture. Gaaffii isheen dhi’eessite kun hubannaa akkaataa uumamaatiin ulfaa’uu ilaalchisee qabdu ture. Ergamichis gaaffii isheef deebii kenneen, yaadaWaaqayyoo keessa kan jiruu fi humna Isaatiin qofa ta’uu danduu isaa akkana jedhee itti himee “HafuurriQulqulluun si irra in bu’a; humni abbaas si golbooba” (Luqaas 1:35). Maariyaam akka mucaa deessu kan godhuWaaqayyo ofiiIsaati; Hafuura Qulqulluudhas! Kunis wangeela! Yesus guutummaatti Waaqayyo ta’ee guutummaattis nama ta’ee dhalateera.

Gabri’el humna Waaqayyoo mul’isuudhaaf wanta ta’uu qabu dabalaan mirkaneesseef. Ergamichis wanta biraa Maariyaamitti akkana ajedhee hime: “Kunoo, firri kee isheen sitti aantu Elsaabex, dhabduu jedhamaa kan turte, bara dulluma isheetti ilma godhachundhaaf erga ulfooftee ji’a ja’affaa isheeti” (Luqaas 1:36). Gabrielis, “Waaqayyoof wanti dadhabamu hinjiru” jechuudhaan xumure. Kunis Maariyaamiif dabalata humna biraa ta’eef.

Ergaa dinqisisaa! Ergaan kun Yesus fi Yohannis akka fira walii ta’anis in argisiisa. Tarii firoomichiElsaabexii fiMaariyaamwaliifadaadaawaanta’aniifYesusiifiYohanniswaliif durbii akka ta’an in yaadama.

8. Kana irratti Maariyaam Gabri’eliidhaan: “Ani garbittiin Gooftaa kunoo,asan jira, akka ati dubbatte anaaf haa ta’u!” jetteen. Kana booda ergamichi iddoo dhufetti in deebi’e (Luqaas 1:38). Ibsa amantii akkamii ti! Karoorri Waaqayyoo kun attamitti akka raawwatamu beekuu baattu illee Waaqayyo wanta ta’u hundaaf akka eeggannoo taasis Iisatti amante; hojimaata kana keessattis ga’ee ofii ishee fudhatte.

9. Kana booda utuu hin turin Maariyaam kaatee garaa gara Yihuudaa dhaqxe (Luqaas 1:38). Yommuu Elsaabex nagaa Maariyaam dhageessetti, mucichi gammachuudhaan garaa ishee keessa burraaqe (Luqaas 1:41).Elsaabex yommus Hafuura Qulqulluudhaan in guutamte (Luqaas 1:42). Yohannis, mucaan gadameessa keessa jiru illee, baay’ee gammade.

10. Faarfannaan Luqaas 1:45-55 irra jiru Maariyaam waan Waaqayyo wanta guddaa ishee irratti godheef; gochuu isaas waan itti fufuuf Waaqayyoon ittiin galateeffattee dha. Kutaan Macaafa Qulqulluu kun kutaa dinqisifachuu ykn kutaa kabajuu jedhamuudhaan beekama. Faarfannaan Maariyaam kunHaannaan bara dheeraadhaaf kan eegaa turte Saamu’eliin fuula Waaqayyoo duratti yommuu dhiheessitetti faarfatte waliin kan wal fakkaatuu dha(1 Saamu’el 2:1-10).

11. Maariyaam Elsaabex waliin Ji’oota sadiif teesse (Luqaas 1:1:56). Kunis tarii hanga Yohannis dhalatutti ta’uu in danda’a. Sana boodas gara mana ishee gara Naazireetitti deebite.

12. Maariyaam ofuma isheetii iyyu garbittii gooftaa jedhamtee waamamaa turte (Luqaas 1:38). Karaa dubartii (haadha) kanaan Waaqayyo uummata Isaatiif fayyisaa fiduu fi karoora Isaa raawwachuuf hojii ittiin hojjete dha. Waaqayyo ammas jaalala Isaa karaa Yesusin agisisuuf uummata isaatiin in hojjeta.

Barumsicha Dhi’eessuu

Kadhannaa jalqabaa: Kadhannaaqajeelfamakana fuula duubaa irra jiru kdhadhu.

Faarfannaa:Yesus nu jaallata (Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii keessa deebii seenaa ergamichaaf

Ijoollee kana naannoo kee kaa’iitii akkas jedhiin:“Barnoota kanaan duraa keessatti waa’ee nama Daain’eel jedhamuu baranneerra.”Daain’eel balaa akkamii keessa ture? (Yoo Waaqayyoof ta’e malee kan biraaf hin sagadu jechuu isaatiin boolla leencotaa keessatti gatame). Akka leencota irraa dhorkuuf Waaqayyo eenyuun erge ture? (Akka isaan Daain’eeliin hin miineef afaan isaaini cufuuf ergamaa erge). Seenaa Zakkaariyaas fi Elsaabex keessatti Waaqayyo isaa fi haadha warraa isaa mucaadhaan akka eebbise Zakkaariyaas akkamitti bare? (Ergaa fayida-

qabeessa kana Zakkaariyaas akka dubbatuuf Waaqayyo ergamaa dibamaa Gabireeliin erge).

Seenota Macaafa Qulqulluu kana keessatti Waaqayyo hojii Isaa akka hojjetuu fi akka nu oolchuuf attamittis ergamaa akka ergu in argina. (Seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa keessatti ergamaa gara Zakkaariyaasitti ergamee ture sana, Waaqayyogara dubartii biraa ishee magaalaa xiqqittii Naazireetjedhamtukeessajiraattutiierguu Isaain argina).WaaqayyomaaliifGabri’eliinakkaerge hubachuuf xiyyeeffannoodhaan dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha (Lakkoofsa 2)jedhu faarfadhaa

Seenaa Macaafa Qulqulluu Dubbachuu

Filmaata 1: “Ergaa Waaqayyo irraa dhufe” seenaa jedhu Macaafa SeenaawwanMacaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa yommuu dubbistuadeemsa seenessuu keetii cimsachuudhaaf horgoggee qajeelfama kana fuula duubaa irra jiruun fayyadami.

Filmaata 2: Seenaa Maariyaamseenessu

Seenicha seenessuudhaaf filatama 2ffaa fayyadamta yoo taate, seenaa Macaafa Qulqulluu kana seenessuudhaaf dubartii taatee seenaa Maariyaam akka seenessituhaguuggii rifeensa ittiin haguuggattu shaashii dheeraa qopheessitii seenaa kanatti aanee jiru ijoollee kanaaf akka dhi’eessitu taasisi. Isheenis akkana jetti: “Nagaa keessaniiijoolle? Maqaan koo Maariyaam jedhama. Kanan dhufe magaalaa xiqqoo Naazireet jedhamtu keessaa dha. Michuun koo Yoseef jedhama.Waaqayyoanaafimaatiikooeebbaadinqsisaadhaannueebbiseera.”Waa’eegaarummaa Waaqayyoo hundumaa isaanitti himi.

Yoseef fi ani osoo gaa’ela hin raawwatin keessuummaan adda ta’e tokko ana daawwachuu dhufe. Innis Ergamaa Waaqayyo biraa ergame ture. Ergamichi “ayyaana si keessa guute nagaan sif haa ta’u. Waaqayyo si wajjin jira” jedhee nagaa ana gaafate. Jalqaba irratti sodaadheen ture. Anaa kan ayyaanaan guutame? Ani nama waa’ee hin baafnee dha jennaan Ergamichi in dinqsifate.

Ergamichis hin sodaatin naan jedhe; yeroo dhihootti kennaan guddaa ta’e akka naaf kennamus anattihime.HaatimucichaYesusiakkaanagodhuanattihime.ErgamichisYesussabaWaaqayyoo irratti akka mootii ta’u mootummaan Isaas xumura akka hin qabaanne anatti hime.

Kun ergaa dinqisisaa dha. Wanta ta’uuf jiru guutummaa isaa ani hin hubanne. Utuu ani Yoseef waliin gaa’ela hin raawwatiinni mucaa da’uu nan danda’aa? jedheen gaafadhe. Ergamichi akka Hafuurri Qulqulluun ana irra bu’uu fi akka humni Waaqayyoo ana irra dhufu anatti hime. Sana boodas ergamichi misiraachoo dabalataa anatti hime. Yeroo hedduu mucaa da’uuf eegaa kan jirtu mucaan adaadaa kootii Elsaabexis akka mucaa deessu anatti hime. Ergamichis utuu ana biraa adda hin ba’iinni “Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru” anaan jedhe. Anis tole! Waaqayyoof ajajamuu waanan barbaaduufis haadha Yesus ta’uu nan barbaada jedheen ergamichatti hime. Battalumattan gara Elsaabex dhaqe. Yommuun nagaa ishee gaafadhetti mucaa isheen deessu gammachuudhaan gara ishee keessaa garagale. Anis yeroo dhihootti mucaa akkan da’u isheetti humuu koo dura Elsaabex waa’ee dhimma kanaa hunduma isaa anatti himte. Hafuurri Qulqulluun isheen akka waan kana beektu godhe.

Ani fi Elsaabex lamaan keenya baay’ee ajaa’ibsifanne! Waaqayyo fayyisicha erguuf waan ta’eef isa galateeffachuu fi jejachuuf faarfannaan faarfadhe. Waaqayyo baay’ee guddaa dha!

Elsaabex hamma mucaa ishee deessutti ji’oota sadiif ishee biran taa’e. Sana beeddas gara Naaziretittan deebi’e Yommuu Yesus dhalatetti wanta ta’e hundumaa isintti himuuf nan deebi’a.

Hammasitti Waaqayyo isini wajjin haata’u!

Mucaa ga’ee kanaa taphatte sana akka ijoolleen galateeffatan taasisitii ishee geggeessi. Sana boodas gaaffilee seeincha keessaa ba’an gaafachuu itti fufi.

Keessa Deebi’uu Seenaa Macaafa Qulqulluu

Gaaffilee seeincha irratti hundaa’an: Gaaffilee kana garee kanaaf dhiheessi.

1. Ergamichi waa’ee Yesus ilaalchisee maal dubbatee ture? (Ergamichi Gabireel

Maariyaam akka haadha Yesus taatu isheetti hime. Yesus Ilma Waaqayyoo akka ta’e isheetti hime. Akkasumas Yesus namoota Waaqayyoo irratti mootii in ta’a; mootummaan isaa xumura hin qabu jedheen).

2. Maariyaam faarfannaa maaliif faarfatte? (Maariyaam faarfannaa galataa Waaqayyoof faarfatte; sababin isaas Waaqayyo fayyisaa kan ta’e isheef kennuudhaan ishee eebbise waan ta’eefi).

Sochii hojiidhaan mul’ifamu:- Itti fufee maaltu ta’e? ijoollee kana ofitti naannessitii “seenaa Macaafa Qulqulluu kana hammam akka dhaggeeffattan haa ilaallu” jedhiin. Seeincha keessaa kan dhugaa ba’e tokko isinttan hima. Isin immoo itti fufee maal akka ta’e anatti himtu. Deebii isaa kan beektan yoo ta’e harka keessan baasaa; haa eegallu.

1. Shamareen Maariyaam jedhamtu magaalaa Naazireet keessa jiraatti turte. Itti aansee maaltu ta’e? Nama Yoseef jedhamuufiis kaadhimamtee turte. Itti aansee maaltu ta’e? (Ergamaan Waaqayyo Maariyaamiin ilaaluuf dhufe).

2. Maariyaam yommuu ergamicha argite jalqaba irratti in sodaatte. Itti aansee maaltu ta’e? (Ergamichi akka isheen hin sodaanne isheetti hime; Waaqayyo akka Maariyaam wajjin ta’uu fi eebba guddaadhaan akka ishee eebbisus isheetti hime).

3. Ergamichi Maariyaam akka haadha Yesus ilma Waaqayyoo taate isheetti hime; Yesus saba Waaqayyoo irratti akka mo’u isheetti hime. Itti aansee maaltu ta’e? (Ergamichi mootummaan Yesus dhuma akka hin qabne isheetti hime).

4. Wahti kunis Maariyaamtti baay’ee tole. Itti aansee maaltu ta’e? (Maariyaam haadha Yesus ta’uudhaan Waaqayyoon tajaajiluu akka barbaadu dubbatte; Maariyaam wanta hundumaan Waaqayyoof ajajamuu barbaade).

5. Ergamichi yommuu ishee irraa adda ba’etti wanti ta’e maal? (Maariyaam fira ishee Elsaabexiin ilaaluuf saffistee dhaqxe).

6. Yommuu Maariyaam Elsaabexiin nagaa gaafattetti maaltu ta’e? (Mucaan Elsaabex gara ishee keessaa garagale; Elsaabexis Hafuura Qulqulluudhaan guutamte. Maariyaam Yesus, Isa abdii sagalee Waaqayyo ta’eef, Maariyaam haadha akka taate Hafuurri Qulqulluun Elsaabexitti dubbate).

7. Maariyaam fi Elsaabex erga wal quunnamanii fi waliin dudubbatainni booda maaltu ta’e? (Maariyaam waa’ee Fayyisaa, Isa yeroo dhihootti dhalatuu, faarfannaa galataa faarfatte. Yohannis mucaan Elsaabex hamma dhalatutti Maariyaam Elsaabex waliin turte. Sana boodas Mariyaam gara Naazireetitti deebite).

Dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattoota wajjin wal-fudhachiiuu

Sochii jireenyaanWal-fudhachiisuu:Yaa Waaqayyo waa’ee Yesusif si galateeffadha. Ijoollee naannawa kee teessisi. Maariyaam utuu hin dahin waggoota hedduu dura namoota cubbuu godhan lamaaf Waaqayyo sagalee abdii kenneef. Namoonin Waaqayyoof hin abbomamne lamaan sun eenyu fa’i? (Addaam fi Hewaan). Kan cubbuu ta’ee isaan irratti lakkaa’ame wanti Addaam fi Hewaan godhan maal ture? (Waaqayyoof ajajamuu didaini ija muka dhorkamee nyaata.)

Adaam fi Hewaan gocha hamaa godhan kanatti Waaqayyo in gadde. Jireenyi Addaam fi Hewaan akka cimaa isaaintti ta’uu fi kana booda gannata Waaqayyoo keessa jiraachuu akka hin dandeenye isaaintti hime. Akkas ta’u illee, jaalalli Waaqayyo Addaam fiHewaaniif qabu itti fufee turee? (Eyyeeittifufeera).Ittifufuisaaakkamittii beektan?(Waaqayyofayyisaasabahundumaacubbu isaaini irraa fayyisu gara biyya lafaatti akka ergu dubbachuu isaatiin beekna). Guutummaa bara Kakuu Moofaatti sagalee abdii guyyaa tokko kenne raawwachuuf Waaqayyo akka fayyisaa ergu sabin Waaqayyo in amanu turan. Fayyisaan Waaqayyo ergu kun eenyuu dha? (Fayyisaan kun Yesusi).

Akkuma Addaam fi Hewaan cubbuu hojjetan, sabin hundinuu cubbuu hojjetan. Macaafa Qulqulluun wanta goonuu fi wanta yaadnu hundumaan Waaqayyoof akka hin abboomamnu dubbata. Kan Yesus nu barbaachisuuf kanaafi. Akka cubbuu keenya irraa nu fayyisuuf Waaqayyo Yesusin nuuf erge. Yesus fannoo irratti du’uudhaan adabbii nuuf ta’u fudhate. Yesus erga du’ee booda jiraataa ta’ee ka’eera. Yesus wanta kam irraa illee ol-anaa dha. Kan jechuuins cubbuu irraa, du’a irraa fi seexana irraa ol. Yesus kan du’ee fi du’aa ka’e maaliif? (Yesus kan kana godheef waan nu jaallatuufi. Inni cubbuun keenya haa afu akka jedhamuuf in barbaada. Yesus bara baraan akka Isa waliin jiraannu in barbaada). Waaqayyo waggoota hedduun dura akka nu fayyisuuf sagalee abdii Addaam fi Hewaainif gale eegeera.

Sababa fayyisaa keenyaYesusin Waaqayyoofkadhannaa galata adda ta’ehaa dhi’eessinuuf. Erga ani sarara faarfaninchaa tokko dubbadhee booda isin immoo irra deebi’aatii dubbadhaa. Ijoollonin akka dhaabbatain itti himi. Sagalee ati dubbattu kana yoom akka irra deebi’uun isaan irra jiraatu barattota kanaaf ifa taasisuuf horgogge afaan banamee fi cufameen fayyadami.

Yaa Waaqayyo waa’ee Yesusif si galateeffanna(Ijoolleen irra haa deebi’an).

Yaa Abbaa keenya isa waaqa irraa, nu gargaaruudhaaf sagalee abdii nuuf laatte (Ijoollonni irra haa deebi’an).

Cubbuu keenya irraa nu fayyisuuf sagalee abdii nuuf laatte (Ijoolleen irra haa deebi’an)

Akka isheen haadha Yesus taatuuf ergamichi Maariyaamitti dubbate (Ijoolleen irra haa deebi’an).

Yesus Ilma kee fi fayyisaa erguuf sagalee abdii kenintee dha (Ijoolleen irra haa deebi’an).

Yaa Waaqayyo waa’ee Yesusif si galateeffanna; Ameen (Ijoolleen irra haa deebi’an).

Luqqisii sammutti qabatamu: “Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru” (Luqaas 1:37).

Ijoollee kana gara keetti dhiheessuudhaan Macaafa Qulqulluu kee bainitii akkas jedhiin: “Seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyo wanta hundumaa gochuu akka danda’u dhageenyeerra. Yeroo balaa keessatti kufnutti Waaqayyo nu gargaaruu in danda’a. Yommuu dhukkubsannutti Waaqayyo nu gargaaruu in danda’a. Yommuu dhiphannutti Inni nu gargaaruu in danda’a. Yommuu cubbuukeessatti kufnutti Waaqayyo nu kaasuu in danda’a.”

Waaqayyo eenyuu fi maal illee gararraa dha. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, dhugaa guddummaa Isaa kan nu yaadachiisu Maariyaamitti akka himuuf Waaqayyo ergamaa Isaa erge. Macaafa kee banadhuutii sagalee “Waaqayyoof wanti dhadhabamu hin jiru” jedhu dubbisi. Kun dhugaa dinqisisaa nuti yaadachuu qabnuu dha!

Sagalicha barsisuuf ijoollonin si hordofaini yeroo baay’ee akka jedhan taasisi. Sana boodas, Waaqayyoof kan dadhabamu hin jiru jedhiitii ijoollonn jecha sirri ta’een isa hir’ate akka guutan taasisi. Hamma ijoollonni sagalicha sirri ta’e jedhaintti jechoota tokko tokko keessa keessaa dhiisuudhaan sagalicha dubbadhu.

Faarfannaa(oota): Yesus fayyisaa keenya akka ta’uuf jecha Waaqayyo waan Isa nuu ergeef, akkuma Maariyaam goote ati fi barattoonin kee Waaqayyoon jejachuuf faarfannaa faarfachuu in dandeessu. Faarfannaa “Yesus nu jaallata” (Lakkoofsa38) jedhu keessa deebi’aa faarfadhaa. Itti aansee immoo faarfannoota “Waaqayyo gaarii dha” (Lakkoofsa32); galateeffadhaa (Lakkoofsa 8)fi In caala maqaan Kee (Lakkoofsa 16) jedhan faarfadhaa.

Faarfanna “Guddaa guddaa caalu” (Lakkoofsa 13) jedhu barsisi.

Hojii harkaa:Poosterii maqaa Yesus tokkoo tokkoo ijoolleedhaaf kenniitii akkana jedhii dubbadhu:“Maqaan poosterii kana irra jiru Yesusi. Kana jechuuins ‘Gooftaan in fayyisa’ kan jedhuu dha. Poosteriin kun maqaan Yesus maal jechuu akka ta’e nutti hima. Yesus fayyisaan keenya cubbuu irraa, du’a irraa fi seexana irraa kan nu baraaruu dha.” Maqaan Yesus maal akka ta’eyaadachuudhaaf akka si gargaaruu posterii sana halluudhaan dibi.

Kadhannaa dhumaa:- kadhannaa qajeelfama kana fuula duubaa irra jiru kadhadhu. Yesus Gooftaa Fayyisaa dha!

Barumsa 28

Dhalachuu Yesus

Luqaas 2:1-7

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee, fuula 82-83

Dhugaa Ijooa

Akkuma raajota Waaqayyootiin dubbatame sagalee abdii Waaqayyoo kan ta’e Yesus fayyisaan Beetelheemitti dhalate.

Kaayyoowwan Barumsichaa

• Yesus akka dallaahorii keessatti dhalate in BEEKU

• Yesus jaalala guddaa nuuf qabu irraa kan ka’e Fayyisaa keenya ta’ee nu tajaajiluudhaaf waaqa irraa gadi bu’uu isaa hubachuudhaan in GUDDATU.

• Waa’ee jaalala Isaa isa nama fayyisuuf Waaqayyoon galateeffachaa in JIRAATU.

LuqqisiiMacaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

“Waaqayyo,akkasittitokkichailmaisaahammakennuufittibiyyalafaajaallate;kunimmoo isattikanamanuhundinuujireenyabarabaraahaaqabaatuufmalee,haabaduufmiti”(Yoh 3:16).

Meeshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yommuu barsiistutti warrabii hergoggota barumsa 28f ramadaman qopheessi. Hergoggota kanneen murii baasitii kobbii abbaa halluutiin dibiitti ulee ykn baala bal’aa irratti maxxansuudhaaf hapheedhaan fayyadami.

2. Filatama 2ffaa fayyadamta yoo ta’e immoo seenaa Macaafa Qulqulluu seenessuudhaaf shamarrii barumsa 27 irratti ga’ee Maariyaamiin taphatteen fayyadam. Shamarattiin wanta qopheessitu irratti akka qophooftuuf waraabbii seenaa dhiheessituuf guyyoota murtaa’an dursitii keninif. Kutaa “Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu” jedhu ilaali. Shamarri ga’ee kana taphatu akka uffattuuf rifeensa dheeraa ykn marata mataa ishee haguuggattuun qopheessif.

3. Fakkii qajeelfama kanafuula duuba irrajiru keessaa waraabbiidhaloota Kristosijoollee tokko tokkoof qopheessi.

Macaafa Qulqulluubu’uureffachuu

Luqaas 2: 1-7 dubbisi

1. SeenaaYesusinkanseenaabiyyalafaakanawajjinwalittifidu,barreessaaWangeelaYesus qofa. Yesus kan dhalate bara dhaloota isaa dura 32 kaasee hanga bara 4 A.L.I.tti kan moo’e bara mooticha Roomaa Agusxoos Qeesaar ture. Bara aangoo mootummaa isaattis

kutaaleen bulchiinsa naannawa galaana Medeterainyaa jiran kanneen akka Galiilaa, Yihuudaa, Betliheem fi Yerusaalem of-keessatti qabatee bulchiinsa isaa babal’ifachuudhaan ture (Luqaas 2:1). Labsi Agusxoos Qeesaar “lakkoofsa uummataaf” baase kaayyoon isaa sassaabbii gibiraa fi raayyaa waraana Roomaa keessa kanneen tajaajila waraanaaf ta’an qaxaruuf ture. Yihuudonni raayyaa waraainchaa keessa tajaajiluun kan isaan irraa hin eegamne yommuu ta’u, dirqama gibira kaffaluu qabu turan. Adeemsa lakkoofsa uummataatiin kaffaluuf namni hundinuu gara sanyii isaa akka deemuu irraa barbaadama ture (Luqaas 2:3).

2. Yoseef sanyii Daawwit keessa waan tureef galmaa’uuf gara Beetelheem dhaquun isa irraa barbaadama ture. Beetelheem iddoo dhaloota Daawwit turte (Luqaas 2:4; 1 Saamu’eel 17:12). Maariyaamis sanyii Daawwit waan taateef gara Beetelheem deemtee galmaa’uudhaan gibira kaffaluun ishee irraa barbaadama ture (Luqaas 2:5). Beetelheem Naazireet irraa maayilii 80 kan faggaattu yommuu ta’u karaa bu’aa ba’ii fi awwaarawaa ta’e irra guyyoota hedduu deemuu gaafata. Deemsa kana irratti Maariyaam “Yesus Ilma Waaqayyoo da’uuf eegaa jirti turte (Kaadhimaa isaa Maariyaamii wajjin caafamuudhaaf dhaqe; isheen immoo ulfa turte” (Lakk. 5). Betliheem utuu jiraniis yeroon Maariyaam itti deessu ga’e. Angafa ilma shee deessee lafa bultii karaa deemtetti iddoo hin arganne waan turefwayyaaitti marteesireehoriin keessaanyaattuirraciibsite. “Ati immoo yaamandaraa Betlihem-Efiraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha; Israa’elin kan mo’u tokko si keessaa anaaf hin ba’a; hundeen isa si keessaa ba’uuf jiruus kan bara durii bara baraa ti”(Miikiyaas 5:2). Inni mo’u sun jabaatee in dhaabata;humna Waaqayyootiin, ulfina maqaa Waaqayyo gooftaa isaatiinis isaan in tiksa; guddinni isaa hamma andaara lafaatti in beekama;warri tika isaa jala jirains nagaatti in jiraatu. Isumatu immoo nagaa isaanii ti;yommuuwarri Asor biyya keenyatti darban, mana keenya warra jajjaboottis lixan, nuyi geggeessituu torba, gurguddaa namaa saddeetis itti in kaafna” (Miikiyaas 5:4-5)

3. Gama baay’ina saba lakkoofsaaf gara Beetelheem dhufainitiin magaalattiin kan dhiphatte waan turteef iddoon keessummoonni bulan kan muraasa tue. Bara Kakuu Haaraatti bineensonni iddoo mana dallaa wa’ii qabu in bulu. Akkaataa kanaan iddoo gadi deebi’aa ta’etti qorichi biyya lafaa dhalate. Maariyaam mucaa isheef dhalate kana erbee itti marte. “Angafa ilma ishee deessee, lafa bultii kara-deemtuutti iddoo hin arganne waan turainiif, wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite”(Luqaas 2:7). Itti maruu jichuun mucaa tokko morma isaa irraa eegalee harka isaa dabalatee cinaaca isaa waliin wal qabsisaini erbee itti maruu jechuu dha. Utuu mucaan haaraa dhalate tokko erbeen hin maramiin bishaan ashabootiin sukkuumuun kan baratame ture. Ashaaboon gogaa mucichaatiif gaarii ta’uu isaa irrayyuu amanamummaa argisisa. Maatiin ijoollee isaaini ashaboodhaan kan sukkumaniif mucaan sun Waaqayyo duraatti amanamaa ta’ee akka guddatu argsisuudhaaf ture. Macaafa Qulqulluun Maariyaam mucaa ishee siree horiin keessaa nyaattu keessa keesse jedha (Luqaas 2:7).

Barumsicha Dhi’eessuu

Kadhannaa Jalqabaa:KadhannaaqajeelfMkana fuula duubaa irra jiru kdhadhu.

Faarfannaa: “Mucaan nuuf dhalateera’o” (Lakkoofsa 26) jedhu faarfadhaa. Otuu hin faarfatiin, iddichi siree horiin irraa nyaattu ta’uu isaa ibsiif.

Seenaa MacaafaQulqulluu Beeksisuu

Sochii hojiidhaan mul’ifamu: Dhalachuu Daa’imichaa

Ijoolleeofitti naannessi kaa’iitii akkas jedhiin:“Faarfannaa dhalachuu muchichaa dubbatu faarfanneerra. Waa’ee dhaloota keetii maal beekta? Eessatti dhalatte? Dhalachuu keetiif maatiin kee ykn guddiftoonin kee qophii akkamii taasisainiru? Yommuu dhalattetti eessa ciiftee turte? Ijoollonni gaaffilee kana haa deebisan.

Faarfannaa:“Macaafa Gooftaa malee (Lakkoofsa25) jedhu faarfadhaa

Siree horiin irraa nyaattu keessatti dhalate jechuudhaan yommuu faarfattutti, yeroo Yesus dhalatetti haatii fi abbaan isaa isatti uffisuudhaaf siree fi firaashii akkasumas minxaafii yeroohin qabaannetti ta’uun isa dhugaanMacaafaQulqulluunutti hima.Manaisaaini irraa fagaataini waan turainif halkan sana dallaa horii keessatti dabarsuutu isaan irra ture. Yesus yeroo dhalatetti haati isaa Maariyaam siree horiin keessaa nyaattu irra ciibsite. Iddichis siree horiin irraa nyaattuu dha. Innis mucaa tokko kaa’uuf iddoo mijataa dha jedhanii yaaduun hin dandaa’amu. In dandaa’amaa?

Waa’ee dhalachuu Yesus dhugaa dabalataa seenaa Macaafa Qulqulluu irraa argachuuf xiyyeeffannoodhaan dhaggeeffadhu.

Faarfannaa:Dubbiin Waaqayyoojiraataa dha (Lakkoofsa 2) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Himuu

Filmaata 1: Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu QoodaIjoollee keessaa, isa “Jalqaba Dhaloota Yesus” jedhu yommuu dubbistu adeemsa senessuu keetii cimsuudhaaf horgoggee qajeelcha kana fuula duuba irra jiruun fayyadami.

Filmaata 2: Seenessuu Waa’ee Maariyaam Seeneffame

Seenicha seenessuuf filmaata 2ffaa fayyadamta yoo ta’e seenessuuf dubartiin ga’ee Maariyaam seenessitu akka uffattuuf haguuggii rifeensa ittiin haguuggattu shaashii dheeraa qopheessitii seenaa kanatti aanee jiru ijoollee kanaaf akka dhiheessitu taasisi.

Nagaa keessaini firoota ko! Barumsa keessan kan yeroo darbeetiin haadha gooftaa Yesus akkan ta’u ergamichi anatti himuu isaa dhageessainirtu. Inni dinqisisaa akkamii isintti fakkaate! Akkuma isin hin dhalatiinni dura garaa haadha keessanii keessatti guddattan, Yesusis ji’oota sagaliif gadameessa koo keessatti guddate. Mucaa koo fi Ilma Waaqayyoo kan ta’e da’uuf baay’een hawwee ture.

Yeroon Yesus dhalatu ga’ee ture. Yoseefis gara koo dhufee “mootichi namoonni bittaa mootummaa keessa jiraatan meeqa ta’uu isaanii beekuu barbaade. Namin hundinuu akka lakkaa’amu barbaada. Maqaan namoota hundaa galmee mootichaa irratti barreeffamuu qaba. Bakka dhaloota maatii keenyaa gara Beeteelheem dhaquutu nurra jira; akka mootichaaf ajajamnu Waaqayyo in barbaada; Kanaafuu dhaquu qabna naan jedhe.

Kanaafuu ani fi Yoseef gara Beetlihem deemuuf mana keenyaa kaane. Daandiiwwan bu’aa ba’ii ta’an baay’ee irra guyyaa hedduuf adeemne. Achi ga’uuf karaawwan awwaara qaban irra maayiloota hedduudhaaf adeemne.

Yommuu Betlihemiin geenyetti ani fi Yoseef iddoo buufannu argachuuf hamma hin dandeenyetti namoota hedduutu ture. Xumura irrattis iddoo siree horiin irraa nyaattu arganne; horii gidduutis iddoo rafnu arganne. Halkan sanatti Yesus in dhalate. Akkuma yeroo ammaa Ijoolloti daayipperiidhaan kunuunfaman, erbee daayipperii fakkaatuun Yesusitti mare. Ergasis Yesus hibiqii lallaafaa siree horiin irraa nyaatu irra nan ciibse. Sun immoo siree horiin irraa nyaatanii dha. Yesus halkan dhalate sanatti itti ho’ee fi nagummaan eegamee in rafe.

Erga Waggoota hedduuf eegamee booda abdiin Waaqayyo kenne in raawwatame. Yesus Ilmi Waaqayyoo gara biyya lafaa in dhufe. Waaqayyo namoota addunyaa kanaa hundumaa baay’ee waan jaallatuuf Yesusin gara biyya lafaatti erge. Yesusis yommuu guddatetti namoota addunyaa kana hundumaa cubbuu isaanii irraa in fayyisa.

Gara keessan dhufee seenaa dhaloota Yesus isinitti himuu danda’u kootiif gammachuun natti dhaga’ameera. Yeroo Yesus in guddatee jennu dinqisisoo Inni hojjetuu hubannoodhaan baradhaa.

Mucaa ga’ee kana taphatte galateeffadhuutii geggeessi. Isa boodas gaaffilee seenaa sana keessaa ba’aniin itti fufi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Keessa Deebi’uu

Gaaffilee seenaa irratti hundaa’an; gaaffiiwwan kana garee sanaaf dhi’eessi,

1. Yesus kan dhalate essatti ture? (Yesus kan dhalate Betlihem dallaa horii keessatti ture)

2. Maariyaam yeroo mucaa ishee deesse maal goote? (Maariyaam akka Yesusitti ho’uuf wayyaa itti marte. Akka Inni keessa ciisuufis siree horiin irraa nyaatu irra ciibsite).

Sochiii hojiidhaan mul’ifamu: taphe Horgoggee

Ijoollonni seenaa dhaloota Yesus irra deebi’anii akka seenessaniif horgoggee qajeelfama kana fuula duubaa irra jiruun haafayyadamani.

Dhugaawwan Macaafa Qulluu kana jireenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Sochii hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu:Walaloo hojiidhaan mul’ifamu: yeroo Yesus dhalate

Ijoolleeniddoo si arguu dandaa’an irra teesisitii akkana jedhiin: “yeroo ani walaloo kana dubbisu isin immoo hojiidhaan argisisaa.

Dubbadhu Hojjedhu

Yesus dhalachuu isaa duraa Maariyaamii fi Yoseef caafamuudhaaf gara Betliheem deeman.

Yeroo isaan Betlihem ga’an namoonni caafamuudhaaf dhufan baayeetu achi ture

Iddoodhuma jirtutti deemi

Akka nama labkooftuutti quboota kee ol kaasi

Maariyaamii fi Yoseef iddoo boqotan hin arganne “miti” akka nama jedhuutti mataa kee raasi.

Kanaafis iddoo horiin boqotutti, halkan sana Yesus dallaa horii keessatti dhalate

Maariyaamii fi Yoseef Yesusin in jaallatan

Maariyaamis Yesusitti akka ho’uuf Isa kunuunsuudhaaf erbee Wayyaa itti marte

Yesus akka rafuuf qodaa horiin keessaa nyaatu irra keesse.

Biyya lafaa fayyisuudhaaf Waaqayyo Yesusin gara biyya lafaatti erge

Yesusin waan nuuf ergiteef yaa Waqayyo si galateeffanaa.

Gammachuudhaan harka kee walitti rukuti

Nama mucaa hammatee asi fi achi raasu fakkaadhu.

Harka kee irratti akka nama uffata maruu fakkeessi

Akka nama mucaa raffisuu fakkaadhu.

Quba irratti faannoo kan fakkaatu tolchi

Harka kee dachaasi fuula duratti gad jedhi.

Ijoolleenakka taa’an taasisiitii akkana jedhii gaaffadhu:“Waaqayyo Yesusin gara biyya lafaatti kan erge maaliif ture?” (Namoota hundumaa cubbuu isaanii irraa akka fayyisuuf). Waaqayyo fayyisaa akka ergu jabana dheera dura sagalee abdii kenne. Galgala sanatti yesus fayyisaan in dhalate. Waaqayyo nuuf baay’ee gaarii dha! Mee Isa faaruudhaan haa golateeffannu.

Qooqa “Waaqayyo gaarii dha” (Lak. 32) jedhuunfaarfannaa itti aananii jiran faarfadhaa.

1. Dubbiin Waaqayyoo dhagaadha, Dubbiin Waaqayyoo dhugaadha, Waaqayyo dhugaadha, Waaqayyo Ilma Isaa ergeera, Ilmi Isaas anaaf gaarii dha.

2. Waaqayyo Ilma Isaa erge; cubbbu keenya irraa akka nu fayyisuuf Waaqayyo Ilma Isaa erge. Waaqayyo Ilma Isaa erge, inni anaaf baay’ee gaarii dha.

Luqqisii Sammuutti qabatamu:“Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti”(Yoh. 3:16).

Luqqisiin kunbarumsa3irratti kan kennamewaan ta’eefammas fayyisaangarabiyyalefaadhufuu kana irratti keessa deebi’uu in ta’a.

Ijoollee sana cina kee teessisitii akkana jedhiin:“Macaafa Qulqulluu keessatti seenaan dhaloota Yesus jaalala Waaqayyo nuuf qabu argisia. Waaqayyo waggoota hedduu dura Addaamii fi Hewaaniif akka waadaa galetti Fayyisaa gara biyya lafaatti in erge. Dallaa horii keessatti kan dhalate, mucichi Yesus nama tajaajilu ta’ee guddate. Hojiin Isaa inni guddaan immoo cubbuu keeuya irraa nu fayyisuudhaaf fannootti dabaree kenne raawwate.” Jechooti Macaafa Qulqulluu kun sababa Waaqayyo Ilma Isaa gara biyya lafaatti ergeef nu yaadadiisu. Yoh 3:16 irra jiru sagalee guddaadhaan dubbisi. Itti fufiitii akkana jedhii gaafadhu:“Waaqayyo Yesusin maaliif gara biyya

lafaatti erge?” (Waaqayyo Yesusin kan biyya lafaatti ergeef sababa nu jaallatuuf akka nuyi hamaa hojjenneen badnu waan hin barbaanneef). Luqqisiin kun waa’ee nama Yesusitti amanu hundumaa kan dubbatu maali? (Namni Yesusitti amanu hundinun jireenya bara baraa qaba).

Luqqisii kana ijoollee barsisuudhaaf isaan wajjin luqqisiicha yeroo dheeraadhaaf irra deddeebi’ii dubbadhu. Itti fufiiti barattoota iddoo lamatti hiri. Gareen tokko liqqisicha “akka hin badne” jdhu bira hamma ga’utti haa dubbatu. Gareen lammaffaan immoo kutaa luqqisiicha hafee dubbatee deebii haa kenau. Itti fufeetis garee tokko tokkoof luqqisii sana wal-geeddarii kenniif. Barattooti sun irradeebi’anii akkajedhaniifitti himi. Isa boodas ijoolleen hundumtuuwal wajjin luqqisii sana akka dubbatan taasisitii barumsicha goolabi.

Faarfannaa:Mucaan nuuf dhalatera (Lakkoofsa 25) jedhu faarfadhaa. Itti aansee immoo Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha (Lakkoofsa 21) jedhu faarfadhaa.

Hojii harkaa, fakkeenya dhalachuu Yesus.

Horgoggewwan qajedfama kana fuula duuba irra jiru isa dhalachuu Yesusif qopheessite sana Ijoollee tokkoo tokkoof kenniif. Ijoollonni sun horgoggewwan sana halluudhaan eega dibanii booda muranii haa keessaa baasan. Ijoolleen kunneen horgoggewwan sana tokkoo tokkoo jalatti akka qabsisan gargaari. Kunis tokkoo tokkoon horgoggewwan sanaa akka dhaabatu taasisa.

Waggaa Waggaatti ayyana dhalachuu Yesus kabajamuu godhamuuf ijoolleen akka qophaa’aniif baatii sana keessa horgoggeewwan kana akka argisisaniif afeeri.

Kadhannaa dhumaa: Kadhannaa kutaa Macaafichaa irra jiru kadhadhu

Barumsa 29

Tiksoonni Fayyisaa Isaanii Argatan

Luqaas 2:8-20

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 84-85

DhugaaIjooa

Waaqayyo karaa ergamoota gurguddoo fi tiksootaatiin abdiikenneenFayyisaan dhalachuu fi dallaa horii keessatti argamuun isaa oduu misiraachoo Waaqayyo hime.

Kaayyoo barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Kristos Fayyisaan dhalachuu fi dallaa horii keessatti argamuu Isaatiksootatti akkahimaniif

Waagayyo ergamoota Isaa akka erge in BEEKU.

• Yesus namoota hundumaa cubbuu isaanii irraa fayyisuudhaaf dhufuu Isaa gammachuu dhaan dinqisifataa in GUDDATU.

• Akkuma tisitoota sanaa dubbii gabbachuu Yesus namootatti himaa in JIRAATU

LuqqisiiMacaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

“Har’a mandara Daawitti fayyisaan isiniif dhateera, inni immoo Kristos goofticha” (Luqaas 2:11).

Meshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf addatti barbaachisan):

1. Yeroo barsiistuhorgoggee qajeeltama kana fuula duuba irraa fayyadamta yoo ta’e waraabbii barumsa 29f ramadaman qabadhu. Horgoggeewwan kanneen kutiitii halluudhaan dibi. Isaan kanneen ulee xiqqaa irratti ykn baala furdaa irratti maxxansuuf hapheedhaan fayyadami.

2. Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuudhaaf filatama 2ffaa yoo filatte siree horiin irraa nyaattu bakka kan bu’u saanduqa tokko qopheessi. Mucicha Yesusin kan bakke bu’u horgoggee saanduqa sana keessa kaa’i. Yoo danda’ame horgoggee sana uffata adii toora qabun “mari. (“uffafa daa’ima itiin maran”)

3. Waraabbii “ulee deemee himu”, isa qajeelcha kana fuula duubaa irraatti argamu tokkoo tokkoo barataa kennif.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Luqaas 2:8-20 dubbisi

1. Wangeelli Luqaas dirree Betlihemiin ala jirtu irratti halkan Yesus dhalate dubbiiwwan kan duraa ta’an sana seenessuu itti fufa. Yeroon isaa halkan yommuu ta’u, tiksootis hoolota isaanii tiksaa turan (Luqaas 2:8). Toora Yesus itti dhalate keessatti kan dhalate Daawit, naannoo kanatti hoolota isaa bobaasa tare (1Sam 16:11).

2. Akka tasaa yeroo ergamaan gooffaa mul’atu dukkanni halkanii sun ulfina gooftaatiin haqame (Luqaas 2:9). Akkuma yeroo Zakkaariyaasii fi Maariyaamitti ergamaan Gabri’el mul’ateejennaansodaatansana,tiksootisuniswaanmaqaaergamaasanaahinbeekamneef, sodaatanii turan. Dhugaadhumatti “na’anii” turan (Luqaas 2:9). Ergamaa yeroo argan sodaechuun waanuma barame ture. Yeroodhuma sanattis ergamichi garuu “hin sodaatinaa! Kunoo ani misiraachoo gammachuu guddaa isinittan hima; kunis saba hundumaaf kan ta’uudha (Luqaas 2:10) jedhee nagaa gaafachuudhaan isaan tasgabbeesse. Waaqayyo jabana dheeraa fuul-duratti waa’ee abdii dhaloota Fayyisaa warra jalqabaaf misiraachoon itti himame muraasa keessaa akka ta’aniif tiksoota gad aanoo filate.

3. Ergamichi waa’ee Fayyisaa sana tiksootatti kan beeksise “Kristos gooftaa” jedheeti.(Luqaas 2:11).Maqaan Kristos jedhu jecha warra Grikii yoo ta’u hiikni isaas “kan dibame” jechuu dha. Afaan Ibraayisxiitiin Kristos Masih jedhamee hiikameera. Daawitii fi mootota kakuu Moofa dibamanii akka turan in yaadatta. Dibamuun kara raajoti, Lubootii fi moototi hojii addaatiif itti adda ba’an ture. (Barumsa Kistaanummaa kan Luuter, ishee xiqqoo gaaffii isaa wajjin 116). Yesus, Kristos jedhamee waamamuun isaa inni namoota cubbuu isaanii irraa akka qulleessuuf Mootii fi Masihii Waaqayyo biraa ergame ta’uu Isaa karaa biraatiin kan argisisuu dha.

4. Isatti aansees ergamichi “… mucaan sire horiin irraa nyaatu keessa ciisee argattu” jechuu dhaan Masihicha mallattoo isaan ittin adda baafatan tiksoota sanatti hime.

5. Yeroodhuma sanatti ergamooti hedduun tiksoota sanatti mul’atan (Luqaas 2:13). Luqaas 2:14 irratti jechoota barreeffamaniin faarfataa Waaqayyoon galateeffatan. Jechi “Waaqa irratti”jedhu mootummaa Waaqayyoo kan argisiisuudha. Nagaan Yesus fidee dhufe nagaa akka biyya lafaa miti. Nagaan kunis isatti amanuudhaan kan angamu ta’ee baay’ee gadi fageenya kan qabuu dha. Biyya lafaa kana irratti wanti fedhe iyyuu yoo uumame, nuyi ammas ta’e barabaraan kan Kristos ta’uun keenya wabii dha. Nagaan akkasi kun Waaqayyoo wajjin nagaa ta’uu jechuu dha. Yesus gatii cubbuu keenyaa nuyif baasuudhaaf lubbunIsaafannooirratti dabarseenuyingaraWaaqayyoottideebisuudhaafdhufeRoomaa 5:1irratti akkajedhutti,“kanaafisamantiidhaanqajeelotaergataane,gooftaakeenyaYesus Kristosin Waaqayyo biratti nagaa qabna.”

6. Ergamichi erga isaan biraa deemee booda tiksooti sun waan Waaqayyo karaa ergamichaatiin isaanitti lime arguuf “ariifatan” (Luqaas 2:16). Isaanis Maariyaam, Yoseefii fi mucicha Yesusin “siree horiin irraa nyaatu irra ciisee” argan. Tiksooti sun siree horiin rraa nyaatu sana bira hammam akka turanii fi maal akka isaan haasa’an hin beeknu. Garuu tiksooti sun kan dhaga’anii fi kan argan ofii isaaniif qofa akka hin hanbifanne in beekna. Dubbiin Waaqayyoo “Waa’ee mucichaa wanta isaaniif himame ibsanii” jedha. Waaqayyo karaa tiksootaa kanaan Fayyisaan achi jiraachuu Isaa sabni sun beekuu akka eegaluuf isaanitti fayyadame.

7. Tiksootisan kana dhaga’an hundumtu in “dinqisifatan” (Luqaas 2:18). Garuu haati Yesus Maariyaam “dubbii kana hundumaa garaatti qabattee itti yaaddi turte” (Luqaas 2:19) Waan Waaqayyo godhe kana hammam dinqisifattee Waaqayyoon galateeffatte laata!

8. Tiksooti sun gara iddoo isaaniitti yeroo deebi’an waa’ee waan “dhaga’nii fi argan hundumaa Waaqayyoon in galateeffani; ulfina kennaafis turan (Luqaas 2:20). Tiksooti sun halkan sanatti ergamootaa fi Yesus iddoo siree horiin irraa nyaatu irratti arguun shaakala jireenya isaanii jijjiire argatan. Yesusin baruun namoota hundumaaf shaakala jireenya namaa jijjiiruu dha. Yeroo dubbii isaa fi bishaaniin gara Isatti amanuu dhi’aanuutti sababa cubbuu keenyaaf Waaqayyo irraa adda ba’uun keenya hafee saba Isaa fi dhalootaa mootummaa Waaqayyoo tana. Yesus qofnii kan nuyif kennuu danda’u nagaa fi abdiidhaan kan guutame jireenya bara baraa arganna.

Barumsicha dhi’eessuu

Kadhannaa jalqabaa: kadhannaa kuaa Macaaficha kana fuula duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:-Mucaannuuf dhalateera (Lakkoofsa 25), jedhu farfachuu keessan dura, sireen horiin keessaa nyaattu, saandaqa horiin keessaa nyaatu ta’uu isaa ijoollee yaadachiisi.

Seenaa Macaafa Qulquluu beeksisuu

Sochii hojiidhaan mul’ifamu: Ergamoota, ergamoota

Ijoollee Sanaa wajjin marsaa hojjedhu. Akkuma isaanii wajjin dhaabatee jirtutti waa’ee ergamootaa dhugaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e barsisuuf walaloo kana sochiidhaan isaan barsisi.

Akkana Jedhii Taasisi

Ergamooti ergamooti iddoo hundumaatii, Iree kee mataa olitti taasisi.

Yeroo mara gooftaa tajaajilaa. Barruu kee ol garagalchii harka kee diriisi. Waan hamaa irraa nu eegu. ofiikee (mataa kee) hammadhu.

Misiraachoo dubbatu Akka nama dhaggeeffatuutti gurra kee duuba kaa’i.

Waaqayyo akka isaan dubbatan kan barbaadu dubbatu Akka nama dubbatuutti afaan kee sochoosi.

Ergamooti, ergamooti iddoo hundumaatti Irreewwan kee mataa olitti taasisi.

Dhalachuu Yesus misiraacho himan Harka kee akka nama mucaa baatee jiru taasisi.

Maariyaamii fi Yoseefiitti misiraachoo himan. Akka nama dhaggeeffatuutti gurra kee harka keen ol-qabi.

Fayyisaan gara biyya lafaa dhufeera. Quboota kee lamaaniin boca fannoo argisisi. Ijoolleeni akka taa’an taasisi. Gabaabsitii akka Gabriel oduu dhalachuu Yesus Maariyaamitti hime isaan yaadachiisi. Itti fufees barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa keessatti ergamooti yeroo Yesus Betlihemitti dhalate kan godhan waan biraa dhageenya. Ergamooti sun gara eenyuuakka deemanii fi maal akka jedhan sirriitti dhaggeeffadhaa!

Faarfannaa:Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha (Lakkoofsa 2) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dhi’eessuu

Filmaata 1:- Seenaa Macaafa Qulqulluu kan yoolleedhaaf qophaa’e.

Maacaafa “Tiksooti fayyisaa isaanii argatan” jedhu yeroo dubbistu seenaa sana mee’ eesuudhaaf horgoggee qajeelfama kana fuula dubaa irra jiruun fayyadami.

Filmaata 2: Hojiidhaan argisisi

Barattooti namoota seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa jiran bakka bu’anii akka taphataniif ramadi. Barattoti sadii ykn afur ta’anii akka tiksoota sanaatti akka taphatan taasisi Baraattooti lama ykn sadii immoo hoolota bakka bu’anii akka taphatan taasisi. Barataa tokko filiitii akka taphatu taasisi. Barataa tokko filiitii akka ergamaa isa dura tiksootatti dubbate ta’ee akka taphatu taasisi. Barattoota shan ykn ja’a (Lakkoofsi barattootaa yoo baay’ee ta’e lakkoofsa isaanii dabaluun in danda’ama) filiitii ergamoota warra Waaqayyoon galateeffataa faarfafan akka bakka bu’an taasisi. Xumura irrattis akka Maariyaamii fi Yoseef ta’anii kan taphatan ijoollee lama fili. Saanduqa xiqqoo fudhadhuutii akka waan siree horiin irraa nyaatuutti fayyadami. Yesusin akka bakka bu’uuf horgoggee adii toora toora qabuun marame kaa’i.

Wanti mul’atu seenaa sanaa wajjin akka wal-simatutti Maariyaamii fi Yoseef siree horiin irraa nyaatu cina akka taa’an ykn jilbeeafatan taasisi. Kutaa sana keessa tiksooti iddoo tokkotti yeroo hoolota isaanii eegan argisisuudhaan eegali. Ergamooti sun waltajjii sanaa alatti eeguu qabu. Yoo hin dandiama ta’e ibsaan kutaa sanaa akka dimimmisu taasisi. Seenaa sana “Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” jedhu dubbisu eegali. Ergamaan sun yeroo olseenu naannoo tiksootaa sanatti kan ifu ulfina Waaqayyoo mul’issuuf ibsaa kutaa sana calaqisisi. Tiksooti sun baay’ee kan sodaatan akka fakkaatan itti himi. Ergamichi hima seenaa sana keessatti akka barreeffametti si booda akka irra deebi’uu qajeelchi. Itti aansee immoo ergamooti biroon hundumtuu akka olgalan taasisi Tiksoota sana marsanii hima seenaa Macaafa Qulqulluu keessa jiru isa "ulfina Waaqayyoo” jedhu sana si boodaa akka irra deebi’an isaanitti himi. Ergamooti erga deebi’anii booda taa’anii seenaa Macaafa Qulqulluu hafe sana akka hordofan taasisi. Isa boodas tiksooti sun namoota misiraachoo himan ta’anii tajaajilu.

Akkuma seenasana keessatti barreeffame tiksoti waa’ee gara Betlihem deemuu si boodaan akka irra deebi’an taasisi Itti fufaniis tiksooti ariitiidhaan gara iddoo Maariyaamii fi Yoseef taa’an deemanii siree horiin irraa nyaattu cina akka jilbehfatanii mataa isaanii gadi qaban itti himi. Tiksooti sun yeroo gara hoolota isaaniitti deebi’an saba sanaaf (dursanii akka ergamoota ta’anii) “Yesus fayyisaan dhalateera” jedhanii misiraachoo itti haa himan. Yeroo seenaan xumuramu barattooti hundumtu iddoo tokko akka taa’an taasisi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffiiwwan seenaa irratti hundaa’an:-Gaaffii wwan itti fufan kanneen barattoota gaafadhu.

1. Tiksooti sun waa’ee dhalachuu Yesus attamitti baran? (Akka isaanitti himaniif Waaqayyo ergamoota Isaa erge).

2. Mucicha Yesusin erga arganii booda tiksooti sun maal godhan? (Gara hoolota isaaniitti utuu deebiaa jranii tiksooti sun nama argan hundumatti Yesus gara biyya lafaa dhufuu Isaa arguu isaanii dubbataa turan.

SOCHII HOJII KEESSA DEEBI’UU: Seenaa Macaafa Qulqullaa himuudhaaf kan filatama 1n fayyadamata yoo ta’e filatama 2ffaa irraa isa “hojiidhaan argisisi” jedhu sana irra deebianii akka dubbatantaasisi. Seenaa sana dubbachuudhaaf filatama 2ffee fayyadamta yoo taate ijoolleen sun horgoggeewwan sana fayyadamuudhaan akka sitti himan taasisi.

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattotaa wajjin waliti froomsuu

Sochii waliti fromsuu: Oduu Gaarii Hiruu

Barattooti naannoo kee akka taa’an taasisi Oduu baay’ee ta’anii fi gammachiisaa yommuu dhageessaan maal gootu? Jedhii gaafadhu (Barattooti deebii haa kennan). Sirriidha, isaanis dhaga’anii akka gammadaniif namoota birootti himtu.

Seenaa kana Macaafa Qulqulluu keessatti tiksooti waa’ee Yesus kan dhaga’anii fi argan akka lalabgan baranneerra. Misiraachoo sana labsuu jechuun warra birootti dubbachuu jechuu dha. Tiktsooti kana maaliif godhan? (Yesus Fayyisaan dhalachuu Isaatiif tiksooti gammachuudhaan guutamanii turan. Misiraachoo dinqisisaa fi gammachuun guutaman kana akka dubbataniif Waaqayyo laphee isaanii keessa fedhii kaa’ee ture).

Nuyis waa’ee Yesus warra birootti dubbachuu in dandeenya. Mee isa kana gochuu kan nu dandessisu karaa dinqisisaa tokko haa barannu. Ani hima tokkoon dubbadha, isin immoo na boodaan irra deebitu. Namni hundumtuu dhaga’uu akka danda’utti sagalee guddaadhaan dubbadhaa.Kana gochaa utuu jirtanii ijoollonni sun yoom dubbachuun akka isaan irra jiru akka baran gargaaruuf horgoggewwan afaan isaanii bananii fi cufan wal-jijjiiruudhaan fayyadamaa. Yoo barbaaddan karaa dinqisisaa kanaa (fi misiraachoo isaa) barattoota kutaa biraatiif hiruu in dandeessu.

Dhaga’aa! Dhaga’aa! Misiraachoo qabna! Ijoollonni sunirra deebi’u.

Yesus fayyisaan isiniif dhalateera! (ijoollonni irra deebi’u)

Dhaga’aa! Dhaga’aa! Misiraachoo qabna! (ijoollonni irra deebi’u)

Yesus fayyisaan isin jaallata! (ijoollonni irra deebi’u)

Dhaga’aa! Dhaga’aa! Misiraadoo qabna! (ijoollonni irra deebi’u)

Yesus fayyissan isin eeggata! (Ijoollonni irra deebiu)

Dhaga’aa! Dhaga’aa! Misiraachoo qabna! (ijoollonni irra deebi’u)

Yesus fayyisaan isiniif du’eera! (ijoollonni irra deebi’u)

Dhaga’aa! Dhaga’aa! Misiraachoo qabna! (ijoollonni irra deebi’u)

Yesus fayyisaan du’aa ka’eera! (ijoollonni irra deebi’u)

Dhagaaa! Dhaga’aa! Misiraachoo qabna! (ijoollonni irra deebi’u)

Yesus Fayyisaan jiraataa ta’eera! (ijoollonni irra deebi’u)

Luqqissi sammuutiqabatamu:-“Har’a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos gofticha” (Luqaas 2:11).

Ijoollonni sitti dhi’aatanii akka taa’an taasisi. Akkasisjedhiin:“akkuma tiksoota Betlihem nuyis har’a misiracchoo dhalachuu Fayyisaaa dhageenyeerra. Ergamichi tiksoota sanatti himuuf jechoota inni itti fayyadame warra kana akka turan Macaafni Qulqulluun nuyitti hima.” (Macaafa Qulqulluu keessan baasaa dubbisaa) “Har’a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera, inni immoo Kristos goofticha”. “Mandarri Daawit” Betlihemii dha. Ergamichi Yesusif “maqaa Kristos” gooftaa jedhu kenneef. Waaqayyo Yesusin gara biyya lafaatti erge. Moototi hojii addaa tokko hojechuuf in dibamu turan. Hojun addaa kan Yesusi Fayyisaa ta’ee fannoo irratti waa’ee cubbuu keenyaaf du’uu dha. Yesus nuyif du’e. Amma immoo jiraataa ta’e. Yesus bara baraan in jiraata; yeroo maras nu jiallata. Waa’een keenyas Isa dhiba. Me waa’ee Fayyisaa keenya Yesus kan dubbatan jechoota itti fufan kana haa qayya bannu.

Jechoota Macaafa Qulqulluu barsisuuf barattoota sana iddoo sadiitti ramadi.luqqisiichas garee tokko tokkoof kenni: har’a mandara Daawititti, /Kristos Goofticha isa ta’e,/ fayyisaan isiniif dhalateera jechuu dhaan, iddoo sadiitti hirii Ramadi. Gareen tokko tokkoon luqqisii ramaddeef sana erga baranii booda tartiibaan akka jedhan taasisi. Barattooti luqqisii. Siriitti erga jedhanii booda kutaa luqqisiiduran hin baratin kenniif. Barattooti marri liqqisi sana guutumatti erga qayyabatanii boods irra deddeebi’anii haa jedhan.

Faarfannaa: “Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha” (Lakkoofsa 21) jedhu barsisi. Akkasumas farfannaa “Yesus in jaallataijoollee?” jedhu barsisi.

Barumsa 30

Urjii Mootichaa

Matewos 2:1-12

Seenaa Macaafa Qulquluu Qooda Ijoollee, Fuula 86-87

Dhugaa Ijooa

Yesus Fayyisaa fi Mootii keenya ta’ee wanta Inni nuuf godhu hundumaaf Isa in waaqeffanna.

Kaayyowwan barumsichaa

Barattooti Humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Namooti ogeeyyiin sun sagaduufii barbaadanii Yesusin argachuudhaaf akka urjii hordofan in BEEKU.

• Fedhiin Yesusiin Waaqeffachuu fi galateeffachuuf qabanitti in GUDDATAU.

• Laphee galataa fi jaalalaan guutameen Yesusiin hordofuu fi waaqeffachuudhaan in JIRAATU.

LuqqisiiMacaafa Qulqulluu Sammutti Qabatamu:

“Lafatti gad gombifamanii isaaf sagadan” (Maatewos 2:11)

Meeshaalee fi qophii (keessumatti Barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yeroo barsiistuhorgoggeewwan qajeelfama kanaa fuula dubaa irra jiianin fayyadamta yoo ta’e,waraabbii barumsa 30f qophaa’e qabaadhu. Horgoggewwan sana muriitii hallaa dibi. Horgoggewwan sana ulee xiqqaa ykn baala yabbuu irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Waraabbii urjii qajeelfama kanaa fuula duubaa irra jiruu qabadhu. Horgoggeewwan sana murii baasitii waraqaa yabbuu ykn kaartooni irratti maxxansi. Horgoggewwan sana barattooti kutaa har’aaf akka fayyadaman taasisi.

Yaadachiisa: Yoo lakkoofsi barattotaa baay’ee ta’e barataa tokko tokkottti mul’isuudhaaf yeroon waan hin geenyeef atumti ofii keetii garagalcha urjichaa tokko tokko barataadhaaf qopheessif).

3. Hojii irra oolchuu keessatti kutaa “urjicha sana hordafaa” jedhuunfayyaadamuudhaaf fakii urKanaafis, kutaa “Dhugaawwaa seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaa wajjin waliti froomsuu” jedhu ilaali.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Maatewos 2:1-11 dubbisi.

1. Bara Yesus dhalate sana yeroo ogeeyyiin Yesusin arguuf dhufan mootichi bulchaa ture Herodis (Maatewos 2:1). Ogeeyyiin qorannoo urjootaa sun (namoota waa’ee wanta ta’uuf jiruu mallattoo argachuuf, waa’ee waaqaa, waa’ee urjii fi waa’ee plaanetii qorannoo godhan) ta’uu hin oolan. Maatewos namooti ogeeyyiin sun gara Yerusaalem kan dhufan “Yesus Betlihemitti erga dhalatee booda” akka ta’e ibsa. Maatewos itti dabalees ogeeyyiin

sun yeroodhufanmucaautuu hinta’in mucichajedhanii waaman(Maatewos 2:1).Beektoti Macaafa Qulqulluu yeroo sana umuriin Yesus gara waggaa tokkoo akka ta’etti amanu. Isa kanas Maatewos 2:16 irratti Herodis Betlihemii fi naannoo isheetti ijoolleen dhiiraa umuriin isaanii ganna /waggaa/ lamaa fi isaa gadi ta’e akka ajjeefamaniif abboommii baasuu isaatiin mirkaneeffachuun in danda’ama.

2. Macaafni Qulqulluun ogeeyyiin sun meeqa akka turan nuyitti hin himu. Yaadi Sadii turan jedhu kan burge kennaa sadii kennan kan jedhu irraati (Maatewos 2:11) Namooti ogeegyiin sun Yesusin kan barbaaduudhaqan giddu gala Waaqeffannaa Yihudoota biyya lafaa irra jiranii kan taate gara Yerusallem ture. Ogeegyiin sun bakki isaanii eessa akka ta’e hin beekamu. Tarii warra Yerusaalem fi Filisxeem irraa gara ba’a biiftuu jiran keessaa Faars ykn gara kibba Arabaa ta’uu hin hin hafu.

3. Ogeeyyiin sun yeroo Yerusaalemiin ga’an bakka “Mootii Yihudaa” itti argamu gaafatan (Maatewos 2:2). Maqaa ogeeyyiin sun Yesusif kennan yeroo ilaallu isaan uummata (“namoota Yihudii hin ta’in”) akka ta’an mul’isa. Lafa Yihudaootaa akka ga’aniif Waaqayyo urjii isaan geggeessu waaqa irra isaanif kaa’e. Namooti kun kan dhufan Yesusif sagaduufii ture

4. Herodis warra Edoom ture(Uumama 27:30-40) Esaw eebba angafumma abbaan isaaf kennuuf ture eega dhabee booda, diinummaan Israe’elii fi warra Edom gidduutti jalqabee ture Mootichi Herodis Manni Qulqullummaa Yerusaalem dhaloota Kristos dura ganna 20 dursee irra deebi’ee ijaarsisuu dabalatee gamoowwan babbareedoo ta’an ijaarsisus, gamoowwan diigaman akka deebi’anii ijaaraman godhus, inni mooticha hamaa ture. Haadha manaa isaa, ijoollee isaa sadan, haadha haada manaa isaa, obboleessa haadha manaa isaa, eessuma isaa fi namoota biraa hedduu gara jabinaan ajjeeseera. Taa’itaadheef nama gaggabu waan tureef teesoo koo irraa na gargalchuu danda’a jedhee waan shakkuuf ogegyiin sun mooticha barbaacha dhufuu isaanii yeroo dhaga’u in “na’e” (Maatewos 2:3). Yeruma sana abboota taa’itaa Yihudootaa iddoo tokkotti walitti qabee “mucichi kan dhalatu eessatti akka ta’e” gaafate (Maatewos 2:4). Dura bu’oototi lubootaa fi barsisoti seeraa jecha Macaafa Miikiiyaas 5:2 irra akka jiru itti himan. Masihichii kan dhalatu Bettlihemitti akka ta’es itti himan (Maatewos 2:5:6).

5. Itti aansee Herodis iccitiidhaan ogeeyyota sana arguu barbaadee isaan waame. Ogeeyyoti sun urjii sana yeroo jalqabaaf yoom akka argan hubate. Herodis, akke dhaqee Yesusif sagaduu barbaadu isaa isaanitti hime. Garuu insoba ture. Teessoo mootummaa koo natti falma jedhee waan yaadeef ajjeesuuf karoorfatee ture (Maatewos 2:13).

6. Herodsin erga argatanii dooda namooti ogeeyyoti sun urjiin sun hanga qixa mucichi jiru irra dhaabatutti hardofan (Maatewos 2:9).Gammadanis gara mana isaaniitti deebi’an (Maatewos 2:10-11). Taaloti tokko tokko kaa dogoggora ta’een akka isaan ibsanitti ogeeyyoti sun kan Yesusif sagadan yeroo inni dallaa horii keessatti dhalate miti. Jarri sun kan dhufan yoo xiqqaate Waqqyeoo argan “gonbifamanii sagadaniif”. Isa boodas warqee ixaanaa fi Qumbii, kennaawwan sadii kennaniif.Kennaawwan hundumtuu gati jabeeyyii fi mootiidhaaf kan kennaman turan. Ixaanni mukeeyyii murtaa’aa, biqiltunwwan gara garaa

fi baalla heddu iiraa kan argamu ykndaakuun hapheewwan mukeeyyi kanneeniiyoo waliti makamankan hojjetamuudha. Ixaanni yeroo aarfamu aara adiifi fooli cimaa qaba. Ixaanni Mana Qulqullummaa kessatti fakkeenya kadhannaa gara Waaqayyootti dhi’eeffamu ta’ee aarfama (Ba’uu 30:1). Lubooti Waaqayyo duratti kadhannaa uummataa kan garaa gara hin citnemul’isuudhaafganamaafigalqala in aarsu.Abbaan Yohannis cuuphaa, Zakkaariyaas, yeroo tajaajila isaa Mana Qulqullummaa keessatti kana godha ture (Luqaas 1:10). Ixaana sanahojjechuufwantootibarbaachisantokkotokko biyyootagaraba’abiftuu qofakeessatti argamu.Qumbiinixaanahojjechuufkantajaajituufiwayiniiwajjiniswalittimakameeakka waan dhibee ittiin nama obsisanii ta’ees in tajaajila. Reeffii utuu hin awwaalamin ittiin sukkuumama ture. Yesus fannoo irratti utuu dhiphataa jru wayinii qumbii wajjin wal makame dhi’aateefii ture (Maarqos 15:23). Hordofaa Yesus kan ture Niqodimos yeroo Yesus du’e qaama isaa ittiin dibuuf qumbii fi urgooftuu gara garaa fidee dhufe(Yohannis 19:39). Kennaawwan sadan sun baay’ee gati jabeessa turan. Tokkoo tokkoon kennaa sanaa keessumatti ixaanni fi qumbiin jireenya Yesus keessatti wanta gara fuula duraatti ta’u kan argisisan turan.

7. Waa’ee warra ogeeyyota sanaa odeeffannoo nuyi argannu Maatewos 2:12 irratti dhaabata. Waaqayyo ogeeyyota sana gara Herodisitti akka hindeebine akkeekkachiise. Isaanis Yerusaalemis ta’e ta’rii balchiisa kam iyyuu kan inni bulchu utuu hin qaxxaamurin karaa birootiin gara mana isaanii deeman. Waaqayyo Yesusin karoora ajjeechaa gara jabina Herodis jalaa miliqse.

8. Ogeeyyotiin sun Yesusin daawwachuun isaanii Waaqayyo waa’ee fayyisaa dhufuu misiraacho labsaa akka ture muliss. Itti dabalees fayyisaan sun Yihudootaa qofa utuu hin ta’in warra Yihudii hin taaneef illee akka ta’e argisisa. kunis Simion Yesusin yeroo Mana Qulqullummaa keessatti argee “Fayyisaa kee ija kootiin argeera, sabni hundinuu akka arguuf kan qophetspite, innis ifa, warra saba Waaqayyoo hin ta’initti akka mul’atuuf, saba kee Israa’eefis ulfina akka ta’uuf” (Luqaas 2:30-32) jedhee akka dubbatetti dhugaa dha.

Barumsicha dhi’eessuu

Faarfannaa:“Yesus nu jaallata” (Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Kadhannaa Jalqabaa: Kadhannaa qajeelchakana fuula duubaairra jiru kadhadhu.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii Hojiidhaan mul’ifamu: kottaa Waaqeffadhaa!

Ijoolleenin fuula isaanii gara kee deebisanii akka dhaabatan taasis. Luqqisii hojiidhaan mul’ifman barsisi. Ijoolleeninluqqisii kana sararaa tokko tokkonsi duuka irra haa deebi’n.

Dubbadhu Hojjedhu

Gara mana Waaqayyoo yeroo deemnu, Idduma jirtanitti deemaa.

Kan dhufnu isaaf sagaduudhaaf Mataa keessan gad qabaa Faarfannaadhaan Isa galateeffanna Faarfannaa sochiidhaan qofa

Dubbii Isaa in dhageenya

Gara Isaatti in kadhanna

Warra kaan deggeruuf buusi keenna Waaqayyoof in laatna

Addumatti karaa Fayyisaa keenyaa gaarummaa Inni nuyif godheef Waaqayyoon in galateeffanna

Akkuma macaafa banameetti barruu kee bani

Harka walqabsistee mata kee kadhanndhaaf gadi qabda.

Qodaa buusii keessa nama saantima buusu fakkaadhu

Quboota kee argisistuudhaan boca fannoo hojjedhu.

Luqqisii sana booda ijoolleen akka si cina taa’an taasisi. Akkanas jedhi, “Waaqayyoon yeroo waaqeffannu akka Isa jaallannuu fi Isa kabajnu Waaqayyoof ibsuu kenya.”

Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti namooti karaa dheeraa deemanii Yesusif sagaduuf akka dhufan ilaalleera. Akka Isa itti argatan beekuudhaafof eeggannoodhaan dhaggeeffa dhaa.

Faarfannaa:“Dbbichi Waaqqayyoo” (Lakkoofsa 3) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1:- Yommuu“Urjii mootichaa” Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoolleejedhu keessaadubbistu, seenessuu kee jabeessuudhaaf horgoggee qajeelfama kana fuula duubaa irra jiruun fayyadami.

Filmaata 2:- Seenaahojiidhaan raawwatamu

Ijoolleen sirriitti si arguu akka danda’anta’anii akka dhaabatan taasisi. Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqulluu sana hojii irra oolchuudhaaf, sochii itti fufu kanaan fayyadami. Ijoolotiinsun waan atihojjettuu fi hima sarara duraa irra deebi’u. Itti fufeetis sarara 2ffaa ati dubbadhuu; raawwadhus; ijoolleeninis irra haa deebi’an.

Dubbadhu Hojjedhu

Gaafa tokko Waaqayyo waaqa irraa urjii ifu kaa’e; ogeeyyoti gara ba’a biiftuu jiran fageenya irratti argan.

Ogeeyyoti sunis ba’anii guyyoota bay’eedhaaf deemanii urjicha calaqisaa hordofan.

Ogeeyyoti sun mooticha haaraa barbaacha ba’an.

Mootichi kun gaafa tokko ilmaan namaa hundumaa in fayyisa

Namooti sun naanna’anii “Mootichi haaraan eessa jira?” jedhanii gaafatan. “mooticha kanaaf sagaduuf dhufneerra” jedhanis.

Mootichi hamaan Herodis waan namooti sun dubbatan in dhaga’e. Herodis hamaan “mootichi kun akka Inni du’uun barbaada” jedhee yaade.

Ijoota kee harka keetiin dangessitii gara olii ilaali.

Akka nama gaalaan deemuu gadi jedhii; olis jedhii.

Quboota kee argisistuudhaan boca fannoo hojjedhu.

Jilbeenfadhuutii mataa kee gadi qabi

Mataa kee raasitii waan aarte fakkaadhu

Mootichi kun eessa jira jedhee barsisota gaafate. Isaanis “Magaalaa Betlihem keessa dha” jedhanii deebisaniif Gara fagootti argisisi.

Herodis ogeeyyota sanaan akkana godha jedheen: “Mooticha barbaadaatii argadhaa; anis sagaduufiin barbooda ”

Urjichi ogeyyota sana gara iddoo Yesus jiruutti qajeelche; achittis hundumtuu gombifamanii Yesusif sagadani.

Kennaawwan warqee, ixaanaa fi qumbii Yesusif kennan. Ogeeyyotisunis akkuma isaanitti himame godhe.

Abjuu keessas Waaqayyoo “waanan isiniin jedhe godhaa; karaa biro irra deebi’aa malee gara Herodisitti hin deebiinaa” jedhen.

Akkuma Waaqayyo Yesusin eege, anaa fi isininnis baraaruuf fannoo irratti hojii inni hojjetu kan hafetu jira.

Seenaa Macaafa Qulqulluukeessa deebi’uu

Tole jedhiitii mataa kee raasi

Jilbeenfadhuutii mataa kee gadi qabi.

Akka nama kennaa kennuu harka kee diriirs.

Naanna’iitii akka nama gaalaan deemuutti deemi.

Quba kee argisistuudhaan boca fannoo hojjedhu.

Gaaffiwwan seenaa irratti hundaa’an:- Gaaffiwwan kana garee sana gaafadhu.

1. Ogyyyyoti sun maal hordofan? (Urjii Waaqayyo waaqa irra kaa’e hordofan)

2. Herodis maal gochuu barbaadee ture? (Ogeeyyii sun erga argatani booda Yesusin ajjeessuu barbaadee ture)

3. “Gara Herodisitti in deebi’inaa jedhee ogeeyyota sanatti eenyutu hime? (Waaqayyotu abjuudhaan ogeeyyota sanatti hime)

Sochii keessa deebii: Seenaa Macaaya Qulqulluu himuuf filatama kan Kanaan dura itti hinfayyadamneen keessa deebi’i

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattoota wajjin wal-fudhachiisuu.

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu:Urjicha hordofaa

Yesusin barbaaduuf ogeeyyoti maal godhan? (Ijoolleen haa deebisan). Dhugaa dha, urjiin isaan hordofan kan Waaqayyo waaqa irra kaa’e. Urjichi ogeeyyota sana iddoo Yesus, Maariyaamii fi Yoseef jiraatanitti geese. “Ogeeyyii yeroo Yesusin argatan maal godhan? (Gombifamnii Yesusif sagadaan). “Yesusif sagaduun” maal jechuu dha? (kana jechuun gooftaa fi fayyisaa keenya waan ta’eef Yesusin kabajuu fi galateeffachuu jechuu dha).

Ogeeyyoti sun Yesusin can Waaqeffatan attamittiture?(Gombifamanii sagadaniifii kennaawwanis in kennaniif). Barumsa kana dura baranne keessatti akka arginetti, tapha walaloo yeroo Yesusif sagadan waan godhuu qaban dubbatu goonee turre. Yesusin kan Waaqeffannu attamitti? (Yeroo Yesusin Waaqeffannu faarfanneedhaan Isaaf dhi’eessina, Macaafa Qulqulluu fi lallaba lubaa keessaa dubbii Isaa in dhageenya, kadhanna keenya gara Yesusitti dhi’eeffanna, warra kaan gargaaruuf Yesusif kennaa in kennina, gaarummaa Yesus nuyif qabuuf Yesusin in galatteeffanna).

Urjii dursitee hojjete isa qajeelfama kana fuula dubaa irra jiru fudhadhu. Akkanas jedhi:“urjii kana haa hordofnu, yeroo urjiin kun dhaabatu hundumaa naannoo sana ilaalaatii Yesusin Waaqeffachuuf maal gochuun akka nuyi irra jiru natti himaa” jedhi. Urjicha ijoolleen hundumtiu

akka arganitti ol kaasi qabi. Boodas akka hiriiran taasisi. Iddoo kadhanna duraa itti gootan sanatti ykn gamoosanatti ergi. Yeroo achi geessu dhaabadhuuti Yesusin kan Waaqeffannu attamitti Jedhi gaafadhu. (Faarfannaa, faarsina, gara isaatt kadhannaa, Isa dhageenya). Urjii sana akkuma olkaaftee qabdetti kadhannaa idilee iddoo itti geggeessitan dhaqi yeroo Waaqeffannaa iddoo amantooti taa’an yeroo geessu dhaabadhu. Asitti Yesusin attamittiin Waaqeffanna? Jedhii gaafadhu. (In faarfanna, dubbii Waaqayyookeessaa dhageenya, in kadhanna, buusi keenya laatna). Itti fufees iddoo itti lubi lallaban cina dhaabadhuuti bakka kanatti Yesusin attamittiin Waaqeffanna? Jedhee gaafadhu (Lubni dubii Waaqayyoo keessaa dubbisee nuyif ibsa. Waa’ee Yesusi fi waa’ee wanta inni nuyif godhe hundumaa baruuf jechoota faayida-qabeessa ta’an kanaof eeggannoodhaan iddoo aarsaa dhaabadhuutii iddoo kanattis attamittii Yesusin Waaqeffanna? Jedhii gaafadhu.(Iddoo aarsaasanacina lubi in kadhata;buusinkeenyas as taa’a. kunyerooirbaata qulqulluu iddoo namooti dhiifama cubbuu fi jajjabina argachuuf walitti qabamaniidha)

Xumura irrattis, urjii sana iddoo Waaqeffannaa keessanii keessa miilla fannoo kabajamaa sana jala kaa’i. AkkanasJedhi:“Fannoon kun Yesus cabbuu keenya irraa nu fayyisuuf wareegama inni kaffale nu yaadachiisa. Fannoon kun Yesus nu fayyisuuf amma du’aatti akka Inni deemu kan godhe jaalala guddaa nu yaadachiisa. Yesus du’a mo’ee sababa ka’eef amma fannoon duwwaadhaa. Fannoo dawwaan Yesus ergadu’ee boode deebi’ee jiraataa waan ta’eef cubbuu, du’aa fi seexana mo’ee ka’uu Isaa nu yaadachiisa. Yesus bara baraan jiraataa dha. Yeroo maras nu wajjin jira. Nuyi warra Isa hordofnu bara baraan Isaa wajjin iddoo taanutti fi bara baraan iddoo itti isa Waaqefannutti gara mootummaa Waaqayyootti nugeessa. Waan gurguddaa waan nuyif godheef Waaqayyoon haa galateeffannu. Urjicha fannoo sana iddoo keesse cina dhaabadhuutii faarffannaa “Galateeffadhaa” (Lakkoofsa 8) jedhu faarfadhaa.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kan sammuutti qbatamu: “lafatti gombifamanii isaaf sagadan” (Maatewos2:11).Ijoolleen naannoo kee akkataa’angaddii MacaafaQulqulluukeebaniitii akkana jedhi. Ogeeyyoti bakka Yesus jiru yeroo ga’an lafatti gombifamanii ieaaf sagadan. Luqqisiin har’aa nuyi yaadatti qabanuu “lafatti gombifamanii isaa sagadan” kan jedhu dha. Jechoota kana anaa wajjin jedhaa jedhiitii luqqisii sana akka isaan si wajjin jedhaniif isaan afeeri.

Ogeeyyotiin lafattigombifamanii isaaf kan sagadan maaliif? (Waaqayyo kan isaan geggeesse Yesus mootii addaa ta’uu Isa hubatanii lafatti gombifamanii sagaduudhaan Isa akka kabajaniifi).

Jechoota Macaafa Qulqulluu sana barsisuuf ijoolleen sun luqqisii kana guutumma isaa irra deddeebi’anii sii wajjin akka jedhan taasisi. Itti fufees luqqusi sana yeroo ati yaada keessaa fuutee haasoftu waan hir’atan Macaafa Qulqulluu keessa akka itti guutaa isaanitti himi. Yeroo ati “lafatti gombifamanii”jettu,Ijoolleen sun immoo “isaaf sagadan” jedhuudhaan itti haa guutan. Itti fufudhaanis luqqisii sana guutuu gargaarsa malee sammuu isaanii keessaa dubbachuu hanga darda’anitti jechoota garagaraa luqqisa keessaa hiriisitii akka ijooloti guutan taasisi

Faarfannaa(oota): Yesus nu jaallata (Lakkoofsa 38), “Yesus in jaallata ijoollee” (Lakkoofsa 37), “Galata irratti galata” (Lakkoofsa 6) jedhan irra deebi’uudhaan Yesusin galateeffadhaa.

Hojii harkaa:Miidhagina Urjii

Yoo dura Jecha “urjii hordofan” jedhuun fayyadamuu jalqabde ta’e, urjii kee irra deebi’ii ijoolletti argisisi. Akkanasjedhiin“Waggaa waggaatti namooti biyya garagaraa yeroo ayaana dhalachuu Yesus kabajan, Waaqayyo ogeeyyota gara Yesusitti geessuuf urjiidhaan fayyadamuu Isaa yaadachuudhaaf, yeroo hedduu fiixanii muka ittiin fayyadamandhaabu; ykn foddaa isaanii irra boca urjii kaa’u. Jechi“urjii” jedhu kun Yesusin ibsuuf maqoolee Macaafni Qulqulluun itti fayyadamu keessaa isa tokko dha. Mul’ata 22:16 irratti Yesus ofii isaatii Inni “bakkalcha barii” akko ta’e dubbata. Yesus ifa jaalalaa fi dhiifamaa Waaqoyyoo ti. Yeroo Yesusin hordofnu bara keenya hundumaa fi dhuma irrattis Inni gara mana keenya kan Waaqa irra jirutti nu geessa. Yesus gara fayyinaatti attamittiin akka nu geessu yaadachuudhaaaaf sarara urjii haa hojjennu. Lakkoofsi barattootaa yoo muraasa ta’e baramsa eegaluu kee dursitii sararawwan urjii kan qopheessitee turte ijoolleedhaaf hiri. Sarara sana waraqata irratti hirkisitii akka isaan fakkii urjii hojjetan taasisii Fakkii urjii sana halluudhaan akka dibaniif kobbii abbaa haluu kenniif. Fannoon urjii sana gidduu jiruu calaqisee akka mul’atu halluu gurraachaan akka fayyadaman taasisi. Akkuma barbaachisaa ta’etti barattooti fakkii sana akka muranii baasaniif isaan garaari. Yoo lakkoofsi ijoollaa baay’ee ta’e immoo yeroo qusachuudhaaf sarara urjii kan baay’ate tokkoo tokkoo barataaf kenni. “Bakkalcha barii” kan ta’e Yesus karaa gara mootummaa Waaqayyootti kan nama geessu akka ta’e ijoollee yaadachiisuudhaaf sarara urjii sana mana isaanii keessatti akka maxxanfataniif jajjabeessi.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa qajeelfama kana fuula duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 31 Gara Biyya Gibxiitti Baqachuu Isaanii Maattewos. 2:13-23

Seenaa Macaafa Qulquluu kan ijoollotaaf qophaa’e, fuula 88-89

Dhugaa Ijooa

Kaayyoo fayyina keenyaaf qabuu raawwachuudhaaf Waaqayyo Yesusin eege

Kaayyowwan barumsichaa

Barattoti humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Waaqayyo Yesusin Herodis harkaa baraaruuf Maariyaam, Yoseefii fi Yesus akkanagaadhaan taa’an gara Gibxiitti isaan akka geggeesse in baru.

• Waaqayyo hamaa irraa akka isaan golboobu fi eegu amanataa in guddatu.

• Waa’ee eegumsa hafuuraa fi qaamaa inni isaaniif godhuuf, Waaqayyoon galaleeffataa in jiraatu.

LuqqisiiMacaafa Qulqulluu kan sammuutti qabatamu

“Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha, na fayyisee mootummaa isaa isa Waaqa irraatti na geessa” (2Ximotewos 4:18).

Meeshaalee fi qophi keessumatti Barumsa kanaaf barbaachisan:

1. Yeroo barsiistu horgoggewwan qajeelfama kana irra jiraniin fayyadamta yoo ta’e waraabbii barumsa 31f ramadaman qopheessi. Fakkii horgoggewwan sanaa muriitii baasitii halluudhaan dibi. Horgoggewwan kana ulee ykn baala yabbuu irratti maxxansuudhaaf hapheedhaan fayyadami.

Macaafa Qulqulluubu’uureffachuu

Maatewos 2:13-18 dubbisi.

1. Seexanni ijoolummaa Yesusi eegalee kaayyoo Waaqayyo nu fayyisuuf qabu gufachiisuudhaaf Yesusin balleessuudhaaf waan gochuu daada’u hundumaa godheera. Luqqisii barumsa kanaa irratti akka argisifametti yaaliin seexanaa kun Herodis akka hinaafaa fi jibbaan fayyadamu gochuun illee in dabalata. Kakuu Moofaa guutummaa keessatti akkuma arginetti Waaqayyo cubbuu, du’aa fi Seexana fi humna kam irra illee jabaa dha. Waaqayyo waan hundumaa fi yaada namoota illee waan beekuuf kaayyoo ajjechaa gara jabinaa Herodisis in beeka ture.Ogeeyyotiin sun akkuma Herodis irraa adda ba’aniin Waaqayyoa abjuudhaan ergamicha gara Yoseefitti ergee Maariyaamii fi Yesusin fudhatee gara Gibxii akka deemu itti hime (Maatewos 2:13). Macaafa Qulqulluu keessatti akkuma barreefametti Yoseef Maariyaam ulfaa’uu ishee yeroo baretti Waaqayyoon abbommamuu akka itti fufe argisisa (Maatewos 2:18-25). Abboommiin Waaqayyoo “gara

Gibxiitti deemi” jedhu kun deebii ariitii barbaada ture.Yoseefis “ka’ee” (Maatewos 2:15), Mariyaamii fi Yesusin fudhatee gara Gibxii deeme. Yoseefii fi maatiin isaa hanga gaafa Herodis du’eetti hangaDhaloota Kristos Booda bara 4 tti achuma jiraatan (Maatewos 2:15).Gara Gibxii “Baqachuu” yookiin miliqqeen kun raajiin bara Kakuu Moofaa biroo akka raawwatamu taasiseera. Hose’aa 11:1 irratti Waaqayyoon bakka bu’uudhaan sabatti “Biyya Gibxii keessaa ilma koo nan waame” jedhee dubbateera. Sodaachisi Herodis erga dhaabatee booda Waaqayyo Yesusii fi maatii isaa Gibxiitii waame. Bara dheeeraa dura Waaqayyo garbummaa jalaa isaan baasuudhaaf saba Israa’el Gibxiitii waame ture.

2. Ogeeyyiin sun “akka gowwoomsan” yeroo bare Herodis baay’ee aare(Maatewos 2:16).Dheekkamaa fi teesssoo isaatiifis sodaachaa bittaa isaa keessa kan jiran daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa fi isaa gadi jiran akka ajjeefaman labsii baase. Hojiin hammeenyi keessa guute yoo ta’e iyyuu Betlihem magaalaa xiqqoo waan taateef daa’imman ajjeefaman lakkoofsi isaanii guddaa hin turre. Ta’us labsin sun soda saba irratti uumu yaadi. Kuins bara Museen dhalate lakkoofsa saba Israa’el xiqqeessuuf yaaduudhaan labsii Fara’oon baase sana fakkaata(Seera Ba’uu 1:20-22). Labsin Herodis,Ermiyaas 31:15 irratti akka ibsametti, raajii biroon akka raawwatamu taasiseera. Maagaalaan RaamaaYerusaalemirraa gara Kaabaatti Maayila 5 fagaatteekanargamtu turte(Maatewos 2:18; Ermiyaas 31:15).Raajiin sun sababa Herodisin, boo’cha akka ta’ee dubbata.

3. Herodis erga du’ee booda Waaqayyo ammas Yoseefitti mu’latee isaafis ta’e maatii isaatiif gara Israa’elitti yoo deebi’an gaarii akka ta’e itti hime(Maatewos 2:19).Yoseefis yeroodhuma sana abboommii ergamaa sanaa hordofe; garuu yeroo biyya Israa’elii ga’u ilmi Herodis Arkelaa’wos akka mo’e bare (Maatewos. 2:22). Arkelaa’wos abbaa isaa caalaa hamaa ture. Kan inni mo’es Dhaloota Kritos dura bara 4 eegalee haga dhaloota Kristosboodaabara6ttiwaggaa10iifqofature.YoseefyerooIsraa’elkeessaturuusodaate naannoo sana dhiisee akka deemuuf ammas akeekkachiisi kennameef. Kanaafis Yoseef maatii isaa gara Galiiilaa fi Naazireetitti fudhate. Sochiin kun hundumtuu raajiin bara Kakuu Moofaa kan fayyisaan sun Naazireetii argama jedhuakka raawwatu taasisa(Isaayaas 11:1). Yesus “nama Naazireet” jechuun “tuffatamaa”jechuu dha. Yesus turtii biyya lafaa irratti nama hedduudhaan tuffatameera.

4. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti Waaqayyo karoora saba Isaa cubbuu irraa fayyisuu itti fufuu isaa argina. Waaqayyo Yesusi fi maatii isaa yeroo duraa gara Gibxii, itti fufeetis gara Naazireetitti ergudhaan Yesus akka lubbuun turu taasise. Waaqayyo hojii Isaa kanaan abdii sabichaa jiraataa taasise. Waaqayyoof abboomamuu dhiisuu keenyaan du’ii bara baraa kan nuuf ta’u malu irraa nu oolchee waa’ee keenyaaf du’ee, du’aa ka’uu Isaa in beekna. Maartiin Luuter ibsa amantii ergamootaa keewwata isa duraa irratti Inni [Waaqayyo] balaa kam irraa illee na oolcha, hammmenya kam irraas na golbooba, na eega jedhee ibseera (Barumsa amantii Kristaanaa is xiqqaa kan Luuter ibsa wajjin). Waaqayyo amantii karaa Yesus Kristositiin nuyif kenneen cubbuu irraa, du’aa fi Seexana irraa nu eega. Miidhaa qaamaa fi balaa irraa nu eega. Yesusis “simbirroon lama saantima shanitti

gurguramu miti ree? Isaan keessaa tokkoon eeyyama abbaa keessanii malee lafatti hin kuftu.Rifeensimataakeessaniiillee,hinsoddaatinaasimbirrootahedduuirraisinincaaltu” jedheera(Maatewos 10: 29-31). Waaqayyo rifeensa mataa keenyaa irra jiru tokko tokkon in beeka. Naannoo keenya hamaan yoo jiraate iyyuu jireenya keenyaan waan gaarii hojjetutti amanamuu in dandeenya(Roomaa 8:28).

Barumsicha Dhi’eessuu

Kadhanna jalqabaa: Kadhannaa macaafa kanaa fuula duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:“Yesus nu jaallata” (Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiidhaan mul’ifamu: Irra haa deebinu

Ijoollee sana naannoo kee teessis. Akkasis jedhiin:“Barumsa hedduu darban keessatti seenaa dhaloota Yesusii fi mucaa guddataa jiruu, akkasumas ogeeyyootiin akka Isa daawwatan dhageenyeerra. Mee seenaawwan Macaafa Qulqulluu kanneen yaaddatan haa ilaallu. Himoota murtaa’anan isiniif dubbisa.”

Garuu hima kanaa keessa dogoggora tokko tokko in argattu. Him sana keessaa dogoggora yoo dhageessan harka keessan ol kaasaa. Isa boodas himoota sana sirreessudhan waa’ee Yesus seenaa sirrii ta’e dubbadhaa.

1. Yesus kan dhalate hospitaala Yerusaalem keessattiture.(Himni sirriin, Yesus kan dhalate dallaa horii Betlihem keessatti).

2. Yesus yeroo halkan dhalate sana siree mijataa irra ciisu qaba ture.(Himni sirriin:Yesus hakan dhalate sana siree horiin irraa nyaattu irra ciise).

3. Elsaabex haadha YesusZakkaariyaas immooabbaaIsaa biyyalafaatii.(Himni sirriin:haati Yesus Maariyaam turte, Yoseef immoo abbaa isaa kan biyya lafaa ture).

4. Akkuma Yesus dhalateen Isaa fi maatiin Isaa gara Naazireetitti deebi’an. (Himni sirriin Yesus akkuma dalateen Innii fi maatiin Isa manajireenyaaBetlihemkeessajiraachuu eegalan).

5. Mucicha Yesusin arguudhaaf ogeeyyoti sun Ji’aan gegeeffaman. (Himni sirriin: ogeeyyoti sun Yesusin arganii isaaf sagadudhaaf urjiidhaan geggeeffaman)

6. Mucicha Yesusin arguudhaaf ogeeyyoti gara siree horiin irraa nyaattuu dhufan (Himni sirriin: Yesus umuriin Isaa waggaa tkkkoo fi lama gidduu jiru arguudhaaf ogeeyyiin gara mana jireenyaa Betlihem jiruu dhufan).

7. Ogeeyyiin sun kennaa erbee fincaanii; uffata qorraa; meeshaa taphaa fidaniif.(Himni sirriin:- ogeeyyiin sunYesusif kennaa warqee, Ixaanaaa fi Qumbii fidaniif).

8. Yesus eessatti akka argamu Ogeeyyiin sun Herodisitti himan. (Himni sirriin፡-

Ogeeyyiin sun yesus eessti akka argamu Herodisitti hin himne).Akkuma Waaqayyo isaan abboometti, Oggeyyoliin sun karaa brotiin gara mana isaanii deeman.

Irra deebii booda akkana jedhiin:“Akka barumsa keenya kan seenaa Macaafa Qulqulluu kanaan Waaqayyo Yesusin mooticha Herodis irraa oolchuu itti fufa. Attamittii akka Isa oolche baruuf of eeggannodhaan dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:“Dubbiin Waaqayyoo jiraatadha”(Lakkoofsa 2) jedhu faarffadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1፡Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa kan “Baqa gara Gibxii”jedhuyoodubbistu, seenaaisaamul’isuuf horgoggeewwan qajeelfamakanaa fuuladuubaa irra jiranitti fayyadami

Filmaata 2፡-Sochiin seenessuu itti fufa

Ijoolleen bifa saphaa si arguu danda’aniin haa dhaabatan. Dursa seenesuu barumsa 30 keessatti argamu irra deebi’aa. Barumsi seenaan Macaafa Qulqulluu kun iitti fufa Barumsa 30 waan ta’eef, hima seenaa sanaatii fi sochii armaan gaditti maxxanfamaniin itti fufaa. Ijoolleen tokkoo tokkoo sarara ati dubbattuu fi sochii ati gootu irra deebi’u.Eega ati sarara lammafaa dubbate (jette) booda immooijooolloti akka irra deebi’na. taasisi.

Dubbadhu Hojjedhu Herodis ogeeyyoti in deebi’u jedhee eege. Miidhaas geessisuuf qophaa’ee ture.

Herodis Yesusin waan sodaatuuf ajeessuu barbaade. Waqayyoo garuu karoora biraa qaba.

Ergamaan Waaqayyo abjuu Yooseefiin dubbbisee, “yeroon deemtuu amma, ka’ii deemi” jedheen.

Yooseef waan ergamaan Waaqqayoo itti hime raawwate. Yooseef, Maariyaamii fi Yesus hiriibaa ka’an.

Akka namaa fagootti waa ilaaluu ijaa kee qabadhuutii Herodisin ilaali.

Akka namaa yaadaa jiruutti quba argisiftuu keetiin adda kee rurrukuti.

Dafii utaali.

Ijaajjiitii akka namaa deemuu miilla kee tartiibaan lafaa fuudhi.

Biyya fagoo, Gibxii deeman, yeroo dheeraa turan. Taa’i.

Mootichi Herodis baay’ee aare. Karoora haaraas in qopheesse. Baay’ee hamaa yaade.

Akka namaa isaaf hin gallee, gatiitii kee ol kaasi. Herodis ijoolleen dhiiraa waggaa lamaaffi isaa gadii hundaa in ajeese. Karoorri isaas kan milkaa’e itti fakkate.

Yesus homaa hin taane. Biyya fagoo jira. Herodis isaa argachuu hin danda’u.

Yeroo gababaa booda ergamaan Waaqayyo Yooseefiin akkas jedhe. “Herodis du’eeraa mana keetti deebi’i.

Yesusif warri Isaa karaa deemanii gara mana isaanii Naazret dhufanii jiraatan.

Namaa gadde fakkadhu.

Harkaa kee olkaasi gammadi.

Ijaajjiitii akka namaa deemuu miilaa kee tartiibaan lafaa fuudhi.

Taa’i.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Keessa deebi’uu

Gaaffilee seenaa irratti hundaa’an:Gaaffilee kanneen barattoota gaafadhuu:

1. Namootni Herodis ijoolleen dhiraa irrati maal rawwatan? Namootni Herodis Ijoolleen dhiiraa hunda in ajeesan. Herodis amala isaa hamaa kanaan Yesusin ajeesuu yaadee ture.

2. Waaqayyoo Yesusin attamitti eege? (Waaqayyoo karaa ergamaa isaatiin, Yoseef biyyaa Gibxii akka deemu itti hime). Yesusi fi maatiin Isaa biyya Gibxii nagaan jiraatan.

Erga Herodis du’ee booda gara mana isaanii gara Naazret deebi’an. Waaqayyos

Maariyaam, Yoseefii fi Yesus, yeroo deebi’an karaa irratti isaan eege.

Irradeebii hojiidhaanmul’ifamu:SeenaaMacaafa Qulqulluu kanadubbachuudhaaffilmaataduraan ittiin hin fayyadamneen amma fayyadami.

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattoota wajjin wal-fudhachiisuu. Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu:Waaqayyo nu eega

Ijoollee ofiitti naannesi teessisitii akkas jedhiin:“Seenaa Macaafa Qulqulluu har’aa keessatti, Waaqayyo Yesusi fi maatii isaa Herodis irraa eegeera. Waaqayyo Yesusin balaa irraa eegeera.”Waaqqayoo maaliif kana raawwatee? Waaqqayoo Yesusi fi nuyin waan jaallatuuf kana raawwate. Yesus guddatee akka nu fayyisuuf hamaa irra isaa eege.Waaqayyo karaa Kristos maal irraa nu eege? Waaqayyo cubbuu, du’aa, Sexanaa fi balaa kam irra iyyuu nu eega. Hamaa fi balaan irraa eegamuu qabnu kam kami? Ijoolleen waan hamaa fi balaa isaan mudatee akka dubatani gargaari. Isaan kunnins qorumsa fiijoolleenin maatii isaaniitti akka hin abboomamnee fi sirnaa gaarii akka cabsan godhuu of keessaa qabu. Kun namootaa nu miidhuu barbaadan ille in dabalata. Kunneeins Wanttoota hamaa fi balaa cubbuu irraa dhufani. Yesus fannifamuu Isaatiin gatii hundi keenya hamaaa hojjneef kaffaluu qabnu nuyif kaffale. Du’uu fi ka’uu Isaatiin cubuu, du’aa fi Sexanaa nuyif mo’ee jira. Namoonni Yesus Fayyisaa ta’uu amanaan hunduu waan hamaa hunda irraa in eegamu. Balaanii fi wanti hamaan jireenya qamaa keenya yoo balleessan iyyuu, namni Kristositti amanee, yeroo hundaa in jiraata. Hundaa caalaa, lubbuun isaa gonkumaa nagaa fi eegumsaa argattee Yesus waliin gara mootummaa Waqayoo in dhaqxi. Amantoonni guyyaa tokko qamaa dhugaa fi haaraa ta’e uffatanii mootummaa Waaqayyoo keessa in jiraatu. Isa booda, waaqaa gadi wanti hamaan, bu’aa ba’iinii fi wantoonni namaa miidhuu hin jiran.

Macaafa Qulqulluu banii dubbisi. Maccafaa Qulqulu keessattijechi dinqisisoo ta’an, Waaqayyo akka nu eeguu fi hamaa irraa nu baraaruu kan nu yaadachiisan in jiru. Ximotewoslamafaa4: 18 sagaleeol kasi dubbisi. Gooftaan waan hamaahundaairra naoolcha. Mootummaa waaqaatiifis na tiksa.Luqqisii kanaa gadi fageenyaan barsisuuf waan ijoo ta’an bakka afuriitti addaan baasi. Gooftaan waan hamaa ta’ee/hundaa irraa/ na oolcha; mootummaa waaqaafis/ na tiksa: Luqqisii isaa duraa barattoonni irra deddeebi’anii si boodaa akka jedhan taasisi. Itti aansiti, luqqisii lamaffaas akka irra dedebi’anii jedhan taasisi. Itti aanee, luqqisii isaa

duraa fiisa lammaffaa walduukaaakkajedhantaasisi.Luqqisii tokkoffaa filammaffaa sirriitti erga baranii booda, luqqisii sadaffaa fi afuraffaa tartiibaan itti dabaliitii irra deddeebi’anii akka jedhan taasisi.

Kadhannaa armaan gadi jiraniif deebii akka kennan qajeelchi. Barattoonni deebii kennuuf yeroon isaani yoom akka ta’e hubachuu akka danda’an, horgoggee afaan bantuu fi afaan cuftuun fayyadami.

Barsisa Barattoota

Waan nu eegdee hundaaf, ya Waaqayyo, sij galateeffanna.

Waan hamaa irraa waan nu tiksiteefis si galateeffana.

Balaa nutti Naarqossuu, waan nurraa loltuuf si galateefanna.

Cubbuu akka hojjenuyif waan nu Qorontosu hundaa irra nu tiksteefis.

Mana keenya isaa waaqaatti yeroo nu geggeessitu caalaatti gara keetti nu hiiqsi.

Kana hundaa maqaa Yesusin si kdhana. Ameen!

Gooftaan waan hamaa hundaa irra na hambisa; Mootummaa waaqaafis na tiksa.

Gooftaan waan hamaa hundaa irra na hambisa; Mootummaa waaqaafis na tiksa.

Gooftaan waan hamaa hundaa irra na hambisa; Mootummaa waaqaafis na tiksa.

Gooftaan waan hamaa hundaa irra na hambisa; Mootummaa waaqaafis na tiksa.

Gooftaan waan hamaa hundaa irra na hambisa; Mootummaa waaqaafis na tiksa.

Faarfannaa:Faarffannaa“Isa guddaa humna Waaqayyoo”(Lakkoofsa 18) jedhu barsisi.

Ijoolleen faarffannaa kanaa yeroo hubatan, Waaqaayyooakka gadi nu hin ilaallee akka xiyyeeffatan taasisi. Waaqqayoo waan nu miidhanii fi gara cubbuutti nu qajeelchan hundaa irraa nu eeguuf jireenya keenya keessatti hojjeta. Yoo yeroo qabaatte, faarfanna ayyaana dhalootaa ilaalu tokko faarfachiisi. Faarffannaan kun, Yesus akka nu eeguu fi nu qajeelchu dhugaa jiru jabeessa.

Hojii harkaa:Waaqqayoo Yesusin eege; Waaqqayoo anas in eega

Ijoolleen teessisi. Waraqaa fi irsaasa qalamaa kenniif. Akkas jedh. Macaafni Qulqulluun Yesus guddatee Fayyisaa keenya akka ta’uuf Waaqqayyo akka Isa eege in hima. Horgogee akkaataa Waaqqayoo Yesusin mooticha Herodis irra tikse argisisuwaraqaa irratti kaasi.

Ijoolleen fakkii kaasanii erga fixanii booda akkas jedhiin:Waraqaa keessan karaa duuba irratti fakkii balaa Waaqayo irraa isin eeguuf waadaa galee kaasaa.Fakkii kaasan ergaa fixanii boodaa, Ijoolleen fakkii fuulaa fi dubaa waraqaa irratti kaasanii, caalaattuu, akkaataa itti Waaqayyo balaa irra isaan eeguu akka dubbatan taasisi.

Ijoolleen fakkiikanakutaakeessatti maxxansuykn fudhataniimanaaittigaluudanda’u.Fudhatanii yoo galan, Ijoolleen, fakkii kanaan seenaa Macaafa Qulqullu maatii isaaniitti akka dubbatan jajjabeessi.

Kadhanaa xumuraa: Kadhannaqajeelfamaa kana fuula gara dubaa irra jiru kadhadhuu.

Barumsa 32

Yesus Mana Qulqullummaa Keessatti

Luqaas 2፡41-52

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: fuula, 90-91

Dhugaa Ijoo

Yesusakka mucaa warra lafaatti, akka Ilma Waaqayyootti immoo, ogumma Waaqayyootiin guddate. Yesus yeroo hundaa abboommii Waaqayyoo itti dubbate hordofa. Nuyi hundumtuu cubbamoota. Haa ta’uu garuu, Yesusitti waan amannuuf Waaqayyo waliin araaramneerra. Fuula Isaa durattis qajeelota taaneerra.

Kaayyowwan Barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin፡

• Yesus qaamni isaa guddachaa, ogummaa Waaqayyootiin caalaatti barachaa dhufuu Isaa fi gonkumaa cubbuu akka hin hojjenne in baratu.

• Waa’ee Waaqaa baru, eeyyamaa fi abboommii Inni isaantti dubbate hordofuuf fedhii horachaa in guddatu.

• Waa’eeWaaqayyoo baratanii Isas Waaqeffataa gammachuudhaan in jiraatu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluukan sammuutti qabatamu:

“Gara mana Waaqayyoo dhaqna!” yeroo anaan jedhan ani nan gammade (Faarfannaa 122:1).

Meeshaalee fi qophii keessumatti barmsa kanaaf barbaashisan:

1. Yeroo barsiistu, horgoggewwan qajelfama kana fuula duubaa irra jiraniin fayyadamta yoo ta’e, waraabbi barumsa 32f ramadaman qopheessi. Isaanis muriiti halludhaan dibi. Horgoggewwan kanneen ulee ykn baala yabbuu irratti haapheedhaan maxxansi.

2. Macaafa Qulqulluu keessaa filatama lammafaatti yoo fayyadamte, Maariyaamiin bakka buutee diraamaa kan hojjettu mucaa durbaa filadhu. Dubartoota draamaa barumsa 27 fi 28 hojjetaniin ala, mucaa durbaa tokko filachuun si barbaachisuu danda’a. Sababni isaas, seenaan barumsa kanaa, Yesus dhalatee waggaa 12 booda kan raawwaatame waan ta’eef. Ijoollee dubaraa kanaijoolleen salphaatti akka adda baafataniif, ijoolleeen durbaa Maariyaamiin bakka bu’anii barumsa duraa keessatti diraamaa hojjetan hidhatan sana, akka fayyadaman taasisi.Naarqoseen Maariyaamiin bakka buutee dirama hojjettu guyyaan isheen dhi’essitu utuu hin ga’in shaakaltee, barumsaaf akka dhi’eessitu waraabbii seenaa diraamaa sana kenniif. “Seenaa Macaafa Qulqullu dubbachuu” isa jedhu ilaali.

3. Hojiiwwan harkaa kan barumsa kanaaf qophaa’an fuuladuba qajeelfama kana keessa, garagalcha bifa Mana Qulqullummaa argisisu tokko barattootaaf kennni.

Macaafa Qulqullu bu’uureffachuu

Luqaas 2:41-52 dubbisi.

Barumsa Kristaanaa Luuter xiqqaa ibsa waliin keessaa, hiika abboommota duraa; sadaaffa fi afuraffaa irra deebi’i.

1. WaaqayyooabboommotakurnanMuseeftulluuSinaairrattiergakennneebooda,ummanni Israa’el, Waaqayyoo wajiin attamitti akka jiratanii fi seerota Isa hordofuu qaban kennneef. Ba’uu 20፡1-17; 23:14 keessatti ulfina Waaqayyootiif waggaatti yeroo sadii ayyaana akka kabajan ummata Israa’el abboome. Ayyaani kunis, ayyaana maxinoo, ayyaana hoomisha dirree irraa walitti qabuu fi ayyaana callaa manatti galchuu jedhamu (Ba’uu 23:15-16). Waaqayyoo akkas jedhee dubbat: “Dhiironni kee hundinuu waggaatti si'a sadii ana Waaqayyo gooftaa duratti haa dhi'aatan” (Ba’uu23:17). Ummanni Israa’el bara Musee yeroo ayyaanota kana kabajan, Waaqayyoo biyya Gibxii keessaa isaan baasuu Isaatiin yaadatu. Jechi “Faasikaa” jedhu, ergamaan du’aa, biyya Gibxiitti michchila balbala mana Israa’elootaa dhiigaa hoola dibameen baraaramuu isaanii argisisa (Ba’uu 12:130).Luqqisii barumsi kun ittiin jalqabe, dhiiroonni Yihudootaa waan abboomaman raawwachuuf Yesus maatii isaa waliin ayyaana Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem akka deeme dubbata. (Luqaas 2፡41).

2. Yeroo Yerusaalem deemu, Yesus ijoollee waggaa 12ti (Luqaas 2፡42). Akka barmaatilee fi seerota Yiudootaatti, ijoolleen isaanii waggaa 12 yeroo ga’an waggaa itti aanuu akka hawaasa amantaatti, bakka isaanii qabachuudhaaf of qopheessu.Ayyaana Faasika erga kabajanii booda, Yooseefii fi Maariyaam,gara Naazireetitti deebi’an (Luqaas2:43). Kan deebi’aa turanis hiriyootaaa fi firoota isaanii nama baay’ee waliin akka ta’an sagaleen Waaqayyoo in dubbata (Luqaas 2:44). Yooseefii fi Maariyaam, guyyaa deebii isaanii dura, Yesus isaan waliin akka hin jirre hin beekan. Yooseefii fi Maariyaam, nageenya Yesusif yaadda’anii, guyyaa tokko booda, Yerusaalemtti deebi’an (Luqaas 2:45). Yerusaalem yeroo ga’an, Yesus addababa’ii Mana Qulqullummaa, barsisota gidduu taa’ee utuu Isan dhageefftaa fi gaafataa jiruu argan (Luqaas 2፡46). Yesusin argachuun guyyaa tokko isaan fudhate.Addababa’ii Qulqulluun lafa Manni Qulqulluun keessa jiru dha. Bakki kun iddo itti sagaleen Waqayyoo baratamuu fi qo’atamu ture.

3. Barsisonni Mana Qulqullutti barsisan Rabbi jedhamu. Rabbi jechuun afaan Ibrootaatiin barsisaajechuudha.Hrdoftooni Yesus,sutumasuutamaqaaRabbi jedhuunIsawaamu turan (Mar. 9፡5፣ Yoh. 9፡2). Barsiftonni Mana Qulqullummaa, hubannoo fi deebii Yesus kennne dinqisifatan (Luqaas 2፡47). Kunis Yesus, Waaqa ta’uu Isaa ifa gochuu jalqaban jechuu dha.

4. Maariyaamii fi Yooseef, Yesusin barsisotaa gidduutti arganii dinqisifatan(Luqaas 2፡48). Karaa biraatiin, bakka Yesus jiru utuu hin beekin guyyaa sadii waan turaniif xiqqoo na’anii

turan. Gaddii fi abdii kutuun isaanii, jecha Maariyaam, “yaaIlma koo maaliif akkas nu goote, anii fi abbaan kee baay’ee naanee si barbaadaa ture” jedhu keessatti ifa ta’eera. Luqaas 2፡49yoo ilaalle, deebii Inni isheef kenneen, Yesus akka ijoollee kaanii akka hin taane Maariyaam akka yaaddu ishee tasiseera. Yesus kan hoogganamu eeyyama Abbasaa Isaa Waaqa ta’eeni. Hojii Yesus beekuun Maariyaamii fi Yooseeftti baay’ee ulfaataa ture.

5. ManaQulqullummaaYerusaalemitti maatii IsaabiraahafuunYesus, cubbuu finicilamaatii Isaa kan lafa irratti raawwatame miti. Yesus, maatii Isaa waliin gara Naazireetitti in deebi’e, Isaaniifis in abboomama ture(Luqaas 2፡51). Yeroo Yesus Betlihemtti dhalatu, tiksoonni dhufanii sagadanii akkuma argirteen, Maariyaam waan kana illee garaa isheetti eegaa turte(Luqaas.2፡19).

6. Luqaas seenaa Yesus kana, seenaa guddina Samu’eel waliin wal fakkeessa (1Saamu’el 2፡ 26).Luqaas keessatti, Yesusogummaan akka guddate argina. Yesus, Waaqa haa ta’u malee, yeroodhalatu,ogummaafibeekumsahundaaqabaachuunIsaahinmullatuture.Ogummaan Waaqaa kan Isaaf kenname, amma Yesus waggaa 18 ga’utti guddachaa deeme. Yeroo maatii Isaa warra lafaa waliin Naazireet jiraatu, ogumma mukaa Yooseef irra barateera (Maarqos 6፡3). Amma waggaa 30 ga’utti, sagaleen Waaqayyoo Yesusin ilalchisee, waan nutti himu hin qabu(Luqaas 3፡23).

7. Yeroo dargagguma Isaa, Yesus ogummaa Waaqaatiin guddate. Duraan dursee Abba Isaa Isa Waaqaa irraatii kabaja kennne (Abboommii Tokkoffaa). Sanbata gammchuun eege(Abboommii Lammaffaa). Itti aansee, matii Isaa kan laffa irraa kabaje (Abboommii Sadaffaa). Wareegama cubbuuu keenyaa kaffaluuf Seera Waaqayyoo hundaa in raawwate.

Gocha kanaan dura nuuf hojjetee fi fuula duraaf nu hojjetu hundaaf laphee gammchuu fi galataan gutameen Isa Waaqeffanee, manaa Waaqaa keessa akka jiraanu humna Afuura Qulqullutiin ooganamneerra.

Barumsa Dhi’eessuu

Kadhannaa jalqabbaa፡ kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiruu kadhadhu.

Faarfannaa፡- Ya gooftaa na barsisi (Lak. 25).

Seenaa Macaafa Qulqullu beeksisuu

Hojii sochiin mul’ifamu: Mana Waaqayyoo yeroon jiraadhu

Ijoollee marsaadhaan teesisi. Akkasisjedhiin:“Isin waliin mana Waaqayyoo keessa jiraachuun baay’ee nama gammachiisa. Manni Waaqayyoo maqaa Mana Qulqulluu isa biraat. Bakka kana dhufuu nan jaalladha. Bakka kana yoo waliin taanu wanti raawwannu baay’ee dha. Mana Waaqayyoo keessatti, sagalee Waaqayyoo dhaga’uun nama gammachiisa.”

Mucaa karaa mirga kee taa’etti garagalii akkas jedhi gaafadhu. “Mana Waaqayyoo keessatti maal raawwachuu jaallata?” Mucaan deebii ergaa kennnee booda, mana Waaqayyoo keessatti

sagalee Waaqayyoo dhaga’uu (deebii mucaa sanaa galchi) jaallana jedhaniitiisi duukaa akka jedhan taasisi. Itti aansitii, mucaa mirgaa mucaa gaafatte jiru gaafadhuu. Mucaan erga deebii kennnee booda, mana Waaqayyootti sagalee Waaqayyoo dhaga’uu (jechaa mucaa duraa as galchi) in jaallanna. Ammas (jechaa mucaa lammataa galchi) in jaallanna jedhiitiisi duukaa akka jedhan taasisi. Ijoolleen hundinuu, tokko tokkoon deebii mataa isaanii hamma kennanitti irra naana’ii itti itti fufi. Yaadachuu isaanii madaaluuf, tokko tokkoo isaanii tartiiba jalqabdeen irra deebi’anii akka sif kennan gaafadhu.

Itti aansitii akkas jedhiin’ “Har’a, Yesus mana Abba isaatti deebi’uu isaa Macaafa Qulqulluu keessaa dhageenya”. Maaltu akka raawwatame sirriitti dhaga’aa.

Faarfanaa:“Macaafa Gooftaa malee” (Lakkoofsa 25) jedhuu faarffadhu.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Himuu

Filmaata 1፡-Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa: “Yesus Mana Qulqulluu keessa” jedhu yoo dubbistu, seenaa isaa baay’ee mijeesuudhaafhorgoggeewwanqajeelfama kana fuula duuba irra jiraniin faayyadami.

Filmaata 2፡-Seenaa Maariyaam Dhi’eessuu

Utuu isheen draamaa hin dhi’eessin guyyaa muraasa dursitii,mucaa dubaraa akka Maariyaam taatee, draamaa hojjettuuf seenaa kana kennni. Seenaa sana mul’isuuf, marata/shaashii mataa isheen ittiin hidhattu kennniif.Maariyaamiin fakkattee mucaan dubaraa waanMaariyaam dubbatte yeroo dhi’eessitu, ijoolleen ishee itti naana’anii haa taa’an.

Yesus Mana Qulqullu Keessatti

“Nagaa keessanii hiriyootaa ko. Ani Maariyaamin,” jedhama. Haadha Yesus. Yesus hiriyoota isaa waliin Naazireetitti guddate. Waggaa 12 yeroo ta’u waan raawwatamee tokkon isinitti hima. Anis Abbaan isaas hojii akka nu gargaaru yeroo gaafannu, nuyif abboomama. Barumsa isaa kennamu sirriitti hordofa. Abbaan isaa oguma /dandeettii muka baay’ee hojjechuu isa barsisaa ture. Yesus nama hundumaa birattimucaa gaarii ture. Ilma dinqisifamaa ture.

Anii fi Yoosef, waggaa waggaaitti mana kadhannaa Yerusaalem deemna turre. Yeroo waaqeffannuu fi Waqayyoon kadhannu, bara durii Waaqayyoo ijoollee Israa’el garbummaa Gibxii keessaa isaan baasuu isaatiif isa galateeffanna. Kan Yerusaalem deemnus, firootaa fi hiriyoota keenya waliin waaqeffachuuf. Yeroon akkasi baay’ee barbaachisaa dha.

Waggaa 12ffa isaatti, Yesus, Mana Qulqullummaa Yerusaalem nu waliin deeme. Yeroon sun yeroo itti Yesus barsisota mana qulqullummaa irraa waan baay’ee bu’aa qabu baratee dha. Yerusaalem keessa guyyaa baay’ee turre. Achii mana keenyatti deebine. Firootaa fi hiriyoota keenya waliin Yerusaalemii gara mana keenyaatti yeroo deebinu, Yesus nu duukaa jiraa jennee turre. Guyyaa tokko erga deemnee booda isaa barbaaduutti kaane. Nama hundaa keessa siriitti isa barbaanne. Yesusin garuu arguu hin dandeenye.

Anii fi Yooseef atattamaan gara Yerusaalemitti deebine. Yesusin achitti arganne. Mana

Qulqullummaa keessa taa’ee, sagalee Waaqayyoo barsisota waliin dubachaa ture. Takka takka barsisota dhaggeeffata. Takka takka immoo isaan gaafata. Namoonni yeroo barsisonnii fi Yesus waliin dubbatan dhaga’anii baay’ee dinqsifatan. Yesus hammam akka ogumman guutamee fi sagalee Waaqayyoo sirriitti beeku hubatan. Anis “Ya Ilma koo maaliif akkas nu hojjette? Abban kee fi ani yaaddoo keessa gallee si barbaadaa turre” jedhee Yesusiin gaafadhe. Yesusis, “maaliif na barbbaddan? Mana abbaa koo ta’uun, akka naaf barbaachisu hin beeknee isin?” naan jedhe. Wanti Yesus na gaafatee fi, wanti Inni barsisotaaf deebise, natti bitaacha’e. Waa’ee Yesus waan baay’eetu naaf galuu didee na rakkise. Utuu Inni hin dhalatiin dura, guddaa akka ta’uu fi Ilma Waaqayyoo akka ta’u ergamaan natti himee ture. Dhugaa kanaa fi waa’ee Yesus waanan argee fi dhaga’e hunda garaa koottan qabadha ture.

Yesus Yooseefii fi na waliin gara mana keenyaa, Naazireetitti deebi’e. Nuyif abboomama ture. Ogumamdhaan guddachuu itti fufe. Namni Isa beeku hunduu Isa in jaallata.

Mucaan durbaa diraamaa hojjettu seenessuu kana yoo fixxe, barattoota geggeessi. Barumsichas gaaffii itti aanuun itti fufi. Seenaa Macaafa Qulqullu irra deebi’i.

Gaaffii seenicha irratti hundeeffame: Gaaffilee asi gadii garee ijoollee sana gaafadhu:

1. Maariyaamii fi Yooseef maliif Yerusaalem deeman? (Maariyaamii fi Yooseef Yersaalem kan deeman Mana Qulqullummaa keessatti kadhachuu fi Waaqayyoon waaqeffachuudhaafi.

2. Maariyaamii fi Yooseef Yesusin eessatti argatan? (Maariyaamii fi Yooseef, Yesusin mana qulqullummaa keessatti, yeroo inni barsisota dhaggeeffatuu fi gaafatu argatan.

3. Yesus, Maariyaamii fi Yooseefiin maal jedhe? (Mana Abba Isaa keessa ta’uun akka Isa irra jiru isaanitti hime).

Hojii irra deebi’uu: Barattoonni horgoggee faayadamuudhaan tartiibaan ka’anii akka sitti himan taasisi.

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattoota wajjin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu:Waaqayyoon Guddachuu

Barattoonni akka sitti naan’anii taa’an taasisi. Akkasis jedhiin: Barumsa darban keessatti waa’ee bara daa’imumaa Yesus dhageenyee turre. Betlihemitti erga dhalatee, haalli guddina Yesus akkam ture? (Barattoonni deebii akka kennan carraa kennniif). Yesus deemuu fi dubbachuu jalqabe. Qaamaanis dabalaa deeme. Dubbisuu fi barreesuu dabalatee, mana barumsaatti baay’ee barate. Yesus waa’ee Waaqayyoo waan baay’ee barate.

Guyyaa dhalattan irraa jalqabdanii guddataa jirtuu? (Barattoonnikaraa qamaa fi beekumsaan itti guddatan akka dubbatan carraa kennniif). Akkuma Yesus, isin illee guyyaa dhalattanii jalqabdanii qaamaan guddataniirtu. Deemuu fi dubbachuu barattaniirtu. Hiriyaa qabdu. Mana Kadhanaa yoo deemtan waa’ee Waaqayyoo baraniirtu. Waaqayyoo lafaa fi isiniin akka uume

barattaniirtu. Waaqayyoo isiniif namootaa cubbuu irra fayyisuuf akka karoorfate barattaniirtu. Fayyisaa keenya akka ta’uufis Waaqqayo Yesusin gara biyya lafaatti erge. Waa’ee Yesus dhugaa jiru eessaa baranna? (Waa’eeYesus dhugaa jiru kan barannu Macaafa Qulqulluu keessatti). Sagalee Waaqayyoo yeroo dhageenyuu fi dubbifnu, amantiin Yesusif qabnu akka guddatuu fi jabaatu Hafuurri Qulqulluun nurratti hojjeta. Waa’ee Yesus caalmaatti akka hubannu, Hafuurri Qulqulluun nu gargaara. Guddinni qaama keenyaa yoo dhaabate ille, sagalee Waaqayyoo yoo dhageenyee fi dubbifne, amantiin Yesusif qabnu guddachuun isaa itti fufaa; hin dhaabatu. Sagalee isaa qo’achuunii fi Isaan guddachuun keenyaa addaan hin kutu.

Mee sagalee Isaatiin akka guddanu Waaqayyo attamitti akka nu gargaaru yaaduuf faarfannaa tokko haa barannu. Faarfannaa“Kan Wangeela keenyaa dinqii dha”(Lakkoofsa 22) jedhu barsiisi.

Ijoolleen akka dhaabatan taasisi. Ijoolleen sararaan faaruu isaa duraa qo’achaa, faarsaa, jilba isaanii cabsaa, suuta gadii jechaa akka deeman itti himi. Faaruu sarara duraa booda attamitti gudachuu dandeenya? jedhii gaafadhu. Ijoolleeen gudachuu kan danda’an, Macaafa Qulqulluu dubbisuu, ogumma fi beekumsa sagalee Waaqayyootiin argachuuf yoo kadhatan ta’uu isaa akka hubatan gargaari. Yeroo faaruu sarara lammaffaa barsiistu, ijoolleeen gadi jedhanii haa jalqaban. Utuu faarsaa jiran, ijoolleeen harkka isaanii ol kaasanii suuta suuta takka gad jedhanii ol jechaa akka dhaabatan taasisi.

Luqqisii Macaafa Qulqullu kan sammuutti qabatamu. «“Gara Mana Waaqaayyoo dhaqna!”yeroo anaan jedhanitti, ani nan gammade»(Faarfannaa122፡1).

Ijoolleen sitti naanna’anii akka taa’an taasisi. Macaafa Qulqullu baasi akkas jedhiin: ‘jechooni

Macaafa Qulqullu tokko tokko, gammachuu nuyi mana Waaqayyoo dhufuu fi Waaqeffachuun arganu nutti himu. Jechi kun, “Gara mana Waaqaayyoo dhaqna yeroo naan jedhanitti, ani nan gammade” jedha. Mee jechoota Macaafa Qulqullu kana haa qo’annu.

Ijoolleen akka dhaabatan taasisi. Kutaa jechoota kana duraa dubbisitii, jacha “nan gammade”

Dadafiitiiharka walitti rukutuu itti aansi. Yeroo anaan jedhan, ani nan gammade(harka rukutaa). Luqqisii kana ijoolleen siduukaa irra deddebi’anii akka jedhan taasisi. Luqqisii kutaa lammaffaa fi jechoota tokko tokkoo isaanii yoo dubbftu, luka keetiin lafa dhiitii sagalee sochii miillaa dhageessisi.

Gara mana Waaqayyoo deemna, miilla mirgaa, miila bitaa, miilla mirgaa, miilla bitaa. Dhuma Luqqisii kanaa irratti yeroo lama waliitti fufii harka rukuti. Ijoolleen kutaa Luqisi isaa lammaffa siriitti yeroo qo’atan, luqqisii hundaa harkka rukkutuu sochii miillaa wajjin akka irra deebi’ani taasisi.

Faarfannaa፡“Kan Wangeela keenyaa dinqii dha” (Lakkoofsa 22) jedhu irra deebi’aa faarfadhaa.

Manni Waaqayyoo, bakka itti barattoonni Yesus gooftaa fi fayyisaa isaani ta’e waan inni isaaniif hojjete itti baratan akka ta’e isaan hubachiisi. Itti aansitii, Faarfanna ‘Yesus akka na jaallate” (lak. 2)jedhuu keessa deebi’aa. Macaafni Qulqulluun waa’ee Yesus kan nutti himu sagalee Waaqayyoo isa dhugaa ti.

Hojii Harkaa:Fakkii “Mana Waaqayyoo deemuun na gammachiisa” jedhuu.

Fakkiiwwan barumsa kanaaf qopha’an keessaa, fakki bifa Manaa Qulqullu argisisuu barattoota tokko tokkoof kennni. Kobbii qalamaa ittiin dibanis kenniif. Itti haansitii akkas jedhiin. Fakki bifa Mana Qulqullummaa argisisu keessatti, gara Mana Waaqayyoo yoo deeman wantoota gochuu barbaadan keessaa tokko kaasaa. Ijoolleen waa’ee fakki kaasan saniiakka dubbatan jajjabeessi. Itti aansitii, fakki isaan kaasan naannesi kutaa keessatti fannisi. Kadhanaa dhumaa:-Kadhanna qajeelfamaa kana fuula gara dubaa irra jiru kadhadhuu.

Barumsa 33

Cuuphamuu Yesus

Maatiyos 3፡13-17; Maarqos 1፡9-11

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee, fuula 92-93

Dhugaa Ijooa

Yeroo Yesus cuuphametti Waaqayyo Inni Ilmaa Isaa ta’uu Isaa in labse. Yesus, qajeelota taanee jiraannuuf waan nu barbaachisu hundaa raawwachuuf cuuphame

Kaayoo barumsichaa

Barattonni Humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Yesus nu fayyisuuf, kan ergamee Ilma Waaqayyoo ta’uu Isaa in baratu.

• Yesus, cubbuuu keenya hundaa irraa nu fayyisuu fi jireenya bara baraa nuuf kennuuf waan nu barbachisu hundaa akka raawwate amanataa in guddatu.

• Waan Inni guyyaa guyyaatti isaaniif hojjetuuf, Yesus guddicha waaqeffataa in jiraatu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kan sammuutti qabatamu

«Kunoo, sagaleen immoo, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhee waaqa irraa in dubbate»(Maatewos 3፡17).

Meeshaalee fi qophii keessumatti barumsa kanaafbarbaachisan

1. Yeroo bariisftu, horgogeewwan qajeelfama kana fuula duubaa irra jiraniin fayyadmuun yoosi barbaachise, waraabbi barumsa 33f ramadaman qabadhu. Horgoggee san muriitii qalamaandibi.Horgoggeewwan kanneen tokko tokkoon isaanii ulee ykn baala yabbuu iatti hapheedhaan maxxansi.

2. Haallii fi yeroon yoo tolaa ta’e,yeroo cuuphaan raawwatamu maaltu akka ta’u akka dubbatu luba kee afeeri. Yoo danda’ame raawwii kanaa Waldaa Kristaanaa keessatti, gabatee cuuphaa ykn bakka cuuphaan itti raawwatamuutti taasisaa. Lubichi qopha’ee dhufuu akka danda’uu, sagantaan barumsaa utuu hin ga’in torbanoota dursi waamicha taasisif. Bishaan xiqqoos gonboo cuuphaatiif qopheessuun si barbaachisuu danda’a. “Dhugaa seenaa Macaafa Qulquluus jireenya barattootaa waliin waliti froomsuu” jedhu ilaali.

3. Horgoggewwan barumsa kanaaf qajeelfama kana fuula duubaa irratti qopha’an keessa, waraabbi cuuphaa argisisan barataa tokko tokkoof kenni. Kanatti dabalees barataa tokko tokkoof dheerinni kirrii suufii ykn funyoo furdaa santimeetira 60 fi plasterii ykn hapheen in barbaachisu ta’a

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Maatewos, 3:1-17 fi Maarqos 1፡1-11 dubbisi.

Seenaa cuuphaa Yesus lamman kanneen yeroo dubbistu, dhugaa lamaan isaan keessa jiru walcinailaali.Macaafabarumsa krsitinaa Luuter barreesse isa xiqqaa ibsa isaa wajjinii keessaa, kutaa dhoksaa cuuphaa qulqulluu kan ibsu irra deebi’uun sibarbaachisa. Kutaan kun gaaffii 239 irraa jalqabee gaafii 260 irratti dhuma.

1. Haati Yesusii fihaati Yohannis Cuuphaa, Elsaabex,firooma akka qaban in yadata (Luqaas 1፡36). Kana jechuunis, Yesusi fi Yohannis cuuphaan firooma kan qaban, ykn ijoollee adaadawwanii jechuu dha.Guddina isaanii keessatti Yesusi fi Yohannis walitti dhufeenya baay’ee akka qaban Macaafni Qulqulluun nutti hin himu. Haa ta’uu malee, yeroo ulfa Elsaabex, Maariyaam ishee gaafachuun (Luqaas 1፡36) Yesus fi Yohannis ijoollumaa isaaniitii eegalanii wajjin haasa’an ta’uu danda’a. Ijoolleen lamaan utuu hin dhalatiin durse,Yohannis Yesus fayyisaan akka dhufuuf ta’u beekuun isaa dhugmaan in beekna. Luqaas 1፡41 irratti, Elsaabex yeroo sagalee Maariyaam dhageessu, ulfi garaa ishee keessaa in utaale. Elsaabex Hafuura Qulqulluudhaan akka guutamte yaadadhu.

2. Barumsaa Macaafa Qulquluu keenyaa kan har’aa keessatti, Yesusi fi Yohannis Cuuphaan wagaa30ga’aniiru(Luqaas 3፡23).Yesus ifatti tajaaajiluu utuu hin jalqabin Yahannis karaa Yesusif qulquleese (Maatewos3፡3; Mar. 1፡3). Tajaajilli Yohanis Cuuphaa, Raajicha Isaayaasin dursee dubbatameera (Isa. 40፡3). Giddu-Galeessa Bahaatti namni kabajamaan bakkatokkoo yeroodaawwatu,ummatni akkaqophaa’uufdurseebakkabu’aaerguunwaan barame. Yohannis Cuuphaa, qalbii jijiiradhaa jedhee lalabuudhaan daandii Yesusif qopheesee ture (Maatewos 3፡2). Qalbii geeddarachuu jechuun, namnii tokko waan jijiree sana yeroo jireenya isaa keessatti deebi’ee waan sana hin raawwatujechuudha.Yohanis kan lalabaa ture, jijirama keessa deebii hinqabne, namoon isa dhaga’anii cubuu isaanii akka amanan, cubbuu hojjetaniitt gaabuu isaanii Waaqqayyootti himatan. Akkasumas, cubamaan ykn cubamtuun amalaa isaan irra deebi’utu isaan irra eegama.

3. Yohannis, gammoojjii Yihudaa keessa jiraataa akka ture Macaafni Qulquluun in hima (Maatewos. 3፡1). Bakki kun Yerusaalemii ka’ee goodaa Beteliheem ga’a. Karaa gadiitiin, Laga Yordaanosi fi Garba du’aa kan ga’u. Lafaa irra bal’inni isaa Mayilii 20 qabata. Yohannis akkuma jiraattota gammoojjii keessa jiraatanii, jireenya salphaa jirataa ture. Uffanni isaa rifeensa gaalaa irra kan hojjetame. Mudhii isaa sabata kal’eetiin hidhata. Awwaanisaa fi damma gammoojjii nyaataa ture(Maatewos3፡4፤ Mar 1፡6). Uffanni Eliyaasi fi raajoti Kakuu Moofaa hundumtuu akkanuma ture (2Mot 1፡8). Yohannis Cuuphaan lallabaa cimaa ture. Yeroo sana biyyooti hundinuuYerusaalem, Yihudaa fi naannoo laga Yordaanosi gara isaa dhufu turan. Isaan Cubbuu hojjetan himanii Lagaa Yordanostti cuuphamu (Maatewos 3፡5-6; Mar 1፡5). Yohannis Cuuphaan bishaaniin

isaacuuphe.Cuuphaan Yohaanis namooni cubbuu hojjetanitti gaabuu isaanii mul’isa. Cuuphaan Yesusii fi kan bara amma nuyicuuphamnu kan bishanii fi Hafuura Qulqulluutiin cuuphamnuu dha. Chuuphaan Yohannis dhiifamau cubuu hojjeneef nu argachiisa; fuula duraafis fayyisaan keenyagatii kafaleehidhaacubbuuuirraanuhiikuu isaawaanargisisuuf waan addaa ti (Barnoota Luter xiqaa, ifaa isaa wajjin gaaffii 252, b).

4. Yohannis Cuuphaan hordoftoota baay’ee qaba ture. Yeroo hundaa ergaan Yohannis hordftoota isaa hundaaf dabarsu walfakkaata. “Kophee isaa gad jedhee hiikuun kan natti ulfaatu fi na caalaa jabataa ta’ee na booda dhufaa jedhee”, Yohannis sabatti himaa ture(Maarqos 1፡7;Maatewos 3፡11). Yesus Ilma Waaqayyoo fi isa caalaa jabaataa akka ta’e, Yohannis dursee in beeka.Karaa qulquleessa ta’uu Yohannis sirritti waan beekuuf Yesus, Yordaanos dhufee akka isa cuuphuu gaafate(Maatewos. 3፡13).

5. Yesus Galilaatii Gara Yordaanos dhufee, akka isa cuuphu yeroo isa gaafatuu Yohannis duraa haa ta’u hinjenne ture. Akka Ilma Waaqayyoo dhugaatti, Yesus caalaa akka ta’e waan hubatuu fi, Yohannis “anatu sin cuuphamuu qaba jedhee” (Maatewos 3፡14) dhugaa isaa Yesusitti dubbate. Yesus garuu, “akkasuma qajeelummaa raawwachuu qabna” ittiin jedhe(Maatewos 3፡15). Itti aansee, Yohannis Yesusin cuuphuuf walii gale.

6. Yesus kan cuuphame cubbamaa ta’ee qalbii geddarachuuf qulquloomuun isa barbaachifnaanmiti.CuuphamuunYesus,cubbuuukeenyaguutummaaguutuuttibaadhate. Bakka bu’aa keenyas ta’e. Sagaleen Waaqayyoo 2Qorontos 5፡21keessatti akka dubbatutti “nuyii isaa taanee, akka qajeelummaa Waaqayyoo taanu, kunoo cubbuu kan hin beekine nuyif jedhee cubbuuu raawwate". Cuuphamuun Yesus mallatoo jalqabbii fayyisuu isaa ti. Madaalii qulqulumaa Yesusin guutamneerra. Waan nuyi Waaqqayyoof kaffalluu qabnu hundumaa kaffaluuf Yesus nu fakkachuu qaba ture. Cuuphamuun Yesus tajajilaa isaa ifa taasisuu isaamulisa.Barbaachisumaa cuuphaahordoftootaisaaf argisisuuffakkeenyata’ee tajajileera.

7. Yesus cuuphamee dafee bishaan keessa ba’ee. Kunoo Waaqtii banamee. Hafuurri Waqqayyoo akka gugeen gadii balali’ee Yesus irraa yeroo bu’uu argge (Maatewos 3፡16; Maarqos 1፡11). Hafuurri Qulqqulluun Yesus irra kan bu’e cubbuuu isaa mo’uu gargaaruuf utuu hin taane, tajaajilaa biyya lafaa irratti inni kennuuf isa dibuuf. Hafuurri Qulqquluun gugee fakkatee yeroo gad bu’e Yohannis fi naannoo Laga Yordaanos namoonni turan hundinuu sagalee Waaqayyoo xiqqoo dhaga’an (Maatewos 3፡17; Maarqos 1፡11). Waaqayyos Yesus IlmaIsaa ta’uu sagaleen labse.

8. Cuuphaan Yesus waa’ee Sadan Tokkummaa Waaqayyoo ifatti nuitti argisiseera. Yeroo Yesus Cuuphamu, Waaqni abbaan in dubbate. Yesus in cuuphame. Hafuurri Qulquluun Yesus irra b’ee humnaa tajaajilaa isaa kennnisisuu isa dibee.

9. “Nuyitti maqaa Abbaa, maqaa Ilmaa fi maqaa Hafuura Qulqquluutiin cuuphamneerra”.

Jechootni kun kan YesusMaatewos28፡19 keessatti abboommii kenne irraa kan fudhataman. Yeroo cuuphamnu, bishaaniif sagaleen Waaqayyoo walitti makamu. Cuuphaancubbuu keenyaaf dhiifama nuargachiisa,du’aa fiSeexana irranufayyisa. Nama amanu hundaaf fayyinaa kenna (Macaafa Barumsa Kristaanaa Luuter barreesse isa Xiqaa ibsa wajjiniiII,Ebba Cuuphaa jedhuirraa fudhatame).Yesus gonkumadhugaawaan ta’eef, jireenya qulqulluu, dhiphamuu, du’aa fi ka’iinsaIsaatiin, ilmaa namaa kan ta’ee hundaaf, dhiifama guutuu fi fayyina kenneera. Kanas Inni karaa cuuphaatiin ilma namaatiif in hira.(Macaafa Barumsa Kristaanaa Luuter barreesse isa Xiqaa ibsa wajjinii, gaafii 249). Kanaaf cuuphaan meesha ayyanaa ta’e. Yeroo cuuphamnu, Waaqayyo ijoollee koo nuyin jedha.Kanisaata’uukeenyaafchaaphaaisaanuyittirukuta.Cubbuuunkeenyadhiqameera. Lammatas dhalanneera. Cuubamnee jireenya bara baraa arganneera. Cuuphaatiin Hafuurri Qulqulluun amantii nu keessatti biqilcha. Humna cubbuu mo’uu hafuura haaraa nuyif kenna (Macaafa Barumsa Kristaanaa Luuter barreesse isa Xiqaa ibsa wajjinii, gaaffii 254).

Barumsicha Dhi’eessuu

Kadhannaa jalqabaa ፡- Kadhanna qajeelfama kana fuula gara dubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa፡- Galata Kee Yesus (Lakkoofsa7) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulluquluu Beeksisuu

Hojii sochiin mul’ifamu:- Yesus ykn Yohannis (Kutaa 1)

Ijoollee fuula kee duraa teesisi. Akkas jedhi. Barnoota darban kan baay’ee ta’an keessatti, mucaan Yohannis jedhamuu dhalachuu isaa dhageenyee turre. Mucaan kun guddatee, namma guuddaergata’eebodaYohannis Cuuphaajedhame.Meewaa’eeYesusi fiYohannis waan tokko tokko haa ilaallu. Mee ijoolleefi hima tokko dubbisi. Himichi waa’eeYesus dubbata yoo ta’ee harkaa mirgaa kaasaatii “Yesus” jedhaa. Waa’ee Yohannis dubbata yoo ta’e, harka keessan isa bitaa kaasaatii, “Yohannis”, jedhaa. Amma haa jalqabnu.

Himoota kanaa barattoota fi dubbisi. Deebiin sirri ta’e xumuraa himaa irra jiraa.

1. Maqaan warra koo Elsabeti fi Zakaariyaasi. (Yohannis )

2. Maqaan warra koo Yoseef fi Maariyaam. (Yesus)

3. Kanan dhaladhee Betlihem dalla keessatti. (Yesus)

4. Kanan dhaladhee Magaala Yihudaa bakka tullun itti baay’atu. (Yohannis)

5. Amman dhalladhutti abban koo akka hin dubbanne taasifamee ture (Yohannis)

6. Yeroo haati koo “uu” kan jedhuu sagalee keessumaa tokko dhageesse, anii gammchuutiin garaa ishee keessa nan utaale. (Yohannis)

7. Yeroon dhaladhe ergamtootaa fi tiksootaa gidduutti do’atameeraa. (Yesus)

8. Kanan guddadhe Naazireetitti. (Yesus)

9. Jabaataa ta’een guddadhe. Booda gammoojjii keessan jiraadhe.(Yohannis)

10. Yeroo hundaa warra koof nan eergama. Cubbuu hojjedhee hin beeku.(Yesus)

Kana boodas dubbachuu kee itt fufi. Barumsa seenaa Mcaafa Qulqulluu keenya har’aa keessatti Yesusi fi Yahannis namoota guguddoota akka ta’an dhageenya. Lamaanuu waggaa 30 ta’aniiru.

Seenaa barumsa har’aa keessatti Yesus kaayyoo adda ta’e tokkoof Yohannisiin do’ate. Maaltu akka raawatame dhugumatti baruuf sirriitti dhageefadhaa

Faarfannaa:“Dubbiin Waaqqayyo jiraataa dha”(Lakkoofsa 2) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqullu Himuu

Filmaata 1፡- Seenaa Mcaafa Qulqullu QoodaIjoolleekeessaa Yesus cuuphame kan jedhuu yeroo dubbistan seenesuu kee jabeessuudhaaf horgoggee qajelfama kanaa fuula duubaa irra jirutti fayyadami.

Filmaata 2፡- Hojimmaatahallayyoo/owwaataseenichaa (Echo Action Storey)

Ijoolleen si arguu akka danda’anitti akkadhaabatan taasisi. Sararatokko tokkoon ergajetteebooda, qaama duukaa deemuudhaansochii argisiisi. Ijoolleen tokko tokkoon wanta ati jetee fi raawwatte akka irra deebi’an taasis. Himi isaa yoo dheerate, gargar hiriitii, ijoobleen kutaa kutaa isaaSosocho’aasiduukaa akka irra deebi’an taasisi.

Dubbadhu Hojjedhu

Yohannis namaa jabaataa fi namaa guddaa ta’e. Irree harka keetii itti argisisi. Gammoojjii keessa jirachaa, dhiifama cubbuuu keessaniif kottaa cuuphamaa jedhee sabatti lallabaa ture.

Yaada garaa isaanii akka geddarataniif, cubuu hojjetanitti akka gaabban Yohannis isaanitti hime.

Itti aanseetis, Yohannis bishan Yordaanos keessati uummata cuuphee.

Yohannis sabaan akkas jedhe, “ani bishaniinan isin cuupha; kanani kophee isaa bachuun naaf hin taane fi ana caalaa jabaata ta’e Hafuura Qulqullutiin isin cuupha”.

Akka tajaajilaatti kan lallabduu fakkadhuu.

Qolee kee gadii qabiitii kan gaddite fakkadhu.

Bishaan waraabdee kan dhangalaftu fakkeessi.

Gara waaqaatti ol ilaali.

Yohannis kan dubbata turee waa’eeYesus. Quba keetiin fakii fannoo hojjedhu. Gaaf tokko Yesus gara Laga Yordaanos dhufe. Bakkuma dhaabbatetti milla kee akka nama deemuu taasisi.

Yesus Yohannis akka Isa cuuphu barbaade. Bishaan kan dhangalaaftu fakkeesi. Anatu sin cuuphamuu qaba jedhe Yohannis. Mataa kee raasiti hin ta’u jedhi.

Yesus IlmaWaaqayyooakkata’eefi cubbuuhojjeteeakka hin beekne, Yohannis in beeka.

“Kun eeyyama Abbaa kooti; raawwatamuu qaba” jedhe Yesus Yohannisin

Garaa waaqaatti ol ilaalii gamaadi.

Garaa waaqaatti ol ilaalii,eeyyee jedhi.

Yohannis Yesusin cuuphe. Bishaan kan dhangalaaftu fakkaadhu.

Yesus yeroo bishaan keessaa ba’u waaqni in baname.

Hafuurri Qulqulluun gugee fakkatee balali’aa gadi bu’ee. Quba keetiin bifaa sinbirroo hojjedhu.

Booda, Waaqayyo Abbaan “kanan itti gammaduu fi kanan jaaladhuu mucaan koo isa kana”, jedhe waaqarra dubbate.

Seenaa Macaafa QulqulluuKeessadeebi’uu

Garaa Waaqaatti ol ilaalii qumaadi.

Gaaffilee seenaa irratti hundaa’an: Gaaffilee kanneen ijoollee gaafadhuu፤

1. Kottaa dhiifama cubbuu keessaniif cuuphamaa kan jedhe eenyu? (Jechoota kanaa kan dubbate Yohannis Cuuphaa ture).

2. Waaqayyoo Abbaan Waaqa irra maal jedhe? (Waaqayyo Abban “kanan itti gammaduu fi kanan jaaladhuu ilma koo isaa kana” jedhe waaqarra).

3. Ilmi Waaqayyoo eenyu dha? (Yesus Waaqayyoof Ilma dha).

4. Waaqayyoo Hafuura Qulquluun fakkeenya maaliitiin gadi bu’e? (Fakkeenya gugee).

Sochii Hojiin Raawwatamu: Yesus mo Yohannis (Kutaa 2)

Ijoollee ofitti naannesi teesisi; akkasis jedhi“Barumsa Darban keessatti waan tokko tokko waa’eeYesusi fi Yohannis ilaaleerra. Har’a immoo waa’ee seenaa namoota kanaa hammam akka yaadatan haa ilaalu. Ani hima tokkon dubbisa. Himichi waa’ee Yesus dubbata yoo ta’e harka mirgaa ol kaasaa ti, “Yesus” jedhaa. Himichii waa’ee Yohannis dubbata yoo ta’ee harka bitaa olkaastanii “Yohannis” jedhaa

1. Lagaa Yordaanostti namaa baay’ee cuupheera (Yohannis).

2. Cuuphamuufan Laga Yordaanos dhufe (Yesus).

3. Yeroon cuuphamuu sana sagaleen Abbaa kootii in dhaga’ame (Yesus).

4. Fayyisaan dhufaa jira. Cubbuu keessaniif dhiifama argachuuf cuuphamaa jedhee sabatti lallabe(Yohannis).

5. Yeroon cuuphamee Hafuurri Qulquluun gugee fakkatee ana irra bu’e (Yesus).

6. Ilma Waaqayyoo ti (Yesus).

7. Gammoojjii keessa jiraadhee lallabaan ture (Yohannis).

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattoota wajjin wal-fudhachiisuu.

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu:Yeroo cuuphaa maaltu ta’e?

Fakkii cuuphaa

Ijoollee ofitti naannessi teessisi. Yeroo Yesus cuuphame maaltu ta’e? jedhii gaafadhu

(Yohannis Yesusin Laga Yordaanositti akka cuuphu; Yesus yeroo bishaan keessa ba’u, Waaqni banamee Hafuurri Qulquluun gugee fakkatee gad bu’uu Isaa, Waaqayyo Abbaanis “kanan itti gammaduu fi kanan jaalladhu ilmi koo isaa kana” jedhee dubbatuu isaati.)

Yesus kan cuuphame cubbuu hojjeteetii miti. Yesus cubbuu hojjetee hin beeku. Yesus kan cuuphame cubbuu keenyaa irraa nu fayyisuuf waan hundinuu akka Waaqayyo jaallatutti akka raawwatamuufi. Fayyisaa keenya ta’uuf waan raawwachu danda’u hundumaa akka raawwatuufi. Yesus yeroo cuuphamuu Hafuura Qulqulluu fudhate.Cuuphaamuun Yesus mallattoo tajaajilaa lafa kana irraa jalqabuu Isaatii ti.Yesus waggoota sadan kanatti kana barsisuudhaan, lallabuudhaan, fayyisuudhaa fi namoota gargaaruudhaan dabarse.Itti aanee, Yesus du’ee, du’aa ka’ee cubbuuu fi Seexana irraa nu furuun Isa irra eegama ture.

Yaadachiisa:- Yeroo barumsa kanaa, qabxii kana irratti lubni kee barattootatti akka dubbatu afeeri. Lubni yeroo cuuphaa maaltu akka raawwatamuu isaanitti akka himuuf, barattoota kee mana kadhanaa bakka cuuphaan itti raawwatamutti walitti qabi. Lubni yoo argamuu dadhabe, bakka cuuphaan itti raawwatamuu cinatti walitti qabamaatii itti fufaa. Barumsa dura qodaa cuuphaa keessa bishaan jirachuu isaa mirkaneessi.

Dhalootumaan nuyi cubamoota waan taaneef cuuphamuun nuyif in ta’a. Guyya guyyatti waan hamaa hojjena; waan hamaa dubbanna; waan hamaa yaadinaa. Waaqayyoo duratti qajeelummaa argachuuf gargaarsi Yesus nu barbaachisa. Cuuphaan karaa ittin Waaqayyoo cubbuu keenyaaf dhiifamataasisee, miseensa maatii Isaatii nu dabaluu dha.Qodaa cuuphaa baniitii itti fufi. “Cuuphaa jechuun bishaan dhangalaasus jechuu dha”.Yeroo cuuphaa lubni ykn kristaanni biraa bishaan sagalee Waaqayyoo waliin fayyadama.Nuyi maqaa Abbaa, maqaa Ilmaa, maqaa Hafuura Qulquluutiin cuuphamneera.Qodaa cuuphaa keessa yeroo sadii harka keetiin bishaan fuuta.Cuuphaan cubbuuu keenya nuyi irra in dhiqa; du’aa fi Seexana irras nu fayyisa; jireenya barabaraafis nu taasisa.Yeroo cuuphamnuu, Hafuurri Qulquluun laphee keenya galee, Waaqa dhugaa: Waaqa Aba, Waaqa ilma fi Waaqa Hafuura Qulqulluutti akka amannu, amaantii nuuf in kenna. Warra cuuphaman keessatti humna Hafuura Qulqulluu hojjetee, waan cubbuu isaan hojjechiisu akka mo’aniif jireenya hafuuraa isaaniif kenna.Macaafni Qulqulluun, “Namni amanenamni cuuphames in fayya” jedha (Maarqos 16:16)

Lubni kee barattoota keef cuuphaa irratti ibsa kenneera yoo ta’e barattoonni akka galateeffatan taasisi. Horgoggeewwan barumsa kanaaf ramadman keessaa fakii gugee muriitii tokkoo tokkoo barattootaaf kenni. Itti aansitii akkas jedhii. Fakkiin gugee kun Hafuura Qulqulluu bakka bu’a. Yeroo fakkii gugee ilaallu, cuuphaan hojii Hafuura Qulqquluutiin laphee keenya keessa galee, Sadan Tokkummaa Waaqayyoottiakka amannuuf amantii akka nuuf kennuu in yaadanna. Amantiin Waaqayyoo nuyi keessatti akka dagaagu, Hafuurri Qulqulluun jireenya keenya guutuu laphee keenya keessa jiraata. Hafuuri Qulqulluun cubbuu hojjechuu keenya akka beeknuu fi cubbuu hojjechuuf gaabuu keenya Waaqayyotti akka himnuuf nu gargaara. Hafuurri Qulquluun humna Waaqayyoof jiraachuu nu dandeesisu nuuf kenna. Haphee fi funyoo tokko tokko ijoolleedhaaf kenni.

Qaama gugee hin miidhamne, fiixee funyoo santii-meetira 6 keessa galanii hapheeti ykn plastikiiti akkamaxxansangargaari.Fakkiimeeshaaitiinbishaanwaraabaniificobabishaaniikenniif.Akkas jedhiin:“Buddusseen bishaanii fi cophni bishaanii mallatto cuuphaa ti. Macaafa Qulqullu keessatti hin xuqamne malee, namoonni yeroo cuuphaman buddussee bishaani laga keessa fudhatamee fayidaa irra in oolchu. Cophni bishaanii maqaa Sadan Tommumaa maqaa: Abbaa, Ilma, Hafuura

Qulqulluutiin cuuphamnuu nu yaadachiisu. Buddusseen cuuphaa qalama barbaadaniin akka diban kobbii abbaa qalamaa ijoolleef kenn. Achii, gugee irra santii meetira 6 gadi fagaatanii funyootti akka maxxansan gargaari.

Itti aansitii, fakkii Macaafa Qulqullu banamee tokko tokko ijoolleef kenni. Akkas

jedhi:“Abboommii Waaqayyoo keessatti sagalee Isaatiin bishaan wal make malee, cuuphaan bishaanuma yeroo hundaa ilaallu miti (Macaafa Barumsa Kristaanaa Luuter Xiqqaa ibsa waliin, amala cuuphaa; “cuuphaan maali?” Du’aa ka’ee garaa waaqaatti utuu hin deebi’in, Yesus akkas jedhe:“Egaa deemaatii saba Israa’el kan hin ta’iin hundumaa Maqaa Abbaa, maqaa Ilmaa fi Hafuura Qulqulluutiin cuuphaa, kanan isin abboome akka raawwatan bariisaatii barattoota koos isaan taasisaa (Maatewos 28:19). Barattoonni “hordoftoota Yesus.” Bartoota Yesus keessaa nuyi muraasa. Saba Israa’el kan hin ta’in jechuun immoo isnii fi anaan dabalatee, namoota bakka kami iyyu jiraatan jechuu dha. Cuuphaan qulqulluu akka raawwatamuuf, sagaleen Waaqayyo bishaan waliin walitti makamuu qaba. Fakkii Macaafa Qulqulluu, qalama akka diban argirsisi. Utuu qalama hin dibin, barattoonni guguddoon dubbisuu danda’an, maqaa Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqullutiin jedhanii barressuu danda’u. Itti aansittii bartoonni fakkii qalama dibanii qodaa cuuphaa santmeetira 6 gadi butanii funyoo irratti akka maxxansan gargaari.Cuuphaa akka yaadatan, ijoolleen fakkii guutuu mana isaanii keessatti akka fannisan jajjabeessi.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: Kunoo, sagaleen immoo, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhee waaqa irraa in dubbate (Maatewos 3:17).

Ijoollee xixiqqoo garee sadiitti hiri; sadanuu fuula kee duraa teessisi. Macaafa Qulqullu baniitii akkas jedhii:Yohannis Yesusin erga cuuphee booda, Waaqayyo sagalee kana dubbate.“Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhe Yesus cubbuu keenya irra nu fayyisuuf gara biyya lafaa kana dhufe; Inni Ilma Waaqayyoo ti.Mee sagalee Macaafa Qulquluu kana haa qo’annu. Qabxiiwwan armaan gadi jiran tokkoo tokkoogareef kenni: Kanaan itti gammadu/ Kanan jaalladhu/ ilma koo kana/. Barataan tokko tokkoon kutaa isaaf kennamesiriitti ammabaruutti tattaaffii haataasisu; qabxichas jalqabi. Waaqairraasagaleen akkas jedhu in dhufe. Gareenwwan tokko tokkon akka tartiiba qabxii kanaatti akka dubatani ilaali. Itti aanseetis,kutaaisaaniikeessattitokkotokkongareedhaan walhaajijjiiran.Atiseensaisaajedhiitii, qabxii hundumaa wal-duraa duubaan akka isaan jedhan taasisi.

Faarfannaa(oota)፡ “Gammadii faarfadhuu lubbuu ko”(Lakkobsa 10) “Galateeffadhaa” (Lakkobsa 8) jedhanfaarfadhaa

Kadhannaa dhumaa፡Kadhanna qajeelfama kana fuula gara dubaa irra jiru kadhadhuu

Barumsa 34

Yesus Cidha Tokko Irratti

Yohannis 2: 1-12

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee fuula 94-95

Dhugaa Ijooa

Akka namoota cubbamootaa fi rakkattootaatti fedhiiwwan hedduu qabna. Yesus waan Waaqayyo ta’eef guddaas ta’e xiqqaa waan barbaachisu nuuf guutuu in danda’a.

Kaayyowwan barmsichaa.

Barattooti humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Cidha Qaanaa irratti Yesus bishaan gara dadhii wayiniitti geddaruudhaan akka Waaqummaa Isaa humnaan akka argisise in baratu.

• Yesus waan isaan barbaachisu hundumaa akka isaaniif kennu amanachaa in guddatu.

• Waan Inni hummna Isaaniif kennuf Isa galateeffachaa in jiraatu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kan sammuutti qabatamu.

“Abdii isaanii Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay’isee nuuf kennu irra haa kaa’atan”(1Ximotewos 6:17).

Meeshaalee fi qophii (keessumatti barumsa kanaaf barbbachisan)

1.Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kanaa fuuula duubaa irra jiruun fayyadamuun yoo si barbaachise waraabbi barumsa 34f ramadaman qabadhu. Horgoggeewwan sana muriitii kobbii qalama qabuutii dibi. Horgoggeewwan kana ulee ykn baala yabbuu irratti maxxansuuf hapheedhaan fayyadami.

2.Uffata qorraa, afata siree yookiis uffata minjaalaa dheeraa tokko ykn isaa ol qopheessi. (Kun akka bal’ina kutaa sanaatti murtaa’a) “Seenaa Macaafa Qulquluu beeksisuu”isa jedhu ilaali.

Macaafa Qulqulluubu’uureffachuu

Yohannis 2:1-12 dubbisi

1. Jechi“guyyaasadaffaatti”jedhukanargisisuYesusbartootaIsaaguyyaaisaanwaameirraa eegaleejechuu dha(Yohannis 1:35-51).Jechi MacaafaQulqulluu keessatti barttootajedhu duuka buutota Yesus, keessumattuu tajaajiloota lafa irrtti Isa waliin akka ta’aniif filataman namoota 12 argisisa. Har’as si’i fi barattoota kee dabalatee duuka buutota Yesus kan ta’an barattoota jedhamani waamamu.

2. Yesus, haadha Isaa fi tarii bartoota 6 (Indiriyaas, Phexros, Yohannis, Yaaqoob, Filiphoos fi Naatinaa’el) magaalaa Qaanaa Galiilaatti waamamanii turan. Maariyaam cidhicha irratti

dhimma tajaajila nyaataa fi dhugaatii keessa hanga seentutti dhirsi misirroo fi misirtittiiwaliin walitti dhufeenya akka qaban beekuun ala, hirmaattoti biraa warra cidhaa waliin walitti dhufeenya qabaachuun isaanii wanti beekamuu hin jiru (Yohannis 2:3).

3. Kakuu haaraa keessatti cidhi hanga guyyoota kudhaniitti dhimma jaallatamaan kabajamu ture. Ayyana cidhichaan dura mushurrichii fi misirtittiin mana mana isaanii ta’anii ayyaanicha in qopheessu. Qophichi guyyoota lamaaf tura. Yeroo kamitti illee ayyaanni cidhichaa kan raawwatamu mana dhirsa misirrootti. Misirtittiin halkaniin dibaabee eegumsa Waaqayyoo argisisu qabattee gara mana dhirsa misirrichaa in adeemti. Obboloonni ishee fi dhironni kanneen biroo, ishee waliin adeemu. Yommuu gara mana dhirsa misirrichaa adeemanitti namoonni bitaa fi mirgaa karaa irra dhaabatanii nagaa isaaniifdhiheessaa hawwii gaarii isaaniif qaban in ibsuufi. Daandichi akka ifa argatuuf uummanni immoo guca qabatu. Namoonni hundinuu mana misirrichaa erga seenaniin booda balbalichi kan cufamu yommuu ta’u, sana booda eenyu illee akka seenuuf hin eyyamamu. Ifatti dubbachuuf balbaloonni kan cufamaniif kennaa misirrootaaf dhufa hattoonni akka manadhirsa misirrichaatii hin hanneefi. Kakuun gaa’elaas in raawwatama;garuu qubeelaa wal jijjiiruun hin jiru. Bakka isaa dhirsi misirroomisirtittii irraa haguuggii ija ishee irraa kaasee gatiittii ishee irra kaa’a. Kunismallattoo ishee eeguudhaaf waadaa isheef galuu isaa ti. Kanneen gaa’ela raawwatan kunneen dibaabee jalaadeemanii gara afeerraa cidhaa torban tokko turuu danda’uutti ol seenu. Ayyaanichi wellisaan,nyaataan,wayiniidhaan,shubbisaafikolfaankanguutameedha.Barumsi seenaa Macaafa Qulqulluun har’aa kan raawwatamee cidha akkanaatiin ture.

4. Dhangaa sun hanga wayinichi dhumutti afeerraan cidhichaa akka gaariitti geggeeffamaa ture(Yohannis 2:3).Wayiniin nyaatabiraadhabamuun kanhin turrewaan ta’eefwayiniitu dhume jechuun wanta baay’ee nama qaanessuu dha. Maariyaam waan kana beekteef waa’ee rakkinichaa hubachiisuuf gara Yesus dhaqxe. Maariyaam Yesus Waaqayyo biraa kan ergame ta’uu Isaa in amanti turte. Waa’ee haalichaafis furmaata tokko akka Inni fidu in amanti turte.

5. Deebiin Yesus Maariyaamiif kenne hammam Inni kaayyoo Abbaa Isaa waaqa irraa waliin waliigale argisisa. Yesus yeroo hundumaa kan hojjetu wanta sirriitti barbaachisu qofa. Sababa Yesus dinqii taasisuuf humna waaqummaa isaa argisisuu fi namoonni akka Isatti amanan taasisuudhaafi. Maariyaam Yohannis 2:5 irratti ajaja isheen keessumsistotaaf kenniteef wayinii dhumeef furmaata ariifachiisaa kennuu akka danda’u Ilma isheetti amanuu ishee argisiisa. Yeroo Yesus dinqicha hojjetetti karoora Waaqayyoo raawwachuu fi hanqina mudate guutuu Isaa in argisiisa.

6. Bu’uura ayyaanaYihudootaatiin cidha irraatti afeerraa nyaataa dura keessummoonni harka isaanii dhiqachuu qabu. Gaanoti dhagaa bishaan gaaloonii 20-30 qabattan(Yohannis 2:6) tajaajila kanaaf qophaa’u. Yesusis tajaajiltoota kana “Bishaan gaanotatti guutaa” isaaniinjedhe. Hamma hidhii isaatti guutan(Yohannis 2:7). Sana boodas buusaatii

keessumsiisaatti kennaa jedhe (Yohannis 2:8).Keessumsiisaa kan jedhame yeroo ammaatti itti gaafatamaa keessumsistota afeerraa guddaa irra jiran waliin wal fakkaata. Keessumsiisaan, ayyaanichi sirriitti geggeeffamuu isaa to’achuu qofa otuu hin taane nyaatis ta’ee dhugaatiin keessummootaaf otuu hin dhihaatiin dhamdhamee ilaaluutu isa irra ture.

7. Bulchaan sun bishaan Yesus gara wayiniitti jijjiire eessaa akka dhufe hin beeku ture. “Daadhichi eessaa akka ba'e, warra bishaan guure sanatu beeka malee namichi hin beeku ture” (Yohannis 2:9). Geggeessaan sunis dhirsi misirrichaa akka wayinii gaarii tursee fidettiisajaje.Ayyaanaakkanaairrattiduraandursaniiwayiniigaariigaraboodaattiimmoo isa laafaa dhiheessuun baratamaa ture (Yohannis 2:10). Egaa tajaajila Yesus, isa dura ifa ta’e irratti dinqii galmeeffame keessatti gochaalee adda ba’an in ilaalla.

8. Yohannis 2:11 kaayyoo dinqii Yesus bishaan gara wayiniitti jijjiiree ibsa. “Ulfina isaas ni ibse, bartoonni isaas isatti in amanan.” Bartoonni isaan dura isa duukaa bu’uutti yommuu murteessanitti isatti amananiiru. Dinqiiwwan Yesusif ragoolee akka ta’an taasisuudhaan Waaqayyo amantii isaanii irra caalmaan in cimse. Wanti amantii isaanii cimsuu, itti aansuudhaan barumsa isaa dhaga’uu fi dinqoota biraa yommuu taasisu arguudhaan itti fufeera. Yesus nuun fayyisuuf wanta barbaachsisu hundumaa gochuu akka danda’u kanneen haalicha raawwatamaa turan, akka karoora Waaqayyoo fi akkaataa gabatee Waaqayyootti ture.

9. Waa’ee dinqii Yesus yommuu dubbifnuu fi qu’annutti Yesusin akka Waaqa dhugaatti gooftotaa fi fayyistoota irra caalmaan akka beeknuf Hafuurri Qulqulluun amantii keenya in cimsa.

Barumsicha Dhi’eessuu

Kadhannaa Jalqabaa:Kadhanna qajeelfama kana fuula gara dubaa irra jiru kadhadhuu

Faarfannaa:Humni Waaqayyoo guddaa dha(Lakkoofsa 15) jedhu faarfadhaa

Seenaa Macaafa Qulqullichaa Beeksisuu

Sochii hojiidhan Mul’ifamu: Haa gammadnu

Uffata qorraa guddaa, afata siree ykn uffisaa minjaalaa kuticha keessatti diriirsi. Ijoolleen naannawaaisaaxiyyoo irraahammaxiyyootti akka taa’an taasisi. Atis isaan waliin taa’iitii karaan gara afeerraa ittiin deeman kami? jedhiitii isaan gaafadhu. Ijoolleen kunneen waa’ee ayyaana dhaloota, ayyaana biyyoolessaa fi cidhaa akka dubbataniif yeroo kenni. Itti aansuudhaan afeerraa irratti wantootitokko tokko kan nuti goonu maal faadha? jedhiitii isaan gaafadhu. (Nyaata in nyaanna, in taphanna, kennaawwan in kennina, faarfannaa in faarfanna, hiriyootaa fi maatii waliin in kolfina). Seenaa Macaafa Qulqulluu kanaan Yesus, haati Isaa fi hiriyoonni Isaa gara afeerrii cidhaa deemuu isaanii in dhageenya. Afeerraa dhihaanaa cidhichaa irratti Waaqayyo keenya Isa dhugaa, Yesus, irraa kan hafe eenyu illee gochuu kan hin dandeenye ta’eera. Wanta Waaqayyo

keenya dhugaa irraa kan hafe kan eenyu illee gochuu hin dandeenye, want dinqisisaa jedhama.

Dinqii Yesus godhe beekuu akka dandeessaniif callisaatii xinxalaan dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha” (Lakkoofsa 2) jedhu faarfadhu.

Seenaa Macaafa qulqullichaa himuu

Yaadannoo Addaa: Seenaa Macaafa Qulqullichaa dubbachuuf yoo filatte, barattootaaf seenaa kanakeessatti hiriyoonni Yesus jedhamanii waamamaaturan jiraachuuisaanii barattootatti himuuf yeroo xiqqoo fudhadhu. Bartoonni Yesusin akka barsisaa isaaniitti isa duukaa bu’an. Waaqayyo

Yesusin Fayyisaa godhee gara biyya lafaatti erguuf waadaa seenuu Isaa in amanan. Barnoota hedduu kanatti aananiin maqaa bartoota Yesus kudha lamaanii akka dubbisaniif ijoolleetti himi.

Filmaata 1: Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessatti isa “Yesus Cidha

TokkoIrratti” jedhu yommuu dubbistutti seenicha haala ol’aanaa ta’een seenessuudhaaf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula duubaa irratti argamaniin fayyadami.

Filmaata 2:Bifa do’annaatiin argisisaa.

Keessumatti lakkoofsi ijoollee hedduu yoo ta’e do’annaadhaan argisisuun seenaa ijataa dha.Bartoota Yesus ta’anii akka taphatn ijoollee ja’a fili. Akka Maariyaam taatee kan taphattu ijoollee durbaa tokko fili.Itti dabalees ijoollen akka tajaajiltoota lamaa; akka keessumsistuutti, akka misirroottii fi misirrichaatti taphatan in barbaachisu. Warri biroo akka warra cidha sanaaf waamamanii ta’u.

Seenaa isaa isaanitti beeksisaa uffata qorraa ykn afata siree fiwarri waamaman misirroota sana cina fiixee fiixee irra akka taa’an taasisi. Tajaajiltootii fi warri keessumsiisan Maariyaam wajjin fagaatanii akka dhaabatan taasisi. Seenaa sana haasa’uu yeroo eegaltu Yesusii fi barttooti akka ol galan taasisi.

Seenaa sana himuudhaaf macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa isa “Yesus Cidha Tokko Irratti” jedhu filadhu. Seenaa Macaafa Qulqulluu sana yeroo dubbistuijoolleenin tokko tkko akka sosocho’aniif irra deebi’uudhaan geggeessi. Yeroo ta’uu malutti tajaajiltooti, sochii qofaan akka godhaniifijoollee guguddaa keessaa nama bishaan buddussu akka fakkaatan itti himi. Keessumsiisaan immoo nama wayinii dhamdhamu akka fakkaatu taasisi. Seenessuu sana booda bartooti Yesusiin hordofaa akka dinqisiifatan taasisi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Keessa Deebi’uu

Gaaffiwwan seenaa irratti hundaa’an: gaaffiwwan itti aanan kana garee sana gaafadhu:

1.Cidha sana irratti rakkina maaliitu uumame? (Keessummoota chidhaa sanaaf wayiniin dhi’aatu in dhume).

2.ErgaYesusbishaansanagarawayiniittijijjiireeboodahiriyootiIsaa maalamanan? (Akka Inni Ilma Waaqayyoo ta’e amanan).

Sochii hojiidhan mul’ifamu: Ol utaalaa!

Barattooti si cinaa akka taa’an taasisi. Akkana jedhiin, “waa’ee seenaa Macaafa

Qulqulluu isa dhageessaniin wantoota muraasa dubbisa. Hima ani dubbisu yoo dhugeechan ol utaaltu Himoota ani dubbisu yoo sirrii miti ta’e immoo idduma teesssan turaa

1.Yesusi fi abbaan Isaa Yoseef cidhaaf gara Qaanaa deeman. (Idduma teessan turaa; sababni isaa gara cidha Qaanaa kan deeman Yesusi fi haadha isaa ti.)

2.Cidha sana irratti nyaataa fi afeerraa wayiniitu ture. (ol utaalaa)

3.Cidha sana irraatti nyaatatu dhume. (Idduma teessan turaa; sababni isaa kan dhume wayinii waan ta’eef.)

4.Yeroon Isaa yoo ga’u Yesus dinqiidhaan bishaan gara wayiniitti geeddare. (ol utaalaa!)

5.Wayinii Yesus geeddare kan dura dhi’aate irra kan caaluture.(ol utaalaa! )

6.Bishaan gara wayiniitti Yesusgeddare dinqii isa jalqabaa ti.(ol utaalaa!)

7.Yesus waan dinqii sana erga hojjette booda barttooti Isaa akka Inni Ilma Waaqayyoo ta’e amanan. (ol utaalaa!)

Dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattoota wajjin wal-fudhachiisuu.

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu:Yesus waan nu barbaachisu nuuf kenna.

Ijoolleensin naanna’anii akka taa’an taasisitii “Yesus ayyaana cidhaa sana irratti hir’uu isaanii attamittiin guute?” jedhii gaafadhu. (Warri waamaman waan dhugan akka argataniif, Yesus bishaan wayiniitti geddare). Yesus waan dinqii kana attamittii gochuu danda’e?(Yesus waan kana gochuu kan danda’e Waaqayyo dhugaa waan ta’ee fi humn-qabeessa waan ta’eef. Yesus waan hundumaa gochuu in danda’a).

Wanti dinqiin kun humna Yesus mul’isa.Kunis Yesus waan hundumaa gochuu danda’uu isaa nutti argisisa.Waan hundaa caalaa Yesuus kan nuuf godhe cubbuu, dua’aa fi seexanaairraa nu fayyisuu dha. Kun kan ta’e lubbuu isaa nuuf jedhee fannoo irratti yeroo kennee dha. Yesus fannoo irratti du’e. Garuu du’ee hin hafne. Erga du’ee booda deebi’ee ka’eera. Kun humna qabeessaa fi dinqii dha.

Garuu Yesus dinqii hojjechuu kanumaan hin dhaabne. Cubbuu keenyaaf dhiifama nuuf taasise; Jireenya bara baraa haaraa nuuf kenne! Waaqqa irrattis iddoo nuuf qopheesse. Yeroo hundaas nu wajinii jiraata; guyya guyyattis waan nubarbaachisuu nuuf kenna!

Kunuunsa Inni nuutasiseefi diinqii nuu hojjetaaf Fayyisaa keenya sochii qaamaatiin haa kabajnu.Galannii kungammchiisaa dha. Yesusin kabajuuf yoon ani waan tokko dubadhu, isinsagalee gammachuudhaan guutameen na duukaa jettu. Barattooni akka dhaabatan itti himi.

Horgoggee afaan cufaa/banaa argisiisu qopheeffadhu.Atiyommuu dubbattu, afaan horgoggee cufamee itti argisiisi. Ijoolleengammachuu isaanii ibsuubarbaadan yoo jiraatan, horgoggee afaan banamaa itti argisiisi.

Barsisaa Barattoota

Yaa Yesus ati Fayyisaa keenya. Waan gurguddaa ta’e nuuf hojjetta.

Waan guyyaa guyyatti nyaanu nuuf kennita.

Hriyoota jaallanu nuuf kennita

Cubbuu keenya nurraa dhiqxa.

Sitti akka amannu nugargarteetta.

Yeroo hundaa nu jaallatta.

Yaa Yesus si galateeffanna.

Barattoonis irra deebi’anii haa jedhan.

Barattoonis irra deebi’anii haa jedhan.

Barattoonis irra deebi’anii haa jedhan.

Barattoonis irra deebi’anii haa jedhan.

Barattoonis irra deebi’anii haa jedhan.

Barattoonis irra deebi’anii haa jedhan.

Barattoonis irra deebi’anii haa jedhan.

LuqqisiiMacaafaQulqullusammuuttiqabatamu:“AbdiiisaaniiWaaqayyoisawaanhundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay’isee nuuf kennu irra haa kaa’atan” (1Ximotewos 6፡17).

Ijoolleensi marsanii akka taa’an taasisiitii Macaafa Qulqullu baasi Akkasis jedhiin:“Waaqayyo keenya baay’ee nu jallata. Lafas waa’ee keenyaaf jedhee uume. Akka itti gammadnuuf wantoota dinqisiisoo ta’an nuuf uumme. Yeroo hundaa nu kunuunsa. Kana hunda kan nutti himu, luqqisii Macaafa Qulqullu 1Ximotewos 6: 17 irratti argamuu dha.” “... Waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay’isee kan nuyif keennu…” Waaqayyo barabaraatti haa gammannu. Mee Yesus waan namoota cidha Qaanaa irratti argamaniif raawwate, attamitti nuuf illee waan nu barbaachisu akka guutuu danda’u luqqisii nu yaadachiisuhaa qo’annu.

Jechoota Macaafa Qullqullu kanneen harka rukutuu waliin qo’achiisi. As irratti mallattoon “X” jedhu kun harki yeroo meeqa akka rukutamu mul’isa. Waaqayyoo (X), waan hundumaa (XX), akka ittiin dhimmabaanuuf (XXX)baay’iseenuufkenna (XX).Jechootaafuranwalitti makiitii rukuttaa harkaa waliinluqqisii sana guutummaan guutuutti jechaa

Faarfannaa: “Lubbuu ko Waaqayyoon eebbisi” (Lakkoofsa 23), jedhu faarfadhaa.

Hojii Harkaa፡Yaa Yesus sin galateeffanna!

Waraqaa fi kobbii qalamaa tokko tokko ijoolleef kenni. Itti aansitii “Barumsa keenya har’aakan Macaafa Qulqullu keessatti, cidha tokko irratti Yesus akkamitti hanqina namaa akka guute dhageenyerra” jedhi. Waraqaa isaanii irratti fakkii karaa Yesus waan isaan barbaachisu isaaniif guutu hojjedhaa jedhiin. Ijolleen fakkii yeroo Yesus waan qabatamaa kan akka nyaata, uffata ykn mana jireenyaa isaaniif guutu argisisuu hojjechuu danda’u. Fakii maatii ykn hiriyaa yeroo isaaniif kennu argisisu kaasuu danda’u. Fakii ofii isaanii ykn namoota isaan jaallatan dhukkuba irraa yeroo Yesus fayyisu argisisu kaasuu danda’u. Akka Yesus, Fayyisaa isaanii kanbarabaraan jiraataa ta’e, cubbu isaaniif dhiifama godheefii, akkasuma jireenya barabaraa fi mana waaqairraattiakka isaaniif kenne argisisu kaasuu in danda’u. Ijoolleenxumura kadhannaa isaanii irratti yaada fakkii isaanii irratti haasa’uu in danda’u.

Kadhanaa dumaa፡- Kadhanna qajeelfama kana fuula gara dubaa irra jiru kadhadhuu.

Barumsa 35

Haala Dinqisiisaadhaan Qurxummii Hedduu Qabuu

Luqaas 5:1-11; Maatewos 4:18-22; Maarqos 1:16-20

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee (Fuula 96-97)

Dhugaa ijoo

Yeroo humnaa fi ulfina Yesus ilaallu, cubbamoota ta’uun keenya baayyee nutti mul’ata. Yesus ayyaana Isaatiin cubbuu keenya nuuf dhiisee Isa duukaa akka buunuu fi jaalala Isaa warra kaaniif akka qabaannuuf nu waame.

Kaayyoo Barumsichaa

Barattoonni Humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Yesus qurxummii qabdoota Simoon Phexiros, Indriiyaas, Yaaqoobii fi Yohannisiin akka Isa duukaa bu’anii fi jaalala Isaa isa fayyisu warra kaan akka barsiisaniif akka waame in BEEKU.

• Cubbamoota akka ta’anii fi Fayisaan akka isaan barbaachisu hubachuutti in GUDDATU.

• Akka duuka buutota Yesus warra cubbuun isaanii dhiifameefiitti jaalala fayyisuu Isaa warra kaanitti himuuf in ADEEMU

Kutaa Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

Yesus immoo, “Na duukaa kottaa! Anis nama kan walitti qabdan isinan godhadhaa” isaaniin jedhe (Maarqos 1:17).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yoo yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara dhumaa irratti argaman fayyadamta ta’e Barumsa 35ffaadhaaf kan yaadame waraabbii taasisii qabadhu. Horgoggeewwan sana murii baasiitii kobbii halluuwwan adda addaa dibi. Haphee fayyadamiitii muka guddaa yookiin waraqaa furdaatti maxxansi.

2. Yoo danda’ame, kiyyoo qurxummii kutaatti fidi. Yoo hin qabdu ta’e immoo miseensota waldaa Amantootaa keetii keessaa namni qabu yoo jiraate akka siif ergisaniif gaafadhu. “Seenaa Macaafa Qulqulluu sana beeksisuu” kan jedhu ilaali.

3. Qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa fakkii qurxummii jiru hojiidhaan argisiisuudhaaf tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraabbii taasisi. Barattoota warra xixinnoodhaaf keessaa murii kenniif. Barattoonni warri gurguddoon erga halluu dibanii booda ofii isaaniitii muranii baasuu in danda’u.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Luqaas 5:1-11 dubbisi. Akkasumas dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu dabalataan hubachuudhaaf Maatewos4:18-22 fi Maarqos 1:16-20 dubbisi.

1. Seenaan Macaafa Qulqulluu kun kan inni raawwatame erga Yesus cidha Qaanaa Galiilaa irratti dinqii hojjetee booda ture. Barumsa Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti Simoon, Indiriiyaas, Yaaqoobii fi Yohannisiin akka isaan bartoota (duuka buutota) Isaa ta’aniifYesus mul’inatti isaan waame.Simoon“YaaBarsiisa”jechuun isaaakkanamoonni kun duraan iyyuu Yesusiin akka beekan ibsa (Luqaas 5:5). Yeroo Qaanaa Galiilaa mana cidhaatti dinqiin ta’e sana namoonni kunneen afuran Yesusii wajjin turan (Yohannis 2:2).

2. Simoon, Indriiyaas, Yaaqoobii fi Yohannis qurxummii qabdoota turan (Luqaas 5:2). Maatewos 4:18 Simoonii fi Indriiyaas obboloota turan jedha. Yaaqoobii fi Yohannis akkasuma obboloota turan (Maatewos 4:18). Namoonni afuran kun qurxummii qabuu irratti wal gargaaru turan (Luqaas 5:7,10). Maqaan abbaa Yaaqoobii fi Yohannis Zabdewos ture. Yesus deebisee Simooniin Phexros jedhee moggaase. Phexros jechuun “dhagaa” jechuu dha (Maatewos 16:18). Macaafa Kakuu Haaraa hundumaa keessatti Phexiros “Simoon,” “Simoon Phexiros,” fi “Phexiros” jedhamee waamama.

3. Jalqaba seenaa Macaaafa Qulqulluu kana keessatti, Yesus dubbii Waaqayyoo namoota hedduunaannooqarqaraciisaabishaaniiGeeneserexjedhamuu,isaKakuuHaaraakeessatti iddoo hundumaatti Galaana Galiilaa jedhamutti in barsiisa ture (Maarqos 5:1). Namoonni Yesusitti Naanna’anii turan, kanaafis Inni gara bidiruu qurxummii isa kan Simoonitti ol ba’ee “qarqara irraa xinnoo ishee gara gidduutti akka butuuf gaafate; achumaan taa’ee, bidiricha irraa jara in barsiisa ture” (Maarqos 5:3). Inni kun namoonni Yesusiin akka dhaga’anii fi argan taasise. Barsiisonni amantii yeroo barsiisan in taa’u (Luqaas 2:46).

4. Erga barsiisa Isaa xumurees akka Simoon gara tujjubichaatti siqee qurxummii qabuudhaaf kiyyoo isaa darbatu itti hime. Dhugaa dhumatti sa’atii sanatti ho’aa fi ifa aduutiif iyyuu tuujjuba keessaa qurxummii qabuun rakkisaa dha. Garuu yoo mame iyyuu, Simoon wanta Yesus isa abboomeef in raawwate (Luqaas 5:5). Simoonii fi Indiriiyaas kiyyoo isaanii tuujjubichatti darbatan; Yesus immoo dinqii hojjete. “Isaan kiyyoo isaanii yommuu darbatan,kiyyoon isaanii hammatarsa’uuga’utti, qurxummii danuuqabatan (Luqaas 5:6). Simoonii fi Indiriiyaas hiriyyoonni isaanii Yaqoobii fi Yohannis bidiruu biraa keessa kan turan dhufanii akka isaan gargaaraniif hawwatan. “Isaanis dhufaniifii baay’ina qurxummiitiif hamma liqimfamuu ga’anitti, bidiroota lachuu qurxummiidhaan guutan” (Luqaas 5:7).

5. Simoon Phexros maaliif qurxummii hedduu akka qaban dafee hubate: sababii humna Yesusiif ture. Ulfina Yesus keessa ta’uun Phexirosiin cubbamaa ta’uu isaa fi gat-hinqabnee ta’uu isaa akka hubatu isa taasise. Deebisee, Phexros bidiruu keessatti jilba Yesusitti kufee “ani nama cubbamaa dha” jedhe (Luqaas 5:8). Indiriiyaas, Yaaqoobii fi Yohannis hundinuu qurxummii danuu qabuu isaaniitiif “na’anii, dinqisiifatan” (Luqaas 5:9).

6. Yesus yommus Simooniin, “Hin sodaatin, si’achi immoo nama kan walitti qabdu in taata” jedhe (Luqaas 5:10). Qurxummii hedduu qabachuu isaanii kanaan, Yesus hojii dinqii Isaa isalammaffaahojjete. Phexirosii fiwarra qurxummii qabanhiriyootaisaa, ayyaana Isaatiin isaan waame, “Na duukaa bu’aa! Anis nama kan walitti qabdan isin nan godha!” isaaniin

jedhe (Maatewos 4:19). Yesus namoota dasiiba/tuffatamoo qurxummii qaban, warra akkuma namoota hundumaa warra cubbamoo ta’an, akka isaan duuka buutota Isaa ta’anii fi hojii mootummaa Isaa akka hojjetaniif isaan filate. Bidiroota isaanii gara qarqaraatti erga baasanii booda, “hundaumaa dhiisanii Yesus duukaa bu’an” jedhee Macaafni Qulqulluun nutti hima (Luqaas 5:11).

7. Yesus akkasumas akkaisaduukaabuunuu fijaalalafayyisuu Isaanamootatti akkahimnuuf nu waame. Kunis kan danda’amu ayyaana Isaa qofaa dhani. Akka Phexirosii fi hiriyoota isaa nuyis cubbamoota (Roomaa 3:23). Sababii cubbuu keenyaaf, gama kamiin illee

Yesusitti dhiyaachuu fi Isa duukaa bu’uudhaaf Yesus nu gaafatuuf kan malle miti. Yesus garuu baay’ee waan nu jaallatuuf cubbuu keenyattii nu fayyisuuf du’ee du’aa ka’e. Akka namoota bilisa ba’aniitti, akka nuyi dhugaa fayyisuu Isaa biyya lafaatti labsinuuf Yesus nu keessatti hojjeta. “Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti; hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti. Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne” (Efesoon2:810).

Yeroo barumsa kana barsiistu, jechoota faarfannaa kana yaadadhu: “Yaa Gooftaa, anatu si fo’ate miti; utuu Ati ayyaana keetiin ana hin fo’anne ta’ee, kun ta’uu akka hin dandeenyee fi lapheen koo hamma dhumaatti Siin akka mormu ani beeka. Siif bara baraan akkan jiraadhuuf cubbuu ana xureessettii anafayyiste; miicciteeanaqulleessite;bilisa anabaste; hangaammaatti tajaajilakeetiif ana muudde. Kan ana waame, laphee koo fi sammuu koo isa dukkanaa’e beekumsaan kan guute ayyaana karaa Kristoos ta’ee dha; kun utuu hin taane ta’ee biyya lafaa keesssatti liqinfamee ulfina Kee isa waaqa irraatiif jaamaan ta’a ture. Amma Siin malee eenyuun illee hin waaqessu; kanan dheebodhu ayyaana Kee qofaa dha; sababiin isaa kan ani Si jaalladhuuf Ati dursitee waan ana jaallatteef ta’uu isaa ani nan beeka.”

(“Gooftaa kan Si fo’ate ana miti” Barreeffaamichi: Joseph Conder, Lutheran Service Book, 573, CPH, ©2006, Text and tune Public Domain.)

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa

Kadhannaa Jalqabaa: Kadhannaa qajeelfamaa kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:Yesus nu jaallata (Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Beeksisuu

Hojiidhaan Mul’isuu: Qurxummii Qabuu Adeemuu

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Kiyyoo qurxummii baasii argisiisii, ijoollee gaafadhu; mi’i ani qabeejirukunmaaliiffayyada? (Kunkiyyooqurxummiiittiinqabaniidha.)Kiyyichagar-tokkee isaa qabiitii gara kaan isaa kutaa keessa gara duwwaa jirutti darbadhu. Namoonni qurxummii

qaban akka kanatti kiyyoo isaanii bishaan keessatti darbatu jedhi. Amma suuta jedhiitii kiyyicha gara keetti harkisi. Akkasitti namoonni sun, kiiyyoon isaanii qurxummii qabuu isaa abdatanii ofitti harkisu. Bara kana iyyuu namoota baayyeetu akka kanatti qurxummii qabata. Yeroo Yesus lafa kana irra jiraatee fi barsiise sana akka kanatti namaanni qurxummii qabachaa turan.

Barumsa Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, waa’ee yeroo duuka-buutonni Yesus muraasi qurxummii qabuuf adeemanii dhageenya. Namoonni qurxummii qaban kunneebn hammam akka qabanii fi akkamitti akka qaban hubachuudhaaf sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: Dubbichi Waaqayyoo (Lakkoofsa 3) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Himuu

Filmaata 1: Yeroo “Qurxummii Hedduu Qabuu Isaanii” isa jedhu “Macaafa Seenaawwan

Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa dubbistu seenaa himuu keetii akka jabeessuuf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irrati argaman fayyadami.

Filmaata 2: Gochaadhaan Seenessuu

Ijoolleen akka si’arguu danda’anitti dhaabi. Tokkoo tokkoo sarara seenichaa erga jettee booda gocha isaa hojjedhu. Ijoolleen gochicha akka irra deebi’an taasisi.

Jedhi Hojjedhu

Gaaf tokko Yesus qarqara galaana

Galiilaa tura

NamoonnibaayyeendubbiiIsaadhaggeeffachuudhaafgara Yesus dhufan.

Namoota baayyeetu ture, kanaaf Yesus nama qurxummii qabu Phexiros jedhamu irraa bidiruu ergifate. Yesus bidirucha irra ol ba’ee in taa’e. Haala namoonni hundumtuu Isa arguu fi dhaga’uu danda’anitti taa’ee isaan barsiisuu jalqabe.

Yesus erga barsiisa Isaa raawwatee booda Phexrosiin, “Garatuujjubichaatti hiiqi, qurxummii qabuudhaaf kiyyoo keessan

Darbadhaa!” jedhe.

Phexros deebisee, “Yaa barsiisaa, eda halkan guutuu baay’ee itti dadhabne, homaas hin qabne, amma garuu erga ati dubbattee dubbii keetiif jedhee kiyyicha nan darbadha” jedheen.

Ol qajeelii dhaabadhu.

Quba keetiin akka waan nama lakkooftuu Fakkeessi

Akka waan Bidiruu irra ol baatee teessuu fakkeessi.

Fageenyatti quba qabi.

Akka waan akka bidirichi adeemuu batoodhaan bishaan sochoostuu fakkeessi!

Phexros gara tuujjubichaatti kiyyoo isaa darbate. Kiyyichis yeroodhuma sana hamma tarsa’uu ga’utti qurxummiidhaan guutame.

Hiriyoonni Phexiros dhufanii isa gargaaran.

Qurxummii baayyee waan turaniif bidiruu lama guutan. Bidirichis liqimsamuu ga’e!

Kiyyicha qurxummiidhaan kan guutuu Yesus akka ta’e

Phexiros in beeke. Dinqii ture!

Phexiros cubbamaata’uu isaahubateejilbaYesusitti kufee. “Yaa Gooftaa sitti dhi’aachuun anaaf hin ta’u, ani nama cubbamaa dha” jedhe.

Yesus yommus Simooniin, “hin sodaatin, si’achi immoo nama kan walitti qabdu in taata” jedhe.

Yesus namoonni amananii akka fayyaniif Phexiros akka barsiisu itti himuu Isaa ti.

Phexros fi obboleessi isaa Indiriiyaas bidiruu fi kiyyoo isaanii dhiisanii Yesus duukaa bu’an. Hiriyyoonni Phexros Yaaqoobii fi Yohannis akkasuma bidiruu isaanii dhiisanii

Akka waan baayyee ulfaatu tokko harkistuu fakkeessi

Akka ijoolleen afur akka waan baayyee ulfaatu tokko harkisanii akka fakkeessan taasisi.

Akka nama gadi jilbeenfatuu ta’i.

Dinqisiifadhuu ilaali.

Jilbeenfadhuutii mataa kee gadi qabii sagadi.

Ol ka’ii, lallabuu kee sochiidhaan argisiisi.

Yesus duukaabu’an. Isaannamootakanwalitti qaban ta’uu barbaadanii dha Gara duubaatti naanna’ii bakka jirtutti adeemi!

Seenaa Macaafa Qulqulluu kana Keessa Deebi’uu

Gaaffilee Seenichaa: Gaaffilee kanatti fufanii jiran gaafadhu:

1. Yeroo namoonni qurxummii qaban kiyyoo isaanii bishaanitti darbatan maaltu ta’e? (Isaan hanga kiyyoon isaanii tarsa’uttii fi hanga bidiruun isaanii bishaaniin liqimfamuu ga’utti qurxummii baay’ee qaban)

2. Phexiros Yesusiin maal jedhe? (Ani nama cubbamaa dha natti dhiyaachuun siif hin ta’u jedhe)

3. Yesus Phexirosiin maal jedhe? (Hin sodaatin si’achi nama kan walitti qabdu in taata jedheen)

Gocha ittiin keessa deebi’an: dhugaawwan seenichaa keessa deebi’uuf filmaata isa dura itti hin gargaaramin fayyadami.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu kana jireenya barattootaatiin wal fudhachiisuu

Gocha ittiin jireenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisan:Namoota walitti qabuu

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Yesus Phexirosii fi hiriyoota isaatiin “Na duukaa bu’aa! Anis nama kan walitti qabdan isin nan godhaa,” isaaniin jedhe. Phexiros, Indiriiyaas, Yaaqoobii fi Yohannis namoota walitti qabuuf kiyyoo qurxummiitti gargaaramu ta’aa? (Lakki).

Lakki, kiyyoo qurxummii yookiin kiyyoo kamiin iyyuu gonkumaa hin fayyadaman. Egaa attamitti namoota walitti qabu? (Waa’ee Isaa warra kaanitti akka himaniif Yesus isaan in gargaara. Karaa sanaan isaan namoota Waaqayyoof walitti in qabu.)

Isa duukaa akka buunuuf Yesus nu waameera. Namoota kan walitti qaban akka taanuuf Yesus in barbaada. Inniakka nuyi waa’ee Isaa fi waa’ee jaalalafayyisuu Isaanamootatti himnuin barbaada. Maaliif namoota Yesusiif walitti qabuun barbaachise? (Sababiin isaa namoonni baay’een akka Yesus cubbuuttii isaan fayyisu hin beekan. Namoonni hedduun wanta Waaqayyo hin jaallanne hojjechuudhaan cubbuu raawwatu. Namoonni kam iyyuu cubbuu isanii irraa of fayyisuu hin danda’an. Namni kam iyyuu cubbuu isaattii fayyuudhaaf Yesusitti amanuu isa barbaachisa. Waa’ee Yesus warra kaanitti akka himnuuf Hafuurri Qulqulluun nu gargaara.)

Namoota walitti qabuu mee haa shaakallu. Barattonni akka marsaa geengoo uumaniif isaan gargaari. Walakkeessa (giddu gala) marsaa sanaa dhaabadhu. Quba guddaa fi quba argisiistuu tokkoo tokkoo harka keetii fayyadamii marsaa geengoo tolchi. Akka wanta naaduraa (eyeglass) gargaaramtuutti marsaawwan sana ija kee duratti qabadhu. Garee sanaan akkana jedhi, Isaan kun naaduraa wangeelaa koo ti. Wangeelichi dubbii misiraachoo isa Yesus fayyisaa ta’uu Isaa nutti himuu dha. Waa’ee isaa kanan itti himuu danda’uu namoota akkan arguuf Yesus na gargaara. Mee haa ilaallu… Waa’ee Yesus eenyutti himuu dandeenya? Naaduraa wangeelaa keetii kaa’adhuutii marsicha keessa naanna’i. Barattoota kee keessaa tokko dura dhaabadhuutii akkana jedhi, (maqaa baratichaa) waamii waa’ee Yesus sitti himuu nan danda’a jedhiin. Barataa isa filatte ol kaasii dhaabachiisi.Baratichaa (maqaa isaa waamiitii) Yesus si jaallata Fayyisaa cubbuu keetii ti, jedhi. Akka ati karaa Isa jireenya bara baraa haaraa qabaattuuf Yesus fannoo irratti du’ee du’aa ka’e.

Barataa isa filatte gara gidduu marsaawwaniitti fidi. Akka inni naaduraa (eyeglass) wangeelaa isaa kaawwatuuf itti himi. Marsaawwan keessa baratichaa wajjin nanna’itii barataa kan biraa akka inni filatu taasisi. Barataa isa duraan filattee wajjin waa’ee dhugaa Yesus barataa isa haaraa filatametti himaa. Ergasii barataa isa lammaffaa kana akka inni gidduu marsichaa seenu taasisii, akka inni isinii wajjinbarataabiraakanitti dhugaaba’ufilu taasis.Gochakanahamma barattoonni hundinuu marsaawwan keessa si wajjin seenanitti itti fufi.

Gochicha kadhata kanaan xumuri: Yaa GooftaaYesus jaallatama, cubbuu keenya irraa nu fayyisuu fi jireenya haaraa isa bara baraa karaa Kee nuuf kennuudhaaf waan dhufteef si galateeffanna. Waa’ee jaalala fayyisuu keetii beekuu namoota isaan barbaachisutti nu gegeessi. Waa’ee kee isaanitti dubbachuudhaaf laphee gootaa fi jabaa nuuf kenni. Maqaa keetiin si kadhannaa. Ameen.

Luqqisiimacaafa qulqulluu sammuutti qabatamu:“Yesus:- Na duukaa Kottaa! Anis nama kan walitti qabdan isinan godhadhaa,” isaaniin jedhe ( Maarqos 1:17).

Ijoollee ofitti naannessii teessisitii Macaafa Qulqulluu kee banadhu. Itti fufii akkas jedhi, Yesus Phexiros, Indiriiyaas, Yaaqoobii fi Yohannisiin akka isaan Isa duukaa bu’anii fi waa’ee Isaa

namoota biraatti akka himaniif in waame. Namoota qurxummii qabduu kanaan Yesus, “Na duukaa kottaa! Anis nama kan walitti qabdan isinan godhadhaa,” jedhe. Yesus nuunis hojii kanaaf nu waameera. Yesus Isa duukaa bu’uu keenya akka barbaaduu fi jaalala fayyisuu isaatii namoota hundumaattii akka himnuuf akka nu waame akka nu yaadachiisuuf mee luqqisii Macaafa Qulqulluu kana haa barannu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu barsiisuudhaaf, ijoolleen akka dhaabatan taasisi. Jechoota jalqabaa shanan lakkoofsichaa jedhii, miilla keetiin si’a lama lafa rukuti. Ijoolleen si boodaan jecha sana fi lafa rukutuu akka irra deebi’an taasisi. Itti fufuudhaan jechoota lakkoofsichaa gara dhumaa barsiisi, “Anis nama kan walitti qabdan isinan godhadhaa,” “Harka si’a lama walitti rukutii. Erga ijoolleen kana irra deebi’anii jedhanii booda, lakkoofsa guutummaa fi gochicha isaa wal duukaa jedhaa. Hamma ijoolleen sirriitti hubatanitti irra deddeebi’i.

Faarfannaa:Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha(Lakkoofsa 21) jedhu faarfadhaa!

Hojiidhaan argisiisuu:Fakkii Qurxummii Ani Himuu Nan Danda’a Jedhu.

Tokkoo tokkoo barattootaaf fakkii qurxummii murtee baafte yookiin kan hin muraminii fi kobbii halluu adda addaa kenniif. Nama tokko kan waa’ee Yesus itti himuu dandeessan yaadaa, jedhi. Fakkii nama sanaa quurxummicha irratti fakkisa. Ergasii haftee qaama qurxummichaa halluu bareedaan bareechaa dibaa. Yeroo gara qurxummiichaa ilaaltan hundumaa, akka inni gara Yesus beekuutti dhufuuf nama sanaaf kadhadhaa. Yesus fayyisaa ta’uu Isaa isin sagalee misiraachoo akka himtaniif Hafuurri Qulqulluun akka isin gargaaru, yaadadhaa.

Yeroo qurxummiileen halluu dibaman barattoonni gurguddoon akka barbaachisummaa isaatiitti muranii baasan gargaari.

Yeroo ati kadhata xumuraa kadhachuudhaaf qophaa’aa utuu jirtuu akka ijoolleen fakkiilee qurxummii isaanii isa xumurame fidan taasis.

Kadhanna Xumuraa: Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 36

Bartoota Isaa Barsiisuu Yesus

Maatewos 6; Maatewos 10; Maarqos 3:13–19

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee (fuula 98–99)

Dhugaa Ijoo

Waaqayyo Abbaan keenya Inni waaqa irraa nu jaallata, nuuf eeggata akkasumas yeroo hundumaa kadhannadhaan akka Isaa wajjin haasofnu barbaada. Sababii Yesus waa’ee cubbuu keenyaatiif gatii baasee Waaqayyo duratti qajeelota nu taasiseef kana gochuu in dandeenya. Waaqayyo karaa Yesus amantiidhaan warra mootummaa Isaa barbaddatan hundumaaf keennaa gaarii in kennaaf.

Kaayyoo Barumsichaa

Barattoonni barumsa kana booda Humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Yesus namoota kudha lamaa bartoota Isaa akka ta’aniif waamuu Isaa fi akkataa it kadhatan dabalatee wantoota addaa addaa barsiisuu Isaa in BEEKU.

• Guyyaa guyyaan dandeettii fi hawwii kadhata maqaa Yesusiin Waaqayyotti dudubbachuutti in GUDDATU.

• Waaqayyo Yesusiif jedhee karaa baayyee sirrii ta’een kadhata isaanii akka dhaga’u fi akka deebii kennuuf amananii in JIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammutti qabataman

Yeroo hundumaa gammadaa! Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa! Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa! Waaqayyo karaa Kristos Yesus kana gochuu keessan in fedha (1Tasaloniiqee 5:16-18).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argaman fayyadamta yoo ta’e, warra barumsa 36ffaadhaafqophaa’an waraabbii taasisi. Horgoggeewwan kanneen murii baasitii kobbii halluu gara garaa dibi. Tokkoon tokkoon horgoggee kanaa haphee fayyadamiitii mukatti yookiin baala guddaa fi furdaa ta’etti qabachiisi.

2. Tokkoontokkoon ijoolleetiifpoosterii KadhataGooftaaqajeelfamakanafuula garaduubaa irratti argamu waraabbii taasisii qopheessiif.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Jalqaba irrattiMaarqos 3:13–19 fi Luqaas 6:12–16 dubbisi. Itti fufiitii waa’ee kadhata Gooftaa kan ibsu Luqaas 11:1–4 fi Maatewos 6:9–13 dubbisi Maatewos 7:7–11 fi Luqaas 11:9–13 dubbisuudhaandubbisa kee isa jalqabaaxumuri. Waa’ee Kadhata Gooftaa kan ibsu Katee-kisimoos isaa xiqaa Luuter barreesse ibsa isaa wajjinii (Gaaffiilee 193–235)ilaali.

1. Geggeessitoota mana qulqullummaa warra fariisota jedhamanii walitti falmuu booda, (Luqaas 6:1–11), “Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba’ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule” (Luqaas 6:12). Yeroo baayyee tajaajila Isaa biyya lafaa keessatti, bartoonni akka Yesus kadhatu in argu. Yesus utuu addaan hin kutin Abbaa Isaa waliin dubbachuun Isaa fakkeenya nuuf ta’a. Yommuu nuyi jechootaa fi yaadaan, Waaqayyotti dubbannu, nuyi galata keenya, jajuu keenyaa fi wanta nu barbaachisu Isatti himannu Inni isa nuuf gochuudhaaf humna qabuu dha.

2. Jaalalli Waaqayyoo akka ta’uuf galgala erga kadhatee booda, Yesus bartoota Isaa kudha lamaan fo’ate. Lakkoofsi bartoota Yesus kudha lamaanii fi lakkoofsi goosoota Isiraa’el kudha lamaanii wal simu. Dhuma irratti, bartoota kanneen keessaa kudha tokkoon isaanii geggeessitoota Waldaa Kristaanaa ishee qulqullooftuu ta’an. Jechi barataa jedhu “isa baratu” jechuu dha. Namoonni kudha lammaan Luqaas 6:14–16 keessattimaqaa dha’aman gara waggaa sadi’iif sagalee Waaqayyoo fi sagalicha Isa ta’e Yesusiin akkamitti akka tajajilan baruu irratti dabarsan.

3. Namoonni kudha lamaan bartoota Isaa akka ta’aniif Yesus fo’ate ka’umsa gara garaa irraa turan.Warri qurxummii qabanafuran –Phexiros,Indriiyaas YaaqoobfiYohannis duraan iyyuu Yesusii wajjin wal beeku turan. Filiphos Beetasayidaa, naannoo jireenyaa Indriiyaasii fi Phexiros irraa dhufe. Naatinaa’eel Bartolomewos jedhama Bartolomewos jechuun “ilma Nathanael jechuu dha.” Maatewos (Lewwii) duraan qaraxa fuudha ture. Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewos, Simoon isa hinaafticha, Yihudaa ilma Yaaqoob, fi Yihudaa nama biyya Keriyot, isaan kun hundumti isaanii barattoota Yesus turan. Tokkoon tokkoon namootaa Yesus fo’atee kunneen, ittiin fayyadamanii Gooftaa tajaajiluudhaaf kennaa hafuuraa adda addaa qabu. Yihudaa nama biyya Keriyot boodaa Yesusiin dabarsee kenne ta’us, jalqabatti garuu duuka buutuu amantii guutuu qabu ture.

4. Leenjiin bartootaa battalumaan jalqabame. Namoota baayyee duratti Yesus namoota baayyee fayyise (Luqaas 6:18–19). Bartoonni Yesus ulfina humna Isaa isa mullatu kana dhugaa ba’uu in danda’u. Yesus jalqabatti bartoota Isaa kan Inni barsiise Lallaba Gaara irraa keessatti hammatamee jira (Luqaas 6:20–49; Maatewos 5:3–7:27). Lallaba kana keessatti Yesus bartoota Isaa akka duuka buutuu Isaatiitti qoramsa isaanitti dhufuuf jiru isaan akeekkachiise.

Rakkina kana hundumaa keessatti “gatiin keessan waaqarratti guddaa dha” jedhees issan yaadachiise (Luqaas 6:23). Yesus waa’ee diinota jaallachuus barsiiseera Namoota biraatti akka hin faradne, Gooftaaf ija godhachuu fi barbaachisummaa jireenya isaanii Isa irratti ijaarrachuu barsiiseera.

5. Yesus akkasumas bartoota Isaa waa’ee kadhannaa fi attamitti akka kadhatan barsiiseera. Kadhati “jechootaa fi gochaadhaan Waaqayyoo wajjin dubbachuu” dha. (Kateeksimos isa xiqaa Luuter barreesse, ibsa isaa wajjin, gaaffii 194). Maatewos 6:9–13 fi Luqaas 11:2–4 keessatti, Yesus bartootaaf KadhataGoofta isa jedhamu kennerraaf. Kutaan isaa yookiin kadhannaaIsaanuyi akka ijoolleeIsaatiitti amantiidhaankaraaYesus Kristoos Waqayyoon

kadhannu nu afeera. Kadhata Gooftaa keessatti maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee akka eegamu, mootumman Isaa akka dhufuu fi Jaalalli Isaa waaqa irratti akkuma ta’u lafa kana irrattis akkata’u kadhanna. Jireenyakeenyaguyyaaguyyaagargaaruufkan nubarbaachisu hundumaa waan nuuf kennuuf Waaqayyoon in galateeffanna. Waaqayyo cubbuu keenya akka nuuf dhiisuu fi nuyi immoo warra nu yaakkaniif akka dhiifnuuf akka nu gargaaruuf Waaqayyoon kadhanna. Akka nuyi cubbuu gochuudhaaf hin qoramnetti Daabiloos irraa, biyya lafaa fi amala cubbu irraa akka nu eeguuf Waaqayyoon kadhanna. Waaqayyoon hamaa irraa akka nu eeguu fi Isaa wajjin bara baraan akka jiraannuf gaaf tokko akka ol nu fudhatuuf in kadhanna.

6. Kadhata Gooftaa dhuma isaa irrattijechoonni, “Mootumman, humni, ulfinnis baruma baraan kan kee ti. Ameen.” jedhan kunneen Macaafa Qulqulluu keessatti iddoo kadhati Gooftaa kan hafan itti barreeffame keessaa hin jiran. Jechoonni kunneen, jechoota sadan Waaqayyo tokkoo galateeffachuudhaaf jaarraa tokkoffaa keessa, waldaa Kristaanaa ishee jalqabaa keessatti yeroo sirna waaqeffannaatti kadhata Gooftaa yommuu kadhatan deebii sabni kennu taasifamee kan itti dabalame ta’uu danda’a

7. Yesus kadhata kana erga barsiisee booda, bartoonni Isaa kadhatatti akka cimanii (Luqaas 11:5-8) fi Waaqayyo kadhata isaanii hundumaa akka dhaga’uu fi karaa baayyee gaarii ta’een akka deebisu akka amananiif cimsee isaan hubachiise (Maatewos 7:7–12; Luqaas 11:9–13).

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa: Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: “Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha” (Lakkoofsa 21) jedhu faarfadhaa. Seenaa

Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Hojiidhaan Mul’isuu: WalligalaWaa’ee Kadhataa Kutaa Tokkoffaa

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Yeroo kadhannu maal akka goonu natti argisiisaa? Jedhii gaafadhu. (Akka ijoolleen harkawwan isaanii walitti qabatanii, mataa isaanii gadi qabatanii, akkasumas ija isaanii dunuunfatanii argisiisan jajjabeessi.)Yeroo kadhannu maalif akkas goona? (Tokkoon tokkoon keenya gochaa kana kadhata irratti akka xiyyeeffannuu fi akka nuyi taateewwan naannoo keenyaan hin jeeqamneef nu gargaara.) Yeroo kadhannu eenyuutti dubbanna? (Waaqayyotti dubbanna.)

Yesus yeeroobaayyeeiddoo tasgabii qabudhaqee Waaqayyoonakkakadhatu MacaafiQulqulluun nuttihima.Yerooqaamaandhufeebiyyalafaakeessattitajaajilaature,Yesus bartootaIsaaattamitti akka kadhatan isaan barsiisera. Barumsa Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, kadhata addaa Yesus bartoota Isaa fi nuun barsiise sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: Macaafa Gooftaa malee (Lakkoofs 25) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Himuu

Filmaata 1: Yeroo mataduree “Yesus Bartoota Isaa in Barsiisa” jedhu Macaafa Seenaawwan

Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa dubbistu, callisanii akka dhaggeeffataniif horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa isaa irratti argama fayyadami.

Filmaata 2: Yeroo dubbistu kutaa Seenaa Macaafa Qulqulluu kana akka isaan gocha isaa irra deebi’anii hojjechuudhaan si gargaaraniif bartoota kee afeeri. Yeroo seenich itti himuu jalqabdu, ijoollee dhiirota kudha lama akka isaan dhaabatanii fi ga’ee bartoota Yesus taphataniif afeeri

Yeroo tokkoo tokkoo bartootaa maqaa dhooftu, dhiira kan biraa tokko immoo fili. Yeroo Seenaa Macaafa Qulqulluu isa hafe itti himtu ijoolleen dhiironni kudha lamaan sun miilla kee jala akka taa’an taasisi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu irra Deebi’anii Ilaaluu

Gaaffilee seenichicha irratti hundaa:Gaaffilee kana garee sana gaafadhu

1.Yesus bartoota meeqa qaba ture? (Yesus bartoota kudha lama filate.)

2.Akkaduukabuutonni IsaakadhataniifYesus maal jedhe? (Yesus kadhata Gooftaajedhamee kan beekamu kadhachuu akka qaban isaanitti hime. Barattoonni harka isaanii akka walitti qabatan, mataa isaanii akka gadi qabatanii fi tokkoon tokkoon isaanii akkuma kadhataMacaafa Qulqulluu keessaa armaan gaditti argisiifametti si boodaan irra deebi’anii akka jedhaniifisaan afeeri: “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa, Maqaan kee haa qulqullaa’u, Mootummaan kee haa dhufu, Jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u, soora har’aa fi bor nu barbaachisu har’a nuuf kenni, Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi, Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee.)

Sochii hojiitiin keessa deebi’uu:Yesusii fi Bartoota Isaa

Bartoota garee lamatti qoodi. Tokkoo tokkoo garee toora faallaa iddoo kuticha keessa gamaafi gamanaan teessisi. Yoo ijoollee umurii adda addaa barsiista ta’e, gareen sun akka kana ibsu, akka tokkoon tokkoon garee carraa walqixa akka qabaatan mirkaneeffadhu. Tokkoon tokkoon garee geggeessaa tokko akka filatan godhi. Geggeessaan garee erga gaafficha garee isaa wajjin irratti mariyatee booda deebii isaa hima. Akkasumas geggeessaan garee nama harka isaa yookiin harka ishee ol kaasuudhaan gaaffii deebisuu yookiin deebiftuu dha. Kun yeroo gochichaa jeeqama hambisuudhaaf gargaara.

1. Bartoota Yesus afur maqaa isaanii dha’i. (Bartoonni Yesus kudha-lamaan isaanii Phexros, Indriiyaas, Yaaqoob, Yohannis, Filiphos, Naatinaa’eel, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewos, Bartolomewos, Simoon isa hinaaftichaa fi Yihudaa nama biyya Keriyot. Bartoonni isaan kana keessaa namoota afur qofa maqaa dha’uu in danda’u. Maqaa warra hafan saddeettanii yeroo gaaffii lammaffaa fi sadaffaa itti dabalu.)

2. Bartoota Yesus afur dabalii maqaa isaanii dha’i. (Gaaffii tokkoffaa fi deebii isaa ilaaliitii deebisi.)

3. Bartoota Yesus hafan afuran maqaa isaanii dha’i. (Gaaffii tokkoffaa fi deebii isaa ilaaliitii deebisi.)

4. Phexirosii fi Indriiyaas walitti dhufeenyi isaanii maal ture? (Obboloota turan.)

5. Yaaqoobii fi Yohannis walitti dhufeenyi isaanii maal ture? (Isaanis Obboloota turan.)

6. Bartooti afuran qurxummii qabduu turan isaan kami? (Phexros, Indriiyaas, Yaaqoobii, fi Yohannis qurxummii qabduu turan.)

7. Qaraxa fuudhaa inni ture bartuu isa kami? (Maatewos qaraxa fuudhaa ture.)

8. Yesus erga kadhatee booda bartoota Isaa maal barsiise? (Yesus namoota akka itti kadhatan erga barsiisee booda Kadhata Gooftaa kenneef.)

Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Sochii gocha jireenyaan wal-fudhachiisuu:Waa’ee kadhataa, Kutaa lammaffaa/ poostera

Kadhata Gooftaa:

Ijoolleeofittinaannessiteessisi. YesusbartootaIsaakadhataisaanbarsiise,jedhiiisaanittihimi. WaaqayyokadhataanakkaIsaawajjindudubbannuinbarbaadajedheeYesusbartoota Isaa barsiise. Waaqayo kadhata keenya akka dhaga’uu fi karaa nuuf baayyee gaarii ta’een akka nuuf deebisu waadaa nuuf galeera. Kana jechuun Waaqayyo yeroo hundumaa kadhataan waan Isa gaafannu hundumaa nuuf kennaa? (Miti. Waaqayyo yeroo hundumaa karaa nuuf baayyeegaariita’eenkadhatakeenyaakkadeebisu ijoolleefibsi.Yesus,AbbaankeenyaInniwaaqa irraa “kennaa gaarii” warra Isa kadhataniif in kenna jedhe.) Waaqayyoyoo kadhataan wanta Isa gaafannu nuuf hin kennu ta’e Inni nutti aare yookiin nu hin jaallatu jechuu dhaa? (Lakkii gonkumaa. Waaqayyo yeroo hundaa nu jaallata. Garuu Waaqayyo baayyee nu caalaa ogeessa. Yeroo tokko tokko waan nu barbaachisu yookiin wanta nuuf baayyee gaarii ta’e in beekna jennee yaadna. Garuu wanti nuyi baayyee gaarii dha jennee yaadnu nuuf gaarii ta’uu dhiisuu in danda’a. Waaqayyo yeroo hundumaa gaarii nuuf hojjeta. Inni Kadhata keenya karaa baayyee gaarii ta’een akka deebisu waadaa nuuf galeera.)

Kadhannaa Seenaa Macaafa Qulqulluu keessaa inni Yesus bartoota Isaa barsiise Kadhata maalii jenna? (Kadhata Gooftaa jenna; sababiin isaa Yesustu nuuf kenne waan ta’eefi.) Mee jechoonni kadhata Gooftaa maal akka jedhu haa dubbannu. Kadhata jechoota kanaan jalqabna, “Yaa Abbaa keenyaa Waaqa irra kan jiraattu.” Si boodaan barattoonni jechoota sana irra deebi’anii akka jedhan taasisi. Achumaan itti aansuudhaan, Yeroo nuyi Waaqayyoon “Yaa Abbaa keenya” jennee waamnu, Waaqayyo nu jaallachuu Isaa fi akka nuyi Isa kadhannu barbaaduu Isaa hubanna. Waaqayyoon, “Abbaa keenya” jennee waamna, sababiin isaa, hundi keenya karaa Yesus amantiidhaan ijoollee Waaqayyoo ti. Waaqayyo Abbaan keenya Waaqqa irra jiraata. “Hunduma irratti Gooftaa waanta ta’eef, kadhata keenya nuuf deebisuuf humna qaba.” (Kateeksimos isa xiqaa Luuter barreesse ibsa isaa wajjin, Gaaffii 207) Itti aansuudhaan jechooti ittiin kadhannu, “Maqaan Kee haa qulqullaa’u”jedhi.Si boodaan barattoonni jechoota sana irra deebi’anii akka jedhan taasisi. Jechi “Haa qulqullaa’u” jedhu “qulqulluu” jechuu dha. Wanti yookiin namni qulqulluu ta’e

tokko baayyee qulqullaa’aa dha. Yeroo hundumaa Maqaa Waaqayyoo karaa baayyee qulqulluu ta’een galataa fi ulfina Isaaf kennuudhaaf itti fayyadamna. (Kateeksimos isa xiqaa Luuter barreesse ibsa isaa wajjin, Gaaffii 208).

Jechoonni itti aanan kadhati Gooftaa, “Mootummaan kee haa dhufu” jedhu.Barattoonni si boodaan jechoota sana akka irra deebi’an taasisi. Itti fufii akkana jedhi;“Mootummaan Waaqayyoo iddoo hundumaa jira. Yeroo jechoota kana kadhannu, isa gaafanna, namoota kan biroo mootummaa isaatti akka fidnuuf, waa’ee isaa namoota birootti akka himnuuf akka nutti fayyadamu Waaqayyo Hafuura Isaa Qulqulluu akka nuuf kennuuf fi Yesusiin deebisee dafee biyya lafaatti akka ergee amantoota hundumaa fuudhee waaqa irra Isa bira bara baraan akka jiraataniif kadhnna.” (Kateeksimos isa xiqaa Luuter barreesse ibsa isaa wajjin, Gaaffii 212 fi 213)

“Mootummaan Kee haa dhufu” kan jedhutti aansee kan kadhannu “Jaalalli Kee waaqa irratti akka ta’u akkasumas immo lafa irratti haa ta’u” kan jedhuudha.Bartoonni si boodaan jechoota kanneen akka irra deebi’anii jedhan taasisi. Fedhi Waaqayyoo, karoorri seexanaa inni hamaan hundumtuu akka ittifamu fi hamma fooniin duunee waaqa irratti Isa bira geenyutti akka nu jabeessuuf dubbii Isaa fi amantii keenyatti akka nu eeguuf kadhanna. (Kateeksimos isa xiqaa Luuter barreesse ibsa isaa wajjin, “Kadhata sadaffaa: Jaalalli Waaqayyoo attamitti ta’a?”kan jedhu gaafii297).

Itti aansee kan kadhannu, “Soora har’aa bor nu barbaachisu har’a nuuf kenni”kan jedhuu dha.Barattoonni si boodaan jechoota kanneen akka irra deebi’anii jedhan taasisi. Kutaa kadhata Gooftaa kana keessatti, qaama keenya gargaaruuf kan nu barbaachisan hundumaa Waaqayyoo waan nuuf kennuuf in galateeffanna.

Kutaan kadhata Gooftaa itti aanu kan jedhu, “Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi.”Ijoolleen si boodaan kana akka irra deebi’anii jedhan taasisi. Yakki “cubbuu” dha. Kutaa kadhataa kana keessatti, Yesusiif jedhee cubbuu keenya akka nuuf dhiisuu fi warra nu yakkaniif akka dhiifnuuf akka nu gargaaruutti Waaqayyoon in kadhanna. Warra kaaniif yeroo dhiifnu, “kun dhugaatti Waaqayyo akka nuuf dhiise akka amannu agarsiisa.” (Kateeksimos isa xiqaa Luuter barreesse ibsa isaa wajjin, Gaaffii 227)

Kutaan kadhata Gooftaa inni itti aanu, “qoramsattis nu hin galchin” kanjedhuu dha.Ijoolleen si boodaan kutaa kadhata kanaa akka irra deebi’an taasisi. Kutaa kadhata kanaa keessatti, fedhii cubbuu hojjechuu akka morminuu fi akka mo’annuuf Abbaan keenya Inni waaqa irraa, humna akka nuuf kennuuf gaafanna. (Kateeksimos isa xiqaa Luuter barreesse ibsa isaa wajjin, Gaaffii 230).

Itti aansuudhaan kan kadhannu, “hamaa nu oolchi malee” Jennee ti. Ijoolleen si boodaan kadhata kana akka irra deebi’anii jedhan taasisi. Jechoota kanaan Waaqayyo, hamaa kamiin iyyuu biyya lafaa kana keessa hamma jirrutti akka nu oolchuudhaaf gaafanna. “Abbaan keenyaInniwaaqairraaIsattiamantiiguutuuakkaqabaannuufakkanueeguinbarbaanna,

yammuu duunus biyya lafaa gaddaan guute kana keessaa gara Isaa gara waaqaatti akka nu fudhatu in barbaanna.” (Kateeksimos isa xiqaa Luuter barreesse ibsa isaa wajjin, Gaaffii 233)

Dhuma kadhata Gooftaa irratti kan kadhannu, “Mootumman kan keetiwoo, humnis, ulfinnis, galannis bara baraan. Aameen” kan jedhuu dha.Ijoolleen si boodaan kadhata isa dhumaa kana akka irra deebi’anii jedhan taasisi. Jechotakana yeroo kadhannu, nuyi “kadhanni kun Abbaa keenya Isa waaqa irraa akka gammachiisu shakkii kan hin qabne ta’uu qabna, Isa biratti akka dhaga’amu; innumti iyyuu karaa kanaan akka kadhannu nu abboomeera; akkasumas akka nu dhaga’u waadaa nuuf galeera.” (Kateeksimos isa xiqaa Luuter barreesse, ibsa isaa wajjin, “Xumurasaa”) Jechi Ameen jedhu “haa ta’u jechuu dha.” (Kateeksimos isa xiqaa Luuter barreesse, ibsa isaa wajjin, Gaaffii 234).

“Poostera yookiin waraqaa Kadhata Gooftaa” waraabbii isaa fi kobbii halluu ijoolleedhaaf kenni.

Jechoonni Poostera kana irra jiranKadhata Gooftaa ti, jedhii itti himi. Kobbii halluu fayyadamii naannoo qarqara kadhatichaa halluu dibi.Poostera kana mana keessan keessa iddoo atii fimaatiin keewalii wajjin jechootakadhata kanaan guyyaahundumaakadhachuu dandeessanitti maxxansi.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu: Yeroo hundumaa gammadaa; kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa; waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa, Waaqayyo karaa Kristos Yesus kana gochuu keessan in fedha. 1Tasaloniiqee 5:16-18

Yaadachiisa: yoo ijoollee umuriin isaaniin wagaa afurii fi shanii barsiista ta’e, luqqisicha gabaabsii salphaadhumatti, “kadhata keessan ittuma fufaa” kan jedhu barsiisi.

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Macaafa Qulqulluu kee baasi. Macaafi Qulqulluun Yesus Abbaa Isaa akkakadhatenutti hima, Jedhi.Waaqayyokadhataan yeroo hundumanuyi akka Isatti dubbannu barbada. Kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa waa’ee kanaa kan nutti himu 1Tasaloniiqee5dha.MacaafaQulqulluukeebanilakkoofsichadubbisuuf, Yeroohundumaa gammadaa; kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa; waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa, Waaqayyo karaa Kristos Yesus kana gochuu keessan in fedha. Yoo ijoollee umuriin isaaniin waggaa afurii fi shanii barsiista ta’e, lakkofsicha “kadhata keessan ittuma fufaa”jedhi; ijoolleen si boodaan akka irra deddeebi’anii jedhan taasisi. Ijoolleen jechiittuma fufa jedhu “yeroo hundumaa” jechuu akka ta’e akka hubatan mirkaneeffadhu. Ijoollee warra gurguddoo guutummaa luqqisichaa barsiisi. Barattoota garee nama sadiitti qoodi. Barattoonni sadansun akkagareeisaaniitti walii wajjin akkadhaabatantaasisi. Gareenamasadii’ii kana keessaa nama gara bitaa jiru jecha jalqabaa, Yeroo hundumaa gammadaaisa jedhu kenniif. Garee nama sadii’ii kana keessaa nama gara gidduu jiruuf isa, kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaajedhu kenniif. Garee kana keessaa nama gara mirgaa jiruuf isa,waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa jedhu kenniif. Yeroo tokkoo tokkoon miseensa gareewwanii gaaleewwan isaaniif kennaman sirriitti beekan, gareewwan hundumaa keessaa namoonni gara bitaa jirangaalee isaaniif kenname walii wajjin akka jedhaniif itti himi; itti

aansuudhaan namoonni gidduu jiran, akkasumas namoonni gara mirgaa jiranis kutaa kennameef adda addatti walii wajjin haa jedhan. Luqqisii kana kan ittiin xumurtu barattoonni hundi isaanii walii wajjin, gaaleeWaaqayyo karaa Kristos Yesus kana gochuu keessan in fedha jedhu dura bu’uudhaan jechisiisi.

Faarfannaa:Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha(Lakkoofsa 21);Jaalalli Kristos keessa koo gubeetu (Lakkoofsa 20) jedhu faarfadhaa.

Kadhata Xumuraa: Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 37 Yesusii fi Bubbee Jabaa

(Maatewos 8:23-27; Maarqos 4:35-41;Luqaas 8:22-25)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 100-101

Dhugaa ijoo

Yesus Waaqayyo dhugaa waan ta’eef, uumama dabalatee wanta hundumaa irratti aboo qaba. Wanta hamaa isa nu miidhuu fi balaa nutti fidu hundumaa, keessumattuu cubbuu, du’aa fi Seexana irraa yeroo hundumaa akka Inni nu eeguu fi nu oolchuu danda’u akka amanannuuf nu gargaara.

Kaayyoo barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Fayyisaa keenya ta’uudhaaf Yesus Waaqayyo dhugaa fi nama dhugaa akka ta’e in BEEKU

• Yesus waan hundumaa irratti, cubbuu, du’a fi Seexana dabalatee aboo/humna qabaachuu Isaa amanachuutti in GUDDATU

• Haalotahundumaakeessatti eegumsa Yesus isaguddaa ta’e irratti abdatanii in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti Qabatamu

Gooftaan keenya goddaa dha, aangoo guddaas qaba (Faarsaa 147:5).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa37ffaadhaafqopheeffamanwaraabbii taasisi. Waraabbii horgoggeewwan sana boca isaaniitiin murii baasiitii halluu kobbii dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Hojii harkaa barumsa kanaa keessatti kan argamu “Bidiruu wraqaa Yesus Fayyisaa dha” jedhu hojjechuu shaakali. Yoo daa’imman umuriin isaanii afurii fi shanii barsiifta ta’e, utuu yeroon barsiisaa hin ga’in tokkoon tokkoon isaaniitiif bidiruu hojjedhuuf. Ijoolleen warri gurguddoon bidiruu ofii isaanii hojjetachuudhaaf qajeelfama kee hordofuu qabu.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Maatewos 8:23-27; Maarqos 4:35-41fi Luqaas 8:22-25 dubbisi. Tokkoon tokkoon Kutaa Macaafa Qulqulluu kanaa seenaa Macaafa Qulqulluutokkicha ibsu. Erga gabaasaalee kana hunda dubbistee booda, dhugaawwan tokkoon tokkoon barreessitoota kanaa keessatti qabachiisan waliin madaalii ilaali.

1. Gaafa seenaan Macaafa Qulqulluu kun itti raawwatetti, Yesus ammas qarqara Galaana Galiilaatti bartoota Isaa fi namoota achitti walitti qabaman in barsiisa ture. Yeroo dheeraa erga barsiisee booda, Yesus in dadhabe. Inni tuuta namootaa baay’inni isaanii guddachuu adeemuu fi Isa duukaa bu’an sana iraa fagaatee, bartoota Isaa qofa wajjin ta’uu barbaade. Kanaaf Yesus bartoota Isaatiin, “Kottaa bishaan ciisaa kana gamatti ceenaa” isaaniin jedhe (Luqaas 8:22; Maarqos 4:35). Utuu Galaana Galiilaa ce’aa jiraniis Yesus achuma keessa gara duubaatiin waa boraafatee rafe (Luqaas 8:23; Maarqos 4:36; Maatewos 8:24). Gochi kun kan argisiisu

Yesus nama dhugaa ta’uu Isaa ti. Akkuma nuyi hirriba barbaannu, Yesusiinis rafuun Isa barbaachisa ture.

2. Bidirichi utuu Galaana Galiilaa irra adeemaa jiruu, “Yommus qilleensi jabaan bubbisaa dhufe; dha'aan bishaanichaa immoo bidirichatti bu'ee, bishaan itti guutuutti ka'e” (Maarqos 4:37; Luqaas 8:23; Maatewos 8:24). Qilleensi jabaa fi bubbee hamaan Galaana Galiilaa irratti duruma iyyuu beekamaa dha. Galaanni Galiilaa sulula gaarotaan marfame keessatti argama. Qilleensi diilallaa’aan Galaana Mediteraniyaa irraa gaarota sanaanqabatee dhufa; ergasii immoo qilleensa ho’aa isa naannoo Galaana Galiilaa jiruu wajjin walitti bu’a. Walitti bu’uun qilleensa diilallaa’aa fi ho’aa kunbubbee galaana irraa uumuu in danda’a. Luqaas 8:23 keessatti, afaan Girikiin qilleensa jabaan “bubbee guddaa” kan akka obomboleettii ti. Lakkoofsuma kana keessatti Luuqas, “jireenya isaaniitiif sodaatan” jedha.

3. Yoodhuma bartoonni afur muuxannoo qurxummii qabuu fi bidiruu kan qaban ta’an illee, sababa qilleensa jabaa sanaaf baay’ina bishaan bidirchatti guutuu jalqabee dhowwuu hin dandeenye. Liqimsamaa jirra jedhanii baayyee waan sodaataniif Yesusin hirriba keessaa dammaqsan (Maatwos 8:25; Maarqos 4:38; Luqaas 8:24). Bartoonni utuma akkaYesuseeggannaaisaaniiftaasisuufiisaanoolchuudanda’ubeekanii,sodaanisaanmo’atee in na’an. Kanaaf Maarqos namoota sodaatanii “Barsiisaa! Dhumuun keenya si hin dhibuu?” Yesusiinjedhaniin walqabsiisa.

4. Kana booda Yesus bartoota Isaatiin, “Maaliif sodaatoo taatan? Amma iyyuu amantii hin qabdanii?” jedheen (Maarqos 4:40; Maatwos 8:26; Luqaas 8:25). Bartoonniamma iyyuu amantii isaaniitti bilchaatoo hin turre. Barsiisa Yesus guyyaa guutuu utuma dhaggeeffatanii, yaadatanii hojii irra oolchuu hin dandeenye. Gaaffiin Yesus dadhabii isaanii fi barumsi walitti fufu akka isaan barbaachisu, akka Isaa fi humna Isaatti amanachuu qaban kan argisiisuu dha.

5. “Yesus dammaqee qilleensicha ifatee, dha'aa bishaanichaan immoo, ‘Cal jedhi, gab jedhis!’ jedhe. Kana irratti qilleensichi dhaabannaan gabiin guddaan ta'e” (Maarqos 4:39; Maatwos 8:26; Luqaas 8:24). Dinqiitu ta’e! Jechoota qofaadhaan qilleensichi gab-jedhe;Galaanni Galiilaa akka uffataatti diriire. Hojii Isaa inni jabaan kun akka Yesus Waaqayyo dhugaa ta’ee fi uumama hundumairratti humna guddaa qabaachuu Isaa bartootatti argisiise.

6. Utuma sodaa keessa jiranii illee bartoonni in dinqifatan(Luqaas 8:25). Qilleensicha gab gochuun dinqii Yesus hojjete humna Waaqayyo dhugaa ta’uu Isaa isaanitti argisiise. Barsiisaa fi dinqii ittuma fufanii ta’aniin suuta suutaan, gaaffii isaanii, “Kun eenyuu?” jedhuuf bartoonni deebii argatan. Hammuma itti fufnee Dubbii Waaqayyoo caalchisnee dubbifannuu fi qu’annu, humna Hafuura Qulqulluutiin, Yesusin, humna Isaa fi Fayyisaa keenya ta’uu Isaa caalchisnee beekuu, jaallachuu fi amanachuutti guddachaa adeemna.

Sodaan miiruma namoomaa ti. Balaa dhufuuf deebii kennamuu dha. Sodaan miidhamaa fi du’a irraa nu eeguuwaan danda’uuf wanta gaarii ta’uu in danda’a. Garuu yoo sodaan nu irra caalee nu mo’e, akka bartootaa, Yesus wanta hundumaa irratti iyyuu humna qabeessaa fi to’ataa wanta hundumaa akka Inni ta’e in irraanfanna;yeroo kana sodaan cubbuu ta’uu in danda’a. Karaa Yesusitti amantii qabaachuutiin, cubbuu keenya hundumaaf dhiifamni jira. Amantii keenya jabeessuudhaa fi akka Yesus fayyisuyaadachiisuudhaaf Hafuurri Qulqulluun laphee keenya keessatti in hojjeta. Yoo sababa taatee biyya lafaatiif jireenyi keenya foonii itti fufee jiraachuu dhaabaate illee, akka warra Yesusitti amananiitti, hafuuraan gonkumaa akka hin duune amanuudanda’uu qabna. “Yesus garuu, ‘Du'aa ka'uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du'e iyyuu in jiraata. Utuu jiruu kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du'u; kana amantaa ree?’ jedheen” (Yoh 11: 25-26).

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: “Guddaa guddaa caalu” (Lakkoofsa 13) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Gocha sochiidhaan argisiifamu:-Eenyutu jabaa dha?

Ijoolleen akka fuula kee dura dhaabbatan taasisi. Walii wajjin xaba haa xabannu, isaaniinjedhi. Amma maqaa wantoota lamaa, horii lamaa, yookaan namoota lamaa nan waama. Kamtu akka caalaa cimaa ta’e isin murteessaa. Akkuma nan beeka jettanii yaaddaniin maashaalee hirree keessanii argisiisaa. Yeroo aniisin waamu deebii keessan in kennitu.

Wantoota kanatti fufee lama lamaan tarreeffaman, yookaan lubbu qabeeyyii kana tokko tokkoon maqaadhaan waami. Lama lamaan kana booda, barattoonni isa kamtu akka caalaa cimaa ta’e akka addaan baasaniif gargaari.

1. Arba yookaas hantuuta.

2. Nama ulfaatina paawundii 8 yookaan paawundii 250ol kaasu.

3. Konkalaataa mi’a fe’u yookaan biskiliittaa.

4. Dhagaa guddaa yookaan korataxinnoo

5. Muka yookaan damee mukaa isa irraa qorame Xaba sana booda, ijoollee teessisi. Akkas isaaniinjedhi. Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, bartoonni dinqii Yesus hojjete kan biraa argan Dinqiin maalii? (Dinqiin “waanta ajaa’ibsiisaa Waaqayyoon keenya Inni dhugaan qofti hojjechuu danda’u” akka ta’e keessa deebi’ii itti himi.) Dinqiiwwan Yesus hojjetu kan bartoonni Isaa jalqabatti argan maalfa’i? (Yesus cidha QaanaaGaliilaairratti bishaandaadhiitti jijjiire. Yesus akkaisaanbartoota Isaa ta’aniif Phexros, Indiriiyaas, Yaaqoobii fi Yohannisiin yommuu waameakka isaan qurxummii baayyee qabatan isaan taasise).Dinqiin seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti ta’ekunaboo Yesus uumama irratti qabu bartoota Isaatti argisiisa. Wanta dinqisiisaa Yesus hojjete baruudhaaf sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: Wangeelaka Raajii inni guddaan(Lakkoofsa 34) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1:Macaafa barsiisa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa“Yesusii fi Bubbee Jabaa” jedhu yommuu isaaniif dubbistu caalchisanii akka dhaggeeffatan taasisuudhaaf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadami

Filmaata 2:Seenaa Gochaa

Yeroo seenaa Macaafa Qulqulluu kana itti himtu guutummaan ijoollee akka bartootaa fi Yesusitti taphatan taasisi. Ijoollee 12 garee tokko taasisii teessisi.

Akka waan isaan bidiruu keessa taa’anii jiraniitti sirreessii teessisi. (Barataantokko fuula dura, isa duubaan barattoota lama wal cina, isaan duubaan toora lama barattoota sadii walcina, isaan duubaan barattoota lama, duubaa isaanii barataa tokko, ergasii barataa 13ffaabakka Yesus kan

taphatu bidiricha keessa gara duubaatiin teessisi). (YAADACHIISA: Yoo barattoota 13 ol qabda ta’e, “bidiruuwwan” hanga sibarbaachisan qopheessi. Yoo barattoota 13 gadi qabda ta’e immooakka bartoota muraasa wajjin hojjedhu.)

Erga barattoonni hundi bidiruu keessa seenanii booda seenicha dubbachuu jalqabi. Barattoonni tokkoo tokkoo teessumsa toora isa dhumaa irra jiran hundi batoo qabachuu fi mooqanii bidirucha oofaa akka jiran akka fakkeessan abboomi. Tokkoo tokkoo bidiruu keessaa barataan bakka Yesus taphatuakkagadi ciisuufiwaan rafuakkafakkeessutaasisi. Akkaqileensichi hamaanol darbachuu jalqabeetti, akka waan bubichi bidiruu isaaniitti bu’eetti barattoonni duraa fi duubatti haa raafaman. Bartoonni utuu jecha hin dhageessisin bishaan bidirucha keessaa akka alatti waraaban haa fakkeessan. Huursaa qilleensichaa fakkaassanii sagalee kana dhageessisan tokkoo tokkoo bidiruchaa keessaa bartoota lama fili. Seenaa himuu keessatti yeroo sirrii ta’etti, bartoonni gara Yesusitti gala galanii, “Gooftaa, nu oolchi!” jedhanii haa iyyan. Ergasii booda, akka Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessattii barreeffameetti,Yesus dhaabatee gaaffii isaanii irra haa deebi’u. Isa booda Yesus, “Cal jedhi! Gab jedhi!”haa jedhu. Gara xumura seenessuu kanaatti, bartoonni ammas bidiruu isaanii keessa tasgabbaa’anii taa’anii, fuula ifaa ajaa’ibsiisaa argisiisuudhaan, “Yesus eenyuu? Qilleensii fi galaannis isaaf in abboomamu?” jedhanii wal haa gaggaafatan.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu:

1. Inninamadhugaata’uuisaakanargisiisuYesusmaalhojjete? (Yesusbidiruchakeessa gara duubaa in rafe. Akkuma nuyi dadhabnu, guyyaa guutuu bariisaa oolee booda in dadhabe.)

2. Waaqayyoon ta’uu Isaa kan argisiisu Yesus maal hojjete? (Yesus in dubbate; qilleensis qilleensa’uu in dhaabe; bubbichis gab jedhe. Waaqayyo qofatu gocha ajaa’ibsiisaa akkasii gochuu danda’a.)

Sochii hojiidhaan keessa deebi’uu:-Gochaadhaan keessa deebi’uudhaaf, filmaata isa seenaa Macaafa Qulqulluu himuuf itti hin gargaaraminitti fayyadami.

Dhugaa Seenaa Macaafa Qulquluuchaa jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Yesus wanta kam irra caalaa jabaa dha. Ijoollee ofitti dhiyeessii teessisi. Gochi jabaan Yesus barumsa Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti hojjete maali?(Yesus qilleensaa fi bubbee gab jechisiise.)Yesus Maaliif dinqii sana hojjetee?(Waaqayyo qofatu wanta guddaa ajaa’ibsiisaa gochuu danda’a.) Dinqii Yesus irraa bartoonni maal baratan?(Yesus akka Waaqayyo dhugaa ta’ee fi Inni humna guddaa qabaachuu Isaatiin akka uumama to’atu baratan. Akkasumas yeroo rakkoo keessatti akka isaan gargaaruuf Yesusitti amanuu akka danda’an baratan.)

Nuyi Yesusii fi humna Isaattis amanuu in dandeenya. Yesus humna guddaa qaba, Inni bubbee sodaachisaa iyyuu gab gochuu in danda’a. Yesus humna guddaa waan qabuuf

bishaan daadhii wayiniitti geddaruu in danda’a.Yesus humna guddaa waan qabuuf qurxummii hedduun gara kiyyoo warra qurxummii qabaniitti akka seenan taasisuu in danda’a. Wanti guddaan hundumaa irra caaluu fi jabaan Yesus hojjete Fayyisaa keenya nuuf ta’uu Isaa ti. Yeroo fannoo irratti du’e, Yesus adaba dogoggoraa fi cubbuu namahundaaofii Isaa irratti baate. Inni sababii cubbuu keenyaaf waan du’eef nuyi adaba kana hunda hin baannu. Ergasii Yesus hunda irra gochaa bayyee gudaa ta’e hojjete: Inni deebi’ee jiraataa ta’e! Du’a keessaa in ka’e! Du’aa ka’uun Yesus Inni wanta kam irra iyyuu jabaa akka ta’e mirkaneessa. Yesus cubbuu, du’aa fi Seexana irra caalaa jabaa dha.

Yeroo nuyi sodaannu, Yesus nu gargaara. Yeroo nuyi dhiphannu, Yesus nu gargaara. Garuu yeroo tokko tokko, akkuma bartoota Isaa sana yeroo sodaannu yookaan dhiphannu, waa’ee humna Yesus in daganna. Nuyi jalqaba gargaarsaa fi jabina Yesusin gaafachuu irra, ofii keenyaan wantoota tokko tokko sirreessuu fi hojjechuu yaalla. Yeroo wanti sun ta’u, Yesus cubbuu keenya nuuf dhiisa. JaalalliIsaa inni guddaan laphee keenya keessaa cubbuu in haqa. Akka Yesus yeroo hundumaa nu wajjin jiru akka yaadannuuf nu gargaara. Yeroo rakkannu kamitti iyyuu jabina Isaa akka amanannuuf nu gargaara.

Gara jalqaba barumsa kanaatti, waa’ee wantoota jajjaboo anatti himtanii turtan. Biyya lafaa kana keessa wantooti jajjaboo ta’an baayyeetu jira. Garuu Yesus hunduma isaanii caalaa jabaa dha. Yesus wanta kam irra caalaa iyyuu jabaa dha. Jechoota kana walii wajjin haa jennu. “Yesus wanta kam irra caalaa iyyuu jabaadha,” bartoonni si boodaan akka irra deebi’anii jedhan taasisi.

Itti fufiitii,amma himoota muraasan jechoota isaanii gara jalqabaa dubbadha. Yeroodhuma anijalqabee dhaabu, isin immoo jechoota,“Yesus wanta kam irra iyyuu caalaa jabaadha” jedhuun akka himicha xumurtanin barbaada jedhiin.(Yaadachiisa: Yoo ijoollee umuriin isaanii waggaa afurii fi shanii barsiista ta’e, horgoggee afaan cufamaa/banamaa barumsa duraanii keessatti gargaaramte fidiitiiijoollee itti yeroo deebii kennan akka beekaniif itti fayyadami.)

Barsiisaa

Barattoota

Yeroo bubbeen bubbisuu fi bokkaan roobu Yesus wanta kam irra iyyuu caalaa jabaa dha.

Yeroon sodaadhuu fi kophummaan anatti dhaga’amu Yesus wanta kam irra iyyuu caalaa jabaa dha.

Yeroon cubbuu hojjedhuu fi gaabbuun anatti dhaga’amu

Yeroo namni ani jaalladhuu inni Yesusin amanu du’uu fi gaddi natti dhaga’amu, ani ammayyuu gammaduu nan danda’a; sababiin isaa….

Wanti kam iyyuu yoo ta’e, ani yeroo hundumaa amanachuu nan danda’a.

Yesus wanta kam irra iyyuu caalaa jabaa dha.

Yesus wanta kam irra iyyuu caalaa jabaa dha.

Yesus wanta kam irra iyyuu caalaa jabaa dha.

Luqqisii macaafa qulqulluu sammuutti qabatamu:Gooftaan keenya guddaa dha, aangoo guddaas qaba(Faarfannaa 147:5).

Ijoollee ofitti naannessii teesssisiti Macaafa Qulqulluu kee banadhu. Akkas jedhi, Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, Yesus jechoota sadi’iin attamitti akka qilleensaa fi bubbee gab jechisiise dhageenyeerra. Dinqiin kun Yesus uumama irratti akka aboo qabu argisiisa.Yesus fannoo irratti du’uu fi du’aa ka’uun Isaa cubbuu, du’aa fi Seexana irratti humnaa fi aboo qabaachuu Isaa argisiisa. Macaafa Qulqulluu kee baniitii itti fufii, Dubbiin Waaqayyoo akkas jedha, “Gooftaan keenya guddaa dha, aangoo guddaas qaba.” DubbiinkunYesus wanta kam irra iyyuu caalaa jabaa ta’uu Isaa nu yaadachiisa. Jechoota Macaafa Qulqulluu kana haa qu’annu.

Kutaa Macaafa Qulqulluu kana qayyabachiisuudhaaf, bartootaaf irra deebi’ii jedhi, garuu yeroo kana, jechoota guddaa,GOOFTAA, jabaa fi humna jedhan irratti xiyyeeffadhu.Yeroo jechoota kana dubbattu warra kaan irra sagalee kee ol kaasii. Ergasii booda bartoonni kuticha si duubaan akkuma keetti akka jedhan taasisi. Akkasitti kuticha hamma ijoolleen sirriiti beekanittiirra deddeebi’i.

Faarfannaa:Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha(Lakkoofsa 21) fi “Guddaa guddaa caalu” (Lakkoofsa 13) jedhan faarfadhaa!

Hojii Harkaa:Bidiruu Oolchaa ta’uu Yesusitti fakkeesamu waraqaa irraa

Yoo ijoollee umuriin isaanii afurii fi shanii barsiista ta’e, utuu yeroon barumsaa hin jalqabin bidirucha qopheessi. Cinaacha bidiruchaa gama lamaan irratti “Yesus in oolcha” jedhii barreessi; akkasumas gama lamaan irratti fakkii fannoo xixinnoo tolchi. Akkasumas akka isaan bidiricha dibanitti kobbii halluu adda addaa qopheessiif. Yoo ijoollee gurguddoo barsiista ta’e tartiibaan attamitti akka bidirucha waraqaa irraa hojjetan itti argisiisi. Yeroo barbaachisetis isaan gargaari. Yeroo bidiruchi hojjetamee xumuramu, akka isaan Yesus in oolcha jedhanii gama lamaaniin bidiruu isaanii irratti barreessanii fi fakkii fannoo xinnoo irratti kaasanitti kobbii kenniifii, yommuu isaan hojjetanis gargaari. Ergasii akka isaan bidirucha bareechanittikobbii halluu adda addaa kenniif.

Isa booda akkas jedhi;dubbiinYesus in oolcha jedhu, bidiruu kana irratti kan barreessame, Yesus Inni bartoota qilleensa jabaa galaana Galiilaa irraa isaan oolche kan jedhu Inni humna guddaa qabaachuu Isaanu yaadachiisa. Mallattoon fannoo immoo Yesus diinota keenya warra hamoota: cubbuu, du’aa fi Seexana irraa akka nu oolchu nu yaadachiisa. Cubbuu keenya irraa nu fayyisuu fi jireenya haaraa isa bara baraa nuuf kennuudhaaf Inni du’ee du’aa ka’eYesus guddaa jabaa dha. Ulfinni Yesusiif haata’u!

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 38

Yesusii fi namicha dhukkubsataa

Maatewos 9:1- 8; Maarqos 2:1-12; Luqaas 5:17-26

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 102-103

Dhugaa ijoo

Waaqayyo dhugaa waan ta’eef, Yesus dhukkuba hundumaattii nu fayyisuudhaaf humna qaba. Dhukkuba hafuuraa cubbuun keenya nutti fide irraa ayyaana Isaa fi dhiifama nuuf gochuu Isaatiin nu fayyisa.

Kaayyoo barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin, bartoonni:

• Yesus, Waaqayoodhugaa keenya, nama dhukkubsataa cubbuu fi dhukkuba qaamaa irraa akka fayyise in BEEKU.

• Yesus warra qalbii jijjiirratanii fi Isatti amananiif dhiifamuu cubbuu waan kennuuf, galata galchuutti in GUDDATU.

• Waaqayyo fayyina qaamaa, kanmiiraa fi afuuraa waan kennuuf Isa jajachaa fi galateeffachaa in JRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sannuutti Qabatamu

Yesus, “Ilma koojabaadhu! Cubbuun kee hundinuu siifdhifameera,” jedhe (Maatewos 9:2).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 38ffaa kanaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. Fakkii horgoggeewwan sanaa murii baasiitii halluukobbii dibi.Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aafiyabbuuta’eirrattihapheedhaanmaxxansi. BarunsaseenaaMacaafaQulqulluukanaaf, saanduqa kaartoonii xiqqaa qadaaddoo hin qabnee fi murtuu walitti qabi. Miiljalee saanduqa kanaa balbala ittiin seenanii fi foddaa kankakuu Haaraa fakkaatu itti tolchii bareechi. Kallattii balbalaa fi foddaa itti tolchite sana gara olii isaatti marga muraasa hapheen qabsiisi. Kun immoo “ijjeerraa” mana keetii ti.

2. Hojii harkaa fuula gara dhuma qajeelfama kanaa irratti argamu kan barumsa 38ffaa waraabbii taasisii tokkoo tokkoo ijoolleef qapheessi. Tokkoo tokkoo ijoolleetiif garaa dhiifamaa (fakkii onnee) lama qabaachuuakka barbaachisu yaadadhu. Tokkoo tokkoo ijoolleetiif kirnii/foaaseniti meetira 60 dheeratu kutii barumsa kana hojii harkaa keessatti akka itti fayyadamaniif qopheessi. Haphee ittiin maxxansan muraasis si barbaachisa.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Maatewos 9:1- 8; Maarqos 2:1-12 fi Luqaas 5:17-26dubbisi.Yeroo dinqii fayyinaa kutaa kana sadan keessatti ibsamandubbistu, dhugaa barressitoonni sadan ibsan walbira qabii ilaali.

1. Seenaa Macaafa Qulqulluu barumsa kutaakanaa kaninni raawwate Qifirnaahom, magaalaa Yesus erga Naazireetiin gadi dhiisee booda giddu-gala Ergama Wangeelaa Isaa taasifatee dha(Maatewos 4:13). Qifirnaahom Galaana Galiilaatti dhihoo,naannoo Zeebiloonii fi Niftaalem jedhamaniittiargamti. Akkasumas magaalaa Phexiros keessatti dhalatee dha. Gara Qifirnaahoom dhaquun Yesus raajiin Kakuu Moofaa Isaayyaas 9:1-2 keessatti argamu xumureera. Seenaan dinqiin fayyisuu barumsa kanaa erga Yesus namicha dhibee lamxii qabu tokko qulleessee guyyoota muraasaa boodata e (Maarqos 1:40-45).

2. Yesus yeroo lallabuu fi barsiisu hundumaatti, yeroodhuma tajaajila Isaa biyya lafaa gara jalqabaatti ta’u illee, namoota sonaan baayyeetu ittiin booji’amu turan. Yeroo kanattis, “Balbaluma duraa iyyuu hamma iddoon dhibutti, namoonni baay’een walitti qabaman” (Maarqos 2:2). Kanneen walitti qabaman keessa kan turan, “Fariisonnii fi barsiisonni seeraas gandeen kutaa biyya Galiilaatii fi Yihudaatii, mandara Yerusaalemiis dhufanii” dha (Luqaas 5:17). Fariisota jechuun “kan adda baafaman” jechuu dha. Gareen Yihudootaa kunneen abboommii kurnanii fiseerota Yihudootaa kan biroos cimsanii eeguun fayyinaaf murteessaa dha jedhanii amanu. Fariisonni namoota seerota kanneen hordofuu irratti baayyee laafoodha jedhanii yaadanii wajjinwalitti dhufeenya hin qaban. Guutummaa tajaajila isaa keessatti, Yesus Fariisotaa wajjin takkaa iyyuu walii hin galle. Yesus Waaqayyoo dhugaa fi Fayyissaa Isa Waaqayyo erguudhaaf kakatee ture ta’uu Isaa waan hin hubanneef, isaan itti fufanii Yesus seera cabsuu yookaan walumaa galatti maqaa WaaqayyoottifayyadamuufihumnaafiangooWaaqayyummaaakkaqabu dubbachuun Isaa Waaqayyoon arrabssuu dha jedhanii Isa qabuu yaalaniiru.

3. Utuu Yesus lallabuutti jiruu, namoonni afur gara walitti qabamichaa dhufan. Isaanis hiriyyaaisaaniisireedhaanbaataniifidan.Namichisireeirraturesunlawwasa’aature.Haala dhukkuba isaatiif wal’aansi abbaa qorichaa isa fayyisu hin turre. “Baay’ina namootaatiif gara Yesusitti geessuu dadhabnaan, bantii mana[biyya sanaa isa diriiraa], kallattii Yesus tureen diiganii erga saaqanii booda, siree namichi dhagni isaa gar tokko du’e irra ciisee jiru gad buusan” (Maarqos 2:4, Luqaas 5:19). Manneetiin biyya Paalatiinaa bantiin isaanii diriiraa suphee fi biyyoodhaan ijjeeramee dha. Yaabbannoo bantii manichaatti ol baasus qabu turan. Namoonni afuran sun hiriyaa isaanii isa dhukkubsataa sanabaataniiyaabbannooirra ol ba’an. Gochi namoota kanneenii abdiin fayyinichaa Yesus qofaa akka ta’e amanuu isaanii argisiisa. Akkasumas gochi isaanii hiriyaa isaaniitiif ofkennuu fi jaalala isaan qaban argisiisa.

4. Yesus amantii namoota sanaa ilaale (Maatewos 9:2; Maarqos 2:5; Luqaas 5:20). Akka isaan Waaqayyoo dhugaa fi Fayyisaa ta’uu Isaatti amanan beekee, Yesus dinqii Isaa isa jalqabaa hojjete. Inni cubbuu namicha dhagni isaa gar-tokko du’ee sana in dhiiseef. Yesus fayyina guddaa hunduma keenyaaf barbaachisu in hubate. Inni dursa lubbuu namichaa dhukkuba cubbuuttii fayyise.

5. DubbiiYesusdhaga’anii,fariisonniifibarsiisonni seeraagaraaisaaniitti,“Attamittinamichi kun akkas dubbata? Kun Waaqayyoon arrabsuu isaa ti! Waaqayyo tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu danda’a?”jedhanii yaadan (Maarqos 2:6-7). Sababii Waaqayyo dhugaa ta’eef, Yesus wanta geggeessitoonni amantii sun yaadan battalumatti hubate (Maatewos 9:4; Maarqos 2:8; Luqaas 5:22). Dinqiiisa lammaffaanamicha dhagni isaa gar-tokko du’eef hojjeteen humna Waaqayyummaa Isaatii mirkaneessuutiin Yesus gaaffii isaanii deebiseef. Yesus namicha dhukkuba isaatti fayyise. Fariisonnii fi barsiisonni seeraa gaaffii Yesus isaan gaafateutuu deebisaniiru ta’ee(Maatewos 9:5; Maarqos 2:9; Luqaas 5:23), Waaqayyummaa Isaa hin mirkaneeffanne waan ta’aniif,“cubbuun kee siif

dhiifameera” jechuun Yesusiif salphaa akka ta’etti in deebisu turan. Amma garuu Yesus namicha dhukkuba qaamaattii fayyisuudhaan qinqii hojjeteen Inni Ilma namaa ta’uu Isaa fi cubbuu dhiisuudhaaf aboo Waaqayyummaa waan qabuuf, lamaan isaa, cubbuu dhiisuu fi dhukkuba qaamaattii fayyisuu akka danda’u isaanitti argisiise(Maatewos 9:6; Maarqos 2:10; Luqaas 5:24).

6. Yesus “Ilma Namaa” ofiin jedhe malee, “Ilma Waaqayyoo,”akka Inni hin jedhin hubadhu. Yesus caalmaatti yeroo hundaa of ibsuudhaaf jecha kana fayyadameera.Sababiin isaa maqoonni Kristos yookaan Masihii jedhamanyeroo sana saba Israa’el keessatti gama siyaasaatiin hiikaa cimaa qaba ture. Yesus bulchaa biyya lafaa ta’uuf hin dhufne. Inni cubbuu keenyattii nu fayyisuu fi namoota hundumaa irratti Mootii bara baraa, Isa waaqa irraa ta’uudhaaf dhufe.

7. Namoonni Qifirnaahom warri dinqicha argan, “Namoonni kana yommuu argan in na’an, Waaqayyo isa aboo akkasii namootaaf kenneefis hooqubaa dhi’eessan” (Maatewos 9:8). Hojii fayyisuu Isaayommuu argan amantiin isaan Kristos irratti qaban in jabaate.

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:Guddaa guddaa caalu(Lakkoofsa 13) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sanabeeksisuu

Gocha sochiidhaan argisiifamu:-yeroo ati dhukkubsattu eenyuutu si gargaara? Ijoollee ofitti dhiyeessii teessisi. Yeroo ati dhukkubsattu, eenyuutu si gargaara? jedhii gaafadhu. (Ijoolleen akkadeebisaniifjajjabeessi.Deebiinisaaniimaatii, miseensamaatiikanbiraa,dokteerota,neersota fi Yesus kan jedhuta’uu danada’a.) Yeroo dhukkubsannu maliif gargaarsa barbaanna? (Yeroo dhukkubsannu sababii miirri fayyummaa nutti hin dhaga’amneef yookaan qaamaan ofiikeenya gargaaruu hin dandeenyuwaan ta’eef gargaarsa in barbaanna. Yoo miidhamne, socho’uu hin dandeenyu ta’a. Tarii baay’ee dadhabna ta’a. Nuyi yaalii sirriin maal akka ta’uu qabu yookaan fooyya’uudhaaf maal akka goonuyeroo hundumaa beekuu hin dandeenyu.)

Itti fufii akkas jedhi;barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti akkuma arginu, namni adeemuu hin dandeenye gargaarsa barbaada. Eenyufaaakka isa gargaaranii fi attamittiakka gargaaran hubachuudhaaf sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:Wangeelli keenya (Lakkoofsa 35)jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa qulqulluu himuu

Filmaata 1: Yeroo Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoolleekeessaa“Yesusii fi Namicha dhukkubsataa tokko” isa jedhu dubbistu caalchisanii akka dhaggeeffatan taasisuudhaaf horgoggee qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamuu fi mana saanduqaa ofiikeetii hojjette fayyadami. Seenaa himuu kee keessatti yeroo sii mijaa’u, murtuu fayyadamii bantii irrakeessa mana saanduqichaa murii qaawwisiisiitiihorgoggee namicha dhukkubsataa sanaa qaawwicha keessaan gadi buusi.

Filmaata 2:Seenessuu wal harkaa fudhanii irra deebi’anii dubbatan

Hiikaa kanatti fufee jiru fayyadamuudhaanseenaa Macaafa Qulqulluu kana himi. Tokkoo tokkoo toora seenichaa dubbisi. Ergasiis dhugaa isa ijoolleen irra deebi’anii jechuu qaban seenicha keessaa dubbisi. Dhugaa kunneen erga ati dubbattee booda ijoolleen akka irra deebi’anii dubbatan itti himi.

Barsiisaa

Irra deebi’ee jechuu barataa Yesus gara Qifirnahoom adeeme. Qifirnahoom, Qifirnahoom.

Inni mana keessatti namoota baay’ee barsiise. Mana keessatti namoota barsiise.

Namoonni hiriyaa isaanii isa dhukkubsatu baatanii gara manichaa dhufan.

Namoonni hiriyyaa isaanii isa dhukkubsatuu wajjin dhufan. Namichi dhukkubsataan sun adeemuu hin danda’u.

Manichi namoota baayyeen guutamee ture.

Adeemuu hin danda’u;adeemuu hin danda’u.

Namoota baayyee, baayyee, baayyee. Karaa balbalaa ol galuu hin dandeenye. Balbala cufamaa; balbalacufamaa. Kanaaf hiriyyoonni namicha dhukkubsatichaa baataanii gara banti manaatti ol baasan.

Bantii manaa muranii saaqan

Ol, ol, ol gara bantii manaatti.

Muruu, muruu, muruu bantii manaa uruu Isaan funyoo fayyadamanii namicha bantii manaa saaqame keessaan gara Yesusiitti gadi buusan.

Namichi dukkubsataa fi hiriyyoonni isaa akka Isatti amanan Yesus in beeke.

Yesus namicha dhukkubsataadhaan “Ani cubbuukee siif dhiiseera” jedhe.

Namoonni tokko tokko “Yesus cubbuu dhiisuu hin danda’u. Waaqayyo qofatu cubbuu dhiisuu danda” jedhaniiyaadan.

Yesus akka Waaqayyo dhugaa ta’e namoonni sun hin amanne.

Buusuu, buusuu, gara Yesusitti gadi buusuu.

Yesusiitti amanan, Yesusiitti amanan.

Yesus in dhiiseef, Yesus in dhiiseef.

Yesus dhiisuu hin danda’u, Waaqayyo qofatu danda’a

Hin amanne, hin amanne.

Waanta isaan yaadan Yesus in beeke. Yesus in beeke, Yesus in beeke. Yesus “Akkan Waaqayyo ta’e sinittan argisiisa” jedhe. Yesus Waaqayyoo dha, Yesus Waaqayyoo dha.

Yesus“Namicha dhukkubsataa kana nan fayyisa” jedhe.

Yesus“Ergasii akkan cubbuu dhiisuuf aboo qabu in beektu” jedhe.

Yesus gara namicha dhukkubsatuu ilaalee,“Ol ka’i! Sireekee baadhadhuu mana keeti galideemi” jedhe.

Yesus in fayyisa, Yesus in fayyisa.

Yesus cubbuu in dhiisa, Yesus cubbuu in dhiisa.

Ol ka’i! Sireekee baadhadhuu gara mana keetti gali. Sireekee baadhadhuu gara mana keetti gali!

Namichis battaluma sana ka’ee adeemee. Ka’ee deeme. Ka’ee deeme.

Namoonni baayyeen Yesus Ilma Waaqayyoo akka ta’e in mirkaneeffatan.

Yesus Ilma Waaqayyooti.

Isaan wanta Yesus hojjete in dinqisiifatan. Wanta Yesus hojjete in dinqisiifatan.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sanakeessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Namicha dhukkubsataa sanahiriyoonni isaa attamitti gargaaran? (Hiriyyoonni isaa namicha dhukkubsataa sanagara Yesusittifidan.Akka inni Yesus duratti dhiyaayuufisbantii manaa keessaan gadi buusan.)

2. Yesus namicha dukkubsataa sanaan maal jedhe? (Jalqaba, Yesus namicha dhukkubsataa sanaan, “Ilma koo, cubboon kee hundinuu siif dhiifameera”jedhe. Ergasii booda “Ka’iitii, sireekee fudhadhuu mana keetti gali” isaan jedhe.)

3. Namoonni sun akka Yesus maal hojjechuu danda’u argan? (Yesus cubbuu dhiisuudhaaf aboo akka qabu argan. Akkasumas akka Yesus dhukkubattii fayyisuu danda’u argan.)

Sochii hojii ittiin keessa deebi’an:Gocha keessa deebiitiif, filmaata isa seenaa Macaafa Qulqulluu himuudhaaf itti hin gargaarminfayyadami. Yoo filmaata 1ffaa tiin seenicha irra deebita ta’e, ijoolleenyommuuseenaaMacaafaQulqulluuirradeebi’anii sitti himanakkahorgoggeewwan sana sochoosan taasisi.

DhugaawwanSeenaa Macaafa Qulquluu jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Yesus Cubbuu Keenya Nuuf Dhiisa/dirata mormaa boca onnee isa “Yesus Cubbii in dhiisa” jedhu

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Akkas jedhii gaafadhu, karaaleen lamaan Yesus namicha dhukkubsataa ittiin fayyise maal fa’i?(Yesus cubbuu namichaa in dhiiseef. Akka inni adeemuu danda’uufYesus namicha in fayyise.)

Nuyihundumti keenya akkuma namicha dhukkubsataa sanaacubbuu qabna. Macaafi Qulqulluun hundumtuu yakkaniiru (Roomaa 2:23)Jedha.Cubbuun keenya nuu fi namoota kan biraa in dhiphisa.

Yeroo Waaqayyoof abboomamuu dhiifnee wanta hamaa hojjennu, gaddatu nutti dhaga’ama. Yoo namoota irratti cubbuu hojjennes isaan in gaddu. Cubbuun keenya dhukkubaguddaanuyiittiioffayyisuu yookiinsirreessuuhindandeenyeedha.Nuyiakkuma yeroo qaamaan dhukkubsannu gargaarsa barbaannu, dhukkuba cubbuu keenyaatiifis gargaarsatu nu barbaachisa.

Yesus dhukkuba cubbuu keenyattii nugargaaruudhaaf dhufe. Sababii cubbuu keenyaatiif dhiphina isa yeroo hundumaa nuuf ta’a ture, Yesus ofii Isaatii nuuf dhiphatee fannoo irratti du’e. SababiiYesus du’ee du’aa nuuf ka’eef,nuyi cubbuu keenyaanbara barabaraan dhiphachuu hin qabnu. Nuyi dhiifama argachuu in dandeenya! Yesus yommuu cubbuu keenya nuuf dhiisu, cubbuu keenya akka waan takkaa hin hojjetaminiitti nu irraa balleessa. Inni waanti nuyi hojjenneehamaata’uu isaa akkabeeknuufiwaa’eeisaatiifakkagaabbinuuf nu gargaara. Gaabbuu keenyas Waaqayyotti akka himannuuf Inni nu gargaara. Namoota cubbuun keenya isaan miidhettis gaabbuu keenya akka himnuuf Inni nu gargaara. Waaqayyo duukaa akka buunuu fi akka Isaaf abboomamnuuf Inni laphee keenya keessatti in hojjeta.

“Dirata mormaa boca onnee ‘Yesus cubbuu namaaf in dhiisa’ jedhu” isa qopheessite, waraabbii isaa baasi. Tokkoo tokkoo ijoolleetiif boca onnee lamaanii fi kobbii halluu kenniif. Jalqaba, boca

onnee keessaa tokko Yesusiin kan bakka bu’u taasisi. Yesus Fayyisaa keenya. Inni cubbuu dhiisuudhaaf aboo qaba. Yesus cubbuu keessanisiniif in dhiisa; akkaIsaaf jiraattaniifisisin gargaara.

Amma tokkoon tokkoon ijoollee maqaa ofii isaanii boca onnee sana lamaan irratti jechoota “siif dhiifameera” jedhu gararraatti akka barreeffataniif gargaari. Itti fufuudhaan, akka isaan fakkii Yesus halluu dibanii fi akka isaan tokkoo tokkoo duubaa onnee haphisanii diban taasisi. Murtuu qopheessi.Tokkoo tokkoofakkii onnee muranii akka baasaniifakka barbaachisaa ta’etti ijoollee gargaari.

Fakkiiwwan onnee sun hundi muramanii erga ba’anii booda, kadhata kanatti fufee jiru ijoolleef dura bu’ii waliin kadhadhaa. Akka ijoolleen tokkoo tokkoo gaalee kadhanaa kanaa si boodaan irra deebi’anii jedhan taasisi. Jaallatamaakoo Yesus, cubbuu ani namoota biraa fi Si irratti hojjedhe adaraa naaf dhiisi.Fedha Ati anaaf qabdu beekuudhaaf na gargaari(gammachuudhaan akka ani raawwadhuufis na geggeessi). Anaaf jettee fannoo irratti du’uuKeetiif Sin galateeffadha. Ameen.

Kirnii isa duraan kuttee qopheessitee turte baasi. Cubbuun keessan guutummaan guutuutti akka isiniif dhiifameakkaisin yaadachiisuuf, Yesus cubbuu keenya erga nuuf dhiisee immoo akka deebi’ee hin yaadanne argisiisuudhaaf onnee kanneen lamaan walitti haa maxxansinu.Duddubaonnee lamaan walakkeessa kirnichaa irratti walitti qabsiisi. Ergasii mataa kirnichaa lamaan walitti gudunfii dirata mormaa taasisi. Akka tokkoon tokkoon ijoollee diraticha morma isaaniitti keewwataniin, gara tokkoo tokkoo isaanii dhaqiitii, “(maqaa barataa waamii) siif dhiifameera” jedhi.

LuqqisiiMacaafa Qulqulluu Sammuutti Qabatamu: “Ilma koo jabaadhu! Cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera” jedhe(Maatewos 9:2)

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Macaafa Qulqulluu kee banadhuutii, akkas jedhii isaan gaafadhu;barumsa seenaa MacaafaQulqulluu kanakeessastti, Yesus namicha dhukkubsataa sana dursee maal irraafayyise?(Yesus cubbuu namichaa dhiiseef.) Yesus yeroo cubbuu namicha dhukkubsataa sanaa dhiiseef, jechoota kana dubbate; “Ilma koo jabaadhu! Cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera.” Ijoolleen si wajjin jechoota kana akka irra deebi’aniif afeeri.Ergasi,namatokkoonyeroo“jabaadhu”jennu,nuyigammadiakkasumasjajjabaadhu isaanjechuu keenya, jedhi.Dhiifama namaaf gochuun Yesus dinqii fi gammachiisaa dha! LuqqisiiMacaafa Qulqulluu kana barsiisuudhaaf,barattoota garee lamatti qoodi. Garee tokkoffaa jechoota kana barsiisi;“Ilma koo jabaadhu.” Garee lammaffaa immoo jechoota kana barsiisi;“Cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera.” Erga ofii keetii, “Yesus akka jedhe” jettee booda, tokkoon tokkoon garee itti fusanii kutaa luqqisichaa isa kanisaanii akka jedhan itti himi. Luqqisicha yeroo lama yookiin sadii erga isaan jedhanii booda, gareen lamaanuu kutaa liqqisichaa akka wal jijjiiran taasisi. Tokkoon tokkoon gareeluqisicha kutaa ofii isaanii haa shaakalan.Isa boodas tokkoon tokkoon garee luqqicha kutaa ofii isaanii akka jedhan itti himi. Barattoonni hundumtuu guutummaa luqqisii Macaafa Qulqulluu kana walii wajjin akka jedhan taasisiitii xumuri.

Faarfannaa:Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha (Lakkoofsa 21) jedhu faarfadhaa.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 39 Intala Yaayiros

(Maatewos 9:18-19, 23-26;Maarqos 5:21-24, 35-43; Luqaas 8:40-42, 49-56)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 104-105

Dhugaa ijoo

Sababii cubbuu keenyaaf, duuti foonii inuma ta’a. Garuu Yesus waanhundumaa irratti,du’a irratti iyyuu humna qaba. Intala Yaayiros du’aa kaasuun Isaa,Yesus ofii Isaatii akka du’aa ka’u mirkaneessa. Yeroo fooniin du’anitti, lubbuuwwan warra Yesusitti amananii hundumtuu battaluma sana gara waaqaaadeemu. Guyyaa murtii isa xumuraatti yeroo Yesus deebi’ee dhufu, warri Yesusitti amananii du’an hundumtuu qaama haaraadhaan waaqa irratti lubbuu isaanii wajjin walitti dabalamuudhaan, qaama du’aa kaa’uu fudhatu.

Kaayyoo Barumsichaa

Baratoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Warra fooniin du’an deebisee jireenyatti fiduuf Yesus humna akka qaba in BEEKU.

• Akka warra Yesusitti amananiitti foon isaanii yoo du’e illee, lubbuun isaanii akka hin duune, garuu guyyaa tokko qaama haaraa, qaama du’aa ka’uutti dabalamuudhaaf, battalumattigara mana isaanii isa waaqa irraa akka adeemu, amanuu isaaniitti in GUDDATU.

• Yesusitti amanuu isaaniitiin, sodaa wanta kami iyyuu akka hin qabne ofitti amanuutiin in JRAATU

LuqqisiiMacaafa Qulqulluu Sammuutti Qabatamu

Yesus, “Hin sodaatin, amani duwwaa,” jedhe (Maarqos 5:36).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu yoo horgoggeewwan qajeelfama kanafuula gara duubaa irratti argaman fayyadamuu yoobarbaadde,kanneenbarumsa56ffaa kanaafqopheeffamanwaraabbiitaasisi. Horgoggeewwan sanaa boca isaaniitiin murii baasiitii halluu kobbii dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

Maatewos 9:18-19, 23-26; Maarqos 5:21-24, 35-43; Luqaas 8:40-42, 49-56dubbisi. Yeroo dinqiikutaaleeMacaafa Qulqulluu sadan kana keessatti argamu dubbistu, dhugaa barressitoonni sadan ibsan waliin madaali. Yommuu gabaasa kanneen sadan dubbistu, yeroon raawwii taatee kanaa Wangeela Maarqos keessattiduraa fi boodo isaa eegamee akka hin kaa’amin hubadhu. Maarqoosboqonnaa5keessattiseenaawwanhumnadinqiihojjechuuYesus walumattiqabeekaa’e. Wangeelli Maatewos garuu taateewwan sana duraa fi booda isaanii hordofee tartiibaan kaa’ee jira.

1. Maatewos seenicha kan jalqabu dubbii Yaayiros (geggeessichi), “Mucaankoo ammuma na duraa duute”(Maatewos 9:18)jedhee yommuu ta’u,Maarqosii fi Luqaas lamaan isaanii wanta jalqaba seenichaa irratti ta’e, isa Yaayiros miilla Yesus jalatti kufee, “Mucaan koo

dhukkubsattee du’uuf jetti, akka isheen fayyitee jiraattuuf hadaraa kottuutii harka kee ishee irra kaa’i” (Maarqos 5:22-23)jedhee kadhaten seenicha jalqaban. Yaayiros geggessituu mana sagadaa(mana kadhataa Yihudootaa) keessaa tokko ture. Yaayiros hojii isaa keessaa tokkoo bulchiinsa mana sagadaa yommuu ta’u, namabeekamaa ture. Kun hojii miseensota jaarsolii Waldaa Kristaanaa bara kanaa wajjin wal fakkaata. Geggeessitoonni mana sagadaa warra Yihudootaa baayyeen isaanii Yesusitti hin amanan turan. Yaayiros garuu adda ture. Jaalala inni intala isaa ishee dhukkubsatteedu’uuf jettu sanaaf qabutu akka inni gara Yesus dhaqu isa taasise. Yaayiros kan ishee gargaaruu danda’u Yesus qofa akka ta’e hubateera. Taateewwan haala sana keessatti dhufuuf jiran keessatti akka inni cimee dhaabatuuf Yesus amantii Yaayiros Isa irratti qabu guddaa jabeesseef.

2. Yesus bartoota Yohannis Cuuphaa barsiisuu erga xumureebooda(Maatewos 9:1417),uummata baayyee walitti qabamanii wajjin Yaayiros duukaa adeemuu jalqabe (Maatewos 9:19; Maarqos 5:24; Luqaas 8:42). Bartoonni Yesus Isaa wajjin adeeman (Maatewos 9:19). Iddoo kanatti kan hubachuu qaabdu, seenessitoonni Macaafa Qulqulluu sadan rakkina nama biraa kan rakkoo Yaayirosiin wal hin qabanne dubbatu. Dubartiin waggaa baayyeef dhiigni ishee dhangala’aa ture “dugda Isaa(Yesus) duubaan dhuftee, shaashara uffata Isaa tuqxe” (Maatewos 9:20). “Achumaan lolaan dhiiga ishee in cite; isheen immoo dhukkuba isheettii akka fayyite itti dhaga’ame” (Maarqos 5:29). Yesus ishee in fayyise. Warra humnaan isa dhiiban keessaa, namni tokko akka isa tuqe in beeke, Inni immoo “humni fayyisu isa keessaa akka ba’e in beeke” (Maarqos 5:30). Isa Yesus tokkicha tuquu ishee namoota baayyee Isa tuqan keessaa adda baafatebartoonni Isaa in dinqisiifatan (Maarqos 5:31,Luqaas 8:45).Dubartittiindhumairratti yommuugara Yesus dhufte, “dhugaa ishee hundumaas isatti himte” (Maarqos 5:33, Luqaas 8:47). Jaalalaan, Yesus “ya intala ko, amantiin kee si fayyiseera. Nagaadhaan dhaqi, dhukkuba keettiis kan fayyite ta’i!” isheedhaan jedhe (Maarqos 5:34, Luqaas 8:48, Maatewos 9:22). Bartoonni Yesus ammas dinqii humna Isaa mul’isu kan biraa argan.

3. “Utuu Yesus kana dubbachaa jiruu, namoonni mana Yaayiros, geggeessituu mana sagadaa sanaa, dhufanii, ‘Intalli kee duuteetti, si’achi immoo maaliif barsiisicha dhamaafta?” jedhaniin (Maarqos 5:35, Luqaas 8:49). Abbaa ishee duraan iyyuu gaddee jirutti kan dhufe kunwanta nama naasisu attamii ti. Garuu Yesus Gooftaan Inni eeggannaa nuuf taasisuu fi nu jaaltatu Yaayirositti garagalee, “Hin sodaatin, amani duwwaa!Isheenis in fayyiti” jedheen (Luqaas 8:50; Maarqos 5:36).

4. Yesus mana Yaayiros bira yommuu ga’e akka Isa duukaa ol lixaniif Phexiros, Yaaqobii fi Yohaannis (obboleessa Yaaqob) qofaaf eeyyame. Akkasumas abbaa mucaatii fi haadha ishee malee, namni kan biraa Isaa wajjin akka ol lixu hin barbaanne (Luqaas 8:51,Maarqos 5:40). Bartoonni kunneen sadan warra taateewwan dhinqisiisoo jireenya Yesus keessatti raawwatan (kan akkajijjiiramuu bifa Yesus) arganii booda dhugaa ba’an ta’uu isaaniitiifcarraa guddaa qabu. Akka aadaa warra Yihudootaatti, boossiftoonni mana keessatti walitti qabamu. Yeroo du’aatti, boossiftoonni ogummaa kanaan leenji’an boo’uu fi wawwaachuudhaaf miindeffamu (Maarqos 5:38; Luqaas 8:52). Warri muuziqaa xabatanis yeroo sirna boo’ichaatti muziqaa xabachuudhaaf in miindeffamu (Maatewos 9:23). Yesus warra boo’aniin, “Maaliif huursitanii boossu? Intalattiin rafuutti jirti malee, hin duune” isaaniin jedhe. (Maarqos 5:39, Luqaas 8:52, Maatewos 9:24). Namoonni achitti walitti qabaman hundumti isaanii garuu “intalattiin akka duute beeku waan turaniif, itti kolfan” (Luqaas 8:53, Maarqos 5:40, Maatewos 9:24). Yesus namoota boo’anii fi warra kaan hundumaa mana keessaa gad yaase(Maatewos 9:25, Maarqos 5:40).

5. Yesus iddoo reeffi intalattii jirutti ol gale. Kan Isaa wajjin ol lixan Phexiros, Yaaqoob, fi Yohannis akkasumas Yaayirosii fi haadha manaa isaa turan. Yesus “harka ishee qabe, ‘Xaaliitaa quumii!’ jedheen.Kanajechuun, “Intalo! Siinan jedha, ka’i!” jechuu dha (Maarqos 5:41, Luqaas 8:54). Xaalitaa quumiin afaan Aramayikii, yeroo Yesus biyya lafaa kana irra ture dubbatamaa turee dha. “Intalattiin si’uma sana kaatee asii fi achi adeemte(isheen intala waggaa kudha lamaa turte)”(Maarqos 5:42). Luqaas, “Yommuus lubbuun ishee keessa deebitee, achumaanis kaate,” jedha (Luqaas 8:55). Asitti yeroo dhagni namaa du’u maal akka ta’uhubannaa jabaa arganna. Hafuurri yookiin lubbuun isaa qaama foonii gatee dhiisee adeema.

6. Maatiin intala du’aa kaatee “guddaa gammadanii of wallaalan”(Maarqos 5:42, Luqaas 8:56). Nyaati akka ishee barbaachisu beekee, Yesuswanta nyaattu akka kennaniif maatii isheetti hime(Maarqos 5:43, Luqaas 8:55).Kana irratti, Yesus wanta nu barbaachisu hundumaa akka beekuu fi akka eeggannaa nuuf godhuargina.

7. Yesus, “waan ta’e eenyutti illee akka hin himne,” maatii ishee dhowwe (Luqaas 8:56, Maarqos 5:43). Sababiin isaayeroo intalattiin qaamafooniitiin jiraachuu itti fuftu, wanta Yesus hojjete namoonni arguu in danda’u waan ta’eefi. Maatewosxumura seenichaa irratti, “oduun isaas naanna’aa kutaa biyya sanaa in ga’e” jedhee nutti hima (Maatewos 9:26).

8. Du’aa ka’uun intala Yaayiros Yesus gara laafessaa fi humna Ilma Waaqayyoo ta’uu Isaatii nutti argisiisa. Duuti foonii xumura jireenya keenyaaakka hin taane nuuf mirkaneessa. Yesus kan Inni du’a mo’eef intala Yaayiros qofaadhaaf utuu hin ta’in, nuufis malee. Akka Yesus,“Inni ana erge immoo, warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani balleessu hin fedhu, guyyaa (boodaatti) du’aa akkan isaan kaasu fedhu malee,”jedhe (Yohannis 6:39).Sababii namni nuyi baay’ee jaallannudu’eef yeroo gaddi nu mudatu, akkaYesus yeroo hundumaa nu wajjin jiru isa Inni nu abdachiiseyaadachuu in dandeenya (Maatewos 28:20). KanneenIsatti amanan hundumtuu jireenya bara baraa akka qaban shakkii malee beekuu danda’uu qabna (Yohannis 3:16; 1Yohannis 5:11-12).

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:“Yesus nu jaallata” (Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Gocha sochiidhaan argisiifamu:- Tapha mataa sosochoosuu

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Seenaan Macaafa Qulqulluu nuyi dhageenye waa’ee Yesus wanta baay’ee, bay’ee nutti hima, jedhi. Tabi kun maal akka yaadattan ilaaluuf isin gargaara. Himoota muraasan isiniif dubbisa. Yoo wanti himichi waa’ee Yesus dubbatu dhugaa ta’e, akka isin mataa keessanolii fi gadi raastanii“eeyyee” jettananbarbaada. Yoo himichi dhugaa miti ta’e immoo, akka isin mataa keessan gara cinatti raastanii“miti” jettanan barbaada.

Ijoolleen maal gochuu akka qaban hubachuu isaanii mirkaneeffachuuf mataa sochoosuu shaakalsiisi. Deebiisirriin ijoolleenkennuu qaban tokkoo tokkoo xumura himaa irratti barreeffameera. Amma tabicha jalqabi.

1. Bakka chidha guddaa irrattibishaan daadhiitti jijjiiretti, Yesus dinqii guddaa hojjeteera.(Mataa kee olii fi gadi raasii “eeyyee” jedhi.)

2. Yesus akka isaan gargaartuu fi bartoota Isaa ta’aniif namoota 25 filate.(Mataa kee asii fi achi raasi “miti” jidhi.)

3. Yesus akka isaan gargaartotaa fi bartoota Isaa ta’aniifnamoota 12 filate.(Mataa kee olii fi gadi raasii “eeyyee” jedhi.)

4. Yesus kadhannaa addaa isa kadhata Gooftaa jedhamee waamamuu fi isa nuyis kadhannu bartoota Isaa barsiise. (Mataa kee olii fi gadi raasii “eeyyee” jedhi.)

5. Yesus bubbee jabaa Galaana Galiilaa irratti ka’e sana bidiruu keessa olii fi gad utaaluudhaandhaabe. (Mataa kee asii fi achi raasi “miti” jidhi.)

6. Yesus bubbee jabaa Galaana Galiilaa irratti ka’e sana, “Gab jedhi! Calluma jedhis” jechuudhaan qilleensichaa fi bubbicha dhaabe. (Mataa kee olii fi gadi raasii “eeyyee” jedhi.)

7. GaaftokkoutuuYesusmanakeessattibarsiisaajiruu,namoonnitokkohiriyaaisaanii kandubbachuu hin dandeenye akka inni fayyisuuf gara Isatti fidan. (Mataa kee asii fi achi raasi “miti” jidhi.)

8. GaaftokkoutuuYesusmanakeessattibarsiisaajiruu,namoonnitokkohiriyaaisaanii kan adeemuu hin dandeenye akka inni fayyisuuf gara Isatti fidan. (Mataa kee olii fi gadi raasii “eeyyee” jedhi.)

Erga tapha ittiin irra deebii xumurtee booda itti fufii,barumsa Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, waa’ee namicha Yaayiros jedhamuu kan gara Yesus dhufee gargaarsaIsa gaafachuu isaadhageenye. Ijoolleen maqaa Yaayiros si boodaan akka irra deebi’anii jadhan taasisi. Yesus Yaayirosiin in gargaare; akka Ilma Waaqayyoo ta’es humna Isaa argisiise. Yesus attamitti akka namicha kana gargaare beekuudhaaf sirriitti dhaggeeffadhu.

Faarfannaa:Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha (Lakkoofsa2) kan jedhufaarfadhaa

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1: Macaafa barsiisa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” jedhu keessaa “Intala Yaayiros” isa jedhu yommuu isaaniif dubbistu calchisanii akka dhaggeeffatan taasisuuf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadami.

Filmaata 2: GochaadhaanSeenessuu

Ijoolleen iddoo sirriitti si’arguu danda’an akka dhaabatan taasisi. Yommuu seenicha itti himtuu, hima isaa tokko tokkoon dubbisiitii sochii isaa hojjedhu. Ijoolleen tokkoo tokkoo sochichaa siboodaan akka irra deebi’an taasisi.

Dubbadhu Hojjedhu

Yeroo tokko namichi Yaayiros jedhamu gara Yesus dhufe. Iddoodhumajirtuttiadeemi.

Intalli isaa dhukkubsattee du’atti dhihaattee turte. Fuula gaddaa argisiisi. Yaayiros fuula Yesus dura jilbeenfatee sagadee, “akka isheen fayyitee jiraattuuf hadaraa kottuutii harka kee ishee irra kaa'i!” jedhee jabeessee kadhate.”

Jilbeenfadhuutii mataa kee gadi qabi.

Yesus Yaayirosii wajjin adeeme. Iddoodhumajirtuttiadeemi.

Utuu isaan mana Yaayiroshin ga’in, namoonni dhufanii Yaayirosiin “Intalli kee duuteetti, si'achi immoo maaliif barsiisicha dhamaafta?” jedhaniin.

Yesus garuu Yaayirosiin “hin sodaatin, amani duwwaa” jedhe.

Yeroo Yesusii fi Yaayiros mana Yaayiros ga’an, intalattiin waan duuteef firoonni isaa baay’een boo’aa turan.

Yesus namoota sanaan “Maaliif huursitanii boossu? Intalattiin rafuutti jirti malee, hin duune” jedhe. Yesus kana jechuun Isaa Inni ishee gargaaruuf waan ta’eef intalattiin duutee hin haftu.

Yesus Yaayiros, haadha manaa Yaayirosii bartoota Isaa Phexiros, Yaaqoobii fi Yohannisiin fudhatee gara lafa mucattin ciiftee jirtuutti ol seene.

Yesus intalattii harka ishee qabee “intala koo, siinan jedhaa, ka’i!” jedhe.

Battaluma sanatti intalattiin kaatee adeemte. Isheen jireenyatti deebitee, fayyaas taate. Maatiin isheein dinqifatan; guddaas gammadan.

Yesus waan isheennyaattu akka kennaniif maatii intalattii abboome.

Yesus ergasii booda waan Inni hojjete sana eenyutti illee akka hin himne isaan dhowwe.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa deebi’uu

Mataa gadi qabadhuutiiwaan baay’ee gaddite of fakkeessi.

“Eeyyee” jechuudhaan mataa kee olii fi gad sochoosis.

Akka nama boo’uuttiija kee haxaa’adhu.

Mataa kee asii fi achi sochoositii “lakki,” jedhi.

Itti aansuudhaan mataa kee olii fi gad sochoositii“eeyyee” jedhi.

Akka namoonni si hordofaniifharkaan ofitti hawwadhu.

Gadi ciisii, utaalii ol ka’i.

Akka kolfuu ta’iitii, fuula baay’ee ifaa argisiisi.

Akka nama beela’ttigaraa kee sukkuumi.

Harka kee afaan kee irra kaa’i.

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu:

1. Namoonni sun maaliif boo’an? (Intalli Yaayiros waan duuteef namoonni mana isaatti walitti qabaman boo’aa turan.)

2. Yesus intala duutee turte sanaan maal jedhe?(Yesus, “intalo, ani siinan jedhaa, ka’i!” isheedhaan jedhe.)

3. Itti aansee maaltu ta’e? (Intalattiin battaluma sanatti kaatee deemuu jalqabde. Sababii Yesus lubbuu isheetti deebiseef isheen jiraattttuu fi fayyaa taate.)

Sochii hojjechuudhaan keessa deebi’uu:-yommuu keessa deebitu, seenicha dubbachuudhaaf filmaata seenessuu isa duraan itti hin fayyadaminitti fayyadami. Keessa deebichaaf filmaata seenessuu isa tokkoffaatti fayyadamta yoo ta’e, yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu sana sitti himan akka isaan horgoggeewwan sosochoosaniif ijoolleetti himi. Ijoolleen akka Yesus, Yaayiros, hadhamanaaYaayiros, namootaboo’an,Phexros,Yaaqoobfiintalattiittihojjetanii argisiisuudhaan Seenaa Macaafa Qulqulluu sana irra deebi’anii himuu in danda’u.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Homaa iyyuu hin sodaannu!

Akka ijoolleen sitti naanna’anii taa’an taasisi.Akkas jedhii gaafadhu, Wantoonni akka namootatti sodaan dhagaa’amu taasisan maali fa’i? (Deebii isaanii: dukkana, bubbee, sagalee guddaa, qofaa ta’uu, beeyladoota tokko tokko, jeequmsa, waa’ee hojii fi maallaqaa, du’ajechuu in danda’u.)

Yaayirosiin maaltu sodaachise? (Yaayiros intalli isaa duutee turte waan ta’eef sodaate. Yaayiros intala isaa baay’ee jaallata ture;yeroo isheen duute immoo tasumaa ishee in dhabe.)

Yesus Yaayirosiin maal jedhe? (Yesus Yaayirosiin, “Hin sodaatin, amani duwwaa” jedheen.)

Macaafa Qulqulluu kee baniiti, jecha Yesus dubbate ana boodaan irra deebi’aatii jedhaa isaaniin jedhi: Hin sodaatin, amani duwwaa. Erga ijoolleen jechoota sana irra deebi’anii jedhanii booda, nuyi yeroo akka Fayyisaa keenyaatti Yesusitti of kenninuu fi amannu waan tokko illee sodaachuun akka nuyi irra hin jirre dubbiin Macaafa Qulqulluu kun nu yaadachiisa, jedhi. Yesus akka nu gargaaru nu abdachiiseera. Yesus nu jaallata waan ta’eef Isa irratti of gatuu in dandeenya. Yesus guddaa waan nu jaallatuuf cubbuu keenya hundumaattii nu fayyisuudhaaffannoo irratti du’e. Yesus ergadu’eeboodadeebi’eedu’aaka’ee jiraataa ta’e. Yesus intala Yaayiros gara jireenyaatti deebisuudhaaf humna qaba. Yesus erga fannoo irratti du’eebooda deebi’eejiraataata’uudhaafhumnaqaba.Yesus nuunis garajireenyaatti nu deebisuudhaaf humna qaba.

Namoonni warri Yesusitti amanan yeroo du’an maal ta’u? (Akka ijoolleen deebii kennan taasisi.) Warri Yesusitti amanan yeroo du’an, isa booda qaama isaanii keessattionneen isaanii hin rukutu. Hafuuras hin baafatan. Garuu lubbuun isaanii waaqa irra Yesusii wajjinin jiraatti. Waaqa irra, dhukkubni yookiin gaddi yookiin dhiphinni hin jiru. Isaan achitti Yesusii wajjin jiru waan ta’eef namni eenyu iyyuu isa booda deebi’ee hin sodaatu. Guyyaa tokko, yeroo Yesus deebi’ee gara biyya lafaa dhufu, akka qaami keenya du’aa ka’ee gara waaqaatti ol ba’u; akka haara’uu fi mudaa kan hin qabne ta’us Inni nu abdachiiseera. Macaafni Qulqulluun waa’ee waaqa irraa wanta hundumaa nutti hin himu. Garuu achitti Yesusii wajjin jiraanna waan ta’eef akka inni dinqisiisaa, mudaa kan hin qabne fi iddoo gammachiisaa ta’e nutti hima. Qaamaan yeroo duunu Isaa wajjin waaqa irra akka jiraannuuflubbuu keenyafudhachuudhaafYesus nuu wajjin ta’a.Gaaf tokkoimmooachitti qaama haaraa qabaanna. Nuyi yeroo hundumaa Yesusii fi abdii Isaa irratti of gatuu in dandeenya: “Hin sodaatin, amani duwwaa” nuun jedha.

Mee amma dubbii abdii Macaafa Qulqulluu kana haa barannu. Maarqos 5:36 “Hin sodaatin, amani duwwaa” baratootaa wajjin irra deddeebi’aatii jedhaa.

Luqqisii Macaafa qulqulluu shaakali Maarqos 5:36: “Hin sodaatin, amani duwwaa” baratootaa wajjin yeroo baay’ee irra deddeebi’aa jedhaa. Ergasii booda akkas jedhi;himoota tokko tokkon jalqaba; tokkoon tokkoon hima ani jechoota Macaafa Qulqulluun jalqabu kanaa akka isin xumurtan nan barbaada. Yeroo kam akka deebisan akka beekaniif ijoollee gargaaruudhaaf, horgoggee afaan banamaa/afaan cufamaa barumsa duraanii keessatti fayyadamte baafadhu. Yeroo dubbattu, horgoggee gara isa afaan cufamaa argisiisi. Yeroo ijoolleen deebii akka kennan barbaaddu, horgoggee afaan banamaa argisiisi.

Barsiisaa: Yaayiros yeroo mucaan isaa akka duute dhaga’e, Yesus … isaan jedhe.

Barataa: Hin sodaatin, amani duwwaa.

Barsiisaa: Yeroo bubbeen galaana irraa akka dhufaa jiru arginu, Yesus … nuun jedha.

Barataa: Hin sodaatin, amani duwwaa.

Barsiisaa: Yeroo cubbuu hojjennee dhiphannuu fi sodaannu, Yesus … nuun jedha.

Barataa: Hin sodaatin, amani duwwaa.

Barsiisaa: Yeroo wanti hamaan naannoo keenya jiraatu, Yesus … nuun jedha.

Barataa: Hin sodaatin, amani duwwaa.

Barsiisaa: Yeroo namni nuyi baay’ee jaallannu du’uu fi nuyi gaddinu, Yesus … nuun jedha.

Barataa: Hin sodaatin, amani duwwaa.

Barsiisaa: Nuyi yeroo hundumaa Yesusiin amanachuu in dandeenya akka nu gargaaruu fi nuyis yaadachuu dandeenyuuf Yesus … nuun jedha.

Barataa: Hin sodaatin, amani duwwaa.

Faarfannaa:Irreen Gooftaa fayyisaadha(Lakkoofsa 17), Guddaa guddaa caalu(Lakkoofsa 13) jidhan faarfadhaa. Akkuma yeroon siif eeyyameen Nan amana Gooftaa akkan hin badne(Lakkoofsa 27) isa jedhu faarfadhaa.

Hojii Harkaa:Fakkii Yesusii fi Intala Yaayiros

Waraqaa fi irsaasii halluu adda addaa rabsi. Hintala Yaayiros erga duutee booda yeroo Yesus harka qabee olkaase maal akka ta’e Fakkii isaa kaasi, jedhi. Akka barbaachisummaa isaatti gargaari akka isaan taatee seenaa kaasaniif yeroo hintalli xinnoon ol kaatee deemtu. Barattoota gurguddoo garee kee keessaa jajjabeessi akka isaan fuula ifaa ajaai’bsiisaa ta’e kan maatii intala xinnoo sanaa fi kan Phexros,Yaaqobii, fi Yohannis yeroo dinqii Yesus dhugaa Ba’an argisiisanitti.

Yeroo ijoolleen fakkii/suuraa isaanii xumuran/fixan, Seenaan Macaafa Qulqulluu kun maal nu barsiisa? jedhii gaafadhu. Mee ijoolleen haa deebisan. Ergasii, seenaan Macaafa Qulqulluu kun humni Yesus wanta hiundumaatti akka nu fayyisu nutti argisiisa, du’attii illee, jedhi. Yeroo nuyi akka Gooftaa fi Fayyisaa keenyaattii Yesusitti amannu, jireenya bara baraa qabna. Yooma qaami/foonni keenya du’e illee, lubbuun/hafuurri keenya gonkumaa hin du’u. Yesus nagaan gara waaqaatti/samiitti akka ol nufudhatu in beekna lafa Isaa wajjin nagaa fi gammachuu guutuu keessa bara baraan jiraannu. Guyyaa tokko qaamni/foonni keenya du’aa in ka’u isaanis Yesusiin guutuu in ta’u.

Kutaa kee keessattiSuuraa/Fakkiibarattootaa fannisi akka inni Yesus wanta hundumaa irratti humna qabu si yaadachiisutti, du’a irratti illee.

Kadhata Xumuraa: Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 40

Angafa Dhibbaa fi Naa’oo Isaa (Maatewos 8:5-13, Luqaas 7:1-10)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 106-107

Dhugaa ijoo

Sababii cubbuu keenyaaf, namni tokko illee Yesus dura dhaabachuu kandandad’uhin jiru. Garuu ayyaana Waaqayyoo fi humna Hafuura Qulqulluutiin nuyi Yesusitti amanuu fi dhiifama cubbuu arganneerra; akkasumas Waaqayyo duratti qajeelota taaneerra.

Kaayyoo Barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin, barattoonni:

• Cubbamoota waan taaneefjaalalli Yesus, dhiifamuun cubbuu fi gargaarsi Waaqayyoo ta’uufii kan maluuf namni tokko illee akka hin jirre in BEEKU

• Yesusaarsaa ta’eecubbuu keenyaattii nu fayyisuu Isaatiifi karaa amantii ayyaana Isaatiinqajeelota nu taasisuu Isaatiifis Isa galateeffachuutti in GUDDATU.

• Yesusiif ulfina kennaa,jaalalaa fi ulsinaan Isa tajaajilaa in JIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti Qabatamu

Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan, inni immoo kennaa Waaqayyooti malee, gocha ofii keessanii miti (Ephesoon 2:8).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 40ffaa kanaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sanaa murii baasiitii halluukobbii dibi.Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Seenaa Macaafa Qulqulluu himuudhaaf filmaata 2ffaa filatta yoo ta’e, ga’ee angafa dhibbaa akka taphatuufdargaggeessatokko filadhu. Akka inni barattootaaf sirriitti ibsuu danda’uuf yeroo barumsaa guyyoota muraasa dursitii waraabbii seenessuu sanaa akka inni irraa shaakaluuf gurbichaaf kenne.

3. Yoo seenaa himuu filmaata 2ffaa filatta ta’e, waraqaa jajjabaataa yookiin kaartoonii irraa angafa dhibbaatiif gaachana waraanaa hojjedhu. Waraqaa sanaakka inni boca hojii harkaa barumsa 40ffaa fakkaatuttimuri. Gaachana kana gara mataa duraa irratti qaawwaa lama qopheessiitii kirnii (fo’aa qalloo) 30sm dheeratu qaawwicha keessa baasiitii fiixee isaa lamaan walitti hidhi. Kun angafichi dhibbaa yeroo seenaa Macaafa Qulqulluu sana himu akka mataa isaa keessa dabarfatee diratuuf gargaara. Yoo kaartoonii biraa qabda ta’e, isa irraa boca goraadee muriitii qopheessi. Angafti dhibbaa yeroo dubbatu goraadicha cina isaatti qabachuu in danda’a.

4. Fakkii boca gaachanaa barumsa 40ffaatiif qophaa’e qajeelfama kana fuula gara duubaa irrattiargamutokkootokkoobarataatiifwaraabbiitaasisi.Gaachanootahundamuriitiibaasi.

Akka fakkeenya olitti kennameettitokkoo tokkoo mataa gaachanaa irratti qaawwaa lama qopheessi. Kirnii (fo’aa qalloo) 30sm dheeratu tokkoo tokkoo barattootaatiif kutii qopheessi. Akka barattoonni gaachana isaanii keewwachuu danda’anitti kirnichaa qaawwota sana keessa baasiitii mataa isaa lamaan walittihidhi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

(Maatewos 8:5-13 fi Luqaas 7:1-10 dubbisi)

Yeroo ibsa kunneen dubbistu barreeffamni Maatewosii fi Luqaas tokkoon tokkoon isaanii xiyyeeffannaa adda addaa qabu. Garuu lamaan isaanii dhugaawwan walfakkaatoo nutti himu; firii walfakkataas irraa argina. Ibsa Maatewos keessatti, angafichi dhibbaa ofii isaatiinYesusin kadhate(Maatewos 8:5). Ibsa Luqaas keessatti, akka isaan Yesusiin isaaf gaafataniif angafichi dhibbaa hiriyoota isaa kan ta’an maanguddoota Yihudootaa itti erge (Luqaas 7:3). Yeroo ibsa lamaanuu dubbisnuu fi qorannu, maaltu akka raawwatamefakkii caalmaatti guutuu ta’e arganna.

1. Yesus yeroo tokko Qifirnaahom, mandara tajaajila Isaatiif bu’uura turetti deebi’ee galee ture(Maatewos 8:5; Luqaas 7:1). Utuu Inni achi jiruu, angafti dhibbaa tokko Isa ilaaluuf dhufe. Angafti dhibbaa sun loltoota warra Roomaa 80-100 ta’an hooggana ture. Inni bulchiinsa mootummaa Roomaa keessatti Herodis Antipas isabulchaa Galiilaa ta’e jalatti, Qifirnaahomitti ramadamee ture. Angafa, dhibbaa ta’uun muudama ulfina qabu ture. Angafti dhibbaa sun utuu Galiilaa keessatti hojjetuu, warra Yihudootaa achi jiraataa turanii wajjin hariiroo dhibantummaa horate. Inni mana sagadaa illee akka ijaarrataniif isaan gargaaree ture (Luqaas 7:5).Yeroo sana Yihudootaa fi Yihudoota kan hin ta’in (Ormoonni) hojii tokko walii wajjin hojjechuu mitii, walitti dhihaachuun iyyuu tasumaa wanta hin baratamin ture. Walii-galatti namoonni Yihudootaa sabawarra Yihudoota hin ta’inii wajjin hariiroo qabaachuun akka isaan xureessuutti waan ilaalaniif, mana warra ormaa hin seenan. Garuu angafti dhibbaa sun guddaa waan isaan gargaareefnamoonni Yihudootaa gaarii isaaf yaadu turan(Luqaas 7:4).

2. Angafti dhibbaa sun naa’ota isaa keessaa isa sababiidhagni isaa gar-tokko du’eef dhiphachaa waan tureef kadhachuudhaaf gara Yesus dhufe(Maatewos 8:6; Luqaas 7:2). Gocha kana irraa angafticni dhibbaa sun,akka fayyummaa hojjetaa isaatiif illee yaada gaarii qabu,hubannaaaddaaarganna. Yesus battalumasanatti,“Anidhufeeisanan fayyisa” jedheedeebiseef(Maatewos 8:7).

3. Yaada itti fufee jiru keessatti (Maatewos 8:8), amantii isaa fi waa’eeaboo Yesus irratti hubannaa angafti dhibbaa sun qabu argina. Angafni dhibbaa sun yeroo Yesus dura dhaabatu, cubbamaa ta’uu ofii isaatiif Yesusiin wanta kamiin illee gaafachuuf kan hin malle akka ta’e beeke. Angafti dhibbaa sun yoodhuma namoota baay’eef abboomaa ta’e illee, Yesus Isa “Gooftaa” jedhee waamu kanaa wajjin yeroo wal-bira qabuofii isaatii inni homaa iyyuu miti.Maqaan “Gooftaa” jedhukunaboon Yesus aboo hundumaan olii ta’uu isaa angafti dhibbaa sun akka beeke argisiisa. Akkuma ofii isaatii loltoota baay’ee irratti aboo qabu (Maatewos 8:9, Luqaas 7:8), Yesus Gooftaa fi Fayyisaanamoota hundumaa ta’uu Isaatiin aboon Isaa baay’ee guddaa akka ta’eangafti dhibbaa sun in beekee. Angafti dhibbaa sun akkasumas akka ormaatti iddoo isaa in hubate. Seera warra Yihudootaa waan beekuun, angafti dhibbaa sun Yesus naa’oo isaa fayyisuudhaaf mana isaa seenee akka of xureessu hin barbaanne. Inni humna Waaqayyummaa Yesusamanateera. Kanaaf wanti Yesus gochuu qabu jecha tokko qafa dubbachuu akka ta’e beekeera waanta’eef, “dubbii tokkicha duwwaa dubbadhu naa’oon koos in fayya” jedhe (Maatewos 8:8, Luqaas 7:7).

4. Yesus yeroo dubbii angafa dhibbaa sana dhaga’e, “in dinqisiifate” (Maatewos 8:10, Luqaas 7:9). Yesus,“Dhuguman isiniin jedha, ani Israa’el keessatti illee eenyu biratti iyyuu amantii guddaaakkasii hin argine,”jedhe. Yesus itti fufeewarra Isaduukaabu’aniin, mootummaan Waaqayyoo warra ormaa iyyuu dabalatee,namoota iddoo hundumaa fi qomoo hundumaa keessaa ta’aniifbanaa akka ta’e itti dubbate(Maatewos 8:11). Yesusnamoota hundumaa fayyisuudhaaf dhufe. Akkasumas Yesus Fayyisaa Waaqayyo biraa ergame ta’uu Isaa amanuu dadhabuu isaaniitiif baay’een namoota Israa’el mootummaa Waaqayyoo keessaa alatti in darbatamu jedhe(Maatewos 8:12).

5. Yeroosana Yesus naa’oo dhukkubsataa sana fayyisuuf jecha dubbate, naa’ichis in fayye (Maatewos 8:10).

6. Dubbiin Yesus humnaa fi aboo of keessaa qaba. Cuuphaa Qulqulluu keessattidubbiin Yesusbishaanicha wajjin wal fudhata; laphee keenya keessaas cubbuu dhiqa. Irbaata Gooftaa Qulqulluu keessatti, buddeennii fi daadhiin wayinii dubbii Yesusii wajjin wal fudhateeisa keessaan Foonii fi Dhiiga Yesus yommuu fudhannudhiifamuu cubbuu, jireenya bara baraa fi fayyina keenyaaf hojjeta. Dubbiin Yesus in fayyisa in oolchas.

Barumsicha dhi’eessuu

Faarfannaa: Nan amana Gooftaa akkan hin banne(Lakkoofsa 27) kan jedhu faarfadhaa.

Kadhannaa Jalqabaa:- Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Hojiidhaan mul’isuu: Wantoota dinqisiisoo

Akka ijoolleen sitti naanna’anii taa’an taasisi. Wantoota si dinqisiisan kanargite yookiin dhageesse keessaa tokko maqaa dha’i. (Ijoolleenis akka keessatti hirmaatan taasisi. Yaadisaa dhukkuba yookiin balaa cimaatti fayyuu, dhalachuu obboleessa yookiin obboleettiikee xinnoo, gareen isportii tokko haala hin eegaminiin duubaa dhufeemo’uu isaa, wanta uumamaan bareedu, badhaasa hin eegamin,wantananhojjedhajetteehin yaadintokkoyeroojalqabaatiifhojjechuu kee, dhiifama argachuu ta’uu in danda’a.)

Faarfannaa: Wangeelli keenya (Lakkoofsa 35) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Himuu.

Filmaata1:Yommuu Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa “Angafa Dhibbaa fi Naa’oo Isaa” isa jedhu dubbistu, seenessuu kee caalchistee cimsuudhaaf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiranii fayyadami.

Filmaata 2:Seenessuu

Ga’ee angafa dhibbaa akka taphatuufdargaggeessa tokko filadhu. Akka inni barattootaaf sirriitti ibsuu danda’uuf yeroo barumsaa guyyoota muraasa dursitii waraabbii seenessuu sanaa akka inni irraa shaakaluuf gurbichaaf kenne.

Fakkii hojii harkaa kan qajeelfama kana fuula gara duubaa keessatti barumsa 40ffaatiif qophaa’e irratti hundaa’uudhaankaartoonii yookiin waraqaa guddaa irraa gaachana salphaa hojjedhu.

Gaachana kana gara mataa duraa irratti qaawwaa lama qopheessiitii kirnii (fo’aa qalloo) 30sm dheeratu qaawwicha keessa baasiitii fiixee isaa lamaan walitti hidhi. Kun bakka bu’aan angaficha dhibbaa yeroo seenaa Macaafa Qulqulluu himu akka mataa isaa keessa dabarfatee diratuuf gargaara. Yoo kaartoonii biraa qabda ta’e, akka angafti dhibbaa yeroo seenaa sana himu qabatoof goraadee tolchi. Yeroo ati seenaa sana himtu akka angafichi dhibbaa ol seenu taasisi.

Akka kanatti fufee jirutti angafticha dhibbaa barattootaa wajjin wal barsiisi: ijoolle, yeroo Yesus biyya lafaa kana keessa ture angafa dhibbaa loltuu warra Roomaa keessa tajaajilaa turen wal isin barsiisuun fedha. Inn seenaa baay’ee dinqisiisaa nutti himuudhaaf har’a asi nu gidduu jira.

Haasaa angafticha dhibbaa (Maatewos 8:5-13)

Firoota koo, nagaan isiniif haa ta’u. Akkuma barsiisaan keessan jedhe, ani loltuu warra Roomaa keessaa angafa dhibbaa ti. Namoota 100n ooggana. Sun hojii guddaa dha. Loltoonni ana jala jiran na dhaga’u; ajajakoos in hordofu. Sun baay’ee barbaachisaa dha.

Ani Qifirnaahom keessan jiraadha. Yeroon as jiraachuu eegalee jalqabee, namoot Yihudii baay’ee firoomsadheera. Ani yeroo isaan mana sagadaa ijaarratanisisaangargaareera.

Garuu yeroo gabaabaadhaa asitti rakkoo guddaatu na mudate. Naa’ota koo keessaa tokkotu dhukkubsate. Inni adeemuu hin dandad’u, in dhiphatas ture. Ergasii Yesus as Qifirnaahomiin akka jirun dhaga’e. Ani gara Isaandhufe. Yesus Gooftaa koo akka ta’e nan amane. Akkana jechuun Inni anaa fi namoota hundumaa irratti humna qaba jechuu dha. Inni eenyuu keenya irra guddaa dha. Yesus naa’oo koo isa dhukkubsatu fayyisuu akkadanda’u ani amaneera.

Akkuma ani rakkina kooIsatti himadheen, Yesus Ani mane kee dhufee naa’oo kee siifan fayyisa jedhe. Ani immoo, “Gooftaa, mana koo dhufuun Siif hin ta’un” jedheen. Argitanii ijoolle, ani cubbamaa dha. Namoonni hundinuu cubbamoota. Nu keessaa nami tokko Yesus biraa waa argachuuf kan malu hin jiru. Isa irra caalaa iyyuu, aninama Yihudii miti. Ani Orma. Jechuun ani Yihudii miti jechuu dha. Akkuma beekamu namoonni Yihudii mana namoota Ormaa hin lixan. Kanaaf ani Yesusiin, “Akka Ati asuma jiraattee naa’oo koofayyisuu dendeessu nan beeka. Yoo Ati akkainni fayyu dubbattenaa’oonkooin fayya. Aniloltuu kootiin, ‘dhaqi’yoon jedhein dhaqa. Isa kaaniin yoon ‘kottu’ jedhe in dhufa. Naa'oo kootiin kana raawwadhu yoon jedhe, in raawwata” Isaanjedhe. Argitanii,namootairrattiabooqabaachuunmaalakkata’eanihubadheera.Oogganaan namoota biroo ajajuudhaaf humna qabuu dha.

Yesus ana caalaa aboo baay’ee guddaa akka qabu ani nan beeka. Yesus Gooftaa kootii fi Fayyisaa koo akka ta’e ani nan amana. Wanta hundumaa gochuudhaaf akka Inni humna qabu ani nan beeka. Ani akkan amantii guddaa qabu Yesus namoota naannoo keenya turanittidubbate. Yesus,“Dhuguman isiniin jedha, Ani Israa’el keessatti illee eenyu biratti iyyuu amantii guddaa akkasii hin argine” jedhe.

Ergas immooYesus, “Dhaqi! Akka Ani naa’oo kee siif fayyisuu danda’u amanteetta. Kanaafis Ani isa fayyiseera,” anaan jedhe.

Yeroon mana koo ga’etti, naa’oon koo guutummaatti fayyee nan arge. Inni yeroo dhuma Yesus anatti dubutesana fayye! Humni Yesus dhugumaan dinqisiisaa dha.

Yeroo angafti dhibbaa sun seenaa dinqisiisaa sana barattoota keetti himee fixu, dhufee seenicha isaanitti himuu isaatiif isa galateeffadhu. Isa booda barumsicha itti fufi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Irra Deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an: gaaffilee kanatti fufanii jiran garee sana gaafadhu:

1. Angafti dhibbaa sun Yesusiin maal jedhe? (Angafti dhibbaa sun akka naa’oo dhukkubsatu manaa qabu Yesusitti hime. Angafti dhibbaa sun Yesus mana isaa dhufee naa’oo sana fayyisuuf ofii isaatii nama kun isaaf hin qabnemalle akka ta’e dubbate. Angafti dhibbaa sun Yesus bakkuma jiru sana dhaabatee fayyisuuf humna akka qabu amane. Angafti dhibbaa sun loltootaisaairratti akka abooqabuYesusitti dubbate;Yesus garuunamoota guutummaabiyya lafaa irratti jiran hundumaa irratti aboo caalu akka qabu angafi dhibbaa sun dhubate.)

2. Naa’oon sun yeroo kam fayye? (Naa’oon sun battaluma Yesus in fayya jedhetti fayye.)

Sochii hojiitiin keessa deebi’uu:-Gochaadhaan Seenessuu

Ijoolleen akka dhaabatan taasisi. Dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu sana gocha seenessuu kanatti fufee jiruun irra deebi’an taasisi. Erga tokkoo tokkoo hima seenaa kanaa dubbistee booda, sochii gocha isa itti fufee jiruu hojjedhu. Isa booda sochii ati hojjette akka ijoolleen irra deebi’anii hojjetan isaanitti himi.

Dubbadhu Hojjedhu

Naa’oon angafa dhibbaa sun baay’ee dhukkubsatee ture.

Mataa kee harkawwan kee irra ciibsiitii aadi!

Angafti dhibbaa sun Yesusiin arguudhaaf dhaqe. Iddoo jirtutti adeemi.

Angafti dhibbaa sun waa’ee naa’oo isaa isa dhukkubsatuu Yesusitti hime.

Yesus gara mana angafa dhibbaa sana dhaqee naa’oo isaa isa dhukkubsatu sana akka fayyisu dubbate.

Angafti dhibbaa sun “Gooftaa! Bantii mana kootii jala lixuun kee anaaf hin ta'u,” jedhe.

“Garuu dubbii tokkicha duwwaa dubbadhu naa'oon koos in fayya,” jedhe angafi dhibbaa sun.

Yesus “Ani Israa'el keessatti illee eenyu biratti iyyuu amantii guddaa akkasii hin argine,” jedhee namoota achi turan hundumatti dubbate.

Yesus angafa dhibbaa sanaan, “Dhaqi! Akkuma ati amantes siif haa ta'u. Kanaaf Ani isa fayyiseera,” jedhe.

Yeroo Angafti dhibbaa sun gara mana isaatti gale, naa’oon isaa fayyeera!

Mataa kee harkawwan kee irra ciibsiitii aadi!

Quba argisiistu fayyadamiiti fagootti argisiisi.

Ulfinaan sagadi.

Quba argsiistuu keetiin boca fannoo tolchii, laphee kee irra kaa’i.

Xinneessii kolfi.

Guddisii qummaadi.

Harka walitti rukutiitii “Yesusiif galanni haa ta’u!” jedhi.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Amantii Dinqisiisaa

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Akkas jedhii gaafadhu, Yesus naa’oo angafa dhibbaa sanaaf gocha dinqisiisaa Inni hojjeteef maali? (Yesus utuma isatti illee hin dhiyaatin naa’oo angafa dhibbaa sana fayyise.) Yesus angafa dhibbaa sanaaf wanta dinqisiisaa attamii hojjeteef?

Ijoolleen baay’een, “Yesus naa’oo angafa dhibbaa fayyise” jedhanii deebisuu in danda’u. Akkasumas inni akka Gooftaa fi fayyisaa isaatti Isa amanatuuf Yesus angafa dhibbaa sanaaf amantii akka kenneef akka ijoolleen hubataniif isaan gargaari.

Akkas jedhi, Yesus angafa dhibbaa sanaaf amantii dinqisiisaa kenneef. Angafti dhibbaa sun Yesus Gooftaa akka ta’e amane. Kana jechuun Yesus nama kam irra iyyuu caalaatti humna guddaa kan qabuu fi namoota hundumaa fi wantoota hundumaa kan hoogganu jechuu dha. Angafti dhibbaa sun naa’oo isaa isa dhukkubsate Yesus fayyisuufiif humna akka qabu amane. Yesus, angafti dhibbaa sun namoota biyya Israa’el keessa jiraatan hundumaa caalaa amantii guddaa qaba jedhe.

Humna Hafuura Qulqulluutiin karaa dubbii Isaatii, Yesus ofii Isaa irratti amantii guddaa nuu kenne. Amantiin kun baay’ee ajaa’ibsiisaa dha; sababiin isaa nuyi argachuudhaaf yookiin bitachuudhaaf wanta tokko illee gochuu hin dandeenyu. Yesus toluma nuuf kenne; sababiin isaa Inni guddaa nu jaallata. Yesus yeroo amantii nuuf kennu, Inni akka Gooftaa keenya ta’e in amanna. Yesus Isa duukaa akka buunuu fi tajaajilluuf cubbuu keenya akka nuuf dhiisuu fi nu gargaaru in amanna. Amantiin keenya kennaa dinqisiisaa Waaqayyo Isa dinqisiisaa biraa kan nuuf kennamee dha. Waa’ee kanaaf Isa galateeffachuu fi jajachuutu nuuf ta’a.

Faarfannaa kana ijoollee barsiisi. Yeedaloo (qooqa) faarfannaa kanaa hin beektu yoo ta’e, jechi isaas dubbatamuu in danda’a. Sarara tokko tokkoon, gocha isaa wajjin ijoollee barsiisi.

Dubbadhu/ faarfadhu

Gooftaa Yesus amantii dinqisiisaa in kenna.

Hojjedhu

Inni laphee keenya kan Isaa taasifata. Quba argisiistuutiin fannoo hojjedhu, laphee kee irra kaa’i.

Inni in jaallata, dhiifama in kenna; Inni in du’e, amma jiraataa dha.

Mootiin keenyaa teessoo Isaa isa waaqa irraa irra taa’ee jira.

Waa’ee ayyaana isa dinqisiisaatiif, Waaqayyo Isa ol waaqa irra jiruuf galata dhiheessina.

Ol ilaaliitii fuulakee ibsi.

Mataakeegadiqabiitii,harkawwankeewalitti qabi.

Sababi Isaatiif, jireenya haaraa jiraanna. Ol utaalii harkawwan kee walitti rukuti.

Gooftaa keenya jaalalaan tajaajilla. Barruu ol garagalichiitii harkawwan kee diriirsi.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti (Efesoon 2:8).

Yaadachiisa: yoo ijoollee umurii waggaa afurii fi shanii barsiifta ta’e, luqqisicha kutaa jalqabaa qofa hanga jecha “fayyifamatan” jedhuutti barsiisi.

Ijoolleeofitti naannessii teessisiitii MacaafaQulqulluukeebanadhu.Akkas isaaniinjedhi, cubbuu keenyattii fayyinee, jireenyi haaraa inni bara baraa kan nuuf kenname, nuyi wanta tokko illee hojjonneef miti, garuu wanta Yesus nuuf hojjete irraa kan dhuffee dha. Isatti amanuuf illee Waaqayyo amantii nuuf kenne. Jechoonni Macaafa Qulqulluu keessaa muraasi kana nu yaadachiisan: Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti. Waaqayyo guddaa waan nu jaallatuuf kennaa amantii dinqisiisaa isa fayyisu akka nuuf kenne kan nu yaadachiisan jechoota Macaafa Qulqulluu haa barannu.

Akka kanatti fufee jiruutti sagalee rukuttaa muusiqaatiin akka adeemsa hiriirtotaatti miillaan lafa dhiituudhaan luqqisicha barsiisi. (Hiriirtonni angaficha dhibbaa fi loltoota isaa wajjin ol haa seenan.) Ijoolleen akka dhaabatan taasisi. Luqqisicha kutaa jalqabaa, “Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan” isa jedhu barsiisi. Yeroo ijoolleen isa sirriitti danda’an, luqqisicha kutaa lammaffaa dabalii barsiisi.

Isin ayyaana Waaqayyiitiin (miillaan lafa dhiiti, miillaan lafa dhiiti), karaa amantii (miillaan lafa dhiiti, miillaan lafa dhiiti) fayyifamtan (miillaan lafa dhiiti, miillaan lafa dhiiti)- inni immoo (miillaan lafa dhiiti, miillaan lafa dhiiti) kennaa Waaqayyoo ti malee (miillaan lafa dhiiti, miillaan lafa dhiiti) gocha ofii keessanii miti, (miillaan lafa dhiiti, miillaan lafa dhiiti).

Yaadachiisa: Yoo barbaadde, luqqisicha muusiqaa miillaan lafa dhiituu dhiiftee, muusiqaa harka walitti rukutuutiin barsiisuu in dandeessa.

Faarfannaa: Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha (Lakkoofsa 21); Guddaa guddaa caalu (Lakkoofsa13), fi Nuyi gammachuu qabna (Lakkoofsa 28) jedhan farfadhaa.

Hojii harkaa:Gaachana Amantii

Gaachana isa jalqaba barumsa kana irratti qopheessite kobbii halluu wajjin barattootaaf kenni. Akkas isaaniin jedhi, Angafti dhibbaa inni Yesusiin arguu dhufe sun akka uffata walagoo isaatti keessaa tokkootti gaachana qabatee dhufe. Gaachanni loltuu maal fayyada? (Diinaan akka hin miidhamneef isa golga.) Gaachanoonni kunneen gaachanoota amantii ti. Amantiin Yesus irratti qabnu diinotakeenya,cubbuu,du’aa,fiSeexanairraanu oolcha. Waa’eeYesus Fayyisaa keenyaa fi humna Isaa isa amannuu argisiisuudhaaf gaachanoota keenya halluudhaan haa bareechinu. Jalqaba, ijoolleen fannoo guddaa walakkeessa gaachanichaatti akka tolchan isaanitti himi. Akkas jedhi, fannoon kun cubbuu keenyattii akka fayyinuuf Yesus lubbuu Isaa akka nuuf kenne nu yaadachiisa. Itti fufiitii, gaachanoota isaanii irratti onnee akka fakkisaniif ijoolleetti himi. Akkas jedhi, onneen Yesus sababii guddaa nu jaallateef akka nuuf

du’ee du’aa ka’e nu yaadachiisa. Gaachanoota isaanii irratti duumessoota lamaa fi ifti isaan keessaa utuu ba’uu kan argisiisu akka ijoollee fakkisan itti himi. Akkas jedhi, duumessooti kunneenii fi ifti mallattoo samii ti. Yesus du’ee du’aa ka’uu Isaatiif, warri Isatti amanne hundumtuu waaqa irraa mana qaba. Xumura irratti, gaachanoota isaanii irratti fuula ifaa akka fakkisan ijoolleetti himi. Akkas jedhi, Ayyaana Waaqayyoo isa dinqisiisaa isa amantii, dhiifama cubbuu fi karaa Yesus jireenyi haaraan nuuf kenneef nuyi gammachuu qabna. Ijoolleen gaachanicha qabatanii gara mana isaaniitti adeemuu akka danda’aniif kirnii isaa mataa isaanii haa diratan.

Kadhannaa xumuraa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 41

Kumaatama Sooruu Isaa

Maatewos 14:13-21; Maarqos 6:30-44; Luqaas 9:10-17; Yohannis 6:1-15

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 108-109

Dhugaa ijoo

Nuyi fedhii baay’ee qabna; keessumattuu fedhii cubbuuttii, du’aa fi Seexanattii fayyuu qabna. Yesus fedhii kanaa fi fedhii biroo kan qaamaa fi lubbuu keenyaa karaa baay’ee, karaa beekamaa fi dinqii hojjechuu Isaatiin nuuf guuta.

Kaayyoo Barumsichaa

Barattoonni barumsicha booda Humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Yesus dinqii hojjechuu Isaatiin qurxummii lamaa fi buddeena shan qofaadhaan namoota 5,000 ol akka nyaachisee fi erga namoonni hundumtuu quufanii booda hurraan buddeenii hedduun akka hafe inBEEKU

• Fedhii isaanii guutummaatti guuttachuuf, keessattuu fedhii fayyinaaf Yesus irraatti hundaa’uutti in GUDDATU.

• Wantoota Yesus kennuuf hundumaaf Isa galateeffachaa in DEEMU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti Qabatamu

Waaqayyo gaarii waan ta’eef, isaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata (Macaafa Faarfannaa 136:1)!

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu orgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara dhumaa irratti argaman fayyadamta yoo ta’e, barumsa 41ffaa kan qophaa‘e waraabbii taasisi. Orgoggeewwan murii baasiitii kobbii halluudibi. Hapheefayyadamiitii mukatti yookiinbaala(waraqaa)furdaatti maxxansi.

2. Hojii harkaa barumsa 41ffaatiif fakkii akka fakkeenyaatti qophaa’ee, qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu yaadannoo galataa isaa tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraabbii taasisi. Tokkoo tokkoo yaadannoo kana muriitii baasi. Yeroo hojii harkaa kana jalqaban, ijoolleen yaadannoo kana sarara walakkaasaa irratti walitti haa dachaasan.

Macaafa Qulqulluu Bu‘uureffachuu

Maatewos 14:13-21; Maarqos 6:30-44; Luqaas 9:10-17; Yohannis 6:1-15 dubbisi. Hojii dinqii Yesus tokkoo tokkoo gabaasa Wangeelotaa dubbisuun wanat tullicha irratti ta’e yaada guutuu siif kenna. Waa’ee du’aa ka’uu Isaa malee dinqii Yesus hojjete keessaa kan barreestoonni Wangeelota afuranuu barreessan tokkicha kanaa dha.

1. Guyyuma taateen seenaa Macaafa Qulqulluu barumsa kanaa raawwaatame, Yesus oduu garaa namaa cabsu tokko daga’e: mootichi Herodis (mootummaa Roomaa jalatti bulchaa

Palastiinaa) durbii Yesus isa ta’e Yohannis Cuuphaan morma mursiise. Bartoonni Yohannis erga reeffa Yohannis fuudhanii awwaalanii booda, dhaqanii Yesusitti himan (Maatewos 14:1-12; Maarqos 6:14-29; Luqaas 9:7-9).

2. Namoota baay’ee barsiisuu fi fayyisuudhaan guddaa dadhabuu Isaatii fi du’a Yohannis dhaga’ee guddaa gaddauudhaan, Yesus “kophaa isaa bidiruudhaan achi ka’ee gara iddoo qoofniitti sokke” (Maatewos 14:13). Wangeelli Maarqos “Isin duwwaan anaa wajjin gara iddoo qoofniitti ba'aa, takkas boqodhaa!” isaaniin jedhe. Namoonni baay'een in dhufu in adeemus; kanaaf nyaataaf illee yeroo hin qaban turan” jedha (Maarqos 6:31). Dhugaawwan kanneen keessatti ammas Yesus nama dhugaa akka ta’e argina. Yeroo namni Inni jaallatu du’etti Yesus in gadde. Dadhabeeras. Yesus bartoota Isaa wajjin “bishaan ciisaa Galiilaa, isa bishaan Xiberiyaas jedhamu ce'e” (Yohannis 6:1). Isaan karaa mandara Betsayidaa jedhamuu lafa duwwaatti ba'an (Luqaas 9:10). Yeroo gabaabaadhaaf qofaa isaanii boqochuudhaaf yaalan illee, “Namoonni utuu isaan adeemanii waan arganiif baay'een kana hubatan; warri mandaroota hundumaa keessaa dhufan, miillaan fiiganii, karaa lafaa naanna'anii, isaan duras iddoo sana in ga'an” (Maarqos 6:33).

3. Yesus qarqara bishaaniitti yommuu bidiruu keessaa ba'utti, tuuta gobbuu arge, “Isaan akka hoolota tiksee hin qabnee waan turaniif immoo isaaniif in oo'e” (Maarqos 6:34; Maatewos14:14).Namaafoo’uunjaalala,gara-laafina,kunuunsuu fihojiidhaanargisiisuu of keessaa qaba. Utuma dadhabuu illee Yesus, “isaan simatee, waa'ee mootummaa Waaqayyoo isaanitti hime; warra fayyuun isaaniif barbaachises fayyise” (Luqaas 9:11). Tikseen tokkoo tokkoo hoolota dallaa isaa keessa jiranii in jaallata, in kunuunsas. Yeroo isaan dhukkubsatan in gargaara. Gara bishaan qulqulluu fi soorrataatti isaan geggeessa. Balaa irraa isaan eega. Hoolonni tiksee hin qabne, kaayyoo tokko malee asii fi achi joory, in du’us. Yesus, tiksee gaarii keenya, nuun warra hoolota Koo jedhee waamuuf akkanuma nuuf hojjeta. Yesusiin malee, namoonni biyya lafaa irratti kaayyoo fi abdii fayyinaa malee jireenya isaanii guutuu asii fi achi jooru. Warri Yesusiin hin beekne bara baraan in du’u.

4. “Aduun yommuu gad sokkite, bartoonni kudha lamaan gara isaa dhufanii, ‘Namoonni kun gara gandeenii fi manneen nutti aanan kana dhaqanii, lafa bultiitii fi waan nyaataa akka barbaaddataniif gad dhiisi; iddoon nuyi jirru kun lafa onaa dha’” jedhaniin (Luqaas 9:12). Yesus garuu wanta caalu tokko yaada Isaa keessaa qaba ture. Inni bartoota Isaatiin, “Isin ofii keessanii waan isaan nyaatan kennaaf!” jedhe (Luqaas 9:13). Wangeelli Yohannis kan jedhu, Yesus namoota danuun yommuu arge, “‘Buddeena jarri kun nyaatan eessaa binna?’ jedhee Filiphosin gaafate. Kana immoo waan Filiphos jedhu ilaaluuf itti dubbate, Yesus ofii isaatii waan gochuuf jedhe beeka ture'o” (Yohannis 6:5-6).

5. Duuka buutonni Yesus warri baay’ee Isatti dhihaatan dinqiiwwan hedduu akka Inni wantoota hundumaa irratti humna qabu argisiisan duraan arganiiru yoo ta’e illee, rakkoo haala nyaataa kana akka hiikuuf battalumatti gara Isaa ilaaluu irra, waa’ee gufuuwwan qabatamoo namoota baay’ee sooruu isaanii dura dhaabatanii qofa yaadan. Kana irratti Filiphos deebisee, “Buddeenni meetii dhibba lamaa iyyuu tokkon tokkon isaanii xinnoo xinnoo illee wal hin ga'u” jedheen (Yohannis 6:7). Bartoonni karaan sun horii guddaa kan

baasisu akka ta’e irratti walii galan (Maarqos 6:37). Indriiyaas obboleessi Simoon Phexros, bartoota Isaa keessaa tokko kan ture, Yesusitti dubbatee, “Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko as jira; garuu namoota baay'ee kanaaf kun maal godha?” jedhe (Yohannis 6:9). Deebii kanaaYesus isatti argisiisuudhaaf ta’a.

6. Yesus namoota marga irra akka teessisaniif bartoota Isaa abboome (Yohannis 6:10). Yohannis dhiironni naannoo 5000 akka achi turan dubbata. Maatewos dubartoonnii fi ijoolleen akka achi turan itti dabalee dubbata (Maatewos 14:21); kanaaf lakkofsi namoota sooramanii 5000 ol ture. Yesus dhibba dhibbaan, shantama shantamaanis isaan teessise (Maarqos 6:40). Buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee “gara waaqaatti ol ilaalee, eebbisees buddeenan sana cabse” (Maarqos 6:41). Akka isaan namootaaf dhiheessaniif Yesus buddeenaa fi qurxummii sana bartoota Isaatti kenne. Yesus hamma isaan barbaadan kenneef (Yohannis 6:11).

7. Namoonni erga nyaatanii quufanii booda, Yesus, “Waan tokko illee akka hin badnetti, hurraa isa hafe walitti qabaa!” jedhee bartoota isaatti hime (Yohannis 6:12). Qurxummii xuxinnoo lamaa fi biddeena shan namoota 5000 ol haala gaariitiin nyaachise qofa miti; hurraa irraa hafes gundoo kudha lama guutuu walitti qaban (Yohannis 6:13). Namoonni sun dinqii Yesus hojjete sana yommuu argan, “Kun dhuguma raajicha, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana” jedhan (Yohannis 6:14). Dinqiin Yesus hojjete Ilma namaa ta’uu Isaa fi jireenya bara baraa Inni kennu argisiisa. Garuu namoonni Yesus raajii akka Musee isa, humna Waaqayyootiin, lafa onaa keessatti namootaaf nyaata dhiyeessetti amanan. Isaan Yesus duukaa yoo bu’an, yeroo hundumaa utuu wal irraa hin citin nyaati akka dhihaatuuf amanan. Fedhii dhugaa Yesus qabu: jireenya hafuuraa isaanii sooruu, cubbuu isaaniittii isaan fayyisuu fi jireenya haaraa isa bara baraa kennuufii akka ta’e isaan hin hubanne.

8. Yesus namoonni kunneen dhufanii humnaan isa qabanii, mootii isa godhachuudhaaf abbaluutti akka jiran hubate (Yohannis 6:15). Garuu kun akeeka Yesus gara biyya lafaa dhufeef hin turre. Yesus utuu kun akka ta’uuf eeyyameera ta’e, fedha Waaqayyo Abbaa duukaa hin bu’u; Fayyisaa cubbuu keenyattii nu furus hin ta’u ture. Kanaaf Yesus, “kophaa isaa ammas gara gaaraatti jalaa sokke.”

9. Yommus Yesus, “Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela'u, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu. Ani buddeenicha jiraataa isa waaqa irraa gad bu'ee dha; eenyu illee buddeena kanattii yoo nyaate bara baraan in jiraata; buddeenni ani biyya lafaatiif jireenya fiduudhaaf kennus, foon koo ti” isaaniin jedhe (Yohannis 6:35, 51).

Buddeena garbuu jireenya qaama keenyaatiif nuuf kennus yoo ta’e, yookiin foon ofii Isaa jireenyi hafuuraa keenya isa bara baraatiif nuuf kennuun, Yesus nu jiraachisa; wanta nu barbaachisu hundumaas nuuf kenna.

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa: Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: Galanni galanni(Lakkoofsa 5) jedhu faarfadhaa!

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Hojiidhaan mul’isuu:Hammam?

Ijoollee ofitti naannessi teessisi. Akkas jedhii gaafadhu, Atii fi maatiin kee guyyaa tokkotti buddeen hammamii nyaattu? (Waa’ee kanaa akka irratti yaadaniif barattootaaf yeroo xinnoo kenniif. Yoo ijoollee xixinnoo barumsa idileen duraa ta’an barsiifta ta’e, gosa nyaata adda addaa isaanii fi maatiin isaanii guyyaa guyyaatti nyaatan akka maqaa dha’anif jajjabeessi.)

Guutummaa barattoota kutaa keenyaa guyyaa tokko nyaachisuudhaaf nyaata hammamii barbaachisa jettanii yaaddu? (Ammas, ijoolleen itti haa shallagan.) Guutummaa namoota barumsa Sanbata Guddaa (Dibataa) keenya keessa jiran hundumaa guyyaa tokko nyaachisuudhaaf nyaata hammamii barbaachisa jettanii yaaddu? (Akkuma lakkoofsi namootanyaatanii guddataaadeemu, nyaatichis in dabala. Kanaaftokkoon tokkoonnamaa hamma quufanitti nyaachuudhaaf buddeena hammamii fudhata jedhanii lakkoofsaan adda baasuun ulfaataa dha.)

Yoo qurxummii xixinnoo lamaa fi buddeena haphii xixinnoo shan qabda ta’e, namoota hammamiitu nyaachuu danda’a jettee yaadda? (namoota lama qofa, tarii immoo namoota sadii.) Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, Yesus qurxummii xixinnoolamaa fi buddeena shan eebbisee namoota baay’ee nyaachise. Yesus gaaricha irratti namoota hammamiiakkasoorebeekuudhaafseenaaMacaafaQulqulluukanasirriittidhaggeeffadhu.

Faarfannaa: Dubbichi Waaqayyoo garaa keenya keessatti jedhu (Lakkoofsa 3) faarfadhaa. Seenaa Macaafa qulqulluu himuu

Filmaata 1:Macaafa Barsiisaa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa isa “Kumaatama Sooruu Isaa” jedhu yommuu isaaniif dubbistu caalchisanii akka dhaggeeffatan taasisuuf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadami.

Filmaata 2:Gochaadhaan Argisiisu

Utuu ati “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa dubbistuu akka isaan seenicha gochaashaan argisiisanitti barattoota kee ga’ee namoota seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa jiranii akka taphataniif afeeri. Bartoota Yesusiin, bartoota kudha lamaan, gurbaa xinnaa buddeena baatee jiruu fi namoota hedduu bakka bu’antu si barbaachisu. (Yaadachiisa: Yoo barattoon kee muraasa ta’an, seenicha bartoota kudha lamaa gadiin hojjedhaa.)

Utuu seenicha dubbistuu, akka seenaa sanaatti akka sosocho’aniif barattootatti himi. Akka seenicha keessatti barreeffametti haasaa Yesusii fi bartoota Isaa irra deebi’anii akka dubbatan barattoota gargaari. Isaan utuu hin nyaatin namoota garee gareedhaan teessisuuYesusiin akka gargaaraniif barattootatti himi.Mucaan ga’ee Yesus taphatu harka isaa gara waaqaatti ol kaasee waa’ee qurxummii fi buddeen sanaatiif akka Waaqayyoon galateeffatu taasisi. Bartoonni hurraa buddeenii namoota baay’ee keessaa utuu walitti qabanii sochiidhaan haa argisiisan.

Seenaa Macaafa Qulqulluu irraa deebi’uu

Gaaffilee Seenicha irratti hundaa’e: Gaaffilee kanatti fufanii jiran garee sana gaafadhu:

1. Gaara sana irra namoota meeqatu rure? (Gara namoota 5000, itti dabalees dubartoonnii fi ijoolleen achi jiru turan; kanaaf namoota kumaatama hedduu ta’u.)

2. Jalqaba yeroo Yesus Waaqayyoon galateeffatu sana buddeena meeqa qabu turan? (Qurxummii lamaa fi buddeena shan qabu turan.)

3. Erga namoonni nyaatanii booda hurraa buddeenii meeqatu hafe? (Hurraa buddeenii gundoo kudha lama guutuutu hafe.)

4. Wantoonni sadi Yesus namoota sanaaf hojjete maal fa’i? (Yesus namoota in barsiise, attamitti akkamootummaaWaaqayyootti galanisaanitti hime.Yesus warren dhukkubsatan fayyise. Yesus namoota achi jiran hundumaa nyaachise.)

Sochii hojiitiin irra deebi’uu: dhugaa isaa anatti himi

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Akkas jedhi, Waa’ee barumsa Seenaa Macaafa Qulqulluu kanaa ilaalchisee himoota muraasan isiniif dubbisa. Garuu himoonni ani isiniif dubbisu kunneen hundi dhugaa miti. Himi sun akka dhugaa ta’uuf attamitti akka jijjiirtan yoo hubattan, ka’aatii dhaabadhaa. Akka isaan dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu kanaa qabatamaa natti himaniif na3moota adda addaan nan fila.

Tokkoo tokkoo hima sanaa barattootaaf dubbisi. Himichi yeroo sirratu attamitti akka dubbifamu tokkoo tokkoo hima sanaa booda hammattuu keessa jira. Dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu sana sirriitti akka dubbatanif akka barbaachisaa ta’etti barattoota gargaari. Hamma dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu qabatamaa ta’e sirriitti qabatanitti barattoonni erga sirreessanii booda, hima sana irra deebitee akka dubbiste mirkaneeffadhu.

1. Yesusii fi bartoonni Isaa dhaqanii qurxummii qabuu akka danda’anitti galaana Galiilaa ce’an. (Yesusii fi bartoonni Isaa akka boqochuu danda’anitti galaana Galiilaa ce’an.)

2. Yesus qarqara galaana Galiilaatti yommuu bu’e tuuta gobbuu warra isa duukaa bu’an sana hin simanne. (Yesus qarqara galaana Galiilaatti yommuu bu’e tuuta gobbuu warra isa duukaa bu’aniif in oo’e; dhukkubsatoota in fayyise, isaan in barsiises.)

3. Yeroo galgalaa’e, waan nyaatan akka argataniif Yesus namoota sana gara manaatti isaan erge. (Yeroo galgalaa’e, wanta nyaatan akka namoota sanaaf kennaniif Yesus bartootatti hime.)

4. Indiriyaas gurbaan tokko buddeena lamaa fi qurxummii shan qaba jedhee Yesusitti hime.(IndiriyaasgurbaantokkobuddeenashaniifiqurxummiilamaaqabajedheeYesusitti hime.)

5. Erga Yesus buddeena sana eebbisee namoota sanaaf kennee, akka homaa tokko hin hafnetti namoonni sun buddeena sana nyaatanii fixan. (Yesus buddeena sana eebbisee namootaaf kennee, namoonni sun buddeena sana hamma barbaadan erga nyaatanii booda huraa buddeenii gundoo kudha lamatu hafe.)

Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaan Wal-fudhachiisuu

Sochii hojii irra oolchuu: Yesus wanta nu barbaachisu nuuf dhiheessa

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Akkas jedhi, jecha dhiheessuu jedhu yoo beektu ta’e, harka keessan ol kaasaa. (Hamma deebii quubsaa argattutti ijoolleef carraa kenni.) Jechi “dhiheessuu”

jedhu “wanta barbaachisu kennuu” jechuu dha. Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti Yesus attamitti wanta barbaachisu namootaaf dhiheesse? (Yesus attamitti gara waaqaatti/samiitti akkagalanitti hime.Yesus namootadhukkubsatan fayyise.Yesus namootasana nyaachise.)

Yesus wanta sibarbaachisu karaalee attamii faa siif dhihyeesse? (Akka ijoolleen deebisan taasisi. Kan Yesus jireenya foon (qaama) isaaniitiif dhiheesseef wantoota baay’ee kan akka nyaataa, uffataa, mana, hiriyaa (michuu) fi maatii maqaa dha’uu in danda’u. Wantoota Yesus dhiheesseef kan ijoolleen maqaa dha’an waraqaa irratti tartiibessii barreessi, yookiin ijoollee oolmaa daa’immanii barumsa duraatiif fakkiiwwan salphaa kaasi.)

Amma, kennaawwan hafuura Yesus kennu irratti akka xiyyeeffataniif ijoollee geggeessi:-Yesus dhugumaan wantoota isin maqaa dhooftan hundumaa nuuf kenna. Yesus akkasumas karaa biraas wanta nu barbaachisu nuuf dhiheessa. Lubbuu keenya isa Yesusiin amanuu fi amanatuuf wanta barbaachisu, Yesus in dhiheessaaf. Lubbuun keenya cubbuuttii fayyituudhaafYesusjireenyaIsaanuufkenne.Yesusergadu’eeboodadeebi’eejiraataata’e. Ammaan booda akka isaan jireenya keenya Waaqayyo irraa adda hin baasnetti diinota keenya, jechuun cubbuu, du’aa fi Seexana Yesus humna Isaa guutuudhaan mo’e. Yesus dhiifama cubbuu, jireenya bara baraa fi mana waaqa irraa nuuf kenne. Akkasumas akka Isa amannuu fi abdannuuf amantii nuuf kenne.

Yesus gaara sana irratti namoota sanaaf qurxummii fi buddeena kennuu dura maal godhe? (Yesus waa’ee buddeena sanaaf Waaqayyoon galateeffate.) Eenyummaan keenya hundumtuu fi wanti nuyi qabnu hundumtuu Waaqayyo biraa dhufe. Waaqayyo wantoota baay’ee, baay’ee gaarii nuuf kenna! Waa’ee wantoota kanaaf galata Isaaf haa laannu.

Faarfannaa kanatti fufee jiru ijoollee barsiisi. Faarfannicha akka ijoollee toora tokko tokkoon si booda irra deebi’anii jedhan taasisi.

Barsiisaan in faarfata

Ijoolleen irra deebi’anii in faarfatu.

Yesus galata kee, Yesus galata kee, Waa’ee buddeena keenyaaf. Waa’ee buddeena keenyaaf. Wanta nuuf laatte hundumaaf. Wanta nuuf laatte hundumaaf.

Ati gaarii dha.

Ati gaarii dha.

Yaa Yesus jaallatama, Yaa Yesus jaallatama, Beekuudhaaf nu gargaari, Beekuudhaaf nu gargaari, Ati Fayyisaa keenya Isa jaallatamaa dha. Ati Fayyisaa keenya Isa jaallatamaa dha. Kun dhugaa dha.

Kun dhugaa dha.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: Waaqayyo gaarii waan ta'eef, isaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata. Faarsaa 136:1

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Macaafa Qulqulluu kee basi akkas jedhi: Yesus baay’ee gaarii dha! Inni nu jaallata; nu kunuunsas. Inni ofii Isaatti amantii nuuf kenna; cubbuu keenyas

nuuf dhiisa. Inni waaqa irratti mana nuuf kenna; bara baraan in jiraanna. Macaafa Qulqulluu keessa luqqisiin gaaummaa fi araara Isaa isa bara baraatiif Yesusiin galateeffatu jira. Jechoota Macaafa Qulqulluu kunneen dhaggeeffadhu: Waaqayyo gaarii waan ta'eef, isaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata. Guyyaa keessaa yeroo kamitti illee Yesusiin galateeffachuudhaaf luqqisiin Macaafa Qulqulluu kun karaa guddaa dha. Mee jechoota Macaafa Qulqulluu kunneen haa barannu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana kutaa tokko irratti isa kaan dabaluudhaan barsiisi. Jalqaba, Waaqayyo gaarii waan ta'eef jedhi. Ijoolleen kutaa kana yeroo baay’ee irra daddeebi’anii akka jedha taasisi. Itti aansuudhaan, Isaaf galata galchaa jedhi. Ijoolleen kutaa kana lamaan yeroo baay’ee walduukaa irra deddeebi’anii akka jedhan taasisi Waaqayyo gaarii waan ta'eef, isaaf galata galchaa! Ergasii booda kutaa luqqisii isa sadaffaa itti dabali. Waaqayyo gaarii waan ta'eef, isaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata. Luqqisii kana hamma ijoolleen sirriitti beekanittiirradeddeebi’i

Faarfannaa:Galanni, galanni(Lakkoofsa 5)fi Nuyi gammachuu qabna(Lakkoofsa 28), Waaqayyo gaarii dha (Lakkoofsa 32) jedhu faarfadhaa.

Hojii harkaa: Yaadannoo/Qabsiisa Yesus galata Kee

Yaadannoo/Qabsiisa waraqaalee akkina hojii harkaa barumsa kanaaf qopheessite qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu irraa waraabbii qopheessite kenniif. Fakkiin qurxummii fi buddeenii fuul-dura mataa kaardichaa irratti akka mul’atutti waraqaa isaanii walakkaatti akka dachaasaniif yoo barbaachisaa ta’e ijoollee gargaari.

Akkas jedhi, biyyoota baay’ee addunyaa kana keessatti, namoonni namoota waa isaaniif kennan yookiin isaan gargaaran galateeffachuuf yaadannoo barreessu. Yesus nuuf dhimma; wanta hundaas nuu kenna. Kanaaf Yesusiif yaadannoo galataa haa qopheessinu. Jalqaba, keessa qurxummii fi buddeenii fuuldura kaardichaa irratti halluu haa dibnu.

Kobbii halluu adda addaa kenniif. Ijoolleen yeroo qurxummii fi buddeena sana halluu diban, jechootaa “Yesus galata kee” jedhan kanneen fakkiilee sana marsanii jiran kobbii halluutiin akka miidhagsaniif yoo in barbaachisa ta’e isaan gargaari. Amma immoo akka barattoonni kaardota sana gara keessaatiin banan afeeri.

Karaalee Yesus wantoota barbaachisoo ta’an nuuf dhiyeessu isa duraan tartiibessitanii fi irratti mariyattan fayyadamii, karaalee Yesus ittiin isaan gargaare akka ijoolleen fakkiilee isaa fakkisan taasisi. Wantootaakkanyaataa,mana,uffata,fayyinaqaamaa,fieebbahafuuraa(dhiifamacubbuu, amantii, waaqa irra, jaalalaa fi eeggannaa) ta’uu in danda’u. Duuba yaadannoo Sanaa irratti maqaa isaanii akka barreessaniif akka barbaachisaa ta’etti tokkoo tokkoo ijoollee gargaari. akka akka isaan kaardii isaanii irratti karaa keessaa yookiin duubaa barreessaniif. Yommuu ati kadhannaa xumuraa kadhattu ijoolleen yaadannoo sana harkatti akka qabatan taasisi.

Kadhannaa Xumuraa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 42

Yesus Bishaan Irra Adeemuu Isaa

Maatewos 14:22-33; Maarqos 6:45-52; Yohannis 6: 16-21

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 110-111

Dhugaa ijoo

Shakkii fi sodaan Yesusii fi humna Isaatti amanuu akka irraanfannu nu taasisuu danda’a. Jalalaa fi dhiifama gochuu isaatiin, wanta hamaa hundumaa: cubbuu, du’aa fi Seexana, kanneen biroos nu oolchuu Isaatiin Yesus amantii keenya nuu guddisa.

Kaayyoo barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin, barattoonni:

• Yesus Waaqayyo keenya humna gudda kan qabuu fi wantoota hunduma to’atu akka ta’e in BEEKU.

• Akka Yesus nagaatti isaan eeguu fi isaaniif yaadu humna Isaa amanuu fi abdchuutti in GUDDATU.

• Haalota hundumaa keessatti jabina Isaa abdataniin xiyyeeffannaa isaanii Yesus irratti taasifachuudhaan in JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu suammuutti qabatamu

Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aango-qabeessattis jabaadhaa (Ephesoon 6:10).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara dhumaa irratti argaman fayyadamta yoo ta’e, barumsa 42ffaa tiif kan yaadaman waraabbii taasisi. Fakkii horgoggeewwan sanaa murii baasiitii halluu dibi Tokkoo tokkoo horgoggee muka yookiin baala yabbuu irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Shaanii golboo xixiqqoo sadii kanifa hin dabarsinewalitti qabi. (Yooshaaniinhin jiruta’e, kubbaayyaa ifa hin dabarsine yookiin baalota fufurdaa sadii yookiin dhagaa batteenis in ta’a. Yoo baalota yookiin dhagaa fayyadamta ta’e, hapheen ittiin walitti qabsiistu si barbaachisa.) Waraqaa irraa boca fannoo xinnoo murii baasi. Mata-duree “Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu” jedhu ilaali.

3. Qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti hojii harkaa kan barumsa 42ffaa tiif qophaa’e tokkootokkooijoolleetiifwaraabbiitaasisi.Tokkootokkoonfuulaa“HunmaFannoo”lama qabaata. Tokkoo tokkoo ijoolleetiif fannoo lama barbaachisa: tokko ofii isaaniif qabachuudhaaf, tokko immoo nama biroof kennuudhaaf. Yoo ijoollee umurii afurii fi shanii barsiista ta’e, yeroo barumsichaa dura fannoo sana murii baasi. Yoo barattoota gurguddoo barsiifta ta’e, ofii isaaniitiin fannoo sana muranii basuu in danda’u.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Maatewos 14:22-33; Maarqos 6:45-52 fi Yohannis 6: 16-21 dubbisi. Seenaa Macaafa qulqulluu kana irraa taatee galaana Galiilaa irratti raawwatame sana fakkii guutuu argachuudhaaf kutaalee

Macaafa Qulqulluu kana sadan dubbisi. Bishaan irra deemuun Phexros Wageela Maatewos qofa keessatti barreeffame.

1. “Yesus hamma ofii isaatii tuuta sana gad dhiisutti, bidiruu yaabbatanii isa dura gamatti akka ce'aniif bartoota isaa in giddisiise” (Maatewos 14:22). Tuuti Yesus geggeesse namoota 5000 ol kanneen dinqii Yesus hojjeteen buddeena shanii fi qurxummii lama nyaatanii dha. Erga namoota sana gad dhiisee boodas, Yesus kofaa Isaa kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e (Maatewos 14:23). Yeroo isaan naannoo Beetasayidaa ga’an sunsa‘atii Gooftaa keenyaa dursee karoorse ture.

2. “Yommuu galgalaa'e bidiruttiin ciisa bishaanichaa walakkaa jirti; Yesus garuu kophaa isaa bakkee ture” (Maarqos 6:47). Yesus galaana Galiilaa irratti fagootti ilaalee, bartoonni isaa bidiruudhaan utuu adeemanii qilleensi gara isaaniitti qilleensa'uu irraa kan ka'e, rakkachaa akka turan arge (Maarqos 6:48). Wangeelli Yohannis “Qilleensi jabaan qilleensofnaan bishaanichi raafame” kan jedhu dabalee dubbata (Yohannis 6: 18). Galaanni Galiilaa gaarota itti naanna’anii jiran irraa qilleensa jabaa tasaaf akka saaxilamu yaadadhu (Maarqos 4:37). Bartoonni, “Kiilo metrii shanii hamma ja'aatti bidiruudhaan erga adeemanii booda, Yesus bishaan gubbaa adeemee gara bidirichaatti utuu dhi'aatuu arganii sodaatan (Yohannis 6: 19). Halkan keessaa gara iyya indaanqoo isa lammaffaattis Yesus bishaan gubbaa adeemaa gara isaanii dhufe (Maatewos 14:25; Maarqos 6:48). Warri Roomaa halkan tokko kutaa afuritti qoodu: 1) galgala sa’atii 1-3, 2) sa’atii 4-6 (halkan walakkaa),3)iyyaindaaqqooisaduraasa’atii7-9fi4)iyyaindaaqqooisalammaffaasa’atii 10-12. Utuu hin bari’in halkan kana, qilleensa hamaa fi bubbee isaaniitti ka’e sanaaf bishaanicha rukutuudhaan bartoonni hin dadhaban. Utuu Yesus bishaan irra adeemaa gara isaanii dhufuu yommuu argan Isa ta’uu hin beekne. kanaaf baay'ee na'anii, “Innoo ekeraa dha” jechaa, sodaachuu isaanii irraa kan ka'e in iyyan (Maatewos 14:26; Maarqos 6:49).

3. Saba Yihudootaa keessatti ekeraa amanuun beekamaa dha. Ekeraan halkaniin yoo mul’ate balaa fida jedhanii amanu turan. Yesus immoo achumaan isaanitti dubbatee, “Jabaadhaa, innoo anaa,hin sodaatinaa!”jedhe(Maatewos14:27).Phexrosdeebisee, “Gooftaa!Si erga ta'ee, bishaan gubbaa gara kee akkan dhufu na abboomi!” jedheen (Maatewos 14:28). Inni immoo, “Kottu!” jedhe; yommus Phexros bidiricha keessaa ba'ee bishaan gubbaa gara Yesusitti adeemuutti ka'e (Maatewos 14:29). Hamma Phexiros dinqii kana akka godhuuf eenyu akka isa dandeessise irraanfatutti wanti hundumtuu sirriitti adeemaa ture. Qilleensi jabaan sun yeroo isatti dhaga'ame garuu in sodaate; gad liqimfamuu jalqabnaanis iyyee, “Gooftaa! Na oolchi!” jedhe (Maatewos 14:30). Phexiros Gooftaa irratti of gatuu irraanfatee gara ofii isaa yommuu ilaale in sodaate.

4. Ayyaanaa fi araara Isaatiin, “Yesus achumaan harka isaa hiixatee isa qabe” (Maatewos 14:31). Yesus duuka buutota Isaa keessaa eenyullee akka Isa duraa badu hin barbaadu. Garuu mamuu isaatiif Phexirosiin in ifate. Phexiros, amantii isaa jalqabaa hirisu illee, wanta irraa baratu baay’ee qaba.

5. Yeroo isaan bidiruu yaabbatanitti qilleensichi in dhaabate (Maatewos 14:32). Yesus, Gooftaa wantoota hundumaa ti; kun immoo qilleensa, bubbee fi uumama hundumaa dabalata. Ammas Phexirosii fi bartoota kanneen biroos badiisa oolche. Kana irratti warri bidiricha keessa turan Yesusiif sagadanii, “Ati dhuguma ilma Waaqayyoo ti!” jedhaniin (Maatewos 14:33). Jechi sagada jedhu asitti kalattiidhaan akka fayyadamametti “gadi

jechuu/gugguufuu” yookiin “miilla nama tokkoo jalatti kufuu” jechuu dha. Bartoonni humna barsiisaa isaanii baay’ee dinqisiifatan. Yeroo dhumaatti bakka isaan jiranitti Yesus qilleensa gab godhe; isaan immoo dinqisiifatanii Inni kun eenyu waliin jedhan (Maarqos 4:41). Dinqii kana irratti dubbiin isaanii guddina amanitti fi hubannaa Waaqayyo isaaniif kenne argisiisa.

6. Yommuu rakkoo hamaan yookiin qoramsi nu mudatu, nuyis akkasumas yeroo baay’ee furmaata isa ta’e – Yesusiin dhiifnee, rakkoo sana irratti xiyyeeffanna. Yeroo kun ta’u, Yesus akkuma Phexirosiin, “Jabaadhu, innoo Anaa, hin sodaatin!” jedhe nuunis isuma nu yaadachiisa. Jechoonni Yesus inni nama jajjabeessu, jechi guddaan “ANA” jedhu, akka Inni Waaqayyo ta’e beekuuf nu gargaara (Seera Ba’uu 3:14). Yesus wanta kam irra iyyuu caalaa jabaa dha! Isatti amanuudhaan “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a” (Philiphisiiyus 4:13).

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:“Waaqayyo koo” (Lakkoofsa 32) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Beeksisu

Gocha sochiidhaan argisiifamu:-nama waa sodaate fakkaadhu

Ijoollee wajjin marsaa geengootiin dhaabadhaa. Akkas jedhi, barumsa keenya darbe tokko tokko keessatti, waa’ee wantoota nama sodaachisan yookiin nama dhiphisanii dubbannee turre. Yeroo ani wanta nama sodaachisu yookiin dhiphisuu dubbadhu, wanta gootan anatti argisiisaa.

1. Saree guddaan tokko guruuri’aa sitti dhufaa jira. (Ijoolleen deebii haa kennan. Isa boodas, wanti wayyu ija sarichaa keessa ilaaluu dhiisanii sirriitti jabaatanii dhaabachuu akka ta’e isaanitti argisiisi.)

2. Bubbee cimaatu ka’aa jira. (Ijoolleen deebii haa kennan. Isa booda, wanti wayyu akka hin miidhamnetti iddoo itti ooluu danda’an, wantoonni isaan irratti gadi kufuu danda’an irraa fagoo ta’etti baqachuu fi mataa isaanii aguugachuu akka ta’e isaanitti argisiisi.)

3. Ati maatii kee keessaa nama tokkotti soba himteetta. (Ijoolleen deebii haa kennan. Isa booda, wanti gaariin ati gochuu qabdu gara namoota sana dhaqxee akka soba isaanitti himteefdhiifamagaafachuudha.Ergasii boodadhugaaitti dubbadhu; jedhii isaanitti himi.)

Amma marsaa geengoon dhaabadhaatii harka keessan walitti qabadhaa; mataa keessanis gadi qabadhaa. Akkas jedhii gaafadhu, Maalan hojjechaa jira? (Kadhachaa). Eenyuun kadhanna? (Yesus) Yeroo rakkoon nu mudatu maaliif Yesusiin kadhanna? (Yeroo kadhannu, Yesus isa nu gargaaruudhaaf humna qabuu fi isa kana gochuudhaaf abdii nuuf kenne irratti xiyyeeffanna.)

Wanta akkasii irratti kadhachuun yaada gaarii dhaa? (Eeyyee.)

Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, Phexirosii fi bartoonni Yesus kanneen biroos baay’ee sodaatanii turan. Maal akka ta’e hubachuudhaaf sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:Wangeelli keenya caaffata lubbuu qabuu dha(Lakkoofsa 35) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1: Seenessuu kee milkeessuudhaaf, yeroo “Yesus Bishaan Irra Adeemuu Isaa” isa jedhu macaafa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa dubbistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara dhumaa irratti argaman fayyadami.

Filmaata 2:Gocha sochiidhaan argisiifamu

Seenaa Macaafa Qulqulluu sochii armaan gadiitiin himi. Tokkoo tokkoo hima seenichaa dubbisi. Akka ijoolleen si boodaan gocha isaa irra deebi’an itti himi.

Dubbadhu Hojjedhu

Gaaf-tokko halkan walakkaa, Phexirosii fi bartoonni biroon bidiruu galaana Galiila irra in oofu turan.

Yesus isaanii wajjin hin turre. Inni gaara irratti Waaqayyoon Abbaa Isaa kadhachaa ture.

Halkanichi sossokkaa deeme; qilleensi jabaan immoo qilleensa’uu jalqabe.

Akka waan bidiruu ooftuutti irree kee sochoosi.

Harkawwan kee walitti qabii mataa gadi qabadhu.

Irreewwan kee diriirsii duraa fi duubatti urgufi.

Dhahaan galaanaa bidiruu bartootaatti bu’e. Asii fi achi raafami. Bartoonni nama bishaan gubbaa deemu tokko akka tasaa argan. Isaan sodaatanii “Ekeraa dha!” jedhanii iyyan.

Yesus yeroo sanatti isaan waamee, “Jabaadhaa, innoo anaa, hin sodaatinaa!” jedhe.

Phexros deebisee Yesusiin, “Gooftaa! Si erga ta'ee, bishaan irra gara kee akkan dhufu na abboomi!” jedheen.

Yesus immoo Phexrosiin, “Kottu!” jedhe.

Phexros bidiricha keessaa ba'ee bishaan irra gara Yesusitti adeemuutti ka'e.

Phexiros akka tasaa qilleensicha argee in sodaate; gad liqimsamuus jalqabnaan iyyee, “Gooftaa! Na oolchi!” jedhe.

Yesus hiixatee harka isaa qabee “Phexros, akka wanta ani akka ati liqinsamtu taasisuutti battalumatti yaaddee?”

Qubaan asii achi argisiisii, nama sodaate fakkaadhu.

Nama tasgabbaa’e fakkaadhu.

Akka nama iyyuutti harka kee afaan kee irra kaa’i.

Nama harkaan nama waamu fakkeessi.

Suutaa fi eeggannaadhaan iddoo jirtutti adeemi.

Akka nama bishaaniin nyaatamaa jiruutti jilba gadi qabi.

Harka kee hiixadhu.

Yesusii fi Phexros bidiruu sana lixan. Qilleensichis battalumaan gab jedhe. Ol jedhii dhaabadhu, tasgabaa’is.

Namoonni bidiruu keessa turanis Yesusiin, “Ati dhuguma Ilma Waaqayyoo ti!” jedhan. Gadi jedhii sagadi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an: gaaffilee kana garee kee gaafadhu:

1. Bartoonni yeroo Yesusiin argan maal yaadan? (Bartoonni Yesusin hin hubanne. Isaan ekeraadha jedhanii yaadan.)

2. Phexros maal gochuu barbaade? (Phexros bishaan irra deemee gara Yesus dhaquu barbaade.)

3. Bartoonni maal jedhan yeroo Yesusii fi Phexiros bidiruutti seenan? (Isaan Yesusiif sagadanii “Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo ti” jedhan.)

Sochii hojii keessa deebiidhaaf:- seenaa Macaafa Qulqulluu himmuu keessatti filmaata isa itti hin fayyadamin keessa deebi’uudhaaf gargaarami. Keessa deebii kanaaf filmaata tokkoffaa fayyadamta yoo ta’e, akka ijoolleen horgoggeewwan fayyadamanii seenaa Macaafa Qulqulluu kana sitti himan afeeri.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Ija keenya Yesus irra keewwachuu

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Shaanii golboo sadii duraan walitti qabde baasi. Gadi garagalchii ofii kee dura sararaan kaa’i. Fannoo xixinnoo yeroo barumsaa dura hojjette baasi. Akkas jedhi, tapha haa taphannu. Tapha kana mo’achuudhaaf, wanta ani hojjedhu kana sirriitti ilaaluu isin barbaachisa. Fannoo ani qabu kana ilaalaa. Akka ijoolleen hundumtuu arguu danda’anitti fannoo sana ol qabi. Itti fufiitii fannoo sana akka inni hin argamnetti shaanii golboo tokko jala kaa’i. Akkas jedhi, gara shaanii golboo isa ani fannoo jala kaa’e sanatti quba qabaa. Shaanii golboo isa ati fannoo sana jala keesse ijoolleen hundumtuu beekuu isaanii mirkaneeffadhu.

Yaadachiisa: Yoo bakka shaanii golboo yookiin kubbaayyaa, baala yookiin dhagaa fayyadamta ta’e, akkuma shaanii golboo sanaatti sararaan kaa’i. Yeroo taphaa fannoo sana baala jala yookiin dhagaa jala kaa’iBaala sana yookiin dhagaa sana jalatti haphee xinnoo isheetiin qabsiisi. Ergasii booda akka armaan gadiitti itti fufi.

Amma tartiiba isaanii waliin makuudhaaf shaanii golboo kanan naannessuu jalqaba. Yeroo hundumaa, ija keessan shaanii golboo isa fannoo haguugee jiru irra kaa’aa. Yeroo taphichi xumuramu,akka isin deebiftanii shaanii golbookanatti qubaqabdan isinan gaafadha. Yeroo naannessuu fitartiibaisaaniijijjiiruudhaafsosochoostushaaniigolboosana akkumagadigaragalee jirutti tursi. Shaanii golboo sana daqiiqaa muraasaf erga iddoodhaa iddootti sochooftee booda, dhaabi. Shaanonni golboon sun ammas sararaan qajeelanii jirachuu isaanii mirkaneeffadhu. Akkas jedhi,shaanii golboo anifannoojalakaa’ettiqubaqabaa. Barattoonnii baay’eenshaanii golboo isa sirrii akka adda baafatan nan abdadha. Boca fannoo mul’isuudhaaf shaanii golboo sana ol kaasaa.

Gaafadhu, seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti dinqiiwwan turan maal fa’i? (Yesus bishaan irra deeme. Phexros bishaan irra deeme. Yesus qilleensa bidiruu bartootatti bu’aa ture dhaabe.) Phexiros maaliif bishaaniin liqimsamuu jalqabee? (Phexros xiyyeeffannaa isaa humnaa fi jabina Yesus irraa kaasee, dhiphinaa fi sodaan akka isa to’atu wanta taasiseefii dha.) Yesus jaalalaa fi gargaarsa Isaa attamitti Phexrositti argisiise? (Yeroo Phexiros bishaaniin liqimsamuu jalqabe, Yesus battalumatti bira ga’ee akka inni gadi hin liqimsamneef Phexrosiin in gargaare.)

Tapha keenya keessatti yoo ija keessan shaanii golboo isa fannoon jala jiru irraa kaaftan maaltu ta’a? (Shaanii golboo isa fannoon jala jiru in irraanfattu). Sodaa fi dhiphinni keenya yeroo tokko tokko akka nuyi ija keenya Yesus irraa kaafnu nu taasisu. Sodaa fi dhiphinni keenya Yesus wanta kam irra iyyuu caalaa jabaa ta’uu Isaa akka nuyi irraanfannu taasisuu in danda’u. yeroo akkasii Yesus sababii guddaanu jaallatuuf wanta kamiin iyyuu akka nuuf hojjete, nuuf hojjetus hin yaadannu. Mallattoo fannoo taphichaaf fayyadamte kana ol kaasi. Dhiphina keenya isa guddaa, rakkinaa fi balaa cubbuu keenyaa hundumaattii nu fayyisuudhaaf Yesus fannoo irratti du’e. Du’aa ka’ee cubbuu, du’a, fi Seexana humna guutuudhaan mo’atee, akka nuyi jireenya bara baraa isa haaraa qabaachuu dandeenyu nu

taasise. Yesus erga wantoota dinqisiisoo kanneen nuuf hojjeteee, sodaa, dhiphinaa fi rakkina keenya hundakeessatti nu gargaaruudhaafhumnaqabaachuu Isaa amanuu in dandeemnya. Fannoon kun Yesus akka Fayyisaa keenyaatti wanta hundumaa akka nuu hojjete nu yaadachiisa. Yeroo sodaannu hundumaatti humnaa fi jaalala Isaa akka yaadannuuf Yesus nu gargaara. Gonkumaa akka hin sodaannetti akka Isa amanannu Yesus nu gargaara. Karaa amantii keenyaa, nuyi Yesus keessatti jaboo fi gootota.

Luqqisii Macaafa QulqulluuSammuutti qabatamu: Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aangoqabeessattis jabaadhaa (Efesoon 6:10).

Ijoollee ofitti naannesii teessisi. Macaafa Qulqulluu kee baafadhu. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu dhageessan keessaa kan jabinaa fi humna Yesus argisiisan muraasi maal fa’i? jedhiitii gaafadhu. (Yeroo Yesus bubbee galaanichaa tasgabeesse, namicha dhagni isaa gar-tokko du’ee fi naa’oo angafa dhibbaa fayyise, intala Yaa’iroos du’aa kaase, bishaan daadhiitti jijjiiree fi namoota 5000 ol nyaachise akka yaadataniif ijoollee gargaari.) Dinqiin Yesus hojjete hundumtuu jabina fi humna Isaa argisiisu. Yeroo seenaawwan kanneen dhageenyu, karaa Yesusiitiin jaboo ta’uu keenyaa fi humni Isaa dhukkubattii akka nu fayyisu, nu gargaaruu, balaa irraa nu oolchuu fi cubbuuttii nu fayyisu in yaadanna.

Macaafa Qulqulluu kee banii akkas jedhi, Macaafa Qulqulluu keessaa jechoonni tokko tokko akka nuyi Yesus keessatti jaboo taane nu yaadachiis. Isaan keessaayis, Ephesoon 6:10: “Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa” jedha. Mee jechoota Macaafa Qulqulluu kanneen haa barannu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana barsiisuuf, kutaa sana garee lamatti qoodi. Garee tokko luqqisii kutaa jalqabaa, Kanaa achi, Gooftaatti isa jedhu barsiisi. Garee lammaffaa luqqisii kutaa lammaffaa, humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa jedhu barsiisi. Gareen 1 akka luqqisii isaanii jedhan abboomi, garee 2 itti aansi. Ergasii booda, kutaawwan luqqisii sanaa gareewwan sana gidduutti wal jijjiiruudhaan irra deebi’aa. Dhuma irratti, hundumti isaanii guutummaa luqqisichaa wal duukaa akka jedhan taasisi.

Faarfannaa:Yesus nu jaallata (Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Ijoolleen jechoota kana akka xiyyeefannaa itti kennan isaan gargaari, “Isaan dadhaboo dha, Inni garuujabaadha”dhumaLuqqisii1irratti.Akkacubbuunkeenyadhadhabaanugodhu,garuuyeroo Yesusitti hirkannuu fi xiyyeefannaa keenya Isa irra yeroo kaawwannu, jaalalli Isaa fi dhiifamni Isaa jabaa nu jabeessu barattoota yaadachiisi. Akkasumas Nan amana Gooftaa akkan hin badne (Lakkoofsa 27) irra deebi’ii barsiisi.Yeroo sodaannu, Yesusin waamuu in dandeenya innis nu gargaara.

Hojii harkaa: Humnaa Fannoo Isaa

Fannoowwan lama(yookiinwaraqaahojii harkaafakkii fannoowwanlamaa wajjin)tokkoo tokkoo barataaf kenni. Akkas jedhii gaafadhu, fuula kana irratti mallattoowwan maalii argitu? (Fannoowwanii fi onnee.) Yeroo fannoo arginu, maal yaadanna? (Yesus cubbuu keenyaaf achi irratti akka nuuf du’e yaadanna. Yesus du’aa ka’ee humna guutuudhaan cubbuu, du’a fi Seexana nuuf mo’e. Fannoon kun Yesusitti amanuudhaan cubbuu, du’aa fi Seexana irratti humna akka qabnu nu yaadachiisa.) Maaliif mallattoon onnee tokkoo tokkoo fannoo sana irra jiraachuun barbaachise? (Onneen sun Yesus cubbuu keenyaaf akka du’e nu yaadachiisa; sababiin isaa Inni baay’ee, baay’ee nu jaallata. Yesus nuu fi namoota warra kaaniif jaalala Isaa kenneera. Jaalalli

Yesus gargaarsa isaa akka barbaadnuu fi warra kaan akka tajaajillu nu taasisa). Yesus Fayyisaan keenya humna qabeesssa. Jaalalli Isaa nu jijjiiruu fi ijoollee isaa nu taasisuudhaaf humna qaba. “Humni Fannoo Isaa” nu waamuu kan danda’eef iyyuu kanaafi.

Waraqaa sana kobbii halluu dibi. Ijoolleen tokkoo tokkoo fannoo fi onnee sanaa akka dibaniif abboomi. Ijoollee warri gurguddoon tokkoo tokkoo “boca Fannoo” sana muruu in danda’u waan ta’eef murtuu dhiheessiif. Akka isaan fannoowwan isaanii keessaa tokko hambifatanii, isa kaan maatii isaanii keessaa nama tokkoof yookiin hiriyaa isaaniitiif akka kennaniif ijoollee qajeelchi. Akkas jedhi, Yeroo “Humna Fannoo” sana nama tokkoof kennitu, akkas jedhi, “Jaalalli Yesus inni humna guddaa qabu fi fannoo irratti du’uun Isaa cubbuu keettii si fayyisa.”

Kadhannaa Xumuraa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 43

Maariyaamii fi Maartaa

Luqaas 10: 38-42

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 112-113

Dhugaa Ijoo

Hojii fi gochi biyya lafaa kun akka nuyi xiyyeeffannaa keenya Yesus irraa kaasnu nu taasisuu in danada’u. Yesus jalqaba akka Isa dhageeffannu fi dubbii Isaa fi fedha Isaa akka barannuuf nu gargaara. Itti aansuun sababii jaalala fayyinaa Inni nuuf qabuuif, nuyis jaalala guutuudhaan akka Isa tajaajilluuf nu geggeessa.

Kaayyoo Barumsichaa

Gargaarsa humna Hafuura Qulqulluutiin, dhuma irratti barattoonni

• Maartaan Yesusii fi bartoota Isaa tajaajiluuf akka dhiphattu fi Maariyaam Dubbii Isaa dhaggeeffachuu akka filatte in BEEKU.

• Isaan Dubbii Isaa dhaga’uu fi barachuudhaaf fedhii Yesus biratti yeroo dabarsuutti in GUDDATU.

• Carraa argatan hundumaa keessatti Yesusii fi jaalala fayyisuu Isaa carraa argatan hundumaa keessatti barachaa in JIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

Egaa amantiin dhaga'uu irraa in dhufa, wanti dhaga'uun ta'u immoo dubbii Kristosiin in beekama (Roomaa 10:17).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 43ffaa kanaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sana boca isaaniitiin murii baasiitii halluu kobbii dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Fakkeenya hojii harkaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu fayyadamii waraqaa rog-arfee santii metira squ’erii 10, baay’inni isaa 5 ta’e tokkoo tokkoo ijoolleetiif murii baasi. Tokkoo tokkoo waraqaa rog-arfee sana mataa dura karaa bitaatiin xiqqeessi uriitii kinii yookiin fo’aa qalloo keessa baasii hunda isaanii walitti hidhi. Macaafaa eddattoo kana qopheessuudhaaf qajeelfama “Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu” keessa jiru hordofi.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Luqaas 10:38-42dubbisi. Akkasumaskateeksimoos isaxiqqaaLuuterbarreesse,ibsaisaawajjinii keessaa abboommii 1 fi 3,addumaan gaaffilee 22 fi 40 irra deebi’ii ilaali.

1. Yeroo Yesusii fi bartoonni Isaa magaalota adda addaa deeman, amantoonni mana isaaniitti simatanii nyaataa fi iddoo bultii in kennuuf turan. Mana Maartaa fi Maariyaam,

obboleettota lamaan mandara Bitaniyaa jiraachaa turaniittis kanumatu ta’e (Yohannis 11:1). Bitaniyaan Yerusaalemitti dhiyoo ture. Maartaan Yesusii fi bartoota Isaa mana isheetti simatte (Luqaas 10:38),

2. Maartaan namoota kudha sadii beela’oo sanaaf nyaataa fi wantoota adda addaa qopheessuudhaaf hojiin itti baay’atee ture. Yeroo sana, Maariyaam obboleettiin ishee, “miilla gooftichaa jala teessee, dubbii isaa dhaggeeffachaa turte” (Luqaas 10:39-40). Dubartoonni lamaanuu wantoota barbaachisoo hojjechaa turan.

3. Maartaan yommuu hojjettu, guddaa “dhiphatte.” Kanaaf gara Yesus dhaqxee Maariyaam waan ishee gargaaruu dhiifteef Isatti iyyatte (Luqaas 10:40).GaaffiiMaartaatiif deebii kennuudhaaf, Yesus qabxii barbaachisaa tokko dubbate. Wanti Maartaan hojjette dhuguma barbaachisaa ta’uu isaatii hin mormine yoo ta’e illee, Yesus “Maariyaam qooda gaarii isa ishee duraa hin fudhatamne sana fo'atte” jedhe (Luqaas 10:42). Akkuma Yesus dubbate, Maartaan wantoota fooniif barbaachisaniin Isaa fi bartoota Isaa keessumsiisuudhaaf “in yaaddofti in hammacamtis” turte (Luqaas 10:41). Yesus dubbii Isaaf yeroo kennuu fi barsiisa Isaa dhaggeeffachuun barbaachisaa akka ta’e dubbate. Wanti Maartaan hojjette kan biyya lafaa fi kan yeroo gabaabaa ti. Wanti Yesus barsiisee fi wanti Maariyaam dhageesse garuu kan bara baraa ti.

4. Yeroo Yesus biratti boqonnuu fi Isa irraa barachuun nu barbaachisutti hojiinii fi itti gaafatamummaan biyya lafaa akka gidduu seenu taasisna. Yeroo dubbii Waaqayyoo dhaggeeffannu, Hafuurri Qulqulluun nu haressuu fi xiyyeeffannaa fedhii Waaqayyo jireenya keenyaaf qabu irratti qabnu guddisuuf nu keessatti hojjeta. Yeroo dubbii Waaqayyoo dhaggeeffannu, jireenya guyyaa guyyaatti jiraannuuf nagaa, abdii, fi jabina arganna. Karaa qalbii jijjiirrannaa, labsii dhiifama cubbuu fi irbaata qulqulluu, nuyi jaalala, araaraa fi jireenya isa karaa Kristositti amanuu qofa argamu arganna.

5. Yaadachiisa: Yeroo seenaa Macaafa Qulqulluu kana barsiistu, Maartaa yakkamtuu hin taasisin. Wanti Maartaan Yesusii fi hiriyoota Isaa kunuunsuudhaaf hojjette jaalalaa fi keessummeessuu isaaniif godhame irraa kan maddee dha. Garuu Maartaan Yesusii wajjin turuunii fi Isa dhaggeeffachuun wanta laphee keenyaa fi jireenya keenya keessatti jalqaba ta’uu qabuuf yeroo kenuu irra, hojii isa ishee dhiphisuu fi jeequuf of kennite.

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:“Yesus nu jaallata”(Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Gocha sochiin argisiifamu:-Yesus erga mana koo dhufee ani…

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Akkas jedhiin, Yesus yeroo qaamaan biyya lafaa kanakeessajiraachaature,barsiisuudhaaf,fayyisuudhaa figargaaruudhaafiddoodhaagara iddootti deemaa ture. Magaalota muraasa Yesus dhaqe, hiriyoonni Isaa fi bartoonni Isaa wajjin dhaqan. Yesus utuu gara mana keetii dhufee maaltu ta’a? Isa simachuudhaaf maal goota? (Ijoolleen deebii haa kennan.) Isa booda itti fufi:-

Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, Yesus hiriyoota Isaa Maariyaamii fi Maartaa daawwate. Yeroo Yesus mana isaanii dhufe sana Maariyaamii fi Maartaan maal akka godhan hubachuudhaaf seenaa Macaafa Qulqulluu kana sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: Dubbichi Waaqayyoo (Lakkoofsa 3) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1: Yeroo “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa “Maariyaamii fi Maartaa” isa jedhu dubbistu calchisanii akka dhaggeeffatan taasisuuf horgoggeewwanqajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadami

Filmaata 2:Gocha Mul’atu

Ga’ee Maartaa, Maariyaam, Yesusii fi bartoota Isaa kudha lamaanii akka taphataniif barattoota fili. (Yoo barattoota muraasa qabda ta’e, bartoota kudha lamaa gadi qabaachuu in dandeessa.)

Yeroo seenaa sana Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa dubbistu, barattoonni sitti naanna’aa seenaa ati dubbistu sana akka irra deebi’aniif abboomi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu irra deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an: gaaffilee kanatti fufanii jiran garee sana gaafadhu:

1. Maartaan maaliif dhiphatte? (Maartaan yeroo Yesusii fi bartoota Isaatiif nyaataa qopheessituu fi hojii mana keessaa hojjetu gargaarsa Maariyam waan barbaaddeef in dhiphatte.)

2. Maariyaam maal filatte? (Maariyaam miilla Yesus jala teessee barsiisa Isaa dhaggeeffachuu filatte.)

3. Yesus maal jedhe?(Yesus hojii mana keessaaf dhiphachuu irra, miilla isaa jala teessee Isa dhaggeeffachuun akka isheef in wayya ture gara-laafinaan Maartaatti hime. Kun wanta Maariyaam filattee dha.)

Hojiidhaan keessa deebi’uu: sagalee malee gochaadhaan Seenessuu

Seenaa armaan gadii tokko tokkoon erga dubbistee booda, hojiidhaan argisiisi. Isa booda akka isaan dhaabatanii si boodaan irra deebi’anii hojjetaniif barattoota afeeri.

Dubbadhu Hojjedhu

Yesus hiriyoota Isaa Maartaa fi Maariyaamiin ilaaluudhaaf in dhufe.

Iddoo jirtutti adeemi.

Maartaan Yesusii fi bartoota Isaa mana isheetti simatte. Hiriyoonni kee akka ol seenaniif fuula ifaa fi mallattoo sochii harkaatiin argisiisi.

Maariyaam Yesusiin dhaggeeffachuudhaaf in teesse. Gadi taa’i.

Maartaa hojiin itti baay’atee ture. Isheen Yesusii fi bartoota Isaaf nyaata qopheessiti; manas in qulleessiti turte.

Waan nyaata sochoostuu fi lafa qulleessitu fakkeessi.

Maartaan in dhiphatte. Wanti hojjetumuu qabu baay’eetu ture. Qofaa ishee hojechuu waan dandeessu isheetti hin fakkaanne.

Maartaan Yesusin “Yaa gooftaa obboleettiin koo kophaa akkan hojjedhuuf isa na dhiifteef anaaf hin yaadduu ree? Egaa akka na gargaartuuf itti naa himi kaa!” jette.

Yesus gara-laafinaan, “Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati in yaaddofta, waan baay'eettis hammacamta. Kan barbaachisu waan tokkicha, Maariyaam qooda gaarii isa ishee duraa hin fudhatamne sana fo'atte” jedhe.

“Miti” jechuudhaaf nyaara guurii mataas raasi.

Miillaan lafa dhiitii aaruu kee argisiisi.

Gadi taa’iitii aharka kee gurra kee duubaan qabiitii waanta dhaggeeffachaa jirtuutti fakkeessi.

Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin Wal-fudhachiisuu

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Seenaa Fayyinaa

Ijoollee ofitti naannessii teessisii akkas jedhii gaafadhu;Erga Yesusii fi bartoota Isaa mana isheetti simattee booda Maartaan maal goote? (Maartaan nyaata qopheessuu fi mana qulleessuutti kurkurte.) Maariyaam maal goote? (Maariyaam miilla Yesus jala teessee barsiisa Isaadhaggeeffataaturte.) Yesus maaliifMaartaadhaan Maariyaam qoodagaarii filattejedhe? (UtuudhumaYesusin tajaajiluun barbaachisaata’eejiruu,dursayeroofudhatanii Isaafidubbii Isaa dhaggeeffachuun caalaatti barbaachisaa dha.)

Yeroo gara Waldaa Kristaanaa fi barumsa Sanbata Guddaa dhufnu, Dubbii Waaqayyoo dhaggeeffachuudhaaf hojii keenya guyyaa guyyaa in dhaabna. Dhugaa barbaachisaa, Yesus Fayyisaa keenya ta’uu Isaa in baranna. Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisuu fijireenya bara baraa isa haaraa nuuf kennuudhaaf du’ee deebi’ee jiraataa ta’ee. Yesus Fayyisaa ta’uu Isaatti amanuun karaa tokkicha eebba dinqisiisoo kunneen hundumaa Waaqayyo biraa itti fudhannuu fi guyyaa tokko waaqa irra itti jiraannuu dha. Hojii hojjennu kam illee yoo qabaanne, yeroo fudhannee gara mana isaa akka dhufnuu fi wanta Inni akka beeknu barbaadu akka dhaggeeffannu Waaqayyo in barbaada. Yeroo Dubbii Waaqayyoo dhaggeeffannu yookiin dubbifannu, Hafuurri Qulqulluun akka hubannuu fi amannu nu gargaara. Hafuurri Qulqulluun jaalala fayyisuu Yesus akka isaan dhaga’aniif Dubbii Waaqayyoowarrakaanittiakkadubbannunugargaara.WantaYesusFayyisaakeenyanuuf hojjete akka nu yaadachiisuuf macaafa addaa tokko haa tolfannu. Macaafonni kun waa’ee dhugaa Yesus warra kaanitti himuudhaafis nu gargaaru.

Dabtara barreeffama hin qabne “Seenaa Fayyinaa” jedhu qopheessiitii tokkoo tokkoo ijoolleetiif kenni. Akkasumas kobbii halluu adda addaa kenniif. Kobbiwwan kunneen: daalacha, gurraacha, diimaa, magariisaaficuquliisayommuuta’an,dabtarawwan sanamiidhegsuudhaafsi barbaachisu.

Akkas jechuudhaan itti fufi, seenaan Yesus maaliif gara biyya lafa akka Inni dhufe ibsuu irraa jalqaba.Yesuscubbuukeenyattiinufayyisuudhaafdhufe.CubbuunkeenyaWaaqayyoirraa nu fageessa. Rakkoo cubbuu ofii keenyaan of irraa ittisuu hin dandeenyu. Nu gargaaruudhaaf Yesusiin nu barbaachisa. Macaafa kee fuula jalqabaa fokkisaa taasisuudhaaf, guutummaa isaa kobbii halluu daalachaa fi gurraacha dibi. Boci fokkisaan kun nuyi warra cubbamoota akka nu fayyisuuf Yesus nu barbaachisu ta’uu neenya nu yaadachiisa.

Erga ijoolleen macaaficha fuula jalqabaa halluu dibanii booda, Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf fannoo irratti du’uu Isaa fakkisuu itti fufaa. Yesus hanqina hin qabu. Inni cubbuu gonkumaa hojjetee hin beeku. Cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf, Yesus cubbuu biyya lafaa guutummaa ofii Isaatii baate. Yesus fannoo irratti dhiiga Isaa dhangalaasee, adabbii sababii cubbuu keenyaaf nuuf ta’u ofii Isaatii fannoo irratti gidirfame. Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf gidirfamuu fi du’uu Isaa akka si yaadachiisuuf macaafa kee fuula lammaffaa guutummaa halluu diimaa dibi.

Yeroo ijoolleen macaafota isaanii fuula lammaffaa halluu dibanii xumuran, akka isaan fuula sadaffaatti darbaniif abboomi. Akkas jedhii gaafadhu, fuulli macaafa keetii kun halluu maalii qaba? (Adii) Fuulli adiin kun sababii Yesus nuuf du’eef, cubbuun keenya akka nuuf dhiifame nu yaadachiisa. Macaafa kee fuula kana akka Yesus dhiifama siif kenne si yaadachiisuuf akka adii ta’etti dhiisi.

Macaafa isaanii gara fuula afuraffaatti akka darbaniif ijoollee abboomi. Akkas jedhi, Yesus erga fannoo irratti du’ee, akkuma du’etti hin hafne. Inni deebi’ee jiraataa ta’ee cubbuu, du’aa fi Seexana nuuf mo’e. Yesus bara baaaraan jiraataa dha. Yesusitti amantii qabaachuudhaan, nuyis bara baraan in jiraanna. Yesus jireenya haaraa isa bara baraa nuuf in kenna. Yesus barabaraanakkajiraatuufijireenyabarabaraaakkasiifkennusiyaadachiisuuffuulakana guutummaa isaa halluu magariisa dibi.

Yeroo ijoolleen macaafa isaanii fuula afuraffaa dibanii xumuran, akka isaan fuula dhumaatti darban abboomi. Akkas jedhi, Yesus erga du’aa ka’ee booda, gara waaqaatti ol ba’e. Yommuu Yesus gara waaqaatti ol fudhatamee, duumessi Isa dhose bartoonni Isaa arganiiru (Hojii Ergamootaa 1:9). Yeroo ammaa kana Yesus waaqa irra jira; amantoonni hundumtuu akka achi jiraataniif iddoo isaaniif qopheesseera (Yohaannis 14:2-3). Namoonni Yesusiin akka Gooftaa fi Fayyisaa isaaniitti amanan, gaaf tokko Isaa wajjin waaqa irra jiraatu. Jireenyi waaqa irraa iddoo dinqisiisaa gammachuu fi qannoodhaan guutee dha. Gaaf tokko waaqa irra Yesusii wajjin bara baraan akka jiraattu akka si yaadachiisuuf macaafa kee fuula dhumaa guutummaa isaa halluu cuquliisa dibi.

Yeroo macaafota sana dotteessuun xumuramu, eddattoo macaafa keetii baasi. Akka gara fuula jalqabaatti deebi’aniif barattoota abboomi. Macaafota isaanii fi himoota armaan gadii fayyadamanii seenaa fayyinaa akka dubbatan taasisi:

Fuula 1 argisiisi. Akkas jedhi, boci fokkisaan barreeffama boxoboxamaa qabu kun cubbuu keenyaa dha. Cubbuun keenya biyya lafaa Waaqayyoo isa hanqina hin qabne mancaase. Kanaafuu nama cubbuu keenyattii nu fayyisu tokkotu nu barbaachisa.

Fuula 2 argisiisi. Akkas jedhi; Waaqayyo guddaa waan nu jaallatuuf akka Inni cubbuu keenyattii nu fayyisuuf Yesusiin nuuf erge. Yesus nu furuudhaaf dhiiga Isaa fannoo irratti dhangalaase. Halluu diimaan fuula kana irra jiru, Yesus akka lubbuu Isaa nuuf kenne nu yaadachiisa.

Fuula 3 argisiisi. Akkas jedhi; waan Yesus nuuf du’eef, cubbuun keenya nuuf dhiifameera.

Halluu adiin fuula kana irra jiru, akka Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisuu fi Yesusiif jedhee akka nu irraa dhabamsiisu nu yaadachiisa.

Fuula 4 argisiisi. Akkas jedhi; Yesus erga fannoo irratti du’ee booda, deeb’ee jiraataa ta’e. Yesus bara baraan in jiraata. Karaa amantii Isa irratti qabnuu nuyis bara baraan in jiraanna. Halluu magariisi fuula kana irra jiru, jiraanya haaraa bara baraa karaa Yesusitti amanuu keenyaa qabnu nu yaadachiisa.

Fuula 5 argisiisi. Akkas jedhi; Yesus erga du’aa ka’ee booda, gara waaqaatti ol deeba’e. Inni amantoota hundumaaf achii iddoo qopheesseera. Halluu cuquliisi fuula kana irra jiru, guyyaa tokko Yesusii wajjin waaqa irra bara baraan akka jiraannu nu yaadachiisa.

Yoo yeroon siif eeyyame, barattoota warra fedha qaban garee fuula duraatti ba’anii akka seenaa fayyinaasanamacaafotaisaanii irraadubbisaniifafeeri. Ijoolleen seenaahimuuhammumasiirriitti shaakalaa adeeman, warra kaaniif hiruun baay’ee salphaa isaaniif ta’a.

LuqqisiiMacaafaQulqulluusammuuttiqabatamu: Egaa amantiin dhaga'uu irraa in dhufa, wanti dhaga'uun ta'u immoo dubbii Kristosiin in beekama (Roomaa 10:17).

Ijoollee ofitti naannesii teessisi. Macaafa Qulqulluu kee banadhu. Akkas jedhii gaafadhu; Maariyaam yeroo barsiisa Yesus dhaggeeffattetti, amantii isheen Fayyisaa Isa dhugaa ta’e irratti qabdu in guddate. Yeroo dubbii Isaa dhaggeeffannu amantii nuyi Yesus irratti qabnu in guddata. Akka nuyi dubbicha amannuf Hafuurri Qulqulluun laphee keenya keessatti in hojjeta. Jechoonni Macaafa Qulqulluu waa’ee kanaa nutti himan tokko tokko: “Egaa amantiin dhaga'uu irraa in dhufa, wanti dhaga'uun ta'u immoo dubbii Kristosiin in beekama.” Mee Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana haa barannu.

Luqqisicha barsiisuudhaaf, gaallee jalqabaatiin eegali.Amantiin dhaga'uu irraa in dhufa. Gaallee luqqisicha keessaa jechoota ijoo ta’an akka yaadataniif ijoollee gargaarudhaaf qeeqachitowwan harkaa kanneen fayyadami: amantii-qubeetii argisiistuudhaan fannoo hojjedhuutii onnee irra kaa’i. Dhaga’uu - harka kee golbeessii gurra kee duubaan qabi. Ijoolleen gaallee kana si boodaan akka yeroo baay’ee irra deebi’an jedhan taasisi. Ergasii gaallee lammaffaa isa, wanti dhaga'uun ta'u immoo dubbii Kristosiin in beekamajedhuirratti xiyyeeffadhu. Jecha Kristos yaadachuuf ijoollee akka gargaaruuf qeeqxuu harkaa kana fayyadami - harka kee walitti qabiitii barruuwwan kee ol garagalchii akka Macaafa Qulqulluu bantuutti bani. Yommuu ijoolleen gaallee lammaffaa sirriitti beekan, guutummaa luqqisii sana walii wajjin jedhaa.

Faarfannaa:Yesus Gooftaa dha (Lakkoofsa 36), Jaalalli Kristos (Lakkoofsa 20) jedhu faarfadhaa.

Kadhannaa Xumuraa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 44

Yesus Ijoollee Eebbisuu Isaa

Maatewos 19:13-15; Maarqos 10:13-16; Luqaas 18: 15-17

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 114-115

Dhugaa ijoo

Yesus namni tokko illee ijoollee akka Isa irraa hin dhowwine yookiin namni kam iyyuu gara Isaa akka dhufu in barbaada. Jaalala fayyisuu Isaa akka baratanii fi amanannaa salphaa ta’een akka amanan, Yesus karaa gara jireenya waaqa irraatti geessu Isa tokkicha ta’uu Isaa akka fudhataniif akka hundumaa jajjabeessinuuf Inni nu gargaara.

Kaayyoo barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Yesus akka isaan jaallatuu fi gara Isaa akka dhufan akka barbaadu in BEEKU.

• Yesus isa karaa tokkicha gara waaqaatti geessu ta’e amanachuu isaaniitti in GUDDATU.

• Garaa fedha qabuu fi Yesus, Fayyisaa fi Michuu isaaniitti amanuudhaan in JRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti Qabatamu

“Yesus immoo, “Lakkisaa mucoolii dhiisaa, gara koo dhufuu isaan hin dhowwinaa!

Mootummaan waaqaa warra akkasiitiif in ta'a” jedhe.” Maatewos 19:14

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 44ffaa kanaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sana murii baasiitii halluu kobbii dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi

2. Fakkeenya hojii harkaa, isa “Yesusii fi Ana” jedhu qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu kan barumsa 44ffaa tiif qophaa’e waraabbii taasisi. Akkasuma ofii keetii fayyadamuudhaafis waraabbii taasisi. “Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin Wal-fudhachiisuu” isa jedhu ilaali.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Maatewos 19:13-15; Maarqos 10:13-16; fi Luqaas 18: 15-17 dubbisi. Yeroo dubbistu, dhugaa tokkoo tokkoo Wangeela sanaa keessatti ibsame wal bira qabii ilaali.

1. Qifirnaahomitti barsiisuu Isaatti aansee Yesusii fi bartoonni Isaa kutaa biyya Yihudaa isa Yordaanos gamaa dhaqan. Iddoon kun duraan Kakuu Moofaa keessatti mootummaa gara kibbaa jedhamee kan beekamuyommuu ta’u, yeroo ammaa garuu kutaa kibba Filisxeemi (Maarqos 10:1). “Yesus harkaisaaakkaisaanirra kaa'uufnamoonni tokko tokko mucoolii gara isaatti in fidan” (Maarqos 10:13). Yesus harka isaa mataa ijoollee irra kaa’uun akka waan eebbiseetti ilaalama ture Akka Luqaas 18: 15 ijoollee sana “mucoolii” jedhu yaadadhu. Luqqisiin kun barbaachisummaa mucoolii cuuphuu mirkaneessuudhaaf akka dubbatametti fayyada. Akka Maartin Luuter barreessetti, “Yesus keessumattuu ijoollee

xixinayyoota gara Isaa akka dhufaniif afeera waan ta’eef mucooliin cuuphamuu qabu.”

Luuter akkasumas, “Ijoolleen dubbii isa “saba hundumaa” jedhu kessatti hammatamaniiru waan ta’eefcuuphamuu qabu (Maatewos 28:19; Hojii Ergamootaa 2:38-39). “Mucooliin cubbamoota waan ta’aniif, wanta cuuphaan kennu argachuu isaan barbaachisa (Yohannis 3: 5-6; Efesoon 2:3). “Mucooliins amantii qabaachuu in danda’u” (Maatewos 18:6; Luqaas 1:15,41-44). (Kateekismoos isa Xiqqaa Luuter barreesse Ibsa isaa wajjin, gaaffii 246).

2. Bartoonni Yesus garuu warra akka Inni eebbifamaniif ijoollee gara Yesusitti fidan “ifatanii” isaan dhowwan (Maatewos 19:13; Maarqos 10:13; Luqaas 18: 15). Ifachuu jechuun “ceepha’uu yookiin arrabsuu” jechuu dha. Bartoonni ijoollee irratti xiyyeeffannaa kennuun Yesusiif arbaachisaa miti jedhanii yaadan. Gooftaan garuu faallaa isaanii yaade.Yesus gocha bartoota Isaatti aaree (Maarqos 10:14), “Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa! Mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'a,” jedhe. Yesus itti fufee, “Ani dhuguman isinitti hima, eenyu illee mootummaa Waaqayyoo akka mucaan simatutti kan hin simanne, itti hin galu” jedhe (Maarqos 10:15; fi Luqaas 18:17). Yesus ibsa Isaa keessatti kan Inni dubbate waa’ee ijoollee xixinnayoota qofa miti. Inni waa’ee namoota umurii hundumaa dubbate. Karaan tokkichi ittiin gara mootummaa Waaqayyootti galuu dandeenyu wanta Yesus nuuf hojjete amanuu fi abdachuu dha. Miseensummaan Mootummaa Waaqayyoo kan argamu gaarummaa hojii keenyaatiin miti. Karaa Yesus Kristositti amanuu keenyaa ayyaana Waaqayyoo qofaadhaan arganna.

3. Yeroo sana Yesus, “Mucooliis ammatee harka isaas mataa isaanii irra kaa'ee isaan eebbises” (Maarqos 10:16). Yesus ijoolleen jaalalaan simachuun Isaa kun, mana barumsaa Sanbata Guddaa fi iddoo biraa bakka ijoolleen dhugaa Caaffata Qulqullaa’aa itti barataniii bu’uura. Akka (Efesoon 6:4) jedhutti, “Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa.”

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:“Itti qabsiisi ibidda Hafuuraa” (Lakkoofsa 19) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Beeksisuu

Gocha sochiidhaan argisiifamu: Yesus Na Jaallata

Walii wajjin marsaa geengootiin dhaabadhaa. Faarfannaa “Yesus Nu Jaallata, kanaaf Wangeela Isaan nu waammata” (Lakkoofsa 38)jedhu lakkoofsa jalqabaa qofa faarfadhaa. Akkas jedhii gaafadhu, faarfannaan kun waa’ee Yesus Maal nutti hima? (Akka Yesus nu jaallatuu fi Wangeela Isaatiin nu waamu nutti hima. Akkasumas “xixinnayyoonni” yookiin ijoolleen kan Yesus ta’uu isaanii fi nuyis isa jabaa humna Isaa amanachuu akka dandeenyu nu hubachiisa.)

Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, caalmaatti waa’ee jaalala Yesus ijoolleef qabuu baranna.

Faarfannaa:Yesus in jaallata ijoollee(Lakkoofsa 37) isa jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1: Yeroo “Yesus Ijoollee Eebbisuu Isaa” Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa dubbistu, seenaa Macaafa Qulqulluu himuu kee caalchistee milkeessuudhaaf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu fayyadami.

Filmaata 2: Seenicha wal harkaa fuudhanii dubbachuu

Tokkoo tokkoo hima seenaa Macaafa Qulqulluu sana erga dubbistee booda, si booda ijoolleen qaphxiiwwan ijoo ta’an akkuma barreeffametti akka irra deebi’aniif afeeri.

Barsiisaa:GuyyaatokkoharmootiintokkoijoolleeisaaniigaraYesusfidan.IsaanharkaIsaa irra kaa’ee akka eebbisu barbaadan.

Barsiisaa Ijoollee

Yesus, Yesus, ijoollee keenya eebbisi! Yesus, Yesus, ijoollee keenya eebbisi!

Garuu yeroo isaan gara Yesusitti dhiyaatan, bartoonni isaan dhowwan. Bartoonni isaan dhowwan.

Ijoolee keessaniin Yesusin hin jeeqinaa. Isatti hojiin in baay’ata. Isatti hojiin in baay’ata.

Yesus garuu ijoollee sana arguu barbaade. Inni, “Mucooliin gara koo haa dhufan” jedhe.

Yesus, “Mucooliin gara koo haa dhufan” jedhe. Yesus, “Mucooliin gara koo haa dhufan” jedhe. Yesus, “Mucooliin gara koo haa dhufan” jedhe.

Yesus, “Ijoollee gara mootummaa waaqaatti fiduun barbaada” jedhe.

Yesus, “Ijoollee gara mootummaa waaqaatti fiduun barbaada” jedhe. Yesus mucooliis ammatee harka Isaa mataa isaanii irra kaa'ee eebbises.

Seenaa Macaafa Qulqulluu irra deebi’uu

Yesus mucooliis ammatee harka Isaa mataa isaanii irra kaa'ee eebbises.

Gaaffilee Seenicha irratti bu’uureffatan: gaaffilee kanneen gareewwan sana gaafadhu:

1. BartoonniYesushaadhotiifiijoolleedhaanmaaljedhan?(Hojiinwaan Isattibaay’atuuf ijoollee isaaniitiin Yesusiin akka hin jeeqne bartoonni haadhotiitti himan).

2. Yesus haadhotii fi ijoolleedhaan maal jedhe? (Yesus, “Lakkisaa mucoolii dhiisaa, gara koo dhufuu isaan hin dhowwinaa! Gara mootummaa waaqaatti isaan fiduun barbaada” jedhe.)

Hojiidhaan irra deebi’uu:Seenaa horgoggee

Horgoggeewwan seenaa himuu filmaata 1 keessaa ijoolleedhaaf hiri. Yeroo irra debi’anii seenaa Macaafa Qulqulluu sana sitti himan, ijoolleen akka horgoggeewwan sosochoosan taasisi.

Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Hojii harkaa jireenyaan wal-fudhachiisuu:Yesus na jaallata, kana Ani BEEKA/ fakkiiYesusii fi ana.

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Akkas jedhii gaafadhu; barumsa Seenaa Macaafa Qulqulluu kanairraaYesusakkasijaallatuattamittibeekta? (SeenaaMacaafaQulqulluukeessatti,Yesus isaan eebbisuudhaaf akka haadhotiin mucoolii gara Isaaniitti fidan barbaade. Yesus akkuma namoota hundumaa gara mootummaa waaqaatti fiduu barbaadu, mucooliis gara mootummaa waaqaattin fiduu barbaade.)

Yesus baay’ee isin jaallata; kanaaf cubbuu keessa irraa isin fayyisuudhaaf fannoo irratti akka du’ee fi du’aa akka ka’e Macaafi Qulqulluun nutti hima. Kana jechuun isin guyyaa tokko Yesusii wajjin waaqa irra in jiraattu jedhuu dha. Warreen Fayyisaa isaanii isa ta’e Yesusiitti amanan mootummaa waaqaa keessaa qooda dhabu. Yeroo cuuphamnu, Waaqayyo isin bara baraan ijoollee Koo ti nuun jedha.

Fakkii “Yesusii fi ana” jedhu qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa isa waraabbii taasistee ofii keetiif qopheeffatte baafadhu. Akkas jedhi, Yesus Gooftaa fi Fayyisaa nama hundumaa ti. Inni guddaa waan nu jaallatuuf, cubbuu, du’aa fi Seexana irraa nu furuudhaaf gara biyya lafaa dhufe. Yesus (garee kee keessaa maqaa barataa tokkoo waamiitii) _______ in jaallata. Mucaa kana kan bakka bu’u fuula gammadaa tokko Yesusitti aansii fakkisi. Yesus (garee kee keessaa maqaa barataa biroo tokkoo waamiitii) _____in jaallata. Mucaa kana kan bakka bu’u fuula gammadaa biroo tokko fakkisi. Hamma fakkiiwwan tokkoo tokkoo ijoollee garee kee keessa jiran hundumaa bakka bu’an fakkistee xumurtutti akkuma kanatti itti fufi. (Yaadachiisa: Yoo barattoonni kee baay’ee ta’an, gareewwan xixinnootti qoodi. Hojii kana keessatti tokkoo tokkoo garee geggeessuuf gargaaraa gaafadhu.)

Ijoolleen akka dhaabatan abboomi. Faarfannaa Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha(Lakkoofsa 21) jedhu walii wajjin faarfadhaa.

Yommuu ijoolleen deebi’anii taa’an, waraabbii fakkii “Yesusii fi ana” jedhu kobbii halluu adda addaa wajjin tokkoo tokkoo ijoolleetiif kenni. Akkas jedhi, Yesusitti aansii fakkii ofii keetii fakkisi. Guutummaa qaama keetii kaasi. Uffata har’a uffataa jirtu kaasi. Hamma siif danda’ametti fakkiin sun akka si fakkaatu taasisi. Yesus gara Isaa dhufuu kee akka barbaadu yaadadhu. Inni yeroo hundaa si jaallata.

Fakkii isaanii isa xumurame warra kaanitti akka argisiisaniif ijoollee fedha qaban afeeri. Erga barumsichi xumuramee booda, ijoolleen fakkii isaanii manatti fudhatanii galu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:Yesus, “Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa! Mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'a” jedhe (Maarqos 10:14)

(Yaadachiisa: Yoo ijoollee umurii waggaa afurii fi shanii barsiista ta’e, kutaa luqqisii kana qofa barsiisi: Yesus, “Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa!”)

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Macaafa Qulqulluu kee banadhu. Akkas jedhi, seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, ijoolleen Isaaf hammam akka barbaachisan kan nutti himan, jechoota gurguddaa tokko tokko Yesus dubbate. Jechoonni kunneen: Yesus immoo, “Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa! Mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'a” jedhe. Mee jechoota Macaafa Qulqulluu kunneen haa barannu.

Gaalee luqqisichaa isa jalqabaa ijoollee warra xixinnoo qofa barsiisi. Gaalee kana guutummaatti barsiisi. Ijoolleen hamma sirriitti beekanitti si booda akka irra deebi’anii jedhan taasisi.

Ijoollee warra gurguddoo, garee sadiitti qoodi. Gaalee luqqisichaa isa jalqabaa garee 1 barsiisi, gaalee lammaffaa garee 2, fi gaalee sadaffaa garee 3 barsiisi. Yeroo tokkoo tokkoo garee sanaa gaalee ga’ee isaanii sirriitti beekan, tokkoo tokkoon garee tartiiba ga’ee isaaniitiin luqqisiicha yeroo sadii akka jedhan taasisi. Ergasii akka barattoonni guutummaa luqqisichaa walii wajjin akka jedhani afeeri.

Faarfannaa: Yesus in jaallata ijoollee(Lakkoofsa 37) jedhu faarfadhaa.

Kadhannaa Xumuraa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 45

Abbaa Araara Qabeessa

Luqaas 15:11-32

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 116-117

Dhugaa Ijoo

Yaadi garaa keenyaa inni cubbamaa fi jal’aan Waaqayyo Abbaa keenya, jaalalaa fi gaarummaa Isaa irraas akka garagalluuf nu harkisa. Waaqayyo araara Isaatiin gara cubbuu keenyaaf gaabbinee qalbii jijjiirrachuu fi gara Isaatti deebi’uutti nu geggeessuudhaan, gaarummaa Isaatiin nu simatee cubbuu keenya nuuf in dhiisa.

Kaayyoo Barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Waaqayyo Abbaan isaanii Inni waaqa irraa jaalala daangaa hin qabneen akka isaan jaallatu in BEEKU.

• Waaqayyo Yesusiif jedhee araaraa fi dhiifama cubbuu isaaniif akka taasisu amanuutti in GUDDATU.

• Jaalalaa fi araara Isaa isa dinqisiisaatti gammadanii Waaqayyoon galateeffachaa, garaa qalbii jijjiirratuun in JIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti Qabatamu

“Waaqayyo oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa, aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha” (Faarsaa 103:8).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1.Yeroobarsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana garaduubaa irra jiran fayyadamtayoota’e, kanneen barumsa 45ffaa kanaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sanaa boca isaaniitiin murii baasiitii halluu kobbii dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Barreeffama “Baga nagaan galtan / Anaa Dhufu” jedhu qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu kan barumsa 45ffaa waraabbii taasisii tokkoo tokkoo ijoolleetiif qopheessi. Waan ijoolleen ittiin barreeffama kana bareechuuf fayyadamuu danda’an kan akka cittuu sabbataa, kirnii, qacaacullee bareedaa, mandhee cilalluufi kolbaa wayyaa walitti qabi.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Luqaas 15:11-32 dubbisi

1. Barumsi seenaa Macaafa Qulqulluu kun gosa ogbarruu “fakkeenya” jedhamuu dha. Fakkeenyi kan dhugaa waa’ee Waaqayyoo fi/yookiin mootummaa Isaa ibsuudhaaf seenaa haalota guyya-guyyaatti argaman fayyadamuu dha. Yesus yeroo warra amanuudhaaf laphee banamaa qabanitti karaa dhugaa mul’isuudhaaf barsiise, yeroo baay’ee fakkeenya

fayyadameera. Wangeelonni fakkeenyota adda addaa Yesus fayyadame 55 galmeessa. Barumsa kana keessatti fakkeenyi bartamu Wangeela Luqaas qofa keessatti argama.

2. Fakkeenya kana keessatti jechi “namicha” yookiin “abbaa” jedhu Waaqayyo, Abbaa keenya Isa waaqa irraatti fakkeeffama. Tokkoo tokkoon ilmaan isaa amala keenya isa cubbuun keessa guute argisiisa. Utuu abbaan isaa hin du’in dhaala isaa gaafachuunilma isa quxisuun (Luqaas 15:12), abbaa isaatiif kabaja guddaa akka hin qabne argisiisa. Akka seera bara sanaatti, ilma quxisuuf qabeenya harka sadii keessaa harka tokkotu kennamaaf ture. Abbaan qabeenya isaa utuu hin du’in ijoollee isaa dhiirotaafin hira; garuu yeroo baay’ee ga’een sun du’a abbaa dura hin kennamu ture. Yoo inni gaafate iyyuu ilma quxisuuf akka sanatti dhaala baay’ee kennuun kan hin baratamne ture.

3. “Guyyaa baay'ee utuu hin turin ilmi namichaa inni quxisuun, kan isa ga'e hundumaa calleeffatee, mana abbaa isaatii ba'ee biyya fagoo dhaqe; achitti akka malee jiraachuu isaatiin horii isaa hundumaa akkasumaan bittimse” (Luqaas 15:13). Ilmi quxisuun hamma dandaa’ameefitti abbaa isaa irraa baay’ee fagaatee deemee ture. Inni guutummaan guutuutti walittidhufeenyaisaairraacituufbaay’eeyaale.“Akkasumaanbittimse”jechuun horicha gaalamootaa wajjin fixuu dabalatee, akka malee jiraachuu isaa ifatti kan mul’isuu dha (Luqaas 15:30). Ilmi quxisuun “waan qabu hundumaa fixe” (Luqaas 15:14), ergasii beelli jabaan biyya sanatti bu'e, kanaafis “baay'ee rakkate.”

4. Ilmi quxisuun sun maallaqa ittiin nyaata bitatu barbaadee, hojii booyyee tiksuu argate (Luqaas 15:15). Booyyeen isaan biratti horii xuraa’aa jedhamee waan yaadamaa tureef, Yihudiintokko booyyeetiksuun hojii baay’eeciigaasisaa ture. Ilmi quxisuun kunguddaatti beela’uu irraa kan ka'es qola booyyeen nyaattu illee nyachuu in kajeela ture. Qolli kun muka ija kennu isa naannoo galaana mediteraniyaaniitti beekamaa ta’e irraa kan argamuu dha. Qolli kun dhandhama minyaa’aa of keessaa kan qabuu ta’ee, horiidhaa fi yeroo tokko tokko namaafis nyaataaf kan ooluu dha. Garuu namni tokko illee ilma quxisuu sanaaf wanta nyaatamu hin kenninef (Luqaas 15:16)

5. Amma ilmi quxisuun “beelaanan badduu ba'a” (Luqaas 15:17) jedhe, mana abbaa isaatti deebi’uu fi hojjetaa isaa ta’uudhaaf walii galtee hojii mallatteessuudhaaf murteesse. Akka abbaa isaa yakke beekee, ilmi quxisuun sun cubbuu isaa abbaa isaatti himuu fi hojjetoota isaa keessaa akka isa tokkoo na godhadhu jedhee gaafachuuf karoorse (Luqaas 15:18-19). “Ka'ees gara abbaa isaa dhaquudhaaf karaa irra bu'e” (Luqaas 15:20).

6. Ilmi quxisuun sun tarii altokko waa’ee abbaa isaa irraanfateera ta’a; garuu abbaan isaa gonkumaa isa hin irraanfanne. “Amma illees fagoodhaa utuu inni dhufuutti jiruu, abbaan isaa fuulleetti isa argee garaan isaa mooga'e; itti fiigees ilma isaatti marmee dhungates” (Luqaas 15:20). Garaan mooga'uun jaalala yookiin miira kunuunsuu irra in caala. Jaalala gadi fagoo miira onnee guutuu irraa namatti dhaga’amuun wal qabatee gochaadhaan ibsamuu dha. Gochaan garaan mooga’uu abbaa isaatii utuu duraa addaan hin kutin, ilmi quxisuun sun dursee yakka isaa fi si'achi ilma jedhamuun kan isaaf hin malle ta'uu isaa ibsee abbaa isaatti cubbuu isaa himate (Luqaas 15:21). Abbaan isaa garuu hojjetoota

isaatiin, “Dafaatii uffata isa keessaa caalu fidaatii itti uffisaa, amartii warqees quba isaatti kaa'aa, kophees miilla isaatti kaa'aa. Tuntunicha isa coomaa sana fidaatii qalaa, in nyaanna in gammannas. Ilmi koo kun du'eedhuma ture deebi'ee jiraate, badee ture in argames” jedhe; hundumtinuus itti gammadan (Luqaas 15:22-24). Ilmi sun cubbamaa ta’ullee, uffati, amartiin, kophee kennuufiinii fi nyaanni qophaa’uun mallattoo taayitaa fi abbaa isaatiin fudhatama argachuu ilma quxisuu Sanaa ti. Uffati mallattoo adda ba’iinsaatiif kennama. Amartiin mallattoo taayitaa ti. Kophee miseensa maatiituu uffata; naa’onni miilla qullaa adeemu turan. Dhangaan ayyaana addaatiif qopheeffama ture.

7. Deebiin abbichi deebi’ee galuu ilma isaatiif taasisesun isa Abbaan keenya Inni waaqa irraa yeroo cubbamaan tokko gara isaatti deebi’u taasisuu wajjin wal fakkaata. Waaqayyo yeroo gatii cubbuu keenyaa baasuudhaaf aarsaa akka ta’uuf Ilma Isaa Yesusiin erge, gara-laafina nuuf qabu isa dhumaa mul’ise. “Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate. Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana” (1 Yohannis 4:9-10). Akkuma abbaa isa Yesus fakkeenyaaf dubbatee, ilmi isaa mana irraa fagaatee utuu jiruu abbaan isa simachuudhaaf harka isaa diriirse sanaa, Abbaan keenya Inni waaqa irraa utuma nuyi cubbuu keessatti Isa irraa fagaannee jirruu, Inni nu simachuudhaaf harka Isaa nuuf diriirsa; haala keenya isa du’aan nu ga’u sirreessuudhaaf in ariifata; jaalalaa fi gara laafinaanis gara ofii Isaatti nu fida.

8. “Ilmi namichaa inni angafni lafa qotiisaa turee, deebi'ee manatti yommuu dhi'aate sagalee weedduu fi kan sirbaa dhaga'e (Luqaas 15:25). Yommus ijoollee keessaa isa tokko ofitti waamee, ‘Maaltu argame?’ jedhee gaafate (Luqaas 15:26). Ilmi hangafti gammachuun kun waan manatti deebi’ee galuu quxisuu isaa isa dida turee ta’uu yommuu dhaga’e, aaree manatti galuu dide (Luqaas 15:28).

9. Utuma abbaan isaa kadhatuu illee, ilmi hangafti kun simannaa abbaan isaa obboleessa isaa isa quxisuudhaaf godhe kanaaf in komate. Ilmi inni angaftichi, baroota dheeraadhaaf amanamummaadhaantajaajiluuisaa,garuuayyaanaakkasiiakkahintaasifaminiifmul’isee abbaa isaatti dubbate (Luqaas 15:29-30). Deebiin ilma angafaa kun Fariisota warra jaalalaa fi gammachuu Waaqayyo cubbamoota qalbii jijjirratan irratti qabu akka hin hubannee argisiisa. Fariisonni, akka waan hojii isaanii isa gaariitiin Waaqayyo duratti qajeelota ta’aniitti amanaa turan; kanaafis ayyaana Waaqayyoo kan cubbamoota fayyisu akka isaan barbaachisu hin hubatan turan. Yeroo tokko tokko, kristaanonni warra karaa irraa badanii deebi’an irratti komiitu itti dhaga’ama. Deebiin Waaqayyoo immoo adda: yeroo cubbamaan tokko qalbii jijjiirratee deebi’u Inni in gammada; deebisees in simata. 10. Deebii abbaan ilma isa angafaaf deebise (Luqaas 15:31-32) jaalala guddaa inni ijoollee isaa lamaaniif qabaachaa ture argisiisa. Sirrii dha abbaan ilma isa angafa in jaallata; amanamummaa isaas jajeera. Garuu ilma isaa isa quxisuu yeroo tokko badee ture, amma argames in jaallata.

11. Fakkeenyi Yesus kenne kun ayyaana Waaqayyo nuuf qabu bareechee ibsa. Nuyi warra cubbuu keenyaan badne, Waaqayyo barbaadee nu argate. Waan nuuf ta’uu qabuuf utuu hin ta’in, waan nu jaallatuu fi namni tokko illee Isa duraa akka badu hin barbaadu waan ta’eef, karaa du’uu fi du’aa ka’uu Yesus nu fayyise. Barumsa kanaaf qophaa’uu itti fufuu kee dura, daqiiqaa xiqqoo fudhadhuutii jechoota faarfannaa Jaalalli Gooftaa Dinqisiisaa dha(Lakkoofsa 21) jedhu lakkoofsa jalqabaa irratti xiyyeeffadhuu faarfadhu. Waan Inni gara qalbii jijjiirrannaatti si geggeessuu fi Yesusiif jedhe cubbuu kee siif dhiisuudhaaf, ayyaana Isaa isa dinqisiisaa Inni guyyaa guyyaan sitti argisiisuuf Waaqayyoon galateeffadhu.

Ayyaana dinqisiisaa –sagaleen rakkataa akka kootii fayyise kun attam minyaa’aa dha!

Ani yeroo tokko badeen ture amma garuu argameera, jaamaan ture amma garuu nan arga!

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu..

Faarfannaa:“Yesus nu jaallata” (Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Beeksisuu

Gocha sochiin argisiifamu:- Wantoota Badan

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Wantooti namoota duraa badan tokko tokko maal fa’i? jedhii gaafadhu. (Fakkeenyaaf furtuu, qalama, farankaa, beeylada, barreeffama barbaachisaa, yeroo deeman karaan duraa baduu in danda’a; kkf of keessatti qabata.) Akkasumas namoonni tarii mana isaanii ibiddaan yookiin obomboleettiidhaan dhabuu danda’u; hojii isaanii, yeroo dhukkubsatan fayyaa isaanii, nama jaallatan du’aan, yookiin mucaa xinnoon baay’ina namootaa keessa baduudhaan dhabuu danda’u.

Takkaa baddee beektaa? (Barattoonni haa deebisan.) Maaltu itti dhaga’ama? (Nama badetti sodaa, naasuu, irraanfatamuutu itti dhagaa’am.) Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, Yesus seenaa waa’ee taatee yeroo namni tokko badee hima. Seenaan Yesus hime kun waa’ee Waaqayyo Abbaa keenya Isa waaqa irraa wanta baay’ee barbaachisaa ta’e tokkoo nutti hima.Caalmaatti adda baafachuudhaaf sirriitti dhaggeeffadhu.

Faarfannaa: Wangeelli keenya(Lakkoofsa 35) jedhu Faarfadhaa

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1: Yeroo “Abbaa Araara Qabeessa” Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa dubbistu seenaa Macaafa Qulqulluu himtu caalchistee hubachiisuudhaaf horgoggee qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu fayyadami.Utuu seenicha himuu hin jalqabin akkas jedhi; Yesus yeroo waa’ee Waaqayyo Abbaa keenya Isa waaqa irraa fi waa’ee mootummaa Isaa ilaalchisee, dhugaa barbaachisaa ta’e namoota barsiisuu barbaadu yeroo baay’ee seenaa “fakkeenya” jedhamu fayyadama ture. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, Waaqayyo hammam akka nu jaallatu ibsuudhaafYesus fakkeenya hime. Seenaa Yesus sirriitti dhaggeeffadhu.

Filmaata 2:Seenaa hojiidhaan argisiisuu

Tokkoo tokkoo hima ibsa seenaa armaan gadii erga dubbiftee booda, gocha tarreefame hojjedhu. Si booda immoo ijoolleen akka irra deebi’anii hojjetaniif afeeri.

Dubbadhu Hojjedhu

Yesus hunda keenya baay’ee nu jaallata. Waaqayyo Abbaan keenya Inni waaqa irraa hammam akka nu jaallatu nutti argisiisuudhaaf, Yesus seenaa adda ta’e, isa fakkeenya jedhamu tokko nutti hime. Fakkeenyi seenaa guyuma guyyaan ta’u dhugaa waa’ee Waaqayyoo himuudhaaf fayyadamuu dha. Qubeetii argisiistuu keetiin bocha fannoo tolchii, laphee kee irra kaa’i.

Yesus, “Namni tokko ilmaan lama qaba ture,” jedhe. Quba lama ol qabi. Yesus, “Gaaf tokko immoo ilmi inni quxisuun abbaa isaatiin, ‘Yaa abbaa ko qabeenya kee keessaa kan na ga'u hirmaata koo yeroo duutu kan naa laattu naaf kenni!’Amman barbaada,” jedhe.

Yesus, “Abbaan ilma isaa isa quxisuuf horii ga’ee isaa kenneef. Ilmi quxisuun mana abbaa isaatiitii ba'ee biyya fagoo dhaqe; achitti horii isaa hundumaa balleesse” jedhe.

Yesus,“Yeroogabaabaa keessatti,ilmiquxisuunsunhoriiisaa fixe. Budden tokko illee bitachuu hin danda’u. Baay’ee beela’ee ture” jedhe.

Yesus, “Ilmi quxisuun sun, hojii booyyee tiksuu argate. Inni baay’ee beela’ee nyaata booyyee nyaachuu in barbaada ture. Garuu namni tokko illee wanta tokko iyyuu hin laanneef” jedhe.

Yesus, “Guyyaa tokko, ilmi quxisuun sun waa’ee abbaa isaa yaade. Inni manatti deebi’ee,akkaisayakkeetureabbaaisaatti himuu fi hojii isa gaafachuudhaaf murteesse,” jedhe.

Yesus, “Gurbichi ka'ees gara abbaa isaa dhaquudhaaf karaa irra bu'e; amma illee fagoodhaa utuu inni dhufuutti jiruu, abbaan isaa fuulleetti isa argee garaan isaa mooga'e; itti fiigee ilma isaatti marmee dhungates” Jedhe.

Yesus, “Ilmi isaa garuu, ‘Yaa abbaa ko, ani Waaqayyoon, sis yakkeera, si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u’, hojjetoota kee keessaa akka isa tokkoo na godhadhu” jedhe.

Yesus, “Abbaan isaa garuu ergamtuu isaatiin, ‘Dafaatii uffata isa keessaa caalu fidaatii itti uffisaa, amartii warqees quba isaatti kaa'aa, kophees miilla isaatti kaa'aa. Tuntunicha isa coomaa sana fidaatii qalaa, in nyaanna in gammannas. Ilmi koo kun du'eedhuma ture deebi'ee jiraate, badee ture in argames,’” jedhe.

Yesus, “Ergamttoonis akkuma itti himamee turetti hojjetan; gammachuu guddaanis manicha keessatti ta’e” jedhe.

Barruu ol qabi harka kee diriirsi.

Iddoodhuma jirtutti adeemi; nama horii korojoo keessaa fuudhee darbatu fakkeessi.

Akka nama beela’eetti garaa kee sukkuumi.

Akka nama beela’eetti garaa kee sukkuumuu itti fufi.

Akka waa yaaduutti adda kee suutatti irra deebi’ii quba argisiiftuudhaan rurrukuti.

Iddoo sanatti fuula guddiseeifaa ta’een fiigi

Mataa kee gadi qabii dhaabadhu

Ol utaalii guddisii fuula ifaa argisiisi.

Guddisii ililchii “uffee!” jedhi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an: Garee sana gaaffilee kanneen gaafadhu:

1. Horiin dargaggeessichaa maal ta’e? (Dargaggeessichi horii isaa hundumaa in bittimse.)

2. Dargaggeessichi maal gochuuf karoorse? (Inni gara abbaa isaatti deebi’ee, akka isa yakkee ture abbaa isaatti himuu, fi abbaa isaa hojii gaafachuuf karoorse.)

3. Akkuma ilmi isaa manatti galeen abbaan isaa maal godhe? (Abbaan isaa ilma isaa simachuudhaaf itti fiige. Ilma isaatti marmee dhungates. Mana isaattis ilma isaa simachuudhaaf kennaa gaarii kenneefii, afeerraa guddaa qopheesse.)

Sochii hojjechuudhaan keessa deebi’uu: Filmaata isa seenaa sana himuudhaaf itti hin fayyadamin gargaaramiitii irra deebi’i. Seenicha filmaata 1ffaa irra deebitee ilaalta yoo ta’e, horgoggeewwan sana ijoolleef hiri. Yeroo irra debi’anii seenaa Macaafa Qulqulluu sana sitti himan, ijoolleen akka horgoggeewwan sosochoosan taasisi.

Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaan Walqabsiisuu

Hojii harkaa jireenyaan wal-fudhachiisuu: Badee Argame

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Akkas jedhii gaafadhu; Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti Eenyutu Badeeargame? (Ilmaquxisuu isabade tureedha. Inni horii isaabittimseefixe. Waa’ee abbaa isaa in irraanfate. Inni horii fi hojii hin qabu ture. Jireenyi isaa babbadee ture.)

Yeroo ilmi bade sun gara manaa dhufe, abbaan isaa isa simateera. Abbaan isaa yommuu ilma isaa kana arge maaliif baay’ee gammade? (Yoodhuma ilmi isaa kun isa dhiisee fi horii isaa hundumaas waan hin taanetti balleesse illee, abbaan isaa amma iyyuu isa in jaallata. Inni akka ilmi isaa isa duraa badu hin barbaanne.)

Jalqaba barumsa kanaa keessatti, nuyi waa’ee wantoota yookiin namoota baduu danda’anii dubbanneerra.Namoonni Yesusittihin amanan yoota’e akkaisaan badan beektuu?Dhugaa dha. Isaan cubbuu isaaniitiin badaniiru. Namoonni hundinuu cubbuudhaan dhalatan. Yesusii wajjin hin jirru taanaan, cubbuu keenyaan badneerra. Garuu yoodhuma cubbamoota taane illee, Waaqayyo amma illee nu jaallata. Waaqayyo akka isa duraa badnu hin barbaadu. Akkuma abbicha seenaa Yesus keessaa sana, Waaqayyo akka gara mana Isaa deebinee dhufnuu fi Isa duukaa buunu in barbaada. Waaqayyo akka Inni cubbuu keenyattii nu fayyisuuf Yesusiin gara biyya lafaatti erge. Yeroo wantoota Waaqayyoon hin kabachiifne hojjennu, Waaqayyonu barbaadee gara Isaatti nu deebisa. Inni mana Isaatti nu simata. Inni cubbuu keenya irraa nu fura. Inni cubbuu keenyaaf gaabbinee akka isatti himannuuf nu gargaara. Ergasii Waaqayyo abbaan keenya Inni waaqa irraa nuuf dhiisa. Waaqayyo abbaan keenya Inni waaqa irraa baay’ee, baay’ee nu jaallata. Jaalala Waaqayyootti guddaa gammaduu keenya ilillee guddaadhaan haa mul‘isnu!

Ijoolleen iddoo si arguu danda’an akka dhaabatan taasisi. Erga barreeffama armaan gadii sarara tokko tokkoon jetteen booda, ijoolleen si boodaan akka irra deebi’aniif afeeri. Yeroo deebisan akka beekaniif ijoollee gargaaruudhaaf, horgoggee afaan banamaa/cufamaa barumsa duraanii keessatti fayyadamtee turte fayyadami.

Barsiisaa Barataa

Jaalalli Waaqayyoo baay’ee guddaa dha! Jaalalli Waaqayyoo baay’ee guddaa dha!

Gammachuu keenya ililleedhaan ibsuu in dandeenya!

Waaqayyo cubbuutii nu fayyisuudhaaf Yesusin erge!

Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisee gara Isaatti deebisee nu simata!

Gammachuu keenya ililleedhaan ibsuu in dandeenya!

Waaqayyo cubbuutii nu fayyisuudhaaf Yesusin erge!

Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisee gara Isaatti deebisee nu simata!

Jaalalli Waaqayyoo baay’ee guddaa dha! Jaalalli Waaqayyoo baay’ee guddaa dha!

Gammachuu keenya ililleedhaan ibsuu in dandeenya!

Gammachuu keenya ililleedhaan ibsuu in dandeenya!

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: “Waaqayyo oo'a-qabeessaa fi araaraqabeessa, aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha.” Faarsaa 103:8

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Macaafa Qulqulluu kee banadhuutii akkas jedhi;seenaan Yesus waa’ee abbaa fi ilma isa quxisuu dubbate Waaqayyo Abbaan keenya hammam akka nu jaallatu nutti argisiisa. Luqqisiin Macaafa Qulqulluu waa’ee kanaa nu yaadachiisu, “Waaqayyo oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa, aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha.” Oo'a-qabeessaa jechuun Waaqayyo nu jaallata,nu kunuunsa, nu gargaaruudhaaf in dhima jechuu dha. Waaqayyo yeroo akka Fayyisaa keenya ta’uuf Yesusin nuuf erge rakkina cubbuu keenyaa keessatti nu gargaareera. Araara-qabeessa jechuunyoodhumanuufhinmalleta’eillee,WaaqayyojaalalaIsaafikennaaIsaaisaguddaa nuuf kenne jechuu dha. Waaqayyoo sababaii wanta Yesus nuuf hojjete hundumaatiif waan gaarii hundumaa nuuf kenna. Waaqayyo nuuf obsa. Yeroo nuyi cubbuu hojjennuu fi fedha Inni nuuf qabu irraanfannu, Waaqqyyo barbaadee gara ofii Isaatti nu deebisa. Guddaa/Guutuu/jechuun wanti tokko hammairradarbeedhangala’utti baay’eeguutuu dha jechuu dha. Waaqayyo jaalala guutuu nu irratti dhangala’uu fibarabaraan nu eebbisu nuuf qaba. Mee Luqqisii Macaafa Qulqulluu waa’ee jaalala Waaqayyoo kana haa barannu. Luqqisii Macaafa Qulqulluu barsiissuudhaaf, ijoollee garee afuritti qoodi. Yoo garee umuurii wal makaabarsiistata’e,akkaijoolleexixinnoonbarattootagurguddoowajjinta’anittigareewwansana gurmeessi. Tokkoon tokkoon gareef kutaalee Macaafa Qulqulluu kanneen dubbifaman kana ramadiif: Waaqayyo / oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa, / aariitti suuta in jedha, / gaarummaan isaas guddaadha.Tokkoontokkoon gareesanaakutaaluqqisii isaanii akkashaakalaniifhubachiisi, ergasii tokkoon tokkoon garee sanaa kutaa luqqisii isaanii tartiiba luqqisii sanaan akka dubbisan abboomi. Amma immoo tokkoon tokkoon garee kutaa kee keessaa iddoo adda addaa kaa’i. Gareewwan sana akka tartiiba kuraa luqqisii isaaniitti qophaa’uudhaaf sochii akka taasisan

abboomi. Gareen kutaa “Waaqayyo” jedhu qabate kara bitaatiin fagaate haa taa’u; gareen “gaarummaan isaas guddaa dha” jedhu qabu kara mirgaan fagaate haa taa’u. Hundumtuu guutummaa luqqisichaa wal duukaa yeroo baay’ee haa jedhan.

Faarfannaa:Waaqayyo gaarii dha (Lakkoofsa 32) jidhu faarfadhaa. Ergasiis Itti qabsiisi ibidda hafuuraa(Lakkoofsa 19) isa jedhu faarfadhaa. Yommuu bartootaa wajjin walaloo faarfannaa sanaa dubbistan, jechi gaarii jedhu “Ani akka ilaalcha Waaqayyootti qajeelaa dha jechuu dha: galatoomi, Yesus.” Nuyi Fayyisaa keenya Yesusitti amanuudhaan qajeelota taane. Yesusiif jedhee, Waaqayyo cubbuu keenya nuuf in dhiisa; akka Isaaf jiraannuu fi fedha Isaa duukaa buunuufis nu gargaara. Waa’ee qoloo/uffata isa abbichi ilma isaa isa quxisuuf kennee fakkeenya Yesus keessaa bartoota yaadachiisi. Waaqayyo amantoota hundumaa Yesus keessatti “qoloo qajeelummaa” itti uffisa (Isaayaas 61:10).

Hojii harkaa:Dhaadannoo baga nagaan galtan jedhu

Dhaadannoo sarara ciccittudhaan hojii harkaa barumsa 45f qophaa’e qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argamu irraa baayyifte tokkoo tokkoo ijoolleetiif kenni. Ijoolleen qubee fi onnee dhaadannoo isaanii irra jiru sana keessa halluu haa diban. Ergasii booda, akka isaan maqaa isaanii bakka duwwaa irratti barreessaniif akka barbaachisetti isaan gargaari. Akkas jedhi, abbaa inni seenaa Yesus keessaa sun yoodhuma ilmi isaa inni quxisuun wantoota gaggadhee baay’ee hojjete illee, inni manatti isa simate. Yeroo cubbuu hojjennu,Waaqayyo abbaan keenya Inni waaqa irraa gara mana Isaatti deebisee nu simata; Yesusiif jedhee cubbuu keenyas nuuf in dhiisa.

Yoo jiraate, cittuu sabbataa, kirnii, qacaacullee bareedaa, mandhee cilalluu,kolbaa wayyaa fi dhiyeessii kan biro kan barattoonni dhaadannoo isaanitti qabsiisuu danda’an kenniif. Dhaadannoo xumurame sana naannoo kutaatti rarraasi.

Kadhannaa Xumuraa:- Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 46

Kadhatawwan Namoota Lamaanii

Luqaas 18:9-14

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 118-119

Dhugaa Ijoo

Wantoonni gaariin nuyi gochuuf yaallu Waaqayyoon hin dinqisiisan; jireenya waaqa irraattis nu hin galchu. Gara jireenya waaqa irraatti kan nu galchu Yesus irratti amantii qabaachuu qofaa dha. Cubbuu keenyaaf, Waaqayyo gara qalbii jijjiirrannaatti nu geessa; itti fufees Yesusiif jedhee cubbuu keenya nuuf dhiisa.

Kaayyoo Barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Yesusitti amantii qabaachuu qofaadhaan cubbuu keenyattii akka nu fayyisuu fi jireenya bara baraatiif mana waaqa irraatti akka nu galchu in BEEKU.

• Dhiifama cubbuutiif araara Waaqayyoon amanachuutti in GUDDATU.

• Jaalalaa fi cubbuu namaaf dhiisuu Isaatiif Waaqayyoon galateeffachaa yaada garaa gadi deebi’aatiin in JIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami! Luqaas 15:13

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Horgoggeewwan fuula gara duuba qajeelfama kanaa irratti argaman fayyadamuu yoo ta’e, kanneen barumsa 46ffaa kanaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sanaa boca isaaniitiin murii baasiitii halluu kobbii dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Luqaas 18:9-14 dubbisi.

1. Kun fakeenya kan biraa Yesus barsiisee dha. Fakkeenyi waa’ee dhugaa Waaqayyoo yookiin mootummaa Isaa ibsuuf seenaa taateewwan guyyaa guyyaatti fayyadamuu akka ta’e yaadadhu.

2. Jarreen lamaan fakeenya Yesus kana keessa jiran, haaluma hawaasi Yihudootaa keessatti argaman ta’uu danda’a. Fariisichi garee warra seera Yihudootaa sirriitti eeguun baay’ee barbaachisaa dha jedhee amanaa turee ti. Namni Seera Waaqayyoo hanqina malee eege tokko Waaqayyoon duratti qajeelaa ta’uun isaa dhugaa ta’ee utuma jiruu, Fariisonni garuu cubbuu isaanii hubachuu dadhaban. Qulqullummaan isaan carraaqaniif yaalii fi gocha isaanii irratti hundaa’uudhaan argamuu akka hin dandeenye hubachuu dadhaban. Fariisonni seerota sana sirriiti hordofu; barbaachisummaa jaalalaa fi dhiifama gochuu Waaqayyoo immoo guutummaan guutuutti dagatan. Fariisonni utuu wal irraa hin kutin

Yesusii wajjin wal falman.AkkaInni IlmaWaaqayyooyookiinFayyisaaabdachiifameta’e isaan hin amanne. Gochawwan Yesus, kan akka guyyaa Sanbataa fayyisuunabboommii Waaqayyoo cabseera jedhanii amanaa turan. Dhimmoota kanneen keessatti, Fariisonni dogoggoraniiru;Yesus mudaahin qabu; Inni fayyinakeenyaafbakkakeenyabu’ee,seerota Waaqayyoo hundumaa mudaa malee eegeera. Fariisonni nama irratti, keessumattuu gareewwan kanneen baay’ee cubbamoota jedhanii amananitti ariitiidhaan murteesu. Namichi biraan fakkeenya Yesus keessatti argamu, qaraxa kan walitti qabu, garee Fariisonni itti murteessan keessatti kan ramadamu ture.

3. Bara Kakuu Haaraa keessatti, warri qaraxa walitti qaban hawaasicha keessaa namoota baay’ee biratti tuffatamoo fi jibbamoo turan. Qaraxi hawaasa sana biratti beekamaa hin turre. Warri qaraxa walitti qaban baay’een hamma namoota irraa eegamu caalaa kaffalchiisuudhaan, horii isa irraa hafu bu’aa mataa isaaniif godhatu. Warri qaraxa walitti qaban maqaa gadhee qabu turan.

4. Yesus barsiisa fakkeenya kanaa kallattiidhaan gara Fariisota warra yeroo hundumaa Isa hordofaniitti qajeelche. Luqaas, “Yesus namoota warra ofii qajeelummaatti jiraanna jedhanii, of amanatanii, warra kaan hundumaa immoo tuffatanitti, fakkeenya kana dubbate” jechuudhaan jalqaba (Luqaas 18:9). Fakkeenyi sun akkaataa fi qabiyyee kadhata Fariisichaa fi kan isa qaraxa fuudhu sanaa wal bira qaba. Namni fakkeenya Yesus hin dhaga’in tokko, kan namicha qaraxa fuudhu cubbamaa sanaa irra kadhati Fariisichaa caalmaatti Waaqayyo biratti fudhatama qaba jedhee yaaduu in danda’a. Fakkeenyi Yesus garuu faallaa isaa barsiisa.

5. Fariisichi yommuu kadhate, mana qulqullummaa keessaa Iddoo Qulqullaa’aa bira dhaabatee ture. Kadhata isaa keessatti, waa’ee ofii isaa fi gaarummaa hojii isaatiif of tuula ture (Luqaas 18:11-12). Kadhata isaa keessatti gonkumaa araara yookiin dhiifama Waaqayyoo hin gaafanne ture. Inni gonkumaa jabinnii fi humni Waaqayyoo yookiin Waaqayyo akka isa barbaachisu hin mul’ifne.

6. Kadhati qaraxa fuudhuu walumaagalatti kan Fariisichaatiin faallaa ture. Qaraxa fuudhaan sun fuuldura mana qulqullummaa irraa fagaatee dhaabate. Inni cubbuu isaatiif leeyya’ee, “ija isaan illee gara waaqaatti ol hin ilaalle; qoma isaa rukutachaa, ‘Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami!’ in jedha ture malee” (Luqaas 18:13). Qoma isaa rukutachuun mallattoo cubbuu isaatiif qalbii jijjirrachuu ti. Kadhati qaraxa fuudhaa sanaa jechoota Daawwitii wajjin wal fakkaata (Faarsaa 51:1-12).

7. Fakkeenya xumuruudhaaf, Yesus kan Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee fudhatame Fariisicha utuu hin ta’in, namicha qaraxa fuudhu akka ta’e ibse (Luqaas 18:14). Jechi qajeelaa jedhu yeroo nuyi cubbuu keenyaaf qalbii jijjiirrannu Waaqayyo attamitti akka nu ilaalu ibsa. Waaqayyo Yesusiif jedhee, cubbamaa qalbii jijjiirrate “akka wanta inni takkaa cubbuu hin hojjetiniitti” ilaala. Kadhatii fi ilaalchi namicha qaraxa fuudhuu Waaqayyo duratti qabu tokko gad of deebisuu dha. Inni ararrii fi dhiifamni Waaqayyoo akka isa barbaachisu in hubate. Sababii kanaaf, Waaqayyo cubbuu isaattii isa qulleessee; qajeelaas isa taasise. Waaqayyo warra garaa gadi deebi’uudhaa fi gaabbuudhaan gara isaa dhufan hundumaaf akkasuma gochuuf in abdachiisa.

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: “Ani nanfayye, nan gammada” (Lakkoofsa 1) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Gocha sochiin argisiifamu:-Kadhannaa Irra Deebi’uu

Ijoolleeofittinaannessiteessisiiakkasjedhi;yerookadhannuwantootagochuunnuufta’utokko tokko irra deebinee ilaalla.Harka keenyamaal goona? (Walitti qabanna.) Mataa keenya maal goona? (Gadi qabanna.) Ija keenya maal goona? (In dunuunfanna.) Yeroo kadhannu maaliif wantoota kanneen taasisna? (Harka keenya walitti qabachuun, mataa keenya gadi qabachuun fi dunuunfachuun wantoota naannoo keenyatti ta’aa jiran irra, xiyyeeffannaa keenya Waaqayyoo wajjin dubbachuu irratti eeggachuuf nu gargaara.)

Maqaan kadhannaa Yesus bartoota Isaa fi nuun barsiise maal jedhama? (Kadhata Gooftaa) Kadhata Gooftaa attamitti jalqabna? (Ijoolleen si booda akka jedhan taasisi; “Yaa Abbaa keenyaa; waaqa irra kan jiraattu, Maqaan Kee haa qulqullaa’u.”) Maqaan Waaqayyoo “haa qulqullaa’u” jechuun maal jechuu dha? (Kana jechuun maqaa Waaqayyoo qulqullinatti eeguu, Waaqayyoof ulfina kennuufii fi abbomamuufii dha.)

Barumsa seenaa MacaafaQulqulluu kanakeessatti, Yesus fakkeenyawaa’ee namootalamaa warra kadhachuudhaafgara mana qulqullummaa dhaqanii turan nutti hima. Nuyi attamitti akka kadhannuu fi maaliif akka yeroo kadhannu gadi of deebisuu qabnu akka beeknuuf Yesus seenaa kana dubbate. Gadi of deebisuu jechuun waa’ee wanta hojjenneen nuyi hin boonnu, of hin tullus yookiin of hin jajijnu jechuu dha. Kadhata keessatti yeroo gadi of deebifnu nuyi akka cubbamoota taanee fi dhiifamni Waaqayyoo akka nu barbaachisu hubanna. Namicha isa kamtu akka kadhata isaatiin Waaqayyoof ulfina kenne adda baafachuudhaaf sirriitti dhaggeeffadhu.

Faarfannaa:,Wangeelaka raajii inni guddaan (Lakkoofsa 34) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1: Yeroo “Kadhata Namoota Lamaa” Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa dubbistu seenessuu kee jabeessuudhaaf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argaman fayyadami. Utuu seenaa himuu kee hin jalqabin, hiika jecha “fakkeenya” jedhu akka barumsa 45 keessatti ibsasmetti irra deebi’i. Akkas jedhi; Yesus yommuu waa’ee Waaqayyo Abbaa keenya Isa waaqa irraa fi waa’ee mootummaa Isaa dhugaa barbaachisaa ta’e namoota barsiisuu barbaadu, yeroo baay’ee seenaa isa “fakkeenya” jedhamu fayyadama ture.

Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, Yesus attamitti akka kadhannuu fi attamitti akka kadhata keenyaan Waaqayyoof ulfina laannu kan ibsu fakkeenya hime. Seenaa Yesus sirriitti dhaggeeffadhu.

Filmaata 2:Seenaa Hojiidhaan Himuu

Hima barreeffama seenaa armaan gadii tokko tokkoon erga dubbistee booda, gocha tartiibeffame hojjedhu. Ijoolleenis si booda akka irra deebi’aniif afeeri.

Dubbadhu Hojjedhu

Namoonni tokko tokko akka wanta namoota biraa irra caalaniitti yaadaa turan. “Nuyi namoota gaarii dha! Dhugumatti Waaqayyo hunda irra caalchisee nu jaallachuu qaba” jedhu.

Irree kee qoma irratti dachaafadhuutii nama kooru fakkaadhu.

Namoonni kunneen garuu dogoggoraniiru. Akka isaan sirrii hin ta’in argisiisuudhaaf, Yesus fakkeenya dubbate. “Miti” jedhuudhaaf mataa raasi.

Yesus, “Namoonni lama kadhachuudhaaf mana qulqullummaatti ol galan” jedhe. Yesus, “Inni tokko of tuula. Inni akka wanta cubbuu hin qabneetti yaade. Mana qulqullummaa keessa gara fuula duraa dhaabatee, ol ilaalee, ‘Yaa Waaqayyo,akkanamootawarrakaanii wananhin ta’iniif Sin galateeffaadha. Ani nama hin saamu; hin miliimmilchu; yookiin hin hatu. Nama tokkoof iyyuu hin logogu; qabeenya koo keessaa warra dhabaniif nan kenna” jedhe.

Queetii lama argisiisi, ergasii kadhachuuf harka walitti qabudhu. Harkawwan kee qoma kee irra kaa’adhuutti nama of tuulu fakkaadhu.

Yesus, “Namichi inni kaan garuu, mana qulqullummaa keessaa iddoo tokko achi fagaatee qofaa isaa dhaabate. Inni leyya’ee gadi jedhe. Qoma isaa rukutachaa, ‘Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami!’” jedhe. Dhuma seenaa kanaa irratti, Yesus, “namicha isa duraa sana irra, namicha kanaaf cubbuun isaa dhiifameeraaf. Warra ol of qabanii fi cubbuu hin qabnu jedhanii garaa isaaniitti yaadaniif hin dhiifamu. Warra cubbuu isaaniitiif gaabbanii fi Waaqayyoon amananii fi ulfina kennaniif cubbuun isaanii dhiifameeraaf,” jedhe. Lafa ilaali. Harka qoma irra kaa’adhu. Gaddaa fakkadhu.

Seenaa Macaafa Qulqulluu irraa deebi’uu

Gaaffilee seenicha bu’uureffate: Garee sana gaaffilee kanneen gaafadhu:

1.Namichi ol of qabu sun maal kadhate? (Inni waa’ee ofii isaattii fi waa’ee wantoota gaggaarii hojjete kadhate. Inni Waaqayyo irratti hin hundoofne yookiin kadhata isaatiin Isaaf ulfina hin laatne. Cubbii isaa akka isaaf dhiisuuf inni Waaqayyoon hin gaafatne.)

2. Namichi inni lammaffaan Waaqayyoon maal gaafate? (Inni cubbamaa waan ta’ee akka Waaqyyo isatti araaramuuf gaafate.)

3. Namicha isa kamtu dhiifama cubbuu argate? (Namicha isa cubbuu isaatiif araara Waaqayyoon gaafatetu dhiifama argate.)

Gochaadhaan irra deebi’uu: horgoggeedhaan irra deebi’uu (Ijoollee xixiqqoodhaaf); sadisadi’iin irra deebi’uu (Ijoollee warra gurguddoodhaaf).

Seenaa dhugaa sana ijoollee xixinnoo wajjin irra deebi’uudhaaf, horgoggee sana kenniif.Achumaanijoolleen darabeedhaan seenaa Macaafa Qulqulluu sana irra deebi’anii sitti haa himan.

Seenaa dhugaa sana ijoollee warra gurguddoo wajjin irra deebitee ilaaluuf, barattoota kutaa sana gareewwan tokkoo tokkoon isaa ijoollee sadi qabutti hiri. Tokkoo tokoo garee keessaa namni tokko qooda Yesus, namni tokko qooda namicha of tuulaa fi namichi sadaffaan akka namicha isa gadi of deebisee araara Waaqayyoon gaafatee akka taphataniif ramadi. Seenaa Macaafa Qulqulluu irra deebi’anii himuu akka shaakalaniif tokkoo tokkoo gareetiif daqiiqaa muraasa kenniif. Ergasii seenaa Macaafa Qulqulluu sana sii fi kutaa guutummaatti irra deebi’anii akka himaniif tokkoo tokoo garee sana afeeri.

Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin Wal-fudhachiisuu

Gocha hojii irra oolchuu/luqqisii Macaafa Qulqulluu summuutti qabatamu: Araaraa fi Cubbuu

Dhiisuu Waaqayyoo

Ijoollee ofitti naannessii teessisiiakkas jedhi; Seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti, namichi gadi of deebisaan sun, araara Waaqayyoon gaafate. Yeroo Waaqayyoon araara gaafannu, yoodhuma nuuf hin malu ta’e illee, akka gara laafinaan nu ilaaluu fi nu gargaaruuf Isa gaafanna.GargaarsiWaaqayyoomaaliifnuufhinmalu?(SababiiWaaqayyoofinamootabiroo irratti cubbuu hojjennee fi Waaqayyoof hin abboomamneef gargaarsi Waaqayyo nuuf hin malu.)

Yoodhuma cubbuu hojjenne illee, waa’een keenya ilaalchisee maaltu Waaqayyotti dhaga’ama? (Waaqayyo nu jaallata. Inni cubbuu keenyattii nu furuu barbaada.) Waaqayyo cubbuu keenyattii attamitti nu fure? (Waaqayyo akka Inni fannoo irratti du’ee, deebi’ee jiraatuuf Ilma Isaa Yesusiin erge. Hojiin Yesus nuuf hojjete gatii Waaqayyo waa’ee cubbuu keenyaaf nu irraa barbaadu nuuf baase. Yesus dhiifama Waaqayyoo nuuf argamsiise. Yesus gara Waaqayyootti dhihaannee araaraa fi dhiifama Isa gaafachuun akka nuuf danda’amu nu taasise.)

Fakkeenya Isaa keessatti, Yesus Waaqayyo cubbuu namicha gadi deebi’aa sanaa dhiiseef jedhe. Yeroo cubbuu keenya akka nuuf dhiisuuf Isa gaafannu Waaqayyo maal godha? (Waaqayyo Yesusiif jedhee cubbuu keenya nuuf dhiisa.)

Macaafa Qulqulluu kee banadhuutii itti fufi; namichi gadi deebi’aan sun mana qulqullummaa keessatti Waaqayyoon yeroo kadhate, ‘Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami!’ jedhe. Jechoonni Macaafa Qulqulluu kunneen ittiin kadhachuudhaaf nuuf jechoota gaarii dha. Amma jechoota Macaafa Qulqulluu kunneen baranna.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu barsiisuudhaaf, calqaba ijoolleen harka isaanii walitti haa qabatan; mataa isaaniis gadi haa qabatan. Ergasii booda akka isaan jechoota Macaafa Qulqulluu hamma sirriitti beekanitti yeroo baay’ee irra deddeebi’anii jedhaniif ijoollee afeeri. Luqqisii Macaafa Qulqulluu shaakalchiisuudhaaf kadhannaa wal harkaa fuudhudhaan kadhatamu kana fayyadami. Ijoolleen akka dhaabatan taasisi. Harka walitti qabachuu fi mata gadi qabachuudhaan, kadhata armaan gadii kadhadhaa:

Barsiisaa Barsiisaa fi barattoota

Yaa Abbaa Isa Waaqa irraa, sababii wanta hamaa hojjenneef gadi of deebifnee, guddaa gaddinee gara Kee dhufneerra.

Yeroo tokko tokko Si hin dhaggeeffanne; wanta akka hojjennuuf Ati nu irraa barbaaddus hin hojjenne.

Yeroo tokko tokko waa’ee warra kaanii wanta hamaa yaadneerra.

Jechaa fi gocha keenyaan Sii fi namoota biroo miineerra.

Yaa Waaqayyo, maqaa Yesusiif jettee adaraa cubbuu keenya nuu dhiisi. Ameen.

Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami.

Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami.

Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami.

Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami.

Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami.

Kadhannaa sana booda, ijoolleen si wajjin harka wal qabatanii marsaa geengoo akka uumaniif gargaari. Harka kee gadi buusiitii, Yesusiif jedhee, Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisa! Akka wanta takkaa hin ta’iniitti cubbuu keenya nu irraa fuudhee in fageessa. Akka Isa jaallannuuf, Isa duukaa buunuu fi Isa tajaajilluuf Inni nu gargaara. Dhiifama dinqisiisaa Inni nuuf taasiseef “Waaqayyo galata Kee” haa jennuun. Ijoolleen si booda, “Galatoomi, Yaa Waaqayyo, cubbuu koo waan naaf dhiifteef galanni Siif haa ta’u” jedhu irra deebi’anii akka jedhan abboomi.

Faarfannaa: Gammadii faarfadhuu lubbuu ko(Lakkoofsa 10) jedhu lakkoofsa tokkoffaa wajjin faarfadhaa. Akkasumas Gooftaa Yesus yaa Fayyisaa ko(Lakkoofsa 12) isa jedhu faarfadhaa.

Hojii Harkaa: Harka gadi deebi’aa

Akka tokkoo tokkoon ijoollee hiriyaa argataniif gargaari. Yeroo hundi isaanii lama lama ta’ani, tokkoo tokkoo barataatiif waraqaa fi kobbii kenniif. Akka isaan darabeedhaan harka walii isaanii waraqaa irratti fakkisaniif gartuuwwan abboomi. Yeroo hundumti isaanii harka isaanii fakkisanii xumuran murtuu hiriif. Akka barattoonni fakkiiwwan harkaa waraqaa irratti kaasan sana muranii baasaniif yoo barbaachisaa ta’e gargaari. Itti aansii akka isaan fakkii muranii baasan sana fayyadamanii fakkii wal fakkaataa kaasan waraqaa kan biraa kenniif. Akka isaan fakkii harkaa isa lammaffaa kanas muranii baasaniif yoo barbaachisaa ta’e ijoollee gargaari. Amma harka kadhannaadhaaf walitti qabatame akka fakkaatutti ijoolleen fakkii harkaa muranii baasan sana lamaan akka hapheedhaan walitti qabachiisaniif hubachiisi.

Kobbii halluu diimaa hiriif. Ijoolleen duraa fi duuba fakkii harkaa walitti qabsiifame irratti akka boca onnee fakkisaniif abboomi (akka barbaachisaa ta’etti ijoollee warra xixinnoo gargaari). Ammaakkaqubi guddaan garamirgaairraoolutti fakkii harkaaisaanii akka ol qabaniifhubachiisi. Kobbii halluu gurraachaa fi daalacha hiriif. Akkas jedhi; Cubbuun keenya laphee keenya hammam akka xureesse argisiisuudhaaf, boca onnee sana keessa kobbii halluu gurraachaa

fi daalacha diddibi. Erga ijoolleen kana taasisanii booda, kobbii halluu gurraachaa fi daalachaa sana funaani.

Amma akka onneen inni biraan mul’atuu fi qubi guddaan gara bitaa irra oolutti boca harakaa isaanii akka ol garagalchaniif ijoollee abboomi. Akkas jedhi; yeroo Waaqayyoon kadhannuu fi cubbuu keenya akka nuuf dhiisuuf Isa gaafannu, Inni dhugumaan Yesusiif jedhee cubbuu keenya nuuf in dhiisa. Waaqayyo laphee keenya irraa cuubbuu in qulleessa. Kobbii halluu diimaa fuudhiitii onnee qulqulluu boca harkaa kee gama kanaan argamu irratti fakkii fannoo kaasi.Yeroo gara onnee fi fannoo kanaailaaltu, Waaqayyowaan bay’ee si jaallatuuf, cubbuu keetiif gaabbuu kee akka ati Isatti himtuuf akka si gargaaruu fi Waaqayyo Yesusiif jedhee cubbuu kee akka siif dhiisu yaadadhu.

Kadhannaa Xumuraa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 47

Namicha Samaariyaa

Luqaas 10:25-37

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 120-122

Dhugaa Ijoo

Nuyi akka Kristaanota ta’uu keenyaatti namoota hundumaa akka obboloota keenyaatti akka ilaalluu fi fedha isaanii akka hin tuffanneef Waaqayyoon waamamne. Namootaaf eeggannaa akka goonuu fi jaalala Yesus namoota hundumaatti akka argisiifnuuf Waaqayyo humnaa fi fedha isaa nuuf kenna.

Kaayyoo Barumsichaa

Humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Nammoonni hundumtuu oboloota keenya akka ta’an in BEEKU.

• Obboloota isaanii jaallachuu fi rakkina isaanii keessatti gargaaruudhaaf fedha qabaachuutti in GUDDATU.

• Rakkoo obboloota isaanii akka hubatanii fi isaan jaaallachuu, gargaaruu fi tajaajiluuf akka isaan gargaaruuf Waaqayyoon gaafachaa in JIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

Garaa kee guutuudhaan jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee goofticha jaallachuutu siif ta'a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta'a (Luqaas 10:27).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara dhumaa irratti argaman fayyadamta yoo ta’e, barumsa 47ffaattiif kan qophaa’an waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sana murii baasiitii kobbii halluu dibi. Haphee fayyadamiitii mukatti yookiin baala furdaatti maxxansi.

2. Onnee guddaa tokko waraqaa adii keessaa murii baasiitii halluu diimaa dibi. Kutaa, “Seenaa Macaafa Qulqulluu Beeksisuu” jedhu ilaali.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Luqaas 10:25-37dubbisi. Seenaan kun fakkeenya biraa isa Yesus barsiisee dha.Fakkeenyi seenaa haalota guyyaa guyyaatti ta’an fayyadamuudhaan dhugaa waa’ee Waaqayyoo fi/yookiin mootummaa Isaa ibsuuf akka ta’e yaadadhu.

1. Barsiisaan seeraa Yesusin gaaffii gaafate (Luqaas 10:25) ogeessa caaffata qulqullaa’aa sirriitti beeku ture. Seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti, yeroo sana kan ture Kakuu Moofaa qofa ta’uu isaa hin dagatin. Kakuu Haaraan yeroo ssna hin barreeffamne ture.

Yaadni ka’umsa gaaffii barsiisaa seeraa sanaa sirriin isaa beekamaa hin turre. Inni qabxii tokko irratti Yesusitti falmuu barbaadeeti ta’uu danda’a; yookiin Yesus barsiisaa attamii akka ture ilaaluu barbaadeeti ta’a. Beektonni seeraa baay’een isaanii Fariisota turan. Gaaffii seera-beekaan sun gaafate gaaffii beekamaa ture: “Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?”

2. Barsiisaan seeraa sun Keessa Deebii 6:5 fi Leewota 19:18 eeruudhaan gaaffii Yesus sirriitti deebise (Luqaas 10:26-27). Waaqayyoon jaallachuu fi namoota jaallachuun dubbii walii-galaa abboommii kurnanii ti (Kateeksimos isa xiqqaa Luuter barreesse ibsa isaa wajjin, gaaffilee 15, 16, 17). Jechoota biraatiin, jireenya waaqa irratti galuudhaaf, Seerri Waaqayyoo guutummaan guutuutti eegamuu qaba. Kun cubbamootaaf hin danda’amu. Barsiisaan seeraa sun kana hubachuudhaan, guutuu ta’uu Waaqayyo nama irraa barbaadu gaaffii isaa, “Nama isa kam?” jedhu kanaan daangessuuf yaalee ture (Luqaas 10:26-29).

3. Barsiisaan seeraa sun kan gaafate, hiikaa seeraa jecha “nama” jedhuu ture. Walumaa galatti, Yihudoonni nama jechuun nama biyyaa, kan sanyiin tokko ta’an jedhanii amanaa turan. Jechi sun yaada walitti dhiyeenya teessuma lafaa hin ilaallatu ture. Jechi Yihudii jedhu amantii fi sanyii lamaanuu ibsa. Barsiisaan seeraa sun namni hiriyaa isaaf ta’uu danda’u nama Yihudii ta’e qofaa dha jedhee amanaa ture. Yesus garuu hiika addaa qabaaf ture; jecha nama jedhu kana ibsuudhaafis fakkeenya kana kenne.

4. Fakkeenyi Yesus seenaa namichaYerusaalemii garaYerikootti gad bu'uu tokkoo dubbata. Karaan kun lafa onaa dhagaa kattaa qabu, sodaachisaas ta’e keessa kan darbu ture. Warri saamtuundhagaakattaasanagidduu dhokatanii warrakaraadeemanmiidhaaturan.Karaa sana irratti, namichi sun saamamee, saamtonnis reebanii, butuchanii, du'aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman (Luqaas 10:30). Jalqaba lubni tokko, Yihudiin mana qulqullumaa keessatti Waaqayyoon tajaajilu namicha miidhame sana argeera. Garuu inni isa tuffatee irraa gorees darbe (Luqaas 10:31). Itti aansee, namni gosa Lewwii tokko. namicha miidhame sana irraa goree darbe (Luqaas 10:32). Namni Leewwii jedhamu kun hojjetaa mana qulqullummaa, hidda dhaloota gosa Leewwii kan ta’e dha (Seera Lakkoobsaa 1:48-53).

5. Ergasii namni sadaffaan karaa sana irra darbuu dhufe. Namni kun nama Samaariyaa ture. Warri Samaariyaa namoota hidda dhalootaatiin Yihudoota ta’anii, saba Yihudoota hin ta’in wajjin fuudhaa fi herumaan wal makanii dha. Isaan Samaariyaa, naannoo Yihudaa fi Galiilaa gidduu keessa jiraatu turan. Yihudoonni shaakalli amantii warra Samaariyaa manca’aa dha jedhanii yaadu. Warri Samaariyaa Macaafa Qulqulluu warra jalqabaa shanan (kanneen Museedhaan barreeffaman) qofatu dubbii Waaqayyoo isa dhugaadha jedhanii amanu. Mana Qulqullummaa Yerusaalem iddoo itti waaqeffannaa sirrii dha jedhanii lakkaa’uu irra, Warri Samaariyaa Tulluu Geriiziim irratti Waaqeffachaa turan. Yihudoonni baay’een warra Samaariyaa in qoollifatu. Akka xurraa’otattis isaan lakkaa’u. Baroota Kakuu Haaraa keessatti, warra Yihudootaa fi Samaariyaa gidduu jibba guddaatu ture. Garuu namichi Samaariyaa inni Fakkeenya Yesus keessaa, nama Yihudii isa

miidhamesanadhiisee darbuuirra, “in oo'eef” (Luqaas 10:33). Itti dhi'aatees, madaaisaa qulleessee hidheefii, “horii ofii isaatii yaabee adeemaa ture irra teessisee, mana buufata keessummaatti isa geesse; achittis isa gargaare” (Luqaas 10:34). Akka inni ittiin gargaaruuf isa buufata keessummaa sana eegutti horii kennee, yoo inni sana irra caalaa baase immoo yommuu deebi'u akka isaaf deebisu waadaa seeneef (Luqaas 10:35).

6. Fakkeenya Isaa gara dhumaatti, Yesus itti fufee, barsiisaa seeraa sana gaaffii kan biraa gaafate: “Egaa jarreen sadan kana keessaa, isa kamtu namicha warra saamtuu afaan bu'e kana akka ofii isaatiitti ilaale sitti fakkaata?” jedhe (Luqaas 10:36). Barsiisaan seeraa sun immoo deebisee, “Isa oo'eef” jedhe; Yesus immoo, “Atis dhaqii, akkasuma godhi!” isaan jedhe (Luqaas 10:37). Fakkeenyi Yesus yaada barsiisaa seeraa fi Fariisotaa in dadhabsiise. Jaalalli Yesus danqaa hundumaa, waa’ee qomoo dabalatee, gidduudhaa balleessee, jaalalaafigargaarsa isaofii keenyaafakkanuufta’ubarbaannu, nuyis namoota hundumaaf akka taasifnu nu geggeessa. Yesus, namichi Samaariyaa Gaariin keenya, sababii cubbuu hojjenneef du’a bara baraa nutti dhufe irraa nu oolche. Jaalalli Isaa inni guutuun, akka Inni nuyi warra diinota Isaa taaneef jireenya Isaa kenne argisiisa. Nuyis jaalala akkasii namootatti akka argisiifnuuf nu gargaara. Yesusitti amanuun karaa tokkicha gara mootummaa waaqaatti nu galchuu dha. Amantiin keenya jaalala Waaqayyoo fi hiriyoota keenyaaf qabnuun mul’ata.

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: “Galateeffadhaa” (Lakkoofsa 8) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Gocha sochiin argisiifamu:- Jaalala Yesus

Ijoollee marsaa geengoon teessisi. Boca onnee isa hojjette qabadhuutii marsaa sanaan ala dhaabadhu. Boca onnee sana ol qabiitii akkas jedhi, barumsa Sanbata Guddaa asitti qu’annu hundumaa keessatti, waa’ee jaalala Yesus dhageenya. Waa’ee jaalala Yesus wantoota baranne tokko tokko akka nu yaadachiisuuf tapha tokko taphanna. Amma marsaa geengoo kana ala naannoo isaa deemuun jalqaba. Yoo ani dhaabadhee boca onnee kana sitti kenne, waa’ee jaalala Yesus wanta beektu tokko natti himi. Ergasii ati immoo darabee kee naannoo marsaa kana ala isaa adeemuudhaan akka inni dubbatuuf nama tokko filatta.

Akkuma ijoolleen filatamaniin, waa’ee jaalala Yesus wantoota baratan akka dubbataniif akka barbaachisaa ta’etti barattoota gargaari. Isaan gargaari akka isaan yaadatanitti dhugaawwan kan akka jaalalli Yesus gonkumaa hin dhumu, Yesus yeroo hundumaa nu jaallata, Yesus namoota hundumaa in jaallataa, jaalalli Yesus cubbuu keenya nuuf dhiisa, jaalalli Yesus warra kaaniif akka dhiifnuuf nu gargaara, jaalalli Yesus akka Isa tajaajilluuf nu gargaara, jaalalli Yesus akka warra kaan tajaajilluuf nu gargaara, Yesus baay’ee waan nu jaallatuuf cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf du’ee du’aa in ka’e; dhugaawwan kunneen akka yaadataniif gargaari.

Dhuma hojii kanaatti, barattootaa wajjin marsaa geengoo sana keessa taa’iitiiakkas jedhi;guyyaa tokko, namichi waa’ee Macaafa Qulqulluu baay’isee beeku tokko gara Yesus dhufee gaaffilee barbaachisaa waa’ee jaalalaa gaafate. Barumsa Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, Yesus seenaa itti himuudhaan gaaffilee namichichaa deebise.Waa’ee jaalala Yesus kan argisiisu wanta baay’ee barbaachisaa ta’e tokko beekuudhaaf Seenaa Yesus hubannaadhaan dhaggeeffadhu.

Faarfannaa:Dubbichi Waaqayyoo(Lakkoofsa 3) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1:- macaafa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa «Namicha Samaariyaa» kan jedhu yommuu dubbistu, seenessuu kee cimsitee dhiheessuudhaaf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argaman fayyadami.Utuu seenaa himuu kee hin jalqabin, hiika jecha fakkeenya jedhu irra deebi’ii dubbadhu. (Fakkeenyi seenaa Yesus waa’ee Waaqayyoo fi mootummaa Isaa dhugaa barbaachisaa ta’e namoota barsiisuudhaaf dubbatee dha.) Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, attamitti akka namoota birootti jaalala argisiifnu dhugaa barbaachisaa ta’e ibsuudhaaf Yesus fakkeenya dubbate.

Filmaata 2:Gochaadhaan Argisiisuu

Akka do’iidhaan argisiisaniif Seenaa Macaafa Qulqulluu kana kutaa adda addaatti qoodii ijoolleef ramadi. Kan si barbaachisan Yesus, barsiisaa seeraa, namicha isa karaa irra utuu deemu saamame, saamtota sadii yookiin afur (ballina kutaa keetii irratti hundooftee, tokko yookiin lama ga’aa dha), luba, nama gosa Leewwii (hojjetaa mana qulqullummaa), namicha Samaariyaa, harree, fi eegduu mana keessummaa. Yommuu ati Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee keessaa dubbistu, argisiistonni utuu sagalee hin dhageessisin gocha seenaan sun ibsu sochii qaamaatiin akka isaan argisiisaniif abboomi. (Yaadachiisa: Namichi Samaariyaa yookiin namichi inni miidhame dudda barataa isa ga’ee harree taphatuu irra akka yaabu hin taasisin. Namichi Samaariyaa fi namichi inni miidhame, barataa isa ga’ee harree taphatu sana booda adeemuudhaan akkuma wanta harree “gulufsiisanii” fakkeessuu in danda’u.)

Seenaa Macaafa Qulqulluu irraa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’e: Garee sana gaaffilee kunneen gaafadhu:

1. Namichi Seera Waaqayyoo beeku sun Yesusin maal gaafate? (Jalqaba namichi Yesusin, “Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?” jedhee gaafate. Yesus immoo deebisee, “Seera keessatti maaltu caafamee jira?” jedhee isuma gaafate. Barsiisichi seeraa garuu, “Nama isa kam?” jedhee Yesusiin gaafate.)

2. Yeroo nama gargaarsa barbaadu tokko arginu Waaqayyo akka maal goonu barbaada? (Namoonni hundumtuu obboloota keenya waan ta’aniif, eenyuun iyyuu yoo ta’e yookiin taate, Waaqayyo akka nuyi gargaarru barbaada.)

Gochaadhaan irra deebi’uu: Dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu sana irra deebi’uudhaaf, filmaata isa seenaa himuudhaaf itti hin gargaaramne fayyadami. Yoo seenaa Macaafa Qulqulluu irra deebi’uudhaaf horgoggee fayyadamta ta’e, horgoggee sana ijoolleedhaaf hiriitii, yeroo seenicha irra deddeebi’anii sitti himan akka sochoosan taasisi.

Dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Gocha hojii irra oolchuu: sochii qaamaa sagalee hin qabneen jaalala namatti argisiisuu: Ijoollee wajjin marsaa geengootiin taa’aa. Akkas jedhii gaafadhu, lubichii fi hojjetaan Mana

Qulqullummaa sun yeroo namicha miidhame sana karaa irratti argan maal godhan? (Isatti dhiyaachuu dhiisanii, irraa goranii karaa biraa irra darban.)

Namoonni kunneen lamaan namicha miidhame sanaaf obboloota gaarii turanii? (Lakki. Isaan isa hin gargaarre.)

Namoota fakkenya Yesus keessatti argaman keessaa eenyutu namicha isa miidhame kanatti jaalala argisiise? (Namicha Samariyaa ti.) Namichi Samaariyaa attamitti namicha miidhametti jaalala argisiise? (Inni madaa isaa quleessee hidheef; iddoo mijataatti isa geessee, isaa wajjin turee, hamma fooyya’ee gara mana isaatti galutti danda’utti akka mana keessummaa turuuf horii kaffaleef.)

Maqaa biraan Seerri Waaqayyoo Abboommii Kurnan jedhama. Barumsa hedduu dura waa’ee yeroo Waaqayyo Abboommii Kurnan gabateewwan dhagaa lama irratti barreessee Museetti kenne baranneerra. Abboommiin Kurnan hundi waa’ee jaalala ti. Abboommiin jalqabaa sadan attamitti akka Waaqayyoon jaallachuu qabnu nutti himu. Abboommii turban warri kaan attamitti akka namoota jaallachuu qabnu nutti himu. Abboommiiwwan kunneen, “nama akka ofii keetiitti jaalladhu”jedhu. Kana jechuun akkum eeggannaa fi gara laafinaan ofii keenya jaallannutti, haaluma wal fakkaatuun namoota biroottis jaalala argisiisuu qabna.

Macaafi Qulqulluun namoonni hundumtuu obbolota keenya akka ta’an nutti hima (Galatiyaa 6:10; Maatewos 5:44 fi Kateeksimos isa xiqqaa Luuter barreesse ibsa isaa wajjin, gaaffii 46). Namoonni diinota keenya ta’an illee obboloota keenya akka ta’an Yesus nutti hima (Maatewos 5:44). Namichi Samaariyaa sun yeroo namicha isa miidhame sana gargaare, akka inni nama hin beekne kana gargaaruudhaaf fedha qabaatuu jaalalli Waaqayyoo laphee isaa keessatti hojjetaa ture. Nuyis namoota gargaarsa keenya barbaadan gargaaruu akka dandeenyuuf jaalalli Waaqayyoo laphee keenya keessatti in hojjeta. Akka nuyi namoota warruma nu gaddisiisan illee gargaaruudhaaf fedha qabaachuu dandeenyuuf jaalalli Waaqayyoo nu keessatti in hojjeta. Waa’ee karaa ittiin hiriyaa kee tokko gargaaruu dandeessu yaadi. Namoonni hundumtuu obboloota keenya akka ta’an yaadadhu. Kanaaf nama mana kee jiru tokko, hiriyyaa yookiin nama sittii dhiyoo jiraatu tokko, yookiin nama fagaatee jiraatu tokko karaa ittiin gargaaruu

dandeessu yaadi. Karaa obboleessa ittiin gargaaruu dandeessu yeroo yaadi siif dhufu, harka kee ol kaasi.

Barattoonni garri caalaan yommuu harka isaanii ol kaasan, akka gochi inni itti aanu jalqaba gaarii ta’utti, jalqaba barataa isa ariifatee itti yaade waami.Barataan sun akka marsaa geengoo walakkeessa dhaabatu taasisi. Akkas jedhi, (Maqaa barataa,) attamitti akka namicha gargaartu sochiidhaan nutti argisiisi. Jecha tokko illee hin dubbatin. Wantoota attamii akka taasistuuf Waaqayyo akka si gargaaru akkasumatti nutti argisiisi. Nuyi sirriitti ilaallee, wanti ati hojjettu maal akka ta’e shallaguu yaalla. Barattoonni namoota gargaaruudhaaf gochuu kan danda’an wantoota qabatamoo ta’an sochii qaamaatiin akka argisiisaniif jajjabeessi. Uffataa fi horgoggee qulleessuu, mana qulleessuu, nyaata qopheessuu, qodaa nyaataa dhiquu, uffataa dadachaasuu, seenaa Macaafa Qulqulluu himuu, nama hammatanii dubbisuu, nama dheebote tokkoof bishaan kennuu fi kanaa fi kan kana fakkaatan. Hamma barattoonni hundumtuu hiriyoota isaanii tajaajiluu fi jaallachuudhaaf karaa Waaqayyo irra isaan gargaaru carraa dubbachuu argatanitti itti fufi.

Yaadachiisa: Waa’ee namoota gargaaruu mariyachuu keessan keessatti, nama isaan hin beekne kan miidhame tokko yoo argan gargaaruu yaaluudhaan balaa irra akka hin buune ijoollee yaadachiisi. Haalota akkasii keessatti karaa gaariin isaan ittiin gargaaruu danda’an, nama ga’eessa amanamaa ta’e tokko barbaadanii, inni dhufee akka qoratuu fi namicha gargaaruudhaaf wanta barbaachisaa akka taasisu gochuuakkata’eisaanitti himi. Waaqayyo akka nuyi namootagargaarru in barbaada; garuu yommuu kana hojjennu nageenyi keenya akka eegamus in barbaada.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu

Garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee goofticha jaallachuutu siif ta'a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta'a (Luqaas 10:27).

Yaadachiisa: Ijoollee xixinnoo umurii afurii fi shanii, luqqisicha kutaa isa dhuma irratti argamu qofa barsiisi: Namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta'a.

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Macaafa Qulqulluu kee baasiittiakkas jedhi;barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, namichi seera Waaqayyoo beeku sun Abboommiin Kurnan maal akka barsiisan in beeka. Abboommiin jalqabaa sadan maal barsiisu? (Waaqayyoonattamittijaallachuunakkanuufta’u.)Abboommiinwarrikanbiroonturbanmaal barsiisu? (Namoota attamitti jaallannu akka nuuf ta’u.) Macaafa qulqulluu kee banadhuutii akkas jedhi; Luqqisiin Macaafa Qulqulluu inni waa’ee kanaa nutti himu: Garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee goofticha jaallachuutu siif ta'a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta'a. Mee Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana haa barannu.

Luqqisii isa gabaabaa ijoollee warra xixinnoo barsiisuudhaaf, yommuu luqqisicha jettan gocha armaan gaditti argisiifame hojjedhu. Ijooleen luqqisicha akka jedhanii fi gocha isaa si boodaan akka hojjetan taasisi.

Dubbadhu Hojjedhu

Nama jaallachuun siif in ta'a. Quba argisiistuu gara laphee keetti qabi; ergasii barruu kee ol garagalchii harka kee diriirsi.

Akka ofii keetiitti. Ofii kee hammadhu.

Guutummaa luqqisichaa barattoota warra gurguddoo barsiisuudhaaf, yommuu luqqisicha jettan gocha armaan gaditti argisiifame hojjedhu. Ijooleen luqqisicha akka jedhanii fi gocha isaa si boodaan akka jedhan taasisi.

Dubbadhu Hojjedhu

Waaqayyo kee goofticha jaallachuutu siif ta'a

Quba argisiistuutiin mallattoo fannoo laphee kee irratti hojjedhu.

Garaa kee guutuudhaan Gara laphee keetiitti argisiisi. jireenya kee guutuudhaan Barruu kee gadi garagalchii, harka kee laphee kee irra kaa’i. humna kee guutuudhaan Maashaa kee argisiisuudhaaf Irree kee ol kaasi. yaada kee guutuudhaanis, Gara adda keetiitti quba qabi. namas jaallachuun siif in ta'a Quba argisiiftuu gara laphee keetiitti qabi; ergasii barruu kee ol garagalchiitii harka kee diriirsi. akka ofii keetiitti Ofii kee hammadhu.

Hamma ijoolleen luqqisii Macaafa Qulqulluu kana sirriitti beekanitti gochawwanii fi sochiiwwan sana yeroo hedduudhaaf irra deddeebi’aa.

Faarfannaa:Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha(Lakkoofsa 21) kan jedhu faarfadhaa. Ergasii booda, Kan Wangeela keenyaa dinqii dha (Lakkoofsa 22) isa jedhu faarfadhaa. Ifi Wangeelaa keessan ergaa jaalalaa fayyisuu Yesusii dha jedhii barattootaaf ibsi.Yeroo ifi Wangeelaa keessan ifu, isin jaalala fayyisuu Yesus namatti argisiistu.

Hojii Harkaa: Harkawwa Gargaaran

Ijoollee lama lamaan teessisi. Tokkootokkoo isaaniitiifwaraqaa fikobbii kenniif.Hiriyoonni akka armaan gaditti fakkiidhaan argisiifametti darabee darabeen harka walii isaanii akka kaasan taasisi.

Harkawwan Gargaaran

Yeroo tokkoon tokkoon ijoollee fakkii harkaan kaafame of harkatti qabatan, akkas jedhi;fakkii sana irratti iddoo itti qubi guddaa fi qubi argisiistuun wal argan ilaali. Boca maalii ilaalta? (Akka isaan boca onnee arguu danda’anitti, waraqaaleen ijoollee kallattii sirrii ta’etti garagaluu isaanii mirkaneeffadhu.) Boci onnee kun yeroo namoota gargaaruuf harka keenya fayyadamnu, nuyi jaalala Yesus akka argisiisnu nu yaadachiisa.

Fakkii harkaa sana muranii akka baasaniif murtuu qopheessiif. Fakkii qubaa naannoo karaa alaa qofa haa muran. Iddoo Boca onnee keessaa utuu hin murin dhiisi. Yoo in barbaachisa ta’e ijoollee warra xixinnoo muruu gargaari.

Ammakobbii halluuhiriifiiakkas jedhi;duraan barumsa keenyakeessatti karaaleetokkotokko akka namoota gargaaruu dandeenyu argisiisnee turre. Karaalee sana itti yaadi. Boca onnee quba keetii fi quba guddaan waraqaa irratti hojjetame keessaan, karaa jaalala Yesus namatti argisiisuu dandeessu fakkii kaasi.

Ijoolleen yeroo fakkii isaanii xumuran,yoobarbaadanfakkii harkaisaanii halluudibuu in danda’u. Ijoolleen fakkii “Harkawwan Gargaaran” jedhu xumuran gara kadhata xumuraatti akka fidan taasisi.

Kadhannaa Xumuraa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 48

Namoota Dhukkubsatoo Kudhan

Luqaas 17:11-19

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 122-123

Dhugaa Ijoo

Nuyi hundumti keenya sababii cubbuu keenyaatiif warra gatamoo fi dhiphatoo dha. Yesus nu jaallata; araara Isaatiinis cubbuu keenya nuuf dhiisee nu fayyisa. Inni fayyina nuuf kennu hundumaaf: fayyina hafuuraa, miiraa fi qaamaatiif garaa Isa galateeffatu nuuf in kenna.

Kaayyoo Barumsichaa

Gargaarsa humna Hafuura Qulqulluutiin, dhuma irratti barattoonni

• Yesus namoota kudhan dhukkuba lamxiittii akka fayyisee fi namni tokko qofaan Isa galateeffachuudhaaf akka dhufe in BEEKU.

• Karaalee Yesus isaan fayyise hundumaa, keessumattuu cubbuu isaaniittii waan fayyiseef, galateeffachuutti in GUDDATU.

• Waa’ee jaalala, araaraa fi humnafayyisuu Isaa jireenyaisaanii keessatti mul’ateef, Yesusin galateeffachaa in JIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu smmuutti qabatamu

Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, wanta gaarii inni godhe hundumaas hin irraanfatin. Inni yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa (Faarsaa 103:2-3).

Yaadachiisa: Kun irra deebii luqqisii barumsa 23ffaa ti.

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Horgoggeewwan qajeelfama kanafuula gara duubaairratti argaman fayyadamuu yoo barbaadde, kanneen barumsa 48ffaa tiif qopheeffaman waraabbii taasisi. Fakkii horgoggeewwan sanaa boca isaaniitiin murii baasiitii halluu kobbii dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Utuu barumsi hin jalqabin kobbii, waraqaa adii, fi Macaafa Qulqulluu kee kutaa itti barsiistu keessa minjaala irra kaa’i. “Seenaa Macaafa Qulqulluu Beeksisuu” isa jedhu ilaali.

3. Akkina (fakkii sarara ciccittuu) hojii harkaa barumsa 48 tiif qophaa’e, : “Sabbata Yesus in fayyisa in dhiisas” jedhu tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraabbii taasisi. Akka ijoolleen sabbata isaanii waraqaa furdaatti qabsiisaniif haphee qopheessi.

Macaafa Qulqulluu bu’uureffachuu

Luqaas 17:11-19 dubbisi.

1. Dinqiin Yesus kun kan ta’e Yesus fannifamuu Isaa dura, gara Yerusaalem adeemuu Isaa, isa dhumaa yeroo muraasa duursee ti. “Yesus Yerusaalem utuu dhaquu Samaariyaadhaa fi Galiilaa keessa darbe” (Luqaas 17:11). Naannoon kun galaana Yordaanos irraa gara bahaatti kan argamu yummuu ta’u, yeroo kana seenaa keessatti Peeriyaa jedhamtee waamama turte. “Akkuma inni ganda tokkotti galeen, namoonni kudhan dhukkuba lamxii kan dhukkubsatan itti dhufan. Isaan fagoo dhaabatanii…” (Luqaas 17:12). Akka Seera Yihudotaatti namni tokko yoo lamxii qabaate akka dhukkubichi warra kaanitti hin daddarbineef magaalaa yookiin ganda keessa jiraatu keessaa ba’uu qaba(Lewwoota 13:146). Lamxii dabalatee, waa’ee dhukkuba gogaa irratti seeronni Yihudoota in ibsu

2. Lamxiin dhukkuba gogaa bifa nama balleessuu, kan sirna narvii qarqara nafaa irratti miidhaa fiduu dha. Sababii baakteeriyaan kan dhufuu fi yeroo baay’ee ija, funyaan, gurra iddoo lootii, harkaa fi quba miillaa kan miidhuu dha. Mallattoon lamxii suuta suutaan mul’ataa deema; yeroo baay’ees adoochuu fi ho’a dhagnaa dhaga’uu dadhabuu quba harkaa fi miillaatiin jalqaba. Dhuma irratti madaatu gogaa dhagnaa irratti mul’ata, miidhamuunijaain uumama,ergasii boodamadaa gudaa,qubi harkaafimiillaadhabamuu, fi bifi fuulaa baduu eegala. Baroota Macaafa Qulqulluu keessa, lamxiin garmalee hubatamaa fi yeroo baay’ee akka waan sababii cubbuu tokko tokkootiif adaba Waaqayyoo biraa dhufeetti yaadamaa ture. Namoonni dhukkuba lamxii qaban akka dhukkubich warra kaanitti hin daddarbineef nama irraa adda ba’anii akka jiraatan godhamaa turan. Bara kana, ogeeyyiin fayyaa lamxii “Dhukkuba Hansan” jedhanii waamu. Qoricha baakteeriyaatiin ajjeesuudhaan yaaluun in danda’ama. Faayidaan qoricha baakteeriyaa ajjeesuu akka dhukkubsataan karaa dhangala’aa funyaanii fi dhangala’oo qaamaatiin dhukkubicha warra kaanitti hin daddabarsineef ittisa. Elsaa’i humna Waaqayyootiin, Na’amaaniin dhukkuba lamxiittii akka fayyise in yaadatta (2 Mootota 5:1-14).

3. Yeroo Yesus isaanitti dhiyaachaa dhufe, “isaan fagoo dhaabatanii sagalee isaanii ol fudhatanii, ‘Yaa Yesus barsiisaa nu maari!’ jedhaniin” (Luqaas 17:13). Jechi namaaf gadduu jedhu Luqqisii kana keessatti nu maariitti hiikama. Yesus, rakkina namoota sanaa beekuudhaan, dhukkuba qaamaa fi namootattii adda ba’anii hamileen isaanii cabuudhaan in dhiphachuu isaanii arge. “Yesus isaan ilaalee, ‘Dhaqaa luboota of ilaalchisaa!’ jedheen; isaan immoo dhaqaa utuu jiranii in qullaa'an” (Luqaas 17:14). Akka seera Yihudootaatti namni kam iyyuu dhukkuba gogaattii yoo fayye akka inni qullaa’eera jedhee labsutti luba of ilaalchisuu qaba. Sababii dhukkubichi kutaa qaama isaanii muraasa ajjeesuuf namoonni dhukkuba lamxii qaban Yihudoota biratti akka xuraa’ootti lakkaa’amu turan.

4. Tokko isaan keessaa akka fayye arginaan, sagalee guddaadhaan Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa, deebi'eegara Yesus in dhufe.Namni kunnamaSamaariyaature; inni Yihudoota bratti utuma dhukkuba lamxii hin qabaatin iyyuu akka xuraa’aatti lakkaa’ama (Luqaas 17:15-16). Ifatti kan mul’atu, namoonni warri saglanii Yihudoota turan; kanaaf Yesus

namicha Samaariyaa kanaan “Isa orma kana” jedhe (Luqaas 17:17-18). Yesus yommus namichaan, “Ka'ii, dhaqi amantiin kee si fayyiseera” jedheen (Luqaas 17:19). Namicha Samaariyaa qofatu gara Yesusitti deebi’ee akka burqaa fayyina isaatti Yesusif galataa fi hoqubaa dhiheessuuf. Yesus namicha kana dhukkuba qaamaa lamxii qofattii hin fayyifne; kennaa amantii fi dhiifamuu cubbuu kennuufiidhaan dhukkuba hafuuraattiis fayyiseera. Gooftaa keenya Isa nama jaallatuun, namichi keessi laphee isaa fi qaamni isaa qulleeffame. 5. Yesus namoota hundumaa cubbuu isaaniittii fayyisuuf dhufe. Kun namaa hundumaa, warruma hawaasan gataman illee of keessatti qabata. Cubbuun keenya hundumti keenya fayyinaaf akka hin malle nu taasisa. Garuu sababii araara Waaqayyoo fi iddoo keenya du’uu fi du’aa ka’uu Yesusin fayyineerra; cubbuun keenyas nuuf dhiifameera; tajaajilaafis guyyaa guyyaadhaan in qulloofna. Waaqayyoof galanni hata’u; “Inni yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa” (Faarsaa 103:3).

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: “Galata KeeYesus” (Lakkoofsa 7) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu Beeksisuu

Gocha sochiidhaan mul’atu: Maaliif “Galatoomi” jenna?

Ijoollee ofitti dhiyeessii teessisi. Ijoollee keessaa tokko akkas jedhii gaafadhu, (Maqaa ijoollee,) adaraa maaloo kobbii minjaala irra jiru sana fuutee naaf laachuu dandeessaa? Erga ijoollee keessaa tokko kobbii sana siif kennee booda, Galatoomi (maqaa ijoollee) jedhi. Itti aansii ijoollee kan biraa akkas jedhii gaafadhu; (Maqaa ijoollee) adaraa maaloo waraqaa adii minjaala irra jiru sana fuutee naaf laachuu dandeessaa? Erga ijoollee keessaa tokko akkasum siif godhee booda Galatoomi (Maqaa ijoollee) jedhi. Dhuma irratti, ijoollee kan biraa gaafadhu; (Maqaa ijoollee) adaraa maaloo Macaafa Qulqulluu minjaala irraa sana fuutee naa laachuu in dandeessaa? Yeroo ijoollee keessaa tokko Macaafa Qulqulluu sana siif kenne, Galatoomi (Maqaa ijoollee) jedhi.

Utuma wantoota sana harkatti qabattee jirtuu, garee sana akkas jedhii gaafadhu, Maaliif nama tokkoon “Galatoomi” jenna? (Nama tokkoon “Galatoomi” jechuun gargaarsa isaaniitiif dinqisiifachuu keenya argisiisa.) Nuyi Yesusiin “Galatoomi” kan jennu yeroo kami? (Yeroo nyaata keenyaaf isa galateeffannu, yeroo gargaarsaa fi fayyinaaf isa galateeffannu, yeroo eebbaaf isa galateeffannu, kkf of keessatti qabata.) Kadhata keenya keessatti, nuyi yeroo hundumaa wanta qabnu hundumaa Isatu nuuf kenne waan ta’eef, eegumsa waan nuuf godhuu fi nu gargaaruuf Yesusiin “Galatoomi” jenna.

Barumsa Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, waa’ee yeroo itti namni tokko Yesusiin “Galatoomi” jechuu qabuu dhageenya. Namichi kun maaliif akka Yesusiin guddaa galateeffatu beekuudhaaf hubannaadhaan dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:Wangelaka raajii inni guddaan(Lakkoofsa 33) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1: Yeroo “Namoota dhukkubsatoo kurnan” Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu

Qooda Ijoollee keessaa dubbistu, seenessuu kee caalchistee cimsuudhaaf horgoggeewwaan

qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argaman fayyadami.

Filmaata 2:Gocha sochiitiin seenessuu

Tokkoo tokkoo hima hiika seenaa armaan gadii erga dubbistee booda, gocha dhiyaate hojjedhu.

Ergasii booda akka ijoolleen si boodaan irra deebi’aniif abboomi.

Dubbadhu Hojjedhu

Namoonni kurnan baay’ee dhukkubsatoo turan. Qubaharkaa kurnanolqabiigaddaaof fakkeessi.

Isaan dhukkuba lamxii jedhamu qabu turan. Qaamni isaanii guutummaatti madaa‘ee ture. Ogeessi fayyaa isaan gargaaruu hin dandeenye. Yeroo hundumaa miidhamtootaturan

Akka dhukkubichi nama biraatti hin darbinetti, namoonni kun qofaa isaanii jiraachaa turan.

Namni tokko illee yoo isaanitti dhufe, namoonni kunneen iyyanii, “Nuyi xuraa’oo dha! Nuyi xuraa’oo dha!” jedhu. Kun akka dhukkubichi itti hin darbineef namoota isaan irraa ittisa.

Gaaf tokko, Yesus karaa irra utuu dhufuu namoonni kurnan argan.

Sagalee isaanii ol fudhatanii, “Yaa Yesus, barsiisa, nu maari!” jedhan.

Yesus isaan ilaalee, “Dhaqaa luboota of ilaalchisaa!” jedheen.

Namoonni kurnan ka’anii in adeeman. Utuu dhaquutti jiraniis akka qullaa'an in argan.

Tokko isaan keessaa deebi'ee gara Yesus in dhufe.

Miilla Yesus jalatti adda isaatiin lafa dha'ee waan Inni isa fayyiseef galateeffate.

Yesus deebisee, “Namoota kudhantoo qullaa'ee, salganuu meerree ree? Isa orma kana irraa kan hafe namni Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessuudhaaf deebi'e hin argamnee?” jedhe.

Yesus yommus namichaan, “Ka'ii, dhaqi amantiin kee si fayyiseera” jedheen

Akka dhukkubsataa fi miidhamaatti suuta aadi.

Jabeessiiitii of hammadhu

Harka kee naannoo afaan keetti golbeessii qabadhuutii akka nama iyyuu fakkeessi.

Ija harkaan gaaddiseessiitii fagootti asii achi ilaali.

Harka kee naannoo afaan keetti golbeessii qabadhuutii akka nama iyyuu fakkeessi.

Quba argisiistuu kee fagootti asii achi qabi.

Ol utaalii “Ergaa gammachuu” jedhii iyyi.

Jilbeenfadhuu, mataa kee gadi qabi.

Akkuma jilbeenfattee jirtutti, quba harkaa kurnan argisiisi, ergasii booda quba argisiiftuu tokko qofa ol qabi.

Ka’ii dhaabadhu, quba argisiiftuun fannoo hojjedhuuti laphee kee irra kaa’i

Seenaa Macaafa Qulqulluu irraa deebi’uu

Gaaffilee Seenicha irraatti bu’uureffate: Garee sana gaaffilee kunneen gaafadhu:

1. Rakkoon Namoota kurnan sanaa maal ture? (Namoonni kunneen dhukkuba lamxii jedhamu qabu turan. Isaan baay’ee dhukkubsatu turan; akka dhukkubicha hin daddabarsinetti namoota kaan irraas fagaatanii jiraachaa turan.)

2. Yesus namoota meeqa fayyise? (Yesus namoota kudhan fayyise)

3. Namni tokko maaliif deenbi’ee gara Yesus dhufe? (Namichi waan Inni isa fayyiseef Yesusiin galateeffachuudhaaf deebi’ee dhufe.)

Gocha sochiidhaan irra deebi’uu: Faarfannaa Namoota dhukkubsatoota kurnanii

Gochaadhaan irra deebi’uu: Dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu sana irra deebi’uudhaaf, faarfannaa irra deddeebiidhaan ijoollee barsiisi. Akka ijoolleen tokkoo tokkoo sarara isaa si boodaan irra deebi’anii jedhan taasisi.

GOCHA IRRA DEEBI’UUN ILAALAMU: Faarfannaa Namoota dhukkubsatoo kurnanii

Dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu irra deebi’anii ilaaluuf faarfannaa kana ijoollee barsiisi. Ijoolleen si boodaan tokkoo tokkoo sarara sanaa irra deebi’anii haa jedhan

Yeroo tokko namoonni kudhan bayy’ee dhukkubsatan, bayy’ee dhukkubsatan, bayy’ee dhukkubsatan.

Yeroo tokko namoonni kudhan bayy’ee dhukkubsatanii turan. Yesus isaan fayyise.

Isaan keessaa tokko Gooftaa galateeffachuudhaaf, Gooftaa galateeffachuudhaaf, Gooftaa galateeffachuudhaaf deebi’ee dhufe.

Isaan keessaa tokko Gooftaa galateeffachuudhaaf deebi’ee dhufe. Yesus galatoomi!

Yesus namicha kanaaf amantii guddaa, namicha kanaaf amantii guddaa, namicha kanaaf amantii guddaa kenne.

Yesus namicha kanaaf amantii guddaa kenne. Yesus galatoomi!

Yaadachiisa: Faarfannaa kana qooqa faarfanaa biraatiin faarfachuun in danda’ama.

Dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaan Wal-fudhachiisuu

Hojii harkaa jireenyaan Wal-fudhachiisuu: Yesus dhiifama in godhas; in fayyisa;sabbata,waraqaalee furdaa.

Ijoollee ofitti naannessii teessisi. Akkas jedhi;Yoo takkaa madooftanii yookiin godaannisa qabaattanii turtaniittu ta’e harka ol qabaa. (Tarii ijoollee garri caalan harka isaanii ol qabuu in danda’u.)Madaa yookiin godaannisisun ammahin jiru yoota’eharkakeessan gadi deebisaa. Yesus madaa keenya in fayyisa.

Yoo takkaa cabi lafee yookiin meelachuun isin mudatee jiraate ka’aa dhaabbadhaa.Ijoolleen miidhamni mudate yoo ka’an, akkas jedhi;Yoo cabi lafee yookiin meeluun sun amma hin jiru ta’e deebi’aa taa’aa. Lafeewwan cabanii fi qaama keenya miidhame Yesus in fayyisa.

Yoo takkaa utaalloo yookiin dhagna gubaa yookiin qufaan isin qabee jiraate harka keessan ol qabaa. (Tarii ammas ijoollee garri caalan harka isaanii ol qabuu in danda’u.) Utaalloo yookiin dhagna gubaa yookiin qufaan sun amma hin jiru yoo ta’e harka keessan gadi deebisaa. Yeroo nuyi dhukkubsannu Yesus nu fayyisa.

Takkaa cubbuu hojjettaniittu yoo ta’e ka’aa dhaabadhaa. (Hamma ijoolleen hundumtuu dhaabatanitti eegi; ergasii ofii keetiis dhaabadhu.) Nuyi hundumti keenya wanta gadhee kan Yesus akka hojjennu hin barbaanne hojjenneerra. Yesus garuu cubbuu hojjenne keessaa nu baasuufnugargaara.Yesusfayyisaakeenya.Innicubbuukeenyattiinufayyisuudhaafdu’ee, du’aa ka’e. Inni cubbuu keenya nuuf in dhiisa; miidhama, gaddaa fi dhiphina cubbuun keenya nutti fidettii nu fayyisa. Yesus cubbuu keessan isiniif dhiiseera yoo ta’e taa’aa. (Hamma ijoolleen hundumtuu gadi taa’anitti eegi; ergasii ofii keetiis taa’i.)

Akkinahojii harkaaSabbatawaraqaamaxxanfamu kanbarumsa48 tiibaasiibarattootahundumaaf tokkotokkokenni.Akkasjedhi;Yerootokkotokkoyoowaanumureyookiinmadaaqabaannu, akka qulqullinni isaa eegamuu fi fayyuuf sabbata madaa ittiin hidhan irra keewwanna. Fuula kana irratti akka Yesus cubbuu keenya nuuf dhiisuu fi miidhama cubbuun keenya nutti fide irraa nu fayyisu kan nu yaadachiisufakkii sabbata madaa ittiin hidhanii argina. Sabbati madaa ittiin hidhan kun akkas jedha, “Yesus dhiifama in kenne; in fayyisas.” Anaa wajjin jechoota kanneen jedhaa. Jechoota kanneen si wajjin akka jedhaniif ijoollee afeeri.

Kobbii halluu kenniifiitii halluu ifaa fi nama gammachiisu sabbaticha dubuuf akka fayyadamanijoollee ajaji. Ergasii booda sabaticha muranii akka baasan itti himi.Yoo in barbaachisa ta’e ijoollee warra xixinnoo gargaari. Itti fufuudhaan plaasteerii xinnoo marsaa geengoo mari. Pilaasteera marame kana tokkoo tokkoodugda sabata ijoollee irra kaa’i. Tokkoon tokkoon ijoollee sabbaticha laphee isaanii gararraatti uffata isaaniitti akka maxxansaniif ajaji Tokkoon tokkoon isaanii sabaticha erga maxxansatanii booda,si wajjin marsaa geengootiin akka dhaabbatanijoollee gargaari. Akkas jedhi;Cubbuu keenya waan nuuf dhiisuu fi miidhama cubbuun keenyanutti fideirraas waan nu fayyisuuf Yesusiin “Galatoomi” haajennu.Kutaa kadhannaa kanaa tokkoo tokkoo isaa na boodaan irra deebi’aatii jedha;“Yaa Yesus (hamma ijoolleen irradeebi’anii jedhanitti eegi)cubbuu hojjennewaan nuudhiiftuuf galatoomi (hamma ijoolleen irra deebi’anii jedhanitti eegi). Miidhaa fi gadda (hamma ijoolleen irra deebi’anii jedhanitti eegi)cubbuun keenya nutti fidetti (hamma ijoolleen irra deebi’anii jedhanitti eegi)waan nu fayyiftuuf galatoomi(hamma ijoolleen irra deebi’anii jedhanitti eegi) Maqaa kee, maqaaYesusiinsikadhannaa.Amen.(Ijoolleenhimakadhannaaisadhumaakanairradeebi’anii haa jedhan.)

LuqqisiiMacaafa Qulqulluu yaadatti qabatamu: Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, wanta gaarii inni godhe hundumaas hin irraanfatin! Inni yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa ( Faarsaa 103:2-3).

Ijoolleeofitti naannessii teessisii,MacaafaQulqulluu keebanadhu. Akkas jedhi;Barumsahedduu dura waa’ee namicha Naa’amaan jedhamu isa dhukkuba lamxii qaba tureeseenaa Macaafa Qulqulluu keessaa dhageenyee turre.Raajichi Elsaa’i akka isa fayyisuuf Waaqayyo humna kenneef. Dhukkuba keenyattii waan nu fayyisuu fi cubbuu keenya waan nuuf dhiisuuf Waaqayyoon akka galateeffannu kan nu yaadachiisu Luqqisii Macaafa Qulqulluu barumsa kana keessatti baranneerra. Luqqisichi akkas jedha; “Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, wanta gaarii inni godhe hundumaas hin irraanfatin. Inni yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa.”Yeroo dhukkubsannu Waaqayyo qaama keenya fayyisuu in danda’a. Sababii cubbuutiif yeroo lubbuun keenya dhukkubsattu Waaqayyo

Yesusiif jedhee cubbuu keenya nuuf dhiisee lubbuu kenya in fayyisa. Mee jechoota luqqisii kanaa haa barannu!

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana karaa barumsa 23 keessatti barsiiste irra ijoollee barsiisi. Luqqisicha akka armaan gaditti argisiifametti kutaa kutaatti qoqqoodi. Kutaa jalqabaa jedhi; barattoon si boodaan irra deebi’anii haa jedhan. Kutaa lammaffaa jedhi; barattoonis si boodaan irra deebi’anii akka jedhan taasisi. Ergasii booda luqqisicha kutaa jalqabaa fi lammaffaa walduukaa jedhaa. Itti fufii kutaa sadaffaa jedhi; barattoonni si boodaan irra deebi’aniiakka jedhan gargaari. Ergasii booda luqqisii kutaa jalqabaa, lammaffaa fi sadaffaa wal-duukaa jedhaa. Itti aansuudhaan kutaa afuraffaa jedhii, barattoonni si boodaan irra deebi’anii haa jedhan. Dhuma irratti, luqqisichaguutummaa wal-duukaa jedhaa. Hamma barattoonni akka gaariitti beekanitti guutummaa luqqisichaa suutatti irra deddeebi’aa jedhaa.

Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko,/ wanta gaarii inni godhe hundumaas hin irraanfatin./ Inni yakka kee siif in dhiisa,/ dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa.

Faarfannaa:LubbuukoWaaqayyooneebbisi (Lakkoofsa23),JaalalliGooftaadinqisiisaadha (Lakkoofsa 21) jedhan faarfadhaa.

Kadhannaa Xumuraa: Kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu. Baafata

Barumsa 49

Yesusii fi Namicha Ija Jaamaa

(Maatewos 20:29-34, Maarqos 10:46-52, Luqaas 18:35-43)

Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee fuula 124-125

DhugaaIjoo

Karaa fayyina keenyaas ta’e barbaachisummaa isaa arguu kan hin dandeenye jaamoota waan taaneef Yesusiin maleewaan kana hubachuu hin dandeenyu. Yesus warra gara isaatti deebi’aniif amantii in kenna. Gara mootummaa Waaqayyootti kan nu geessu karaan isa duwwaa akka ta’e akka amannuuf jaalalaa isaa fi araara isaatiin jaamummaa hafuuraa irraa nu fayyisa.

Kaayyoo barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Yesus fayyisaa akka ta’e beekuudhaan inni jaamaan jaamummaa hafuuraa irraa na fayyisa jedhee abdachuu akka danda’uuf amantii akka isaa kenne in beeku.

• Amantiin isaanii Yesus cubbuu irraa, du’aa fi Seexana irraa akka isaanfayyisu abdii akka godhatan kan isaan gargaaru kennaa Waaqayyoo ta’uu isaa beekuudhaan inguddatu.

• Waa’ee kennaawwan amantii, dhiifamuu cubbuu fi jireenya barabaraaf Yesusiin galateeffachaain jiraatu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qu’atamu: Waaqayyoon, aangoo isaas qoradhaa, yeroo hundumaa fuula isaa barbaaddadhaa! (Far. 105:4)

Meeshaalee fi qophii keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan

1. Yeroo barsiiftu hergoggeewwan qajeelfama kana fuula duubaa irra jiran fayyadamata yoo ta’e waraabbii isaanii kanbarumsa 49iif yaadaman qopheessi. Hergoggeewwan sana murii keessaa baasiitii kobbeehalluutiin dibi.Tokkootokkoo hergoggeewwansanaauleesibiilaa salphaa ta’etti yookiin baala furdaa irratti hapheedhaan qabsiisi.

2. Qajeelfamakana fuulota gara duubaa irratti barumsa 49-iif fakkii harkaan qophaa’e haguugii fuulaa ‘Yesusiin nan barbaada’ jedhu tokkoo tokkoo ijoolleetiif kan ta’u qabaadhu. Yoo in danda’ama ta’e waraqaawwan fufurdaa yookiin salphaa irratti baay’isii hojjedhu. (wantoota kana yoo hin argattu ta’e haguuggiiwwanijaakeessaa lama qopheessiitii waraqaadhuma jiru irratti hapheedhaan qabsiisi). Haguuggiiwwan sana tokkoo tokkoo isaanii murii baasi. Haguuggii ijaasana irratti sarara kaa’ame xuqaa xuqaa isaa irra deemsiisuun tokkoo tokkoo dubbisa sana irraa uraa ija (agartuu) bakka bu’an immoo murii baasi. Dabalatanis tokkoo tokkoon ijoollee haguuggii ijaa isaanii waliin akka walitti qabsiisaniif ulee sibiilaa qal’oo dheerinni isaa sentiimeetira 30 ta’ewalitti qabachuu qabda. Haguuggii ijaa isaanii kan ittiin miidhegsatan erbee qal’oo, kirrii, waraqaa halluu qabuu fi wantoota biroonis yoo jiraatan akka isaan keenyanittiqabsiisaniif yookiin walitti qabsiisataniif walitti qabiif.

Dur-deebiiMacaafa Qulqulluu

Wangeela Maatewos 20:29-34, Maarqos 10:46-52, fi Luqaas 18:35-43 dubbisi

Tajaajila Yesus keessatti waa’ee hojiiwwan dinqisiisoo kana hubannooguutuu akka qabaatuuf wangeelota sadanuu keessatti dhugaa barreeffaman walitti qindeessi.

1. Wangeela Maatewos20:29-34, Maarqos 10:46-52,fiLuqaas18:35-43yommuuwalbira qabnee ilaallu Yesus naannoo kam ture yaada jedhu irratti garaagarummaa argina. Maatewosii fi Maarqos Yesus akka Yerikootii ba’etti yommuu seenessan, Luqaas garuu akkaYesuugaramagaalaaYerikoottidhiyaatettidubbata.Kunwaanwalfaallessuhinqabu. Dur yeroo seenichi raawwate sanatti, Yerikoon dulloomee yeroo dheeraadhaafirraanfatameetu ture. Magaalaa dulloomaa kana irraa gara kibbaatti Herodiis inni guddaan kan ijaare Yerikoohaaraatu ture. Barreessitoonni Wangeela Yerikoo isa dulloomaa fi isa haara ibsuudhaaf jechoonni isaan itti fayyadaman adda-addummaa qaba. Dhuga-baatuu Yesuskan qaamaan isa waliin ture kan ta’eMaatewos namoota ija jaama lama jedhee yommuu ibsu Maarqosii fi Luqaas immoo nama ija jaamaa tokko duwwaa akka ta’e seenaa dhiyeessan keessatti in ibsu (Maatewos 20:30). Maarqosii fi Luqaas waa’eenama ija jaamaa tokkoo duwwaa ibsuun isaanii, namicha tokko duwwaatu ture jechuu miti. Namoota ija jaamaa sana keessaa tokko maqaan isaa Barxiimewos akka ta’e kan hime Maarqos duwwaa dha (Maarqos10:46). Seenaa Macaafa Qulqulluu kana yommuu barsiiftu nama kana irratti xiyyeeffachuu qabda.

2. Magaalaan Yerikoo laga Yordaanos irraa gara lixaatti Kiilomeetirii 12.5 irratti, Yerusaalem irraa gara kaaba-bahaatti immoo kiilomeetirii 37.5 irratti argama. Mata-duree ‘Yaada dudduubee Macaafa Qulqulluu irraa’ jedhu kan barumsa 48 qabxii tokkoffaa irratti akkuma ibsame, Waaqayyo fayyina keenyaaf kan karoorse Yesus du’aafidu’aa ka’uu isaatiin raawwachuudhaaf jedhee gara Yerusaalem deemaa ture. Duuka-buutonni isaas isa waliin turan. Utuu deemaa jiraniis Yesuskudha lamaan isaanii ofitti waamee wanta ta’uuf jiru itti hime. Yesus akkana jedhe: “Kunoo, nuyi gara Yerusaalemitti ol ba’uu keenya, ilmi namaa immoo luboota warra angafootaatti barsiisota seeraattis dabarfamee in kennama. Isaanis yakka du’aa itti in muru; akka itti ga’isaniif, akka reebamuuf, akka fannifamuufis saba Waaqayyoo warra hin ta’initti dabarsanii isa in kennu; guyyaa sadaffatti immoo du’aa in kaafama” isaaniin jedhe (Maatewos 20:18-19, Maarqos 10:32-34, Luqaas 18:31-33). Wangeelli Luqaas isa kana “Isaan garuu iji dubbichaa isaan duraa dhokatee waan tureef, dubbii kana keessaa waan tokko illee hin hubanne, waan jedhames hin qabanne” kan jedhuu wajjin walitti qabsiisa (Luqaas 18:34). Yeroo gabaabaa keessatti duuka-buutonni isaa dubbii Yesus dubbate utuu raawwatu arguuf jiru.

3. Yesusii fi duuka-buutonni isaa karaa Yerikoo yommuu darban “tuuti sonaan baay’een Yesus duukaa bu’an” (Maatewos 20:29, Maarqos 10:46). Yeroo kana namoonni hedduunakkaYesus haala dinqisiisaadhaan namoota fayyise hubatanii turan. Namoonni hedduun dhukkuboota isaanii irraa fayyuudhaaf abdatanii yookiin dinqii gooftaan hojjete keessaa tokko dhugaa ba’uuf bakka Yesus deemu hundumaatti walitti qabamanii isa

duukaa in bu’u turan. Karaa Yesusii fi duuka-buutonni isaa irra darban cina kan ta’aa ture, namichi ija jaamaa kan Barxiimewos jedhamunamoonni baay’een utuu achiin darbanii dhaga’e (Luqaas 18:36). Bara Kakuu Haaraan barreeffametti namni ija jaamaa, namni gurra duudaa yookiin naafni, yookiin kan dhagni laasha’e, miidhama qaamaa kan qaban waan ittiin jiraatan hin qaban turan. Lubbuudhaan jiraachuudhaaf kan danda’an yoo maallaqaa fi nyaata kadhatan duwwaa ture. Namoonni akkasii kunniin gargaarsa namoota irrattiirkatananiijiraatu. Barxiimewoswantata’aajirunamootanaannooisaaturangaafate. “Isaan immoo Yesus nama Naazireet sanatu asiin darbaa jirajedhanii itti himan” (Luqaas 18:37).

4. Barxiimewos akkuma kana dhaga’een iyyee “Yesus, ilma Daawit na maari!” jedheen(Luqaas 18:38). Barxiimewos Yesusiin “ilma Daawit” jedhee waamuu isaatiin Yesus Masihicha Isanuyi cubbuu keenya irraa ittiin akka fayyinuuf hojii addaatiif Waaqayyo dibe akka ta’e hubatee itti amane. Namoonni naannoo isaa turan akka inni callisu itti himan iyyuu, Barxiimewos akka inni isa maaruuf gara MasihichaYesusitti iyyuu itti fufe (Maatewos 20:31, Maarqos 10:48, Luqaas 18:39).

5. Yesus yommus dhaabatee “waamaa!” jedhe (Maarqos 10:49). Namoonni Barxiimewos bira turan immoo “Jabaadhu, ka’I, si waama!” jedhaniin. “Kanaaf inni wayyaa isaa ofirraa darbatee,utaalee ka’ee, gara Yesus dhufe” (Maarqos 10:50). Yesusiis “maal akkan siif godhu barbaadda?” jedheen (Maarqos 10:51). Barxiimewos, “Agartuu koo akka anaaf deebiftu, yaa barsiisaa!” jedheen. Barxiimewos yeroo sanaYesus eenyu akka ta’e amantiidhaan argeera. Kun erga ta’e booda inni hafuuraan kan jaame miti, cubbuudhaanis kan du’e miti. Yeroo kanatti Barxiimewos kan inni Yesusiin gaafatu ija qaama isaatii akka inni baanuufi dha.

6. “Yesusis gara-laafinaan ija isaanii qaqqabnaan …” (Maatewos 20:34). Baay’inni lakkoobsaa Maatewos keessatti arginu kun namoota ija jaamaa lama ilaallata. Yesus waa’ee namoota kanaaf araara, jaalalaa fi gara-laafinatu itti dhaga’ame, achumaanis isaan in fayyise. Yesus Barxiimewosiin “karaa kee dhaqi, amantiin kee si fayyiseera” jedhe (Maarqos 10:52). Achumaanis agartuun isaa deebi’eef, namichis Waaqayyoof hooqubaa dhi’eessaaYesusduukaa bu’e.NamoonnisunhundinuuskanayommuuarganWaaqayyoof galata galchan (Luqaas 18:43).Barxiimewos galataa fi amantiidhaan Yesus duukaa bu’e. Macaafni Qulqulluun waa’ee Barxiimewos kana caalaa waan nutti hime tokko iyyuu hin qabu. Garuu fayyina hafuuraa fi fayyina qaamaa Yesus irraa argateef deebii inni kenne nuyis waa’ee amantii keenyaa fi waa’ee wanta inni nuuf godhu hundumaa attamitti amantiidhaan akka galateeffachuu dandeenyu fakkeenya nuuf ta’a.

Barumsicha Dhiyeessuu

Kadhannaa jalqabaa –kadhannaa qajeelfama kana fuula duubaa irraakadhadhu

Faarfannaa:–Ani nanfayye, nan gammada(Qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa faarfannaa Lakk. 1) faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Sochii hojiidhaan mul’atu: – akka nama ija jaamaa ta’uu

Ijoollee of naannessii teessisi.Akka nama ijajaamaata’uu jechuun maal jechuu dha? iedhiitii isaangaafadhu(ijoolleen deebiihaakennan).Namnitokkoyommuuijijaamaata’uijiisaa/ishee waan naannoo isaa/ishee jiru arguu hin danda’u. Daqiiqaa muraasaaf ija keessan lamaan suuta jedhaatii dunuunfadha. Utuu nama ija jaamaa taatanii wantoonni gochuun isinitti ulfaatu maal fa’i? (ijoolleen deebii haa kennan. Utuu nama ija jaamaa taane hojiiwwan guyyaa guyyaatti raawwannu baay’een yeroo dheeraa nutty fudhatu turan. Wantoota adda addaa ija keenyaan arguu waan hin dandeenyeef irra caalaa isaa dhaga’uu fi qaqqabuudhaan miira qaamaa keenya fayyadamuu shaakaluutu nurraa eegama ta’a).Yoom iyyuu kan iji keessan arguu hin dandeenye utuu taatanii kan isin hin argin haftan wanti murasni maal fa’i? (macaafota, televiziyoona, fuula maatii keessanii fi kan hiriyyoota keessanii, halluuwwanii fi wantoota ija namaa hawwatan kan Waaqayyo haala dinqisiisaan uume).

Har’a addunyaa keenya kana irra namoonni ija jaamaa barreeffama dubbisuu, attamitti akka gara mana isaanii fi gara ollaa isaanii dhaquu akka danda’an, attamitti akka hojii ittiin jireenya dhuunfaa isaanii of danda’anii jiraataniifi hojjetan leenjisuudhaaf kan gargaaran tooftaanbarsiisaa baay’eetu jira. Yesus wangeela lallabaa, barsiisaa, akkasumas dhibee irraa fayyisaa biyya lafaa kana irra yeroo deddeebi’etti garuu namoota ija jaamaa kan gargaaran barsiisonni hin turre.

Guyyaa tokko Yesus gara Yerusaalem deemuuf jedhee magaalaa Yerikoo keessa ture.

Achittis nama ija jaamaa tokko waliin walarge. Itti fufee maal akka ta’e baruudhaaf seenaa Macaafa Qulqulluu kana haalaan dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:Irreen Gooftaa Fayyisaa dha(Qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa faarfannaa Lakk. 17) faarfadhaa.

Seenicha Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata1:Qajeelfama ‘Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee’keessatti mata-duree “Yesusii fi namicha isa ija jaamaa” jedhu yommuu dubbiftu seenessuun kee caalmaatti kan dhaggeeffatamu akka ta’uuf,hergoggeewwan qajeelfama kana fuula duubaa irra jiran fayyadami.

Filmaata2:hojiin argisiisii

‘Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee’ macaafa jedhu irraa yommuu dubbiftu ga’ee namoota seenicha keessatti qooda fudhatanii akka siif taphataniif barattoota filadhu. Yesusiin bakka bu’ee kan taphatu nama tokko, duuka-buutota Yesus kan bakka bu’an yoo xinnaate nama sadii (barattoonni kutaa sanaa yoo baay’ee dha ta’an baay’ina isaan kanaa dabaluu dandeessa), namicha ija jaamaa nama bakka bu’u, namicha ija jaamaa bira kan namoota baay’ee bakka bu’an

si barbaachisu. Seenicha Macaafa Qulqulluu yommuu dubbiftu barattoonni sosocho’anii gaafii fi deebii achi keessa jiru si duubaan akka irra deebi’anii jedhan isaan qajeelchi.

Keessa-deebiiSeenicha Macaafa Qulqulluu

Gaaffiiwwan seenicha irratti hundaa’an:gaaffiiwwan kanatti fufanii jirangareesana gaafadhu

1. Yesus maaltu akka Isa irra ga’u dubbate? (Yesus akka Isa qabanii fi akka reeban, fannoo irrattis akka fannifamuu fi akka du’u, guyyaa sadaffaattis du’aa akka ka’u duukabuutota isaatti hime)

2. Namichi ija jaamaa maal jedhe? (Namichi ija jaamaa “Yaa Yesus na maari!” jechuudhaan Yesusiin waammate. Yesus namicha ija jaamaa yommuu gara ofii isaatti waame, namichi ija jaamaa “yaa gooftaa, agartuu koo akka anaaf deebiftun barbaada!” jedhe).

3. Namicha ija jaamaatiin Yesus maal jedhe? (Jalqabatti Yesus namicha ija jaamaatiin, “maal akkan siif godhu barbaadda?” jedhee isa gaafate. Namichi ija jaamaas agartuun isaa deebi’uufii akka fedhu Yesusitti yommuu himetti Yesus “karaa kee dhaqi, amantiin kee si fayyiseera” isaan jedhe).

Keessa deebiidhaaf kan ta’u sochii hojiidhaan mul’atu: Seenicha Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uuf filannoo tooftaa seenaa dubbachuu kan kana duraa itti hin fayyadamin filadhu. Keessa deebiidhaaf filmaata 1ffaa yoo filatte seenicha yommuu dubbatan tooftaatti fayyadamanii akka dubbataniif ijoolleedhaaf hergoggeewwan wantootaa raabsiifiitii jajjabeessi.

Dhugaa seenicha Macaafa Qulqulluu keessa jiru jireenya barattootaa wajjin walfudhachiisuu

Wal-fudhachiisuu keessatti sochii hojiitiin mul’isuu: Yesusitti amanuu

Ijoolleen sitti naanna’anii akka taa’an godhi. Akkan jedhii gaafadhu: Yesus namicha ija jaama sana maaliif fayyiteetta jedhee itti dubbate? (Yesus namicha ija jaamaatiin fayyiteetta jedhee dubbate, kunis kan ta’e sababii inni Yesusitti amaneefi ture). Yesusitti amanuu jechuun maal jechuu dha? (kana jechuun namni tokko Yesus fayyisaa akka ta’e amanuu isaa ti. Namichi Yesus akka inni ilma Waaqayyoo ta’ee fi Waaqa dhugaa ta’e in amana.Yesus waa’ee cubbuu isaaf yookiin waa’ee cubbuu isheef du’uu isaa amana/amanti.Namni tokko Yesus du’aa akka ka’ee fi barabaraan akka jiraatu in amana. Yesus karaa tokkicha gara mootummaa Waaqayyootti geessu ta’uu isaa amana. Akkasumas Yesus akka isa/ishee gargaaru in amana/amanti.

Attamitti Yesusitti amanna? (Yesusitti amanuun keenya kan nama ajaa’ibsiisuu dha; isa biraa kan dhufu kennaa dinqisiisaa dha). Dhugaa Yesus qabatee dhufe Macaafa Qulqulluu keessaa yommuu dhageenyu Hafuurri Qulqulluun keessa keenyatti hojii isaa hojjeta.Yesus fayyisaa keenya ta’uu isaatiin isa irratti akka irkannu nu geggeessa. Yeroo cuuphamnutti amantii, ebba dhiifamuu cubbuu, du’aa fi daabiloos irraa fayyuu, jireenya barabaraa fi hojii fayyina keenya in hojjeta.

Yesus ija namicha jaamaa sanaa erga bane booda namichi Waaqayyoon galateeffate. Ija isaatiin

Yesusiin ilaaluus in danda’e. Garuu sana duras taanaan Yesusiin yaada garaasaatiin argeera. Sababiinsaas Yesusitti waan amanee tureef.

Yesusiin galateeffachuu fi jajachuuf qaama keenya hunda fayyadamuu in dandeenya, sababiinsaa inni cubbuu irraa, du’aa fi seexana irraa akka nu fayyisu akka beeknuu fi isa yaada garaa keenyaan akka isa arginu garaa keenya guutuus akka amanannuuf amantii nuu kenna waan taeefi. Wantoota dinqisiisoo nuuf godhe hundumaaf Yesusiin galateeffachuu akka dandeenyu kan nu yaadachiisu faarfannaa haa faarfannu. “ijoota xixinnoo lama” jennee akkuma faarfannu kutaa qaamaa argisiisuuf sanaan immoo Yesusiin galateeffachuu fi tajaajiluuf in dandeenya.

Ijoolleen walfaana akka dhaabatanii fi “Faarfanna ergaa seenaan kun qabuu wajjin wal fakkaatu akka faarfataniif isaan argisiisi.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qu’atamu: Waaqayyoon, aangoo isaas qoradhaa, yeroo hundumaa fuula isaa barbaaddadhaa! (Far. 105:4)

Ijoolleen sitti naanna’anii haa taa’an. Macaafa Qulqulluu baniitii akkas jedhi: –namichi ija jaamaa iji isaa akka fayyuufiif barbaadee gara Yesus ilaale. Jalqabatti Yesusiin ilaaluu yoo dadhabe iyyuu amantii Yesus isaaf kenneen Yesusiin ilaalee akka iji isaa isaaf banamuuf isatti argisiise.Namichis Yesus ija isaa banuu akka danda’u in amane. Saba walitti qabamee ture gidduutti akka inni callisuuf yoo itti dubbatani iyyuu namichi Yesus akka isa gargaaruuf waammachuu itti fufe.

Amantii Yesus kennu akka gara isaa ilaallu fi gargaarsafi fayyisuu isaa akka argannu nutti argisiisa. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waaqayyoon, aangoo isaas qoradhaa, yeroo hundumaa fuula isaa barbaaddadhaa!”Jechoota Macaafa Qulqulluu kanneen haa barannu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana barsiisuudhaaf luqqisicha irra deddeebi’ii dubbadhu; ijoolleenis si duubaan haa jedhan. Ammas luqqisicha dubbadhu garuu jecha isa dhumaa dhiisi.Barattoonni jecha hir’ate itti akka guutaniif isaanitti argisiisi.Ammas luqqisicha irra deebi’ii dubbadhu, yeroo kanatti immoo jechoota lamaan dhuma irra jiran dhiisi.Barattoonni jechoota hir’atan lamaan haa dubbatan. Haala kanaan ijoolleen guutummaa luqqisichaa hamma dubbachuu danda’an(itti shaakaluu itti haa fufan.

Faarfannaa: Humni Hafuura Qulqulluu(Qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa faarfannaa Lakk. 14) jedhu faarfadhaa.

Hojii harkaa:– “Yesusiinan barbaada” haguuggii ijaa

Barumsi utuu hin jalqabin haguuggii ijaa isa qopheessite isaanitti kenni.Yeroo kana gootutti akkana jedhi: namichi ija jaamaa amantii akka argatuuf gargaarsaa fi fayyina argachuuf Yesusiin barbaade.Yesusiin amanuudhaan dhiifamuu cubbuu fi jireenya barbaraa akaksumas wantoota nu

barbaachisan argachuuf Yesusiin in barbaanna.Haguuggiiwwan ijaa kunniin wantoota nu barbaachisan kamiif iyyuu Yesusiin akka barbaaddannu nu yaadachiisu.

Haguuggii ijaa tokkoo tokkoo isaa cinatti gama ija keessaniin boca garaagaraa maal fakkaatan argitu? (Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisuuf akka du’e fidu’aa ka’e kan nu yaadachisan boca fannoowwanii argina). Kana malees haguuggi ijaa sanaan boca attamii argitu? (afaanota banaman waliin fuulota nama gammachiisantu argama). Waa’ee wantoota Yesus nuuf godhe hundumaa jaalalaa fi galataan isa jajanna.

Ijoolleen haguuggii ijaa sana akka dibaniif kobbee halluu qabu kenniif. Qodoonni halluudhaan miidhegfamanbiroonyoo jiraatanijoolleenakkafiixeehaguuggii ijaasanairratti qabsiisaniifisaan jajjabeessi. Sana booda haguuggii ijaa sana karaa mirgaa ulee sibiilaa tokko akka qabsiisan isaan gargaari. Ulee sibiilaa sana akka qabatanitti fuula isaanii cina haguuggii ijaa sana qabatanii qaawwa ijaaf hafe keessaan ilaaluu danda’u.

Hojichakanagoolabuufijoollenaannookutaabarumsaayookiiin naannoomanawaldaakristaanaa san yeroo galataa gabaabaadhaaf deemsa miillaatiin fuudhi ba’i. Akkanas isaaniin jedhi: utuu adeemaa jirruu Yesus kan ittiin isa galateeffanu wantoota inni namootaaf nufis godhe haguuggii ijaa keessaan haa ilaallu. Miilaa kana irratti Luba, barsiisaa, Macaafa Qulqulluu, fannoo, qodaa cuuphaa, nama fira keessan ta’ee fi fakkii Yesus qabaadhaa. Isaan kana akka argattaniin tokkumaadhaan kadhannaa galataa gabaabaa akkana jedhu kadhadhaa: “Yaa Yesus waa’ee Macaafa kee Qulqulluu isa dhugaa nutti himuu, waa’ee kee fi waa’ee jaalalaa kee isa fayyisuuf si galateeffanna.

Kadhannaa xumuraa: kedhanna qajeelfama kana fuula duubaa irrajiru kadhadhu.

Barumsa 50

Yesus Harreettiin Yerusaalemitti Gale

(Maatewos 21:1-11, Maarqos 11:1-11, Luqaas 19:28-40, Yohaannis 12:12-19)

Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee fuula 126-127

DhugaaIjoo

Yesus gad of deebise; akkasumas nu barsiisuu, nu fayyisuu fi nu tajaajiluu, dhuma irrattis qooda keenya fannooirratti lubbuu isaakennuufgarabiyyaalafaadhufe.Yesus mootii isalafairraata’uuf hin dhufne; garuu mootii barabaraa isa waaqa irraa ta’uudhaan cubbuu, du’aa fi seexana irratti mo’icha nuu kennuuf dhufe.

Kaayyoo barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Yesus gara Yerusaalem kan deeme namoota hundumaa cubbuu, du’aa fi seexana irraa fayyisee karoora Waaqayyoo raawwachuuf malee namoota irratti mootii biyya lafaata’uuf akka hin ta’in in BEEKU.

• Isatti amanuudhaan kan barabaraa isa ta’e jireenya haara akka qabaataniif Yesus lubbuu Isaa kennuufi du’aa ka’uu isaa dinqisiifachaa inGUDDATU

• Fayyisaa fi mootii isaanii Yesusiin galateeffachaain JIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: “Hosaa’inaailmaDaawitiif! Inni maqaa Waaqayyo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha; hosaa’inaa ol waaqa gubbaatti” jedhan (Maatewos 21:9).

Meeshaalee fi qophii keessumatti barumsa kanaaf barbaachisan

1. Yeroo barsiiftu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula duubaa irra yoo kan fayyadamtu taate, waraabbii barumsa 50aaf yaadaman qopheessi. Waraabbiiwwan sana murii keessaa baasiitii kobbee halluutiin isaan dibi. Tokkoo tokkoo horgoggeewwan sanaa ulee sibiilaa salphaa ta’etti yookiin baala furdaa irratti hapheedhaan qabsiisi.

2. Qajeelfamakana duubaa irratti barumsa 50-aaf fakkii harkaan qophaa’e ‘galateeffannaa hosaa’inaa’ kan jedhu tokkoo tokkoo ijoolleetiif qopheessi.

3. Yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu kana barsiiftu yoo danda’ame damee meexii isuma dhugaa baay’isii walitti qabi. Kun hin argamu yoo ta’e bakka isaa kan itti dhimma baatu baaloota isa fakkaatan kan qabu muka barbaaduu yaali.

Dur-deebii SeenaaMacaafa Qulqulluu

Wangeela Maatewos 21:1-11, Maarqos 11:1-11, fi Luqaas 19:28-40 fi Yohaannis 12:1219 dubbisi. Du’uu fi du’aa ka’uu Yesus dabalatee haallonni jiran gara kamitti akka geessuuf jiran yaada isaa guutummaatti argachuuf seenaa Macaafa Qulqulluu kan dhiyeessan wangeelonni hundi wanta isaan himan dubbisuun isa kanaaf barnoota shanan itti fuanii dhiyaataniifis baay’ee barbaachisaa dha.

1. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti gochaan ibsame kristaanoota biratti ‘Sanbata Hosaa’inaa’ jedhamee waamama. Akka wangeelota afran keessatti ibsametti Yerusaalemitti galuun Yesus kan jalqabee har’a ‘torban qullaa’aa’ jedhamee isa beekamu torban itti fayyisaa biyya lafaa inni ta’e Yesus karoora Waaqayyoo raawwatee dha.Yesus ofii Isaatii dhiphachuudhaan du’uu fi du’aa ka’uu Isaatiin ilmaan namootaa fayyisuu fi jaalala Waaqayyoo raawwachuuf of qopheessee ture.

2. BarumsaseenaaMacaafaQulqulluukanakeessatti (Yohaannis12:1)taateewwanargaman utuu hin ta’in guyyaa lama dursee Yesusii fi duuka-buutonni Isaa guyyaa gaafa Jimaataa magaalaa Bitaaniyaa jedhamtu ga’an. Bitaaniyaan Yerusaalem irraa fageenya maayilii lamaa, gaara ejersaa irraa gara bahaatiin tabba irratti argamti. Kunis kan ta’e galaana diimaautuu hin ce’induraakkasumasharkagarbummaawarraGibxii fiFeri’oonjalaautuu hin ba’in dura Waaqayyo saba Isaaf eegumsa Inni godhe yeroo itti waggaa-waggaadhaan yaadatan ayyaana Faasiikaa guyyaa ja’a dursee ture (Seera Ba’uu 12:1-30). Yesusii fi duuka-buutonni isaa mana Maartaa, Maariyaamii fi obboleessa isaanii Alaazaar isa Yesus du’a kaasee taa’anii turan (seenaan du’aa ka’uu Alaazaar Yohaannis 11 irratti argama). Yesus akka Bitaaniyaa tures oduun Isaa in tamsa’e (Yohaannis 12:9). Yihuudonni baay’een ayyaana Faasiikaatiif Yerusaalemitti walitti qabamanii turan; Yesusii fi Alaazaariin ilaaluufis hawwanii turan. Angafoonni Lubootaa Yesus akka achi jiru baranii turan (Yohaannis 12:10). Yeroo kana isaan Yesusiin ajjeesuuf yaada hammeenyaa qopheessan. Isa hordofuuf utuu addaan hin kutin namoonni gara Isaatti yommuu yaa’an jibbi angafoonni lubootaa Yesusiif qaban ittuma caalaa deeme. Beekamtii Yesus argachaa jiru dhaabsisuuf jecha Alaazaariin ajjeesuu dabalatee (Yohaannis 12:11) waan kamiyyuu gochuudhaaf qophaa’anii turan.

3. Guyyaan Sanbataa erga darbee booda (lixa-biiftuu isa guyyaa Jimaataa tii hanga lixabiiftuu isa guyyaa Sanbataatti) Yesusii fi duuka-buutonni Isaa gara Yerusaalemitti imalan. Yesus guyyaa Dilbataa sanatti ganama gaara ejersaatii duuka-buutota Isaa lama gara Beetefaagee, magaalaa xinnoo Bitaaniyaatti dhiyaattee jirtuutti, erge. Yesus duuka-buutota Isaan akkana jedhe: “Ganda fuullee keessan jiru sana dhaqaa, akkuma achi galtaniin, ilmoo harree [yaabbii] hidhamee jiru, homtinuu takkaa kan hin yaabin in argitu, hiikaatii as fidaa. Eenyuiyyuu maaliifisheehiiktu jedheeyooisingaafategooftaatu barbaada jedha”isaaniin jedhe (Luqaas 19:30-31; Maarqos 11:2-3). Bakka sanatti dhuga-baatuu ija isaan arge ta’uu kandanda’u Maatewos ilmoon harree sun harrettii haadha wajjin akka achi turte ibsa

dabalataa kenne (Maatewos 21:2). Harreen mallattoo gad of deebisuu, kan nagaa fi kan sanyii hidda Daawit irraa dhalatanii akka ta’etti yaadama. Raajiin Kakuu Moofaa keessatti dubbatameZakkaariyaas 9:9 irratti “Isin yaa namoota Xiyoon, gudda gammadaa! Isin yaa namoota Yerusaalem, guddisaatii sagalee gammachuu dhageessisaa! Kunoo, mootiin keessan inni qajeelaan, inni mo’aan, gad of deebisee, harree yaabbii keessaa ilmoo harree irra taa’ee gara keessan in dhufa” inni jedhu akka raawwatuuf Yesus ilmoo harree irra taa’ee Yerusaalemiin galuu filate.

4. Duuka-buutonni isaa akkuma Yesus jedhe harrettii fi ilmoo harree in argan (Maatewos 21:6, Maarqos 11:4-6, Luqaas 19:32-34). “Akkasitti harree sana Yesusiif fidan, uffata isaanii irra buusanii Yesusiin irra kaa’an” (Luqaas 19:35, Maarqos 11:7, Maatewos 21:7). Yommuu Yesus ilmoo harree irra taa’ee Yerusaalemiin gale“Borumtaas namoonni sonaan baay’atanii ayyaanichaaf ol ba’an, Yesus Yerusaalem akka dhufu dhaga’an. Damee muka meexxii harkatti qabatanii, Isa simuudhaaf ba’an…” (Yohaannis 12:12-13). Luqaasii fi Maatewos akka ibsanitti namoonni karaa Yesus irra adeemaa ture irra uffata isaanii afan (Luqaas 19:36, Maatewos 21:8). Kungochaa ittiin maatii moototaaf kabajaa qaban argisiisan ture. Maarqosii fi Maatewos ‘namoonni biroon immoo baala mukaa karaa irra afan’ (Maarqos 11:8, Maatewos 21:8) isa jedhu itti dabalanii ibsan. Namoonni dursanii deemanis warreen hordofanii deemanis sagalee guddaadhaan “Hosaa’inaa ol waaqa gubbaatti” in jedhu turan (Maatewos 19:9). “Inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha” kan jedhu yeroo Faasiikaatti faarfannaa faarfataman keessaa tokko kan ta’e Macaafa Faarfannaa 118:26 irraa kan fuudhamee dha.

5. Hosaa’inaa jechuun hiikaan isaa “Yaa Gooftaa nu fayyis!i” jechuu dha. Sabni Yihuudotaa sirna bittaa warra Roomaa jala jiraachuu hin jaallatan turan. Mootii bilisa isaan baasu as biyya lafaa kana irraa akka isaaniif ka’u eeggachaa turan. Saba sana keessaa baay’een isaanii mootichi inni biyya lafaa irraa in ka’a jedhamee eegamu Yesusi dha jedhanii yaada dogoggoraa qabu turan. Duuka-buutonnumti Yesus illee ergamni Yesus maal akka ture sirriitti hin hubanne turan (Yohaannis 12:6). Yesus kan dhufe mootummaa isa kan biyya lafaa kanaa hundeessuuf miti. Ittumaa iyyuu inni fannoo irratti du’uuf, du’a ka’uufi namoota hundumaaf, Yihuudotaa fi saboota orma ta’an hundumaaf, mootummaa Waaqayyoo banuuf kan dhufe mootii fi masihi dha.

6. Fariisonni tokko tokkoo fi diinonni Yesus saba sana gidduu turan (Luqaas 19:39). Inni Yerusaalemitti yommuu gale heddumina namoota isa duukaa deemaniin kan mirkanaa’e guddinni beekamtii Yesus kan isaan sodaachise Fariisonni, angafoonni lubootaa fi barsiisonni seeraa Yesusiin ajjeesuuf yaada hamaa qopheessan. Duuka-buutota Yesus kudha lamaan keessaa tokko isa ture Yihuudaannamni biyya keriyot isaanii wajjin yaada hamaa qopheesse (Luqaas 22:1-5). Diinonni Yesus eessatti akka isa argatanii isa hidhan yoo isaanitti hime maallaqa akka isaaf kennan walii galan. Yihuudaanis kana isaan gargaaruuf walii gale, “yeroo tuuti jaraa bira hin jirretti isaanitti dabarsee isa kennuudhaaf qoofnii in barbaada ture” (Luqaas 22:6).

Barumsicha Dhiyeessuu

Kadhannaa jalqabaa – macaaficha gara dhumaa irra kadhannaa jiru kadhadhu

Faarfannaa:Nuyi gammachuu qabna(Qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa faarfannaa Lakk. 28) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana beeksisuu

Sochii hojiidhaan mul’atu: ayyaana kabajuu

Ijoolleen akka sitti naanna’anii ta’an godhi. ‘Kabaja ayyaanaa irratti kan hirmaattanii beektaniin harka keessan argisiisaa’ jedhiin. (Ijoolleen akka deebii laatan godhi). Ayyaana kabajuu keessatti wantoonni arginuu fi dhageenyu tokko tokko maal fa’i? (namoonni uffata adda-addaa uffatu; namoonni beekamoonis ayyanicha irratti hirmaachuu danda’u; sabni sirna isaa eegee adeema; meeshaawwan muuziqaa in taphatu; in gammadu, in wacus; namoonni ayyaanicha irratti argaman saba sana gidduutii namoota tokko tokkoof kennaa xixinnoo hiru). Ayyaana kabajuun guyyaa adda ba’ee beekame tokkoof yookiin namoota adda ta’an kan akka mootii fi mootuuf kabaja kennuudhaaf kan godhamuu dha.

Guyyaa Dilbataa tokko namoonni baay’een ayyaana kabajaa Yesusiif kabajan. Garuu uffatni adda ta’eyookiinsirbiyookiinkennaawwankennamanhinturre.KabajaYesusiifkankabajameayyanni maal akka fakkaatu beekuuf seenaa Macaafa Qulqulluu barumsa kana irratti kenname sirritti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: Faarfanna ergaa seenaan kun qabuu wajjin wal fakkaatu faarfadhaa.

Seenicha Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1: qajeelfama ‘Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee’ jedhu irraa mata-duree “Yesus gara Yerusaalem deeme” jedhu yommuu dubbiftu seenessuun kee caalmaatti akka dhaggeeffatamu Qajeelfama kana fuula duubaa irra kan jiran horgoggeewwanfayyadami. Qopheeffatteettayoo ta’e yommuseenichadubbattuyeroobarbaachisetti baalameexii yookiinkan isa bakka bu’u argisiisi. Jalqaba irratti baala tokko lafa buusi; itti aansuudhaan hosaa’inaa jechaa baala kan biraa raasi.

Filmaata 2:seenessuu sochii qaamaatiin degerame

Asiin gaditti kan barreeffame hiika seenaa Macaafa Qulqulluu hima tokko-tokkoo isaa erga dubbiftee booda sochii qaama godhi. Itti aansees ijoolleen akka si hordofanii sochii sana irra deebi’an isaan argisiisi.

Yesusii fi duuka-buutonni Isaa yommuu gara Yerusaalem deemaa jiran karaa irraa turan. Yesus Yerusaalemitti dhiphachuufi waa’ee cubbuu namoota hundumaaf fannoo irratti du’uuf jira.

Yerusaalemitti yommuu dhiyaatan Yesus duuka-buutota isaa lamaaniin “gara ganda fuullee keessan jirtuu dhaqaa, achittis harree hidhamtee jirtu ilmoo ishee wajjin in argitu, hiikaatii naa fidaa” jedhe.

Duuka-buutonni Yesus ilmoo harree sana gara Yesus fidan. Yesusiinis ilmoo harree sana irra kaa’an. Yesus ilmoo harree sana yaabbatee gara Yerusaalem deeme.

Quba kee isa ittiin waa argisiiftuun mallattoo fannoo hojjedhu.

Finyoo qabiitii suuta adeemii akka waan ilmoo harree finyoodhaan harkisaa jirtuu fakkeessi.

Akka nama harree yaabbatee gulufaa jirutti gadii fi ol jedhi.

Namoonni hedduun Yesusiin arguuf fiigaa dhufan. Iddoo dhaabattee jirtutti akka namafiiguu ta’i.

Namoonni tokko tokko uffata isaanii karaa irra afan. Isaan kaan immoo damoota mukaa cabsanii karaa irra afan. Kanas kan godhan Yesusiin kabajuuf ture.

SabnikaanYesus duraadeemaakaanimmoo isaduukaaadeemaa turan. Galateeffachaas akkas in jedhu turan: “Hosaa’inaa ilma Daawitiif! Inni maqaa Waaqayyo Gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha, hosaa’inaa ol waaqa gubbaatti!”

Diinota Yesus kan ta’an saba sana gidduu turan. Yesusiin kabajuuf achi kan turan namoota baay’een argamuun isaan dheekkamsisee ture.

Dinoonni Yesus duuka-buutuu isaaisa Yihuudaajedhamu waliin wal argan. Isaanis Yesusiin to’annoo jala oolchuu akka danda’aniif Yesus eessatti akka argamu barbaacha yoo isaan gargaare Yihuudaadhaaf akka maallaqa kennan isaa wajjin waliigalan. Yihuudaanis akka isaan gargaaru isaanitti hime.

Keessa-deebii seenaa Macaafa Qulqulluu

Akka nama wantoota adda addaa lafa irra afaa jiruu fakkeessi.

Sagaleeguddaadhaan “Hosaa’inaa! Hosaa’inaa!” jedhi.

Fuula dheekkamsaa argisiisi.

Fuula gaddaa argisiisi.

Gaaffiiwwan seenicha irratti hundaa’an: gaaffiiwwan kanatti fufanii jiran garee sana gaafadhu.

1. Yesus ilmoo harree yaabbatee Yerusaalemiin yommuu gale sabni maal gochaa ture? (sabni uffata isaanii karaa irra afaaturan; damee muka meexii kukkutanii karaa irra afaa turan. kanas kan godhan akkuma mootiin kabajamuu qabutti Yesusiin kabajuudhaaf ture. Farfannaawwan faarfatan; Waaqayyoonis in galateeffatan. Sagalee guddaadhaanis “Hosaa’inaa ilma Daawitiif! Inni maqaa Waaqayyo Gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha, hosaa’inaa ol waaqa gubbaatti!” in jedhu turan).

2. DiinonniYesusmaalgochuufkaroorsan? (DiinonniYesusYesusiinajjeesuufkaroorsan. Yesusiin barbaadanii to’annoo jala oolchuuf Yihuudaa wajjin yaada hamaa qopheessan.

Keessa deebiidhaaf kan ta’u sochii hojiidhaan mul’atu– Dhugaa/Soba kan keessa deebii

Ijoolleen akka sitti naanna’anii taa’an godhi, ‘mee dubbii dhugaa waa’ee Yesus baranne muraasa keessa deebinee haa ilaallu; hima ani dubbisu dhugaa yoo ta’e kaatanii dhaabattu; dhugaa miti yoo ta’e akkuma teessanitti turtu’ isaaniin jedhi.

Himoota kanatti aananii jiran tokko tokkoon dubbisi. Ijoolleen dubbii dhugaa seenaa Macaafa Qulqulluu keessaa akka dhaga’aniif hima dogoggora ta’e tokkoo tokkoo isaatti aanee himni sun sirreeffamee akka barreeffame hubadhu.

1. Yesus firoottan Isaa Maariyaamii fi Maartaa wajjin ta’uu jaallata. (Dhugaa)

2. Yesus ijoollee xixinnoon akka gara isaa dhufan barbaada. (Dhugaa)

3. Yeroo kadhannu akka ittiin of tuulluu fi warra kaanitti of argisiifnu Yesus nu barsiiseera. (Soba) (Yeroo kadhannu kan gad of deebifnee fi kophaa?keenya akka taanu waa’ee cubbuu keenyaafis Waaqayyoon dhiifama gaafachuu akka qabnu Yesus nu barsiiseera)

4. Yesus namni kamiyyuu hiriyaa keenya akka ta’e barsiiseera. (Dhugaa)

5. Yesus dhukkuba lamxiin kan qabaman namoota digdama fayyiseera. (Soba)

(Yesus dhukkuba lamxiin kan qabaman namoota kudhan fayyiseera)

6. Yesus erga isaan fayyisee booda namoonni kurnanuu Yesusiin galateeffachuuf deebi’anii dhufaniiru. (Soba)

(Yesus erga isaan fayyisee booda namni tokko qofaan Yesusiin galateeffachuuf deebi’ee dhufeera)

7. Yerikootti Yesus namicha dhaga’uu hin dandeenye fayyise. (Soba)

(Yerikootti Yesus namicha iji isaa arguu hin dandeenye fayyise)

8. Yesus farada addii guddaa yaabbatee Yerusaalemiin gale. (Soba)

(Yesus ilmoo harree yaabbatee Yerusaalemiin gale)

9. Yesus ilmoo harree yaabbatee yommuu Yerusaalemiin gale namoonni baay’een in galateeffatu turan. (Dhugaa)

Dhugaa seenicha Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuu

Wal-fudhachiisuu keessatti sochii hojiitiin mul’isuu: fayyisaa keenyaa fi mootii keenya Yesusiin galateeffachuu/Hosaa’inaa jechuun warra galateeffatan

Ijoolleen sitti naanna’anii akka taa’an godhi. Akkan jedhii gaafadhu: Yesus ilmoo harree yaabbatee yommuu Yerusaalemiin gale sana kabaja ayyaanaa Isaa kabajuuf godhame ibsaa isaaniin jedhi. (ijoolleenis akkasuma haa godhan). Itti aansees Yesus ilmoo harree yaabbatee yommuu deemu namoonni Yerusaalem keessa turan maaliif uffata isaanii fi damee muka meexii karaa irra afan? Jedhi gaafadhu. (sabichi kan inni kana godheef Yesusiin kabajuufii dha.

Namoonni kabajamoo ta’an kan akka mootota yeroo karaa irra adeeman, karichi qulqulluufi kan addaan ba’e akka isaaniif ta’uuf yeroo baay’ee uffataan haguugama ture).

Yesus ilmoo harree irra taa’ee Yerusaalemiin yommuu gale sana sabichi kan Isa kabajaniif inni Yerusaalemitti, Yihuudaa fi Galiilaatti mootummaa isaanii kan geggeessu mootii isaaniif ta’uuf akka dhufetti waan yaadaniifi dha. Sabichi sagalee guddaadhaan Yesusiin “Hosaa’ina!” jedhe. Hosaa’inaa jechuun “Gooftaa nu fayyisi” jechuu dha. Sabichi aangoo bulchiinsaa to’achuudhaaf sirna bittaa warra Roomaa jalaa bilisa ba’uu barbaadu turan.

Sun garuu wanta Yesus gochuudhaaf gara Yerusaalem dhufe miti.Yesus maaliif gara Yerusaalem dhufe? (Yesus gara Yerusaalem kan dhufe dhiphina baachuudhaa fi waa’ee cubbuu namoota hundumaaf du’uudhaaf ture). Yesus kan dhufe dhugumaan namoota hundumaa fayyisuufi dha; garuu biyya lafaa kana irratti mootii ta’uuf hin turre. Du’i Isaa fi du’aa ka’uun Isaa gara waaqaatti karaa geessu kan banu mootii waaqa irraa ta’ee dhufe. Yeroo Yesus fannoo irratti du’ee du’aa ka’e sana cubbuu, du’aa fi seexana irratti moo’icha gonfate. Inni uumama hundumaa kan bittu mootii Waaqarraa Isa jabaa dha. Yesus gara Yerusaalem erga dhufee guyyaa muraasa booda, “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti” (Yohaannis 18:36) jedhee bulchitoota warra Roomaa keessaa isa tokkotti dubbate.Yesus mootii biyya lafaa kanaa yeroo kam iyyuu ka’e irra baay’ee baay’ee in caala. Inni uumama biyya lafaa hundumaa in bita, kan Isatti amanan hundumaas mootummaa Isaa isa waaqa irraatti akka isaan galchu abdii kenneera.

Inni fayyisaa keenyaa fi mootii keenya waan ta’eef Yesusiin galateeffachuu in dandeenya. Mee Isa galateeffachuudhaaf wanta nu gargaaru tokko haa goonu.‘Galateeffannaa hosaa’inaa’ kan jedhu isa harkaan qopheessite tokkoo tokkoo ijoolleetiif raabsi. Gareen sun damee muka meexii sana irra kan jiru jecha hosaa’ina jedhu akkadubbisaniif gargaari. Hosaa’inaa jechuun maal jechuu dha? jedhi gaafadhu. (jechi hosaa’inaa jedhu “Gooftaa nu fayyisi” jechuu dha). Yesus maali irraa nu fayyisa? jedhii gaafadhu (Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisa.Yesus yeroo fannoo irratti du’ee du’aa ka’e isa kana raawwateera).

Jecha hosaa’inaa jedhuu fi damee muka meexii irraa bakka hafe akka dibaniif kobbee ittiin diban isaaniif kenni.Damee muka meexii isaanii keessaa muranii akka baasaniif akka raasanii argisiisan waan ittiin muran kenniif.Ijoollee xixinnoo ta’an akka barbaachisaa ta’etti isaan gargaari.Ijoolleen akka maqaa isaanii dudduuba “galateeffannaa hosaa’inaa” irratti barreessaniif itti himi.Yeroo Yesusiin galateeffachaa turtanitti ijoolleen “galateeffanaa hosaa’inaa” fidanii akka dhufan itti himi.

Faarfannaa: Isa guddaa humna Waaqayyoo(Qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa faarfannaa Lakk. 18) jedhuyeroo faarfatan ijoolleen naannoo daree sanaa iddoo jiru irra toora galanii akka adeeman damee muka meexii isaaniis akka raasanafeeri. Faarfannaa booda gara dhumaatti ijoolleen yommuu ba’an in kennitaaf waan ta’eef “galateeffannaa hosaa’inaa” harkaa funaanii walitti qabii.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:“Hosaa'inaa ilma Daawitiif!Inni maqaa

Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha” Maatewos 21:9.

Ijoolleen akka sitti naanna’anii taa’an godhi.Macaafa Qulqulluu kee fuudhiitii banadhu. Akkas jedhi: Yesus ilmoo harree yaabbatee Yerusaalemitti yeroo gale sana sabichi sagalee guddaadhaan jechoota galataa Isaaf dubbattu turan. Jechoonni kunniinis “Hosaa'inaa ilma Daawitiif! Inni maqaa Waaqayyoogooftaatiin dhufugalateeffamaadha; hosaa'inaaol waaqagubbaatti”kanjedhanturan. Cubbuuttii, seexanattii, du’a irraas Isa nu fayyise Yesusiif akka jennuuf jechoota galataa kanneen haa qu’annu.

Jechoota Macaafa Qulqulluu kanneen barsiisuuf ijoollee garee sadiitti hiri. Tokkoo tokkoo garee sanaaf himatokko tokko addaan baasii kenniif.Tokkootokkoon gareesanaakutaa luqqisii keessaa kan isaaniif kenname sammuutti qabachuudhaan dubbachuu haa shaakalan. Itti fufees tokkoo tokkoon garee sanaa kutaa isaanii kenname akka tartiiba luqqisii sana keessatti aragamutti akka dubbatan godhi.

Kadhannaa xumuraa: kadhanna qajeelfama kana fuula duubaa irrajiru kadhadhu.

Barumsa 51

Yesusii fi Bartoonni Isaa Faasikaa Kabajatan

(Maatewos 26:17-29, Maarqos 14:12-25, Luqaas 22:7-23, Yohaannis 13-17)

Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee fuula 128-129

Dhugaa Ijoo

Yesus cubbuu keenyanuu dhiisuufiamantii keenyanuucimsuuffoonisaafi dhiigaisaanuukenne. Yesusitti amanuun gara waaqaatti kan nu geessu karaa tokkicha dha.

Kaayyoo Barumsicha

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:

• Yesus duuka-buutota Isaa waliin irbaata faasikaa yommuu nyaate har’a amantoonni kan isaan nyaataniifi dhugan irbaata Gooftaa akka hundeesse in beeku

• Karaan tokkichi gara waaqaatti geessu Yesusitti amanuu akka ta’e garaa guutuudhaan fudhatanii in guddatu

• Dhiifamuu cubbuutii fi jireenya barabaraatiif Yesusitti amanatanii in jiraatu

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu: Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jedhe, Yohaannis 14:6

Meeshaalee fi qophii barumsa kanaaf addatti barbaachisan

1. Yeroo barsiiftu qajeelfama kana fuula duubaairratti kan argaman hergoggeewwan adda addaa yoo kan fayyadamtu taate waraabbii isaanii kan barumsa 51ffaaf yaadaman qopheessi. Hergoggeewwan sana murii keessaa baasiitii kobbee halluutiindibi. Tokkoo tokkoo hergoggee sanaa ulee sibiilaa salphaa ta’etti yookiin baala furdaa isaatti hapheedhaan qabsiisi.

2. Seena Macaafa Qulqulluu kan barumsa kanaaf kenname yommuu beeksiftuufi dubbattu kan itti fayyadamtu afata siree guddaa yookiin erbee kan biraa qopheessi. Fooxaawwanis walitti qabi. Saanii golboo guddaa isaattis bishaan guuti. Dabalataanis qodaa itti waa dhugan walitti qabi. Nyaata adda ta’e yommuu dhiyeessan kan itti fayyadaman qodaa dhugaatii tokko argachuu yaali. “Seenicha Macaafa Qulqulluu dubbachuu” jalattii Filannoo 2ffaa ilaali.

3. Qajeejfama kana fuulota duubaa irratti barumsa 51ffaaf fakkii harkaan qophaa’e fakkii ‘Irbaata isa dhumaa’ kan jedhu warraabbii tokkoo tokkoo ijoolleetiif kan ta’u qopheessi.

Dur-deebii Macaafa Qulqulluu

Maatewos 26:17-29, Maarqos 14:12-25, Luqaas22:7-23, fi Yohaannis 13-17 dubbisi. Dubbisni Wangeela Yohaannis boqonnaawwan shan kan qabuu dha.Fannifamuu Isaa dura irbaata isa dhumaa yeroo wajjin nyaatanitti,Yesus duuka-buutota Isaa kan Inni barsiiseef yaada dudduubee bal’aa kenna.

1. Seenaa Macaafa Qulqulluu barumsa kanaa keessatti gochaawwan raawwataman, guyyaa kamisaa, isa dilbata itti Yesus ilmoo harree yaabbatee Yerusaalemitti gale, booda jirutti dha. Guyyaa Wixataatti gara Mana Qulqullummaa deebi’ee dhufee mana Abbaa isaa warreen salphisan daldaltootaa fi maallaqa kan gegeddaran gad baasee ari’e (Maatewos 21:12-17, Maarqos 11:15-18, Luqaas 19:45-48).

2. GuyyaaKibxataawarreenFariisotaaaangooYesusqabuunmormuuyommuuittifufaninni kiyyoo isaan Isaaf kaa’an keessatti of hin qabsiifne. Gochaa gara du’a fannootti Isa geessu yeroo isaan itti raawwatan hin geenye ture. Walakkeessa guyyaa booda kan jiru yeroo Isaa gaara ejersaa irratti dabarse. Fakkeenyaan barsiisee sabichi akka warreen Fariisotaa irraa ofeeganisaan akeekkachiisature.Manni qulqullummaaHerodiis guddichaa,akkadiigamu raajii dubbate (kunis bara araaraa 70 keessa raawwate). Dhufaatii Isaa isa lammaffaa dabalatee wantoota ta’uuf jiran duuka-buutota Isaatti in hima ture (Maatewos 21:23-24, 51, Maarqos 11:27-13:37, Luqaas 20:1-21:36).

3. Guyyaa Roobiittii wanti ta’e wangeelota keessatti hin himamne. Kunis guyyaa boqonnaa Yesusii fi duuka-buutota Isaatii akka turetti yaadama.

4. Guyyaan Kamisaa ayyaana Faasikaa (yookiin ayyana maxinoo) guyyaa jalqaba isaa ture. (Maatewos 26:17, Maarqos 14:12, Luqaas 22:7). Duuka-buutonni Yesus “(Faasikaa) eessatti akka qopheessinu jaallatta?” jedhanii Isa gaafatan. Yesus akka isaan iddoo qopheessaniif Pheexirosii fi Yohaannisiin erge (Luqaas 22:8). Akkana isaaniin jedhe: “…Yommuu asii dhaqxanii mandarichatti galtan, namni tokko okkotee bishaanii baatee isinitti in dhufa; isinis isa duukaa mana inni itti galu dhaqaa. Abbaa manichaatiin, “Manni keessummaa kan ani bartoota koo wajjin keessatti irbaata Faasiikaa nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan” jedhaa. Namichi yommus mana mana irraa keessaa kutaa bal’aa tokko mi’a manaatiin kan guute isinitti in argisiisa, achitti qopheessaa!” (Luqaas 22:10-12, Maarqos 14:13-15, Maatewos 26:18). Duuka-buutonni Isaa iddoodhuma inni jedhetti akka ilmoo harree arganii turan ammas akkuma Innii jedhetti iddo argattanii Faasikaa qopheessan (Maarqos 14:16, Luqaas 22:13). Waggoota baay’een duraa jalqabee Musee fi Israa’elootaan akkuma godhamaa ture, duuka-buutonni Isaa hoolaa Faasikaa qalanii galgala sanaaf nyaata qopheessan (Maarqos 14:12).

5. Irbaanni Faasikaa yeroo aduun lixxu jalqabama, “Yeroon itti irbaata Faasiikaa nyaatan geenyaan, Yesus ergamoota isaa wajjin maaddiitti taa’e” (Luqaas 22:14). Bara Kakuu Haaraatti xarapheezzaawwan baay’ee kan gara lafaatti gad gabaabbatan turan. Namoonni xarapheezzaatti naanna’anii kan taa’an lafa irra boraatii irratti irkataniiti ture. Lakkoofsa

luqqisii kanaa keessatti jechi ergamoota jedhu duuka-buutota isa jedhuu wajjin walgegeddaree kan galee dha. Gara dhumaattis ergamoota jechi jedhu warreen Yesusiin fuulaa-fuula argan kan ilaallatu ta’e. Irbaata utuu hin nyaatin dura Yesus duuka-buutota Isaa “hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan argisiise” (Yohaannis 13:1). Yesusis erbee tokko fuudhee mudhiitti suuqate, qodaa itti dhiqatanitti bishaan buusee, tokkoo tokkoo duuka-buutota isaa dura jilbeenfatee isaan dhiqe (Yohaannis 13:5-17). Karaa owwaara qabu irra guyyaa guutuu namoonni adeemaa oolan kunnin miilli isaanii baay’ee xuraawaa ture. Yeroo namoonni gara manaatti galan miilla dhiquun hojii tajaajiltootaa isa barame ture. Yesus miilla duuka-buutota Isaa dhiiquudhaan namoota biroo attamitti akka tajaajilan fakkeenya isaanii kenne. Nu keessaa eenyutu caala? Jechuudhaan duuka-buutonni Isaa yommuu wal falmanitti, Yesus dursee akkuma isaanitti hime, “Ilmi namaas akkasuma hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi, lubbuu isaa furii namoota baay’eedhaaf kennuuf dhufe malee” jedhe (Maatewos 20:20-28).

6. Irbaata Faasikaa utuu nyaachaa jiran Yesus “…isin keessaa tokko dabarsee na kennuuf jira” jedhe (Maatewos 26:20). Dubbiin Yesus duuka-buutota Isaa in gaddisiise. Tokkoo tokkoon isaaniis “Yaa Gooftaa ana ta’innaa?” jedhanii in gaafatu turan. Itti fufee Yesus akkana jedhe: “Inni anaa wajjin harka kaa’ee qodaa ittootti cuuphate dabarsee na kennuuf jira (Maatewos 26:23). Akka aadaa bara Yesus lafa irra tureetti, akkuma har’a aadaa warra arabootaa keessatti arginu nama tokko waliin irbaata yoo nyaatte fira isaa akka taateefi miidhaa kan isa irratti hin fidne akka taate hojiidhaan itti himaa jirta. “Yihudaan inni dabarsee Isa kennuuf jedhes deebisee, ‘Ana miti kaa, barsiisa! Anaa ree?’ jedheen; inni immoo, ‘Atumtuu jette kaa’ jedheen (Maatewos 26:25). Yohaannis wangeela isaa keessatti kan dabarsee Isa kennu eenyu akka ta’e akkainni Yesusiin gaafatuuf Pheexiros isa (Yohaannisiin) gaafachuu isaa seenessa. Yohaannisis yommuu Yesusiin gaafatu Yesus buddeena afaan-kaa’ata tokko cuuphee, Yihudaatiif kenne. “Yihudaan buddeena afaankaa’ata tokko sana fudhatee, achumaan gad ba’e” (Yohaannis 13:21-30).

7. Yihuudaan erga deemee booda,“Utuu nyaachaa jiranii, Yesus buddeena fuudhee, eebbisee cabsees bartootaisaatiifkennee: ‘Fudhadhaanyaadhaa,kundhagnakooti!’jedhe.Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniifis kennee: ‘Hundumti keessan kanattii dhugaa! Kun dhiiga koo ti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf, dhiifamuu cubbuu namoota baay’eetiif dhangala’a” jedhe (Maatewos 26:26-28, Luqaas 22:19-20).

Dhiiga Isaa isa fannoo irratti dhangala’een Yesus Kakuu Haaraa hundeesse. Irbaanni Faasikaa dhiigni hoolaa akka saba sana garbuummaa jalaa baasuuf dhangala’e yaadachiisuuf kabaja kakuu isa moofaatiif godhama. Kakuu inni haaraan nuun cubbuuttii nu fayyisuuf kan dhangala’e dhiiga Yesus irratti kan hundaa’ee dha. Har’a irbaata Gooftaa yeroo fudhannu hundumaatti eebba dhiifamuu cubbuu keessa jiru, jireenyaa fi fayyina fudhanna. (Barsiisa amantii Kristaanaa kan Luuter ishee xinnoo ibsaa wajjin, gaaffii 26ffaa).

8. Irbaata booda Yesus duuka-buutota Isa jajjabeesse, akkasumas attamitti akka fayyinu ibsa kennaman keessaa isa tokko dubbate. Yesus gara waaqaatti yommuu deebi’uu amantoota

hundumaaf iddoo akka qopheessu duuka-buutota isaatti hime (Yohaannis 14:1-4). Kanatti aansee Toomaas duuka-buutuun Yesus akkana jedhee gaafate: “Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya?” Galgala sanatti wantoonni ta’an hundumtuu, Yihuudaan akka tasaa isaan irraa adda ba’uu irraa kaasee foonii fi dhiiga Yesus fudhachuu isaanii fi ammas immoo Yesus yeroo dhiyootti akka isaan irraa adda ba’u dhaga’uun isaanii duuka-buutota Yesusiif wanta isaan dandamachuu hin dandeenye ture. Yesus gaaffii Toomaas akkana jedhee deebise: “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” Yohaannis 14:6). Jechoonni kun gara waaqaa attamiin galuu dandeenya? gaaffii jedhuuf guutummaadhumatti deebii sirrii dha.

9. Yesus itti fufee gargaaraa isa ta’e Hafuura Qulqulluu akka duuka-buutota isaaf erguuf Waaqayyo Abbaa akka kadhatu abdii isaan abdachiise (Yohaannis 14:15-17). Yesus waa’ee ofii Isaa kadhate, ulfina akka isaaf kennuufis Waaqayyoon kadhate (Yohaannis 17:1-5). Itti fufees yeroo dhiphinaa fi rakkinaa isaan mudachuuf jiruuf akkasumas jabinaa fi humna Waaqayyo biraa isaan barbaachisu ilaalchisee duuka-buutota isaatiifi walumaagala amantoota hundaaf kadhate.

10. Kanatti aansee”Faarfannaa galataa erga faarfatanii booda gara gaara ejersaatti ol ba’an” (Maarqos 14:26, Maatewos 26:30). Bakka sanatti iddoo Getesemaanee jedhamutti dhiphachuun Yesus jalqaba.

Barumsicha Dhiyeessuu

Kadhannaa jalqabaa – macaaficha gara dhumaa irra kadhannaa jiru kadhadhu

Faarfannaa:Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha(Qajeelfama kana fuula gara duubaa irraa faarfannaa Lakk. 21) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana beeksisuu

Sochii hojiidhaan mul’atu: Irbaata baay’ee barbaachisaa

Afatasiree yookiin erbee isaqopheessite dareebarumsaagidduu lafairra diriirsi.Barattoonni isatti naanna’anii akka taa’an itti himi. Akkana isaaniin jedhi: baroota baay’een dura ijoollleen Israa’el biyya Gibxii jiraatu turan. Museen geggeessaa isaanii ture. Ijoolleen Israa’el akka garbootaatti hojii baay’ee hojjetu turan. Akka inni ijoollee Israa’el gad dhiisuuf isaanis akka biyya Waaqayyo isaanabdachiiseakkadhaqaniifmootiiGibxiiFara’ooniingaraaisaalaaffisuufWaaqayyoinyaale. Fara’oon garuu akka ijoolleen Israa’el dhaqan hin eyyamneef.

Fara’oonakkasabaIsaagaddhiisuufWaaqayyokaroorseeture.MaatiinsabaIsaahundinuuhoolaa qalanii dhiiga isaa balbala mana isaaniitti akka diban isaanitti hime. Kunis yommuu ergamaan Waaqayyoo ijoollee angafaa kan warra Gibxii hunda ajjeessuuf yommuu dhufu mana isaanii bira

“akka darbuuf” mallattoo ta’aaf. Haalli nama gaddisiisu kun erga ta’ee booda ijoolleen Israa’el biyya Gibxiitii akka ba’aniif Fara’oon isaan gad dhiise.

Waaqayyo isaaniin kan itti oolche guyyaa adda ta’e kana yaadachuuf ayyaana maxinoo yookiin ayyaana irbaata faasikaa wagguma waggaadhaan in kabaju turan. Baroota baay’een dura

Waaqayyo attamitti akka isaan oolche yaadachuudhaaf kan isaan gargaaru nyaata adda ta’e raacitii isa bukeessu homaa iyyuu kan of keessaa hin qabne maxinoo diriiraa fi waaddii foon hoolaa in nyaatu turan.

Seenichi Macaafa Qulqulluu kan barumsa kanaa kan inni raawwate guyyaa Kamisaa isa Sanbata itti Yesus ilmoo harree yaabbatee Yerusaalemiin galetti aanuu dha. Saba Yihuudotaa hundumaaf yeroo itti Faasikaa kabajaan ture.Yesusii fi duuka-buutonni Isaa walii wajjin irbaata Faasikaa nyaatanii dubbii Waaqayyoos kutaawwan sammuutti qabatan dubbatanii kadhannaa kadhachuudhaan Faasikaa kabajan.

Wantoota garaagaraaYesus irbaata Faasikaa kana irratti godhe beekuudhaaf xiyyeeffannaa guddaadhaan dhaggeeffadhu.

Faarfannaa: Faarfanna ergaa seenaan kun qabuu wajjin wal fakkaatu faarfadhaa.

Seenicha Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1: Qajeelfama ‘Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee’ keessatti mata-duree “Yesusii fiBartoonni IsaaFaasikaa Kabajatan”jedhuyommuudubbiftu seenichahaalaanifagoote dubbachuudhaaf jecha Qajeelcha barsiisaa kana fuula duubaa irra kan jiran hergoggeewwan fayyadami. Seenicha Macaafa Qulqulluu yommuu dubbattutti ijoolleen erbee at lafa aftetti naanna’anii akka taa’anitti haa turan.

Filannoo2: Wantoota barbaachisoo fayyadami

Seenichahaalaanifagooteedubbachuudhaafjechafooxaawwanwalittiqabde,qodaaittidhiqatanii fi itti dhugan yommuu fayyadamtu ijoolleen akkuma erbee ati lafa afte irra taa’anitti haa turan. Yesus akka miilla duuka-buutota Isaa dhiqe yommuu isaanitti himtu fooxaa fi qodaa itti dhiqatan fuudhiitii miilla ijoollee fuuldura jilbeenfadhu. Sagalee utuu hin dhageessisin akka waan miilla isaanii dhiqaa jirtuu fakkeessiitii sosocho’i. (Gareen ati qabdu ijoollee baay’ee kan qabate yoo ta’e wanta Yesus barsiise kana ifa gochuuf gocha kana muraasa isaaniif godhi). Seenaa kana himuu keessatti yeroo barbaachisaatti akka waan buddeena cabsituu sochiidhaan fakkeessi. Isa kanaafis Waaqayyoon galateeffachuudhaaf ol fuudhii qabi. Qodaawwan waa itti dhugan kan walitti qabdes ol kaasii qabi.

Xumura seenicha dubbachuu irratti gara keessa deebii Seenicha Macaafa Qulqulluutti ce’uudhaaf faarfannaa jaalala Yesuus siif qabu ibsu tokkummaadhaan suuta faarfadhaa.

Keesaa-deebii Seenaa Macaafa Qulqulluu

Gaaffiiwwan seenicha irratti hundaa’an: gaaffiiwwan kanatti fufanii jiran garee sana gaafadhu.

1. Yesus yommuu Buddeenaa fi Wayinii duuka-buutota Isaaf kenne maal jedhe? (Yesus akkana jedhe: “Fudhadhaa nyaadhaa, kun dhagna koo ti!” jedhe. Xoofoos fudhatee “Hundumti keessan kanattii dhugaa! Kun dhiiga koo ti, dhiigni kun dhiifamuu cubbuu namoota baay’eetiif dhangala’a” jedhe).

2. Yesus duuka-buutota Isaaf abdii attamii kenneef? (Yesus kan gara waaqaatti ol ba’uuf iddoo isaaniif qopheessuuf akkasumas immoo Isa waliin akka jiraataniif deebi’ee akka isaan fudhatu abdii kenneef. Dabales akka Inni barabaraan isaanii wajjin ta’ufi akka isaan gargaaruuf Yesus Hafuura Qulqulluu akka isaanii ergu abdii kenneef).

3. Namni tokko attamiin gara Waaqayyo Abbaa dhufuu danda’a? (Namni tokko Yesusitti amanuu duwwaadhaan gara Waaqayyo Abbaa dhufuu danda’a. Yesus akkana jedhe: –“Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”)

Keessa deebiidhaaf kan ta’u sochii hojiidhaan mul’atu: fakkiiwwan adda baasanii beekuu

Seenicha Macaafa Qulqulluu keessa deebi’anii hubachuuf akka isaan gargaarutti fakkiiwwan kanatti aananii jiran yommuu kaaftu bakka sirriitti arguu danda’an isaan teessisi.Tokko tokkoonis akka tartiiba isaaniitti fakkiiwwan kana kaasi. Tokkoo tokkoon fakkii sanaa waa’ee seenichaa maal akka nutti himu ijoolleen akka dubbatan gaafadhu.

Dhugaa seenicha Macaafa Qulqulluu keessa jiru jireenya barattootaa wajjin walfudhachiisuu

Wal-fudhachiisuu keessatti sochii hojiitiin mul’isuu/ Luqqisii Macaafa Qulqulluu keessaa sammuutti qabamu: Yesus karaa gara waaqaatti geessuu dha.

Ijoolleen sitti naanna’anii akka taa’an godhi.Yesus irbaata Faasikaa irratti duuka-buutota isaatiif wanta adda ta’e godhee? jedhii gaafadhu.(Yesus miilla duuka-buutota isaa dhiqe.Foon Isaa fi dhiiga Isaa, buddeenaa fi wayinii isaanii kenne.Yesus isaan jajjabeesse; isaanii kadhates).

Yesusduuka-buutotaisaatiifwantaInnigodhehundinuujaalalaInniisaaniifinuyiifqabuagarsiisa. Yesus waaqa irraa gara lafaa kandhufe baay’ee guddaa isa ta’e rakkina keenya – innis waa’ee cubbuu keenyaa ilaalchisee nu gargaaruudhaafi dha. Dhiifamuu cubbuu keenyaa fi jireenya barabaraa akka argannuuf Yesus lubbuu isaa kennuuf dhufe.

Yesus duuka-buutota Isaa wajjin irbaata Faasikaa irra yommuu turetti har’as kristaanonni kan irratti hirmaatan irbaata adda ta’e jalqabe. Irbaati adda ta’e kun irbaata Gooftaa yookiin irbaata qulqulluu jedhama. Namoonni yeroo irbaata Gooftaa fudhatan hunda foonnii fi dhiigni Yesus fannoo irratti kan isaanii argamsiise dhiifamuu cubbuu fudhatu. (Barumsa amantii kristaana ibsa isaa wajjin Luuteriin qophaa’e isa xiqqaa, gaaffii 296). Irbaata qulqulluudhaan Yesus fayyisaa keenya ta’uu Isaatiin fannoo irratti kan Inni godhe hundumaa kan nu jaallatu Gooftaa keenya jiraataa ta’uu wanta Inni nuu gochaa jiru namoonni in yaadatu.

Macaafa Qulqulluu kee fuudhii baani. Akkana jedhi: irbaata Faasikaa erga wajjin nyaatanii booda, gara waaqaatti attamiin galuu dandeenya kan jedhu gaaffii baay’ee barbaachisaadhaaf deebii kenne. Yesus maal jedhee deebii kenne? (Yesus akkana jedhe:“Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu”). Jechoonni Macaafa Qulqulluu kunniin karaan gara waaqaatti geessu Yesus duwwaa akka ta’e nutti himu.Yesus Gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya akka ta’e yommuu amannu guyyaa tokko eebba mana waaqa irraa isaa dinqisiisaa ta’ee in arganna.Achitti iddoo Yesus nuuf qopheesse in jiraanna.Yesus wajjin barbaraan jiraanna. Luqqisii Macaafa Qulqulluu keessaa qu’achiisuuf akka kanatti aanee barreeffametti yeroo murtaa’aadhaaf dubbadhu.Luqqisicha yommuu dubbattu jechoota isaan kaan caalaa ifa godhamanii barreeffaman ifatti argisiisuuf sagalee kee yeroo biraa caalchisii ol kaasii dubbadhu. Yesus akkana jedhe:“Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”

Sochii hojiitiin mul’isuu goolabuuf akkana jedhi: nuuf of eeggannoo gochuudhaan cubbuu keenya nuu dhiisee gara waaqaatti nu qajeelchuudhaan Yesus guyyaa-guyyaatti jaalala nuuf qabu nu argisiiseera. Ani hima kadhannichaan nan dubbadha.Dubbadhee yommuun dhaabu “Yaa Yesus waa’ee jaalala keef si galateeffanna” jettu. Ijoolleen yeroo kam deebii kana akka kennan akka beekan isaan gargaaruuf barumsa isa duraa keessaa fakkaatiwwan wantootaa isa afaan

banamaa/afaan cufamaa jedhu fayyadami. Yeroo jalqabdu ijoolleen akka dhaabatan kadhannaadhaafis harka isaanii akka maratan godhi.

Barsiisaa: Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf abdii Waaqayyo kenne raawwaachuuf waaqa irraa gara lafaa dhufe.

Bartoota: Yaa Yesus waa’ee jaalala keef si galateeffanna.

Barsisaa: Yesus cubbuu keenya irraa nu fayyisuuf akkasumas jireenya haaraa fi kan barabaraa nuuf kennuuf lubbuu kee dabalatee waan hundumaa nuuf laatte.

Bartoota: Yaa Yesus waa’ee jaalala keef si galateeffanna.

Barsiisaa:Yesuscubbuukeenyanuudhiisuufiamantiikeenyasjabeessuuf,foonkeefidhiiga kee nuu laatte.

Bartoota: Yaa Yesus waa’ee jaalala keef si galateeffanna.

Barsiisaa: Yesus karaan gara waaqaatti nu geessu sitti amanuu duwwaa akka ta’e akka yaadannuuf nu gargaari.

Bartoota: Yaa Yesus waa’ee jaalala keef si galateeffanna.

Barsiisaa: Yesus maqaa keetiin kadhanna. Ameen.

Faarfannaa: Keessa deebii – faarfannaa asiin olitti faarfatame irra deebi’aa.

Hojii Harkaa: Fakkii Irbaata isa dhumaa

Fakkiiwwan hojii harkaa barumsa 51, kan ofii baay’ifte isaaniif kenni. Ijoolleen fakkiiwwan kana halluu akka diban isaanitti himi. Akka tajaajilaa keenyaatti, fayyisaan keenya Yesus jaalala nutti argisiise akka yaadataniif, ijoollen fakkiiwwan sanaa alatti itti naannessanii boca onnee itti daddabaluu in danda’u. Ijoolleen guguddoon immoo ‘Fudhadhaa nyaadhaa, kun dhagna koo ti, fudhadhaatii dhugaa dhiifamuu cubbuu keessaniif dhangala’e kun dhiiga koo ti’ kan jedhan jechoota irbaanni Gooftaa ittiin hundeeffaman kana fakkiiwwan sana irratti yoo barreessuu barbaadan gochuu in danda’u.

Kadhannaa Xumuraa: Qajeelfama kana fuula duubaa kadhannaa jiru kadhadhu.

Barumsa 52 Yesus Getesemaaneetti

(Maatewos 26:36-56; Maarqos 14:32-50; Luqaas 22:39-53; Yohannis 18:1-11)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 130-131

Dhugaa Ijoo

Nuyi offii keenyaan fedha Waaqayyoo raawwachuudhaaf humnahin qabnu. Cubbamoota waan taaneef waan hundumaa karaa ofii keenyaatiin hojjechuuf dhamaana. Yesus garuu sababii cubbuu keenyaatiif gara bakka itti du’uu, gara fannootti yommuu adeeme illee karaa Isaa hundumaatti jaalala Waaqayyoo duukaa bu’e. Sababii Yesusiif Waaqayyo cubbuu keenya nuuf in dhiisa; wanta jaalala Isaa ta’e hojjechuu akkadandeenyuu fi qoramsa akka of irraa lolluuf nu haaressa; jabinas nuuf kenna.

Kaayyoowwan Barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf jedhee Yesus fedhuma Isaatiin jaalala Abbaa Isaa duukaa akka bu’e inBEEKU.

• Seexana mo’achuudhaaf humna kan argatan humna Waaqayyoo qofaadhaan akka ta’ebeekuutti in GUDDATU.

• Dhiifamuu cubbuu fi Isa duukaa bu’uudhaaf humnaakka isaaniif kennuuf Waaqayyoon kadhachuu itti fufanii inJIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

Waaqayyo akkas jedhe, «Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a» (Filiphisiiyus 4:13).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 52ffaa kanaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sanaa murii baasiitii halluukobbii dibi.Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2.Hojii harkaa barumsa kanaaf kan tokkoon tokkoon barataa itti fayyadamu waraqaa fi kobbii halluu qopheessi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

(Maatewos 26:36-56; Maarqos 14:32-50; Luqaas 22:39-53; Yohannis 18:1-11)

1. Erga irbaata Faasikaa nyaatanii booda, Yesusii fi bartoonni Isaa gara Tulluu Dabirazayit, addumaani immoo garaiddooGetesemaaneejedhamu tokkoo dhaqan. Dabirazayit jechuun “bakka zayitiin itti cuunfamu” jechuu dha.Bakka kanatti hurbuu mukeetii ejersa bosona irraa ciran keessaa zayitti baasuudhaaf cuunfu (Maatewos 26:36; Yohannis 18:1). Getesemaaneen iddoo Yesus yeroo baay’ee dhaquu dha. Luqaas Yesus yeroo Yerusaalemiin ture, “galgala galgala immoo gara gaara “Gaara ejersaa” jedhameetti ba'ee, achi bula ture” jedhee nutti hima (Luqaas 21:37).

2. Yesus bartootaa Isaa saddet balbala iddoo dhaabaa Getesemaaneetti ol galchu biratti hambise. Yesus “Hamma ani kadhadhee raawwadhutti as taa'aa!”isaaniin jedhe (Maarqos 14:32). Yesus Phexrosii fi Yaaqoob, Yohannisiinis of duukaa fudhatee gara iddoo dhaabaa sana dhaqe. Utuu isaanii wajjin adeemaa jiruus, “raafamee yaadaan dhiphachuutti ka'e” (Maarqos 14:33). Phexros, Yaaqoobii fi Yohannisiin, “Lubbuun koo hamma du'aatti baay'ee gaddite; isin as turaa, dammaqaas!” isaaniin jedhe (Maarqos 14:34). Dhiphina yeroo gabaabduu booda fannoo irraatti Isa irra ga’uuf jiruuf Yesus guddaa dhiphate. Bartoota Isaa sadan sana irraa adda ba’ee, iddoo dhaabaa sana keessa xinnoo isaan irraa fagaate. Kana booda Yesus, “adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhatee” (Maarqos 14:35). Yesus gaddaa fi dhiphinaan guutamee waan tureef jilbeenfachuu qofa utuu hin ta’in, “adda isaatiin gombifamee” kadhate. Yesus akkas jedhee Waaqayyo Abbaa kadhate, “Yaa abbaa ko wanti hundumtuu siif in danda'ama; xoofoo dhiphinaa kana ana irraa fuudhi! Garuu wanti ati jaallatte haa ta'u malee, waan ani jaalladhu miti” jedhe (Maarqos 14:36). Jechi “Yaa Abbaa ko” jedhu Yesusii fi Waaqayyo gidduu walitti dhufeenya guddaan akka jiru argisiisa. Jechi “xoofoo” jedhudheekkamsaWaaqayyooargisiisa.KanYesus fannooirratti fudhatesisumakanature.YommuuYesusdhiphinasanafudhatecubbuukeenyahundumaa fi dheekkamsa Waaqayyoo isa cubbuu irratti dhufu hundumaa ba’aa ulfaataa in baate. Itti dabalees, Abbaanis waan Isa dhiisuuf dhiphinaa fi dheekkamsa Isa irra ga’u sana fudhachuutu Isa irra ture (Maarqos 15:34). Yesus adaba kana bakka keenya ta’ee fudhachuudhaaf qopha’aa ture; garuu karaan nuyi ittiin fayyinu karaa biraan jira yoo ta’e jedhee Abbaa Isaa gaafate. Yesus wanta itti dhufaa ture sana yoo sodaate iyyuu, jaallateedhuma fedha Abbaa Isaatiif abboomame.

3. Kadhannaa Isaa isa jalqabaa booda Yesus gara bakka itti Phexros, Yaaqoobii fi Yohannisiin itti dhiise dhufe. Yesus akka isaan dammaqan itti himee ture; bartoonni Isaa

garuu in rafan. Yesus, “Egaa isin sa'aatii tokkittiif illee anaa wajjin dammaquu hin dandeenyee?” jedhee Phexrosiin gaafate (Maatewos 26:40). Sana booda Yesus namoota sadan sanaan, “Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa! Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha” jedhe (Maatewos 26:41; Maarqos 14:38). Fedha Waaqayyoo ofii keenyaan raawwachuu hin dandeenyu. Jireenya keenya keessatti fedha Waaqayyoo raawwachuudhaaf jabaachuu, kadhachuu fi akka Isa duukaa buunuuf akka Inni jabina nuuf kennu Waaqayyoon kadhachuu qabna,

4. Yesus bartoota sadan sana dhiisee, deebi’ee adeeme; kadhannaa isa dura kadhatee ture ammas isuma Abbaa Isaa kadhate (Maarqos 14:39). Utuu Yesus kadhachuutti jiruu, "Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul'ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi Isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ture”(Luqaas 22:43-44). Jechi “Akka coccopha dhiigaa” inni jedhu, dafqa akka dhiigaatti gurguddatee cophu jechuu ta’uu danda’a; yookiin yommuu namni tokko guddaa dhiphatu dhiigaa fi dafqi wal makatee kan bu’u (hematidrosis) ta’uu danda’a. Yesus yeroo lammaffaa gara bartootaatti yommuu deebi’u rafanii isaan argate. “Maal akka Isaaf deebisanis hin beekne”(Maarqos 14:40).

5. Yesus Phexros, Yaaqoobii fi Yohannisiin dhiisee yeroo sadaffaadhaaf deebi’ee kadhachuudhaaf dhaqe. Isa booda ammas deebi’ee gara bartoota rafanii jiranii yommuu dhaqe, Yesus wanta Isatti dhufu simachuudhaaf qophaa’ee ture. Bartoota Isaatiinis, “Amma iyyuu raftanii boqochuutti jirtuu? In ga'a, yerichi ga'eera; kunoo, ilmi namaa harka cubbamootaatti kennamuu isaa ti. Ka'aa itti adeemnaa! Kunoo, inni dabarsee na kennu dur dhi'aate” isaaniin jedhe(Maarqos 14:41-42; Maatewos 26:45). Utuu Yesus kana dubbachaa jiruu Yihudaan, "Isaa wajjinis luboota warra angafoota, barsiisota seeraa fi maanguddoota biraa warri ergaman billaadhaa fi bokkuu qabatanii dhufan”(Maarqos 14:43; Maatewos 26:47). Yohannis immoo “loltoonni” garee sana keessa akka jiran ibsa (Yohannis 18:3). Isaan loltoota warra Roomaa ta’uu danda’u.

6. Yihudaan, “Inni ani dhungadhu isa, qabaatii, eeggachaa fuudhaa sokkaa!” jaraan jedhee ture(Maarqos 14:44). Yihudaan, “Yesusin dhungachuudhaaf gara Isaatti dhi'aate. Yesus garuu, ‘Yihudaa, dhungachuudhaan ilma namaa dabarsitee kennitaa?’ jedheen”(Luqaas 22:47-48). Akka inni Yesusiin qarshii soddomatti gurguruuf isa geggeessuudhaaf Seexanni dursee Yihudaatti galee ture (Maatewos 26:14-16). “Jarri yommus hiixatanii Yesusin qaban” (Maarqos 14:46).

7. “Kunoo, warra Yesusii wajjin turan keessaa tokko billaa isaa but godhee luqqifatee, garbicha angafa lubootaa rukutee, gurra isaa irraa kute” (Maatewos 26:51). Warra Yesusii wajjin turankeessaatokkoinni jedhamekunSimoonPhexrosakkata’eefihojjetaanangafa lubaas Maalko kan jedhamu akka ta’e Wangeela Yohannis keessaa in hubanna (Yohannis

18:11). Yesus garuu nu fayyisuudhaaf maal guchuun akka Isa irra jiru in beeka; kanaaf gochaan eenyuu illee fedha Abbaa Isaa raawwachuuttii akka Isa hanqisu hin eyyamu.

8. “Yesus luboota warra angafoota, dura-buutuu eegduu mana qulqullummaa akkasumas maanguddoota warra Isa qabuuf ba'aniin, ‘Akka warra saamtuu qabuudhaaf ba'aniitti billaadhaa fi bokkuudhaan yaatanii? Guyyaa dhufaa darbaa mana qulqullummaatti, yeroo ani isinii wajjin ture hundumaatti harka keessan anatti hin buufne; amma garuu yeroon isiniif kennameera, aangoon dukkanaas in beekama’ jedhe” (Luqaas 22:52-53). Seexannii yeroodhaaf wanta hojjetu karaa ofii isaa qaba ture. Garuu Yesus yeroo gabaabaa keessatti, fannoo irratti du’uu fi du’aa ka’uu Isaatiin diina keenya isa sodaachisaa sana in mo’a. Warra Isa hidhuu dhufaniif haasaa Yesus taasise wangeelli Maarqos jechoota akkas jedhuun xumura; “amma garuu wanti caaffanni qulqullaa'oon jedhan raawwatamuun in ta'a” (Maarqos 14:49). Abdiin Waaqayyo baroota dheeraa dura Addaamii fi Hewaaniif kennee fi macaafonni Kakuu Moofaa hundumtuu irra deddeebi’anii dubbachaa kan turan karaa fannoo irratti du’uu fi du’aa ka’uu Yesusiin raawwatame.

9. Yesus erga qabamee booda, “Bartoonni hundinuu immoo Isa dhiisanii in baqatan” (Maarqos 14:50). Fayyisaan keenya wanta Isatti dhufu qofaa Isaa fudhata.

Barumsicha Dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:“Waaqayyoo koo” (Lakkoofsa 33) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Gocha sochiidhaan argisiifamu:-Dhimmanii kadhachuu

Akka ijoolleen marsaadhaantaa’an taasisi. Ofii keetii immoo bakka hundumti isaanii si arguu danda’an taa’i. Si’a tokko yookiin lama amuummadhu. Mataa kee gara tokkotti dabsii ijoota kee dunuunfadhu. Ammas irra deebi’ii amuummadhu. Akka nama rafuutti ijoota kee guutummaatti dunuunfadhu. Sekoondii kudhan booda akka nama wareereetti ariitiidhaan mataa kee sochoosi; ijoota kee susukkuumi; ka’ii ijoollee dura dhaabadhuutii xinnoo akka nama qaana’ee of fakkeessi. Akkas isaaniin jedhi; yaa obbolootaa fi obboleettotaa, ijoolle, dhiifama guddaan isin gaafadha. Xinnoo ishee rafuutu ana irra ture. Yeroo darbe hojii baay’een hojechaa waanan tureef, dadhabeera. Dammaqinaan isinii wajjin waanan hin turiniif dhiifaman isin gaafadha.

Yaalii hammamii yoo taasistan illee, guddaa dadhabuu keessan irraa kan ka’e yeroon itti dammaqoo ta’uu dadhabdan jiraachuu in danda’a. (Akka ijoolleen muuxannoo isaanii dubbataniif carraa kenniif.) Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, Yesusii fi bartoota Isaa: Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis gara bakka dhaabaa mukti ejersaa itti biqiluu utuu adeemanii argina. Yesus, “akka isaan dammaqinaan turan” yoo isaan gaafate illee, bartoonni Yesus garuu dammaquu dadhabanii itti rakkatan. Bakka dhaabaa sanaatti wanta ta’e gara biraa baruudhaaf seenaa Macaafa Qulqulluu kana sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha” (Lakkoofsa 2) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana beeksisuu

Filmaata 1:- Macaafa barsiisa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” jedhu keessaa “Yesus Getesemaaneetti” isa jedhu yommuu isaaniif dubbistu caalchisanii akka dhaggeeffatan taasisuudhaaf horgoggeewwan fuula gara duuba qajeelfama kanaa irra jiran fayyadami.

Filmaata 2:-oduu himuu sochiidhaan deggerame: tokkoo tokkoo hima hiikaa seenaa Macaafa Qulqulluu kanatti fufee jiruu erga dubbistee booda, sochii isaa hojjedhu. Itti fufuudhaan akka ijoollee si hordofanii sochicha hojjetan taasisi.

Dubbadhu Hojjedhu

Erga Irbaata Faasikaa nyaatanii booda, gara barii lafaa jala Yesus manicha keessaa ba’ee, bartoota Isaa wajjin gara dhaabaa Getesemaanee jedhamuu dhaqe. Muki dhadhaa ejersaa irraa qopheessan achitti in biqila. Bakkuma jirtutti adeemi.

Yesus bartootaa Isaa baay’ee isaanii balbala iddoo dhaabaa sanatti ol galchubiratti hambise. Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis immoo Isaa wajjin gara iddoo dhaabaa sana keessa akka seenan itti hime.

Sana booda Yesus bartoota sadan sanaan “Hamma Ani dhaqee kadhadhutti isin as turaa, dammaqaas!” isaaniin jedhe.

Yesus fuula Isaatiin lafatti gombifamee, akka Inni humna ittiin fannoo irratti du’uu danda’u Isaaf kennuuf Abbaa Isaa kadhate. Karaa ittiin cubbamoota fayyisu kan biraan yoo jiraate akka isa raawwatuuf Waaqayyoon kadhate; dhiphinicha akka Isa irratti hin taane barbaade. Isa booda Yesus kamiin iyyuu yoo ta’e fedhii Abbaa Isaa akka hordofu Waaqayyotti hime.

Isa booda Yesus gara Phexros, Yaaqoobii fi Yohannisitti deebi’e. Namoonni sadan sun garuu rafanii turan.

Yesus namoota sana dammaqsee akka isaan dammaqanii kadhatan gaafate. Ofii Isaatii immoo ammas deebi’ee dhaqee Waaqayyoon kadhate.

Phexros, Yaaqoobii fi Yohannisiin argisiisuudhaaf qubeetii kee sadii ol kaasi.

Akka nama naannoo isaa ilaaluutti harka kee ija kee gararraa kaa’adhu.

Kadhachuudhaaf harkawwan kee sirriitti walitti qabadhu.

Ijoota kee dunuunfadhuutii waan rafte fakkaadhu.

Ijoota kee banadhuutii dammaquu yaali. Yesus si’a lammaffaa, sadaffaas in kadhate. Yommuu deebi’ee gara Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis dhufu hundumti isaan rafaniiru.

Yesus yeroo sadaffaa yommuu jara dammaqsu, Yihudaa, loltootaa baay’ee fi diinota Isaa keessaas gara iddoo dhaabaa sanaa dhufan.

Ijoota kee dunuunfadhuutii waan rafte fakkaadhu.

Ka’ii dhaabadhuutii hiixadhu.

Yihudaan namoota hedduu dura bu’ee gara Yesus dhufe. Eenyuun akka qabanii, hidhanii fudhatanii adeeman argisiisuudhaaf Yesusiin dhungate.

Yesus garuu, “Yihudaa, ana dhungachuudhaan diinota Koo gargaartaa?” jedheen.

Yommuu loltoonni Yesusiin qaban Phexros loluu fi Yesusiin gargaaruu barbaade. Phexros goraadee fudhatee gurra namicha tokkoo irraa mure.

Yesus akka Phexros goraadee isaa bakka fuudhetti deebisu itti hime. Isa booda immoo gurra namichaa in fayyise.

Bartoonni Yesus guddaa sodaatan. Hundumti isaanii fiiganii iddoo dhaabaa sana keessaa ba’anii sokkan. Akka loltoonni sun Yesusiin fudhatanii adeemaniif qofaatti Isa dhiisan.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa deebi’uu

Hidhii kee muxxeessi.

Nama gadde of fakkeessi.

Nama goraadeedhaan nama waraanu fakkeessi.

Gurra kee qabii qummaadi.

Bakkuma jirtu ariitiidhaan fiigi.

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Yesus maal kadhate? (Yesus humna ittiin fannoo irratti du’uu danda’u akka Isaaf kennuuf Waaqayyoon Abbaa Isaa kadhate. Itti dabalees karaa ittiin cubbamoota fayyisu kan biraan yoo jiraate akka isa raawwatuuf Waaqayyoon gaafate. Isa booda Yesus wanta akka Inni raawwatu Waaqayyo Isa irraa barbaadu kamiin iyyuu akka raawwatu Isatti hime.)

2. Yesus isa kam akka ta’e argisiisuudhaaf Yihudaan maal godhe? (Yihudaan Yesusiin in dhungate.)

3. Yesus gurra namichaa maal godhe? (Phexros gurra namicha tokkoo irraa mure. Yesus garuu gurra namichaa in fayyise.)

Sochii hojii keessa deebiidhaaf:- seenaa Macaafa Qulqulluu himmuu keessatti filmaata isa itti hin fayyadamin keessa deebi’uudhaaf gargaarami. Keessa deebii kanaaf filmaata tokkoffaa fayyadamta yoo ta’e, akka isaan itti fayyadamanii seenaa Macaafa Qulqulluu kana sitti himaniif horgoggeewwanii ijoolleef kenni.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: fedhii Waaqayyoo duukaa bu’uu

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, Yesus attamitti fedhii Waaqayyoo duukaa bu’e? jedhii gaafadhu. (Yesus dhiphina fudhachuu fi sababii cubbuu keenyaatiif fannoo irratti du’uun hammam ulfaataa akka ta’u utuma beekuu, jaalala Abbaa Isaa waan ta’ee fi cubbuu keenyattii fayyuu kan dandeenyu karaa isa tokkicha waan ta’eef Yesus fidha Isaatiin kana raawwate. Jabina ittiin fayyisaa keenya ta’uudhaaf Isa barbaachisuufis Waaqayyoon kadhate.) Wanti akka nuyi hojjennu Waaqayyo barbaadu jaalala Waaqayyoo jedhama. Kadhata Gooftaan barsiise yommuu kadhannu “Jaalalli Kee waaqa irratti akka ta’e, akkasuma lafa irratti haa ta’u” Waaqayyoon jenna. Jaalala keenya dhiisnee maaliif

jaalala Waaqayyoo hordofuu barbaanna? (Nuyi cubbamoota. Wanta nuuf wayyu yeroo hunda hin beeknu. Waaqayyo qofaatu gaariidhaa fi mudaa kan hin qabnee dha. Waaqayyo wantoota hundumaa in beeka; wanta nuuf wayyus yeroo hundumaa in beeka.)

Yesus yeroo hundumaa jaalala Waaqayyoo hordofa. Yesus gonkumaa cubbuu hojjetee hin beeku. Kana irraa kan ka’es Yesus sababii cubbuu keenyaatiif fannoo irratti du’uu danda’e. Yesus bakka keenya bu’ee seera Waaqayyoo hundumaa raawwatee eegeera.

Wantii barbaachisaan nuyi hojjechuu qabnu yommuu jiraatu, yookiin cubbuu hojjechuudhaaf yommuu qoramnu, yookiin yeroo dhiphannu, yookiin yeroo sodaannu akka Yesus godhe sana, Waaqayyo akka Isa kadhannuuf nu waama. Wanta akka nuyi hojjennu Inni nu irraa barbaadu akka hojjechuu dandeenyuuf jabina kan Isaa nuuf kennuudhaaf nu abdachiiseera. Waaqayyo wantoota hundumaa karaa ofii keenyaatiin kan hojjennu utuu hin ta’in, fedha Isaa akka hordofnuuf jabina nuuf in kenna.

Yommuu akka nuyi cubbuu hojjennuuf Seexanni nu qoru, isa mo’achuu akka dandeenyuuf humna akka nuuf kennu Waaqayyo nu abdachiiseera. Yoo cubbuu hojjenne immoo akka Isa kadhannuu fi dhiifama cubbuu akka Isa gaafannuf Waaqayyo nu waama. Deebinee akka Isa duukaa buunuufis Waaqayyo cubbuu keenya nuuf in dhiisa; jabinas nuuf in kenna.

Akkaijoolleenmarsaadhaantaa’antaasisi.Haalatokkotokkonumudatankankeessattihumna Waaqayyoo barbaannu kanatti fufeen isinitti hima isaaniin jedhi. Haalicha ergan isinitti himee booda akka isin dhaabattanii “Yaa Abbaa, har’a akka ani jaalala Kee hordofuuf na gargaari” akka jettanan barbaada.Deebii kana ijoollee wajjin irra deddeebi’aatii shaakalaa. Kana irraa jalqabaa:-

Barsiisaa:-yommuuaniaaruufihiriyaakoorukutuubarbaaduakkaanidhiisuufWaaqayyo humna kadhannaa anaaf kennudhaan.

Barataa:- “Yaa Abbaa, har’a akka ani jaajala Kee hordofuuf na gargaari.”

Akka ijoolleen deebi’aanii taa’an taasisi. Hiriyaa keessan rukutuu irra jaalalli Waaqayyo isiniif qabu maali? jedhii gaafadhu. (Eenyuun iyyuu akka miidhaniif jaalala Waaqayyoo akka hin taane akka hubatan isaan gargaari. Hamma aariin isaanii itti qabbanaa’utti haala sana keessaa akka adeeman, booda immoo hiriyaa isaanii wajjin dubbachuu akka danda’aniif Waaqayyo akka isaan gargaaru itti himi.)

Barsiisaa: yommuu haati koo, “mee mana kana qulleessi” anaan jettu, ani immoo qulleessuudhaaf fedha dhabuutti, akka ani wanta haati koo anatti himan hojjedhuuf Waaqayyo humna kadhannaa anaaf kenna; na gargaaras.

Barataa: Yaa Abbaa, har’a akka ani jaalala Kee hordofuuf na gargaari.

Akka ijoolleen deebi’anii taa’an itti himi. Manicha qulleessuu irra isiniif jaalalli Waaqayyoo maali? jedhii isaan gaafadhu. (Akka warra keenyaaf abboomamnuu fi isaan gargaarru Waaqayyo

akka barbaadu akka ijoolleen hubatan isaan gargaari. Kana raawwachuu akka dandeenyuufis Waaqayyo jabina nuuf in kenna.)

Barsiisaa: yommuu bubbeen dhufuu fi yommuun sodaadhu, Waaqayyo jabina kadhachuu anaaf in kenna; na gargaaras.

Barataa: Yaa Abbaa, har’a akka ani jaalala Kee hordofuuf na gargaari.

Akkaijoolleendeebi’aniitaa’anittihimi. Yerookamiyyuusodaachuufidhiphachuuirraisiniif jaalalli Waaqayyoo maali? jedhii isaan gaafadhu. (Waaqayyo akka isin nagaatti eegamtanii jiraattan barbaada. Humna Isaa isa akka isin nagaatti jiraattaniif isin gargaaru akka amanattan barbaada. Waaqayyo namoota isin gargaaranis isiniif in kenna.)

Barsiisaa:- Waaqayyo yeroo hundumaa humna kadhachuu anaaf in kenna; na gargaaras.

Barataa:- Yaa Abbaa, har’a akka ani jaalala Kee hordofuuf na gargaari.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:-«Jabina Gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a» (Filiphisiiyus 4:13).

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Macaafa Qulqulluu kee banadhu. Akkas jedhi: Akka Inni Fayyisaa keenya nuuf ta’ee jaalala Waaqayyoo raawwatuuf Waaqayyo Abbaan humna barbaachisu Yesusiif kenne. Waaqayyo waan akka nuyi hojjennu barbaadu akka hojjechuu dandeenyuuf humna Isaa nuuf kenna. Jechoonni Macaafa ulqulluu tokko tokko kana nutti himu. «Jabina Gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a.» Jechoota Macaafa Qulqulluu kana haa shaakallu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana shaakaluudhaaf akka ijoolleen si harkaa fudhatanii yeroo muraasaaf irra deddeebi’anii jedhan taasisi.Itti fufii guutummaa luqqisichaa jedhi; garuu jecha isa dhumaa dhiisi. Akka ijoolleen itti guutan gaafadhu. Luqqisicha irra deebi’ii jedhi; yeroo kana immoo jechoota dhumaa lamaan dhiisi. Akka barattoonni jechoota hir’atan sana lamaan guutan gaafadhu. Hamma ijoolleen guutummaa luqqisichaa jalqabaa hamma dhumaatti ofii isaaniitiin jechuu danda’anitti akkuma kanatti luqqisicha shaakaluu itti fufaa.

Faarfannaa/noota: qophii seenaa dhiphinaa fi du’uu Kristos:-Fannoo Yesusiin badiisa cubbuun oole(Lakkoofsa 4) isa jedhu faarfannaa shaakalsiisuu jalqabi. Yoo yeroon si ga’e immoo Ani nanfayye, nan gammada (Lakkoofsa 1) isa jedhu faarfadhaa.

Hojii harkaa:- Macaafa kadhannaa jecha malee

Tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraqaa tokko tokko kenniif. Akkana isaaniin jedhi; waraqaa keessan walakkaatti dachaasaa. Kana gochuudhaaf akka barbaachisetti ijoollee gargaari. Isa booda ammas walakkaawalaakkaattidachaasaajedhiiittifufi. Ergahundumtiisaaniihojjetaniixumuraniibooda, fuulli dadachaaftan kun macaafa kadhannaa adda ta’e kan jechi tokko illee itti hin barreeffamu.

Garuu yeroo gabaabaa keessatti wantoota akka Waaqayyoon kadhattan fakkiiwwan isin yaadachiisan in qabaata isaaniin jedhi. Macaafota kadhannaa keenya irratti fakkiiwwan haa fakkisnu.

Macaafichi fuulli jalqabaa (gogaan isaa) fuul-dura isaanii akka taa’uuf akka ijoolleen naanneffatanii fi karaan ittiin keessa macaafichaa banatan gara harka isaanii isa mirgaa akka taa’utti qabachuu isaanii mirkaneeffadhu. Harkawwan keessan lamaan akka kadhaannaaf qophooftaniitti walitti qabadhaatii dudda macaafichaa irra kaa’adhaa isaaniin jedhi. Kanas attamitti akka hojjetan ijoolleetti argisiisi.

Yommuu harki tokkoo tokkoo keessanii bakka sirrii ta’e kaa’amu, akka macaaficha irratti arguu dandeessanitti boca harka keessanii irra naannessaatii sararaa isaaniin jedhi. Ijoolleen kana erga tolchanii booda fakkii harka isaanii kobbii halluu akka dibaniif itti himi. Fakkiin harkaa gogaa macaafa isaanii irra jiru kun macaafa kadhannaa akka ta’e isaan yaadachiisa. Waaqayyo akka nuyi Isa kadhannuuf nu waama. Akka nuyi yeroo hundumaa Isaa wajjin dubbannu barbaada.

Amma akka ijoolleen macaafa isaanii banataniif qajeelfama kenniif. Fuula gara bitaa irra jiru akka baafataniif gargaari. Fuula kana irratti fakkii onnee akka fakkisan isaanitti himi. Akka barbaachisaa ta’ettis ijoollee gargaari. Itti fufanii fakkii onnee sana keessa halluu gurraachaa fi daalachaan haa boxoboxan. Fakkiin kun akka cubbuun yaada garaa keenyaa xureessu argisiisa. Ijoolleen fakkii onnee cubbamaa argisiisu fakkisuu yommuu xumuran, amma halluu diimaa fudhadhaatii onnee sana irratti fakkii fannoo fakkisaa isaaniin jedhi. Kun Yesus cubbuu keenya nu irraa qulleessuudhaaf fannoo irratti akka du’e nu yaadachiisa. Yommuu kadhannu:- “Yaa Yesus cubbuu koo ana irraa fuudhuudhaaf fannoo irratti waan anaaf duuteef, deebitees jiraataa waan taateef Sin galateeffadha” jechuu dandeenya. Sababii Yesusiif dhiifamuu cubbuu keenyaa Waaqayyoon kadhachuu in dandeenya.

Akka ijoolleen gara fuula sadaffaatti darban itti himi (isa dura halluu diban irraa gara mirgaatti argama). Walakkeessa fuula sanaatti onnee diimaa guddaa fakkisi. Sababii Yesus yaada garaa keenyaa cubbuuttii qulleesseef Isaa fi namoota jaallachuu in dandeenya. Onnee diimaa sana erga halluu dibdanii booda, namoota jaallattan lama yookiin sadii naannoo onnee diimaa sanaatti fakkisaa isaaniin jedhe. Miseensota maatii isaanii yookiin hiriyoota isaanii akka fakkisan itti himi. Yommuu kadhannu: “Yaa Yesus, akka ani maatii koo fi hiriyoota kootti jaalala argisiisuuf ana gargaari” jennee gaafachuu in dandeenya.

Xumura irratti akka ijoolleen macaafa isaanii fuula dhumaa (gogaa dugda isaa) baafatan itti himi. Fuula kana irratti fakkii miillaa fakkisi. Miilli kun Yesus akka Isa duukaa buunuuf akka nu gargaaruu fi jaalala Isaa akka raawwannuuf humna akka nuuf kennu nu yaadachiisa. Yommuu kadhannu: “Si’ii fi fedha Ati anaaf qabdu duukaa akkan bu’uuf ana gargaari” jennee gaafachuu in dandeenya.

Ijoolleen erga fuulicha irratti miilla fakkisanii booda, macaafa isaanii fuula jalqabaa haa baafatan. Gogaa macaafa keessanii irratti harkii maaliif fakkifame? jadhii gaafadhu. (Kan harki fakkifameef kun macaafa kadhannaa ta’uu isaa akka hubataniif ijoollee gargaaruufii dha. Harki

fuula jalqaba macaafichaa irratti argamu kun harkawwan yeroo kadhannaa walitti qabaman fakkaata.)

Itti fufuudhaan fuula isa keessaa haa banatan. Fuula kana irratti onneen halluu gurraachaa fi daalachaan boxoobboxame maaliif fakkifame? jedhii gaafadhu. (Onnichi akka kanatti kan dibameef sababa cubbuu hojjenneefii dha.) Maaliif fannoo diimaan onnicha irra kaa’ame? (Fannoon kun kan irra kaa’ameef Waaqayyo duratti gatii cubbuu keenyaa baasuudhaaf Yesus fannooirrattisababadu’eefiidha.)Fakkiikanayommuuilaalluwaa’eemaaliikadhachuuakka qabnu yaadannaa? (Sababii cubbuu keenyaaf du’ee du’aa waan ka’eef Yesusiin galateeffanna. Sababii kanaafis cubbuu keenya waan nuuf dhiisuuf Isa galateeffanna.)

Akka ijoolleen gara fuula sadaffaatti darbaniif itti himi. Sababii Yesus laphee keenya cubbuuttii qulleesseef maal gochuu qabna? (Yesusii fi namoota jaallachuu qabna.) Fakkii kana yommuu arginu waa’ee maalii kadhanna? (Akka jaalala Isaa namootatti argisiifnuu fi Inni Fayyisaa isaanii akka ta’e akka isaanitti himnuuf Yesus akka nu gargaaru kadhanna.)

Akka ijoolleen fuula isa dhumaa baafataniin:-Macaafa kadhannaa kana fuula isa dhumaa irratti miilli kan fakkifameef maaliifi? jedhii gaafadhu. (Miilli kan fakkifameef Isaa fi fedha Isaa duukaa akka buunuuf Waaqayyo humna akka nuuf kennuuf kadhachuudhaaf nu yaadachiisa.)

Fakkii kana yommuu arginu maal kadhanna? (Waaqayyoon duukaa bu’uu fi jaalala Isaa raawwachuudhaaf humna argachuudhaaf Isa kadhanna.)

Yoo yeroon si ga’a ta’e, akka ijoolleen macaafa jecha-malee sana walii isaaniitiif “dubbisuu” shaakalan taasisi.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa qajeelfamaa kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 53

Yesus Angafa Lubootaa fi Philaaxoos Duratti

(Maatewos26:57-68; 27:1-2, 11-31; Maarqos 14:53-65; 15:1-20; Luqaas 22:66-71;23:1-25; Yohannis 18:19-24, 28-40; 19:1-16)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 132-133

Dhugaa Ijoo

Amanuu diduu fi jibbi akka angafoonni lubootaa hamma Yesus irratti murteessanitti ga’an isaan taasise. Philaaxoos sababii sabichi dhiibbaa irraan ga’eef akka Yesus fannoo irratti rarraafamee du’uuf dabarsee Isa kenne. Kan nuyi ittiin cubbuuttii fayyinu karaa Inni tokkichi du’a Isaatiin akka ta’e waan beekuuf Yesus callisee fannoo irratti du’uutti of kenne.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Yesus mudaa kan hin qabnee fi du’uun kan irra hin turre ta’uu Isaa inBEEKU.

• Akka Yesus dhiphina fudhatuu fi fannoo irratti du’uuf sababa kan ta’e cubbuu isaanii fi cubbuu namoota hundumaa akka ta’ebeekuutti inGUDDATU

• Yesus sababii cubbuu isaaniitiif du’uudhaaf waan of kenneef Isa galateeffachaain JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

Waaqayyo akkas jedhe, «Dubbiin, ‘Kristos Yesus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe’ jedhu, amanamaa dha; guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf» (Filiphisiiyus 4:13).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 53ffaa kanaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. horgoggeewwan sanaabocaisaaniitiin murii baasiitii halluukobbiidibi.Tokkootokkoo horgoggichaamuka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Seenaa himmuu filmaata 2ffaa ibsa gabaabaa keessatti akkuma argisiifametti tokkoo tokkoo seenaa sanaa fakkii isaa waraqaa guddaa irratti fakkisi. Wanta tokko fuuluma tokko irratti fakkisi. Akka ijoolleen arguu danda’anitti fakkiin sun guddaa ta’uu isaa mirkaneeffadhu. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana himuudhaaf filmaata 2ffaa fayyadamuudhaaf yoo murteessites, murteessuudhaa baattus kana hojjechuun kee dirqama. Sababiin isaa keessadeebii irratti fakkiiwwan kun in barbaachisu. Kutaa “Seeanaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu” jedhu ilaali.

3. Qajeelfama kana gara duubaa irratti sarara ciccitaahojii harkaa barumsa 53ffaa kanaaf qophaa’e fakkii “Yesus kan dhufe anaafi” jedhu waraabbii isaa tokkoo tokkoo ijoolleef qopheessi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

(Maatewos 26:57-68; 27:1-2, 11-31; Maarqos 14:53-65; 15:1-20; Luqaas 22:66-71;23:1-25; Yohannis 18:19-24, 28-40; 19:1-16)dubbisi.

1. Namoonni Yesusiin iddoo dhaabaa Getesemaanee keessaa qaban jalqaba gara namicha

Haannaas jedhamuutti Isa geessan (Yohannis 18:12-13). Haannaas waggoota hedduu dura warra Roomaatiin angafa lubootaa Yihudootaa ta’uu irraa kan ariyatame ture. Haa ta’u malee amma iyyuu Yihudoonni hedduun akka inni angafa lubootaa ta’etti yaadu turan.

Haannaas Yesusiin erga gaafatee booda gara abbiyyuu isaa, Qayyaafaa isa yeroo sana angafa lubootaa ta’etti Isa erge (Maatewos 26:57-58; Maarqos 14:53-54; Yohannis 18:24). Achittis Yesus Qayyaafaa fi mana murtii Yihudootaa isa yaa’ii jedhamee waamamu duratti dhi’aate. Bulchiisa warra Roomaa keessatti yaa’iin aangoo baay’ee qaba ture; garuu namni tokko akka ajjeefamuuf murteessuu hin danda’u. “Luboonni warri angafoonni, guutummaan yaa'ii warra Yihudootaas Yesusin ajjeesuudhaaf namoota Isa irratti dhugaa ba'aniif in barbaadu turan, garuu tokko illee hin arganne” (Maarqos 14:55; Maatewos 26:59-60). Wangeelli Maatewos akka diinonni Yesus “ragoolee sobduu” irraa ragaa sobaa akka barbaadaa turan argisiisa. Jalqabuna isaa iyyuu himati Yesus irratti dhi’aate dhugaa irraa kan fagaatee dha,

2. «Gara(boodaatti)garuunamoonni lamadhufanii,“Namichi kun,‘Ani manaqulqullummaa Waaqayyoo jigsee guyyaa sadiitti ijaaruu nan danda'a’ jedheera” jedhan»(Maatewos 26:60-61; Maarqos 14:57-58). Kun dubbii Yesus gar-malee hiikuudhaan kan dhihaatee dha (Yohannis 2:19-22). Yohannis 2:21 mul’inatti ibsee akkas jedha; “Yesus garuu waa'ee mana qulqullummaa yommuu dubbate waa'ee dhagna ofii isaa dubbachuu isaa ti.” Yesus yommuu du’aa ka’e sirriitti isuma kana raawwate. Jecha ragooleetiif akka Yesus deebii kennuuf Qayyaafaan Isa gaafateera (Maatewos 26:62; Maarqos 14:60). “Yesus garuu calluma jedhe” (Maatewos 26:63; Maarqos 14:61)

3. Isa booda Qayyaafaan Yesusiin, “Hadaraa Waaqayyoo isa jiraataa ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo yoo taate nutti himi!” jedheen(Maatewos26:63). “Yesus immoo, ‘Ani isa; ilmi namaa mirga isa aango-qabeessaa taa'ee duumessoota waaqaa keessas utuu dhufuu arguuf jirtu’ jedheen” (Maarqos 14:62). “Ani Isa” jechuun Yesus Isa Waaqayyo ofii Isaa ittiin saba Israa’elitti mul’isee wajjin tokko akka ta’e Qayyaafaan in hubate (Ba’uu 3:14). Yesus guyyaa isa dhumaatti murtii kennuudhaaf akka dhufu itti himee, Qayyaafaa fi

yaa’icha akeekkachiise. Ammas Qayyaafaan dubbiin Yesus Faarfannaa 110 fi Daani’eel 7:13-14 keessatti kan barreeffame akka raawwatamu abdachiisu akka ta’e hubate.

4. Qayyaafaan wanta argachuuf barbaadaa ture sirriitti argateera. Yesus Masiihicha, Fayyisaa Isa abdiidhaan eeggatamaa ture, Kristos Ilma Waaqayyoo ta’uu Isaa Qayyaafaan waan hin amanneef, akka waan Yesus Waaqayyoon arrabseetti, maqaa Waaqayyoo gar-malee akka itti fayyadamee fi akka waan arrabseetti lakkaa’e. Naasuu isaa ibsuudhaafis Qayyaafaan uffata isaa tarsaase (Maatewos 26:65; Maarqos 14:63). “Maal isinitti fakkaata” jedhee yaa’icha gaafate (Maatewos 26:66; Maarqos 14:64). “Isaan immoo, ‘Ajjeefamuun isaaf in ta'a’ jedhanii deebisan” (Maatewos 26:66; Maarqos 14:64). Isa booda fuula Yesusitti tufan; itti kolfan; fuula Isaa itti aguugan; itti ga’isan; in reeban (Maatewos 26:67-68; Maarqos 14:65). Yesusiin ajjeesuudhaaf aangoo waan hin qabneef Qayyaafaan gara namicha Roomaa isa Yihudaa bulchuu, gara Philaaxoos Phenxenichaatti Isa erge; yeroo sana Jimaata ganamatti bari’ee ifeera.

5. Loltoonnii fi hirmaattonni yaa’ii Qayyaafaa bira turan Philaaxosiin haasofsiisuudhaaf Yesusii wajjin dhaqan. Yihudoonni akka hin xuroofneef mana mootummaa ala isaa dhaabatanii in eegu turan (Yohannis 18:28). Philaaxos isaanitti orma waan tureef Yihudoonni gara mana isaatti ol hin lixan; sababiin isaas yeroon sun Ayyaana Faasikaa waan tureef, irbaata ayyaanichaa nyaachuu akka danda’aniif Yihudoonni qullaa’ummaa isaanii eeggachuu barbaadu. Kanaaf Philaaxos gara isaanitti gadi ba’ee alatti isaan gaafate; “’Wanti isinnamichakanaittiinhadheessitanmaali?’jedheen”(Yohannis 18:29).Yaa’ichi Yesusiin himachuu jalqabe, «“Namni kun saba keenya karaa irraa kaachisuu isaa, mootii warra Roomaatiif gibira baasuun hin ta'u jedhee ittisuu isaa, ‘ani Kristos mootii dha’ ofiin jechuu isaa qorree bira geenyeerra” jedhanii isa hadheessuutti ka'an» (Luqaas 23:2). Sabichis Philaaxosiin, “Kun barsiisa isaatiin biyya Yihudaa hundumaatti Galiilaadhaa jalqabee hamma asiitti iyyuu saba keenya raase” jedhan(Luqaas 23:5). Kutaan biyya Galiilaa immoo bulchiinsa Herodis jala malee, bulchiinsa Philaaxos jala hin turre, Philaaxos nama qulqulluu sanatti murtii du’aa murteessuun waan isatti hin tolleef karaa ittiin jalaa ba’u barbaaddate. Kanaaf Philaaxos gara Herodisitti Isa erge; “Herodis immoo yeroo sanatti Yerusaalem ture” (Luqaas 23:7). Yeroon Yesus Herodis bira ture gabaabaa ture. “Herodis gaaffii baay'ee Yesusitti dhi'eesse, inni garuu homaa iyyuu hin deebifneef” (Luqaas 23:9). “Herodis immoo loltuu isaa wajjin erga isa salphisee itti ga'isees (booda), uffata calaqqisaa itti uffisee Philaaxositti deebisee erge” (Luqaas 23:11).

6. Yommuu Yesus deebi’ee dhufetti Philaaxos, “‘Sii mootiin Yihudootaa?’ jedhee isa gaafateYesus immoo deebisee, ‘Situ akkas jedha’ jedheen”(Maatewos 27:11; Maarqos 15:2). Philaaxos yommuus, himata isa kaan hundumaa irra caalaa guddaa yaachisaa dha jedhee yaade, isa Yesus akka Mootii ta’e dubbate irratti xiyyeeffate. Yesus Philaaxosiin, “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti” jedhe (Yohannis

18:36). Itti fufees Yesus Philaaxosiin, “Akka ani mootii ta'e ati iyyuu in jetta, dhugaadhaaf dhugaa ba'uufan dhaladhe, kanumaafanis gara biyya lafaa dhufe; inni kan dhugaa ta'e hundinuus, sagalee koo in dhaga'a” jedhe(Yohannis 18:37). “Dhugaan maali?” jedhee gaafachuu qofaadhaan Philaaxos Yesusiin baruudhaaf carraa argate utuu itti hin fayyadamin darbe. Isa dhiisee Philaaxos, “gara warra Yihudootaatti gad ba'ee, “Ani dabaa tokko illee isa irratti hin argu” jedhe (Yohannis 18:38).

7. “Bulchaan biyyaa ayyaana Faasiikaatti warra hidhaman keessaa, namuma isaan gad nuuf dhiisi jedhan tokko, gaddhiisuu amalagodhateeture.Yeroosanatti Barabbaa kanjedhamu, namni dira'ina isaatiin beekame tokko hidhamee ture” (Maatewos 27:15-16). “Barabbaan immoo goolii mandarichatti ta'e keessaa waan qabuuf gumaadhaaf hidhame” (Luqaas 23:19). “Yommuu jarri walitti qabamanis Philaaxos, ‘Eenyuun akkan isiniif gad dhiisu barbaaddu? Barabbaa moo yookiin Yesus isa Kristos jedhamu?’ isaaniin jedhe” (Maatewos 27:17). “Luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni garuu, Barabbaa gad nuuf dhiisi, Yesusin immoo balleessi jedhanii, Philaaxosiin akka kadhataniif namoota tole jechisiisan” (Maatewos 27:20). “Bulchaan biyyaa immoo, ‘Isaan lamaan keessaa eenyuun akkan gad isiniif dhiisu barbaaddu?’ jedhee isaan gaafate” (Maatewos 27:21). Isaan immoo “Barabbaa gad nuuf dhiisi!” jedhan.” “Philaaxos, ‘Egaa Yesus isa Kristos jedhamu immoo maal godhu ree?’ jedhee isaan gaafate; yommus hundumti isaanii, ‘Haa fannifamu!’ jedhan” (Maatewos 27:22; Maarqos 15:13). “Philaaxos immoo, ‘Maaliif? Maal balleesse?’ isaaniin jedhe; isaan garuu, ‘Isa fannisi!’ jedhanii ittuma caalchisanii iyyan” (Maarqos 15:14).

8. “Philaaxos immoo caalaatti waca kaasuu malee homaa akka waa'ee hin baafne yommuu arge, bishaan fudhatee, namoota duratti harka isaa dhiqatee, ‘Ani dhiiga nama kanaa irratti yakka hin qabu, isin beekkadhaa!’ jedhe. Kana irratti namoonni hundinuu, ‘Dhiigni isaa nu irraa, ijoollee keenya irraas haa barbaadamu!’ jedhanii deebisaniif. Philaaxos ergasii Barabbaagadisaaniifdhiisee,Yesusinimmooreebsiseeakkafannifamuufdabarseekenne” (Maatewos 27:24-26).

9. Isa booda loltoonni Philaaxos Yesusiin gara mana Philaaxositti geessan. “Yommus loltoonni bulchaa biyyaa, Yesusin gara mana mootummaatti geessanii, kutata loltuu sana keessaa warra hafan isatti dachaasan. Isaan wayyaa irraa baasanii, uffata bildiimaa itti uffisan. Gonfoo qoraattii hojjetanii mataa isaa irra kaa'anii, ulees harka isaa mirgaatiin qabachiisan. Isa durattis jilbeenfatanii, “Attam ree, yaa mootii Yihudootaa!” jedhanii itti ga'isan. Isatti tufanii, ulicha fuudhanii ittiin mataa isaa rurrukutan. Erga itti ga'isanii boodaimmoo, uffata sana irraa baasanii, wayyaa isaa deebisanii itti uffisan; kana boodas fannisuudhaaf isa geessan” (Maatewos 27:27-31; Maarqos 15:16-20; Yohannis 19:1-3).

10. Qophee barumsaa jalqabuu kee dura jechoota kanatti fufanii jiran irratti yaadi. Jaalala Isaa isa adda ta’en faarfadha. Jaalala Isaa isa adda ta’en faarfadha.

Fayyisaan koo na jaallateera;

Warra jaalala hin qabne jaallatee, jaalala itti argisiise.

Ani eenyu kan Gooftaan koo sababii koof foon dadhabaa fudhatee du’e?

Ana fayyisuudhaaf teessoo Isaa isa eebbaan guutuu dhiisee dhufe;

Namoonni keessummaa Isa taasisan; warra dhufaatii Kristos eeggachaa turan keessaa illee tokko iyyuu Isa hin barre.

Garuu, Inni michuu koo, michuu dhugaa koo, Isa hir’ina kootti jireenya anaaf keennuudhaaf lubbuu Isaa kennee dha.

Yeroo tokko tokko karaa Isaa irra uffata isaanii afu; galata mi’aahus Isaaf faarfatu; Guuyyaa guutuus Hoosaanaa jedhaniiMootii isaanii faarfatu.

Isa booda immoo “Fannisi!” jedhanii du’a Isaa dheebotanii humna isaanii guutuudhaan iyyu.

Maali, Gooftaan koo maal balleesse? Maaltu akkas isaan aarse, hamaa isaan hojjechiise? Naafti fayyee akka fiigu taasise; jaamaadhaaf agartuu deebise. Miidhamaadhaaf gaarii godhe! Isaan garuu itti hin gammadne; gaarummattis hin lakkoofne.

Isaan irratti ka’anii Gooftaa koo baleessan; nama gumaa oolchanii, Mooticha Jireenyaa gorra’an. Isaan kanattii akka bilisa ta’aniif Inni gammachuudhaan gara dhiphinaa dhaqe. Barumsa dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:“Yesus nu jaallata” (Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Gocha sochiin argisiifamu:-Wanta ta’uu qabu yookiin hin qabne

Akka ijoolleen marsaadhaantaa’an taasisi.Haalota tokko tokko kanatti fufeen isiniif dubbisa isaaniin jedhi. Wanti haalicha keessatti ta’e yoo wanta ta’uu qabuu dha ta’e in dhaabattu. Wanti haalicha keessatti ta’e yoo wanta ta’uun irra hin jirree dha jettanii yaaddan immoo akkuma teessanitti turtu. Tokkoo tokkoo haalichaa dubbisi; gidduutti akka ijoolleen deebii kennaniif yeroo kenniif. Yeroo tokkoon tokkoon isaa dubbisamu akka ijoolleen taa’an mirkaneeffadhu.

1. Marartuun utuu haadha ishee hin gaafatin mi’eessituu nyaatte. Kun waan ta’uu qabuudha moo miti? Akka ijoolleen deebisan taasisi. Baay’een isaanii Marartuun dursitee mi’eessituu nyaachuun ishee akka sirrii ta’etti yaaduu danda’u.

2. Obsaan horgoggeewwan isaa gorduuba walakkaatti bittimsa. Hiriyaa isaatii wajjin tapha adeemuu isaanii dura, abbaan isaa akka inni horgaggeewwan sana lafaa fuudhee achi butee kaa’uisaabboome.Kunwantata’uuqabuudhamoomiti?Baay’eenisaanii akkainni wanta

ta’uu qabu ta’etti yaaduu danda’u. Horgoggeewwan akka nama hin gufachiifnetti achi butamanii kaa’amuu qabu; gorduubni qulqulluu ta’uu qaba.

3. Yesus in reebame; in rukutame; itti tufame; itti ga’isame; sababii cubbuu keessaniif jedhee fannoo irratti rarraafamee akka du’uuf ergame. Kun wanta ta’uu qabuu dha moo, miti? Akka ijoolleen deebisaniif yeroo kenniif. Hundumti isaanii akka inni ta’uu hin qabneetti yaadu jennee abdanna.

Yommuu haala lakkoofsa sadii irra jiru irratti mariyattan akkas jedhi:- Yesus mudaa hin qabu; yoom iyyuu dogoggora tokko illee hin qabu. Maaliif adabame? (Kun akeeka Waaqayyo ittiin nu fayyisuudhaaf qaba ture akka ta’e ijoollee yaadachiisi.)

Barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu kanatti fufnee barannu keessatti wantoota ta’uun irra hin turre Yesus irratti kanraawwatamanilaalla.Yesus garuu guddaawaannujaallatuufwantoonni Isairratti ta’uun irra hin turre hundumtuu akka Isa irratti raawwatamaniif eyyame; cubbuu keenyattii akka fayyinuuf wantoota baay’ee akka Isa irratti ta’aniif Yesus eyyame sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:“Irreen Gooftaa fayyisaadha” (Lakkoofsa 16) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1:- Macaafa barsiisa “Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” jedhu keessaa “Yesus Angafa Lubootaa fi Philaaxos Duratti” isa jedhu yommuu isaaniif dubbistu calchisanii akka dhaggeeffatan taasisuuf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadami.

Filmaata 2:-Yommuu oduu kana ijoolleetti himtu fakkiilee kanaa gaditti argaman itti fayyadamuudhaaf waraabbii isaanii qopheessi. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana yommuu itti himtu bakka barbaachisaa ta’etti ol kaaftee argisiisuudhaaf akka isaan sirriitti arguu dada’aniif fakkiilee sana guddisi.

Ijoollee wajjin marsaadhaan taa’aa. Fakkiilee sana fuula dura gadi gara galchii lafa kaa’i. Akka lakkoofsa isaaniitti tartiiba seenaa isaaniitiin kaa’i. Fakkii lakkofsa tokko irraan kaa’i.

Waa’ee loltoota warra Roomaa yommuu dubbattu jalqaba seenaa Macaafa Qulqulluu sana irratti gaachanaa fi eeboo argisiisi. Jechoota “Ani Isa” jedhan seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessatti bakka itti Yesus jechoota kana angafa lubootaatti dubbatetti argisiisi.

Bakka Yesus itti Mootii ta’uu Isaa dubbatetti gonfoo argisiisi.

Bakka sabni “Fannisi!” jedhanii iyyanitti fakkii fannoo argisiisi.

Bakka loltoonni mataa Yesus irra isa kaa’anitti fakkii gonfoo qoraattii argisiisi.

Bakka Philaaxos murtii Yesus irratti murteesse irraa walaba ta’uu isaa argisiisuudhaaf harka dhiqatetti, fakkii xuwwee bishaan baatuu argisiisi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Angafti lubootaa maaliif Yesusiin gara Philaaxositti erge? (Angafti lubootaaYesusakkaajjeefamuufajajakennuuwaanhindandeenyeefgara Philaaxositti Isa erge. Naannoo sanatti bulchaa Mootummaa Roomaa isa ture Philaaxos qofatu murtii kana kennuu danda’a ture.)

2. Loltoonni sun Yesusiin attamitti gidirsan? (Loltoonni sun Yesusiin itti tufan; itti ga’isan; in rukutan; gonfoo qoraattii mataa Isaatti diran. Fannisuufis geessan.)

Sochii hojjechuudhaan keessa deebi’uu:- Fakkii keessa deebii

Ijoolleen sitti marsanii akka taa’an taasisi. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana ijoolleetti himuudhaaf filmaatalamakeessaafakkiileeja’antokkotokkoonittiargisiisi.Yommuuatitokkootokkoofakkii itti argisiistu seenaaMacaafa Qulqulluusanairratti dhugaainni isaanyaadachiisu gareedhaan akka sitti himan gaafadhu.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: fedhii Waaqayyoo duukaa bu’uu

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Akka loltoonni sun Isa hidhan, akka Isa miidhan, akka itti ga’isanii fifannisuufis Isageessaniif Yesus maaliifeyyameef? (Yesus wantoonni sodaachisoon kun hundumtuu akka Isa irratti raawwatamaniif kan eyyameef, karaa tokkicha isa nuyi ittiin cubbuu keenyattii fayyinu kan ittiin raawwatamu ta’uu isaa ijoolleen hubachuu isaanii mirkaneeffadhu. Yesus sababii cubbuu keenyaatiif yommuu adabame, dhiigee fi du’e, fannoo irratti du’uun Isaa gocha isa xumuraa fayyina keenyaaf raawwatamu ture.) Yesus eenyuun fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe?

Yesus guddaa si jaallata. Utuudhuma biyya lafaa kana keessaa namni cubbuu hojjetu si qofa ta’ee iyyuu, Yeus si fayyisuudhaaf lubbuu Isaa in kenna. Yesus siif jedhee gara biyya lafaa dhufe. Wanti karaa fannoo irratti Isa irra ga’e hundumtuu sababii keetiifi.

Marsaa sana keessaa gara mucaa mirga kee jiruutti garagalii, (maqaa isaa waamiitii) “kan Yesus dhiphina fudhateef, kan Inni du’ee fi du’aa ka’eef siif jedhee ti” jedhiin. Amma immoo akka mucaan sun gara isa/ishee mirga isaa jiru/tu akka garagalu itti himi. Mucaa isa duraa wajjin ta’iitii, mucaa isa haaraa (maqaadhaan waamii) “kan Yesus dhiphina fudhateef, kan Inni du’ee fi du’aa ka’eef siif jedhee ti” jedhaa. Amma immoo sadanuun keessan mucaa isa itti fufee jirutti

dubbiidhuma sana walii wajjin itti himaa. Akkuma kanatti marsaa sana waliin ga’aa. Yeroo nama isa itti aanutti dubbicha himan hundumaatti nama tokko tokkotu garee sanatti dabalamee dubbata. Yommuu marsaa sana keessaa mucaa isa dhumaa bira geessan dubbii kana hunduma keessantu isatti dubbata. Isa booda akka ijoolleen walii wajjin dubbicha sitti himan taasisi.

Kadhannaadhaaf harkawwan keessan walitti qabadhaa. Ijoolleen tokkoo tokkoo himoota kadhannaa kanatti fufanii jiran si booda irra deebi’anii haa jedhan.

Yaa jaallatamaa Yesus, waa’ee jaalala keetiif Si galateeffanna. Nu fayyisuudhaaf gara biyya lafaa waan dhufteef galanni Siif haa ta’u. Yaa Yesus Si jaallanna. Ameen.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu sammuutti qabatamu:-«Dubbiin, “Kristos Yesus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe” jedhu, amanamaa dha; guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf» (1Ximotewos 1:15).

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Macaafa Qulqulluu kee banadhu. Akkuma banatteenis akkas jedhi;Macaafni Qulqulluun Yesus maaliif gara biyya lafaa akka dhufe dhugaa isaa nutti hima. Macaafni Qulqulluun akkas jedha. «Dubbiin, “Kristos Yesus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe” jedhu, amanamaa dha; guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf.»Wanti tokko amanamaa dha yoo ta’e dhugaa dha jechuu dha. Yesus gara biyya lafaa kan dhufeef cubbamoota fayyisuudhaaf akka ta’e amanuu in dandeenya. Sababiin isaa Waaqayyo Dubbii Isaa isa dhugaa, Macaafa Qulqulluudhaan nutti himeera. Mee luqqisii Macaafa Qulqulluu kana haa shaakallu. Ijoollee xixinnoo ta’an luqqisicha gara jalqabaa qofa shaakalsiisi; “Kristos Yesus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe”. Akka ijoolleen yaadataniif sochiwwan harkaa kana jechoota luqqisichaa wajjin qayyabachiisi.

Dubbadhu Hojjedhu

Kristos Yesus Quba argisiistuu ol qabi. cubbamoota fayyisuudhaaf Qubeetii argisiistuutiin fannoo tolchi, gara ofii keetti argisiisi. gara biyya lafaa dhufe Harkawwan kee lamaaniin geengoo tolchi.

Ijoollee gurguddoodhaaf, luqqisicha kutaa lammaffaa bakka lamatti qoodi: amanamaa dha/guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf. Akka ijoolleen tokkoo tokkoo kutaa luqisichaa si harkaa fudhatanii yeroo baay’eedhaaf irra deddeebi’anii jedhan taasisi.Itti fufii guutummaa

luqqisichaa jechisiisi. Itti fufuudhaan sochii harkaa isa ijoollee xixinnoo barsiiste akka ijoollee gurguddoonni kutaa isa lammaffaa shaakalan taasisi.

Faarfannaa(noota):Yesus nu jaallata (Lakkoofsa 38)isa jedhu faarfadhaa.

Hojii harkaa:- Fakkii “Yesus anaaf gara biyya lafaa dhufe” fakkii qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kan sarara ciccittuutiin qophaa’e keessaa, kan barumsa 53ffaawaraabbii isaa tokkoo tokkoo ijoolleetiif kenni. Ijoolleen kobbii halluu akka diban itti himi. Yommuu isaan xumuran, lapheen Yesus qabate inni fannoo qabu maal akka argisiisu mariyadhaa. Akkas jedhi; Yesus guddaa isin jaallata; kanaaf laphee keessan cubbuuttii qulleessuu fi jireenya bara baraa isa haaraa isiniif kennuudhaaf fannoo irratti du’e. Yeroo cuuphamtan, nama Yesus fayyise ta’uu keessan argisiisuudhaaf Lubni mallattoo fannoo adda keessanii fi laphee keessan irratti hojjete.

Gara dhumaatti hima kanatti fufee jiru akka tokkoon tokkoon ijoolleen bakka duwwaa irratti maqaa ofii isaanii galchanii tokko tokkoon dubbisan taasisi. Yesus _____________ dhufe.

Barumsa isa itti aanu keessatti itti fayyadamuudhaaf fakkii sana ijoollee harkaa deebisii walitti qabi.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa gara dhuma macaafa qajeelfamaa kana irra jiru kadhadhu.

Barumsa 54

Du’uu Yesus

(Maatewos27:32-66; Maarqos 15:21-47; Luqaas 23:26-56; Yohannis 19:16-42)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 135-136

Dhugaa Ijoo

Yesus fannoo irratti du’uu Isaatiin cubbuu namoota addunyaa kana irra jiraatan hundumaaf gatii Waaqayyoof baasuun barbaachisu hundumaa baase.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Yesus fannoo irratti du’uun Isaa gatii namoonni sababii cubbuu isaaniitiif Waaqayyoof baasuun irra ture ofii Isaatii baasuudhaaf akka ta’e inBEEKU.

• Jaalala Inni isaaniif qabu irraa kan ka’e Yesusiin jaallachuutti in GUDDATU

• Isatti amanudhaan dhiifamuu cubbuu fi jireenya bara baraa akka argataniif Yesus lubbuu Isaa kennuu Isaatiif Isa galateeffachaa inJIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

Dubbiin Waaqayyo akkas jedha, «Inni hundumaaf du'eera» (2Qorontos 5:15).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf barbaachisan)

1. Tokkoo tokkoo barataatiif waraqaa dhiilgee yookiin adii qopheessiif. “Seensa Macaafa

Qulqulluu” kanaa ilaali.

2. Horgoggeewwan barumsa 54ffaa qopheeffaman waraabbii taasisi.Fakkii horgoggeewwan sanaabocaisaaniitiin murii baasiitii halluukobbiidibi.Tokkootokkoo horgoggichaamuka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi. Seenaan Macaafa Qulqulluu har’aa kun guddaa gaddisiisaa waan ta’eef har’a dhugaawwan seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessa deebi’uu qofaadhaaf itti fayyadami.

3. Hojii harkaa barumsa kanaaf tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraqaa adii walitti qabi. Tokkoo tokkoo waraqatichaadalgatti naannessi.Tokkootokkoowaraqatichaagarabitaatiin goodaa fi gararraatiin uri; fakkii akka fakkeenyaatti kenname ilaali.

4. Hojii harkaa barumsa kana keessatti itti fayyadamuudhaaf fo’aa qalloo santiimeetira 15 ta’u lama qopheessi.

Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu kana jireenya barattootaa wajjin wal-fudhachiisuudhaaf fakkiiwwan ijoolleen barumsa 53 keessatti hojjetan “Yesus anaaf dhufe” jedhu qabadhu. Itti dabalees fakkii maqaan keeirratti barreeffameofii keetiifqopheeffadhu.“DhugaaSeenaaMacaafa Qulqulluu kana jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu” kan jedhu ilaali.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

(Maatewos 27:32-66; Maarqos 15:21-47; Luqaas 23:26-56; Yohannis 19: 16-42)dubbisi.

1. Loltoonni yommuu Yesusiin gara bakka itti Isa fannisanitti geessan “nama biyya Qareenaa Simi'oon isa jedhamu tokko argatanii, fannoo Yesus akka baatuuf isa giddisiisan” (Maatewos 27:32; Maarqos 15:21; Luqaas 23:26). Yesus fannoo ofii Isaa badhatee adeema ture (Yohannis 19:17). Garuu reebichaa fi gidirfamuudhaan miidhameera waan ta’eef gargaarsi Isa barbaachise. Qaamni fannoo isaan baatanii turan isa dalgaa ture. Inni lafa dhaabatu immoo bakka itti fannisanitti dursee dhaabamee ture. Qaamni fannichaa inni isaan baatan sun akka kilo-giraama 15-20 ulfaata. Simoon Kaaba Afiriikaa, Liibiyaa keessatti kan argamu magaalaa beekamaa Qareenaa jedhamu irraa dhufe. Qareenaan magaalaa Yihudoonni hedduun keessatti argaman ture. Kan Simoon Yesusaalemitti argameef Ayyaana Faasikaa ayyaanesuuf dhaqee ti ta’uu danda’a.

2. Loltoonni sun Yesusii fi Simooniin afaan Aramaayikiitti Golgootaa bakka jedhamutti geessan. Golgootaa jechuun “Iddoo lafee mataa” jechuu dha(Maarqos 15:22; Luqaas 23:33; Yohannis 19: 17). Maaqaan iddoo sanaa afaan Laatiiniitti Qaraaniyoo jedhama. Wangeelonnikanahinbarreessinyoota’eiyyuu,iddoosanalafagaarasanairrajiruuwajjin wal qabsiisaniiru. Sababiin iddichi Golgootaa jedhameef, naannoo sana gaarri xinnoo lafee mataa fakkaatu waan jiruuf, yookiin murtiin du’aa hedduun bakka itti raawwatu waan ta’eef ta’uu danda’a. “Saba sana keessaa namoonni danuun isa duukaa turan; isaan keessaa dubartoonni immoo qoma isaanii rukutachaa boo'aafii turan” (Luqaas 23:27). Ganama sa’atii 3:00 tti tokkoo tokkoo dachaafattuu harka Isaa irra cinqaara tokko tokkoon cinqaaranii muka fannichaatti waqaran. Yoo barruu harkaa keessa ta’e gad dhiisee, yookiin tarsa’ee akka Inni kufu taasisuu waan danda’uuf bakka caalchisee deggeree qabuu danda’u irra cinqaaran. Cinqaara gulubii Isaa keessa darbuu danda’uun immoo miilla Yesus lamaan fannichatti waqaran. Namni fannootti rarraafame kan du’u yommuu dhangala’aan somba isaa keessa guutu hafuura baafachuu dadhabee ti. Duuti fannoo irrattii karaa jabina addaatii fi akka namni sun dhiphinaan du’u kan taasifamuu dha. Yoo namichi utuu hin du’in yeroo dheera ture immoo miilla isaa cabsuudhaan akka inni du’u taasifama. Namoota yakka hojjetan lama, tokko gara mirgaa, tokkoo immoo gara bitaa Yesusitti fannisan (Luqaas 23:33; Yohannis 19:18).

3. «Philaaxos yommus waan ittiin beeksisu tokko caafee, mataa fannoo isaatiitti maxxanse; caaffatichis, “Yesus nama biyya Naazireet, mooticha Yihudootaa” kan jedhu ture. Iddoon itti Yesus fannifame mandarichatti dhi'oo waan tureef, caaffata beeksisaa sana Yihudoota keessaa baay'eetu dubbise; inni afaan Ibraayisxiitti, afaan warra Roomaatti, afaan warra Giriikiittis caafamee ture. Yommus luboonni warri angafoonni Yihudootaa Philaaxosiin,

“Namicha kanatu ‘Ani mootii Yihudootaa ti’ jedhe, jedhi malee, ‘Mooticha warra Yihudootaa’jetteehin caafin!”jedhan.Philaaxos garuudeebisee,“Waanancaafe caafeera” jedhe» (Yohannis 19:19-22). Luboonni sun hamma dhumaatti Yesusiin loluu itti fufan.

4. Yesus garuu, “Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o isaaniif dhiisi!” jedhe (Luqaas 23:34). “Yesusin erga fannisaniis warri loltuu, wayyaa isaa fudhatanii, tokko tokko akka isaan ga'utti iddoo afuritti hirmaatan; kittaan isaa garuu olii hamma gadiitti dha'aa tokkichaan ba'e malee, hodhaa hin qabu ture.” (Yohannis 19:23). Qabeenyi isa ajjeefamuu yoo wajjin jira ta’e warra ajjeesutu fudhata. «Kanaafis, “Kottaa kittaa kana hin tarsaafnu, mukaitti buufannee abbaainni ba'uufilaalla!” waliin jedhan» (Yohannis 19:24).Loltoonni sun yommuu uffati Yesus eenyuuf akka ba’u baruudhaaf carraa itti buufatan, raajii Kakuu Moofaa keessatti dubbatame raawwachaa turan. Raajichis Faarfannaa 22:17 keessatti argama. Akkasis jedha; “Wayyaa koo hirmaatanii, uffata koottis muka buufatan.”

5. Yommuu Yesus fannoo irra ture namoonni sagalee guddaadhaan in arrabsan. «Warri loltuus immoo itti ga'isaa, daadhii waynii dhangaggaa'e kennaniifii, “Yoo dhuguma mooticha Yihudootaa taate, ofii kee oolchi!” jedhaniin. Warra hamaa godhanii achitti fannifaman lamaan keessaa inni tokko, “Ati Kristos isa abdachiifame miti moo? Egaa'oo of oolchi, nuunis oolchi!” jedhee Isa arrabse. Inni kaan garuu isa ifatee, “Namana, akkuma isaa firdiidhaan dhiphachaa utuu jirtuu Waaqayyoon illee hin sodaattu moo? Nuyi qajeeltootti nutti faradamee hojii keenya nyaanne; inni kun garuu homaa hin yakkine!” jedheen. Yesusiin immoo, “Yaa Yesus, mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu!”jedhe. Yesus immoo, “Dhugumansitti hima,har'aanaa wajjin jannatakeessatti in argamta” jedheen»(Luqaas 23:36-37, 39-43). Muddama Isaa hundumaa keessatti Yesus oo’a argisiise; kanneen barbaadaniif immoo kunuunsa godheef.

6. Haati Yesus, obboleettiin ishee, Maariyaam haati manaa Qaliyophaa fi Maariyaam isheen Magidallaa fannoo Yesus bira dhaabatanii turan. Bartichi Yohannisis itti dhihaatee dhaabatee ture. «Yesus yeroo sanatti haadha Isaa, bartuu isa inni jaallates ishee (bira) utuu dhaabatuu argee, haadha Isaatiin, “Haadha ko, ilaa ilma kee!” jedhe. Ergasii bartuu sanaan immoo, “Ilaa haadha kee!” jedhe; bartichi yeroo sanaa jalqabee gara mana ofii isaatti ishee fudhate» (Yohannis 19:26-27).

7. Gaafa Jimaataa sa’atii 6:00 hamma 9:00 tti «biiftuun ifa ishee waan dhabdeef, hamma sa'aatii salgaffaatti dukkanni lafa hundumaa irra ture» (Luqaas 23:44). Naanoo sa’atii 9:00 tti Yesus sagalee guddaadhaan, “Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?” jedhee iyye (Maatewos 27:46). Jechoota qofummaa kanaani Yesus dhiphinni Isaa guddaa itti caale. Akkuma kun nu irratti akka hin taaneef nu abdachiise, Waaqayyo dhiphina keenya Isa irra kaa’ee akka Yesus qofaa Isa dhiphinicha fudhatuuf gonkumaa Isa dhiise (Iyaasuu 1:5). «Yesus amma wanti hundinuu fiixaan ba'uu isaa beekee, dubbii macaafaa fiixaan baasuudhaaf, “Nan dheebodhe” jedhe. Qodaan daadhiin waynii dhangaggaa'aan keessa guute tokko achi in dhaabata ture; daadhii dhangaggaa'aa sanas, waan akka cumaa buqqee

hadhaa'aa isa bishaan dhagnatti xuuxu tokkotti guutanii, hanxaxii hisoophiitti kaa'anii afaan Yesusitti qaban. Yesus daadhii dhangaggaa'aa sana erga afaaniin qabee booda, “Fiixaan ba'eera” jedhe; mataa isaas jal'isee hafuura isaa kenne» (Yohannis 19:28-30).

8. Yeroo Yesus du’e «golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa'e» (Maatewos 27:51; Maarqos 15:38). Golgichi isa mana qulqullumma keessaa iddoo isa qulqulluu fi qulqulluu qulqullootaa kan gargar hiru ture. Kun akka Yesus akka amantoonni kallattiidhaan fuula Waaqayyoo duratti dhihaachuu danda’an tasisuu Isaa argisiisa (Ibrota 9:12; 10:19-20). «Kunoo, golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa'e, lafti in socho'e, kattaawwanis in dadayya'an. Awwaalonnis immoo banamanii, warri qulqulloonni dur du'an in kaafaman. Isaanis awwaalota keessaa ba'anii, du'aa ka'uu Yesus booda Yerusaalem mandara qulqullaa'aatti lixanii namoota baay'eetti mul'atan. Angafni dhibbaa fi namoonni isaa wajjin Yesusin eegaa turan, socho'a lafaa, waan yeroo sana ta'e hundumaas yommuu argan guddaa sodaatanii, “Namni kun dhuguma ilma Waaqayyoo ture” jedhan»(Maatewos 27:51-54)

9. Guyyichi dhihuu jalqabe; kanaaf duuka-buutonni Isaa warri amanamoon utuu Sanbati itti hin seenin dafanii awwaaluun akka irra jiru hubatan. «Yommuu galgalaa'e sooressi mandara Armaatiyaa, Yoseef jedhamu tokko dhufe; namichi kun ofuma isaatii bartuu Yesus ta'eera. Inni Philaaxos bira dhaqee, reeffa Yesus kadhate; kana irratti Philaaxos akka kennamuuf in abboome. Yommus Yoseef reefficha fuudhee, wayyaa harrii quncee talbaa irraa dha'ameen kafanee, awwaala isa reefuu ofii isaatiif garaa dhagaa keessatti tolfate keessakaa'e; dhagaaguddaas garabalbalaawwaalichaatti gangalchee,adeeme.Maariyaam isheenMagdalaa, Maariyaam isheenkaanis fuullee awwaalichaa in taa'uturan»(Maatewos 27:57-61; Maarqos 15:42-47; Luqaas 23:50-54; Yohannis 19:38-42). Wangeelli Yohannis namichi Niqoodiimos jedhamu Yosefiin akka gargaare dubbata. Niqoodemos waliin makaa qumbii fi sabirii naxirii dhibba tokko kan ta'u fuudhee iddoo sana dhaqe. Namoonni sun lamaan reeffa Yesus fuudhanii akka amala awwaala Yihudootaatti, urgooftuu sanaa wajjin wayyaa quncee talbaa irraa hojjetameen kafanan. «Dubartoonni Galiilaadhaa Yesus duukaa bu'an sun Yoseefii wajjin dhaqanii, iddoo awwaalichaa akkasumas akka itti reeffi isaa kaa'ame hubatan. Achumaa deebi'anii immoo waan ittiin reeffa isaa sukkuuman urgooftuudhaa fi dibata qopheessan; guyyaa Sanbataatti garuu akka seerri ajajutti in boqotan» (Luqaas 23:55-56). Dubartoonni sun warra sirna awwaalchaaf ta’uu qabu Yesusiif raawwachuudhaaf Sanbata Guddaa (Dilbata) ganama gara awwaalichaa dhaqanii dha. Isaan akka itti reeffa Yesus boollicha keessa kaa’an arganiiru. Gaafa ayyaana du’aa ka’uu isa jalqabaattis wanti isaan bakka awwaalichaatti argan dhugaan isa guddaa barbaachisaa dha.

10. Sanbata duraa ganama angafoonni lubootaa fi Fariisonni gara Philaaxos dhaqanii.

«“Gooftaa! Inni wallaalchifataan sun utuu jiruu, ‘Guyyaa sadii booda nan kaafama’ akka

inni jedhe yaadanneerra. Kanaafis awwaalichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamu, abboomi! Kun yoo ta'uu dhaabaate garuu bartoonni isaa dhufanii isa hatanii namootaan immoo, ‘Inni du'aa ka'eera’ in jedhu; wallaalchisuun inni gara dhumaa kun immoo isa duraa irra caalaa kan hammaatu in ta'a” jedhaniin» (Maatewos 27:62-64). Nammoonni

akka Yesus Masihicha ta’e beekuun isaan irra ture, akka waan Inni barsiisaa sobaa fi kan nama karaa irraa kaachisu ta’etti hubachuun isaanii guddaa nama gaddisiisa! Philaaxosis akka isaan loltoota warra Roomaa fudhatanii akka barbaadanitti eegsifatan itti hime. “Warra eegan fudhadhaa dhaqaatii akka beektanitti eegsifadhaa!” (Maatewos 27:65-66)

11. Seenaa du’aa ka’uu isa jalqabaa erga beeknee, akka Yesus du’ee hin hafin, garuu erga du’ee guyyaa sadaffaatti du’aa akka Inni ka’e in beekna. Seenaa barumsichaa ijoolleetti himtee erga xumurtee booda Yesus du’ee akka hin hafin beekuu isaanii mirkaneeffadhu

Gaafa du’aa ka’uu ganama wanta dinqisiisaatu ta’e!

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: “FannooYesusiin badiisa cubbuun oole” (Lakkoofsa 4) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Gocha sochiin argisiifamu:-Fannicha irratti

Akka ijoolleen naannoo keenyan kutichaa yookiin gabatee beeksisaatti gargalanii akka taa’an taasisi. Yoo iddoon akkasii dhibe immoo, sochicha kutaa keessaa bakka mijataa irratti hojjechuun in danda’ama.

Tokkoo tokkoo barataatiif waraqaa dhiilgee yookiin adii kenniif. Itti fufuudhaan akkas isaaniin jedhi:-Yeroon sun yeroo itti Yesus cubbuu guutummaa biyya lafaatiif jedhee fannoo irratti du’ee dha. Kunis kan ta’e Yerusaalemiin alatti bakka Golgootaa jedhamutti ture. Golgootaa jechuun “Iddoo lafee mataa” jechuu dha. Bakki sun bakka namoonni hedduun sababii yakka hojjetaniif itti du’an ture. Golgootaan bakka nama gammachiisu miti.

Barumsi seenaa Macaafa Qulqulluu kanaa, bakka haalonni sun itti raawwataman irratti akka xiyyeeffannuuf akka nu gargaaruuf, kanatti fufnee fannoo tokko hojjenna. Yommuu ani akka gara fuula duraatti dhuftaniif isin waamu, waraqaa keessan fiddanii dhuftu. Ijoollee sana tokko tokkoon gara ofii keetti waami. Ciccittuu pilaasteraa lama mariitii waraqaa sana fiixee isaa lamaanitti maxxansi. Isa booda waraqaa sana ittiin fannoo hojjechuudhaaf akka isaan keenyan irratti, yookiin bakka biraatti maxxansaniif gargaari. Qaama fannoo isa ol dhaabatu irraa jalqabaa. Isa booda isa dalgaas itti fufaa.

Yommuu fannoo hojjechuun sun xumuramu faarfannaa seenaa Macaafa Qulqulluu sanaatti isin geessu faarfadhaatii itti fufaa.

Faarfannaa: Dubbichi Waaqayyoo garaa keenya keessatti facaafameera

Seenaa Macaafa Qulqulluu himuu

Filmaata 1:-Jimaata gaafa Inni fannifame

Utuu seenicha itti himuu hin jalqabin duursii akkas jedhi; Yesus Jimaata ganama naannoo sa’atii sadiitti fannifame. Torban qulqulluu sana keessaa guyyaa Jimaata “Jimaataa gaarii” jennee waamna. Dhugaadhumatti Yesusiif guyyaa gaarii hin turre. Nuuf garuu Jimaati sun gaafa Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf jedhee karoora Waaqayyoo itti raawwatee dha waan ta’eef nuuf guyyaa gaarii dha. Yommuu Yesus fannoo irra ture maalfaatu akka ta’e baruudhaaf callisaatii sirriitti dhaggeeffadhaa.

Barumsi Seenaan Macaafa Qulqulluu har’aa kun baay’ee cimaa waan ta’eef, seenicha itti himuudhaaf horgoggeewwan yookiin do’ii yookiin sochii ittiin ibsamu fayyadamuu irra, Macaafa barsiisa“MacaafaSeenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee”jedhukeessaa “Du’uu Yesus” isa jedhu dubbisi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Yesus du’uu Isaa dura maal jedhe? (Yesus du’uu Isaa dura “In raawwatame” jedhe.) Kunis cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf Yesus wanta barbaachisaa ta’e hundumaa xumure jechuu dha.

2. Reeffa Yesus maal godhan? (Utuu Sanbati itti hin seenin namoonni Yesusiin jaallatan tokko tokko gara fannichaa dhufan. Reeffa Yesus fannoo irraa gadi buusanii boolla awwaalaa keessa kaa’an. Balbala awwaalichaas dhagaa guddaadhaan cufan.

Sochii hojjechuudhaan keessa deebi’uu:- Horgoggeetiin keessa deebii

Horgoggewwane barumsa 54 kanaaf qopheessite ijoolleef hiri. Isaan sitti marsanii akka taa’an taasisi. Tasgabbiidhaan dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu kana utuu deebisanii sitti himuutti jiranii fakkii isaanii akka isaan sosochoosan taasisi. Yesus maaliif gara biyya lafaa dhufe? jedhii ijoollee gaafadhu. (Yesus cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf dhufe.) Himuudhaaf filmaata lama keessaa fakkiilee ja’an tokko tokkoon itti argisiisi. Yommuu ati tokkoo tokkoo fakkii itti argisiistu seenaa Macaafa Qulqulluu sana irratti dhugaa inni isaan yaadachiisu gareedhaan akka sitti himan gaafadhu.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Yesus anaaf du’e.

Bakka itti atii fi barattoonni kee waraqaadhaan fannoo hojjettanitti ijoollee walitti qabi. Fakkii isa

“Yesus anaaf dhufe” jedhu kan isaan barumsa 53 keessatti hojjetanii turan ijoolleef kenni.Yesus yommuufannooirrattirarraafame,kankoofikankeessandabalateecubbuunamootahundumaatiif dhiphina fudhate. Yesus maaliif dhiphina fudhate? (Yesus jaalala guddaa nuuf qabu irraa kan ka’e dhiphina fudhate. Fayyisaa erguudhaaf isa Waaqayyo baroota hedduu dura Addaamii fi Hewaaniif karoorse xumure. Yesus Fayyisaa isa Waaqayyo akka erguuf dur abdachiisee dha.)

Xumura barumsa keenya darbe irratti fakkiin isin hojjetan jala isaatti kan barreeffame maal jedha?

(Yeroo barbaachisutti akka ijoolleen dubisan taasisi:- “Yesus kan dhufeef (maqaa tokkoo tokkoo isaanii galjanii)” haa jedhan. Itti fufuudhaan. “Kan Yesus du’eef (maqaa ofii isaa galchee)” haa jedhu.

Fannoo waraqaa sana bira dhaabadhu. Akka isaan gara kee dhufanii fakkii isaanii sitti kennaniif ijoollee darabeedhaan waami. Ciccittuu pilaasteerii maramaa lama dudda fakkii isaanii irra kaa’i. Akka ijoolleen fannoo waraqaa sana bakka tokko irratti fakkii isaanii maxxansan isaanitti himi.

Erga hundumti isaanii maxxansanii xumuranii booda kadhannaa kanatti fufee jiru kadhadhu. Akka ati ittiargisiiftettiakkaijoolleentokkoo tokkoo himaisaasi boodaanirradeebi’anii jedhanisaanitti himi.

Yaa jaallatamaa koo Yesus, Ati Fayyisaa keenya isa nu jaallatuu dha; cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaan dhiphinaa fi muddama hundumaa obsaan waan baatteef Si galateeffanna. Ameen. Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu:-«Inni hundumaaf du'eera» (2Qorontoos 5:15).

Akka ijoolleen cina kee taa’an taasisi. Macaafa Qulqulluu kee banadhuu, akkas jedhi:- Macaafni Qulqulluun Yesus maaliif akka du’e nutti hima. Macaafni Qulqulluun, “Inni hundumaaf du’eera” jedha. Jechoota kana anaa wajjin irra deebi’aatii jedhaa. Erga ijoolleen jedhanii booda, Yesus eenyuuf du’e? jedhii gaafadhu. Akka ijoolleen luqqisii Macaafa Qulqulluu sanaan deebisan itti himi.

Faarfannaa(noota):Yesus nu jaallata (Lakkoofsa 38) jedhu faarfadhaa.

Hojii harkaa:- Macaafa seenaa Yesus

Tokkoo tokkoo waraqaa isa dursitee uraa lama itti baafte akka ijoolleen dalgatti deebisanii, uraa isaa gara harka bitaa irra oolchanii qabataniif kenniif. Akka ijoolleen kobbii halluu diban itti himi. Yesus Fayyisaan keenya biyya lafaa kana irra yommuu turewaa’ee dhugaa jireenya Inni jiraatee barumsa hedduu dhageenyeerra. Wanta Yesus irratti raawwatame yookiin yommuu barsiisu, gargaaru,yookiin cubbuutti yommuu fayyisu wantoota Inni hojjete keessaa tokko itti yaadi. Wanta yaadatte waraqaa irratti fakkii isaa fakkisi. Yoo barbaachisaa dha ta’e, mudannoo jireenyaa Yesus

akka fakkisaniif tokkoo tokkoo ijoolleetiif ramadi; fakkeenyaaf, dhalachuu Isaa, waggaa 12tti gara mana qulqullummaa dhaquu Isaa, cuuphamuu Isaa, dinqiiwwan Inni hojjete, Irbaata isa xumuraa, Getesemaanee, hidhamuu fi fannifamuu Yesus kan argisiisu tokkoo tokkoo isaatiif fakkiin tokko jiraachuu isaa mirkaneeffadhu.

Yommuu fakkiiwwan sana fakkisuu xumuran, yeroo tajaajila Yesus isa biyya lafaa kanaatti wantootata’an duraafiduubaisaatiin kaa’uuisaaijoolleensi haagargaaran. Seenaan fannooirratti du’uu Yesus dhuma macaafichaa irra erga kaa’amee booda, waraqaa duwwaa tokko itti dabali. Fuulawwan macaafichaa tokkoo tokkoo uraa isaa keessa kirnii baasiitii walitti hidhi.

Yommuu ati fuulawwan macaafichaa bartu bakkaisaan arguu danda’an ijoollee teessisi. Tokkoo tokkoo fakkii sana irraa,seenaaYesus akka sitti himantaasisi. Yommuu fuulaisadhumaa duwwaa bira geessu, Seenaan Yesus fannoo irratti du’uu Isaatiin hin xumuramne. Yesus du’ee guyyaa sadaffaa isaatti wanta guddaa, guddaa, guddaa dinqisiisaatu ta’e. Wanti guddaa, guddaa, guddaa dinqisiisaan sun maal akkatureefinuufmaal jechuuakkata’ebarumsaisaitti fufukeessatti ilaalla.

Macaaficha barumsa 55 keessatti itti fayyadamuudhaaf kaa’i.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa gara dhuma macaafa qajeelfamaa kana irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 55

Gaafa Yesus Du’aa Ka’e

(Maatewos28:1-10; Maarqos 16:1-13; Luqaas 24:1-12; Yohannis 20:1-18)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 137-138

Dhugaa Ijoo

Yesus cubbuuttii nu fayyisuudhaaf fannoo irratti erga du’ee booda, du’aa ka’e. du’uu fi du’aa ka’uu Isaatiin Yesus cubbuu, du’aa fi Seexana nuuf mo’e. Yesus Fayyisaan keenya jiraataa bara baraa ti.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Yesus fannoo irratti erga du’ee booda gaafa guyyaa sadaffaa du’aa akka ka’ee fi jiraataa akka ta’e in BEEKU.

• Yesus cubbuu, du’aa fi Seexana akkasumas wantoota hundumaa irra humna caalu akka qabu amanachuutti in GUDDATU

• Fayyisaan isaanii Yesus jiraataa waan ta’eef gammadaain JIRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

Ergamoonni Waaqayyoo akkas isaaniin jedhan, «Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera;» (Maatewos 28:6).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Fannoo waraqaa isa barumsa 54 irratti qopheessite keessaa fakkii ijoollee isa “Yesus anaaf dhufe” jedhu ol kaasi. Xumura barumsichaa irratti akka ijoolleen gara mana isaaniitti fudhatanii galuu danda’aniif pilaasteerii guddaa tokkoo tokkoo fakkichaa irra jiru irraa baasi. Qajeelfama kana fuulagaraduubaairratti fakkiiwwanbillaachaafi abaaboobarumsa 55f qophaa’anii waraabbii muraasa qopheessi. Halluu (qalama) sirriitti mul’atu dibi. Kana booda waraqaa fannoo irratti utuu hin ta’in, naannoo isaatti maxxansi.

2. Yeroo barsiistu horgoggeewwan gara duuba macaafa qajeelfama kanaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 55ffaa kanaaf qopheessaman waraabbii taasisi. horgoggeewwan sanaa boca isaaniitiin murii baasiitii halluu kobbii dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

3. Barumsa kana xumuruudhaaf macaafa fakkiiwwan seenaa Yesus isa barumsa 54 irratti qopheessite qabaadhu. “Seenaa Macaafa Qulqulluu kana jireenya ijoolleetiin walfudhachiisuu” jedhu ilaali.

4. Garaduubaqajeelfamakanaatti kanargamu, “BillaachaDu’aaKa’uu”kanjedhubocahojii harkaa barumsa 55ffaa kanaaf qopheessaman waraabbii taasisii, tokkoo tokkoo ijoolleetiif qopheessi. Tokkoo tokkoo billaachaa murii baasi. Isa boodas waraqaa santii meetira lama bal’atuu fi santii meetira sagal dheeratu tokkoo tokkoo ijoollee akka ga’uutti murmurii qopheessi. Akka ijoolleen itti hojjetan argisiisuudhaaf ofii keetiifis tokko qopheessi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu (Maatewos 28:1-10; Maarqos 16:1-13; Luqaas 24:1-12; Yohannis 20:1-18) dubbisi.

1. Yesus du’ee gaafa guyyaa sadaffaa, Sanbata Guddaa ganama barii, “Kunoo, ergamaan gooftichaa waaqa irraa gad bu'ee, dhufee dhagicha balbala awwaalichaa irraa garagalchee waan irra taa'eef, socho'i lafaa guddaan isaa ta'e. Bifni isaa akka bakakkaa, uffanni isaas akka cabbii adii ture. Eegdonni awwaalichaa isa sodaachuu irraa kan ka'e rom'anii, akka waan du'anii ta'an” (Maatewos 28:2-4).Ganama obboroo sanatti wanta seenaa keessatti ta’ee hin beekne guddaa aango-qabeessa kan ta’e, waardiyyoota bakka awwaalicha Yesus turanitti himuudhaaf Gooftichi karaa baay’ee dinqisiisaa ta’e fayyadame.

2. Itti dabalees, Sanbata Guddaa sana ganama obboroo, “Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoob, Salomeenis dhaqanii dhagna Yesus dibuudhaaf urgooftuu bitan” (Maarqos 16:2). Yeroo Yesus awwaalame Sanbati itti seenuuf waan tureef dubaartoonni sun yeroo sana reeffa Isaa urgooftuu dibuu hin dandeenye. “ganama barii ka'anii akkuma aduun baateen awwaalicha bira ga'an. Karaatti immoo, ‘Eenyutu dhagicha balbala awwaalichaattii nuuf garagalcha?’ waliin jechaa turan” (Maarqos 16:2-3)

Dhagaan boolla awwaalaa ittiin cufan guddaa ulfaataa ture. Karaa ittiin dhagicha irraa garagalchan qotuu yoo danda’an illee, dubartoonni sun dhagicha sochoosuu hin danda’an ture.

3. “Dhagichi baay'ee guddaa ture; itti hiiqanii yommuu ilaalan immoo dhagichi balbala awwaalichaattii garagalfamee argan” (Maarqos 16:4). “Awwaalicha keessa yommuu lixan garuu, reeffa gooftaa Yesus hin arganne. Waa'ee kanaa waan jedhan wallaalanii utuu jiranii, kunoo, dingata namoonni lama wayyaa caccalaqqisaa uffatanii isaan (bira) dhaabatan” (Luqaas 24:3-4). Dhalachuun Yesus Ergamoota Waaqayyootiin labsame (Luqaas 2:9-14). Ammas du’aa ka’uun Isaa Ergamoota Waaqayyootiin labsamuutu ta’aaf. “Dubartoonni baay'ee sodaatanii lafa ilaalan” (Luqaas 24:5). Luqaas Ergamaa biraan itti mul’achuun isaa akka jarri sodaatan taasisuu isaa barreesse (fakkeenyaaf, Luqaas 1:12,29-30; 2:9). Haa ta’u iyyuu malee, akkuma Ergamichi isa yeroo biraa mul’atee, Ergamaan inni iddoo awwaalchaatti mul’ates dubartoota sanaan “hin sodaatinaa” jedhee isaanitti dubbate (Maatewos 28:5). Itti dabalees Ergamichi wanta dinqisiisaa isaanitti hime:- «“Isa jiraataa maaliif warra du'an keessa barbaaddu? Innoo as hin jiru, ka'eera; Galiilaa utuu jiruu waan inni isinitti himee ture yaadadhaa! ‘Ilmi namaa harka warra

cubbamootaatti kennamuuf,fannifamuuf,guyyaasadaffaattis du'aaka'uufjira’jedhe”ittiin jedhan. Yommus isaan dubbii isaa yaadatan» (Luqaas 24:5-8). Maatewosii fi Maarqos iddoo awwaalchaa Ergamaa tokkicha qofaan akka ture dubbatu, Luqaasii fi Yohannis immoo akka lama turan caqasaniiru. Kun immoo akkuma yeroo baay’ee ta’u kan walitti bu’u utuun hin ta’in, xiyyeeffannoo barreessitoota sanaa qofa kan argisiisuu dha.

4. Akkuma Ergamootaan abboomaman, dubartoonni sun wanta dhaga’an himuudhaaf ariifatanii gara bakka bartoonni Yesus turanitti deebi’an (Maarqos 16:7-8). Oduu amanuun isaa nama rakkisu dobartoota irraa akkuma dhaga’aniin, Phexrosii fi Yohannis gara awwaalichaatti fiigan (Yohannis 20:3-4). Akkuma achi ga’aniin, «kafanichi achi kaa'amee argan. Erbeen mataa Yesus irra ture garuu, kafanichaa wajjin hin kaa'amne, dachaafamee kophaatti iddoo tokko ture malee» (Yohannis 20: 6b-7). Wanti ta’e hundumtuu sirna-qabeessummaadhaan ture. Utuu akkas hin taane ta’ee, akka wanta awwaalichi saamameetti shakkisiisuu in danda’a ture. Yohannis awwaala duwwaa keessatti mallattoowwan sana yommuu arge, Yesus akkuma dura dubbatee ture du’aa ka’uu Isaa amane. Haa ta’u iyyuu malee, Yohannisii fi Phexros iddoo kanatti Dubbii Macaafa Qulqulluu isa waa’ee Yesusiif dubbatame, «Ati iddoo lafa jalaatti ana hin laattu, isa siif of kennes ijaan iyyuu qilee akka argu hin gootu »(Faarfannaa 16:10) isa jedhu akka raawwatamu amma iyyuu hin yaadanne turan.

5. «Bartoonni deebi'anii manatti galan. Maariyaam alaan awwaala (bira) dhaabattee in boossi turte»(Yohannis 20:10-11). Isheen Maariyaam Magdalaa turte. Ishee fi dubartoonni gara biraan lama waa’ee awwaalichi duwwaa ta’uu bartootatti erga himanii booda, isheen deebitee gara awwaalichaa dhaqxe. Utuu Maariyaam boossuu, ergamoonni lama, «“Dubartii nana, maaliif boossa?” jedhanii ishee gaafatan; isheen immoo, “Gooftaa koo fudhataniiru, anis iddoo isa kaa'an hin beeku” jettee isaaniif deebifte»(Yohannis 20:13). Isa booda Maariyaam duubatti deebite; utuu Inni dhaabatuu Yesusiin argite; garuu «Yesus ta'uu isaa hin barre»(Yohannis 20:14). Yesusis Maariyaamiin, «“Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyuun barbaadda?” jedhee ishee gaafate»(Yohannis 20:15). Maariyaam Yesusiin eegduu dhaabaa sanaa ti jettee waan yaaddeef, «“Gooftaa ko, ati asii fuutee iddoo tokkotti isa geessiteetta yoo ta'e, eessa akka isa keesse anatti himi, ani dhaqee isa nan fida” ittiin jette»(Yohannis 20:15). Maariyaam keessi ishee dadhabeera. Guyyaa lama dura erga Yesus fannoo irratti du’uu Isaa argitee asitti, akka Gooftaan ishee bara baraan irraa adda ba’eetti amanteetti. Amma immoo sirna awwaalchaa taasisamuufiin irra ture raawwachuufiif illee reeffa Isaa argachuu hin dandeenye. Yesusiin akkuma argiteen Isa baruu dadhabuun ishee wanta ta’uun irra hin turree dha. Garuu du’aa ka’uu Isaa booda yeroo biraas yommuu Inni itti of mul’ise, dura Isatti in dhihaatu kan turanis battalatti Isa baruu hin dandeenye (fakkeenyaaf: Luqaas 24:15-16; Yohannis 21:4). Kun maaliif akkas akka ta’e hin beeknu. Garuu beektonni Macaafa Qulqulluu du’aa ka’uu Isaa booda bifti Yesus isa duraa irraa adda waan ta’eefii dha, yookiin yeroo adda addaatti akka namoonni battaluma Isa arganitti akka Isa hin barre of taasiseera ta’a jedhanii shallagu. Maariyaam

guddaa dhiphattee turte; dabalee Yesusiin jiraataa ta’ee nan arga jettee abdii hin qabdu turte.

6. «Yommus Yesus, “Maariyaam!” isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara Isaatti garagaltee afaan Ibraayisxiitiin, “Rabbuunii!” ittiin jette; kana jechuun “Barsiisaa” jechuu dha»(Yohannis 20:16). Yesus, akka Inni jiraataa ta’e, gara Abbaa Isaa, gara waaqaattis dafee akka ol deebi’u akka isaanitti himtuuf Maariyaamiin gara bartoota Isaatti erge (Yohannis 20:17). Maariyaamis gara bartoota Isaa dhaqxe; gammchuudhaan «Ani Goofticha argeera» jettee isaanitti himte.

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- kadhannaa qajeelfama fuula kana gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: “Nuyi gammachuu qabna” (Lakkoofsa 27) jedhu faarfadhaa. Faarfannaa keessatti “Haallee luyyaa” jechuun afaan Girikii isa “Gooftaa galata Kee” jechuutti hikamuu dha.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Gocha sochiin argisiifamu:-Wanti haaraan maaltu jira?

Akka ijoolleen gara fannoo waraqaa isa atii fi ijoolleen barumsa 54 keessatti hojjettaniitti akka isaan dhihaatan taasisi. Akka isaan xiyyeeffannoodhaan fannoo sana ilaalaniif ijoolleetti himi.

Wanta yeroo darbe argitan irraa adda ta’e kan isin fannoo kana irratti argitan wanti haaraan maaltu jira? jedhii isaan gaafadhu. (Fakkiiwwan dura irra turan amma irra hin jiran. Fannoon kun amma billaachawwanii fi abaaboowwaniin marfamee jira.) Billaachawwanii fi abaaboowwan mallattoo jireenya haaraa ti jedhii isaanitti himi. Yesus fannoo irratti erga du’ee booda guyyaa Inni itti du’aa ka’ee jiraataa ta’e, ayyaana du’aa ka’uu Isaa har’a in ayyaanessina. Yesus du’aa ka’eera. Inni bara baraan jiraataa dha.

Barumsa darbe keessatti akkuma ilaallee turre, dhuma seenaa Macaafa Qulqulluu sana irratti bartoonni Yesusii fi warri Isa jaallatan in gaddan. Yesusiin gonkumaa lammaffaa deebi’anii arguu akka hin dandeenyetti yaadanii turan. Kanaaf jiraataa ta’ee arguun isaanii duuka buutota Yesusiif wanta guddaa dinqisiisaa dha. Sanbata Guddaan (Dilbati) sun ganamni isaaniif guyyaa haaraa dha. Duuka buutonni Yesus amma gadduu dhiisanii keessi isaanii miira addaatiin guutameera. Kunis maal akka ta’e baruudhaaf seenaa Macaafa Qulqulluu kana sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:Dubbichi Waaqayyo garaa keenya keessatti facaafameera (Lakkoofsa 3) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1:-«Gaafa Yesus Du’aa Ka’e (Ayyaana Du’aa Ka’uu isa jalqabaa)» kan jedhu macaafa “Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa yommuu dubbistu, seenessuu kee

cimsitee dhiheessuudhaaf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argaman fayyadami.

Filmaata 2:-Seenessuu hojiidhaan argisiisamu

Tokkoo tokkoo himoota seenaa Macaafa Qulqulluu kanatti fufanii jiranii erga dubbistee booda, akka ibsamee jirutti sochii isaa hojjedhu. Itti fufuudhaan akka ijoolleen si hordofanii hojjetan taasisi.

Dubbadhu Hojjedhu

Sanbata Guddaa ganama, barii utuu hin ifin, dhagaa balballi awwaalaa Yesus ittiin cufamee ture akka irraa garagalchuuf Waaqayyo ergamaa Isaa erge.

Socho’a lafaatu ture; loltoonni awwaala Yesus eegaa turan guddaa sodaatan; akka nama du’eettis lafatti kukkufan.

Akka waan dhagaa guddaa dhiibduu fakkeessi.

Akka nama sodaateetti roqomi; lafatti kufi.

Dubartoonni sadii awwaalcha Yesus ilaalluu dhufan. Qubeetii sadii ol kaasii argisiisi. Dhagaan balbala awwaalichaa irra ture irraa garagalee argan; boollicha keessa ilaalan; duwwaa ta’uu isaas argan; maaltu ta’e? Yesus achi hin turre.

Ergamoonni Waaqayyoo lama uffata calaqqisaa uffatanii dubartoota sanatti mul’atan.

Ergamoonni sun, “Isa jiraataa maaliif warra du'an keessa barbaaddu? Innoo as hin jiru, akkuma dubbatee ture, ka'eera!” isaaniin jedhan.

Dubartoonni sun fiiganii gara Yerusaalemitti deebi’an; wanta arganis bartootatti himan.

Phexrosii fi Yohannis ofii isaaniitiin dhaqanii ilaaluudhaaf fiigan

Akka awwaalichi duwwaa ta’es in argan; deebi’aniis gara manaatti galan.

Maariyaam deebitee gara awwaalichaa dhufte.

Guddaa gadditee turte. Qaamni Yesus eessa akka jiru waan hin beekneef in boosse.

Maariyaam namni tokko gara isheetti dhihaachuun isaa isheetti dhaga’ame.

Nama iddoo dhaabichaatti itti gaafatamaa ta’ee dha jettee yaadde. «Gooftaa ko, ati asii fuuteetta yoo ta'e, eessa akka isa keesse anatti himi» jetteen.

Namichi “Maariyaam” ittiin jedhe; Maariyaamis

Yesus ta’uu isaa barte. Isheen gara Isaatti garagaltee, “Barsiisa!” jetteen.

Ijoota keetiin dunuunfadhu; gatiittii kee sochoosi; kun hin ta’u jechuuf mataa kee raasi.

Nama sodaate of fakkeessi.

“Eeyyee” jechuudhaaf mataa kee sochoosi; guddisii qummaadi.

Bakkuma jirtutti fiigi.

Gara duubaatti naanna’ii bakkuma jirtutti fiigi.

Harka kee ija kee gararraadhaan kaa’adhuutti xiyyeeffannoodhaan ilaali; duubatti naanna’ii nagaadhaan adeemi.

Quba argisiiftuu keetiin imimmaan maddii kee irra gadi yaa’u argisiisi.

Akka nama wanta tokko dhaga’aa jiruutti harka kee gurra kee irra kaa’adhu.

Nama gadde fakkaadhuu, barruuwwan kee ol garagalchii harkawwan kee bal’isi.

Nama waa raajeffatu fakkaadhu; guddisii qummaadi.

Yesusis, «Gara bartoota koo dhaqii, akka Ani jiraataa ta’ee fi dafee gara Waaqayyo Abbaa kootti akka ani ol ba’u itti himi!»ittiin jedhe.

Maariyaan guddaa gammadde; isheen gara bartootaatti fiigdee Yesus jiraataa akka ta’ee fi akka Isa argite isaanitti himte.

Quba argisiistuu keetiin gara waaqaatti ol argisiisi.

Qummaadi; bakkuma jirtutti fiigi; isa booda “Yesus jiraataa dha!” jedhi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Ergamoonni dubartoota sanatti maal himan? (Ergamoonni akka Yesus awwaala keessa hin jirre dubartoota sanatti himan; akkuma dubbatee ture Inni jiraataa ta’eera; ka’eeras isaaniin jedhan.)

2. Maariyaam eenyuun argite? (Maariyaam Yesusumaan argite.)

3. Inni immoo maal isheedhaan jedhe? (Inni jiraataa akka ta’e, dafees gara waaqaatti, gara Abbaa Isaatti akka ol ba’u Maariyaam dhaqxee bartoota Isaatti akka himtu Yesus isheetti hime.)

Sochii hojjechuudhaan keessa deebi’uu:- seenicha dubbachuudhaaf filmaata seenessuu isa dura itti hin fayyadaminitti fayyadamii dhugaa seenichaa keessa deebi’i. Keessa deebichaaf horgoggeewwan fayyadamta yoo ta’e, akka isaan yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu sana sitti himan sosochoosaniif ijoolleetti kenni.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Yesus siif jiraata!

Akka ijoolleen sitti naanna’anii taa’an taasisi. Macaafa “Seenaa Yesus” isa ijoolleen barumsa 54 keessatti hojjetan baasi. Fuula isaa tokko tokkoon itti argisiisuudhaan wantoota jireenya Yesus keessatti ta’an ijoo ijoo isaa gabaabaatti keessa deebi’i. Yommuu kutaa isa bakka dhaabaa Geetesemaaneetti utuu Yesus kadhatuu argisiisu geessu, Yesus maaliif gara biyya lafaa dhufe? jedhii ijoollee gaafadhu. (Yesus guddaa waan nu jaallatee fi cubbuu keenyattii nu fayyisuu waan barbaadeef gara biyya lafaa dhufe. Nu fayyisuudhaaf karoora Waaqayyoo raawwachuudhaaf akka Inni humna Isaaf kennuuf Yesus Waaqayyoon kadhate.)

Kutaa macaafichaa isa fannoo irratti du’uu Yesus argisiisuu yommuu geessu, kan Yesus waa’ee keenyaaf du’uun Isa irra tureef maaliifi? jedhii isaan gaafadhu. (Yesus jireenya mudaa tokko illeehinqabnejiraate.SeeraWaaqayyooguutummaattieege;nuyigaruucubbamootawaantaaneef kana raawwachuu hin dandeenyu. Haa ta’u malee, Waaqayyo immoo kana nu irraa barbaada. Yoom iyyuu taanaan Seera Waaqayyoo guutummaatti kan eege Yesus qofaa dha waan ta’eef, sababii cubbuu keenyaaf gatii baasuu qabu Waaqayyoof baasuudhaaf Yesus du’uutu Isa irra ture.)

Amma macaafa qopheessitan sana fuula xumuraa bani; fuulichi duwwaa dha. Amma Yesus du’ee akka hin hafin in beekna. Inni erga du’ee booda ka’ee jiraataa ta’eera. Yesus deebi’ee jiraataa ta’uun Isaa wanta hundumaa irra caalaa humna-qabeessa ta’uu Isaa argisiisa. Yesus cubbuu, Seexanaa fi du’a irratti humna qaba. Yesus Inni du’aa ka’e Fayyisaa isaanii ta’uu Isaa kan amanatan hundumtuu karaa Isaa jireenya haaraa, jireenya bara baraa qabu. Yesus siif jiraata! Kobbii halluu (qalamaa) tiin macaaficha fuula isa duwwaa sana mata-dura isaa irratti hima kana barreessi.

Akka Yesus bara baraan jiraatu kan nu yaadachiisu fuula kana irratti maal fakkisuutu nu irra jira jettanii yaaddu? Akka ijoolleen yaada kennan taasisi. Fuulicha irratti Yesus Isa du’aa ka’ee fi awwaala duwwaa dhagaan irraa garagale irraa fagaatee jiruu wajjin, fakkiiwwan kana fakkaatan fakkisi.

Guddaa nu gammachiisuu qaba! Yesus jiraataa dha! Karaa amantii Isa irratti qabnuu bara baraan jiraanna; gaaf tokko Yesusii wajjin waaqa irra jiraanna; Yesus cubbuu keenya nuuf in dhiisa; Inni yeroo hundumaa nuu wajjin jira! Gammachuudhaan faarfachaa ulfina Isaaf haa kenninu!

Faarfannaa gammachuu kanatti fufee jiru ijoollee barsiisi. Tokkoo tokkoo toora isaa fi harka rukutuu si boodaan haa jedhan. Akkaataan harka rukutuu isaa mallattoo “X” tiin argisiifameera. “X” n tokko harka rukutuu tokko jechuu dha.

Barsiisaa:-Misiraachoo!Yaanamootaa,Yesusdu’aaka’eera!XX(Barattoonniirrahaadeebi’an).

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

Ergamaan sun akkas isaaniiነ jedhe, «Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera;» (Maatewos 28:5a fi 6).

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Macaafa Qulqulluu kee baafadhu; baniitii akkas jedhii ijoolleegaafadhu:akkaYesusjiraataata’edubartootagaraawwaalichaadhaqanittidurakan himeeenyu?(Ergamichatuoduugammachiisaadubartootasanattihime.)Ergamichi:-«Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera;» jechuu isaa Macaafni Qulqulluun nutti hima. Yesus fannoo irratti erga du’ee booda du’ee akka hin hafne akka Inni dubbatee ture ergamichi dubartoota sanaa fi nuun yaadachiisu. Yesus deebi’ee jiraataa akka ta’uu fi bara baraanis akka jiraatu dursee dubbatee ture. Akka Yesus du’aa ka’e hundumatti himuu akka dandeenyuuf jechoota Ergamichaa haa qu’annu.

Jechoota luqqisii Macaafa Qulqulluu sana barsiisuudhaaf ijoollee garee lamatti qoodi. Garee tokkoof luqqisicha kutaa jalqabaa kenniif:- Ergamichi akkas isaaniin jedhe… «Inni as hin jiru»; garee isa lammaffaatiif immoo walakkaa luqqisichaa isa hafe kenniif:- «akkuma jedhe ka'eera». Gareewwan sunis luqqisicha akka duraa fi booda isaatti akka jedhan itti himi. Isa booda immoo tokkoo tokkoo garee sanaa kutaa hin qu’atin akka qu’atan taasisi. Isa boodas akka isaan kutaalee

luqqisichaa duraa fi booda isaa eeganii jedhan itti himi. Itti fufuudhaan hundumti isaanii guutummaa luqqisichaa walii wajjin haa jedhan.

Faarfannaa(nnoota):Fannoo Yesusiin badiisa cubbuun oole(Lakkoofsa 4) isa jedhu faarfadhaa. Walaloo isaa yommuu qu’achiistu, badiisa cubbuun oole inni jedhu hojii Yesus nuuf hojjete nutti hima. Fannoo irratti du’uu Isaatiin gatii cubbuu keenyaa baasee, deebisee Waaqayyoof nu bite; jedhii isaanitti himi. Faarfannaa “Du’aa ka’eera” jedhus itti dabalii barsiisi. Hojii harkaa:- Billaacha Du’aa Ka’uu

Tokkoo tokkoo barataatiif waraabbii fakkii “Billaacha Du’aa Ka’uu” kenniif. Yommuu kennituufis, billaachi akka du’aa ka’uu Yesus isaan yaadachiisuuf mallattoo Kristaanonni hundumtuu itti fayyadamanii dha jedhiin. Billaachi jireenyi isaa kan jalqabu, lubbu qabeessa buuqqataa jedhamu ta’ee ti. Yeroo xinnoo booda buuqqataan waan akka qola hanqaaquu isa naannoo isaa marsu keessatti jijjiirama; billaachas ta’a. Qola isaa yoo ilaaltan kosii goggogaa walitti qabamee jiru fakkaata. Garuu dhuma irratti, lubbu-qabeessa miidhagaa, billaachatu cabsee achi keessaa ba’a.

Yesus fannoo irratti erga du’ee booda qaamni Isaa awwaala keessa kaa’ame. Namoonni hundumtuus akka Yesus bara baraan du’etti yaadan. Garuu, Yesus qaamumaan deebi’ee jiraataa ta’e. Yesus Inni du’aa ka’e awwaala diigee ba’e. Billaachichi jireenya haaraa isa Yesusitti amanuudhaan fudhanne nu yaadachiisa.

Kutaalee qaama billaachichaa sirriitti ilaali; barumsa seenaa Macaafa Qulqulluu isa fakkeenyaaf kenname keessa fakkiiwwan dhokfamanii jiran in argitaa? Barattoonni fakkiin dhagaa isa garagalfamee balbala awwaala duwwaa sana irraa fagaatee jiruu fi Yesus Isa du’aa ka’e arguutu isaan irra jira. Jireenya haaraa karaa Yesusiitiin arganne kabajuudhaaf billaacha kee halluu calaqqisu; kan gammachuu dibi.

Yommuu ijoolleen isa xumuran, waraqaa dursitee murtee qopheessite tokkoo tokkoo isaaniitiif kenni. Amartii quba moggee isaatiif akka ta’uf waraqaa sana akka maruuf tokkoo tokkoo barataa gargaari. Amartiin sun akkuma marametti akka turuuf akka barataan hapheedhaan qabsiisu gargaari. Irra keessa amartichaa walakkeessa billaachichaatti hapheedhaan qabsiisi. Itti fufuudhaan amarticha quba moggee isaaniitti diratanii, waan billaachichi barrisu fakkeessuudhaaf, quba isaanii haa sosochoosan.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa qajeelfamaa kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 56

Yesus Bartoota Isaatti Mul’achuu Isaa (Luqaas 24:36; Yohannis 20:19-29)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 139-140

Dhugaa Ijoo

Seexanni sodaa keenyaa fi dhiphina keenyatti fayyadamee dhugaa waa’ee Yesus akka nuyi shakkinu taasisuu barbaada. Dhugaa Dubbii Waaqayyoo Inni ta’e Macaafni Qulqulluun garuu

Yesus yeroohundumaaakkanujaallatu; cubbuukeenyas akkanuufdhiisu; ofii Isaatiis barabaraan akka jiraatu nuuf mirkaneessa. Nu fayyisuudhaaf jedhee fannoo irratti erga du’ee booda, du’aa ka’e. Du’uu fi du’aa ka’uu Isaatiin Yesus cubbuu, du’aa fi Seexana nuuf mo’e. Yesus Fayyisaan keenya jiraataa bara baraa ti.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Yesus Fayyisaa Isa du’aa ka’e amanuudhaaf ragaa ittiin mirkaneeffachuudhaaf barbaade Toomaasiif kennuudhaaf Yesus akka itti mul’ate in BEEKU.

• Barumsi Macaafa Qulqulluu hundumtuu, addumaan barumsi waa’ee du’aa ka’uu Yesus dhugaa ta’uu isaa amanachuutti inGUDDATU.

• Yesus jiraataa bara baraa, Fayyisaa isaanii Isa du’aa ka’e ta’uu Isaa mirkaneeffachuudhaan inJIRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

«Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman» (Yohannis 20:31).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Horgoggeewwan fuulawwan gara duubaa qajeelfama kanaa irratti argaman fayyadamuu yoo barbaadde, kanneen barumsa 56ffaa kanaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. horgoggeewwan sanaa boca isaaniitiin murii baasiitii halluu kobbii dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Qajeelfama kana fuulawwan fuula gara duubaa irratti kan argamu, kan barumsa 56ffaadhaaf qophaa’e «dhugaa Macaafa Qulqulluu» fakkeenya hojii harkaa tokkoo tokkoo ijoolleetiif qapheessi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

(Luqaas 24:36-49; Yohannis 20: 19-29)dubbisi.

1. Gaafa Inni du’aa ka’e galgala Toomaas irraa kan hafe bartoonni Yesus hundumtuu walii wajjin turan. «Yihudoota waan sodaataniif, mana cufatanii taa'an» (Yohannis 20:19). Sanbata Guddaa dinqisiisaa kanatti Maariyaam isheen Magidalaa, Phexros (Luqaas 24:34), akkasumas Qalayophaa fi bartuu inni biraan tokko karaa Emaahus irratti (Luqaas 24:13-35) dhuguma Yesus jiraataa ta’ee qaamaan arganiiru. Bartoonni mana cufamaa sana keessa turan dhuga ba’umsa warra kaanii dhaga’an malee, akka Yesus jiraataa ta’e amma illee ija isaaniitiin hin argine ture. Geggeessitoonni Yihudootaa akkuma Yesusiin ajjeesan, hordofanii dhufanii akka isaan hin ajjeefneef sodaatanii mana cufatanii taa’u turan. «Yesus ofii isaa isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa ta'u!” isaaniin jedhe» (Luqaas 24:36; Yohannis 20:19). Yesus kan Inni ol seene karaa balbalaa hin turre. «Isaan garuu ekeraa waan argan itti fakkaatee, na'anii sodaatan» (Luqaas 24:37)

2. Amantoota Yihudii keessa sodaa hafuuraa guddaatu ture. Namoonni bara sanaa ekeraan (lubbuun)namootadu’aniibiyyalafaairraasiifiachideddeebi’uuakkadanda’anittiamanu turan. Yoodhuma Yesus namoota murtaa’an: intala Yaa’iroos, Alaazaar, obboleessa Maariyaamii fiMaartaa, namootagarabiraas du’aakaasuu Isaayooargan illee, namni du’e ofii isaatii ka’ee qaamaan in mul’ata jedhamee waan yaadamu hin turre. Kanaaf Yesus sodaa duukabuutota Isaa in hubata. Sababii kanaaf jechoonni Inni jalqaba isaanitti dubbate, «Nagaan isiniif haa ta’u!» kan jedhanii dha. Jechoonni kun michoota Isaa kan tasgabbeessan turan. Itti fufees Yesus dhuguma deebi’ee qaamaan akka jiru ragaa qabatamaa isaaniif kenne:-«“Maaliif yaadaan rakkattan? Mamnis maaliif garaa keessan keessaa ka'a? Harka koo fi miilla koo ilaalaa, ana mataa koo ti'o; mee qaqqabaa na ilaalaa, ekeraan foonii fi lafee hin qabu, ani garuu akkan qabu in argitu” jedhe» (Luqaas 24:3839). Yesus harkaa fi miilla Isaa yeroo fannifame madaa’an yoo itti argisiise iyyuu, yaanni garaa fi sammuun isaanii amma iyyuu dhugichaan wal’aansoo qabaa ture. «Isaan gammaduudhaaf raajeffachuu irraa kan ka'e, amma iyyuu amanuu dadhabnaan, “Waan nyaatamu tokko asii qabduu?” jedheen. Kana irratti isaan qurxummii waadamaa muraa tokko kenninaaniif, Inni fudhatee isaan fuul duratti nyaate»(Luqaas 24:41-43). Yesus utuu ekeraa dha ta’ee, homaa tokko iyyuu nyaachuu Isa hin barbaachisu ture.

3. Yesus du’uu Isaa dura bara tajaajila Isaa hundumaatti isaanitti himaa ture dhugaa sana keessa deebi’ee duuka buutota Isaa yaadachiise (Luqaas 24:44-47) Macaafota Kakuu Moofaakeessattiwaa’eeIsaatiifkancaafamehundumtuuraawwatamuuakkaqabuisaanitti hime; «Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef»(Luqaas 24:45). Har’as macaafonniKakuuMoofaakun,macaafotaKakuuHaaraawajjinta’aniieenyummaaYesus dhugaa nuuf ba’u; nu fayyisuu fi jireenya bara baraa nuuf kennuudhaaf maal akka Inni hojjete nuuf ibsu. Yesus itti fufee bartoota Isaatiin akkas jedhe; «Abbaan akkuma ana erge, ani immoo isin nan erga»(Yohannis 20:21). Bartoonni akka abboommii kanaatti qalbii

diddiirrannaa fi dhiifamuu cubbuu «Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti» lallabuudhaaf dafanii adeemuutu isaan irra jira (Luqaas 24:47). Bartoonnis “kanaaf dhuga baatota” waan ta’aniif kana raawwachuu qabu (Luqaas 24:48).

4. Haa ta’u malee, bartoonni ergama Yesus itti kenne sana raawwachuudhaaf gargaarsatu isaan barbaachisa. Kanaaf Yesus «Hafuura isaanitti baafatee, ‘Hafuura Qulqulluu fudhadhaa’» (Yohannis 20:22) isaaniin jedhe. Bartoonni gaafa ayyaana Phenxeqostees akkaataa addaatiin Hafuura Qulqulluudhaan guutaman (Hojii Ergamootaa 2). Ergamni bartootaa dubbiin ijoon dhiifamuu cubbuu ture. Kanaaf akka isaan kana hojjetaniif Yesus aboo isaaniif kenne (Yohannis 20:23). Aboon kun isa Waldaan Kristaanaa “Aboo furtuuwwanii” jettuu dha. (Barumsa amantii Kristaanaa (Katee-ksimoos) isa Luuter barreesse isa xinnaa ibsa isaa wajjinii irraa gaaffiiwwan 131 fi 32.)

5. Gaafa du’aa ka’uu galgala yeroo Yesus jalqaba bartootatti mul’ate Toomaas isaanii wajjin hin turre. «Bartoonni warri kaanis, “Goofticha argineerra” jedhanii itti himan» (Yohannis 20:25). Toomaas akka Yesus jiraataa ta’e ragaa qabatamaa yoo argate malee amanuu hin danddeenye. Madaa harkawwanii fi miillawwan Yesus arguu fi qaqqabachuu barbaade (Yohannis 20:25). Torban tokko boodas bartoonni bakkuma sanatti walitti qabamanii turan. Yeroo sana Toomaasis isaanii wajjin ture (Yohannis 20:26). Utuu balbaloonni cufamanii jiranii, haaluma torban tokko dura isaanitti mul’atee tureen Yesus ammas bartootattimul’ate.Dhufeeisaangidduudhaabatee,“Nagaanisiniifhaata’u”isaaniinjedhe (Yohannis 20:26).

6. Toomaasiinis akkas jedhe:-«‘Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!’ jedhe»(Yohannis 20:27). Toomaas erga ragaa qabatamaa kana argatee booda Yesusiin «Gooftaa koo, Waaqayyo koo!jedhee deebiseef» (Yohannis 20:28). Akka du’aa ka’uun Isaa dhugaa ta’e akka Toomaas amanuuf Yesus ragaa qaama Isaa isa Toomaas arguu barbaadeitti argisiise. DhugaaDubbii Waaqayyoo isata’eMacaafaQululluukeessaragaan qabatamaan kun nuuf jira. Yesus akkas isaan jedhe, «Utuu ana hin argin kanamanan, attam haa gammadan!»(Yohannis 20:29).

7. Luqqisiin akka ijoolleen sammuutti qabataniif kenname xumura seenaa Toomaasitti mul’achuu Yesus dubbatu irratti argama. «Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman»(Yohannis 20:31). Macaafonni qulqullaa’oon kana waan dubbataniif akka Yesus jiraataa ta’e mirkaneeffachuu in danddeenya. Inni dhugaa Dubbii Waaqayyoo ti; Waaqayyo immoo hin sobu. Yeroo kam iyyuu yommuu Dubbii Isaa dubbifannu hundumaatti Waaqayyo nu eebbisa. Humna Hafuura Qulqulluutiin amantii keenya nuuf cimsa; shakkiis nu keessaa in balleessa; dhugaa jaalala fayyisuu Yesus namoota birootti akka dubbannuuf humna nuuf kenna.

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:-kadhannaa qajeelfamaa kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: “Fannoo Yesusiin badiisa cubbuun oole” (Lakkoofsa 4) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Gocha sochiin argisiifamu:-Kun dhugaa dhaa?

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Himoota muraasan isiniif dubbisa jedhi. Tokkoo tokkoo himoota sanaa booda yoo himi sun dhugaa dha ta’e harkawwan keessan ol kaasaa. Yoo himichi soba yookiin dogoggora ta’e dhaabadhaa.

Himoota kanatti fufanii jiran tokko tokkoon dubbisi; akka isaan deebii kennaniif tokkoo tokkoo gaaffichaa booda yeroo kenniif. Himoonni ati dubbistuuf hundi dhugaa dha; garuu hamma hojicha xumurtanitti kana ijoolleetti hin himin.

1. Adduunyaa kana irraa bineensota lafa irra jiraatan keessaa ariifataan qeerransa.

2. Addunyaa irratti ardii guddaan Ashiyaa dha.

3. Addunyyaa irratti lagni dheeraan laga Abbayyaa ti.

4. Biyyi bay’ina namootaatiin guddaan Chaayinaa dha.

5. Yesus du’aa ka’eera; bara baraanis jiraataa dha.

Erga hima isa xumuraa dubbistee isaan deebii isaa kennanii booda, himoonni ani isiniif dubbise hundumtuudhugaadhajedhii itti himi.Yerootokkotokko yooofii keenyaanarginemalee, yookiin sirriitti akka inni raawwatame ragaa ittiin mirkaneeffannu argannu malee, wanti tokko dhugaa ta’uu isaa amanuun nu rakkisa.

Yesus du’aa ka’uun Isaa fi jiraataa ta’uun Isaa wanta dinqisiisaa fi dhugaa dha. Kun dhugaa akka ta’e Macaafni Qulqulluun nutti hima; Macaafni Qululluun immoo Dubbii dhugaa kan Waaqayyoo, kanuma ofii Isaa akka ta’e in amanna. Yoodhuma ofii keenyaa Yesusiin hin argine taane illee, bara baraan jiraataa ta’uu Isaa akka amannuuf Waaqayyo amantii nuuf kenna.

Akka bartoonni warri kaan arganitti gaafa Yesus du’aa ka’e waan Isa hin arginiif bartoota Isaa keessaa tokko du’aa ka’uu Yesus hin amanne ture. Akka bartuun kun amanuuf Yesus attamitti akka isa gargaare beekuudhaaf seenaa kanatti fufee jiru sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: Dubbichi Waaqayyo (Lakkoofsa 3) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1:-macaafa “Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa «Yesus bartoota Isaatti mul’achuu Isaa» kan jedhu yommuu dubbistu, seenessuu kee cimsitee dhiheessuudhaaf horgoggeewwan gara duuba qajeelfama kanaatti argaman fayyadami.

Filmaata 2:-Seenicha irra deebi’anii dubbachuu

Tokkoo tokkoo hima seenaa Macaafa Qulqulluu kanatti fufee jiruu erga dubbistee booda, qaphxii ijoo ta’an akka isaan keessa deebi’anii jedhaniif gargaari. Isa booda immoo akka isaan si harkaa fudhatanii si boodaan irra deebi’anii jedhaniif itti himi.

Dubbadhu Irra deebi’e

Gaafa ayyaana du’aa ka’uu isa jalqabaa galgala bartoonni hundumtuu walii wajjin kutaa tokko keessa turan. Diinota Yesus waan sodaataniif balbaloota cufatanii turan.

Toomaas irraa kan hafe bartoonni Yesus hundi isaanii kutaa sana keessa turan.

Yesus akka tasaa gidduu isaanii dhaabatee, “Nagaan isiniif haa ta’u!” isaaniin jedhe.

Bartoonni Yesus waan sodaataniif balbala cufatanii walii wajjin turan.

Toomaas garuu achi hin turre.

Yesus isaanitti mul’ate; “Nagaan isiniif haa ta’u!” isaaniin jedhe.

Jalqabatti bartoonni in sodaatan. Bartoonni in sodaatan.

Yesus garuu mallattoolee mismaarri harkawwanii fi miillawwan Isaa irratti tolche isaanitti argisiise.

Yesus mallattoolee mismaarichaa miillawwanii fi harkawwan Isaa irraa itti argisiise.

Kana irratti bartoonni Inni Yesus akka ta’e baran. Bartoonni Yesus akka ta’e baran.

Yesus bartootaaf hojii addaa kenneef. Bartootaaf hojji addaatu kenname.

“Waa’eeKoonamootahundumattiakkahimtaniifisinan erga” isaaniin jedhe.

Yesus Hafuura Qulqulluu akka fudhataniif hafuura isaanitti baafate. Kanaaf waa’ee jaalala fayyisuu Yesus dubbachuudhaaf humna argataniiru.

Akkabartoonni cubbuu namaaf dhiisan yookiin qabaniif (adabaniif) Yesus aboo isaaniif kenne.

Yesus michoota Isaa dhiisee adeeme. Yommuu Toomaas dhufu bartoonni “Goofticha argineerra” jedhanii isatti himan. Toomaas garuu hin amanne.

Toomaas, “Harkawwanii fi miillawwan Isaa mismaaraan madaa’an yoo argee fi qaqqabe malee jiraataa ta’uu Yesus hin amanu” jedhe.

Torban tokko booda ammas bartoonni balbala cufatanii kutaa tokko keessa turan. Yeroo kana Toomaas isaanii wajjin ture.

Yesus manicha keessatti akka tasaa isaanitti mul’ate. Yesus, “Nagaan isiniif haa ta’u!” isaaniin jedhe.

Yesus Toomaasiin, “Harka kee madaawwan Koo irra kaa’i; harkawwan koos ilaali. Shakkuu dhiisii amani” ittiin jedhe.

Toomaas amma Inni Yesus akka ta’e amane; “Gooftaa koo, Waaqayyoo koo” jedhee iyye.

Dhaqaatii namoota hundumatti waa’ee Koo dubbadhaa.

Hafuurri Qulqulluun akka dubbataniif isaan gargaara.

Bartoonni cubbuu namaaf dhiisuudhaaf aboo qabu.

Toomaas Yesus jiraataa ta’uu Isaa hin amanne.

Toomaas ragaa ittiin mirkaneeffatu barbaade.

Bartoonni walii wajjin turan. Toomaasis isaanii wajjin ture.

Yesus in mul’ate; “Nagaan isiniif haa ta’u!” jedhe.

Yesus “Quba kee harkawwan Koo irrakaa’i,hinshakkiniiamani”jedhe.

Toomaas in amane; “Gooftaa koo, Waaqayyoo koo” jedhee iyye.

Yesus Toomaasiin “Waan Ana argiteef amante” jedhe. “Waan Ana argiteef amante.”

Yesus “Utuu hin argin kan amanan haa gammadan” jedhe.

“Utuu hin argin kan amanan haa gammadan.”

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Akka bartoonni amananiif Yesus maal isaanitti argisiise? (Yesus mallattoolee mismaarri waraane harkawwanii fi miillawwan Isaa irra turan itti argisiise. Mallattooleen kunneen kan irratti ta’an fannoo irratti mismaaraan waan waqaramaniif ture.)

2. Yesus bartoota Isaatiin maal jedhe? (Yesus bartoonni Isaa gara biyya lafaa hundumaa dhaqanii waa’ee Isaa akka namootatti himaniif akka isaan ergu itti hime. Cubbuu namootaaf dhiisuudhaaf aboo akka qabaataniif Yesus bartootaaf Hafuura Qulqulluu kenne.)

3. Iddoo sana kan hin turre eenyu? (Yommuu Yesus yeroo jalqabaatiif mana cufamaa keessatti bartootatti mul’ate Toomaas isaanii wajjin hin turre.)

4. Yesus Toomaasiin maal jedhe? (Yesus Toomaasiin ati waan argiteef amante; utuu hin argin kan amanan haa gammadan) jedheen.

Sochii hojjechuudhaan keessa deebi’uu:-

Seenicha dubbachuudhaaf filmaata olitti kennaman keessaa isa itti hin fayyadaminitti fayyadamii dhugaa seenichaa keessa deebi’i. Keessa deebichaaf horgoggeewwan fayyadamta yoo ta’e, akka isaan yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa deebi’anii sitti himan akka sosochoosaniif ijoolleetti kenni.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Dhugaa Macaafa Qulqulluu

Akka ijoolleen sitti naanna’anii taa’an taasisi. Yesus cubbuu keenyaaf jedhee fannoo irratti du’ee du’aa akka ka’e attamitti beekna? jedhii gaafadhu. (Kana kan nuyi beeknu Macaafni Qulqulluun waan nutti himuufii dha.) Wanti Macaafni Qulqulluun nutti himu dhugaa akka ta’e attamitti beekna? (Wantti Macaafni Qulqulluun nutti himu dhugaa ta’uu isaa kan nuyi mirkaneeffannu Macaafni Qulqulluun Dubbii fi Dhugaa Waaqayyoo waan ta’eefii dha. Dogoggorrii fi hir’inni tokko illee keessa hin jiru. Waaqayyo gaarii dha. Inni hin sobu.)

Yeroo tokko tokko Seexanni Macaafni Qulqulluun dhugaatti Dubbii Waaqayyoo ta’uu isaa akka shakkinu nu taasisuu yaala. Seexanni wanta kana fakkaatu Jannata Eden keessatti “Dhuguma Waaqayyo akkas jedheeraa….?” jechuudhaan akka Hewaan shakkituuf ishee qoreera. Wanti Seexanni kana godhuuf nu gowwoomsuu fi Waaqayyo irraa nu fageessuu barbaadee ti. Seexanni sobduu dha; dhugaa hin dubbatu. Seexanni nu miidhuu qofa barbaada.

Garuu, “Waaqayyo jaalala” (1Yohannis 4:8). Waaqayyo hundumaa beeka. Waaqayyo qulqulluu

dha: jechuun cubbuu hin qabu; cubbuus in jibba. Waaqayyo amanamaa dha. Isa nuuf kakate kakuu Isaas in eega. Kun dhugaa ta’uu isaa in beekna; sababiin isaas Inni kakuu Isaa eeguudhaan, akka Inni cubbuu keenyattii nu fayyisuu fi karaa Isaa jireenya haaraa akka nuuf kennuuf du’aa akka nu kaasuufis Yesusiin erge. Macaafni Qulqulluunis walumaa galatti kan nutti himu waa’ee jaalala guddaa isa Waaqayyo karaa Yesus mul’isee ti.

Fuula hojii harkaa isa barumsa 56f qophaa’e barattootaaf kenni. Isa boodas akkas jedhi; Macaafni

Qulqulluun xalayaa jaalalaa Waaqayyo biraa gara keenyatti ergame jedhamee waamamuu in danda’a. Waraqaa sana irraa gabatee kakuu gara bitaatti argamu itti argisiisi. Akka ijoolleen sirriitti kana beekaniif gargaari. Gabatee kakuu kana irratti maaltu caafamee jira? jedhii gaafadhu (Abboommii kurnan). Abboommiin kurnan seerota Waaqayyoo ti. Wanta nuyi hojjechuu qabnuu fi hojjechuun nu irra hin jirre nutti himu. Waaqayyoo fi namoota biroo attamitti jaallachuun akka nu irra jiru nutti himu. Waaqayyo kan Inni seera Isaa nuuf kenneef waan nu jaallatuufi, warra gammadan akka taanuu fi akka eegnuufii dha.

Amma fakkii fannoo irratti fannifamuu Yesus argisiisu itti argisiisi. Yesus maaliif fannoo irratti du’e? (Nuyi hundumti keenya cubbamoota waan taaneef Yesus fannoo irratti nuuf du’uutu Isa irra ture. Yaalii hammamii yoo taasisne illee seerota Waaqayyoo hunda guutummaan guutuutti eeguu hin danddeenyu; Yesus garuu eegeera. Inni mudaa kan hin qabne waan ta’eef, akka cubbuun keenya nuuf dhiifamuuf aarsaa Waaqayyo barbaadu dhi’eessuu danda’e; du’a Isaatiin dhiifamuu cubbuu keenyaa akka argannuuf Yesus fannoo irratti du’e. Sababii cubbuu keenyaaf fannoo irratti lubbuu Isaa dabarsee kennuudhaan jaalala guddaa isa nuuf qabu argisiiseera.)

Yesus du’ee hafee? (Lakkii. Macaafni Qulqulluun waan nutti himuuf Yesus jiraataa akka ta’e in beekna. Du’ee gaafa guuyyaa sadaffaa du’aa ka’eera. Yesus bara baraan jiraata. Sababii amantii Yesus irratti qabnuutiif jireenya bara baraa, mana waaqa irraa qabna.)

Fuulawwan Macaafa Qulqulluu kana gidduu fakkiin onnee kan kaa’ameef maaliifi? (Macaafni Qulqulluun Waaqayyo attamitti cubbuu keenyattii akka nu fayyise kan nutti himu seenaa dhugaa dha. Waaqayyo waan nu jaallatuuf kana nuuf godhe.)

Waraqaa hojii harkaa sana ijoolleen kobbii halluu akka diban taasisi. Kana booda ergaa Macaafa Qulqulluu isa giddu-galeessa kan ibsu akka dubbatan ijoollee gaafadhu. Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

«Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman» (Yohannis 20:31).

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Macaafa Qulqulluu kee baafadhu; baniitii akkas jedhi;seenaa Toomaas boodaan, ragaalee mirkaneessan Macaafa Qulqulluu keessatti maaliif akka barreeffame Macaafni Qulqulluu sirriitti nutti hima. Macaafni Qulqulluun akkas jedha; «Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman.»

Yommuu dubbii Macaafa Qulqulluu dhageenyu, ofii keenyaas yommuu dubbisnu, Dubbicha akka hubannuu fi akka amannuuf Hafuurri Qulqulluun nu gargaara. Yesus Fayyisaa keenya, Ilma Waaqayyoota’uu Isaa,sababiicubbuukeenyaafisakkadu’eefidu’aaka’eyommuuamannu,karaa Yesusiitiin jireenya haaraa arganna. Dhiifamuu cubbuus in arganna. Jaalala fayyisuu Isaa namoota birootti dubbachuudhaaf humna arganna. Dubbiiwwan Macaafa Qulqulluu kana baranna.

Ijoollee warra xixinnoodhaaf:- luqqisicha keessaa kutaa gara jalqabaa, «Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha,ilmaWaaqayyoota'uuisaaakkaamantaniif»caafaman,kanjedhuqofaisaanbarsuusi.

Ijoollee gurguddoo: garee sadiitti qoodi; akka kanatti fufee jirutti luqqisicha qoqqoodii akka sammuutti qayyabataniif kenniif. Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif/ amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif/ caafaman.

Tokkoon tokkoon garee wanta jedhu erga baree booda, akka qooddaa luqqisichaatti duraa fi booda isaatii akka dubbatan taasisi. Itti fufuudhaan akeeki Macaafni Qulqulluun barreeffameef maali? jedhii gaafadhu. Akka barattoonni luqqisii Macaafa Qulqulluu sana dubbachuudhaan deebisan jajjabeessi. «Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif» jedhanii haa deebisan. Itti fufuudhaan: Yesus Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya ta’uu Isaa yommuu amantan Waaqayyo biraa keennaa dinqisiisaa attamii argattu? jedhii gaafadhu. Ammas barattoonni luqqisii Macaafa Qulqulluu sana dubbachuudhaan akka deebisan jajjabeessi. Gaalee «Maqaa Isaatti jireenyaakkaqabaattaniif»jedhuhundumti isaanii si harkaa fudhatanii akkajedhan taasisi; hammaisaanguutummaaluqqisichaasammuutti qabatanittiirradeddeebi’aatii walii wajjin jedhaa.

Faarfannaa:- In caalamaqaanKee(Lakkoofsa 16)jedhu faarfadhaa.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa qajeelfamaa kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 57

Yesus Gara Waaqaatti Ol ba’e

(Maatewos 28:19-20; Luqaas 24:50-53; Hojii Ergamootaa 1:1-11)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 141-142

Dhugaa Ijoo

Yesus erga du’ee du’aa ka’ee booda gara waaqaatti ol ba’e. Deebi’ee akka dhufuu fi amantoonni Isaa jireenya bara baraa akka jiraataniif akka isaan fudhatu abdachiiseera. Humna Hafuura Qulqulluutii deebi’ee dhufuu Yesus eegaa utuu jirruu dhugaa Isaa fi jaalala Isaa isa fayyisu namootatti akka himnuuf jabina nuuf kenna.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Yesus erga du’aa ka’ee guyyoota afurtama booda gara waaqaatti akka ol ba’e in BEEKU.

• Lammaffaa deebi’ee dhufuu Yesus eeggachaa utuu jiranii, jaalala fayyisuu Yesus fedhii namoota birootti dubbachuutti in GUDDATU

• Yesus Fayyisaa fi karaa isa tokkicha gara jireenya waaqa irraatti geessu akka ta’e ija jabinaan namootatti dubbachuu ITTI FUFU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

Yesus, «dhuga-baatuu koo in taatu” isaaniin jedhe» (Hojii Ergamootaa 1:8).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 57ffaadhaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sanaa boca isaaniitiin murii baasiitii halluu kobbii dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Fakkii jireenyaan wal-fudhachiisuu fakkisuu shaakalaa. Mata-duree “Dhugaa Seenaa Macaafa Qulqulluu kana jireenya ijoolleetiin wal-fudhachiisuu” jedhu ilaali.

3. Qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti sarara ciccitaahojii harkaa barumsa 57ffaa kanaaf qophaa’e fakkii “Ol Ba’uu Yesus” jedhu waraabbii isaa tokkoo tokkoo ijoolleetiif qopheessi.Ittidabaleeskirniiyookiinfo’aaqalloosantiimeetira30dheeratutokkootokkoo ijoolleetiif si barbaachisa. Tokkoo tokkoo waraqaa hojii harkaatiif qophaa’e irratti fakkii duumessaa sarara ciccittuu muriitii baasi. Ijoollee xixinnootiif yeroo barumsaa dura fakkii duumessaa fi kan Yesus murii baasiif. Ijoolleen gurguddoonni ofii isaaniitiif hojjetachuu in danda’u. Kun attamitti akka ta’u immoo fakkeenyaaf tokko hojjedhuu itti argisiisi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

(Maatewos 28:19-20; Luqaas 24:50-53; Hojii Ergamootaa 1:1-11)dubbisi.

1. Wangeelli Luqaasii fi Hojiin Ergamootaa lamaan isaanii namicha Luqaas jedhamuun barreeffaman. Wangeelli Luqaas waa’ee ol ba’uu Yesus baay’ee gabaabsee dubbachuudhaan xumura. Hojiin Ergamootaa immoo yeroo du’aa ka’uu Yesusii fi ol ba’uu Isaa gidduu ture gabaabaatti ibsuudhaan jalqaba; isa boodas haala ol ba’uu Isaa marsan dhugaa tokko tokko dubbata. Yesus du’aa ka’uu Isaa booda guyyoota afurtamaaf biyya lafaairraturee«waa'eemootummaaWaaqayyoosisaanittiindubbate» (HojiiErgamootaa 1:3). Yesus erga du’aa ka’ee booda si’a kudha tokko akka isaanitti of mul’isee fi kunneen keessaas shan SanbataGuddaagaafuma du’aaka’esanatti akkata’anMacaafniQulqulluun ragaa isaa in kenna. Yesus kan deddeebi’ee isaanitti of mul’iseef akka Inni jiraataa ta’e shakkiin akka hin jiraanneefii dha.

2. «Isaanii wajjin utuu jiruus, “Abdii abbaan koo isiniif kenne, isa ani isinitti hime sana eeggadhaa malee, Yerusaalemii hin ba'inaa!” jedhee isaan abboome. Itti dabalees, “Yohannis bishaaniin cuuphe, isin garuu guyyaa baay'ee utuu hin turin hafuura qulqulluudhaan in cuuphamtu” jedhe» (Hojii Ergamootaa 1:4-5). Hojii Yesus yeroo dhihoo keessatti isaaniif kennu akka hojjetaniif Hafuurri Qulqulluun ergamoota sanaaf humna in kenna (Hojii Ergamootaa 1:8; Maatewos 28:19-20). Kana booda Macaafa Qulqulluu keessatti bartoonni warri kudha tokkoo “Ergamoota” jedhamanii akka waamaman hubadhu. Ergamoonni namoota kallattiidhaan Yesusiin waamamanii fi dhuma irrattis du’aa ka’uu Isaa booda Yesusiin arganii dha. Amma garuu barattootaaf akka galuufitti barumsa kana keessatti bartoota jedhamanii ibsamu.

3. Yesus erga akka isaan Hafuura Qulqulluudhaan cuuphaman isaanitti himee booda Ergamoonni, «Yaa gooftaa, si'a kana Israa'eliif mootummaa deebiftaafii ree?” jedhanii gaafatan»(Hojii Ergamootaa 1:6). Ergamoonni akkuma namoota Israa’el keessa jiraatan warra kaanii yeroo itti bittaa warra Roomaa jalaa ba’anii mootummaa ofii isaanii dhaabbatan eeggachaa turan. Mootummaan Yesus bulchu kan siyaasaa utuu hin ta’in kan hafuuraa ta’uu isaa amma illee hin hubanne turan.

4. Gaaffii Ergamootaa boodaYesusibsa Isaa itti fufee, “Yeroo yookiin bara abbaan gooftummaaisaatiin dhaabe,beekuunisiniifhin kennamne. Isingaruu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu'u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” isaaniin jedhe (Hojii Ergamootaa 1:7-8). Akka amantoonni hundumtuu Isa bira jiraataniif guyyaan inni dhumaa Waaqayo karoorse yoom akka xumuramu, yookiin Yesus yoom deebi’ee gara biyya lafaa akka dhufu eenyu iyyuu hin beeku. Wanti beekuun nu barbaachisu Waaqayyo mootummaa Isaatiif karoora akka qabu, karoorri Isaas gaarii fi miidhagaa akka ta’ee dha; kun immoo Waaqayyos akkuma kana waan ta’eefii dha. Ergamoonni sun waa’ee wanta beekuu hin dandeenyee itti dhiphachuunisaan irra hin turre. Isadhiisanii akkaisaan dhugabaatuu ta’aniif hojji Yesus isaanitti kenne bakkaan ga’uutu isaan irra jira. Dhuga-baatuun

(ragooleen) namoota wanta arganii fi dhaga’an himanii dha. Mootummaan Waaqayyoo saba Yihudootaa fi namoota hundumaaf waan ta’eef, Ergamoonni dhugaa waa’ee Yesus guutummaa biyya lafaatiin ga’uutu isaan irraa barbaadama. Yesus Ergamoota sanaan, «Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” isaaniin jedhe»(Maatewos 28:19-20). Yesus abboommii kana nuufis kenneera. Abboommii kana hojii irra oolchuudhaafis beekumsa, jabinaa fi gargaarsa akka nuuf ta’uufis Hafuura Qulqulluu nuuf kenneera. Itti dabalees akkuma Ergamootaaf kenne «Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira»(Maatewos 28:20)jedhee abdii nuuf kenneera.

5. «Dubbii kana dubbatees, utuma isaan ilaalanii gara waaqaatti ol fudhatame; duumessi isa simate, ija isaanii duraas in dhokse. Utuma isaan karaa inni ol ba'e sanattii ija hin buqqifatin, kunoo, namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bukkee dhaabatanii»(Hojii Ergamootaa 1:9-10). Iddoo Yesus itti ol ba’e sana Luqaas, «Bitaaniyaatti» jedhee barreessa (Luqaas 24:50). Itti dabalees Luqaas akka Yesus «Utuma isaan eebbisaa jiruus, isaan irraa gargar ba'ee, gara waaqa keessaatti ol fudhatame» jedhee ibsa (Luqaas 24:51). Namoonni lamaan isaanitti mul’atanis Ergamoota Waaqayyoo ti. Ergaan isaan bartoota sanatti himanis, Yesus gaaf tokko akkuma gara waaqaatti ol ba’e sanatti, duumessa keessaan akka adeeme, akkuma sanatti deebi’ee akka Inni dhufuu dha. Hamma sanatti immoo bartoonni wanta hojjetan qabu. Isaan mootummaa ayyaanaa Waaqayyoo keessatti hojjetoota ta’u. Isa booda bartoonni «sagadaniifii, gammachuu guddaadhaan gara Yerusaalemitti deebi'an; gaafa hundumaas mana qulqullummaa keessatti maqaa Waaqayyoo galateeffachaa turan»(Luqaas 24:52-53). Akkuma Yesus isaanitti himetti Yerusaalem keessa turanii Hafuura Qulqulluu eeggatan.

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa:Isa guddaa humna Waaqayyoo(Lakkoofsa 18) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Gocha sochiin argisiifamu:-Hojii guddaa barbaachisaa

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Hojii namoonni hojjetan tokko tokko dubbadhaa isaaniin jedhi. (Akka ijoolleen deebii kennaniif yeroo kenniif. Tarii hedduun isaanii hojii maatii isaanii himu ta’a.) Itti fufuudhaan, yommuu guddattan hojii attamii hojjechuu barbaaddu? jedhii gaafadhu (ijoolleen deebii haa kennan).

Yesus hojii guddaa barbaachisaa akka isiniif kennee ture, amma akka hojjettaniifis akka isin gargaaruufifuuladurattis barajireenyakeessanhundumaatti yommuuisinhojjettanisingargaaruu Isaa akka itti fufu in beektuu? Hojichis seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti akka bartoonni Isaa hojjetaniif isa Yesus isaaniif kennee wajjin wal fakkaata. Hojiin guddaa barbaachisaan kun maal akka ta’e beekuudhaaf seenaa Macaafa Qulqulluu kana sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa:Dubbichi Waaqayyo(Lakkoofsa 3) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana dubbachuu

Filmaata 1:-macaafa “Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa «Yesus gara waaqaatti ol ba’e» kan jedhu yommuu dubbistu, seenessuu kee cimsitee dhiheessuudhaaf horgoggeewwan gara duuba qajeelfama kanaatti argaman fayyadami.

Filmaata 2:-Seenessuu hojiidhaan ta’u

Tokkoo tokkoo hima seenaa Macaafa Qulqulluu kanatti fufee jiruu erga dubbistee booda, gochaawwan tartiibeffaman hojjedhu. Isa booda immoo akka ijoolleen si harkaa fudhatanii si boodaan irra deebi’anii jedhaniif gargaari.

Dubbadhu Hojjedhu

Yesus awwaala keessaa erga ka’ee booda guyyoota afurtama lafa irra ture.

Jiraataa ta’uu Isaa mirkaneeffatanii akka beekaniif yeroo hedduu deddeebi’e bartoota Isaatti mul’ate

Afurtama akka guututti qubeetii kee kurnan si’a afur ol kaasi.

Eeyyee, jedhuudhaaf mataa kee sochoosi.

Gaaf tokko Yesus Ergamoota Isaatiin “Yeroo dhihootti gara waaqaattan ol ba’a” jedhe. Ol ilaali.

Yesus, «dhaqaa, maqaa Abbaatii fi Ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa» isaaniin jedhe.

Yesus, «Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa!» jedhe.

«Ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira»

Hojii barbaachisaan Yesus bartoota Isaaf keenne, jaalala Isaa isa fayyisu nama hundumaatti akka himanii dha.

Kana booda Yesus bartoota Isaa gara gaara xinnaa Magaalaa Bitaaniyaatti dhihoo jiruutti isaan geesse.

Nama bishaan harka irraa gadi dhangalaasu of fakkeessi.

Akka nama barsiisuutti asii fi achi a’adeemaa akka waan dubbattuutti afaan kee sosochoosi.

Qummaadi.

Qubeetii argisiiftuu kee lamaaniin fannoo tolchii laphee kee irra kaa’adhu.

Akka nama gaara ol ba’uutti suutatti bakkuma jirtutti adeemi. Yesus harkawwan Isaa bal’isee bartoota Isaa eebbise. Utuma isaan eebbisuus lafa irraa ol ka’uu jalqabe. Ol fagaachaas adeeme. Utuu Yesus gara waaqaatti ol ba’uus bartoonni Isaa in argan. Dhuma irrattis duumessi agartuu isaanii duraa dhokse. Egaa Yesus kun gara mana Isaa isa waaqa irraatti gale.

Bartoonni Ergamoonni Waaqayyoo lama uffata adaadii uffatanii isaan bira dhaabatanii argani. Ergamoonni sun Yesusumti kun deebi’ee akka dhufu isaanitti himan.

Bartoonni Waaqayyoon galateeffatanii gara Yerusaalemitti deebi’an.

Ijoota kee harka keetiin gaaddiseessii ol ilaali.

Qubeetii argisiistuu keelamaanol kaasi.

Harkawwan kee walitti qabadhuu kadhadhu; isa boodas bakkuma jirtutti adeemi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Yesus akka isaan maal hojjetaniif bartoota Isaatti hime? (Akka isaan dhaqanii saba hundumaa maqaa Sadan Tokkummaa Waaqayyootti cuphuudhaan bartoota Isaa akka taasisan Yesus isaanitti hime. Itti dabalees wanta Inni isaan abboome hundumaa eeguus akka isaan barsiisan isaanitti hime.)

2. Yesus eessa adeeme? (Yesus deebi’ee gara waaqaatti ol ba’e.)

3. Yesus deebi’ee in dhufaa? (Eeyyee; Yesus gaaf tokko deebi’ee in dhufa.)

Sochii hojjechuudhaan keessa deebi’uu:-qubeetii gurguddaa ol kaasuu/gadi qabuu (Harka ol kaasuu/gadi qabuu)

Ijoolleenaannookeeteessisi.Akkasisaaniinjedhi:- seenaawwanMacaafaQulqulluuyeroodarbee sadan hammam akka yaadattan haa ilaallu. Amma himoota muraasa nan dubbisa. Yoo himi sun sirriidha ta’e, quba guddaa keessan ol qabaa; yoo inni sirrii miti ta’e immoo quba guddaa keessan gara lafaatti gadi qabaa.

Himoota kanatti fufanii jiran ijoolleedhaaf dubbisi. Akka tokkoo tokkoon isaanii deebii kennaniif yeroo kenniif. Akka ijoolleen dhugaa Macaafa Qulqulluu sirriitti dhaga’aniif sana hubachuudhaaf filmaata seenessuu isa itti hin fayyadaminitti fayyadamii dhugaa , hima isa sirrii hin ta’initti fufee himi inni sirriin akka dhufu hubadhu.

1. Bartoonni awwaala Yesus irraa dhagicha garagalchan. (Quba guddaa gadi qabuu) Ergamaan awwaala Yesus irraa dhagicha garagalche. (Quba guddaa ol qabuu)

2. Dubartoonni sadii ganama bariidhaan gara awwaalichaa dhaqan. (Quba guddaa ol qabuu)

3. Dubartoonni sun awwaalicha keessa yommuu ilaalan Yesus jiraataa ta’ee argan. (Quba guddaa gadi qabuu)

4. Dubartoonni sun awwaalicha keessa yommuu ilaalan Ergamoota lama argan. (Quba guddaa ol qabuu)

5. Gaafa du’aa ka’e ganama Yesus bakka dhaabaa sanaatti Maariyaamitti mul’ate. (Quba guddaa ol qabuu)

6. Gaafa du’aa ka’e galgala Yesus Toomaasiin dabalatee bartoota hundumatti mul’ate. (Quba guddaa gadi qabuu)

7. Gaafa du’aa ka’e galgala Toomaas irraa kan hafe Yesus bartoota hundumatti mul’ate. (Quba guddaa ol qabuu)

8. Torban tokko booda Yesus jiraataa ta’uu Isaa Toomaasiif mirkaneessuudhaaf itti mul’ate. (Quba guddaa ol qabuu)

9. Bartoonni Isaa gara biyya lafaa hundumaa dhaqanii bartoota akka isaan taasisan Yesus isaanitti hime. (Quba guddaa ol qabuu)

10. Yesus yommuu gara waaqaatti ol ba’e duumessa keessa seene. (Quba guddaa ol qabuu)

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu Jireenya Barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Hojii Yesusiif hojjennu

Akka hundumti isaanii si arguu danda’anitti ijoollee marsaadhaan teessisi. Akkas jedhii isaan gaafadhu:-Yesus gara waaqaatti ol deebi’uu Isaa dura hojii Inni bartoota Isaatiif kenne maal ture? (Gara biyya lafaa hundumaa dhaqanii, karaan gara waaqaatti geessu Isa qofa akka ta’e namoota hundumatti akka himan Yesus isaanitti hime.) Jalqaba barumsa keenyaa irratti waa’ee hojii Yesus isiniif kennee dubbannee turre. Hojii isa Yesus bartootaaf kennee wajjin wal fakkaata. Yesus namni Isatti amanu hundumtuu waa’ee Isaa namoota birootti akka himu barbaada. Hojii barbaachisaa kana hojjechuuf akka nama gargaaruuf Yesus Hafuura Qulqulluu namaaf kenna.

Waa’ee namoota birootti maal dubbachuu akka dandeenyu haa shaakallu. Nama biraa tokkotti dubbachuu akka dandeessaniif ani waa’ee Yesus wanta tokko kan argisiisu fakkii tokkon fakkisa. Fakkiin sun waa’ee jireenya Yesus wanta argisiisu akka qabu yommuu bartan harka keessan ol qabaa. Waa’ee Yesus maal akka irraa barre darabeedhaan haa dubbannu.

Gabatee gurraacha, waraqaa guddaa, awwaara yookiin cirracha irratti fakkiiwwan kanatti fufanii jiran fakkisaa. Tokkoo tokkoo fakkii sanaatti fufee waa’ee Yesus wanta innii dubbatu tokkotu barreeffamee jira.

YesusFayyisaakeenyanuuf ta’eegarabiyyalafaayomm uudhufedallaahoriikeessatt idhalateesireehoriinirraany aatuirraciise

Yesusbubbicha gabgodheebartootaIsaagalaanaanli qifamuuyommuuoolche, aboouumamairrattiqabuargisii se.

YerooYesuscuuphameWa aqayyoAbbaanIlmaIsaaak kaInnita’edhugaaba’eef

CidhaQaanaattita’eirrattiYesusbishaan daadhiittijijjiiruudhaandinqiiisajalqaba ahojjeteenhumnaWaaqayyummaaIsaa argisiise.

Namichadhagnii saa gartokkodu’e, adeemuuhindand eenyetokkodabal atee, Yesusnamootahe dduufayyise.

Yesusbuddeen ashanii fi qurxummii lama namoota 5000 irrabaay’atans oore.

Yesusbisha anirraadeem uustaanaan, hunudumaa danda’a.

Yesusdu’uuIsaa dura bartootaIsaatiin ‹‹KunfoonKooti, isniifkankennanu, fudhadhaanyaadhaa; kundhiigaKooti, isiniifkandhangala’u, kanattiidhugaa›› isaaniinjedhe.

Yesuscubbuukee nyattii nu fayyisuudhaaffan nooirrattirarraafa meedu’e.

Yesusguddaa nu jaallata; namniIsattiamanedhiifa muucubbuu, jireenyahaaraakan bara baraa fi mana waaqairraanuufkennuufd u’ee, du’aaka’e

Yesusergadu’ee , guyyaasadaffaat tidu’aaka’e.

Hojii jireenyaan wal-fudhachiisuu xumuruudhaaf, ijoolleen haa dhaabatan. Itti fufuudhaan faarfannaaItti qabsiisi ibidda Hafuuraa(Lakkoofsa 19) jedhu walii wajjin faarfadhaa. Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

Yesus, «dhuga-baatuu koo in taatu” isaaniin jedhe» (Hojii Ergamootaa 1:8).

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Macaafa Qulqulluu kee baafadhu; baniitii akkas jedhi;Yesus warri Isatti amanan hundumtuu hojii dinqisiisaa tokko tokko akka hojjetaniif in kennaaf. Yesus «dhuga-baatuu koo in taatu»jedhee dubbateera.Dhuga-baatuun nama wanta argee fi dhaga’e himuu dha. Dhugaa Yesus Dubbii Waaqayyoo isa ta’e Macaafa Qulqulluu keessaa beekna. Yommuu waa’ee Yesus dhugaa baanu, hojii gurguddaa Inni hojjetee fi fayyina keenyaaf

itti fufee kan Inni nuuf hojjetu namoota birootti himna. Jechoota Macaafa Qulqulluu kana haa barannu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana barsiisuudhaaf akka kanatti fufee jirutti harka rukutachuutti fayyadami. (X) si’a tokko harka rukutachuu argisiisa. Yesus akksa jedhe (XX), «dhuga-baatuu (XX) koo in taatu (XX).» Hamma ijoolleen luqqisicha sirriitti baranitti harka rukutachuu yeroo baay’ee irra deddeebi’i.

Faarfannaa(nnoota):- faarfannaa kanatti fufanii jiran keessa deebi’aatii faarfadhaa Maal jennuree (Lakkoofsa 24), Nuyi gammachuu qabna(Lakkoofsa 28), Wangeellikeenya(Lakkoofsa 35) jedhan faarfadhaa.

Hojii harkaa: Ol ba’uu Yesus

Fakkii akka fakkeenyaatti duursitee qopheessite ijoolleetti argisiisi. Fakkii Yesus jalqaba duumessaa gaditti rarraasi. Gaaffii kana gaafadhu:- bartoonni Yesus Bitaaniyaatti dhihootti maal argan? (Yesus yommuu gara waaqaatti ol ba’e, duumessaan olitti akka adeeme argan.) Sirrii dha! Bartoonni Isaa utuu Yesus duumessaa olitti gara waaqaatti ol ba’uu arganiiru. Amma kirnii fakkicha ittiin rarraafte ol harkisiitii akka fakkichi duumessaa olitti argamu taasisi. Fakkeenyi fakkiidhaan kaa’ame kun Yesus erga du’aa ka’ee booda gara waaqaatti akka Inni ol ba’e nu yaadachiisa. Warra Isatti amanan gara ofii Isaatti fudhachuu fi Isaa wajjin waaqa irra bara baraan akka jiraatan taasisuudhaaf gaaf tokko deebi’ee in dhufa.

Fakkii Yesusii fi kan duumessaa isa dursittee murtee qopheessite tokkoo tokkoo ijoollee xixinnoof kenni. Ijoolleen gurguddoonni ofii isaaniitii muranii akka baasataniif waraqaa fakkiileen sun irra jiran tokkoo tokkoo isaaniitiif kenni. Akka ijoolleen fakkicha halluu diban isaan abboomi.

Tokkoo tokkoo ijoolleetiif muka qalloo santii meetira 30 ta’u kenniif. Fakkii Yesus muka sana irratti fiixee gam-tokkootiin maxxansanii akka qabsiisan taasisi. Fo’aa sana gama kaaniin immoo akka duumessa fakkaatuuf jirbii akka itti qabsiisan taasisi. Jirbicha suuta jedhanii harkisuudhaan akkainni fakkii Yesus aguugutaasisuudhaanakka fakkichi“dhabame”haaargisiisan.Seenaakana yommuu maatii isaaniitti himan akka Yesus gara waaqaatti ol ba’e argisiisuudhaaf fakkii fi jirbii akka fayyadaman jajjabeessi.

Faarfannaa:-Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha(Lakkoofsa 21) jedhu faarfadhaa.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa qajeelfamaa kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Baafata

Barumsa 58

Bu’uu Hafuura Qulqulluu

(Hojii Ergamootaa 2)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 143-144

Dhugaa Ijoo

Duuka buutonni Yesus amantiin isaanii utuu gargar hin citin jabaatanii akka dhaabatanii fi fayyina Yesus Kristos qofaadhaan argame namoota birootti akka himaniif Du’aa ka’uu Yesus booda gaafa ayyaana guyyaa shantammaffaa Waaqayyo Hafuura Qulqulluu isaaniif erge. Sadan tokkummaa Waaqayyootti akka amannuuf amantii kan nuuf kennuu fi bara jireenya keenyaa hundumaa akka itti guddannu kan nu taasisu yeroo cuuphaatti Hafuura Qulqulluu fudhanna. Hafuurri Qulqulluun dhiifamuu cubbuu Waaqayyo kennuu fi jireenya bara baraa karaa Yesusiitiin argame amanuu namoota birootti akka himnuuf nu gargaara.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Yesus du’aa ka’ee guyyaa shantammaffaa isaatti, gaafa ayyaana guyyaa shantammaffaa akka duuka buutonni Yesus wantoota dinqisiisoo Waaqayyo karaa Ilma Isaa Yesusiitiin hojjete namootatti akka himaniif akka isaan gargaaruuf Hafuura Qulqulluu akka ergeef inBEEKU.

• Jaalala fayyisuu Yesusii fi dhiifamuu cubbuu fedhii namootatti labsuutti in GUDDATU.

• Jaalala Yesus isaaf qabu isaanis namootaaf qabachaa in JRAATU. Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

«Namni tokko illees Hafuura Qulqulluutiin yoo ta'e malee, “Yesus Gooftaa dha” jechuu» hin danda’u(1Qorontos 12:3).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 58ffaadhaaf kaa’aman qopheessi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Waraqaa rarraafamu dalgi isaa santii meetira sadii, dheerinni isaa santii meetira jaatama ta’u, tokkoo tokkoo ijoolleetiif murii qopheessi. Tokkoo tokkoo ciccittuu waraqaa sana walitti qabsiisi; hamma santii meetira lama hin caalletti wal irra naqi. Fakkeenyaaf kan qophaa’e fuula gara duuba qajeelfama kanaatti kan argamu isa barumsa 58ffaaf ramadame tokkoo tokkoo ijoolleetiif qopheessi. Ijoolleen gurguddoonni ofiif qopheeffachuu in danda’u.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

(Hojii Ergamootaa 2:1-41)dubbisi. Itti dabalees macaafa barumsa Kristaanaa, Kateeksimos isa xinnaa Luuter barreesse, ibsa isaa wajjinii keessaa, gaaffilee 154-167 tti deebiin isaan waa’ee hojii Hafuura Qulqulluu keessa deebiidhaaf oolu fayyadami.

1. Ayyaanni guyyaa shantammaffaa gaafa Yesus du’aa ka’e irraa eegalee guyyaa shantammaffaa irra kan ooluu dha. Sanbata Guddaa (Dilbata) irra oola. Phenxeqostee kan jedhu “guyyaa shantammaffaa” jechuu dha. Phenxeqosteen “Ayyaana torbanootaa”, “Ayyaana midhaan sassaabuu” fi “Ayyaana angafa kennuu” jedhamees in beekama. Kunis caalmaatti yeroo qamadiin itti haamamu, walakkeessa baatii Caamsaatii hamma walakkeessa Waxabajjii keessa ayyaaneffama. Bara Macaafa Qulqulluutti Yihudoonni amanamoonni guyyaa Phenxeeqostee kana ayyaanessuudhaaf gara mana qulqullummaa Yerusaalem dhaqu. Akkasuma immoo yeroo Ayyaana Faasikaas in dhufu. Yeroo ayyaana guyyaa shantammaffaa namoonni akka eebba Waaqayyo kenneefiitti kennaa Isaaf in kennu.

2. Barumsa kana keessatti ayyaana guyyaa shantammaffaa kan jedhu seenaa Macaafa Qulqulluu gaafa Yesus du’aa ka’e irraa jalqabee guyyaa shantammaffaa isaa ti. Duuka buutonni Yesus “iddoo tokkotti walitti qabamanii turan” (Hojii Ergamootaa 2:1). Gareen kun kan of keessaa qabu: Ergamoota, haadha manootii Ergmootaa, Maariyaam haadha Yesusii fi amantoota biroo ta’u. Walii-galatti gareen kun namoota 120 turan (Hojii Ergamootaa 1:12-15). Hojiin Ergamootaa 2:2 duuka buutonni Yesus “mana keessa turan” jedha. Manichi isa Yesus du’uu Isaa dura bartoota Isaa wajjin Irbaata Faasikaa itti nyaatan, isa darbii qabu ta’uu in danda’a. Tarii immoo gara biraas ta’uu in danda’a.

3. «Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga'amee, manicha isaan keessa jiranis guute. Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, wanti akkaarrabaibiddaa kuntokkoon tokkoonisaanii irrataa'an»(Hojii Ergamootaa2:23). Hafuurri yookiin qelleensi fakkeenya hafuura Waaqayyoo ti (Yohannis 3:8). Ibiddi fakkeenya argamuu Waaqayyoo ti (Ba’uu 3:2). Akkaataan dhufaatii Hafuura Qulqulluu kan itti dhaga’amuu fi argamu ta’uu in danda’a.

4. Huursaan qilleensaa erga dhaga’amee fi arrabni ibiddaa erga mul’atanii booda:- «Yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban» (Hojii Ergamootaa 2:4). Iddoo kanatti afaan garaa garaa inni jedhu kennaa Hafuura Qulqulluu afaan hin beekamne utuu hin ta’in, afaan addaaddaakan argisiisuu dha (HojiiErgamootaa10:44-46).Duukabuutonni Yesus saba biyya lafaa hundumaa keessaa Yihudoonni Waaqayyoon sodaatan ayyaana guyyaa shantammaffaa ayyaanessuudhaaf Yerusaalemitti walitti kan qabaman afaan biyyoota keessa jiraatanii isaan dubbataniin dubbachuutu isaan irra ture (Hojii Ergamootaa 2:5). Tokkoon tokkoon namoota sanaa “afaan ofiitiin utuu dubbatamoo dhaga’a”, kanaaf sabni hundumtuu “in dinqifatan” (Hojii Ergamootaa 2:6-7). Humna Hafuura Qulqulluu irraa kan ka’e namoonni iddoo sanatti walitti qabaman afaan ofii isaaniitiin ergaa wangeelaa dhaga’uu danda’an. Haa ta’u malee tokko tokko immoo duuka buutota Yesuusiin “Isaan kun daadhii jabaa quufaniiru” jedhanii itti ga'isan (Hojii Ergamootaa 2:13). 5. Phexiros ka’ee isaan gidduu dhaabatee akkas isaaniin jedhe, «Jarreen kun kan machaa'an isinitti hin fakkaatin, amma ganama, yeroonis sa'aatii sadaffaa dha»(Hojii Ergamootaa 2:15). Ganama sa’atii sadii jechuun Yihudootaaf yeroo kadhata ganamaa yommuu ta’u, isa dura hin nyaatan. Daadhii wayinii immoo kan isaan dhugan yeroo midhaan nyaatan waan

tureef, yeroon ciree hin geenye waan ta’eef duuka buutonni Yesus in machaa’an jechuun hin danda’amnu. Phexros wanti ta’e sun raajii inni Yo’el dubbate raawwatamuu isaa ibsuu itti fufe (Hojii Ergamoota 2:28-32). Afaanota birootiin dubbachuun sun akkuma Waaqayyo abdachiisee ture firii bu’uu Hafuura Qulqulluu akka ta’e Phexros dubbate.

6. Itti fufees akkaataa itti Yesus biyya lafaa cubbuuttii fayyise lallaba humna qabu akka Phexros lallabuuf Hafuurri Qulqulluun isa dandeessise. Phexros Yesusiin ajjeesuu isaaniitiif namoota achitti walitti qabaman mul’inatti ceepha’e (Hojii Ergamootaa 2:23) Yesus sababii cubbuu keenyaaf du’e; Phexros dhugaa du’aa ka’uu Yesus labse (Hojii Ergamootaa 2:24). Yesus hidda Daawit keessaa akka ta’ee fi foon Isaa tortora akka hin argine Daawit raajii akka dubbate Phexros in ibse (Hojii Ergamootaa 2:31; Faarfannaa 16:10). Phexros lallaba isaa isa akka billaa akkas jedhee xumure; “Egaa Waaqayyo, Yesus Isa isin muka irratti fanniftan kana gooftaadhaa fi Masiihii akka godhe, Israa'elonni hundinuu utuu hin mamin haa beekan!” jedhe (Hojii Ergamootaa 2:31).

7. «Namoonnis kana dhaga'anii garaan isaanii baqaqe; Phexrosii fi ergamoota warra kaaniin, “Yaa obboloota nana, maal goonu ree?” jedhan»(Hojii Ergamootaa 2:37). Sabni sun gaaffii kana gaafachuun isaanii Dubbii Waaqayyoo dhaga’aniin cubbuu isaanii amanuu isaanii argisiisa. Cubbaamoota akka ta’anis in hubatan. Waa’ee cubbuu isaaniis in gaddan. Waaqayyo ergaa wangeelaa akka isaan dhaggeeffataniif yaada garaa isaanii qopheesse; kanaaf Phexros itti fufee akkas isaaniin jedhe; «Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkoon tokkoon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu»(Hojii Ergamootaa 2:38) Phexros abdiin sun isaanii fi ijoollee isaaniitiif akka ta’e namoota sanatti hime (Hojii Ergamootaa 2:39). «Warri dubbii isaa fudhatan in cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu kuma sadii isaanitti in dabalaman» jedhee Dubbiin Waaqayyoo in mirkaneessa (Hojii Ergamootaa 2:41). Akkuma Yesus abboomee ture, amantoonni haaraan sun gara biyya biyya isaaniitti: Asiyaa, Afrikaa fi Awurophaa akkuma adeemaniin, dhugaan Dubbii Yesus “hamma handaara lafaatti” adeemuu isaa itti fufe (Hojii Ergamootaa 1:8). 8. Ebbawwan fayyinaa akka qabaannuu fi jireenya Waaqayyoon sodaachuu qabuun akka geggeeffamnuuf, Hafuurri Qulqulluun Kristositti amanuu nu keessa bulchuudhaan nu qulqulleessa (Barumsa amantii Kristaanaa, Katee-ksimoos isa xinnaa Luuter barreesse, ibsa isaa wajjinii gaaffii 156). Hafuurri Qulqulluun amantii nu keessatti uuma; amantii keessattis nu eega. Inni Fayyisaa keenya Yesusiin beekuudhaan amantii keenyatti akka guddannu nu taasisa. Meeshaan Hafuurri Qulqulluun ittiin kana hojjetu Wangeela. Cubbuu mo’achuu fi hojii gaarii hojjechuu akka dandeenyuuf Hafuurri Qulqulluun karaa amantii hafuura, fedha, duudhaa fi miira keenya bira ga’ee guutummaa jireenya keenyaa jijjiiruu irratti hojjeta. Ofii keenyaan gara Yesus dhufuu waan nuyi hin danddeenyeef, amantii keenya jalqabuu fi cimsuudhaaf Hafuura Qulqulluu nu barbaachisa. Dhaloota keenyaan nuyi hafuuratti jaamaa dha; du’oo fi diinota Waaqayyootis. Hafuurri Qulqulluun yommuu nu keessatti hojjetu Yesus Isa fayyisu namoota birootti labsuudhaaf jabinaa fi humna nuuf kenna. (Barumsa amantii Kristaanaa, Katee-ksimoos isa xinnaa Luuter barreesse, ibsa isaa wajjinii gaaffilee157-166)

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- kadhannaa macaafa kana gara dhumaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: “Itti qabsiisi ibdda Hafuuraa” (Lakkoofsa 18) isa jedhu barsiisi. Yesus gara waaqaatti ol ba’uu Isaa dura Hafuura Qulqulluu erguudhaaf waa’ee abdii Inni duuka buutota Isaatiif kennee barattootaa wajjin keessa deebi’aa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Gocha sochiin argisiifamu:-Gargaaraa guddaa adda ta’e

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Akkas jedhii gaafadhu:-wantoonni tokko tokko ati hojjechuudhaaf gargaarsa barbaaddu maal fa’i? (Ijoolleen haa deebisan); gargaarsi ijoollee xixinnoon akka isaaniif taasifamu barbaadan:- kophee hidhuufii, murtuudhaan waa muruu, maqaa isaanii barreessuu fi uffata isaanii uffachuu fi kana kan fakkaatan ta’uu dandda’u. Ijoollonni gurguddoonni wantoota irratti gargaarsi isaan barbaachisu ofii isaaniitii dubbachuu in danda’u; fakkeenyaaf:-dubbisuu,iddoowwanaddaaddaaargachuu,meeshaaleegirgijjiioldheeraairrajiran gadi buusuu, biskiliittii oofuu fi kana kan fakkaatan ta’u.

Namoonni ga’eeyyiin iyyuu wantoota hedduu hojjechuu irratti gargaarsi isaan in barbaachisa. Yoo hamma fedhe gurguddoota taane illee Yesusiin amanuu irratti gargaarsa nu barbaachisa. Cubbuudhaan kan dhalanne waan taaneef ofii keenyaan amanuu hin dandeenyu. Nuyi diinota Waaqayyoo turre. Garuu amantiin inni keennaa Waaqayyoo ta’e si’a tokko nuuf kennameera waan ta’eef, amantiin keenya akka nu keessatti guddatuuf gargaarsa nu barbaachisa. Amantii Yesusitti qabnu namootaaf hiruudhaaf gargaarsa nu barbaachisa.

Yesus gara waaqaatti ol ba’uu Isaa dura duuka buutonni Isaa amantiitti guddachuudhaaf, akka jabaatanii fi amantii isaanii guutummaa biyya lafaatiin ga’uu akka danda’aniif gargaaraa akka isaaniif ergu abdii kenneefii ture. Abdiin Yesus kenne sun eenyuun erguu ture? (Abdiin Yesus kenne Hafuura Qulqulluu erguu ture.) Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti yommuu Yesus duuka buutota Isaatiif Hafuura Qulqulluu erge maaltu akka ta’e beekuudhaaf sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: Dubbichi Waaqayyo (Lakkoofsa 3) isa jedhu faarfanna.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1:-macaafa “Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa «Bu’uu Hafuura Qulqulluu» kan jedhu yommuu dubbistu, seenessuu kee cimsitee dhiheessuudhaaf horgoggeewwanqajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argaman fayyadami.

Filmaata 2:-Seenessuu hojiidhaan ta’u

AkkaisaanseenaaMacaafaQulqulluukanahojiidhaanargisiisaniifijoolleeramadi.Duukabuutota Yesus warra yommuu Hafuurri Qulqulluun bu’e walii wajjin turan fakkeessanii hojjechuudhaaf ijoollee torbaa fi kudha lamatu si barbaachisu. Nama akka Phexrositti hojjetu tokko si barbaachisa. Yommuu Hafuurri Qulqulluun bu’u huursaa qilleensaa dhageessisuudhaaf ijoollee tokko yookiin lamatu si barbaachisu. Barattoonni hafan immoo namoota walitti qabamanii lallaba Phexrosii fi duuka buutota Yesus warra kaanii dhaggeeffatan ta’u.

Seenaa Macaafa Qulqulluu kana macaafa “Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa yommuu dubbistu, yeroo huursaan qilleensaa dhaga’ame dinqisiifachuu isaanii hubachiisuudhaaf gara Phexrosii fi duuka buutota Yesus warra kaaniitti argisiisi. Erga Hafuurri Qulqulluun dhufee booda yommuu barattoonni saba walitti qabame fakkeessanii hojjetan Phexrosii fiduukabuutonni Yesus warri kaandhugaawaa’eeYesus isaanitti himuudhaafutuu gara saba sanaatti adeemanii argisiisi. Seenicha erga ati dubbistee booda, lallaba Phexros isa yaada saba sanaa mo’ate keessa deebi’anii haa dubbatan. Seenaa Macaafa Qulqulluu sana booda utuu duuka buutonni Yesus saba sana cuuphanii sochiidhaan argisiisi. Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. HafuurriQulqulluunmaalhojjete? (HafuurriQulqulluunhursaaqilleensajabaafiarraba ibiddaa gargar hirameen gara duuka buutota Yesus dhufe. Hafuurri Qulqulluun akka sabni Yerusaalem keessa turan isaan dhaga’aniif yaada garaa tokkoo tokkoo duuka buutota sanaatti galee afaanota adda addaatiin akka dubbataniif humna isaaniif kenne. Hafuurri Qulqulluun akka isaan wantoota dinqisiisoo Waaqayyo karaa Yesusiitiin hojjete hundumatti akka himaniif beekumsa, ija-jabinaa fi humna isaaniif kenne.)

2. Phexros sabichatti maal dubbate? (Phexros akka Waaqayyo namoota hundumaa cubbuuttii fayyisudhaaf akeeka isa qaba ture raawwachuudhaaf Ilama Isaa Yesusiin erge dubbate. Phexros du’a fannootti dabarsanii kan Isa kennan isaanuma akka ta’an isaanitti hime. Itti dabalees Phexros akka Yesus du’aa ka’ee fi bara baraan jiraataa ta’e isaanitti hime. Phexros akka Yesus gara waaqaatti ol ba’ee fi Waaqayyo Hafuura Qulqulluu Isa isaan dhaga’anii fi argan sana erge isaanitti dubbate.)

3. Sabni sun attamitti duuka buutota Yesus ta’an? (Sabni sun wanta Phexros isaanitti dubbate fudhatan. Waa’ee cubbuu isaaniifis gaddanii, cubbuu isaaniis himatanii cuuphaman. Sabichi kennaa Hafuura Qulqulluu isa Yesusitti amanuu yaada isaanii keessatti uumu, amantii isaanii kan jabeessuu fi guddisu fudhatan).

Sochii hojjechuudhaan keessa deebi’uu:-dhugaawwan Macaafa Qulqulluu sana keessa deebi’uudhaaf filmaata seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu irratti itti hin fayyadamin amma fayyadami. Keessa deebichaaf horgoggeewwan fayyadamta yoo ta’e, yommuu seenaa Macaafa Qulqulluu sana keessa deebi’anii sitti himan akka sosochoosaniif ijoolleetti kenni.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Yaa Hafuura Qulqulluu ana gargaari!

Ijoollee naannoo kee teessisi. Akkas jedhiiisaan gaafadhu:-Gaafa ayyaana guyyaa shantammaffaa Hafuurri Qulqulluun Phexrosii fi duuka buutota Yesus warra kaanis attamitti gargaare? (Hafuurri Qulqulluun Yesusitti amanuu isaaniif kenne; namoota biroon dhugaa waa’ee Yesus hubataniif akka duuka buutonni sun afaan adda addaatiin dubbataniif isaan gargaare. Waa’ee Yesus akka isaan namoota sanatti dubbataniifis Hafuurri Qulqulluun ija-jabina isaaniif kenne. Hafuurri Qulqulluun akka inni Dubbii Waaqayyoo humnaan dubbatuuf Phexrosiin gargaare.)

Hafuurri Qulqulluun akka duuka buutonni Yesus namoota biroo gargaaraniif isaan gargaare. Barumsa keenya duraa keessatti waa’ee yeroo itti gargaarsi nama barbaachisuu dubbannee turre. Amma immoo waa’ee Yesus ilaalchisee akkamitti ati namoota biroo

gargaaruu akka dandeessu dhageenya. Yeroo namni tokko dhukkubsatu yookiin miidhamu gargaaruun akka danda’amu ijoolleen akka ilaalaniif qajeelfama kenniif. Yeroo warra isaaniitti hojiin heddummatu gargaaruuin dandda’u.Yommuunamoonni gammadan faarfachuu in danda’u. Yeroo namni tokko gaddu dubbii jajjabeessu, oo’a itti dubbachuu in danda’u. Yeroo namni tokko qofaa ta’u dhibantaa ta’uufii in danda’u.

Yeroowwan caqasaman kun hundumtuu yeroo itti waa’ee Yesus nama kamiif iyyuu hirruu dha. Akkuma gaafa ayyaana guyyaa shantammaffaa namoota gargaare, Yesus nuunis attamitti akka cubbuu keenyattii nu fayyise, attamitti guyyaa hundumaa nu wajjin akka ta’u, akka Inni nu jaallatuu fi nu eegu namootatti akka dubbannuuf Hafuurri Qulqulluun nu gargaara.

Jaalala Yesus namootaaf akka hirruuf akka nu gargaaruuf Hafuura Qulqulluu haa kadhannu. Mee gaalee tokkon dubbisa. Tokkoo tokkoo gaalee ergan dubbisee booda jechoota“Yaa HafuuraQulqullu jaalala Yesusnamootaafakkanhiru nagargaari” jedhaatii xumuraa. Deebii isaa ijoollee wajjin shaakalaa. Akka ijoolleen yeroo itti deebii kennan beekan gargaaruudhaaf horgoggee afaan banamaa/cufamaa qabu qopheessi. Yeroo maree keessan darbe keessatti namoota jaalala Yesus argisiisan ijoolleen mul’isanii dubbataniiru yoo ta’e, dubbisa deebii kanatti fufanii jiran itti dabalaa.

Barsiisaa Barattoota

Dhibantaa miira gaarii irra hin jirre tokko yommun argu

Nama guutummaa guutuutti qofaa ta’e tokko yommuun argu

Yeroo maatiin koo hojii ulfaataatti qabamanii gargaarsi isaan barbaachisu

Yaa Hafuura Qulqulluu jaalala Yesus namootaaf akkan hiru na gargaari!

Yaa Hafuura Qulqulluu jaalala Yesus namootaaf akkan hiru na gargaari!

Yaa Hafuura Qulqulluu jaalala Yesus namootaaf akkan hiru na gargaari!

Yeroon nama miira gaddaa keessa jiru argu Yaa Hafuura Qulqulluu jaalala Yesus namootaaf akkan hiru na gargaari!

Nama Yesusiin hin beekne tokko yommuun argu Yaa Hafuura Qulqulluu jaalala Yesus namootaaf akkan hiru na gargaari!

Ameen!

Ameen!

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu:-«Namni tokko illees Hafuura Qulqulluutiin yoo ta'e malee, “Yesus Gooftaa dha” jechuu» hin danda’u(1Qorontos 12:3).

Ijoollee naannoo kee teessisi. Macaafa Qulqulluu kee banadhuutii akkas jedhi isaan gaafadhu:- Hafuurri Qulqulluun Yesusitti akka amannuuf laphee keenya keessatti amantii uuma; akka amantiin nu keessatti guddatuufis nu gargaara. Hafuurrii Qulqulluun nu keessatti hojjechuu Isaa irraa kan ka’e Yesus Fayyisaa fi Gooftaa akka ta’e amanuu fi Isa irratti of gatuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun:-«Namni tokko illees Hafuura Qulqulluutiin yoo ta'e malee, “Yesus Gooftaa dha” jechuu» hin danda’u jedha. Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana haa barannu.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana barsiisuudhaaf ijoollee garee lamatti qoodi. Garee tokkoof “Hafuura Qulqulluutiin yoo ta’e malee” isa jedhu kenniif. Garee lammaffaatiif immoo “Yesus Gooftaa dha” jechuu» hin danda’u; isa jedhu kenniifii “jaalala Yesus namootaaf akkan hiru na

gargaari”jedhaniinxumuraa. Deebii isaa ijoolleewajjin shaakalaa. Akka ijoolleen yerooitti deebii kennan beekan gargaaruudhaaf horgoggee afaan banamaa/cufamaa qabu qopheessi. Yeroo maree keessan darbe keessatti namoota jaalala Yesus argisiisan ijoolleen mul’isanii dubbataniiru yoo ta’e, dubbisa deebii kanatti fufanii jiran itti dabalaa. Yommuu tokkoon tokkoon garee kutaa luqqisii ofii isaasirriitti beeku,akkaduraa fibooda luqqisichaatti akka dubbatantaasisi. Isaboodas gareewwan sanaa wajjin luqqisicha xumuri. Akkaataa deemsa isaa irra deebi’i. Erga tokkoo tokkoon garee kutaalee luqqisichaa lamaanuu baratanii booda, tokkoon tokkoon ijoollee guutummaa luqqisichaa walii wajjin haa dubbatan.

Faarfannaa(nnoota):-Humni Hafuura Qulqulluu(Lakkoofsa 14) isa jedhu barsiisi.

Hojii harkaa:- huccuu qalloo Hafuura Qulqulluu ibsu

Huccuu qalloo dura murmurtee walitti qabsiiste tokkoo tokkoo ijoolleetiif kenni. Waraqaa kenniteef fuula tokko kobbii halluu diimaa akka diban isaanitti himi. Isa booda barreeffama fakkeenyaaf rarraafamu, isaaniif kenni. Yeroo sana akkas jedhii isaan gaafadhu:-seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti arrabni ibiddaa fuulicha irra jiru maal si yaadachiisa? (Arrabni ibiddichaa Hafuura Qulqulluu argisiisa.) Fuulicha irra gugeen maaliif kaa’ame? (Gugeen kan Kristaanonni Hafuura Qulqulluu argisiisuudhaaf itti fayyadamanii dha. Kunis yeroo Yesus cuuphame Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin waaqa irraa Isaaf dhufe kan argisiisuu dha.)

Fuulicha irratti mallattoon fannoo maaliif itti godhame? (Fannichi bakka Yesus cubbuu keenyaaf jedhee itti du’ee dha. Kunis dubbii ijoo amantii keenyaa ti; sababiin isaas kan Yesus ittiin nu fayyisee dha. Hafuurri Qulqulluun Fayyisaa keenya Yesusitti akka amannuuf amantii nuuf kenna.) Fuulicha irratti mallattoon onnee maaliif godhame? (Onneen jaalala argisiisa. Waaqayyo guddaa waan nu jaallatuuf Fayyisaa keenya akka nuuf ta’uuf Yesusiin nuuf erge; akkasumas amantii akka nuuf kennuuf, amantii keenyas namootaaf hiru akka dandeenyuuf nu haa gargaaruuf Hafuura Qulqulluu nuuf erge.) Akka ijoolleen tokkoo tokkoo mallatichaa halluu diban itti himi; yoo hin muramne ta’e immoo muriitii baasi. Akka barattoonni arraba sana akka barbaachisummaa isaatti huccuuwwan qalqalloo gidduutti maxxansan gargaari. Itti fufuudhaan arraba ibiddichaa irraa gara mirgaatiin gugee haa maxxansan. Cina arraaba ibiddaa fi gugeetti onnee haa maxxansan. Ibiddaa fi gugee irraa gama birootiin immoo fannoo haa maxxansan.

Amma arrabni ibiddichaa fi gugeen gidduu adda mucichaa irra akka oolutti tokkoon tokkoon ijoollee mataa isaaniitti naannessanii walitti haa qabsiisan. Fiixeewwan barreeffamichaa lamaan akka mataa mucichaatti ta’utti walitti qabsiisi.

Ijoolleen yommuu gara mana isaaniitti galan huccuu sana mataa isaaniitti kaa’atanii akka adeemaniif jajjabeessi. Akkasumas yommuu waa’ee seenaa Macaafa Qulqulluu kanaa dubbatan, mallattoowwan huccuu sanatti jiran akka fayyadamanii fi wanta Hafuurri Qulqulluun jireenya keenya keessatti hojjetu akka ittiin argisiisan taasisi.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa qajeelfamaa kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu. Baafata

Barumsa 59

Jijjiiramuu Saa’ol

(Hojii Ergamootaa 9:1-19; 26:12-23)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 145-146

Dhugaa Ijoo

Yesus yaada garaa keenyaa cubbuu irraa gara ofii Isaatti deebisuudhaaf humna qaba. Yesus akkuma Saa’oliin jijjiire, nuunis dukkana cubbuu keessaa nu furee, gara Isatti amanuutti nu fida.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Yesus akka Saa’ol Isatti amanuuf amantii akka isaaf kenne,cubbuu isaas akka dhiiseefii fi dhugaa fayyinaa namoota hedduutti akka himuuf Phaawulosiin akka geggeesse in BEEKU.

• Cubbuu isaanii beekuu fi dhiifamuu cubbuu Waaqayyoon gaafachuutti in GUDDATU

• Cubbuu isaanii himachuu fi Waaqayyo cubbuu isaanii waan isaaniif dhiiseef Isa galateeffachaa in JRAATU

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

«Yakka koo raawwadhuu ana irraa dhiqi, cubbuu koottiis ana qulleessi!»(Faarfannaa 51:2).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 59ffaadhaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sanaabocaisaaniitiin murii baasiitii halluukobbiidibi.Tokkootokkoo horgoggichaamuka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Seenaa himmuu filmaata 2ffaa fayyadamta yoo ta’e immoo, namabakkaSaa’ol ta’ee hojjetu barumsa kanaa fi barumsa 60ffaadhaaf filadhu. Akka Saa’ol itti fayyadamuuf huccuu xixinnoo irraa wanta inni mataatti hidhatu qopheessiif. Saa’ol do’icha argisiisuudhaaf yeroobarumsichaaguyyootahedduudurseeqophaa’uuakkainnidanda’uufhaasaadheeraa inni dubbatu waraabbii isaa qopheessiitii isa bakka Saa’ol ta’ee hojjetuuf kenniif. Filmaata 2ffaa isa «Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu» jedhu ilaali.

3. Hojii harkaa barumsa kanaaf kan ta’u kobbii halluu fi haqxuu qopheessi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

(Hojii Ergamootaa 9:1-19; 26:12-23)dubbisi.

1. Kristaanota warra duriitiif jireenyi rakkisaa ture.Yesus Fayyisaa Isa Waaqayyo abdii Kakuu Moofaa keessatti kenne akka raawwatuuf erge ta’uu Isaa Yihudoota warra

mormanii ariyatamni isaan irra ga’aa ture. Barsiisa Kristaanotaa ittisuudhaaf geggeessitoonni Yihudootaa Kriataanota hidhaa fi ajjeesaa turan. Yoodhuma arriyatamni kun jiraate illee, ayyaanaa fi humna Waaqayyootiin, dhugaan waa’ee Kristos babal’achuu isaa fi lakkoofsi amantootaa guddachuun itti fufe.

2. YesusittiamanuuisaatiifIsxifaanos warraduutiirraga’eefihammadu’aattiilleeofkennan keessaa tokko ture. Isxifaanos hojjii waldaaKristaanaa,dubartootaabbaan manootii isaanii irraa du’an gargaaruu fi hiyyeessota kunuunsuu irratti akka hojjetuuf Ergamoota warra kudha lamaatiin filatamee ture (Hojii Ergamootaa 6:1-6). Luqaas akka Isxifaanos nama «amantii isaatti jabaa kan ta'ee fi hafuurri qulqulluun kan keessa guute» akka ta’e ibsa (Hojii Ergamootaa 6:5). Akka inni Isa tajaajiluuf Waaqayyo Isxifaanosiif kennaa hedduu kenneefii ture. «Isxifaanos ayyaanaa fi humna Waaqayyootiin guutee, dinqiidhaa fi milikkita gurguddaa namoota keessatti argisiise» (Hojii Ergamootaa 6:8). Morkiin irratti ka’uu isaas akkasitti ibsa; «Yommus jarreen Qareeneetii fi Iskindriiyaa tokko, warra “Mana sagadaa warra hurrii ba'anii” jedhamu tokkoo wajjin akkasumas biyya Qiliiqiyaatii fi Asiyaatii kan dhufan tokko ka'anii Isxifaanositti falman. Haa ta'u iyyuu malee, ogummaa fihafuuraisa Isxifaanos ittiindubbateenmormuu hin dandeenye» (Hojii Ergamootaa6:910). Kanaaf jarri sun fuula mana maree, walga’ii geggeessitoota Yihudootaa duratti Isxifaanosiin mormanii akka ragaa sobaa irratti dubbataniif namoota mana sagadaa sana keessaa tokko tokko amansiifatan. Yeroo mana murtiitti sakatta’amaa ture sana Isxifaanos dhuga-ba’umsa amantii akka dubbatuuf Hafuurri Qulqulluun humna isaaf kenne. Akkuma Phexros gaafa ayyaana guyyaa shantammaffaa lallaba isaa keessatti dubbate, Isxifaanosis mana maree Yihudootaatiin akkas jedhe; «“Raajota keessa immoo kan abboonni keessan hin ari'atin jira turee ree? Inni qajeelaan sun dhufuuf akka jiru, warra raajii dubbatan ajjeesaniiru; inni isuma isin amma dabarsitanii kennitan, isa isin ajjeeftanis. Isinuma warri akka ergamoonni Waaqayyoo isinitti kennanitti seera fudhattanii, eeguu immoo diddan” jedhe» (Hojii Ergamootaa 7:52-53). Isxifaanos baroota dhufaa-darbaa keessatti rajota Waaqayyoo fi Ilma Waaqayyoo Yesus Isa Qulqulluu dogoggora geggeessitoonni Yihudootaa irratti hojjetan hundumaa sirriitti isaan yaadachiise.

3. Miseensonni mana maree yommuu kana dhaga’anii, «aarii guddaa irraa kan ka'e, isatti in ciniinnatu turan»(Hojii Ergamootaa 7:54). Kana irratti, «Isxifaanos garuu Hafuura Qulqulluudhaan guutamee, utuu ija irraa hin buqqifatinis waaqa keessa ol ilaalee, ulfina Waaqayyoo, Yesusinis gara mirga Waaqayyoo dhaabatee arge. “Kunoo, ani bantiiwwan waaqaa banamanii, Ilmi namaas gara mirga Waaqayyoo dhaabatee nan arge” jedhe» (Hojii Ergamootaa 7:55-56). Wanti Isxifaanos arge dhugaa dha. Garuu manni maree sun akka wanta Isxifaanos Waaqayyoon arrabsutti fakkeesse. «Isaan garuu gurra isaanii cuqqaallatanii, guddisanii itti wacaniis, erga-takkaa itti fiigan. Mandara keessaa daddarbachaa gad baasanii, dhagaadhaan in rukutan; warri dhuga-baatuunis uffata isaanii miilla dargaggeessa Saa'ol jedhamu tokkoo jala naqatanii turan»(Hojii Ergamootaa 7:5758). Isxifaanos yommuu du’uuf jedhu, «Jilbeenfatee sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa,

cubbuu kana isaanitti hin lakkaa'in!” jedhee iyye» (Hojii Ergamootaa 7:60). Yeroo

Isxifaanos Kristaana jalqaba amantiidhaaf aarsaa ta’e ta’ee du’etti, «Saa'ol ajjeefamuu Isxifaanositti walii galee ture»(Hojii Ergamootaa 8:1).

4. «Kana irratti immoo guyyuma sana waldaa amantoota Yerusaalem keessa jirtu irratti ari'atamuu guddaatu ka'e; ergamoota irraa kan hafe amantoonni hundinuu kutaa biyya Yihudaatii fi Samaariyaa keessa bittimfaman. Jarreen Waaqayyoof bulan tokko Isxifaanosiif boo'icha guddaa isaa boo'anii, reeffa isaa awwaalan. Saa'ol garuu waldaa amantootaa lafa irraa balleessuudhaaf manneen keessa adeemee, dhiirotaa fi dubartoota amantoota ta'an harkisee, mana hidhaatti in kenna ture»(Hojii Ergamootaa 8:1-3).

Yoodhuma balaa qabaate illee, Ergamoonni Kristaanota hidhaman gargaaruudhaaf Yerusaalem keessa turan. Bittimfamuu Kristaanotaatiin Yesus ergama isa Hojii Ergamootaa 1:8 irratti kenne raawwachuu jalqabe. Kunis kan argisiisu, jal’inni babal’achuu dhugaadhaa ittisuuf hammam yoo yaale illee, Waaqayyo immoo haala sana gaarummaadhaaf itti fayyadame.

5. Saa’ol Xarseesitti dhalate. Xarsees qarqara galaana Meditiraaniyaan, konyaa Phinfiliyaa fi Kiliqiiyaa gidduutti (biyya Turki har’aa) Asiyaa xinnaa keessatti argama. Saa’ol isa booda gara Gamaali’el namicha baratee, jaarraa tokkoffaa kessa nama ulfina guddaa qaba turee, gara Yerusaalem dhufe. Saa’ol amantii Yihudootaatiif nama hinaaffaa guddaa qabu ture. «Saa'ol amma illee bartoota gooftaa doorsisuudhaaf ajjeesuutti banbanaa gara angafa lubootaa dhaqee, warra daandii wangeelaa irra adeeman yoo arge, dhiirotas ta'u dubartootas, hidhee gara Yerusaalemitti fiduudhaaf barbaade. Kanaafis ajaja manneen sagadaa Damaasqootti akka isaaf caafuuf, angafa lubootaa gaafate»(Hojii Ergamootaa 9:1-2).Jechi“Karicha”jedhumaqaabiraaisaKristaanonniittiinwaamamanture.Maqichis dhugicha isa Yesus karaa gara Abbaatti geessu ta’uu Isaa dhugaa ba’uu dha (Yohannis 14:6). Damaasqoon Yerusaalem irraa gara kaaba-bahaatti maayila 150 fagaattee argamti. Saa’ol Kristaanota iddoo adda addaatti argaman balleessuudhaaf murteeffatee ture. Saa’ol Yihudoota duuka buutuu Yesus ta’an barbaaduudhaaf gara mana sagadaa adeemuudhaaf karoorfate; sababiin isaas amantoonni sun Yihudoota michoota isaanii wajjin waaqessuu itti fufanii turan.

6. Saa’ol Yerusaalem irraa gara Damaasqootti adeemaa utuu jiruu, «dingata ifni waaqa irraa naannoo isaatti balaqqeessa'e. Lafa dha'ees sagalee, “Saa'ol, Saa'ol, maaliif na ari'atta?” jedhuun dhaga'e»(Hojii Ergamootaa 9:3-4). Saa’ol kan inni ajjeesuudhaaf itti ori’aa turee fi ajjeesaas ture namootaan mormuudhaan utuu hin ta’in Yesusuma ofii Isaa akka ta’e hubate (Hojii Ergamootaa 9:5). Yesusis akka Saa’ol achii ka’ee gara Damaasqoo adeemuu fi maal gochuun akka isaaf ta’u achitti akka isatti himamu isa hubachiise (Hojii Ergamootaa 9:6).

7. «Namoonni warri isaa wajjin adeemaa turan, calluma jedhanii dhaabatan malee, waa dubbachuu hin dandeenye; isa dubbatus sagalee isaa dhaga'uu irraa kan hafe, nama tokko

illee hin argine»(Hojii Ergamootaa 9:7). Namoonni sun Leewwota warra eegdota turan; isaan Kristaanota qabanii hidhuu fi hidhamtoota sana immoo gara Yerusaalemitti akka fidaniif dukaa ergaman. Isaan sagalee dhaga’aniiru; garuu wanti Yesus dubbate isaaniif hin galle. Saa’ol lafaa ka’ee yommuu ija isaa banatu, iji isaa jaameera. Kanaaf harka isaa qabanii gara Damaasqootti isa geessan. Kunis guyyaa sadii’iif isa irra ture; guyyoota sandan sanattis inni homaa tokko iyyuu hin nyaanne. Saa’ol hamileen isaa cabee ture. Kristaanota ariyachuun tajaajila guddaa Waaqayyoon tajaajiluu dha jedhee yaadaa ture. Garuu kan inni ariyachaa ture tokkicha Ilma Waaqayyoo ti.

8. «Bartuun Ananiiyaas jedhamu tokko immoo Damaasqoo ture» (Hojii Ergamootaa 9:10). Gooftaan mul'ata kenneefii, “Ka'ii, gara karaa ‘Sirrii’ jedhamuu dhaqi! Nama biyya Xarsees maqaan isaa Saa'ol jedhamu tokko, mana Yudaasitti iyyaafadhu; kunoo inni kadhatatti jira. Innumtuu ati, Ananiiyaas, isa bira dhuftee, akka agartuun isaa isaaf deebi'uuf harka kee utuu isa irra keessuu mul'atatti argeera” jedheen(Hojii Ergamootaa 9:11-12). Ananiiyaas garuu dhaquu hin feene. Inni akka Saa’ol Kristaanota ariyachaa ture dhaga’eera (Hojii Ergamootaa 9:13-14). Gooftaan garuu Ananiiyaasiin akkas jedhe; “Dhaqi, inni mi'a hojii kootii isa warra saba Waaqayyoo hin ta'in duratti, mootota duratti, namoota Israa'el durattis maqaa koo beeksisuudhaaf ani fo'adhee dha. Maqaa koo mul'isuudhaafjedheeshammamdhiphachuufakkainnijiru,aniofiikootiiisanan argisiisa” jedhe (Hojii Ergamootaa 9:15-16). Abboommiin Yesus Ananiiyaasiif hibboo ture. Gooftaan maaliif nama duuka buutota Isaa jibbu fayyadamuu barbaade?

9. Haa ta’u iyyuu malee Anasiiyaas abboommii Gooftichaa in raawwate. Gara bakka Saa’ol turees in dhaqe. «Harka isaa mataa Saa'ol irra kaa'ee, “Obboleessa ko Saa'ol, Gooftichi, Yesus inni karaa ati irradhufteirratti sitti mul'ate,waa'eekee anatti himeera; akka agartuun kee siif deebi'uuf, Hafuura Qulqulluudhaan akka guutamtuufis gara keetti na ergeera” ittiin jedhe»(Hojii Ergamootaa 9:17). Karaa ittiin Ananiiyaas Saa’olitti dubbate sirriitti hubadhu. Saa’ol Ananiiyaasiif “obboleessa” isaa ture. Kun mallattoo dhiifamaa fi tokkummaa guutuu ta’ee dha. «Achumaanis waan akka qolaa ija isaa lachuu irraa buunaan, agartuun isaa deebi'e; inni achumaa ka'ee cuuphame. Nyaata nyaatees jabaate»(Hojii Ergamootaa 9:18-19). Saa’ol cuuphamuu isaatiin Hafuura Qulqulluu fudhate. Sababiin isaa Saa’ol karaa Damaasqoo irrattiYesusiin argeera; kanaaf inni amma Ergamaa dha. Yesusiin Isa du’aa ka’e argeera waan ta’eef maqaa Isaa labsuudhaaf ergame.

10. Saa’ol adeemsa misiyoonummaa isaa isa jalqabaa irratti Phaawulos jedhamee beekame (Hojii Ergamootaa 13:9). Saa’ol inni jedhu maqaa Ibiricha ta’uu isaa fi seenaa Yihudummaa isaa calaqisiisu yommuu ta’u, Phaawulos inni jedhu immoo maqaa warra Roomaa ture; innis warra Yihudoota hin ta’in tajaajiluudhaaf kan mijateef ture.

11. Nuyi hundumti keenya cubbamoota. Yesus gara yaada garaa geddarachuutti nu geessuudhaaf yaada garaa (laphee) keenyaa irratti hojjeta. Waaqayyo sababii Yesusiif

cubbuu keenya nuuf dhiisa; akka Isa duukaa buunuufis nu gargaara. Jireenya Saa’ol irrattis kanumatu ta’e.

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: “Yesus in jaallata ijoollee” (Lakkoofsa 37) isa jedhu barsiisi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Gocha sochiin argisiifamu:-Maaltu jijjiirame?

Akka ijoolleen sitti marsanii taa’an taasisi. Akkas jedhii gaafadhu:- gara koo fi gara uffata koo sirriitti ilaalaa. (Kana sakondii 30f akka ilaalaniif ijoolleef eyyamiif.) Itti fufuudhaan, ija keessan dunuunfattu, ani isin duraa miliqeen qaama koo irraa wanta tokko jijjiira.

Ija keessan dunuunfadhaa; dhoksanii ilaaluun hin danda’amu! (Fuula kee isaan irraa achi garagalchiitii ofii kee irraa jijjiirama ifaa hin ta’in tokko taasisi; fakkeenyaaf rifeensa kee gurra kee irraa gara duubaatti deebisi (dubartiif); hidhaa kophee keetii hiiki (dhiiraaf). Fiddoo kee jala isaa, yookiin harka kittaa keetii tokkicha dachaasi; morma kittaa keetii gam-tokkoon dachaasi.) Tole egaa barattootaa! Ija keessan banadhaatii gara koo ilaalaa. Ana irratti ijjiirama ta’e yommuu bartan harka keessan ol kaasaa. Barattootaaf yeroo xinnoo kenniif; itti fufuudhaan barataa harka isaa ol kaase gara ofii keetiitti waamiitii, jijjiiramsi maalii akka ta’e sitti himuu in danda’a yoo ta’e ilaali. Yoo namni tokko jijjiiramicha sirriitti adda baasee sitti hime, itti fufiitii, jijjiiramni ani taasise xinnoo dha. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti Yesus namicha tokko jijjiirama guddaa jijjiireera. Yesus maal akka hojjete beekuudhaaf sirriitti dhaggeeffadhaa.

Faarfannaa: Dubbichi Waaqayyo (Lakkoofsa 3) jedhu faarfanna.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1:-macaafa “Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa «Jijjiiramuu Saa’ol» kan jedhu yommuu dubbistu, seenessuu kee cimsitee dhiheessuudhaaf horgoggeewwan gara dhuma qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argaman fayyadami.

Filmaata 2:-Seenaa Saa’ol himuu

Seenaa Macaafa Qulqulluu kana akka seenessuuf nama ga’eessa dhiira tokko akka Saa’ol ta’ee hojjetuuf guyyoota hedduu dura filadhu. Huccuu yookiin riibanii mataatti hidhatamu kenniif. Nama yeroo barumsichaatti seenicha seenessuu danda’u filachuu kee mirkaneeffadhu. Inni argisiisicha shaakaluu in danda’a.

Yeroo barumsicha dhiheessuuf qophooftu, akka namni inni argisiisicha hojjetu gara kutaa keetiitti ol seenuuf afeeri.

Michoota koo, nagaan isiniif haa ta’u! Maqaan koo Saa’ol jedhama. Ani jijjiirama guddaa jirenya koo irratti ta’e isinitti himuudhaafin har’a asitti argame. Ani Krisataana nan jibban ture. Ayyaana guyyaashantammaffaaboodaduukabuutonni Yesuswaa’ee Isaanamootahedduuttiinhimuturan. Namoonni hedduunis Kristaana in ta’u turan. Garuu angafti lubootaa fi ani kanatti hin gammadne. Sababii kanaaf hamma anaaf danda’ametti Kristaanota hedduu barbaadee mana hidhatti galchuufan murteesse. Gara Yerusaalem dhaqeen mana namootaa irra adeemeen Kristaanota barbaadaa ture.

Gaaf-tokko kanumaaf jedhee gara magaalaa Damaasqoo jedhamu tokko adeeman ture. Innis maayila 150 Yerusaalem irraa fagaata. Akkuma tasaatti waaqa irraa ifti naannoo kootti ife. Anis lafattan kufe. Sagalee maqaa koo waamu tokkos nan dhaga’e. Sagalichis, “Saa’ol, Saa’ol maaliif na ariyatta?” jedhe. Sagalichi waaqa irraa akka dhufe nan bare. Kanaaf, “Eenyu ati yaa Gooftaa?” jedheen gaafadhe.

Sagalichi immoo, “Ani Yesus Isa ati ariyattuu dha! Ka’iitii gara magaalichaa dhaqi. Akka ati namoota Seexana irraa deebistee gara Waaqayyootti qajeelchituuf sittan fayyadama. Isaanis cubbuun isaanii in dhiifamaaf; gammachuu namoota Anatti amananii qulqullaa’aniis in hirmaatu” anaan jedhe.

Keessi koo akka madaatti na dhukkubsate. Yeroo hundumaa yommuun Kristaanota irratti hamaa hojjedhu, Yesus Ilma Waaqayyoo irrattis hamaa hojjechaan ture. Haa ta’u malee, wanta hamaa kana yoo ani hojjedhe illee, akka ani namoota wanta hamaa fi Seexana irraa deebisuuf akka anatti fayyadamu Yesus anatti hime. Kun attamitti ta’uu danda’a?

Yommuun lafaa ka’e, ijoota koon banadhe. Garuu jaamaan ta’e. Michoonni koo gara

Damaasqootti na geessan. Achitti guyyoota sadi’iif wanta tokko iyyuu arguu hin dandeenye. Homaa tokko illees hin nyaanne; hin dhugnes. Utuu kun ta’ee jiruu, Yesus duuka buutota Isaa keessaa tokko waame; innis Ananiyaas jedhama. Akka Ananiyaas gara koo dhufus isatti hime. Akka ani gara koo dhufuu Ananiyaas eeggachaa jiruu fi akka inni harka isaa ana irra kaa’uufi Yesus isatti hime; kanaafis deebi’een arguu dandda’e.

Ananiyaan akka ani Kristaanota hundumaa miidhee in beeka ture. Kanaaf gara koo dhufuu fi ana arguu hin barbaadu ture. Garuu Yesus akka inni gara koo dhufuuf isatti hime. Yesus akkas jedhe:“Akka Saa’ol waa’ee Koo namootatti himuuf Ani isa filadheera.”

Ananiyaas Yesusiif abboomamee gara iddoo ani turee dhufe. Ananiyaas akkas jedhe:- “Yaa obboleessa koo Saa’ol, akka ati arguu dandeessuu fi Hafuura Qulqulluudhaanis akka guutamtuuf

Yesus sitti ana erginaan ani dhufeera.” Ananiyaas, “Obboleessa” jedhee ana waamuun isaa akka inniyakkakooanaafdhiiseefianagargaaruuakkainnibarbaaduargisiisa.Battalumasanattiwantti akka qolaa ija koo irraa bu’ee jennanan deebi’ee arguu nan dandda’e. Isa booda, Ananiyaas ana cuuphe. Cuuphaa bishaanii sanaa fi Dubbii Isaatiin Waaqayyo mucaa Isaa ana taasifate. Akka Fayyisaa kootti akka ani Yesusitti amanuuf amantii anaaf kenne. Waaqayyo laphee koo cubbuuttii

qulleesse; nama haaraas ana taasise. Wanta Waaqayyo barbaadu akka ani hojjedhuufis akka Inni ana gargaaruuf Hafuura Qulqulluudhaan ana guute. Jijjiirama attamiiti!

Isa boodas nyaata nyaadheen, jabinni koos anaaf deebi’e. Kanaaf Isa tajaajiluu fi waa’e fayyina Yesus kennuu namota hundumaatti akkan himuuf jabina Waaqayyo kennutu ana barbaachisa ture.

Har’a seenaa koo waan dhaggeeffattaniif isinan galateeffadha. Akka isin Isatti amantaniif amantii isiniif kenneen akka Yesus jireenya keessan jijjiires nan beeka.

Utuu dubbannuu, yeroo yartuudhaaf naannoo sana deddeebi’ee waa’ee Yesus namootatti himaa sababii ani tureef, maqaa koo isa Saa’ol jedhamu irra, inni Phaawulos jedhamu beekamaa ta’e. Maqaa haaraan kun jireenya koo keessatti jijjiirama biraa dha.

Inni seenicha hojiidhaan argisiisu sun seenaa Macaafa Qulqulluu sana dubbachuu yommuu xumuru, ijoolleen “Galatoomaa” jedhanii haa geggeessan. Isa booda keessa deebii itti fufi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Saa’ol ificha keessa eenyuun arge? (Saa’ol ificha keessa Yesusiin arge.)

2. Karoorri Yesus Saa’oliif qabu maal ture? (Yesus akka inni waa’ee Isaa namoota hedduutti himuuf Saa’oliin in gargaare. Yesus akka namoonni Seexana irraa gara Isaatti deebi’aniif Saa’olitti fayyadamuu barbaade.)

Sochii hojjechuudhaan keessa deebi’uu:- Saa’oliin ana argisiisi

Akka ijoolleen hundi si arguu danda’an taasisii sarara irra dhaabachiisi. Gaaffiilee muraasan isin gaafadha isaaniin jedhi.Tokkootokkoo gaaffichaaboodaSaa’olmaal akka hojjetefuulakeessanii fi bu’aa qaama keessaniitiin anatti argisiisaa.

Gaaffiilee kanatti fufanii jiran erga gaafattee booda, akka ijoolleen deebisaniif yeroo kenniif.

1. Saa’ol gara Damaasqoo adeemuu isaa dura attamitti Kristaanota irra socho’aa ture? (Barattoonni fuula aarii argisiisuu qabu. Utuu Saa’ol Kristaanota mana hidhaatti naquus hojiidhaan argisiisuu in dandda’u.)

2. Karaa Damaasqoo irratti yommuu ifti waaqa irraa isatti ife Saa’ol maal ta’e? (Barattoonni fuula nama sodaatee argisiisuu qabu. Akkaataa kufaatii Saa’olis argisiisuu in danda’u.)

3. ErgaYesus isatti dubbateebooda,karaaDamaasqooirratti jalqabayommuuka’eedhaabate Saa’ol maal godhe? (Barattoonni gara itti adeemu wallaale fakkeessanii argisiisuu qabu. Sababiin isaas Saa’ol iji isaa jaamee, gaddees ture.)

4. Erga Ananiyaas isa ilaaluu dhufee, isa cuuphees booda Saa’ol maal godhe? (Barattoonni fuula nama gammadee argisiisuu qabu. Saa’ol amma iji isaa argeera. Utuu Saa’ol nyaata nyaatuus argisiisuu in dandda’u.)

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu/hojii harkaa: Lapheewwan jijjiiraman

Ijoollee cina kee teessisi. Hojii Yesus jireenya Saa’ol irratti hojjete irraa kan ka’e jijjiirama isa irrattita’ekeessaayartuuanattiargisiiftaniittu.YesusattamittilapheeSaa’oljijjiire?(Yesuslaphee Saa’ol cubbuuttii qulqulleesse. Yesus jibba Saa’ol Kristaanota irratti qaba ture laphee isaa irraa kaase. Yesus Saa’oliin Seexana irraa gara ofii Isaatti deebise. Yeroo Saa’ol cuuphame akka inni Yesusitti amanuuf Hafuurri Qulqulluun laphee isaa keessatti amantii uumeef. Waaqayyo Saa’oliin bara baraan mucaa Isaa taasifate.)

Laphee nama akka Yesus Fayyisaa ta’e beeku hundumaa keessatti jijjiiramni kana fakkaatan in uumamu. Yesusitti amanuun yommuu nuuf kennamu yaadi garaa keenyaa guutummaatti in jijjiirama. Kana booda cubbuu, jibbaa fi jal’inaan hin guutaman. Bakka isaa, Yesus amantii fi jaalala isaa fi namoota birootiif ta’uun isaan guuta. Akka nuyi Yesusiin jaallachuutti guddannuuf Hafuurri Qulqulluun laphee keenya keessatti jaalala hojjeta. Attamitti akka Yesus laphee keenya jijjiire kan nu argisiisu hojii ogummaa harkaa haa hojjennu.

Tokkoo tokkoo ijoolleetiif waraqaa tokko tokko, kobbii halluu/qalama gurraachaa fi daalacha kenniif. Kobbii halluu gurraachaatiin waraqaa irratti onnee guddaa fakkisaa jedhii isaanitti himi. Onnee halluu gurraachaan hojjette hamma siif dandda’ametti halluu daalacha siirriitti dibi. Yommuu ijoolleen fakkii isaanii halluu dibanii xumuran, kobbii ittiin barreessan sana harkaa funaani. Isa booda akkas jedhi; Yesusiin beekuu keenya dura lapheen keenya cubbuudhaan kan guute ture. Yeroo dhalannee eegalee lapheen keenya akkuma kana ture. Nuyi diinota Waaqayyoo turre; Waaqayyo garuu akka nuyi Isa jaallannu waan barbaadeef ofii Isaatii nu jaallate. Kanaaf Yesus wanta dinqisiisaa laphee keenya keessatti hojjete. Tokkoo tokkoo ijoolleetiif kobbii haqxuu wajjin kenniif. Yesus laphee keenya keessaa cubbuu in qulqulleessa jedhii isaanitti himi. Haqxuu fudhadhuutii, onnee isa gurraachesitan sana irraa halluu ittiin balleessaa. Fakkii onnee keessanii irraa yommuu halluu haqxuudhaan balleessitan, Yesus fayyina keenyaaf hojjechuu Isaatiif Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisuu Isaa yaadachuudhaaf boca fannoo fakkii onnee keessanii gidduu isaa irra kaa’aa. Yesus guyyuma guyyaatti laphee keessan in qulleessa; kanaanis jalqaba haaraa isiniif kenna.

Yommuu ijoolleen fakkii onnee isaanii irratti fannoo fakkisan, laphee keenya keessaa cubbuu qulleessuudhaan laphee keenya waan jijjiireef Yesusiin haa galateeffannu jedhii isaanitti himi. Ijoollee yeroo kadhatan akka isaan harkawwan isaanii walitti qabatan taasisi; “Yaa jaallatamaa Yesus sababii jaalala Keetiif dhiifama waan nuuf kennitee fi laphee keenya keessaa cubbuu waan qulleessiteef Si galateeffanna. Yeroo hundumaa akka Si jaallannuu fi Si tajaajilluuf nu gargaari. Maqaa Keetiin Si kadhanna. Ameen!

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

«Yakka koo raawwadhuu ana irraa dhiqi, cubbuu koottiis ana qulleessi!»(Faarfannaa 51:2).

Ijoollee marsaadhaan teessisi. Macaafa Qulqulluu kee baafadhu. Utuu banuutti jirtuus akkas jedhi; cubbamoota ta’uu keenya akka beeknuuf Waaqayyo nu gargaara. Cubbuun keenya gadhee akka ta’e akka arginuuf Inni nu geggeessa. Waa’ee cubbuu keenyaaf akka gaddinee fi akka Inni nuuf dhiisuufis akka Isa kadhanuuf nu gargaara. Yommuu Waaqayyoon araara kadhannu Macaafa Qulqulluu keessaa jechoota muraasa fayyadamuu in dandeenya. «Yakka koo raawwadhuu ana irraa dhiqi, cubbuu koottiis ana qulleessi!» Jechi “yakka koo” jedhu cubbuu jechu dha. Yakka keenyattii nu qulleessi jennee yommuu Isa kadhannu, Waaqayyo Yesusiif jedhee nu qulleessa. Jechoota Macaafa Qulqulluu kana barra.

Akka ijoolleen luqqisii Macaafa Qulqulluu kana yaadataniif, jechoota Macaafa Qulqulluu kanaa wajjin sochiiwwan kanatti fufanii jiran akka hojjetaniif isaan barsiisi.

Dubbadhaa Hojjedhaa Yakka koo raawwadhuu ana irraa dhiqi, Akka waan dhiqachuutti jirtuutti harkawwan kee onnee keetii olitti walitti sukkuumi. cubbuu koottiis ana qulleessi! Qullaa’uu kee argisiisuudhaaf harka kee qaama kee irraa gara alaatti diriirsi.

Ijoolleen hamma luqqisii Macaafa Qulqulluu sana gaarii taasisanii beekanitti yeroo hedduu irra deddeebi’anii jechoota isaa sochii wajjin haa jedhan.

Faarfannaa(nnoota):-Yesus nu jaallata (Lakkoofsa 38); Humni Hafuura Qulqulluu(Lakkoofsa 14); Galanni, galanni (Lakkoofsa 5) jedhan faarfadhaa.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa qajeelfamaa kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Barumsa 60

Phaawulos waa’ee Yesus Barsiise

(Hojii Ergamootaa fi Gara Warra Roomaa)

Macaafa Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee: Fuula 147-148

Dhugaa Ijoo

Phaawulos humna Hafuura Qulqulluutiin guutamee, waa’ee Yesusii fi waa’ee fayyinaa, Inni Fayyisaa fi Gooftaa ta’uu Isaa amanuu qofaadhaan argamuu namootatti himuudhaaf iddoo hedduu adeeme. Bakka kamitti iyyuu waa’ee Yesusii fi jaalala fayyisuu Isaa jechootaa fi hojiidhaan namootatti akka himnuuf humna Hafuura Qulqulluu nuuf kenna.

Kaayyoowwan barumsichaa

Barattoonni humna Hafuura Qulqulluutiin:-

• Yesus karaa ittiin gara Mootummaa Waaqayyootti galan isa tokkicha akka a’e labsuudhaaf iddoo hedduu akka adeemee fi bara jireenya isaa guutummaa akka Isa tajaajile in BEEKU.

• Dhugaa fayyinaa garaa guutuudhaan namootaaf hiruutti in GUDDATU

• Dhugaa fi jaalala Yesus ija-jabina argisiiuudhaa fi namootaaf hiruutti in JRAATU.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

«Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaa waammadhaa, gocha isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa»(Faarfannaa 105:1).

Meeshaalee fi qophii (addumaan barumsa kanaaf kan barbaachisan)

1. Yeroo barsiistu horgoggeewwan qajeelfama kana gara duubaa irra jiran fayyadamta yoo ta’e, kanneen barumsa 60ffaadhaaf qopheeffaman waraabbii taasisi. Horgoggeewwan sanaa boca isaaniitiin murii baasiitii halluu kobbii dibi. Tokkoo tokkoo horgoggichaa muka qal’oo yookiin baala bal’aa fi yabbuu ta’e irratti hapheedhaan maxxansi.

2. Seenaa himmuu filmaata 2ffaa fayyadamta yoo ta’e, nama bakka Phaawulos/Saa’ol ta’ee barumsa 59ffaakeessatti hojjetugara kutaatti afeeri. Akka Saa’ol itti fayyadamuuf huccuu xixinnoo irraa wanta inni mataatti hidhatu qopheessiif. Akka Phaawulos mataa isaa ittiin hiadhatuuf huccuu qalloo kenniif. Saa’ol do’icha argisiisuudhaaf yeroo barumsichaa guyyoota hedduu duursee shaakaluu akka inni danda’uuf haasaa dheeraa inni dubbatu waraabbii isaa qopheessii isa bakka Phaawulos ta’ee hojjetuuf kenniif. Filmaata 2ffaa isa «Seenaa Macaafa Qulqulluu sana dubbachuu» jedhu ilaali.

3. Kubbaa guddinni isaa giddu-galeessa ta’ee fi sirriitti konkolaachuu danda’u qopheessi. “Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu” isa jedhu ilaali.

4. Pirojektii hojii harkaa barumsa kanaatiif kan ta’u waraqaa dalgi isaa santii meetira 14, dheerinni isaa santii meetira 21.5 ta’u tokkoo tokkoo barataatiif murii qopheessi.

Macaafa Qulqulluu Bu’uureffachuu

(Hojii Ergamootaa 9:20-30; 11:19-30; 12:25-28:31; Roomaa 3:5, 8)dubbisi. Qaphxiiwwan ijoon boqonnoota kanaa, kanaa gadiitti qindaa’anii akka jiran hubadhu.

1. Phaawulos yookiin Saa’ol Damaasqootti erga cuuphamee booda, gara Yerusaalemitti deebi’e. Akkuma beekamu, Ergamoonni isa simachuun yeroo itti fudhateera. Dhuma irrattis geggeessitoota Waldaa Kristaanaa Yerusaalem turan keessaa tokko kan ta’e Baarnaabaas dhuga-ba’umsi inni waa’ee amantii Phaawulosiif kenne akka isaan Phaawulosiin filmatan taasise (Hojii Ergamootaa 9:13-28).

2. Yoodhuma isaan mormanii akka inni du’uuf itti malan illee, Phaawulos mana sagadaa Yerusaalem keessatti lallabuu ittuma fufe. Haala argate hundumaatti gargaaramee waa’ee Yesus namoota amansiisuu akka inni danda’uuf Waaqayyo isa gargaare. Dhuma irratti sodaa du’aatiin yaaddoo keessa galaniif Kristaanonni Yesuusaalem keessaa in ba’an. Phaawulosis gara mana isaa isa Xarseesitti argamuu dhaqe (Hojii Ergamootaa 9: 28-30).

3. Boodas Baarnaabaas Phaawulosiin barbaaduu Xarseesiin dhaqe. Walii wajjinis warra Yihudoota hin ta’initti waa’ee Yesus lallabaa turan. Duuka buutonni Yesusis yeroo jalqabaatiif Anxookiyaatti Kristaana jedhamanii waamaman (Hojii Ergamootaa 11:26).

4. Adeemsa misiyoonummaa isaa sadanuu keessatti Waaqayyo Phaawulosiin tajaajila isaa hundumaa keessatti in geggeessa ture. Adeemsi misiyoonummaa isaa inni jalqabaa BA 4248itti ture. Inni Baarnaabaasii fi Maarqosii wajjin gara Qoophirosii fi Turkiin dhaqe (Hojii Ergamootaa 13:1-14:28). Imalli misiyoonummaa isaa inni lammaffaan immoo BA 4952tti ture. Innis gara Sooriyaa, Turki, Girikii fi Yerusaalemitti Siilaas, Ximotewos, Phirisqiillaa, Aqillaa fi Luqaasii wajjin adeeman (Hojii Ergamootaa 15:39-18:22). Imalli Misiyoonummaa isaa inni sadaffaan immoo bara 53-57tti ture. Phaawulos immoo gara Turki, Girikii fi Libaanon ishee har’aa fi gara Israa’el Ximotewos, Luqaasii fi kanneen birootiinis eegamee adeeme (Hojii Ergamootaa 18:23-21:17). Phaawulos immoo gara Roomaa adeeme. Waggoota lamaan sana mana keessatti hidhamuudhaan dabarse. Yeroo sana ergaawwan (xalayoota) gara warra Efesoon, Qolosaayis, Filiphisiiyusii fi Filemoniif barreesse. Barri jireenya Phaawulos bara 68 keessa amantiidhaaf aarsaa ta’uudhaan xumurame. Phaawulos bara tajaajila isaa keessa ergaawwan kudha sadii, Gara warra Roomaatii hamma Filemonitti kan jiran barreesse.

5. Yeroo imala misiyoonummaa isaatti Phaawulosiin rakkinoota hedduutu isa mudate. Dhagaadhaan rukutameera; du’eera jedhanii isa dhiisaniiru; si’a sadii uleedhaan reebame; si’a shan immoo 39 dhaaname (garafame); warra aariidhaan irratti ka’aniin miidhameera; soda du’aa hedduutu isa mudate; balaan doonii (galaanaan liqimfamuu) si’a sadii irra ga’e; Kristaanonnis irratti ka’anii turan; utuu itti hin murtaa’in waggoota lamaaf hidhameera; buutiidhaan hiddameera. Akkuma Yesus Anaaniyaasitti himee ture, «Maqaa koo mul'isuudhaafjedheeshammamdhiphachuufakkainnijiru,aniofiikootiiisananargisiisa” jedhe» isa irratti raawwate (Hojii Ergamootaa 9:16)

6. Phaawulos yoodhuma rakkinoonni kunneen hundinuu isa irra ga’an illee, «Eenyutu jaalala Kristosittii gargar nu baasa? Gidiraan yookiis muddamni, ari'atamuun, beelli yookiis qullaa ta'uun, sodaachifamuun yookiis billaan gargar nu baasuu danda'aa ree? “Sababii keetiif namoonni guyyaa guyyaatti nu keessaa in ajjeefamu, akka hoolota qalamuuf jedhaniitti lakkaa'amnee

jirra” kan jedhu caafameera. Waan nu irra ga'e hundumaatti garuu, karaa isa nu jaallatee mo'icha guddaa arganna. Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda'us, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka. Wanti ol ka'ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isakaraagooftaakeenyaaKristos Yesus nuufdhufettii,danda'ee gargar nu hin baasu» (Roomaa 8:35-39) jedhe.

7. Akka Phaawulos waa’ee hundee amantii Kristaanaa barumsa hedduu akka barreessuuf Waaqayyotu isa kakaase. Phaawulos, hundumti keenya cubbamoota jedhee barreesseera (Roomaa 3:9-23). Phaawulos, seerri cubbuu keenya nutti argisiisa malee nu fayyisuu hin danda’u jedhee barreesseera (Roomaa 3:20,27,28; Galaatiyaa 3:1-14,21,22). Phaawulos Waaqayyo araara qabeessa ta’uu Isaa fi adaba sababii cubbuu keenyaatiif nuuf ta’a tureen akka Inni nu hin adabin barreesseera (Roomaa 9:14-16). Phaawulos Waaqayyo arjaa akka ta’ee fi gaarummaa nuuf tu’uun iraa hin turre akka nuuf kenne barreesseera (Efesoon 2:110). Phaawulos nuyi Waaqayyo duratti qulqulloota akka taane barreesseera. Ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii qullaa’ota taane (Roomaa 3:28-30; 5:1-2). Barsiisi Phaawulos cubbamoota fayyisuudhaaf Kristos du’ee, du’aa ka’uu Isaa giddu-galeessa taasifata.

Barumsicha dhiheessuu

Kadhannaa Jalqabaa:- kadhannaa qajeelfama kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Faarfannaa: “Jaalalli Gooftaa dinqisiisaa dha” (Lakkoofsa 21) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu beeksisuu

Gocha sochiin argisiifamu:-seenaa Macaafa Qulqulluu ani jaalladhu

Akka ijoolleen marsaadhaan taa’an taasisi. Akkas isaanin jedhi:-(Seenaa Macaafa Qulqulluu hedduu walii wajjin qu’anneerra. Tokkoon tokkoon seenaa Macaafa Qulqulluu kun

Waaqayyo Abbaa keenya Isa waaqa irraa, Fayyisaa keenya ta’uu Isaa, amantii akka nuuf kenne, amantii keenya eegee akka nu jabeessee fi nu guddise, gargaaraa keenya akka Inni nuuf ta’ee fi wanta Inni nuuf hojjete nu argisiisa.)

Akka ijoolleen seenaa Macaafa Qulqulluu jaallatan sii fi barattoota kutaa sanaatiif hiraniif eyyamiif. Kun immoo ijoolleen kunneen barumsa baratan hammam akka yaadatan madaaluudhaaf si gargaara. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana keessatti, waa’ee Yesusii fi Phaawulos, caalmatti immoo Phaawulos akka Yesus cubbuu namaaf dhiisuu fi fayyisuu Isaa namoota hedduutti akka himuuf akka isa gargaare argina. Phaawulos waa’ee Yesus hammam akka dubbate caalchistee barachuudhaaf isa kanatti fufee jiru sirriitti dhaggeeffadhu.

Faarfannaa:Dubbichi Waaqayyo(Lakkoofsa 3) jedhu faarfadhaa.

Seenaa Macaafa Qulqulluu dubbachuu

Filmaata 1:-macaafa “Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Qooda Ijoollee” keessaa «Phaawulos Waa’ee Yesus Barsiise» kan jedhu yommuu dubbistu, seenessuu kee cimsitee dhiheessuudhaaf horgoggeewwan qajeelfama kana fuula gara duubaa irratti argaman fayyadami.

Filmaata 2:-Seenaa Saa’ol dubbachuu

Seenaa Macaafa Qulqulluu kana akka himuuf nama ga’eessa dhiira isa akka Saa’ol ta’ee hojjetee ture ammas bakka Phaawulos ta’ee akka hojjetuuf guyyoota hedduu dura gaafadhu. Huccuu yookiin riibanii mataatti hidhatamu Phaawulosiif kenni.

Nama yeroo barumsichaatti seenicha seenessuu danda’u filachuu kee mirkaneeffadhu. Inni argisiisicha shaakaluu in danda’a. Yeroo barumsicha dhiheessuuf qophooftu, akka namni argisiisicha hojjetu gara kutaa keetti ol seenuuf afeeri.

Michoota koo, ammas irra deebi’een nagaa isiniif dhiheessa. Gara keessanitti deebi’uun koo anaaf gaarii dha. Ani Phaawulosin jedhama. Yeroo darbe maqaa Saa’ol jedhamu fayyadamee akkan ture in yaadattu. Erga Damaasqootti Anaaniyaas na cuuphee booda, Yesus attamitti akka anaan hojjete isinitti himuudhaafin dhufeetan as jira. Yeroo ani iddoo hedduutti waa’ee Yesus namootatti himuudhaaf adeemutti, Waaqayyo anaa wajjin ture. Akka Yesus cubbuu isaaniitti isaan fayyisuudhaaf du’e tokkoo tokkoo namaoota ana dhaggeeffatanittan himan ture. Yesus erga du’ee booda deebi’ee jiraataa akka ta’e isaanitti himeera. Sababii Yesus du’aa ka’eef isinis du’aa in kaatu.

Warra Ayyaana Isaatiin fayyan, Yihudootaa fi Yihudoota kan hin ta’initti himeera. Kan nuyi fayyine hojii gaarii hojjechuudhaan miti. Utuu nuyi cubbamoota taanee jirruu, cubbuu keenyattii nufayyisuudhaaf jedhee Yesus du’e. Amma Abbaa jennee akka Isa waammannuuf mo’icha nuuf kenne. Hafuurri Qulqulluun akka ijoollee Waaqayyootti akka jiraannuuf humna nuuf kenne. Yoo cubbuu hojjenne immoo Waaqayyoon araara kadhanna; sababiin isaas Yesus bakka keenya du’eera. Yommuu ani dhugaa kana dubbadhe geggeessitoonni Yihudootaa hedduun isaanii in aaran. Yeroo baay’ee na reeban. Waa’ee Yesusii fi Fayyisaa ta’uu Isaa dubbachuu akka ani dhiisuuf ana qoruudhaaf mana hidhaatti na galchan. Yoo magaalaa tokko keessatti na miidhan, gara magaalaa biroo adeemeen namoota achi jiraatanitti Dubbii Waaqayyoo lallabaan ture. Yeroo tokko tokko magaalicha keessaa dhokadheen adeema ture; sababiin isaas namoonni tokko tokko ana ajjeesuudhaaf yaalu turan.

Biyyootaa fi magaalota hedduu yommuun adeemu Waaqayyo namoota ana gargaaran anaaf kenna ture. Namichi maqaan isaa Luqaas jedhamu imala hedduu anaa wajjin imaleera. Akka inni wanta anaa fi Waldaa Kristaanaa ishee durii irra ga’e Macaafa Qulqulluu, Hojii Ergamootaa keessatti akka barreessuuf Waaqayyo yaada Luqaas in kakaase. Luboota akka Ximotewosii fi Titoo faa leenjiseera; waa’ee Fayyisaa keenya Yesus wanta Waaqayyo akka isaan beekan barbaadu akka irraa barataniif xalayoota hedduu waldoota Kristaanaatiif barreesseera; xalayoota kana Macaafa Qulqulluu keessaa dubbisuu in dandeessu.

Iddoo adda addaa yommuun adeemu Hafuurri Qulqulluun akka ani Dubbii Isaa dubbadhuuf ijajabinaanaafin kennature. Yerooncarraa argadhu moototatti illeewaa’ee Yesus ergaagammachuu kana nan himan ture. Waaqayyo jireenya dinqisiisaa anaaf kenne. Wanti kam illee yoo ta’e ani dhimma hin qabu; Inni yeroo hundumaa anaa wajjin jira. Yommuu isin waa’ee Isaatiif adeemtan, Waaqayyoimmoo isinii wajjin ta’a. Waaqayyo isinjaallata. Yesusiifjedhee cubbuukeessan isiniif dhiiseera; jireenya haaraa kan bara baraas isiniif kenneera. Akka isin Yesusiin amanuutti guddattaniif yeroo hundumaa yommuu isin Dubbii Waaqayyoo dhageessanii fi dubbifattan Hafuurri Qulqulluun isin gargaara. Yeroo isin amantii Yesus irratti qabdan namootaaf hirtan

Hafuurri Qulqulluun isinii wajjin ta’a. Waa’ee jireenya kootii akka ani isinitti himuuf waan anaaf eyyamtaniif isinan galateeffadha. Akka isin Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesusitti amantaniif waanInni amantii isiniif kenneef Waaqayyoon nan galateeffadha.

Mucaan seenicha hojiidhaan argisiisu sun, seenaa Macaafa Qulqulluu sana dubbachuu yommuu xumuru, gara kutaa keessanii dhufuu isaatiif galateeffadhaatii geggeessaa. Isa booda keessa deebii itti fufi.

Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa deebi’uu

Gaaffilee seenicha irratti hundaa’an:- gaaffilee kana garee kee gaafadhu.

1. Waaqayyoon Abbaa keenya jennee waamuu attamitti dandeenye? (Sababii Yesus cubbuu keenya nu irraa kaaseef Waaqayyoon Abbaa keenya jechuu dandeenye.) Yesus gatii cubbuukeenyaakan nuirraturenuirraakaffale.Yesus garaWaaqayyootti nudeebise.

2. Sababii cubbuu keenyaa keenyaaf kan du’e eenyu? (Yesus sababii cubbuu keenyaatiif du’e.)

3. Akka Phaawulos dubbii Isaa dubbatuuf eenyutu ija-jabina kenneef? (Hafuura Qulqulluutu kenneef.)

Sochii hojjechuudhaan keessa deebi’uu:- Keessa deebicha naannessuu

Ijoollee wajjin marsaadhaan taa’aa. Akkuma ijoollee walitti qabdeen kubbaa baasi. (Barumsa keenyadarbanlamaankeessattiwaa’eePhaawuloswantootahedduubaranneerra.Yommuu ani kubbicha gara keessanitti naannesu waa’ee Phaawulos wanta beektan dubbadhaa. Isa booda kubbaa isa gara keessanitti naanna’e sana gara kootti deebisaa.) Hamma tokkoo tokkoon namaa yaada isaa warra kaaniif hiruudhaaf carraa argatutti namoota marsaa kana keessa jiran hundumaaf kubbicha nan naannessa.

Hamma gochichi itti fufee jirutti tokkoo tokkoon namaa dhugicha warra kaaniif hiruudhaaf carraa qaba. Phaawulos tajaajilicha ofii isaatiin hojjechuu akka inni hin danda’in akka barattoonni hubataniif gargaari. Akka Yesus irratti amantii qabaachuu isaaf kennuuf Hafuura Qulqulluutu isa barbaachisa. Yeroo imala isaatti dhiphinaa fi gidiraa hedduu keessatti humnaa fi ija-jabina kenneef; dubbicha akka itti himuuf ija-jabina kenneef; kanaaf namoonni biroon Fayyisaa ta’uu Yesus beekuu danda’aniiru.

Dhugaawwan Seenaa Macaafa Qulqulluu jireenya barattootaatiin wal-fudhachiisuu

Sochii jireenyaan wal-fudhachiisuu: Dhaqiitii barreeffama barristuu hiri

Ijoollee of cina teessisi. Barumsa Macaafa Qulqulluu keenya hunda keessatti waa’ee Yesus dhugaawwan hedduu, akkasumas akka Isatti amanuudhaan jireenya haaraa kan bara baraa argannuuf cubbuu keenyattii akka nu fayyisee fi du’aa akka Inni ka’e baranneerra. Hafuurri Qulqulluun dhugaawwan Yesus kanneen akka hubannuuf nu gargaaruudhaaf nu keessatti hojjeta. Hafuurri Qulqulluun amantii keenya cimsuu fi jaalalli Yesusiif qabnu caalmaatti akka adeemuuf nu gargaaruudhaaf nu keessatti hojjeta.

Yeroo darbe seenaawwan Macaafa Qulqulluu kanneen guddaa jaallannu waliin hirmaanneerra. Ammas dhugaa waa’ee Yesus kanneen beeknu keessaa muraasa waliin haa hirmaannu. Akka isaan dhugaawwan Kakuu Moofa fi Kakuu Haaraa keessa jiran walitti himaniif barattoota jajjabeessi. Yoo ijoollee jajjabeessuutu barbaachisa ta’e, seenaa Macaafa Qulqulluu waa’ee Yesus nu gargaaruudhaaf jaalala, Gooftaa fi Fayyisaa keenya ta’uu Isaa akka argisiise gabaabsii keessa deebi’iif. Yeroo kana itti himtu, yoo iddoon si ga’a ta’e, yeroo hojii walitti firoomsuu itti fayyadamuudhaaf dhugaawwan ijoolleen dubbatan hundumaa barreessi.

Amma tokkoo tokkoo barataatiif waraqaa dursa muramee qopheeffame hiriif. Waraqaan sun attamitti dachaasamee kaardii xinnoo yookiin waraqaa barristuu ta’uu akka danda’u isaanitti argisiisi. Waa’ee Yesus ittiin dubbachuu kan dandeenyu karaawwan hedduutu jiru jedhii isaanitti himi. Karaan tokko kaardii waraqaa barristuu jedhamu nama tokkoof kennuu dha. Barreeffamni barristuun waa’ee Yesus wanta barbaachisaa namootatti hima. Dhugaa waa’ee Yesus namoota tokko tokkotti yommuu himnu kaardiiwwan xixinnoo “dhaqii barreeffama barristuu hiri” jedhan fayyadamuu in dandeenya isaaniin jedhi.

Kobbii halluu isaaniif hiri. Dhugaawwan irratti mariyattan keessaa muraasa namatti himuudhaaf waraqaawwan barristuu hafan hundumaa akka fayyadamaniif ijoollee jajjabeessi. Akka isaan kanneen ati galmeessitee turte keessaa yaada burqisiisaniif akka isaan gargaaruuf keessa deebi’ii ijoolleef dubbisi. Yeroo hojjetanis jechootaa fi fakkiiwwan akka fayyadaman jajjabeessi.

Yommuu ijoolleen xumuran akka yeroon si ga’etti, barattoonni fedhii qaban waraqaa barristuu isaanii barattoota warra kaanii wajjin akka hirmaataniif eyyamiif.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu Sammuutti qabatamu

«Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaa waammadhaa, gocha isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa»(Faarfannaa 105:1).

Ijoollee cina kee teessisi. Macaafa Qulqulluu kee baafadhu. Hafuurri Qulqulluun akka Phaawulos namoota biyyoota hedduu keessa jiraatanitti Yesus isaan fayyisuudhaaf maal akka hojjete himuuf isagargaare.Phaawulos abboommii Yesus akkaamantoonni dhaqanii namootahundumatti waa’ee Isaa fi Fayyisuu Isaa himaniif kenne duukaa bu’e. Duuka buutota Isaa ta’uu keenyaaf, hojii kana akka hojjennuuf nuttis kennameera. Jechoonni Macaafa Qulqulluu kunneen isa kana nu

yaadachiisu; «Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa Isaa waammadhaa, gocha isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa.» Jechoonni Macaafa Qulqulluu kunneen waa’ee hojii Waaqayyo hojjete hundumaa fi jireenya keenya keessattis hojjechuu itti fufee jiruu ergaa keenya gammachuudhaan namootatti akka himnuuf nutti dubbatu. Waaqayyo cubbuu keenyattii nu fayyise; jireenya haaraa isa bara baraa, dhiifamuu cubbuu fi jaalala Isaa nuuf kenne.

Luqqisii Macaafa Qulqulluu kana barsiisi. Akkuma kanaan gaditti gargar qoodamee jiru, gaaleewwan lakkoofsichaa tokko tokkoon dubbadhu. Barattoonnis si booda tokkoo tokkoo gaalee irra deebi’anii haa jedhan.

Waaqayyoon galateeffadhaa;/ maqaa Isaa waammadhaa,/ gocha Isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa.

Yommuu barattoonni gaaleewwan sana sirriitti beekan, akka isaan guutummaa lakkoofsichaa jedhan isaanitti himi.

Faarfannaa(oota):- ijoolleen faarfannaa jaallatan akka faarfatan eyyamiif. Akka yeroon isin ga’etti faarfannaa baay’ee haa faarfatan.

Kadhannaa xumuraa: Kadhannaa qajeelfamaa kana fuula gara duubaa irra jiru kadhadhu.

Madda

1. Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo, Maxxansaa tokkoffaa, 1997. (Kutaaleen Macaafa Qulqulluu macaafa kana keessatti fayyadamaman hundumtuu Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo, Bara 1997, keessaa fudhatame.)

2. Resources used to compile the “Bible Background” sections for the lessons in this course:

3. Concordia Self-Study Bible New International Version, Copyright © 1986 by Concordia Publishing House, 3558 South Jefferson Avenue, St. Louis, MO 63118-3968 (This is the Bible version from which all Bible quotes and Bible verses are taken.) Copyright for the NIV Bible is held by International Bible Society Copyright © 1973, 1978, 1984. The NIV Study Bible copyright is held by The Zondervan Corporation Copyright © 1985.

4. The Lutheran Study Bible English Standard Version, Copyright © 2009 by Concordia Publishing House. Copyright for the ESV Bible is held by Crossway Bibles, a publishing ministry of Good News Publishers, Wheaton, IL Copyright © 2001

5. People’s Commentary Bible for Daniel, Mark, Luke, John, and Acts, various copyright dates by Concordia Pub lishing House. Original copyright for this series held by Northwestern Publishing House.

Addumaan Barsiisichaaf

Yeroo barumsichaatti akka barbaachisummaa isaatti nagaa gaafachuu, nagaa itti dhaamuu (geggeessuu), faarfannaa haalaa fi barumsichaa wajjin adeemu faarfachiisuudhaan tooftaa ofii kee fayyadamuudhaan wayticha bu’a-qabiissa taasisi.

Kadhata ittiin lixaa

Kadhata himataa:- akka hundi isaanii si arguu danda’anitti ijoollee walitti qabi. Gochaawwan qubee itaalikii dabalatee, kadhata himataa kana gaalee gaaleedhaan isaan barsiisi. Erga ati gaalee tokko jettee hojiidhaanis argisiistee booda, akka ijoolleen irra deebi’anii jechan taasisi. Erga si’a tokko gaaleedhaan jechisiistee booda, walii-gala isaa walii wajjin jedhaa. Yommuu barumsa eegaltu yeroo hundumaa maqaa Sadan Tokkummaa Waaqayyoo waamuu kana akka fayyadamtu yaadadhu.

Akkas jedhi Hojjedhu

Maqaa Waaqayyo Abbaatti, Harka kee lamaan ol qabi.

Maqaa Waaqayyo Ilmaatti, Harkawwan kee qoma kee irratti walitti maradhu.

Maqaa Waaqayyo Hafuura Qulqulluutti Harka kee lamaan qixa hidha mudhii keetti ciqilee kee irratti dachaasii barruu kee of duratti ol bal’isi.

Harka kee walitti rukutii Waaqayyoon jajadhu. Harkawwan kee walitti rukuti.

Faarfannaa:Waaqayyo Gaarii dha (qajeelfama kana duuba isaatii Lakkoofsa 32) farfadhaa.

Kadhannaa: Yommuu kadhattu akka ijoolleen harka isaanii lamaan dachaafatan, mataa isaanii gadi qabatanii fi ija isanii dunuunfatan hojiidhaan fakkeenya ta’iif. Akkas jedhii kadhadhu: Yaa Abbaa Isa waaqa irra jiraattuu, Dubbii Kee akka dhaggeeffannuuf guyyaa kanaa fi yeroo kana waan nuuf kenniteef galanni Siif haa ta’u. Caalcisnee Si beekuu fi caalcisnee Si jaallachuu akka dandeenyuuf Macaafa Qulqulluu keessaa dhugaawwan Kee akka dhageenyuu fi yaadannu nu gargaari. Maqaa Yesusiin Si kadhanna. Ameen.

Jechoota unka keessa jiran kana dubbadhuu sochii isaas hojjedhu. Itti fufuudhaan akka ijoolleen jechootaafisochichairradeebi’aniijedhaniifihojjetantaasisi.Waytiibarumsaamuraasakeessatti, ijoolleen jechoota kana sammuutti qabachuu in danda’u.

Akkas jedhi/faarfadhu Hojjedhu

Ani Macaafa Qulqulluu koo banadhee nan dubbisa, Harkawwan kee walitti qadaaduu irraa eegalii, itti fufii akka nama macaafa banuutti barruu isaa ol garagalchii harkawwan kee gargar bani.

Waaqayyo na jaallata, Waaqayyo na jaallata. Harka kee laphee kee irra kaa’i.

Ani Macaafa Qulqulluu koo banadhee nan dubbisa,

Harkawwan kee walitti qadaaduu irraa eegalii, itti fufii akka nama macaafa banuutti barruu isaa ol garagalchii harkawwan kee gargar bani.

Waaqayyo na eega, Waaqayyo na eega. Ofii kee hammadhu.

Ani Macaafa Qulqulluu koo banadhee nan dubbisa,

Waaqayyo na gargaara, Waaqayyo na gargaara.

Kadhannaa Xumuraa

Harkawwan kee walitti qadaaduu irraa eegalii, itti fufii akka nama macaafa banuutti barruu isaa ol garagalchii harkawwan kee gargar bani.

Barruu kee banii, harka mirgaa ol kaasi.

Yaa Isa waaqa irra jiraattu Abbaa keenyaa, Ati Uumaa keenya, Isa humna guddaa qabduu dha. Biyya lafaa baay’ee gaarii ta’e waan nuuf uumteef galanni Siif haa ta’u. Tokkoo tokkoo keenya guddaa dinqisiisaa taasistee waan nu uumteef galatoomi. Kunuunsa nuuf taasistu hundumaaf galanni Siif haa ta’u. Jaalala nu jaallattee fi araara nuuf gooteef galatoomi. (Mata-duree adda asitti galchi), galatoomi. Adaraa, (mata-duree addaa asitti galchi), wajjin ta’i. Kana hundumaa maqaa Yesusiin Si kadhanna. Ameen. Yommuu ijoolleenadeemuudhaafdareedhaaba’an,tokkoo tokkoo isaaniitiin akkas jedhi, (Maqaa mucichaa), Waaqayyo guddaa dinqisiisaa taasisee si uume. Karaa Yesusitti amanuu keetii jireenya bara baraa siif kenneera.

Baafata

Faarfannaa1.Ani nanfayye, nan gammada

Ani nanfayye, nan gammada, Fayyisaanargadhe; YesusGooftaannaafdu’uunIsaawaanbaay’eenaafgodhe. CubbuunhojjedhehundumaamataaIsaattifudhatee; Harkakoonaqabee gara AbbaaIsaattinageeffate.

Faarfannaa 2. DubbiinWaaqayyoojiraataadha

DubbiinWaaqayyoojiraataadha; humnaqabeessa. Garaaqoreekanilaalu, yaadaa fi mariyaaisaa.

Faarfannaa 3. DbbichiWaaqqayyoo

1. DubbichiWaaqayyoogaraakeenyakeessattifacaafameera; Ijagaariilaateeyommuusassaabamuguddaagammadna. Bissiiguurrannee, bissiiguurrannee; Gammachuudhaanyaanaka, Waaqayyo dura. Bissiigurrannee, bissiigurrannee; Gammachuudhaanyaanaka,Waaqayyo dura.

Faarfannaa 4. Fannoo Yesusiin badiisa cubbuun oole

Faarfannaa 5. Galanni, galanni

Galanni, galanni, galanni, galanni; Ulfinni, ulfinni, guddinni, guddinni; Waaqayyoofhaata’ubaruma-baraan; Inni dinqii hojjitu hin geddaranu Inni.

Faarfannaa 6. Galata irratti galata

Galata irratti galata/2/ Siifan laadha ya Gooftaa Baay’een naafta’ee utuu jiru, Cal jechuu nan dandeessisu; Halleeluyyaa nan teessisu, Utaali/2/ naan jedha; Waaqessi/2/ naan jedha; keessa kootii.

Faarfannaa 7.Galata Kee Yesus

1. Galata KeeYesus (2)

Galata KeeYesusgaraakootti;

Galata KeeYesus (2)

Galata KeeYesusgaraakootti.

2. Sin jaalladhaYesus (2)

Sin jaalladhaYesusgaraakootti, Sin jaalladhaYesus (2)

Sin jaalladhaYesusgaraakootti.

3. UlfinanSiifkenna (2)

Ulfinan Siif kenna garaa kootti;

Ulfinan Siif kenna (2)

Ulfinan Siif kenna garaa kootti.

4. Si maleehinjiraadhu (2)

Si malee hin jiraadhu garaa kootti; Si malee hin jiraadhu (2)

Si malee hin jiraadhu garaa kootti.

Faarfannaa 8. Galateeffadhaa

Galateeffadhaa /4

Isin garboon Isaa maqaa Isaa jajadhaa; InniqofaaIsaadinqiikangudhu, WaaqayyoGooftaadha.

Faarfannaa 9. Gammadaa in gammadnaa

Gammadaa in gammadnaa (2), Gammachuuguddaaqabna, KanYesusnuufkenne; Jaalalaaftokkummaadhaan 2

Nuyihunduukan jiraanne.

1. Yesuswalitti nu waamee, WangeelaIsaanutti hime (2) Biyyichadhuunfaakeenyatti, 2 Galuunkannuuf kenname, Kottaa ka waliigallaa WangeelaIsaattiamannaa,(2) Fayyinalubbuukeenyaaf 2

Kanbiraamaalabdanna

Gammadaa in gammadnaa

Faarfannaa 10. Gammadiifaarfadhuulubbuuko

Gammadii faarfadhu lubbuukoYesusiin(2) Raareecubbuukeessaakandhufeesibaase, DhiigaIsaatiinsiqulqulleessee.

YesusabdiinkoogalateefamaanGoofaa/2, Guyyaamuddamakoodafeenayaadata, Abdiijabaaisaaimmoonaaflaata.

Gammadiifaarfadhulubbuuko

Faarfannaa 11. Gooftaa sagalee Keetiin

Gooftaa sagalee Keetiin kattaa dhagaa cabsita; Iddoo homaa hin argamnee bishaan taliila baasta. Maaltu Si dhiba Gooftaa, dukkanas ifa goota; Surraa Keetiin yaa Waaqayyo Ati iddoo hundaatti moota.

Faarfannaa 12. Gooftaa Yesus yaa Fayyisaa ko

Gooftaa Yesus yaa Fayyisaa ko Situ naaf dhiise’oo cubbuu koo, Sin galateeffadhaMootiiko.

1. Atoosabaafjettee, yaaFayyisaako, GooftaaYesusyaaFayyisaako, Dhiphachuujaallatte, yaaFayyisaako, GooftaaYesusyaaFayyisaako, Qoodakeenyaduute, yaaFayyisaako, GooftaaYesusyaaFayyisaako, Jireenyanuuflaattee, yaaFayyisaa ko. GooftaaYesusyaafayyisaako

Faarfannaa 13. Guddaaguddaacaalu

Guddaa, Guddaaguddaacaalu; Ani ittihirkadheera, Isattigaleekooluu.

Faarfannaa 14.Humni Hafuura Qulqulluu

Humni, humni Hafuura Qulqulluu (2)

Ammayyuu in hojjeta! (2) Humni, humni Hafuura Qulqulluu; Ammayyuu in hojjeta!

Dinqiin, dinqiin Hafuura Qulqulluu (2)

Ammayyuu in hojjeta! (2)

Dinqiin, dinqiin Hafuura Qulqulluu; Ammayyuu in hojjeta!

Faarfannaa 15. HumniWaaqayyooguddaadha

HumniWaaqayyooguddaadhayaanamootaa, IrreenGooftaadhaacimaadha.

YooammannesyooIsamamnesyaaobbolootaa. InniGooftaajiraataadha!

1. WaaqayyoAbbaanjiraataadha, AangoonIsaabaay’eecimaadha; Baraan kan hin geeddaramne, Humni Isaa baay’ee dinqiidha.

Humni Waaqayyoo…

Faarfannaa 16. In caalamaqaanKee

Gurguddoobiyyalafaakeessaa, MaqaaKeeeenyuttanfakkeessaa? Urgooftuuinnigatiijabaatu, Gaarummaan isaa Siin hin qixxaatu. In caalamaqaanKee, in caala; In caalamaqaanKee, maqaaergamootaairracaala. GaariidhamaqaanKee, gaariidha; GaariidhamaqaanKee, naardoosurgooftuuirrasgaariidha.

Faarfannaa 17. Irreen Gooftaa fayyisaa dha

Irreen Gooftaa fayyisaadha, kan itti amane hin yeella’u; baruma baraan ulfinnii fi galanni Isaaf haa ta’ u.

Faarfannaa 18. Isa guddaa humna Waaqayyoo

Yaa namootaa kottaa in ilaallaa, Isa guddaa humna Waaqayyoo!

1. Abboomiidhaan uume; Inni guddaan humni Waaqayyoo, Maca waaqaa fi lafaa; Inni guddaan humni Waaqayyoo, Nama harka Isaan tolche;

Inni guddaan humni Waaqayyoo, Ulfina Isaan gonfe.

Innni guddaan humni Waaqayyoo, Yaa namootaa….

Faarfannaa 19. Itti qabsiisi ibidda Hafuuraa

Itti qabsiisi ibidda Hafuuraa; Arrabni isaa iyyuu walitti guuraa!

Gaara gadi buusee, dachaa ol kaasee; Saba lafa irraa walitti sassaabe.

Ani nan burraaqa natti tolee; 2 Diina koo Yesustu naaf lo’e!

Faarfannaa 20. Jaalalli Kristos

Jaalalli Kristos keessa koo gubeetu, gubeetu na waada (2); Akka inni na godhu beekee hin dubbatadhu, kan Isaa kumoo adda (2).

Faarsi naan jedha, faarsees hin quufu (2)

Bara rakkinaa, na jaallannaan, bara rakkinaa; Bara dhiphinaa, na jaallannaan bara dhiphinaa; Irraanfachuun dadhabe, kann Yesus kana (3).

Faarfannaa 21. JaalalliGooftaadinqisiisaadha

JaalalliGooftaadinqisiisaadha (3)

JaalalliGooftaa

Baay’eeolfagoobiraga’uuhindanda’u; Baay’eebal’aadhakeessaa ba’uuhindanda’u; Baay’eegadifagookeessaba’uuhindanda’u; JaalalliGooftaa.

Faarfannaa 22. KanWangeelakeenyaadinqiidha

KanWangeelakeenyaadinqiidha; Tulluu garagalchee, bakka gargar kutee, Kanta’uguddisee, mormituukuffisee, Kunoo in didiche humsa isaa mul’isee.

Faarfannaa 23. Lubbuu ko Waaqayyoon eebbisi

Lubbuu ko Waaqayyoon eebbisi; KanInnisiifgodhehundumaabeeksisi!

1. LubbuukoWaaqayyooneebbisi; LubbuukoWaaqayyooneebbisi; NamummaankoohundaaWaaqayyooneebbisi, LubbuukoWaaqayyooneebbisi; WaaqayyooneebbisimaqaaIsaafweeddisi; LubbuukoWaaqayyooneebbisi; SagaleeolfuudhiitolaIsaabeeksisi, LubbuukoWaaqayyooneebbisi; WaanInnisiifgodhehundumaamul’isi.

Lubbuuko…….

Faarfannaa 24. Maal jennuree

Maaljennuree, maaldeebifnuree, GochaanKee’oobaay’eenu irracaalee; KanSiamanateefjireenyalaattee, KanSieeggateefeebbadhangalaafte.

1. Bara duriikaafteehammahar’aattikanjirtu, Imimmaanijoolleekeedafteeirraahaqxu; Mootiiwaaqaa fi lafaafayyisaaamantootaa, Jabaatteejiraatta maaltu Si fakkaata!

Faarfannaa 25. Macaafa Gooftaa malee

Macaafa Gooftaa malee , Dubbii Wangeelaan malee, Karaan fayyinaa hin jiru yee.

1. MacaafaGooftaamalee, MacaafaGooftaamalee, Gowwoomsaanhunduubaduudhaafjira; MacaafaGooftaamalee, Fayyinni hin jiru karaa kann biraa; Macaafa Gooftaa malee, Sobduu fi xibaartuu maaliif sodaannaa? MacaafaGooftaamalee, Faarfannaa 26. Mucaannuufdhalateera’o

1. Mucaannuufdhalateera’o Ilmisnuufkenname, MootummaanisaasgrmuuIsaairra;

MaqaanIsaasdiinqiidha.

Nuufdhalatenuufdhalate, Mucaan nuuf dhalate, Maariyaam durba irraa nuuf dhalate.

2. Angafa nagaas nuuf ta’a, Gamnaa fi Gooftaa jabaa, Mootummaan Isaas in baay’ata, Nagaan Isaas hin dhumu. Nuuf dhalate….

3. Harka fuudhaa Isaas fidanii, Jarreen ogeessotaa, Ba’a biiftuutii dhufanii

Biyya Betlihem. Nuuf dhalate….

Faarfannaa 27. Nan amana Gooftaa akkan hin badne

Nan amana Gooftaa akkan hin badne; Bineensicha hamaan akkan hin nyaatamne; Caakkaa guddaa keessa qophaa koo yummuundeemu; Ati anaa wajjini, garaan koo hin raafamu.

Faarfannaa 28. Nuyi gammachuu qabna

Nuyi gammachuu qabna kan dhuma hin qabne; Huursineefaarfanna, afaankeenyabannee. Warri Gooftaahinqabneofumaagowwoomu; NagaanYesusmaleegonkumaahinargamu.

1. Yaamootummaawaaqaabanamteekanjirtu; Kottu, kottu, jettee hundumaa kan waamtu; Kan sitti ol gale gammachuun jiraata; Didee kan siin morme gadoodee wawwaata.

Nuyi gammachuu qabna…..

Faarfannaa29.QulqulluuWaaqakeenyaa;

Qulqulluu, QulqulluuWaaqakeenyaa; Ulfaataa, UlfaataaMootiikeenyaa; EenyukanakkaKee? (2) Bara baraanhaaulfaatumaqaanKee!

Faarfannaa 30. Si galateeffannaWaaqayyo

Si galateeffannaWaaqayyoAbbaakeenyaa; Waa’eegochaaKeetiifwaa’eeoolmaaKeetiif. Warqee fi meetiihinfeetu waanqabnuSiiflaanna; Hoo’u nu harkaafudhugalataaarsaakeenyaa.

Faarfannaa 31. Sittihin ulfaanne ba’aankoo

Sitti hin ulfaanne ba’aan koo, Kaasuu in dandeessa Yesus koo; GammadeefaarsuufmaqaaKeeGooftaa; MaaloonaafergiHafuuraKee. GammadeefaarsuufmaqaaKeeYesus; MaaloonaafergiHafuurakee.

1. Ija koo bani Sinan hubadhaa; Gurra koo baniSin dhaggeeffadhaa; YooarguubaatekeessikooGooftaa; Maalwaa’eebaasaiyyuunkoo. YooarguubaatekeessikooYesus; Maalwaa’eebaasaiyyuunkoo.

Faarfannaa 32. Waaqayyo gaarii dha

Waaqayyogaariidhaguyyaagidiraatti, Gaachanaamanamaa, mana galgalaati; KanIsaamanatee, Isattigaleekooluu, Gammachuun haammata, gaddaan kan facaasu. Mee ka’een galataan ba’a (2), fuula Isaa duran deddeebi’a

Faarfannaa 33. Waaqayyoo koo

Waaqayyoo koo, kan akka Keetii eessatti argamaa? Olii kan dhufte Furii ilmaan namaa!

Gooftaa Yesus kookan akka Keetii eessatti argatu, Yeroo dhumetti kan namaaf dhuftu.

Faarfannaa 34.Wangeelaka Raajii inni guddaan

Wangeelaka Raajii inni guddaan; Isatuqabahumnaakkaibiddaa.

Dhoksaadiinaagadiyaaseekanilaalu;

Gooftaakeenya Yesusi maqaanIsaahaacaalu.

Faarfannaa35. Wangeellikeenya

Wangeellikeenyacaafatalubbuuqabuudha; Dadhabaattihumnagodha; wallaalotabeekoogodha; Waaqayyoofsafuudha!

Kannamnin arguuhindandeenyeisaanargine; 2 Dhugaabeekuubirasgeenyee, isaanfayyine.

Faarfannaa 36. Yesus Gooftaa dha

Yesus Gooftaa dha jamaa, Yesus Gooftaa dha; ameen! (2)

Irra deddeebi’een dubbadha; humna koo guunan dhugaa ba’a.

Faarfannaa 37. Yesus in jaallata ijoollee

Yesus in jaallata ijoollee; Ijoollee biyya lafaa; Gurraachis, adiinis, Hundinuu kan Isaa ti’oo!

Faarfannaa 38. Yesus nu jaallata

Yesus nu jaallata, nu jaallata; Kanaaf Wangeela Isaan nu waammata.

1. Angoo du’aa mo’ee, nu jaallata; Yesus nu jaallata, nu jaallata; Humna diinaa cabse, nu jaallata; Yesus nu jaallata, nu jaallata; Isaan du’a oolle, nu jaallata; Yesus nu jaallata, nu jaallata; Kan Isaa nu godhate, nu jaallata; Yesus nu jaallata, nu jaallata; Kanaaf Wangeela Isaan nu waammata. Yesus nu jaallata…

2. Tiksee gaariin Isa, nu jaallata; Mootii nagaan Isa nu, jaallata; Isatu nu fure, nu jaallata; Dhiiga Isaan fayyine, nu jaallata; Kanaaf Wangeela Isaan nu waammata. Yesus nu jaallata...

3. Jaalala Abbaa Isaan nu jaallata; Biyya lafaa dhufe, nu jaallata; Misiraachoo hime, nu jaallata; Fayyina nuuf kenne, nu jaallata; Kanaaf Wangeela Isaan nu waammata. Yesus nu jaallata...

Baafata

Turn static files into dynamic content formats.

Create a flipbook
Issuu converts static files into: digital portfolios, online yearbooks, online catalogs, digital photo albums and more. Sign up and create your flipbook.