Yesuus Tasuma Si Hin Dhiisu (Oromo) Jesus Never Fails

Page 1


YESUUS TASUMA SI HIN DHIISU

Oromo Jesus Never Fails

1st edition, printed 10,000 copies, May 2019.

Copyright ©2018

Published by Lutheran Heritage Foundation 51474 Romeo Plank Road Macomb, Michigan 48042, USA. www.LHFmissions.org info@LHFmissions.org

The translation and publishing of this book has been made by Lutheran Heritage Foundation. All rights reserved. No part of this book may be reproduced, stored in a retrieval system, or transmitted, in any form or by any means, electronic, mechanical, photocopying, recording, or otherwise, without the prior written permission of Lutheran Heritage Foundation.

Funding for the publication of this volume has been provided by the Sukup Family Foundation.

Soli Deo Gloria!

Not for commercial use.

YESUUS TASUMA SI HIN DHIISU

Ebla 2019 B.A. Fulla 10,000 tu maxxanfamee.

Afaan Oromoti kan hiikee : Bayeessa Jabeessaa.

Hikuu fi maxxansuun macaafa kanaa dhaabbata Luuteraan Heritej Faawundeshenii (teessoon isa gararraati kan barreeffame) tiin hojjetame.

Mirgi isaa guutummaatti eegamaa dha.

Macaafa kana kutaa kamiin iyyuu baayisuuf, yookiis nama birootti dabarsuuf, boca fi karaa kamiin iyyuu ellektironiksiitti, makaanikaan garagalchuun, sagaleetiin waraabuun, yookiis karaa birootiin fayyadamuuf dursa Luuteraan

Heritej Faawundeshenii irraa eyyama barreeffamaan argachuu barbaachisa.

Itti fayyadama barruulee kanaa ilaalchisee yaada kenname

• Namoota gaaffiiwwan jireenyaa ulfaatoon isaan mudatee furmaata barbaadaniif wangeela hiruu.

• Amantoota haaraa yookiin warra dharraa dubbii Waaqayyoo qaban, akkasumas hiriyoota ofii ittiin jajjabeessuu.

• Luboonni yeroo tajaajila gorsaa kennan, namoota dhukkubsatanii mana yaalaa ciisanii fi warreen iddoo gara garaatti wal’aanaman yeroo daawwatan, barruulee kana fayyadamuu ni danda’u.

Barruuleen kun isa tasuma si hin daganne waliin wal si barsiisa. Innis maqaan isaa Yesuus jedhama.

Yakkaa fi cubbuu keenyattii dhiifama akka argannuuf Waaqayyo Yesuusiin nuuf erge. Kanaafis, inni cubbuu keenya akka nuuf dhiisu, akka nu geggeessuu fi jal’ina hundumaa irraa akka nu eegu ni amanna.

Yesuus isa tasuma si hin daganne kana maaliif amanuun akka si barbaachisu gadi fageenyaan hubachuuf ammoo barruulee kana itti fufii dubbisi.

YESUUS TASUMA SI HIN

DHIISU

Sodaan irraanfatamuudhaa rakkoo

yeroo si’anaat. Guyyaa guyyaatti haala irraanfatamuu keessa hin jiraannu utuu ta’ee, jireenyi gaarii ta’a ture.

Haa ta’u malee, waa’ee irraanfatamuu kanaaf misiraachootu jira. Innis, furmaati argamuu isaati.

Akka waan irraanfatamtee yookiin namni si dhiiseetti sitti dhagahama yoo ta’e, sodaa irraanfatamuu kana isa mo’e waliin wal si barsiisuun barbaada.

Waa’ee kanaatii fi akkamitti dhimmi kun akka raawwatame baruu ni barbaaddaa?

Kaayyoon traaktii xiqqoo kanaas:

Karaan hir’inaa fi irraanfatamuu garasitti si ceesisu jiraachuu isa akka beektuudha.

Kun dhugaa dha. Irraanfatamuun cubbuu mo’atamuu qabuudha. Kufaatii

Jannata Eden keessatti raawwatame kan qooddate maatii keenya warra jalqabaa qofa miti. Nutis kufaaticha dhaallee jirra.

Cubbuun lafa keenyarra dhangala’eera. Cubbuun masaraa du’aa, abdii kutannaa fi burjaaja’ummaa keessatti nu naqee jira.

Har’a isiniif ibsuu kanin barbaadu, rakkoon kun hundinuu furmaata kan hin qabne osoo hin taane, karaa nuti kufaatii kana keessaa itti bahuu dandeenyu nuuf kennamuu isaati.

NAMOOTNI/HIRIYOOTNI NU

DHIISU

Namootni/hiriyootni keenya nu dhiisuu danda’uun dubbii dhugaadha. Namni nuti nu oolcha ykn nu garaara jennee irratti abdii godhanne yeroo inni nu dhiisu argina. Namni nuti jaallannus yeroo inni nu gaddisiisu argina. Nuti jaalala itti argisiifna, isaan garuu jaalala nuuf hin qabani. Kanaaf iyyuu nutis namootni ykn hiriyootni keenya waa’ee keenya dhimma hin qabani, nu dhiisaniiru jenneetu xumurra. Namootnii fi hiriyootni keenya yeroo nuti baayyee isaan barbaannetti isaan garuu nu dhiisaniiru, nu irraanfataniirus. Uumama harka isaa kan ta’an yeroo namootni Waaqayyoon irraanfatan garaan isaa hammam akka gadde yaaduu ni dandeessuu laata?

Bara jireenya kee qabeenya walitti qabuudhaan dabarsitee? Kun immoo rakkoo yeroo hedduu mullatuu fi kan nuti irratti hin dammaqin jirruu dha. Akka waan inni gammachuu namaaf fiduutti humna, yeroo fi dandeettii keenya qabeenya walitti qabuu irra oolchina. Haa ta’u malee garuu baay’inni qabeenyaa fi wantota ijaan argamanii gammachuu fiduus ta’e sodaa fi yaaddoo keessaa nubaasuu irra yeroo inni nu dhiisu argina.

FAYYAAN KEENYA NU DHIISA

Hiriyootaa fi haalotaan dhiifamuun baayyee ulfaataadha. Fayyaan ofii nama dhiisun hoo hammam ulfaataadha? Namoonni baayyeen akka jedhanitti, fayyaa qabaachuun waan hunda qabaachuudha jedhu. Haa ta’u malee garuu, yeroo fayyaan nama dhiisu maaltu ta’a laata? Kan akka maqaa dhibee kaanserii yookiin dhukkuba onnee dhagahuu nama suukaneessu hin jiru. Yeroo yaaddessaa akkanaa kanatti gara eenyuu ilaalla laata? Yeroo doktoriin

“nuti homaa siif gochuu hin dandeenyu”

jedhu gargaarsaaf gara eenyuu ilaalla laata? Yeroo fayyaan nu dhiisutti waanti abdii nuuf ta’u jiraa ree?

YESUUS TASUMA SI HIN DHIISU

Namni tasuma si hin dhiifne tokko akka jiru beektaa laata? Eeyyee, hiriyoonni si dhiisu, haalli si dhiisa, fayyaanis si dhiisa

Garuu…

Kan tasuma si hin dhiifne tokko jira.

AKKAMITTI BEEKUU

DANDEENYA?

Yesuus waanta nu barbaachisu nuuf kennuu akka dandahu ni beekna. Kanas immoo akkaataan inni itti hojjetu si ajaa’ibuu danda’a. Haa ta’u malee garuu, haalli kun rakkoo hiriyootaan, haalotaa fi fayyaadhaan irraanfatamuu/dhiifamuu mo’achuu akka dandeessu si gargaara.

Tarii waanti baayyee nu barbaachisu maal akka ta’e hubachuu dhiisuu dandeenya. Kan baayyee nu barbaachisu hiriyoota, qabeenya yookiin fayyaa osoo hin taane dhiifamuu cubbuu argachuudha. Kitaabi Qulqulluun, “Namni qajeelaan tokko illee hin jiru

…Hundinuu yakkaniiru, ulfinni

Waaqayyoos isaanitti hir’ateera” jedha (Romaa 3:12, 23) .

YESUUS MICHUU MICHUUN

OLIITI

“Michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu irra kan caalu jaalalli hin jiru.” (Yohaannis 15:13).

Yesuus yeroo nuti isattii adda baane, waanti baayyee nu barbaachisu maal akka ta’e argeera. Kitaabi Qulqulluun “Hundinuu yakkaniiru ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera” jedha (Roomaa 3:23) . Itti fufuudhaanis, “nuti amantiidhaan qajeelota taane malee hojii gaarii hojjenneen miti” jedha (Roomaa 3:28) .

Yesuus isa karaa nuuf baneedha: “Isin karaa amantii ayyaana Waaqayyootiin fayyitani. Kunis ammoo hojii ofii keessanii kan isin ittiin of jajjan utuu hin taane, kennaa waaqayyo biraa isiniif kennameedha” (Efesoon 2:8-9).

Yesuus kallattii nuti hubachuu hin dandeenyeen waanta guddaa nu barbaachisu nuuf guuteera.

“Haa ta’u maee, Waaqayyo utuu nuti cubbamoota taanee jiruu, Kiristoos nuuf jedhee akka du’u gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera.” (Roomaa 5:8).

Akkuma armaan olitti ibsame, nuti qalbifannus qalbifachuu baannus, kan nu barbaachisu inni guddaan dhiifamuu cubbuu argachuudha. Kanas immoo

Yesuus nuuf kenneera. Dhiifamuu cubbuu argachuu keenya kana akkamitti beeknaa?

YESUUS FEDHII KEENYA ISA

GADI FAGOO AKKAMITTI NUUF GUUTEE?

Nuti isa keessatti qajeelummaa Waaqayyoo akka qabaannuuf, Waaqayyo nuuf jedhee isa cubbuu hin qabne Kiristoosiin cubbamaa godhe. (2Qoronxoos 5:21).

Yesuus Yerusaalem keessatt maal akka ta’aa jiru guutummaatti utuma beeku fuula isa gara sanatti deebifate. Akkanas jedhee dubbate, “Anumatu ofii kootiin lubbuu ko dabarsee of kenna malee eenyu illee ofii isaatiin anarraa fudhachuu hin danda’u.” (Yohaannis 10:18).

Kanaafis inni yakkamaa ta’uudhaan dhiphinaa fi gidiraa kana keessa darbe. Itti ga’ifamuudhaanis in reebame. Gonfoo qoraattii mataa irra kaa’uudhaanis fannoo isaa baachisanii gara iddoo inni cubbuu biyya lafaatiif itti du’uttis in geessani.

“Waaqayyo akkanatti biyya lafaa jaallate tokkicha ilama isaa hamma kennuufitti, Isatti kan amanu hundinuus jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee

haa baduuf miti.” (Yohaannis 3:16).

Inni fannoo irratti cubbuu kee siif baate. “Dhiigni ilama isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa… Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina hundumaattiis nu qulqulleessa.

(1Yohaannis 1:7,9).

Inni ba’aa cubbuu keenyaa baachuudhaan nuuf jedhee du’e. Haa ta’u malee garuu, diinota keenya hundumaa irratti mo’icha argachuudhaan du’aa ka’eera. Dhiphinaa fi du’a isaatiin…

GUUTEERA

Yaadadhu, hir’ina keenyaaf waanti baayyee nu barbaachisu dhiifamuu cubbuu argachuudha. Kanaafuu, dhiifamuu cubbuu isa baayyee nu barbaachisu nuuf kennuu erga danda’ee, waantota kanaa gaddi ta’aan immoo inni nuuf kennuu hin danda’uuree?

Eeyyee firoonni nu dhiisu, qabaanyis nu dhiisa, fayyaan keenyas akkasuma. Garuu…

YESUUS TASUMA NU HIN DHIISU

“Warri balleessaan isaanii isaaniif dhiifamee fi cubbuun isaan hojjetanis isaaniif haguugamee kan eebbifamaniidha dha” (Romaa 4:7).

“Maqaan keessan galmee Waaqaa irratti waan barreeffameef gammadaa!” (Luqaas 10:20).

Eeyyee, YESUUS TASUMA KAN SI HIN DHIIFNE

ta’uun isaa dhugaadha!

Barreeffamni YESUUS TASUMA

SI HIN DHIISU jedhu mana maatii koo baadiyyaa Minnesota keessatti argamu keessatti wagga 62f fannifamee jira. Abbaa fi Haati koo garaa garummaa ji’a lamaa keessatti boqotani. Yeroo nuti ijoolleen isaanii waantota mana maatii keenyaa keessa jiran hirmaannettis ani kanin filadhee, hanga har’aattis waajjira koo keessatti fannifadhee kanin jiru, barreeffama YESUUS TASUMA

SI HIN DHIISU jedhu kanadha. Utuun waajjira koo keessatti hin fannisin dura, barreeffama kana gara mana maxxansa kitaabaatti geesseen bifa qoodduu kitaabaatti (bookmark) akka naaf baay’isaniif gaafadhe.

Akkaataa kanaanis qoodduun kitaabaa kun addunyaa irra tamsa’uu danda’e.

Ergaan qoodduu kitaabaa kun ifaa akka ta’uufis traaktiin kun afaan adda addaatiin qopheeffamaa jira.

Luba Robert Rahn Hundeessaa Dhaabbata Luuteran Heritej.

Turn static files into dynamic content formats.

Create a flipbook
Issuu converts static files into: digital portfolios, online yearbooks, online catalogs, digital photo albums and more. Sign up and create your flipbook.