Seenaa gootota oromoo

Page 1

Qindeessan Seenaa Kanaa Akkawaaq Jaalataa Oliiqati SEENAA GABAABAA ARTIST USMAAYYOO MUUSAA Duuti sabboonaa Oromoo artisti Usmaayyoo Muusaa gadda ummata Oromoo walii galaa ta‘ee darbe baatii darban kanatti. Artisti Usumaayyoon jiruu fi jireenya isaa keessatti dalagaa aartiin inni uummata isaaf kaa‘ee darbe ammo artisti Usmaayyoo bara dhufaa darbu hunda akka yaadatamu isa taasisa. Wallisaa Oromoo beekamaa fi jaallatamaan Usmaayyoo Muusaa baatii Amajjii 1967 abbaa isaa Muusaa fi haadha isaa Faaxumaa Abdullaahiirraa Baha Oromiyaa magaalaa Haroomaayyaatti dhalate. Artisti Usmaayyoon jiruu fi jireenyaan ennaa ummata isaa wajjin lafa irra ture gara laafinaa fi mararoo guddaa uumama Waaqni uume hundaaf qabaachuun beekama. Artiisti Usmaayyoo Muusaa mararoo fi jaalala saba isaaf qabu irraa kanka‘e jiruu fi jireenya isaa QBOf dabarsee wareeguudhaan Hawwisoo Caffee Gadaa fi Baandii Gadaa Oromoo keessatti saboonummaa fi wallisummaan baroota dheeraaf tajaajilaa ture. Oromoon qaamaan isaani beekuu fi kanneen wallee isaa kaasetta irraa caqasan yeroo hunda imimmaantu isaan dursa, sababni isaas maaliif akka ta‘e kan beekaan Oromoota falma bilisummaa irra jiranii fi kanneen jiruu fi jireenyaan waanjoo gabrummaa mootummaa Habashaa jalatti kufanii jireenya hadhaawaa dirqiin dhamdhamsiiffachaa jiran qofatu beeka. Kanatti dabalee amalli artistiin kabajamaan kun weeyitii lafa irra turetti qabu, kokkofluun ,xabachuu fi kabajaan nama simachuunsaa yoom illee ija hiriyyootansaa fi Oromoota qaamaan isaan beekan jalaa hin badu.!! Artisti Usumaayyoon Bara 1987 ega Abdii Mahammed (qophee), Kadir Sa’id, Adam Haarun, Abdii Abraahim, Halloo Daawwee fi artistoata biro waliinis wal bareen booda fedhii jaalala muuziqaa tan isa keysa jirtu ifatti baasuuf Abdii Mahammed wajjiin hujii muuziqaa qindeyfate shakala xumuree albama tokkofaa isaa gitaara Ahis habbootan dabaalee mana muuziqaa JOLIY kan je’amutti gurgure. garuu kaasettiin isaa osoo magaalaarra hin ooliniif, sirni gitabittaa isappaa dargii qabsoo cunqurfamootaatiin bar bodaawe kufe. Kaasenni isaa saniis achumaan cilee bishaan buute


tahee duraa hafe. Bara 1991 eega dargiin Caphe booda waamicha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Artistoota Oromoo hundaaf godhe kabajuudhaan Artist Usmaayyoon artistoota baayyee wajjin kaayyoo bilisummaa irratti hundaawee akeeka siyaasaa kaallacha qabsoo ummata Oromoo (ABO) fudhatee hawwisoo caffee gadaa wajjin magaalaa dadar keysatti gurmaawee qabsoo itti fufe. yaadannoodhaaf seenaa hujii isaa tan gaafasi keysaa Bilisummaaf imimmaan ijatoo walmaraa Obese sirraa hafuu nindadhabe garaa Sidhabee hinjiraadhu biyyatoo Oromiyaa … Kan jedhamutu keessatti argama. Sirbi Usmaayyoon sagalee isaa laayyoo alalaasaa ture, ummata Oromoo baayyee garaa roraasee qabsoof Kakaase. Bara 1992 erga mootummaan Ce’umsaa diigamteen boodas Artis usmmaayyoon sirboota siyaasaa ummata Oromoo jajjabeessanii fi hamilee cimsan wallisaa ture. Albama lammaffaa isaa nuyaamti kan jadhu bara 1995 magaalaa irra akuma oolchetti, bara 1996 keeysa shira Wayyaaneetiin sarbamee, qabamee hidhame. Waggaa saddet guutuus mana hidhaa Zuwaay keessatti jireenya hadhawaa dabarse. Bara 2004 keysa akka mana hidhaa Zuwaayii gad lakkifamettis ji’umsana keeysa albama 3ffaa “Hidhaa fi ajjeechaan hamilee nucabsu”mata duree jedhuun baase.Gochaan isaa kunis Artist Usumaayyoon yoomiyyuu qabsoo kana irraa boodatteetti akka hin deebine mirkaneesseef. Artisti Usmaayyoo Muusaa abbaa ijoolee shanii ture. Haati warraa isaa gannoota saddetan Artist Usmaayyoon mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti rakkachaa ture gidduutti ijoollee guddisuu fi abbaa ijoollee ishee ammoo mana hidhaa keessaa baasisuuf olii fi gad osoo fiigduu dadhabbii, miidhamaa fi roorroo ishee mudateen ijoollee ishee dirreetti facaaftee, abbaa warraa ishee mana hidhaatti dhiiftee addunyyaa kana irraa godaante. Artisti Usumaayyoon roorroo fi dararama qaamaa fi qalbii irra ga’aa tureen mana hidhaa Zuway keessatti baatii Sadaasaa bara 2006addunyaa kana irraa du‘aan godaane. Sirni awwalcha isaas magaalaa Ciroo bakka uummatni Oromoo hedduminaan irratti argamanii gadda isaanii haala xiiqii fi haluu baafannaa guddaa of keessaa qabuun raawatameera. ”Qabsaawaan ni kufaa, qabsoon itti fufa” Lubbuu artiist Usmaayyoo Muusaa Waaqayyoo haa boqochiisu jenna.! Waldaa Artistoota Oromoo (WAO) irraa Muddee 2006. Labels: Seenaa Gabaabaa Artist USMAAYYOO MUUSAA posted by OromiaTimes @ 10:03 AM 1 comments


THURSDAY, NOVEMBER 23, 2006 Dhaamsa Mana Gadaa Du'a obbaleyssa keenyaa kan usmayyoo Mussaa laalchiseDhaamame.daandi dhugarratti kuftte maqaa ke oromoon bara baraan jiraachisa. Usmayoon barabaraan yaadanna Labels: Artist Usmaayoo Muussaa posted by Abbaa Guulaa @ 7:25 AM 1 comments TUESDAY, NOVEMBER 21, 2006 yeroo dheeraadhaf dhukkubsataa akka ture oromooni isa beekan ni himan. Tumamiinsa fii rakkoolee yeroo dheeraadhaf irra turerraa kan ka'e osoo hin fayyin du¢a isaa tanaaf sababa taate.Awwaalcha Usmaayyoo kan kaleeysa (20/11/2006).sirna cimaadhan geggeeffamerrati Sabboonttonni Oromoo awaalcha kanarrati argaman Qabsaawan Kufus qabsoon itti fufti dhaaddannoo akka dhiheeysaa turan oduun achirraa dhufte ibsiti. Waaqni firoota isaatifii sabboontota Oromoo waaqni isin haa jajjabeeysu jenna.Seenaa gabaabaa usmaayyoo yeroo nu dhaqqabe isiniif dhiheeysina.GGB Labels: Artist Usmaayoo Muussaa Adunyaa irraa godaane Oromo artists who have been killed by the current regime include: Ebbisa Addunya singer and guitarist, Bilisuma Band, shot dead in Addis Ababa, August 1996 (previously reported by OSG) Hime Yusuf singer and musician, Chafe Gada Band, killed in Hararge1997 Kulani Boru female vocalist, Chafe Gada Band, Hararge 1997 Bonsiso Challa singer, Chafe Gada Band, Hararge 1992 Hordofa Barento traditional dancer, Chafe Gada Band, Hararge 1992 Jalal drama producer, Chafe Gada Band, Hararge 1992 Sabontu Barentu female vocalist, Chafe Gada Band, Bale 1997 Ayantu Borana female traditional dancer, Chafe Gada Band, Bale 1997 Source: Oromia Support Group (OSG Press Release Nr. 36) Labels: Few lists of Oromo Artists who have been killed by the TPLF regime . Dhaamsa guyyaa yaadannoo gotoota oromoo bara 2006kabajannu kessummoota afeere kessa tokko Dr asaffaa Jaalataati haasawa isaan mana Oromiyaa Gadaan oOromoo Haa lLalisu kan paltaki gubbaratti waan isaan jadhan kessaa hanga tokko haa walin caqafnnu. dhagfatuf as tuqaa>>

Celebrating the First Anniversary of Popular uprising in Oromia November 9, 2006 marks the first anniversary of the beginning of popular arising in Oromia. It was on this day that the Oromo people


raised their liberation struggle to a new height, covering the entire Oromo land in a highly coordinated manner that has never been seen before. On this day, the entire Oromo population accepted the call made by its vanguard Front OLF and revolted on the TPLF government by raising legitimate demands. Our people have shown to the enemy and to the entire world that our struggle has grown in maturity, size and extent. November 9 will be remembered forever as a landmark in the history of the Oromo people. Read more>>>oromnws10Nov06.htm Labels: Celebrating the First Anniversary of Popular uprising in Oromia posted by Abbaa Guulaa @ 7:16 AM 0 comments WS on Human Rights Violation in Oromia Written statement* submitted by the International Federation for the Protection of the Rights of Ethnic, Religious, Linguistic and Other Minorities (IFPRERLOM), COMMISSION ON HUMAN RIGHTS 62nd Session http://www.unpo.org/article.php?id=3976 The following is a list of alleged extra-judicial killings that have been reported: On 9 November 2005 the police killed three Oromo students (Jaagamaa Badhaanee (from Ambo 06, grade 11 student); Kabbadaa Badhaasaa (from Tiukur Inchinnii, grade 11 student) and an unidentified female student) and wounded 17 in Ambo town. On 12 November 2005, a 10th grade student Lachiisaa Fullaasaa was killed at Muka Turii High School. On 16 November 2005, Dabalaa Oliiqaa Guutaaand Malaakuu Tarfaa Fayisaa, of Kofale High School in Arsi, were killed by TPLF/ Ethiopian People’s Revolutionary Democratic Front (EPRDF) cadres. Eleni Kitessa (female), student of grade 9 was severely wounded. On 28 November 2005, students Habtamuu Bayyataa Biqilaa andFiqaaduu were killed in Jalduu town (W.Shewa), Katamaa Xaafaa andNuuressaa Girmaa were severely wounded, and later died in Ambo Hospital. In December 2005 Alemayehu Gerba (Gemta Gerba), a handicapped Addis Ababa University student was shot dead in Akaki (Haqaaqii) prison, a small town just south of Finfinne (Addis Ababa). On 20 December 2005, the TPLF is reported to have killed three students in Qiltu Karaa, Western Oromia. Five more students were seriously injured and taken to Aayiraa Hospital, one of these was later reported to have died. On 24 January 2006, student Hayile Desta was killed by the state militia at Abbaya Chomman sub district, at the town of Finca’aa. A recent report by Human Rights Watch, compiled after visits to Ethiopia, including Oromia, states that “the Ethiopian government is using intimidation, arbitrary detentions and excessive force in rural areas of Ethiopia to suppress post-election protests and all potential dissent.”2


Labels: WS on Human Rights Violation in Oromia posted by OromiaTimes @ 3:53 AM 0 comments Seenaa Gooticha Barataa Kabbadaa Badhaasee Kabbadaa Badhaasee abbaa isaa obbo Badhaasee Irkoo fi haadhaa isaa aaddee Maammee Tulluu irraa bara 1984 A.L.O tti caamsaa 23 godina Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii Ganda Qonnaan bulaa Naannoo Jidduutti dhalate. Kabbadaan Dhalatee kan guddate maatii isaa biratti yeroo ta’uu hanga umrin isaa barumsaaf gahutti maatii isaa tajaajilaa ture.Yeroo daa’imummaa isaa daa’imoota olla walitti yaa’anii taphatan keessaa daa’ima simboo addaa kana jedhanii ibsuun nama rakkisu qabu ture. Kabbadaa hanguma umriin isaa dabalaa adeemuu simboon isaas ta’e hojjaan isaa dabalaa deeme. Bifti isaa magaala ifaa cuquliisa caamni ganamaa itti bahe kan fakkaatu,hojjaan isaa nama guutuu hafee hinqabne; jiddu-galeessa ture. Ijji isaa urjii dukkana keessa iftu fakkaatee kan halaala nama waamuu fi konkonni funyaan isaa ija isaa kuulii uumamaatiin kuulamte gidduu dhaabbatti ture. Namni yeroo inni seequu ilkaan isaa cabbii baddeessa bilchaatetti suuqame fakkaatu arge Kabbadaa irraanfachuu hindanda’u. Midhagina rabbi raajiidhaaf tolche uumee kana lakkoofne itti baasuu waan hindandeenyeef ajaa’iba jennetuma dhiisu wayya natti fakkaata “Kabbadaan ammalli isaa akkamii?” jedhee namni gaafatuu yoo jiraate;nama hunda wajjin nama walii galu,nama hunda kan kabaju waan hundaan nama gargaaruuf kan of hinqusannee, hamilee nama kamiif iyyu bakka gudda kan laatuu fi goota waan jedhe irra hindeebine ture. Kabbadaan gara laafessa, garraamii, arjaa, kutataa, sabboonaa, beekaa, nama oftuulummaa balaaleffatu,nama yaada namaa fudhatu,umrii isaa daa’ima kanatti nama akka jaarsa buleetti yaadu ture, Hinariifatu, nama hubatadha, Qalbi qabeessa.Kabbadaan ilaalchi isaa nama walqixxummaa nama hundaatti amanudha. Saba hundaaf bilisummaa fi jireenyaa walabaa kan hawwu. Gocha koloneeffattoonni fi oftuultonni saboota cunqurfamoo irratti raawwatan heddu balaaleffata. Gochii oftuultonni Habashaa Jaarraa tokkoof Uummata Oromoo fi Uummatoota cunqurfamoota Impaayera Itoophiyaa irratti raawwachaa turanii fi raawwataa jiran baay’ee balaaleffachaa fi abaaraa ture. Kabbadaan akka umriin isaa barumsaaf gaheen bara 1995 mana barumsa Xuqur Incinnii sadarkaa 1ffaatti barumsa isaa eegale. Barumsa isaa sadarkaa lammaffaa achuma mana barumsa sadarkaa lammaffaa Xuqur Incinniitti xumure. Qormaata biyyooleessaa kutaa 10ni bara 2005 fudhate. Barumsa isaatin baay’ee cimaa ture. Kutaa isaas ta’e kutaa hunda irraa 1ffaa ykn 2ffaa ba’aa ture. Qormaata biyyooleessaa kutaa 8ffaa qabxii olaanaa 99.46% fidee gara kutaa 9ffaatti darbe. Kutaa sagalitti Qabxii giddu-galeessaa 93 fi kutaa kudhanitti 92 qaba ture. Qormaata biyyooleessaa kutaa kudhanii 3.4 fideetu gara barumsa qophaa’inaatti darbe. Umriin isaa waggaa YKN ganna 19 ture yeroo sana. Barumsa qophaa’inaa garuu magaalaa Amboo Mana Barumsa Amboo Olaanaa Sadarkaa lammaffaatti bara 2005/06 akka baruchuu


jalqabetti ji’a tokkoof turban lama baratee...Kabbadaan gargaarsa tokko malee, dhiphuu fi gidiraa heddu keessaa hulluuqee”Rakko fi diina”wajjin qabsoo hadhooftuu gochaa osoo harka hinkennatin barachaa ture. Qiixxaa googduu torbanitti al tokkoo haadhaa isaa rakkatoo irraa isaaf ergamu qofaan lubbuu isaa eege barate. Yeroo Daabboo googduun kun dhibamee guyyoota hedduuf osoo afaan isaa waan tokko hin ciniinin oolee bula ture. Beelli itti dheeratee hanga qoonqoon isaa babbaqaqee gorora isaa liqimsuu dadhabuu tti gahaa ture. Haala kanaan osoo barachaa jiruu bara 2005 Fulbaana 28 abbaan isaa addunyaa kana irraa boqotani.Haa ta’u malee abdii kutatee osoo barumsa addaan hinkutin;baratee ofii isaa,maatii isaa fi biyya isaa fooyyeessuf osoo carraaqa jiruu abdiidhaan, kutannoo fi murannoo dhugaadhaan hawwii isaa galmaan gahuuf gara fulduraatti osoo deema jiru; akka beela’ee garaan isaa qooqeetti qooqa isaa maratee,akka dheebotee bishaan hawwetti akka daaree qullaa isaa turetti fi akka rakkoon harmee fi maatii isaa ija isaa dura dhaabatee hafetti hunduu hawwii ta’ee sadaasa 8 bara 2005 xumurame. Hundu ni raawwate; guyyaa keessa sa’a 6:00. Abdii jireenyaa isaa borii godhatee kan inni abdatu,waan hunda kan inni itti irraanfatu,wabii jireenya isaa gara fuulduraa kan ta’e fi hunda caala kan inni jaallatu kitaabonni, Dabtarri fi qubeessaan isaa marti kallatti hundatti harkaa bittinnaa’an.Barataa Kabbadaa Badhaasee qabsoo farra gabrummaa Oromoo barattoonni kobbee fi dabtara qabatanii gabroomfattoota habashaa kan hanga funyaanitti meeshaa jabanaa hidhate wajjin godhan keessatti nama gahee fi bakka olaana qabudha. Adda durummaadhaan dargaggoota humna, beekumsaa fi lubbuu isaanii illee osoo hinqusatin qabsaa’an keessaa isa tokkodha. Qabsoo barattootni Oromoo mana barumsa Xuqur-Incinnii sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa raawwataa turan keessatti barattoota dadamaqsee harka walqabatanii tokkummaadhaan sagalee diddaa gabrummaa akka dhageessisan gochaa ture. Seenaa dhugaa durii jalqabee oftuultonni Habashaa Uummata keenyaa irratti raawwataa turanii fi har’as jaarraa 21ffaa keessatti raawwachaa jiran hawwaasa maraa fi barattootaaf hima hubannoo uummata cimsuudhaan qabsoon farra gabrummaa akka finiinuuf gahee lammummaa isaa bahacha turera. Haxxummaa Habashootaa fi shira isaan xaxanii Uummata gargar qooduudhaan qabsoo Oromootaa laaffisuu fi maqsuudhaaf (Dhabamsiisuudhaaf) yaalii isaan maagaalaa Xuqur-Incinni keessatti gochaa turan irratti dammaquudhaan mala qabsoo tokkummaa Uummata tiksu dhahee uummata barsiisa ture.Uummata fi barattoota murna-murnaan (maadheedhaan )qindeessee qabsoo kallacha qabsootiin( ABO)dhaan durfamu jala akka hiriiran murannoodhaan hojjetaa ture.Barata Kabbadaan seenaa barata Alamuu Tasfaayee bara 2004 mana barumsaa Xuqur-Incinnii keessatti ergamtuu diina Poolisii Damisee jedhamuun qabsoo irratti galaafatame barreessee ture.Guyyaa awwaalcha barata Alamuu seenaa isaa Uummataaf dubbisee,uummata kumatama heddutti lakkaa’amuu awwaalchaa barata kanaaf baheef dhaamsa “Hanga yoomiitti duunaa? Hanga yoomiitti qe’ee fi biyyaa keenya irratti galaafatamnaa? “ jedhu dabarseefi ture.Uummannis


seenaa barataa Alamuu wajjin wal-qabsiisee ergaa barata Kabbadaan isaaf dabarse dhaga’ee onneen isaa xuqamee qabsoo isaa cimsee itti fufuudhaan ergamtoota diinaa kanneen akka bulchaa aanaa sana yeroo sana bulchaa turee fi poolisoota ergama diina bahaa turan irratti tarkaanfii fudhatee qabsoo fincila diddaa gabrummaa har’a naannoo sanatti godhamaa jiruuf bu’ura ta’eera. Guyyaa kana egaa kan Barataa Kabbadaan ija diina keessa bu’ee,hiree hiriyaan isaa Alamuu fi barattootni Oromoo hedduun akkasumas gootonni Oromoo hedduun argatan akka argatuuf kan kaadhimame. Sabboonummaa fi murannoon barataa kana kan garaa ishee waadee OPDOn barata galaafachuuf kiyyoo kiyyeessuu eegalte.Baruma kana (2004) hiriyoota isaa qabdee mana hidhaatti darbattee,” Barata gaafa sirna barataa Alamuu seenaa isaa barreessee dubbise baasaa,kaaseeta sagaleen isaa irratti waraabame fidaa” jettee mana hidhaa Aanaa XuqurIncinniitti hiraarsaa turte. Kaaseetaa sagaleen barataa Kabbadaa irratti waraabame yoo argatte illee sagalee isaa baruu hindandeenyee. Hiriyoonni isaas dabarsani isa hinlaatne. Haala kanaan bara 2004 kiyyoo dhaabni maxxannee OPDOtiin osoo hinqabamin jala darbe. Bara sanatti osoo hinkiyyeeffamin jala miliqu iyyuu, barana sadaasa 8 2005 guyyaa keessaa sa’a 6:00 irratti mana barumsa Amboo olaanaa sadarkaa lammaffaa fuulduratti ergamtoota diinaa Poolisoota Girmaa Gazzaanyii fi Habtaamuu Abdiisaa tiin galafatame. Innis hiriya isaa Jaagamaa Badhaanee rasaasan rukutamee kufe arge e “Haadhookoo Haadhookoo” jedhee yeroo inni olqabuudhaaf gad-jedhu isas diinni rasaasan rukutuudhaan hiriyaa isaa kana irratti dabaltee kuffiste.Dhiigni isaanii walqabatee karaa konkolaata irra qajeele. Akkuma lolaa Adoolleessaa bubbisee yaa’e. Wal irraa hin citu;ni lola’a.Barattoonni iyyanii yeroo isaan reeffa hiriyoota isaanii kana laman kaasuudhaaf dhufan ergamtoonnii diina dhiiga barattoota Oromoo dhangalaasuudhaaf meeshee hidhanoo guutuu hidhatanii mooraa mana barumsichaa marsnii jiran barattoota kana irratti dhukaasuudhaan barattuu durbaa tokko yeroodhaaf Kaman maqaa ishee hinbeekne ajjeesaniiru. Barattoota warra hafan moora mana barumsaa keessa oliif gadi ari’uudhaan akka waan dirree waraana keessa jiraniitti irraatti dhukaasanii gargar facaasuudhaan reeffaa barattoota galaafataman kana dhoksuudhaaf yaala turan.Barattootni mana barumsaa olaanaa sadarkaa lammaffa Amboo garuu dhukaasa diinni isaan irratti bane kanaan osoo hin wareerin, dhagaadhaan kittallayyoota diina meeshaa waranaa hidhannoo guutuudhaan isaan marse kana of irraa faccisaa turanii.Haala kanaan reeffaa hiriyoota isaanii irraa diina ari’atanii uummata magaalaa Amboo wajjin ta’uudhaan konkolaataa Ambuulaansitiin Hospitaala Magaalaa Amboo galchani.Barata Kabbadaan Hospitaalaa seenee daqiqaa murtaa’ee boodaa hafuurrii isaa keessaa qixxaa’ee. Osoo akka kufeen gara hospitaalaatti fudhatamee jiraatee barata Kabbadaan lubbuun isaa ni bararfama ture. Garuu gara jabeenyaa ergamtoota diinaa kanaan lubbuun isaa akka darbu ta’e.Jaagamaan garuu akkuma rukutameen ture kan boqote.Haala suukanneessa kanaan egaa kan OPDOn dargaggoota abaaboo caala


addunyaa miidhagsan kana kan ishiin lafa irraa cirte. Kun immoo waan haara miti; Ergamni ishee durattis ba’aa turtee fi ammas Oromiyaa mara keessatti ba’achaa jirtuudha. Kanaaf dhukkuba gartuun Wayyaanee Tigiraay nu keessatti dhalchee ittin uummata keenyaa fixaa jiru kana yeroo xumuraaf of keessaa balleessuuf harka wal qabannee haa kaanu!! Reeffii barataa Kabbadaa”Abbaa diinaatiin”ilaalamee Finfinneedhaa ennaa deebi’uu uumata kumaatama heddutti lakkaa’amutu baaduyyaa fi magaalaa Xuqur-Incinnii keessaa yaa’ee simate. Gaafuma kana (09-112005) Uummanni kun magaalaa fi baadiyyaa Xuqur-Incinnii iddoo adda addaa keessaa naanna’uudhaan sagalee isaa dhageessisaa ooleera. Dhaadannoo isaan dhageessisaa oolan keessaa muraasni isaa:- Barataa Kabbadaa Badhaasee qabsaa’aa keenyaa! -Gumaa ijoollee keenyaa ni baafannaa,warra nu ajjeesee ni ajjeefna!Qabsoo barattoonni keenya irraa kufan galmaan gahuuf kutannoodhaan kaaneerra!-Hidhaa fi ajjeechaan of duuba nu hindeebisuu! -Ergamtoota diinaa afaan qawweetiin nu ajjeesaa jiraniif hin bitamnu! -ABOn kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ti kan jedhu faa ture! Jala kaattuun mootummma Wayyaanee Bulchiisni Godina Shawaa Lixaa haala kana hubatee soda keessa waan galeef waraana kumoota hedduun lakka’aman hidhannoo guutuu hidhachiisee gara jabinaan tarkaanfii kam iyyuu fudhatee osoo reeffii hindeebi;in akka uummata kana bittimmeessu erge. Hoomaan waraana kunis uummata irratti waraana banuudhaan lubbuu barataa Lachiisaa Soonxee galaafatee namoota heddu madeesse. Uummannis qottoo, gajaraa fi eeboo qabu fudhatee itti bahuudhaan hoomaa waraana Wayyaanee hedduu faayidaan alaa godhee waraana oftuultotaa kanaan osoo hinrifatin reeffa barataa Kabbadaa simatee, warra rukutamee kufes lafaa kaafatee gale. Haa ta’uu malee Barataa Lachiisaa Soonxee eenyu akka ajjeesee adda baasuun waan hindanda’amneef namni dhuunfaan isa ajjeesee hinbeekamuu. Kunis waan dhukaasa hoomaa waraanatin rukutameef ture. Kanaaf bulchaa Aanaa fi Godina sana badiisa Lubbuu barataa Lachiisaa Soonxeef itti gaafatamummaa fudhachu qaba. Gaafa 10-112005 reeffii barataa Kabbadaa Xuqur-Incinnii bataskaana Goorgisii cinatti kan argmu lafa awwaalchaa amantoota Pirotestaantitti awwaalame.Hiriyonni isaa, Uummanni magaalaa Incinnii,Shanan,Gudar fi Amboo Akkasumas Uummanni baadiyyaa Aanaa sanaa fi firootni isaa marti yaa’anii; haala ho’aadhaan awwaalame.Yeroo jalqabaaf ture Uummmannii Kuma 15 ol ta’u reeffaa dargaggoo tokkoo awwaaluuf kan ba’e. Reeffii Abbaa Biyyaa tokkoo iyyuu sirna ho’aa akkanaatin awwaalamee hinbeeku.Inni farad qabuu eeboo fi gaachana isaa qabatee dhaadannoo isaa dhageessisaa fi seenaa barata kana himaa, inni garaan isaa dadhabe boo’ee mararfamaa, akkasumas gurguddoonni biyyaa illee laphee isaanii rukutatanii hanga ijji isaanii diimatutti boo’a turani.Garuu booyichii kun hanga yoomitti itti fufaa? Hangaa yoomittis Dargaggoonnii keenyaa lafa irraa ciramuu? Sabboontoonni hiriyoota isaa Alaabaa ABO Abaaboodhaan faayame qopheessanii suuraa isaa keessa kaa’uudhaan kana malees reeffa isaatti alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo uffisuudhaan garaa diinaa bobeessaa oolaniiru.


Akka sirna awwaalcha biyya sanaatti farda qamisiin qopheessanii alaabaa itti uffisanii kaayyoo fi qabsoo barata Kabbadaan Itti wareegame firaa fi diina isaatti ifaan mul’isaniiruu. Akkasumas hiriyoonni isaas seenaa isaa barreessanii sirna awwaalcha isaa irratti dubbisaan dhaamsa qabsoo barataan kun dhaamaa ture Uummataaf dabarsaniiru. Dhuma irratti sirni awwaalcha isaa eebba maanguddootaatin xumurame. Maanguddoonni kunis ganti dhiiga Uummata keenyaa dhangalaasaa fi lubbuu gootota heddu galaafachaa jirtu abaaraniiru. Akkasumas Uummanni Oromoo marti akka abbooti duri eeboo fi gaachana isaa qabatee farda irratti bahe tokkummaadhaan akka diina isaa irratti ka’uu dhaamsa dabarsaniiru. Egaan haala suukanneessaa akkanaatiin nuti barattootni Oromoo sababaa gaaffii mirgaa kaasaneef jecha garajabeenyaan lafa irraa daguugamaa jirra. Nuti Barattootni kun Dabtaraa fi Kobbee malee waan tokko illee of harkaa hinqabanu.. Gaafiin keenyaas gaaffii mirgaa fi gaaffii biyyaa ofii irratti abba biyyummaa dhugoomfachuu waan ta’eef hanga deebiin sirri ta’e argamutti gaaffiin keenyaa itti fufa. Wareegama hadhaa’aa hangana ulfaatu kaffallee guyyaa tokkoo kaayyoo keenya akka galmaan gahannu hinshakkinu. Kun ammo yeroon isaa fagoo miti. Kanaaf barattoota Oromoo lafarraa Duguugun furmaata tokkoo illee fiduu hindanda’uu.Itti iyyuu Uummatni keenya marti qabsoo hadhaa’aa kana caaluuf akka of qopheessu godhaa jiraa. Kana ammoo sochii qonnaan bultootni Oromoo yeroo ammaa godhaa jiran fakkeenya gaariidha. Keessuma iyyuu sochiin qonnaan bultoota Aanaalee Baha fi Lixa Wallaggaa Keessatti amma godhama jiru akkasumas sochii hawwaasni Harargee amma irra jiru diinaa keenyaaf hubatamuu qaba. Gumaan barattoota Oromoos akkanaan dhangala’ee hafuu hinqabu. Har’aa eenyuu taanan gumaa barattoota kanaa baasee kaayyoo isaan kufanii fi kufaa jiran galmaan gahuu qaba. Uummanni Oromoo, barattootni Oromoo saboonti cunqurfamoon qabsoo diddaa gabrummaa kan amma barattoota Oromoon adeemsifamaa jiru kana daran cimsuun bilisummaa isaanii gonfachuu qabu. Itti dabalees dhaabbileen mirkga dhala namaaf falmaniif Sabaa himaaleen Addunyaa dhiitichaa mirga dhala nama amma baadiyyaa Oromiyaa keessatti Uumata Oromoo irra gahaa jiru kanaaf gurra isaanii ergisuu addunyaa irratti akka beekamuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dabarsina.Barattoota Mana Barumsaa Olaanaa Sadarkaa Lammaffa Amboo. Injifannoo Uummata Oromoof!! Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!! Labels: Seenaa Gooticha Barataa Kabbadaa Badhaasee


Seenaa Jaagamaa Badhaane

Qabsaawaan ni kufaa qabsoon itti fufa! Kan kaayyoof kufe lama dhalatee takka du’e, kana ofumaa du’e takkaa dhalatee lama du’e. Qabsoo bilisummaaf deemsifamaa ture keessatti goototi Oromoo qaqqalii ta’an itti wareegamaniiru. Wareegama isaanii kanatu har’a akka nuyi Oromummaa keenyaa beeknee sanaafis falmannu nu godhe. Haata’uu malee, wareegama haga har’aa kaffalameen qabsoon Oromoo galii isaa hin geenye. Garuu qabsoon keenyi guyyumaa guyyaan fuladuratti tarkaanfataa jira. Goototii barattooti Oromoos qabsoo hangafooti qabsaawoti keenyi warri akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Baroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu, Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abbomaa Mitikkuu fi kkf itti wareegamanii aakka bakkan geenyuuf imaana nutti kennatanii dabran bakkan gayuuf qabsoo hadhawaa gochaa turuun isaanii ni beekama. Keessatti baroota 2000 as wareegamni goototi baratoota Oromoo seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba. Wareegamtooti kanneen akka Geetuu Dirribaa/ Ambotti/ Diribee Jifaar /Dambidoollootti/ bara 2000 keessa kaffalan baratoota Oromoo bakka adda addaa tti fakeenyaa gootummaa ta’ee akka isaan qabsoo isaanii finiinsan isaan taasiseera. Maqaleett ajjeefamuun barataa Simee Tarrafaa ammoo baratoota Oromoo caalatti tokko ta’anii diina ija baasaa Oromoo lafa irraa dhabamsiisuuf itti jiru kana falmachuun waan furmaata hin qabne ta’uu isaa hubachiseera. Egaa akka kanaani qabsoon Bilisummaa baratoota Oromoo golee arfan Oromiyaa keessatti kan fininee itti fufee har’a as gaye. Egaa fincilli diddaa gabrummaa amma itti jirus itti fufaa qabsoo goototaa qabsaawota keenya bilisummaa Oromoof gucaa ta’anii darbaniiti. Akka kanaan baratooti Oromoo fi hawaasi Oromoo bakka adda addaatti wareega qaqqalii kaffalaa jira. Isaan kana keessa gaafa roobii/ 9/11/05/ kan wareegamee Gootichaa Jaagamaa Badhaanee waa jetna. Jaagamaa Badhaanee barataa Oromoo goota, gara kuteessa fi gamna barattoota kanneen kaniif fakkeenya garii fi dura bu’aa ture. Sochii barattoota bara 2000 jalqabamee irraa kaasee adda durumaan kan


baratoota qindeessaa turee fi kan sabboonummaa Oromoo barattoota keessatti dagagsaa turee dha. Gaafa sadarkaa tokkoffa/ kutaa 7ffaa/ baratuu illee maadhee dhoksaa barattootatti ijaaramee kan qindeessa ture ta’uun isaa hiriyooti isaa oso hirqinfatani dubbatu. Jaagamaan beekaa kan dubbatee nama hin mufachiisnee fi kan namoota hedduuf fakkeenya ta’ee dha. Kana irraa ka’uun baratooti Oromoo naannoo Amboo akka “motora’ sochii isaanitti isa ilaalu. Wayyaneenis kanumaa irraa ka’uun akka inni mana barumsaa irraa wagga sadiif /2002-2005/ariyatamu goote. Haata’uu garuu Jaagamaatiin kun haamilee isa hin tuqne. Bakka jiru hundumaatti waa’ee gabrummaa Oromoo dubbatee hiriyoota isaa qabsoof kakasuu irraa duubaa hin deebine. Yeroo kana mana suuraa Tsiyoon jedhamu Amboo keessa waggota sadan kana yeroo hojjetaa tures sabbonota Oromoo mamiltooti isaa dinqisifanna fi jaalala guddaa horateera. Egaa Wayyaneenis kana hundumaa waan beektuuf dursitee baratoota keessa isa baaftee kan isheen osoo baratooti dhaadhannoo isaanii illee dhageessisuu hin jalqabiin kan isheen rasaasa itti roobsite. Ummati fi baratooti Amboos Awwaalcha goota Oromoo kana irratti hedduminaan argamuun kabaja guddaa fi gootummaa isaa faarfachaa kan isaa awwaalan. Sana qofaas osoo hintaane ergaa awwaalchaa isaa irraa deebi’anii alabaa ABO qabatanii halkan guutuu goototaa Oromoo wareegaman fi Jaagamaa farsaa akka gumaan isaan deebisan dhaadhachaa kan bulan. Ammallee ummati Amboo “qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufaa!” Jechuun fincila didda gabrummaa itti fufaa jiru. Egaa gootii akkas ummata isaaf fakkenya te’ee du’ee barabaraan jiraata kan jedhamuufis kanumaafi. Injifannoon Ummata Oromoof!! Gadaan Gadaa Bilisummaati!! Labels: Seenaa Barataa Jaagamaa Badhaanee posted by OromiaTimes @ 3:32 AM 0 comments Seenaa Gabaabduu Barataa Gaaddisaa Hirphasaa

Barataa Gaddisaa Hirphasaa abba isaa Obbo Hirphasaa Qanaaa fi haadha isaa Aaddee Jaalannee Diroo irraa Eebla bara 1980(A.L.O.) Godina Shawaa Lixaa Aanaa


Xuqur Incinnii ganda Qorroo Haarritti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma Xuqur Incinnii mana barumsaa Boorat sadarkaa 1ffaatti xumure. Barnoota sadarkaa lammaffaa kutaa 9 M.B. sadarkaa lammaaffaa Gudaritti kan hordofe yoo tau 10-12 ammoo M.B.sadarkaa lammaafaa Jimmaatti barate. Qormaata Biyyoolessaa qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Finfinneetti ramadame. Barnoota sadarkaa olaanaas qabxii guddaa fiduun muummee Teeknooloojii seenuun barataa civil engineering waggaa 4ffaa ture.Barataan Gaaddiisaa diimaa bareeda mataa luuccaa dhaabbitiin isaaf miidhaginni fuula isaa bayyee kan nama hawwatu mucaa sinbo-qabeessa, hiriyoota isaaf hawaasa keessatti jaallatamaa ture. Miidhagina qaamaa qofa osoo hin taane yaadni fi hamalli isaa kan namatti tolu mucaa jaalatamaa fi eebbifamaa ture.Barataan Gaddisaan waaee eenyummaa Oromoo kan xinxaluu eegale yeroo sadarkaa 1ffaa baratu yoo tahu, wayta sadarkaa lammaffaa baratu ammoo barattoota Amboo waliin gaffii mirgaa gaafachuu tattaaffiin inni godhaa ture cimaadha. Cunqursaan Oromoo irraa gahaa tureef gahaa jirtu darab isa quuquu kan jalqabes yeruma kana ture. Wayta Yuunivarsiitii Finfinnee seenettis gootota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee biroo waliin gaffii mirgaa gaafachuurraa nama guyyaa tokkollee hin boqonne, nama murataa ture. Barataa Gaaddisaan gaafa mooraa yunivarsiitii Finfinnee seenee eegalee gaafii mirgaa fi kan abbaa biyyuummaa Oromoo barattoonni Oromoo kaasaa turan keessatti gaheen inni taphataa ture himamee hin dhumu. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti kan yoomuu hin dagatamne mormii barattoota Oromoo 2004 keessatti nama gaffii abbaa biyyuumma Oromoo Finfinneerratti qabu barattoota biroo waliin falmii geggeessaa turan keessaa isa tokko. Yeroo Wayyaaneen magaala guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti godaansiftee ergamtuu ishee OPDO Finfinneedhaa buqqiftetti gaaffii mirgaa barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee gaafannaan barattoota 350 ol kan tahan barnoota irraa wayta ariamanii kaasee mootummaan faashistii Wayyaanee mana hidhaa adda addaa keessatti dararama hiriyaa hin qabne irraan gahaa turte. Mana hidhaa Maakalaawwii, mana hidhaa Karchalee Finfinnee booddee ammoo mana hidhaa Qaallittii keessatti hooggantoota Waldaa Maccaa Tuulamaa fi barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee waliin miidhan irra gahaa ture. Dararama poolisa federaalaa harkatti irra gahaa ture caalatti ammoo kan mana hidhaa Qaallittii keessatti jalaqaba Jia Gurraandhala keessa irra gahaa ture akka malee hammaataa ture. Shira Wayyaanonni xaxaniin bilbila mobaayla lafa inni ciisu kaauun ABOf bilbila jedhanii yakkuun mana hidhaa dukkanaa fi kan lafa jalaatti achuma Qaallitti qofaa isaatti hidhuun turban lamaafosoo walirraa hin kutiin reebaa turan. Yeroo achitti reebaa turanitti kale isaa akka malee waan miidhaniif ammo qorra lafa jalaa waliin itti hammaatee waldhaansa dhoorkanii ittuma yaadanii ajjeesan.Barataa Gaaddisaan Bitootessa 282006 ganama keessaa saaa 9:00 irratti Hospitaala Minilikitti osoo wallaansa tokko illee hin argatiin hiriyyoota isaa harkatti biyya lafaa irraa boqote.Dhumarratti gootichi Oromoo Gaaddisaan wayta lubbuun keessaa bahuuf jirtutti akkas jedhee barattoota Oromoo fi Ummata


Oromoo maraaf dhaamsa dabarsee.Dhaamsa isaa keessaa muraasni:Yaa Ummata Oromoo!, Yaa hiriyyoottan koo fi yaa firoottan qabsoo bilisummaaOromoo!Duutin ani due dua gootoota Oromoo kan eenyummaa Oromoo yeroo jalqabaaf kaasan dua obboo H/Maariyaam Gammadaa, kan Jeneraal Taaddasaa Birruu, dua Dhibbaalaa MaammooMazamirii fi kan gootota Oromoo biroo waliin walfakkaata. Ani kanan hidhameef, kanan ajjeefameefis waanan gaaffii mirgaa Oromoo gaafadheef, waanan cunqursaan Oromoo irra jirtu haa kaatu jedhee gaafadheef akkasumas Oromummaa kootti waanan boonuf malee yakka hojjedheen miti. Mootummaan gabroonfataan ammoo nama ofitti amanu hin jaallatu, mootummoonni Abashaa kan fedhan Oromoo doofaa kan waan isaan ajajan ishoo jedhee fudhatu malee kanneen sabboonoo taan kaan biyyaa ariuun kan qabate mana hidhaatti hiraarsuun achumaan ajjeesuun aadaa isaa tahee jira.Duuti Oromoo dhaa hamma dua sareellee dhageettii dhabdee jirti. Waan taheefis ani bilisummaa Oromootiifan wareegame irra deddeebitanii hidhii xuuxuun waahuu akka hin fidne beektanii kaayyoon ani itti wareegameef akka galmaan geessan imaanaa/adaraan tokkoon tokkoo Oromootiif dhaammadha. Kanaaf yaa uummata Kuttaayee, yaa uummata Amboo, yaa uummata Sulee , yaa uummata Giincii, yaa uummata Guduruu,Yaa Ummata Sikkoof Mandoo, Yaa Ummata Ittuuf Humbanaa ,Horteen Booranaa fi Barreentumaa walumatti qabaatti Uumatni Oromoo marti gumaa koo goodatti hin hambisinaa! Karaan irra jirru karaa sirriifii kan Jaallan Oromoo itti wareegamaa jiran waan taheef waan nu itti ajjeefamne kana murannoon galmaan gahuun hoji-manee keessan waan taheef mirga keessan kabachiifachuuf sochoaa! Duuti siree irrattuu kan hin hafne waan taheef ani ammoo bilisummaa saba guddaa gabrummaa jala jiru kanaaf osoon lubbuu lama qabaadhee kenneefii waan na gabbisiisu miti. Wanti guddaan dagatamuu hin qabne garuu Oromoon inni hafe gumaa koo baasuuf hirbuu naa seenuu qaba! Kan jedhu dhaammate. Qabsaayaan ni kufa!, Qabsoon itti fufa!! Margaa Oromoo lafarraa duguuguun aangoorra turuuf yaaluun mootummaagabroomfataa kufaatii irraa hin oolchu! Injifannoo Ummata Oromoof!!Gadaan Gadaa Bilisummaat!! Labels: Seenaa Gabaabduu Barataa Gaaddisaa Hirphasaa "Shooting at unarmed students is a shameful misuse of government power. The Ethiopian government has to investigate and prosecute the authorities responsible for firing on the students" Saman Zia-Zarifi, Academic Freedom Director for Human Rights Watch (May 2002) "The attacks on academic freedom have now degenerated into a


wholesale assault on civil society in Ethiopia." Saman Zia-Zarifi, Human Rights Watch's Academic Freedom Director (05.10.2001) "The Ethiopian government is violently suppressing any form of protest and punishing suspected opposition supporters." Peter Takirambudde, director of Human Rights Watch's Africa Division (13. January 2006) "The problem with taking Meles as a symbol of a promising but tragically underfunded African renaissance is that his government has amassed an appalling human rights record during its 14 years in power. While this government is an improvement over its brutal predecessor, its human rights record is nonetheless extremely grim." Chris Albin-Lackey, Sandler fellow at Human Rights Watch (July 4 2005) Labels: Few Quotations on Human Rights Violation against Oromo Students

Dhaamsaa fi Seenaa Gabaabduu Barataa Shibiru Damissee Barattoota Yuniversty Maqalee Irraa Baratan Shibbiruu Damisse Baatii bara 1982 godina Wallagga dhihaa aanaa Hoomaa, ganda Siibaa Yesuusitti dhalate. Bara 1993 barumsa marsaa tokkoffaaf jiddugaleessa lammaffaa kutaa 1ffaa - 8ffaa mana barumsaa 51ffaa Sootakootti barate. Barumsa sadarkaa 2ffaa mana barumsaa komprensiivii Gimbii sadarka 2ffaatti bara 2001 – 2004 tti xumure. Bara 2004 qormaata guutu biyyoolessaa fudhatee qaphxii gaarii fiduudhaan bara 2005 yunivarsiitii Maqaleetti barataa mummee Seenaa ta’udhaan barnoota sadarkaa ol aanaa hanga sadaasa 4, 2006tti faana bu’aa ture. Shibbiruun barataa cimaa egereef kan yaadu, tokkummaa barattota Oromoo kan leellisu, Oromo lagaaf amantiin kan hin qoonne, abdii biyyaaf maatii isaa ture. Yeroo turtii yunivarsiiticha keessatti dabarseen qaphxii gaarii galmeessaa bara itti eebbifamu kana sakoondii, daqiiqaa, sa’atii, guyyaa fi torbaniin lakkaawwatee eegalee ture. Akkuma hiriiyyota isaa mul’ata eebbaa offulduratti ilaalaa, barumsa isaa ciminaan hojjetee xumurachuuf karoorfatee kaayyoon jabaa itti ture. Kun osoo kanaan jiruu, kaayyoon isaa marti hafee, abdii haadha isaas kan dukkanoofte sadaasa 4, 2006 galgala lubbuun isaa harka ilmaan Tigireen dabarte. Shibbiruun nama egeree lammii biyyaaf yaadu, bilisummaa biyyaa isaaf ciisee kan hin bulle, hidda Oromooti. Nuti hiriyyoonni isaa yunivarsiitii Maqaleetti argamnu; Shibbiruu, nama akkasii of biraa dhabuun dhabuu keenyaaf gadda guddaa nutti


dhagahama: maatii isaa, oboleeyyan isaa, firoottan isaa fi uummata Oromoo maraaf jajjabina isiniif haa kennu jechaa, bilisummaa ummata keenyaaf hawwinaa Barataa Gaddisaa Hirphasaa abba isaa Obbo Hirphasaa Qanaaa fi haadha isaa Aaddee Jaalannee Diroo irraa Eebla bara 1980(A.L.O.) Godina Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii ganda Qorroo Haarritti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma Xuqur Incinnii mana barumsaa Boorat sadarkaa 1ffaatti xumure. Barnoota sadarkaa lammaffaa kutaa 9 M.B. sadarkaa lammaaffaa Gudaritti kan hordofe yoo tau 10-12 ammoo M.B.sadarkaa lammaafaa Jimmaatti barate. Qormaata Biyyoolessaa qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Finfinneetti ramadame. Barnoota sadarkaa olaanaas qabxii guddaa fiduun muummee Teeknooloojii seenuun barataa civil engineering waggaa 4ffaa ture.Barataan Gaaddiisaa diimaa bareeda mataa luuccaa dhaabbitiin isaaf miidhaginni fuula isaa bayyee kan nama hawwatu mucaa sinbo-qabeessa, hiriyoota isaaf hawaasa keessatti jaallatamaa ture. Miidhagina qaamaa qofa osoo hin taane yaadni fi hamalli isaa kan namatti tolu mucaa jaalatamaa fi eebbifamaa ture.Barataan Gaddisaan waaee eenyummaa Oromoo kan xinxaluu eegale yeroo sadarkaa 1ffaa baratu yoo tahu, wayta sadarkaa lammaffaa baratu ammoo barattoota Amboo waliin gaffii mirgaa gaafachuu tattaaffiin inni godhaa ture cimaadha. Cunqursaan Oromoo irraa gahaa tureef gahaa jirtu darab isa quuquu kan jalqabes yeruma kana ture. Wayta Yuunivarsiitii Finfinnee seenettis gootota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee biroo waliin gaffii mirgaa gaafachuurraa nama guyyaa tokkollee hin boqonne, nama murataa ture. Barataa Gaaddisaan gaafa mooraa yunivarsiitii Finfinnee seenee eegalee gaafii mirgaa fi kan abbaa biyyuummaa Oromoo barattoonni Oromoo kaasaa turan keessatti gaheen inni taphataa ture himamee hin dhumu. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti kan yoomuu hin dagatamne mormii barattoota Oromoo 2004 keessatti nama gaffii abbaa biyyuumma Oromoo Finfinneerratti qabu barattoota biroo waliin falmii geggeessaa turan keessaa isa tokko. Yeroo Wayyaaneen magaala guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti godaansiftee ergamtuu ishee OPDO Finfinneedhaa buqqiftetti gaaffii mirgaa barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee gaafannaan barattoota 350 ol kan tahan barnoota irraa wayta ariamanii kaasee mootummaan faashistii Wayyaanee mana hidhaa adda addaa keessatti dararama hiriyaa hin qabne irraan gahaa turte. Mana hidhaa Maakalaawwii, mana hidhaa Karchalee Finfinnee booddee ammoo mana hidhaa Qaallittii keessatti hooggantoota Waldaa Maccaa Tuulamaa fi barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee waliin miidhan irra gahaa ture. Dararama poolisa federaalaa harkatti irra gahaa ture caalatti ammoo kan mana hidhaa Qaallittii keessatti jalaqaba Jia Gurraandhala keessa irra gahaa ture akka malee hammaataa ture. Shira Wayyaanonni xaxaniin bilbila mobaayla lafa inni ciisu kaauun ABOf bilbila jedhanii yakkuun mana hidhaa dukkanaa fi kan lafa jalaatti


achuma Qaallitti qofaa isaatti hidhuun turban lamaafosoo walirraa hin kutiin reebaa turan. Yeroo achitti reebaa turanitti kale isaa akka malee waan miidhaniif ammo qorra lafa jalaa waliin itti hammaatee waldhaansa dhoorkanii ittuma yaadanii ajjeesan.Barataa Gaaddisaan Bitootessa 282006 ganama keessaa saaa 9:00 irratti Hospitaala Minilikitti osoo wallaansa tokko illee hin argatiin hiriyyoota isaa harkatti biyya lafaa irraa boqote.Dhumarratti gootichi Oromoo Gaaddisaan wayta lubbuun keessaa bahuuf jirtutti akkas jedhee barattoota Oromoo fi Ummata Oromoo maraaf dhaamsa dabarsee.Dhaamsa isaa keessaa muraasni:Yaa Ummata Oromoo!, Yaa hiriyyoottan koo fi yaa firoottan qabsoo bilisummaaOromoo!Duutin ani due dua gootoota Oromoo kan eenyummaa Oromoo yeroo jalqabaaf kaasan dua obboo H/Maariyaam Gammadaa, kan Jeneraal Taaddasaa Birruu, dua Dhibbaalaa MaammooMazamirii fi kan gootota Oromoo biroo waliin walfakkaata. Ani kanan hidhameef, kanan ajjeefameefis waanan gaaffii mirgaa Oromoo gaafadheef, waanan cunqursaan Oromoo irra jirtu haa kaatu jedhee gaafadheef akkasumas Oromummaa kootti waanan boonuf malee yakka hojjedheen miti. Mootummaan gabroonfataan ammoo nama ofitti amanu hin jaallatu, mootummoonni Abashaa kan fedhan Oromoo doofaa kan waan isaan ajajan ishoo jedhee fudhatu malee kanneen sabboonoo taan kaan biyyaa ariuun kan qabate mana hidhaatti hiraarsuun achumaan ajjeesuun aadaa isaa tahee jira.Duuti Oromoo dhaa hamma dua sareellee dhageettii dhabdee jirti. Waan taheefis ani bilisummaa Oromootiifan wareegame irra deddeebitanii hidhii xuuxuun waahuu akka hin fidne beektanii kaayyoon ani itti wareegameef akka galmaan geessan imaanaa/adaraan tokkoon tokkoo Oromootiif dhaammadha. Kanaaf yaa uummata Kuttaayee, yaa uummata Amboo, yaa uummata Sulee , yaa uummata Giincii, yaa uummata Guduruu,Yaa Ummata Sikkoof Mandoo, Yaa Ummata Ittuuf Humbanaa ,Horteen Booranaa fi Barreentumaa walumatti qabaatti Uumatni Oromoo marti gumaa koo goodatti hin hambisinaa! Karaan irra jirru karaa sirriifii kan Jaallan Oromoo itti wareegamaa jiran waan taheef waan nu itti ajjeefamne kana murannoon galmaan gahuun hoji-manee keessan waan taheef mirga keessan kabachiifachuuf sochoaa! Duuti siree irrattuu kan hin hafne waan taheef ani ammoo bilisummaa saba guddaa gabrummaa jala jiru kanaaf osoon lubbuu lama qabaadhee kenneefii waan na gabbisiisu miti. Wanti guddaan dagatamuu hin qabne garuu Oromoon inni hafe gumaa koo baasuuf hirbuu naa seenuu qaba! Kan jedhu dhaammate. Qabsaayaan ni kufa!, Qabsoon itti fufa!! Baratan Shibbiruu Damisse Baatii bara 1982 godina Wallagga dhihaa aanaa Hoomaa, ganda Siibaa Yesuusitti dhalate. Bara 1993 barumsa marsaa tokkoffaaf jiddugaleessa lammaffaa kutaa 1ffaa - 8ffaa mana barumsaa 51ffaa Sootakootti barate. Barumsa sadarkaa 2ffaa mana barumsaa komprensiivii Gimbii sadarka 2ffaatti bara 2001 – 2004 tti xumure. Bara 2004 qormaata guutu biyyoolessaa fudhatee qaphxii gaarii fiduudhaan bara 2005 yunivarsiitii Maqaleetti barataa mummee Seenaa


ta’udhaan barnoota sadarkaa ol aanaa hanga sadaasa 4, 2006tti faana bu’aa ture. Shibbiruun barataa cimaa egereef kan yaadu, tokkummaa barattota Oromoo kan leellisu, Oromo lagaaf amantiin kan hin qoonne, abdii biyyaaf maatii isaa ture. Yeroo turtii yunivarsiiticha keessatti dabarseen qaphxii gaarii galmeessaa bara itti eebbifamu kana sakoondii, daqiiqaa, sa’atii, guyyaa fi torbaniin lakkaawwatee eegalee ture. Akkuma hiriiyyota isaa mul’ata eebbaa offulduratti ilaalaa, barumsa isaa ciminaan hojjetee xumurachuuf karoorfatee kaayyoon jabaa itti ture. Kun osoo kanaan jiruu, kaayyoon isaa marti hafee, abdii haadha isaas kan dukkanoofte sadaasa 4, 2006 galgala lubbuun isaa harka ilmaan Tigireen dabarte. Shibbiruun nama egeree lammii biyyaaf yaadu, bilisummaa biyyaa isaaf ciisee kan hin bulle, hidda Oromooti. Nuti hiriyyoonni isaa yunivarsiitii Maqaleetti argamnu; Shibbiruu, nama akkasii of biraa dhabuun dhabuu keenyaaf gadda guddaa nutti dhagahama: maatii isaa, oboleeyyan isaa, firoottan isaa fi uummata Oromoo maraaf jajjabina isiniif haa kennu jechaa, bilisummaa ummata keenyaaf hawwinaa.

Seenaa Jeneraal Taaddasaa Birruu Gootichi beekamaan ilma Oromoo onneen isaa waa’ee saba isaaf dhiigdu kun kan dhalatee guddate Godina shawaa kaabaa nannoo salalee aanaa Hidhaabuu Abootee iddoo addaa Siree Morose jedhamutti dhalatee gootota

akka

guddate seenaan

Oromoo

keessatti

tarree

barreefame

hedduun ragaa baha. J/Taddasaa Birruu akkuma

ijoollee

naannoo

isaa

biro

ijoollumaan loon tiksaarra darbee umriin isaa yoo barnootaaf gahu mana barumsaa amantaa ortodoksiitti afaan gi’izitiin barumsa amantaa hodofuudhaan afaan gi’iizii bareessuu fi dubbisuun kan yeroo itti hin fudhanne ture.


Haa ta’u malee daa’imni kun abbaan isaa quuqama sabaa waan qabuuf yeroo lola Xaaliyaani irratti duulee dirree waranaa irratti wareegamee ture. yeroo kana duuti abbaa isaa baay’ee isa gaddisiisee osoo jiruu Haati isaas rifaatuu abbaa manaa isherraan kan ka’e abbaan manaa ishee du’ee guyyaa saddetammaanitti(80) lubbuun isheellee darbuu danda’eera.Qormaanni jireenya walirratti leenca kana qunnamte akka inni barnoota isaa addaan kutuuf itti lallabde. Kana booda dargaggeessi jaalala maatiisaa dhandhamee hin quufne kun karaa abbaa isaa qabachuun Xaaliyaani irratti duuluuf bosona akka gale dirree seenaa gootota oromoo keessatti barreefameera. Yeroo kanatti Essumni(obboleessi haadha isaa) Baraanbaraas Beekaa jedhamu waliin kutachuudhaan loltoota mataa ofii ummatanii biyya isanii faashistoota irraa buusuuf gara hallayyaa Calanqootti kutaan. Xaaliyaanoonni meeshaa waranaa Ammayaa fi loltoota saanyinsii quufaan qabattee waan hirirteef falmiin ture caalmaa warra xaliiyaaniif dhundhumtee,waraana sa’aa 24 taasifameen J/Taddasaanfaa naannoo hoolqa Fincii jedhamtee waammamtuutti marfamanii harka laataan.sana boodaas akka qabamanii Hidhamtoota baay’ee waliin Gara Moqaadishootti ergamanii achitti J/Taddasaa Birruu hidhaan umrii guutuu akka itti murteefamu taasifamee ture.Egaa umrii sanatti dararamuun faashistootaani abdii kan kutachiise osoo hin taane,caalatti jabina kenneefi seenaa Ummanni oromoo har’a akka warqeef meetiitti laalu kana dalaguu danda’eera. Akkuma J/Taddasaan mana hidhaa fashiistootatti rakkoon hedduun isa dararteen Biyyi sumaaliyaa harka Xaaliyaanootaati baatee kolonii Ingilizitti kufte. Ta’iin kun immoo B/J Taddasaa Birruu fi namoota isa fakkataniif carraa cimaa ta’ee ummame.egaa hidhaan umri guutuu ture suniis carraa kanaa fashalaa’era. Haaluma kanaan gootichi kun dandeettii cimaa qabachuun isaa erga beekamee gara loltoota ingiliziitti


makamuu danda’e. yeroon kun baay’ee sukanneessa ta’uu isaa dubbistoonni koo akka hin daganne hubachiisuun fedha!! yeroo gurraachummaan akka namatti hin lakka’amne fi qooddaan sanyi fi amantii itti daraaredha. kana keessatti garuu kormi kun ga’umsa ol’aanadhaan warruma adii waliin socho’aa turuunsaa ni yaadatama. Kan namatti tolu, fedhii fi jaalala biyya isaatiif qaburraa kan ka’e loltoota san keessaa gara raayyaa polisii humna dafee qaqqabaatti jijjirame biyya isaatti deebi’e. Sanan boodaas hogganummaadhaan iddoo hedduu hojjechuu isaa ragaleen funannamaan lafa kaa’u.Yaa dubbistoota barruu kanaa! amma kan nurraa egamu maal akka ta’e secoondii muraasaaf akka of gaafattaan isin dirqamsiisuun barbaada! Seenaa Qabsoo fi Seenaa mana hidhaa Qabsoo ummata Oromoo yeroo sanii waliin wal qabatee Waldaan Wal gargaarsa Maccaaf Tuulamaa akka hangafaatti laallamuu isaa eenyuma jalaa waan dhokatu miti.waldaan kun yeroof maqaa wal gargaarsaatiin ejjennoo haa jalqabu malee, yeroon booda sirna qabsoo oromoorratti xiyyeefanno isaa cimsachaa deemee ture. B/J Taddasaa Birruu fi Waldaan kun seena yoomuu himamee hin dhumne waliin akka qaban lammiin oromoo seenaa isaa beeku kamuu dhugummaa isaa himuu ni danda’a. Mee B/J Taddasaa Birruu akkamitti gara waldaa kanaatti dhufaan laata? Waldaan Wal gargaarsa Maccaaf Tuulamaa Yeroo sanatti sanyiin oromoo ta’anii qondaaltoota sirna mootummaa H/Sillaasee iddoo garagaraa hojjetaniif gaaffii miseensummaa dhiyeessaniif keessaa B/J Taddasaa Birruun nama tokko ture.jalqabarratti akkuma loltoota Ingilizii keessa jijjiramee dhufeen sirni mootummichaa dhugumaan ummata


oromoof waan dhaabbate itti fakkate, yoon miseensa waldaa kanaa ta’e ilaalchi qooddaa sabaa ummamuu danda’a, jechuudhaan shakkee akka dide ni dubbatama. kanuma gidduutti mummicha ministeera yeroo sanii kan turaan Akiliil Hatewald namni jedhamu tokko Galgala wayii B/J Taddasaa Birruu Irbaataaf mana isaatti afferee osoo taphachaa jiraani waan tokko akeekkachiisee ture.B/J Taddasaa Birruu koree duula qubee waan tureef akka ummanni oromoo baratee doofummaa keessaa bahuuf tattafii inni gochaa ture daraan cimaa waan ta’eef Muummicha kana sodaachisuun hin hafne.Jeneralli kun oromoo ta’uusaas waan hin shakkineef akkas jedheeni ture”Taddasaa ati erga duula qubee kana eegaltee baradhaa! Baradhaa!jechuu baayistee jirta.baradhaa jechuun gaariidha garuu eeyyu barsiisuu akka qabnu adda baastee beekuu qabda.nuti yoo xiqqaatee,xiqqaate oromoo jaarraa tokko gara boodaatti hambisnee bitaa

jirra.ummata

kana

garagalu”jechuudhaan

nan

barsiisa

soda

yoo

jette

galaana

ummata

nurra

oromoorraa

qabaan ibsaanif.kun immoo B/J Taddasaa Birruun Gadoodhaa akka Waldaa Maccaaf Tuulamaatti dabalamuuf karaa bal’aa bane.sanabooda miseensummaaf laphee guutuun edda eeyyamamanii akkas jechuun dhugaa jiru bahanii turaan jecha muummichi ministeera sun jedhaniin eeruudhaan”wuskiin fuuldura kootti buufamee jiru dhiiga natti fakkate. gonkumaa miira koo to’achuu waan hin dandeenyeef,wuskiin naaf buufamemoo?ani bar qorichaan fudhachaa jiraam kanaafuu hin hin dhugu jechuudhaan dhiiseen bahe”jedhanii akka turaan ni yaadatama! A.L.A bara 1966 keessa waldichi akkuma tasaa gara sochii siyaasa ol’aanaatti

cee’uusaatiin

miseensota

lakkoofsaan

horachuu danda.eera.jijjiramni dhufe

kunis

dadamaqiinsaa

Birruu

B/J

Taddasaa

hedduu

bu’uurrisaa

ta’aan

haasawa

taasisanidha.haasofni

Jeneraalichaa waa’ee Muummichi ministeeraa ,angawoota mootummaa kan turaan,loltoota sadarkaa ol’aanaa gahanii fi oromoota gara


dhaabbilee barnoota ol’aanoo galaan lakkoofsi isaanii akka hir’atu kan jedhu bakka Jeneraalli kun jirutti wal gahii gaggeefarratti ibsamuu isaas eeranii turaan. Yeroon booda Shira Angawoonni ol’aanoon mootummaa H/sillaasee qopheessaniin

B/J

Taddasaa

Birruu

fi

A/dhibbaa

maammoo

mazamir,namoota lakkoofsaan 7 ta’aan waliin gara mana hidhaa Alem Baqqanyitti

darbataman.

Akka Jarri xaxanitti yakki B/J Taddasaa Birruu fi jaallaan hafan ittiin himatamaan

“Heera

mootumaa

diiguudhaan

tokkumaa

ummata

Itoophaa yeroo dheeraa cimee ture kan fashaleessu holola sobaa oofuudhaan

ummata

jeequmsaaf

kakaastaan”kan

jedhudha.

Galmeen himatamtoota lakkoofsaan sagal ta’aan kun kan armaan gadiiti: 1,Himatamaa 2,Himatamaa

1ffaan

B/J

2ffaan

3,Himatamaa

3ffaan

4,Himatamaa

4ffaan

5,Himatamaa

A/dhibbaa Obbo

6,Himatamaa 7,Himatamaa

7ffaan

8,Himatamaa

8ffaan

mazamir Tasammaa Fayisaa

Lammeessaa

Q/M Obbo

Maammoo Daadhii

Loltuu

6ffaan

Birruu

Seefaa

Obbo

5ffaan

Taddasaa

Boruu

Mokonin

Wasanuu

H/Maariyaam

Gammadaa

Konoleel

Alamuu

Qixxeessaa

9,Himatamaa 9ffaan B/J Daawit Abdii….turaan Himanni tokkon tokkoo isaanirratti dhiyaate mata dureen isaa kan gubbaatti Eerame haa ta’u malee qabiyyee gara garaa of keessaa qaba Keessa mee kan B/J Taddasaa Birruu Akkas jedha:Bakka wal gahii hundatti uummata mootummaarratti meeshaa waraanaa qabatanii akka kaka’aan yoo dubbatu kanneen hafaan immoo ajajaa fi yaada isaa irratti walii galuu isaaniti jedhame.akkasumas A/dhibbaa Maammoo Mazamir Sinimaa Ampeyer hedduu

keessatti

madeessiteetta

kan

Boombii

Gad-dhiisuudhaan

jedhullee

garee

himata

namoota isaaniti


Ragaan seeraa isaan lafa godhataan illee hojiin isaani poolisii akka turaan seenaan dhugaa baha. Kun immoo guutummaa guututti waan sobaan itti yaadamee qabsoo ummata oromoo kichuutti quucarsuuf karoorfame ta’uusaa hubachuun ni danda’ama. Himata B/J Taddasaa Birruu fi jaallaan hafaan irratti qindaa’eef Jeneraalli Mee

kun

deebii

isaan

callisanii laataan

hin

keessaa

muraasa

teenye yaa

ilaallu

*Bilisummaa ummata tokko wantootni guutuu akka ta’u godhaan baay’ee ta’aan illee, qabxii gudhaan garuu seera baheen murtii madaallamaa wal qixa fayyadamuudha. Carraa koo haa tauu,yookaan waanaan sanyiidhaan adda ta’eef ta’ee hin barre.dur Itoophaanonni kanneen

biro

hanga

har’aatti

seeraan

ajaja

Girmaawii

mootii

mootichaan kennamutti fayyadamaa turaan anaaf waan kun hin fayyannee himatamuu fi hidhamuun koo na gaddisisuu irra darbee Warreen ana fakkataanillee abdi kan kutachiisudha *Heera mootummaa keeyyata 3(a)irratti akka ibsutti muuduu fi Angoo irraa

buusuu

kan

danda’u

mootii

mootichaa

qofa jedha.seera adabbii lakk.126 gulantaan kan mulqamu ajaja mana murtitiin jedhee lafa kaa’a.kan koo garuu kanaan ala Aangoo himattota kiyyaatiin qofa gulantaan koo akka waan narraa mulqameetti ummata Itoophaatiif gazexaadhaan ibsame.kunis kan ibsu seerri anaaf kan hin hojjenne ta’uusaati. *Hanga har’aatti qondaaltootni anaan wal fakkatu qabaan “Alem baqqanyitti”hidhamanii

hin

beekaan

narratti rawwate.Alem baqqanyittaan

anarra

garuu

dabni

kun

hidhamee argama.daba kanas

kabajamoo mana murtitti iyyadheen achitti hidhamuun kee sirridha jedhamee murtiidhaan akkaan jiru ni yaadatama.


*Barumsaan kan duubatti hafaan saba oromoo akka barataan waanaan godheef saba addaan qoodde jedhamee dhimma bu’uura hin qabne kaniin ani hin hojjetiin har’a jaarraa 20ffaa keessatti yeroo ummanni Addunyaa hundi sanyiidhaan,amantiidhaan,gosaan,saalaan osoo wal hin qoodiin tokkumaa isaanii cimsatanii gara fuulduraatti hoofaa fi hojjechaa jiraan kanatti anarratti yaadni akkanaa dulloomaan kun qoodinsa sanyitiin waanin hin hojjenneen na rakkisuun ummata amma baratees

ta’ee,dhaloota

dhufu

osoo

hin

gaddisisiin

kan

hin

hafne,miidhaa isaas kabajamoon mana murtii kan hin daganne ta’uusaa nan

abdadha.

qabxiilee kanaa fi kanneen kana fakkataan hedduu barreessudhaa gara mana murtii ol’aanaa yeroo sanatti iyyachuun isaa ni yaadatama. Manni murtii Ol’aanaan kun murtii isaa murteessera. murtiin kunis madaa ummata oromoo baraa hanga baraatti okkolchiisaa ta’ee hafe.murtichi akkas ture B/J Taddasaa Birruu fi A/dhibbaa Maammoo Mazamir Du’aan akka adabamaan,kanneen hafaan jahaan ammo hidhaa cimaa

waggota

gara

garaatiin

akka

hidhamaan

murta’e

Murtiin kan Obbo Hayilamaaram Gammadaa sababa dhukkubsatani mana

yaalaa

jiraniif

bira

darbamee

yeroon

booda

akka

irratti

murteessaan walii galaan. Akkuma beekamu murtii du’aa kan mirkaneessu mooti H/sillaasee waan tureef kanneen biro akkuma jirutti mirkaneessee kan B/J Taddasaa Birruu murtii du’arraa gara hidhaa umri guututti fooyyesse.kuniskan ta’uu danda’eef Jeneraallichi fonqolcha mootummaa H/Sillaasee irratti mudde 5 bara 1953 aggamame ol’aantummaadhaan kan fashaleesse waan ta’eef,isa akka olmaatti lakka’eefi jedhama. Murtiin

A/dhibbaa

Maammoo

Mazamir

akkuma

itti

cimetti

itti

fufee,walakkaa bara1962 mana hidhaa finfinneetti argamu Alem baqqany jedhamee waammamu keessatti akka fannifamee du’u taasifamee ture.


Gaafa gara du’aatti

qajeeles kutataan

kun akkas jedhee ture!

“Dhiigni koo dhiiga mirga cunqurfamoota ilmaan oromoo kabachiisuuf dangala’e waan ta’eef dhiiga gatii malee jige miti. Waaniin ani hin hojjetin hojjette jedhani sobaan murtii du’aa kan natti murteessise mootichaas ta’ee qondaaltootni sirnichaa garuu gatii isaanii yeroo gababaa keessatti idduma kanatti ummatota Itoophaa harkaa akka argataan shakkii tokkollee hin qabu.yaa oolu yaa bulu malee mirgi ummata oromoo dhiiga qabsaa’ota ilmaan isheetiin guutummaa guututti kabajamuun isaa waan hin hafne”jechuun dubbii isaa dhumaa saba jaalatuu fi jarreen shira xaxaniif dhaamee gara yoomuu hin deebine sanitti sokke. B/J Taddasaa Birruu erga murtiin hidhaa umri guutuutti jijjirameefi gara magalaa Hararitti akka ergamee hidhamu taasifame.baay’ee osoo hin turiin immoo mana hidhaa magalaa Hararii gara mana hidhaa Galamsootti jijjirame.kun immoo

carraa addaa Jeneraala

kanaa

fi

ummata oromoof uume.B/J Taddasaa Birruu Hidhamaa amanamaa waan ta’eef carraa ummata waliin wal argee qabsoo ummata oromoo bifa haaraa ta’een fininsuu eegalu argate.Haalli gaariin ummameef tokko immoo ummanni Harargee yeroo sana qabsoo diddaa gabrummaa finiinsaa waan jiraniif ture. Keessattu gootichi ilmi oromoo Elemoo Qilxuun bosona carcar galuudhaan lammi isaa harka alagarra baasuuf tattafi cimaa gochaa yeroo jirudha. B/J Taddasaa Birruu qunnamtisaa dhoksaan Elemoo Qilxuu waliin gochaa,ummaticha naannoo sani ammoo akka barataniif gorsaa fi tooftaa isaan barnoota amaleefatan fayyadamaa turuu isaa Maanguddooni ammallee lubbuun jiraan raga bahu. Fulbaana 2 bara 1966 sirni H/sillaasee waan kufeef Dargiin B/J Taddasaa Birruu

fi

hidhamtootni

biroos

akka

hiikkaman

ajaja

dabarse.

Ammallee sirni Dargii ummataaf akka hin taane kan hubate Jeneraalli


kun cunqursaa yeroo dheeraaf ummata oromoorra ture faccisuuf qabsoo hidhannoo filatee bosonatti galuudhaan sirna Dargii wajjiin wal falmuu eegale. Gabroofamuun ummata isaa Yoomuu boqonnaa kan dhoowwate B/J Taddasaa Birruu osoo Bilisummaa Uummata isaatif falmaa jiruu Bitootessa Guyyaa 9,bara 1967 harka oftultotaatti kufuun lubbu isaa yeroo dhumaatiif lammi jaalatuu dabarsee laate!!Taddasaan du’uus hojii boonsaan inni qomoo isaaf dalage baraa hanga barabaraatti laphee Uummata

Oromoo

keessaa

akka

lallabdu

shakkii

hin

qabu!!

Xumureera!! Dogoggorri seenaa akka tasaa yoo jiraate, Abiishee Garbaa nama baroota 1840moota keessa qondaala Gadaa Bulluq ture, Garbaa Hurruubaa fi dubartii jabduu fi abshaala daldaltuu turte Dagattee jedhamtu irraa dhalate. Garbaa Hurruuaa baroota 1850moota keessa Abbaa Duulaa Gadaa Bulluq tahuun eega waggoota afur ta'uuf eega tafjaajilee booda du'aan boqote. Battaluma sanatti immoo Horro weerartoota Goojjamii itti cehaniin weerarame. Yeroo sanatti ennaa Horro Abbaa Duulaa filachuuf yaa'ii taa'u Abiisheen abbaa isaa bakka-bu'ee Abbaa Duulaa ta'uuf gaaffii dhiheesse. Dhaalmaan aangoo Gadaa keessatti kan hin baratamiin waan tureef garii ni morman. Kaan, kanneen dargaggoota akka isaa turan immoo deggersa kennaniif. Abiisheen kanneen isa deggeran qabatee sirna Gadaa cabsuun taayitaa abbaa isaa dhaale, mootii tahuu isaa labsate. Akkuma aangoo qabateen, weerartoota Goojjamee mormor cehanii itti dhufan haleelee of irraa deebise. Kun immoo daranuu deggertoota isaa humna jabeesse. Mootota naannoo Horroo turanis garii humnaan kaan sossobbiidhaan aangoo isaa jala galfate. Akanatti bara 1855 irraa jalqabee hanga bara 1877tti aangoo isaa bal'ifatee. Abboota duulaa gara jaatamaa tahanii fi lolee kuma kudha-shanii ol tahan tu isa jalatti bulaa ture jedhama. Bara 1877 garuu, weerartoota Goojjamotaan kan ergame nama Qadiidaa Wannabee jedhamuun gowwoomsamee Tulluu Kokor irratti harka diinota isaa seene. Akka


qotiyyoo harootaan camadamee gara Goojjamitti geessame. Mormaa gadi awwaalamee, mataa isaatti sogiddi firfiursamee akka horii fi bineensi nyaatee fixu taasisame jedhama. Hayyuu seenaa, kan kitaaba "Abiishee Garbaa fi Seenaa Gootota Oromoo Biroo" jedhu barreessuun maxxansiisan, Obbo Ginbaar Nagaraa waliin gaaffii fi deebii geggeessine guutummaa isaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Koloneel Alamuu Qixxeessaa (1907-2001) Koloneel Alamuu Qixxeessaa dargaggummaa isaanii irraa eegalee, hanga gaafa adeemsa isaanii fixanitti (09/11/2001) Umani Oromoo gabrummaa Habashotaa jalaa ba’’ee abbaa biyya isaa akka ta’u, murannoodhan hojjataa akka turan dhaloonni ammaa kun ragadha. Kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa, abbaa isaanii obbo Qiixxeessaa Yaadate fi haadha isaanii addee Haayyuu Roobii irraa Bitooteessa 5, bara 1907 Walitaajjii Oromiyaa anaa Jalduu ganda Goojjoo keessatti dhalatan. Koloneel Alamuun Qixxeessaa bakki isaan itti dhalatanii guddatan, magalaa Jalduu fi nannoo biroo manni baruumsa hammayyaa, waan hin jirreef mana barnoota Qeesii seenanii barataniiru. Abban isaanii obbo Qixxeessaa yaadatee, ilmi isanii akka isanii baratu, waan barbadaniif, gara Finfinnetti eerganii akka raayyaa warana biyyitti keessatti qaxaramu godhan. Koloneel Alamuun yeroo sanatti raayyaa waranaa “Kubuur Zabanyaa” jedhamee beekamu keessatti qaxaramanii hojjataa osoo jranii gama tokoon ammoo barnoota ammayyaa fi afaan Faaransaayii barachuu eegalan. Mootummaa sirna goonfoo keessatti qaxaramanii osoo hn bubbuliin maqaa ajajaa 50 gonfotanii osoo jiranii, gara warana “Maa’icaaw” akka duulan godhaman.Warana Maa’icaaw kan Xaalyaanii waliin godhame kana irratti, Koloneel Alamuun luka isaanii, rukutamanii gara biyya dhaloota isannii gara Jalduutti galan. Jalduutti galanii maatii isaanii waliin osoo jirataa jiranii, biyyittiin Warana Xaalyanitiin weeraramitte.


Koloneel Alamuun jaginummaa fi gotummaa umaman qabaniin warana Xaalyanii, isa hanga funyanitti hiidhatee jirun, diinni adii fi gurracha hinqabu? jechudhan warana Xaalyaanii qabsoo hiidhannotiin falmuutti qajeelan. Lolaa osoo jiranii bara sana dhiibee qorchii, hin argaminneef kan ummata hedduu fiixaa ture dhiibee “Taasiboo “jedhamee beekamun qabaman. Koloneel Alamuun dhiibee kan irraa akka caarraa ta’ee irraa fayyan illee, abban isaanii obbo Qiixxeessaa yadatee fi haatii isanii addee Haayyuu Roobii dhiibee kana irraa fayyuu hin dandeenye. Lameen isaani iyyuu guyyaa tokkotti ijoollee isaanii koophatti dhiisanii adunyaa kana irraa darban. Guyyaa tokkotti haadha fi abbaa isaanii kan dhaban, Koloneel Alamuu irratti gaddi, dachaa dhachadhaan irratti fe’ame. Obbolewwaniif maatii isaanii hunda jirachisun dirqii itti ta’e. Haala kanan maatii jirachiisaa osoo jiranii gotoota Jalduu kan Xaalyaniin lolaa jiran waliin walitti dabalamanii lolaa osoo jiranii harka warana Xaalyanitti kufan. Waranni Xaalyaanii, Koloneel Alamuu Qixxeessaa irratti murittii du’aa murteesse. Koloneel Alamuun guyyaa ajjeeefamuu isanii osoo eeggachaa jiranii, Xaalyaniin gama tokkoon Jalduu keessatti Warana Xaalyanii barbadeessaa kan turan, gotoota Oromoo kan Dirribsaa Faayyisaa Nagarootiin hoggnamuun akka harka isaanii keennatan kadhachaa waan turaniif, gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Xalyanidhaan “nama kiyya qabiddanii kana isiin harka jiru, Alamuu Qixxeessaa gadi-lakkifiittan malee harka kiyya hin keennu! jedhe. Xaalyaniin Gotoota Oromoo Dirribsaa Faayyisaatiin hogganaman of harkatti galfachuuf jecha, Alamuu Qixxeessaa kan duuti itti murtawe, mana hiidhaa isanii keessaa basanii gadi dhiisan. Koloneel Alamuun akkuma mana hiidhatii hikkamaniin, gara birootti osoo hin goriin Warana Diribissaa Fayyisaatiin hogganamutti dabalama. Gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Alamuu Qixxeessaa eerga mana hidhatii hiiksifateen booda, gootota bara sana nannoo Jalduutti argaman, kan akka Xanqeessaa Keelloo, Mi’eessaa Jombaa, Niigissaa Faajjii, Diinqaa Urgoo fi kanneen biroo waliin warana Mosoloonii kan Jalduu keessa Qubatee jiru irratti lola banudhan hanga dhumatti lolaa turaniiru. Tafarii Mokonnoon (H/ Silaseen) akkuma Xaalyaniin biyya waggaa 5f qabattee turte gadi dhifiteen biyya itti baqate irraa gara angoo isaatti deebi’e. Gotonni Oromoo waggaa 5n guutuu kan Xaalyaniin falmaa


turan kan akka Kabbaddaa Buzunaash fa Angootti deebi’uu H/ Silasee mormaa akka turan keessa beekitonni ni dubatu. Koloneel Alamuun akkuma Mootummaan Sirnni gonfoo dhabbateen mana barnoota akkadamii warana “Hoolotaa” seenaanii barataniiru. Bara 1944 gara kaaba Ithiopiyaa “Ambalagee” bakka jedhamutti akka duulan ajajamanii rasaasan rukutamaniiru. Koloneel Alamuun mana Barnoota akkadamii warana Hoolotattii barsiisaa ta’ani waggoota lamaa oliif hojjataniiru. Koloneel Alamuun Bulichiinsa Mootummaa H/ Silasee keessatti sadarkaa gadii irraa egalee hanga Sadarkaa oliitti hojjataniiru. Hojii isanii kana keessatti, Mootumman sirnna gita-bitoota Habashootaa ilaalichi Oromoo fi lammii Oromotii qaban akka garitti hubataniiru. Koloneel Alamuun Oromoo ta’uu isaanii irraa kan ka’een, bulchiinsa mana warana biyyitti keessatti isaanifi Oromoota raayyaa ittisa biyyitti keessa jiran irratti, kan rawwatamaa ture haala qabatamadhan argaa turaniiru.

Qabsoon Ummani Oromoo bilisummaa isaaf godhu kanaaf daandii kan saaqae, hundeeffama Maaccaa fi Tulamaa akka ta’e hubatamadha. Maaccaa fi Tuulamni Mootummaa sirna naafixanyootatiin gaggeefamu keessatti, ummata Oromoo magalaa fi baddiyyaa Oromiyaa keessatti Waroon saliphiinaa irratti diririfamee jiru jalaa basuuf, Wareeggama barbachiisu mara kaffalanii dhaloota harraa kana biran gaahaniiru. Rakkoo Ummani Oromoo qabu, amma tokko irraa saliphisuuf, misooma maqaa godhatee kan dhabbate kan keessatti, Koloneel Alamuun caalqaba irraa eegalalnii hanga gaafa adduyaa kana irraa darbanitti, gaafa tokkollee dadhabe osoo hin jedhiin Presedaantii Waldaa kanaa taanii halkani fi guyyaa hojjataa akka turan seenaan raggadha. Koloneel Alamuun, Barreessaa Waldaa kanaa kan turan H/ Mariaam Gammadaa waliin ta’udhaan Oromoni bebeekkamoo ta’an akka waldaa kana keessatti miseensaa ta’an halaan irratti hojjataniiru. Isaan keessaa Jeeneeraal Abbabaa Gammadaa Jeneraal Tolaa Badhadhee Jeeneeraal Jagamaa keelloo Dajazimaach Dani’eel Abbabaa (ilma Raas Abbabaa Haaragayi) Kabbadaa Buzunaash fi kan biroo miseensa gochuun yeroo itti hin fudhanne. Akkeekinni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa Beekumsaa fi qabeenya qaban wareeganii Ummata Oromoo duukkana keessa jira kana keessaa, gara


ifaatti baasuu waan ta’eef, kan lafa qabu lafa isaa kennee, akka manni baruumsaa irratti banamu waan walii galameef caalqaba duraatiif gochaan kun Koloneel Alamuu Qixeesatiin hojii irra ooleera. Mana Barumsaa Jalduutti Banuu Koloneel Alamuun bakka dhaloota isanii nannoo Jalduu, manni barumsaa tokkollee waan hin jirreef ijoolleen anaa Jalduu akka barnoota ammayyaa barattee ija banattu lafa magalaa Jalduu qaban irraa kaare meteera 10,000 ol eebbisaanii ummata Jalduuf keennudhan manni barumsaa kutaa 1-6 tti bananiiru. Haluma kanan, Kabbadaa Buzunash Misooma aada’aa bargaa fi goroo Makootii kaare meetra 20,000 yokeennan miseensonnii fi hogganoon Waldaa Maaccaa fi Tulamaa duursanii qabeenya fi huminna isanii waakki tokko malee wareeganiiru. Waldan Maaccaaf Tulamaa hogganummaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa jalatti, yeroo gababaa keessatti ummata Oromoo yoo gaammachiisu, H/ Silasee fi kanneen isaan marsanii jiran mara ,yaddoo keessa isaan galicheera. Waldan Maaccaa fi Tulamaa Xiyyeeffannan isaa inni guddaan, Ummata Oromoo barisiisuu irratti waan ta’eef ummani Oromoo ammoo, yoo of bare, akka isaan harkaa ba’u, waan beekaniif adeemsa Waldaa kanaa gababiisuu akka qaban murteefataniiru. Keessattuu Waldan kun of keeessatti hammatee kan qabu (Hoggantoota Waranaa, hojjatoota Motummaa, baratoota fi Qotee bulaa Oromoo akkasums kan akka Saba Oromoo cunquursaa habashootaa jala jiran Sidamaa, Walaitaa …) waliin ta’uun hedduu isaan yaddeeseera. Koloneel Alamuu Qiixxeessaa H/ Silasee biratti ija hamadhan ilalaamaa turaniiru. Sababiin isaas yeroo Oromooni Raayyaa of irratti lolataa turan Waranni meeshaa ammayaa hidhate, itti duuluu hin qabu! kun biyyaa keessaa waan ta’eef kan biyyaa keessaa Poolisii ta’uu qaba waan jedhaniif, Mootummaa H/ Silasee biratti waamamanii diniin cimaam eerga keennameefiin booda, guddiin karaa seera mana waranatiin keennamuu malu hunda, hanga Waggaa 5 tti akka hin kennaminneef godhamanii, bakka duraan ramadamanii hojjataa turaan irraa gara biratti akka jijiraman godhamaniiru. Gara biroon ammoo haala Waldaa Maaccaa fi Tulamaatin wal qabateen H/ Silaseen hogganoota Waldaa kanaa Jeneeral Taddasaa Birruu fi Jaarsolii beebekamoo Arsii waliin H/ Silasee irra, yeroo dhiyatan Koloneel Alamuu Qiixxeessaa sodaa tokko malee H/ Silaseedham ati maa Oromummaan nu yakkitaa? ati Oromoo miti? yeroo jedhaniin, H/ Silaseen isa eenyutu nutti himi? siin jedhe


jedheen jedhama. Ajajaa Dhibbaa Abarraa Alamuu (Ilma isanii isa hangafa) Ajajaa dhibbaa Abarraa Alamuu ilma Koloneel Alamuu Qixxeesa isa durati. Abarraan ajajaa dhibbaa ta’ee Asmaratti ramadamee hojjataa osoo jiru, akka caarraa ta’ ee bara lola Jeeneeraal Mangistuu Niwaay, Finfinnee yeroo dhufu, lola kan afaan bu’e. Abarraan lola kana irratti gara Mootummaa H/ Silasee goree lolaa osoo jiruu warana Garmamee fatiin ajjeefame. Koloneel Alamuun ilmi isanii lola isaa hin mallee, kana irratti du’uu isaa bayyee akka gaddan keessa bekitoonni ni dubatu. Dhimma Waldaa Maccaatiin yakkamanii yeroo Kaabinoota H/ Silasee irra dhiyatan, lola irratti yeroo lama rukutamanii waan turaniif “luuka koo yeroo lama isiniif keennera! Ilma koo Abbarraa isiniif kenneera akka lammii Oromoottii ijaaraminnee biyya keenya keeessatti misooma, guddisuun maaf yakka isiin biratti ta’e?” jechun gaaffii deebii hin argannee hoggantoota Mootummaa H/ Silasee tii dhiyeesaniiru. Ilmi isaani Abbarraan Mootummaa isaanitiif du’uu isaa hedduu akka gaddaan keessa bekitonni ni dubbatu. Hata’uu garuu Hogganummaa isanitiin kan dhalate waldan kun, akka dhabamee badu, kaabinoota H/ Silaseetiin hoggantoonno waldaa kanaa, soban yakkanii adabbiin adda addaa yeroo irratti murtawu, Koloneel Alamuu irratti murtiin adda addaa sadii (3) irratti muraweera Hiidhaa ciimaa waggaa 10 Maqaan isaanii Koloneelummaan akka irraa muliqamu. Yeroo mana hiidhatii hiikkaman mirgi eenyummaa akka waggoota shaniif irraa mulqamu, kan jedhu itti raggasifame. Koloneel Alamuun akka Ummani Oromoo isaan arguu ykn gafachuu hin dandeenyeef faggeessanii Gondoor magalaa Dabira-taboritti akka hidhaman godhaman. Yeroo Mootummaa H/ Silasee kaabinoota isaa waliin wal qabatee gara awwala isati qajeelu, hoggantooni waldaa kanaa hundu mana hiidhati hikamaniiru. Erga mana hiidhatii hikkamanis Ummani Oromoo akka blisummaa isaa gonfatee abba biyyaa isaa ta’u, bakkoota adda addatti analewwan fi kutalewwan Oromiyaa keessa nanawanii keessattuu bara 1991/1992 barsiisaa turaniiru. Ibsa isaan, waajiraa ABO yeroo sanaa, Gullallee jiru dabalatee isaan keennaa turan, Mootummaa wayyanee biratti isaan balaleefachiisu illee, sodaa tokko malee ummata kanaaf of keennanii hojjataa turaniiru.


Bara 1992 keessa, matan wayyanee Mallas Zenaawii bakka jirutti, wamamanii osoo waliga’ii irra jiranii bakka bu’aa OPDO yeroo sanaa kan ture, Kumaa Dammaqqisaa Ummata Oromoo kan diigu, kan akka keessanii kana yeroo jedhaniin Sodaa kan hin beekinne Alamuu Qiixxeessaa, “Yeroon ani mirga Oromooti falmuu calqabu ati hudduu kee hinxaraganne”! Jedhanii waliga’ii sana irratti kumaa saliphiisanii akka gadi teesisaan, namoonno walga’ii sana irratti argaman kan dubataniidha. Koloneel Alamuu bara jireenya isanii yeroo hedduu mana isanii dhaqee waliin dubbachuu caarraa argadheera. Abbaa kiyya waliin nannoo tokkotti waan waliin guddataniif walitti dhufeenya qabu. Akkuma ABOn Mootummaa Ce’uumsa keessaa ba’een ijoollee Oromoo rakkoon irra ga’ee hunda gargaraa turan. Anaafis gargarsa nagodhaniiru. Yeroo sana waan lama isani irraa dhaga’eera. 1. Oromon tokko ta’u malee, mirga isaa argachuu akka hin dandeenye, dhaabbilleewwan Oromoo blisummaa Oromootiif falman akka tokkoo ta’an irratti hedduu dhamaaniiru. Bakka deeman hundatti, Oromoon osoo lagaafi Amanitidhan wal-hinqodiin harka walqabatee ka’u malee, rakkoo amma jiru keessaa ba’uu akk hin dndeenye hubachiisaa akka turan bara jireenya isanii dubbii isaan godhaa turan Videoo ilaluun ga’adha. Bara 1994 dhabbilee blisummaa Oromoof qabsa’an lameen walitti fiduuf hedduu akka yalaa turan afaan isaanii irraa dhagaeera. Keeniyaa Nairobii keessattii ABO fi IFLO walitti fiduuf beellama qabatanii yeroo isaan Oromiyaa irraa Naa iroobitti argaman, Gara ABO tiin Galaasaa Diilboo yeroo argaman, karaa IFLO amoo bakka bu’an Jaarraa argamaniiru. Hayya dureen ABO yeroo sanaa Galasaa Diilboo eerga Jaarraan hin argaminne, anis bakka bu’aa waliin hin dubadhu! jedhanii akka dhiisan na hubachisaniiru. 2. Wa’ee Qabsoo Balee ti. wa’een Qabsoo Balee yeroo ka’u namonni hedduun osoo hin beekiin ykn osoo beekanii, Qabsoo sana kan dhaamse J/ Jaagamaa Keelloo akka ta’eetti himu. Jaagamaa Keelloo Qabsoo diddaa garbummaa Balee akka hin dhamisine irraa hubadheera. Koloneel Alamuu irraa jecha arman gadii kana dhagaheera “bara sna waggoota 8 oliif Mootummaa H/ Silaseen lolaa kan turan gotoota Baleetti, warani biyyittin qabiddu, dubaaf funduraan akka itti dulamu ajajinni H/ Silasee irraa darbee ture. Jaagamaan ajajaa warana waligalaa waan ta’eef, waan deemaa jiru waan beekuuf nu biira dhufee, Jaroonni


kun barana dhumun isaanii akka hin ollee nu mirkanneesse. Duubafii funduraan akka marfaman godhameera. dhumuu irra, gara duraas ummani Oromoo ka’i! yoo jedhan ka’uu waan danda’uuf harkan keenisiisa nuun jedhe. nutis dhumuu isaani irra harka keennachuu isanii filanne.” J/ Jaagamaan ammoo H/ Silaseetti dubbatee Qabsa’aa Oromoo Waqoo Gutuu maqaa waliin nagan osoo naminni tokko isaan hin tuqiin harka isaa kennatan. Namonni bayyeen osoo keessa hin bekiin akka J/ Jaagamaa Keelloo dhamiseetti ibsu. Seenaa Motummoota habashotaa darbanii yoo ilaallee, Oromoota finciila isaan irratti godhan sosobanii ykn kakatanii eerga harka keennachisaniin booda dhabamisiisaa akka turan seenaan ragadha. Goota oromoo Habishee Garbbaa Meeshaa waranaa Ciibsaanii, kakatanii waadaa galanii eerga harka keennachisaniin booda, kakuu isaanii akka Biishanii dhuganii Abishee mana hiidhaa isanii keessaatti ajjesaniiru. Gotoota Oromoo Dawwee kan Hasan Ameetiin hogganamu, akkuma sana, hoomitu isiin hin tuqu! jedhanii nagaan gara Qe’ee isanitti eerga deebi’aniin booda, qabanii hunda isanii faniisaniiru. Seenaa Qabsa’oota Oromoo keessatti habashootatti harka kennatanii kan irraa damdamatan yoo jirate Qabsa’oota Baleeti yoo jedhame dhugaa irraa fagachuu miti. Jaagamaa Keelloo qabsa’oota Baalee harka kennisisaanii rakkoon tokko osoo isaan hin qunaminni, ykn irra hingayiin akka nagaan jiratan godhaniiru. yeroo ammaa Qabsoo Balee kan dhaamse Jaagamaa Keellooti, jechi jedhu sirrii akka hin taane hubataumuu qaba. Waajjiira ABO Jalduu Bara 1991/1992 yeroo ABOn Mootummaa Ce’uumsa Ithiopiya keessa jiru, waajironni ABO bakka adda addatti yeroo banaman, hoggantonni ABO fi Koloneel Alamuu bakka hedduu demanii ummata isaniif ibsa keennaa turaniiru. Baatii Onkoloolessa braa 1991 waajjirrii ABO Yeroo Jalduutti banamu, Koloneel Alamuu fi namoni beebekamoon ABO fi bakkoota biroo irraa argamaniiru. Waliga’ii kana nama qindeesse keessaa nama tokko waanan ta’eef Ummani Anaa Jalduu, Ginddabaratii fi Meettaa Roobii hedduminan akka argaman irratti hojjatameera.


Guyyaa seenaa qabeessa kana irratti kan argaman Kloneel Alamuu Qiixxeessaa, Obboo Damisee Kabbadaa (ABO) , Girmaa W/ Giyoorgis Sooddoo Jiddaa bakka bu’dhan (Preezadantii), J/ Jaagamaa Keelloo fi kan birooti. Jaagamaa Keelloo bara Xaalyaanii nannoo sanatti lolaa waan turaniif Ummata anaa Jalduu biratti maqaa guddaa qabu. Ummani Jalduu, Alamuu Qixxeessa fi Jaagamaa Keelloo maqadhan malee, arganii waan hin beekinneef isaan argudhaaf Oromoni dhufan heddudha. Bakki walga’iin kun itti Qoophawe mana baruumsa Jalduu keessatti yoo ta’u, mana baruumsaa kana yeroo Waldaa-Walgargaarsa Maaccaaf Tulamaa hundeessan, calqaba duraatiif, lafa qaban keennanii kan Ummata Jalduuf ijaarsiisanii, Oromoota nannoo biroof fakkii goddaa kan ta’aniidha. Hogganuma Koloneel Alamuutiin. dabaree dabareedhan haala yeroo irratti Obbo Damasee Kabbadaa fi bakka bu’aan Oromoota Sooddoo jiiddaa Girmaa W/ Giyorgis erga dubbataniin booda, Jeneeral Jaagamaa Keelloo akka dubatan caarran kennameef. Jaagamaa Keelloo yeroo gara waalittajjitti ol ba’an, Ummani anaa Jalduu, kabajaa isaniif jecha, lafaa ol ka’anii harka rukutuun isaan simatan. Jeeneeraal Jaagamaan Ummata Jalduu irraa kabajaa guddaa argatan. Jeeneeraal Jaagamaan akkuma dubbii calqabaniin kabajaa Ummata fi Dargaggoota Jalduu irraa argatan mulqaman. Umani Jalduu Osoo Jeeneeraal Jaagaman dubbatanii hiinfiixiin, waalitajjii gadi dhiisanii akka bu’an godhaman. J/ Jaagamaan Dargaggoo Jaalduu kan Hawwiin Blisummaa onnee keessaa dhikkisu funduura dhabbatanii “Ani kalleessas haarras Ithiophiyaan tokkuman jedha” yeroo jedhan saliphiinaan waaltajjii irraa gadi bu’an. Ani bakka isaniin qanawe. Damisee Kabbadaa fi Koloneel Alamuun dubbii gochudhan dargagoota Jalduu dubbii Jaagamatti aaran akka qabbanseessuu godhan. Seenaan Koloneel Alamuu Qixxeeessaa bu’aa isaan Ummata Oromoof buusan gadi fageenyaan Qormani irratti godhamee kan barreefame miti. Seenaa isanii ammumaan beeku fi ammuman dhaga’e irran waan xinnoo barreessu yaale. Gara funduuraa barreesitioonni seenaa, Qabsoo ummata Oromoo keessatti Qooda addaa kan qaban, Koloneel Alamuu Qiixxeessaa fi gotoota biroo gadi fageenyaan seenaa isaan guutuu barreesanii akka ummata Oromoof dhiyeesan abdiin qaba.


Jaal Laggasaa Wagii Jaal Laggasaa Wagii umriin isaa barmootaaf yeroo gahu, mana baruumsa sadaarka tokkoffaa Bakkamee jedhamuuti kutaa 1-4 barate. Barnoota isaa kutaa 5-8 ammoo mana barumsaa Hinccinniitti barate. Sana booda gara Finfinneetti deemuun barumsa isaa itti fufuun kutaa 10-11 magaluuma Finfinneeti barate. Jaal Lagaassaa Wagii erga barumsa isaa haga kutaa 11ti barate booda barnoota akadaamii dhiisee baruumsa Makaanikummaa fi Konkoolaata oofu bara 1975 keessa barateera. Oguummaa isaa kananiis hojiilee adda addaa irraatti bobbahuun hojjaachaa ture. Jaala Laggaasaa Wagii hojii daldala irraatti bobbahuun magaala Dirree Dhawaa keessaati waggaa torbaaf kan jiraachaa turan yeroo tahu, hojiidhuuma daldala kanaaf meesha daldaala adda addaa fe’achuun gara Dhiha Oromiyaa deemuun daldala itti fufe. Jaal Laggaasaa Wagii obbolaa shan kan qabu yeroo tahu,Waxbajjii 27 bara 1987 haadha mana isaanii Waynisheet Getahuun fudhe. Hadha Mana isaa kana irraa ijjoollee dubartoota sadii (3) kana maqaan isaani Bilisummaa Laggasaa, Firehiwet Laggasaa fi Nestaannet Laggasaa kan jedhamaaniis godhate. Jaal Laggasa Wagii jaalalaa fi fedhii guddaa ummata isaaf qaba. Akkasumas hacuccaan ummata isaa irra gahu boqonnaa waan isaan dhorkeef bara 1990 maatii isaa jaallatu dhiisee Dhiha Oromiyaa deemun QBO


hogganummaa ABOtiin gaggeeffamutti makame. Bara 1991 barumsa siyaasaa fi leenjjii waranuumma, marsaa 18ffaa gahummaan xumuratee, dirree dhihaatti miseensa ABO ta’e. Dammaqiinsaa fi hubaannoo Jaal Lagaasa Wagii qabu irraatti hundaa’uun dhaaba keessaatti barumsa dabballummaa bara 1991 bakka Beelmuuguu jedhamuutti barate. Akka baratee baheen dirqama dabballummaan zoonii Begitti ramadame. Zoonii kana keessatti dirqama dabballummaa gahummaan osoo bahaa jiruu mootummaan Dargii kufe. Dhaabni dandeetii fi gahummaa isaa ilaaluu dhaan ona Qaaqeetti dirqama bulchiisaatti ramade. Bulchaa ona kanaa yeroo turetti kaayyoo ABO ummata hifannaa tokko malee barsiisuun fakkii guddaa miseensa tahee fi ummata biratti jaalala guddaa nama horatee dha. ABO mootummaa Cehumsaa keessaa akka baheen WBO naannoo jirtuu dabalamuun diina jabinaan lolee lolchiiseera. Falmaa diinaa wajjin godhamuu haga walakkeessa bara 1993 itti fufuun of ijaaruuf humna daangaa Sudaanii fi Itophiyatti bahee waliin ture. Bara 1994 humna ijaaramee walkeessaa Dhiha Oromiyaatti deebi’e keessa J. Laggasaa tokko ture. WBO diinaa wajjin falmaa hadhaawaa itti fufuun bara 1997 keessa oggaa mootummaan Wayyaanee magaalota Sudaan Kurmuk fi Giizan rukuttee qabattee xurreen dhiheessii akka hin cufamneef humna of duuba daangaatti deebi’ee keessa ture Jaal Laggasaan. Bara 19931998 tti sadaarka miseensuummaa irra kaase haga sadaarkaa qondaala waraana ol-anaati dirqaama fudhatee qabsaawaa dhugaan qabsaa’ee qabsoo gosiisee dha. Bara 1998 keessa miseensota ABO leenjii addaaf biyya ollaatti ergaman keessaa ture. Leenjii isaa xumuratee haga ramadamutti biyya ollaa


keessa Oromoota jiran akka ijaaruuf dirqamni itti kennamee ture. Akka kanatti tattaaffii J. Laggasaan godheen bara 2000 keessa Oromooti biyya ollaa keessa jiran walitti qabuun Waldaa Hawaasa Oromoo Eritrea ijaare, QBO irraa qooda akka fudhatan taassisee jira. Jaala Lagasaa Wagiin bakka fi haala dirqaamni qabsoon isa feete hunda keessaati qooda ol’anaa nama kenna turee fi gahumaadhaan dirqaama itti kenname hunda nama baha turee dha. Akka kanaati jaal Lagaasa Wagiin bara 1998/99 irraa kaase itti anaa moona leenjii WBO waliigala tahe hojjaacha turuun isaa seenaan isaa addeessa. Bara 2000 irraa kaase barumsaa fi haroomsa waraanummaa, siyasaa fi tikaa erga baraate booda ajajaa WBO-Zonnii dhiha J/Irreessaa Caalaa jalatti ajajaa bobbaaa fi quunnamtii Dhiha Oromiyaa tahuun bara 2002 dirqama dhaaba fudhatee gara dirree dhihaatti moona leenjii waliigala dhaabiicha irraa bobba’e. Sochii seenaa qabeessaa fi mootummaa Woyyaanee raase WBO bara 2002 baddalee Dhiha Oromiyaa Qeebbe, Dambii Dolloo, Gidamii , Begii fi Mandii keessatti tahaa turan irratti akka ajajaa waraanaa fi siyaasaatti hogganummaa mul’ataa kennee jira. Erga Ajajaan WBO Dhiha Oromiyaa J/Irreessaa Caalaa wareegamee boodaa hanga 05/11/2008 wareegametti ajajaa WBO Dhiha Oromiyaa tahuun falmaa hadhaawaa fi gootummaan guutamee diina waliin tahe hoggana waraanummaa fi siyaasaa kennaa ture Jaal Lagasaan dirqaama sadaarkaa adda adddaatti irra ture hunda keessaatti, gootummaan, cichoominaa fi obsaan kan dirqama isa baha ture fi fakkeenya guddaa miseensoota, qodaalotaa fi hoggantoota ABO, qabsahoota fi sabboontoota akkasumaas ummata Oromoo hundaaf nama tahe dabree dha.


Jaal Lagasaa Wagii, dirqama dhaabaa fudhatee zoonii dhiha keessa waan tureef KS-ABO-3ffaa bara 2004 irraa hirmaachuu baatuus bakka inni hin jirreetti miseensa GS-ABO tahuun kan filaame. Dirqaama fi itti gaafatamuummaa dachaan itti kenaame kanaas gahuumaa fi ofkenniinsa haga wareegaama lubbuu isaati kennu goota qabsoo tahuu isaa mirkaneesse jira. Jaala Lagasaa Wagiin; bishiina qabu irraa, tooftaa fi mala qabu irraa akkasumaas gootuummaa qabu irraa ummaata Oromoo hunda birraatti kan baayyee jaallatamu fi kabajaamu dha. Akkasumaas, jaal Lagasaa Wagiin diina biraatti kan bayyee sodatamuu fi gootummaa fi abbaa toftaa fi mala tahuun isaa diinoota keenyaa utuu hin jaallatin kan ragaa bahanii dha. Mootummaan gita bittuu ilmaan Tigray, TPLF Wayyaaneen, yeroo adda addaa humna ishii kumatamaan lakkaawamaan, meesha gurguddaa fi humna qileensaa illee osoo hin hafiin duulaa fi sakataa adda addaa yeroo itti zoonii dhihaa keessaati banaa turteetti, WBO hogganuun, hoggaansa cimaa kennuun, lolaa lolchiisaa humna diina dirree lola irraatti kan qaneessee fi gootummaa WBO kan mirkaneessaa ture jaal Lagaasaa Wagii fi jaallewwaan isa waliin lola lolchisaa, diina kufiisa kufa kanneen turanii dha. Mammaksi Oromoo “Namni gaafuma dhalaate du’e” jedha. Gooti marraa tokko duwwaa du’a, dabeessii garuu lamaa fi sanaa oli du’a. Ammoo lubbuun dhugaa fi haqaaf jedhame bahu akkasumaas, lubbuun qabsoo saba ofii fi kabajaa ummata ofiif jedhaame kafalaamu kan seenaan barabraan yaadatamu dha. Wareegamni, lubbuu qaalii taate mirga sabaa fi biyya ofiif jedhamee kafalaamu wareegama akka garaa ulfattuu, kan seenaan yaadataa hafuu dha. Mirgi saba ofii akka


kabajamuu fi abbaan biyyumaa ummata Oromoo akka mirkanahu taasisuuf waan hunda caalaa gootummaan murteessa dha. Sadarkaan gootumma inni dhummaas egaa lubbuu ofii mirga sabaa fi biyya ofiitif jedhamee kaffalamuu dha. Jaal Lagasaaniis, waregaama qaalii taate kana kennuun kabajamuu mirga saba isaatii fi abba biyyuummaa Oromoof goota of kenne waan taheef seenaan isaa hogayyuu barabaraan kan yaadatamuu taha. J/Lagasaan dirqama sabummaa isaa kana bee’a’e dheebodhe, dadhabe, gaara bahuu, daggala cabsuu hifadhe osoo hin jenne baddaa fi gammoojjii keessatti roobaa, qorra aduu osoo hin jenne rakkinoota qabsoo hadhawoo hundaa kana danda’uun waggootii kana hunda kayyoo kabajamaa kanaaf qooda ol aanaa kennaa turuun ammoo seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bakka olaanaa akka qabaatuu isa taasisa. Qabsawota bilisummaaf fakkii guddaa tahee jira. Dhiigni jaal Lagasaa dhangala’e, dhiiga akkanumaan lafaati dhagalaahe hafe fi hafu osoo hin taane, dhiiga bilisummaa saba keenyaa dhiheessuu fi umurii diinaa kan gabaabsu waan taheef Oromoota biratti kabajaa fi fakkii guddaan ilaalama.Gumaan isaa qabsahoota haqaa, qabsoo bilisummaa saba isaaniif falmaaniin kan baafamu fi akeekii fi kayyoon Jaal Lagaasaa Wagiin falmaafii ture galmaan gahuun kan mirkanaawu akka tahu mamiin tokko illee hin jiru


Waaqoo Guutuu

SEENAA GABAABAA JENERAAL WAAQOO GUUTUU Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu Usuu , Abbaa isaanii Obbo Guutuu Usuu Cammarrii fi haadha isaanii Aaddee Dhuulloo Alii Hasan irraa bara 1924 Ona madda- Wolaabuu lafa Oda jedhamutti dhalatan. Abbaan isaanii obbo Guutuun ilma dhiiraa (10) fi durba (9) wolumaa galatti ujoollee (19) qaban turan. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota ( 7 ) irraa ujoollee (49) ka horan yoo ta’an , kaniin keesaa (15) lubbuun hin jiran. yeroo ammaa abba dubartii (16) tii fi dhiira (18) wolumaa galatti abbaa ujoollee (34) ti. Generaal Waaqo ijoolummaa isaanii irraa jalqabanii armi’aayaa, xiiqii fi jibbansa diinaa qabaniif qofa osoo hinta’in Diddaa Gabrummaa tiif faandhooftuu

turan.

Bara 1938 ti osoo abbaan isaanii hinbeekin, fuudhanii mana osoo hin bayin gabayanii horii abbaa isaaniitiif obbolleesa hangafaa gurguratanii qawwee bitatan.Sammuun isaanii roorroo gabrumaa fudhataa waan


hinta’iniif ijoollee daraboo/hiriyyoota isaanii gurmmeessuun akkasumas gorsu’uun Foolisii mootummaa tumaa turan. Bara 1943 obbo Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenna godhachuun Diddaa Gabrummaatti seenan. Bara 1952 akka nama miskiina tokkoo ta’anii uffata Foolisaa nama dhaloota Gosa Raayituu Alii jiloo ka maqaan kirsitaana

Shaalaqaa

Isayaasi

jedhanii

mogaafatan

kadhachuun erga ini keneefii booda, isuma uffachuun magaalaa seenanii , kitilaayyota Habashaa sodaachisaa turan. Iccitii dhan gartuulee diinaa irrati tarkaanfii ciccimaa fudhataa turan, bara 1958 Foolisii lama (2) ajjeesan. Baruma kana keessa Foolisoota erga ajjeesaniin booda, gootichi, akkuma tasaa magaalaa Nageelleetti wol gargan. yoo kana , “E-eesa badee?, Atoo Waaqoo !!! “ jedhee gaafata. yoo tana malli qaruutummaa dafee dhufeef. ”Looniin godaanee gammoojjii ture, Damma adii ati jaalttu ka nagaafate kaan siif arge, horii ittiin bitu dhabee fidi” jedheen. Shaalaqaan baay’ee gamaddee ,”xuruu xuruu” Qaaqoo koo!” jedheeQarshii 200 itti kenna. garaa keessa itti kolfaa kiisa kaayatanii birraa deemanii yeroo san rasaasa innaara dachaa lamaatiti guutatee biraa deeme” jetdha. Ammas baatii tokkoon booda Nageelematti futi wolitti jedhanii . Nagayyumalee utuu hin gaafatin “maali si barbaadaa mitii, damma kee bitee lafa jiraa , horii kraa waan kafalu ittiin feesisuun dhabee “ jedheenii Qarshii 20 amalee irraa fudhate tooftaa kana fakaatu hedu gargaaramanii diina hifachiisaa turan. Bara 1962 dhiibaan, gidiraafi ajeechaan mootummaa Habashaa ummata isaanii irratti hammataa dhufnaaf kkf ijoollee gana (10) gadii imaa Helgool Waaqoo. Abdallaa guutuu , Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana, Muhaamad Butaa Aagaatiif alii Buttaa Aagaa kkf dhibboota ajjeefaman keessaa haga tokko yoo ta’an , tarkaanfii Mootummaa Aabashaa kana


hifachuun ummatin bulchitoota naannooo ka Habashaati iyyate. yeroo kana , dubbii kana nugusicha gayee. Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa taganiif namin jedhamuuf ajajaa woraanaa kutaa Sidaamoo yeroo sanii koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii Ummata Oromoo naanoo

Nageelee

Booranaa

jiru mooraa woraantitti wolit qabuun Rakkoon keesan maali jedhanii gaafatan. yoo tana Ummani woliti qaban hundi rakkoon teena isini:Biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daa’imman teena irra deemitanii fixaa jirtan, Qabeena keena saamitanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin uf jalati qabatanii nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan Obboleeyaanii maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa teena irraa nuu ka’aa” jedhaniin. Aangawichi mootummaa kunis yoo dhumaatiif saamicha jalaa bayuu barbaadan lafa tana gadi dhiisaa gama lafa teesaniit galaa. Lafti tun teesanii mitii isin kasafitee jirtee lafti teesan Dhaddacha Warraabiif achii gadii

deemaa

itti

galaa

jedheen

.yoo

ka’uu

didan

du’aafi saamichi isin irraa hin hafu amoo huminaanuu hinkaatanii beekadhaa”jedheen. Dhaddachi Warraabi Magaalaa Dooloo tan Daangaa Toophiiyaafi Sumaalee irraa KM 70 gadi fagaati. Ummani nuti lafti teena tanaa gadi dhiifnee Biyya ambaatti wonti galuufi hinjiruu jedhanii ittii iyyinaan “Maal akka Shimbira ganamaa wol jalaa Ciwu Ciwu”jetu jedhee R/T waraana banachoon humna itti waamate. Ummanilee garjabummaa diinaa kana waan beekuufi hayee, akka jetanuu haa ta’uu ni kaanaa guyyaa

baalamaa

nuu

kenaa

jedhaniin.

yeroo kana Gootichi Ilma Oromoo Waaqoo Guutuu murtii dukanaayaa Habashoon Ummatya Oromootitti kenite kana diduun walgayii keessaa


dhiitee yoo bayu Konolleni lamaan aariin ija itti baasuun “kootu Eesa deemita “jedhanii waamani.Waaqoo Guutuu garuu waatokko osoo hinsodaatin Ija isaanii dura dhufee dhaabate. Kone Zawudeen “ maaliif murtii mangistii fudhatee lafa tana irra hinkaane?” jedhee lolaan gaafate.Waaqoo Guutuulee dalansumaan maaliif ka’a? lsababaan lafa tiyya irraa ka’uuf maali? Lafa tiyya irraa ka’ii eesa deema? jedhee gaafii gaafiin deebisee gaafate.Habashichis lafti tun tesanii mitti, wanti irraa kaatuufilee lafti isin kasaftee jirti.Lafti teesan

Dhaddacha

Warraabii achiti galaa jedheen. Waaqoo Guutuulee jechaa isaa kana ajaa’ibuun lafa tiyyatuu na kasasaa? Akaakoo Abaaboon irrati jiraanee adha geenee ammaan dura maaliif nu hin kasasin? amoo isinuu wara laga gamaa nuttu dhufee abaa torbatti (7) fiixaa teeyisan hin beeyine isii irraa nyaatyanii nu nyaataa

jirtan

isin

hin

kasafinee

maaliif

nu

kasafitii?”

jedheen.Eergamaan mootummaa kun akka jaba dallanuun adaa atii akka lafti tun nu kassaftu yaada qabdaa? Amaaf san hin argatu murti siif keenname fudhate ni baata moo hin baatu?gaafi tana qoofaaf deebii naa keenni

jedheen.

Waaqoo Guutuu obsaan uf qabbaneessuun mee murti san deebii sii kennuun dura waan tokko si gafadhaa na deebis jedheen.”Lafa Kurkurru jedhamtu ta karaan Makiinaa irra bahu tana argite beektaa? jedhee qubaan itti akkeekuun gafatee. Amartichiilee Ee ni beekaa jedheen, Kooba ykn Kuyyiisaa takka tan karaa san keesstti baate yeroo hunda

Makiinaan

irra

deemtaan

diigdaan ta isiin ammoo halkaan maraa ijaaramtee bultu ta ganamaa maraa diiddan argitee beettaa? jedhee gaafate.Amartichilee Ee argee jira jedheen.


Waaqoo Guutuu, “Koobuun sun ganama maraa ni diiggamti maalliif baduu diddee?” jedheen, Amartichiis akkamtii baddii baduu hin dandeettu malee! Makiinaan gubbaa irra qofa diigaa hiddi isii lafa jala jira hiddaan buqqisee hin danda’u kanaaf hin badne jedheen. Gootichillee dubbiin karaa inni fetdhu dhufuu isiitiif jaboo gammaddee, “Gaari’i kan beekuun kee, waan gudda’a, akka wonti hiddi isaa lafa keessa jiru salphaatti hinbadne atuu beettee lafa ati irraa ka’i, yoo didde siballeessaa naan jettu tana Handhuura tiyyatu jalatti awwaalamee jiraa beeki, lafee abaaboo-akaakoo kiyyaatti keessatti awwaalamee jiraa beeki, awwaala abbaa kiyyaattu kunoo armaan gama Bitaatta jiraa beeki, kanaafuu anillee ammaaf manaa siibayee, lagaa ammoo siif hinbayuu, tana beeka’aa jiraatdhu.” jetdheenii yoo inni socho’u hiriyyichi isaa Abdullaahii Usmaan Guutuu, duukaa bu’e. “Gabroomfattootni ammoo ummatchaan guyyaa (7) keessatti akka gadi lakklftanii biyyanaa baatan, murtii tana beekaa,” jetdhanii, gadi furan. Jagnootni Diddaa murtii gabroomfattootaatiin bayan Gannaalleen gama cee’anii, Wolaabu keessatti Kadiir Waariyoo Luugoo, Abdurrahmaan Haroo Abdii, Huseen Harcummaa Boruu, Huseen Abdurrahmaan Jaldoo, Roobaa Hindukkoo, Taa’oo Iggee Muussaa Dooyaa Jaarsoo, Huseen Waaqoo Dhaddee tiin walqunnamuun, murtii gabroomfataan ummata irratti dabarse kana dura dhaabatchu’uuf qawwee (4) qaban irratti (3) dabalatanii

bitachu’uun

lolaaf

uf

qopheessan.

Haala kanaan diinaan lola’aa humna cimsataa deemuun, Soomaalee irraas odeessa argatchuu jalqaban. Waaqoo Guutuu: Kadiir Wariyoo tii fi Huseen Harcummaa futdhatee, Abdullaahii Usmaan, Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo dhhaamsa waliin biyyatti ol deebisee gara biyya Somaalee socho’e.


“Ummata keennaan wal ta’aa, Amaara uf irraa ittisa’aa, hafuura keennallee

nuhordofaa!”

jetdhanii

Eela

Baalantichaatti

addaan

bobba’uun, bakka bu’oota woraana gosoota:Ajjuurana, Karallee, Gurraa, Garri’ii fi w.k.f-wajjiin walqabatanii Bulahawoon Sommaalee seenan. Worri dhaamsaan biyyatti ol-deebi’ellee, Gannaale “Arba-Gabbaa” bakka jetdhamtutti ummata walga’e kan maanguddootni akka Waaqoo Luugoo,

Camarrii

Guutuu, Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii tii fi k.k.f keessatti argaman qunnamu’uun dhaamsa isaanii dabarfatin. Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaale’ee Bulahawoo irratti

qunnamu’uun

Xayyaaraan

yaada

Moqadishoo

isaanii

erga

geessu’uun,

hubatchiisaniin

ajajaa Foolisaa

booda,

Motummaa

Soomaale’ee Kol. Umar Muhaammad H/Masallaa simatee quphachiisuun dhimma isaan deemaniin erga irraa hubateen booda, gara Jen. Daa’ud Abdullee, M/ra

ittisa

biyyaatti

geesse.Jeneraaltchillee qormaata fetdhu irratti dhuunfaa fi gamta’aan adeemsisee, haala ummata kanniinii erga hubateen booda, Waaqoo Guutu’uu dullatti

addatti

bara

waamee,”Mootummaan

dheeraa

bulchiinsa

irra

Habashaa:

turtee,

isin

Mootummaa dhiisii

nutuu

Mootummaan Somaalee humna isaaniin nulolchiisuu dandeettu gayaa hinqabnuu, woraanni mootummaa Toophiyaa guddaa akka ta’e isinuu hima’aa jirtanii waan humna keessaniitii olii kanaan loluuf yaaduu dhiisa’aa, waan sibarbaadchisaa hundaa siif gotdhaa, taa’ll asuma quphatdhuu, taa’ii yeroo itti eggatdhuu,” jetdheen. Waaqoo Guutuu, mootummaasn Toophiyaa woraana guddaa qaba jetchuun kee dhuga’a, garuu nuti gurmuu guddina isaa dadhabnee usuu hin,

meeshaa

woraanaa

keessattu


rasaasa dhabuu keenbnaaf malee, yoo meeshaa woraanaa argatne, rabbiin gargarsifatnee akka uf irraa kaasuu dandeennu ummata kiyya irraa abdii qabaa, rakko jiru’uu dadhabatdhee biyyaa hinbaanee, laaftee jabaatteellee manuma oo’aa keessaa bayee, amma diina maangudoo, dobartii fi daa’imman teenna bakka hundatti fixa’aa jiru fi qabeenna keenna saamu’uu fi barbadeessa’aa jiru kana hanga dhoofnee uf keessaa baafnu tti jireenni ani mataa mataa kiyyaan argatdhee ittiin jiraatdhu tokkollee naaf hinjiru, mootumma Habasha’aa ‘Guddo’oo’ hindandeettan,” jettu tana akka dandeetnu sitti garsiifnaa, yoo qawwee guddoollee naaf dhabde, rasaasuma Albeenii fi Minishirii naaf kenni,” Ammallee isin obboleewwan keenna tokkoo, rabbiin isin gargaaree, rakko gabrumma’aa hamtuu san jalaa isin baasee, namni miila lamaan dhoqqee seene miila tokko dhiqatee tokko hindhiisuu, nuti miila keessan tokko kan dhoqqee keessatti hafee, dhoqqee gabrummaa habashaa kana keessaa waan dandeettaniin nugargaara’aa, nubaasaa,” jetdheen. Jen. Daa’udillee yaada isaa kana xiinxallu’uun hubatee, “Wonti ati nuun jette,dhugumaa! ammoo nutillee marga qacalee reef baya’aa jiru, nibeektan, wonti guddoon isin gargaarru jiraatchuu dhabaatus, waan humna keennaa isinii gootna, mee hangasiif gama Bulahawoo tti ol-deebi’aatii na’eegaa, “ jetdhee gara kol. Umar deebise. Guyyaa gabaabaa keessatti kol. Umar jara kaawwan Bulaahawootti gaggeesse. Waaqoo fi Kadiiriin Maqdisho’otti hambise. Isaan ammoo, afaan Somaalee faaratti beeekuu dhabuu irraa kan ka’e, hafuu isaanii kanatti,

“Maali’iif

nuhambisan?”

jetdhanii

yaaddayan.

Hedduu rifatan, gaddan. Tanuma keessa Jen Daa’ud guyyaa lammataa Helekooptera ufiitiin Waaqoo fi Kadiiriin Gara Bulaahawootti fudhate. Amma Jen. Daa’ud hooganoota gosoota woraana hundaa waliin jiran walitti qabee, Jen Waaqoon hooganaa isaanii godhee itti file ykn


muude.Qawwee Dhoombir (40) Matirayyasii Toomaas (2) fi Boombii (3) kenneefii,

“yoo

isin

Mallayyoo

silaafuu

woraana Amaaraa

Foolisaa

hindandeettanii,

ykn

hiituma

mudhi’iillee boojitanii naaf fiddan fuula dura waan kanaa olii akka isin gargaaruu fi bifaa fi baay’inni qawwe’eellee kanaa ol akka ta’u waadaa siif gala,” jetdhee gaggeessa. Amma Waaqo nama (3)n qawwee (42) fi boombii

(3)

fe’atanii

galu’uuf

gaala

barbaadachutti

jiran, Camarrii Guutuu woraana nama (40) qabatee dib-jetdheef. Gammachuu gudda’aan qawwee walii hiratanii, itti gaafatamtoota woraana kaanii wajjiin taa’anii mari’atan. Sochii isaaniifillee maqaa baafatan. “HIZBII” ufiin jetdhan. Namuu gama biyya isaa sosso’e, woraanni Waaqoollee OROMIYAA-BAALE tti qajeele. Humni Waaqoo Guutuu Oromiyaa seene, maqaa isaa kama qawwee isaa baafate, “DHOOMBIR “ufiin jetdhe.Bara 1963 malkaa Annaa tti seensa ji’a caamsaa irratti woraana Amaara kan isaan gaada’aa jiru, lak. (600) ta’u, shaalaqaa Buzunaan durfamuun waliin walsiman. Lola ganama saa’aa 10:00 irraa jalqabee saafaya booda 2:30 tti adeemsifameen, humna diinaa irraa namni (43) reeffa ta’ee madoon (100) olitti lakkaawamte. Yeroo duraatii fi qawween Oromo’oo akka Amaara ajjeeftu hoji’iin mul’dhatee, deeraa fi ujoolleen daaw’atte. Guyyaa kana qawwee M1 ykn Furgoo (8) kan akaqakuun isaa hinbeekamin (13) booji’an. Shaalaqaa Buzunaan dursa woraana ufii baqatee Bidiretti gale. Gootota Diddaa-Gabrummaatiif

bayan

keessaa

lola

kana

irratti

goototni (2) woreegaman. Isaanis: Ahimad Muhaammad Baladee fi Nuur Yisaaq

Dhaddee

turan.

Falmiin bifa kanaan jalqabee bal’dhinaan itti fufee kutaa Baalee wolakkaa

ol

akkasumas

Sidaamoo koonyaa muraasa gabrummaa Habashaa jalaa bilisoomsee


woggaa (8)f bulcha’aa ture. Haluu baafatnaan Hayilee Sillaasee birmachuu

meesha’aa

fi

beektota

faranji’iitiin

gargaaramee

garjabeennaan hamma bar a1969 ummata Oromoo beeraa fi ujoolee (315) qilee

keessatti

fixuun

diniina

ummatatti

kenne.

Kunis:“WAAQOON

FIDUU,

UMMATA

HARKA

ISAA

DHIIRA

UMURII

(15)

YKNf

AMMOO

BOOJUU

JIRU

OLII

JIRAN

KEESSAA FIXUU”

jetdhee maanguddoota waamu’uun itti hima. Dhiibba kana irraa kan ka’e,”anaaf Onkololeessa

jetdha

lubbuun

1970

ummata

Motummaa

kiyyaa

H.D

tti

hindhabaminii.” harka

kennatan.

Haaluma kanaan, gootichi Waaqo qoratamanii Nugusicha waliinillee dubbatan. Badii biyyaa irratti raawwatameef gutumaa-guututti tan mootumma’aa ta’uun itti walii galamee, amma booda biyya waliin bulchina,” jetdhan. Aango’oo fi bulchaa llee mirkaneessanii fii Jen. Waaqollee biyyatti deebi’an. Hga dhuma 1975 biyyuma keessa turanii 1976

humna

woraana

Soowraa

Ykn

Jaanaddee ijaaramee ol bobba’e Magaalaa Bidiree keessaa bahuun isaaniitti makaman. 1976-1983 ittigaafatama adda-addaa irratti humna Soowraa

hoogganaa

– –

Ajajaa Itti

gaafatamaa Itti

turan.

woraanaa dantaa

aanumma’aan

haajaa

ta’uun, alaa

gaggeessa’aa

ta’uun turan.

Akeekni Jen. Waaqoo Bilisummaa Ummata Oromooti. Kunis kan mirkanaa’u tokkummaan Ummata Oromoo yoo eegame jetchu’uun, Dhaaba

Adda

Tokkummaa

Bilisummaa

Ummata

Oromoo /ATBUO/ bara 1989 ijaaranii dura bu’ummaan hooganaa turan.


Bara 1991 Motummaan Dargii jige,”rakkinna Ummata Oromoo karaa nagayaatiin

haafuramuu,”jetchuudhaan

Mootummaa

cee’umsaatti

dhaabilee dabalaman keessaa jaarmayaan Waaqoo Guutuu isa tokkoo dha. Diinni qoosaa hinbeekuu, murtii nagayaa diignaan isaanis bara 1992 chaartera keessaa bahanii qabsootti deebi’an. Bara 200 tti humnoota Oromoo qindeessuun /ULFO/ dura taa’ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo jidduu jirus furuuf qoodda goddaa kennanii jiran. Dhaamsa Ummataa dura taa’ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo jidduu jirus furuuf qoodda goddaa kennanii jiran. Dhaamsa Ummataa ergan keessaas, “Yaa ummata keenna gaafa beekaan hinheddumaatin waljala yaanee, diina keenna uf irraa dhoofne. Ardha ammoo, beekaan heddummaatee, waldhagayuun dhabamtee, ummata keennaallee waa gotdhuu hanqatne. Ardha tokko ta’aa jirra, dhaabbilee Oromoo (6)n walii galtee uuma’aa jirra, Ummatni keenna waan guddaan gadii baanaan nu eegaa jiraa—mee gaara dorrobe nuhingotdhinaa. Bara durii gaarri dorrobee maal dhala jetdhanii uduu

eegan,

lilmmoo

dhale,

gaara

dorrobee

lilmmoo

dhale

nuhingotdhinaa,” jetdhanii ummata isaaniitti dhaamatanii turan. Amma ammoo, fayyaa irraa kan ka’e dadhabanillee, bakka ciisaniiyyuu waanuma bilisummaa Oromoo wirdii gotdhan amriin tarabbiiti dhaamsa isa dhumaallee dabarfatanii gara mana isaanii kanumaruu irraa hinhafneef

godaananii

jiru.

DHAAMSA:Tokkummaa keessan diinni isin hindiigin! Namni mana tokko ijaaru citaa walhinsaamuu, -BEEKKADHAA!


-TOKKUMMAAN -TOKKOOMTAN -TOKKO ANI

WAAN

TIKSAA! MALEE

TA’AATII QOODA

BILISUMMAAN

HINDHUFUU!

KEESSAN

BARBAADAA!

BIYYA KIYYAA

UF

IRRAA

KEESSAN

GEESSEE

BIYYA

HINGATINAA!

Jeneraal Waaqo ji’a (3)n darbaniif dhukkubsata’a isaanii yaalachaa turan. Kana nuu dhaamuudhaan Gurraandhala bultii sadi bara 2006 addunyaa tana irraa deemanii jiru.

Baaroo Tumsaa

Baaroo Tumsaa (1942-1978) Obbo Baaroo Tumsaa bara 1942 dhiha Oromiyaa Wallagga Ona Boojjii Karkarrootti Abbaa isaa obbo Tumsaa Silgaafi haadha isaa Naasisee Cirrachoo irra dhalate. Deeggarsa obboleessa isaa Luba Guddinaa Tumsaafi obboleessa isaa Naggasaa Tumsaa waliin Naqamtetti sadarkaa 1ffaa baratee sadarkaa 2faa ammoo ‘Ethiopia Evangelical college’ Bushooftuutti barate. Yunivarsiitii Finfinnee galee barachuun bara 1966 faarmaasiin sadarkaa B.SC eebbifame. Erga Yunivarsiitii galee kaasee guyyaa tokkollee qabsoo irra kan of hinqusanne Baaroo Tumsaa gumaacha mul’ataa gumaachaa ture. Dr. Mohammed Hassenfi Kuulanii


Guddinaa seenaa Baaroo barreesan keessa: Sochii siyaasaa barattootni geggeessaa turan keessatti qooda guddaa nama qabaataa turan yommuu ta’u bara 1964 -1965 Prezidaantii University Finfinnee ture. Bara 1966tti ammoo Barreesssaa “union of the Universty Students in Addis Abeba “ ta’ee hojjetaa ture. Obbo Baaroo Tumsaa barattoota Oromoo, loltuu Oromoo miseensota Paarlaamaafi beektota Oromoo hunda gidduutti quunnamtii gaarii uumuu danda’ee kun ammoo jaarmiyaa gurmeessuuf bu’uura gudda ijaare. Obbo Baaroo Tumsaa yaada jijjiirama gurguddaa burqisiisuun nama morkataa hinqabne ture. Quunnamtiifi hariiroo gaarii uummata Oromoo keessatti qabu fayyadamee sochoosuun bara 1965 dhaadannoo “lafti Qotee Bulaaf” jedhu hiriira finfinnee qopheessuun Oromoof jijjiirama guddaa kan fide bu’uura qabsoo hundaa nu akeeke. Bara sana keessa uummatni

Oromoo,

lafa

isaa

irratti

mirga

dhabee,

bulchiinsa

gabrummaa jalatti lammii sadaffaa ta’ee, qabeenyaan saamamaa, siyaasaan hiraarfamaafi aadaa isaatiin tuffatamaa akka ture. Obbo Baaroon sirriitti hubachuun Oromoo barsiisaa turan. Obbo Baaroon yeroo gabaabaa gidduutti, sagaleeniifi afuurri warraaqsa duraan dhaga’amee hinbeekne, golee arfan biyyattii keessatti baballatee akka dhaga’amuuf hooggansi inni kenne mootummaa Hayile Sillaaseetti yaaddoo haaraa akka biqilchu kan taasise ture. Seenaa Obbo Baaroo Tumsaa akka ani barreessu kan na dirqisiisee waan lamatu jira. 1ffaan Namoonni yeroodhaaf seenaa sana dhoksuu barbaadantu jiru, 2ffaa waan dhokfamee jiruuf seenaa barreessitoonni sirriitti bal’inaan qoratanii barreessuu irraa of qusatanii namni hojii nama kana sirriitti Afaan guutee dubbachuu sodaatee ture. Kun anaaf naa liqinfamuu dide, Obboo Naggasaa Tumsaa illee waa’ee obboleessa


isaa miidiyaa hunda irratti akka hojii isaatti akka hindubbatamne naa ibsanii jiru. Seenaan Jaal Baaroo Tumsaa namni sirriitti hinbeeku, sababni isaa yeroo dheeraaf dhoksamaa ture, yeroo turaa adeemu ammoo ni hirraanfatama achuman dhokata, kana qofa utuu hintaane Dhaabni isaa utuu ibsa ga’aa hinbaasin namootni waa’ee isaa ibsuuf ni rakkatu turan, inni guddaan ammoo Obbo Baaroo Tumsaa jireenya isaa keessatti nama aangoo barbaaduufi nama na arga na arga jedhu ykn Protocal isaafi maqaa isaa dhaadessaa adeemu utuu hintaane nama akka Ogeessaatti duuba taa’ee hojjechuu jaallatu waan ta’eef namoonni alaa hedduu hinbeekan. Namoonni baay’ee Obbo Baaroo Tumsaa bu’uuressaa ABO ta’uu isaallee sirriitti hinbeekan, Obbo Dheeressaa Qixxee garuu Baaroo Tumsaa bu’uuressaafi Hoogganaa ABO qofa utuu hintaane mallattoo ABO ture jechuun ragaa ba’u. Kana uummatni Oromoo beekuu qaba kan jedhuun waan Prof. Mohaammadiifi Aadde Kuulanii Guddinaa barreessan kana hubanoofi ragaa ani qabuun gabaabsee barreessuu yaale. Qabsoon Obbo Baaroofi hiriyoonni isaa Oromoon lafa ofii irratti garba ta’ee, alagaan humna qawween itti dhufee, biyya isaa dhabe sana deebi’ee akka dhuunfatuuf, qabsoon yeroo jalqabaaf eegalamee, kabajamuu mirga dhala namaafi bilisummaaf daandii qabsoo saaquun, kunoo haala har’a keessa jirruun nu gahuu danda’e. Obbo Baaroon Nama seenaa qabeessa Maamoo Mazammir yeroo barataa ture Maccaafi Tuulama keessatti gumaacha akka godhu ijaaruun hanga inni wareegametti jaalummaa gaariin waliin qabsoo godhan Obbo Baaroon bara 1966 barnoota yuunivarsiitii akka xumureen hojii kan jalqabe Ministeera fayyaatti itti gaafatamaa gola Faarmaasii ta’uu seenaafi seera hojii faarmaasii biyya Itiyoophiyaa akka jirutti jijjiiruu


danda’ee jira. Faarmaasiin Itiyoophiyaa hanga Har’aatti seera inni ittiin hojjetu bu’uura isaa dura kan qopheesse obbo Baaroo ta’uu isaa Manni faarmaasii biyyaatti ragaa ba’u. Obbo Baaroon yeroo muraasa booda yuuniversiitiitti deebi’uun barsiisaa Faarmaasiifi Barataa Seeraa ta’uun eegaluun isaa sochii barattoota yuuniversiitii keessatti barattoota gurmeessuufi

siyaasa

barsiisuuf

haalli

mijateef.

Obbo

Baaroon

hoogganaa barattoota yuuniiversiitii ta’uun, gochaa gaarii faarmaasii Itiyoophiyaa keessatti hojjeteen, hariiroofi quunnamtii gaarii Maccaafi Tuulama keessattifi paarlaamaa biyyattiifi waraana biyyattii keessatti qabaachaa tureen muuxannoo kana irraa argateen dhimma ba’uun ABO hundeessuuf haala mijeesseef. Bara 1967 keessa Waldaan Maccaa fi Tuulamaa yommuu cufamu, mootummaan Hayile Sillaasee murtii du’aa obbo Maammoo Mazammir irratti raawwate, Jeneraal Taaddasaa Birruu ammoo Galamsootti akka hidhamu godhe hogganoota hafan tamsaasetti guci sochii bilisummaa akka hindhaamne gochuu irratti gaheen obbo Baaroo boonsaafi seena qabeessa akka ta’e beekama. Barattootni Oromoo gumii “walbarraa” jalatti walitti qabuun, akkasumas “Walda Dhidheessaa” jedhamuu ijaaruu Maccaafi Tuullamni akka hinbadne godhee jira. Bara 2001-2002 WFDO bu’uurressuuf waraqaan ala wixinee dhufee fuudhee Obboolessa obbo Baaroo Tumsa obbo Naggasaa Tumsaa bira yeroon deemu fakkeenya Baaroo Tumsaa akkan ta’u seenaafi hojii Baaroo na barsiisan. Itti dabaluun Sagantaa WFDO ani qopheesse sun namni dura dubbise isaan ture, Dhaabni sun dhaabbachuu akka qabu naa mirkaneessan garuu, mootummaan waan si shakkuuf jaarsolii of dura qabadhuu deemi, akka Baaroo hayyuu ta’ii gorsii ijaari malee aangoof jettee dura of hinqabiin naan jedhanii Obbo


Bulchaa Dammaqsaatti sagantaa kana akkan kennu na godhan. Yeroo lammataa gaafa Maccaafi Tuulamni Cufamu bara 2003/2004 Uummatni Oromoo bakka itti walitti qabamu dhabuu Obbo Naggasaatti deebi’een ammas gargaarsa yeroon gaafadhu amma waan Baaroon bara 1967 gaafa Maccaafi Tuulaamni cufamee hojjete sun hojjechuun dirqama keeti Jaarsoolii siif barbaanna jedhan. Hundaa’uun WFDO akeekaafi tooftaa Baaroo Tumsaa waggaa 30 dura itti fayyadametti fayyadamuu yaale, ABO waliin quunnamtii nu qabachuu qabnullee Tooftaafi hariiroo Baaroo Tumsaa ture. Gara seenaa obbo Baarootti yeroo deebinu. Waldaa Dhidheessa keessas hayyoota kutaafi beektota Oromiyaa hedduutu

ture.

Oromoota

ijaaruun,

barsiisuufi

siyaasaan

akka

dammaqan gochuun bu’aa guddaa qabaachuu isaa kan hubate obbo Baaroon,

maandheewwan

hedduun

gurmaa’anii

Oromoota

golee

Oromiyaa hunda keessaa walitti fiduun rakkoo uummata isaanii akka mari’atan bu’uura hundeesse. Yuuniversiitii keessatti “Sagalee Diddaa Gabrummaa” (Voice Against Tyranny) qopheessee barattootaa fi Oromoota Miseensoota WMT faca’anii fi dhokatanii jiraatan gargaaruu fi jajjabeessuun illee hojii isaa ture. Bara 1972 Afaan Oromoo qubee Laiiniitiin barreessuuf, hirmaatni dubbii (grammar) isaa qoratamee akka barreeffamu gochuuf Haayile Fidaafi Abdullahii Yusuuf bakka jiranitti Mitikkuu Tarfaasaa deemee akka isaan quunnamu gochuun ga’een Baaroo Tumsaa guddaa ture. Qormaatafi Barreeffama biyya keessaa funaanuun,

Mitikkuu Tarfaasaa gara

Jarmanii deemee Haayilee Fidaa faa waliin akka hojjatu baasii isaa danda’uun kan ergan obbo Baaroofi Guddinaa Tumsaa turan. Bara 1973 Maandhiilee duraan obbo Baaroon ijaaraman hunda biyya keessaa biyya alaa jira, akkasumas J/Taaddasaa Birruu waliin wal


quunnamuudhan, hariiroo uumuufi marii gochuun Walgahii ABO bu’uuressu qindeesse. Seenaaniifi guci qabsoo ABO gaafa sun qabsiifame. Walga’ii kana irratti kanneen argaman: Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, L/Kol.Damisee Dheeressaa, L/Kol. Kabbadaa Qajeelaa, Abbiyyuu Galataa, Addisuu Bayyanaa, Leencoo Lataa, Yusuuf Bakariifi Diimaa Noga’oo turan. Baaroon Sochii sadarkaafi caasaa hunda keessatti hoogganaa

qooda ture.

fudhachuu,

qindeesuu,

Miseensootaafi

gurmeesuu,

mandhee

to’achuufi

dirqamatti

utuu

hinbobbaasiin dura sirna naamusa eeggachuu qabaniifi iccitii isaan eeggachuu qaban hubachiisaa ture. Bara 1974, yeroo mootummaan Hayile Sillaasee kufee, Dargiin aangoo qabatu Baaroon koree (komishinii) qaama ministeeroota durii qoratu keessatti filame. Kun ammoo loltuu Oromoo waliin hariiroo gaarii uummate. Baaroon ABO dhoksaan akka balaa irra hinbuuneef dhaaba seera qabeessa ECHAT (Ethiopia Chikun Hizbooch Tigil) ijaarsa Tokkummaa uummatoota Cunqurfamoo Ethiopia jedhamu gaaddisa ijaareef. Akeekni ijaarsa kanaas qabsoo Oromoo qabsoo uummattoota kibba Itiyoophiyaan waliin qindeessuufi ABO’f dawoo kennuu dha. Hoogganaa ijaarsa kanaa ta’ee Biiroo Barreessaa ijaarsa ummataa seene. Tooftaan kan WFDO ijoollee Oromoo dararamaa turan lubbuu hambisuuf itti fayyadamee ture har’allee itti fayyadamuun gaarii ture. Baaroon ABOs ta’ee ECHAT bu’uuressaafi hoogganaa qofa utuu hintaane nama waan hunda caalaa uummata Oromootti aansee ABO dhaabbilee kan akka mucaa dhalatutti kunuunsaa akka ture Hiriyoonni isaa lubbuun jiran akka Dheeresa Qixxeefaa ragaa ba’u. Baaroon yeroo ECHAT dhaabe rakkoo uummata Oromoo irra dabarsee ilaaludha, uummata akka Oromoo rakkataniifi garboonfatan fira godhachuun Oromoo duukaa ijaaree ture, kun har’allee tooftaa Baaroo kana deemuu


qabna,

uummata Kuush

hunda

of

duukaa gurmeessuu

qabna.

Dhaabbilee siyaasaa Oromoo Habashaa jala rurruuqamuu mana sabaafi sablammii hunda fira godhachuun waliin ijaaramuu qabna. Kana gochuuf

ammoo

dura

ijoollee

Oromoo

dhaaba

isaanii

walitti

tokkoomsuu qabu. Bara 1976 Baaroo Tumsaa mandheelee dhoksaan ijaare hunda sochoosuun, ijoollee Oromoo qaroo bakka hunda irraa quunnamuufi walitti fiduun taa’umsa ABO inni dura Finfinneetti bara 1976 akka ta’uufi sagantaan siyaasaa dhaabichaa akka mallattaa’u, barruuleen dhaabichi siyaasaa isaa ittiin tamsaasuu danda’u “Bakkalcha Oromoo”, kan dargaggoota ammoo “warraaqa”, kan qaama waraanaa, “Sagalee Bosonaa”, moggaafamee sagantaan siyaasaa dhimma Oromoo irratti akeekkatee fuula tokkoon akka eegalu kan taasise murna obbo Baaroon hogganaa tureen akka ta’e seenaan hojii isaa ni mirkaneessa. Baaroon sirna

mootummaa

jala,

finfinnee

taa’ee

hogganootafi

waraana

akkasumas, caasaalee dhaabichaa adda addaa lafa bal’aa Oromiyaa irra diriirsee ture. Hoogganni ABO gaarii tokko akka bahatti bobba’u godhame. Bara 1977 keessa Baaroon murna kutaa harargee keessatti qabsoo hidhannoo

geggeessaa

turetti

gootummaan

makame.

Qaamni

dhaabichaa dirree bahaa ture rakkoo jajjaboo hedduu keessa waan tureef Baaroo Tumsaa fi Magarsaa Barii Walgahii naannoo sanatti Gurraandhala 1978 ta’u qopheessuu eegalan. Erga bobbaa waraana Xoophiyaa of irraa ittisanii booda sirna dhaabichaa sirreessuu itti fufan Caamsaa 1978 bakka Baaroo Tumsaafi hoogganoonni biraa dirqama kana irra jiranitti miseensuma dhaabichaan dhukaasni banamee Baaroon Wareegame.


Haile Fida The Father of Qubee Afaan Oromo

Dr. Haile Fida Kuma had made an outstanding contribution to the development of the Oromo national orthography. He was one of the pioneers who attempted to shed light on the history of the Oromo; and the right of the Oromo people to speak, read and write in Afan Oromo. He initiated Oromo studies in Europe and had made a major contribution both to our knowledge of Afan Oromo grammar and to the discussion on how the language should be written (from 1968 to 1974). His first research paper, entitled ‘Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afan Oromo,’ was published in 1972 on Tatek, a theoretical Journal of Ethiopian Studies in Europe. He further published in 1973 an Oromo Grammar book entitled ‘Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo’ (Paris, Haile Fida, et al., 1973). Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo and a literature book: ‘Barra Birraan Barihe‘ (Paris), using his adopted 35-letter Latin Qubee alphabet. The books were results of his long-time study of the Oromo language and problems of Oromo orthography. In this groundbreaking Afan Oromo grammar book, he adopted the Latin alphabet to the phonology of the Oromo language by modifying some of the shapes of the letters and adding subscript diacritics. He made distinctions between short and long vowels letters by using single vowels letters (i, e, a, o and u) for the former, and double (ii, aa, oo, uu) ones for the latter. He presented the finding of his research to the conference of the Ethiopian Students Union in Europe in 1972 and this


brought a debate on language issues within the Ethiopian and Oromo students movement abroad (see, Dr. Fayisa Demie, “Historical Challenges in the Development of the Oromo Language and Some Agenda for Future Research,” Journal of Oromo Studies, Vol. 3, No. 1 & 2, pp. 18-27, 1996; and Dr. Fayisa Demie, “The Father of Qubee Afan Oromo: A Tribute in Honour of Haile Fida’s Contributions to the Development of Oromo Orthography,” Oromia Quarterly, Vol. II, No. 3. pp. 1-5, 1999.) His knowledge on Oromo language was so encyclopedic, and his contribution to the Oromo studies in Europe was so well known at the time, and his contribution was greatly acknowledged by the Oromians who knew him very closely. Oromo national organisations have used QubeeAfan Oromo since the 1970’s. The Oromo National Convention in 1991 also endorsed the use of Qubee all over Oromia. Dr. Haile was assassinated by the Dergue Ethiopian regime before seeing this remarkable achievement in the use of Qubee in Oromia – which has been the greatest milestone in the history of the Oromo people. Dr. Haile Fida completed his initial primary education at Arjo Primary School, and his Junior (Grades 7-8) at the then Haile Selassie I Secondary school in Naqamtee followed with secondary education at the General Wingate School in Finfinne, and undergraduate at Finfinne University (Science Faculty, Geology Department). Haile was an outstanding student while he was at the General Wingate Secondary School and the university. He completed his secondary education with 10A’s and 2B’s, and his undergraduate university studies with great distinction with a GPA of 4.0. After graduating from the Department of Geology, he was employed as a Graduate Assistant and became a


Lecturer in the same department. He then left to France to pursue postgraduate studies. Haile studied M.A. in Sociology and Social Anthropology, and PhD in Philosophy at the Le Palais De L’Académie Paris. While he was in Europe, he was an active member of the Ethiopian Students Union in Europe and an Honorary Secretary of the French Socialist Party. Dr. Haile was married to Mme. Marie and survived with two children. Haile belonged to a group of generation of Oromo nationalists who embarked on an arduous struggle to liberate the Oromo nation from the Ethiopian oppression using two different strategies. The first Oromo group is convinced that the Oromo question is a colonial question, and argued the solution to the Oromo question is the liberation of Oromia from the Ethiopian colonialism. Indeed, to show the Oromo identity as a colonial people deprived of their right to govern themselves democratically and oppressed by Amhara/Tigrai colonial settlers, they have put forward historical evidences which support the Oromo case. The second group, in which Haile belonged, argues the Oromo question is national oppression, and this group is convinced that it is possible to solve the problem through the democratization of the Ethiopian state. As part of their struggle against the national oppression, this group of Oromos have attempted to take forward the national question high on the agenda of the Ethiopian Students Movement and other Ethiopian organisations that have mushroomed since the Ethiopian Revolution in 1974. The first members of this generation were born in the early 1940’s, and the youngest in the early and mid 1950’s. It is a generation of Oromo activists who have come together to struggle against the


national oppression. Most of them had been killed while struggling for the Oromo cause or while attempting to change Ethiopia. Indeed, Haile was one of the victims who died while attempting to change the environment of the national oppression in Ethiopia. He was killed by Ethiopians while struggling against the national oppression, and for the right of the Oromo people to speak and write in their language. His death at a younger age robs Oromia of an enthusiastic, hardworking and committed Oromo professional. The inspiration he provided throughout his life continues to influence Oromo scholars and new generations in the field of Oromo studies.


Issuu converts static files into: digital portfolios, online yearbooks, online catalogs, digital photo albums and more. Sign up and create your flipbook.