QAJEELFAMA DHUGA-BA’UMSA AMANTII HIRIYAA KEE MUSILIIMAAF Wantota gochuu qabduu fi gochuu hin qabne
Luba Bernie Lutz
Oromo Guidelines for Sharing the Faith with your Muslim Friend : The Do’s and the Don’ts 1st edition printed October 2019 : 1,000 copies
English text © Rev. Bernie Lutz. Translated by permission.
The translation and publishing of this book has been made by Lutheran Heritage Foundation. All rights reserved. No part of this book may be reproduced, stored in a retrieval system, or transmitted, in any form or by any means, electronic, mechanical, photocopying, recording, or otherwise, without the prior written permission of Lutheran Heritage Foundation.
Lutheran Heritage Foundation 51474 Romeo Plank Road Macomb, Michigan 48042 USA www.LHFmissions.org info@LHFmissions.org
Funding for the publication of this volume has been provided by faithful supporters of the Lutheran Heritage Foundation.
Soli Deo Gloria!
Not for commercial use.
SEENSA Akka ogeessonni lakkoobsa uummataa jedhanitti, baay’inni ummata addunyaa bara 2015 biliyoona 7.1, kana keessaas biliyooniin 1.6 amantaa Isilaamaa kan hordofan akka ta’ee dha. Sababoota akka haadha manaa lamaa fi isaa ol, maatii ballaa fi hawwii aangoo mana amantaa fi bulchiinsa biyyaa keessatti qabaachuu irraa kan ka’e amantaan Isilaamaa saffisaan guddachaa jira.
Nuti akka amantootaatti, Yesuus Kiristoos Fayisaa fi Gooftaa dha jennee dhugaa baana. Kana waan ta’eefis, qajeelfama gaarii ta’e fayyadamnee hiriyaa keenya Musiliimatti dhugaba’umsa mo’ataa ta’e dhugaa ba’uuf sababa hedduu qabna. Inni duraa, hojii dhuga-ba’umsaa raawwaachuudhaaf amantootni itti gaafatamummaa qabna. Kunis dhuga-ba’umsa jaalalaa fi gara-laafinaatiin malee kan albee fi ariyannaadhaan taasifamu miti (Yohaannis 14:6). Lammaffaan, amantootni jireenya isaanii keessatti shaakala birmadummaa isa nagaa, gammachuu fi tasgabbii fidu ni qabu. Amantoonni gammachuu keessa isaaniitti argatan kana warra kan biraafis hiruuf ni dharra’u. Inni sadaffaan, amantoonni karaan gara jireenya bara-baraatti geessu tokko qofa jedhanii waan dhugaa-ba’aniifi dha.
Barreessaan barruulee kanaa muuxannoo misiyoonummaa aadaa naannoo gara garaa hedduu qaba. Gargaarsa Waaqayyootiin haalota addunyaa keessa jiran adda addaa hubachuudhaan qajeelfam dhuga-ba’umsaa kana qopheessuu danda’eera.
Barreessaan kun, Milwaakii fi Chikaagoo keessatti barattoota mana barumsaa sadarkaa duraa keessatti dhuga-ba’umsa taasisaa tureera. Kolleejjii Konkordiyaa Edimontan Albertaatti argamu keessaa tajaajilaa yeroo turettis barattootni mana barumsaa sadarkaa olaanaa fi kolleejjota keessa jiran gara tajaajila waldaatti akka
guddataniif gargaaraa tureera. Biyya Papuwa Niwu Giinii jedhamu keessattis Waaqayyo waaqota warreen naannoo isaanii jiran kanneen akka Timangoosii fi Putitutiis irra caalaa guddaa akka ta’ee fi akka isaan jaallatus namoota Ingaas warra barnoota hin qabnetti dubbataa tureera. Biyya Nayjeeriyaa keessattis barattoonni Seminarii uummata musliimaa gidduutti dhuga-ba’umsa mo’ataa ta’e gochoon maal jechuu akka ta’e akka hubataniif gargaaraa tureera. Biyya Libaanos keessatti daandii irratti namootatti akkamitti dhuga-ba’umsa mo’ataa ta’e gochuun akka danda’amu kallattii barbaadaa tureera. Sudaan Kibbaa keessatti sagantaa barnoota Seminarii qopheessuu fi amantoota haaraa jajjabeessaa tureera. Buufata lallabaa Giddu-galeessa Dhihaatti immoo namoota amanoo ta’anii utuu jiranii, garuu immoo jiruuf jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti sanyii Sagalee Waaqayyoo facaasuudhaaf wareegama gochuu hin barbaanne bira qaqqabuudhaaf hojjetaa ture.
Qajeelfama kana maxxansuudhaaf fedhii waan argisiiseef, Dhaabbata Luuteraan Heriteej kan Makomb, Michigaanitti argamu galateeffachuun barbaada. Qajeelfamni kun yeroo lammaffaa akka maxxanffamu gochuu isaaniitiif Luba Dr. Robert Rahn, hundeessaa dhaabbatichaa, fi Luba Dr. Matt Heise, geggeessaa hojii dhaabbatichaa, hedduun galateeffa dha. Odeeffennoon qajeelfama kana keessa jiru hedduu murteessoo fi saffisaan kan barbaachisanii dha.
Barreessaan kun akka nama beekumsa aadaawwan adda addaa guutummaatti qabuutti osoo hin taane, bifa mo’ataa ta’een wangeela dhugaa-ba’uudhaaf akka nama Waaqayyo karaa godhee itti fayyadamuutti of ilaala. Milkaa’inni kam iyyuu yoo jiraate, jajamuu fi ulfinni hundinuu kan Waaqayyo isa jaalala ta’eeti. Barreessaan kun jecha afaan Arabaatti Allaa mahaba jedhu jaallata, hiikuun isaas: Waaqayyo jaalala jechuu dha. Dhuga-ba’umsa mo’ataa ta’e taasisiuufis laphee ofii keessaa jalala kana qabaachuun
barbaachisaa dha. Warri filataman karaa gaarii Yesuusiin itti dhugaaba’an akka barbaadaniif jaalalli kun isaan ni kakaasa.
Dhuga-ba’umsa fiixaan ba’iinsa qabu taasisuudhaaf, jaalalli Waaqayyoo inni dhuma hin qabne ergaa abdii dhuga-ba’umsa keenyaa ta’uutu irra jira.
Aadaa saboota adda addaa keessatti dhugaa-ba’uuf akka nu fayyadanitti qajeelfama kana keessatti wantotni nuti gochuu qabnuu fi gochuu hin qabne ibsamanii jiru. Qajeelfamni kun kan qophaa’e namoota warra Allaa waaqa akka ta’e, Mohaammad immoo ergamaa isaa akka ta’e amanan irratti xiyyeeffachuudhaani. Misiyoo De kan argisiisus warri kan Waaqayyoo ta’an babaayyachuudhaan sanyii Dubbii isaa akka facaasan dha.
Yaalii babal’achuu ISIS dhiheenya kana naannoo Levaanti keessatti taasisaa ture mootummaa Isilaamaa hundeessuufi. Haalli kunis addunyaan hundi kaayyoo fi karoora amantii Isilaamaa xiyyeeffannoodhaan akka ilaalu godhee jira. Alaabaan ISIS inni halluu adii fi gurraacha qabu kan ibsus barsiisa shahaadaa isa ‘Allaa tokkicha, Mohaammad immoo ergamaa isaati’ jedhuu dha. Gochaa sukanneessaa shororkessitoota kanaan raawwatame mormuudhaaf sagalee isaanii kan dhageessisan geggeessitoota biyyoota Musiliimaa muraasa qofa dha. Isaan keessaas mootii biyya Jordan kan ta’e mootichi Abdullaah gocha shororkeessitoota kanaa balaaleffateera.
Qajeelfama kana keessatti kitaabonni wabiif caqafaman hin jirani. Haa ta’u malee garuu, gara dhumaa irratti kitaabolee dhuga-ba’umsa koo keessatti na fayyadan tarreessuu yaaleera. Muuxannoo ofii koo irraa akkan hubadhetti, Quraana dubbisuuf fuulaaf-fuulatti musiliima tokko waliin wal arganii dudubbachuun karaa isa filatamaa dha. Ordoftoota amantaa hedduu keessatti
akkuma arginu, amantoonni callisaniituma geggeessitoota isaanii amanuudhaan hordofu malee ofii isaaniitii keessatti hin hirmaatani.
Misiyoonticha Luba Hesham Shehab, jaalalaa fi araara Kiristoositti amantii qabuuf jecha isa doorsisa du’aa jala jiraachaa jiru, hedduun galateeffadha. Dhimmoota uummattoota gidduutti wal-dhabdee guddoo uumuu danda’an xiyyeeffannaa guddaadhaan akkan caqasuuf na gargaaree jira. Barreeffamoota addaa kan inni ISIS, Yesuusii fi Isilaama jedhu irratti barreesse qajeelfama kana keessatti dabaleen jira. Maxxansa qajeelfama kanaa isaa jalqabaa xiyyeeffannoo guutuudhaan dubbisuudhaan bu’a qabeessa akka inni ta’u kan goote, amanamtuu fi obsituu haadha warraa koo ishee duraa, Robertaa, imimmaan koo roobsaan galateeffadha. Caamsaa 16/2015 irraa eegaluudhaan hidhata-jireenyaa koo kan taate, Dr. Elly McDaniel, dubbistootni barruulee kanaa waa’ee amantii Isilaamaa hubannoo ga’aa akka argataniif yaada isheen naaf gumaachiteef, keessumaa immoo ibsa jechootaa irratti shoora isheen gumaachiteef, guddaan galateeffadha. Kanumaaf iyyuu, maxxansi kun hedduu kan foyyeffamee ta’uu isaa na amanaa.
Bernie Lutz
Sagalee Misiraachoo hiriyoota koo Musiliimaaf akkan hiruufin fayyifame!
Kottaa haa adeemnu! Misiraachoo kanas har’uma haa labsinu! 2015
BAAFATA Kutaa Tokko Dhuga-ba’umsa Hiriyaa kee Musiliimaaf Gootu Keessatti Gochaalee
Mo’atoo ta’an
Kutaa Lama Rakkoowwan Mudatan
Kutaa Sadii Jechoota Dhuga-Ba’umsa Musiliimaaf
Goonu Keessatti Nu Fayyadan
Kutaa Afur Hubannoo Amantiin Isilaamaa Waa’ee
Fayyinaa Irratti Qabu
Kutaa Shan Shororkeessitoonni Ammayyaa (ISIS)
Eenyuu dha
Kutaa Ja’a Waaqeffannaa Kiristaanaa Haal-Simsiisuu
Kutaa Torba Seenaa Darbe Irraa Barachuu
Kutaa Saddeet Kiristaanota Dhuga-Ba’umsa Muisiliimaa Irratti Muuxannoo Hin Qabneef
Qabxiilee Faayida-Qabeessa Ta’an
Ibsa Jechootaa
KUTAA TOKKO Dhuga-ba’umsa Hiriyaa kee Musiliimaaf Gootu Keessatti
Gochaalee Mo’atoo ta’an
1. HARIIROO HIRIYUMMAA QABAADHU Biyya Libaanos mgaalaa Beerut keessa Roberta waliin daandii namootni itti heddummatan irra yeroon adeemaa turetti, irra deddeebi’ee waanti ani of gaafadhu “Musiliimota daandii kana irra adeemanitti waa’ee jaalala Waaqayyo akkamittin dhugaa-ba’a?” kan jedhu ture.
Amma waanti ani hubadhe, hariiroo hiriyummaa uumuun dhuga-ba’umsa dursuu akka qabuudha. Hubannoodhuma barsiisa amantaa Isilaamaa qabaachuu dura iyyuu, hariiroon hiriyummaa baayyee barbaachisaa fi balbala ittiin gara jireenya Musiliima tokkootti ittiin seenanii dha.
Ani wantan itti amane beekeera; namoota garaan isaanii akka tasaa baname kanatti waa’ee J jaalala Waaqayyoo dhugaa-ba’uuf kan na barbaachisu obsa qabaachuu dha. Dhugaan sammuu kootti qabate tokko nama hundumaa akka dhala namaatti ilaaluu dha. Yaada misiyoonota amanamoo ani yeroo waliin dabarsee, kan akka: Ken Cragg, Roland Miller, Phil Parshall, Ernest Hahn, Hesham Shehab, Fadi Khairallah, Maurice Jahshan, Presidaantii LCMS duraanii Al Barry, Paul Heerboth, Gen. Jack Vessy (ret.), Otto Hientze, Bill Burce fi iskoolaarota/beektota macaafaa Musiliimaa fi Kiristaana ta’an kan biroo. Hiriyaa
keenya Musiliima tokko irraa deebii qajeelaa kan eegnu yoo ta’e, ergaa keenya bifa simatama argachuu danda’uun dhiyeessuutu nurraa eegama. Jireenya hariiroo uumu qabaachuun balbala laphee Musiliimaa banuu keessatti gahee olaanaa qaba. Jechoota nuti dubbannu caalaa akkaataa nuti itti dubbannu baayyee barbaachiisaa dha. Kanaafuu, isa itti fakkeessan utuu hin taane, gara isaanii deemtee hariiroo dhugaa waliin uumuuf of qopheessi.
Dhuga ba’umsi hariiroo hiriyummaa uumuu qofa miti.Ani wantin of gaafadhu, “ Dhuga-ba’umsi koo hammam qajeelaa dha? Dhugumatti wanti ani jechuu barbaaduu wanta ani hiriyaa koo Musiliimaan jedhuu dhaa?”
Dhuga-ba’umsa keessatti hariiroon hiriyummaa maaliif murteessaa ta’ee? Hariiroon hiriyummaa maaliif amansiisaa/dhaabbataa ta’uu dhiisaa?
2. HIRIYAA KEE MUSILIIMA AMANUUDHAAF
QOPHAA’AA TA’I
Walitti dhufeenyi ati hiriyaa kee Musiliimaa waliin qabaattu akkuma walitti dhufeenya isa abbaa manaa fi haadha manaa, firootaa fi ollaa gidduutti guddataa adeemuuti. Nama tokko yeroo amantu, haal-duree tokko malee simatta. Haa ta’u malee garuu wantonni alaan mul’atan tokko tokko, fakkeenyaaf kan akka rifeensaa, areeda dheddheeraa fi loqoda haasaa nama mufachiisu fayyadamuun utuu itti hin yaadin amantaa nama dhabsiisuu danda’u.
Guyyaa tokko, waajjira koo gamoo Baankii Beruut jiru keessatti, barataan ogummaa fayyaa maqaan isaa
Adam jedhamu na dubbisuuf dhufe. Namni kun waa’ee Yesuus irrattu gaaffilee hedduu qaba ture. Namtichi afaan naaf hiikaa ture garuu Adam basaastuu shororkeessitoota HIzbollaa mootummaa Iraaniin deggaraman keessaa akka ta’e na akeekkachiisuudhaan, “Of eeggadhu, nama kanaa wajjin walitti dhufeenya hin qabaatin!” jedhe. Ani garuu Adam nama qajeelaa akka ta’ettin fudhadhe. Baatii sadi’iif wajjin hojjedhee gara USA tti utuu nuti hin deebi’in dura galgala tokko Adam akkas naan jedhe: “Dr Lutzi, ani laphee koo keessatti Kiristoosiin qaba, inni hamma dhumaatti na keessa jiraata.” Yeroon kana dhagahettis imimmaan gammachuu maddii koo irra dhangala’e. Kun humna Dubbii Waaqayyooti! Adam hamma har’aatti illee Beeruutii bilbiluudhaan amanaa Kiristoos ta’ee maatii isaa warra musiliimota waliin yeroo jiraatu qofummaan akka itti dhagahamu natti hima. Dargaggeessa kana amanuu waan na dandeessiseef Waaqayyoof galanin haaa ta’u.
Sababoonni Amanuu fi Amanuu dhabuutti geessan Maalfaadha?
3. ERGAAN DUBBII KEE IFAA HAA TA’U Yesuus nama hundumaa ni jaallata. Inni Musiliimotas ni jaallata. Dubbii/ergaa hiriyaa kee Musiliimatti dubbachuu feetu dursiitii sammuu kee keessatti xiinxali. Ergaa laphee kee irra jiru yoo qabaatte barreessiitii irratti kadhadhu. Duraaf duubaan dubbii akkamii akka dubbattuu
fi akkamitti akka dubbachuu qabdus itti yaadi. Kanaaf immoo mee fakkeenyota armaan gadii ilaali:
Namni cubbamaa ta’uu isaa (Kan bade ta’uu isaa)
Ilaalcha Waaqayyo cubbuu irratti qabu (hiruu fi gar-gar baasuu)
Wanta Waaqayyo cubbamootaaf hojjete
Sagaleen Misiraachoo eebba ta’uu isaa (qulqulleessuu)
Waaqayyo warra cubbamoota “firoota” jedha malee “garboota” jedhee hin waamu (waanti ta’e hundinuu ayyaana Waaqayyootiin ta’e).
Michuu ko, Waqqayyo baayyee si jaallata.
Dhuga-ba’umsa Musiliimaaf godhamu keessatti dubbii ifa godhanii dubbachuun maaliif baayyee barbaachisaa ta’ee? Barsiisa amantaa Kiristaanaa keessaa kan akka salphaatti dogoggoramuudhaan dhuga-ba’umsa amantii Kiristaanaa gatii dhabsiisu maali?
4. DHAGGEEFFATAA GAARII TA’I Namootni hedduun amala nama dhaggeeffachuu hin qabani. Dhuga-ba’umsa goonu keessatti dubbachuu qofa osoo hin taane, dubbataa dhaggeeffachuun barbaachisaadha. Namni ati dhuga-ba’umsa gocchaafii jirtu kun akka ati isa/ishee dhaggeeffataa jirtu akka beekuuf/beektuuf karaa hedduu mirkaneessuufii dandeessa. Sochiin qaamaa taasifamu, kan akka mataa raasuu fi kallattiidhaan ija keessa
ilaalaa dhaggeeffachuu waanta dubbatamaa jiru fedha guutuudhaan dhaggeeffataa jiraachuu kee argisiisa. Yeroo tokko tokko haasaa hiriyaa kee addaan kuttee deebii deebisuu yookiin gaaffii gaafachuu ni feeta ta’a. Haa ta’u malee garuu hanga xumuraatti obsa qabaachuudhaan yoo dhaggeeffatte, namni ati dhugaa itti bahaa jirtu kun kabaja siif kenna.
Nama dhaggeeffachuun maaliif ulfaataa ta’aa? Dhaggeeffataa gaarii ta’uuf namni maal gochuu qabaa?
5. DADAMMAQINA HAFUURAA JIRU QUBA QABAADHU Dursanii waan hunda akkas ta’innaa laata jedhanii tilmaamuun barbaachisaa miti. Waan beektuu fi itti amante tokkotti ofitti amanamummaa godhadhu. Waa’ee amantaa Musiliimaa beekuuf baradhu. Dhimma kana irratti hubannoo ga’aa qabaachuun balbala garaa Musiliimotaa isa cufu garaagarummaa barsiisa amantii gidduu jiru hambisuuf si fayyada.
Barsiisa amantii ijoo ta’an adda baaftee beekuubn barbaachisaa dha. Hiriyaan kee Musiliimni Macaafa Qulqulluu keessaa seenaa tokko yeroo sitti dubbatu/ttu, isuma atis baratte sitti fakkaachuu danda’a. Haa ta’u malee garuu garaagarummaa guddaa qabaachuu mala. Fakkeenyaaf, amantaa Kiristiyaanaa fi Isilaamaa keessatti Abrahaam iddoo guddaa qaba. Akkuma kana immoo garuu barsiisni waa’ee Abrahaam amantaa lamaanuu keessatti baayyee gara gara ta’ee argina.
Ijoo barsiisa amantii Isilaamaa beekuun maaliif baayyee barbaachisaa?
6. BARSIISUUF, LEENJISUU FI TAJAAJILAAF QOPHEESSUUF OF QOPHEESSI Waa’ee jireenyaa fi amantii Isilaamaa hubannoo siif kennuu kan danda’an barreeffamoonni haqaa fi amanamoo ta’an waan jiraniif itti fayyadami. Barreeffamoonni akkasii dhuga-ba’umsa kee keessatti Musiliimota barsiisuu fi leenjisuuf si fayyadu. Barsiisuu jechuun waanta dhugaa ta’e tokko beeksisuu jechuu dha; kun ammoo ta’uu kan danda’u Musiliima dhugaa itti baanu waliin hariiroo hiriyummaa yoo uumnee dha.
Amantoota haaraa leenjisuu, barsiisuu fi tajaajilaaf qopheessuun ga’ee eenyuuti?
7. TAJAAJILA YEROO DHEERAA KENNUUF OF QOPHEESSI Fedhiin ati wangeela dhugaa ba’uuf qabdu akka ati mana kee tajaajila kanaaf banaa gootu si gaafata. Wantoota mufachiisoo ta’an tokko tokko hambisuuf jecha, bakka itti hiriyaa kee musiliima waliin wal argitee dhugaa itti baatu filachuun baayyee murteessaa dha. Iddoowwan fudhatama qababn hedduun kan akka mana isaa/ishee adeemuu, mana ofii keetti, mana nyaataatti yookiin ammoo iddoowwan bashannanaatti affeeruu dha.
Nama biyya Jarmanii waliin naannoo mana dhugaatiitti wal beellamuun rakkoo qabaachuu dhiisuu mala. Haa ta’u malee garuu, Musiliima tokkotti dhugaa ba’uuf naannoo mana dhugaatiitti beellamuun hedduu isa/ishee mufachiisa. Kanaafuu, hubannoo iddoo itti wal argee qabaachuun barbaachisaa dha. Akkasumas, nama kana bakka hiixuu yookaan bakka miillaan adeemauu hin dandeenyetti beellamuun isa/ishee rakkisuu waan maluuf, rakkoo fi haala inni/isheen keessa jiru/jirtu beekuun yeroo yerootti si arguudhaan dhuga bahumsa kee akka dhagahu/ssu karaa siif bana.
Namni kuni dhimmoota ciccimoo isa/shee dhiphisan qabaachuu waan danda’uuf/dandeessuuf deggersa barbaachisaa ta’e gochuufiin barbaachisaa dha. Irra caalaatti immoo Yesuus Kiristoos fayyisaa isaa/ishee akka ta’e amanuudhaan gara cuuphamuutti yeroo dhiyaatu/ttu qorumsi, ariyatamuunii fi doorsisni hanga du’aa karaa maatii itti dhufuu ni danda’a.
Yeroo rakkisaa fi ulfaataa akkasii keessatti hiriyaa kee Musiliima kana waliin dhaabbachuudhaaf fedha qabdaa? Jaalalli, jajjabinni, kadhannaa fi deggersi ati yeroo akkasii keessatti gootuuf jijjiiramuu nama kanaa keessatti gahee olaanaa qaba.
Kiristiyaanotni tokko tokko dhuga-ba’umsa mana dhuunfaatti taasifamu kan hin barbaanneef maaliif sitti fakkaata? Guutummaatti of-kennuun ni
barbaachisa jettaa? Waldaan amantootaa hawaasa kee keessatti warra hin amanin jiran bira qaqqabuu keessatti hojiin ishee maal fakkaata?
8. DUBBII DUBBATTU KEESSATTI HIRIYAA KEE MUSILIIMA HIRMAACHISUUFIS OF QOPHEESSI Walitti dhufeenyi ati hiriyaa kee Musiliima waliin uumuu barbaaddu walitti dhufeenya gam-tokkee qofa utuu hin taane, walitti dhufeenya lamaan keessan fayyadu ta’uu qaba. Kana jechuunis, tarii ofii keetii barruulee adda addaa, Kitaaba Qulqulluu yookiin kitaabolee adda addaa dubbisuu jaallatta yoo ta’e, hiriyaa kee Musiliima kana waliin erga wal michoomfatee booda tarii fedhii kee gara gosa nyaata adda addaa yookiin ammo tapha xixiqqootti geeddaruu si gaafachuu danda’a.
Kanaafuu, tarkaanfii tokko hiriyaa kee dursitee argamuudhaaf dursitee karoorsuu si barbaachisa. Of gowwomsuun hin barbaachisu. Kaayyoo qabaachuu fi daandii kaayyoo sana biraan si gahu beekuun baayyee barbaachisaa dha. Namni ati dhugaa itti baatu kun dhimma amantii Isilaamaa irratti cimsee si falmuu danda’a. Ati garuu kaayyoon kee sanyii Dubbii Waaqayyoo isa/ishee keessa kaa’uu waan ta’eef, itti mufachuu yookiin aaruu si hin barbaachisu. Kanaafuu, tarkaanfii tokko karoora kee dursitee argamuudhaaf, hiriyaa kee Musiliima waliin garamitti adeemuu akka barbaaddu beekuun baayyee murteessaa dha.
Hariiroo hiriyummaa keessan cimsuudhaaf akka si fayyadutti haalli ati itti hirmaachisuu dandeessu kan biroon maalfaa dha?
9. GADI-OF-DEEBISUU FI AMANAMUMMAA QABAADHU Akka nama waan hundumaa beekuutti of hin dhiyeessin. Hiriyaa kee musiliima irraa wanta haaraa yeroo barattu, isa/ishee irraa akka baratte itti himuuf of qopheessi.
Barsiisa amantaa Isilaamaatti hin amantu yoo ta’e iyyuu, waan hiriyaan kee sitti dubbatu kabajuudhaan dhaggeeffachuufii ke itti mul’isuun baayyee barbaachisaa dha.
Namni gadi-of-deebisuudhaan akkamitti “amanamummaa” fi “hariiroo hiriyummaa” qabaachuu danda’aa? haala akkasii keessatti gadi-ofdeebisuu jechuun maal jechuu sitti fakkaata?
10. YAADA TOKKO IRRATTI HIN CICHIN
Sagaleen Waaqayyoo dhugaadhaa fi kan hin geeddaramnee dha. Yeroo dhuga-ba’umsa amantii Isilaamaa hiriyaa kee irraa dhageessu, akka Kiristaana tokkootti wantotni hedduun faallaa fi bitaa sitti galuu danda’u. Yeroo wantotni akkasii si mudatan ati immoo “Yaada kana waan naaf hirteef galatoomi, waa’ee kanaa irratti Macaafi Qulqulluun maal akka jedhu dhaga’uu ni feetaa?” jedhii gaafadhu.
Yaada tokko irratti hin cichin jechuun barisiisa amantaa Isilaamaa hiriyaan kee sitti dubbatu, yoodhuma amantee hin fudhattu ta’e iyyuu, dhaggeeffachuudhaan deebii itti kenuu jechuu dha malee Wangeela Kiristoos gara hojii harka namaatti geeddaruu jechuu miti. Yeroo tokko tokko hiriyaan kee waanta ati itti amantu, barsiiftuu fi dhugaa-baatu qeequudhaan si mormuu danda’a. Atis qeeqama kanaaf of qopheessuu si barbaachisa. Deebiin ati kennitu jaalala irratti kan hundaa’ee fi hiriyaan kee ifaa fi qajeeltootti Wangeela akka dhagahu gochuu dha.
Hariiroo nuti hiriyaa keenya Musiliima waliin qabnu keessaa isa kamtu rincicaa dha, isa kamtus rincicaa miti?
11. DUBBIIN KEE AKKA HUBATAMUU DANDA’UTTI DUBBADHU Barsiisni amantaa Musliimaa fi Kiristaanaa heddumminaan jechoota haaraa fayyadamuu nama gaafata. Haa ta’u iyyuu malee, ati garuu dubbii ija qabu dubbadhu malee jechoota namaaf hin hubatamnee fi nama burjaajessan hin fayyadamin. Jechoota haaraa yeroo fayyadamtus, hima guutuu fi gaggabaaboo ta’an fayyadamuudhaan hiriyaan kee akka hubatutti duraaf duubaan (tartiibaan) ibsa itti kenni. Waan ati dubbataa jirtu si hubataa jiraachuu isaa/ishee gaafachuudhaan mirkaneeffadhu.
Sagantaa/karoora wal-argee yeroo qopheessitu, waa’ee yaada gaarii waliif qabaachuu irratti xiyyeeffadhu.
Maal akka ati yaadaa jirtu akka hubatuuf/ttuuf, hiriyaa kee waliin yaada wal gegeeddaruufis qophaa’aa ta’i.
Akkuma walitti dhufeenyi keessan cimaa adeemeen akkaataan ati itti dhuga-ba’umsa gootus jijjiiramuu akka malu ni hubatta: kana jechuunis, mata-duree itti qophoofte ariitiidhaan barsiisuu, yookiin immoo suuta jechuudhaan gadi-fageenyaan barsiisuu ta’a.
Dhuga-ba’umsa Musiliimaaf godhamu keessatti rakkooleen nama mudatan maalfaa dha? Ati Musiliima tokkoof dhugaa ba’uudhaaf sodaa akkamii qabadaa?
12. WANTOTA NAMA MUFACHIISAN IRRAA OF EEGI
Nyaataa fi dhugaatii hiriyaa kee MusIliima mufachiisu adda baaftee beekuudhaan irraa of qusadhu. Nyaati akka foon booyyee fi kan biroon Musiliimota biratti haraama waan ta’aniif warreen akkasii dhiyeessuufii yookiin affeeruu dhiisuutu sirraa eegama.
Dhugaatiinis akkasuma. Biyyoota adda addaatti dhugaatiin kanneen akka wayinii keessummootaaf ni dhiyaatu. Musiliimotni garuu dhugaatii alkoolii qabu waan hin dhugneef, hiriyaa kee Musiliimaaf dhugaatii akkasii akka hin dhiyeessine of eeggachuu si barbaachisa. Mana jireenyaa keetti yeroo isa/ishee affeertus naannoo qodaawwaan dhugaatii alkoolii itti mul’atan hin teessisin.
Akka Kiristaana tokkootti fedha ofii kee qofa ilaaluudhaan yeroo ati hiriyaa kee Musiliima itti mufachiifte tureeraa?
13. BIFA MO’ATAA TA’EEN JAALALA WAAQAYYOO HIRUUFIIDHAAF QOPHAA’AA TA’I Jaalala Waaqayyo Kiristoos keessatti nuuf qabu guutummaatti yeroo hubannu, nutis jaalala kana battalumaan maatii keenyaaf, olloota keenyaaf, akkasumas warreen Wangeela hin dhagahin jiraniif hiruuf carraa barbaadna.
Fiixaan ba’iinsi dhuga-ba’umsa Wangeelaa Seexanaa fi humnoota hammeenyaa abdii ni kutachiisa, ni aarsa, hojii isaaniis ni ittisa (Mul’ata 12:12).
Yoh. 3:16 Waaqayyo akkana biyya lafaa jaallate….
1Yoh. 4:19 Waan inni dura nu jaallateef nutis isa ni jaallanna.
1Yoh. 15: 15 Yesuus firoota malee garboota nuun hin jenne…
1Qor. 15:57-58 Jabaadhaa dhaabadhaa, mo’ichi kan keenya.
Jaalala Waaqayyoo guutummaatti hubachuun ni danda’amaa? Yeroo tokko tokko battalumatti deebii kennuun maaliif gaarii ta’a?
YEROO DHEERAATIIF OF QOPHEESSI Babal’isuun Wangeelaa hojii ulfina barabaraati. Wangeela fayyinaa dhugaa-ba’uun hariiroo hiriyummaa yeroo dheeraatiif of qoppheessuu keenya dha. Haala hariiroo kana ilaalchisee hojiin ati hojjechuuf karoorsitu gara tokkummaa fi jaalala ho’aa qabaachuutti isin geessa. Yeroo hiriyaan kee Musiliimaa kun gara amantii Kiristaanaa dhufuttis hariiroo hiriyummaa keessan irra caalaa cimsuudhaan dhuga-ba’umsa kee kan itti fuftu ta’a. Tarii hiriyaan kee kun yoo dhuga-ba’umsa keef garaan isaa/ishee hin banamne ta’e immoo, karaa ittiin hariiroo haaraa fi wayyaa’aa uumtan barbaaduun gaarii ta’a. Hariiroo guutuu ta’ee fi umurii dheeraa qabuuf of qopheessi.
Hiriyummaan kan daangeffamu miti! Injifannoon keenyas hiriyaa keenya Musiliima Yesuusitti michoomsuu dha. Akka qorannoon babal’ina waldaa Kiristaanaa argisiisutti, namootni gara waldaa dhufan dhibbantaan 90 oli karaa hiriyoota isaanii akka dhufanii dha. Kanaafuu, akkuma namoota haaraa baraa adeemnuun, jaalalli nuti isaaniif qabnus akkasuma guddataa adeema.
Yaaduma hariiroo hiriyumma yeroo dheeraa hiriyaa kee Musiliima waliin qabaachuun maaliif si rifachiisaa? Akkasitti yaadda yoo ta’e, wanti si keessaa jijjiiramuu qabu maalii dha?
YAADANNOO BARBAACHISAA Deebiiwwan Mo’atoo Hin Taane/Injifannoo Hin
Qabne
1. FAKKEESSITUU HIN TA’IN Bifa fakkeessuu uffachuudhaan of hin golgin. Kan akka eenyummaa sobaa uffachuu nama mufachiisu hin jiru waan ta’eef ofiidhuma kee of ta’ii argami. Hiriyummaan dhugaa irratti kan hundaa’ee dha. Ituu Kiristoosiin dhugaa itti hin ba’in dura, hiriyaa keenya Musiliimaaf gargaarsaa fi deggersa barbaachisaa kennuufiitu nurraa eegama. Ulaagaa tokko malee namoota hundumaa, Musiliimota dabalatee, wal-qixatti simachuu danda’uu qabna. Yesuus
inni michuu keenya nuuf ta’uudhaan michoota koo nuun jedhe, nu hunda keenyaaf ni barbaachisa (Yoh. 15:15).
Ofiidhuma kee of-ta’uudhaan amantii isa Kiristoos keessatti qabdu sana amanamummaa fi karaa salphaa ta’een dhugaa ba’i malee jireenya/amala fakkeessuu hin qabaatin.
Amala fakkeessuu qabaachuun maaliif ciigaasisaa ta’ee? Hiriyaa kee Musiliimatti yeroo dhugaa baatu waa’ee bifa-fakkeessituu qabaachuu dhimmamuutu sirra jiraa? Dhuga-ba’umsa keessatti fakkeessummaa akkamitti hambisuun danda’amaa?
2. NAMA WAAN HUNDUMAA BEEKU GOOTEE OF HIN DHIYEESSIN
Yeroo hiriyaan kee Musliimni sitti dubbatu hubannaadhaan caqasi malee akka nama waan hunda beektuutti of hin dhiyeessin. Hiriyaa keetiifis yeroo kenni malee ati qofaanis hin haasa’in. Yeroo ati yaadaa fi qalbii kee bantee waan hiriyaan kee dubbatu/ttu caqastu, inni/isheenis amanamummaadhaan yaada isaa/shee guutummaatti siif hira/ ti.
Sochiin ija keetii yaadi garaa/qalbiin kee eessa akka jiruu fi waan hiriyaan kee dubbataa jirutti xiyyeeffannaa kennuu dhiisuu kee rgisiisuudhaan dubbii kee daangessuu waan danda’uuf, ija keetiin oliif gadi hin adeemin.
Amaloonni nama “waan hundumaan beeka” ofiin jedhuu maalfaa dhaa? Namni akkasii hiriyaa kee
Musiliima maaliif mufachiisuu danda’aa?
3. WAAN HUNDA AKKAS TA’INNA JETTEE HIN TILMAAMIN Hiriyaa kee Musiliimaaf yeroo dhugaa-baatutti, waan ati isaa/shee wajjin dubbachuu barbaaddu akka waan inni/isheen beektuutti hin tilmaamin. Hiriyaan kee yeroo gabaabaa yookiin dheeraa si waliin turuu; akkasumas akka waan inni/isheen buna dhuguu hin barbanneettis hin tilmaamin. Waan hundumaa akkas ykn akkana ta’a jedhanii tilmaamuun salphaa dha, garuu immoo barbaachisaa waan hin taaneef amalli akkasii sirraa hin mul’atin.
Karoora ati tilmaama irratti hundaa’uudhan karoorsitu irra yeroo hedduu maaltu mudachuu danda’a? Yeroo waa tilmaamnu kufaatiin kan hin oolle maaliif ta’aa?
4. AMANTII HIRIYAA KEE MUSILIIMAA HIN CEEPHA’IN
Yeroo tokko tokko utuu itti hin yaadin amantii hiriyaa kee ceepha’uun waan rakkoo hin qabne fakkaatee sitti argamuu danda’a. Haa ta’u malee garuu, ceephoo isa hiriyaa kee mufachiisuu danda’u hambisuuf, dhimmoota amantii kiristaanaa fi Isilaamaa gidduutti rakkoo uumuu danda’an beekuun barbaachisaa dha. Kanaaf, amantii hiriyaa keettti waliif hin galtu yoo ta’e iyyuu, dhugaa waa’ee
amantii Isilaamaa beekuun dhuga-ba’umsa kee keessatti hiriyaa kee waliin wal kabajuu fi wal hubannoo akka qabaattu si fayyada.
Waan hunda caalaa immoo, Quraanaa fi Mohaammadiin hin qoosin. Quraanni akka waan gatii hin qabnee fi barbaachisaa hin taaneetti itiin qoosuun hin ta’u. Raajichi
Isilaamaa, Mohaammad, akka geggeessaa amantiitti kabajamuutu isaaf mala. Kana jechuun, waan Qraanni jedhuu fi Mohaammaditti amanta/waliif galta jechuu miti.
Yeroo dubbiiwwan ciccimoo ta’an dubbattanitti, amantii Isilaamaa utuu hin ceepha’in akkamitti dhuga-ba’umsa qajeeltoo taasisuu dandeessaa?
5. BARSIISA SOBAATIIF IDDOO HIN KENNIN Sagaleen Waaqayyoo dhugaadhaa fi kan hin geeddaramne waan ta’eef, nama gammachiisuuf jecha bifa kamiin iyyuu kan tottolfamu miti. Humna fayyisuu fi faradu Sagalee Waaqayyoo qofatu qaba. Haalota Wangeela salphisan/laamshessan keessatti yeroo of argitu, dhugaa Wangeelaa soda tokko malee beeksisi. Garaa namootaa wangeelaaf banuun hojii Waaqayyooti; gaheen keenya Wangeela dhugaa-ba’uu dha. Garaa garummaan barsiisa amantii bakka mul’atutti iyyuu ciminaa fi jaalalaan dhuga-ba’umsa Wangeelaa raawwadhu.
Hafuura jaalalaa keessa ta’uudhaan dhugaa dubbachuu hin sodaatin. Yesuus Kiristoos keessaan isa argamu
waa’ee jireenya bara baraa hiriyaa kee Musliimatti hin dubbattu yoo ta’e, ati isaaf/isheef waan tolu hin goone.
Ati nama amantii keef, akkasumas hiriyaakeetiifis, dhimmamu ta’uu kee itti hin dubbattu taanaan hiriyaan kee sitti gadduu mala. Musliimni waa’ee amantii isaaf/isheef iddoo guddaa waan kennuuf, maaliif akka ati waa’ee Yesuus dhugaa itti ba’uu barbaadde si hubata/tti. Nutis akkuma Indiriyaas akkana jenna, “Michuu koo, kottuutii ilaali!” Yoh. 1:46.
Wanti dubbatamu Saglee Waaqayyoo wajjin
kallattiidhumaan yeroo wal faallessu hiriyaa kootiif akkamitti deebii kennuufiitu narra jiraa?
Dhuga-ba’umsa ani hiriyaa kootiif taasisu gufannaa irraa hambisuuf jecha, waa’ee jireenyaa fi fayyinaa utuun itti hin dubbatin hagam obsuutu anarra jiraa?
6. JAALALA WAAQAYYOOTTI DUBBACHUUF OFITTOO HIN TA’IN
Ati sagalee misiraachoo qabda; sagalee misiraachoo waa’ee Yesuusis ni amanta. Ati karaa amantii ayyaana Waaqayyootiin jireenya barabaraa akka argatte ni amanta. Kanaaf iyyuu, waa’ee Sadan-Tokkummaa-Waaqayyoo isa dhugaa hiriyaa keetiif ibsuu irratti of hin qusatin. Waa’ee
Yesuus hiriyaa keetti wanta dubbattu dursiitii sammuu kee keessatti yookiin waraqaa irratti toora galfadhu. Rakkinni keenya inni guddaan, yeroodhuma tokkotti hamma barbaachisaa ta’ee ol hiriyaa keenyatti himuu barbaanna.
Kun immoo hiriyaan keenya waanta nuti itti dubbannu hunda akka hin hubanne dhorkuudhaan karoora keenya fiixaan akka hin baafne nu godha.
Yeroo hiriyaa kee Musliimatti dhugaa baatu, Macaafa Qulqulluu fi jireenya kee irraa fakkeenya fudhachuudhaan waa’ee Waaqayyo isa humna qabeessaa fi jaalala ta’ee itti dubbadhu. Waa’ee Waaqayyoo itti dubbachuuf tasuma duubatti hin jedhin. Hiriyaan kee kunis wanta si waliin haasa’u/ftu qabaachuu waan danda’uuf/ssuuf, mata dureen kun barbaachisaa ta’uu isaa ni hubatta.
Seera dubbachuu moo Wangeela dubbachuu irra filattaa? Hiriyaa kee Musiliimatti Wangeela dubbachuun maaliif baayyee barbaachisaa ta’ee?
7. DHUGAATII ALKOOLII QABU HIN FUDHATIN Musiliimonni alkoolii waan hin dhugneef, dhugaatii alkoolii qabu dhiyeessuufiin isaan mufachiisa. Wantota hiriyaa kee biratti fudhatama qabu gochuu, wantota isa/ ishee mufachiisan immoo dhiisuun barbaachisaa dha. Yeroo gara mana keetti isa/ishee affeertu illee mallattoolee yookiin meeshaalee dhugaatii alkoolii jaallachuu kee mullisan kan akka qoodaa wayinii, biiraa fi kan kana fakkatan karaa duraa fuudhi.
Manni ati keessa jiraattu bakka dhugaatiin alkoolii itti gurguramuudha yoo ta’e, hiriyaan kee ilaalcha dogoggoraa
waa’ee kee qabaachuudhaan si waliin wal arguu akka hin dhiifnetti, gara mana keetti isa/ishee affeeruuu hin yaadin.
Yeroo hiriyaa kee Musliimatti dhugaa baatu, waa’ee dhugaatii alkoolii qabu fudhachuu dhiisuu ilaalchisee, Roomaa 15:1 irra isa jiru (fakkeenyaaf, warra dadhaboo hin gufachiisin) isa jedhu akkamitti ilaalta?
8. WAL-ARGEE KEESSAN WALDAA KEESSATTI HIN GODHATIN Waldaa keessatti hiriyaa kee waliin wal argitee dhugaa-ba’uufiin siin kan sitti tolu yoo ta’e iyyuu, hiriyaa keetti toluu dhiisuu mala. Gara naannoo waldaa dhufuun tarkaanfii tokko gara amantootaatti dabalamuuf dhihaachuu dha. Isa kanaaf immoo hiriyaan kee of qopheessuu dhiisuu mala. Gara fuula duraatti garuu kana gochuuf hiriyaan kee itti waliif galeera taanaan waldaa keessatti wal arguun ni danda’ama.
Hiriyaa kee Musiliimaaf wangeela dhugaabahuu keessatti bakka wal-argee mijataa ta’e filachuun maaliif barbaachisaa ta’e?
9. HIRIYAA KEE MUSILIIMA IRRATTI DHIIBBAA
HIN GODHIN Kan ati barbaaddu hiriyaan kee gara amantii isa fayyisuu danda’uutti akka dhufuu dha. Kun immoo, karaa ati hubachuu hin dandeenyeen yeroo ati hiriyaa kee wali-
in wal argituu fi wanta ati dubbattu keessaan raawwatamuu mala. Gara amantii kanaa akka inni/isheen dhuftu-
uf affeeruu, jajjabeessuu fi gammachuu Waaqayyoon waaqessuu keessatti argatte utuu abdii hin kutatin hiruufii ni dandeessa. Haa ta’u malee garuu, yeroo hiriyaan kee gara amantii kanatti dhufuu qabu ati murteessuun sirra hin jiru. Namni Ziwimer jedhamu wagga 40 oliif hojii misiyoonummaa Musiliimota gidduutti hojjetaa ture. Haata’u malee waggootii 40 keessatti Musiliimota kudha lama qofa gara amantii Kiristaanaatti fiduu danda’e. Laphee/garaa namaa kan geeddaru Hafuura Qulqulluu dha malee ati ofii keetiin geeddaruu hin dandeessu. Waaqayyo akka nuti sanyii facaafnuuf nu waame. Abdii hin kutatin, garaa kee fi yaada kee hundumaan Waaqayyotti amani, Isas amanadhu. Wangeela Maatewoos 10:14 irratti akkuma barreeffametti, yeroon itti Sagalee Misiraachoo fudhatanii iddoo tokkoo ka’anii iddoo biraa itti adeeman ni jira; kun kan ta’uu qabu garuu Sagalee Misiraachoo himuudhaaf yoo amanamummaadhaan waan gochuun nama irraa eegamu hunda raawwatan qofa dha. Hiriyaan kee Musiliimaa gara amantii Kiristaanaa dhufee/dhuftee akka cuuphamu/tu hawwii guddaa qabda! Obsa qabaadhu! Garaa namaa kan geeddaru Hafuura Qulqulluu dha, ati gaheen kee bishaanii fi albuuda Dubbii Waaqayyoo itti naquudha.
Carraa Sagalee Misiraachoo hiriyaa kee
Musiliimatti himuu argachuu keetiif gammachuun
sitti dhagahamaa? Fedhiin ati qabdu walitti dhufeenya si’ii fi hiriyaa kee gidduu jiru akkamitti ittisuu danda’aa?
10. YAADA ISA NUTI HUNDINUU WAANUMA TOKKOTTI AMANNA JEDHUTTI HIN QABAMIN Yaadi inni nuti hundi waanuma tokkotti amanna jedhu yeroo hundumaa nutti dhihoo jira. Barsiisa amantii Kiristaanaa fi kan Isilaamaa gidduu akka waan garaagarummaan hin jirreetti salphisanii ilaaluun balaa qaba. Yeroo hundumaa bakka garaagarummaan jiru irratti of eeggannoo gochuu, bakka tokkummaan yaadaa jiru irratt immoo waliif galutu sirra jira.
Yeroo dhuga-ba’umsa goonutti, yaada isa nuti hundinuu waanuma tokkotti amanna jedhuun maaliif fudhatamnaa? Haala barsiisa Kiristaanaa iddoo dhabsiisu keessatti of argitee beektaa?
KUTAA LAMA Rakkoowwan Mudatan
Dhimmooti qalbifachuun nurraa eegamu hedduutu jiru. Fakkeenyaaf, garaa-garummaan amantaa Kiristaanaa fi Isilaamaa gidduu jiru baayyee guddaa waan ta’eef yeroo hunda jibbii fi wal dhabdeen uumamuu ni danda’aa? Yesuus duukka-buutotni isaa gara namoota hundumaa akka dhaqan yeroo abboome maal jechuu isaati?
1) Musiliimotatti yeroo dhugaa baanu jecha isa “Yesuus Ilama Waaqayyoo” jedhu dubbachuu dhiisuun gaarii dhaa? 2) Yeroo waa’ee Quraanaa dubbannutti of-eeggannoo gochuun maaliif barbaachisaa ta’ee? 3) Macaafa Qulqulluu irratti hundaa’uudhaan waan ati dubbattu hiriyaan kee inni/isheen Musiliimaa yoo si sirreesse/te maaltu sitti dhagahamaa?
MUSILIIMONNI EENYUFAA DHA Gaaffiin “Musiliimonni eenyufaa dha?” jedhu gaafatamuu fi gadi fageenyaan xiinxalamuu qaba.
Isilaama: Isilaama jechuun nagaa jechuu utuu hin taane, kan abboomamu/harka kennu jechuu dha. Isilaamni amantaa, aadaa fi siyaasa kan of keessaa qabuu dha. Isilaamni aadaa dha malee amantii dhuunfaa ofii miti. Aadaan Isilaamaa Mohaammadiin akka waaqaatti ol isa qaba. Akkasumas amantaan Isilaamaa irra guddoo gocha
xibaaraa kan akka ija hamaa, tolchattuu, jinnii fi kan kana fakkaatan of keessatti qabata.
Mee seenaa Isilaamaa haa ilaallu. Ilaalcha Musiliimni tokko qabuuf seenaan Isilaamaa gahee guddaa taphata. Har’a ilaalchi isaan qaban hololoa sobaa babal’isuudhaan kufaatii fi duubatti hafuu biyyoota Isilaamaatiif sababa ta’ee jira. DHUGA-BA’UMSA FIIXAAN BA’IINSA QABU
Yesuus namoota hundumaa, diinota keenya illee, akka jaallannu nutti hima! Musiliima jaallachuu jechuun maal jechuu dha? Dhugaa waa’ee fayyinaa dubbachuu dhiisuu jechuu dhaa? Musiliima waan mufachiisuuf dhugaa waa’ee Yesuus Ilama Waaqayyoo dubbachuu dhiisuu jechuu dhaa? Dhugaan Wangeelaa kuni dhugumatti tokkoon tokkoon keenyaaf maal akka ta’e kan amannu yoo ta’e, misiraachoo waa’ee Yesuus hiriyaa keenya Musiliimatti dubbachuuf duubatti hin jennu. Hojii dhuga-ba’umsa Wangeelaa kana raawwachuuf immoo karaan fiixaan ba’umsa qabuu fi hin qabne jiraachuu isaa hubachuun barbaachisaa dha.
Hiriyooni keenya Musiliimonni Hafuura Qulqulluu dhaga’uudhaan laphee isaanii bananii Yesuusiin akka baraniif, nuti immoo kadhachuudhaan karaa fiixaan ba’iinsa qabuun wangeela dhugaa-ba’uuf ni carraaqana.
Beeruut irraa naannoo kiiloo meetira 30 gara dhihaatti gaarreen magaalaa bareedduttii kana marsanii jiran keessatti gaaf tokko galgala gareen Hizboollaa akkas jechuudhaan gaaffii gaafatan: “Nagaa isin keessa jiru kana eessaa argattuu?” Akka isaan gaaffii kana gaafatan maaltu isaan taasisee? Wal-dhabdee Libaanosii fi Isiraa’eliin gidduu jiruu dhaa? Gaaffii kana kan isaan gaafachiise wal’aansoo keessa isaanii jiruudhaa? Yeroo wangeela dhugaa-baanu hanga danda’ametti tooftaa dhuga-ba’umsaa isa gaarii ta’e fayyadamuutu nurraa eegama. Waa’ee isa namni ati dhugaa itti baatu suni karaa jireenya bara-baraati jedhee itti amanu/tu sana beekuun barbaachisaa dha.
Musiliimatti dhugaa-ba’uu dura amantii Isilaamaa keessa gareewwan amantaa adda addaa akka jiran qalbifachuun barbaachisaa dha. Dhuga-ba’umsa keenya eegaluu dura waa’ee nama sanaa wantota bu’ura ta’an beekuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, namni sun dhiira moo dhalaa dha? Gartuu Sunnii ti moo gartuu Shi’aayii ti? Nama biyya Sa’ud Arabiyaa, Indoneezhiyaa moo Paakistaanii ti?
Qabxiiwwan armaan gadii bu’ura barsiisa amantii Isilaamaa irratti hubannoo akka qabaattuuf kan tarreeffamanii dha. Hubannoo kanaa qabaachuun duukka-buutota amantii Isilaamaatti qajeeltootti Wangeela dhugaa akka baatuu fi dhuga-ba’umsi kees firii akka godhatuuf si gargaara. Garaa-garummaa gartuuwwan adda addaa amantii Isilaamaa keessa jiranii guutummaatti hubachuu hin dandeenyu; haa ta’u malee garuu, wantota bu’ura ta’anii fi barsiisa isaanii
beekuun baayyee nu fayyada.
Musiliima tokko waliin dudubbachuudhaaf, qabxiiwwan saglan (9) armaan gadii kun hedduu barbaachisoo dha:
I. QABXII TOKKO: ALLAA TOKKICHA Musiliima addunyaa kana irra jiru kamiin iyyuu hubachuu ilaalchisee, barsiisni waa’ee Allah shakkii tokko malee sadarkaa jalqabaa irratti argama. Shahaadaan beeksifannaa amantii Islaamaa: Allaa Waaqayyo tokkichi, Mohaammad immoo ergamaa isaati isa jedhuu dha. Musiliimonni hundinuu Allaa waaqa guddaa dha jedhu. Konkolaachisaa taaksii, sheekii, profeesaraa fi hojjettuu mana keessaa utuu hin jedhin, Allaa nama hunduma biratti akkaataa adda ta’een ni sodaatama, ni kabajamas.
Mana Musiliimota hedduu keessattis maqaan Allaa sagaltamii saglanuu (99) bifa bareedaadhaan maxxanfamee argama. Maqaalee 99 kana keessaa lama isa Allaa gara-laafessaa (al-Rahman) fi Allaa araara-qabeessa (al-Rahim) jedhuu dha. Kun immoo giddu-galeessa dhuga-ba’umsa ati hiriyaa keetiif taasiftuu dha.
Amaloota Allaa kan Musiliimonni adda durummaatti ilaalan keessaa, Allaa araara-qabeessaa fi gara-laafessa ta’uu isaa ti. Kun immoo boqonnaa Quraanaa tokko irraa kan hafe boqonnaawwan hunduma isaanii fi Haaditi, akkasumas maree fi waaqeffannaa Jimaata taasifamu hundu-
maa keessatti ni argama.
Jalqaba Quraanaa irratti kan argamu Sura Tokkoffaan akkana jechuudhaan eegala: “Jajamuun Waaqayyo isa Gooftaa uumama hundumaa, isa gara-laafessa, araara-qabeessaa fi Mootii Guyyaa Firdii ta’eef haa ta’u.” Namicha isa karaa dura taa’ee kophee qulqulleessu irraa eegalee hamma isa shororkeessaatti, hundumti isaanii Waaqayyo guddaa qofa utuu hin taane, hundumaa caalaatti guddaa fi humna qabeessa jedhanii dhaadatu.
Guddummaa Waaqayyoo kana kan ibsu afaan Arabaatiin “inshaallah” jedhama. Inshaallah jechuunis, “Kan fedha Allaa ta’e inuma raawwatama” jechuu dha. Kanaaf iyyuu, yeroo hedduu haasaa Musiliimotaa keessatti kan dhageenyu “Fedha isaa yoo ta’e, Allaa na fayyisa” kan jedhuu dha.
Haaluma wal fakkaatuun, Kiristaanni beeksifannaa amantii Kiristaanaa sadanuutti amanu tokko walitti dhufeenya akkasii kana fayyadamuudhaan Musliimatti dhugaa-ba’uun ni danda’ama.
Amantii Isilaamaa keessatti, Allaa waan hunduma irraa adda waan ta’eef, Musiliimonni kabajaa fi ulfina guddaa kennuuf. Allaa akka wantota warra harkaan qaqqabatamaniitti kan qoratamu miti. Waa’ee Allaa ilaalchisee kan Quraanni dubbatu Musiliima tokkoof ga’aa waan ta’eef, qorannoo gadi fagoo geggeessuun isaaf/isheef wanta hed-
duu barbaachisaa ta’e miti. Allaa kan ibsamuu danda’u gararraa waan ta’eef, Musiliimaaf waanuma Quraanni itti ibse fudhachuun ga’aa dha. Kanaaf iyyuu, Musiliimonni hundinuu amantaa tokko qabu, innis, “Waaqayyo (Allaa) tokkichi kun waan hundumaa gararraa dha” kan jedhuu dha.
Allaa ilma qaba yaada jedhu qabaachuun maqaa Waaqaa xureessuu waan itti fakkaatuuf, Musiliima tokkoof kun kan yaadamu miti. Barsiisni Isilaamaa dhimma kana irratti ejjennoo cimaa waan qabuuf, yaada akkasii kana jalqaba dhuga-ba’umsa keenyaa irratti kaasuun barbaachisaa miti. Dhugaan Kiristaanaa inni ‘Jaalalli Waaqayyo cubbamootaaf qabu guddaa waan ta’eef, ilama isaa Yesuusiin dabarsee isaaniif kenne’ jedhu Musiliimota biratti akka maqa-balleessiitti ilaalama. Haala kamiin iyyuu yoo ta’e, dhuga-ba’umsi ati gootu sadarkaa sadarkaadhaan haala nuti hubachuu hin dandeenyeen gara barsiisa dhimma kanaatti geessuun isaa in hafu, haa ta’u malee garuu utuu yaada gadi fagoo akkasii hin kaasin dura hariiroo hiriyummaa kee isa/ishee waliin cimsachuun baayyee barbaachisaa dha.
II. QABXII LAMMAFFAA: MOHAAMMAD (ERGAMAA ALLAA)
Baadiyyaa Minesootaa keessatti guddadhee mana barumsaa hordofaa yeroon turetti, kitaabonnii fi barsiisonni hedduun namoota amantaa Isilaamaa hordofan duukka-buutota Mohaammad (Mohammedians) jedhanii yeroo
waamaa turan nan yaadadha. Lola Addunyaa isa Lammaffaa booda, akkuma barbaachisumaan albuuda boba’aa
Giddu-galeessa Bahaa keessa jiru dabalaa dhufeen, biyya Sa’ud Arabiyaa keessaa mormiin cimaan maqaa duukka-buutota Mohaammad jedhamu balaaleffatu ka’uudhaan hordoftoonni amantaa kanaa Isilaama jedhamanii akka waamaman ta’e.
Musiliimonni, Mohaammad Allaa waliin wal qixa akka ta’etti hin ilaalani. Raajichaaf hin sagadani, garuu immoo kabaja guddaa isaaf kennu. Mohaammad amantii Isilaamaa biyya Arabaa keessatti akka jalqabuuf Allaan waan isa filateef, Mohaammadii fi amantii Isilaamaa adda baasanii hin ilaalani. Haa ta’u malee garuu Mohaammad akkuma keenya nama jedhanii amanu.
Barri jireenya Mohaammad bara 570 AD – 632 AD tti ture. Wanti nama dinqisiisu garuu, Musiliimonni akka jedhanitti, amanitiin Islaamaa kan jalqabame Mohaammadiin utuu hin taane, bara Addaamii eegalee akka turee dha. Akka Quraanni jedhuttis, Addaam musiliima isa jalqabaa ture.
Akka Musiliimonni jedhanitti, Mohaammad nama wagga 40 yeroo ta’etti Allaa karaa ergamaa isaa Gabri’eel isatti mul’ate. Yeroo kanatti Mohaammad haadha manaa isaa, Kadijjaa, waliin magaalaa Makkaa keessa jiraachaa ture. Kana boodas, waggaa kudha lamaaf ergamichi Gabri’eel isatti mul’ataa ture jedhu. Waggootii kudha lamaan
kanaafis, fiixaan ba’iinsa argachuu baatu iyyuu, jiraattonni magaalaa Makkaa waaqota tolfamoo 360 tti sagaduu dhiisanii waaqa isa Mohaammad lallabu kanatti akka amananiif yaalii gochaa ture.
Bara 622 tti Mohaammad magaalaa Makkaa dhiisee akka bahu waan taasifameef, Makkaa irraa gara kaabaattii fageenya maayila 200 irratti kan argamu bakka Madiinaa jedhamutti imale. Mohaammad mul’ata isa xumuraa Allaa biraa fudhate kan jedhamus bakka Madiinaa jedhamu kanattii dha.
Mohaammad ergamaa fi raajii Allaa isa xumuraati jedhamee beekama. Quraana keessattis, inni “raajota keessaa isa xumuraati” (Sura 33:40) jedha. Mohaammad duukka-buutota horachuudhaan isaaniifis fakkeenya ta’uu danda’e. Waanta inni hojjete duukka-buutonni isaas hojjechuutu irraa eegama. Seenaan jireenya dhuunfaa isaa, gaa’illii fi amaloonni inni dhuunfaataatti qabu (haala of qulqulleessuu mana fincaanii keessattii) dabalatee, harcaatii tokko malee akka hojii qullaa’ootti ilaalamuudhaan ni hordofamu turani. Dubbii Mohaammad dubbataa tures walitti qabuudhaan galmeessaa namootaafis hiraa turani. Dubbiiwwan Mohaammad inni isaan walitti qaban kunis Hadiit jedhama. Hadiit bakka Quraanni ibsa ga’aa hin kenninetti murtoo kennuudhaaf hedduu barbaachisaa dha. Har’a Hadiitin amansiisoo hin taane 10,000 ol akka jiranitti beekama. Kanneen 7,000 ol ta’an immoo amansiisoo dha jedhamanii yaadamuudhaan Musliimonni jireen-
ya qajeeltoo akka jiraataniif qajeelfama kennu.
Boqochuu Kadijjaa booda Mohaammad haadha manoota hedduu fuudheera. Isaan kana keessaas haadha manaa Kiristaana taatee fi haadha manaa Yihudii taate qaba ture. Mucaa waggaa j’aa fuuchuudhaanis yeroo isheen waggaa sagal guuttettis haadha manaa isaa godhatee waliin jiraateera. Haadha manaa isaa Kadijjaa irraas ijoollee durbaa afur godhateera. Haadha manoolii isaa irraas ilma geggeessummaa amantii Isilaamaa isa harkaa dhaalan godhachuu utuu hin danda’in ofii isaatii bara 622 AD tti du’e.
Musiliimonni Mohaammadiin hedduu waan kabajaniif, maqaan isaa yeroo dubbatamu yookiin yeroo dhagahanitti, “nagaan isaaf haa ta’u!” jechuudhaan deebii kennu.
III. QABXII SADAFFAA: Quraanni dubbii Allaa ti. Quraana jechuun qara’uu jechuu dha. Musliimonni Quraanni dubbii Allaa waan ta’eef yaadatti qabatamuudhaan dubbatamuu qaba jedhu. Beektonni amantaa Isilaamaa Quraana qo’achuu fi waa’ee isaa mariyachuu yoo danda’an, irra caalaan musiliimotaa garuu Quraanni kitaaba qulqullaa’aa waan ta’eef akkuma inni jirutti fudhachuu irraa kan hafe dhimmoota gaaffii namatti uuman kaasanii mariyachuu irraa of ni qusatu.
Musliimonni kitaaba Musee shanan, Faarsaa Daawwitii fi Wangeela Kakuu Haaraa ni fudhatu. Quraanni boqonnaa 114 qaba; boqonnaawwan kunis, Sura lakkoobsa tokko irraa kan hafe, akka dheerina isaaniitti gabaabaadhaa gara dheeraatti tarreeffamanii jiru.
Keessi mana waaqeffannaa isaanii barreeffama luqqisiiwwan Quraana keessaatiin kuulamanii jiru. Barreessaan qajeelfama dhuga-ba’umsaa kanaas manneen waaqeffannaa Musiliimotaa Dom of the Rock Mosque , Siiriyaa, Turkii, Jordaanii fi Libaanosiin jiru ija isaatiin arguudhaan bareedina barreeffamoota isaanii ajaa’ibsiifateera.
Musiliimota biratti Quraanni kitaaba addaa waan ta’eef, ulfinaan baatama malee akka hin taanetti oliif gadi hin fuudhamu. Namni Quraana dubbisu tokkos dubbisuu isaatiin dura yeroo hedduu ni dhungata, akkasumas erga dubbisee raawwatee booda dhungachuudhaan iddoo itti deebisuun isaaf malutti kabajaan ni deebisa.
Allaa karaa raajota hedduu dubbatee akka ture
Musiliimonni ni amanu. Haa ta’u iyyuu malee garuu, yeroo dheeraa booda Yihuudonnii fi Kiristaanonni Allaaf abboomamuu diduudhaan dubbii isaa gegeeddaraniiru jedhanii amanu. Yeroo isaan isa irraa gara galanittis Allaa raajota isaa erguudhaan saba isaatti dubbataa ture malee isaan gatee hin beeku jedhu. Dhuma irratti garuu dhugaa iddootti akka deebisuuf raajicha Mohaammadiin erge. Kanaaf, Musiliimonnis raajichi Mohaammad ama-
namaadha jedhanii amanu.
Kiristaanonnii fi Yihudotni namoota kitaabaa akka ta’an Quraanni ni dubbata. Namootni kitaabaa yeroo tokko tokko ni kabajamuu, yeroo tokko tokko garuu ni abaaramu.
Biyya Libaanos keessatti akkan argetti, Musiliimonni hedduun Macaafa Qulqulluu Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa, keessumaa immoo wangeela arfan, argachuuf ni dharra’u.
IV. QABXII AFURAFFAA: BEEKSIFANNAA AMANTII ISILAAMAA Barreessaan kun magaalaa Hamra, giddu-galeessa Beerut, Libaanos, isee jiraattota 100,000 ol ta’an qabdu keessa jiraateera. Magaalattiin mana Waaqeffannaa Musiliimotaatiin marfamtee waan jirtuuf, kadhannaan ganama ganama taasifamu in dhaga’ama ture. Kunis muuxannoo ani iddoo sana jiraachuu koo irraan kan ka’e argadhee fi yeroo hundumaa kan natti yaadatamuu dha.
Musiliimonni hundinuu amantii isaanii mul’inatti beeksifachuutu irraa eegama. Amantii Isilaaamaa keessatti karaan giddu galeessi hin jiru. Filannoon jiru, Allaa malee waaqni biraan akka hin jirre, Mohaammad immoo ergamaa isaa akka ta’e amanuudhaan amantii isaanii mul’inatti beeksifachuu, yookiin immoo mul’inatti isa ganuu dha.
Akka barreessaan hin beekamne tokko jedhutti, shahaada jechuun beeksifannaa amantii isa Musiliimonni taasifatan jechuu dha. Kunis, “Allaa malee Waaqayyo biraan hin jiru, Mohaammad immoo ergamaa isaati” isa jedhuu dha.
Beeksifannaan amantii kun salphaa fakkaata, haa ta’u malee garuu hiika guddaa qaba. Namni beeksifannaa amantii kana mul’inatti dubbachuudhaan, isa dubbate immoo hojiidhaan argisiisu Musiliima jedhama. Amantii Isilaamaa keessa gartuun adda addaa hedduun yoo jiraatan iyyuu, beeksifannaan amantii kun kan isaan waliin qabanii dha.
Nutis akka Kiristaanaatti, beeksifannaan amantii keenyaa Shahaadaa waliin kan wal fakkaatu ta’uu isaa ni hubanna.. Haa ta’u malee garuu, beeksifannaan amantii Islaamaa gabaabaa fi dhimmoota salphaatti hubachuuf nama rakkisan of keessatti kan qabate miti.
As keessatti dhimmoonni hubatamuu malan hedduutu jiru. Kunis dirree marii bal’isuudhaan siif hiriyaa kee Musiliima gidduutti riqicha uumuu kan danda’anii dha. Isaan kunis, mareewwan akka mootummaa demokiraatawaa, mirga dubartootni bakka waaqeffannaa fi kadhataatti qabanii fi ijaarsa bakka oolmaa dargaggootaa fi kan kana fakkaatan yaada keessan tokko gochuudhaan amanamummaa fi jaalala irratti isa hundaa’e hariiroo hiriyummaa keessanii cimsuu danda’u.
V. QABXII SHANAFFAA: AMANTIIN ISILAAMAA DHUGAA JIREENYAA HUNDA OF KEESSAATTI QABATA Quraana keessatti Sura lakkoobsi tokkoffaan Allaa uumaa addunyaa fi gooftaa gooftotaa akka ta’e nu yaadachiisa. Allaa waan hundumaa gararraa dha; waan hundumaa keessas jira. Inni isa garaa, fedhaa fi yaada namootaa to’atuu dha. Musiliimonni, Allaa yaada namaa to’achuu isaa jecha Tawhid jedhuun ibsu.
Biyyoota dhihaa keessatti mootummaa fi amanitin adda adda ta’uun isaa Isilaamaaf hin fudhatamu. Akka amantii Isilaamaatti mootummaan tokkichatu jira, innis immoo yaada, jechaa fi hojiidhaan guutummaatti Allaaf sagaduu dha. Gochi kun hundinuu haala jireenya Musiliimotaa keessatti guyyaa gyyyaan mul’achuu tu irraa eegama. Musiliima jechuun kan Allaaf of kenne jechuu dha.
Fatihaan (baafati fuula jalqabaa Sura) uummanni Islaamaa tokko ta’uu isaa nu argisiisa.
SEENSA Ulfinni Waaqayyoof haa ta’u, Gooftaa uumama hundumaa
Isa gara-laafessa, isa araara-qabeessa
Guyyaa Firdii irratti olaantummaa isa qabu
Si qofa waaqessina, gargaarsaafis gara kee qofa ilaalla
Gara daandii isa qajeelaatti nu geessi,
Daandii warra siin jaallatamaniitti, Daandii warra dheekkamsa kee fudhataniitti nu hin geessin,
(Akka Musiliimonni jedhanitti isaan kun warra Yihudotaati)
Daandii warra karaa irraa ce’aniittis nu hin geessin. (Akka amantaa Musiliimotaatti isaan kun immoo warra Kiristaanotaati)
Musiliimonni, Allaa gooftaa uumama hundumaa akka ta’etti amanu. Wantota qulllaa’oo fi qullaa’oo hin taane jedhanii adda adda qooduun tasuma hin danda’amu.
Fakkeenyaaf, Giddu-galeessa Bahaa keessatti guyyaan Jimaataa inni guyyaa kadhannaa fi guyyaa amantii ofii itti beeksifatan guyyaa Sanbata Xiqqaa isa guyyaa hojii ta’e irraa adda miti.
Kiristaanotni dhimma kana irratti Musiliimota waliin dudubbachuun rakkina hin qabu. Seerri inni hojii qulqullaa’aa fi qulqullaa’aa hin taane jedhee guyyaadhaan
adda baasaa ture ( kan akka maxxansa Dilbata irra bahu dhorkuu, Dilbata irra dhugaatiin alkoolii qabu akka hin gurguramnee fi sochiin ispoortii akka hin taasifamne dhorku), akka malee dha. Haa ta’u iyyuu malee garuu, yeroo waa’ee abboommii isa sadaffaa dubbannutti dhugaan dagatamuu hin qabne ni jira.
Haala jiruu fi jireenya guyyaa guyyaa ilaalchisee barsiisa Isilaamaa waliin Musliimonni yeroo hundumaa rakkoo qabu. Hammayyummaan jireenyaa aadaa barsiisa Isilaamaa irratti dhiibbaa guddaa taasisaa jira. Ilaalcha amanitiin Isilaamaa waaqa isa uumaa waan hundumaa ta’eef qabu kana hojiidhaan argisiisuun yeroo hedduu rakkisaa ta’eetu argama. Kanaafis, Isilaamni seerota Quraana keessa jiran tokko tokko haala yeroo wajjin oggaa wal simsiisuu yaalu ni argaina. Fakkeenyaaf, balaliisaan Xiyyaaraa sirna sagada/kadhata isaa/ishee utuu balaliisuu hin eegalin yookiin ammoo erga qubatee/ttee booda raawwachuu ni danda’a/dandeessi. Musiliimonni warri ogummaa fayyaatiin tajaajilanis utuu tajaajila isaanii hin eegalin, yookin immoo erga tajaajila eegalan sana xumuranii booda kadhata/sagada isaanii geggeeffachuu ni dandda’u.
VI. QABXII JA’AFFAA: SEERA ITTIIN BULMAATA ISILAAMAA (SHARIYAA) Akka amantii Isilaamaatti, seera tokko qofatu jira –innis seera Allaa ti. Seerri Allaa kun guutummaa jireenya namaa: mootummaa, jireenya hafuuraa, hawaasummaa fi jireenya dhuunfaa kan geggeessuudha. Musiliimonni, ho-
jii inni kun hojii hafuuraati sun immoo hojii biyya lafaati jedhanii adda adda baasuun sirrii miti jedhanii amanu.
Jechi Shariyaa jedhu afaan arabaa irraa kan madde yoo ta’u, hiikni isaas “daandii isa dhiphaa” jechuu dha. Shariyaan daandii gara nagaatti geessuu dha. Shariyaa mormuun amantii Isilaamaatiin mormuu jechuu dha. Amantiin Isilaamaa gara dagaagina aadaa fi qaroomina addunyaatti bal’achuu kan danda’e seera shariyaa irraa kan ka’ee dha.
Waaqa tokkicha qofatu jira, innis Allaa dha. Murtoon isaas isa dhumaati. Dubbiin Allaah garaa garummaa kan hin qabnee fi sabaa fi maatii hunda kan bulchuu dha. Quraanni Kitaaba Seeraati. Yeroo Shariyaan akka seera ittiin bulmaata Isilaamaatti fudhatametti, Quraannii fi seeronni isaa akka qaama hoji-raawwachiiftuu, seera-tumtuu fi seera-hojiirra oolchituu biyyaatti fayyaduu eegale.
Shariyaan Musiliimni tokko maal akka nyaatuu fi akkamitti akka nyaatu, keessummoota akkamitti akka simatu, maal akka bituu fi gurguru, akkamitti horii akka qalu, akkamitti of akka qulqulleessu, akkamitti akka rafu, akkamitti mana fincaanii akka fayyadamu, akkamitti biyya akka geggeessu, akkamitti haqa akka shaakalu, akkamitti akka kadhatuu fi gochaalee waaqeffannaa kan biroo akkamitti akka raawwatu qajeelfama ni kenna.
Jireenyi hundinuu Allaa jalatti bula. Seerota gara garaa hedduutu jiru. Seerri sagadaa fi seerri maatii garuu warra baayyee barbaachisoo ta’anii dha. Seerri sagadaa jireen-
ya amantii fi jireenya kadhata guyyaa guyyaa kan ilaallatu yoo ta’u, seerri maatii immoo dhimmoota gaa’elaa, naqata, wal hiikuu, dhaalaa fi kennaa kan ilaallatuu dha.
Dhimmoota Quraanni ibsa itti hin kennin hafe irratti, fakkeenyaaf, gaaffiiwwan akka (Musiliimni tokko akkamitti ariifatee nyaachuutu irraa eegama? Warreen amantii Isilaamaa hin fudhanne hunda ajjeesuu moo yartuu ajjeesuu tu barbaachisa?) jedhu irratti ibsa argachuudhaaf
Musiliimonni Haditiin fayyadamu. Biyyoota amantiin Islaamaa hedduu guddaa ta’etti, Shariyaan seera biyyattii ta’ee tajaajila kenna. Biyyoota amantiin Islaamaa harka guddaa hin taane keessatti, Musliimonni mirgi seera sagadaa fi maatii akka isaaniif eegamuuf ni falmatu.
Kana waan ta’eefis, biyyoota gara dhihaa bakka baayyinni isaanii xiqqoo ta’e keessatti, Musiliimonni, shariyaa keessatti akka heerametti mirgi yeroo sagadaa, kadhatafi seera maatii hordofuu bakka hojiittii akka isaaniif eegamuuf gaaffii ni dhiyeessu.
Musiliimonni tokko tokko aadaan Isilaamaa inni durii kun haala yeroo ammaa waliin akka wal simutti jijjiiramni itti godhamuu qaba yoo jedhan, warreen kan biroon immoo Quraanni jijjiiramuu hin danda’u waan ta’eef jijjiiramni kamuu taasifamuu akka hin qabne dubbatu. Haa ta’u malee garuu, gareen lamaanuu Quraana fudhachuudhaan harkaa fi geggeessaa Allaa jala akka jiran ni amanu.
Qabxiin kun dhimmoota kan biroo irratti illee hiriyaa kee Musiliima waliin akka dudubbattuuf carraa siif banuudhaan si fayyada.
VII. QABXII TORBAFFAA: TOKKUMMAA AMANTOOTAA
Tokkummaan amantoota Musiliimaa hedduu cimaa dha. Tokkummaa cimaan akka maatiitti ilaalamu gidduu isaanii waan jiruufis musiliima tokko maatii guddaa kana irraa adda baasuun ulfaataa dha. Tokkummaa isaan akka maatiitti qaban kun kan ijaan argamee dubbatamu gararraa dha. Nuti warri Musiliima hin ta’in yeroo rakkoon nu gidduutti uumamu dafnee waa’ee gargar ba’uu dubbannu, Musliimonni garuu tokkummaa ho’aadhaan waliin jiraatu.
Afaan Arabaatiin tokkummaan “Umma” jedhama. Ummaan hariiroo/shaakala miseensonni Islaamaa hundinuu guutummaatii waliin qabanii dha. Ummaan maatii ofii qofa, gosummaa, biyyummaa, sanyummaa fi afaan irratti kan hundaa’e miti. Ummaan salphaadhumatti maatii Allaa jechuu dha. Allaa dhugaa waan hundumaa, kan ijaan argamuu fi hin argamnee, waan ta’eef, tokkummaan amantootaa kunis Allaa jiraachuu isaa kan mul’isuu dha. Wanti Allaa tokkummaa amantootaa kanaaf gaarii dha jedhe hundinuu gaarii dha; kan inni gaarii miti jedhe immoo gaarii miti waan ta’eef balaaleffatamuu qaba. Seerotni Allaa seerota dhaabbatoo waan ta’aniif, ummaan isaan geeddaruu hin danda’u. Quraanni akka jedhutti, “Seenaa ilmaan namootaa keessatti ati tokkummaa gati jabeessa qabda. Waan haqa
ni jaallatta, isa hamaa immoo ni balaaleffatta. Ati Allaatti ni amanta” (3:110).
Ummaan haqaa fi qajeelina mul’isa. Musiliimonni haqi qabeenya gati jabeessa akka ta’e nu yaadachiisu. Hadiit irraa akka hubannutti, jihaad dubbii haqaa isa geggeessitoota warra jalloota ta’an irratti dubbatame akka ta’ee dha. Ummaa kan walitti hidhu tarsiimoo tokkummaa fi jaalalaati. Quraanni, “Amantoonni gurmuu obbolootaati. Araara akka argattuufis obboloota kee gidduutti nagaa qabaadhu, Waaqayyoonis sodaa dhau” jedha (49:10). Waggoota 600 keessatti, erga hundeeffamee eegalee, rakkoowwan gurguddoon lama Ummaa mudataniiru. Rakkoowwan kunis gartuun Sunnii fi Shi’aay akka uumamaniif sababa ta’aniiru. Eenyu geggeessaa Ummaa akka ta’uu qabu irratti gartuuwwan lamaan gidduutti wal-dhabdee ta’eera. Warri gartuu Shi’aay akka jedhanitti, geggeessaa Ummaa kan ta’uu qabu dhala raajicha Mohaammad keessaa ta’uu akka qabuu dha. Kanuma irraan kan ka’ees gartuun kun geggeessaa hin geeddaramne jechuudhaan barsiisa amantii Isilaamaa isa yaada kana deeggaru uumani. Akka ilaalcha warra garee Sunniitti immoo, Musliimni ulaagaawwan jiran guutu kamiyyuu geggeessaa ta’uu akka danda’u; akkasumas, aboon tokkummaa amantootaas shariyaa isa olaantummaa Quraana irraa madde, Hadiiti fi walii galtee Ummaatiin ta’uu akka qabuu dha. Gartuun Sunnii Musliimota harka 85 ta’an of keessatti qabata.
Kiristaanotni Mootummaan Waaqayyoo humna siyaasaatiin ijaaramuu akka qabutti hin amanani. Yesuusis
Mootummaan Waaqayyoo humna siyaasaa irratti ijaaramuu akka hin dandeenye hubachiiseera. Mootummaan Waaqayyoo kan hundeeffamu karaa jaalala Kiristoos isa dhiphachuu isaatiin nu fayyise qofaani.
Ayyaana Waaqayyoo irraa kan ka’e Mootummaan Waaqayyoo suuta jechuudhaan ni babal’ata. Mootummaa Waaqayyoo jechuunis dagaagina jaalalaa fi ayyaana Waaqayyoo jechuu dha. Inni raacitii ijaan hin mul’annee dha.
VIII. QABXII SADDEETTAFFAA: WALQIXXUMMAA AMANTII ISILAAMAA
KEESSATTI
Amantii Islaamaa keessatti Ummaan baayyee barbaachisaa fi iddoo olaanaa kan qabuu dha, akkasumas yaadi tokkummaa amantootaatiin kennamus murtoo murteeffamuuf humna guddaa ta’a. Musiliimonni, namni hundinuu wal qixatti barbaachisaa waan ta’eef, eenyu iyyuu eenyuun irratti gooftaa ta’uu hin danda’u jedhanii amanu.
Imalli gara Makkaatti godhamus tokkummaa Musiliimotaa fi wal-qixxummaa namaa kan mul’isuu dha jedhamee dubbatama. Sooressaa fi hiyyeessa, dhiiraa fi dhalaa utuu hin jedhin garaagarummaa jiru diiguudhaan guutummaatti tokkummaa waliin qaban kan itti mul’isanii dha.
Wal-qixxummaan nama dhuunfaa seeraa fi tokkummaa amantoota amantii Isilaamaa keessaa iddoo qabaa? Fakkeenyaaf, miseensonni amantii Isilaamaa hundinuu wal qixxeettii ni ilaalamuu? Musiliima hiyyeessa fi sooressa, kan baratee fi hin baratin, moototaa fi warra biyya diigan, geggeessitoota amantii fi hordoftoota amantii, dhiiraa fi dhalaa kan jedhu ni jiraa? Deebiin isaa eeyyee ni jira kan jedhuu dha. Tokkoon tokkoon amantoota Isilaamaa gidduu adda addummaan gargar isaan baasuu fi tokkummaa isaanii diiguu danda’u ni jira. Haa ta’u malee gruu, wantotni gargar isaan baasuu danda’an hedduun utuma jiranii, amantiin Isilaamaa tokkummaa musiliimotni walii isaanii gidduutti qaban leellifachuu malee wal qooduun isaan gidduu akka hin jirretti cimsee dubbata.
Kanaaf iyyuu, Musiliima tokko waliin waa’ee wal qixxummaa yeroo dubbattu, ilaalchi wal qixxummaa ati qabdu kan nama sanaa irraa adda ta’uu isaa hubachuun barbaachisaa dha. Irra keessaan yeroo ilaalamu, amantii Isilaamaa keessa wal-qixxuummaan waan jiru fakkeessanii dubbatu. Haa ta’u malee garuu Musiliimni tokko akka dhuunfaatti miidhaa wal-qixxummaa dhabuutiif kan saaxilamee/tee dha. Kana jechuun, wanti dubbatamuu fi barsiifamu gocha raawwatamuu wajjin kan wal faallessu ta’uu isaa ti.
Tokkoon tokkoon namootaa gidduu adda addummaan akka jiru Quraanni ni barsiisa. Allaa tokkoon tokkoon namootaaf kennaa, dandeettii fi amaloota adda addaa
wajjin malee namoota hundumaa tokko godhee hin uumne. Haaluma walfakkaatuun, akka garbicha/garbittii Allaatti, nama dhuunfaa irraa kan eegamu Allaaf bitamuu dha. Dhimmoota hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdee ilaalchisee Musiliima tokko irraa kan eegamu ofittummaa keessaa bahuu dha.
Kana jechuunius, qabeenya abbaan qabeenyaa Musiliima ta’e tokko horate kan ofii isaa yoo ta’e iyyuu, qabeenya argate kanaan hiyyeessota gargaaruuf dirqamatu irra jira. Namni kun qabeenya horachuudhaaf mirga qaba malee warra harka qalleeyyii dagachuudhaaf mirga hin qabu. Dhimmoonni mirga dhala namaa kan akka dhimmoota abbaa manaa fi haadha manaa, dhaala maatii fi dhuga-ba’umsa mana murtii Quraanaan heeramu.
Nama Musiliima hin taane tokkotti kan mul’atu amantii Islaamaa keesa wal-qixxummaan dhibuu isaa malee tokkummaa cimaa isa amantoonni qaban miti. Akka Musiliimonni amananitti immoo, Allaa nama hundumaa wal-qixatti waan uumeef, itti gaafatamni isaanii Allaatti akka ta’e, akkasumas Allaa waliin yeroo hunda kallattiin wal quunnamuu akka danda’anitti amanu.
Xumura irrattis, amantii Isilaamaa keessatti dhimmoota iddoo olaanoo qaban keessaa tokko Ulaamaa ykn “Lubummaa” isa jedhamuu dha. Amantii Isilaamaa keessatti lubummaan tajaajiluu kan danda’an dhiirota qofa dha. Luboonni kun kallattii amantii Isilaamaa ilaalchisee
sabootaa fi manneetii sagadaa hunda keessatti dhiibbaa taasisuu ni danda’u. Lubni sirna sagadaa ni geggeessa, kadhata ni taasisa, kadhata guyyaatti si’a shan taasifamu ni hirmaata, gorsas ni kenna. Lubni tokko Allaa fi ergamaa isaa Mohaammad waliin, akkasumas Quraana waliin Musiliimota wal argisiisuuf aboo guddaa qaba. Musiliimonni abboomamuudhaan aadaa amantii Isilaamaa akka hordofaniif Lubni cimsee ni jajjabeessa.
Musiliimonni aadaa Isilaamaa cimsanii hordofan (Islamic fundamentalists) bakka hundumaa ni jiru. Bakka Musiliimonni jiraatanii fi hojjetan hundumaattis gartuun aadaa Isilaamaa gar-malee hafarsan gareen fanxaleeyyii (Radical extremists) ni jiru. Yeroo ammaa kanatti, gartuun kun guutummaa Musiliimota addunyaa irra jiran waliin yeroo madaalamu, lakkoofsaan muraasa ta’u. Amantii Isilaamaa keessatti musiliimota haaromsaa fi jijjiirama barbaadan arguun ni danda’ama. Doktiriinii, barsiisaa fi shaakala Islaamaa yeroo ammaa keessatti musiliimota hundumaatti wal-qixxummaa argisiisuudhaaf amantii Isilaamaa karaa dheeraatu isa hafa.
IX. QABXII SAGLAFFAA: JIHAAD,
FI
Quraanni Sura 9 irratti, cimina amantii keessa ofiitti argachuuf wal’aansoo fi dhamaatii gochuun barbaachisaa akka ta’e ni dubbata. Wal’aansoon kunis Jihaad jedhama.
Jechi Jihaad jedhu kun hiika gara garaa qabaachuu waan maluuf of eeggannoo gochuun barbaachisaa dha.
Hiikni Jihaad inni tokko, qorumsa hamaa garaa namaa mo’achuudhaaf karaa Seexanaa namatti dhufuun wal’aansoo qabuu dha. Dhimmootni akkasii Allaaf akka hin abboomamne waan nama taasisaniif, Musiliimonni hundinuu humnoota akkasiitiin wal’aansoo qabuun akka irra jiru ni yaadachiifamu.
Hiikni jihaad inni lammaffaan immoo wal’aansoo yookiin lola warreen Allaan mormanii wajjin taasifamuu dha. Malaammaltummaan kam iyyuu humnaan ittifamuu akka qabu, diinotni amantii Isilaamaa kallattii kamiin iyyuu haala danda’amaa ta’e hundumaan lolamuu akka qabanii dha. Kana jechuunis, albee baachuu qofaan osoo hin taane, albee fayyadamuu jechuu dha. Hammam hammina yoo qabaatan iyyuu, warreen Musiliimotni akka kadhataniif eyyamaniif garuu araarri ni godhama. Lolli jihaad kan inni jabaatu warreen amantii Isilaamaatti diina ta’an irrattii dha. Quraanni, “Allaa jalatti bitamuudhaan isaaf lolaa. Inni ofii isaatii isin fo’ate malee amantii abbaa keessan Abrahaam akka hordoftaniif ba’aa ulfaatoo isin irra hin keenye. As keessattis, akkuma caaffattoota kanaan duraa keessattis isiniif kenne, isin namoota irratti dhugaa ni baatu” jedhe (Sura 22:28).
Kutaa kana keessatti, Mohaammadii fi akkaataa inni jihaadtti duukka-buutota isaatiif fayyadame ilaalla. Mohaammad jalqabamuu jihaadiin qofa arguu danda’e.
Duukka-buutonni isaa jihaad eegalee waggaa kudhan keessatti biyyoota akka Gibxi, Giddu-galeessa Bahaa fi Pershiyaa gara biyyoota Islaamaatti dabaluu danda’aniiru! Yeroo kanatti Mohaammad nama umurii 62 ta’eera. Lola keessaa fi alaa irraan kan ka’es dadhabbii fi hanqina fayyaatiin hubameera. Allaa harkaa Quraana fudhateera, abbaa hafuuraa amantii Islaamaa fi geggeessaa biyyaas ta’uudhaan fiixaan ba’iinsa argatera. Yeroo inni du’ettis duukka-buutotni isaa hedduu rifatani. Mohaammad raajii Allaa ta’uu isaa kan mirkaneesse yeroo dheeraadhaaf hiriyaa fi miiltoo Mohaammad kan ture nama Abu-Bakar jedhamuu dha. Yeroo Mohaammad boqotetti Abu-bakar akkana jedhe, “Allaa malee waaqayyo biraan hin jiru, Mohaammad immoo ergamaa isaati.” Itti fufuudhaanis Abu-Bakar akkana jedhe, “Worri Mohaammadiif sagadan inni akka du’e, warri Allaaf sagadan immoo Allaa du’uu akka hin dandeenye haa beekani!” jedhe. Jalqabuma irraa eegalee amantiin Isilaamaa yeroo jihaadii fi lolaa, akkasumas yeroo nagaa fi tasgabbii qaba ture. Har’a addunyaa kana irraa nama ja’a keessaa namni tokko musiliima yoo ta’u, nama afur keessaa tokko immoo Kiristaana. Haa ta’u malee garuu, amantiin Islaamaa kan kiristaanaa caalaatti saffisaan guddataa jira.
Hizbollaa fi Al-Qaa’idaa akkuma arginu, har’a hafuurri jihaad addunyaa irratti babal’achuudhaan amantii Isilaamaa keessa tamsa’ee jira. Kanaaf immoo Osaamaa Bin Laadenii fi Aymen Al Zawaariin fakkeenya goonee fudhachuu ni dandeenya.
Har’a akka nama dhuunfaatti, akka mootummaatti, akka hawaasaa fi gartuu amantii Isilaamaa adda addaatti, musiliimonni Daawaa gochuudhaan namoota gara amantii Islaamaattii deebisaa jiru. Daawaa gochuu jechuun gara ofiitti nama waamuu jechuu dha.
YAADA XUMURAA Barreessaan qajeelfama kanaa Afriikaa keessaa biyya Naayjeeriyaa, biyyoota Giddu Galeessa Bahaa keessa immoo Libaanos keessa hojjeteera. Biyya Sudaan Kibbaa keessas waggaa torbaaf hojjeteera. Walumaagalatti kan inni hubate, Musiliimonni amantii isa keessatti dhalachuudhaan maatii isaanii irraa fudhatanitti gammadanii jiraatu. Utuu hin affeeramin waa’ee jireenya dhuunfaa musiliima tokkoo yeroo dubbannutti, dhimmoota rifaasisoo ta’an dubbachuu irraa of qusachuun barbaachisaa dha. Dhimmoonni akkasii hiriyaa kee waan mufachiisaniif hariiroo ati gara fuula duraatti waliin qabaachuuf yaaddu fashaleessuu danda’u.
Mata-dureewwan filatamuu qaban warreen kana qofaadha jechuu utuu hin taane, warreen qajeeltootti Musiliimaaf dhuga-ba’umsa taasisuu fedhaniif ni fayyada jedhee barreessaan kun kan filatee dha.
Shakkii tokko malee, yeroo Musiliima tokkoof dhuga-ba’umsa gochuuf yaadamuatti, adda durummaatti yaadatamuu kan qabu hariiroo hiriyummaa ti. Yesuus hiriyoota koo jechuudhaan nu waama. Nutis hiriyaa keenya Muisliimaaf kan hirru Yesuus isa hiriyoota koo nuun jedhe kana dha.
YAADANNOO BARBAACHISOO
KUTAA SADII JECHOOTA DHUGA-BA’UMSA MUSILIIMAAF
GOONU KEESSATTI NU FAYYADAN
Yeroo Musiliimotatti yeroo dhugaa baatu, jechoota ati hin beekne yeroo isaan fayyadaman argita. Jechoonni afaan Arabaa armaan gadii kun Musliimaa fi amantii isaa/ ishee hubachuu akka dandeessuuf si fayyadu.
Jechi Allaah jedhu baayyee barbaachisaa fi maqaa Musliimonni Waaqayyoon ittiin waamanii dha. Jaarraa hedduudhaaf Kiristaanonni Araba ta’an jecha Allaa jedhu kanatti fayyadamaa turani. Musiliimonni maqaa Waaqayyoon ittiin waaman 99 qabu. Kana keessaa maqaa baayyee bebbeekamoon lamaan al-Rahim (araara-qabeessa) fi al-Rahman (ayyaana-qabeessa) warra jedhamanii dha.
Jechi Allaa jedhu utuu Mohaammad hin dhalatin dura iyyuu kan itti fayyadamaa turamee dha. Allaa maqaa waaqota warri arabaa waaqeffataa turan keessaa kan isa tokkoo ture. Duukka-buutuun Mohaammad, yookiin garbichi/ garbittiin Allaa immoo Musiliima jedhama/ti. Musiliima jechuun kan Allaa fi amantii Isilaamaatiif of kenne jechuu dha. Quraanni musiliimotaaf kitaaba qulqulluu kan hin jijjiiramnee dha. Quraana jechuunis qara’uu jechuu dha.
Quraana keessaa boqonnaan inni jalqabaa al-Fatiha jedhama. Boqonnaawwan Quraanaa immoo sura jedhamu. Akka Musiliimonni jedhanitti, Allaa ergamaa isaa Gabreeliin erguudhaan Mohaammadiif mul’ata kenne.
Rasul jechuun ergamaa jechuu dha. Jechi din jedhu immoo amantaa ibsuuf fayyada. Ramadaanni baatii Musliimonni nyaata itti lagatanii dha. Yeroo ramadaanaa hanga aduun lixxutti nyaatii fi bishaannii, akkasumas wal-quunnamtiin saalaa ni lagatama. Laguun kunis sawim jedhama. Id-alAdihaan immoo ayyaaneffannaa addaa isa yeroo Abrahaam ilama isaa Ismaa’eliin aarsaa godhee itti dhiyeesseeti.
Jechoonnii fi gochaawwan Mohaammad immoo Hadiit jedhamu. Shariyaan kan hundeeffame Quraana, Hadiitii fi yaada beektota amantii Isilaamaa fayyadamuudhaani. Jechi malaak jedhu ergamaa jechuu dha. Jinniin hafuurota xixiqqoo yoo ta’an, sheexanni immoo afuurota hamoo jechuu dha. Bismillaahi jechuun “maqaa Allaatiin” jechuu dha. Jechi nabii jedhu Quraana keessatti raajii jechuu dha. Salaata jechuun kadhannaa isa guyyaatti si’a shan taasifamuu dha. Musiliimonni yeroo kadhatan fuula isaanii gara Makkaattiit qajeelchuudhaan kadhatu. Kunis immoo qibaal jedhama. Manni barumsaa Musiliimaa madiraas jedhama. Dhiironni musliimaa masjiida (mana sagadaa) kan itti deemani guyyaa Jimaataa waaree irratti dha.
Shariyaa keessatti wantonni eyyamaman halaal jedhamanii yoo waamaman, kanneen balaaleffataman immoo haraama jedhamu. Horii inni Musiliimonni jihaadii fi namoota harka qalleeyyiif kennan zakaat jedhama (qusannoo waggaa keessaa dhibbantaa 2.5; galii argatan irraa dhibbantaa 10). Imalli Musiliimonni gara Makkaatti taasisan Haaj jedhama. Kanuma irraan kan ka’es inni dhiiraa Hajii yoo jedhamu, isheen dubaraa immoo hajjii jedham-
ti. Utubaa shanan amantii Isilaamaa: Shahadaa, Salaata, Zakaat, Sawim fi Haaj dha. Amantaa Islaamaa keessatti amanannaa bebbeekamoon shanan: amantii Waaqayyo irratti qaban, fudhatama raajotaa, fudhatama kitaabota qulqulluu, fudhatama ergamootaa fi amantii Guyyaa Firdii ti.
Namni amantii hin qabne kaafira jedhama, akka maqa-balleessiittis ilaalama. Namni wantota biraa waaqeffatu mushirika jedhama. Yawim al-din jechuun Guyyaa Firdii jechuu dha.
Jechi Jihaad jedhu hiika hedduu haa qabaatu iyyuu malee walumaa galatti wal’aansoo qabuu jechuu dha. Diina amantii Islaamaa irraa eeguu yookiin daangaa biyyoota Isilaamaa baballisuunis jihaad jedham. Fatiwaa jechuun dubbii geggeessaan Isilaamaa inni aboo qabu dubbatuu dha. Ahal al-kitab jechuun namoota kitaabaa jechuudha (kunis Yihudotaa fi Kiristaanotaan kan jedhamuu dha)
Musiliimni yeroo nagaa gaafatu: as-salam oleikum jedha. Kana jechuunis, “Nagaan siif haa ta’u” jechuu dha.
YAADA XUMURAA Dhuga-baatuun wangeelaa hubannoo jechoota afaan Arabaa bu’ura ta’an qabaachuu fi yeroo jechoota kana fayyadaman Musiliimonni maal akka amanan qalbifachuun baayyee barbaachisaa dha. Musiliimaaf yeroo dhugaa ba’amu, haasaan godhamu isa/ishee kan hirmaachisu ta’uu qaba.
Yaada bu’uraa barbaachisoo ta’an:
1. Sababiin dhuga-ba’umsaa jaalala irratti kan hundeeffamee dha.
2. Akkaataan dubbannaa ofii hiriyummaa fi dhimmamuu kan mul’isu ta’uu akka qabu,
3. Quba itti qabuu utuu hin taane, ibsa maqaa isa “nuyi” jedhu fayyadamuun barbaachisaa dha.
4. Seera Waaqayyoo fi Wangeela Waaqayyoo sagaleedhuma wal fakkaataadhaan dubbachuu.
5. Daawwannaa kee akka eebbisuuf Waaqayyo Hafuura Qulqulluu amanadhu.
6. Dhuga-ba’umsa kee itti fufi (Faarsaa 37:5).
YAADANNOO BARBAACHISOO
KUTAA AFUR HUBANNOO AMANTIIN ISILAAMAA
WAAE’EE FAYYINA IRRATTI QABU Musiliimonni yeroo hedduu waa’ee du’aa fi du’a booda maal akka ta’uuf jiru ni yaadu. Quraanni waa’ee fayyinaa haa dubbatu iyyuu malee, fayyinni kun akkamitti argamuu akka danda’u waan ifa godhee hin qabu. Jechi “fayyina” jedhu amantii Isilaamaa keessatti baayyee kan beekamuu fi itti fayyadamamu miti. Musiliimonni waa’ee jannataa irratti ilaalcha adda ta’e qabu. Jannata kanatti seenuu fi keessa jiraachuun kan danda’amu hojii gaarii hojjechuu fi waanta hamaa jireenya ofii irraa fageessuun akka ta’etti amanu. Waa’ee fayyinaa ilaalchisee
Mohaammad waan hedduu waan hin dubbanneef, dhimma kana ilaalchisee seenaan Isilaamaa maal akka jedhu odeeffannoo ga’aa argachuun hin danda’amu.
Musiliimonni jireenyi dhala namaa uumamuu irraa eegalee cubbamaa waan hin taaneef fayyisaa nu hin barbaachisu jedhanii amanu. Haa ta’u malee immoo, bakki itti namootni adabaman (hell) ni jira jedhanii barsiisu. Bakka adabbii kana keessaas namootni warri kaan yoo of baasan, warreen kan biroon immoo bara baraan achuma keessatti ni dararfamu.
Qabxiiwwan barsiisa amantii baayyee barbaachisoo ta’anii fi waa’ee “fayyinaa” dubbatan mee haa ilaallu. Musiliimonni hedduun kan isaan dhimmaman akkamitti
dheekkamsa Allaa jalaa akka miliqanii dha malee Allaa wajjin akkamitti nagaa akka qabaatan miti. Gaaffiiwwan kana caqasi, “Waa’ee hojii fayyisuu Kiristoos amantiin Isilaamaa akkamitti barsiisaa?” Jechi “fayyina” jedhu amantii Isilaamaa keessatti ni mul’ataa? Musiliima tokkoof dhimmi waa’ee abboomamuu diduu fi cubbuu ilaalcha waa’ee jireenya bara baraa inni/isheen qabdu waliin akkamitti wal simaa? Bakki cubbamootni itti adabaman (hell) ni jiraa? Yoo jiraate, akkamitti adaba kana jalaa miliquun danda’amaa? Musiliimni waa’een fayyuu fi fayyuu dhiisuu isaa/ishee beekuu dhabuun hammam isa/ ishee yaaddessaa? Akkamitti yaada isa “yoo fedha Allaa ta’e nan fayya” jedhu irraa gara yaada isa “ani fayyeera” jedhutti ce’uun danda’amaa?
Dhimmoota dabalataan hubatamuu qaban: Amantii
Isilaama keessatti cubbuun dhalootaa, hojii gaarii fi dhiifamuu cubbuu, akkasumas barbaachisummaan Fayyisaa akkamitti akka ilaalamu.
YESUUS AMANTII ISILAAMAA KEESSATTI
Luba Heshaam Shehaabiin kan barreeffame
Isa Ibn Maryam (hiikaan isaas: Yesuus Ilama Maaramii). Musiliimonni, Yesuus ergamaa Waaqayyoo isa wangeela haaraadhaan ijoollee Israa’elin daandiittii akka deebisuuf ergamee dha jedhanii amanu. Amantii Isilaamaa keessatti Yesuus Raajii akka ta’etti beekama. Kunis immoo Quraana keessatti si’a 25 ol tuqameera.
Yesuus Quraan keessaa iddoo gara garaatti raajii fi ergamaa Waaqayyoo akka ta’etti ibsameera. Irra caalaatti garuu Yesuus Ilama Maaramii jedhamee beekama. Iddoo tokkotti ammoo maqaa Masihii jedhamuun haa ibsamu iyyuu malee garuu maqaa Masihii isa Kiristaanota biratti hiiki isaa hubatamuun wal hin fakkaatu. Haa ta’u malee garuu maqaa amantii Yihudotaa fi Kiristaanotaa keessatti beekamoo ta’an maaliif akka fayyadaman beektonni amantii Isilaamaa ga’aatti ibsuu hin dandeenye. Itti dabalees, Quraana keessatti Yesuus kalimatu Allah (Dubbii Waaqayyoo) jedhamee waamama. Beektotni tokko tokko akka jedhanitti immoo, “Dubbii Waaqayyoo” inni jedhu kun “abboommii” Waaqayyoo isa Maaramiin dhiira/ abbaa manaa malee akka ulfooftu taasisee dha jedhu. Quraana boqonnaa 19ffaa keessatti Hafuurri Waaqayyoo bifa namaatiin Maaramiitti mul’achuudhaan Allaa “mucaa qulqulluu” akka isheef kennu itti dubbachuu isaa argina.
Quraana keessatti Hafuurri Qulqulluun yeroo hedduu yoo barreeffame iyyuu, hiiktotni macaafaa garuu hiikni isaa Gabreel ergamaa isa angafa akka ta’etti dubbatu.
Tajaajila isaa isa saba Yihudotaa gidduutti tajaajilaa ture keessatti, Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan dinqiiwwan gara garaa (kan akka warra jaaman agartuu isaanii banuu, warra du’an du’aa kaasuu fi kkf…), isa raajonni Isilaamaa kam iyyuu raawwatanii hin beekne, fedha isaatiin utuu hin taane humna fedha Waaqayyootiin raawwateera. Akka Quraanni dubbatutti, Yesuus fannoo irratti fannifamee
waan du’e yoo fakkaate iyyuu, “Waaqayyo garuu ofitti isa fudhateera” (Quraana 4:157-158) jedha. Suuraa 19 lakkoofsa 15 fi 33 irratti “guyyaa Yesuus itti dhalate, itti du’uu fi du’aa itti ka’u” kan eebbifame ta’uu isaa dubbata.
Kun immoo Yesuus akkuma namaatti du’a sirrii du’uu isaatiifi guyyaa firdiitti immoo du’aa akka kaafamu kan argisiisuu dha.
Yesuus akkuma raajota amantii Isilaamaa kan birootti Musiliima jedhamee ilaalama. Amantiin Isilaamaa waa’ee Sadan Tokkummaa Waaqayyoo ni morma; Yesuus Waaqayyo isa foon uffatee gara biyya lafaa dhufe ta’uu isaa fi Ilama Waaqayyoo ta’uu isaas ni morma (Quraana, 5:116). Quraanni akka jedhutti, Yesuus tasuma Waaqa jedhee of hin waamne waan ta’eef, innis Guyyaa Firdiitti ani Waaqayyo jedhee akka hin dubbanne ni falmata, Waaqayyos bilisa isa ni baasa jedha. Kitaabotni amantii Isilaamaa waa’ee Sadan Tokkummaa Waaqayyoo akka malee hubachuudhaan akka waan Kiristaanotni, faallaa Waaqa isa tokkicha ta’ee, waaqota sadiitti amananii fakkeesanii dubbatu.
Quraanaa fi aadaa Isilaamaa keessatti Yesuusiif maaqaa hedduutu kennamee argina. Isaan keessaas inni baayyee beekamaan, al-Masih “Masihicha” isa jedhamuu dha. Amantii Isilaamaa keessatti Yesuus Mohaammadiin dursee akka ergame, waa’ee dhufaatii Mohaammadis akka dubbatetti amanu.
Amantii Isilaamaa keessatti Yesuus haadha manaa fi ijoollee kan hin qabne raajii jalqaqaa ta’uun isaa akka adda isa godhu argin. Gara dhuma baraatti Yesuus haqa iddootti deebisuu fi masihii sobduu warra isaan morman injifachuuf gara biyya lafaatti akka deebi’u Musiliimonni ni amanu. Akka amantii Isilaamaatti, Mohaammad raajii isa xumuraa waan ta’eef, Yesuus gara biyya lafaatti yeroo deebi’u akka raajii isa haaraatti utuu hin taane akka duukka-buutuu amantii Isilaamaatti deebi’a jedhanii amanu. Akka Hadiit jedhutti, Yesuus Musiliimitichi gara biyya lafaatti yeroo deebi’u amantiin Yihudotaa fi Kiristaanotaa amantii sobaa ta’uu isaanii mirkaneessuu fi Yihudonnii fi Kiristaanonni hundinuu isatti amanuudhaan Musiliimota akka ta’an gochuuf, fannoo ni caccabsa, warra xuraa’oo ni ajjeesa, al-jizya (gibira isa akka seera shariyaatti kiristaanotaa fi Musliimotatti fe’ame) ni hambisa.
DHIMMOOTA AMANTII KIRISTAANAA WALIIN WAL-SIMAN Akka Quraanni jedhutti, “Isaa” ilma Maaramii, durba ishee dubartoota hundumaa keessaa eebbifamtuu taate, ta’uu isaati. Amantii lamaanuu keessatti Isaa raajichi Hafuura Qulqulluudhaan gargaaramuu isaa (Quraana 2:87) fi Masihii ta’uu isaa ti. Haa ta’u malee garuu, amanitiin Kiristaanaa Isaa nama qofa osoo hin taane Waaqa akka ta’ettis ni amanu. Quraanni garuu isa kana ni morma. Isaa “Dubbii Dhugaa ti” (Quraana 19:34). Isaa humanaa fi fedha Waaqayyootiin, warra agartuu hin qabnee fi warra
naafa ni fayyisa, warra du’an du’aa ni kaasa. Gara dhuma baraatti masihii sobduu balleessuudhaaf deebi’ee ni dhufa (Hadiit).
Hiika gara-garaa haa qabaatan iyyuu malee, jechootni kun amantii Kiristaanaa fi Isilaamaa keessatti fayyadamamuudhaan ni beekamu. Kanaafuu atis hiriyaa kee Musiliima waliin haasaa eegaluuf jecha jechoota kana fayyadamuu ni dandeessa. Duga-ba’umsa gochuuf tooftaan ittiin haasaa eegalan keessaa tokk, jechoota wal fakkaatan garuu immoo hiikaalee amantii adda addaa qabaachuu malan irratti obsaa fi gadi of qabuudhaan gaaffii gaafachuu dha.
KUTAA SHAN SHORORKEESSITOOTNI AMMAYYAA (ISIS)
EENYUU DHA?
Luba Heshaam Shehaabiin kan barreeffame
ISIS EENYUU DHA?
Gartuun shororkeessituu Islamic State in Iraq and Syria (ISIS) jedhamEE beekamu maddi isaa biyya Iraaq keesstti garee Sunnii isa alaabaa al- Qaa’idaa jalatti of gurmeessee lolu irraati. Gareen shororkeessituu kun shororkeessaa biyya Jordaan, nama Abu Musab al-Zarqawi jedhamu, isa bara 2006 Mootummaa Amerikaatiin ajjeefamen geggeeffamaa ture.
Hundeeffamuu isaa bara 2004 irraa eegalee, Kaayyoon gartuu shororkeessituu kun Siiriyaa fi Iraaq
keessatti mootummaa Islaamaa ijaaruu ture. Bara 2014 tti geggeessaa kaliifaa jalatti gartuun kun Mootummaa Isilaamaa jedhee of moggaase.
KALIIFAAN MAALI? Afaan Arabaatti Kaliifaa jechuun maqaa geggeessaa isa bakka Mohaammad bu’uudhaan geggeessummaa fudhatuuti. Maqaan kun irra caalaatti gartuu amantaa Isilaamaa isa Sunnii jedhamuun kan itti fayyadamamuu dha (Gartuun kun Musiliimota harka 85 kan qabatuu dha). Gartuun Shi’aayit geggeessaa amantii Isilaamaa maqaa imaam jedhuun waama. Kaliifaan taayitaa geggeessummaa hafuuraa fi kan biyyaa gonfachuudhaan biyyoota Giddu-Galeessa Dhihaa keessatti daangaa isa koloneeffattoota Lola Addunyaa jalqabaatiin daangeffame diiguudhaan biyyoota Isilaamaa hunda bulchuutu irraa eegama.
Kaartaan gartuu Alqaa’idaa Iraaqiin bara 2006 qopheeffames kan argisiisu bakkuma inni har’a qabtee jiru, Kaaba-baha Siiriyaa fi Kaaba Iraaqii ti. Kunis bal’inaan hanga biyya Beeljiyeem kan ga’uu dha. Haa ta’u malee garuu, afaan Arabaatiin jechi Siiriyaa jedhu (kan gartuun shororkeessituu kunis itti fayyadamu) “Shaam” biyyoota Jordaan, Libaanosii fi Isiraa’eliin illee ni dabalata.
Yeroo dhihoo asitti babal’ina gartuu shororkeessituu kanaaf sababa guddaa kan ta’e walitti bu’iinsa gartuu Shi’aayitii Iraaqii fi gartuu Sunnii Iraaqiin gidduutti uumamee dha. Loltoonni shororkeessituu kanaa Sunnii waan
ta’aniif, walitti bu’iinsi kun uumamuun isaa gartuun kun loltoota hedduu akka qacaratu carraa baneeraaf.
GARAAGARUMMAAN SHI’AAYITII FI SUNNII GIDDUU JIRU MAALI? Garaagarummaan gartuuwwan kana lamaan gidduu jiru kan eegale du’a raajicha Mohaammad booda eenyu aangoo geggeessummaa haa qabatu falmii jedhu irraati.
Abbbaa haadha manaa fi hiriyaa Mohaammad kan ta’e Abu Bakir kaliifaa ta’ee yeroo filatamu, Musiliimonni harki yartuun immoo Alii, ilma eessuma Mohaammad isa mucaa isaa fuudhe, filatani. Duukka-buutonni Alii Shaayit jedhamanii beekamu. Haa ta’u malee, waggoota digdamaa oliif haala yeroo sanaa irraa kan ka’e Aliin carraa geggeessummaa argachuuf hin milkoofne. Walitti aansuudhaan Abu Bakiriin kan bakka bu’an Umarii fi Utimaan jedhamu.
Utimaan finciltootaan ajjeefamuu isaa irraan kan ka’e bara 656 keessa Aliin Kaliifaa isa afuraffaa ta’uu danda’eera. Fincilli ajjeechaa Kaliifaa irratti taasifame kun gartuun Shi’aayt warri kan Alii gartuu Utimaanii fi Musliimota biroo irratti ka’uudhaan gara wal-loliinsa sabaatti ce’ame. Haaluma kanaan, bara 661 tti ajjeechaa Alii irratti raawwatameen Mu’aawiyaa ilmi eessuma Utimaan, bulchaa Damasqoo kan ture, geggeessaa/kaliifaa godhee of muude. Kan isaan morkatu utuu hin jiraatin Mu’aawiyaan waggaa kudha sagaliif erga geggeessee
booda yeroo du’i isaa ga’utti ilama isaa Yaazeediin kaliifaa godhee muude. Haa ta’u malee hidda sanyiitiin muudamuu
Yaazeed mormuudhaan Huseen ilmi Alii fincilaa mormii Yaazeed irratti geggeessuudhaaf Makkaa fi Madiinaa irraa gara Iraaqitti imale. Iraaq garuu yaada Huseen diduudhaan maayila 60 gara kibba Baagidaaditti kan argamu iddoo karbalaa jedhamutti ajjeefamuudhaan mataan isaa akka irraa muramu taasifame. Akkuma amantii Kiristaanaa keessatti bakki Yesuus itti ajjeefame iddoo guddaa qabu, ajjeefamuun Huseen gartuu Shi’aaytiif bu’ura barsiisa amantii isaanii ta’uu danda’eera. Ajjeefamuun Huseen gartuu Shi’aayit biratti akka falmii/aarsaa sabaa fi seenaa Isilaamaa deebisanii ijaaruuf godhameetti ilaalama. Kanaafis, gartuun kun waggaa waggaadhaan guyyaa kudhaniif gara kabalaatti imaluudhaan guyyaa ajjeefamuu Huseen ni ayyaaneffatu. Ayyaana kana yeroo ayyaaneffatanis ejjennoo Huseen “Dhugaa” irratti qabu yaadachuudhaan bifa taphaa fi do’iitiin qaama ofii mammadeessuudhaan of ni dhiigsu. Ayyaaneffannaan waggaa waggaatti bifa kanaan godhamu kunis madaa/ mufannaa dur jiru babal’isuudhaan gartuuwwan lamaan wal-morman ( shi’aayitii fi sunnii) gidduutti diinummaa uumuu danda’eera. Warri gartuu Shi’aayit geggeessaan saba Isilaamaa kallattiidhaan hidda sanyii Alii ta’uu akka qabu, geggeessaan kunis imaam jedhama malee kaliifaa jedhamuu akka hin qabnetti amanu. Gartuun sunnii immoo namni ulaagaa geggeessummaa guutu kam iyyuu kaliifaa ta’uudhaan geggeessaa ta’uu akka danda’utti amanu.
Maqaan imaam jedhamu isa kaliifaa jedhamu caalaatti aboo hafuuraa qabaachuu ibsa. Akka warri shi’aayit jedhanitti imaam kaliifaa irra kan caaluu fi kan hin geeddaramne waan ta’eef, aboo seera shariyaa ibsuus isatu qaba jedhanii amanu. Irra caalaan shi’aayit imaamitti amanu: Imaam inni jalqabaa Alii yoo ta’u, inni dhumaa immoo Mohaammad ibin al-Hasan isa bara 869 dhalate, garuu immoo dhokannaadhaan jiraataa turee dha. Imaam inni kudha lammaffaan immoo Masihii dhokataa warra shi’aayit, Mehid jedhameetu amanama. Akka warri shi’aayit jedhanitti, Mehid fayyisaa dhala namaa, Isa alMassih (Yesuus Kiristoosiin), dursee nagaa fi firdii qajeelaa fiduuf isa dhufuudha.
Irra caalaan gartuu Sunnii immoo nagaa fi firdii qajeelaa kana fiduuf kan dhufu Yesuus qofa jedhanii amanu. Haa ta’u malee garuu, Yesuus inni dhufu kuni Yesuus isa Musiliima. Inni amantii Kiristaanaa diiguudhaan Musiliimonni saboota hundumaa irratti akka mo’an in godha jedhanii amanu. Akka Quraanni jedhutti, Yesuus gara waaqaatti ol fudhatame malee hin fannifamne (Quraana 4:157). Haadiit keessatti akka caqasamettis, Yesuus gara biyya lafaatti deebi’uudhaaf samii lammaffaa keessa akka jiruu dha.
Lolli Iraaq keessatti taasifamu hoo maali?
Lola bara 2006 godhameen loltootni Ameriikaa fi gartuu Sunnii shororkeessaa al-Qaa’idaa isa biyya Iraaq jiru irratti mo’icha argataniiru. Haa ta’u malee garuu lolli
kun shororkeessitoota kana guutummaatti balleessuu hin dandeenye.
Bara 2010 irraa eegalee gartuu al Qaa’idaa Iraaq (AQI) jedhamuudhaan beekamu kan oogganu namticha dhalataa biyya Iraaq, Ibraahim Awaad Ibraahim al-Badiri, isa maqaa Abu Bakir al-Baagidaadi jechuun of waamuutiini.
Baagidaad kaliifaa biyyoota Isilaamaa godhee of waama.
Baagidaad, Kaampii Bukkaa, naannoo Kibba Iraaq gara daangaa Kuweetitti warra isa qabaniin “New York keessattin isin arga” jedheenii ture. Al Baagidaad, namni maqaa sobaa adda addaa fayyadamu kun, kan inni fanxalaayaa (radicalized) ta’e erga gara mana adabaa U.S. dhufee booda akka ta’etti dubbatama. Haa ta’u malee garuu, U.S fi Britain utuu Iraaqiin hin weerarin dura iyyuu Al-Baagidaad aadaa Isilaamaa cimsee hordofaa akka turetti yaadama. Baagidaad kan inni dhalate Iraaq keessatti bara 1971 akka ta’etti amanama. Inni duukkabuutuu Zarqaawi ture; barumsaanis nama digirii PhD argatee dha. Mootummaan Iraaq geggeessitoota olaanoo isaanii gadi dhiisuu booda, miseensonni Alqaa’idaa gartuu adda addaatti of hiraniiru.
Carraa kana fayyadamuudhaani, bara 2012
Baagidaad loltoota lafoo gara Siiriyaatti erguudhaan Bashaar al-Asaadiin akka lolan godheera.
Asaad ofii isaa gartuu Shi’aayitii fi michuu biyya
Iraan waan ta’eef, fincila mormii Musiliimota gartuu sunniitiin isa irratti taasifame humnaan irratti ka’uudhaan jiraattoti hedduun humna tika mootummaatiin akka ajjeefamanii fi gudeedaman ta’eera. Biyya Siiriyaa keessatti wal irratti ka’iinsi sabaa kunis gartuun Isilaamaa adda addaa biyyattii keessatti akka uumamaniif sababa ta’eera. Gaartuun uumaman kun tokko tokko michoota
Alqaa’idaa ta’uudhaan mootummaa Siiriyaa irratti fincila kan taasisanii dha. Warreen kaan immoo gartuu sunnii biyyoota boba’aadhaan sooromanii fi biyya Turki jiraniin deggeramuudhaan ajjeechaa gareen shi’aayit inni biyya Iraanii fi Hizbollaa Musiliimota sunnii irratti taasiseen kakaafamuun kan fincilanii dha.
Lolli Siiriyaa fi Iraaq wal dhabdee gartuu sunnii fi Shi’aayit akka ta’ee dha. Lolli kunis gartuu sunnii kumaatamaan lakkaa’aman hirmaachisuu danda’eera; akkasumas shi’aayitoonni biyya Iraan jiranis kanneen Iraaqiif deggersa taasisaniiru. Wal-dhabdeen gartuuwwan sunnii fi shi’aayit gidduutti uumame kun uummata nagaa naannoo sana keessa jiraatan irratti rakkoo guddaa qaqqabsiiseera.
Jiraattonni Siiriyaa 400,000 ol ta’an du’aniiru; miliyoona 11 ol kan ta’an immoo qe’ee isaanii irraa buqqifamaniiru.
Bara 2013 tti Baagidaad maqaa dhaabbata isaa isa Al Qaa’idaa Iraaq (AQI) jedhamu gara ISIS (Islamic State in Iraq and Syria) jedhutti jijjiire. Baruma kanas, gartuun kun gartuu Jabihat al-Nusaar isa biyya Siiriyaa waliin walitti akka dabalame beeksise.
Gartuun Nusaar irra caalaa kan xiyyeeffatu mootummaa Asaadiin kuffisuu yoo ta’u, ISIS garuu daangaa isaa ballisuudhaan seerri shariyaa addunyaalessa akka ta’u gochuu irratti hojjeta.
Bara 2014tti, Siiriyaa keessatti ISIS baballachuu isaa irraan kan ka’e, geggeessaa al-Qaa’idaa kan ta’e Ayman alZawaahir (ajjeechaa New York isa 9/11 jedhamee beekamu irratti harka mirgaa Osaamaa bin Laaden ta’uudhaan hojjetaa kan ture) gartuu ISIS irraa adda of baase. Sababni inni gartuu kana irraa adda of baaseefis, du’a namoota nagaa hedduutiif kan itti gaafatamu qabu ISIS dha jedhee waan yaadeef.
Haa ta’u malee, gama biraan immoo Al-Qaa’idaan gartuu Jabhaat al-Nusiraa isa Siiriyaa keessa jiruuf beekamtii kenneera.
KUTAA JA’A
WAAQEFFANNAA KIRISTAANAA
HAAL-SIMSIISUU
Haal-simsiisuu jechuun aadaa naannoo tokkoo keessatti Dubbii Waaqayyoo haala dhugaa, fudhatamaa fi ifaa ta’een dhiyeessuu jechuu dha. Ambaasaaddaroonni Kiristoosis aadaa hiriyoota isaanii Musiliimaa hubachuudhaan barsiisa Dubbii Waaqayyoo isa jalqabaa utuu hin jijjiirin akka barsiisanii dha. Yoo kana goone, dhuga-ba’umsi keenya nama nu dhaggeeffatu tokkotti keessummaa hin
ta’u. Kana jechuunis, laphee namoota biyya lafaa keessa jiraatani, garuu immoo kan biyya lafaa warra hin taane keessa waldaa kiristaanaa dhaabuu jechuu dha (Yohaannis 17:14-19). Haal-simsiisuun tajaajila hafuuraa kennuuf kan fayyadu qofa osoo hin taane, jiruuf jireenya hawaasummaa Isilaamaa keessattis ni fayyada.
Fakkeenyaaf, biyya Papuwaa Niwu Giinii jedhamu keessa hoolaan waan hin jirreef, yaada isa Hoolaa Waaqayyoo jedhu hubachuu hin danda’ani. Kanaaf iyyuu, yeroo aadaa biyyoota kan biroo keessatti wangeela dhugaa-baanu, aadaa namoota dhugaa itti baanu sanaa beekuun baayyee barbaachisaa dha.
Waaqeffannaa Kiristaanaa hiikaa qabu dubbii fi hojiidhaan argisiisuutu nu irraa eegama. Waldootii kiristaanaa tokko tokko keessatti namootni akkaataa waaqeffannaa ammayyaa akka rakkootti ilaaluu danda’u; warra kaaniif immoo akkaataa waaqeffannaa isa duriitu rakkoo dha. Waaqeffannaa kiristaanaa akkaataa Musiliimotaaf hubatamutti haal-simsiisuun Dubbii fi dhoksaa qulqulluun waaqeffannaa qajeeltootti akka hubataman taasisa.
Quraanni muuziqaa amantii Isilaamaati. Quraanni manneen sagadaa fi manneen jireenyaa keessatti ni lallabama. Afaan Arabaatiin Ibadaat akkkaataa waaqeffannaa fi kadhataa kan ibsuu dha. Waantotni garbichi/ttiin Allaa abboomamuudhaan raawwatu/ttu hundinuu Ibadaat jedhama.
Amantii Isilaamaa keessatti waaqeffannaan kan callisaniidhuma namticha isa dubbatu jalaa qaban utuu hin taane, gochaa fi qalbiin gargar utuu hin ba’in guutummaatti waliin kan raawwatamuu dha.
Beeksifannaan amantii Kiristaanaa sadan kan qopheeffaman barsiisota sobaa yeroo sana turan ittiin of irraa ittisuuf jedhameeti. Har’as tarii waa’ee Waaqayyo hundma-jaallachuu, hunduma-beekuu fi hunduma-fayyisuu isaa itti dabaluun ni danda’ama.
Beeksifannaan amantii inni kunis akkana jedhamee beeksifamuu ni danda’a: “Ani Waaqayyotti nan amana, hunduma-kan jaallatu, hunduma-kan beeku, hunduma-kan fayyisu, uumaa waaqaatii fi lafaatti.”
Waaqeffannaa Kiristaanaa keessatti, jechi inni “Ilama Waaqayyoo” jedhu Musiliimota biratti gaaffii kan kaasuu, kan isaan aarsuu fi ciigaasisaa ta’ee ilaalama. Musiliimonni tokko tokkos akka waan Allaan dubartii Maaramii jedhamtu waliin wal quunnamtii gochuudhaan ilma Yesuus jedhamu godhateetti amanu. Kanaafuu, jichi “Ilama Waaqayyoo” jedhu Musiliimota biratti akka Waaqayyoon arabsuutti ilaalama. Nuti warri Kiristaanonni garuu jechi kun macaafa Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti bifa namootaaf hubatamuu danda’uun kan dubbatame ta’uu isaa ibsuufiitu nu barbaachisaa.
Waaqeffannaan amantii Isilaamaa rog-sadee dha.
Isaanis: Allaaf bitamuu, Allaatti amantii qabaachuu fi Qajeelummaa dha. Musiliimota biratti qajeelummaa jechuun gaarii hojii ofii isa Allaa biratti kabajaa fi badhaadhummaa nama argachiisu jechuu dha. Kunis isa amanamummaadhaan utubaa amantii Isilaamaa shanan itti raawwatanii dha.
Musiliima tokkoof, waaqeffannaaf yaada qajeelaa qabaachuu wantota armaan gadii of keessatti qabata: Kadhannaa
Allaa sodaachuu
Abdii Amanachuu
Kaka’umsa
Gaabbuu/qalbii jijjiirrachuu
Aarsaa Waadaa seenuu
Fiixaan ba’iinsa dharra’uu Himata
Kooluu galuu
Kabaja/ulfina
Dinqifachuu
Sodaachuu
Quraanni akka barsiisutti: “Namni Allaa malee waaqa kan biroo – waaqa waaqummaa isaa hin beekne –waammatu, Gooftaa isaa biratti isa gaafachiisa. Warri hin amanne tasuma hin sooromani (Suraa 23:117).
Sodaa dabalatee qajeeltootti akkaataan itti waaqeffatan hedduun tuqamaniiru. Quraanni “…amantoota dhugaa yoo taatan ana sodaadhaa” waan jedhuuf, Musiliimonni Allaa hedduu sodaatu.
Amantii Isilaamaa keessatti abdii fi amanachuun amaloota waaqeffannaa dhugaadhaaf hedduu barbaachisoo lamaanii dha. Allaa irratti abdii fi amantii qabaachu-
un Musiliima tokkoof badhaasa guddaa dha. Musiliimni qajeelummaa akka argatuuf utuu yeroon hin darbin qalbii
jijjiirrachuutu irraa eegama. Himata gochuunis waaqeffannaa keessatti amaloota hedduu barbaachisan keessaa isa tokko dha. Quraanni “…gargaarsaaf si qofa gaafanna” (1:1-4) jedha. Mohaammadis akkana jedhe, “Gargaarsa yoo barbaadde, himata kee Allaatti dhiyeeffadhu” (Al Bukihaari, Hadiit). Musiliimni tokko wareega isaa Allaaf baasuutu irra jira. Kana qajeeltootti yoo raawwate, innis akka ibadatitti lakkaa’ama. Kunis waaqeffannaa qajeeltootti inni raawwatu waliin walitti dabalamuudhaan gara jannataatti isa geessa.
Allaatti kooluu galuun waaqeffannaa keessaa qaama isa barbaachisaa dha. Allaanis warra isatti kooluu galan ni eega jedhamee barsiifameera. Aarsaa dhiheessunis akkasuma qaama waaqeffannaa isa barbaachisaa dha. Aarsaa dhiyeessuu keessatti waanti baayyee barbaachisaan dhiigaa fi foon aarfamu utuu hin taane, haala sammuu/qalbii ofii itti dhiyeessanii dha.
Kadhannaan hojii amantaa ti, akkasumas, handhuuraa fi ijoo amantii Musiliimaa ti. Yeroon kadhannaan itti taasifamus: ganama utuu biiftuun hin bahin, waaree, waaree booda, galgalaa fi lixa biiftuu daqiiqaa 45 booda. Akkaataan kadhannaa kana itti raawwatanis hedduu murteessaa dha. Musiliimni tokko utuu kadhata hin eegalin dura qaama isaa/ishee dhiqachuudhaan of qulqulleessuutu irraa eegama (2:222). Haala Taharaah keessa yoo jiraate
qofadha Musiliimni tokko salaata baasuun kan danda’u. Wantotni barbaachisoon lamaan: 1) Dhiironni Musliimaa of qulqulleessuuf yaada qabaachuu isaanii, 2) kadhata dura harka, fuulaa fi miilla dhiqachuu, wal-quunnamtii saalaa booda immoo qaama guutuu dhiqachuu dha. Addunyaa kana irraa Musiliimni kam iyyuu yeroo kadhatu/ttu miilla qullaa dhaabbachuu fi fuula gara Makkaatti deebisuun kadhata/ tti. Musiliimni, waaqeffannaa guutummaa jireenyaa hammatu akkasii taasisuudhaan amantii Allaa keessatti qabu/du dhugaa ba’a/ti. Karaa ibaadaatis Musiliimonni Allaaf bitamuu isaanii fi nagaa kan barbaadan ta’uu isaanii mul’isu.
Musiliimonni amanamoon akkaataa waaqeffannaa adda addaa hojii irra akka oolchaniif Allaan isaan abboomeera. Abboommiiwwan kunis utubaa amantii Isilaamaa shanan: Shahaadaa, salaata, zakaat, sawiimii fi haajii dha. Beeksifannaa amantii Isilaamaa keessatti kanneen dirqama ta’an immoo: Allaa tokkicha, ergamoota isaa, kitaabota isaa, Guyyaa isa Dhumaa fi Jannata warra jedhamanii dha.
Sirni kadhata guyyaatti si’a shan taasifamu “ijoo amantii” akka ta’e Mohaammad ibsee ture (Sahih Tirmidi, Damasqoo, Abu Hurayirahiin akka gabaafametti). Kadhannaan hojii amantaa waan ta’eef, Guyyaa Firdiitti jalqaba kan itti nama gaafachiisuu dha.
Waaqeffannaan warra hiyyeessota gargaaruu, war-
ra beela’an beela baasuu, warra dhukkubsatan gargaaruu, ofittoo ta’uu dhiisuu, fedha Allaa barbaaduu fi salaata gochuu dha. Akka ilaalcha Musiliima tokkootti Waaqeffannaa jechuun: Allaatti amanuu, Guyyaa isa Dhumaa, ergamoota, Kitaaba Qulqulluu, raajota, hiyyeessota gargaaruu, Allaa jaallachuu, waadaa eeguu, yeroo gidiraa, qorumsaa fi muddamaatti obsa qabaachuu jechuu dha.
Tokkoon tokkoon Musiliimotaa kan isaan jannata abdachuu danda’an karaa waaqeffannaati.
Waaqeffannaan Musiliimotaa qalbifannaan kan guutamee dha. Waaqa isaaniitiif hayaataa fi of-kennuu isaan qabanis namootni biroon ni dinqifatu. Waaqeffannaa Kiristaanaa keessatti kan hedduu barbaachisaa ta’e hafuura ittiin waaqeffatamuu dha malee gosa dalaga raawwatamu miti. Yesuus hafuuraa fi dhugaadhaan Waaqayyoon akka waaqessinuuf nu waame. Mallattoon waaqeffannaa Kiristaanaa inni guddaan Cuuphaa Qulqulluu fi Irbaata Gooftaa fudhachuu dha.
Waaqeffannaan Musiliimaa guyyaa Jimaataa irra waan godhamuuf, Dilbata irra inni waaqeffatamu yaada haaraa itti ta’uu mala. Waaqeffannaa Kiristaanaa keessatti, Macaafi Qulqulluun ni dubbifama, faarfannaan ni faarfatama, kadhannaanis maqaa Sadan-Waaqa Tokkootti ni kadhatama. Lallabi dubbii Waaqayyoos yeroo hedduu ni
taasifama. Hojii waldaa kiristaanaa ittiin adeemsisuuf, akkasumas namoota hiyyeeyyii fi harka qalleeyyii ittiin gargaaruuf buusiin walitti ni funaanama.
Kiristaanotni, waaqeffannaa dhugaan Waaqayyoo fi namootaaf aarsaa jirtaataa godhanii of dhiyeessuu akka ta’e ni barsiisu. Waaqeffannaan kiristaanaa hojii fayyisuu
Waaqayyoo isa jaalala ta’e keessatti hirmaachuu dha.
Musiliimni akka irraa baratuuf wangeelli akkamitti haal-simsiifamuu qabaa? Yaada qajeelaa qabaachuun Waaqayyoof waa’ee ni baasaa? Musiliimni tokko yeroo jalqabaatiif gara waldaa Kiristaanaa yeroo adeemu/tu, sodaa fi yaaddoodhaan guutamuu ni mala. Waaqeffannaa
Kiristaanaa keessa waantotni Musiliima tokko mufachiisan, aarsan, akka inni/isheen shakkii qabaatu/ttu godhanii fi iddoo tokko tokkotti immoo hiikuma kan isaaf/isheef hin laanne ni jiraachuu ni malu.
Musiliima gara waaqeffannaa kiristaanaa dhufu/ tu tokko akka inni/isheen hin mufanne, akkasumas sodaa yeroo hedduu laphee fi sammuu isaa/ishee guutu hambisuuf waldaan kiristaanaa maal gochuu qabdii?
MUSILIIMOTA GARA AMANTII KIRISTAANAA DHUFANIIF IDDOO WAAQEFFANNAA/SAGADAA MIJEESSUU
Musiliimota gara amantii Kiristaanaa dhufaniif sagantaa waaqeffannaa karoorsuu ilaalchisee yaada walii galaa:
1. Musiliimonni tokko tokko fedhii daawwachuu waan qabaniif jecha gara waldaa Kiristaanaa dhufu. Hub: Sirriitti keessummeessi
2. Musiliimonni tokko tokko immoo amantootatti dabalamuuf murtee fudhachuu akka isaan dandeessisuuf gara waldaa Kiristaanaa dhufu.
3. Hariiroon hiriyummaa yeroo hundumaa jiraachuu, hirmaatamuu fi shaakalamuu qaba.
4. Bu’urri waaqeffannaa: Yesuus qulqulluu fi cubbuu kan hin qabne, nuti warri waaqeffannu immoo cubbamoota ta’uu keenya dha.
5. Akka duukka-buutotaatti nuti ni dharraana, ni dhamaana, humna haaraas ni barbaanna.
6. Nuti akka namoota hir’ina qabaniitti ni dhiyaanna, haa ta’u malee immoo namni waaqeffatu hundinuu wal irraa adda adda.
7. Miseensonni warri waldaa keessa yeroo dheeraaf turan yaadaa fi fedha warra haaraa hubachuun isaan rakkisa.
8. Miseensonni warri waldaa keesa yeroo dheeraaf turan barbaachisaadha jedhanii waan hin yaadneef yaada qeequmsaa fi jijjiirama fudhachuu hin barbaadani.
9. Warreen waldaa daawwachuuf dhufan dudhaalee barsiisa ijoo ta’anii fi wantota waldaa keessatti dalagaman baruutu isaan barbaachisa.
10. Warri waldaa keessa turan akkuma warri waldaa ala jiran ilaalanitti ilaalu.
11. Tokkoon tokkoon sadarkaa waaqeffannaa irratti ibsi addaa kennaman shaakalamuu qabu.
12. Dubbiin Waaqayyoo qajeeltootti lallabamuu fi ibsamuu qaba.
Musiliimota warra iddoo waaqeffannaa Kiristaanaa dhufan irra kan ga’u:
1. Maatii isaaniitiin dhiifamu.
2. Jireenya qofa-galeessa jiraachuu eegalu.
3. Dalagaa isaanii irraa goolamuu danda’u.
4. Amantiin isaanii xobbee waan ta’eef, jijjiirama isaan mudatu fudhachuuf ni rakkatu.
5. Du’aan sodaachifamuu fi ajjeefamuu danda’u.
6. Utuu hin beekin miseensonni waldaa ija itti bababaasuu danda’u.
7. Miseensonni waldaa yeroo hedduu arrabni isaanii ni hidhama.
8. Akka waan Ummaa gananiitti of yaadu.
9. Akka waan Kiristaanonni Allaa utuu hin taane nama waaqeffatanitti yaaduu danda’u.
Miira wal-fakkaataa: Akkamitti?
1. Nuti hundi keenya cubbamoota. Hunda keenyaaf iyyuu Yesuus ni barbaachisa. Inni hunda keenya ni jaallata. Inni Michuu keenya.
2. Nuti Kiristoos keessatti dhugumatti Michoota!! Walsimanna, waan qabnu waliif hirra, wal-jaallanna.
3. Michoonni Musiliimotaa kadhannaan isaanii deebii akka argate amanuudhaan tajaajila isaanii kadhannaadhaan eegalu.
Waa’ee waaqeffannaa ilaalchisee seerri Yesuus baase hin jiru. Haal-dureewwan lama garuu dubbateera: Hafuuraa fi dhugaatti waaqeffachuun akka nu irra jiru. Waaqeffannaan bakkaa fi akkaataa itti waaqeffatan irratti hin hundeeffamu (Yoh. 4).
SAGALEE MISIRAACHOO HIMUU KEESSATTI GATII KIRISTAANOTNI BAASAN Wangeela Maatewoos 10:37-39 keessatti Yesuus akkana jedhe: “ Namni abbaa yookiin haadha isaa/ishee ana caalaatti kan jaallatu/ttu anaaf kan malu/tu miti; namni ilma yookiin intala isaa/ishee ana caalaatti jaallatu/ttu anaaf kan malu/tu miti; namni fannoo fannoo isaa/ishee baadhatee ana faana hin buune anaaf kan malu miti. Namni jireenya isaa/ishee oolfachuu barbaadu jireenya isaa/ ishee ni dhaba, anaaf jedhee/ttee jireenya isaa/ishee kan dhiisu/tu garuu jireenya ni argata/tti.” Humnii fi Dubbiin Waaqayyoo cubbamoonni gara jannataatti akka imalaniif
isaan ni geggeessa, ni jajjabeessas.
Ilmi maatii Kiristaana Minesootaatti argamanii, kan umuriin isa 18 ta’e, tokko byya Iraaq keessatti lubbuun isaa darbee ture. Maatiin kun Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamuudhaan dhaabbata misiyoonii kan hojii baballina wangeelaa biyyoota Islaamaa keessatti hojjetamu deeggaru hundeessani. Maatiin kun wareegama hedduu haa kaffalani iyyuu malee, dhuma irratti Waaqayyo garaa isaanii nagaa fi jaalalaan guute. Du’a ilma isaanii irraan kan ka’e, Musiliimonni addunyyaa kana irra jiran waa’ee Yesuus isa fayyisaa biyya lafaa ta’e kana baruu danda’anii jiru.
KUTAA TORBA SEENAA DARBE IRRAA BARACHUU
Kiristaanotnii fi Musliiimonni maaliif wal jibbuu?
Seenaa darbe oggaa xiinxallu, Kiristaanotaa fi Musiliimota gidduutti wal-dhabdee guddaan maaliif akka uumamee fi wal-dhabdee kana dhiphisuuf immoo maal gochuun akka nu irraa eegama ni baranna.
Dhuga-ba’umsa firi-qabeessa ta’e taasisuuf, hariiroo hiriyummaa dhugaa fi jaalala Waaqayyoo qabaachuun murteessaa dha. Waa’ee Yesuus yeroo dhugaa-baanu, hafuura dhugaatiin ni dubbanna.
Seenaa darbe irraa qabxiilee filataman tokko tokko
1. Jaarraa tokkoffaa keessatti Macaafni Qulqulluun mul’ata Waaqayyo biraa ta’een katabamuu.
2. Waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaa; guddina ajaa’ibsiisaa
3. Kiruseedii/lola amantii/: bu’aa fi miidhaa isaa
4. Hojiiwwan Raymand Lul, gara biyya Musiliimotaa deemuudhaan misiyoonii jalqabaa isa ta’e
5. Hojiiwwan Maartiin Luuter, Dubbii Waaqayyoof tajaajilaa amanamaa isa ta’e
6. Hojiiwwan Saamu’eel Ziwemer, wangeela Musiliimota biraan ga’uuf kaka’umsa nama qabu.
1. MACAAFA QULQULLUU ISA MUL’ATA WAAQAYYO BIRAA TA’E Macaafa Seera Uumamaa keessatti waa’ee uumamaa, waa’ee Addaamii fi Hewaan, Nohii fi bishaan badiisaa, Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoob ni baranna. Raajonni Waaqayyoo kakuu Moofaa keessatti argamanis seerrataa fi wangeela Waaqayyoo dubbachuudhaan saba Waaqayyoo waa’ee jaalala Waaqayyoo itti dubbachuudhaan ni jajjabeessu turani.
Ilama Waaqayyoo isa ta’e Yesuus irraa immoo jaalala isa dhugaa ni barra. Waa’een dhalachuu, jireenya, dhiphina, du’aa fi du’aa ka’uu Kiristoos ijoo dubbii amantii Kiristaanaati. Bartoota kudha lamaan warra Yesuusiin waamaman irraa immoo miillaa Yesuus jala taa’uudhaan dubbii fi hojii keenyaan jaalala isaa mul’isuu ni baranna. Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti Kiristaanotni amanamoon yeroo isaan Yerusaalem magaalaa qulqullittii dhiisanii bahan baranna. Kiristaanotni warreen iddoo gara garaatti tamsa’an kun namoota baratanii fi beektota Macaafa Qulqulluu utuu hin taane, obbolootaa fi obboleettota warra Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii dha.
Qulqullootni Waaqayyoo Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamanii Dubbii Waaqayyoo akka barreessan dubbachuu isaanii ni baranna. Seenaa hojii fayyisuu isaa akka galmeessaniif Waaqayyo qurxummi-qabdootaa fi qaraxxoota akka fo’ate ni baranna. Inni qajeelfama kana kenne ofii isaa qajeelaa waan ta’eef, eenyu iyyuu Qulqulluu
Dubbii Waaqayyoo irraa hir’isuu yookiin itti dabaluu hin
2. WALDAA KIRISTAANAA ISHEE DURAA Seenaa irraa akka barannutti, waldaan Kiristaanaa daandii Yesuus irraa maqxeetti! Kaka’umsii fi fedhiin wangeela babal’isuuf ture suutuma suuta hir’ataa dhufeera. Yeroo amantootni qooda wangeela babal’isuu fi waa’ee Yesuus dhugaa bahuudhaa xiyyeeffannaa isaanii barsiisa doktiriinii fi ti’oloojii irra godhanitti, waldaa isheen dur dammaqxuu turte battalumatti takaalamtuu fi dadhabduu taatee argamte. Kanuma irraan kan ka’es, biyyoonni Arabaa ergaa Kiristaanaa dhagahuutti dugda gatani.
Biyyi Arabaa gara kaabaatiin Yerusaalem irraa darbannaa dhagaa tokko qofa ta’a. Asuma naannoo Makkaa iddoo gaarreen cirrachaan marfaman keessattidha namni Mohaammad jedhamu kan dhalate.
Waldaan Kiristaanaa isheen duraa kallattii hedduudhaan lolamaa turte. Lolli kunis warra akka Nestoraansi (warreen Waaqummaa Yesuus ganuudhaan nama ta’uu isaa qofa amanan), Monofesaayt (warreen namummaa Yesuus ganuudhaan waaqummaa isaa qofa amanan) fi warreen “amanamtoota Gooftaa” (Lord’s faithful) jedhamuun beekaman irraati. Tokkoon tokkoon mormitoota armaan olii waldaa Kiristaanaa irratti dhiibbaa uumuu qofa osoo hin taane, ka’umsa Mohaammadiifis sababa ta’aniiru. Gurmuu daldaltoota Kadijjaa waliin Makkaa irraa ka’uudhaan
Mohaammad naannoo kana keessa ni deddeebi’a ture.
Barsiisni waa’ee Sadan-Tokkummaa-Waaqayyoo yeroo sana waldaa keessatti dhimma ho’aa ta’uu isaa irraan kan ka’e, dhimma kana ilaalchisee walgahiin ni geggeeffama ture. Walgahii inni tokko isa Niisiyaatti bara 325 DKB taasifamee dha. Walgahii kana irrattis beeksifannaan amantii Niisiyaa barsiisa waldaa Kiristaanaa isa seera qabeessa ta’uudhaan raggaasifame. Wal falmiin yeroo sana keessa ture waa’ee eenyummaa Yesuus irratti kan xiyyeeffate ture. Yesuus Waaqa dhugaa fi nama dhugaa dha moo, Waaqa dhugaa yookiis nama dhugaa qofaa? Naannoo bara 451 DKB irraa eegalee gareen warra Nestooriyes jedhamu Yesuus nama dhugaa qofa akka ta’etti ni amanu turani. Gareen kan biroon biyya Gibxi, Itoophiyaa fi Siiriyaa jiran ammoo Yesuus namummaa waaqa ta’e tokko qofa akka qabu, innis immoo hafuura akka ta’etti ni barsiisu turani.
Jaarraa hedduudhaaf, waldaan Kiristaanaa humna geggeessaa Beyzentaayin isa cimaa fi bal’aa, isa dhimmoota hafuuraa fi hawaasummaa ishee to’atu jala turte. Yeroo Impaayerri Beyzentaayin hedduu cimaa ture kanatti, Mohaammad ijoollee ture.
Yeroo gurmuun daldalaa biyyoota kana keessa daldalaaf socho’utti, jiraattonni biyya Arabaa tokko tokko carraa amantii Kiristaanaa fi amantii Yihudotaa dhagahuu argataniiru. Haa ta’u malee garuu guutummaa naannoo sanaa Wangeelaan qaqqabuuf tattaaffiin godhame xiqqoo
ture. Kiristoos daandii fayyinaa ta’uu isaa namoonni naannoo sanaa quba hin qaban turani. Mohaammad firootaa fi hiriyoottan Kiristaana ta’an qaba ture. Haadha manoota Kiristaanaa fi Yihudii ta’anis haa qabaatu iyyuu malee, barsiisa amantii Kiristaanaa diduudhaan, amantii haaraa isa Islaama jedhamu uumuu danda’e.
Biyyoonni Arabaa waaqolii hedduutti sagadu. Gosi tokko tokko immoo guyyoota waggaa keessa jiran hundumaaf waaqa tokko tokko qabu turani. Mohaammad woggoota digdama keessatti ilaalcha amantaa isa biyyoota hedduu dhuunfatu uumuudhaan geggeessaa amantii ta’uu danda’e.
3. LOLA AMANTII (KIRUSEEDII) Du’uu Mohaammad booda, geggeessitoonni amantii Isilaamaa humnaan Isilaamummaa gara biyyoota kaaba Afriikaa fi Awurooppaatti geessani. Geggeessaan waldaa Kaatolikii Roomaas biyya weeraramte akka deebisaniif Kiristaanota lolaaf qindeesse. Lola kana keessatti geggeessitoonni jajjaboo fi amanamoon kan mul’atan yoo ta’e iyyuu, lolli Kiristaanotaa inni Magaalaa Yerusaalem qulqullittii ishee Musliimotaan weeraramte deebisuuf geggeessaa amantoota warra dhihaatiini godhame bara 1096 tti ture. Garaagarummaan waldootii Kiristaanaa Bahaa fi Dhihaa gidduu jiru ballataa adeemuudhaan yeroo keessa waldaa of danda’e adda addaa lama ta’uu danda’aniiru.
Jaarraa 11ffaa keessa dhimmoota waa’ee Maariyamii fi Lubootaa irratti hundaa’uudhaan waldaan Kaatolikii Roomaa fi waldaan Ortodoksii yeroo xumuraatiif adda adda cabani. Yeroo waldaan Kiristaanaa adda adda cabuudhaan wal lolaa jiran kanatti, amantiin Isilaamaa biyyoota Giddu-Galeessa Bahaa, Pheershiyaa, Hindii fi Afriikaa kaabaa dhuunfachuu danda’e. Irra caalaa immoo Kiristaanotaaf madaa guddaa kan ta’e Yerusaalem, magaalaa qulqullittiin, Musliimotaan qabamuu isheeti.
Lolli amantii kun hanga yeroo Haaromsa waldaatti itti fufuudhaan jaarraa 16ffaa keessa aangoon Phaaphaasii cimuu isaa irraan kan ka’e hamma tokko hir’achuu danda’eera. Har’a fanxaleeyyonni (radical Islamists) lola Kiristaanaa kana sababeeffachuudhaan kiristaanota morma irraa ni kutu, ni gubu, qaama isaaniis ni dararsu.
4. HOJIIWWAN RAYMOND LULL (naannoo bara 1300) Raymond Lull kan dhalate qarqara biyya Ispeenitti kan argamu magaalaa Palmaa, Majorkaa keessatti dha. Inni nama barate, dureessaa fi nama barsiisaa maatii angaa’otaa ta’uudhaan jireenya gaarii jiraachaa turee dha. Kana malees, Lull nama ogummaa muuziqeessuu fi walaleessuu qabaachuutiin beekamuu dha. Inni waa’ee fannoo irratti dhiphachuu Kiristoos yeroo hedduu mul’ata nama argaa turee dha. Mul’ata isaa isa afuraffaa booda, yeroo umurii 32 tti, gartuu Franciscan jedhamutti dabalamuudhaan Sagalee Misiraachoo waa’ee Yesuus dubba-
chuudhaaf jireenya isaa of kenne. Pollack namni jedhamus kitaaba isaa keessatti yeroo dubbatu, Lull “misiyoonii
Mohaammadootaa isa jalqaabaa” ti jedhee waama (Better Than Gold, 56).
Raymond Lull kaaba Afriikaa bakka amantiin Isilaamaa dhuunfate, Kiristaanummaan immoo keessatti hin beekamnetti misiyoonii ta’e. Afaan Arabaa barachuudhaan barreeffamoota beektota Arabaatiin barreeffaman ni dubbisa ture. Mana barumsaa Macaafa Qulqulluu banuufis Kiristaanota naannoo isaa jiran irraa gargaarsa ni gaafata ture. Yeroo umurii 56 ta’uttis Musliimota Kaaba Afriikaatti wangeela lallabuu eegale. Geggeessitoota amantii Isilaamaa Tunisiitti dhugaa-ba’uudhaan falmii taasifamus ni mo’ata ture. Kanuma irraan kan ka’es geggeessitoota isaanii biratti jibbamuu eegale. Yeroo isaan isa ajjeesuuf turanittis, hinaaffaa Lull qabu garaa geggeessaa Musliimaa tokko waan tuqeef, mutoon du’aa inni irratti murtaa’ee ture hafee biyyicha keessaa baafamuudhaan lamuu akka inni hin deebine godhame. Doonii inni ittiin biyya Tunis keessaa ittiin baafamu qopheeffamee isa eegaa utuma jiruu, inni garuu isaan dhokachuudhaan waan jalaa miliqeef, dooniin utuu isa hin fuudhin ceete! Kana boodas biyya Tunis keessa dhoksaatti wangeela Kiristoos dhugaaba’uu itti fufe. Haa ta’u malee iddoo kanatti namoota hedduu gara amantiitti deebisuu waan hin dandeenyeef, Tunis keessaa bahee biyyoota Majorkaa, Saypiras, Siiriyaa fi Armaaniyaa keessatti dhuga-ba’umsa taasisuudhaa gara waldootii gargaarsa irraa argachuu danda’uuttis
imale. Lull nama dandeettii barreessuu qabu waan ta’eefis waa’ee dhuga-ba’umsa wangeelaa irratti traaktii fi barruulee adda addaa barreessa ture. Traaktii fi kitaabota 4000 ol ta’an akka barreesses ni dubbatama. Bara 1307 ttis yeroo lammaffaadhaaf gara Kaaba Afriikaatti imaluudhaan gabaa walakkaatti Kiristoosiin ni lallaba ture. Haa ta’u malee ammas ni hidhame. Musiliimonni naannoo sanaa qarshii, taayitaa, ulfinaa fi wantota nama hawwataniin Musiliima akka inni ta’uuf yaalii guddaa haa godhan iyyuu malee utuu hin milkaa’in hafaniiru. Yeroo kanatti Lull amma umurii 73 ta’eera, malaammaltummaadhaan nama kufu hin turre. Kanaafuu gara biyya Piissaatti akka geeffamu ta’e. Yeroo Umuriin isaa 79 ta’utti Lull ammas gara Kaaba Afriikaatti deebi’uudhaan Musiliimonni qalbii jijjiirratanii hin amanan yoo ta’e Waaqayyo akka isaan adabu sodaachisuudhaan itti dubbataa ture. Gaafa Waxabajjii 13, 1315ttis dhagaadhaan rukutanii isa ajjeesani. Akka Pollack dubbatutti, “Lull nama akka Yoonaas Raajichaa, Paawuloos Ergamtichaa fi Isxifaanos isa wareegamee ti” (Better Than Gold, 62).
Lull wangeela Kiristoos warra hin dhaga’in jiran biraan ga’uudhaaf jaalalli humna guddaa akka qabu nu barsiisa. Yeroo ammaa kanatti ija jabummaan ittiin wangeela dhugaa-ba’an akkasii qabaachuun misiyoonota irraa kan eegamuu dha. Jaalalli dhugaan Yesuus isa fannoo irratti du’uudhaan jireenya bara-baraa nuuf kenne keessa waan jiruuf, Sagalee Misiraachoo kana himuutu nu irraa eegama!
5. HOJIIWWAN MAARTIIN LUUTER (naannoo bara 1500 DKB)
Nuti warra Luuteraan taane biratti Dr. Maartiin Luuter nama baayyee beekamaa ta’ee dha. Haala jireenya isaa fi hammam Dubbii Waaqayyootiif of kennee jiraachaa akka tures ni beekna. Waa’ee isaa wanti nuti hin beekne yoo jiraate garuu, Misliimotaaf hammam akka inni dhimmamaa turee dha.
Dubbii Waaqayyoo irratti hundaa’uudhaan, Luuter sagalee ifaa fi shakkii hin qabneen barsiisa amantii Islaamaa balaaleffateera.
Waa’ee Quraanaa ilaalchisee Luuter akkas jedhe, “Quraanni dubbii seerrataa fi wangeelaa akka nyaata mataa fi miilla hin qabne wal keessa makameeti. Yihudonnii fi Musiliimonni dhaabbilee fi fedha mataa isaanii kan tajaajilu qofa caaffattoota keessaa filatu” (W. 42, 603) Ammas waa’eedhuma Quraanaa ilaalchisee akkana jedhe, “…Kiristaanotni Quraana kana dubbisuudhaan kitaaba gutummaa guutuutti abaaramaa, yeellasisaa fi kan gatii hin qabne ta’uu isaa ni argu – inni soba, oduu-durii fi wantota ciigasisoo ta’aniin kan guutamee dha…Ulfina Kiristoosii fi tajaajila Kiristaanotaaf, akkasumas salphina Turkisii fi Seexanaatiif akka ta’utti kitaabni kun dhowwaa tokko malee akka dubbifamu godhaa” (W-Br 10, 162).
Waa’ee Phaaphaasii fi Isilaamaa, dhimma waa’ee amantiidhaan qajeelota ta’uu, irratti Luuter akkana jedhe, “isaan Kiristoosiin mormuu fi barsiisi waa’ee amanti-
idhaan qajeelota ta’uu akka dhabamsiifamuuf irratti wliif ni galu” (SL 5, 153).
Waa’ee Isilaamaa yeroo dubbatu Luuter itti fufuudhaan akkana jedha, “Mohaammad Kiristoos Ilama Waaqayyoo ta’uu isaa, cubbuu keenyaaf du’uu isaa, gara jireenyaatti nu fiduudhaaf du’aa ka’uu isaa, isatti amanuudhaan dhiifamuu cubbuu akka argannuu fi qajeelota akka taanu, warra du’anii fi warra jiranitti faraduudhaaf deebi’ee akka inni dhufu (yoodhuma du’aa kaafamuu fi guyyaan firdii jiraachuu isaa amane iyyuu), Hafuura Qulqulluu fi kennaa Hafuura Qulqulluu ni gana” (W 30 II. 207).
Naamusaa fi amaloota gaggaarii hawaasa Isilaamaa keessatti mul’atan ilaalchisee Luuter akkana jedhe, “Yeroo alaan ilaalamu, Musiliimota gidduutti yaad-tokkee, walii isaanii golguu, fi wal kabajuu isaanii argina. Isaan akka keenya dhugaatii fi nyaata garmaleetiin hin machaa’ani, uffata ijatti hin tolles hin uffatani….Kana malees, akkuma nuti biyya Jarman keessatti utuu qabaanne jennee hawwinu, isaan Mootummaa fi bulchiinsa qindaawaa qabu” (W30 II, 189).
Luuter jalqabuma irraa eegalee rakkoo amantiin Isilaamaa fiduuf jedhu beekee waan tureef, dhugaas ta’u soba, ilaalchi inni isaan irratti qabaachaa ture haqa seenaa yeroo sanaa irratti kan hundaa’ee ture. Amantii Isilaamaa irratti ilaalchi inni qabaachaa tures gaarii fi abdiin kan guutame ture. Waa’ee Isilaamaa hubachuudhaaf, ak-
kasumas Kiristaanotni gara amantii kanaatti maaliif akka dacha’an beekuudhaaf, dhugaa waa’ee Isilaamaa Kiristaanotni qorachuu fi barachuu akka qaban barsiisa ture.
6. HOJIIWWAN SAAMU’EEL ZIWEEMIR Saamu’eel kan du’e bara 1952 tti waan ta’eef, ariitiidhaan wantota walakkaa jaarraa keessatti raawwataman ilaaluu yaalla. Wantotni ajaa’ibsiisoo fi seena qabeessa ta’an, kanneen akka mana maxxansaa, eegumsa fayyaa wayyaa’aa, barnoota ammayyaa fi sochiin wangeela warra hin dhagahin jiran biraan gahuun kanneen ijoo dha. Ziweemir “Ergamaa wangeelaa warra Isilaamaa” jedhamee beekama. Saamu’eel Ziweemir nama naannoo Michigan yoo ta’u, warra badan biraan wangeela ga’uufis fedhii guddaa qaba ture. Waa’ee dhuga ba’umsaa irratti yaada nama Robert Wilder jedhamuu waan jaallateef duukka-buutuu isaas ta’e. Gara biyya Arabaa deemee hojjechuu yoo barbaade illee, gaafiin isaa Dhaabbata Misiyoonii Amerikaatiin fudhatama duraa dhabee ture. Haa ta’u malee kara Waldaa ergamuu yoo dadhabe iyyuu, dhuunfaadhuma isaatti gara Iraaq iddoo Basiraa jedhamutti imale. Achittis afaan Arabaa barachuudhaan nama afaan kana qajeeltootti dubbatuu fi barreessu ta’uu danda’e.
Hojiiwwan misiyoonummaa, Konferansii Misiyoonota Addunyaa bara 1910 biyya Edinbiraattii ta’e dabalatee, qindeessuu keessatti nama daandii ta’ee tajaajilaa
turee dha. Bara jireenya isaa guutuu haala gaggaarii karaa wangeelli Musiliimota addunyaa irra jiran itti qaqqabuu
danda’u irratti hojii jajjabeessuu, qacaruu, ibsa kennuu, barsiisuu fi barreessuu hojjetaa ture! Ziweemir kitaabota 50 olii fi barruulee fi traaktota hedduu barreesseera.
Ga’ee olaanaa Ziweemir raawwate keessa inni guddaan tokko dandeettii namoota kakaasuu fi Musiliimota gidduutti akka tajaajilaniif hojjettoota wangeelaa qacaruu isaa ti. Inni Musiliimota gidduu waggaa 40 yoo jiraate iyyuu, kan inni gara amantii Kiristaanaatti deebisuu danda’e namoota 12 hin caalani.
MATA-DUREEWWAN DHIMMOOTA YEROO IRRATTI I. Yesuus, Sagalee Waaqayyoo
a. Maaramiin qulqulluu dha malee waaqa miti
b. Yesuus Ilama Waaqayyo Abbaati
II. Waaqa Tokkicha malee waaqota sadii miti (SadanTokkummaa-Waaqaa)
III. Musiliimonni fanxaleeyyotaan akka morman maaliif ifaaf ifatti hin dubbatanii?
IV. Biyya Ameriikaa fi biyyoota biroo keessatti Imaamonni (geggeessitoonni) amantii IsIlaamaa Iddoo waaqeffannaa isaanii keessatti maal barsiisuu?
V. Kiristaana ta’uu
VI. Seera nyaataa: fakkeenyaaf, booyyee nyaachuu yookiin wayinii dhuguu.
VII. Quraanni dubbii Allaa isa hin geeddaramne akka
ta’e
VIII. IsIlaama keessatti walqixxummaa dhiiraa fi
dhalaa
IX. Fayyina Isilaama keessatti
X. Jihaad akka utubaa amantii Isilaamaa isa ja’affaatti
XI. ISIS
KUTAA SADDEET KIRISTAANOTA DHUGA-BA’UMSA
MUISILIIMAA IRRATTI MUUXANNOO HIN
QABNEEF QABXIILEE FAAYIDA-QABEESSA
TA’AN
Hiriyaa kee Musiliimatti dhugaa-ba’uuf qophii gootu keessatti qabxiilee si fayyaduu malan torba armaan gaditti tarreeffamaniiru. Qabxiileen kunis dhuga-ba’umsa Musiliimaaf gootu keessatti tarsiimoo gaarii kan ofii keetii qopheeffachuu akka dandeessuuf si gargaaru.
Isaanis:
1. Nagaa sammuu fi qalbii
2. Jaalala isa cubbuu hedduu dhoksu
3. Waaqa dhiifamaa
4. Maalummaa Amantii Kiristaana
5. Jireenyaa fi Gochaa Yesuus
6. Dhuga-qabeessummaa jireenya barabaraa
7. Abrahaam, fakkeenya amantii isa dinqisiisaa
1. NAGAA SAMMUU FI QALBII
(Kadhannaa dhuunfaatiin jalqabi, isaanis xumuri)
A. Gaaffii gaafachuudhaan gara mata-duree kennameetti geessi
1. Fakkeenya beekamaa ta’etti fayyadami
2. Muuxannoo jireenya dhuunfaa fayyadami
B. Jecha isa Nagaa jedhu irratti mariyadhaa
1. Wal-fakkoo
2. Faallaa
C. Nagaa qabaachuun maaliif ulfaataa ta’aa
1. Wantotni nu gaddisiisan maalfaa dha
2. Wantota nu jeeqan kana hambisuudhaaf maal gochuutu danda’amaa?
D. Nagaan eessaa argamaa?
1. Qabeenya keessaa?
2. Taayitaa keessaa?
3. Beekamtii keessaa?
4. Maaliif wantota kana hunda keessaa argamuu hin dandeenyee?
E. Nagaa sammuu namaa fi Waaqayyoon maaltu wal argisiisa
1. Waaqayyoon beekuun akkamitti fayyadaa?
2. Nagaa isa Waaqayyo qofti nuuf kennuu danda’u ibsi.
3. Nagaan Waaqayyoo maaliif baayyee barbaachisaa ta’ee?
F. Amantii kee iftoominaan ibsadhu
1. Maalitti akka amantu ibsi
2. Amantii kee kan deggeru kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa ibsi
3. Waaqayyoo fi Dubbii isaa amanadhu
2. JAALALA ISA CUBBUU HEDDUU DHOKSU
(Kadhannaa dhuunfaatiin jalqabi, isaanis xumuri)
A. Jaalalli maali?
1. Hiikni jecha jaalala jedhuu maali?
2. Hiikaawwan jaalalaa kan bu’ura ta’an maalfaa dha?
B. Jaalalaan akkamitti Waaqayyoon gammachiisuun danda’ama
1. Jaalala Waaqayyoof qabnu akkamitti mul’ifnaa?
2. Jaalala nmaootaaf qabnu akkamitti mul’ifnaa?
C. Barsiisa Macaafa Qulqulluu waa’ee jaalalaa irratti
1. Yesuus: Akka wal jaallattaniif abboommota haaraa isiniif nan kenna
2. Jaalalli raawwatamiinsa hojii Seeraa ti.
D. Gara jirenya ofiitti fiduudhaan ittiin of ilaaluu
1. Nama jibbinu tokko jaallachuu ni dandeenyaa?
2. Nama jibbinu tokko jaallachuuf ni yaallaa?
3. Waaqayyo jaalala nuuf qabu akkamitti mul’isaa?
4. Waaqayyo jaalala cubbamootaaf qabu akkamitti mul’isaa?
5. Jaalalli amala/eenyummaa Waaqayyooti. Maaliif?
3. WAAQA DHIIFAMAA (Kadhannaa dhuunfaatiin jalqabi, isaanis xumuri)
A. Mata-duree kenname irratti hojjedhu
1. Biyyi lafaa hamaa fi ofittoo dha.
2. Dubbii kana irratti maree taasisi, haqa lafa jiru ilaali
3. Bu’aan ilaalcha kanaa maalii dha?
B. Cubbuun maali?
1. Cubbuun mallatteeffamuu dhabuu dha
2. Cubbuun Waaqayyoon ni gaddisiisa
3. Cubbuun dheekkamsa, du’aa fi badiisa fida.
C. Dhiifamni maali?
1. Waaqayyo maaliif cubbuu keenya nuuf dhiisaa?
2. Dhiifamuu cubbuu keessatti ayyaanni akkamitti ilaalamaa?
3. Namni of fayyisuu kan hin dandeenye ta’uu isaa.
4. Namni hojii ofii isaatiin lubbuu isaa oolchuu hin danda’u.
D. Cubbuu namootaa Waaqayyo akkamitti ilaalee?
1. Kiristoos Masihicha erge
2. Kiristoos inni oolchaa ta’e dhiifamuu cubbuu fide
3. Eebbi kun kennaa namoota hundumaati
4. Ulaa Waaqaa bane
E. Macaafni Qulqulluun akka ibsutti
1. Ibiroota 1:3; Yohaannis 14:9; 15:15
2. Maatewoos 11:27; Yohaannis 8:28-29
3. Maarqoos 1:11; Maatewoos 16:16-17
4. MAALUMMAA AMANTII KIRISTAANAA
A. Namni Mudaa malee uumame
1. Cubbuu keessatti kufuu
2. Diina Waaqayyoo ta’uu
3. Diinota sadan: Seexana, biyya lafaa fi foon
4. Haalaa abdii nama kutachiisu
B. Badhaadhina Ayyaana Waaqayoo
1. Ayyaanni jaalala isa namni hojii ofii isaatiin argachuu hin dandeenyee dha
2. Waaqayyo karaa itti diinota sadan - Seexana,
biyya lafaa fi foon – mo’atan ni qopheessa
C. Rakkoo cubbuutiif Waaqayyo furmaata qaba
1. Fayyisaa erguudhaan Waaqayyo cubbuuttii namoota fure
2. Maqaan Fayyisaa kanaas Yesuus jedhama
3. Yesuus nama hundumaatiif dhiphate, nama hundumaatiifis du’e
4. Fayyuudhaaf Yesuusitti amanuutu nurra jira
D. Hafuura Qulqulluu
1. Hafuurri Qulqulluun amantii nuuf kenna
2. Hafuurri Qulqulluun amantii keessatti nu eega
3. Hafuurri Qulqulluun amantii keessa keenyatti guddisa
4. Hafuurri Qulqulluun gara jireenya barabaraatti nu geggeessa
E. Namni haaraan
1. Hafuura gammachuutiin deebii kenna
2. Eebba Waaqayyoo irratti boqonnaa qaba
3. Sagalee Misiraachoo warra kan biroofis ni hira
4. Mana barabaraa Waaqa irraa akkka qabu/du ni beeka/ti
5. JIREENYAA FI GOCHAA YESUUS
A. Dhalachuu Yesuusii fi jireenya isaa isa gara jalqabaa
1. Haadha Yesuus akka taatuuf Waaqayyo Maaramii filate.
2. Maaramiin Hafuura Qulqulluudhaan ulfoofte
3. Yesuus Beeteleemitti dhalate
B. Yesuus yeroo ijoollummaa isaatti Naazireet keessa jiraate
1. Tiksitoonni horii warra jalqaba isaaf sagadanii dha
2. Ogeessonni gara Baha-Biiftuu irraa dhufan isaaf sagadaniiru
3. Gegeessitoonni Yihudotaa aangoo isaa mamaniiru
C. Tajaajila Yesuus
1. Galaana Yordaanos keessatti cuuphame
2. Yohaannis Cuuphaanis akkana jedhe, “Ilaa hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyyaa lafaa irraa fuudhe”!
3. Yesuus kan dibame akka:
a. Raajiitti
b. Lubaatti
c. Mootiitti
D. Yesuus namummaa lama qaba
1. Namummaa Waaqaa
2. Namummaa namaa
E. Eebba dhiphinaa fi du’uu isaa irraa argame
1. Dhiifamni biyya lafaaf ta’eera
2. Namni hundinuu birmaduu baheera
3. Jaalalli Waaqayyoo namoota hundumaaf ta’eera
4. Warreen isa simatan qofatu itti gammadee jiraata!
5. Amantii kan namaaf kennu Hafuura Qulqulluu dha; nuti hojii ofii keenyaatiin gara amantii dhufuu hin dandeenyu.
6. DHUGA-QABEESSUMMAA JIREENYA BARABARAA A. Isatti kan amanu hundinuu jireenya barabaraa ni qabaata
1. Yohaannis 6:47…. Namni isatti amanu jireenya barabaraa “qaba”
2. Jireenyi barabaraa gammachuu barabaraa isa waaqa irraati
3. Boo’ichi, dhukkubnii fi duunni hin jiru
4. Kun hundinuu amantii karaa Yesuusiin ta’uu dha
B. Yeroo duunu maaltu ta’aa
1. Qaamni keenya biyyootti dabalama
2. Lubbuun battalumatti gara waaqaatti ol fudhatamti
3. Warri hin amanne iddoo gidiraa isaaniif qophaa’etti ni hidhamu
C. Macaafni Qulqulluun waa’ee waaqaa/samii nutti ni dubbata
1. Kutaawwan hedduu akka qabu (Yoh. 14:2)
2. Boo’uun hin jiru (Mul’ata 7:16-17)
3. Waan hunda amma beekuu hin dandeenyu (1Yoh. 3:2)
4. Iddoo baayyee gaarii akka ta’e (Luq. 12:3; Faar. 16:11; Mul. 5:13)
D. Waa’ee du’aa irratti ilaalchi keenya akkam ta’uu qabaa
1. Duuti ulaa gara waaqaatti ittiin darbanii dha
2. Cubbuu fi wanta hamaa hunduma irratti mo’icha isa dhumaa arganneerra
3. Nuti waan hamaa hin sodaannu (Faar. 23)
4. Isaa wajjin barabaraan akka jiraannuuf Yesuus gara waaqaatti nu fudhata
E. Akka Kiristaanaatti kaayyoon keenya maali
1. Mootummaa Waaqaayyoo isa barabaraa keessa jiraachuu
2. Dubbii isaa isa gati jabeessa dheebochuu
3. Wantota karaa keenyatti gufuu ta’an hundumaa irraa maquu
4. Gonfoo jireenyaa dharra’uu (Mul. 2:10)
5. Eebba amantii keessaa argamutti gammaduu
7. ABRAHAAM, FAKKEENYA AMANTII A. Waaqayyo Abrahaamiin waamuu isaa
1. Abrahaam biya Uur irraa gara Haraanitti imale
2. Maatiin Abrahaam biyya Haraaniin jiraatan
3. Gara Kana’aan akka adeemuufis Abrahaam waamicha argate
4. Yeroo waamichi kun isa qaqqabettis Abrahaam nama waggaa 75 ture
B. Wanta Waaqayyo Abrahaamiin abdachiise
1. Akka isa eebbiseu
2. Maatii isaa akka baayyisu
3. Sanyii isaa keessaa biyya lafaatiif abdii bara baraa akka fidu
C. Abrahaam Waaqayyoon amanachuu isaa
1. Mana isaa dhiisee adeeme
2. Bara isaa guutuus dunkaana keessa jiraate
3. Waaqayyo irratti ni hirkate
4. Maqaan isaas gara abbaa saba hundumaatti geeddarame
D. Abrahaamii fi Saraan ilma argatan
1. Aggaar Abrahamiif Ismaa’eliin deesse
2. Bara dulluma isaaniittis Waaqayyo Abrahaamii fi Saaraaf Yisihaaqiin kenne
E. Qorumsa amantii Abrahaam
1. Ilma kee tokkicha aarsaa godhii dhiyeessi
2. Abrahaamis Waaqayyoon amanachuudhaan ni abboomame
3. Abrahaam Waaqayyotti ni amane
4. Abrahaamis amantii isaatiif ni dinqisiifatame (Ibroota 11:8-19)
5. Abrahaam nuufis fakkeenya ta’e
Ahl al-kitaab
HIIKA JECHOOTAA Maqaa Musiliimonni Yihudotaa fi
Kiristaanota ittiin waaman
Al-Fatiha Jalqaba boqonnaa Quraanaa “Seensa”
Al Qaa’idaa
Duukka-buutota Amantii Isilaamaa fanxaleeyyii (extreme) ta’an
Al Rahiim Waaqayyo araara-qabeessa
Al Rahimaan Waaqayyo gara-laafessa
Allaa Waaqayyo tokkicha isa humna qabeessa
Allaa mahaba Waaqayyo jaalala
Alla akubar Waaqayyo guddaa dha
As-salam ole’ikum Nagaan siif haa ta’u
Bismillaah
Maqaa Waaqayyootiin
Kaliifaa Geggeessaa amantii Isilaamaa kan Mohaammad booda
Dawa Dhuga-ba’umsa gochuu
Diin Jecha amantaa ibsuuf itti fayyadamamu
Exordium Itti seensa Quraanaa
Fatiha Jalqaba Sura Quraanaa
Fatiwaa Abboommii haaraa Ummaa
Utubaa Isilaamaa shaanan Shahaadaa, Salaata, Zakaata, Sawimii fi Haaji
Hadiit Jechootaa fi aadaawwan Mohaammad kan Quraana ibsuuf fayyadan
Haaji Imala gara Makkaatti taasifamu
Halaal Wantota hayyamaman
Haraam Wantoota ittifaman
Hizbollaa Fanxaleeyyii Shi’aayit warreen GidduGaleessa Bahaa
Ibadaat Qajeelfama akkaataa jireenyaa fi
waaqeffannaa
Id-al-Adah Ayyaaneffannaa addaa kan Yeroo
Abrahaam ilma isaa Ismaa’eliin aarsaa
godhee itti dhiyeessee
Injil Wangeela afuran Macaafa Qulqulluu
Kakuu Haaraa keessa jiran
Inshaallaa Yoo fedha Waaqaa ta’e
Isaa Maqaa Yesuusiif kenname
Isaa ibin Maaramii Yesuus ilama Maaramii
ISIS
Isilaama
Amantii isa Allaa fi Mohaammadiif
bitamuu
Jibiriil Gabireel ergamticha
Jihaad Amantii ofiitiif dhamaatii qaamaa taasisuu
Jinnii Hafuurota xixiqqoo
Ka’aabaa Gamoo kabajamaa Makkaatti argamu
Kaafira Kan hin amanin
Kaalimaatuu Allaa Dubbii Waaqayyoo
Kadijjaa
Madiraasaa
Haadha manaa Mohaammad ishee jalqabaa
Mana barumsaa Musiliimaa
Maleekaa Ergamoota
Masjiida Bakka waaqeffannaa/mana sagadaa
Makkaa Magaalaa biyya Arabaa, bakka dhaloota
Mohaammad
Madiinaa
Magaalaa biyya Arabaa, bakka amantaan
Isilaamaa itti eegalame
Misi’oo De Hojii Misiyoonummaa Waaqayyoo
Mohaammad Dhaloota Kiristoos booda naannoo bara
600tti biyya Arabaa keessa jiraataa kan turee fi hundeessaa amantii Islaamaa isa ta’e
Mushirkii Nama waaqa tolfamoo waaqessu
Musiliima Nama Allaatti of kenne
Nabii Raajota Quraana keessa jiran keessaa isa tokko
Qibilaa
Gara Makkkaatti fuula qajeelchanii kadhachuu
Quraana Macaafa Qulqulluu Amantii Isilaamaa
Ramadaana Baatii Musiliimonni itti nyaataa fi dhugaatii lagatan
Rasuul Ergamticha
Salaata Kadhata guyyaatti si’a shan taasifamu
Sawiim Wantota yeroo ramadaanaa nama irraa eegaman raawwachuu
Shahaadaa Beeksifannaa amantii Isilaamaa: Allaa Waaqa tokkicha, Mohaammad immoo ergamaa isaati.
Seexana Hafuurota hamoo
Shariyaa Seera Amantaa kan namoonni ittiin bulan
Shi’aayit
Duukka-buutota Alii, Muhaammad
Sunnii Musliimota warra du’a Mohaammad booda Abu Bakar geggeessaa isaanii akka ta’etti amanani
Sura Boqonnaa Quraanaa
Tawihiid Tokkichummaa Allaa
Toraa Caaffatoota Musee
Ulaamaa Geggeessitoota amantii Isilaamaa
Ummaa Hawaasa Musiliimotaa warra Allaattii amanan
Yaawiim al-din Guyyaa Firdii
Zakaata Deggersa horii Jihaadii fi kanneen harka qalleeyyiif godhamu (qusannoo waggaa keessaa %2.5; galii waggaa keessaa %10)
MUSILIIMATTI DHUGAA BA’UUF KITAABOLEE NU FAYYADAN Abdyk-Haqq, Abdiya Akbar. Sharing Your faith with a Muslim. Minneapolis, MN.: Bethany House Publishers. 1980.
Anonymous, Chrisitan Witness Among Muslims. Living Sacrifice Book Company. Bartlesville, OK. 1994.
Barry, L.A. What About Islam? St. Louis, MO: Office of the President, 1999.
The Holy Bible. New International Version. Grand Rapids, MI.: Zondervan Publishing Co.: 1973.
Caner, Mehmet Ergun & Caner, Fethi Emir. Unveiling Islam. Grand Rapids, MI: Kregel Publications. 2002.
Cragg, Kenneth. The Call of the Minaret. Maryknoll, NY.: Orbis Books. 1992.
Dawood, J.N. The Koran translated with notes. London, England: Penguin Groups, 1999.
Ehlke, Roland Cap. Speaking the Truth in Love. Milwaukee, WI: Northwestern Publishing House, 2004.
Farah, Caesar F. Islam. Hauppauge, NY: Barrons Educational Series. 2003, 7th edition.
Gabriel, Mark A. Jesus and Muhammad. Lake Mary, FL: Charisma House Publishing. 2004.
Guidelines for Evangelical-Lutheran Christians Living Together with Muslims in Germany. (SELK).: Hanover, Germany. 2002.
Hahn, Ernest. How to Respond to Muslims. St. Louis, MO.: Concordia Publishing House. 1995.
Hassnain, Hirji Walji. Bittersweet Freedom. Monticello, MN.: Building Bridges, Inc. 2000.
__________ A Seminar of an Insider. Monticello, MN.: Building Bridges, Inc. 2006.
Kateregga, Badru D & Shenk, David W. Islam and Christianity. Grand Rapids, MI.: William B. Eerdmans Publishing Co. 1980.
Lippman, Thomas, W. Understanding Islam. New York: Penquin Books. 1990.
Lochaas, Phillip. How to Respond to Islam. Revised edition. St. Louis, MO: Concordia Publishing House. 1984.
Lutz, Bernhard. Here Am I Lord: A Woman in Your Church. Dateline Printers, Lagos, Nigeria. 1996.
Mayer, F.E. The Religious Bodies of America. St. Louis, MO: Concordia Publishing House. 1956.
McCurry, Don M. The Gospel and Islam. Monrovia, CA: MARC. 1978.
Miller, Roland. Muslims and the Gospel. Minneapolis, MN.: Lutheran University Press. 2005.
Mallouhi, Christine A. Waging Peace. London: Monarch Books. 2000.
Parshall, Phil. New Paths in Muslim Evangelism. Grand Rapids, MI.: Baker Books House. 1980.
Parshall, Phil & Julie. Lifting the Veil. Waynesboro, GA.: Gabriel Publishing Co. 2002.
Plass, Ewald M. What Luther Says. 3 Vols. St. Louis, MO: Concordia Publishing House. 1959.
Pollack, Carl. Better Than Gold. St. Louis: Concordia Publishing House.
Rtchter, Rick. The Qur’an and the Bible: A Comparison. Chicago: Church Press. 2004 www.churchpress.com
Sasson, Jean. Princess. Atlanta, GA. Windsor-Brooke Books. 2004.
Woodberry, J. Dudley. Muslims & Christians on the Emmaus Road. Monrovia, CA.: MARC. 1989.
WAA’EE BARREESSAA QAJEELFAMA KANAA BerniE Lutz
Berniin misiyoonii fi barsiisaa Luuteraan kan biyyoota torba, ardiilee sadan keessatti argaman, (U.S.A., Kanaadaa, Papu’a Niwu Giinii, Nayjeeriyaa, Gaanaa, Libaanos, Sudaan Kibbaa fi dhiheenyatti immoo Itoophiyaa) keessatti hojii lubummaa, misiyoonummaa fi barsiisummaa irratti bobba’uudhaan tajaajileera. Tajaajila Misiyoonii Boordii Sinoodosii LCMS keessattis yeroo sadi’iif filamuudhaan tajaajileera. LCMS keessatti miseensa koree Blue Print for the Nineties ta’uudhaan tajaajileera. Koree BFMS keessatti dura-taa’aa ta’uudhaan Musiliimota Wangeelaan qaqqabuuf hojjeteera. Yeroo ja’aaf CLIHM tti barsiisa kennuuf gara Yaambiyoo fi Di’oo Volenteetti imaleera. Bara 2015ttis Seminarii Luuteraan keessatti barsiisuuf gara Itoophiyaa fi Sudaan Kibbaatti ni imala. Yeroo ammaatti Dhaabbata Luuteraan Heriteej keessatti Minesootaa Kaabaatti bakka bu’aa fi lallabaa ergaa misiyoonummaa ta’ee tajaajilaa jira. Papuwa Niwuu Giinii bara 1976 tti biyya of danddeesse taatee akka hundooftuuf gumaacha taasiseef badhaasa medaaliyaa PNG argateera. Seminarii Konkordiyaa irraa Doktoreeti Tajaajilaa argatera. Haadha warraa isaa Robertaa waliin bara gaa’ela waggaa 58ffaa isaanii ayyaaneffateera. Roobertaan Adoolessa 5, bara 2014 boqotte. Innis hojii ergama wangeelaa isa guddicha fiixaan baasuufis amma ayyaanni Waaqayyoo isaaf baay’atetti gammachuudhaan ni hojjeta.